akkaataa qur’aanni itti...6 odeefannoon (ergaan) qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin...
Post on 28-Jan-2020
114 Views
Preview:
TRANSCRIPT
Qabiyyee Seensa .......................................................................................................................... 3
Boqonnaa 1 ............................................................................................................... 4
Kitaabbanitti Amanuu ........................................................................................... 4
Qur’aanatti Amanuu ............................................................................................. 11
Qur’aanni Akkamitti Buufame?........................................................................ 17
Wahyii jechuun maal jechuudhaa?.............................................................................17
Boqonnaa 2 ............................................................................................................... 24
Akkaataa Qur’aanni Walitti Qabame ................................................................... 24
Qur’aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee? .......................... 30
Boqonnaa 3 ............................................................................................................... 37
Shakkii Qur’aanaa Qulqulleessuf .................................................................... 37
Qur’aana Fi Saayinsi ............................................................................................ 45
Shakkitootaa Fi Shakkisistootaf Deebii Kenname .................................... 54
Firiwwan Kitaabbanitti Amanuu...................................................................... 61
3
Seensa Ilmi namaa jireenya keessatti qajeelchaa isa barbaachisa. Qajeelchi kunis
dogongora kan hin qabnee fi gammachuuf milkaa’innatti kan isa baasu
ta’uu qaba. Namni hanga fedhe beekumsaa fi dandeetti haa qabaatu,
beekumsi isaa hanquu waan ta’eef kitaaba ilma namaa hundaaf
qajeelfama ta’uu barreessu hin danda’u. Sababni isaas, haalli jireenya
ilma namaa dhaloota irraa dhalootatti, bakka bakkaatti ni jijjirama.
Namni immoo beekumsi isaa gabaabaa fi hir’uu waan ta’eef haala
namootaa yeroo fi bakka kamuu jiraatan beeku hin danda’u. Kanaafu,
namni kitaaba qulqulluu dogongora irraa bilisa ta’e, gammachuu fi
milkaa’innatti isa qajeelchu eessaa argachuu danda’aa? Kuni gaafii
baay’ee barbaachisaa ta’eedha. Namni beekumsi isaa hanquu waan ta’eef
kitaabni inni namaaf qajeelfama ta’a jedhe barreessu yoo kitaaba
qulqulluu madda hin godhatin, kitaabni isaa kuni dogongoraan kan
guuttame ta’a. Kanaafu,kitaabni namni sammuu isaa qofatti
fayyadamuun barreessu dogongora irraa bilisa waan hin taaneef
gammachuu fi milkaa’inna zalaalamitti nama hin geessu. Tolee, dubbiin
yoo akkana ta’e, madda beekumsaa fi qajeelcha eessarraa kan dhufu
ta’uu qabaa? Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa
hundaa kan uumeedha. Haala isaanii, wanta isaan fayyaduu fi miidhu
hunda ni beekaa. Beekumsa Rabbii guutuu waan ta’eef hojii hojjatu
keessatti gonkumaa hin dogongoru. Kanaafu, kitaabni dhugaan gara
gammachuu fi milkaa’innatti nama baasu danda’u Kitaaba Rabbiin irraa
bu’eedha. Seenaa dhala namaa keessatti kitaabban baay’een namootaaf
qajeelfama akka ta’aniif bu’anii jiru. Garuu kitaabni dhumaa ilma namaa
guutuuf bu’e Qur’aana. Qur’aanni kitaabban darban ni shaare. Qur’aana
booda kitaabni biraa Rabbiin irraa hin bu’u.Hanga Guyyaa Qiyaamatti
dogongora irraa eeggamuun namootaaf qajeelfama ta’a. Akkasumas,
ragaa isaan irratti ta’a. Akkaata Qur’aanni itti buufamee fi walitti
qabame sammubani.com irratti ilaalaa turreerra. Barruuleen sunniin
walitti qabamuun kunoo haala kitaabaatiin dubbistootaaf dhiyeefamanii
jiru.
4
Boqonnaa 1 Kitaabbanitti Amanuu
Hundee iimaanaa keessaa sadaffaan kitaabban Rabbiin buusetti amanuudha.
Akka lugaatti “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha. Akka shari’aatti
immoo kitaaba jechuun Kalaama (Jecha) Rabbiin ilma namaatiif rahmataa fi
qajeelcha akka ta’uuf Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Sababa kitaaba Rabbiin
irraa bu’e kanaan ilmaan namaa sa’aada (gammachuu) ganda lamaanii
dhandhamu. Osoo Rabbiin kitaabban isaaniif buusu baate, silaa hundii isaanitu
dukkana keessatti kufanii hafu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaabban
buusun akkamitti dukkana keessaa sababa Ergamtootatiin akka baase akkana
jechuun ilma namaatti beeksiisa.
“Inni Kan gabricha Isaa irratti keeyyattoota ifa ba’aa ta’an dukkana
keessaa gara ifatti isin baasuuf jecha buusedha. Dhugumatti, Allaah’n
isiniif mararfataa, rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:9
Isiniif mararfachuu fi rahmata Isaatirraa kan ka’e Rabbiin Ergamaa isiniif erge.
Ergamaa kanatti keeyyattoota (aayaata) ifa bahan buuse. Kanas kan godheef
dukkana wallaalummaa, kufrii, shirkii, fedhii lubbuu hordofuu, yaadaa badaa fi
kkf irraa gara ifa iimaanaa, beekumsaa, yaqiinaa akka baataniifi. Kitaabni
keeyyattoota baay’ee waan of keessatti qabatuuf ilma namaatiif qajeelfamaa fi
ifa jireenyaa ta’aa jechuudha.
Hundeewwan iimaana jahan tokko tokkorraa kan adda bahuu miti. Hundi
isaanitu kan wal qabataniidha. Rabbitti amanuun malaykootatti, kitaabbanitti fi
hundeewwan iimaana birootti amanutti nama waama. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa akkana jedha:
5
ها ﴿ يأ ذ ي لذ ٱي ذ للذ ٱءامنوا ءامذنوا ب ذ لذيٱ لكذتبذ ٱو ۦورسولذ رسولذ ۦنزل لعذ لذي ٱ لكذتبذ ٱو وم يكفر ب نزل مذ قبل
ئذكتذهذ للذ ٱأ
ۦلذهذ ورس ۦ وكتبذهذ ۦ وملرذ ٱ لومذ ٱو ﴾١٣٦عذيداضللا ب ل فقد ض ألخذ
“Yaa warra amantan! Rabbitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Ergamaa Isaa
irratti buusettii fi kitaaba san dura buusetti amanaa. Namni Rabbitti,
Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa
Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu An-
Nisaa 4:136
Kitaabban Rabbiin buusetti amanuun wantoota afur of keessaa qaba.[1]
Tokkoffaa: Kitaabban kunniin dhugaan ykn haqaan Rabbiin irraa buufamu
isaaniitti amanuu
Lamaffaa: Kitaabban maqaalee isaanii beeknutti amanuu. Isaan keessaa
Qur’aana, kan Nabii Muhammad (SAW) irratti buufame, Tawraat kan Nabii
Muusaa (AS) irratti buufame, Injiil kan Nabi Iisaa (AS) irratti buufame, fi
Zabuur kan Nabii Dawuudif kennametti amanu. Kanneen maqaa isaanii hin
beekne immoo walumaagalatti itti amanna. Kana jechuun Rabbiin irraa kan
bu’an ta’uu fi ilma namaatiif qajeelchaa fi ifa akka ta’an ni amanna.
Sadaffaa: Odeefannoo osoo hin jijjiraminii fi hin micciramiin haqaan kitaabban
kanniin keessatti dhufan dhugoomsu ykn dhugaan itti amanu. Kan akka
odeefannoo Qur’aana keessatti dhufanii fi odeefannoo kitaabban duraanii osoo
hin jijjiraminii dhufanitti amanu. Kitaabban yeroo ammaa Kiristaanotaa fi
Yahudoota harka jiran itti hin amannu. Sababni isaas, kitaabban kunniin
jijjiramanii jiru. Kan nuti itti amannu kitaabban yeroo jalqabaa Nabii Muusaa fi
Iisaa irratti bu'aniidha.
6
Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi
hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta Qur’aanni
of keessaa qabu hundi dhugaa ta’uu isaatti amanu qaba. Rabbiin ni jedha:
تذيهذ ﴿ل ٱل يأ ذ ۦ مذ ا بيذ يديهذ ول مذ خلفذهذ لبطذ تزنذيل م
﴾٤٢حكذيم حذيد
“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa
Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42
Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun
beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi
murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta
beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii
Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa
odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti
hin dhufu.[2] Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan
bu’eefi.
﴾٢لعلذيمذ ٱ لعزذيزذ ٱ للذ ٱمذ لكذتبذ ٱتزنذيل ﴿
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e
irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2
Afraffaa: Seera ykn murtiwwan kitaabban of keessaa qaban kan hin shaaramne
irratti hojjachuu, hikmaa (ogummaa) isaa hubannee dhiisne murtiwwan
kaniinitti gammaduu fi guutumatti harka kennu- Kitaabban darban hundi
Qur’aanan shaaramanii ykn jijjiramanii jiru. Rabbiin ni jedha:
7
“Nuti kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa fi isa irrattis tiiksaa
ta’ee Qur’aana gara keetti haqaan buufneerra.” Suuratu Al-Maa’ida 5:48
“…Qur’aana haqaan gara keetti buufneerra” Kana jechuun Qur’aanni
Rabbiin irraa bu’uun isaa haqa. Akkasumas, wanti inni of keessaa qabu hundi
haqa. “Kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa…” kana jechuun
Qur’aanni odeefannoo kitaabban darban of keessaa qaban ni mirkaneessa,
odeefannoon isaanii kan haqa ta'e odeefannoo Qur’aanitiin walitti gala.
Akkasumas, kitaabban darban Qur’aanni akka bu’uu beeksisanii turan. Kanaafu,
Qur’aanni beeksisa isaanii kana ni dhugoomse ykn ni mirkaneesse jechuudha.
“…fi isa irrattis tiiksaa” kana jechuun wanta haqaa fi ilma namaa fayyadan
kitaabban darban of keessaa qaban Qur’aannis san caalaa of keessatti dabaluun
of keessaa qaba. Kitaabban san keessaa wanta Qur’aanni haqa ta’uu isaa
mirkaneesse haqa, wanti kijiba ta’uu mirkaneesse kijiba. Sababni isaas,
kitaabban akka Tawraat, Injiil keessatti jijjiraa fi micciruun argamee jira.
Kanaafu, wanti Qur’aana dhugaa ta’uu mirkaneesse dhugaadha, wanti sobaa
ta’uu mirkaneesse soba.[2]
Hiikni biraa “wa muhayminan aleyh” jedhu “isa irratti kan murteessu” ta’a.
Kana jechuun Qur'aanni kitaabban darban irratti ni murteessa, wanta shaaramu
qabu ni shaara. Kanaafu, kanarratti hundaa’un murtiwwan kitaabban darbanii
irratti hojjachuun hin ta’u kan dhugaa ta’ee fi Qur’aanni mirkaneesse malee.
Haajaa Ilmaan Namaa Kitaabbaniif Qaban [3]
Haajan ilmaan namaa kitaabbanitti qaban haajaa isaan nyaataa fi dhugaatiif
qaban caala. Sababni isaas, ruuhin ilma namaa tuni yeroo hundaa tasgabbii fi
nageenya barbaaddi. Qaamni immoo sakandi sakandiin nyaata hin barbaadu.
Kanaafu, tasgabbii fi nageenya ruuhin barbaaddu kennuufi kan danda’u kitaaba
Rabbiin irraa bu’eedha. Mee haajaa namoonni kitaabban Rabbiin irraa bu’aniif
qaban muraasa isaanii haa tarreessinu:
1ffaa- Kitaabban Rabbiin irraa gara Ergamaatti bu’e ummata Ergamaa kanaatiif
madda irraa baratanii fi haala ofii sirreessan akka ta’uufi. Yeroon hanga fedhe
haa darbu, ummanni Ergamaa kanaa hundeewwan amantii, ka’uumsaa fi
gahuumsaa isaa murteessuf gara kitaaba Ergamaa irratti bu’eetti deebi’u. Wanta
Rabbiin akka hojjatan itti ajaju fi wanta irraa dhoowwu, amala gaggaarii itti
8
kakaasu fi jajjabeessu beekuf gara kitaaba deebi’u. Nama waan gaarii hojjateef
mindaa jiruu fi nama waan badaa hojjate adabbii isa eeggatu kitaabban keessatti
argatu. Akkasumas, rakkoolee jireenya keessatti nama muudatan füruu fi
murtiwwaan adda addaa baasuf gara kitaaba deebi’u. Keessumattu, Ergamaan
yeroo fi bakkaan kan isaan irraa fagaatu yoo ta’e gara kitaabaa deebi’un isaan
irrati dirqama ta’a.
2ffaa- Kitaabni Rabbiin irraa bu’ee wantoota namoonni irratti wal-dhaban irratti
murtii haqaa akka ta’uuf- wantoota namoonni irratti wal dhaban kan murteessu
Kitaaba Rabbiiti. Sababni isaas, kitaabni Rabbii jecha (Kalaama) Isaati. Rabbiin
immoo Abbaa Murtiiti. Kana ilaalchisee Rabbiin akkana jedha:
دة فبعث نلاس ٱكن ﴿ مة وحذذ ٱ لل ٱأ نزل نلبذي
رذي وأ ذي ومنذذ ذ مبش
ذ لكذتب ٱمعهم ذ ٱب حكم بي لق ٱفذيما نلاسذ ٱلذ ﴾فذيهذ ختلفوا
“Namoonni amantii tokkicha irra turan. Ergasii, Rabbiin nabiyyoota
gammachiiftotaa fi akeekachiiftota taasise erge. Akka inni wanta isaan
keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuf isaan waliniis kitaaba
dhugaan buuse.” Suuratu Al-Baqarah 2:213
Rabbiin hundarra beeka- namoonni yeroo jalqabaa dachii tana irratti wal horan
amanti tokko irra turan. Rabbiin qofa gabbaruu fi tokkichoomsu turan. Ergasii,
sababa fedhii lubbuu, wallaalummaa, dagachuu fi sheyxaanatiin Rabbiin
tokkichoomsu fi Isaaf ajajamuu keessatti gargar ta’an. Gariin Rabbiin qofa
gabbaruu itti fufan, gariin immoo Rabbiin gabbaruu dhiisanii taabotaa fi wanta
biraa gabbaruu jalqaban. Sababa kanaan Rabbiin nabiyyoota qananii addunyaa
fi Aakhiraatiin nama amanee fi hojii gaarii hojjate gammachisan, adabbii nama
kafaree fi badii hojjate akeekachiisan isaanitti erge. Ergamtoota hunda waliin
kitaaba gara haqaatti nama qajeelchu buuse. Kitaabni kuni wantoota namoonni
irratti waldhaban keessatti abbaa murtii akka ta’uuf Rabbiin buuse. Hundee fi
damee amantii isaan keessatti waldhaban kitaabni ni murteessa. Haqni fi sobni
kam akka ta’e ifa baasa. Kanaafu, faaydan kitaabban Rabbiin irraa bu’anii
keessaa tokko wal mormii fi wal-dhabbii namootaa furuufi. Osoo kitaabni bu’uu
9
baate, silaa namni hunduu, “Karaa ani irra jiru qofatu sirriidha. Kan biraa immoo
jallataadha.” jechuun dukkana keessa jaanja’a.
3ffaa- Erga Ergamtoonni du’anii booda kitaabni Rabbiin irraa bu’e hundee
amantii, seerotaa fi kaayyoo isaa jallinna warra fedhii ofiitiin amantitti taphatan
irraa eeguf- Ergamaa boodaa kitaabni ummata isaa keessa jiraachuun akka
Ergamaan suni isaan keessa jiraachuti. Sababni isaas, kitaabni kuni wanta
Ergamaan ittiin ergame of keessaa kan qabuudha. Ergamtoonni ilma namaa
waan ta’aniif duuti nama kamittu dhuftu isaanittis ni dhufti. Garuu hundeen,
dameewwani, amalli gaarii fi seeronni amantii isaan itti waamaa turan gonkumaa
hin du’u. Osoo kitaabni haala itti fufaan jiraachu baate, silaa akkuma isaan
du’aniin amantii san keessatti jijjiramnii fi wal dhabbiin baay’een ni uumama.
Namoonni jallattoonni fi fedhii ofii hordofan wanta amanti keessa hin jirre itti
dabaluu, irraa haaqu fi Rabbiin irratti kijibuun amantii balleessu. Sababa kanaaf,
ilmaan namaatif kitaabni seeraa guutuu fi haqa irratti hundaa’e kan jijjiramu
irraa eeggame jiraachu qaba. Kanafi, Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaa
jijjiramuu fi micciiramuu irraa ni eeggama. Akka ilmaan namaa irratti hujjah
(ragaa) ta’uuf. Rabbiin ni jedha:
ذكر ٱإذنا ن نزنلا ﴿ ﴾٩لحفذظون ۥإونا ل ل
“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa
tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9
Guduunfaa
Kitaabban Rabbiin irraa bu'an ilma namaa gara gammachuu, nageenyaa
fi milkaa'innaatti qajeelchu.
