hiikkoo fi raawwii seeroota farra malaammaltummaa ... fi raawwii seeroota farra... ·...
TRANSCRIPT
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
i
institiiyuutii leenjii ogeessoota qaamoolee Haqaa fi qo’annooo
seeraa oromiyaa
Hiikkoo Fi Raawwii Seeroota Farra Malaammaltummaa
Moojuulii Leenjii Hojii Irraa
Qopheessaan:Shaambal Hordofaa Roobii
Fooyyeessuun kan qopheesse: Shaambal H.
Bitootessa, 2005 Adaamaa
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
ii
Mata duree Baafata Fuula
Gabaajee ........................................................................................................................................................ v
Seensa Waliigalaa ......................................................................................................................................... 1
Kutaa Tokko.................................................................................................................................................. 5
Yaad-rimee fi Maalummaa Malaammaltummaa .......................................................................................... 5
Seensa ........................................................................................................................................................... 5
1.1. Hiika Malaammaltummaa ...................................................................................................................... 6
1.2. Amaloota Addaa Yakka Malaammaltummaa .................................................................................. 10
1.3. Qajeeltoo Waliigalaa Yakka Malaammaltummaa ........................................................................... 13
1.4. Tilmaama Seeraa Faayidaa Argachuuf Yookiin Nama Miidhuuf Yaaduu ...................................... 18
Kutaa II ....................................................................................................................................................... 24
Tumaalee Gooree Yakkoota Malaammaltummaa ....................................................................................... 24
Seensa ..................................................................................................................................................... 24
2.1. Matta’aa Fi Faayidaa Hin Malle Kennuu Fi Fudhachuu .................................................................. 24
2.2. Aangootti Seeraan alaa Faayyadamuu Fi Waliti Bu’iinsa Faayidaa Dhuunfaa (kew. 407,411,418)32
2.3. Amantaa hir’isuu; Sanada sobaa qopheessuu; fi Gowwomsuu ........................................................ 45
2.4. Qabeenya Gatii Baasu Kaffaltii Malee Fudhachuu Yookiin Kennuu (Taking Things of Value
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
iii
Without or with inadequate Consideration.Kew.417)............................................................................. 56
2.5. Qabeenya Fi Maallaqa Maddi Isaa Hin Beekamne .......................................................................... 58
(Posession of Unexplained Property Kew.419) ...................................................................................... 58
2.6. Qabeenyaa ykn Maallaqa Gocha Yakkaan Argame Seera Qabeessa Fakkeessuun Dhiheessuu Fi
Gargaarsa Gochuu (Money Laundering kw.684) .................................................................................... 60
Kutaa III ...................................................................................................................................................... 64
Labsii Addaa Sirna Adeemsa Falmii Fi Seera Ragaa Farra Malaammaltummaa ..................................... 64
Seensa ......................................................................................................................................................... 64
3.1. Aangoo Poolisummaa (Qorannaa) ................................................................................................... 65
3.2. Aangoo Abbaa Alangummaa (Himannaa Hundeessuu) .................................................................. 68
3.3. Aangoo Mana Murtii ........................................................................................................................ 70
3.4. Mirga Wabii ..................................................................................................................................... 73
3.5. Dhorkaa Yookaan Uggurrii (Restraining) ........................................................................................... 77
3.6. Qabeenya Dhaaluu (Confisication) ...................................................................................................... 80
3.7. Qophii Himata Duraa (Preparatory Hearing) ..................................................................................... 82
Maddawwan Wabii ..................................................................................................................................... 92
A.Kitaabota ................................................................................................................................................. 92
B.Seeroota, Labsiiwwan fi Konveenshiiniwwan Idila-Addunyaa .............................................................. 92
C.Barreeffamoota Adda Addaa ................................................................................................................... 93
C.Tarree Dhimmoota .................................................................................................................................. 93
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
iv
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
v
Gabaajee
1) KNFMF - Koomishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa
2) KNFMMNO - Koomishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa
3) MMO - Mana Murtii Ol’aanaa
4) MMW- Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
5) RDFI- Heera Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa
6) KFMMG-Konveenshinii Farra Malaammaltummaa Mootummoota Gamtoomanii
7) S/Y-Seera Yakkaa
8) S/D/F/Y-Seera Adeemsa Falmii Yakkaa
9) L.G.M.M-Lakkoofsa Galmee Mana Murtii
10) L.G.A.A -Lakkoofsa Galmee Abbaa Alangaa
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
1
Seensa Waliigalaa
“Corruption debases democracy, undermines rule of law, distorts markets, stifles
economic growth and denies many their rightful share of economic resources or
life-saving aid”
-Kofi Annan
Secretary General of United Nations
Malaammaltummaan rakkoo dhimma biyyooleessaa fi Idila-Addunyaa erga ta’ee oolee bulee
jira.Miidhaan Malaammaltummaan Ol’aantummaa Seeraa,Bulchiinsa Gaarii, Dimookiraasii fi
Mirgootaa Namoomaa,Guddina Diinagdee,Tasgabbii,Dhaabbilee Dimookiraasii fi duudhaalee
bu’ura hawaasaa irratti qaqabsiisee fi qaqabsiisaa jiru waan hubatameef akka Idil-addunyaa fi
Gamtaa biyyootaatti malaammaltummaa ittisuu fi too’achuuf konveenshiinoonni farra
malaammaltummaa tumamanii jiru.1Biyyoonni adda addaa konveenshinoota kanneen raggaasanii
jiru,seeraa farra malaammaltummaa keessatti hammachisaniiru akkasumas qaama bilisaa ta’ee
malaammaltummaa ittisuu, too’atu, qoratu fi himatu hundeessanii jiru.
Haaluma wal-fakkaatun,biyyi keenya miidhaa malaammaltummaan Misooma,Nageenya
Bulchiinsa Gaarii, Dimookiraasii fi Ol’aantummaa Seera irratti qaqqabsiisu ittisuuf,to’achuuf
akkasumas dhabamsiisuuf jecha konveeshinii farra malaammaltummaa Mootummoota
Gamtoomanii fi Gamtaa Afriikaa raggaaftee jirti2.Koomishinii Naamusaa fi Farra
malaammaltummaa ( kana booda KNFM ) Sadarkaa Fedeeraalaa fi Naannoo Oromiyaatti
hundaa’eera.3Tumaalee konveeshinoota keessatti tumaman tokko tokko seera yakkaa fi
labsiiwwan farra-malaammaltummaa keessatti akka hammatamaan taasifamaniru.Seera yakkaa
haaraa keessatti yakkoonni malaammaltummaa yakkoota idilee irraa addaan bahanii
1 United Nation Convention Against Corruption. And Other International Instrument against Corruption 2 United Nation Convention against Corruption Ratification Proc.No.544/2007,Negarit Gezeta
African Union Convention on Preventing and Combating Corruption Ratification Proc.No 545/2007,Negarit
Gezeta
3 Labsii KNFM Federalaa hundeessuuf Bahe Lakk.235/93(433/97 Kan Fooyya’e), Negarit Gezeta fi Labsii KNFMN
Oromiyaa hundeessuuf bahe Lakk.71/95, Magalata, Oromiyaa.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
2
tumamaniiru.Yakki malaammaltummaa uumama isaattiin addaa waan ta’eef labsiin seera
adeemsa falmii fi ragaa farra-malaammaltummaa ittiin qajeelfaman labsameera.Qabsoo
malaammaltuumaa irratti taasiifamaa jiru cimsuuf labsiin qabeenya beeksisuu fi galmeesiisuu
lakk.668/2002 fi eeruu kennitoota fi ragoota yakkaatiif eegumsa taasisu lakk.699/2002 sadarkaa
biyyaatti labsamaniiru.
Akka waliigalaatti biyyi keenya malaammaltummaa ittisuu, too’achuu fi tarkaanfiin gama
seeraattiin fudhatte kana yoo ta’u, qabsoon kun galma gahuu kan danda’u seerootni
malaammaltummaa haala wal fakkaatuun ogeessoota seeraan hiikamanii hojii irra yoo oolan
qofa ta’a.Gama biraatiin, qaawwi seeroota kana keessatti mula’tu qo’annoon adda bahee
seerootin yeroo yeroon akka fooyya’an yookiin gabbatan yoo taasiifame kaayyoo fi galma
yaaddame galmaan gahuun ni danda’ama.
Qabatamaan hojii irra oolmaa seeroota kanneen yoo ilaale sababa hanqina hubanootiin tumaalee
seera malaammaltummaa tokko tokko haala miira seeroota kan irraa maqeen haalli ogeessootni
seera itti hiikan ni mul’ata.Gama biraatiin,sababa ejjennoo adda adda qabachuutiinis haala wal
hin fakkaanneeni tumaalee seeroota kanneenii yeroo itti hiikamu dhimmoota murtii argatan
tokko tokko irraa ni hubatama.Adeemsa seeraan diriiree hojii irraa oolchuu dhabuunis ni
calaqisa.
Seeroota farra malaammalummaa ilaalchisee fakkeenyaaf qajeeltoo yakka malaammaltummaa
keessattuu hirmannaa namootni dhuunfaa yakka malaammaltummaa keessatti qabaniin wal-
qabatu,tumaalee gooree yakka malaammaltummaa kan akka sanada mootuummaa
fakkeessuudhaan qopheessuu,Matta’aa yookiin gabbarsuu,aangootti seera ala fayyadamuu,
amantaa hir’isuu cimaadhaan wal qabatee haala fakkaatuun haalli itti hin hiikamne bal’innaan ni
mul’ata.Bakka tokko tokkotti qaawwi seeras ni calaqisa.Sirna adeemsa falmii yakkaa
malaammaltummaa ilaalchisee qorannaa yakka malaammaltummaa ilaalchisee dhimmoota
qorannoon wal qabatan kan akka yeroo beellama,mirga wabii fi…kkf Mana Murtii aangoo hin
qabnetti yeroo beellama gaafachuu,aangoo osoo hin qabaane yeroo beellama kennuu,himannaan
wal qabatee dhimma aangoo hin qabee irratti himannaa hundeessuu, mana murtii aangoo hin
qabnetti dhiheessuu,mirga wabii hayyamuu fi dhorkuu irratti ejjennoo wal fakkaatan hin
jiru.Adeemsi falmii qophii himata duraas Manneen Murtii Naannoo keenya keessatti bal’inaan
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
3
yommuu hojii irraa oolu hin mul’atu.Waan kana ta’eef,tumaaleen seeroota farra
malaammaltummaa gama yaada rimee fi maalummaa malaammaltumaatiin,qajeeltoo fi
tumaaleen yakka malaammaltummaa fi sirni yakki malaammaltummaa ittiin qajeelfamu maal
akka fakkaatan,hanqinoota seerricha hojii irra oolchuu irratti darbanii darbanii mul’atan fi
qaawwa seeraa sakkata’uudhaan bakka barbaachisaa ta’eetti muuxannoo biyyaa ambaa, fi
dhimmoota Manneen Murtii Fedeeraalaatii fi Naannoo keenyaan murtii argatan wajjiin
ilaaluudhaan xiinxaaluun,maariidhaan gabbisuun kallattii tokko agarsiisuun
murteessaadha.Moojulii kana keessatti dhimmoota kana agarsiisuu fi furmaata jiru
akkeekuun,kanneen qorannaa addaa barbaadan fi falmisiisoo ta’an immoo mariif dhiheessuun
yaalamee jira.
Akkuma Mataa duree moojuulii kana irraa hubatamutti dhimmootni Seeroota farra
malaammaltummaa keessatti hammataman baayy’ee bal’aadha.Gama biraatiin,qorannoo
sakkata’iinsa fedhii leenjii Abboottii Seeraa fi Abboottii Alangaa irratti taasiifame Labsiiwwan
yakka hundeessan irratti leenjiin kennamuu akka qabu agarsiisa.Waan kana ta’eef haalawwan
kanneen gidduu galeessa godhachuudhaan qabxiilee qabiyyee seeroota farra malaammaltummaa
keessatti hammataman muraasa qofa irratti xiyyeeffachuudhan moojuuliin kun qophaa’e jira.
Bu’uuruma kanaan moojuliin kun kutaa sadiitti qoodamee qophaa’ee jira.Kutaan jalqabaa
seeroota farra malaammaltummaatiin wal qabatee dhimmoota jiran ilaallata.Kutaan kun yaad-
rimee fi Maalummaa malaammaltummaa kan ilaalu yoo ta’uu, kutaa kana jalatti hiika
malaammaltumma,amaloota addaa yakka malaammaltummaa,qajeeltoo waliigalaa yakka
malaammaltummaa,tilmaama seera faayidaa yookiin nama miidhuuf yaaduu ilaallatan ilalamanii
jiru.Kutaa 2ffaa jalatti tumaalee gooree yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa keessatti
tumaaman kan xiinxalaman yoo ta’u, kutaa 3ffaa jalatti immoo labsii sirna adeemsa falmii addaa
fi seera ragaa farra malaammaltummaa dhimmootni qorannaa,fi falmiin wal qabatan tokko
tokko ilaalamanii jiru.
Akka waliigalaatti kutaawwan kana keessaatti hanqinoota hojimaata keessatti mul’atan yaada
bu’uura seerrichaa,dhimmoota qabatamoo fi barsiisoo ta’anii kanneen Manneen Murtii
Federaalaa fi Manneen Murtii Naannoo keenyaan murtii argataniin deeggaruun xinxaaluun
yaalameera.Kanneen qorannaa addaa fi marii barbaadaniis mariif akka dhihaatan ta’ee jira.Waan
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
4
kana ta’eef Leenjiifamtootni hojimaata fi ejjennoo oggeessoota seera biratti calaqisu ni hubatu
jedhameetti amanama.
Xumura Leenjii Kana Booda Leenjiifamtootni:
Hiika Malaammaltummaa ni hubatu,
Amaloota yakka malaammaltummaa yakkoota idilee irraa addaa taasiisan addaan ni
baafatu,
Qajeeltoo waliigalaa yakka malaammaltummaa seera yakkaa keessatti tumame ni hubatu,
Maalummaa fi qabiyyeee tumaalee gooree yakkoota malaammaltummaa ni hubatu,
Sirna yakkootni malaammaltummaa ittiin qajeelfamanii keessatti maalummaa aangoo
Abbaa Alangummaa,Poolisummaa,Aangoo Mana Murtii,rakkoowwan dhimmoota
qorannaa wal-qabatan yeroo beellama, mirga wabii, ajaja sakata’iinsaa fi qabiinsaa irratti
mul’atu,himannaa hundeessuu fi murtii kennuun wal-qabatan addaan ni baafatu;
Adeemsa qabeenya ugguruu fi dhaalmaa;Qophii himata duraa ilaalchisee adeemsa
seeraan ka’amee fi hojimaata jiru ni hubatu
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
5
Kutaa Tokko
Yaad-rimee fi Maalummaa Malaammaltummaa
Seensa
Biyyi keenya malaammaltummaa ittisuufi too’achuuf yeroo adda addaa tarkaanfii fudhatee
jirti.Konveeshinii farra malaammaltummaa Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afriikaatii
labsii lakk.544/2007 fi lakk.549/99 raggaaftee jirti.Tumaaleen konveenishinoota tokko tokko
qabiyyee seera yakkaa fi labsilee farra-malaammaltummaa keessatti akka hammataman
taasifamaniru.KNFM sadarkaa Federaalaa labsii lakk, 236/93(433/97 kan fooyya’e) kan
Mootummaa Naannoo Oromiyaa labsii lakk 71/95 hundeeffamee jira.Seerri yakkaa yakkoota
malaammaltummaa yakkoota idilee irraa addaan baasee tumee jira.Yakkoonni
malaammaltummaa uumama isaaniitiin adda waan ta’aniif labsiin sirna adeemsa falmii addaa fi
Seera ragaa adda ta’een deeggaramu qabu.Haaluma kanaan labsiin sirna adeemsa falmii fi seerri
ragaa farra-malaammaltummaa labsii lakk.236/93fi lakk.239/93 labsameera.Hanqinaalee labsii
lakk.236/93 fi lakk.239/93 keessatti mul’ataniif furmaata laachuuf fi dhimmoota yakka
malaammaltummaa bifa addaatiin ilaaluuf labsiin lakk.434/97 labsamee yeroo amma ittiin
hojjetamaa jira.Baroota dhihoo as qabsoo malaammaltuumaa irratti taasiifamaa jiru cimsuuf
Labsiin Qabeenya beeksisuu fi galmeesiisuu lakk.668/2002 fi eeruu kennitoota fi ragoota
yakkaatiif eegumsa taasisu lakk.699/2002 labsamanii ittiin hojjetamaati jira..
Akka waliigalaatti malaammaltummaa wal qabatee seerootiin jiran kanneen yoo ta’an,qabiyyee
seroota kana kutaa kana keessatti hammachisuun rakkisaadha.Gama biraatiin,sakkata’iinsi fedhii
leejii Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Naanoo keenya irratti Instiitiyuutii keenyaan
taasifamee leenjiin labsiilee yakka hundeessan irratti kennamu akka qabu agarsiisa.Waan kana
ta’eef,haalawwan kanneen bu’uura godhachuudhan kutaan kun malaammaltummaa fi adeemsa
dhagaha yakkaa malaammaltummaan wal qabatee tumaalee jiran muraasa qofa irratti
xiyyeeffachuun qophaa’e jira.
Bu’uuruma kanaan kutaan kun yaad-rimee fi Maalummaa malaammaltummaa kan ilaalu yoo
ta’u,kutaa kana jalatti hiika malaammaltummadhaaf qaamoota fi seeroota adda addaatiin
kenname akkasumas hiika akka iddila-adduunyaatti fudhatama argatee,amaloota addaa yakka
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
6
malaammaltummaa yakkoota idilee irraa adda isaani tasiisuu dhiibbaa malaammaltummaa
saaxilu,qorachuu fi adabsiisuu irraatti qaban,qajeeltoo waliigalaa yakka malaammaltummaatiin
wal qabatee fakkeenyaaf,qooda fuudhannaa namootni dhuunfaa malaammaltummaa keessaa
qaban ilaalchisee garaagarummaa ejjennoo ogeessoota seeraa biratti mul’atu, akkasumas yaadni
bu’uura tilmaama seeraa faayidaa yookiin nama miidhuuf yaaduu jedhaman ilaalamanii jiru.
Xumura Kutaa Kana Booda Leenjifamtootni:
Hiika malaammaltummaa ni hubatu,
Amaloota yakka malaammaltummaa yakkoota idilee irraa addaa taasiisan addaan ni
baafatu,
Yakkoota malaammaltummaa haala salphaa ta’een Saaxiluu, qorachuu, fi adabsiisuu irratti
dhiibbaa amalootni yakkoota malaammaltummaa qaban ni hubatu,
Qajeeltoo waliigalaa yakka malaammaltummaa seera yakkaa keessaatti tumame ni
hubatu,kallattii kannaan tumaalee addaa yakka malaammaltummaa hiiku irratti ejjennoo
Manneen Murtii keessatti calaqisuu ni hubatu,
1.1. Hiika Malaammaltummaa
Jechi Malaammaltummaa jecha Afaan Laatinii “corruptus” jedhamu irraa kan fudhatame yoo
ta’u hiikni jecha kanaas “cabsuu” jechuu dha.
Its drivation emphasizes the destructive effect of corruption on the fabric of society and
the fact that its popular meaning encompasses all those situations where agents and
public officers break the cofidence entrusted to them.4
Maddi jecha kana miidhaa malaammaltummaan kutaa hawaasa irraan gahu irratti kan
xiyyeeffatu yoo ta’u hiikni namootaa baayy’ee biratti beekamu immoo itti gaafatamummaa
namatti kenname ykn amantaa namatti kenname bahuu dhabuu dabalata. (Hiikni kan barreessaa
moojulii kanati)
Ega maddi jecha malaammaltumama jecha Afaan warra Laatinii yoo ta’u,Kuusini
jechootaa,Barruuleen,Dhaabbileen,Seeroonni sadarkaa Idila-addunyaatti jiraan fi Biyyootati jiran
4 Collin Nicholls Qc,Tim Daniel,Martin Polaine,John Hatchard
Corruption And Misuse Of Public Office First Published 2006,New York , United States Of America Pp.1
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
7
malaammaltumaa fi gochoota yakka malaammaltummaa waliin wal qabataniif hiika adda addaa
yommuu kennan ni mul’ata.Kunis akka armaan gaditti ibsamee jira.
1.1) Malaammaltummaa jechuun “corruption is depravity, perversion or taint; an impairment
of integrity, virtue or moral principle; especially impairement of a public officials duties
by briber” jechuudha.(Black law dictionary)
1.2) Malaammaltummaa jechuun “ Perversion or distruction of integrity in the discharge of
public duties by briber or favour,The use or existence of corrupt practices, especially in a
state, public corporation etc” (Oxford English dictionary)
Kuusni jechoota kanneen malaamaltummaa: matta’aa ykn gabbarsuu fudhachuun ykn kennun,
loogiidhaan hojjechuudhaan dhugaa, murtii,haqa jallisuu,dudhaalee bu’uura ykn qajeeltoowwan
naamusa bu’uura ta’an cabsuu, keessatu aangoo ykn itti gaafatamummaa uummatni yookiin
mootummaan namati kenneen hojjechuu dhabuu; gocha matta’aa.ykn hojimaata badaa mana
hojii mootummaa ykn dhaabbilee misooma mootummaafi kkf keessatti raawwatamu waliin
walqabsiisuu.
1.3) Malaamaltummaan-faayidaa dhuunfaa ykn gareef jecha Sirnoota, Seeroota,
Dambiiwwaan, hojimatawwan, Qajeeltoowwaan cabsuudha. (Kato, 1995)
1.4) Konveenshiniin Farra Malaammaltummaa Mootummoota Gamtoomanii
malaammaltummaaf hiika hin laatu.Haa ta’u malee, gochoota yakka malaammaltummaa
addaan baasee tumeera.Mattaa’a kennuu fi fudhachuu,qabeenyaa fi fandii mootummaa
qisaasuu,dhagahama qabaniin daldaluu,aangootii seeraan ala fayyadamuu,badhaadhina
seeraan alaa argachuu,qabeenya mootummatti haala hin taaneen fayyadamu,mattaa’a
seektera dhuunfaa keessatti raawwatamu,qisaasa qabeenyaa fi maallaqa seektara
dhuunfaa keessatti raawwatamu,qabeenya malaamaltummaan argame seera qabeessa
fakkeessanii dhiheessuu fi dhoksuu,qabeenya maddi isaa hin beekamne,hojii haqaa
gufaachiisuu fi kkf akka fakkeenyati fudhachuun ni danda’ama.(kew.15-28)5
1.5) “Corruption” means the acts and practices including related offences proscribed in this
convention jechuun hiika.(Konveenshiniin Farra malaammaltummaa Gamtaa Afriikaa
kew.1) Malaammaltummaan gochoota fi hojimaata malaammaltummaa fi yakkoota
malaammaltummaan walqabatan konveenshinicha keessati ibsaman jechuudha (hiikni
5 United Nation Convention Against Corruption, (14,December,2005)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
8
kan barreessaatti).Fakeenyaaf,mattaa’a kennuu,fudhachuu,qabeenya malaammaltummaan
argame:jijjiiru,itti fayyadamu,qabatanii argamuu,dhaabbata siyaasaa gargaruu,qabeenya
maddi isaa hin beekamne qabatanii argamuu fi malaammaltummaa seektara dhuunfaa
keessatti raawwatamu akka hammatu keewwata.4,6,8,10, fi 11 irraa ni hubatama.
1.6) Malaammaltummaa jechuun: “the misuse of entrusted power for private gain” jechuudha
(Transparency International) Malaammaltummaa jechuun aangoo imaanaan namatti
kenname faayidaa dhuunfaatiif oolfachuu jechuudha.
1.7) Malaammaltummaa jechuun:”the abuse of public office for private gain” jechuudha
(World Bank) Malaammaltummaan aangoo mootummaan ykn uummataan namatti
kenname faayidaa dhuunfaaf oolfachuudha.
1.8) Yakka Malaammaltummaa jechuun tajaajila mootummaa ykn uummataa ykn faayidaa
uummataatiin wal qabate yakka raawwatamu hunda yoo ta’u,tajaajila uummata ykn
mootummaatti karaa hin malleen dhimma bahuun ofiif ykn namoota biraatii faayidaa
gaafachuu,waadaa seeninsiisuu ykn kennaa ykn faayidaa hin malle fudhachuu ykn nama
biraa miidhuu fi hojimaata malaammaltummaa,faayidaa hin malle fudhachuu,matta’aa
ykn gabbarsuu fudhachuu,aangoon daldaluu,aangootti haala hin malleen
fayyadamuu,hojii mootummaa haala hin taanen gaggeessuu,gocha fudhachuu fi dhoksuu
hojii irratti raawwatamu,aangoon dirqisiisuun faayidaa hin malle argachuu fi iccitii
baasuu fi dhimmoota kana fakkaatan ni dabalata.6(Labsiin lakk 236/93.Kew.2)(hiikni kan
barreessaa moojulii kanaatti)
Hiikni labsii kanaan yakka malaammaltummaaf kenname yakkoota haaraa uumuuf osoo hin
taane yakkoota faayidaa uummataa fi mootummaa irratti raawwataman seera yakka moofaa
keessatti bittinna’anii argaman bakka tokkotti sassaabuun malaammaltummaa jedhamanii akka
waamaman taasiseera.Hiikni labsii kanaan kenname yakkoota akka mattaa’aa kennuu fi
daddabarsuu fi qabeenya malaammaltummaan argame seera qabeessa fakkeessanii dhiheessuu
(moneny laundering) jedhu hin hammannee.Dhuma hiika keewwata kana irratti yakki
malaammaltummaa “dhimmoota kkf… ni dabalata” jechuun banaa dhiisuun isaa himannaa
hundeessuu fi murtii kennuu irratti garaagarummaan akka uumamuu taasiiseera.Kanaaf dhimmi
kun seera yakkaa haraadhaan deebii argatee jira.
6 Labsii addaa sirna Admeemsa falmii fii seera Ragaa Addaa Farra Malaammaltummaaa Lakk 236/93 ,Negarit Gezeta,Kew.2
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
9
1.9) Labsiin lakk. 434/97 Kew 2(1) akka itti aanuti dubbifama: “Corruption offences” mean
corruption offences provided in the FDRE penal code.7Jedha.Yakkoota
malaammaltummaa jechuun yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa keessati
tumamani jechuudhaan hiika.
1.10) Seera yakkaa RDFI - Seerri yakkaa kun kallatiidhaan yakka malaammaltumaatiif hiika
laachuu baatus yakki malaammltummaa hojjeettoota mootummaatiin ykn namoota
kamiin iyyuu raawwatamuu akka danda’u (Kew 404(2) (3) fi tumaalee yakkoota
malaammaltummaa yakkoota idilee irraa addaan baasee Kew 404(4) jalatti haala nama
hin mamisiifneen tumee jira.Yakkoonni kunis Boqonnaa 2ffaa Kutaa Tokko (kew 407-
419), Boqonnaa 3ffaa Kutaa Tokko ( kew.427-431), Sanada Mootummaa fi Humna Ittisa
Biyya gara sobaatti jijjiiru ykn fakkeessanii qopheessuu ( kew.379), kennaa filannoo
irratti kennamu (kew.468),amantaa hiri’suu cimaa 676(1),Maallaqa ykn Qabeenya yakka
Malaammaltummaan argame seera qabeessa fakkeessanii dhiheessuu fi yakkichaan
gargaaru(kew.684) fi gowwoomsuu cimaa kew.696(A) keessatti tareeffamaniiru.8(hiikni
kan barreessaa moojuulii kanaati)
Akka waliigalaatti hiika kuusaa jechootaa, dhaabbileen, konveeshinoota fi seeroota kanneeniin
kenname irraa kan hubatamu malaammaltummaa jechuun matta’aa ykn gabbarsuu
fudhachuun,loogiidhaa hojjechuudhaan,aangoo ykn taayitaa namatti kenname faayidaa
dhuunfaatiif oolfaachuun seeroota,dambiiwwan,qajeelfamoota ykn hojimaata cabsuudhaan
dhugaa,murtii ykn haqa jallisuu akka ta’e;gochi malaammaltummaa fi yakkootni
malaammaltummaa waliin wal-qabatan mana hojii mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa
keessattiis raawwatamuu akka danda’an akkasumas yakki malaammaltummaa hojjeetaa
mootummaatiin ykn nama kamiin iyyuu raawwatamuu akka danda’uu ni hubatama.
Asii olitti ilaaluudhaaf akkuma yaallameetti malaammaltummaan bifa adda addaa waan qabuuf,
akkuma gosa isaatti hiika bal’aa qaba.Haa ta’u malee,hiikni malaammaltummaa akka dil-
addunyaatti fudhatama argate fi wixinee immaamata farra malaammaltummaa KNFM
Federaalaa keessatti hammatame ni jira.Kunis akka itti aanutti ibsamee jira.
7 Labsii Addaa Sirna Admeemsa Falmii fi seera Ragaa Farra Malaammaltummaaa Lakk 434/97,Negarit Gezet, Kew.2(1) fi 57 8 Seera Yakkaa RDFI Bara 1996 Bahe, Nagarit Gazeta Kew.404(4)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
10
“Corruption is the offering,giving,soliciting or acceptance of an
inducement,promise,or reward; the making of threats or the use of intimidation,in
words or in behaviour;exerting influence by the abuse of authority or its inconsistent
application;which may improperly influence the actions subsequently taken,or not
taken,by a body,its members,or its officers;for the benefit or competitive advantage of
self or another.”9
Hiikni akka Adduunyaatti fudhatama argate kun malaammaltummaan faayidaa ofiif yookiin
qaama biraaf argamsiisuuf jecha kennaa, qabdii, waadaa dhiheessuu, kennuu, ykn gaafachuu ykn
fudhachuu, humnaan dirqsiisuu ykn afaaniin ykn mallattoodhaan sodaachisuu ykn angootti seera
ala fayyadamuudhaan dhiibbaa uumuu, yookiin gocha aangoo kennameen faallaa ta’e qaama ta’e
tokkoon, miseensaa ykn hojjeetaa qaama kanaatiin raawwatamuu jechuu akka ta’e ni ibsa. (hiikni
kan barreessaa moojuulii kanaatti)
1.2. Amaloota Addaa Yakka Malaammaltummaa
Yakki malaammaltummaa yakkoota idilee akka ajjeechaa,dirqisiisuun gudeeduu, Hanna,
arrabsoo fi kkf irraa adda akkasumas wal-xaxaadha.Qabxiiwwaan bu’uura yakka
malaammaltummaa yakka idilee irraa adda fi wal-xaxaa isa taasiisan kanneen itti aanaanii
ibsaman kanadha.10
A) Tooftaa Raawwii Isaa
Yakkoonni idilee jibiinsaa, haloo bahuu yookiin wal-dhabbii fi fedha dhuunfaa irraa
madduu.Miidhamtoonni gocha yakkoota kanaaf saaxilaman namoota dhuunfaa ykn garee waan
ta’aniif yakkoota kanaan haala salphaan saaxiluu, qorachuu fi adabsiisu ni danda’ama.Yakki
malaamaltummaa garuu jibiinsaan yookiin miira hamaa keessa seenuu osoo hin taane iccitii fi of
eeggannoo olaanaadhaan raawwatama. Sababaa kanaan ragaa argachuuf ni rakisa.Shakkamaan
ashaaraa qorannoof ka’umsa ta’u danda’u faana isaa balleessudhaaf humina waan qabuuf kun
yakkoota idilee irraa adda isa taasiisa.
9 Pirofile Of The Federal Ethics And Anti Corruption Commission,March,2010 Addis Ababa Ethiopia, Pp-12
10 Malaamaltummaa fi namusaa:barreeffama KNFM Fedeeralatiin bara, 2001 A.L.I qopha’e fuula 2-3
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
11
B) Namni Yakka Malaammaltummaa Irratti Hirmaate Hundi Ija Seeraatiin
Yakkamaa Ta’uu Isaa
Yakki malaammaltummaa namoota tokkoo ol hammata, walitti hidhamiinsi kan uumamuu
hojjeetaa irraa fi gadee jiran jidduu ykn itti gaafatammaa fi raawwataa ykn Murtii kennaa fi
murtii fudhataa jidduti ta’uu danda’a.Isaan kun immoo iccitti kan beekan qofaa isaanii waan
ta’anif faayidaa isaaniif jecha ragaa hin kennan,ija seeratiin lamanuu akka gaafataman waan
beekaniif icciti hanga dhumaatti ni eegu male yakkicha hin saaxilan.Fakkeenyaaf,
matta’aa.Matta’aa kennan gama isaatin faayida seeran ala argateef faayida addaa matta’aa
fudhataaf kennaa.Gareen lamaanu fayyadamoo waan ta’aniif iccitii eeguudhaf ni dirqamu waan
kana ta’eef yakka kana saaxiluu, qorachuu fi balleessitoota adabsiisuun ni ulfaata.Gama
biraattin yakka idilee ilaalchisee walitti hidhamiinsi akkana waan hin jireef namni miidhaan irra
gahe qaamoota haqaaf waan eeruu fi saaxiluuf yakkoota akkana qorachuu fi himaachuuf nama
hin rakkisu.
