booruu

1

Click here to load reader

Upload: kula-jilo

Post on 15-Apr-2017

92 views

Category:

Art & Photos


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: Booruu

***********BOORUU**********

“Intaltii ebeluu daraaraa qabdii?” jedhan yoo akka mucaan dhiyoo fuudhe sadii ta’u hawwan. Mucaanis

“waan jabaate!isii intaltii ji’a hagam baatti?” jedha dhalee dhungachuuf dibimbiree. Garuu uumaan

seeraa mataa isaa qaba. Hawwanniif hin tolchu;jibbaniif hin hanqisu seerrii isaa guutuudha;ji’a sagal.

Guyyaan guyyaatti uf kennee;torbaan torbaan geggeessee;ji’ii ji’atti nagaa dhaamatee akka okolee

toohaa tokkoo tokkoti wal dabarsa. Guyyaan hifatan kaan dhufee nama jala bu’a; intaltii ji’a sagal garaa

baatte taan amma halkan dahaa seenti.hin haftu seera uumaa ganamaatii. Mucaan intala hifachaa ture

kaanis amma yaa lubbuun dhuftee korbeessa magaadoo,bunaa ,tamboo jedhee olii gad ce’a.

***************guyyicha******************************************************

Waaa! Waaa! Waaaa! Caaqq!caaqqi! hiiih! Hiiiih!! ….sablatte!!....namii haaraan addunyaa haaraa arge!…

Daa’imii dhalatu kamuu booyuun aaduma. Garuu maaliif? …addunyaan tun gaafa daa’imatti uf

beeksistu garaa jabummaa ishii itti dhaaddatinnaa? Hammeenya,doorsisaa,farrummaa! “sii argadha!

Baga dhufte!” jettee rifachiisinnaa? moo daa’imii dhalate dadhabbii haatii ji’a sagal baatte sunii fi

gaargala du’aa fi jireenya jidduu yeroo da’umsaa sana laaleffatee ta’innaa? Ykn ammoo addunyaan tun

jireenya ilmoo namaaf hion taatu jedhee dhalachuu isaatti gaabbee guyyaa dhaloota isaa arrabsuu

isaati? Hundumaafuu maaliif akka ta’e sirriitti beekuu baannus gaabbiin adii quncee! Gama kaaniin

ammoo ililillii..illilleessa!weedduu! gammachuu! Ilma dhalate! Waan takka hin argin!warra,firaa

fiixaa,onaa ollaa cufumaattu gammada…gaafii??? Daa’imii guyyaan kan isaatuu hin booye! Kaan maaliif

gammada? Isaan har’a gammadan kunis guyyaa dhaloota isaanii ni booyan ture! Har’a maaltu isaan

gammachiise? Seera uumamaatii? Rakkoo addunyaa tanaa mucaa dhalate kanatti uf irraa dabarsanii

kennuufii? “rakkoo nu gaafa dhalanne argine atis baga argite”jechuu isaaniitii? Moo nama gaafa nuu

duune nuu boo’u arganne jechuu isaaniiti? ****kaan ni boo’a kaan ni gammada;BOORUU ADDUNYAA**

KULAA JILOO,Muddee,2015A