Kitaabbanitti amanuu jechuun haqaan Rabbiin irraa kan bu'an ta'uu
amanuu, ergaaleen isaan keessa jiran haqa ta'uu dhugaan itti amanuu
fi hojii irra oolchudha.
Qur'aanni kitaabban duraanii waan shaaref, ergaleen isa keessa jiran
hundi dhugaa ta'uu itti amanuu fi hojii irra oolchun, nama gammachuu fi
milkaa'inna barbaadu irraa ni eeggama.
10
Haajaan dhalli namaa kitaabban Rabbiin buusef qaban haajaa isaan
nyaataa fi dhugaatiif qaban caala. Sababni isaas, ruuhin namaa tuni
sakandii hunda keessatti tasgabbii fi nageenya barbaaddi. Kana kan
argattu immoo kitaaba Rabbiin buuse keessatti.
Ergamtoonni erga darbanii booda kitaabban isaan irratti bu'an ummata
isaan booda dhufuuf madda qajeelinnaa fi barnootaa ta'aaf.
Kitaabni amantiin akka jijjiramne eega. Ergamaa boodaa kitaabni
ummata isaa keessa jiraachuun akka Ergamaan suni isaan keessa
jiraachuti. Sababa kanaaf, Qur'aanni namoota yeroo Nabii Muhammad
(SAW) fi isa booda dhufan irratti hujjah (ragaa) ta'a.
Kanaafu, namni tokko guyyaa Qiyaama Nabiyyiin natti hin dhufne
jedhee mormuu hin danda'u. Sababni isaas, kitaabni Nabiyyicha irratti
buufame isa bira gahee jira.
Kitaabni wal dhabbii namoota jidduutti uumamu hiikun daandii sirriitti
isaan qajeelcha.
Kitaabban wabii: [1] Sharih Usuuli salaasa Fuula 94-95 Ibn Useymiin
[3]al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,
fuula 465-468
[2] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–
Abdurahmaan Naasir Sa’dii, fuula 257-25
11
Qur’aanatti Amanuu
Akkuma kutaa darbee jenne kitaabbanitti amanuu jechuun Rabbiin irraa haqaan
bu’uu isaanii, ergaan kitaabban kanniin keessa jiru dhugaa akka ta’ee itti amanuu
fi hojii irra oolchudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa kan
jijjiramanii fi micciramaniidha. Kanaafu, kitaabni tokkichi osoo hin jijjiramin
hanga Guyyaa Dhumaa turu Qur’aanaa jechuudha. Sababni isaas, kitaaba dhumaa
Rabbiin buusedha. Ragaan kanaa maal yoo jettan, karaa lamaan ilaalun ni
danda’ama.
1ffaa-Aqliyyi (sammuun)- Qur’aanni mu’ijizaa (raajii) ilmi namaa kophattis ta’i
walitti qabamanii fakkaata isaa fiduu hin dandeenyedha. Ilmi namaa Qur’aana
qopheessun waan hin danda’amneedha. Eenyullee wanta akka Qur’aanaa seenaa
keessatti fidu hin dandeenye. Fiduun ni danda’ama jedhe namni yaadu yoo jiraate,
“Wanta akka Qur’aanatti qara’amu fi jechoonni isaa kan walitti galan mee fidi”
jennaan. Fakkeenyaf, suuratu al-baqaraa yoo ilaaltan, aayanni (keeyyanni) irra
caalu qubee nunin (ن ) xumurama. Mee Suuraah (boqonnaa) Qur’aanaa tokko
fuudhatii xumura Aayaata (keeyyattoota) ilaalaa. Jechoonni xumuraa kan walitti
galanii fi yommuu dubbifaman kanneen mi’aawaniidha. Akkasumas, himoota
gaggabaabo erga bal'aa dabarsaniidha. Osoo ilmi namaa kan qopheessu ta’e
fakkaatan akka Qur’aanaa addunyaa irra ni jiraa? Kitaabni akka Qur'aanatti
sagalee bareedan qara'amuu fi guutun isaa sammutti qabatamuu ni jiraa?
Gonkuma ilmi namaa Qur’aana qopheessu hin danda’u. Kanaafu, Qur’aanni
Rabbii olta’e irraa kan bu’e jechuudha. Rabbiin ni jedha:
نس ٱ جتمعتذ ٱقل لئذ ذ ﴿ ذمذثلذ هذا لذ ٱو لذ توا بن يأ
أ نذ لقرءاٱلع
ذمذثلذهذ تون بعض ظهذريا ۦل يأ ﴾٨٨ولو كن بعضهم لذ
Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti
walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa
isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Isra 17:88
12
ذثلذهذ ﴿ ذ م ذسورة م توا بنا فأ عبدذ ذما نزنلا لع ۦإون كنتم فذ ريب م
ٱو ذ دونذ دعوا قذي إذن ك للذ ٱشهداءكم م ﴾٢٣نتم صدذ
“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan,
suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin
ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa.” Suuratu Al-
Baqarah 2:23
2ffaa- Naqliyy (dabarfamaan)- Qur’aanni Nabiyyanaa Muhammad (SAW)
irratti erga bu’ee karaa lamaan dabarfamuun as gahe. Innis, sammuu keessatti
haffazuu (qabachuu) fi meeshaa barreefamaa irratti barraa’un. Haalli Qur’aanni
dhaloota irraa dhalootatti itti darbu, shakkiin ykn jijjiran wayii akka isa keessa
hin seenne taasisa. Guutun isaa sammuu keessatti qabatamuun jijjirraa irraa
tiikfama. Osoo galmeen Qur’aanni irratti galmaa’e akka jiruun addunyaa irraa
bade, yeroma san Qur’aana galmeessun ni danda’ama. Sababni isaas, Qur’aanni
sammuu namoota miliyoonatti lakkaawaman keessa jira. Qur’aanni jecha ilma
namaa kan hin taane ta’uu Rabbiin haala kanaan ibsa.
ذقولذ شاعذر قلذيل ما تؤمذنون ﴿ ﴾٤١وما هو ب
“Inni (Qur’aanni) jecha weellisaatii mitii, xiqquma qofa amantu.
ذقولذ كهذ قلذيل ما تذكرون ﴿ ﴾٤٢ول ب
Jecha raagaatiis miti, xiqqoo malee hin gorfamtan.
ذ ﴿ ذ رب ﴾٤٣لعلمذي ٱتزنذيل م
Gooftaa aalamaa hundaa irraa kan buufameedha.” Al-Haaqqah 69:41-43
13
Qureeshonni yommuu Qur’aana raajii isaanitti ta’e kana Ergamaan Rabbii
(SAW) isaanitti fidu, “Kuni weellisaadha, kuni raagaadha” jechuun Ergamaa
Rabbii arrabsuu jalqaban. Rabbiin jecha badaa isaanii kana irraa Ergamaa Isaa ni
qulqulleesse. Warroonni kunniin osoo amananii fi gorfamanii silaa Ergamaa
Rabbii (SAW) hin arrabsanii turan. Qur’aanni Rabbiin irraa ta’uu osoo amananii
fi akka gorsaatti fudhatanii hordofanii, silaa wanta isaan fayyaduu fi miidhu ni
beeku turan.
Kan irraa ka’uun, osoo haala Nabii Muhammad (SAW) ilaalanii, gara amalaa fi
akhlaaqa isaa osoo mil’atanii, silaa dhimma akka aduu ifu arguu turan. Dhimmi
kunis, Nabi Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu fi wanti inni fide Rabbiin
irraa kan buufame ta’uu ni hubatu. Qur’aanni kuni jecha ilma namaa gonkumaa
ta’uu hin danda’u. Kana irra, jecha Gooftaa aalama hundaati. Kana jechuun
Qur’aanni kuni Gooftaa wantootaa hundaa uumee, kunuunsu, guddisuu,
barsiisuu, too’atu, qindeessu fi bulchu irraa kan buufameedha. Kunuunsa fi
barsiisu Rabbiin ilma namaatiif godhe keessaa tokko kitaaba isaaniif
buusudha. Kitaaba kanaan dukkana keessaa bahuun jireenyaa ifaa fi
gammachuu gaggeessu.
Itti aanse Nabiyyiin Qur’aana ofirraa fuudhe fi jecha ofii itti dabaluun kan hin
dubbanne ta’uu haala kanaan ibsa:
“Osoo jechoota sobaa muraasa Nurratti dubbatee,
Silaa mirgaan isa qabnaa turree.
Ergasii hidda onnee isarraa kunnaa turre.
Isin keessaa namni isarraa dhoorgu tokkollee hin jiru.” Al-Haaqqah 69:44-
47
Kana jechuun Nabii Muhammad (SAW) wanta Nuti hin jenne osoo jedhe,
Qur’aana keessa wanta hin jirre osoo itti dabalee yookiin irraa hir’isee, “Silaa
mirgaan isa qabnaa turree.” Akka warroonni Qur’aana ibsan jedhanitti
14
“mirgaan isa qabna” jechuun "humna cimaan isa qabna" jechuudha. Sababni
isaas, humni cimaan wantoota hundaa mirga keessa jira. Osoo Nabiyyin wanta
Rabbiin hin dubbanne dubbate, silaa Rabbiin dubbii isaa hin mirkaneessu, adabbii
cimaan isa qabaa ture. Ergasii hidda onnee isarraa kuta. Hiddi onnee yoo cite
namni ni du’aa jechuudha. “Isin keessaa namni isarraa dhoorgu tokkollee hin
jiru.” Kana jechuun osoo Rabbiin isa balleesse ykn ajjeese, adabbii ofirraa
deebisuu hin danda’u, eenyullee adabbii Rabbii isarraa dhoorgu hin danda’u.
[2][3]
(Wanti asirraa hubannu Nabiyyiin ykn namni biraa Qur’aana qopheessu ykn
ofirraa fuudhe dubbachuu hin danda’u. Osoo Qur’aana ofumaa qopheessee, “kuni
jecha Rabbiiti” jedhee, silaa Rabbiin haala armaan olitti ibse kanaan adaba.
Qur’aanni jecha Isaa waan ta’eef Nabiyyii mu’ijizaa garagaraatin ni gargaare,
namoota isa faalleessan ni salphise.)
“(48)Dhugumatti inni warra Rabbiin sodaataniif gorsa. (49)Dhugumatti,
isin keessaa kijibsiistoonni akka jiran Nuti ni beekna. (50) Inni kaafiroota
irratti gaabbiidha. (51)Dhugumatti Inni dhugaa mirkanaa’adha.
(52) Maqaa Gooftaa kee Guddaa ta’e faarsi.” Al-Haaqqah 69:48-52
“Dhugumatti inni warra Rabbiin sodaataniif gorsa.” Kana jechuun Qur’aanni
warra Rabbiin sodaataniif gorsa ykn yaadannoodha. Namni Rabbiin sodaatu
Qur’aanan gorfama. Qur’aana keessatti wanta isa fayyadu arguun ni hojjatu,
wanta isa miidhu irraa immoo ni fagaata. Maqaalee, amaloota fi hojiwwan Rabbii
Qur’aanan ni yaadata, kanaafu itti amana. Wanta Rabbiin itti ajajee fi dhoowwe,
mindaa Rabbiin warra hojii gaggaarii hojjatanii fi adabbii warra badii hojjataniif
qopheesse Qur’aanan yaadata. Wanta nafsee isaa olkaasu fi qulqulleessu, wanta
xureessu fi salphisuu Qur’aanni isa yaadachiisa. Beekumsa addunyaa fi aakhirah,
Jannataa fi Jahannam, beekumsa keeyri fi sharrii Qur’aanni isa barsiisa.
Dhugumatti Qur’aanni gorsaa fi yaadannoo haqaati. Namoota hundarratti raga
15
kan ta’uudha, warroota Isa baratanii fi hojii irra oolchaniif faaydaa fi qajeelcha
ta’a. [3]
“Dhugumatti, isin keessaa kijibsiistoonni akka jiran Nuti ni beekna.” Kana
jechuun Qur’aana erga akkanatti ibsinee booda namoonni Qur’aanatti hin amanne
akka jiran ni beekna.[4] Kuni akeekachisaa Rabbiin irraa warroota Qur’aanatti
hin amannee ykn kijibsiisaniif ta’eedha.Waan kijibsiisaniif adabbii cimaan isaan
adaba. “Inni (Qur’aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha.” Isaan yommuu
Qur’aanatti amanuu fi hordofuu didan, wanta Qur’aana keessatti waadaa galame
yommuu argan garmalee gaabbu. Sababni isaas, Qur’aanan hin qajeelfamne, ajaja
isaatiif hin bulle. Mindaan isaan jala darbe, adabbii cimaa irra gahan, sababoonni
hundi isaanirraa citan.[2] “Osoo Qur’aana kijibsisuu baanne, silaa adabbiin kuni
nu hin tuqu. Yookiin Osoo Qur’aanatti amannee fi hordofne silaa adabbii jalaa ni
baraaramna” jechuun Guyyaa Qiyaamaa garmalee gaabbu. Garuu gaabbin isaan
hin fayyadu. Ibidda erga seenanii booda akkana jedhu,
صحبذ ﴿ أ و نعقذل ما كنا فذ
﴾١٠لسعذريذ ٱوقالوا لو كنا نسمع أ
“Osoo kan dhageenyu yookiin kan xinxallinu taanee, silaa warra ibidda
boba’aa keessaa hin taanu turre.” jedhan.” Suuratu Al-Mulk (Tabaaraka)
67:10 Osoo Qur’aana dhageefatanii, itti xinxallanii, itti amananii fi hordofanii
silaa warra ibiddaa keessaa hin ta’an. Akeekachisaa fi waadaa Qur’aana keessatti
dhufe eenyullee akka hin shakkinee, “Dhugumatti Inni dhugaa
mirkanaa’adha” jedhe. Kana jechuun Qur’aanni kuni Rabbiin irraa bu’uun isaa
haqa. Wanti inni of keessaa qabu hundi haqa shakkii wayitu hin qabneedha.
Dhibbaan dhibbatti dhugaa ta’uun isaa kan mirkanaa’edha. Kanaafu, Qur’aana
guddaa fi haqa irratti hundaa’e kana Kan buuse Rabbii kee faarsi.
Asirraa Maal Hubattee?
✎Qur'aanni kitaaba xumuraa Rabbiin irraa gara ilmaan namaatti bu'eedha. Isa
booda kitaabni biraa samii hin bu'u.
✎ Qur'aanatti amanuu jechuun Qur'aanni Rabbiin irraa bu'uu, wanti inni of
keessaa qabu hundi haqa akka ta'e amanuu fi ajajoota isaa hordofuudha.
16
✎Qur'aanni Rabbiin irraa ta'uu karaalee baay'een mirkaneessun ni danda'ama.
1ffaa: Yommuu Qur'aana dubbisanii fi itti xinxallan, Qur'aana qopheessun humna
ilma namaati ol akka ta'e ni hubatan.
✎2ffaa- guutuun isaa sammuu keessatti qabamuun dhaloota irraa dhalootatti
darbuun ilmi namaa jijjiraa wayitu Qur'aana keessatti uumu akka hin dandeenye
isa taasisa. Sababni isaas, Qur'aanni sammuu namoota miliyoonatti lakkawaaman
keessa waan jiruuf, namni ykn gareen tokko Qur'aana irraa waa tokko nan jijjira
jedhe osoo ka'ee, sammuu miliyoonatti lakkawaman jijjiruu qabaa jechuudha.
Kuni immoo waan hin danda'amneedha. Kuni Rabbiin irraa bu'u isaa agarsiisaa
jechuudha.
✎Osoo Nabiyyiin ykn namni biraa Qur'aanatti waa dabale ykn hir'ise ykn wanta
Rabbiin hin dubbanne dubbatee jira osoo jedhee, silaa adabbii cimaan isa qaba.
Sababni isaas, Rabbiin irratti soba dubbachuun dillii (cubbuu) guddaadha.
Adabbii waadaa galeen Nabiyyii hin adabne. Inuma ni gargaare, nama isa
faallesse ni salphise. Kanaafu, Qur'aanni jecha Rabbiiti jechuudha.
✎Qur'aanni warra Rabbiin sodaatiif gorsaa fi yaadannodha. Warra isa kijibsiisan
immoo Guyyaa Qiyaamaa gaabbi cimaa isaan irratti ta'a. Sababni isaas,
Qur'aanatti amananii hin hordofne.
ذنه ﴿ عرض عنه فإ ﴾١٠٠وذزرا لقذيمةذ ٱيمذل يوم ۥم أ
"Namni isa (Qur'aana) irraa garagalee, dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa
ba'aa guddaa baadhata." (Suuratu Xaaha 20:100) Kana jechuun namni
Qur'aanatti amanu dide yookiin itti hojjachu dide ykn qo'achuu fi barachuu irraa
garagalee, Guyyaa Qiyaamaa adabbii cimaa adabama.[2]
Kitaabban wabii
[1]al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,
fuula 469
[2] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan
fuula 1043-1044 Naasir Sa’dii
[3] Bidaa’u tafsiir 3/193, Ibn Qayyim
17
[4] Tafsiir ibn Kasiir-8/218
Qur’aanni Akkamitti Buufame?
Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti
baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa 14
dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. Namoonni kana ajaa’ibsifachuun
Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila akka amma arginu
kanatti waraqaa irratti barreesse buuse moo akkamitti buufamee? In sha Allah
har’a akkaata buufama Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla. Asii gaditti waa'ee
wahyii fi buufama isaa ilaalla. Qur'aanni wahyii keessaa tokko waan ta'eef
akkataa buufama isa hubachuun nama hin dhibu. Barreefama keessatti "Ergamaa
Rabbii (SAW)" yommuu jedhu Nabi Muhammad (SAW) akka ta'e haa hubatamu.
SAW jechuun Salallahu Aleyh Wassalam (nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti
haa jiraatu) jechuudha.
Qur’aanni Rabbiin irraa buufamu shakkii wayitu hin qabu. Rabbiin ni jedha:
عزذيزذ ٱ للذ ٱمذ لكذتبذ ٱتزنذيل ﴿ ﴾١لكذيمذ ٱ ل
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Ogeessa ta’e
Zumar 39:1-Suuratu Az irraayyi.”
Wahyii jechuun maal jechuudhaa?
Akka lugaa Arabiffaatti wahyiin hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa, wahyii
jechuun odeefannoo wayii dhoksaa fi ariitin (daddaffiin) namni tokko akka
beekuf sammuu ykn qalbii isaatti darbuudha. Fakkeenyaf sheyxaanni ilma namaa
jallisuuf oduu qalbii namaatti darba ykn itti hasaasa. Bifa dhokataa fi aritiin,
“Kuni gaariidha akkana godhi.” jechuun wanta badatti nama kakaasa.
Karaa biraatin wahyii jechuun beeksisa, odeefannoo fi ergaa Rabbiin Ergamtoota
Isaa keessaa qalbii Ergamaa tokkootti darbuudha. Beeksisni, odefannoo fi ergaan
kunniin murtii shari’aa, seenaa ummata darbee, wanta gara fuunduraatti dhufu,
18
amala gaarii, amala jibbamaa dhiisu qaban, haala jireenya ilma namaa fi kan kana
fakkaatan ta’uu danda’a. Qur’aanni kana hunda waan qabateef wahyiidha.
Wahyiin Qur'aana qofatti kan daangefamu osoo hin ta'in hadiisota sahiihis kan of
keessatti qabatuudha. Hadisoonni sahiihin Ergamaa Rabbii (SAW) irraa
gabaafaman wahyiidha.
Garuu Rabbiin akkamitti ilma namaa keessaa nama fedhe dubbisaa?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala bifa sadiin ilma namaa keessaa nama fedhe ykn
filate akka dubbisu Qur’aana keessatti akkana jechuun nuuf hima:
ذمه ﴿ ن يكل ل لل ٱ۞وما كن لذبش أ و يرسذ
جاب أ و مذ وراي حذ
إذل وحيا أ
ذهذ بذإذذن إذنه ۦرسول فيوحذ حكذيم ۥما يشاء ﴾٥١لعذ
“Wahyiin yookiin girdoo duubaan yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin
waan fedhe itti buusun yoo ta’e malee Rabbiin isa dubbisuun namaaf kan
ta’uu miti. Dhugumatti, Inni Ol’aanaa Ogeessa.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:51
Kana jechuun bifa (karaa) sadiin malee bifa biraatin Rabbiin ilma namaa hin
dubbisu. Isaanis:
Karaa 1ffaa: Wahyiin- Rabbiin olta’aan wanta fedhe qalbii Ergamaa irratti
darbuun nama filate ykn Ergamaa Isaa dubbisa.
Karaa 2ffaa: Girdoo duuban Ergamaa Isaa dubbisuudha. Fakkeenyaf, Rabbiin
Nabii Muusatti dubbatee fi waame jira. Garuu Nabii Muusan Rabbiin arguu hin
dandeenye. Sababni isaa, ilmi namaa Rabbiin arguu hin danda’u. Ogummaa fi
rahmata Rabbitiin ilmaan namaa addunyaa tana keessatti Isa arguu hin danda’an.
Osoo Isa arganii, silaa garmalee Isa sodaachu irraa kan ka’e hojiif, nyaata fi
dhimmoota birootiif socho’u hin danda’an. Rabbiin ni jedha:
يف ٱلبذري ١٠٣﴾ بصر وهو ٱللطذبصر وهو يدرذك ٱل
﴿ل تدرذكه ٱل
Agartuun guutumaan guututti Isa hin agartu, Inni immoo guutumaan guututti
agartuu hunda arga. Inni Mararfataa keessa Beekaadha.” Suuratu Al-An’aam
6:103
19
Wantoota dandeetti Rabbii mul’isanii fi mallatoolee Tokkichummaa Isaa
agarsiisan ilaalun ilma namaatiif ni gaha.
Karaa 3ffaa: Rabbiin Ergamaa Isaatti ykn nama filatetti Malaaykaa erguudha.
Kana jechuun Malaaykan Rabbiin irraa ergaa fuudhun Ergamaa Rabbiitti geessa.
Fakkeenyaf, Malaaykan Jibriil (Gabra’eel) ergaa Rabbiin irraa fuudhun Nabii
Muhammad (SAW) itti geessa. Malaaykan kuni abbaa iccitiiti; humna cimaa kan
qabuu fi amanamaa kan ta’eedha. Amaloonni lamaan kunniin (humni cimaa fi
amanamummaan) ergaa geessuf amaloota garmalee barbaachisoo ta’aniidha.
Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil yeroo garii suuraa inni irratti
uumameen isa argu. Yeroo garii Malaaykan Jibriil suuraa namtichaatin gara
Ergamaa Rabbiiti dhufa. Yeroo kanatti namoonni Ergamaa Rabbii (SAW)
marsanii jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu. Yeroo garii immoo Jibriil
dhoksaan Ergamaa Rabbii irratti bu’a, namoonni achi jiran isa hin argan. Garuu
mallattoo wahyii (ergaa inni bu’eenii) ni argu.
Kunniin karaalee sadan Rabbiin namoota keessaa nama filate itti dubbisuudha.
Sadarkaalee Wahyii Ergamaa Rabbitiif (SAW) ta’an Ergamaa Rabbitiif bifoonni fi sadarkaaleen adda addaa wahyiin (ergaan,
beeksisni, odeefannoon dhugaa Rabbiin irraa ittiin bu’uu) isaaf ta’ee jira.
Isaanis:
1ffaa-Abjuu dhugaa hirriba keessatti argu- kuni sadarkaa jalqabaa wahyiin
gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) bu’uu jalqabeedha. Abjuun Nabiyyiin argu hundii
dhugaadha. Namoonni abjuu arguu danda’u. Tarii abjuun isaanii dhugaa ta’u
danda’a dhugaa ta’uu dhiisus danda’a. Garuu abjuun Nabiyyoota dhugaadha.
Sababni isaas, sheyxaanni qalbii nabiyyootatti taphachu hin danda’u. Ijji
Nabiyyoota ni rafti, garuu qalbiin isaanii hin raftu. Wanti abjuun argan wanta
dhugaan Rabbiin isaanitti buusu fi borumta ykn gara fuunduratti ta’uudha.
Fakkeenyaf, Qur’aanni wanta Nabii Ibraahimi fi ilma isaa Ismaa’il jiddutti
adeemsifame haala kanaan nuuf hima:
20
رى فذ لسع ٱفلما بلغ معه ﴿ أ ذبك ف لمنامذ ٱقال يبن إذن ذ
أ ن ذ
قال ماذ نظر ٱأ ا ترى
بتذ أ إذن شاء فعل ٱي دنذ ذي ٱمذ لل ٱما تؤمر ستجذ بذ ﴾١٠٢لص
"[Mucaan] yeroma isa waliin deemuu irra gahu [Nabi Ibraahim] ni jedhe,
“Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Waan sitti
mul’atu ilaali.” Ilmis ni jedhe:”Yaa abbaa kiyya! Waan itti ajajamte dalagi.
Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.” Suuratu As-Saaffaat
37:102
Ismaa’il yommuu abbaa isaa Ibraahim waliin deemu ykn fiigu irra gahe, abbaan
“Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Yaanni kee maali?”
jedhee gaafate. Abjuun Nabiyyoota wahyii Rabbiin irraa bu’e waan ta’eef, hojii
irra oolchun barbaachisaadha. Ismaa’el, “Wanta itti ajajamte hojjadhu.” jechuun
abbaaf yaada kenne.
Gara Nabi Muhammad (SAW) yommuu dhufnu immoo, banamiinsi Makkaa
abjuu Ergamaan Rabbii (SAW) argeen bakka gahe. Rabbiin abjuu isaa dhugaa
taasiseef. Rabbiin ni jedha:
ذ لرءياٱرسول لل ٱصدق لقد ﴿ ذ ٱب د ٱلدخل لق إذن شاء لرام ٱ لمسجذذي ل تافون فعلذم ما لم تعلموا لل ٱ ذ ذقذي رءوسكم ومقص ءامذنذي مل
ذك فتحا قرذيبا ل ﴾٢٧فجعل مذ دونذ ذ“Rabbiin Ergamaa Isaatiif abjuu haqaan dhugaa taasisee jira. Yoo Rabbiin
fedhe nagayaan mataa keessan haadachaa, [gariinis] gabaabsachaa, osoo
hin sodaanne Masjiida kabajamaa [Makkaa] ni seentu.” Suuratu Al-Fat’hi
48:27
Abjuun Ergamaan Rabbii (SAW) mataa haadachuun, akkasumas, namoonni
gariin rifeensa gabaabsunii fi osoo hin sodaanne Masjiida Kabajamaa Makkaa
seenu arge wahyii haqaa Rabbiin itti buuse fi ergasii dhugaa taasisedha. Kuni
21
sadarkaalee wahyii keessaa sadarkaa jalqabaa wahyiin Ergamaa Rabbitiif dhugaa
taasifameedha.
2ffaa- Ergamaan Rabbii (SAW) Malaayka suuraa irratti uumamen argu-
Kuni sadarkaa lamaffaa karaa wahyiin ittiin dhufuudha. Qur’aanni si’a lama
Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame akka arge nuuf
hima. 1ffaa Suuratu Najm Ayaata 1-11, 2ffaa suuratu Najm armaan olii Aaayat
12-18
Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Jibriil irratti uumame kan argan yeroo wahyiin
(Qur’aanni) bu’uu jalqabe irratti. Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan
(Radiyyallahu anhaa) haala kanaan ibsiti:
"Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba
keessatti arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo taate
malee. Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti kophaa
bahuun gara maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti Rabbiin
gabbaraa ture. Kanaaf galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara Khadiijaa
deebi’uun akkuma duraa siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo inni goda
Hiraa keessa jiru Haqni tasa isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe]. Malaaykan
dhufee akkana jedheen, “Iqra’a (dubbisi)” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe,
“Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergamaan Rabbii itti fufuun ni jedhe,
“Ergasii Malaaykan sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na
ukkaamse. Ergasi gadi na fure.” Ammas Malaaykan ni jedhe, “Dubbisi!” Ani
nan jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergasii Malaaykan yeroo
lammataaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi
gadi na fure, “Dubbisi!” naan jedhe. Anis nan jedhe, “Akkamitti akka
dubbisan hin beeku.” Ammas yeroo sadaffaaf sirritti na qabuun hanga
dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na furee akkana jedhe, “Maqaa
Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa
irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu]
barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.”(Suuratu-Al-Alaq-96:1-5)
San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo qalbiin
dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa deebi’an. Ergasii
ni jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan.
Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, "Yaa Khadiijaa! Rakkoon
kiyya maalii? Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e
22
ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami! Abshir (gammadi), Rabbiin
kakadhe! Rabbiin si hin salphisu. Rabbiin kakadhe! Ati dhugumatti, hariiro
firummaa sufta (eegda), dhugaa dubbatta, hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta,
keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu'e gargaarta.”
Ergasi Khadijaan ilma abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira
Ergamaa Rabbii fidde. Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW)
ergamuun dura Kiristaana ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila
Arabiffaan barreessaa ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture.
Khadijaan “Yaa ilma abbeeraa kiyyaa! wanta ilmi obboleessa keeti jedhu
dhagahi mee.” jetteen. Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal
argite?” Ergamaan Rabbii (SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe,
“Kuni [Malaayka Jibriil] kan iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis
bu’e. Maal qaba ani osoo dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee
biyyaa si baasanii lubbuun jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan,
“Isaan biyyaa na baasu?” Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati
fidde fide namoonni diina isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun jiraadhe
silaa deeggarsa cimaan si deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo muraasan
booda ni du’e. Wahyiniis yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu dhiise.” Sahih
al-Bukhari 3
Kuni yeroo jalqabaatif Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil suuraa irratti
uumame argan. Malaaykan Jibriil Qur’aana irraa aayata (keeyyata) muraasa
yeroo jalqabaatif Rabbiin irraa fuudhe gara Nabi Muhammad (SAW) geesse.
Yeroo lammataa Nabiyyiin suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame halkan
Mi’raaja samii ol’aantu Sidratal Muntahaa biratti isa argan. Kuni sadarkaa fi bifa
2ffaa wahyiin Rabbiin irra gara Nabiyyi bu’uudha. Innis Malaayka Jibriil suuraa
irratti uumameen arguuni.
3ffaa- Suuraa Namaatin Malaaykaa arguu – Malaaykan Jibriil nama
fakkaachun gara Ergamaa Rabbii (SAW) wahyii fide dhufa. Namoonni naannawa
san jiran Jibriilin ni argu, wanta inni jedhu ni dhagahu. Ragaan kanaa hadiisa
Umar bin al-Khaxxaab dabarseedha. Osoo sahaabonni (hiriyoonni) Nabiyyi fi
Nabiyyiin bakka tokko walitti qabamanii taa’anuu, Jibriil suuraa nama hin
beekkamneetin dhufe. Ergamaa Rabbii (SAW) fuundura taa’un waa’ee Islaamaa,
iimaanaa, ihsaanaa fi Guyyaa Qiyaamaa gaafate. Ergamaan Rabbiis gaafiwwan
23
Jibriil ni deebisaniif. Jibriilis dhugaa dubbatte jechuun mirkaneesse. (Sahiih
Musliim-8)
Malaaykan Jibriil akkuma suuraa namaatin gara Ergamaa Rabbii dhufu, osoo
nama hin fakkaatinii fi ijaan hin mul’atin gara Nabiyyitti dhufuun wanta “itti
geessi” jedhame itti geessa.
24
Boqonnaa 2
Akkaataa Qur’aanni Walitti Qabame
Wahyiin Qur’aanaa fi hadiisota sirrii Ergamaa Rabbii irraa gabaafaman akka of
keessatti qabatu kaasne turre. Ergamaan Rabbii (SAW) ofirraa kaasanii waan hin
dubbaneef waa’ee amanti ilaalchise wanti dubbatan, hojjatanii fi mirkaneessan
wahyii (beeksisa) Rabbiin irraa isaanitti bu’eedha. Ragaan kanaa:
ق ع ذ ﴿ ﴾٣لهوى ٱ وما ينطذ
"[Nabii Muhammad (SAW)] Fedha lubbuu irraa hin haasawu.
﴾٤إذن هو إذل وح يوح ﴿
[Wanti inni dubbatu] wahyi buufamu qofa." (Suuratu Najm 53:3-4)
Akkuma keeyyata (aayata) lamaan armaan olii irraa hubannu Qur’aanni jecha ykn
dubbii Nabiyyiin ofirraa kaasanii dubbatan osoo hin ta’in wahyii (ergaa) Rabbiin
irraa bu’eedha. Kutaa darbee keessatti sadarkaalee fi karaalee wahyiin itti bu’u
ilaalle turre. Ammas dabalataan akkaata wahyiin gara Ergamaa Rabbitti bu’u ni
ilaalla.
Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akka gabaastetti,
Haaris ibn Hishaam akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) gaafate, “Yaa
Ergamaa Rabbii! Wahyiin akkamitti sitti dhufaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni
jedhan: “Yeroo tokko tokko akka qillisa bilbilaa natti dhufa. Kuni hunda
caalaa narratti ulfaatadha. Ergasii narraa cita; wanta inni (malaykaan)
jedhe nan qabadha. Yeroo garii immoo Malaykaan namticha fakkaatee na
dubbisa. Ergasii wanta inni jedhu nan qabadha.” Aa’ishaan (radiyallahu
anhaa) ni jetti, dhugumatti wahyiin guyyaa garmalee qorraa osoo isarratti bu’uu
argee jira. Wahyiin erga dhumate booda dafqii kallacha isaa irraa coccoba.” Sahih
al-Bukhari 2, Sahih al-Bukhari 3215
25
Asitti bilbila yommuu jedhu telefoona yeroo ammaa harkaa qabnu osoo hin ta’in
bilbila sibilaa qillisuudha. Fakkeenyaf, fardoota irraa bilbila qillisu ykn bilbila
yeroo durii mana barnootatti itti fayyadaman. Afaan Amaariffaatin isa “dawul”
jennuudha.
Hadiisa armaan olii Aaayatni Qur’aanaa ni deeggaru. Rabbiin (subhaanahu wa
ta’aalaa) ni jedha:
“Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa addunyaa hundaati.
Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa fide).