C) Kallattiin Yakkichaan Miidhamaan Jiraachuu Dhabuu
Akka yakkoota idilee miidhaa fi miidhamaan kallattiin hin jiru.Hirmaattonni lameenuu yakkicha
irraa fayyadamoo waan hin taaneef gocha miidhaan raawwate miidhaman waan saaxiluuf
yakkicha qorachuu fi himatamaa adabsiisuun nama hin rakkisu.Yakka malaammaltummaa
ilaalchisee hirmaattooni lameenu fayyadamoo ta’u ykn gochaa yakkaatin ni quufuu.Bu’aa kan
argatee ykn kan itti quufee dhoksuu itti fufa malee hin saaxilu.Waan kana ta’eef, yakki
malaammaltummaa yakkoota idilee irraa baayy’ee adda ta’a.
D) Naamoota Raawwiin Yakkicha Akka Hin Beekaminee Gochuu Danda’aninii
Raawwatamuu Isaa
Namoonni yakka malaammltummaa irratti hirmaatan seeraa fi hojimaataa waan beekaniif haala
seera wali hin faalleesine fi tooftaa qindaa’een raawwachuu danda’u.Kanaaf saaxiluun rakkisaa
ta’a.Namoonni yakka malaammaltummaa olaanaa ta’e irraatti hirmaatan warra aangoo qabanii
ykn humina mallaqaa qabanii waan ta’eef ragaa balleessuuf,ragoota fi namoota biroo
sodaachiisuu,Mallaqaan sosobuun yakki raawwatan akka hin saaxile taasiisuu
danda’u.Mallaquma saamaniin akka hin himatamine, hin adabamine abukaatoo beekamoo
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
12
qaxarachuun m/murtii irratti dhiibba umuu fi falmiin olaantummaa argachuun bilisa bahuu
danda’u.
Namoonni yakka idilee raawwatan baayy’een isaanii namoota dhuunfaa ykn gareewwan
sadarkaa jireenyaa giddu galeessaa fi gad-aanaa irrati argamaniidha.Isaan kun humna yakki akka
dhokatu gochuu qabaachuu dhiisuu waan danda’aniif haala salphaa ta’een saaxilamuu fi
adabamuu danda’u.
E) Dhimmichaaf Abbaan Jiraachuu Dhabuu
Yakki malaammaltummaa miidhaan kallattiin Nama dhuunfaa ykn garee irraan gahu jirachuu
dhabuu danda’a.Miidhaan biyyaa fi uummata irratti geesisu garuu olaanaadha.Sababaa kanaaf
namni dhunfaa ykn gareen kallattiidhaan miidhamoo waan hin taaneef namni yakkichi otoo
raawwatamee naa ilaalata ykn dhimma kiyya jechuun qaama ilaalatuuf eeru fi ragaa barbachisaa
ta’e dhiyyeessuun akka qoratamu fi balleessitoonni akka adabaman taasiisan dhabamuu
danda’u.Sababa kanaan yakkichi osoo hin qoratamne haalli itti awwaalame hafu
baayy’eedha.Haalli Kun yakki malaammaltummaa amala adda qabaachuu isaa agarsiisa.
Yakkoonni idilee garuu kallattiidhaan nama dhuunfaa ykn garee irraan miidhaa
qaqqabsiisu.Qaamni miidhaan irra gahe gochicha seeraaf dhiyeessuu fi ragaa yookiin
odeefannoo qaama seeraaf kennuun dhimmichi awwalamee akka hin hafne ni taasiisa.
F) Namoota Biratti Akka Salphinaati Ilaalamuu Dhabuu
“Yeroo mudamee kan hin nyaatin gaafa gad-lakkise gaabba” makmaaksi jedhu biyya keenyaati
baratamaadha.Makmaaksi kun malaammaltoonni akka jajjabatan taasiisa.Gama biraatiin,nama
saaxiluu yaalee waanyoo, farra jireenya jechuun abaaru kunis ni jajjabeessa.Bakka
malaammaltoonii jajjaabeefanii ykn faarfamuutti fi namoon qulqulluun abaramaniitti yakka
malaammaltummaa saaxiluu, qorachuu fi balleessitoota seeraatti dhiyyeessuudhaan adabsiisuun
hin danda’amu.Sababni Kun yakka malaammaltumma yakkoota idilee irraa adda taasiisa.
Hawwaasni yakkoota akka ajjechaa,dirqisisanii gudeeduu fi kkf raawwatamuu isaanii yoo
dhagahe yoo balaaleefatu ni mula’ata.Balleessittooni ariittidhaan seeratti dhiyyaatanii akka
adabaman deeggarsa gochuu danda’a.Deeggarsi akkanaa yoo jiraate yakka raawwatame
salphaatti saaxiluu fi balleesitoota adabuuf salphaa ta’a.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
13
G) Daangaa Cehuu Isaa
Namooni yakka malaammaltummaa kan raawwatani karaa sirrii hin taaneen ykn seeraan ala
addunyaa fi qabeenyaa horachuuf.Gaafa qabeenyi guddachaa deemee biyya isaa irra dabree
daangaa biyyoota biroo seenuun humina uumuun yakkoota akka shororkeesummaatiif
gumaachaa gochuun tajaajiluu danda’a.Yakki malaamaltummaa daangaa yoo cehe dhaaabbilee
idila-addunyaa ykn namoota waliin walitti hidhamiinsaa uumuudhaan seeraa dahoo
godhachuudhaaan raawwatamuu waan danda’uuf tooftaan raawwii yakkichaa wal-xaxaa
taasiisa.Yakkooota idilee ilaalchisee kaayyoo ijoon namoota yakkoota kana raawwatanii haloo
bahuu ykn yakka raawwachuuf namoota dhuunfaa biyya keessa jiran akka miiltootti ykn
gargaraatti fayyadamuu irra darbee akka namoota yakka malaammaltummaa raawwaatanii
daangaa cehuun hirmaatoota ykn miiltoo gurmeessuu hin danda’an.
H) Dhaabbata Firaa Yookiin Hiriyaatti Fayyadamuu
Malaammaltoonni malaammaltummaadhan qabeenya olaaanaa ta’e horatan illee jireenya ykn
galii isaanii irratti jijjiramni tokko illee isaanii irraa mul’achuu dhiisuu danda’a.Maqaa maatii
ykn hiriyaa isaanitiin hojii daldalaa hojjechuu akkasumas maallaqa malaammaltummaan argatan
akaawuntii maatii ykn hirriyoota isaaniti dhoksaan kuusuun itti fayyadamuu danda’u.Sababa
kanaaf yakkicha saaxiluu fi balleessittoota adabuuf ni ulfaata.
1.3. Qajeeltoo Waliigalaa Yakka Malaammaltummaa
Qajeeltoon keewwata 404 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalaatti yakki malaammaltummaa hojjeetaa
mootummaatiin yookiin Nama kamiin iyyuu raawwatamuu akka danda’u ni tuma.Haa ta’u
malee, yakki hojjetaa mootummaatiin ykn namoota birootiin raawwatamu adda adda.Kunis akka
itti aanutti dubbifama:
“Where the act which a public servant has done or omitted to do in the discharge of his
duties; and in respect to which he is charged, comes within the scope of ordinary
criminal law, but there is aggravation due to the criminal's public position and the
breach of the special responsibility upon him by virtue of the trust placed in him.
“Any public servant … to obtain for himself or to procure for another an undue
advantage or to injure the right of another, directly or indirectly, accepts or solicits an
undue advantage by improperly performing his responsibility or duty; or who, in any
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
14
other way, mis-uses the responsibtlity or public trust vested in him to procure an undue
advantage for himself or another; or
Any person who…. promises, offers, gives or agrees to give an undue advantage to a
public servant; or
Any person who gives or any public servant who accepts an undue advantage in
consideration for an act of public office "properly performed or to be performed”shall be
deemed to have committed crimes of corruption specified in this chapter…. “Jechuun
tuma.
Qabxiin itti aansee furmaata argachuu qabu hojjetaan mootummaa eenyu kan jedhu ilaaluun
barbaachisaadha.Seerri yakkaa kew 402(1) hojjetaa mootummaa jechuun mana hojii mootumma
ykn dhaabbata misooma mootummaa keessati qacaramee,muudamee,ramadamee,ykn
uummataan filatamee dhaabbiidhaan ykn yeroodhaaf nama hojii hojjetuudha jedhe
tumeera.Bu’uura hiika kanaan hojjetaa mootummaa jedhamuuf mana hojii mootummaa yookiin
dhaabbata misooma mootummaa keessaa hojjechuun barbaachisaadha.Hojjetaan mootummaa
miseensoota mana marii,muudamtoota (ministeeroota,hojii adeemsistoota fi kkf) fi qacaramtoota
(ogeessoota herregaa,eegumsaa fi kkf) hunda ni hammata.
Seera yakka kew.402(2) jalati mana hojii mootummaa jechuun mana hojii Federaalaa yookiin
Naannoo guutumaan guutuutti ykn walakkaan baajata mootummaatin kan bulaniidha.Baajata
mootuummatiin buluun akka ulaagaa ijootti ilaalamuu qaba.Mana hojii mootummaa jedhamuuf
baajetni hundinuu mootummaan haguugamuu hin qabu.Baasiiwwan walakkaan bajataa
mootummaatiin haguugamuun mana hojii mootummaa jedhamu isaa hin hambisu.Bu’uurra hiika
kew.402(3) Dhaabbata misooma mootummaa jechuuf ulaagaan ilaalamu qabu Mootummaan
Fedeeraalaa ykn Naannoo guutummaan guutuutti ykn walakkaan gahee keessaa qabaachuu qaba.
Hojjetaan mootummaa ykn namni kamiyyuu yakka malaammaltummaa raawwatan jedhamnii
seeraan gaafatamuuf ulaagawwan seera yakka kew.404 (2)(3) jalatti kaa’aman guutamuu
qabu.Bu’uura tumaa seera yakkaa kew.404 (2) fi (3) waraabbii Afaan Ingiliiffaa olitti ibsame
irraa akka hubatamutti hojjeetaan mootummaa karaa sadiin yakka malaammltummaa
raawwachuu danda’a.11
A) Faayidaa gaafachuu ykn fudhachuu
11 Miil-jalee asii olii 11, fuula 51-52 irratti kan ibsame
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
15
Hojjetaan mootummaa faayidaa hin malle ofiif argachuuf ykn nama biraattiif argamsiisuuf Itti
gaafatamummaa ykn hojii itti laatameen waan hojjechuun irraa eeggamu hojjechuu dhiisuun ykn
hojjechuu kan hin qabne hojjechuuf nama biraa irraa faayidaa fudhachuun ykn gaafachun isaa
yoo mirkanaa’e yakka malaammaltummaan gafaatamuu ni danda’a.Itti gaafatamummaa qabuun
gochi akka raawwatu irraa eeggamne jiraachuu danda’a.Fakkeenyaaf,nama ulaagaa hin guuneef
hayyama hojii kennee yoo argame wanta raawwachuu hin qabne raawwatee jira jechuun ni
danda’ama.(kw.418) Akka hiika kanaatti hojjetaan mootummaa tokko yakka malaammaltummaa
raawwateera jechuuf gocha seeraan dhoorkame raawwachuu (commission) fi gocha seerri akka
raawwattu ajaju raawwachuu dhabuu (omission) fi faayidaa gaafachuu ykn fudhachuu bakka
tokkotti ilaalamu qabu.
B) Aangootti karaa seera ala ta’een fayyadamuu
Yakki malaammaltumma faayidaa osoo hin gaafanne ykn hin fudhanne ofiif ykn nama biraaf
faayidaa argamsiisuu jecha aangooti ykn imaanaa uummataa haala hin taaneen itti
fayyadamuudhan raawwatamuu danda’a.Hojjetaan mootummaa aangoo fi qabeenya harka isaa
gale faayidaa dhuunfaatiif ykn garee biraaf oolchuu danda’a.Fakkeenyaaf, aangooti
fayadamuudhan sanda sobaa qopheessuun kaazinaa mootummaa keessaa maallaqa fudhachuun
faayidaa dhuunfaaf ykn Nama biraaf oolchuu ni danda’a.
C) Hojii karaa seeraan raawwaatamef ykn gara fuula duraati seeraan raawwatamuuf
faayidaa hin malle fudhachuu
Kana ilaalchisee hojjetaan mootummaa seerri cabsu hin jiru.Hojiin kan raawwate akkaata seerri
fi dambiin ajajuun.Fakkeenyaaf, tajaajilaman taaksii irraa barbaadamu akka kaffalu gochuu ni
danda’a.Tajaajila kanaaf tajaajilamaa irraa faayidaa gaafachuun fudhachuu danda’a.Haa ta’u
malee, hojjetaan mootummaa hojii akkaata seeraatiin hojjetameef kaffaltii seeraan hayyamamee
fi mootummaan kaffalamuuf ala faayidaa biraa fudhachuu hin qabu.Kana kan raawwatu yoo ta’e
yakka malaamaltummaa ta’a jechuudha.Keewwaticha jalati gaaleen faayidaa Nama biraaf
hojechuu jedhu jira.Fakkeenyaaf, gocha seeraan alaa hojjetaan mootummaa raawwatuun
faaydicha Kan argatu ijoolee ykn fira isaa ta’uu danda’a.Ilmaan isaa carraa barnootaa akka
argatan tasifameera ta’a ykn tajaajila yaala bilisaa argachu danda’u ta’uu danda’a.
Qajeeltoo keewwata 404 ta’ee keessaati gaaleen “faayidaa hin malle argachuuf” ibsa kan
barbaadudha.Seerri yakkaa Kew.402(5) faayidaa hin malle,faayidaa karaa hin malleen argame
jechuun hiika.Seera yakka keessati ibsa kanaa ol ta’e hin argannu. Haa ta’u malee, faayidaa hin
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
16
malle faayidaa malu waliin wal cinaa qabuun hiikun ni danda’ama.Hojjetaa mootummaatiif
mindaa fi hojii isaatiin wal qabatee fayidaan seeraa fi qajeelfaman deeggarame argatu faayida
maluudha.Hojii mootuummaa hojjechuu isaatiif dabalataan faayidaan tajaajilamaa irraa fudhatu
faayidaa hin mallee jedhamu ni danda’a.
Gama biraatiin,faayidaa karaa hin malleen argame jechuunis faayidaan argame hojii hojjetame
waliin kan wal-gitu ta’uu danda’a.Garuu,karaan ittiin argame karaa hin malleen ta’uu
danda’a.Fakkeenyaaf,gabaa irratti gatiin dabtaraa beekkamadha.Haa ta’u malee,dabtara hedduu
bituuf beeksisa caalbaasii baasuun dorgomsiisuun osoo danda’amu dhiyyeessaa tokko irraa
caalbaasii malee akka bitamu gochuun dhiyyeessaan dorgommii malee maallaqa hedduu akka
argatu gochuun fayadamaa ta’a.Gatiin ittiin bitame amma fedhe illee gatii gabaa
ta’uus,caalbaasii malee faayidaa akka argatu gochuun karaa hin malleen faayidaa argame waan
ta’eef gochichi gocha yakka malaammaltummati ta’a jechuudha.
Hiika yakka malaammaltummaa keessaatti jecha faayidaa jedhuuf hiikaan kenname ilaalchisee
yeroo baayy’ee hundi keenya maallaqa fi qabeenyatu dafee sammuuti nu dhufa.Haa ta’u malee,
akkakuu faayidaa yakka malaammaltummaan argamu tarreessuun nama rakkisaa.Keewwanni
402(4) faayidaa malaammaltummaa waliin wal-qabatuuf hiika
laateera.Kennaa,liqaa,muudama,qacarrii,himanna hariiroo,yakkaa irraa bilisa gochuu fi kkf
jechuun hiikeera.12Gama biraatiin,tumaan kun kew xiqqaa 4(g) jalaatti jechi faayidaa jedhu
faayidaa biroo ykn tajaajila mallaqaan hin shallagamne kan hammatu ta’uu haala waliigalaatiin
haa kaa’u malee tokko tokkon hin tarreessuu.Labsii qabeenya beeksiisuu fi galmeessuu lakk
.668/2002 kew 15 jalatti hojjetaan mootummaa,mudamaan fi filatamaan uummataa
keesummeessa ykn affeerraa daawwanaa ykn bashanana (hospitality and sponsored travel)
aangoo murteessuu qoruu yookiin walitti bu’iinsa faayidaa dhuunfaa uumuu danda’u fudhachuu
akka hin qabne tumameera.Kanaaf afeeraan daawannaa ykn bashananaa tajaajilaman tajaajila
seera-qabeessaa argateef jecha tajaajilaaf faayidaa ykn tajaajila jedhame kana ilaalata jechuun ni
danda’ama.13Faayidaan ykn tajaajilli mallaqaan hin shallagamnee fedhii ofii (foonii) guutachuu,
ragaa yakkaa balleessuu fa’a hammachuu danda’a.14
12 Miil-jalee asii olii 11, fuula 52-53 irratti kan ibsame 13 Labsii Qabeenya beeksiisuu fi galmeessuu lakk.668/2002 Negarit Gazeta kw.15 14 Miil-jalee asii olii 11, fuula 56 irratti kan ibsame
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
17
Yakki malaammaltummaa hojjeetaa mootummaa qofaan osoo hin taane nama kamiin iyyuu
rawwaatamuu akka danda’u seera yakkaa kew.404(3) warrabbii Afaan Ingiliiffaa olitti ibsame
irraa ni hubtama.Tumaan kun ofiif ykn nama biraatiif fayidaa argamsiisuuf ykn mirga nama biraa
miidhuudhaaf yaadudhaan hojjetaa mootummaatiif faayidaa hin malle kennuun,waada seenun
yookiin dhiheessuun yookiin kennuuf waliigaluun ykn hojii mootuummaa ykn tajaajila akkaataa
seeraatiin rawwaatameef ykn gara fuula duraatti raawwatamuuf jecha faayidaa hin malle
hojjeetaa mootummaatiif kennuun yakka malaammaltummaatiin nama akka gaafachiisuu
danda’u ni ibsa.(hiikni kan barreessaa moojulii kanaatti)
Keewwata kana keessaatti gaalee “…mirga nama irraan miidhaa geessissuuf yaaduudhaan…”
jedhu ni argama.Fakkeenyaaf, daldalaan tokko dhaabbani daldalaan isaa waliin dorgomu tokko
akka jalaa cufamu, hayyamni akka hin haroofamneef mattaa’a ykn faayyidaa hin malle hojjeetaa
mootummaattiif yoo kenne argame mirga daldalichaa irraan midhaa geesiiseera jechuun
fudhachuu ni danda’ama.
Akka waliigaalatti kew.404(2)(3) irraa kan hubatamu yakki malaammaltummaa hojjetaa
mootummaatiin fi nama kamiin iyyuu kan raawwatamuu ta’uu isaa;akkasumas
malaammaltummaan raawwatameera kan jedhamu gochichi mana hojii mootummaa ykn hojii
mootummaa irraatti yoo raawwaatamee argame akka ta’e ni hubatama.
Haa ta’u malee, qabatamaan namoonni hojjeetaa mootummaa hin taane hojeetaa mootummaa
waliin yakka malaammlatummaa rawwataniiru jedhamanii yommuu himataman hojjetoota
mootummaa waan hin taaneef himatamuu hin qaban jedhamee gama Abukatoota
himatamtootatiin dhaddacha irratti haalli itti mormamu jira (muuxanno barreessa moojulii kanaa
fi Dhimmoota qabatamoo).Haa ta’u malee,hojimaanni manneen murtii sadarkaa Fedeeraala fi
Naannoo keenyaa akka agarsiisuti bu’uura Seera Yakkaa kew.404(3) fi kew.33 tiin murtiin
kennamaa kan jiru ta’uu isaa dhimmoota murtii argatan irraa ni hubatama.
Dhimma 1ffaa, A/A/KNFMNO VS Yashiwarqi Wadajjoo fa’aa N.4.A/Alangaa kew 32(1-A),33 fi
407(2) caqasuun himatamtooni yakka malaammaltummaa aangoon gar-malee fayyadamuun
raawwataniiru jechuun himannaa M/M/O/GO/H/Lixaatti himannaa hundeessera.M/M kunis LG-
12441 ta’e irraati keewwata itti himatamaan jalatti murtii baleessuummaa fi addabbi
murteesseera.Himtamtooni M/M/W/O/Dhaddacha Bahaati ol’iyyannoo kan gaafatan yoo ta’u
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
18
manni murtii kunis LG- 85306 ta’e irraatti murtii balleessummaa cimsuun adabbii fooyyeessuun
murteesseera.Himatamaa 4ffaan (hojjetaa mootummaa miti) murtiin manni murtii jalaa kennee
doggoggoora seera bu’uura ta’e qaba jechuun M/M/W/O/dhaddacha ijibbaatatti iyyaannoo
dhiyyeefateera.Dhaddachi kunis LG88865 ta’e irratti seera yakkaa kew.33 caqasuun
himatamaan kun akka malaammaltummaa hojjeetoonni mootummaa qofti raawwachuu danda’an
waan raawwateef keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessa qaba jedhamuun isaa dogoggora
seera isa bu’uura ta’e hin qabu jechuun murteesseera.
Dhimma 2ffaa,A/A/KNFMNO VS Faantaayyee Tasammaa fa’a N-6.himatamtuu 1ffaan daldaltuu
yoo taatu himatamtoon 2ffaa - 6ffaa jiran mahandisoota Magaalaa Adaamaa yoo ta’an lafti km2 500
ol ta’e liizii fi caalbaasii malee akka hin kennamne osoo beekanuu dambii cabsuun kartaa
kaasuun mirkanaeessudhan himatamtuu 1ffaaf kennuun maallaqa mootummaan liizii irraa
argachuu malu Qr.823,680 (kuma dhibba saddeetii fi digdamii sadii fi dhibba jahaa fi
saddeetama) akka dhabu gochuun miidha cimaa mootummaa irrati akka qaqqabu godhaniiru
jechuun yakka malaammaltummaa aangoon gar-malee fayyadamuun kew.32-1A,33 fi 407(2)
jalati A/A himannaa hundeessera.M/M/GO/Addaa Adaamaa LG 10625 ta’e irratti himatamutu
1ffaa fi 2ffaa hidhaa cimaa waggaa 5 ½ fi Qr.10,000,himatamaa 3ffaa hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji’a
3 (sadii) akka adabaman murteesseera.Lafa himatamtuu 1ffaa seeraan qabate km2 917 ala kan jiru
irratti kaartaan hojjetame haqamee lafti bu’adhaan qabame km2 1,286 mootummadhaaf akka
deeb’u waajjira bulchiinsa lafaa fi egumsa naannoo magaalatiif ajajin barreeffamuu akka qabu
ajajuun galmee cufeera.
Himatamtuu 1ffaan gama Abbukaatoo isheetin haalli kew.404 (3) jalatti ibsame himanna keessati
hin ibsamne falmii jedhuu fi ijoo famii biroo caqasuun M/M/W/O/Dhaddacha Bahaatti
ol’iyyaannoo dhiyyeeffatee jirti.M/M kunis, LG-121042 ta’e irratti bitaa fi mirga dhagahuun kew
manni murtii jalaa murtii balleessuummaa jalatti laate gara 407(1) jijjiiruudhan hidhaa waggaa
tokko (1) fi qr.2000 murteessuun lafa ilaalchisee ajaja M/M jalaa cimseera.
1.4. Tilmaama Seeraa Faayidaa Argachuuf Yookiin Nama Miidhuuf Yaaduu
Yakka idilee hundeessuuf kutaan seeraa, gochaa fi yaadaa guutamnii argamuu akka qaban seera
yakkaa kew.23 irraa ni hubatama.Qajeeltoo seera ragaa idileetiin namni yakkaan himatame
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
19
yakka ittiin himatameen balleessaa qaba kan jedhamu Abbaan Alangaa kutaawwan kanneen
guutamu isaanii yoo mirkaaneessedha.15
Maalummaa ragaa dhimma yakka malaammaltummaa irratti dhiyaatu ilaaluun duraati yakka
malaammaltummaan wal qabatee kutaa yaada jechuun maal jechuu akka ta’e ilaaluun
murteessaadha.Hiika waliigala yakka malaammaltummaa kew.404 jalati laatame keessati gaalee
“faayidaa hin malle ofiif ykn nama biraatiif argamsiisuuf ykn mirga nama biraa irraatti miidhaa
qaqabsiisuuf yaaduudhaan” jedhu ni arganna.Kana jechuun yakka malaammaltummaan
gaafatamuuf yakkichi itti yaadamee kan raawwatame ta’uu qaba jechuudha.Kana waan ta’eef,
tumaaleen yakka malaammaltumma kan caban dagannoodhaan yoo ta’e gochichi yakka
malaammaltummaatiin hin adabsiisu jechuudha.
Kutaa yaada yakka malaammaltummaa mirkaneeffachuuf ragaan dhiyyeessuu qabnu kan yakka
idilee irraa adda.Kanaaf seerri yakka kew.403 fi labsii lakk, 434/97 kew.57 (2) deebii ni
laata.Keewwanni 57(2) akka itti aanuti dubbiffama:
“Unless otherwise proved, where the material elements of a corruption offence is proved,the
mental element is presumed to exist” Bu’uura keewwata kanaatiin,yakkichi faayidaa argachuuf
ykn miidhaa qaqabsiisuuf ta’uu seera yakkaa keessatti yoo tumame fi kutaan gochaa yoo
mirkaana’ee,kutaan yaada akka guutmeetti ilaalama.Kana jechuun hiika qajeeltoo kew 404
keessatti kutaa yaadaaf laatame “gochi raawwatame faayidaa hin malle ofiif argachuuf ykn
nama biraatiif argamsiisuuf ykn nama biraa miidhuuf akka yaadameetti fuudhatame
tilmaamama.Kana jechuun garuu,gochi raawwatamuun yoo mirkaanna’e kutaan yaadaa
guutumaan guututti miirkana’eera jechuu miti.Seerrichi ni tilmaamama jedha.Tilmaama ragaa
qabatamaadhaan fashaleessuun ni danda’ama.Waan kana ta’eef, himatamaan gochicha yommuu
raawwatu yaada yakka malaammaltummaa hundeessuu kan hin qabne ta’uu mirkaneessuu yoo
danda’e tilmaamichi ni fashallaa’a,yakkan gaafatamuu irraa bilisa ta’a jechuudha.Abbaan
Alangaa himataman kutaa yaadaa akka mirkaneessu himatamaaf dhiisuu irra yoo danda’ame
kutaan yaadaa guutamuu isaa ragaadhaan mirkaaneessuun dhihessun filtamaadha.Himatamaan
salphaati ragaa isaa fashaleessuu kan danda’u yoo ta’e dhaamaatiin isaa lafati hafa, baajanii ykn
qabeenyi mootummaas ni qisaasama.Waan kana ta’eef,jalqaba irraa qophii gochuu qaba.
Gaaffilee marii
15 Miil-jallee asii olii 11, fuula 53-54 ilaallata.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
20
1) Seerri Yakkaa kew.23(2) jalatti yakki tokko raawwatameera kan jedhamu kutaan yaadaa,
seeraa fi gochaa bakka tokkotti guutamanii yoo argaman qofa jechuudhan tuma.Yakka
Malaammaltummaa ilaalchisee kutaa waliigalaa kew 403 jalatti seerri cabuu fi gochi
raawwatamuu qofti yoo mirkannaa’ee yakki malaammaltummaa akka raawwatameti akka
fudhatamu,kutaa yaadaa mirkanneessuu kan qabu nama gochicha raawwateedha yaada
jedhu of keessaa qaba.Yaadani kew.403 yaada seera yakkaa kew.23 waliin wal
faalleessuu fi wal faalleessu dhabuu isaa yaada fi seera rogummaa qabuun deeggaruun
irrati mari’adhaa.
2) Heera RDFI keewwata 20 (3) “Namoonni himatamaan falmii irra yeroo jiran yakka
ittiin himatamaniin akka nama balleesseetti akka hin lakkawamne…mirga qabu”
jechuun tuma.Seerri yakkaa kw.403 seerri cabuu fi gochi raawwatamuu qofti yoo
mirkannaa’ee yakki malaammaltummaa akka raawwatametti akka fudhatamu ykn
tilmaamamu,kutaa yaadaa mirkanneessuu kan qabu nama gochicha raawwateedha
yaadani jedhuu of keessa qaba.Keewwanni.403 tumaa heera waliin wal faalleessuu fi wal
faalleessuu dhabuu isaa yaada rogummaa qabuun deeggaruun irrati mari’adha!
3) Obboo “K”n Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa J/Jaartee keessatti uummataan
filatamee qarshii qabaa Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Jaarmaatifi Naannoo
ishee ta’ee osoo hojjechaa jiruu oodiitii godhameen qarshii sababa hojiitiif harka isaa gale
keessaa qarshii 30,357.67/100 hir’isee waan argameef yakka amantaa hir’isuu cimaan
kew.676(1) himatamee jira. Manni murtii Ol’aanaa Godina Horroo Guduruu wallaagaa
ragaa bitaa fi mirgaa erga dhagahee booda dhaddachaa gaafa 16/11/2002 ooleen
lakk.galmee 08387 ta’ee irratti himannaa irratti dhiiyyaate of irraa ittisee jira jechuudhaan
bu’uura s/d/f/y kew.149 (2) tiin bilisa gaggeessee jira
A) Yakki malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa ta’e qabeenyaa Dhaabbata
uummataa (Mass organization or public organization) irratti yoo raawwatame
seera yakka kew.676(1) jalatti akka nama gaafachiisu tumamee jira.Dhaabbata
uummataa “Hizibaawwii dirjit” kan jedhu Waldaalee hojii gamtaa (cooperatives)
ni hammataa?
B) A/Alangaa Waajjira Haqaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obboo “K” irratti
seera yakkaa Bara 1996 bahe kew.676 (1) caqasuun yakka malaammaltummaa
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
21
amantaa hir’isuu cimaatiin himachuun isaa bu’uura seera qaba jettuu? Tumaa
rogummaa qabu irratti hunda’uudhaan irratti mari’adhaa!
C) Dhimma kana irratti Manni Murtii ragaa dhagahuu qaba turee?
4) “Waldaan Gamtaa carraa”16 Godina wallaggaa Lixaa keessatti bara 1995 Namoota Qonnaan
bultoota Godinichaa ta’an lakkoofsi isaanii 127 ta’anii kaappitaala qarshii 478,000 tiin hundaa’e
hojiin inni hojjatus loon horsiisuu dhaan bu’aa loonii kan ta’an aannan, Loon foonii fi dhadhaa
akkasumas Ayibii(qimixoo) ykn baaduu gabaadhaaf dhiyeessuudha.Bara 1997 tti qarshii
1000,000.00 Baankii qusannoo fi liqii Oromiyaa irraa liqeeffachuudhaan xaa’oo biyya alaa irraa
galchee qotee bulaa Godinichaatiif raabsuu jalqaba. Bara 1999 keessa waldaan kun ooditii
yemmuu taasifamu akka waliigalaatti kaapitaalli inni irra gahee jiru qarshii 25,000,000.00 ta’ee
qarshii kaapitaalaan qabu kana keessaa qorannaa ooditii taasifameen hirdhinnaan qarshiin
miliyoona 4 waan argameef odeeffannoon dhiyaate akka qoratamu ta’a.
Gareen Qorannaa hundaa’e dhimma kana ragaadhaan qulqulleessee itti gaafatamaa, maallaqa
qabaa, shuumii herregaa fi ooditara keessaa irratti yakka malaammaltummaatiin himatee mana
murtii dhimma ilaalutti dhiyeessa.Dhimmichi falmii idilee keessa erga galee booda Abukaatoon
himatamtootaa namoonni kun malaammaltummaadhaan akka himatamuu hin dandeenye bu’uura
Labsii hundeeffama Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa lakk 71/95
keewwata 3 irratti daangaa Aangoo komishiinichaa ibsee jira.Komishiinichi qorannaa
gaggeessuu kan danda’u manneen hojii mootumaa Naannichaa fi Dhaabbilee misoommaa
Mootummaan naannichaa harka keessaa qabu irratti akka ta’eedha jechuundhaan waan mormeef
manni murtichaas mormii Abukaatoo kana fudhatee namoonni yakka Malaammaltummaatiin
himatamuu akka hin qabne murteessee jira.(moojuulii leenjii hojii irraa,Qorannaa Yakkaa Obboo
Dhaabaa Dirriibaatiin qophaa’e fuula,63)
A) Himannaan Abbaa Alangaa dhiyyeessee bu’uura seera qabaa?
B) Mormii Abukaatoon dhiyyeesse akkamitti ilaaltu?
C) Murtiin Manni Murtii laate hoo bu’uura seera qabaa?
16 Keezii mana murtii ol’aanaa Godina wallaggaa Lixaa, lakk G.M.M. 25320
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
22
5) Dhimma armaan gaditti dhiyyaate dubbisuudhaan tumaalee seera farra
malaammaltummaa rogummaa qaban irratti hunda’uudhaan irratti mari’adhaa.
Dhimmi kun dhimma Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kaabaatti himataa A/A waajjira
Galiiwwan Aanaa Giraar Jaarsoo fi obboo Tasintuu Nigusee gidduutti lakk.Ga 409227 ta’e
irratti ilaalamee murtaa’e dha.
A/Alangaa Galiiwwan Aanaa Giraar Jaarsoo himannaa yakkaa dhiyyeesseen ‘himatamaan kun
bulchaa Gandaa qoannaan bulaa … ta’ee yommuu hojjetu nagahee gibira itti fayyadama lafa
baadiyaa qotee bultoota irraa ittiin funaannuuf nagahee galii lakk…hanga… paadii tokko fi
nagahee galiin spoortii qotee bultoota irraa ittiin funanamu,paadii kudha afur waajjira… irraa
mallatteessee fudhatee kan fudhate keessaa paadii kudha lama qofa deebisee nagahee paadii sadi
akka galchu xalayaadhaan gaafatamu illee galchuu waan dideef yakka amantaa hir’isuu cimaatiin
seera yakkaa bara 1996 bahe kw.676(1) jalatti himatee jira.Manni murtichaa ragaa bitaa fi
mirgaa dhagahee murtii itti aanuu kenne jira.
“Namni tokko yakka amantaa hir’isuu raawwateera jedhamuuf kaarnii ykn nagahee fudhate
sana deebisuu kan dide mataa ofiif ykn nama birootii badhaadhina hin malle argamsiisuudhaa
yaadee kaarnicha yoo deebisuu dideedha.Himatamaan kaarnii sababa hojiitin harka isaa gale
deebisu waan dideef yakka amantaa hir’isuu raawwateera haa jedhamu malee kaarnicha
deebisuu diduu qofti kophaa isaa yakka amantaa hir’isuu ta’uu hin danda’u.Himatamaan
kaarnii fudhee deebisuu dide kanaan badhaadhina hin malle ittiin argachuudha ykn
badhaadhina hin malle ofiif ykn nama biroof argamsiisuu yaadee yakkicha raawwachuun
isaa walfaana yoo mirkanaa’e qofa akka ta’e beekkamuu kan qabuufii kanaas M/murtii
waliigala fedeeralaa “Jildii” 7 lakk.G/dhaddacha ijibbaata lakk.24278 ta’e irratti dhimma
himatamaan ittiin himatame kanaan kan walfakkaatu fuula 271 irratti murtii kenname irraa
hubachuun ni danda’ama.Kanas bu’uura labsii lakk.454/97 kw.2 (1) tiin hojii irra oolchuun
dirqama waan ta’eef dhimma himatamaan ittiin himatame fudhachuu dandeenyeera.Haa ta’u
malee, himatamaan kaarnii himataaf ka’uumsa ta’e kana akkaataa qabxii qabsiifateetti baduu
kaarnichaa waan ragaa ittisaatiin ofirraa ittiseef bu’uura s/d/f/y kw149 (2) bilisa gaggeessee
galmee cufeera.”
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
23
Lakkoofsa galmee dhaddacha Ijibbaataa (24278) jedhamee kan caqasame kanas yemmuu
ilaallu.17
“A/A himannaa dhiyeesseen .... Labsii lakk.214/74 keew.13 (1) caqasee, himatamaan sababa
hojiitiin nagahee galii harka isaa gale dhoksuudhaan yakka amantaa hir’isuu raawwate kan jedhe
yommuu ta’u himatamaan gocha kana haalus balleessaa dha jedhameera.Kana booda
himatamaan kun murtii manni murtii naannoo kibbaa kenne kanarraa gara dhaddacha
ijibbaataatti iyyannoo dhiyeeffatee dhaddachi ijibbaata kunis;
“... bu’uura labsii lakk.214/74 keew.13 (1) tiin namni tokko kaarnii sababa hojiitiin harka isaa
gale dhoksuun qofti balleessaa dha hin jechisiisu, abbaan alangaa kutaa yaadaa (himatamaan
kan dhokse yookiin balleesse mataa isaatiif ykn nama biroodhaaf badhaadhina hin malle
argamsiisuuf kan yaade ta’uu) mirkaneessuu qaba, haala ammaatiin nagahee balleessuun
‘sawwaruun’ himatamaa mirkanaa’ullee kutaan yaada hin mirkanoofne waan ta’eef murtii
balleessummaa diigneerra jedhee murteesseera.
1. Murtiiwwan manneen murtii akkamitti ilaaltu?
2. A/Alangaa Galiiwwanii tumaa kana jalatti himannaa hundeessuuf aangoo qaba?
3. Abbaan Alangaa Galiiwwanii aangoo himannaa hundeessuu yoo qabaate dirqama kutaa
yaadaa mirkaneessu qabaa?
17 Dhimmichi kan ilaalame nama Solomoon Herjaaboo jedhamuu fi A/A naamusaa fi Farra malaammaltummaa mootummaa naannoo Kibbaa gidduutti ta’ee murtii kan argate gaafa 10/3/2000 dha.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
24
Kutaa II
Tumaalee Gooree Yakkoota Malaammaltummaa
Seensa
Yakkoonni malaammaltummaa haala seera durii irraa adda ta’een haala ifa ta’een seera yakkaa
bara 1996 bahe kew.404 jalatti kan hammataman yoo ta’u, hiika tarree lakkoofsa 1.10 jalatti
kutaa 1ffaa moojulii kana keessatti kenname keessatti ibsamanii jiru.
Kutaa kana keessatti tuumalee Gooree yakkoota malaammaltummaa kanneen akka Matta’aa ykn
faayidaa hin malle kennuu fi fudhachuu;Aangootti seera ala faayyadamuu fi walitti bu’iinsa
faayidaa dhuunfaa; Amantaa hir’isuu,Sanada sobaa qopheessuu fi Gowwomsuu cimaa;Qabeenya
gatii baasu kaffaltii malee fudhachuu ykn kennuu, qabeenyaa fi maallaqa maddi isaa hin
beekamne qabtanii argamuu, fi qabeenyaa ykn maallaqa malaammaltummaadhan argame seera
qabeessudhaan fakkeessudhaan dhiheessuu fi gargarsaa gochuu wal-qabatee maalummaa
yakkoota kanneenii miira fi hiika seerichaa fi bakka barbaachisaa ta’eetti hojimaata qabatamaan
hojii irra jiru bu’uura godhachuun ibsamee jira.Dabalataniis rakkoo hiikkoo fi qaawwa tumaalee
tokko tokkoon wal-qabatanis dhimmoota qabatamaadhan deeggaruun xiinxaaluun yaalamee jira.
Leenjiifamtoonni Kutaa Kana Yommuu Xumuran:
Maalummaa fi Qabiyyee tumaalee Gooree yakkoota malaammaltummaa,toora kanatti
hiikkoo fi ejjennoo ogeessoota seeraa birratti calaqisuu ni hubatu;
Ejjennoowwan tora kanatti jiranii fi qaawwa seera addan ni baafatu
2.1. Matta’aa Fi Faayidaa Hin Malle Kennuu Fi Fudhachuu
Mattaa’aa fi faayidaa hin malle kennuu fi fudhachuu jalaatti yakkoota akka Matta’aa,Faayidaa
hin malle fudhachuu fi kennuu,Aangoodhaan daldaluu,Aaangoo hin qabneen hojjechuu,Yakka
matta’aa fudhachuu Jaarsoolii Araaraatiin Raawwatamu,Dhimma lafara harkisuu kan ilaallu ta’a.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
25
A) Matta’aa (Corrupt Practice Kew.408)
Seera yakka RDFI tiin matta’aa fudhachuunis ta’e kennuun yakkaan nama adabsiisa jedhamee
tumameera.Seerri yakka kew.408 akka tumetti hojjeetaan mootummaa yakka matta’aa
fudhachuutiin kan gaafatamu haalonni armaan gadii yoo guutamani ta’a.
(1) Gocha raawwatamuu hin qabne raawwachuun faayidaa argachuun isaa yoo mirkaana’ee
ykn
(2) Gocha raawwatamuu hin qabne raawwatee faayidaa fudhachuu baatus faayidaa
gaafachuun isaa yoo mirkanna’ee ykn
(3) Faayidaa fudhachuu ykn gaafachuu mirkanna’ee garuu gochi haala hin malleen
raawwatame yoo hin jiraanne, faayidaa kan fudhate wanta raawwachuun irraa hin
eeggamne raawwachuun isaa ragaadhaan mirkaneessuun yoo danda’ame yakka matta’aa
raawwachuu isaatiin ni gaafatama.
Gama biraatiin, mata’aa kennuun nama kamiin iyyuu kan rawwatamu ta’uu kew 427 irraa ni
hubatama.Bu’uura tumaa kanaatiin namiin kam iyyuu hojjetaan mootummaa gocha
raawwaachuu qabne raawwachuu isaatiif ykn gocha raawwachuu hin qabne akka raawwatuuf
matta’aa kennuun ykn dhiheessuun isaa yoo mirkannaa’e yakka matta’aatiin ni gaafatama.
Gocha raawwatamu qabu raawwachuu dhabuun ykn gocha raawwatamu hin qabne raawwachuun
bifa garagaraatiin raawwatamuu danda’a.Fakkeenyaaf,Mi’a kontroobaandii biyyaa keessaa akka
hin seene dhorkame (meeshaa waraana) biyya keessa galchuu,Gibiraa kaffalaan gibira kaffaluu
qabuu gad buusuun tilmaamu,Nama qormaata hin dabareef heeyyama konkolachisummaa
kennuu,Mi’a sadarkaa isaa hin eegne bituu,Ijaarsa sadarkaa isaa hin eeggane ijaaru fi
kkf.Hojjetaan mootummaa gochoota kana yommuu raawwatu namoota karaa seera alaa ta’een
fayyadaman irraa faayidaa ni argata.Faayidaa hin malle kanatu matta’aa jedhama.
Yakki matta’aa raawwatamuu isaa qofa osoo hin taane haala kamiin mirkanaa’ uu akka danda’u
hubachuun barbaachisaadha.Matta’aa faayidaa hin malle gaafachuu ykn fudhachuu, dhiheessuu
ykn kennuu waan hammatuuf dhimmoon kun adda isa taasisa.Fayidaan bifa adda addaan kan
dhihaatu ta’uu danda’a.Dhimmi ijoon faayidaawwan kun dhihachuu isaanii ykn fudhatmuu
mirkanaa’uu qaba.Dhimmi lamata, ragaadhaan mirkana’uu qabu, faayidaan kan dhihaate ykn
kenname dhimma maaliif akka ta’e mirkaneessuudha.18
18 Miil-jalee asii olii 11, fuula 55-57irratti kan ibsame
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
26
Yakki matta’aa yommuu rawwatamuu harkaa fi harkaatti yoo qabame malee yakka matta’aa
rawwatamuu isaa mirkaneessuun baayyee rakkisaa akka ta’ee beekamaadha.Hojimaanni
sadarkaa Fedeeraalaa fi Naannooti jiru akka agarsiisuuti qaamni yakkicha qorachuuf aangoo
kennameef eruu yommuu isa qaqabu eruu fudhachuun maallaqa gaafatame erga galmeeffate
booda qaama matta’aa gaafateef akka kennamu gochuun yommuu inni fudhatu harkaa fi
harkaatti qabuun akkasumas ragaalee biroo waliin qindeessuun seeraaf dhiheessuun murtii
kennisiisa jira.Manneen Murtiis ragaa haala kanaan argamee fi ragaalee biroo waliin ilaaluun
murtii kennaa jiru.Kunis dhimmoota murtii argatani akka fakkeenyaatti armaan gaditti dhihaatan
irraa ni hubatama.
Dhimma 1ffaa A/A.KNFMO Vs Silashii Gizaaw (A/seera M/M/Ol’aanaa Godina Harargee Bahaa)
A/Alangaa himatamaa Silashii Gizaaw jedhamu Abba dhimmaa dhimma hariiroo hawaasa isaa
biraa qabu… irraa qarshii 505 (dhibba shanii fi shan) yoo fudhatu harkaa fi harkati waan
qabameef yakka matta’aa fudhachuu raawwateera jechuun himannaa hundessee
M/M/O/G/Harargee Bahaatti saaqeera.M/m kunis LGM-03764 ta’e irrati jecha ragummaa abbaa
dhimmaa fi poolisota erga madaalee booda dhaaddacha 24-9 98 ooleen kew.408(2) gara 408(1)
ti jijjiiruudhan hidhaa waggaa 1 fi qr.1000 adabeera.Qarshiin akka ciraatti qabame miidhamaaf
akka deebi’u ajaja laate galmee cufeera.
Dhimma 2ffaa A/A-KNFM Fedeeraalaa Vs Shumaalam Geetaachoo (A/Seeraa M/M/O/F)
A/Alangaa KNFMF himatamaan kun Qr.7000 (kuma torba) Abbaa dhimmaa irraa yommuu
fudhatu harkaa fi harkatti hojjetoota Koomishiniitin qabameera jechuun yakka malaamaltummaa
matta’aatii himatameera.M/M/O/Fedeeralaa LG.44612 irratti ragaa namaa fi ragaa barruu
(Sanadni Teele Komunikeeshiinii Itoophiyaa irraa ergame Onk.1,bara 1998 hanga Amajjii 18
bara 1998 ti himatamaan Moobaayilii fi Bilbila manaatiin yeroo 14 gara miidhamaa dhuunfaatti
bilbiluuu isaa fi miidhamaan yeroo 45 gara himatamaatti bilbiluu isaa agarsiisuu;hasoofni
himatamaa fi miidhamaa jidduuti taasifame garagalchi isaa siidiidhan waraabamee;himatamaan
qarshii fudhatee deema osoo jiruu hojjetoota koomishiniichaan yommuu qabamu footoon
kaafame dhiyaateera.M/Murtiis ragaa namaa fi ragaalee olitti ibsaman erga madaalee booda kew
408 (1) fi (2) jalatti murtii balleessummaa dabarsuun hidhaa cimaa waggaa 8 fi Qar. 2000 akka
adabamu murtessee jira.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
27
Gama biraatiin, ogeessooni seeraa tokko tokko hojimaatni kun mirga namoota qulqulluu sarbuu
danda’a jechuudhan yaaddoo qaban ni ibsu.Gariin immoo haala kana sababoota adabbii
salphisuu danda’an keessa galchuudhan murtii adabbii yommuu murteessanii galmee murtii
argate tokko tokko irraa ni hubatama.Fakkeenyaaf, galmeen (A/A.KNFMO Vs Abraahaam
Dibbisaa. M/M/O/GO/Adda Adaamaa LG-09974) hojimaata kana ni agarsiisa.Kunis akka itti
aanutti dhiyyatee jira.
Dhimma 3ffaa A/Alangaa KNFMN Oromiyaa himannaa lakk.galmee A.A 6/0023/2003
hundeessee M/M/O/Go/ Adda Aadaamaatti dhihaate irraa akka hubatamutti himatamaan
Abraahaam Dibbisaa jedhamu Waajjira Galiiwwanii Magaalaa Adaamaatti gargaraa Oditaraa
ta’ee osoo hojjetu gaaffii namni…jedhmu gibira gabbaruuf dhiheesse bu’uura godhachuun
ooditti akka taasiisu… ajajamee gibira qarshii 275,000 kaffalaa gibira irrati herregame qarshii
20,000tti gad buusuuf waliigalee gara qrshii 15,390 tti gad buusuun hojjetee qarshii 37,950
hoteela… jedhamu keessatti yommuu fudhatu harkaa fi harkaatti qabamee jira jechuun yakka
malaamaltummaa matta’aa fudhaachuu raawwateen himannaa hundeesse jira.M/murtii kunis
galmee Lakk-09974 ta’ee irratti kw.408(2) gara kw 408(1)ti jijjiiruudhaan kw.408(1) jalatti
murtii balleessuummaa kennee jira.
Murtii adabbii ilaalchisee...M/Murtii kun sababoota akka “… kaffalaan gibiraa himatamaa irraa
komee yoo qabate qaama adda addatti iyyata dhiheeffachuu osoo qabu… himatamaan matta’aa
akka fudhatu haala mijjeessera,hojjiin Poolisii inni guddaan yakka ittisuu ta’ee,Waajjirri
Mootummaa guddaan kun… yakki akka raawwatamu kiyyoo uumuun gochi yoo raawwatamu
harkaaf harkaatti qabeera jechuun,gochi himatamaan raawwate yakka yoo ta’ees,… jechuun
haalawwan adabbii salphisan keessa galchuudhan hidhaa cimaa waggaa tokkoo fi qarshii
3,0000 murteesseera.”
Dhimma kana irratti A/Alangaa Komishinichaa “Lammiin miidhame qaama miidhaa irraan
gahaa jiruun araarame, fedhii isaa guutee,mirgi isaa sarbamee waan jedhame qofa raawwatee
akka jiraatu,seerri jira jedhee mirga isaa seeraan akka hin kabachiifne,namoota yakka
raawwatan kan jajjabeessu waan ta’eef fudhatama hin qabu,hojii ijoon poolisii yakka ittisuun
alatti yakki yommuu raawwatamu harkaa fi harkaatti qabuun,qorannaa taasiisuun seeraaf
dhiheessuu akka ta’e seera irraa ni hubatama kan komachiisu ta’ee akka qabxii adabbii
salphisuutti fudhachuun qaamni kun hamileedhaan ka’ee yakka lammilee irratti aggamaman
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
28
hordofee akka seeraatti hin dhiheesine taasiisa jechuun murtii Mana Murtii jalaa
komachuudhan ol’iyyannoo M/M/W/O/ Dhaddacha Bahaatti dhihessee irraa ni hubatama.”
Akka waliigalaatti yakki malaammaltummaa iccitiidhaan waan raawatamuuf akka laayyootti
qorannaan bira gahuun rakkisaadha.Waan kana ta’eef,namoota yakka kana raawwatan seeratti
dhiheessuun murtii kennisiisuuf biyyoonni seera farra malaammaltummaa keessatti
tumaalee…akka nama yakka malaammaltummaa saaxile ragaa barbaachisaa ta’e kenne
himannaa irraa bilisa gochuu akkasumas faayidaan ykn matta’aa tajaajila karaa seeraatiin
argachuu qabuuf kenne qabeenya dhaalame irraa akka kennamuuf ykn deebi’uuf gochuu
tuman;Ragaan bifa kanaan argamees M/Murtii yoo dhihaate fudhatama akka qabu;ragaan
namni yakkicha irrati hirmaate kennu jecha ragaa kam iyyuu waliin ulfina wal qixaa akka qabu
tumaalee ibsaan yommuu tuman ni mul’ata.Biyyi keenyas seera yakkaa kew 406 fi labsii lakk
434/97 kew.43(5) keessatti tumtee jirti.Haaluma wal fakkaatuun,Konveeshiniin Farra
Malaamaltummaa Mootummoota Gamtoomanii kew.37(3) jalatti dhimma kanaaf beekamtii
kenneera.Qorannaan wal qabatee hojimaata amma ittiin hojjetama jirus ija seeraa fi uumama
yakkichaa waliin wal cinaa qabuun ilaaluun garii ta’a.Heerri RDFI kw 17(1fi2) jalatti akka
tumutti “No one shall be deprived of his or her liberty except on such grounds and in
accordance with such procedure as are established by law…, no person may be subjected to
arbitrary arrest, and no person…against him” namni kamiyyuu haala seeran tumameen alatti
qabamuu akka hin qabne tuma.S/D/F/Yakkas kw.49 jalatti namni tokko seeraan kan
heeyyamamu yoo ta’e malee ajaja M/Murtii ala qabamu akka hin qabne ni tuma.Bu’uura kanaan
seerri kun haala addattiin ajaja mana murtii malee nama yakka raawwate harkaaf harkatti qabuun
akka danda’amu kw.51 jalati ni tuma.Yakkoota malaammaltummaa ilaalchisee adabbii gad-
aanaan waggaa tokkoo ykn waggaa tokko ol waan ta’eef namooni yakka malaammaltummaatiin
shakkaman s/a/f/y kew.51(1-A) jalatti waan kufaniif ajaja M/Murtii malee qabuun akka
danda’amu ifaadha.Adabbiin gad-aanaan gocha matta’aa fudhachuuf tumame hidhaa salphaa
waggaa tokko hin caalledha.Roga kanaan yoo ilaale Poolisiin namoota gocha matta’aa
raawwatan qabuun isaa seera qabeessa jechuun ni danda’ama.
Kallattii yakka malaammaltummaa ittisuutiinis yoo ilaallame hojimanii kun fudhatamaa waan
qabu fakkaata.Haa ta’u malee,wanti gorfamu qaamni seera kabachiisuu namooni qulqulluun akka
hin miidhamne of eggannoo ol-aanaa gochuun hojii irra oolchuu qaba.Gama
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
29
biraatiin,Mootummaan immoo gochi matta’aa kennu yookiin fudhachuu akka hin raawwatamne
yookiin yoo raawwatame haala salphaa ta’een ragaa haala itti argachuun danda’amu sirna
dandeesisu diriirsuu qaba.Fakeenyaaf,Sirni hojimaata mana hojii Mootummaa iftoominaa fi itti
gaafatamummaa akka qabaatu gochuu;sirna galmeessa qabeenyaa diriirsuu fi kkf gocha Matta’aa
ittisuuf furmaata ta’uu danda’a.Mootummaan rakkoo kana waan hubateef malaamaltumma
ittisuuf labsii qabeenyaa galmeessuu fi beeksiisuu lakk.668/2002 labsee yeroo amma ittiin
hojjetamaatti jira.19Kun tarkaanfii nama jajjabeessu waan ta’eef labsicha hojii irra oolchuun
murteessaadha.
B) Faayidaa hin malle fudhachuu fi kennuu (Acceptance of Undue Advantages and
Soliciting of corrupt practices kew.409 fi 427)
Yakki matta’aa raawwatameera kan jedhamu hojjetaan mootummaa wanta raawwachuu hin
qabne raawwachuun faayidaa yoo gaafate ykn fudhate olitti ibsmeera.Hojjetaan mootummaa
seeraa fi qajeelfama osoo hin cabsin hojii hojjetamuu qabu hojjetee hojii hojjeteef faayidaa yoo
fudhate hin gaafatamu jechuudhaa? Tajaajilamaan tajaajila kennameefitti gammade hojjeetaa
mootummaaf kennaa yoo kennee tarkaanfii akkamiitu fudhatama?Gaaffii duraaf kew.409, Kan
lammaataf immoo kew.427(4) deebii ni laatu.Buu’ura kew 409 tiin wanti mirkaneessuu qabnu
hojjetaan mootummaa (1) hojii hojjetamuu qabu hojjetee faayidaa fudhachuu ykn gaafachuu isaa
ykn (2) Hojii hojjetamuu qabu osoo hin hojjetiin dura faayidaa fudhachuu ykn gaafachuu isaa
mirkaneeffachuu qabna.Fakkeenyaaf,Galmee A/A KNFMF lakk.1/5142/2000 irraa akka
hubatamutti namni dhuunfaa tokko Waldaa Aksiyoonaa Liqii fi Qusannaa Addisi jedhamu irraa
qarshii liqeeffachuuf ulaagaa barbaachisu guutee liqii yommuu gaafatu hojjeetaan waldichaa qr
10,000 liqeessuuf qr 1,000 akka kennuuf gaafatee waliigalanii qr.400 kenneefii qr.600 kennuun
dura gabaasa liqeeffataan itti gaafatamtoota waldichaatiif taasiiseen hojjeetichi qr.600 yommuu
fudhatu harkaaf harkaatti waan qabameef A/A koomishinichaa kew 409(1) caqasuun yakka
malaamaltummaa faayidaa hin malle fudhachuutiin hojjeeticha irraatti himannaa hundeesseera.20
Gama biraatiin namni kam iyyuu faayidaa hin malle kennuu isaattiin yakka malaamltummaatiin
kan gaafatmu: (1) Taajajilaa akkaataa seeraattiin kennameef faayidaa yoo kenne ykn dhiheesse
ykn (2) taajajila gara fuula duraaf kennamuuf faayidaa yoo kennee ykn dhiyeesse argame ta’a.
19 Konveenshinii FMMMG kew 37(3) S/y kew 406, Miil-jalee asii olii 6 kew 43irratti kan ibsame fi ,labsii qabeenya beeksiisuu fi galmeesiisuu lakka 668/97Negarit Gazeta 20 LGM/M/O/Federaalaa70222(2002 A.L.I)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
30
Waan kana ta’eef, hojjetaan mootummaa faayidaa isaaf hin mallee gaafachuun ykn fudhachuun
isaa yoo mirkaanaa’ee ykn tajaajilamaan faayidaa hin malle dhiyyeessuun ykn kennuun isaa yoo
mirkanaa’ee fi tajaajilamaan hojjeetaa mootummaa irraa taajajilli barbaadu jiraachuun yoo
beekame ykn hojjetaa mootummaa irraa tajaajilaa argachuun isaa yoo beekame gochi yakkichaa
akka raawwatameeti ilaalama.Himatamtoonni faayidaa kenname sababa amansiisadhaan yoo
mirkaanneessuu baatan kutaan yaada akka mirkaanna’eti ilaalama.
C) Aangoodhaan Daldaluu (Traffic in Official lnfluence kew.414)
Hojjetaan mootummaa tokko dhimma tokko irratti ofiif kan murteessu ta’u baatus aangoo dahoo
godhachuudhaan faayidaa isaaf hin malle argachuuf itti fayyadamu ni danda’a. “An isiinifan
raawwachiisa” jechuun aangoo baadhaadhina dhuunfaa isaaf itti fayyadamuu ni danda’a.Gochi
akkanaa yakka akka ta’e kew.414 ni tuma.Bu’uura keewwata kanaan qabxiileen mirkanneessuun
barbaachiisaa ta’an jiru.Kanneen keessaa hojjetaan mootummaa:
1) Dhagahama kan qabu ta’uu isaa ykn namni kennaa kenneef sun yoo xiqqaate hojjetichi
dhagahama qaba jedhee amanuu isaa,
2) Faayidaa nan argamsiisa jedhee kennaa fudhachuu ykn gaafachuu isaa mirkaaneessuun
barbaachisaadha.
Gama biraatiin,dhagahama dhuunfaatiin daldaluun ( traffic in private influence) kew.431 kan
nama gaafachiisu ta’uu ni hubatama.Kunis aangoodhaan daldaluu waliin kan wal faakkatu yoo
ta’u adda addumman isaanii,kan duraa himatamaan hojjetaa mootummaa yoo ta’u,kan lamataa
hojjetaa mootummaa hin ilaallatu.
D) Aangoo Hin Qabneen Hojjechuu (Use Of Pretended Authority,Kew.430)
Seerri yakkaa kew.430 akka ibsutti yakka kana hundeessuuf himatamaan:
1) Hojii mootummaa irraa ari’ame,aangoo dhiisuu fi kkf osoo jiruu hojii irra akka jiru
fakkeessuu isaa ykn
2) Gara fuula duraatti hojjetaa mootummaa ta’a jedhee amanuun ykn hojjetaa mootummaa
fakkaatee dhihaachuun faayidaa gaafachuu ykn fudhachuu isaa mirkaaneessuun
barbaachisadha.
E) Yakka Malaammaltummaa Jaarsoolii Araaraatii fi namoota birootiin
Raawwatamu (Corruption Committed by Arbitrators and Other Persons kew.410)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
31
Namoonni hojjeeta mootummaa osoo hin ta’in hojii jaarsummaa hojjetaan hojii hojjetan waliin
wal qabatee matta’aa fi faayidaa hin mallee fudhatanii yoo argaman yakka malaammaltummaan
gaafatamuu akka danda’an fi adabbii seera yakkaa kew.408 fi 409 jalatti tumameen adabamu
akka danda’an kew.410 ni tuma.Namoota kanaan wal qabatee namoon kun hojjetoota
mootummaa osoo hin ta’in ykn hojjetaa mootummaaf maatta’aa ykn faayidaa hin mallee osoo
hin kennin gochi isaanii maaliif akka yakka malaammaltummaati ilaalama? Gaaffii jedhu ka’uu
danda’a.Akkuma beekamu hojiin jaarsummaa ykn hojiin qabeenya bulchuu fi kkf hojii abbaa
seerummaa bakka bu’uun yookiin mana murtiin bakka buufamee hojii hojjetamudha.Waan kana
ta’eef hojjiin kun akka hojii mootummaa ykn uummatatti ilaalama.Gama biraatiin,hiiktuun
afaanii ykn turjumaani mana murtiiti dhaabbatee kan afaan hiiku fi murtiin sirnaan akka
kennamu ykn akka jallatu gochuu danda’a.Waan Kana ta’eef, matta’aa fudhachuudhan hiika
qajeelaa hin taane yoo kenne yakka tajaajajila mootummaa irratti akka raawwateetti lakka’ama
jechuudha.Namni ragaa ogummaa ykn ekspartii kennus haaluma wal fakkaatuun murtii mana
murtii jijjiiruu ykn sirnaan akka kennamu gochuu danda’a. Waan ta’eef yakki qaamoolee kanaan
raawwatamu yakka hojii mootummaa irratti raawwatamu ta’a.Sababoota armaan oliti
ilaalamaniin gochichi faayidaa hin malle argachuun tajaajila mootummaa ykn uummataa irratti
yakka raawwatamu waan ta’eef yakka malaammaltummaa keessaati akka hammatamu
ta’eera.Seera yakkaa keenya haala kanaan yoo hiiku fakkeenyaaf Biyyooni akka Hindii immoo
seera farra malaammaltummaa “Prevention Of Corruption Act 1988 Act” jedhamu keessaatti
kaayyoo yakka malaammaltummatiif jecha daangaa hiika hojjetaa mootummaa “public servant”
jedhu bal’isuun namoota hojii araaraa fi namoota biroo akka hammatu ibsiitee jirti.Seerri Farra
malaammaltumma Biyya Hindii kunis akka itti aanutti duubbifama.
“Any person authorized by a court of justice to perform any duty in connection with
the administration of justice would be a public servant, eg.liquidetor, a reciever or
commissioner appointed by the court.If a Court or a Competent public authority refers
any cause or matters for decision or report to any arbitrator other person that
arbitrator other person would be a public servant.”21 Jechuun hiiku.Waan kana ta’eef,
namoonni kun yakka malaammaltummaa kan rawwatan yoo ta’e gafaatamuu danda’u
jechuudha.
21 Anti-corruption strategies: Global and Indian socio-legal perspectives by G. Kameswari first Edition (2006) (fuula-109)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
32
F) Dhimma Lafa Irra Harkisuu (Undue Delay of Matters kew.416)
Hojjetaan mootummaa yeroo baayy’ee maatta’aa ykn faayidaa hin malle barbaadu mattaa’aa
Kan gaafatu fuulaa fi fuulaan osoo hin taane dhimma lafarra harkisuun.Tajaajilaman dhimmi
jalaa kan turu yoo ta’e, tajaajilicha argachuuf jecha kennaa laachuuf ni dirqama.Seerrichi
gochi kun yakka ta’uu isaa ifaati tumeera.Seerri yakkaa keenyaa hojjetaa gocha kana
raawwate akka itti gaafatamu akka armaan gadiitti tumeera.Hojjetaan mootummaa:
1. Itti gaafatamummaa isaa irraa kan ka’e dhimma isaaf dhihaate murteessuu dhisuu ykn
tursiisuu isaa;
2. Dhimmicha murteessuu dhabuun ykn tursiisuun isaa seera ykn dambii hojii ykn
hojmaata barame ala ta’uu,
3. Kana gochuu isaaf sababa gahaa kan hin qabne ykn hin dhiyeesine yoo ta’e itti
gaafatama.Fakkeenyaf, hayyama hojii tokko kennuuf yeroon ni fudhata jedhame
daangeefamee ta’e jira.Haa ta’u malee, hayyamni yeroo kaa’ame keessati hin
raawwatamne.Hojjetaan mootummaa dhimmicha murteessuuf aangoon kennameef
hayyamichi yeroo kaa’ame keessaatti kennamu dhabuu isaa sababa gahaa dhiheessuu yoo
baate itti gafatamu danda’a.
2.2. Aangootti Seeraan alaa Faayyadamuu Fi Waliti Bu’iinsa Faayidaa Dhuunfaa (kew.
407,411,418)
Hanga ammaatti yakki malaammaltummaa faayidaa fudhachuu waliin kan walqabatu ta’uu,
yakki raawwatame kan jedhamu yakkamaan faayidaa hin malle ykn qabeenya yoo gaafate ykn
argate ta’uu ibsameera.Yeroo tokko tokko hojjetaan mootummaa faayidaa hin malle argachuu
isaa mirkaneessun rakkisuu danda’a.Faayidaa hin malle argachuun isaa mirkana’uu baatus
hojjetaan mootummaa gocha hin malle raawwachuu isaa beekuun ni danda’ama.Hojjetaa
mootummaa gocha hin malle raawwate itti gaafatamaa?dhimma kana ilaalchisee mata duree itti
aanaan jalati tumaleewwan Aangooti seeraan ala fayyadamuu;hojii mootummaa haala hin
taaneen gaggeessuu (Mal-adminstration);hayyama haala hin taanen kennuu fi mirkaneessuu fi
ijjennoowwan naannoo kanatti calaqisaan kan ilaallu ta’a.