Akka ati Akeekachisaa irraa taatuf qalbii kee irratti [fide]. Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een.” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195
Kana jechuun Qur’aanni Rabbii waan hundaa uumee fi sooru irraa bu’e. Rabbiin
akkuma bishaan samii irraa buusun qaama namaatiif jabeenya taasise, Qur’aanas
of biraa buusun namootaf qajeelcha fi ifa taasise. Qur’aana Rabbiin irraa gara
Nabii Muhammad (SAW) itti kan fide (geesse) Malaayka Jibriili. Yeroo darbe
Malaaykan Jibriil bifa sadiin gara Ergamaa Rabbii dhufuun ergaa akka itti geessu
ilaalle turre. 1ffaa: Ergamaan Rabbii suuraa dhugaa Jibriil irratti uumame ni argu.
2ffaa: Suuraa namaa fakkaachun itti dhufuun ergaa itti geessa. Yeroo kanatti
Ergamaan Rabbii fi namoonni naannawa san jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni
dhagahu. 3ffaa: Malaaykan Jibriil osoo ijaan hin mul’atin Ergamaa Rabbitti
wahyii (beeksisa ykn ergaa) Rabbiin irraa fida. Yeroo kanatti, Ergamaan Rabbii
yommuu wahyiin isatti bu’u akka sagalee qillisa bilbilaa isatti dhagahama.
Haalota wahyiin itti bu’u biroo caalaa haalli kuni isarratti ulfaatadha.
Akka yaadannotti osoo Ergamaan Rabbii (SAW) rafan Qur’aanni abjuudhaan
isaanitti hin buune. Wanti abjuun isaanitti bu’e Qur’aanan ala wahyii (ergaa)
biraati. Fakkeenyaf, banamiinsa Makkaa fi wantoota gara fuunduraatti dhugaan
uumaman biroo abjuun argu. Garuu Qur’aanni osoo isaan of beekanii fi hirraba
irraa dammaqanii jiranuu isaan irratti bu’a ture.
26
Qur’aanni waggaa 23f dhawaata dhawaatan, aayaa aayan (keeyyata keeyyataan),
boqonna boqonnaan bu’aa ture. Bu’iinsi kuni faaydaa baay’ee qaba. Isaan
keessaa: suuta suutan namoota barsiisuuf, karaa salphaan namoonni sammuu
keessatti akka qabatan (haffazaniif), qalbii Ergamaa Rabbii fi sahaabota isaa
tasgabbeessuf, warroota gaafi gaafataniif deebii hatamtamaa kennuu fi kkf.
Haala fi akkaata bu’iinsa Qur’aana hubanne jirraa jechuudha. Amma gaafin ka’u
kana fakkaata. (1)-Malaaykan Jibriil Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabi
Muhammad (SAW) erga fide booda Nabiyyiin hin dagatanii? Aayata fi jechoota
wal keessa hin dhayanii? (2)- Ergamaan Rabbii (SAW) barreessuu fi dubbisuu
hin danda’an. Kanaafu Qur’aanni akkamitti barreefaman hanga ammaa as gahee?
Gaafiwwan kanniin mata-duree armaan gadii keessatti ni deebisna.
Akkuma beekkamu Qur’aanni addaan ciccituun yeroo adda addaa keessatti
buufamaa ture. Haa ta’uu malee Qur’aanni tartiiba isaa eeggatee walitti qabame
jira. Walitti qabama fi tartiiba Qur’aanaa bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya.
Isaaniis: Qur’aana qomatti qabachuu fi barreefamaan walitti qabuudha. Ammaaf
Qur’aanni akkamitti qomatti akka walitti qabame ni ilaalla. Barreefamaan
akkamitti akka walitti qabame immoo In sha Allaah kutaa itti aanutti ilaalla.
1.Qur’aana qomatti qabachuu (haffazuu)- kana jechuun osoo homaa itti hin
dabalin fi hin hir’isin Qur’aana guutuu sammutti qabachuudha. Adeemsi kuni
Ergamaa Rabbii (SAW) irraa kaase hanga ammaatti kan itti fufaa jiruudha.
Yommuu Jibriil Qur’aana dubbisu akka jalaa hin bannee fi qomatti qabachuuf
Ergamaan Rabbii (SAW) arraba isaanii Malaykaa Jibriil waliin sochoosa turan.
Garuu Rabbiin adeemsa kana dhoowwun yommuu Qur’aanni qara’amu
(dubbifamu) akka cal’ise dhageefatu ajaje. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni
jedha:
ذ لق ٱ لملذك ٱ لل ٱفتعل ﴿ ن يقض إذلك وحيه لقرءانذ ٱول تعجل بوقل ۥ مذ قبلذ أ
ذ زذدنذ ﴾١١٤ عذلمارب
"Mootiin haqaa Rabbiin ol ta’eera. Osoo buufamni isaa gara kee bu’ee hin
xumuramin dura, Qur’aana [dubbisuutti] hin jarjarin. ‘Yaa Rabbii kiyya!
Beekumsa naaf dabali’ jedhi.” (Suuratu Xaahaa 20:114)
27
ذهذ ﴿ ذك ب ذ ۦل تر عجل ب ذسانك لذ ﴾١٦ۦ هذ ل
“Qur’aana [qabachuutti] ariifachuuf jecha arraba kee isa waliin hin
sochoosin.”
﴾١٧ۥوقرءانه ۥإذن علينا جعه ﴿
“Dhugumatti, Qur’aana [qalbii kee keessatti] walitti qabuu fi akka
dubbistu gochuun Nurra jira.” (Suuratu Al-Qiyaamaa 75:16-17)
Hubachiisa: Qur'aana keessatti Rabbiin “Nuti, Nu” yommuu jedhu “Guddinna fi
kabaja” agarsiisufi malee baay’inna agarsiisufi miti. Arabiffa keessatti of
kabajuuf, “Nahnu (Nuti) ykn Innaa (dhugumatti nuti)” namni tokko ni
fayyadama. Fakkeenyaf barreessan kitaabaa, “mata-duree kana jalatti nuti kana
ibsinee jirra” jedhee yommuu barreessu ni argina. Rabbiin “Nuti” jedhe
fayyadamuun immoo wanta garmalee Isaaf maluu jechuudha. Rabbiin Tokkicha
fakkaataa hin qabne fi waa hunda uumudha.
Gara mata-duree keenyatti yommuu deebinu, akkuma keeyyata armaan olii irraa
hubannutti Rabbiin Qur’aana guutu qalbii Nabi Muhammad (SAW) keessatti
akka walitti qabu itti gaafatamummaa fudhatee jira. Rabbiin wanta hundaa irratti
danda’aa waan ta’eef, keeyyata (aayaa) fi boqonnaa Qur’aana yeroo adda addaatti
bu’an qalbii Nabiyyii keessatti tartiiban walitti qabe. Kanaafu, aayaa (keeyyata)
Qur’aanaa boqonnaa (suurah) ishiif maltu keessatti Rabbiin tartiiba qabsiise jira.
Haala kanaan Nabiyyiin Qur’aana guutuu qomatti qabatan (haffazan).
Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana irraa wanta isaanitti bu’e sahaabota
(hiriyyoota) isaanii barsiisaa turaniiru. Sahaabonnis Qur’aana haffazanii (qomatti
qabatanii) jiru. Isaan keessaa Bukhaarin namoota torba sahiiha keessatti tuqeera.
Isaaniis: Mu’aaz bin Jabal, Ubay bin Ka’ab, Zayd bin Saabit, Abdullah bin
Mas’uud, Saalim bin Ma’aqil, Abuu Zayd bin Sakanii fi Abu-ddardaa fa’aadha.
Kana jechuun namoonni jireenya Nabiyyi keessatti Qur’aana haffazan kanniin
qofa jechuu miti. Garuu warreen Bukhaarin dubbate torban ykn saddeettan
kunniin warra Qur’aana qomatti qabatanii (haffazanii) Nabiyyiin qaraati
28
(dubbisa) isaanii isaaniif dhageefachuun beekkamaniidha. Namoota kanniin ala
Qur’aana irraa muraasa ykn guutuu isaa kan haffazan baay’etu jiru.
Guduunfaa:
✍Qur'aanni suuta suutan waggaa 23f Rabbiin irraa gara Nabii Muhammad
(SAW) itti bu'aa tureera.
✍Malaaykan Jibriil (nageenyi isarratti haa jiraatu) Qur'aana Rabbiin irraa fiduun
gara Nabiyyitti geessa. Nabiyyiniis gara namootaatti geessu. Namoonnis
Qur'aana isarra barachuun addunyaa guututti geessu. Haala kanaan Qur'aanni
addunyaa keessa faca'e.
✍Rabbiin Qur'aana guutuu qalbii Nabiyyii keessatti walitti qabuu itti
gaafatamummaa fudhatee jira. Akkasumas, nama Qur'aana qoma keessatti
qabachuu fi barachuuf carraaqu Rabbiin akka isa gargaaru fi laaffisuuf waadaa
galee jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) ni jedha:
نا ﴿ دكذر لقرءان ٱولقد يس ذكرذ فهل مذ مذل ﴾١٧ل
"Dhugumatti, Qur'aana hubachuu fi yaadachuuf laaffifne jirra. Namni ittiin
gorfamu jiraa?" Suuratu al-Qamar 54:17
✍Kanaafu, Qur'aanni Rabbiin irraa bu'uu keessa shakkiin wayitu hin jiru.
ذ لفرقان ٱنزل لذيٱتبارك ﴿ ه عبدذ يرا ۦلع ذلعلمذي نذذ كون ل ﴾١لذ
"Addunyaa hundaaf akeekachiisaa akka ta'uuf gabricha Isaa irratti
furqaana (Qur'aana) Kan buuse toltuun Isaa baay'atte." (Suuratu Al-
Furqaan 25:1)
Kana jechuun Rabbiin gabricha Isaa Muhammad (SAW) irratti Qur'aana buusun
karaa qajeelaa fi jallinnaa, karaa Jannataa fi ibiddatti nama geessu ifa taasise.
Dhugumatti toltuun Rabbii baay'atte.
Kitaabban Wabii:
Taarikhu Nuzuulu al-Qur’aan al-Kariim– fuula 26-28, by Mahammad Ra’afat
29
Sa’iid
Hiika Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin-Fuula 21-22, Mana Maxxansa
Najaashi
Akkasumas, bal'innaan Seenan Buufama Qur'aanaa Ingiliffaan dubbisuuf
"History of Qur'anic Text" ilaalun ni danda'ama.
30
Qur’aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee?
Qur'aanni kalaama (haasawa) Rabbii, Nabiyyi Muhammad (SAW) irratti
buufame fi isa dubbisuun akka ibaadatti kan ilaallamuudha.
Qur’aana keessatti yeroo baay’ee maqaa Qur’aanaa agarsiisuuf jechoonni lama
irra deddebi’amanii mul’atu. Isaanis; Qur’aanaa fi Kitaaba. Lugaa Arabiffaa
keessatti "Qur’aanni" hiika “dubbisuu” qaba[1]. Kuni kan agarsiisu Qur’aanni
qubeewwan walitti fiduun arrabaan dubbifamuu kan danda’amuudha. Karaa
biraatin "Kitaaba" jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha.[2]
Kanaafu, maqaaleen Qur’aanaa lamaan kunniin ergaa gurguddaa lama dabarsuu
jechuudha.
1ffaa: Jechi "Qur’aana" jedhu sammuutti qabatamuun (haffazamuun) eeggamuu
isaa kan agarsiisu yoo ta’u
2ffaa: Jechi "Kitaaba" jedhu immoo waraqaa ykn meeshaa barreefamaa irratti
galmaa’un tiikfamu isaa mul’isa. [3]
Kanaafu, Qur’aana keessatti tasa dogongorri yoo uumame, maddoota lamaan
kanniin keessaa tokkoon ni sirreeffama. Fakkeenyaf, namni tokko suurah
(boqonnaa) Qur’aanaa sammutti qabate osoo kitaaba hin ilaalin dubbisuu yoo
dogongore, kitaaba ilaalun sirreefachu danda’a. Ammas, osoo Aayata ykn suurah
Qur’aanaa waraqaa irratti print godhanuu ykn barreessanu ykn Aplikeeshinii
telefoona irratti yoo dogongoran, namni Qur’aana guutuu sammutti qabate
dogongora kana ni sirreessa. Qur’aanni haala kanaan jijjiramu ykn irraa haaqamu
ykn itti dabalamuu irraa hanga Guyyaa Qiyaamatti ni eeggamaa jechuudha.
Dhugumatti Rabbul Aalamiin ni jedha:
ذكر ٱإذنا ن نزنلا ﴿ ﴾٩لحفذظون ۥإونا ل ل
“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.”
Suuratu Al-Hijr 15:9
Kanaafu, qulqullinnaa fi tiikfamu Qur’aanaa ilaalchisee wanti nama shakkisisuu
tokkollee hin jiru.
31
Kutaa darbee keessatti karaalee Qur’aanni walitti qabamee keessaa karaa
tokkoffaa ilaalle turre. Innis Qur’aana guutu qomatti qabachuudha. Rabbiin waan
hundaa irratti danda’aa ta’ee akkuma yeroo ammaa namoota miliyoonatti
lakkamaan Qur’aana guutuu qomatti akka qabatan taasise, yeroo jalqaba Nabiyyi
irratti buusus Nabiyyiif qoma isaa keessatti walitti qabee jira. Faaruu fi galanni
hundii Rabbiif haa ta’u. Karaan lammataa Qur’aanni walitti qabamee karaa
barreefamaatin.
2.Qur’aana Barreefamaan Walitti qabuu Barreefamaan Qur’aana walitti qabuu iddoo saditti qoodanii ilaalun ni
danda’ama. Isaaniis:
1-Jireenya Nabii Muhammad (SAW) Keessatti Barreefamaan walitti
qabuu- Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana (wahyii) Rabbiin irraa isaanitti
dhufu ofiin barreessu waan hin beekneef barreessitoota gurguddaa sahaabaa
irraa ta’an kan akka Aliyyi, Mu’aawiyaa, Ubayy bin Ka’abii fi Zayd bin Saabit
fa’a kaa’uun yeroo keeyyanni (aayan) wayii buufamtu akka keeyyata san
barreessan isaan ajaju turan. Iddoo ishiin itti barreefamtu fi boqonnaa (suuraah)
ishiin keessatti barreefamtus Nabiyyitu barreessitootatti hima.[4]
Fakkeenyaf, Zayd bin Saabit Masjiida Ergamaa Rabbitti dhiyoo waan ta’eef,
wahyiin yommuu bu’u Nabiyyiin yeroo baay’ee akka barreessu isa waamaa turan.
Yeroo Aayan waa’ee Jihaada dubbattu buutu, Ergamaan Rabbii (SAW) meeshaa
barreefamaa waliin Zayd bin Saabit waaman. Ergasii Aaya jihaada ni dubbisaniif,
Zayd immoo ni barreessa. Osoo Ergamaan Rabbii dubbisanuu, ibn Um-Maktuum
dhufee akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii, Rabbiin kakadhe osoo danda’e silaa
karaa Rabbii irratti nan qabsaa’a.” ibn Um-Maktuum ijaan hin argu ture. San
booda Rabbiin “ { رر ”.jettu buuse (warra miidhama qaban malee) ”{غير أولي الض
Sahiih Al-Bukhaari 4592
Ammas, barreefamaan booda wanta barraa’e mirkaneessun (proofreading) ni jira.
Galmeen aayaata (keeyyattootaa) erga xumuramee booda, dogongorri akka hin
uumamneef Zayd Ergamaa Rabbiitiif ni dubbisa. [5]
Ergamaan Rabbii Qur’aana eeguf tarkaanfilee barbaachisu haa fudhataniyyuu
malee yeroo sanitti Qur’aanaa jiildi (galmee) tokkotti walitti hin qabne. Kana irra,
Qur’aanni wanta garagaraa fi bakka adda addaatti barreefamaa ture. Sababni
isaas, suuraah fi Aayaan Qur’aanaa bu’uu itti fufanii jiru. Akkasumas, meeshaan
32
barreefamaa akka ammaatti hin jiru. Kanaafu, yeroo sanitti osoo Qur’aanni
guutun bu’ee hin xumuramiin, suuraah fi Aayaa yeroo adda addaatti bu’an jiildi
(galmee) tokko keessatti walitti qabuun garmalee ulfaata. Garuu Ergamaan
Rabbii erga du’anii booda wahyiin bu’uu ni dhaabbate. Kanaafu, amma Qur’aana
guutuu bakka tokkotti walitti qabuun ni danda’amaa jechuudha. Kunis yeroo Abu
Bakr adeemsifame.[5]
2-Yeroo Motummaa Abu Bakr Keessa Qur’aana Barreefamaan Walitti
qabuu- Abu Bakr bakka Ergamaa Rabbii (SAW) bu’uudhaan bulchiinsa
Muslimtootaatiif dhaabbatee ture. Rakkoon baay’eenis isa muudate ture. Guyyaa
lola Yamaamaa haafizoonni (warroonni Qur’aana qomatti qabatan) baay’een
dhumanii turan. Akkuma irranatti jenne Qur’aanni yeroo Ergamaan Rabbii
lubbuun jiran wantoota adda addaa irratti barraa’a tureera. Umar bin al-
Khaxxaab, “Qur’aanni bakka adda addaatti faca’e kuni ni bada ykn ni dagatama”
jechuun Qur’aanni bakka tokkotti walitti qabamu akka qabu Abu Bakrin
mari’achiise. Abu Bakris yaada kana fudhachuun Qur’aana kitaaba (galmee)
tokko keessatti akka walitti qabu Zayd bin Saabitiin ajaje. Zaaydis itti
gaafatamummaa kana fudhatee Qur’aana bakka adda addaatti yeroo Nabiyyii
barreefamee faca'e bakka tokkotti walitti qabe. (ilaali Sahih al-Bukhari 4986)
Haala kanaan Qur’aanni yeroo Motummaa Abu Bakrii fi sahaabota yeroo sana
jiraaniin galmee tokko keessatti walitti qabamee raawwatame. Kunis walitti
qabiinsa lammaffaa jechuun beekkama.