A) Aangooti Seeraan Ala Fayyadamuu (Abuse Of Power.Kew 407)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
33
Seera yakkaa kew.407 irraa akka hubatamutti yakki aangoo kennameen olitti fayyadamuu bifa
sadiin (3) raawwatamu danda’a.
(1) Hojjeetan mootummaa aangoo kennameefiin wanta raawwachuu qabu raawwachuu dhiisuun
ykn kan seerri dhorku immoo raawwachuuf aangoo kennameefiin olitti fayyadamuudha
danda’a (Misuses his official position or the power proper to his office, whether by a positive
act or by a culpable omission Art 407-1-A).Tumaa kana irraa kan hubatamu hojjetaan
mootummaa yakka aangootti seera ala fayadamuu raawwatee jira jechuudhaaf aangoo
seeraan kennameefiti fayyadamuudhaan gocha seerri akka raawwatu ajaju raawwachuu ykn
kan seerri dhorku immoo raawwachuun isaa mirkannaa’u akka qabu akkasumas gochichi
raawwatame kun aangootti karaa seera ala ta’een fayyadamuudhan kan raawwatame ta’uu
mirkanaa’u qaba.
Hojjetaan mootummaa tokko aangoo kennameefiin gocha raawwachuu hin qabne ykn
raawwachuu kan qabu hin raawwanne (commission or omission) jechuudhaaf:
a) Qajeelfamoonni ykn sirnoonni hojii ifatti addan bahanii tarreeffamanii ka’amu
qabu.Gochi qajeelfama ykn sirna hoj-maata cabsuudhan raawwatamuu yakka aangooti
seeraan ala fayyadamuu ta’uu danda’a.Waan kana ta’eef, Aangooti seeraan ala
fayyadamuu haala salphaa ta’een mirkaneessuuf sirnoonni hoj-maata ifatti addan
baafamanii taa’u qabu.
b) Aangooti seeraan ala fayyadamuun raawwatameera Kan jedhamu qajeelfamatni fi hoj-
maatni yoo cabe qofaa? Seerri kam iyyuu yommuu tumamu kaayyoo fi galma tumameef
qaba.Kaayyoo fi galma kaa’ameen ala aangooti fayyadamuun aangooti seeraan ala
fayyadamuu jedhamu danda’a.Fakkeenyaaf,hogganaan tokko hojiidhaaf hojjetaa jijjiruu
danda’a.Haa ta’u malee,hojiif osoo hin barbaachifne hojjetaa cimaa bakka irratti
ramadamee irraa jijjiiree mattaa’a nyaachuuf nama isaa gargaaru jijjiiran yoo fudhate
aangoo jijjiira haala hin malleen itti fayyadameera jechuun ni danda’ama.Aangoo
kaayyoo fi galma kaa’ameef ala fayyadamuu mirkaneessuun yoo danda’ame yakka
aangoo kennameen olitti fayyadamuu raawwatameera jechuun ni danda’ama.
Yakki aangoo seeraan ala fayyadamuu gocha seerri akka raawwatamu ajaju raawwachuu
dhiisuun raawwatamu ni danda’a.Fakkeenyaaf, Ashuuraa sassaabamuu qabu ashuuruu ykn
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
34
sassaabuu dhiisuu, hayyama ulaagaa seerri kaa’u hin gunnee haquun osoo irra jiruu haquu
dhiisuu akka gocha seerri akka raawwatamu raawwachuu dhiisuutu fudhatamuu ni danda’ama.
(2) Hojjetan mootummaa aangoo kennameen ala hojjechuu ( exceeds the power with which he is
officially invested,(kw.404-1-B) akka danda’u tuma kana irraa in
hubatama.Fakkeenyaaf,hojjetaan mootummaa hayyama hojii mirkanneessuuf aangoo osoo
hin qabaane mirkaneesse yoo kenne aangoo kennameen ala hojjeteera jechuun ni
danda’ama.Hojjetaan mootummaa hanga ashuuraa ashuuramu ilaalchisee aangoo yaada
kennuu qofa qabu murtii isaatiin ashuura murteessee yoo kaffalchise aangoo kennameef irra
darbee hojjeteera jechuun ni danda’ama.Dhimma kana qabatama gochuudhaaf himannaa
A/Alangaa KNFMN Oromiyaa himatamtoota Gabayyoo Diribaa fa’a N.7 irratti dhiheessee
ilaaluun gaarii ta’a.Himatamtoonni kun Kaabnee Aanaa Boora ta’anii yommuu hojjetan seera
yakkaa kw.32(1-A) fi 407 (1-B) Itti Gaafatamaa Waajjira Haqaa Aanaa Booraa….labsii
lakk.6/86 fi Dambii Ittiin Bulmaataa Abbootii Alangaa lakk 31/95 kw cabsuudhan qaboo
yaa’ii qabachuun itti gaafatamummaa A/Alangaa fi miseensa kaabinee irraa akka dhabbatu
waan godhaniif yakka malaammaltummaa aangoon gar-malee fayadamuudhaan mirga
A/Alangichaa fi uummata tajaajilamaa waajjira irratti miidhaa geessisaniiru jechuun
himannaa dhiheesse waan of irraa hin ittifneef M/M/O/G/Sh/Bahaa hidhaa waggaa tokko
tokkoon tokkoon isaanitti murtessee jira.Himatamtoonni kun murtii kana komachuudhaan
ol’iyyannoo M//M/W/ Oromiyaa Dhaddacha Bahaatti fudhataniin M/Murtii kun dhaddachaa
27-04-2002 ooleen LG.92018 irratti murtii baleessummaa cimsuudhaan Murtii adabbii
hidhaa waggaa tokko daangaa waggaa lamaan irraa daangeesse jira.22
(3) Hojjetaan mootummaa aangoo hin qabneen hojjechuu (Performs official acts when he is not
or is no longer,qualified to do so, especially in the case or in consequence of incompetence,
suspension, transfer,removal from office or its cessation,kew.407-1-C) yakka aangoo seeraan
kenname olitti fayyadamuu akka ta’e tumaan kun ni ibsa.Safartuun tumaa kana jalatti
ilaalame tarreeffame dhihaatu illee gochi raawwwatamu yakka aangoo hin qabneen
hojjechuu waan ta’uuf kew.407-1-B jalatti hammatamuu ni danda’a.Haa ta’u malee Kew
407-1-C hojjetaan mootummaa duraan aangoo qabaatus sababa ta’e tokkoon aangoo isaa
erga dhiisee booda aangoo duraan qabuun amma garuu aangoo hin qabneen hojjetee ykn
fayyadamee argamuu irratti xiyyeeffata.
22 A/Alangaa KNFMNO Vs Gabayyoo Dirribaa fa’a N.7 LG.MMWO.92018(2002)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
35
Akka waliigalaatti hojjetaan mootummaa haala kutaan yaadaa “…faayidaa hin malle argachuuf
yookiin nama 3ffaa miidhuu…”jedhu jiraachuuf fi jiraachuu dhabuu isaa mirkaneessuuf dirqama
qaba.Abbaan Alangaa garuu qabxii kana ilaalchisee ragaa dhiheessuuf dirqama hin qabu.Haa
ta’u malee, kutaan yaadaa kun jiraachuu isaa tilamaamuuf aangooti haala hin malleen
fayyadamuu ykn aangoo kennameefiin olitti hojjechuun isaa fi gocha inni raawwateen inni ykn
garee 3ffaan faayidaa hin malle argachuu ykn faayidaa fi mirga nama biroo irratti miidhaan
qaqqabuu isaa waliin mirkanaa’uu qabuu? Yookiin kutaan yaadaa aangootti haala hin malleen
fayyadamuun ykn aangoo kennameefiin olitti hojjechuu jedhu qofa mirkanneessuun gahaa dhaa?
kan jedhu ilaaluun garii ta’a.23 Keewwaticha irraa akka hubatamuti “faayidaa hin malle
argamsiisuuf ykn miidhuuf yaadee…”aangoon seeraaan ala ykn haala hin malleen yoo
fayyadame jedha malee,gocha kanaan namni fayadame ykn miidhame jiraachuu isaa
mirkaaneessuun dirqama akka ta’e hin tumu.Haa ta’u malee,himatamaan “…gocha kiyyaan
gareen haala hin malleen fayyadame ykn miidhame hin jiru,kana waan ta’eef, nama tokko
fayyaduuf ykn miidhuuf yaaddee jirta jedhamee tilamamni jedhu ana irratti fudhatamuu hin
qabu…”falmii jedhu osoo dhiheesse deebiin ta’uu qabu maal ta’a? Dhimma kana ilaalchisee
filannoo hiikkoo lamatu jira.Filannoo tokkoffaan, “ … ilaalamuu kan qabu aangooti haala hin
malleen fayyadamuun mirkaanneessu qofa malee,gocha kanaan kan faayyadame ykn miidhame
agarsiisuun barbaachisaa miti” kan jedhuudha.Haa ta’u malee,gocha himatamaatiin namni
fayyadame ykn miidhame jiraachuu isaa ragaan mirkaneessu bakka hin jireti gochicha kan
raawwate faayidaa ofiif argachuuf ykn nama biraaf faayidaa hin malle argamsiisuuf yaadee ykn
nama biraa miidhuuf yaadeeti jedhamee tilmaamuun sababa-qabeessa miti jedhamee falmamuu
danda’a.Hojjetaan mootummaa hojii yommuu hojjetu dogoggora uummuu qofaan himatamuun
mana murtiiti himatamee tarkaanfiin haqa-qabeessa hin taane akka irrati fudhatamu qaawwa
bana;sababa kanaan hojjetaan mootummaa hojii hojjechuu dhiisuudhaan itti gaafatamumma irra
akka baqqatu taasisa jechuudhaan gareen falmu ni jira.
Gama biraattiin, kaayyoon seera yakka namoota ta’e jedhanii faayidaa hin malle argachuuf ykn
nama miidhuuf aangoo isaanii seera ala fayyadaman adabuuf malee namoota adeemsa hojii
keessati dogoggora uuman adabuuf akka hin taane akkasumas seerrichi gochi aangootti seera ala
fayyadamu dagannoo balleessaa ta’een raawwatamu yakka malaammaltummaa akka hin taane
23 Miil- jalee 9 fuula 63irratti ibsa taasifame
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
36
kaa’un isaa yoo ilaale falmii Kun sababa-qabeessa fakkaata.Hiikkoo kana kan hordoofnu yoo
ta’e Malaammalaan yakka malaammaltummaa jalaa bahuu danda’a.Aangootti seera ala
fayyadamuun isaa yoo mirkaannaa’us, gocha isaa kanaan namni faayidaa hin malle argate yoo
hin jiraanne ykn namni miidhame yoo hin jiraane namni kun mana sirreessaa galuu dhabuu
isaatiin hawaasni ni miidhama jechuun nama rakkisa.Kana jechuun itti gaafatmummaa
bulchiinsaa irraa bilisa ta’a jechuu miti.Qajeelfamni bulchiinsaa ulaagaa addaa ka’uu danda’a.
Gama biraatiin, Abbaan Alangaa hojjetaan mootummaa gochicha yommuu raawwaatu nama
tokko fayyaduuf ykn miidhuuf yaadee kan raawwate ta’uu kutaa yaadaa ragaa kallatiin
mirkaneessuu yoo danda’e, fakkeenyaaf, wal-qunnamtii barreeffamaan ykn bilbilaan taasise yoo
argame gochicha kan raawwate faayida hin malle argachuuf ykn nama miidhuuf yaaduu isaa
agarsiisuu waan danda’uuf yakka aangoo seeraa ala fayyadamuutiin nama tokko fayyaduun ykn
miidhuu isaa mirkaneessuun barbaachisaa hin ta’u.
Hiika yookiin filannoo lammaffaa, kan hordofinu yoo ta’e, waa’ee faayidaa hin mallee ykn
miidhaa hanga ta’e tokko ilaaluun barbaachisaadha.Faayidaa hin malle jechuun maal jechuu
akka ta’e olitti ibsameera.Kanaaf ibsa sana duubati deebinee ilaaluun qofti gahaadha.Gama
biraattiin “… mirga ykn faayidaa namoota irraatti miidhaa qaqqabsiisuu…” jechuun maal
jechuudha? hima kana keessatti yaad-rimeewwan ibsamuu qaban jiru.
1) Nama biraa jechuun namoota nama gocha raawwateen ala jiraniidha.Sababni isaas namni
tokko ofi irrati miidhaa ni qaqqabsiisa jedhamee waan hin tilmamamneefidha.Of-
miidhuudhaaf jedhee gochicha kan raawwate yoo ta’e itti gaafatamummaa hin qabu
jechuudha.Nama kan jedhu dhaabbata qaamni namuummaa seeraan kennameef ni
hammata.Mootummaanis qaama namummaa seeraan kennameef keessaa tokko waan
ta’eef mootummaa irrati miidhaa geesisuun tumaa kana keessati hammatama.24
2) Mirga kan jedhu mirga namummaa ykn dimookiraasummaa ta’uu danda’a.Dabalatan
namoota lama ykn garee kana ol ta’ani gidduuti waliigaltee taasifamuun mirgi uumamu
ni jira.Mana hojii mootummaatti hojjetaa ykn itti gaafatamaa ta’uun qofa mirgoonni
argaman jiru.Mirga yoo jennu mirgoota kanneen haala hammatuun hiikkamuu qaba.25
3) Faayidaa kan jedhu seera yakkaa keessatti hiikameeti argama.Hiikni jecha faayida kew
407 keessaatti ibsame akaakuwwan faayidaa aangooti seera ala fayyadamu tarreessuuf
24 Miil-jalee asii olii 11, fuula 64-65irratti kan ibsame 25Miil-jalee asii olii 11, fuula 64 irrati kan ibsame
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
37
jedhameeti kaa’ame ibsa malee isaa seera yakkaan hiikame hin hammatu.Faayidaa
baal’ifamee yoo ilaalamu faayidaa seera yakkatiin hiikame dabalatee faayidaa seeraan
hayyamames fudhachuun sababa qabeessa fakkaata26
4) Miidhaa jechuun mirgootaa fi fayidaawwan olitti ibsaman irraati miidhaa qaqqabu
jechuudha.Miidhaan mirgaatti akka hin fayyadamne gochuu, mirga sarbuu ykn faayidaa
irrati miidhaa maallaqan tilmamamu danda’u ta’u danda’a.27
Himatamaan yakkan gaafatamu kan danda’u faayidaa hin malle ykn miidhaa geesise ni beeka
jedhameetii? Yookiin faayidaan fi miidhaa himatamaan tilmaamuu danda’u ala jiran ni
dabalataa? “…Kutaan yaadaa jiraachuu isaa kan tilmaamamu faayidaan hin malle argamuu ykn
miidhaam qaqqabuu yoo mirkaanna’edha…” hiika jedhu yoo fudhaanne himatamaan hojii
yommuu hojjetu faayidaan hin malle fi miidhaan gocha isaatiin qaqqabuu kan danda’u ta’uu
beekuu ykn tilmaamuu akka danda’u mirkaneessuu qabna.Kana maaliin mirkaneessun
danda’ama? falaasama seeraatiin akkuma beekamu gaaffiiwwan akkanaa furmaataa kan argatan
safartuu yaada nama dhama-qabeessaa ta’een ta’a.Waan kana ta’eef, namni dhama-qabeessi
tokko gochichi yommuu raawwatamu,sababa kanaan faayidaan hin malle ykn miidhaan
qaqqabee akka qaqqabu beekuu hin danda’u jechisiisuu danda’uu qaba.Faayidaa hin malle fi
miidhaan gochichaan qaqqabe yaada nama dhama-qabeessatiin beekamuu ykn tilmaamamuu kan
hin dandeenyee yoo ta’e,kutaan yaadaa mirkana’eera jechuun rogummaa hin qabu.Miidhaan
qaqqabuu mirkanaa’u qabaa? Miidhaan qaqqabuuf yommuu jedhu sababa gocha alaatiin kan
hafe (addaan cite) yoo ta’e, itti gaafatamummaa irraa bilisa ta’aa? Miidhaan qaqqabuu danda’u
himatamadhaan tilmaamamu kan dada’amu hanga ta’eeti, sababa gocha himatamaan ala ta’een
miidhaan qaqqabuu dhiisuun himatamaa itti gafaatamummaa jalaa bilisa baasuu hin qabu.Gama
biraattiin,miidhaan amma qaqqabuu baatus gocha isaan gara fuula duraati qaqqabuu Kan danda’u
fi miidhaan Kun akka qaqqabu himtamaan akka beekuu ykn beekuun irra jiru mirkaneessuun yoo
danda’ame, dirqama mirkaanneessuu gara himatamaatti ceesisuun sirri fakkaata.
Akka waliigalaatti, hojjetaan mootummaa tokko kan adabamu dogoggora hojii waliin
walqabatuun osoo hin taane faayidaa hin malle argamsiisuuf ykn Nama biraa miidhuuf jedhee
aangoo isaati seera ala yoo fayyadameedha.Waan kana ta’eef, tumaaleen keewwaticha jalatti
tumaman yommuu hiikkaman yaada buu’uura kana haala ilaalcha keessa galcheen ta’uu qabu.
26 Miil-jalee asii olii 22ilaallata 27 Miil-jalee asii olii 22ilallata
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
38
Qabxiin biraa mata duree aangootti seera ala fayyadamu jedhu jalatti ilaalamuu qabu namooni
bu’aa yakka aangootti seera ala fayyadamuu jedhu irraa fayyadamoo ta’an yakkan gaafachuun
ni danda’amaa moo hin danda’amu kan jedhu ilaaluun barbaachisaa ta’a.Hojjetaan
mootummaa tokko aangoo isaa haala hin malleen fayyadamuun ofiif ykn nama biraaf faayyidaa
argamsiisuu ni danda’a.Seeraa fi qajeelfama faayinaansii cabsuun dhiheessa tokko waliin
waliigaltee yoo raawwate,dhiyyeessan faayidaa argachuu hin malle ni argata.Dhiheessan
faayidaa hin malle argate faayidaa isaaf hin malle argachuu isaaf itti gaafatamuu qabaa?
fakkeenyaaf,dhiheessan haala hin taaneen waada seene waliigalticha argachuu kan danda’e
Abbootii Taayitaa Mootummaatiif matta’aa kenne ta’uu danda’a.Matta’aa kennuun isaa yoo
mirkanna’ee ni gaafatama.Haa ta’uu malee, kan beekamu faayidaa hin malle argachuu isaa
malee matta’aa kennuun beekamuu dhiisuu danda’a.Bu’uura Seeraa yakkaattiin gocha yakka
raawwatamee kan gaafatamu gocha yakkichaa guutumaan guututi yaadaa fi gochaan kan
raawwate qofa miti.Namoonni raawwii gocha yakkaa keessati kallatiidhaan hirmaachuu baatanis
haalli gocha yakkaattiin itti gaafataman kan jiru ta’uu seera yakkaa kew.32(1)(B) irraa ni
hubatama.Kana jechuun gocha yakkichaa ofii isaaf raawwachu baatus yaada dhiheessuu,
karoorsuu fi qajeelchuudhaan bu’aa yakkicha irratti guutumaan guutuutti hirmaachuu
mirkaanneessuun yoo danda’ame akka raawwata muummeeti gaafatamu ni danda’a.Hojjeeta
mootummaa ta’uu baatus raawwii yakkaa irratti guutumaan guututti hirmaachuu isaa ragaan
mirkaaneessu yoo dhihaate itti gaafatama jechuudha.Fakkeenyaf, kaffalaan gibiraa tokko
hojjeetaan mootummaa gibira hir’iseef akka murteessuuf sanadoota sobaa dhiheesuuf waliigaluu
isaa ragaan mirkaneessuu yoo dhihaate kaffalaan gibira himatamaa muummee jedhamee ni
himatama jechuudha.
Gama biraatiin, seera yakka Kew.33 “bu’aa yakki fidu irratti guutumaan guututti hirmaachuun”
yakkaan akka Nama gaafachisuu ibsa.Namni hojjetaa mootummaa hin taane tokko faayidaa hin
malle argachuun isaa hirmaataa bu’aa yakkaa ta’uu waan mirkaaneessuf gocha yakka irratti
hirmaateera jechuun murteessuun ni danda’amaa? Fakkeenyaaf, meeshaan bitamee biyyaa
keessa gale tokko osoo hin ashuuramin ykn ashuraan kaffalamuu qabu gad kaffalamee yoo galu
abbaan qabeenyichaa gochicha irratti hirmannaa qabachuu isaa wanti mirkanneessuu hin
dhihaanne jechuun sababa-qabeessaa? Dorgommii caalbaasii irratti namni sadarkaa 5ffaa irra
ture osoo moo’atee isaa fi hojjetaa mootummaa jidduu waliigalteen jira jechuun tilmaamuun
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
39
sababa-qabeessa hin ta’uu? Faayidaa hin malle argachuu isaa qofti gocha yakka keessatti
hirmaateera jechuun murteessuu fi garee 3ffaa itti gaafatamaa taasisuun haqa-qabeessa miti mirga
namooma lammilee sarbuu ta’a falmiin jedhuu dhihaachuu danda’a.Hirmannaa himatamaa bakka
ragaadhaan agarsiisuun hin dandaa’amneetti faayyadamaa bu’aa yakka waan ta’eef qofa
yakkamaa tasisuun haqa-qabeessa miti jedhamuu danda’a.Haa ta’u malee, hirmannaan gareen
3ffaan yakka keessati godhe ragaadhan osoo hin mirkana’iin faayidaa hin malle argameera
jechuun qofaan itti gaafatamaa taasisuun roga-qabeessumma hin qabu falmii jedhuuf seera yakka
ke.686 ilaaluun barbachisaa ta’a.Kewwata kana irraa kan hubatamu namni tokko gocha yakka
irratti hirmaachuu baatus qabeenya bu’aa gocha yakkaa ta’e bittuun,fudhachuun isaa qofaan
yakkaan kan gaafachiisu ta’u isaati.Sababni ijoon gocha yakka taasise bu’aa yakka ta’uu osoo
beekuu qabeenyicha fudhachuu isaati.Gabaabumatti wanta bu’aa yakka ta’e kam iyyuu
fudhachuu hin qabu jechuudha.Aangootti seeraan ala fayyadamuun yakka.Yakka kana
raawwachuun faayyidaa hin malle argachuun fayyadama bu’aa yakka ta’uudha.Waan kana
ta’eef, yakki raawwatamuu isaa osoo beekuu bu’aa yakkati fayyadamuun ana maaltu nadhibe
jechuun falmii nama deemsisu miti.Waan kana ta’eef,yakka aangooti seeraan ala (haala hin
malleen) fayyadamuu raawwachuu isaa mirkaneessuun yoo danda’ame;yakki aangootti seeraan
ala fayyadamuu raawwatamu kan beeku ykn beekuun kan irraa eeggamu ta’uu mirkanneessuun
yoo danda’ame waan bu’aa yakka ta’ee fudhachuu isaa mirkaneessuun yakkicha irratti
hirmaateera jechuun murteera gahuun rogummaa waan qabu fakkaata.Kana ta’uu yoo baate
namoonni yakka raawwatani seera jalaa akka bahan karaa banuu ta’a.
Yakki aangootti seeraan ala fayyaadamuu haalonni cimsaan seera yakkaa kew.407 kew.xiqqaa 2
fi 3 jalati tarreeffamaniiru.Isaanis: Sadarkaa aangoo, faayidaa yakkichaan argame ykn miidhaa
mootummaa ykn uummata irrati qaqqabe,kaayyoo yakkichaa fa’a.Qajeelfamni adabbii
lakk1/2002 ulaagalee kana giddu-galeessa godhachuun yakka aangooti seeraan ala fayyadamuuf
sadarkaa baaseera.Hiikni ulaagaalee kanneeniis kewwata 8 jalatati ibsameera.Bu’uura tumaa
kanaan aangoo ol’aanaa jechuun aangoo Abbootiin Taayitaa Labsii KNFM Federaalaa 433/97
kew.2(5) keessatti ibsaman jechuudha.Aangoo giddu galeessa jechuun kanneen kew5(2)
keessatti hin hammatamne itti gaaftamtoota murtii murteessuu danda’an;itti gaafatamtoota
Qajeelchaa,Abbootii Adeemsaa,Itti gaafatamtootaa Godinaa,Aanaa,Itti gaafatamtoota qajeelcha
Godinaa fi Aanaa fi kanneen waliin warreen aangoo wal-fakkaataa qaban yoo ta’an kanneen
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
40
aangoo gad-aanaa jalatti hammataman immoo kanneen warreen aangoo gidduu galeessa jalatti
hin hammatamne aangoo hojjeettoota mootummaa gita hojii gad-aanaa irratti argaman hammata.
Gama biraatiin,Qajeelfamichi miidhaa qaqqabu ykn faayidaa argamu miidhaa ol’aanaa,giddu-
galeessaa fi gad-aanaa jechuun bakka saditti qoodeera.Gocha yakkichatiin maallaqni argame ykn
miidhaan qaqabe Qr.100,000(kuma dhibbaa) ol yoo ta’e faayidaa ykn miidhaa ol’aanaa akka
ta’e,Qr.10,000-100,000 yoo ta’ee immoo gidduu galeessaa akka ta’ee akkasumas faayidaan
argame ykn miidhaan qaqabe hanga Qr,10,000 yoo ta’e faayidaa ykn miidhaa gad-aanaa jedhama
jechuun hiika.Kaayoo yakkichi raawwatamuufis hiika laatera.Kaayyoo cimaa jechuun jaalala
maallaqaa,haloo bahuu( nama biroo miidhuuf yaaduu qofaan) maal na dhibeen,oftuulummaan,
balleessaa biraa dhooksuu fi sababoota kana fakkaatan kan hammatu jechuun hiika.
Gaaffii Marii
A/Alangaa Go/Shawaa Bahaa Kew.32 1A fi 407(1-A) caqasuun Obboo Baqqalaa Badhaanee fa’a
N-6 furtuu mana namaa cabsuun qabeenya tilmamaan Qr.10,000tti tilmaamamu seeraan ala
mana keessa baasuun mannicha nama biraatiif kenanii jiru jechuun yakka malaammaltummaa
aangootii seeraan ala fayadamuutiin M/O/Go/Sh/Bahaati himannaa dhiyeesseera.M/M kunis
LG16729 ta’e irrati ragaa A/Alangaa dhagahee akka ofirra ittisan ajaje himatamtoonis murtii
m/murtii hawwasumma murteesse akka ragaa ittisaati dhiheeffataniru.M/Murtii kunis Falmii
bitaa fi mirgaa erga dhagahee booda “…labsii lakk.65/95 kew 13 caqasuudhan dhimma mana
gandaa murteessuu ilaalchisee labsiin kun aangoon gandaaf kennu hin jiru,manni murtii
hawasummaa aangoo malee murtii kenne.Himatamtooni ajaja M/Murtiitiin raawwanne aangoo
keenya fayyadamnee miti jechuun ragaan dhiheeffatan seeraan fudhatama kan qabu miti
jechuun keewwata ittiin himataman jalatti murtii balleesummaa dabarsuun tokkon tokkon isaanii
hidhaa waggaa 1(tokko) itti murteesseera…”
a) Murtii Manni Murtii Hawaasummaa murteessee raawwachisuun aangootti
seera ala fayyadamuudhaa? Kallattii miira kw.407 (1) fi seeroota biroo
rogummaa qabaniin murtiin M/M/G/Sh/Bahaa laate akkamitti ilaalatu? Ajaja
kana kan laate qaama raawwachiiftuu osoo ta’ee hoo aangootti seera ala
fayyadamanii jiru jechuun ni danda’aamaa?
B) Hayyama Haala Hin Taanen Kennuu Fi Mirkaneessuu (Kew.418 )
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
41
Hayyama haala hin taaneen kennuu fi mirkaneessuun tumaa angooti seeraan ala fayyadamuu
jedhu jalatti kan hammatamu yoo ta’u, akka yakka malaammaltummaatti lakka’amee kew 418
jalatti tumameera.Hojjetaan Mootummaa itti yaaduudhaan nama gahuumsa hin qabneef ykn
seeraan nama kennamuufi hin qabneef hayyama hojii ykn daldalaa kenne ykn mirkanessee ykn
iddoo wanti tokko itti hojjetamu haala hin taaneen yoo hayyame kan adabamu ta’uu
keewwaticha irraa ni hubatama.Tumaa kana keessatti gaalee “nama seeraan kennamuufii hin
qabne ykn gahaa hin taaneef” ni arganna.Gaaleen kun Hayyama hojii kennuuf ulaagaa seerri
hojichi ilaallatu lafa kaa’u waliin waan wal-qabatu fakkaata.Fakkeenyaaf,seerooni tokko tokko
hayyama tokko nama ta’e tokkoof kennuuf ulaagawwan akka sadarkaa Barnoota,Umurii,haala
fayyaa,qabeenya ykn Kaapitala akka ulaagatti kaa’u danda’u.Hojjetaan Mootummaa faayidaa hin
malle argachuuf ykn nama biraaf argamsiisuu yaadee ulagaa seerri kaa’u darbuudhan gocha
kw.418 jalatti ilaallame kana rawwachuu danda’a.Labsii Hojii Faayinaansii Xixiqqaa (micro-
financing Business) lakk.626/2001 jedhu yoo Baankiin Biyyooleessa dhaabbilee akka
Inshuraansii,Baankii dhuunfaa.kkf bu’uura ulaagalee labsiin kun ka’een hayyama keennuu akka
qabu tuma.Labsiin Kenniinsa Hayyama Gahuumsa Konkolaachistummaa
lakk.600/2000,Labsiin,Dambii fi Qajeelfamni Invastimaniis fi Seeroni kana fakkaatan hayyama
tokko kennuuf ulaagan tumaan ni jira.Kanaaf dhimmoonni tumaa kana darbuun raawwataman
yommuu nuf dhihaatan labsii,Dambii fi Qajeelfama kallattii kanaan rogummaa qabani ilaaluun
tumaa kana hiikuu qabna.
C) Hojii Mootummaa Haala Hin Taaneen Gaggeessuu (Mal-Adminstration Kw.411)
Hojjetaan Mootummaa faayidaa hojjetaa ta’uun argatu ala dhuunfaadhaan ykn namoota biroo
waliin dhaabbata hundeessaan irraa faayidaa waliinii qabaachuu danda’u.Sababa kanaan yeroo
tokko tokko hojjetaan mootummaa yeroo waliti bu’iinsa faayidaa keessa galu jira.Mana hojii
isaa fi dhaabbata inni faayidaa keessa qabu gidduuti waliigalteen bittaa ,gurgurtaa, ykn waliti
dhufeenyi kana fakkaatan uumamuu danda’u.Hojjetaan mootummaa dhimmicha irrati
murteessuudhaaf aangoo yoo qabaate faayidaa lama bakka bu’ee waan dhaabbatuuf faayidaa
tokko kan biroo irra caalchisuu danda’a.Keessattuu dhimma dhuunfaadhaan faayidaa irraa
argatuuf murteessuuf ni dirqama.Fakkeenyaaf, meeshaan dhaabbata dhuunfaa isaattii bittamu
yoo jiraate bittaa kanaan dhabbatichi akka fayyadmuu gochuu danda’a.Haala kanaan faayidaan
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
42
mootummaa kan miidhamu yoo ta’u, hojjetaan mootummaa faayidaa hin malle ni argata.Seerri
yakkaa gochoota akkanaa yakka malaammaltummaa taasisee keewwata 411 jalatti tumeera.
Kew 411(1) Akka itti aanuti dubbifama:
“Any public servant who, with intent to obtain for himself or to procure for another an
undue advantage, and by using his power or responsibility:
(A) improperly takes or ensures for himself, by concluding a contract or by devising
other means, an interest in a business or other undertaking, a sale or a purchase, or
anyother transaction related with his duty”
Bu’uura keewwata kanaan yakki raawwatameera kan jedhamu
1) Dhaabbata hojjetaan mootummaa faayidaa keessa qabu (abbummaa ykn gahee
aksiiyoona ykn shaariika ta’e) mana hojii mootummaa inni keessa hojjetu waliin
daldala ykn gurgurtaa yoo raawwate ykn aangoo dahoo godhachuun dhaabbata
keessati ofii isaa fayyadamaa yoo taasise fakkeenyaaf aksiiyoonaa yoo bite ykn
shaariika ta’e,,
2) Hojjetaan mootummaa waliti dhuufeenya kanaan (bittaa, gurgurta fi kkf) irrati murtii
kennuuf aangoo ykn itti gaaftaamummaa dandeesisu qabaatee kan murteessuu yoo
ta’e, kutaan yaadaa jechuun gochicha kan raawwate faayidaa hin malle argachuuf ykn
argamsiisuuf yaaduun isaa waan tilmaamamuuf yakka raawwachuu isaa fi himannaa
hundeessuuf ragaa gahaa ta’a jechuudha.
Keewwata 411(1-B) immoo“concludes a supply or public works contract or any other
transaction at a price higher than that fixed by the competent authority” jechuun tuma.
Kun aangoo seeraan ala (haala hin taaneen) fayyadamuu waliin wal fakkaata.Waan kana ta’eef,
qaama aangoo qabuun gatii murtaa’ee oliin waliigaltee uumuun isaa yoo mirkanaa’e kutaan
yaadaa waan tilmaamamuuf yakkaan ni gaafatama jechuudha.Fakkeenyaaf, boordiin bittaan
qar.100, 000 (kuma dhibbaa) akka raawwatamu murteesse itti gaaftamaan garuu hayyama
boordii ala qar.150, 000 (kumaa dhibbaa tokkoo fi shantamaan) bittaan akka gaggeeffamu osoo
taasisee yakkaa kanaan gaafatamu ta’a.
Gama biraatiin, Keewwanni 411(1-C) “in general, by any means, injures the public
interests entrusted to his charge and which it is his duty to protect’’ jechun tuma.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
43
Kana jechuun faayidaa ofiif yookiin Nama biraaf argamsiisuuf yaadee aangoo ykn Taayitaati
fayyadamee bu’uura aangoo isaatiin wanta imaanaan itti laatamen faayidaa mootummaa ykn
uummataa eeguu fi kunuunsuu qabu gocha miidhuu danda’u kan raawwate yoo ta’e itti
gaafatama.
Keewwata kana keewwatoota biroo irraa wanti adda isa taasiisu,gocha faayidaa mootummaa ykn
uummataa miidhuu irratti xiyyeeffachu isaati.Keewwaticha akkuma jiruti soo fudhannee
aangooti fayyadamuun faayidaa mootummaa ykn uummataa irrati miidhaan gahuun qofti kutaan
gochaa guutamee jechuun ni danda’ama.Hojjetaan mootummaan gocha kanaan faayidaa hin
malle argachuun isaa yoo mirkannaa’e kutaan yaadaa ofii faayidaa hin malle argachuuf jedhu
guutamuu isaa agarsiisa.Gaaffiin kana waliin walqabate ka’uu malu gochi kan raawwatame
faayidaa hin malle argachuuf osoo hin taane…faayidaa mootummaa ykn uummataa miidhuuf
jedhamee yoo raawwatame hoo? Hojjetaan mootummaa ta’e jedhee aangoo isaati fayadamuun
mootummaa ykn uummata irrati miidhaa qaqqabsiisuuf hojjechuun isaa yoo mirkanna’ee yakka
aangootti seera ala fayadamuu raawwateen gaafatamuu danda’a.Sababni isaas “…nama biraa
miidhuuf yaaduudhaan…” aangootti seera ala fayyadamuun nama gaafachiisu akka danda’u
kew.407 jalatti tumamee jira.
Haa ta’uu malee,ofii isaaf ykn isheef faayidaa osoo hin argane ykn nama biraaf hin argamsiifne
miidhaa gahe qofa ka’uumsa godhachuun aangootti seera ala kan faayyadame miidhaa
geesisuuf yaadeeti tilmaama jedhu fudhachuun waan uulfaatu fakkaata.Kallattii
kanaan,hojjetaan mootummaa yakkicha raawwachuun dura hoj-maata sirriiti akka beeku fi
beekaa hojimaaticha cabsuu isaa;gocha kanaan miidhaan qaqqabu akka danda’u beekuu
isaa,mirkaneessuun yoo danda’ame yakkicha kan raawwate miidhaa qaqqabsiisuuf yaadeeti
jedhamee akka gaafatamu taasiisuun rogummaa qaba.Qabxii kana ibsuuf dhimma mana murtii
M/M/W/O/Dh/Bahaatin murtaa’e akka fakkeenyaati fudhachuun ibsuun yaalameera.A/Alangaa
KNFMN Oromiyaa himatamtoonni… jedhaman itti gaafatamaa W/M/Baadiyya,I/G/Herreegaa
MMD,I/G/W/ Wabii nyaataa fi Qopha’ina ittisa balaa Aanaa… ta’anii yommuu hojjetan
Maallaqa gargaarsaa sagaantaa seeft.neetii uummataa wabii nyaatan of hin dandeenyef ergame
qarshii 465,821.11(kuma dhibba afurii fi hahatamii shanii fi dhibba saddeeti fi digdamii tokk
fi11/100) sagantaa kanaaf qofa akka oolu otoo beekamuu haala seera faayinaansii fi maanuwaalii
sagatichaa ajaajuun ala himatamaa 1ffaan bahii akka ta’u ajajuun,gariin isaanii ajajni kun seera ala
ta’uu osoo beekanuu mirkanneessuun,herreega buusuun hojii saganticha waliin qunnamtii hin
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
44
qabneef oolchanii jiru jechuun seera yakka kew.32(1A) fi 411(1-C) fi 2 jalatti yakka
malaammaltummaa hojii mootummaa haala hin taaneen gaggeesutiin himannaa hundeessee
jira.M/M/O/G/H/Lixaa LG.14012 irratti kew.32(1A) fi411(1-C) jalatti murtii balleessummaa fi
hidhaa cimaa waaggaa 4 fi qr 5000 itti murteessee jira.
Himatamtoonni murtii kenname komachuudhaan ol’iyyaannoo M/M/W/O/ Dhaddacha Bahaatti
ol’iyyannoo dhiheefataniiru.“…maallaqa sagantaa seefti-neetii faayidaa uummataaf oolchine
malee… faayidaa dhuunfaaf keenyaaf hin oolfanne,murtii koree bulchiinsa Aanaa fi Godinaatiin
qaboo yaa’ii qabameen qubsumaaf akka oolu waan jedhameef akkaataa kanaan hojii irra
oolchine…yakki raawwatame hin jiru murtiin M/Murtii jalaa nu irraa haa diigamu...” jechuun
ol’iyyaannoo dhiheeffatanii jiru.
M/M/W/Dh/Bahaa dhaddachaa gaafa2-10-2000 ooleen LG.92913 irratti murtii kennee jira
“…Ol’iyyaattoonni Baajata sagantaa wabii nyaataa fi seeftii neetii gara waajjira biraatti
dabarsanii itti fayyadamun ykn hojii irra oolchuun adeemsa hojii sirrii ta’uu isaa wanti
mirkaneessan yoo jiraatuu baatees maallaqni Kun garuu hanga faayidaa uummataaf ooleeti
murtiin balleessuummaa hin komachiisu jechuun … adabbii salphisuun hidhaa salphaa ji’a
jahaan akka adabaman murteesseera”28
Dhimma kana irraa kan hubatamu himatamtoonni faayidaan ofii isaaniif argatan hin jiru.Haa ta’u
malee, qajeelfama faayinaansii fi manuwaalii sagantichaa osoo beekanuu cabsuudhaan maallaqa
uummata beela’eef akka oolu karoorfame dhimma biraaf oolchuu isaanii hojii mootummaa haala
hin taaneen gaggeessuu isaanii namatti agarsiisa.
Gaaffiin walitti bu’iinsa faayidaa waliin wal qabatee ka’uu malu hojjetaan mootummaa
faayidaa hin malle argachuu isaa akkamiin mirkaaneessuun danda’ama?
jedhudha.Fakkeenyaaf,obboleessi yookiin hiriyaan dhihoo hojjetaa mootummaa tokko caalbaasii
irraatti sirnaan dorgomee mo’achuu danda’a.Tarreeffama fi ragaawwan iccitii caalbaasii
moo’achuuf isa fayyadu waan argateef ta’uu danda’a.Caalbaasii kan mo’ate iccitii kana waan
beekuuf kan jedhu mirkaneessuun nama rakkisa.Kanaafuu,faayidaa hin malle argachuu isaa
mirkaneessuun akka nama rakkisuu tilmaamuun ni danda’ama. Haala kanan Waliti dhufeenya
hojiitin fayidaan hin malle argame jiraachu mirkaneessuun baayy’ee rakkisaa waan ta’eef, karaa
salphaan gochi akka hin raawwatamne ittisuudha.Keewwanni 411(4) (A) hojjetaan mootummaa
dhimma waliti bu’iinsa faayidaa irratti gonkumaa murteessuu akka hin qabne; yaada faayidaa
28 KNFMO Vs Tsadaqaa Kabbadaa LGMMWO.92913(2000)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
45
argachuu qabaatus qabaachuu baatus dhimma waliti bu’iinsa faayidaa irrati murteessuu qoftaan
akka itti gaafatamu gochuun gocha kana ittisuuf jedhamee waan yaadame fakkaata.29 Waan kana
ta’eef, hojjetaan mootummaa dhaabbata ofii fi firoon isaa faayidaa keessa qaban fi hojii
raawwatu waliin wal qabatee waltidhufeenya hojii (bittaa, gurgurtaa fi kkf) raawwachuun
faayidaa argachuuf ykn argamsiisuuf yaaduu baatus ni adabsiisa.
Keewwata 411(4) (B) jalatti Kan tumame immoo yaada faayidaa argachuu ykn argamsiisuu osoo
hin qabaanne seeraan ykn dambiidhaan dhorkamee osoo jiru maqaa isaatiin ykn nama biraatiif
ykn nama biraa waliin qabeenya yoo bite ykn caalbaasii irratti dorgomee akka adabisiisu
tumameera.
2.3. Amantaa hir’isuu; Sanada sobaa qopheessuu; fi Gowwomsuu
A) Amantaa hir’isuu (breach of trust)
Seerri yakka keewwanni 675 amantaa hir’isuu jechuun maal jechuu akka ta’e tumeera.Namni
kamiyyuu badhaadhina hin malle argachuuf ykn nama biraaf argamsiisuuf yaaduudhaan
qabeenya nama biroo taajajila murta’adhaaf imaanaadhaan itti kenname ykn maallaqa hunda
ykn walakkaa faayidaa ofiif oolfate,nama biraaf oolche,fudhate,fudhachise,dhokse ykn tajaajila
ofiif ykn nama biraaf oolche;ykn gocha kana fakkaatu kan raawwatu yoo ta’e yakki amantaa
hiri’suu raawwatameera nama jechisiisa.Fakkeenyaaf,qabeenya imanaadhaan fudhate ykn qabaa
maallaqa ta’uun maallaqa fudhate faayidaa dhuunfaatiif yoo oolfate yakki amantaa hiri’suu
raawwatamee jira jechuun ni danda’ama. Bu’uura kew.675 (3) tiin) yakka amntaa hir’isuu
raawwatamu isaa mirkanneesssuuf Abbaan Alangaa (himataan) qabxiin mirkaneessuu qabu:
(1) Himatamaan mi’a ykn maallaqa caallaa imanaadhaan fudhachuu isaa;
(2) Himatamaan imanaadhaan kan fudhate deebisuuf ykn kaffaluu yoo hin dandeenye fi
mi’icha tajaajila barbaachisuuf oolchuu isaa mirkaaneessuu yoo hin dandeenye ykn haala
irra jiru agarsiisuu kan hin dandeenye ta’uu mirkaneessuun yoo danda’me yakkichi
mirkanaa’era jechuudha.
Fakkeenyaaf,galmee A/Alangaa Fedeeraalaa Vs Yaasin Ahimad irraa akka hubatamutti,Abbaan
Alangaa Federaalaa himataman…qorqorroo qr.10,000 baasuu biteen siifan fida jechuun
qar.10,000 nama… jedhamu irraa fudhateera jechuun kew.675(1) jalatti himannaa hundeessee
M/M/Fedeeralaa Sad.Jalqabaatti dhihessee jira.M/M kunis murtii hidhaa cimaa wagga 2 fi ji’a
29 Miil jalee asii olii 11, fuula 69 irratti kan ibsame
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
46
tokko itti murteesseera.M/M/O/Fedeeraalas murtii baleessummaa cimsuun hidhaa cimaa waggaa
lamaa fi ji’a tokko gara hidhaa salphaa ji’a 7 fooyyeessuun murteesseera.Himatamaan
dogoggorri seeraa bu’uura ta’e uumameera jechuun M/M/W/F/Dhaddacha ijibbatatti iyyanna
dhiyyeefateera.Dhaddachi ijibbaataas LGI-64813 ta’ee irratti dhaddacha gaafa 7-9-2003 ooleen
qabxiilee kew.675(1) ibsaman tarreessuun Maallaqicha hanga hin deebifneetti ykn waan
barbaadameef oolchuu isaa hanga hin mirkaneesineetti yakka keewwata kew 675(1) xiqqaa
jalatti ilaalamee raawwateera erga jedhee booda murtiin mana murtii jalaa dogoggora seera
bu’uura ta’e hin qabu jechuudhaan cimseera.
Amantaa hir’isuun Nama kamiin iyyuu ykn qabeenya imanaadhaan namatti kenname kam iyyuu
irratti raawwatamu ni danda’a.Haa ta’u malee, gochi amantaa hir’isuu kam iyyuu yakka
malaammaltummaa hin ta’u.Yakka malaamaltummaa kan ta’u ulaagaa kw.676 (1) guutee yoo
argamedha.
B) Amantaa Hir’isuu Cimaa (aggravated breach of trust)
Seerri yakka malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaa jechuun yakka dhaabbata mootummaa
ykn uummataa irratti raawwatamu ykn yakka Abbootii Taayitaa mootummaatiin ykn filatamaa
ykn amanamaa uummataatiin raawwatamu jechuun hiika.30 Keewwata kana keessatti tumaalee
yakka malaammaltummaa biroo irraa haala adda ta’een dhaabbata uummataa (public
organization) ykn amanama uummaata (public trustee) kan jedhu dabalameera.Seera yakka
keessati gaalee dhaabbata uummataa jedhuuf hiikni hin laatamne.Haa ta’u malee,haala
baratameen gurmaa’inawwan uummataa fakkeenyaaf,Waldaa Dargaggootaa,Dubbartoota fi kkf
ta’uu danda’a.Hiika kana osoo fudhannee Dhaabbanni Uummataa Waajjira Mootummaa yookiin
Dhaabbata Misoomaa Mootummaa hin hammatu.Kanaafuu,gochi amanta hir’isuu dhaabbata
uummataa keessati raawwatamu akkamiti yakka malaammaaltummaa jedhamuu danda’a?gaaffii
jedhuu kaasuu danda’a.Keewwatichi haaluma barreeffameen osoo itti hin dabalamne ykn irraa
hin hir’ifamne kan hiikamu yoo ta’e yakki amantaa hir’isuu cimaa dhaabbata uummataa keessati
raawwatamu akka yakka malaammaltummaatti lakka’ama jedhame fudhatamu ni danda’a.31
Gama biraatiin, kallattii Qajeeltoo kew.404(3) tiin yoo ilaallamu yakki malaammaltummaa
Waajjira Mootummaa keessati kan raawwatamu ta’u kan agarsiisu waan ta’eef,kew 404(4)
30 Seera Yakkaa Negarit Gazeta Kw.676(1) 31 Miil- jalee asii olii 11,Fuula-71 irratti kan ibsame
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
47
keessati kew 676(1) caqasuun kan barbaadameef yakka amantaa hir’isuu Dhaabbata Mootummaa
keessatti raawwatamu hammachisuuf jedhameeti.Kana waan ta’eef,Dhaabbata Uummataa
keessati yakki raawwatamu akka yakka malaammaltummaatti lakka’amu hin qabu jedhamu
danda’a.
Akuma olitti ibsametti hiika gaalee Dhaabbata Uummataa jedhuu ilaalchisee seerri yakka
keenyaa hiika waan hin laanneef qabatamaan hojii irratti hiika gaalee kana irratti adda
addummaan ni mula’ata.Barreessaan moojulii kanaa dhimmi kun mariif akka dhiyaatu waan itti
amaneef dhimmi itti aanuu mariif akka dhiyyaatu filateera.
Gaaffilee Marii
A) A/Alangaa KNFM Fedeeraalaa Vs Yooseef Asfaaw.Galmee kana irraatti himatamaan
Dhaabbata Liqii Fi Qusannaa Addiisi Kutaa Magaala Aqaaqqii Qallitti Ganda 05/06 ti
Manajara Gandaa ta’ee wayita hojjetu namni Wandawasan Gultee jedhamu uulgaa
guutamuu qabu guutee liqii qr 10,000 yommuu gaafatu qr 1,000 akka kennuuf gaafatee
waliigalanii qr 400 erga kenneef booda gaafa biraa qr. 600 kennuuf erga walii galanii
booda Itti gaafatamaa dhabbatichaatiif gabaasee Itti gaafatamichi pooliisiidhaaf
gabaasuudhaan qr.600 akka ciraati poolisii biraatti erga galmeefamee booda Biirootti
dhaqee himatamaaf yoo laatu harkaaf harkaati qabameera.Sagaleen himatamaas
waraabameera.A/A KNFM Fedeeraalaa yakka malaammaltummaa faayyidaa hin malle
raawwateera jechuun kew 409 (1) jalatti himannaa hundeessee 21-11-00
M/M/O/Fedeeraati dhiyyeeseera.
Ragoonni A/A N3 itti gaafatamaa fi hojettoota dhabbatichaa kan ta’an dhiyyatanii Dhaabbatichi
Waldaa Aksiyoonaa Seera Daldalaan of-danda’ee dhaabbate ta’uu isaa,Abboottiin Aksiiyoona
Waldaa Kana Waldaa Dubbartoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee,Waldaa
Barsiistoota,Waldaa Qonnaan Bultoota Kaarra Alloo fi kan nama dhuunfa tokko ta’uu fi
akkaataa himannaa A/Alangaatiin ragaa bahaniiru.
M/M/O/Fedeeraalaa LG-70222 ta’e irratti dhaddaacha 20-11-02 ooleen “… Dhabbanni yakki
keessati raawwatame Waldaa Aksiyoonaa of-danda’e yoo ta’e A/A Komiishinichaa himannaa
akka dhiheessuu sirni adeemsa falmii yakki malaammaltummaa ittiin qajeelfamu ni
keessummeessa? ijoo jedhu erga qabatee booda bu’uura qajeeltoo labsii lakk.433/97 kew 6(4) fi
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
48
Seera Yakkaa kew.404 tiin yakki malaammaltummaa yakka malamamaltummaa Seektara
Dhuunfaa Ykn Waldoota Ykn Dhaabbata tola ooltoota yookiin Dhaabbatoota Siyaasaa Fi
Amantaa keesstti rawwatamu hin ilaalu.Dhaabbanni yakkichi keesstti raawwatame Waldaa
Aksiiyoonaa Seera Daldalaatiin dhaabbatedha.Kanaaf,himannaan A/A Komishinichaa
dhiyyeesse bu’uura seera hin qabu.Abbaan Alangaa Ministeera Haqaa mana murtii aangoo
qabuuti himannaa hundeessuu aangoo qaba jechuun himannaan dhiyyaate fudhatama hin
qabu…” jechuun galmee cufeera.
A/Alangaa jala-murtii M/M/O/Federaalaa komachuudhan ol’iyaannoo M/M/Waliigala
Fedeeraatti dhiyyeessee jira.M/M/W/Fedeeralaa dhaddacha gaafa 23-3-03 ooleen “Dhaabbata
Liqii Fi Qusannaa Addiisi keessaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gahee Aksiyoonaa ol’aanaa
keessa qabachuu isaa waan ibsameef fi Deebii kennaan ol’iyyaannoo dhiyyatee irratti
gaafatamee deebii yommuu kennuu Bulchiinsichi gahee Aksiiyoonaa keessa kan qabu ta’u waan
ibseef,Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee immoo mana hojii mootummaa waan ta’eef,Waldaa liqaa
fi Qusannaa walakkaan dhaabbata misooma mootummaa liqaa kennuun walqabatee deebii
kennaan faayidaa hin malle fudhateera dhimma jedhu qoratee himannaa hundeessuuf aangoo
kan qabu A/A KNFM Fedeeralaaf waan ta’eef M/M jalaa aangoo hin qabu jechuun isaa sirri
miti jechuun jala-murtii m/m jalaa haqeera.Galmeen socho’ee falmiin bakka dhaabbatee akka
itti fufu himatama of-irraa ittisuu qabamoo hin qabu kan jedhu irratti jala-murtii akka kennuu
ajajeera.”Dhimma kana Dubbisuudhan gaaffii itti aanu irratti mari’dha
1) Gaaleen Dhaabbata uummataa jedhu Waldaa Dubbartoota, Barsiisootaa,ni
hammaata ykn Waldaawwan Gamtaa (coopretive societies) ni hammataa?
2) Jala-murtii M/M/O/Fedeeralaa fi ajaja Manni Murtii Waliigala Federaalaa
miira seera yakkaa 404 fi 676(1-A) waliin wal cinaa qabuun irratti
mari’adhaa!
B) A/Alangaa Waajjira H/Go/Arsii L.G.A.A.01681 himannaa namni…jedhamu Maallaqa
Qabaa Waldaa Dagaagina Hojii Gamtaa ta’ee yommuu hojjetu qarshii sababa hojitiin
harka isaa gale qarshii 642,11.75 hirisee jira jechuudhaan yakka malaammaltummaa
amantaa hir’isuu cimaatiin kw.676(1) jalatti himannaa hundeessee
dhiheessera.Himatamaan gocha raawwate guutumaan guutuuti waan amaneef
M/M/O/G/Arsii LG.20556 ta’e irratti kw.himannaan jalatti hundaa’e jalatti murtii
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
49
balleessummaa fi adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii fi qarshii 2000 itti murtessee jira.
Himannaa A/Alangaa hundeessee fi Murtii M/Murtii kw.676 (1) fi tumaalee yakka
malaammaltummaatiin bu’uura godhachuun irratti mari’adhaa!
C) Abbaan Alangaa/W/H/H/Lixaa Xalayaa lakk.WHG.107/2002 L.G.A.A 01135 himannaa
barreessee namani… jedhamu Itti Gaafatammaa Herreegaa Waldaa Jaalala Lammii
Ganda…ta’ee ennaa hojjeetu Xaa’oo gaatiin isaa 310,969.12 ta’e Yuuniyeenii..irraa
dhihaate Qonnaan bultootaaf akka gurguru kennameef keessaa maallaaqa 83,220.20
hir’isuun waan mirkanna’eef yakka imaanaa uummataa hir’isuu cimaa raawwateera
jechuun kw.676(1) jalatti himannaa hundeesse jira.Himannaan A/Alangaa hundeessee
ulaagaa kw.676(1) guutu fi guutuu dhabuu isaa bu’uura tumaa kanaa fi tumaa rogumaa
qabu waliin wal-cinaa qabuun irratti mar’adhaa?
D) Gocha fudhachuu fi dhoksuu Hojii irrati rawwatamu
(Appropriation and Misappropriation in the Discharge of Duties kew.413)
Hojjetaan mootummaa kam iyyuu faayidaa argachuuf ykn argamsiisuuf yaaduudhaan sirna
dhaalmaa,gurgurtaa caalbaasiin raawwatamu;seeraan dhaalaman ykn murtiin qabeenya irrati
akka rawwatamu waan murta’eef ykn hojii kana fakkaatan kam iyyuu yeroo hojjetamu
mi’ota;sandoota,sanadoota daddarboo (securities) fakkeenyaaf,cheekii,boondii; maallaqa callaa;
mi’oota socho’an ykn dhumaatii yoo fudhate akka adabsiisu kew.413(1)(A) irraa ni
hubatama.Fakkeenyaaf mi’a kontiroobaandii qabame ykn mi’a ciraaf “egzibiitiidhaaf” jecha
qabame faayidaa ofiif oolfachuuf yoo fudhate bu’uura tumaa kanaan gaafatamuu ni danda’a.
Mi’oota ykn sanadoota (securities) imanadhaan fudhatee ykn sababa hojiitiin harka isaa gale yoo
awwaale haaluma walfakkaatuun kew.xiqqaa (1) (B) jalatti kan gaafatamu ta’a.
E) Mi’a Imananaan Namati Kenname Irrati Haala Hin Taanen Ajajuu
(Unlawful Disposal of Object In Charge Kew.412)
Hojjetaan mootummaa kam iyyuu seerri osoo hin hayyamniif qabeenya dhuunfaa taasiisuuf osoo
hin yaadin inviiloopii saamsame,sanada,(securities) fudhaate ykn imaanadhaan ykn mi’a
saamsamee itti kenname yoo bane,bansiise, fudhate ykn fudhachiise ykn dubbii ifa baase ykn
mi’icha dabarsee yoo kenne adabamuu akka danda’u keewwata xiqqaa 1(a) fi (b) jalati
tumameera.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
50
Hojjetaan mootummaa gocha akkanaa kan raawwate faayidaa argachuuf yaaduudhan ta’uu
baatus gochi mataan isaa yakka waan ta’eef ni adabsiisa jechuudha.Kana waan ta’eef, gochi
raawwatamuun isaa yoo mirkannaa’ee yakki raawwatamuun isaa mirkaanna’ee
jechuudha.Himatamaan gocha kan raawwate of fayyaduuf akka hin taane mirkaneessuu illee
adabamuun isaa hin oolu.
F) Sanadoota Sobaa Qopheessuu Yookiin Gara Sobaatti jijjiruu
(Forgery and Falsification of instruments)
Malaammaltummaan karaa ittiin raawwatamu keessaa tokko sanada sobaa qopheessuu;ragaa
sobaatti fayaadamuudhaan faayidaa hin malle argachuu ykn gochoota mirgoota ykn faayidaa
namoota biroo irratti miidhaa geesiisuudhaan ta’uu danda’a.Yakki sanada sobaa qopheessuu
nama kamiin iyyuu raawwatamuu akka danda’u kw.375 irraa ni hubatama.Yakki sanada sobaa
qopheessuu ykn sanda gara sobaatti jijjiruu sanada irratti (material forgery),sanadni yommuu
qopha’uu qabxii sobaa itti galchuun (intangible forgery) fi sanda sobaatti kallattiin itti
fayyadamuudhaan raawwatamuu akka danda’uu tumaa 375 fi itti aanan irraa ni hubatama.
Gochi sananda sobaa qoheessuu malaammaltummaa kan ta’u ulaagaaleen kew.379 jalaatti
tareeffaman yoo guutamaniidha.Keewwanni 379(1) akka tumuutti yakki sanada sobaa
qopheessuu sanada galmee mootummaatiin beekamu ykn faayidaa uummataa ilaaltu,sanada
galmee mootummaa irratti galmeeffamu ykn dhaamoo du’aan barreesse,sanada dhaabbata ykn
hojii ykn dhimma Humna Waraana Biyyaa ilaallatu irratti yoo raawwatame malaamaltummaa
akka ta’udha.Yakka kana kan raawwate hojeetaa mootummaa
galmeewwaan,barreeffamoota,sanadoota beekaman ykn sanadoota biroo akka
qopheessuu,galmeessuu,eeguu ykn koopii akka kennu itti gaafatamummaan itti kennameen yoo
ta’e gocha yakka malaamaltummaa akka ta’u ni hubatama.32
Maalummaan yakka malaammaltummaa sanada mootummaa ykn Humna Waraana Biyyaa
fakkeessuun qopheessuu ykn gara sobaatti jijjiiruu akkuma olitti ibsame kana yoo ta’u
qabatamaan hiikkoo kw.379(1) irratti adda addummaan,Abboottii Seeraa,Abboottii Alangaa fi
Abukaatoota biratti ni mula’ata.Garaagarummaa mula’atu dhimmoota agarsiisan akka itti
aanuutti ilaaluuf yaalameera.
32 Seeraa yakkaa, Negarit Gazeta kw.379(1-2)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
51
Dhimma 1ffaa,Lakk.Galmee M/M/O/ Federaalaa 87620 ta’e irratti namni…jedhamuu seera
yakkaa Kw.379 (1-A fi B) darbuudhaan Waraqaa Eenyummaa sobaatti fayaadamuudhaan
Baankii Daldala Itoophiyaa Damee Shaashamannee Akaawuntii herrega erga banee booda
dhaabbanni OXFAM REGISTERED CHARITY jedhamu Qr 47,609.65 9 (kuma afurtamii torbaa
fi dhibba jahaa fi sagalii fi saantima jahaatamii shan) nama…jedhamuuf akka kaffalamuuf ajajuu
isaa fakkeessuudhaan cheekii qophaa’e kaffaltiidhaaf dhiyeessuudhaan Akkaawuntii dhabbanni
OXFAM Baankii Daldala Itoophiyaa Damee Addis Ababaati banee irraa hir’isuun gara damee
shaashamaneetti galii akka ta’uuf gochuuf baasee waan fudhateef waraqaa eeyummaa gandaa fi
cheekii sobaatti fayaadamuudhan badhaadhina seera ala waan argateef yakka malaammaltummaa
Sanadoota Mootummaa gara sobaatti jijjiiruu fi yakka gowwoomsuu cimaa (kw.696-C)
raawwaateera jechuun A/A/KNFMF himannaa hundeessee jira.
Manni murtiis ragaa A/A erga dhagahee booda galmee kana irratti sagaalee caalamaa fi yaada
addaatiin jala murtii laateera.Abbootiin seeraa sagalee caalmaatiin jala murtii laatan
“…sanadoota irratti yakki raawwatame jedhame yakka cheekii gara sobaatti jijjirame
fayyadamuu kw.382 jalatti haguugama,yakki waraaqaa eenyummaa sobaa ta’eetti fayyaadamuu
kw.385(1-A ) jalatti kan ilaalamu ta’us himatamaan yakkicha kan rawwate cheekiidhaan
raawwachuuf yakka karoorfate galmaan gahuuf akka isa dandeesiisu waan ta’eef seera yakkaa
kew.63(3) tiin kew.382(1) jalatti haguugama waan ta’eef yakka waraqaa eenyummaa fi cheekii
sobaatti fayyadamuutiin kw 382(1) jalatti akka of-irraa ittisu…” sagalee caalmaan jala murtii
dhaaddacha gaafa 03-08-2003 oolen laataniiru.Murtii baleessuummaas kw.382(1) jalatti
dabarsuun hidhaa cimaa waggaa sadi(3) itti murteessaniiru.(Dhaddacha 18-09-03 oolee)
Abbaa seeraa tokko yaada addaan “…yakki sanadootaa mootummaa fakkeessanii qopheessuu
ykn gara sobaatti jijjiruuu kw.379(1-A) bu’uura seera yakka kw.404(4) yakka malaamaltummaa
jalatti ramadameera.Tumaleen kw 375-378 jalatti tumaman kw 379 bu’uura,gochoota yakka
nama kamiin iyyuu rawwatamu ilaallatu.cheekiin sobaa himatamaan itti fayyadame sanada
mootummaa eegumsi ol’aanaan taasiifamuu qabuu fi faayidaa uummata ilaalatu waan ta’eef
kw379 jalatti of irraa ittisuu qaba…’ jechuudhaan yaadan adda baheera.Murtii balleessuumaa fi
adabbii irratti yaadan adda baheera.18-09-03
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
52
Dhimma 2ffaa,Lakk.galmee M/M/O/F 94234 irrati himatamtoonni...jedhaman (namoota
dhuunfaa-3) seera yakkaa kw32-1Afi B 379(1-A) ,696(C) darbuudhaan maqaa nama dhuunfaa
teessoon isaa hin beekamneetiin Hayyama Hojii Daldala Waliigalaa “Jimilaa”fayadamuudhaan
caalbaasii bittaa meeshaa…Korporeeshinii Humna Ibsaa Itoophiyaa irratti hirmachuun
waliigaltee seenanii raawwachuu waan dhabaniif Korpooreeshinicha irratti miidhaan maallaqaa
qr.707809.00 akka irra gahu waan taasisaniif yakka malaamltummaa sanada sobaa fayyadamuu
fi gowwomsuu cimaattiin himatamniiru.M/M kunis dhaddacha gaafa 6-12-2002 ooleen sagalee
garaagarummaa qabuun jala murtii laateera.
“…kw404(3) irraa akka hubatamutti namni hojjeeta mootummaa ala ta’e kam iyyuu yakka
malaamaltummaan himatamuu kan danda’u hojjeeta mootummaa irraa faayidaa hin malle yoo
argate ykn hojjeetaa mootummaaf faayidaa hin malle yoo kenne ykn kennuuf waliigale,yakki
malaamaltummaa amala isaatiin namoota tokkoo oliin kan raawwatamu yoo ta’e isaan keessaa
yoo xiqqaate tokko hojjeetaa mootummaa ta’uu akka qabuudha.Haala addaatiinis yoo ta’e
bu’uura seera yakka kew.33tiin haala addatiin hirmaatee yoo argame namoonni hojjeeta
mootummaatiin ala jiran himatamuu danda’u malee haala kanaan ala namni hojjeeta
mootummaa hin taane hin himatamu.Himatamtootni hojjeetoota mootummaa ala waan
ta’aniif,haala addaatiin buu’uura seera yakkaa kew.33tiin yakka irratti hirmataniru jedhamnii
waan hin himatamneef himannaa hundeessuuf aangoo kan qabu A/A Ministeera Haqaati
jechuun himannaa kufaa godhaniiru…”(sagalee caalamaa)
Abbaan seera tokko jala murtii sagalee caalmaadhaan kenname irratti yaada addaa ka’eera.Kunis
“… Himannaan seera yakkaa kw.379 1-A dhiyyaate kew.404(4) fi 375 fi tuumalee itti aanaa
walitti dubbisuudhaan (cummulative reading) yoo hiikame namni kam iyyuu sanada mootummaa
ykn faayidaa uummataa irratti gocha sobaa yoo raawwate yakka malaammaltummaatiin
himatamuu danda’a.A/Alangaa KNFMF himannaa hundeessuuf aangoo ni qaba.Manni murtii
himannicha fudhatee falmiisiisuu qaba…” jechuun yaadaan adda baheera.