3-Yeroo Mootummaa Usmaan keessa Qur’aanni Barreefamaan Walitti
qabamuu- Akkuma beekkamu Qur’aanni Afaan Arabiffaatin buufame.
Araboonni akka balbala sanyii isaanitti loqoda garagaraa waan qabaniif nama
hundaaf akka laafuf Ergamaan Rabbii (SAW) loqoduma isaanitiin Qur’aana
barsiisan. Loqoda jechuun jecha tokko yommuu sagaleessan sagaleen garagara
ta’uudha. Garuu hiikni isa tokkoma. Fakkeenyaf, akka Afaan Oromootti, naannoo
Hararitti jecha “of” jedhu, “if” jechuun sagaleessu.Hima keessatti, “Ofii hojjadhe
= ifii hojjadhe.” Jechoonni lamaan kunniin hiikni isaanii tokkoma. Haaluma
kanaan Afaan Arabaa keessattis jechoonni hiika wal-fakkaataa qaban garuu
yommuu dubbatan sagaleen isaanii garagara ta’e ni jiru. Fakkeenyaf, jecha "( قلت)
qultu" jedhu, warri Ijibt "ult" jechuun sagaleessu. Warri Yaman immoo "gultu"
jechuun sagaleessu. Garuu hiikni isaanii tokkoma. Innis "Ani jedhe" ta'a.
Qur'aanni loqoda Arabiffaa garagaraatin yoo dubbifame, hiika isaa kessatti wanti
33
jijjiramu tokkollee hin jiru. Ergamaan Rabbii (SAW) bifa torbaan Qur'aana
dubbisaa turan. (Ilaali Sahih Muslim 819)
Yeroo mootummaa Usmaan biyyoonni Musliimaa waan baay'ataniif, haafizonni
gara biyyoota kanniini keessa faca’an loqoda ofii qabatanii deemu jalqaban.
Naannawa tokko tokko keessatti Araboonni gariin loqonni isaanii loqoda biroo
akka caalu dhaadachu eegalan. Akkasumas, Musliimni haarofti Qur'aana osoo
dubbisuu yoo dogongore, dogongorri isaa kuni dhuguma dogongora dhugaati
moo bifaa dubbisaa torban Ergamaan Rabbii barsiisaa turan keessaa isa tokko
ta'uu ykn dhiisu isaa itti himuun garmalee ulfaata. Dhumarratti rakkoon kuni
naannoolee Arabaan alan jiraniif madda dhama'iinsa fi wal-dhabbii ta'e.*
Sahaaban Huzeeyfa ibn Al-Yamaan jedhamu yommuu Iraaq keessa jiru
dhama'iinsa kana hubachuun addaan bittinaa'u ummata Muslimaati fi jijjiramu
Qur'aanaa sodaate. Huzeyfaan yommuu gara Madiina deebi'u rakkoo argee fi
dhagahe Usmaanitti beeksisee. Yeroma san Usmaanis sahaabota mari’achiisun
galmee Abu Bakr irraa loqoda jiddu-galeessa tokkoon Qur’aana kitaaba tokko
keessatti akka barraa’u murteessan. Galmeen yeroo Abu Bakrii barraa’e haadha
manaa Nabiyyi tan taate Hafsaa bira ture. Usmaanis Hafsaa irraa galmee
Qur’aanaa fuudhee gara Zayd bin Saabit, Abdullah bin Zubeeyr, Sa’iid bin Aas
fi Abdurahmaan bin Haaris bin Hishaamitti erguun akka isaan kitaabbilee
baay’eetti garagalchaan ajaje. Isaaniis kana raawwachuun biyya hundatti
hawaasaf tamsaasan. Kunis walitti qabiinsa sadaffaa jedhama. Sunis godaansa
Nabiyyii irraa waggaa 25ffaa keessa ture. (ilaali Sahih al-Bukhari 4987)
Haala kanaan garagalchi (koopin) Qur'aanaa bifa wal-fakkaatun addunyaa keessa
raabsame. Sana booda Qur’aanni hanga guyyaa har’aatti akka yeroo sanitti walitti
qabameen qomattis qabatamee fi meeshaa barreefamaa irrattis barreefame
tiikfamee jira.
Akkasumas, tiikfamu Qur’aanatiif ragaa kan ta’an garagalchii (koopin)
Qur’aanaa yeroo durii baay’een isaanii Muuziyeemi biyyoota adda addaa
keessatti ni argama. Qabiyyeewwan hunda isaanitu kan wal-fakkaataniidha. Akka
fakkeenyatti fakkiiwwan lamaan kanniin dhiyeessun ni danda'ama.
34
Mus'hafa yeroo durii muuziyeemi Yaman keessatti argamu.[6] Mus'hafa jechuun
galmee Qur'aanni irratti barraa'u jechuudha.
35
Galmee Qur'aanaa durii Masjiida Kaayiro Al-Huseyn jedhamu keessatti
argamu.[7]
Gudunfaa -Qur'aanni karaalee lamaan tiikfame
1ffaa- Qomatti qabatamuun arrabaan dubbifamuu
2ffaa- meeshaalee barreefamaa irratti barreefamuun.
-Qur'aannni yeroo Ergamaan Rabbii (SAW) barreefamaan wantoota adda addaa
irratti barraa'e jira.
-Yeroo motummaa Abu Bakr Qur'aanni wantoota adda addaa irratti barreefame
36
ture galmee tokko keessatti walitti qabame.
-Yeroo Motummaa Usmaan ibn Affaan koopin Qur'aanaa baay'een galmee Abu
Bakr irraa garagalfamuun biyyoota Musliimaa adda addaatti ergame.
Kitaabilee Wabii: [1][2] How to Approach and understand The Qur’an-Jamal Zarabozo-fuula 8
(hardcopy)
[3] Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootiin- fuula 12
[4] Madda olii- fuula 22-24
[5][6] History of Qur’anic Text-fuula 69, 77 fi 96 (Hardcopy)
[7] Sahih International English Translation of the Qur'an, fuula 708
*Usuul Tafsiir-Bilaal Filips-fuula 113
37
Boqonnaa 3 Shakkii Qur’aanaa Qulqulleessuf
Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbal aalaminaa akka ta’ee fi qulqullummaan
isaa hanga ammaatti akka tiikfame yeroo darbee ilaalle jira. Namoonni namoota
daandii haqaa irraa jallisuuf halkanii guyyaa carraaqan, Qur’aana jijjiruu akka hin
dandeenye yommuu beekan, namootatti shakkii naquu hojii ofii godhatan.
Namoota qofa osoo hin ta’in sheyxaanni keessaas shakkii namatti naquuf halkanii
guyyaa namatti hasaasa. Kanaafu, Qur’aanni jecha ykn haasawa Rabbii ta’uu isaa
akkamitti beeknaa? Karaa baay’een beekna. Mee isaan keessa muraasa isaanii
haala armaan gaditiin haa guduunfinu.
1.Shari’iyyi (karaa shari’aatin)- kuni keeyyanni (aayanni) Qur’aana keessa
jiran Qur’aanni guutun jecha Rabbii ta’uu kan agarsiisaniidha. Rabbiin
(subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
فل يتدبرون ﴿لوجدوا فذيهذ للذ ٱولو كن مذ عذندذ غريذ لقرءان ٱأفاٱ ﴾٨٢كثذريا ختذل
“Sila isaan Qur’aana itti hin xinxalanii? Osoo [Qur’aanni] Rabbiin ala kan
biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee arguu turan.”
Suuratu An-Nisaa 4:82
Sheykh Abdurahman Sa’diyyi aayaa tana ilaalchisee akkana jedha: “Rabbiin
kitaaba Isaa akka itti xinxallan ajaja. Kunis kan ta’u hiika isaa hubachuun, jalqaba
fi dhumaa isaatti yaadan itti lixuuni. Dhugumatti Qur’aana irratti xinxalluun
furtuu beekumsaa fi barnootati. Keeyrin hundi isarraa burqa, beekumsi hundi
isarraa baafama. Qur’aanan imaanni dabala, mukni imaana qalbi keessatti lafa
qabata.
Gooftaa haqaan gabbaramaa fi sifaata (amaloota) guutuu Isaa Qur’aanaan
beekan. Amaloota hanquu fi wanta Rabbiif hin malle Qur’aanni namatti beeksisa.
38
Karaa Rabbitti nama geessu, amaloota warroota karaa kana hordofanii fi yommuu
Isa qunnaman wanta isaaniif qophaa’e Qur’aanni ni beeksisa. Diina dhugaa kan
ta’ee sheyxaana, karaa azaaba (jahannamitti) nama geessu fi amaloota warroota
azaabaa namaaf ifa godha.
Akkuma gabrichi Qur’aana irratti xinxalluu itti fufuun, beekumsa fi hojii
hojjachuun isaaf ni dabalama. Kanaafi, Rabbiin Qur’aana xinxallutti ajaje, itti
kakaase. Xinxalliif akka buuse akkana jechuun beeksiisa.
دبروا ءايتذهذ ﴿ ذ نزلنه إذلك مبرك ل ولوا ۦكذتب أ
تذكر أ لببذ ٱولذ
﴾٢٩ل
“[Yaa Muhammad] [Kuni] Kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa
itti xinxallanii fi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamaniif jecha gara
keetti buufnedha.” Suuratu Saad 38:29
Faayda kitaaba Rabbii irratti xinxallu keessaa tokko: namtichi kanaan sadarkaa
yaqiina (mirkaneefannaa guutuu) gaha. Akkasumas, jecha Rabbii ta’uu beeka.
Sababni isaas, gariin garii dhugoomsu isaa ni arga. (Kana jechuun aayan tokko
aaya biraa dhugoomsa ykn wal jabeessa). Murtiwwan, seenaalee fi
odeefannowwan dhugaan Qur’aana keessatti bakka adda addaatti irra
deddebi’anii dhufanii jiru. Hundi isaanitu walitti galoo fi kan wal simataniidha.
Gariin garii hin faalleessan. Haala kanaan Qur’aanni guutuu ta’uu fi Rabbiin irraa
akka ta’e ni beekkama. Kanaafi, itti aanse akkana jedhe, “Osoo [Qur’aanni]
Rabbiin ala kan biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee
arguu turan.” Kana jechuun Rabbiin biraa [kan buufame] waan ta’eef aslimaa
wal-dhabbiin (wal faallessun) keessa hin jiru.”[1]
2.Aqliyyi (sammuun)- Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmaan namaa erga uume
booda akkanumatti qajeelcha malee isaan hin dhiisne. Nabiyyoota erguu fi
kitaabban buusun namoonni karaa qajeelatti akka qajeelan taasise. Seenaa dhala
namaa keessatti nabiyyoonni hedduun ergamanii jiru. Garuu Nabiyyiin dhumaa
addunyaa guutuuf ergamuun ergaan (risaalan) Rabbiin irraa dhufu xumuramee
jira. Nabiyyiin dhumaa kuni Nabi Muhammad (SAW), kitaabni dhumaa isatti
buufames Qur’aana. Amma gaafin namni tokko of gaafatu qabu kana ta’a.
“Nabiyyin dhumaa erga ergamee fi kitaabni dhumaa erga buufame booda kitaabni
39
kuni jijjiramu irraa yoo hin tiikfamin, namoonni akkamitti karaa qajeela Rabbitti
nama geessu argachuu danda’uu?” Guyyaa Murtii Nabiyyiin nutti hin ergamne
ykn Kitaabni qulqulluun nu bira hin geenye jechuun Rabbiin irratti mormii
dhiyeessu danda’u? Kuni waan hin taanedha. Takkaa Nabiyyiin ergamuu qaba
takkaa immoo kitaabni nabiyyitti buufame qulqullummaa isaa eeggatee
turuu qaba. Filannoon 3ffaan hin jiru. Kanaafu, Qur’aanni jechaa Rabbiitii fi
osoo hin jijjiramin hanga Guyyaa Qiyaama qulqullummaa isaa eeggatee kan
turuu jechuudha.
تذيهذ ﴿ل ٱل يأ ذ حكذيم حذيد ۦ مذ ا بيذ يديهذ ول مذ خلفذهذ لبطذ ﴾٤٢تزنذيل م
“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa
Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42
Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun
beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi
murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta
beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii
Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa
odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin
dhufu.[2] Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi.
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e
irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2
Akkasumas, sheyxaanni namaa fi jinni Qur’aanatti hin dhiyaatan. Hatuu, wanta
isa keessa hin jirre itti seensisuu, irraa hir’isuu fi itti dabaluu hin danda’an.
Buufama isaa keessatti jechaa fi hiikan kan eeggame waan ta’eef.[3] Rabbiin ni
jedha:
ذكر ٱإذنا ن نزنلا ﴿ ﴾٩لحفذظون ۥإونا ل ل
“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.”
Suuratu Al-Hijr 15:9
40
3.Hanga ammaatti fakkaataan Qur’aanaa dhabamuu fi ilmi namaa fidu
dadhabuu Qur’aanni mu’ijizaan (raajiin) kan guuttameedha. Jechoota muraasa
fayyadamuun hiika bal’aa dabarsa. Kanaafi, seenaa keessatti tafsiirri (ibsi)
Qur’aanaa kitaabban dhibbaatamatti lakkaawaman barraa’anii jiru. Barreessan
hunduu ajaa’iba Qur’aana keessa jiru ajaa’ibsifate hin xumuru. Kanaafi,
namoonni fi jinnooni fakkaataa akka Qur’aanaa fidu akka hin dandeenye Rabbiin
jala muree dubbata.
ل لئذ ذ ﴿نس ٱ جتمعتذ ٱق ذمذثلذ هذا لذ ٱو لذ توا ب
ن يأ
أ ل لقرءانذ ٱلع
ذمذثلذهذ تون بعض ظهذريا ۦيأ ﴾٨٨ولو كن بعضهم لذ
Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti
walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa
isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Isra 17:88
Kana jechuun ilmaan namaa fi jinnooni osoo wal gargaaranii fakkaataa akka
Qur’aanaa fiduuf walitti qabamanii, gonkumaa wanta Qur’aana fakkaatu fidu hin
danda’an.
"Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan,
suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin
ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa. Yoo hin
hojjatin, gonkumaa hin hojjattan. Kanaafu, ibidda bobo’aan isaa ilma
namaati fi dhagaa ta’e kan kaafirotaaf qophaa’e sodaadhaa.” Suuratu Al-
Baqarah 2:23-24
41
Yeroo Qur’aanni bu’u Araboonni ogummaa hog-barruutin garmalee
beekkamoodha. Walaloo irratti wal dorgomuu fi walitti dhaadachaa turan. Garuu
yommuu Qur’aanni bu’u wanti isa dorgomu hin argamne. Qur’aanni walaloo
akka isaanitis miti barreefama birootinis kan wal fakkaatu miti. Bifa (sytle) addaa
kan qabuudha. Qureeshonni "Kuni kitaaba akkami! wanta takkuu hin
dhageenyedha." jechuun ajaa'ibsifachu turan.
Urga buufame kaase namoonni suurah (boqonnaa) akka Qur’aanaa fidu hin
dandeenye. Mee akka fakkeenyatti kana haa ilaallu. Namni salaatu guyyaatti
suurah Qur’aanaa keessaa Suuratul Faatiha xiqqaate xiqqaatu si’a 17 dubbisa.
Seenaa keessatti, “Yeroo 17 dubbisuun nu hifachiise. Suuratul faatihan haa
jijjiramtu.” namni jedhe tokkollee hin jiru. Amma gaafin dhiyaatu kana. Seenaa
keessatti kitaaba ykn barreefama kamtu osoo hin hifatamiin guyyatti boqonnaan
(suurahn) isaa yeroo 17 dubbifamaa? Gonkuma Qur’aana malee hin jiru. Namni
barreefama tokko si’a 2,3,4 irra deddeebi’e dubbisuu danda’a. Garuu sani oli itti
deddeebi’e dubbisuu ni hifata. Haa ta’uu malee Qur’aanni osoo yeroo kuma irra
deddeebi’anii nama hin hifachiisu. Ji’a Ramadaanaa keessa namoonni si meeqa
dubbisu? Akka seenatti si’a 30 guutuu isaa namoonni dubbisan jiru. Qur’aanni
osoo jecha namaa ta’ee, namoonni hifannaa malee akkanatti irra deddeebi’anii ni
dubbisuu? Gonkumaa hin dubbisan. Kanaafu, Qur’aanni jecha Rabbii olta’eeti.