A/Alangaa KNFM Federaalaa jala murtii Manni Murtii jalaa komachuudhaan ol’iyyannoo
dhiheessee jira.
M/M/W/Federaalaa lakk Galmee 60134 ta’e irratti dhaddacha gaafa 20-04-03 ooleen “…seeraa
yakkaa kew.404(4) jalatti Sanadoota mootummaa fakkeessanii qopheessuun akka yakka
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
53
malaammaltummaatti akka lakkawamu tumameera.Yakka kana immoo raawwachuu kan
danda’u eenyuu akka ta’e beekuuf tumaa kutaa addaa seera yakkaa kew.379 jalatti tarreeffame
sirnaan yoo duubbifne kw.379 kew.xiqqaa-1 jalatti kan tumame nama hojjetaa mootummaa ta’ee
fi hin taane kan ilaallatu yoo ta’u.kw.379.kew.xiqqaan 2(lama) immoo hojjetaa mootummaa qofa
ilaallata.Waan kana ta’eef,kew.xiqqaan-2 jalatti hojjeetaan mootummaa ifatti addaan bahuun
isaa kw-xiqqaa-1 immoo gochi sanada mootummaa fakkeessuun qopheessuu ykn gara sobaatti
jijjiiruu nama kam iyyuu raawwatamuu akka danda’u hubachuun ni danda’ama.Hayyamni
Daldalaa D/Kennitoonni Fakkeessanii Qopheessan jedhame Sanada Mootummaa waan ta’eef
yakki ittiin shakkaman yakka seera yakkaa kw.379 ilaallatudha.Gochi Kew.379 jalatti ilaallmae
immoo yakka malaammaltumma jedhamee tumaameera.Bu’uura kanaan ajajni M/M jalaa kenne
buura seeraa hin qabu jechuudhaan bu’uura s/d/f/y kw195-2A tiin ajaja kenname haquudhaan
galmeen cufame socho’ee falmiin akka itti fuufu murteesseera…”
Dhimma 3ffaa,Lakk galmee M/M/O/Fedeeraalaa104932 ta’e irratti himatamtoota Alii
Mahaammad fa’a N.44 keessaa Abukaatoonni himatamaa (8ffaa) “…A/Alangaa himatamaan
chaappaa geengoo waajjira Geejjiba damee Addis Ababaa fakkeessuun qopheesseera jechuun
irratti dhiyyeesee kew.379(1-A) jalatti kan haguugamu osoo hin taane tumaalee biraa jalatti
hammatama.Gochichi hojjeeta mootummaa waliin hin raawwatamne,hojjii mootummaa irratti
hin raawwatamne miidhaan qaqqabees hin jiru.Kanaaf,yakka malaammaltummaa waan hin
taaneef himannaan kufaa haa ta’u jechuun falmeera.”
Himatamtoota25ffaa, 38ffaa 42ffaa fi 44ffaan ilaalchsee
“… seera yakka kew.379 darbanii jiru jedhamanii himatamaniis hojjeetoota mootummaa waan
hin taaneef ykn hojjeetoota mootummaa waliin akka miiltooti,adda dureetti… hirmachuun
isaanii himannicha irratti waan hin ibsamneef bu’uura seera yakka kw.404 fi labsii lakk 434/97
kew.3 tiin A/A KNFMF himannaa hundeessuuf aangoo hin qabu jechuun falmeera.”
Seerri yakkaa kw.379 yakka Sanada mootummaa gara sobaatti jijjiruu ykn qopheessuu ilaalata
malee nagahee kaffaltii “Western Union” “Yahawalaa sanad” hin ilaallatu (himatamaa 3ffaa, 4ffaa,
14ffaa fi 22ffaa) falmee jira.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
54
Deebii A/A KNFM Federalaattiin laatame “…kew.379 jalatti Kutaan Seera (legal element)
yakka sanadoota irratti raawwataman hundeessuu kew 375-378 waan ilaallatuuf yakki kw.379
jalatti ilaalame nama kamiin iyyuu raawwatamuu akka danda’u hubachuun ni danda’ama...”
“…Seera tokko keessatti dhimmoota wal-fakkaatan irratti seeronni yoo walitti bu’an Seera
baastuudhaan seerota kutaa lama jidduutti garaagarummaa yoo mul’ate ta’e jedhee kan uume
jedhamee fudhatamee kutaa adda seerrichaa (kw.379) kutaa waliigalaa (kew.404(3) irraa
caalaa raawwatiinsa qaba.Kanaafuu kutaan waliigala seerrichaa fudhatama hin qabu.Waan
kana ta’eef, kew.404(3) keewwatoota 379,676,484 fi 684 irratti raawwatiinsa hin qabu jedhamee
hiikkama.M/M/W/F lakk.galmee.60134 irratti mormii himatamtootni kaasan fakkaatu kana kufaa
gochuun A/A Komishinichaaf murteessaatti argama.Kew 379 jalatti himannaa hundeessuuf
seerri dhorku waan hin jireef kufaa akka ta’uu gaafatera…”
Dhimmoota (keezoota) qabatamoo akka fakkeenyaatti ilaallaman kanneen irraa yakka
malaammaltummaa sanada mootummaa gara sobaatti jijjiiruu,qopheessuu fi itti faayadamuu
Namoota hojjeetoota mootummaa hin taaneen raawwatamu ilaalchisee oogeessota seeraa keenya
biraa ijjannoon lama akka calaqqisu ni hubatama.Inni dura,namoonni dhuunfaa hojjeettoota
mootummaa hintaane qofaa isaanii yakka kew.379(1) ilaallame raawwatanii yoo argaman yakka
malaamaltummaatiin gaafatamuu qabu ijjeennoo jedhu kan qaban yoo ta’u,deeggartoonni
ijjannoo isa lammataa deeggaran immoo hojjeettoota mootummaa waliin yakkicha irratti yoo
hirmaatan malee yakka malaamaltummaa kw 379(1) tiin himatamuu hin qaban kan jedhudha.
Dubbii kun ija seeran yoo ilaallamu namootni hojjeettoota mootummaa hin taanee yakka
malaamaltummaa kw.379 (1) tiin ilaallame yoo rawwatanii argaman bu’uura tumaa kanaan
gaafatamu danda’u.Dhimma kana hubachuuf miira kw.379 (1) ilaaluun barbaachisadha.
“Where any of the crimes specified under the preceding provisions of this Chapter is
committed on a public register,an official act,an act concerning public interests;or an
instrument entred into a public register or a holographic will;or an instrument or document
concerning national defence or the Defence Forces or their organization,duties or affair.”
Tumaa kana irraa gaalee “the preceding provisions” jedhu ni arganna.Gaaleen kun tumaalee
375-378 ilaallata.33Tumaleen kunniin waa’ee yakka sanada sobaa qopheessuu ykn sanada gara
sobaatti jijjiiruu sanada irratti (material forgery),sanadni yommuu qopha’uu qabxii sobaa itti
33 Seera yakka,Negarit Gezeta kw.379(1)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
55
galchuu (intangible forgery) fi sanada sobaatti kallattiin itti fayyadamu namoota kamiin iyyuu
raawwatamu danda’u tumu.Waan kana ta’eef,tumaalee kanneeni kew.379(1) waliin yoo dubbifne
yakki sanada mootummaa ykn faayidaa uummataa ilaallatu gara sobaatti jijjiiruu ykn itti
fayyadamu namoota hojjeetaa mootummaa hin taaneen raawwatamee yoo argame yakka
malaamaltummaan kan gaafatamu ta’a.Isin hoo ijjennoowwan kanneen akkamitti ilaaltu?
G) Karaa Seera Ala Ta’een Galii Sassaabuu fi mi’a deebisuu fi kaffaltii kaffaluu
(Illegal Collection or Disbursement Kew.415)
Keewwata 415 kew.xiqqaa-1(a) hojjetaan mootummaa kam iyyuu faayidaa isaaf hin malle
argachuuf yaaduudhaan ashuuraa,gibira,galii adda addaa ykn faayidaa galii adda addaa kan akka
mindaa,beenyaa ykn baasii biroo kaffalamuu hin qabne ykn taarifa seeraan murtaa’ee ol ta’uu
osoo beekuu yoo sassaabe ykn akka sassaabamu ajaje akkuma haala isaati hidhaa hanga waggaa
25 fi qr.hanga kuma 50 gahuun adabamu danda’a.Fakkeenyaaf, hojjetaan hanga gibira kaffalamu
murteessuu, kaffalaa gibiraa irraa faayidaa hin malle argachuuf ykn kaffalaan gibiraa faayidaa
hin malle kennuuf hayyamamaa waan ta’uu dideef kaffalaan gibiraa gibira ol’aanaa akka kaffalu
irrati murteessuu danda’a.
Keewwata 415.kew xiqqaa-1(b) Hojjetaan Mootummaa mi’a ykn kaffaltii yommuu deebisu ykn
kaffalu hanga deebisuu irraa eeggamu irra hir’isee yoo deebise ykn kaffale haaluma wal
fakkaatuun ni adabama.Fakkeenyaaf, hojjetaan Mootummaa tokko nagahee haadhoo (Orijinaala)
tajaajilamaaf kennuu irratti maallaqa tajaajilamaa irraa fuudhe galmeessuu fi nagahee
mootummaaf hafu irratti maallaqa tajaajilamaan kaffalee gad galmeessuun garaagarummaa ofiif
yoo fudhate bu’uura tumaa kanaan ni gaafatama.
G) Gowwomsuu Cimaa (Aggravated Fraudulent Misrepresentation kew.696-A)
Namni kam iyyuu badhaadhina isaaf hin malee ofiif argachuuf ykn nama biraatiif argamsiisuuf
yaaduudhaan waantoota dogoggorsiisa ta’an dubbachuudhaan; ykn haala ykn eenyummaa ofii
dhoksuudhaan; ykn wanta ifa gochuu qabu dhoksuudhaan; ykn dogoggora tilamama ykn
amantaa nama biraa fayyadamuudhaan gocha seerri dhorku raawwachuun ykn kan seerri ajaju
raawwachuu dhiisuun nama biraa gowwomsuun faayidaa isaa ykn nama sadaffaa akka miidhu
yoo taasise gowwomsuu jedhama. (kew.692)
Gocha gowwoomsuu gocha sanada sobaa qopheessuu irraa adda kan taasisu barreeffaman osoo
hin taane, dubbiidhaan, mallattoodhaan fi kkf dogoggorsuudhaan ykn waliin dhahuudhan gocha
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
56
raawwatamu ta’uu isaati.Gochi Gowwomsuu sanada sobaatti gargaaramudhaan kan raawwatamu
yoo ta’e tumaalee waa’ee sanada sobaa ilaalchisee rogummaa qaban caqasuun yakka dachaan
himannaa hundeessuun ni danda’ama.(kew.699)
Gochi Gowwoomsuu yakka malaammaltummaa kan ta’u seera yakka kew.404(4) fi kew.696(A)
jalati akka tumameeti hojjeetaa mootummaatin yoo raawwatame.Tumaa kana irraa akka
hubatamuutti yakki gowwoomsuu cimaa “where the criminal enjoys a position of trust as
defined in Article 676 (1) and (2)(a)…” Abbootii Taayitaa Mootummatiin,Filatamtoota
Uummataa Fi Muudamtootaa,Abukaatoota,Goraa Seeraa,fi Fayiinansiitiin,Oditara,Nama
Qabeenya Bulchuun fi kkf raawwatamu akka danda’u akkasumas Qabeenyaa Mootummaa Ykn
Dhaabbata Uummtaa irratti raawwatamu danda’a.Kanaaf himannaa yommuu hundeesinu ykn
murtii kenninu qabxiiwwan kanneen ilaaluun murteessaadha.
2.4. Qabeenya Gatii Baasu Kaffaltii Malee Fudhachuu Yookiin Kennuu (Taking Things of
Value Without or with inadequate Consideration.Kew.417)
Hojjetaan mootummaa sababa gahaa osoo hin qabaanne kaffaltii malee ykn kaffaltii gahaa malee
wanta gatii baasu kam iyyuu yoo fuudhatae ni adabama.Bu’uura kanaan kan gaafatamu:
1) Wanta gatii baasu fudhachuun isaa yoo mirkannaa’e
2) Kan fudhate osoo homaa hin kaffalin ykn kaffaltii wal-hin gitne kan kaffale ta’uu yoo
mirkannaa’e fi
3) Wanta gatii baasu maaliif kaffaltii malee akka fudhate yoo gaafatamu fudhachuu isaatiif
sababa rogummaa qabu dhiheessuu yoo hin dandeenye dha.
Gaaffiiwwan tumaalee kana waliin wal-qabatanii ka’uu Malan:
1) Kaffaltii wal hin gitne jechuun maal jechuudha? Hanga kaffaltii gatii wanta tokkoo
waliin wal-hin gitne mirkaneessuun salphaa miti.Gatii wanta tokkoo fi kaffaltii gatii isaa
waliin wal hin gitne gidduutti garaagarummaa ifaatti mul’atu mirkaneessuun salphaa
ta’uu danda’a.Garaagarumman jiru dhiphachaa yommuu deemu kaffaltiin wanta tokkof
kaffalme kaffaltii wal-gituu ykn kaffaltii wal-hin gitnedha Kan jedhu mirkaneessuun ni
uulfaata.
2) Bu’uura keewwata kanaan kan adabsiisuu wanta gatii baasu kaffaltii malee kan fudhate
sababa gahaa otoo hin qabaane yoo ta’eedha.Sababa gahaa hin qabu kan jedhaamu haala
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
57
kamiin? Kanaaf ka’uumsa Kan ta’u sababni gahaa Kan ta’uu danda’u maal? Kan jedhu
ilaaluun barbaachisaadha.
a) Kw.417.kew.xiqqaa-3 “Akkaataa aadaa ykn barmaata biyyaa ykn naannootiin akka
kennaa michuuf kennamuti ilaalamu fudhachuu ykn firoota dhiigaa fi fuudhaa heeruma
ykn michuu dhihoo irraa kennaa argachuun yakka keewwata kanan ilalaame hin
hundeessuu” jedha.Waan kana ta’eef, himatamaan kennaan fudhate barmaata biyyaatiin
ykn naannootin akka kennaa michuuf kennamuuti kan lakka’amu ta’uu yoo mirkaneesse
ykn kennaa firoota dhiigaa ykn fuudhaa heerumma ykn michuu dhihootiin kennameef
ta’uu mirkanneessuu yoo danda’e sababa rogummaa qabu godhamee fudhatamuu
danda’a.Sababni isaas barmaatni naannoo tokkoo gaarii yoo hin taane kan jijjiramuu qabu
barnootaa fi jireenya jijjiramuun malee barmaata jiru yakka taasisuun miti.Fira dhiigaa
dhihoo ykn fuudhaa heerummaa ta’uun kennaa kennuuf akka sababa gahaati ilaalamuun
isaa rogummaa qaba.
b) Gama biraatiin himatamaan hojii gaarii waan hojjeteef badhaasa seeraan hayyamame yoo
argate akka sababa rogummaa qabutti fudhachuun ni danda’ama.Namni kennaa kennees
haalli itti gaafatamu kew.428 jalatti tumameera.
Kew.417 kw.xiqqaan-2 keessatti “qabeenya,faayinaasii, ykn kennaa fudhachuu galmeesisuun
dirqama akka ta’e seeraan ykn dambiidhaan yoo tumamee beeksiisuu ykn galmeesisuu dhiisuun
ni adabsiisa” jechuun tumameera.Hojjetaan mootummaa qabeenyaa ykn kennaa galmeesiisuun
seeraan akka dirqaamati yoo ka’ame sababa kennaa itti fudhate mirkaneessuu akka irra eeggamu
waan beekuuf kana mirkaneessuu yoo baate yakkan kan gaafatamu ta’uu waan beekuf kennaa
fudhachuu irraa of qusata.Waan kana ta’eef,keewwani kun Kw.417.kew.xiqqaa-1 jalatti yakki
tumame akka hin raawwatamne ittisuuf ykn raawwatamee yoo argame ragaadhan
mirkanneessuuf keewwata deeggarudha.Haa ta’u malee,keewwata kun akka hojii irra oolu seerri
qabeenya beeksiisuu fi galmeessuu deeggaru tumamuu qaba.Kana dhugoomsuuf labsiin
Qabeenya beeksisuu fi galmeessuu lakk.668/2002 tumamee yeroo amma ittiin hojjetamati
jira.Labsiin Kun muudamtoota, filatamtoota fi hojjeetoota mootummaa Federaalaa fi
Bulchiinsota Magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa qofa irratti raawwaatiinsa qaba.34Kallattii
kanaan hojjeettoota ,muudamtoota fi filatamtoota Naannoole waan hin hammanneef qaawwa
34 Labsii Qabeenya Galmeesiisuu fi Beeksiisuu Lakk 668/2002 Negarit Gezeta Kw.3
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
58
qaba.Naannoon Oromiyaa garuu labsii qabeenyaa beeksiisuu fi galmeessiisuu baasee jira(labsii
lakk.169/2003) Labsiileen kanneen Qaamoonni kun qabeenya fi maddoota galii maqaa isaanii fi
maatii isaanitiin jiru beeksiisuu fi galmeesiisuu akka qaban dirqama irra ka’u.Daangaa yeroo
galmee ilaalchisee erga labsichi hojii irra oolee ji’a jaha booda ji’a jaha keessatti qabeenya
beeksiisuu fi galmeesisuu akka qaban;namoonni haaraa muudaman,filataman ykn qaxaraman
guyyaa mudamanii,filatamanii ykn qaxaramnii kaasee guyyoota 45 keessatti beeksiisuu fi
galmeesiisuu akka qaban ni tuma.Qabeenyi yeroo tokko galma’e qofa hin hafu.Labsichi qaamni
qabeenyicha galmeessiise waggaa lama lamaan barri baajata xumuramee guyyoota 30 keessatti
beeksiisuu fi galmeesiisuu akka irraa eeggamu ni ibsa.
Gama biraatiin labsichi muudamaani, filatamaan ummataa ykn hojjeetaan mootummaa tokko
kennaa, keessumeessa ykn affeeraa daawwannaa (Gift, hospitablity and sponsored travel)
aangoo waan tokko murteessuu qoruu danda’u ykn walitti bu’iinsa faayidaa uumuu danda’u
fudhachuu akka hin qabne ni tuma. Haa ta’u malee, fudhachuu dhiisuun isaa walitti dhufeenya
hojii irratti miidhaa Kan fidu ta’u yoo hubate fudhachuu ni danda’a.Kennaa fudhate garuu mana
hojii mootummaa ykn dhaabbataa misoommaa mootummaa rogummaa qabuuf galii gochuu
qaba.Affeeraa Imalaa ykn keessuumeessa taasifameef immoo KNFM Federaalaaf ykn Kutaa
Naamusaaf beeksiisuu akka qabu dirqama irraa ka’a.35Akkaataa Labsichi ajaajuun osoo hin
beeksisiin yoo hafe garuu bu’uura Seera Yakka kew.417 tiin gaafatamu akka danda’u labsichi ni
hubachiisa.36
2.5. Qabeenya Fi Maallaqa Maddi Isaa Hin Beekamne
(Posession of Unexplained Property Kew.419)
Hojjetaan Mootummaa Kan ta’e ykn Kan ture:
1) Sadarkaan jireenyaa isaa hojii mootummaa amma irra jiru ykn duraan irra ture ykn galii
seera-qabeessa karaa biraatiin argatu ykn argachaa turee kan caale yoo ta’e ykn;
2) Qabeenyi qabuu ykn maddi maallaqa , galii amma argatu ykn hojii duraan irra tureen ykn
galii seera-qabeessa karaa biraatiin argachaa ture waliin wal hin maddale yoo ta’e fi
35 Miil-jalee asii olii30. Kw.15 36 Miil-jalee asii olii30.Kw.22
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
59
3) Sadarkaa jireenya akkanaa akkamiti akka jiraate ykn qabeenyi akkamiin harkaa galuu
akka danda’e mana murtiif yooo mirkaaneessuu baate qabeenyichi akka dhaalamu
akkasumas hidhaadhaa waagga 5 hin caaleen kan adabamu ta’uu tumameera.
Yakki kun raawwatamu isaa mirkanneessuuf baasiin himatamaan baasu galii isaa ol ta’uu
mirkaaneessuun barbaachisadha.Himatamaan seera qabeessummaa madda qabeenya ykn baasii
galii isaa waliin wal hin madaale akka mirkanneessuu gaafatamee mirkaneessuu yoo hin
dandeenye yakka raawwateera jechuu dha.Himatamaan qaxaramuun dura qabeenya qabaachuu
isaa mirkaneessuu yoo danda’e;ykn erga hojjetaa mootummaa ta’ee qaxaramee booda madda
galii seera qabeessa galii hojiira argatuun wal madaalu qabaachuu isaa yoo mirkaneesse itti
gaafatamummaa jalaa bahuu danda’a.Akkuma armaan oliti caqafameti galii fi baasiin wal-gituu
dhabuu agarsiisuu qofti qorannaa jalqabuuf gahaa ta’uu danda’a.Himannaa hundeessuuf garuu
himatamaan madda galii biraa qabaachuu isaa mirkaneessuuf carraaquun barbaachisaadha.Kana
ta’uu yoo baate himatamaan madda galii seera qabeessa ta’e qabaachuu isaa mirkaneessuu yoo
danda’ee himannaan gatii dhaba.
Yakki kun akka hin raawwatamne ittisuudhaaf ykn raawwatamee yoo argame haala salphaa
ta’een ragaa argachuuf seerri qabeenyi akka galmaa’u dirqisiisuu jiraachuun faayidaa ol aanaa
qaba.Kanaaf labsiin qabeenya beeksisuu fi galmeessuu lakk.668/2002 tumameera.Bu’uura labsii
kanaan muudaman,filatamaan uummaataa fi hojjeetaan mootummaa qabeenyaa fi madda galii
maqaa isaa fi maatii isaatiin jiru yeroo seeraan taa’e keessatti beeksiisuu fi galmeessiisuu akka
qabu,dirqama kana yoo hin baane qabeenyichi bu’uura Seera Yakkaa kw.419 (2)tiin akka
qabeenya maddi isaa hin beekamnetti akka ilaallamu labsichi tumeera.37
Qabeenyaa fi maallaqa maddi isaa hin beekkamne qabatanii argamuun yakka
malaammaltummaan akka nama gaafachiisu miira seera yakka kw.419 ilaaluuf
yaalameera.Qabatamanis tumaan kun hojii irra oolatti jira.Fakkeenyaaf,namni Warshaa Sibilaa
Qaallittiiti Hogganaa “marketing” fi mindaan isaa qr.3,778( Kuma Sadii Fi Dhibbaa Torbaa Fi
Torbaatamii Saddeetti) ture tokko Kutaa Magaala Boolee,Aqaaqqii Qaallittii Nifaasi Siilkii
Laaftoo Fi Yaakaatti Waldaawwan adda addaa gurmeessuun iddoowwaan shan (5)
fudhachudhaan mana ijaareera.Iddoo tokkos liiziidhaan bitee jira.Baankiiwwaan sadi isaaniis
37 Miil-jalee asii olii30 Kw.13
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
60
Baankii Daashiin,baankii Absiiniyaa fi Baankii Daldala Itoophiyaa keessaa qarshii 208,964.80
(kuma dhibba lamaa fi saddeetii fi dhibba sagaliif jahaatamii afur fi saantima saddeetama) akka
qabu beekameera.Namni kun qabeenyawwanii fi maallaqa ibsame kana akkamiin akka horate
mana murtiif mirkaneessuu waan hin dandeenyeef qabeenyichi akka dhaalamu fi hidhaa waggaa
sadii fi ji’a lamaan akka adabamu itti murtaa’eera.(keezii 1ffaa)
Haaluma walfakkaatuun, Abbaan Seera M/M/F/Sadarkaa Jaalqaba dhimma Taaksii gatii
dabalataa (VAT) ilaalu tokko mana Viilaa kutaawwaan saddeetti qabu, konkolaataa manaa
tilmaamni ishee qr.265, 000.00 taate; konkolaataa Laandroovarii qr.200, 000.00ti tilmaamamu
maddi isaa hin beekkamne qabatee argameera.Qarshiin 645,000.00 mana isaa keessaa
qabameera.Waan kana ta’eef, KNFM Federaalaa shakkamaa irratti himannaa hundeessee
dhimmichi mana murtiin yeroo ammaa ilaalamatti jira. (Keezii 2ffaa)38
2.6. Qabeenyaa ykn Maallaqa Gocha Yakkaan Argame Seera Qabeessa Fakkeessuun
Dhiheessuu Fi Gargaarsa Gochuu (Money Laundering kw.684)
Yakki kun seeroota biyyoota adda addaa fi waliigaltee idila-addunyaa keessatti beekamtii argatee
jira.39
“Money laundering is the process of transformation of the form of or usage or
usage of ill-gotten proceeds of economic crimes with a view to obscuring the
source or orgin of such proceed.Traditionally it associated with drug trafficking
offences.Today,however,its scope has been extendeed to apply generally to all
economic crimes,including corruption offences.”40
Barreeffamani kuni, maallaqa gocha yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiheessuun
duri baala sammuu namaa haddoochu naanneessuu akka of keessatti hammatu yeroo amma
garuu yakka malaammaltummaa kan hammatu ta’uu, yakki kun qabeenya gocha yakkaan
argameetti faayyadamu ykn maddaa isaa dhoksuu akka ta’e ibsa.
Mata duree armaan duraa irratti qabeenya maddi isaa hin beekamne qabatanii argamuun yakka
malaammaltummaatii kan gaafachiisu ta’uu ilaaleera.Qabeenya yakkaan argame madda isaa
38 Maddi Keezootaa: Barreeffama KNFM Federaalaan 29-11-2011A.L.Atiin maxxanfame bahe 39 Waliigaltee Farra Malaamaltummaa Mootummota Gamtoomanii kew.14 40 W.paati Ofosu-Amaah: Combating corruption: fuula 53
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
61
balleessuuf hojiiwwan seera qabeessa fakkeessaanii dhiheessuu ni hojjetama.Kanaafuu
qabeenyicha eesssaa argatee? jedhaamee yoo gaafatame ragaa seera qabeessummaa madda
qabeenyichaa ibsuu dhiheeffachuu ni danda’a.Gocha kanaan yakkamtoonni adabbii jalaa bahuuf
qabeenya yakkaan argatanitti fayyadamuu danda’u.Fakkeenyaaf,hojjetaan mootummaa
qabeenyaa malaammaltummaan argate bu’aa suuqii iddoo tokko qabu irraa akka argate ykn
kennaa firri kenneef fakkeessee dhiheessuu danda’a.Gochi kun kew.684 jalatti yakka jedhamee
tumameera.Kunis akka itti aanuutti ibsama.
1) Namni kam iyyuu maallaqa ykn qabeenya malaamaltummaan argate seera dhabeessummaa
isaa dhoksuudhaan faayidaa ykn hojii irra oolchuun, naanneessuun, daddabarsuun seera
qabeessa fakkeessuudhan yoo dhiheesse.
2) Namni kamiyyuu malaamaltummaadhan kan argame ta’uu osoo beeku maallaqa seera
qabeessa hin taane yoo jijjire,daddabarse,fudhate,qabatee argame, ykn itti fayyadame,
3) Namni kamiyyuu maallaqa malaamaltummaan argame madda seera qabeessa irra kan argame
fakkeessudhaan yakki kan raawwatame ta’uu osoo beekuu qaama ilaalatuuf beeksiisuu yoo
dhiise,
4) Dhimmicha irratti hordoffiin taasifamaa jiraachuu baree shakkamaadhaf odeeffannoo yoo
laate,
5) Yakkaan Kan argame ta’uu osoo beeku seera-qabeessa akka ta’u taasise ykn yoo dhokse
hanga hidhaa wagga 15 adabamuu danda’a jechuun tuma.
As irra Kan hubatamu hojjetaan mootummaa yakka lamaan ni gaafatama.Isaanis (1) yakka
malaammaltummaa (faayidaa hin malle ykn mattaa’a fudhachuu ykn argachuu) fi (2) faayidaa
malaammaltummaan argate seera qabeessa fakkeessee dhiheessudhaan himatamuu danda’a.
Namni matta’aa ykn faayidaa kenne yakka matta’aa kennuu fi faayidaa malaammaltummaan
argame seera qabeessa fakkeessee dhiheessuudhaaf jecha yakkoota oliti ibsame (kw.684/1-5)
keessaa tokko yoo raawwatee argame dablataan ni gaafatama.Keewwanni 429 dhimma kana
waliin wal qabata.Namootni yakka malaamaltummaa irratti hirmannaa qaban ragaa
balleessuudhaaf tooftalee gara garaatti fayyadamu danda’u.Matta’aa ykn faayidaa hin malle
nama kennu irraa kallattiidhaan fudhachuun haalli harkaa fi harkaatti itti qabaman umamuu
waan danda’uuf haalli namoota 3ffaatti fayyadaman jira.Namni gidduu ta’ee hojii daddabrsuu
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
62
hojjetu hin gaaftamu.Haa ta’uu malee,namoota daddabarsuu irrati hirmaatan akka itti gaafataman
gochuun gocha osoo hin raawwatin dura akka of eeggatan taasisa;of eeggannoo gochuu yoo
dagatanii immoo akka adabaman taasisuun yakka ittisuun ni danda’ama.Kanaaf kew.429
kaayyoo kana galmaan gahuuf waan tumame fakkaata.
Yakka kw.684 darbuudhaan qabatamaan raawwatamaa Kan jiru ta’uu dhimmoota M/M/O/
Fedeeralaatiin murtii argachaa jiran irra ni hubatama.Malummaa yakka kana ifa gochuuf dhimma
mana murtii kanaan murtaa’e akka fakkeenyatti fudhachuun ilaaluun gaarii ta’a.LG 68743 ta’e
irratti Obboo Goshuu Andu’alam fa’a N.3 fa’a murtiin M/M/O/Ftiin kenname irraa akka
hubatamutti himatamaa1ffaan kw.379(1-A) ,696(A) darbuun Baankii Biyyoleessa irraa haala hin
malleen baasii gochuudhaan maqaa sobaa nama…jedhamuun Baakii Daashiiniti Akkawuntii
banuun Qr.1,025,342.81 galii gochuun baasii godhee fudhachuudhaan,kew.32(1-A),33,fi 684
darbuudhaan himatamtoota 2ffaa fi 3ffaa akkasumas himatamaa 1ffaan waliin ta’uudhan him.1ffaan
mallaqa yakka waliidhaahutiin ykn malaammaltummaatiin argateen konkolaataa manaa
lakk.koodii…A.A taate bituun, maqaa haadha mana isaa himatamtuu 2ffaan konkolaataa
moodeela FSK-33 koodii…A.A bitun waliigaltee gurgurtaa konkolaataa him.2ffaa fi 3ffaa gidduutti
akka taasifame fakkeessuudhaan konkolaataa maqaa him.2ffaan jirtu gara koodii…Naannoo
Amaaaraatti ti jijjiiruun galmeen (waliigaltee gurgurtaa gara Bahaardaritti akka jijjiramu)
gochuun maqaa himimatamaa 3ffaa tiin akka ta’u godheera maallaqa yakkaan argame seera
qabeessa fakkeessuun isaa waan mirkannaa’ef itti murtaa’era.M/M kunis gaaffii dhaalama
KNFMF gaafa 30-7-2003 dhiyyesseen dhaddacha gaafa 25-11-2003 oolee irratti konkolaataa
maqaa himtamtoota 1ffaa fi 3ffaa tiin jiru gurguramee mootummaaf galii akka ta’u murteessera.41
Akka waliigaalatti yakka seera yakka kew.684 irraa kan hubatamuu yakki qabeenya yakka
malaammaltummaan argamee seera qabeessa fakkeessuudhaan dhiheessuu bu’uura seera yakka
kw 404(4) yakka malaammaltummaa ta’uu isaa,yakki kun nama kamiin iyyuu kan raawwatamuu
ta’u isaa,maallaqa ykn qabeenya malaammaltummaan argame faayidaa ykn hojii irra oolchuun,
naanneessuun,jijjiiruun,daddabarsuun,fudhachuun, qabatanii argamuun, seera qabeessa
fakkeessuudhan dhiheessuun,qaama ilaalluuf beeksiisuu dhabuun,shakkamaadhaaf odeeffannoo
laachuun,dhoksuun nama kamiyyuu bu’uura tumaa kanaan kan gaafachiisu ta’a.
41 LGMMO Federaalaa.68743(2003)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
63
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
64
Kutaa III
Labsii Addaa Sirna Adeemsa Falmii Fi Seera Ragaa Farra Malaammaltummaa
Seensa
Seerri Adeemsa falmii yakka tumaallee seera yakkaa galma akka gahan seera
taasiisudha.Haaluma kanaan shakkamtootni fi namoon qulqulluun addaan foo’amnii haala
kamiin murtiitti akka dhiyyaatan, kanneen yakka raawwatan seeraaf yommuu dhihaatan mirgi
isaanii haala kamiin akka eeggamu,M/Murtii dhimma haala kamiin akka ilaalu, fi adabbii fi
tarkaanfii biroo haala kamiin fudhata gaaffiiwwan jedhuu fi kan biroof deebii wal duraa dubaan
kenna.