Jecha Rabbiiti miti jedhee namni mormu yoo jiraate, “wanta suurah (boqonnaa)
Qur’aanaa fakkaatu fidi.” jennaan. Kana yoo hin hojjatin, gonkuma gara
fuunduraattis hin hojjattu. Kanaafu, ibidda bobo’aan isaa ilma namaati fi dhagaa
ta’e kan kaafirotaaf qophaa’e sodaadhu.
4-Wanta namni yaadu fi dhoksaatti hojjatan namatti himuu- yeroo
munaafiqonnii fi yahuudonni Islaamatti shira (dhara) yaadanii fi baasan,
Qur’aanni hojii isaanii kana ifatti saaxila. Wanta isaan yaadanii fi jedhan ifa
taasisa. Namni hanga fedhe waa’ee namaa haa beeku, abbaan yoo ifatti hin baasin
wanta sammuu fi qalbii keessa jiru beeku hin danda’u. Wanta qalbii fi sammuu
keessa jiru hunda beeku kan danda’u Rabbii tokkicha. Kanaafu, Qur’aanni wanta
munaafiqonni fi yaahudonni yaadanii fi dhoksatti hojjatan himuun, Rabbiin irraa
akka ta’e agarsiisa. Akka fakkeenyatti aayah muraasa ilaalun ni danda’ama:
42
يعلم إذنك لل ٱو للذ ٱقالوا نشهد إذنك لرسول لمنفذقون ٱإذذا جاءك ﴿بون لمنفذقذي ٱيشهد إذن لل ٱو ۥلرسول ذذ ﴾١لك
“Yommuu Munaafiqonni sitti dhufan, “Ati Ergamaa Rabbii akka taate
ragaa ni baana.” Jedhu. Dhugumatti ati Ergamaa Isaa akka taate Rabbiin
ni beeka, munaafiqonni immoo sobdoota akka ta’an Rabbiin ragaa baha.”
Suuratu al-Munaafiquun 63:1
Fakkeenyi akkanaa Qur’aana keessa baay’eedha. Fakkeenyaf, suuratu Baqara
2:8-20, Suuratu Aali-Imraan 3:154-156, 167-168 fi aayatoota biroo
5-Namni Qur’aanatti bulu mindaa isaa argachuu fi namni isa faallessu
immoo adabbii isaa argachuu- Kuni ragaa cimaa Qur’aanni Rabbiin irraa
ta’uu agarsiisuudha. Namni yommuu Qur’aanatti bulu wanta Rabbiin
subhaanahu wa ta’aala waadaa gale ni argata. Yeroo dur irraa kaasee namoonni
amananii Qur’aanatti bulan waadaan suni isaanif guuttamaa jira. Faallaa kanaa,
namoonni Qur’aana irraa garagalan immoo adabbi isa keessatti waadaa galamee
dhandhamaa jiru. Kanaafu, Kan mindaa namaaf kennuu fi nama badii raawwatu
adabu ykn araaramuuf Rabbii Tokkicha waan ta’eef, wanti Qur’aana keessatti
waadaa galame hojiin mul’achuun Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa akka ta’e
agarsiisa. Rabbiin ni jedha:
“Dhugumatti, isaan amananii, hojii gaggaarii hojjatanii, salaata sirreessanii
salaatanii fi zakaas kennan, mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira isaaniif jira.
Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:277
Namni yommuu rakkoon itti buutu wanta isa jala darbeef ni gadda, wanta dhufuuf
ni sodaata. Garuu warroonni dhugaan Rabbii fi arkaana iimaana birootti amanan,
hojii gaggaarii hojjatan, salaata sirnaan salaatanii fi zakaas kennan, wanta isaan jala
darbeef garmalee hin gaddan. Wanta dhufuufis hin sodaatan. Dur irraa kaase hanga
43
ammaatti namoonni amanan, hojii gaggaarii hojjatan, salaata sirnaan salaatanii fi
zakaas kennan, sodaa fi gaddi isaan irra hin jiru. Eeti, yeroo garii qormaataaf gaddi
fi sodaan isaanitti bu’u danda’a. Garuu gaddi fi sodaan kuni jireenya isaanii guutuu itti hin fufu. Isaan namoota hunda caala namoota tasgabbaa’o ta’aniidha.
Faallaa kanaa namoonni Rabbiin irraa garagalan immoo dhiphinnaa, gadda,
jeequmsaa fi sodaan adabamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Aadamii fi
Ibliisa Jannata keessaa akka bu’an erga ajajee booda seera gonkumaa hin jijjiramne
lafa kaa’e:
“(Rabbiin) ni jedhe ‘Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanu
walumaan ishee (jannata) keessaa [gara dachiitti] gadi bu’aa. Ergasii Ana
irraa qajeelfamni yoo isinitti dhufe, namni qajeelfama Kiyya hordofe
[addunyaa tana keessatti] hin jallatus, [Aakhirattis] hin rakkatu.
Garuu namni yaadanno (Qur’aana) Kiyya irraa garagale- dhugumatti
jireenya dhiphoo ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamas jaamaa goonee isa Kaafna” Suura Xaahaa 20:123-124
Guduunfaa
✒ Qur'aanni Rabbiin irraa buufamu fi tiikfamuu isaa karaa adda addaatin
mirkanessun ni danda'ama.
✒ Karaan jalqaba itti mirkaneessan Qur'aana qo'achuu fi irratti xinxalluuni.
✒ Qur'aanni osoo Rabbiin irraa ta'uu baate silaa jijjiramni fi wal faalleessun
baay'een keessatti argamaa ture.
✒ Namoonni fi Jinniin fakkaata akka Qur'aana fiduuf osoo walitti qabamanii
fakkaata isaa fidu hin danda'an. Sababni isaas, barnoonni fi beekumsi Qur'aana
keessatti cuunfame wanta ilmi namaa walitti fidu miti. Seenaa darbee, wanta
ammatti namaaf toluu fi wanta gara fuunduraatti dhufu hunda Rabbiin malee
44
eenyutu beekaa? Kanaafu, Qur'aanni kalaama (haasawa) Rabbii ol'aanati.
✒ Guddinni teknolojii fi beekumsaa Qur'aana jijjiruu fi fakkaataa akka isaa fidu
hin dandeenye.
✒Qur'aana keessatti wanti nama ajaa'ibsisuu biraa, seenan isa keessa jiru
qulqullinna kan eeggate fi gabaabinnaan kan dhiyaatedha. Maqaa namoota
hundaa waamu fi wanta faaydi hin qabne odeessun seenaa hin dheeressu.
Barnootaf wanta ta'u qofa dhiyeessa.
Kitaabban Wabii: [1] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-fuula 205
[2] al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa gabaabinnaan fuula 312 irraa By
Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,
[3] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-fuula 882
45
Qur’aana Fi Saayinsi
Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman haala nama ajaa’ibsiisuun saayinsii
ammayyaati fi muxannoo namaa waliin kan wal simatanii fi walitti galaniidha.
Saayintistoonni yeroo ammaa gariin wanta Qur’aana keessa jiru yommuu argan,
Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’e malee kitaaba namni barreesse akka hin
taane mirkaneessanii jiru. Mee amma Qur’aana irraa Aayaata (keeyyattoota)
muraasa saayinsi ammayyaatin wal qabatan haa ilaallu.
1.Guddinna Miciree ilma namaa ilaalchise Qur’aanni maal jedhaa?
Miciree (embryo) jechuun dhalachuun dura marsaa guddina ilma namaa fi
beeladootati. Qur'aana keessatti Rabbiin Olta'aan marsaa guddinna miciree ilma
namaa ni dubbata.
Dhugumatti, Nuti nama cuunfaa dhoqqee irraa ta’e irraa uumne. Sana booda
iddoo tasgabbaa’aa fi eeggamaa (gadaamessa) keessatti copha bishaan saalaa
isa taasifne. Sana booda bishaan saalaa alaqah (dhiiga ititaa) taasifne; ergasii
dhiiga ititaa mudghah (wanta alanfame yookiin muraa foonii) taasifne; ergasii
mudghah lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uwwisne. Sana booda uumama
biraa [daa’ima] isa goone. Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte.” Suuratu Al-Mu’iminuun 23:12-14
Rabbiin abbaa ilma namaa kan ta'e Aadamin biyyee irraa uume. Achin booda
sanyii isa coba bishaanii irraa uume.
Jechi Arabiffaa “Alaqah” jedhu hiika sadii qaba. Isaanis: (1) ulaan'ula, (2) wanta
rarra’e fi (3) dhiiga ititaa.
46
Marsaa alaqah irratti ulaan'ula miciree namaa waliin yommuu wali bira
qabnu,akkuma fakkii 1 irraa mul’atutti isaan lamaan jidduu wal fakkeenya ni
argina. Marsaa kanatti micireen soorata isaa dhiiga haadhaa irraa argata
akkuma ulaan'ulli dhiiga wanta biraa soorattu.
Fakkii 1: Marsa alaqatti fakkii wal-fakkeenya ulaan'ula (leech) fi miciree ilma
namaa jidduu jiru agarsiisu.
Hiikni lammataa alaqah "wanta rarra’eedha". Kuni wanta yeroo marsaa alaqah
gadaamessa haadhaa keessatti rarra’iinsa miciree Fakkii 2 fi 3 irraa arginuudha.
Fakkii 2: Fakkii jalqabaa irraa rarra'iinsa miciree gadaamessa haadhaa keessatti
ni argina.
47
Fakkii 3: suuraa maaykiroskooppin kaafame irraa yeroo marsaa alaqah
gadaamessa haadhaa keessatti rarra'insa miciree (Bakka B) ni argina.
Hiikni sadaffaan alaqah dhiiga ititeedha. Marsaa alaqaa irratti bifni alaa miciree
fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata. Sababni isaa, marsaa kana irratti
dhiigni baay’een miciree keessatti ni argama. (Ilaali fakki 4) Akkasumas, yeroo
marsaa kanaa, hanga dhuma torbaan sadaffaatti dhiigni miciree keessa hin
naanna’u. Kanaaf, marsaa kana irratti micireen dhiigaa ititaa fakkaata.
Fakkii 4:Marsaa alaqah irratti fakkii sirna onnee fi hidda dhiigaa miciree
agarsiisu.Marsaa kanatti dhiigni baay'een miciree keessatti waan argamuuf bifni
alaa miciree fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata.
Kanaafu,yeroo marsaa alaqah hiikni alaqah sadan ibsa micireetin sirritti walitti
gala ykn wal simata.
Marsaan itti aanu aaya keessatti dubbatame marsaa mudghah jedhuudha. Jechi
Arabiffaa mudghah jedhu hiika “wanta alanfame” qaba. Osoo namni tokko
maastikaa afaan keessa kaa’ate alanshee, ergasii marsaa mudghah irratti
maastikaa alanshe san micireen wal bira qabee, micireen wanta alanfame saniin
wal fakkaata jenne goloobu (guduunfu) dandeenya. Sababni kanaa somaayitiin
dugda miciree irratti argamu “wanta alanfame san bakka ilkaan cinineen” wal
fakkaata. (Ilaali fakkii 5 fi 6)
48
Fakkii 5 (jalqaba irratti kan argamu)- Marsaa mudghah irratti suuraa miciree
umriin isaa guyyaa 28 gahe agarsiisu.
Fakkii 6 (kan itti aanu):Marsaa mudghah irratti gubbaan ijaarsa miciree
maastikaa alanfameen yommuu wal-bira qabamu, isaan lamaan jidduu wal
fakkeenya argina. A) Fakkii miciree (Embryo) kaafame agarsiisa. B) Suuraa
maastikaa (gum) alanfamee agarsiisa. (Iddoo gadi baqaqaa dugda miciree A
irratti argamu mee ilaalaa. Akka waan ilkaan cininee fakkaata. Haala kanaan
maastikaa alanfameen bakka ilkaan cinineen wal fakkaata. Ammas guutuu
miciree kanaa yommuu ilaallu muraa foonitiin kan wal-fakkaatudha. Sababni
isaas, harka, luka fi qaamole biroo guutuu hin baafanne.)
Amma of haa gaafannu, Nabii Muhammad (SAW) bara 1400 dura akkamitti kana
hunda beeku danda’e, osoo saayintistoonni dhiyooma kana meeshaa ammayyaa
fi maaykirooskoppi baay’ee cimaa yeroo san hin jirretti fayyadamuun wanta kana
(marsaa miciree) argatan?
Pirofessar Emeritas Kiiz L.Muur fiildi anatomi fi micireetin saayintisti addunyaa
irratti beekkame fi kitaaba gara afaan sadeetitti hiikame “The Developing
Human” jedhu kan barreessedha… Piroofesarri kuni bara 1984 tti badhaasa addaa
49
J.C.B Grant Award jedhamu fiildi anaatomitiin Waldaa Anaatomota Kanaadaa
irraa argate.
Bara 1981 tti Koonfiransi Meedikalaa 7ffaa Sa’uudi Arabiya magaalaa
Dammaam keessatti adeemsifame irratti Piroofessarri Emeritas Kiiz L.Muur
akkana jedhe, “Qur’aana keessatti waa’ee guddinna ilma namaa ilaalchise
himoota jiran akka ifa ta’uuf gargaaru kootif gammachuun natti dhagahama.
Himoonni kunniin Rabbiin irraa gara Muhammad kan dhufan ta’uu ifa naaf ta’ee
jira. Sababni isaas, beekumsi kuni hundi jaarraa baay’een booda malee hin
argamne. Kuni Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu akka qabu naaf mirkaneessa.”
Itti aanse, Piroofesarri kuni gaafi kana gaafatame, “Kana jechuun Qur’aanni jecha
Rabbii ta’utti ni amanta jechuudhaa?” Innis akkana jechuun deebise, “Kana
fudhachu keessatti ulfaatinna homaatu hin argu.” (Kana jechuun, Qur’aanni jecha
Rabbii ta’utti amanuu wanti natti ulfaatu hin jiru. Jecha Rabbii ta’utti nan amana.)
2. Qur’aana waa’ee gaaraa ilaalchisee maal jedhaa?
Rabbiin ni jedha:
لم نعلذ ﴿رض ٱأ
﴾٦مذهدا ل
“Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?
بال ٱو ﴿ وتادا لذ ﴾٧أ
Gaarreenis shikaali [hin goonee]?” Suuratu An-Naba 78:6-7
Aaya jalqabaa irratti "dachii firaasha hin goonee?" yommuu jedhu "diriirtu fi
mijooftu hin goonee?" jechuu Isaati.
Saayinsiin ammayyaa gaarreen lafa jalatti hidda gadi fagoo akka qaban
mirkaneesse jira. Hiddi kuni dachaa baay’ee dheerinna gaaraa lafaa oliitin wal-
qixxaatun lafa keessatti gadi lixu danda’a. Kanaafu, odeefannoo kana irratti
hundaa’un jechi gaarreen ibsuuf garmalee mijaa’a ta’e jecha “shikaali”
jedhuudha. Sababni isaas, shikaalin baay’een yoo sirnaan lafa qabate, lafa jalatti
50
kan dhokateedha. (Hiddi shikaali gadi fagoodha. Gubbaa irraa wanti mul’atu
xiqqaadha. Haaluma kanaan gaarris hiddi isaa gadi fagoodha.)
Fakkii 7: Garreen akkamitti hidda gadi fagoo akka qabanii fi bocni isaanii
shikaalin akka wal-fakkaatu fakkii kaafame. (Earth Science, Tarbuck and
Lutgens, p. 158.)
Seenan saayinsi akka nutti himutti tiyoorin gaarreen hidda gadi fagoo qabaachu
agarsiisu bara 1865 keessa Astronomara Royal, Sir Joorj A’eri jedhamuun
jalqabame.
Akkasumas, gaarreen dachiin akka hin sochoone tasgabbeessu keessatti gahee
ol’aanaa taphatu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
“Akka [dachiin] isiniin hin sochoonef dachii keessatti gaarreen godhe…”
(suuratu An-Nahl 16:15)
Haaluma kanaan tiyoorin Pilet tektooniks jedhamu “gaarreen dachiin akka hin
sochoonef tasgabbeessuf akka fayyadan.” yaada jedhu qabatee jira. Beekumsi
gahee gaarreen dachii tasgabbeessu keessatti qaban, baruma 1960 keessa Pilet
tektooniks wiirtu godhachuun hubatamu jalqabe. (Pilet tektooniks (Plate
tectonics) jechuun tiyoori baqana dachii lisosfeer jedhamu qoratuudha.)
Yeroo Nabii Muhammad (SAW) eenyutu boca dhugaa gaarreeni beeku danda’aa?
Gaarri guddaan namni tokko of fuundarratti arguu lafa keessatti gadi lixuu fi
akkuma saayinsiin mirkaneesse hidda cimaa qabaachu isaa eenyutu yaadu
danda’e? Jiyoolijiin ammayyaa haqa keeyyata Qur’aanaa mirkaneesse jira.
(Jiyooloji jechuun damee saayinsi waa’ee dachii qoratuudha.)
51
3.Qur’aanni waa’ee galaanaa fi laggeeni maal jedhaa? (Girdoo jechuun wantoota lama kan addaan baasu fi akka walitti hin makamne
kan dhoowwudha.)
Saayinsiin ammayyaa bakki galaanonni lamaan itti wal-qunnaman girdoon isaan
lamaan jiddu akka jiru argatee jira. Girdoon kuni galaanota lamaan
tempireechara, hamma ashaboo fi rukkinna mataa ofii qaban addaan baasa.
Fakkeenyaf, bishaan galaana Meditiraaniya fi bishaan Garba Atlaanitikii wal-
bira yommuu qabnu, bishaan galaana Meditiraaniyaa hoo’aa, ashaboo kan
qabuu fi rukkinni isaa xiqqaadha. Galaanni Meditiraaniyaa qarqara Jibraltar
irraan garba Atlaantik yommuu seenu, gadi fageenya meetira 1000 tin garba
Atlaantik keessa kiloometrii baay’eef amaloota ofii hoo’aa, ashabawaa fi
rukkinna xiqqaa qabatee adeema. Bishaan Meditiraaniyaa gadi fageenya kana
irratti ni tasgabbaa’a (bakka ofi qabatee tura)- fakkii armaan gadi ilaali
Fakkii 8: Bishaan galaana Meditiraaniyaa amaloota hoo’aa, ashabawaa fi
rukkinna ofii qabatee garba Atlaantik seena. Sababni isaas, girdoo isaan lamaan
addaan baasu isaan jidduu jira. (Marine Geology, Kuenen, fuula 43)
Danbaliin guddaan, yaa’insi cimaa fi sochiin jabaan galaanota kanniin keessa haa
jiraatuyyu malee, walitti hin makaman yookiin girdoo kana hin darban. Qur’aanni
waa’ee kanaa yommuu dubbatu akkana jedha:
52
﴾١٩يلتقذيانذ لحري ذ ٱمرج ﴿
“Galaanota lama kan wal-qunnaman taasise gadi lakkise.
﴾٢٠بينهما برزخ ل يبغذيانذ ﴿
Gidduu isaani girdootu jira, [tokko tokko irratti] daangaa hin darbu
(walitti hin makaman).
بانذ ﴿ ذ ذكما تكذ ي ذ ءالءذ رب ﴾٢١فبذأ
Kanaafu, tola Gooftaa keessanii irraa kamiin kijibsiiftu?” (suuratu Ar-
Rahmaan 55:19-21)
Kitaaba armaan gadi irraa keeyyattota saayinsiin wal-qabatan muraasa isaanii
qofa asitti dhiyeesse. Namni barbaade kitaaba guutu buusun dubbisu danda'a.
Guduunfaa
✍Qur'aanni haala nama ajaa'ibsisuun marsa uumama ilma namaa ni hima.
Jalqaba Rabbiin Aadamiin biyyee irraa uume. Ergasii sanyiin isaa marsaa
uumama kanaa qabu:
1.Nuxfa (coba bishaan saalaa)---2.Alaqah (dhiiga ititaa)---3.Mudghah
(wanta alanfame ykn muraa foonii)---4.Mudghah irraa lafee uume--5.Lafee
foon uwwise...ergasii nama godhee uume.
53
Rabbii akkanitti ilma namaa uume qulqullaa'e, toltuun Isaa baay'atte.
Eenyutu waggaa 1400 dura yeroo meeshaan ammayyaa hin jirretti kana qorate,
marsaalee kanniin himu danda'aa? Kanaafu, Qur'aanni jecha Rabbii akka ta'e
shakkii wayitu hin qabu.
Fakkiin armaan olii embryology.med.unsw.edu.au irraa fudhatame.
✍ Garreen hidda gadi fagoo akka qabanii fi hojiin isaanii dachii akka hin
sochoone eegu akka ta'e Qur'aanni waggoota 1400 dura dubbatee jira.
✍Galaanni lamaan wal-qunnamuun wal keessa yaa'an walitti hin makaman.
Isaan jidduu girdoon (barrier) hin mul'anne waan jiruf.
Madda: A Brief Illustrated Guide to Understanding Islam Fuula 6-18 Kitaabni kuni
online irrattis ni argama.
https://www.islam-guide.com/ch1-1-a.htm
https://www.islam-guide.com/frm-ch1-1-a.htm
54
Shakkitootaa Fi Shakkisistootaf Deebii Kenname
Kutaalee darban keessatti waa’ee Qur’aanaa ilaalchise shakkii qalbii namaa
keessatti uumamaniif karaalee ittiin qulqulleessan ilaalle turre. Har’as itti fufuun
shakkii namoonni qalbii namaatti darban deebii quubsaa waliin ilaalla. Seenaa
keessatti Qur’aanni jireenya namootaa irrati jijjirrama guddaa akka hin finneef
adduwwiin (diinni) Islaamaa tooftaalee adda addaatti fayyadamanii jiru.
Tooftaalee sanniin keessaa sababa fi gaafilee adda addaa dhiyeessun namoota
dhamaasudha. Sababa ykn gaafilee isaanii keessaa isaan gurguddoo ta'an deebii
waliin mee haa ilaallu.
1ffaa- Qur’aana Nabii Muhammadtu (SAW) barreessee? Yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti namoonni Qur’aana shakkan, “Qur’aana
Nabii Muhammadtu macaafa qulqulluu irraa garagalche” jedhu. Deebii kana
karaa lamaan ilaalu dandeenya.
1ffaa-Haala Nabii Muhammad (SAW) ilaalu- Akkuma seenaa fi Qur’aana irraa
hubannutti Nabi Muhammad (SAW) barreessu fi dubbisuu hin danda’an. Kana
ilaalchise Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
ه ۦوما كنت تتلوا مذ قبلذهذ ﴿ رتاب بذيمذينذك إذذا ل ۥمذ كذتب ول تطلون ٱ ﴾٤٨لمبطذ
“Ati [Yaa Muhammad] [Qur’aana] dura kitaaba tokkollee kan dubbistuu fi
harka keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo akkas taate, silaa warri soba
hordofan ni shakku turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:48
Osoo Nabiyyiin kan barreessu fi dubbisu ta’ee, silaa warri soba hordofan,
“Qur’aana madda biraa irraa gargalche.” jechuu turan. Garuu Nabiyyiin barreessu
fi dubbisuu waan hin dandeenyef Qur'aana madda biraa irraa hin garagalchine.
Kana irra, Qur’aanni haqaan Rabbiin irraa gara isaatti kan bu’eedha.
55
Ammas, tarii namni tokko “Nabiyyiin erga du’anii booda namoonni isa booda
dhufan Qur’aana jijjiru danda’u.” jedhe shakkuu danda’a. Shakkii kanaaf
barruulee darban keessatti deebii quubsaa ilaalle turre. Yaadachisaaf akka ta’u
Aaya tana eerun ni danda’ama. Rabbiin ni jedha:
ذكر ٱإذنا ن نزنلا ﴿ ﴾٩لحفذظون ۥإونا ل ل
“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa
tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9.) Kanaafu, eenyullee Qur’aana jijjiruu hin
danda’u.
2ffaa-Haala Qur’aanaa ilaalu- shakkii, “Qur’aana Nabiyyitu macaafa irraa
garagalche.” jedhuuf karaan lammaffaan ittiin qulqulleessan haala bu’iinsaa fi
qabiyyee Qur’aanaa ilaaludha. Tokkoffaa, haala bu’iinsa Qur’aanaa yommuu
ilaallu boqonnaaleen baay’een isaanii Nabii Muhammad (SAW) makkaan keessa
yommuu jiran bu’an. Makkaan keessa immoo Kiristaanonni ykn Yahuudonni hin
jiranii turan. Yeroo san Makkaan keessa kan jiraatu mushrikoota (warroota
taboota) gabbaruudha. Kanaafu, yeroo fi bakka kanatti Nabiyyiin akkamitti
kitaaba Kiristaanaa ykn Yahuudotaa irraa garagalchuu danda’aa? Kuni waan hin
danda’amne. Lamaffaa qabiyyeen Qur’aanaa fi kitaaba Kiristaanaa hundi isaanii
wal hin fakkaatan. Fakkeenyaf, Kitaabni kiristaanaa waa’ee ummata Aad,
Samuudi fi ummata shu’eeyb hin dubbatu. Garuu Qur’aanni waa’ee ummata
kanaa irra deddeebi’e dubbata. Kanaafu, Nabiyyiin Qur’aana kitaaba kiristaana
ykn yahuudotaa irraa garagalchu hin danda’an. Sababni isaas, Nabiyyiin
dubbisuu fi barreessu hin danda’an.
2ffaa- Qur’aanni maaliif galmee ykn waraqaa irratti katabamee hin
buufamnee? Yeroo Qur’aanni bu’u mushrikoonni Makkaa “Kitaaba dubbisnu nuuf fidi.”
jechuun Nabiyyi gaafataa turan (Al-Qur'an 17:93). Gaafin isaan gaafatan kuni
amanuuf osoo hin ta’in itti baacuf ykn itti of tuuluf ture. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aala niyyaa isaanii waan beekuf wanta isaan barbaadan hin goone. Rabbiin
Qulqullaa’an Olta’e akkana jedha:
56
يهذم لقال ﴿ يدذذأ فروا ك لذي ٱولو نزنلا عليك كذتبا فذ قذرطاس فلمسوه ب
بذي حر م ﴾٧إذن هذا إذل سذ
“Osoo kitaaba waraqaa irratti barreefame sirratti buufnee fi harka
isaanitiin tuqanii, silaa warri kafaran, “Kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee
homaa miti.” jedhu turan.” Suuratu Al-An’aam 6:7
Osoo Rabbiin kitaaba waraqaa irratti barraa’e samii irraa buusee, silaa warri
kafare, “Akkamitti Rabbiin sirratti kitaaba waraqaa irratti barreefame buusaa?
Kuni sihriidha” jechuun nabiyyitti baacu turan. Garuu Rabbiin wanta isaan
yaadan waan beekuf, kitaaba waraqaa irratti barraa’e hin buufne. Bakka kanaa,
Qur'aana dhawaata dhawaatan jechaan gara Nabiyyiitti buuse. Ergasii, Qur’aanni
Nabiyyi irratti buufamee erga xumuramee booda dhaloota itti aanuf akka darbuuf,
haala amma arginu kanaan galmee tokko keessatti walitti qabame.
3ffaa- Seenaalee, waadaa fi Akeekachisa Qur’aana keessaa Seenaan ummata darbee, waadaan Jannataa fi akeekachiisni ibidda Jahannam
yommuu warroota kafaran irratti dubbifamu, “Kuni oduu duriiti.” jechuun
Qur’aana kijibsiisu. Wanti isaan hubachuu dadhaban “Yeroon bakka saditti
qoodamudha.” Qur’aanni wantoota yeroo sadan keessatti adeemsifamu of
keessatti kan qabateedha. Gosoonni yeroo sadan kunniniis: Yeroo darbee, yeroo
ammaa fi yeroo dhufu.
Yeroo Darbee Qur’aanni yeroo darbee keessa seenaa ummata darbee nutti himuun, barnoota fi
gorsa nuuf kenna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ولذ ﴿ذ هذم عذبة ل لب ٱلقد كن فذ قصصذ
يق بذ ل ى ولكذ تصدذ يثا يفت ما كن حدذ
ذقوم يؤمذنون لذيٱ ء وهدى ورحة ل ذ شيل ك ﴾١١١بي يديهذ وتفصذ
57
“Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira.
Inni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeefamee miti. Garuu dhugoomsaa
[kitaabban] isa duraati. Addeessaa wantoota hundaati; ummata amananiif
qajeelfamaa fi rahmata.” Suuratu Yuusuf 12:111
Yeroo Ammaa Qur’aanni wantoota ammatti ija namaa fuunduratti mul’atan ifa godha.
Fakkeenyaf, haala uumama samii, dachii, urjilee, aduu, ji’a, ilma namaa fi kkf
irratti akka xinxallanii Rabbitti amanan namoota affeera. Akkasumas,
murteewwanii fi seeroota hin jijjiramne lafa kaa’a. Fakkeenyaf, Rabbiin qofa
gabbaruu, salaata salaatu, zakaa baasu, sooma soomu, walitti dhufeenya
hawaasummaa fi maatii, sirna bulchiinsa motummaa, haala daldalaa fi kkf ni
addeessa (ifa godha). Kana ilaalchise Rabbiin ni jedha:
ذقوم يؤمذنون ولقد ﴿ عذلم هدى ورحة ل تب فصلنه لع ئنهم بذكذ ﴾٥٢جذ
“Dhugumatti, Nuti Kitaaba (Qur’aana) beekumsa wajjiin addeessine
isaaniif finne- ummata amananiif qajeelfamaa fi rahmata.” Suuratu Al-
A’araaf 7:52
Qur’aana kana keessatti wanta namoonni barbaadan Rabbiin ibsee jira. Yeroo fi
bakka kamittu wanta isaniif tolu fi hin tolle hunda waan beekuf, namoota
amananiif Qur’aana kana qajeelfamaa fi rahmata godhe. Qur’aana kanaan
warroonni amanan jallinna irraa baraaramuun qajeelcha argatu, haqaa fi sobni
isaaniif ifa ta’a. Akkasumas, rahmata argatu. Kana jechuun addunyaa fi aakhiratti,
keeyri fi gammachuu argatu; jallinni fi daraaran isaan irraa ka’a.
Qur’aanni bakkaa fi yeroo kamittu dhaloota yeroo san jiruuf akka aduu ifa ta’aaf.
Akkuma ifni aduu hanga Qiyaamaa hin dhaamne, ifni Qur’aanas hin dhaamu.
Yeroo Fuunduraa Qur’aanni waadaa namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif galamee fi
akeekachisa namoota kafaranii fi badii hojjataniif qophaa’e irra deddeebi’e
dubbata. Waadaan Rabbii Jannata fi wantoota achi keessa jiraniidha.
Akeekachiisni immoo adabbii Jahannami. Namoota kafaraniif ykn shakkii
keessa jiraniif waa’ee Jannataa fi Jahannam yommuu dubbifamu, “Erga duunee
58
booda lamuu ni deebifamnaa?” jechuun jireenya du’aan boodaa kaadu (itti
amanuu didu). “Guyyaan Qiyaamaa isin jettan yoomi, maaliif hin dhufne?”
jechuun qoosu. Wanti isaan hubachuu dadhaban “Wanti hunduu yeroo isaa
eeggate dhufa.” Rabbiin ni jedha:
وسوف تعلمون ﴿ ستقر ذ نبإ مذك ﴾٦٧ل
“Oduu hundaaf yeroo itti mirkanaa’utu jira. Gara fuunduraatti ni beektu.”
(Suuratu Al-An’aam 6:67)
Wanta Rabbiin beeksise dhibbaan dhibbatti yeroon wanti suni itti mirkanaa’u ni
jira.
Qur’aanni akkuma wantoota yeroo darbee fi ammaa of keessatti qabatu, wanta
gara fuunduraatti uumamu ni hima. Wantoonni himaman kunnin Guyyaa tokko
ni dhufu. Guyyaan sunis Guyyaa Qiyaamati. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa)
ni jedha:
وذيله ﴿وذيله ۥ هل ينظرون إذل تأ
تذ تأ
قد نسوه مذ قبل لذي ٱيقول ۥيوم يأ
ذ ذنا ب ذ ٱجاءت رسل رب و نرد فنعمل لق فهل نلا مذ شفعاء فيشفعوا نلا أ
قد خ لذيٱغري كنا نعمل وا ون سذ نفسهم وضل عنهم ما كنوا يفت ﴾٥٣أ
“Sila isaan xumura isaa malee maal eegu? Guyyaa xumurri isaa dhufu,
warri san dura isa dagatan, “Dhugumatti, Ergamtoonni Gooftaa keenyaa
dhugaan dhufaniiru. Sila araarsonni nuuf araarsan jiruu? Yookiin dalagaa
hojjataa turreen ala kan biraa hojjannaa [gara addunyaatti] deebifamnaa?”
jedhu. Dhugumatti, lubbuu isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaan
uumaa turaniis isaan jalaa badee jira.” Suuratu Al-A’araaf 7:53
“Sila isaan xumura isaa malee maal eegu?” kana jechuun wanta Qur’aanni
beeksise dhufuu malee maal eegu?[1] Rabbiin Qur’aana keessatti Guyyaa
Qiyaamaa warroota amananiif Jannataa, warroota kafaraniif immoo adabbi
Jahannam waadaa galee jira. Sila namoonni waadaa fi akeekachisni kuni
guuttamu malee maal eegu? Guyyaan waadaa fi akeekachisni kuni guuttamu ykn
59
dhufu Guyyaa Qiyaamati. Guyyaa kana namoonni Qur’aana dagatanii fi itti
hojjachuu dhiisan akkana jedhu, “Dhugumatti, Ergamtoonni Gooftaa keenyaa
dhugaan dhufaniiru. Sila namoonni shafa’aa (araarsota) nuuf ta’anii adabbii irraa
baraaramnu jiru? Yookiin hojii badaa duraan hojjataa turreen ala hojii gaggaarii
akka hojjannuuf gara addunyaatti deebifamu dandeenyaa?” Garuu kuni yeroon
waan irra darbeef wanta ta’u miti. Qur’aana waan dagatanii fi wanta isa keessa
jirutti waan amanu didaniif of hoongessani (kasaarsanii) jiru. Adabbii hamaaf of
saaxilanii jiru.