Seerri adeemsa falmii yakkaa gochoonni yakka malaammaltummaa jedhaman isaan kam akka
ta’an,qophiin himata duraa (Preparatory Hearing) haala kamiin akka gaggeeffamu, Qabeenyi
malaammaltummaan argame ugguruu,Qabeenyicha kan bulchu eenyu akka ta’e,qabeenyichi
akkamiin akka dhaalamu fi namoota yakka Malaamaltummaa gabaasaniif ykn eeraniif eegumsa
akkamiitu taasifamuu qaba jedhamaniif fi kkf deebii hin kennu.Gama biraatin biyyi keenya seera
ragaa qindaa’e hin qabdu.Yakki Malaammaltummaa amala addaati qaba.Amala adda kanaaf Kan
tolu seerri ragaa adda ta’e tumamuun barbaachisaa dha.Waan kana ta’eef, gaaffiiwwan kanneen
deebisuuf labsiin sirna adeemsa falmii addaa fi seera ragaa farra malaammaltummaa
tumameera.42 Labsiin kun tumaalee sirna qorannaa (ragaa sassaabuu), himannaa fi adeemsa
dhagaha dhimma malaammaltummaa Qorataan, Abbaan Alangaa, Abukaatoo fi Abbaan Seeraa
ittiin qaajeelfamu Kan hammateedha.
Sirni qorannaa fi himannaa yakka malaammaltummaa sirnoota qorannaa fi himannaa yakkoota
idileetiif ka’amaniin qajeelfama.Haa ta’u malee,amala adda yakki malaammaltummaa qabu irraa
Kan ka’e tumaaleen sirna adeemsa falmii fi ragaa adda ta’an ni jiru.
Kutaa kana keessatti waa’ee aangoo yakka malaammaltummaa qorachuu fi himachuuf,aangoo
mana murtii ilaaluuf aangoo qabu,haala mirgi wabii itti kabajamu, dhimmoota qorannaan wal-
42 Labsii Seera Adeemsaa Falmii Fi Ragaa Farra Malaamaltummaa, Lakk. 434/97,Negarit Gazeta
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
65
qabatan kan akka yeroo beellama, mirga wabii, ajaja sakata’iinsaa fi qabiinsaa ilaalchiisee
hanqinoota poolisii,Abbaa Alangaa fi Mana Murtii biratti mul’atan,dhimmoonni kunniin
Manneen Murtii Ol’aanaatti ilaalamuun isaa dhiibbaa inni qabu,himannaan wal qabatee
hanqinoota Abbaa Alanagaa idilee biratti mul’atu,Qabeenyi yakka malaammaltummaan argame
haala itti kabajamuu fi dhaalamu fi adeemsa qophii himata duraa akkasumas adeemsa falmii
qophii himata duraa yaada seeraa fi dhimmoota barsiisoo ta’anii fi qawwa raawwii seera irratti
darbanii darbanii mul’atan agarsiisuu danda’an iddoo barbaachisaa ta’e qofati fayyadamuun
xiinxaaluun yaalamee jira.
Leenjifamtoonni Kutaa Kana Yommuu Xumuran:
Sirna yakkootni malaammaltummaa ittiin qajeelfamanii keessatti maalummaa aangoo
Abbaa Alangummaa, Poolisummaa, Aangoo Mana Murtii,rakkoowwan dhimmoota
qorannaa yakka malaammaltummaan wal-qabatan yeroo beellama, mirga wabii, ajaja
sakata’iinsaa fi qabiinsaa irratti mul’atu addaan baafatu.
Mirga wabii ilaalchisee ejjennoo seeraa fi hojimaata Manneen Murtii Sadarkaa Federaalaa
fi Manneen Murtii Naannoo keenya keessatti calaqisu ni hubatu.
Adeemsa qabeenya yakka malaammaltummaan argamee ugguruu fi dhaaluu,akkasumas
hojimaata naannoo kana jiru ni hubatu;
Qophii himata duraa ilaalchisee adeemsa seeraan ka’amee fi hojimaata jiru ni hubatu.
3.1. Aangoo Poolisummaa (Qorannaa)
Qaamni yakka malaammaltummaa qorachuu fi himachuuf aangoon kennameef KNFM
Federaalaa yookiin Naannooti.43Dabalataan Qaamni Qorannaa yakka Fedeeralaa yookiin
Naannoo yakka malaammaltummaa qorachuu ni danda’a.
KNFM Federalaa yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa fi seeroota biroo keessati
tumamani manneen hojii mootummaa fi dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Fedeeraalaa ykn
deeggarsa mootummaan federaalaa Naannooleetiif kennuun walqabatee manneen hojii
mootummaa naannoolee keessati hojatoota mootummaatiin ykn abbootii taayitaatiin ykn
namoota birootiin raawwataman eeruun yoo qaqqabe ykn shakkii gahaa yoo qabaate
43Miil- jalee 38kew.2(3),fi LabsiiKNFMF hundeessuuf bahe lakk 433/97 Negarit Gazeta kew.6(3),kew.7(4-6) fi Labsii KNFMO hundeessuuf bahe lakk.71/95,Magalata Oromiyaa kew.3
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
66
qorachuu,himachuu ykn akka qoratamu ykn himannaa dhiyaatu gochuuf aangoo akka qabu
tumameera.(labsii lakk 433/97 kew.7(4) fi kew.9(1)
Haaluma wal fakkaatun,KNFMN Naannoo Oromiyaa yakkoota malaammaltummaa Manneen
hojii mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaa nannoo oromiyaa keessatti
argaman,dhaabbileen dhuunfaa ykn miti mootummaa manneen hojii fi dhaabbileen misoomaa
mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hirmaataniin yakkoota malaammaltummaa
raawwataman ittisuu, qorachuu fi himachuuf aangoo Poolisummaa fi Abbaa Alangummaa ni
qaba.44
KNFM Fedeeralaaa aangoo kennameef keessaa yakka malaamaltummaa sasalphaa (corruption
cases other than grand corruption) qaama qorannaa yakkaa Fedeeralaatiif ykn Naannootiif
aangoo qorannaa hunda ykn walakkaan bakka bu’uummaan kennuu ni danda’a.Labsii lakk
433/97 kew.2(9) jalati yakka Malaammaltummaa cimaaf hiika ni laata.Yakka Malaamaltummaa
cimaa (serious corruption offences) yakka malaamaltummaa salphaa (petty corruption) irraa
qabxiilee adda isaan taasiisan kanneen armaan gadiitti ibsamniidha.
1) Yakkoota malaammaltummaa hanga maallaqa heddduuti lakkaa’mu Manneen Hojii
Mootummaa fi dhaabbilee misooma Mootummaa faayidaa tarsiimoowaa olaanaa qaban
keessati raawwatamu fakkeenyaaf, manneen hojii galii sassaaban, Baankoota, Manneen
hojii ijaarsa bu’uuraalee misooma irratti boba’an, Telee fi kkf.
2) Yakkoota Malaammaltummaa Abbootii taayitaa Mootummaan raawwatamanii( labsii
lakk.433/97 kw.2(5) ibsaman) fi
3) Yakkoota Malaammaltummaa birmadummaa biyyaa, dinagdee, tasgabbii akkasumas
jireenya hawaasaa irratti miidhaa olaanaa geesisan ykn geesisuu danda’a akka ta’an ni
tuma.
Yakki malaammaltummaa cimaa karaa fi gochoota adda addaa keessatti calaqisuu ni danda’a
fakkeenyaaf,bittaa sadarkaa biyyoolessaatti gaggeeffamu bittaa akka xiyaarota
Waraanaa,Taankiiwwaanii,Doonii,Waliigalteewwaan ijaarsa gurguddoo ta’an ijaarsa madda
humna ibsaa,ijarsa hidhaa fi bishaan dhugaatti,daandiiwwanii fi ijaarsa warshaalee gurguddoo;
bittaa xaa’oo,keemikaaloota,dawwaa,meeshaalee yaalaa fi barnootaa,bittaa fi dhiyeessaa
telekomunikeeshinii fi geejjibaa irratti akka calqisu barreeffamioonni ni eeru.gama biraattiin
malaamaltummaa salphaan irraa caalaa kenniinsaa fi dhiheessa tajaajilaa kan waliin walqabatu
44 Labsii KNFMN Oromiyaa hundeessuuf bahe lakk 71/95 Magalata Oromiyaa kew 3(a) fi (b),kew.19(1)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
67
yoo ta’u,hojjeetoota,hoggantoota sadarkaa sadarkaan jiranii fi tajajilamtootni keessaatti ni
hirmaatu.Yeroo tokko raawwate kan dhabbatu osoo hin taane guyyaa guyyaadhaan kenniinsa
tajaajila mootummaa fi uummata irratti ni mul’ata.Fakkeenyaaaf,matta’aa kenniinsa tajaajilaa
irratti fudhatamu,matta’aa fudhachuun meeshaale seera alaa dabrsuu, matta’aa fudhachuun gibira
olkaasuun ykn gad buusun murteessuu,suphaa meeshaalee fi konkolaataa irratti sanada waliin
dhahuu fi kkf irratti ni calaqisa.
Labsiin KNFMN Oromiyaa hundeesuuf bahe akka labsii lakk.433/97 yakka malaammaltummaa
cimaa fi salphaa jechuudhaan addaan hin qooduu kana irra Kan ka’e hojii qorannaa irratti
yommuu rakkisu ni mul’ata.Gama kanaan muxannoon Federaalaa fudhatamee labsii KNFMN
Oromiyaa hundeessuuf bahe labsii lakk.71/95 osoo fooyya’ee rakkoo hojii irratti Ogeessoota
seera qunnamuuf furmaata guddaa ta’a.
Qaamni qorannaa yakka akkuma yakkoota biroo qorannaa gaggeessun erga xumuranii booda
galmee qorannaa A/Alangaa dhimmicha irrati murteessuf aangoo qabuuf ni ergu (labsii lakk
433/97 kew.8/1)
Qaamni Fedeeralaa ykn naannoo yakka qorachuuf aangoo qabu bakka bu’ummaan bu’uura kew
8(1)tiin hin kennamneef kam iyyuu bu’uura kew.7(4) tiin yakki aangoo Koomishinicha ta’e
raawwatamuu isaa eeruun yoo qaqqabe ykn shakkii gahaan yoo jiraate qorannaa jalqabuuf
dirqama qabu.Qorannaan jalqabamuu osoo hin turin komishiniinichaaf beeksiisuuf dirqama
qabu.Komishiniin dhimma qorannaan irratti gaggeeffama jiru yoo beekke dhimmicha ofiti
fudhatee qorachuu ykn qorannaa akka itti fufan murteessuu danda’a.Qaamni qorannaa
gaggeessuu qorannaa jalqabuu koomishiniif wayita beeksisu qorannaa jalqabe itti fufa.Qorannaa
kan dhaabu Komishinichi ofii kiyyaafan qoradha ykn qaamni biraa akka qoratu bakka
bu’uummaa kenneera galmee qorannaa deebisi yoo jedheen qofa ta’a.Qaamni qorannaa
gaggeessuu qorannaa jalqabuu koomishinichaaf beeksiisee koomishinichi deebii yoo hin laane
qorannaa jalqabame xumuruun Abbaa Alangaa aangoo qabuti ni erga.Waa’ee aangoo
Poolisummaaa Komishinichaaf Kan kenname ta’uu akkasumas qaamni yakka qorachuuf aangoo
qabu qoranna gaggeessuu akka olitti ibsameera.As irratti gaaffiin ka’uu malu sirna himannaa
dura dhimmootni qorannaa fi qorannaa waliin wal qabatan labsii lakk.434/97 hin haguugamne
sirna isaa kamiin qajeelfamu ykn gaggeeffamu qabu? Sirni himannaa dura hojiin hojetamu kan
akka qabiinsaa,m/murtiiti dhiheessuu, gad-lakkisuu, jecha fuudhuu,Sakkata’uun qabuu,ragaa
dhiheessuu S/D/F/Ytiin kan qajeelfamu ta’uu labsiin lakk.235/93 tumee jira.Labsiin fooyya’e
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
68
lakk.433/97 haala sirni qorannaa ittin raawwatamu osoo hin tumne bira darbeera.Seerri falmii
addaa fi ragaa lakk 434/97 sirnoota himannaa dura jiran tokko tokko tumu illee dhimmoota
hunda hin tumu ykn hin haaggugu.Gama kanaan wanti adda seeroota kana keessati hanga hin
tumamneeti s/d/f/y raawwatiinsa qaba.Koomishiniin aangoo poolisiin s/d/f/y tiin qabu hunda
qabaachuu isaa labsii lakka.433/97 kew 23 irraa ni hubatama.S/d/f/y fi seeroon biroo labsii lakk
434/97 kew.55 fi 58(2) hanga wal hin falleessinetti raawwatiinsa akka qaban 434/97 kew.55 fi
58(2) tumameera.Waan kana ta’eef,murtii yommuu laanu dhimmoota labsii kanaan wal
falleessan xiyyeefannoon ilaaluun murtii laachuun murteessaadha.Fakkeenyaaf KNFM Naannoo
Oromiyaa bu’uura labsii lakk.71/95 kew.10(6),(7),(8) tiin yakka malaamaltummaa wayita qoratu
iddoo hojii,geejjiba,ykn qabeenya biroo sakkata’uufi qabuu akka danda’u akkasumas namoota
yakka malaamaltummaan shakkaman ajaja m/m malee sa’aatii 48 tursiisuu akka
danda’u,ashaaraa qubaa fi footoo shakkamaa fudhachuu akka danda’u;dhimma qorannaaf kan
barbaachisuu ta’uu yoo hubate bu’uura s/d/f/y fi seeroota birootin nama kam iyyuu dhiyyeesse
gaafachuu,jecha irraa fuudhuu nama ykn mana hojii kam iyyuu irraa ragaan akka dhiyyaatuuf
ajajuu akka danda’u aangoon kennameefira.As irratti S/D/A/F/Y dhimmaa Naannoo irraatti
haala kamiin raawwatamaa?S/D/A/F/Y fi labsii lakk/434/97 haala kamiin wal simsiifnee ittiin
hojjenna?gaaffiin jedhu qabatamaan ka’uu danda’a?akka labsiinlakk.434/97 irraa hubatamutti
seerri deemmii falmii yakka raawwatiinsa kan qabu hanga labsii kana waliin walitti hin bunneetti
ta’a.Kanaaf S/D/F/Y,labsii kanaan yoo walitti hin buune qorannoo yakka malaamaltummaa
bu’uura labsii lakk.71/95tiin taasifamu irratti raawwatiinsa qaba jechuudha.Walitti kan bu’uu
yoo ta’ee labsii lakk.434/97tu raawwatiinsa qaba.
3.2. Aangoo Abbaa Alangummaa (Himannaa Hundeessuu)
KNFMn Federaalaa fi Naannoo aangoo Abbaa Alangummaa waan qabuuf yakkoota
malaammaltummaa himachuu ni danda’a.45KNFM Fedeeraalaa akka barbaachisummaa isaati
aangoo Abbaa Alangummaa qoodee Abbaa Alangaa Fedeeraalaa ykn Naannoo ykn KNFM
Naannootiif bakka bu’uummaa guutuu ykn walakkaa kennuu ni danda’a.(labsii lakk.433/97
kew.9/1 ) Haaluma walfakkatuun KNFM Naannoo Oromiyaa Komishinichi aangoo fi hojii isaa
poolisii ykn Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaatiif qoodee kennuu akka danda’u labsii lakk
71/95 kew 19(3) ni ibsa.Haaluma kanaan KNFM Naannoo Oromiyaa yakkoota malaamaltummaa
45 Labsii Lakk 433/97 Kew.23 Fi Mil-Jalee 14
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
69
murta’aaan irrati aangoo himata dhiyyeessuu fi mana murtiiti dhiyaatanii falmuu Biiroo Haqa
Oromiyaatiif kennera.46
Deeggarsa mootummaan federaalaa naannoof kennuun wal qabatee yakkoota
malaammaltummaa raawwataman ilaalchisee KNFM Naannoo ykn Abbaan alangaa aangoo
qabu himannaa hundeessuu ni danda’a.Haa ta’u malee barbaachisummaa isaa yoo hubate
kallattiidhan KNFM Naannoo ykn Abbaa Alangaa bakka bu’uun falmii keessa seenuu akka
danda’u lasii lak.433/97 kew.9 (2) jalati tumameera.
Akka waliigalaatti aangoon Abbaa Alangummaa kana yoo ta’u, itti aansuun dhimmoota
qabatamaan hanqina qaban fi barsiisoo ta’an akka armaan gadiitti ibsaman hubannoo ni uuma
jedhamee waan itti amanamuuf xiinxaaluun barbaachisaadha.
Dhimma 1ffaa A/Alangaa Naannoo lakk.galmee 0061 ta’een gaafa 21-04-02 himatamoota simee
Mangashaa Taaddasaa faa N-16 konkolachistoota Waldaa Aksiiyoona Geejjiba bakkalcha
ta’anii yommuu hojjetan kew.32(1)(A) fi 676(1) cabsuun yakka malaamaltummaa amantaa
hiri’suu cimaa raawwataniiru jechuun M/M/W/O/ Dhaddacha Dhaabbii bahaatti himannaa
baneera.
M/Murtii kunnis LGMM.92596 ta’e irratti dhaddacha gaafa 8-7-03 ooleen himatamtooni
hojatoota dhabbata misooma mootummaa Fedeeraalati bu’uura labsii lakk.433/97 kew 2(4) fi
7(4) dhimma kana ilaaluuf aangoo kan qabu KNFM fedeerala ti qaamni himannaa kana
dhiyeessuuf aangoo qabu A/Alangaa Naannoo osoo hin taane KNFM Feederaalaa ta’u
qaba.Akkataa labsii lakk 434/97 kew.7(1) tiin dhimma kana ilaaluuf aangoo kan qabu
M/M/Olaanaa Fedeeraala yoo ta’ees M/M/W/Oromiyaa B/Bu’ummaan ilaaluuf angoo qaba
jechuun himannaa A/Alaangaa Naannoo dhiyyeessan kufaa godhee jira.
Dhimma 2ffaa A/Alangaa Waajjira Haqaa Aanaa Adaamii Tulluu L.G.A.A 00507 gaafa 7-11-02
ta’e irratti Mahaammad obsaa Macheessaa faa N.2 irraati himatamtoota1ffaa fi 2ffaa Nagahee
galii ittiin sassaabu wal caalcisuun qr.1122 faayidaa offiif oolfataniiru jechuun kew.379-1A
jalatti yakka sanada mootummaa gara sobaatti jiijjiruun,himatama 1ffaa nagahee oofummaa
gaafatee bahii gochuun galii ittiin sassaabee waan argameef dhimma aangoon isaa hin
hayyamne raawwatchuun isaatiin yakka aangootti seera ala fayyadamuu tiin kew.407(1)(C)
46 Bakka Bu’ummaa KNFM Oromiyaa Biiroo Haqa Oromiyaatiif Kenne.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
70
jalatti himatamaa 2ffaa yakka amantaa hir’isuu cimaa raawwateera jechuun kew.676-2A
caqasuun M/M Aanaa Adaamii Tulluutti himanna saqeera.M/Murtii kunis himannaa dhiyyaate
keessuummeessun LGMM.13010 ta’ee irratti gaafa 13 -11-2002 himatamtoota lamanuu
keewwata himannaan dhiyyaate jalati balleessaa qabu jechuun hidhaa cimaa waggaa 4 akka
adabaman murteessee jira.
Dhimma 1ffaa irraa kan hubatamu A/Alangaa Naannoo dhimma ilaaluudhaaf aangoo hin qabne
irratti haala miira labsii lakk 433/97 kw.2(4) fi7(4) faallaa ta’een himannaa hundeessuu isaa
akaasumasi Dhimmi.2ffaanA/Alangaa Wajjira Haqaa AanaaA Adaamii Tulluu M/murtii yakka
malaamaltummaa ilaaluudhaaf aangoo hin qabnetti himannaa dhiyyeessuu isaa miira labsii
lakk.434/97 waliin kan wal-faalleessuu ta’uu isaa namatti agarsiisa.
3.3. Aangoo Mana Murtii
Labsiilee amman dura turan keessatti ifaan ifatti yakkoota malaammaltummaa ilaaluuf aangoo
kan qabu M/Murtii kam akka ta’e addaan bahe hin tumamne.Waan kana ta’eef,hojii keessatti
rakkoo uuma tureera.Kanaafu Heera RDFI kew.78 fi 81 bu’uura godhachuun labsii lakk.434/97
kew.7 jalatti aangoon yakka malaammaltummaa ilaaluu M/Murtiif kennameera.
Bu’uuruma kanaan Yakkoota Malaammaltummaa aangoo mootummaa Fedeeraalaa ta’an
Abbootii Taayitaa Mootummaa Feederaalatiin47 rawwataman Mana Murtii Waliigala
Federaalatu ilaala.Kan Abbootii Taayitaa Naannootiin48 Raawwtan immoo Mana Murtii
WaliigalaNaannootu ilaala.Yakkoota malaamaltummaa namoota abbootii taayitaa jedhamanii
seeraan ka’amnii ala jiraniin Raawwataman49 qoratee murtii keennuuf sadarkaa Feedeeralati
M/murtii olaanaa Fedeeraalaa aangoo Abbaa Seerummaa sadarkaa duraa kan qabu yoo ta’u
sadrkaa naannootti immoo M/Murtii ol’aanaa (Godinaa) naannoo aangoo Abbaa seerummaa
sadarkaa duraa qaba.Gama biraatiin yakkoota malaammaltummaa Bulchiinsa Finfinnee fi Diree
47 Members of the House of People's Representatives and of the House ofthe Federation, officials of the Federal Government above ministerial rank, ministers,state ministers, vice ministers, commissioners,vice commissioners, judges of the Federal Supreme Court,labsii lakk.433/97 kew.2(5) 48 Members of Regional State Councils, officials of the Regional State above the Regional State bureau heads, Regional State Bureau heads, judges of the Regional State Supreme Court,mil- jalee 17 ni ilaallata. 49 Fakk.I/ gaafatamtoota waajjira,Abbootii Adeemsaa,Itti/ ga godinaa,Aanaa ,hojatoota…Qajeelfama Adabbii lakk 1/2000 kew.8(3) (b) fi (C)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
71
Dawatiin wal qabatan kan ilaalamaa akkuma barbaachisummaa isaati M/Murtii Fedeeralaa
rogummaa qabuun ilaalamu.50
Dhimmooni ajaja Qabiinsa, Sakkata’iinsa,Yeroo Beellama,Buufata Poolisii tursiisuu,mirga
wabii, dhorkaa ykn uggurri akkasumas dhimmooni biroo qorannaan wal qabatan kan ilaalaman
M/Murtii yakka malaamaltummaa dhagahuuf aangoon kennameefi Mana Murtii ol’aanaa akka
ta’e labsiin lakk.434/97tumeera.Waan kana ta’eef,Manneen Murtii Aanaa yookiin Manni Murtii
Federaalaa Sadarkaa jalqabaa dhimmoota kanneen ilaaluuf aangoo hin qabu.
Seera baastuun dhimma kana irratti maliif filannoo kana akka fudhatan tilmaamuun ni
danda’ama.Kunis ulifinna yakka malaamaltummaa fi namoota yakka kana raawwachuu danda’an
wal bira qabanii yemmuu ilaallamani gahumsa ogeessoota Qaama Haqaa wajjinis ilaaluun
barbaachisaa waan ta’eef Manni murtii Ol’aanaa immoo gahumsa kana ni qaba jedhamee
fudhatamuu ni danda’a.
Gama biraatiin,rakkooleen ifatti dhimma kanaan wal-qabatanii raawwii kessatti mul’atan
fakkeenyaaf,dhimma aangoo M/M/W/O ta’e tokko Godinaalee Oromiyaa irraa gara M/m kana
deeddebi’uun mirga wabii, yeroo beellama, ajaja qabiinsaa fi saka’ta.iinsaa baasuun mirga
namoonni dhiyyeenyaatti haqaa argachuuf qaban kan daangeessuu fi baasii dabalataaf ni
saaxila.Qaama raawwachiiftuus baasii hin taaneef saaxila.Dhimmoon kun Mana Murtii aanaatiin
ta’uu dhabuun iccitii hojjichaa irraatti,namoonni yakka malaammaltummaan shakkaman
to’atamuu danda’uu irraatti fi yaada bu’uura seeraa Ajajin qabiinsaa,mirgi wabiifi sakanta’iinsaa
M/M kamiinuu kennamuu danda.a jedhu waliin wal falleessuu danda’a.kana malees qaamoleen
yakka malaammaltummaa qoratanii himachuuf aangoo qaban akkaata labsii lakk 434/97 ajajuun
raawwachuu irra S/D/F/Y hojii irra oolchuuf ni dirqamu.Qabatamaan yommuu labsicha dhiisuun
akkaataa s/d/f/y tti hojjeetan ni mula’atu.Akka fakkeenyaatti dhimmoota armaan gadii
fudhachuun xiinxaluun ni danda’ama.
Dhimma 1ffaa Poolisiin Aanaa Doddotaa shakkamtoota Yohaannis Abarraa fa’a N.3 yakka
malaammaltummaa rawwwatan jedhee waan shakkeef galmee wayita qulqulleessu Baankii irraa
ragaa barbaachisu fudhachuuf yeroo beellamaa M/M Aanaa Doddotaati gaafatee.M/M kunis
50 Labsii lakk 434/97 kew.7
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
72
LGMM.yeroo beellamaa 07209,51 ta’e irrati yeroo beellama kennee gaafa 12/06/02 bu’aa
eeguuf beellama qabeera.Beellama itti aanu irratti shakkamtootni mirgii wabii akka eegamuuf
yommuu gaafatan,Poolisiin hanga himannaan banamuti buufata poolisii akka turan
gaafateera.M/M kun gaaffii poolisii kufaa gochuun akkaataa seeraatiin mirgi wabii akka
eegamuuf poolisiif ajaja dabarsee galmee cufeera.Shakkamtooni M/Murtii ajaja dabarsu illee
poolsiin mirga wabii keenya hin eegne jechuun M/M/O/Go/Arsiiti mirgi wabii akka eeggamuuf
gaafataniiru.A/Alangaa labsii lakk 434/97 kew.4(1) caqasuun mormeera.M/M kunis LGMW
2614952 irrati mirga wabii dhorkee jira.
Dhimma 2ffaa
Shakkamaa Makkoniin Simee M/Murtii Aanaa Adaamaati miga wabii kan gaafate yoo ta’u
A/Alangaa Waajjira Haqaa magaala Adaamaa xalayaa lakk.01/731/2003 barreesseen bu’uura
labsii lakk.433/97 kew.7(4) dhimma kana ilaaluuf aangoo kan qabu M/M Olaanaadha,yakki
raawwatame yakka aangooti haala hin malleen fayyadamuti jechuun mirga wabii irrati mormii
dhiyyeeseera.M/M Aanaa Adaamaa dhaaddacha gaafa 14-11-2003 ooleen LGMW 50749 ta’e
irrati A/Alangaa dhimma kana kan ilaalu M/M/O/Godinaati kan jechuun mormii dhiheesse
fudhatama hin qabu Sababni isaa gaaffiin mirga wabii m/m kanati dhiyyachuu danda’a waan
ta’eef,dhimma malaamaltummaa kan jedhamu ilaalchisee labsii ibseen yakka malaamaltummaa
osoo ta’ee kan qoratu qoratee… A/Alangaa oofuma yeroo beellamaa M/Murtii kanatti
dhiheessee ka’e yeroo mirga wabii ol’aanatu ilaaluu qaba jechuun Kan dhiheessee fudhatama
hin qabu jechuun shakkaman qr.4000 dhiyyeessee ykn moodeela 85 qabsiisee ala taa’ee dhimma
isaa hordofu bu’uura s/d/f/y kew.63 mirga wabii heeyyamee galmee cufeeera.
Dhimma 3ffaa
A/Alangaa Waajjira Haqaa Aanaa Adaamii Tulluu L.G.A.A 00507 gaafa 7-11-02 ta’e irrati
Mahaammad obsaa Macheessaa faa N.2 kew.379-1A darbuun yakka sanada mootummaa gara
sobaatti jiijjiiruun,yakka aangootti seera ala fayyadamuu tiin kew.407(1)(C) fi yakka amantaa
hir’isuu cimaa kew.676-2A raawwataniiru jechuun himanna saqeera.M/Murtii Aanaa Adaamii
Tulluu himannaa dhiyyaate keessuummeessun LGMM.13010 ta’ee irratti dhaddacha gaafa 13 -
51 GYB M/M Aanaa Doddoota lakka. O7209 52 GMM/M Ol’aannaa Godina Arsii lakk. 26149(2002)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
73
11-2002 ooleen himatamtoota lamanuu keewwata himannaan dhiyyaate jalatti balleessaa qabu
jechuun hidhaa cimaa waggaa 4 akka adabaman murteessee jira.
Akka waliigalaatti,Dhimma1ffaa irraa kan hubatamu gaaffii yeroo beellama,mirga wabii akkaata
labsii lakk.4534/97 ajajutti M/M/O/Go tti gaafatamuu osoo qabu Aanaa irratti kan gaafatame
ta’uu isaa dhimma 2ffaas ilaalchisee A/Alangaa bu’uura labsii lakk.434/97 kw7(4) tiin osoo
mormuu m/m Aanaa mirga wabii eeguun isaa akkasumas dhimma 3ffaan wal-qabatee dhimmichi
qorannaa keessa darbee murtii kan argate M/M Aanaatti ta’uun isaa ija labsii kanaan yoo
ilaallame sirrii hin fakkaatu.Akka yaada barreessaa moojulii kanaatti akkaataa labsichi ajajuun
hojjechuu fi rakkoole ifatti mul’ataniif seera baastuun fala akka dhahu kallattii agarsiisuu wayya
malee seera ala hojjechuun fala hin ta’u.
3.4. Mirga Wabii
Mirgi wabii mirgoota bu’uura keessa tokko akka ta’e ni beekama.Kanaaf, heera RFDI kew 19(6)
jalatti haala ifa ta’een tumameera.Haa ta’u malee mirga bu’uuraati yoo jennuu mirga gonkumaa
hin daangoofne ( Absolute right) miti.Mirgi wabii kan dhorkamu ykn daangeeffamu ta’uu isaa
kew.19(6) ni tuma.Seera baastuun biyya keenya keewwata kana bu’uura godhachuun Labsii
lakk.239/93 Kew 51(1) (2) tiin mirga wabii guutumaan guuti daangeesseera.Labsiin Kun kallattii
kaayyoo seera yakkaa galmaan gahuu fi eegumsa mirga namaatiin yoo ilaalamu fooyya’uun
waan barbaachiseef labsii lakk.434/97 Kew.4-6)tiin akka haqamu taasifameera.Labsiin Kun
qaamoota yakka qorachuu danda’aniif aangoo fi haala mirga wabii itti eeggu danda’an kenneefi
jira.
1) Qorataan Pooliisii nama yakka malaammaltummaatiin shakkame haalotaa armaan gadii
tilmaama keessa galchuun mirga wabii eegeefi gad lakkisuu akka danda’u labsichi ni
tuma.Kunis yakki raawwatame jedhame shakkisiisa yoo ta’e ykn namni qabame yakkicha
raawwachuusaaf shakkisiisaa yoo ta’e,akkasumas yakki raawwatame jedhame adabbii
cimaa ta’een kan hin adabisiifne ( kew.4(2) fi seera yakkaa kew.107)
2) Poolisiin wabiidhaan shakkama yoo gad-hin lakkifne manni murtii mirga wabii eeguu
kan danda’u;
a) Shakkamaan mirgi wabii eeggameefii bahe hin badu jedhee yoo tilmamame fi
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
74
b) Ragaawwan ni balleessa ykn yakka biraa ni raawwata jedhamee yoo tilmamame
dha.kew 4(4)
Haa ta’u malee, murtii kenname irratiti ol’iyyannoo gaafachuun ni danda’ama.(kew.5)
Ol’iyyannoon kan dhihaatu mirga wabiin gadhiifamuu ykn hanga maallaqa wabiif qabsiifamee
komachuun yoo ta’e dhimmichi ol’iyyannoon ilaallamee murtii hanga argatutti murtiin mana
murtii jalaa osoo hin raawwatamin ni tura.A/Alangaa yeroo murtaa’ee keessatti ol’iyyannoo
M/Murtii ol’iyyata dhagahuu isaa ragaa mirkanneessu dhiyyeessuu qaba.