Kanaafu, namni tokko wanta Guyyaa Qiyaamaa uumamu kan Qur’aana keessatti
waadaa galame, hin dhufu jechuun shakkuu ykn kijibsiisu hin qabu. Yoo
kijibsiise Guyyaa Qiyaamaa bu’a wanta hojjatee ni dhandhama. Guyyaan
Qiyaama yeroo itti dhufu qaba. Yeroon dhufnaan gara duubatti harkisuunis gara
fuunduraattis butuun hin jiru. Rabbiin ni jedha:
ره ﴿ ذ جل معدود ۥ وما نؤخ ﴾١٠٤إذل لذ
“[Guyyaa Qiyaamaa] yeroo lakka’ameef (murtaa’ef) malee hin tursiisnu.”
Suuratu Huud 11:104
Kana jechuun ajalli (yeroon) addunyaa tanaa fi umamtoota ishii keessa jiran yoo
xumurame, Rabbiin gara ganda Aakhiraatti isaan ceesisa. Murtii mindeessu fi
adabu isaan irratti dabarsa. [2] Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa guyyaa wanta
hojjataniif mindaa ykn adabbii itti argataniidha.
Guduunfaa
✐Nabi Muhammad (SAW) dubbisuu fi barreessu waan hin dandeenyef,
Qur'aana madda biraa irraa garagalchu hin danda'an.
✐Akkasumas, boqonnaalee (suuraleen) Qur'aanaa baay'een Makkaan keessatti
bu'an. Makkaan keessa Kiristaanonni ykn Yahuudonni hin jiranii turan.
Kanaafu, Kitaaba isaanii irraa Qur'aana garagalchuun waan hin
danda'amneedha.
✐ Qur'aanni osoo waraqaa irratti barreefame buufame silaa warri kafare "Kuni
sihrii (falfala)" jechu turan. Kana irra Qur'aanni namoota barsiisu fi rakkoo
furuuf, waggaa 23f dhawaata dhawaatan jechaan buufame. Ergasi dhaloota
dhufuuf akka darbu galme tokko keessatti walitti qabame.
60
✐ Qur'aanni wanta yeroo darbe, yeroo ammaa fi gara fuunduraatti uumamu
haqaan waan of keessatti qabateef, ilmi namaa ykn Malaykoonni ykn jinnooni
barreessu hin danda'an. Wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti uumamu
hunda kan beeku Rabbiin qofa waan ta'eef. Kanaafu, Qur'aanni kitaaba Rabbiin
irraa bu'eedha.
✐ Seenaaleen Qur'aana keessa jiran barnoota fi gorsa guddaa namootaf ta'u.
✐ Wanti gara fuunduraatti ni dhufa jedhamee Qur'aana keessatti waadaa
galame, wanta haqaan dhufuudha. Yeroon dhufnaan sa'aati, daqiiqaa fi sakandii
murtaa'e keessatti ni dhooya. Kunis Guyyaa Qiyaamati.
✐ Kanaafu, namni Qur'aana irraa garagaluun ykn wanta waadaa galame
kijibsiisun of hoongeessu hin qabu.
Wa Aakhiru daw'aana anilhamdulillahi Rabbil aalamiin
Kitaabban wabii: [1] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-By
Abdurahmaan Sa'diyy fuula 327, Akkasumas, Tafsiir ibn Kasiir 3/425
[2] Madda oli fuula 449,
61
Firiwwan Kitaabbanitti Amanuu
Gammachuu fi Milkaa'inna argachuu
Jireenya tana keessatti namoonni hunduu gammachuu argachuuf jecha halkanii
guyyaa carraaqu. Gariin hojii humna hojjachuun, gariin hojii sammuu hojjachuun
gammachuu barbaadu. Garuu gammachuun ilma namaa kan guuttamu wantoota
sadii of keessaa yoo qabaatedha. Isaaniis: qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii
hojjachuu fi hojii badaa irraa of tiiksudha. Namni tokko wantoota kanniin
hojjachuuf qajeelcha isa barbaachisaa miti ree? Qajeelchi waa’ee wantoota
kanniinii isaanitti himu kitaabban Rabbiin irraa bu’aniidha. Kanaafu, firiiwwan
kitaabbanitti amanuu keessaa tokko wantoota armaan olii sadanitti qajeelun
gammachuu fi milkaa’inna argachuudhaa jechuudha.
Kitaabban Rabbiin irraa bu’aan ilmaan namaa maalitti amanuu akka qaban, maal
gabbaruu akka qaban sirritti addeessu. Akkasumas, hojii gaggaarii akkamii
hojjachuu akka qabanii fi hojii badaa maal akka ta’e sirritti ibsu. Ergasii immoo
badhaasa nama waan gaarii hojjatee fi adabbii nama waan badaa hojjate ifa
godhu. Kanaafi, Kitaabban kunniin ilma namaatiif akka ibsaati jechuudha. Ilmi
namaa kan itti qajeeludha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:
"Waan isa dura jiru kan dhugoomsu ta’e kitaaba dhugaan sirratti buuse.
Tawraati fi Injiliis ni buuse. [Qur’aana] dura, namootaaf qajeelfama akka
ta’aniif, Al-Furqaanin ni buuse. Dhugumatti isaannan Aayaata Rabbitti
kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira. Rabbiinis Injifataa, Abbaa haaloo
bayannaati.” Suuratu Aali-Imraan 3:3-4
62
Kana jechuun Rabbiin olta’e Qur’aana dhugaa irratti hundaa’e Nabii Muhammad
(SAW) irratti buuse. Wanti Qur’aanni itti ajajuu, irraa dhoowwu fi odeefannoon
ijaan hin mul’anne beeksisu hundii dhugaadha. Sababni isaas, Rabbiin irraa kan
bu’eedha. Qur’aanni kitaabban isa dura bu’an ni dhugoomsa. Kana jechuun
odeefannoo kitaabban darban of keessaa qaban ni mirkaneessa, odeefannoon
isaanii kan haqa ta’e odeefannoo Qur’aanitiin walitti gala. Akkasumas, kitaabban
darban Nabii Muhammad (SAW) akka ergaman beeksisanii turan. Kanaafu,
Qur’aanni beeksisa isaanii kana ni mirkaneesse jechuudha. Rabbiin Qur’aana
dura Tawraatin Nabii Muusaa (AS) irratti, Injiilin immoo Nabii Iisaa (AS) irratti
buusee jira. “namootaaf qajeelfama akka ta’aniif” kana jechuun Rabbiin
Qur’aana, Tawraata fi Injiilin namoonni jallinna keessaa bahanii akka qajeelaniif
buuse. Namni qajeelfama Rabbii fudhate, inni nama qajeeledha. Namni kana hin
fudhanne immoo jallinna keessatti hafa.
“Al-Furqaanin ni buuse.” Kana jechuun qajeelinnaa fi jallinna, haqaa fi sobaa
kan addaan baasu ni buuse. Akkasumas, wantoota namooni barbaadan hunda
addaan babaase ni ibse. Hanga seeronni fi murtiwwan amanti ifa ta’anitti
namootaf ifa ni godhe. Kana booda, nama Isatti fi aayata Isaatti hin amanneef
sababni (uzriin) tokkollee hin jiru. Kanaafi akkana jedhe, “Dhugumatti isaannan
Aayaata Rabbitti kafaran..” Kana jechuun keeyyattota fi ragaalee erga isaaniif
ibsee booda, namoonni keeyyattota fi ragaalee kanniitti amanuu didan, Guyyaa
Qiyaamaa “adabbii cimaatu isaaniif jira.” "Rabbiinis Injifataa” kana jechuun
Inni abbaa humnaati, homtu Isa hin dadhabsiisu. “Abbaa haaloo bayannaati”.
nama aayata Isa kijibsiise fi Ergamtoota Isa faallesse irraa haaloo baafata. Kana
jechuun akkuma namoonni daangaa Isaa darbanii fi kafaran, Innis adabbi cimaan
isaan qaba.[1][2]
Kanaafu, gammachuu fi dararaan, qajeelinnaa fi jallinni ilma namaa kitaabban
Rabbiin buusetti amanu fi amanuu dhiisu irratti kan hundaa’eedha. Akkuma
yeroo darbe jenne, kitaabbanitti amanuu jechuun kitaabban Rabbiin irraa haqaan
bu’uu itti amanuu, ergaan isaan of keessaa qaban guutumaan guututti haqa akka
ta’e itti amanuu fi hordofuudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa
sababa namaatin waan jijjiramaniif, kitaabni Rabbii hanga ammaa osoo jijjiramin
addunyaa irra jiru Qur’aana qofaa jechuudha. Kanaafu, Qur’aanni hanga Guyyaa
Qiyaamatti namootaf qajeelfamaa fi ifa ta’a. Rabbiin ni jedha:
63
“Yaa ilmaan namaa, dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee, waan
qoma keessa jiruf qoricha, mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif)
qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte. Jedhi “Tola Rabbiitii fi
rahmata Isaatiin- Sanatti haa gammadan, isatu waan isaan walitti qaban
caalati.”Suuraa Yuunus 10:57-58
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba Kabajamaa kana amaloota gaarii isaa
ibsuun namoonni gara isaatti akka garagalan itti kakaasa. Yaa ilmaan namaa,
dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee... isinitti dhufte.” Kana
jechuun hojiiwwan dallansu Rabbiiti fi adabbii Isaatti nama geessan isin
yaadachisa, isin gorsa. Bu’aa fi badii hojii badaa irraa dhalatuu ibsuun isin
akeekachisa. Gorsi kunis Qur’aana. “Waan qoma keessa jiruuf qoricha”
Dhibeen qalbii fi badiin hundi wantoota lama irraa burqu. Isaanis: Shawhaata
(fedhii lubbuu) fi shubahaata (shakkii, dhugaa fi sobni wal-fakkaachu). Fedhiin
lubbuun akka ajaja Rabbitiif hin masakamne ykn hin hordofne nama dhoowwa.
Shakkiin ykn dhugaa fi sobni wal fakkaachun immoo beekumsa dhugaatin wal
falleessa, kanaafu amantii keessatti akka shakkan nama taasisa. Qur’aanni
dhibeewwan kanniniif qoricha. Gorsi, abdachisuun, sodaachisuun, waadaa fi
akeekachisni Qur’aana keessa jiru hundi, nama tokko akka abdii qabaatu fi dhuma
badaa sodaatu isa taasisa.
Namni hojii gaarii hojjachuutti yoo fedhii qabaate fi hojii badaa irraa yoo dheesse,
ergasii kanniin lamaan akkuma hiika Qur’aana hubatuun irra deddeebi’e yoo
shaakale, kuni wanta lubbuun isaa barbaadde caalaa wanta Rabbiin barbaade akka
filatu isa taasisa. Haala kanaan wanta fedhiin lubbuu isaa jaallatu caalaa wanta
Rabbiin jaallatu isa biratti jaallatama ta’a.
64
Haaluma kanaan ragaalee fi ibsi Rabbiin Qur’aana keessatti sirritti ibse, shakkii
qalbii namaa irraa oofa. Qalbiin sadarkaa ol’aanaa yaqiinaa irra geetti. Yaqiina
jechuun beekumsa dhugaa shakkii wayitu hin qabneedha. Qalbiin yoo fayyite fi
tolte, qaamnis ni tola, hojii gaarii hojjata.
“mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi rahmata”
qajeelfama jechuun haqa beekanii hojii irra oolchudha. Rahmata jechuun immoo
wanta gaarii, tola, mindaa ammaa fi boodaa nama ittiin qajeelfameef
argamuudha. (Fkn, mu’imintoonni Jannata yommuu seenan, Jannani isaaniif
rahmata. Sababni isaas, Jannani waan gaarii sababa hojii isaaniti fi Qur’aanan
qajeelaniin argataniidha.) Kanaafu, qajeelinni sababa hundarra guddaa wanta
barbaadan itti argataniidha, rahmanni immoo wanta barbaadanii fi kajeelan suni
kan ittiin guuttamuudha. Garuu Qur’aanni qajeelfamaa fi rahmata kan ta’uuf
warroota amanan qofaafi. (Sababni isaas, amanuun ykn iimaanni furtuu jalqabaa
qajeelfamaa fi rahmanni itti banamuudha. Namtichi yoo hin amaniin akkamitti
qajeelfamaa fi rahmata Qur’aana keessa jiru argataa?)
Qajeelfamni yoo argamee fi rahmanni isarraa burquu yoo jalqabee, gammachuu
fi milkaa’inni, bu’aa buufachuu fi nagaha bahuun, mirqaansu fi tasgabbiin ni
argama. Kanaafi, Rabbiin kanatti akka gammadan akkana jechuun ibsa: Jedhi,
“Tola Rabbiitii” kana jechuun Qur’aana qananii fi tola hundarra caalee Rabbiin
gabroota Isaa irratti ooledha. “rahmata Isaatiin” kana jechuun Islaama,
iimaanaa, Rabbiin gabbaruu, Isa jaallachuu fi beeku. “Sanatti haa gammadan,
isatu waan isaan walitti qaban caalati.” Kana jechuun qabeenya baddu isaan
walitti kuusan irra Qur’aana fi Islaamatu caala. Kanaafu, Qur’aana fi Islaamatti
haa gammadan. Sababni isaas, gammachun Qur’aana fi Islaaman argamuu
gammachuu ganda lamaaniti. Addunyaa fi Aakhiratti gammachuu itti fufuudha.
Gammachuun qabeenyaa garuu takkaa qabeenyi suni baduun takkaa immoo
namni suni du’uun addunyaa tana irratti ni cita ykn ni bada.
Sababni Rabbiin tolaa fi rahmata Isaatti akka gammadan kan ajajeef,
gammachuun kuni nafseen akka bal’attu fi mirqaantu, akka Isa galateefatan,
beekumsa barbaadu fi iimaana dabalachuu keessatti fedhii cimaa akka qabaatanif
kan taasisu keessaa tokkoodha[1]. Namni wanta isa gammachisuu fi mirqaansu
yoo arge, wanta san hojjachutti fiiga. Kanaafu, Qur’aanni fi Islaamni wanta
gammachuu namaaf fidan waan ta’aniif namni isaan beeku fi hordofuuf fedhii
cimaa qabaachu qabaa jechuudha.
65
Guduunfaa
♦Gammachuu fi milkaa'inni ilma namaa wantoota sadii yoo hojjatan guuttama.
Isaanis: Qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa
irraa dheessu. ♣Gammachuu jechuun tasgabbii namni qalbii keessatti argatuudha. Milkaa'inna
jechuun immoo wanta gaarii barbaadan argachuu fi wanta badaa sodaatan irraa
nagaha bahuudha.
♥Kitaabban Rabbiin buusetti amanuu fi hordofuun karaa hundarra caalu
gammachuu fi milkaa'inna itti argataniidha.
♦Sababni guddaan gammachuu itti dhabanii fi jireenya keessatti dararamaniif
fedhii lubbuu hordofuu fi shakkiidha.
♠Qur'aanni dhibee lamaan armaan oliitif qoricha. Wanta gaarii namni hojjachuu
qabu, wanta badaa dhiisu qabu, badhaasa fi adabbii itti agarsiisuu fi ragaalee
sirritti ibsuun fedhii lubbuu hordofuu fi shakkii qalbii irraa oofa.
♦Tolli guddaan Rabbiin ilma namaa irratti oole Qur'aana isaaniif buusudha.
Sababni isaas, sababa Qur'aanatin dukkanaa fi dhama'iinsa jireenyaa keessaa
gara ifaatti bahu. Gammachuu addaan hin cinne addunyaa fi Aakhiratti argatu.
Kanaafu, qabeenya caalaa Qur'aana fi Islaamatti haa gammadan.
♦Sababni isaas, gammachuun qabeenyan argamu gabaaba fi kan baduudha.
Gammachuun Qur'aanaa fi Islaaman argamuu yeroo hundaa kan turuudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta'aala ni jedhe:
ها ﴿ يأ ذكم فم ذ لق ٱقد جاءكم نلاس ٱقل ي ذنما هتدى ٱمذ رب فإ
هذ فسذ ذوكذيل ۦ يهتدذي نلذ نا عليكم بل عليها وما أ ذنما يضذ ﴾١٠٨وم ضل فإ
Jedhi, "Yaa Ilmaan namaa! Dhugumatti, haqni Gooftaa keessan irraa
isinitti dhufee jira. Kanaafu, namni qajeele lubbuma ofiitiif qajeele. Namni
jallates ishima (lubbuma ofii) irratti jallate. Ani isin irratti wakiila (tiiksaa
fi too'ataa) miti." Suuratu Yuunus 10: 108
waa akhiru daw'aana anilhamdulillah Rabbil aalamiin. Nabiyyii keenya
Muhammadi fi aalii isaanii irratti nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu.
66
Kitaabban wabii [1] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan
fuula 125, 421-422, Naasir Sa’dii
[2] Tafsiir ibn Kasiir 2/5
Yaada yoo qabaattanii fi dogongora argitan, galatan isin irraa fudhanna. Qunnamtiif: Website: www.sammubani.com Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/ Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/ Email: sammubani@hotmail.com
top related