Gama biraatiin,M/Murtii shakkamaan mirga wabiin akka bahu yommuu murteessu
daangaawwan ka’uu danda’u,naannoo murta’ee ala akka hin sochoone,iddoo ragaa balleessuu
danda’uu akka hin geenye,yeroo murtaa’ee keessati qaama ilaalatuuf akka gabaasu ykn,gara
biyya alaatti akka hin baane ajaja kennuu ni danda’a.Fakkeenyaaf,M/M/O/Federaalaa
dhaddacha gaafa 9-9-2002 ooleen LG-42487 irratti nama labsii yakka fooyya’ee bahe
lakka214/74 kw.23(1A) fi (2) fi Seera yakkaa kw.32(1A) fi 33 darbuudhaan yakka aangootti gar-
malee fayyadmuu irratti haala addaattiin hirmaate tokko mirga wabii ilaalchisee A/A
shakkamtuun biyyaa bahuuf yommuu jettu waan qabamteef mirgi wabii akka dhorkamu
gaafateera.M/Murtii gaaffii A/Alangaa KNFMF kufaa gochuudhaan mirga wabii kan eegeef yoo
ta’u hanga dhimmichi murtii dhumaa argatuutti biyyaa akka hin baane ajaja laateera.Ajajani fi
footoon ishee Imigireeshinitti hanga ergamutti ajajin wabiin akka baatu laatame akka turu
ajajeera53.
Labsichi namni yakka malaammaltummaa waggaa 10 ol adabsiisuu danda’uun himatame mirga
wabii ni dhorka.Ulaagaan ykn safartuun kun hanga adabbii himatamaa adabsiisuu danda’u kan
ilaallatu waan ta’eef mirgi wabii adabbii yakka himannaan jalatti dhihaate ilaaluun murtaa’a.
Madaalliin kw.4(1) kaa’ame adabbii ka’uumsaatti moo baaxii isaatti?gaaffiin jedhu yeroo
baayy’ee dhimma oggeessota seera wal-falmsiisuudha.Hojimaani Manneen Murtii Federaala
akka agrsiisuutti madaallichi baaxii adabbii ilaallata.Kaa’umsi adabbii waan fedhe yoo ta’e illee
namni yakkoota malaamaltummaa baaxiin adabbii isaanii waggaa 10 ol ta’een himatame mirgi
wabii yommuu dhorkamu ni mula’ata.Qabxiiwwaan kanneen ifa taasiisuuf dhimmoota(keezoota)
armaan gadii kanneen ilaaluun gaarii ta’a.
53 Girmaa Baqqalaa fa’a N5.irrati Meeroon Dilnasee Vs KNFMF LGMMOF.42487(2002)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
75
Dhimma 1ffaa M/M/O/Federaalaa dhaddacha 14-7-2001 ooleen LG78290 ta’e irratti keewwata
himannaan jalatti hunda’e jalatti balleessaa qaba yoo jedhame waggaa 10 ol adabamuu
danda’a jechuun mirga wabii bu’uura labsii lakk.434/97 kw.4(1) tiin dhorkee jira.Himatamaan
M/M/W/Federaalatti ol’iyyaannoo kan gaafate yoo ta’u M/M kunis LG.48055 ta’e irratti
dhaddacha 09-02-2002 oolen murtii mana murtii jalaa cimseera.54
Dhimma 2ffaa Dhimma isa duraa kanaan walfakkaatu irratti M/M/O/Federaalaa LG.82294 irratti
mirga wabii bu’uura labsii lakk.434/ 97 kw.4 (1) dhorkee jira.M/M/W/Federaala dhaddacha 13-
2-2002 ooleen LG.47847 irratti murtii kana cimseera.55
Muxannoon Manneen Murtii Naannoo keenya keessa jirus kan Manneen murtii Federaalaa
waliin wal fakkaata.Fakkeenyaaf,M/M/O/G/Shawaa dhaddacha gaafa 12-11-2001 ooleen
namoota yakka malaa malaamaltummaa aangootti seera ala fayyadamutiin himannaan bu’uura
seera yakka 407(2) irratti dhihaate mirga wabii LG.11631 irratti yommuu dhorku ol’yyaannoo
M/M/W/O/Dh/Bahaatti taasifameen manni murtii kunnis dhaddacha gaafa19-02 2002 oolen
LG.85949 irratti ajaja Mana Murtii jalaa cimseera.56 Haa ta’u malee, darbee darbee namoota
yakka malaamaltummaa baaxiin adabbii waggaa 10 ol ta’een himatamaniif mirga yommuu
hayyaman ni mul’ata.Abbootiin Alangaas mormii kan hin qabaanne ta’uu yommuu ibsaan
galmee tokko tokko irraa ni hubatama.Dhimmoon armaan gaditti ibsaman dhugaa kana
calaqisiisu.
Dhimma 3ffaa A/Alangaa Go/Shawaa bahaa LG.A.A.01510 himannaa gaafa 30/4/01 barreessee
dhiheesseen himatamtoota Ahimad Abdii Arabii fa’a N.3.irratti him 1ffaa seera yakkaa kew
676(1) caqasuun yakka malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaatiin, 2ffaa fi 3ffaa yakka
dhoksaatiin M/M/O/Go/Sh/Bahaati himannaa dhiyeesseera.Falmii mirga wabii L.G.M.M.18701
ta’e irratti A/Alangaa mirgi wabii yoo egame komii kan hin qabne ta’uu yommuu ibsu.M/Murtiis
himatamaa 1ffaan wabii qarshii 3000 qabsiisee akka hidhaa bahu ajajeera.57
Dhimma 4ffaa Haaluma walfakaatuun A/Alangaa Go/Harargee Bahaa himatamaa Mahaammad
Yuusuuf Callisaa kan jedhamu qarshii 65,177.48 hiriseera jechuun seera yakkaa kew.676(1)
54 Biruuk Mazigabaa Vs A/Alangaa KNFMF LGMMWF.48055(2002) 55 DR.Solmoon Gooshuu fa’a N.4 Vs A/Alangaa KNFMF LGMMWF.47847(2002) 56 Raajuu abdii fa’a.N2 Vs A/A KNFMO.LGMMW-85949(2002) 57 A/Alangaa Go/sh/Bahaa Vs Ahimmad Abdii Arabii fa’a N.3(2001)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
76
jalati yakka malaammaltummaa amantaa hir’isuu cimaatiin himannaa hundeesse
M/M/O/Go/H/Bahaati gaafa 15/3/01 dhiyesseera.LGMM.10152 ta’e irrati A/A mirga wabii hin
mormine.M/Murtiis hatamaan wabii Qr.4000 yaamee hidhaadha akka bahu ajaja laateera.58
Dhimma 5ffaa A/Alangaa KNFMNO himatamtoota Lammaa maammoo Qannawwee fa’a
namoota.3 seera yakkaa kew.407(2) caqasuun yakka malaammaltummaa cimaa aangooti seera
ala fayyadamuutiin M/M/O/GO/shawaa Bahaati himanna dhiyesseera.M/M kunis LGM.09000
ta’e irrati kew.4(1) bu’uureffachuun dhadhacha 7-4-2000 ooleen mirga wabii
dhokeera.Abukaatoon himatamtoota kew.4(1) yakki waggaa 10 ol adabisiisu mirga wabii hin
kennisiisu jedha malee waggaa 7 fi isaa ol hin jedhu,yakki oliyyatootni ittii himatmaan waggaa
7-15ti kan adabsiisudha jedhamee jala muramee ibsamuu danda’u miti,M/M seera yakkaa fi
labsicha bal’isee hiikuudhaan maliin akka nu adabuudhaaf qophirra jiran ibsuudhaan jala
murtiin kenname sirrii miti jechuun M/M/W/O/Dhaddacha Bahaatti Ol’iyyannoo
dhihesseera.M/M kunis ol’iyyata dhihaate kufaa gochuun murtii M/M jalaa cimseera.59
Yakka dadabalamaa ilaalchisee namni yakkoota hidhaa cimaa baaxii waggaa 10 ol adabsiisuu
danda’uun himatame haala adabbii yakka dadabalamaa murteessuutiin waggaa 10 ol adabamuu
waan danda’uuf wabiidhaan gad hin dhiifamne ni mul’ata(seera yakkaa 85 fi184) ejjeennoon
Manneen murtii Federaalaa fi Naannoo keenya keessaatti callaqisuus kanuma.Fakkeenyaaf
M/M/O/Federaalaa LG.76276 irratti dhaddacha gaafa 04-17-2001 ooleen himatamaan yakkoota
dadabalamaa waan himatameef waggaa 10 ol adabsiisuu danda’a jechuun bu’uura labsii
lakk.434/97 tiin mirga wabii kan dhorke yoo ta’u, ol’iyyannoo Mana Murtii Waliigalaatti
himatamaan taasisseen M/M/W/F dhaddacha gaafa 05-08-2001 ooleen LG.448225 irratti
ol’iyyaannoo isaa kufaa taasiiseera.(dhimmaa 6ffaa)60
Akka waliigalaati dhimmoota kanneen irra kan hubatamu ejjennoon manneen Murtii Federaalaa
keessatti Calaqqisu mirga wabii nama yakka malaamaltummaatiin himatame ilaalchisee gaaffii
mirga wabii irratti murtoo laachuuf ilaalamuu kan qabu adabbii ka’uumsaa osoo hin taane baaxii
adabbii akka ta’e,namni yakkoota dachaa baaxiin adabbii waggaa 10 ol adabbisiisuu danda’uun
himatame tokkoon tokkon isaanii waggaa 10 kan adabsiisan yoo ta’e waggaa 10 ol adabamuu
58 A/Alangaa GO/H/Bahaa Vs Mahaammad Yuusuuf callisaa 59 A/Alangaa KNFMO Vs Lammaa Maammoo qannawwee fa’a.N-3 60 Toofiq Sammaan Vs KNFMF 44825(2001)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
77
waan danda’uuf wabiidhaa akka gad hin lakkifamnedha.Dhimmooni Manneen Murtii Naannoo
keenyaa murta’aan gariin kana kan agrsiisan yoo ta’an gariin immoo hojimaata kana irraa kan
maqan fakkaatu.Adabbii ka’uumsaa yoo kan fudhannu ta’e yakkoota malaamaltummaa adabbiin
ka’uumsaa waggaa 10 ol ta’an kw.407(3),408(3) fi 411(3) qofa irratti mirgi wabii dhorkaamuu
danda’a.Gama biraattin yakkootni malaamaltummaa reenjiin adabbii isaanii hanga waggaa 15,5-
15,7-15,5-25 ta’ee jiru.Yakkoota kanneen yoo ilaale uumama isaanitiin baay’ee ulfaatoo
dha.Namni yakkoota kana raawwate carraan seera jalaa miliquu bal’aadha.Qaboon yaa’ii (
mariin) seera baasitu akka ibsutti madaallii waggaa 10 jedhu kan tumame namni waggaa 10
adabamuu danda’u wabiin yoo gad-lakkifame hin deebi’u,ni bada sababa jedhu ibsa.Gama
kananis yoo ilaale mirga wabii dhorkuun sababa qabeessa fakkaata.
Yakkoota dadabalama ilaalchisee, mirga wabiitiin wal-qabatee seerrichi wanti ifatti ibsu hin
jiru.Akkuma dhimma 6ffaa irraa hubatamutti Manneen Murtii adabbii himataman adabamuu
danda’u walitti ida’uudhaan haalli gaaffii mirga wabii kufaa itti taasiisan sababa fi roga
qabeessaa ta’eetti mula’ata.
Gaaffilee Marii
1) Namni yakka malaammaltummaa labsii 214/74 keessatti waggaa 10 (kudhan) ol
adabsiisuu danda’uun himatamee, yakki ittiin himatame Kun Seeraa Yakka keessati
baaxiin adabbii isaa waggaa 10 (kudhan) ta’ee osoo tumamee gaaffiin mirga wabii haala
kamiin keessummeefama? Qajeeltoon seera yakka kw.6 (jaha) jalatti tumame
raawwatiinsa qabaa?
2) Maddaaliin labsii 434/97 kw.4(1) jalatti gaaffii mirga wabii murteessuuf kaa’ame
qajeetoowwan adabbii murteessuu seera yakkaa keessatti tumamanii (kw.85,184,188-2)
ykn Qajeelfama adabbi Murteessuu bu’uura godhachuudhaan gaaffii mirga wabiif deebii
laachuu( murteessuu) akka danda’amu ni agarsiisaa?
3.5. Dhorkaa Yookaan Uggurrii (Restraining)
Qabeenya yakka malaammaltumman argame jedhamee shakkame uguruuf sirni hordofamu qabu
s/d/f/y keessati hin tumamne.Labsii lakk 434/97 fooyyeessuun sababni barbaachise keessa tokko
qabeenyawwan yakka malaammaltummaan uguruuf tumaaleen dandeesisan fooyyeessuun waan
barbaachiseefdha.Yeroo nama yakka malaammaltummaan shakkame tokko M/Murtii
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
78
dhiheessuuf sochiin taasifamu shakkamaan qabeenya yakkichaan argame dhoksuu danda’a.Waan
kana ta’eef qabeenyichi akka hin dhokfamne ykn faanni hin banne gochuuf falli seerri gocha
Kana ittisuuf kaa’ee uggurrii dha.Akka waliigalaatti kaayyoon qabeenya ugguru faayidaa
malaammaltummaan argame ykn miidha qaqqabe bakkatti deebisuudha.
Labsichi ajaja uggurrii jedhuuf kew.2 (4) hiika lateera."Restraining order" means an order which
prohibits the offender from dealing with certain property and includes the right to transfer, use
and destroy the property in any manner” Qabeenya ugguruun bifa lamaan raawwatamuu
danda’a.
A. Qabeenya himatamaan yakka malaammaltumman argate jedhamee tilmaamu
irratti ajaja kennamu (labsii lakk.434/97 kw.8)
Qabeenya malaammaltummaan argame jechuun maal jechuu akka ta’e kew.2 (2) hiika
kenneefi jira.
"Property acquired by the commission of corruption offence" means any property which
the offender owns or possesses directly or indirectly as a result of the commission of the
corruption offence, and includes any such property or money which has been donated
directly or indirectly by the offender, put under someone's custody or hidden somew
here” hiika jedhu arganna.
Kana jechuun ajajichi mirga qabeenyatti fayyadamuu, bulchuu,karaa kamiin iyyuu nama biraatiif
dabarsuu kan dhorku dha.Manni Murtii qabeenya imaanadhaan nama harka jiru akka gad-
lakkifamu gochuu;nama qabeenya bulchu filuun muuduu fi akka bulchu guchuu,haala itti bulchu
ilaalchisee aangoo kennuu,galii fi bu’aa qabeenyichi irraa argamu sassaabuu fi maallaqicha maal
gochuu akka qabu ajaja kennuu akka danda’u kw 13 fi itti aanan irraa ni
hubatama.Fakkeenyaaf,Manni Murtii Ol’aanaa Federaalaa dhaddacha gaafa 16-10-2003 ooleen
LG-103669 irratti gaaffii KNFMF dhiheesse bu’uurreeffachuun Warshaan sibila Sheebaa
jedhamu Korporeeshiniin Sibilaa fi Injinariingii Itoophiyaa akka ofitti fudhatee bulchu ajaja
dabarseera.61
Himatamaan qabeenyicha malaammaltummaan argate jechuun murtii irra gahuun haalli itti
dand’amu kew.8 jalatti kan ibsamee jira.
61 KNFMF Vs MR.Gulihaam Abbaas LG 103669 (2003)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
79
1) Falmii mana murtiiti taasifameen qabeenyichi Kan argame yakka malaammaltummaan
ta’uu ragaadhaan yoo mirkannaa’ee yoo murta’ee qabeenya malaamaltummaadhaan
argame jedhame akka dhaalamu ni taasifama.Kun baayy’ee kan nama rakkisu miti.
2) Himannaan dura Ajajni dhorkaa akka kennamu iyyannaa dhiheessuu akka danda’amu
kew.8(3) jalati tumameera.Kanaaf qorataan qorannaan yommuu jalqabamu ajajini
dhorkaa akka kennamu gaafachuu ni danda’a.Haa ta’u malee,qorataan Abbaan Alangaa
qabeenyichi yakka malaammaltummaan kan argame ta’uu isaa ragaa agariisan tokko
tokko waliin walq-absiisuun iyyaanna kaakuun deeggarame dhiheessuu akka qabu
kew.8(2) ni tuma.Qabatamaaniis sadarkaa Federaalatti bal’innaan ittiin hojjetamaa
jiraachuu isaa barreessaan moojulii kanaa hubachuu danda’eera.
B. Haala qabeenyi bu’a yakkicha hin taane itti ugguramu
Yakka malaamaltummaan kan hin argamne ta’uu baatus qabeenyi maqaa shakkamaattiin jiru
kam iyyuu uguramuu danda’a.Ajajin dhorkaa qabeenya shakamaa irratti kennamu akka hin
gurguree fi hin jijjire kan dhorku yoo ta’u mirga qabeenyichati fayyadamuu garuu ni
hayyama.(labsii lakk.434/97 kw.9-1fi2) Yeroo tokko tokko namoonni yakka malaammaltumaa
raawwatan qabeenyi akka hin qabamne qabeenyicha maqaa nama biraatti jijjiru
danda’u.Ragaadhaan mirkanneessuun danda’amnaan qabeenyi himatamaan kennaadhan kenne
,maallaqa imanaadhaan namatti kenne ykn dhokse ugguruun akka danda’amu seeraan
tumameera.
Qabeenyi jireenya himatamaatiif barbaachisaa ta’an hin ugguraman.Qabeenyi tajaajila guyyaa
guyyaan himatamaa fi maatii isaatiif oolan Kan akka huccuu, meeshaalee nyaata ittiin
bilcheeffatu, siree, uffata siree, fi uffata halkanii…fikkf, akka fakkeenyaatti caqasuun ni
danda’ama. (kw.10)
Labsichi qabiyyeen iyyaata uggurrii dhimmoota ijoo of keessatti qabaachuu qabu kew.11 jalatti
tarreessera.Iyyatichi kakuudhaan deeggaramee kan dhihaatu yoo ta’u,ijoo yakkichaa,tarkaanfii
sadarkaa sadarkaadhaan fudhatame,himannaan yoo hin hundoofne sadarkaa dhimmichi irra
jiru,qabeenyi ykn maallaqni malaamaltummaan argamuu isaa sababoota agarsiisanii fi amansiisa
ta’an;faayidaa hin malle ykn miidhaa yakka malaammaltummaatiin argate ykn qaqqabe
ilaalchisee sababa amansiisaa ta’e;tarree fi teessoo qabeenyichaa hammachuu qaba.Galmee
KNFMF barreessaan kun kan ilaale yoo ta’u qabiyyee iyyaata dhihatuun wal qabatee rakkoo
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
80
hojii irratti mula’te hin arganne. Fakkeenyaaf, LGMMO Federaalaa,
56117,54876,71001,70369,68743,81964 irratti iyyannaa ugurrii dhihaate
ilaalameera.Iyyannaan kunis akkaataa labsii lakk.434/97 kw 8 fi 9(1) ajajuun kan dhiyaate ta’uu
hubatameera.Af-gaafii Abboottii Alangaa KNFMF waliin taasiifamees kanuma kan
dhugoomsudha.
3.6. Qabeenya Dhaaluu (Confisication)
Akkaataa seera biyya keenyatti qabeenya dhaaluun gosa adabbii keessa tokko.62 Qabeenyi
yakkaan argamees ta’e karaa seeraatiin argame dhaalamuu danda’a.63Adabbiin kun kan murtaa’u
garuu seera irratti ifatti akka adabbiitti yoo tumame argamedha.Seera yakka keessatti kw 419(1)
ala qabeenya dhaaluun akka adabbiitti of danda’ee yakkoota malaammaltummaa biroo jalatti hin
tumamne.Seera yakkaa kw.404(5) jalatti adabbiin tumamee yakkoota kanneeniif tumamee jennee
fudhachuuf ni dirqamna.Namni yakka malaammaltummaan himatamee balleessa qabachuun isaa
yoo mirkanaa’e qabeenyi malaammaltummaan argate ni dhaalama ykn faayidaa
malaamaltummaadhaan argate yookiin miidhaa qaqqabsiise jedhamee tilmaamamu waliin wal-
madaalu qabeenya ugurame irraa hir’isuun ykn gurguramee mootummaaf galii ta’a.Kunis labsii
lakk.434/97 kw.29 fi 34-(1fi2) jalatti ibsameera.
Qabatamaniis bu’uura kaanaan hojjeetama jira.Fakkeenyaaf himatamtoonni….jedhaman ragaa
sobaa fayyadamuudhaan kaazinaa mootummaa keessaa qr.1,025,267.81 baasii gochuun
faayidaa isaaniif waan oolfataniif M/M/O/F -LG81946 ta’e irratti murtii dabarseera,akkasumas
himatamtootni kaazinaa mootummaa keessaa qr.549,609.92 baasii gochuun fudhachuun isaanii
mirkanaa’ee LG.67374 irratti itti murta’eera.A/Alangaa KNFMF xalayaa gaafa 30-7-2003
barreesseen konkolaatootni yakka malaamaltummaatiin argamaan akka dhaalaman,Manni
maqaa himatamaatiin jiru gurguramee maallaqni miidhaa qaqqabe waliin wal-madaalu
mootummaaf galii akka ta’u ajajin akka kennamu gaafateera.Manni murtii ol’aanaa dhaddacha
gaafa 28-10-2003 ooleen LG.68743 irratti….koonkolaatoonni maqaa himatamtootatiin
galmaa’e fi ugguramee jiru gurguramee mootummaaf galii akka ta’u,mannichi gurguramee
miidhaan qaqqabe akka haguugamu murteesseera.
62 Seera Yakkaa Kw 98(1) 63 Seera Yakkaa Kw 98(2)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
81
Labsicha irraa akka hubatamutti murtiin dhaalumsaa murtiin balleessummaa akkuma kennameen
kennamuu qaba.Galmeen yakka malaamaltummaa lafaan wal-qabatu Manneen murtii Naannoo
keenya murtii argachaa jiran tokko tokko murtiin qabeenyaa dhaalu yeroo murtiin adabbii
murtaa’u murtaa’a akka jiru ni agarsiisu.
Dhimma 1ffaa M/M/O/G/Adda Adaamaa dhaddachaa 09-06-2003 ooleen seera yakkaa 32(1-A),
33 fi 407(2) darbuudhaa yakka malaamaltummaa aangootti garmalee fayyadamuutiin Lafti liizii
fi caalbaasii malee qabame km2 1,286 mootummaaf galii akka ta’u LG.10625 irratti murtii
adabbii erga laatee booda ajajee jira.M/M/W/O/Dhaddachi Bahaa dhaddacha 24-9-2003 ooleen
LG.12102 ol’yyannoo irratti ajaja M/Murtii jalaa cimseera.64
Dhimma 2ffaa M/M/O/G/S/Kaabaa dhaddacha 2-3-2000 ooleen namoota aangootti gar malee
fayyadamuu fi ragaa sobaa fayyamuun waldaa ijaarsa mana jireenyaa keessaatti namoota
miseensa ta’an haquun maqaa daa’immanii,nama duule,moggoo fi namoota biroo galchuun
lafa waan fudhataniif LG.17621 irratti murtii adabbii erga murteessee booda lafti
himatamtootni maqaa waldaan qabatan mootummaaf galii akka ta’u yommuu murteessuu
M/M/W/O immoo galmee ol’iyyannoo LG.70072 irratti dhaddacha gaafa 14-09-2001 ooleen
ajajaM/Murtii jalaa fooyyeessuun Bu/M/G/S/Kaabaa fi kan magaalaa suluultaa dhimmi kun
ilaallatu kan seera qabeessa ta’ee fi hin taane addaan baasee sirreessuun Qabiyyee Waldaa
mana jireenyaa hojii irra akka oolchu ajajeera.65
Haa ta’u malee, murtiin dhaalumsaa himatamaan faayidaa argachuu isaa ykn hanga qabeenya
dhaalamu murteessuuf ragaan dabalataa yoo barbaachise ragaa argachuuf jecha turu danda’a.66
Guyyaa Murtiin balleessuummaa laatame jalqabee yeroo ji’a jaha hin caaleef turuu
danda’a.Kanaafu, M/Murtii haalli Kun yoo jiraate malee murtii dhaalumsa kennuuf ni dirqama.
Gama biraatiin, waa’een qabeenya mootummaaf galii gochuu 34(3) jalatti ilaallameera.Bu’uura
tumaa kanaan qabeenyi akka dhaalamu murtaa’e haalli itti mootummaaf galii itti ta’u ilaalchisee
dambiin murteessuu akka bahu ni tuma.Waan kana ta’eef tuma kana irraa kan hubatamu yeroon
qabeenyi akka dhaalamu murtaa’uu fi galii itti ta’u adda adda.Dura murtii dhaalumsaa
kennamutu irra jira.
64 KNFMNO vs Faantaayee Tasammaa faa.N.6 LG.10625(2003) 65 KNFMNO vs Daanyaachoo Faayee fa’a N8.17621(2000) 66 Labsii lakk 434/97 kw30(1)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
82
Manni murtii yeroo tokko tokko murtii balleesummaa murteessee qabeenya irraatti ajaja osoo hin
kennine bira darbuu danda’a.Wayita kana A/Alangaa qabeenya irratti murtiin dhaalmaa akka
kennamu iyyannaa biroo M/Murtiif ni dhiheessa.M/murtiis akkaata seera irraatti ka’ameen erga
qoratee booda murtii ni laata (kw.31)
Yeroo tokko tokko faayidaan yakka malammaltumaatiin argame kan Waajjira Mootummaa
ta’uu danda’a.Fakkeenyaaf, liqaa karaa seera ala ta’een Baankii irraa argame ta’uu
danda’a.A/Alangaa himannicha hordofaa Waajjirri dhimmi ilaallatu qabeenyicha ilaalchisee
himannaa hariiroo hawaasaa akka dhiheessuu gochuu ni danda’a.Labsichi A/Alangaa bu’aa
dhimma kanaas akka hordofuu danda’u aangoo kennameefi jira.(labsii lakk434/97 kw.32)
3.7. Qophii Himata Duraa (Preparatory Hearing)
Akka waliigalaatti yakkoonni malaamaltummaa adeemsa falmii dhimmooni yakka idilee ittiin
qajeelfamaniin qajeelfamu.Haa ta’uu malee yakki malaamaltummaa amala addaa waan qabuuf
sirna adeemsa falmii adda ta’ee qaba.Sirni adeemsa falmii idilee irraa sirni adda ta’e tokko sirna
himannaa duraatti.Seena biyya keenya keessati dhimma yakka ilaalchisee yaad-rimeen seeraa
qophii himata duraa ( Preparatory Hearing ) jedhamu seera deemii falmii yakkaa keessatti hin
hammatamne.Yeroo jalaqabaatiif yaad-rimeen kun labsii sirna deemmii falmii fi seera ragaa
farra malaammaltummaa lakk 236/93 keessatti kan tumame yoo ta’u labsii lakk 434/97 (kan
foyya’e) keessatis kw35 jalatti tumameeti argama.Kunis akka itti aanuti dubbifama:
Preparatory Hearing
Art.35. Principle
“Where it appears to a court that a charge of corruption offence reveals a case of such
complexity and as a result of which the trial is likely to be of such length, and where
the purposes mentioned in Article 36 herein under is going to be likely fulfilled, it may
order a preparatory hearing shall be held” jedha.
Manni Murtii himannaan yakka malaammaltummaa itti dhihate ijoowwan himannaa fi tarree
ragaa wal-xaxa ta’uu isaa irraa kan ka’e adeemsa murtii kan dhereessuu fi wal-xaxaa taasisuu
ta’uu yoo hubate fi kaayyoowwan kew.36 jalatti ka’aman ni guuta jedhee yoo amane qophiin
himata duraa akka taasifamu murteessuu ni danda’a jedha.(hiikni kan barreessaa moojuulii
kanatti) Hiika qajeeltoo kana irraa kan hubatamu qophiin himata (dhagaha) duraa adeemsa
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
83
himannaan dura raawwatamu haa fakkaatuu malee qaama dhagaha dhimma yakka
malaammaltummaati malee dhimma yakka malaammaltummaa dhagahuuf akka haal-duree
tokkooti hin tumamne.Qophiin himata duraa himannawwan yakka malaammaltummaa hunda
irratti kan raawwatamu osoo hin taane ijoo fi ragaan dhihaate wal-xaxaadha jedhamee yoo itti
amaname fi A/Alangaa fi himatamaan waan barbaadaniif kan raawwatan ykn yoo hin barbaadne
kan dhiisan osoo hin taane Manni Murtii barbaachisaa ta’uu isaa yoo itti amane qofa ajaja
kennuun kan raawwatamu ta’uu isaatti.Waan kana ta’eef,himannaan M/Murtii dhihaatee
galmeen banamee dhaddachaaf dhihaatee beellama erga qabatee booda
raawwatama.Qabatamaani irraa caalaatti adeemsi falmii kun M/M/O/ Federaalaatti sirriitti hojii
irra oolaa jiraachuu isaa galmeewwan barreessaa moojulii kanaan ilaalaman irraa hubatamee jira.
Dhimma 1ffaa A/Alangaa KNFMF himatamtootaa Sulxaan Ibraahim fa’a N5 yakka
malaammaltummaa aangootti gar-malee fayyadamuu,sananada mootummaa fakkeessuun
qopheessuu ykn gara sobaatti jijjiiruu fi itti fayadamuutiin, qabeenya malaammaltummaadhaan
argame seera qabeessa dhiheessuu fi qaama 3ffaatti dabarsuu raawwataniiruu jechuudhaan seera
yakkaa kew.32,33,407 ( 1-A fi B) fi2 akkasumas kw 684 caqasuudhaan xalayaa
lakk.40/00004.1k.1/1446 himannaa dhiheessera.
M/M/O/F himatamtoonni dhihatanii deebii akka kennan waamicha dabarseen dhihatanii
himanni kennameefii himanna akka hubatan erga dubbiseef booda qabiyyee himataa fi tarree
ragaa dhihaate yoo ilaalu dhimmichi adeemsa falmii himata duraa keessaa akka darbu waan itti
amaneef A/Alangaa ibsa falmii himata duraa fi ragaalee akka dhiheessuu ajaja dabarseen
A/Alangaas bu’uura ajaja laatameen ibsa falmii himata duraa fi ragaalee dhiheessee
himatamtootaa akka qaqqabu erga taasifamee booda himatamtootnis ibsa falmii himata duraa
deebii ittisaa fi ragaalee dhiheeffatanii jiru.
Manni murtii kunis falmii himata duraa erga qorachuun himatamtootni himannaa yakka
malaamaltummaa isaan irratti dhihaate haaludhaan falmachuu isaanii waan hubateef,
ijoowwan yakkoota raawwatan jedhame kana raawwatan moo hin raawwanne? Jedhuu erga
qabatee booda dhimmi kun gara adeemsa falmii idileetti cehee ragaadhan akka qulqulla’u jala-
murtii laateera.Bu’uuruma kanaan Ragaan A/Alangaa itti fufee dhagamee….ragaan ittisa
dhagahame…murtii laatee jira…. (LGMM.71110)
Dhimma 2ffaa, A/Alangaa KNFMF himannaa himatamtoota Wandi wasan Jamana N3…. Yakka
malaamaltummaa aangootti gar-malee fayyadamu fi yakka sanada sobaa qopheessuutiin seera
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
84
yakka kew 32(1-A),33 fi 407(1) akkasumas kw 375(d) darbuudhan raawwatanii jiru jechuudhan
himannaa dhiheessera.M/M/O/Federaalaa (LG74754) irraatti himtamtoota himanni akka isaan
gahuu gochuun dhaddacha irratti himanna dubbiseefii akka galuuf taasiisuun himannaan
dhihaate adeemsa falmii himata duraa keessa akka darbu waan itti amaneef A/Alangaa ibsa
himata duraa fi tarree ragaa akka dhiheessuu ajaja dabarseen A/Alangaas bu’uruma kanaan
dhiheessee himatamtootaaf akka kennamu erga taasifamee booda himatamtootni qabxiiwwan
mormii fi ragaalee ittisaa tarreessuun deebii dhiheeffatanii jiru.A/alangaa Komishinichaas
mormiiwwan himatamtootan ka’an irratti deebii kenne jira.M/Murtii kunis falmii adeemsa
himata duraa irratti bitaa mirgaa taasifame qorachuun qabxiiwwaan himatamtootni akka
mormiitti kaasan adeemsa falmii idilee irratti ragaadhan kan qulqulla’andha, qabxiin
himatamtootni amanan hin jiru,himatamtootni himanna isaan irratti dhihaate haaluudhan
falmataniiru… jedhuudhan ijoo… himatamtootni himannaa irratti dhihaate raawwatan moo hin
raawwanne? Jedhuu qabachuudhaan gara falmii idileetti akka seenaan jala murtii laateen
ragaan A/Alngaa itti fuufee dhagahamee jira.
Dhimma 3ffaa,A/Alangaa KNFMF xalayaa lakk … KNFMF.G/Y280/2000 ta’een
M/M/O/F(LG70369) dhihesse irra akka hubatamutti himatamtootni Zaranuu Ahimad fa’a N.19
seerri yakka bara 1997 osoo hin bahin dura fi erga bahee as maqaa waldaa… jedhamuun lafa
karaa seera ala ta’een qoqqoduudhaan fudhachuu,gurgurachuu,sanadoota adda adda
qopheessuudhaan itti gaafatmummaa mootummaan kennameef dahoo godhachuun gochi
weerara lafa irratti yommuu taasifamu itti gaafatamuummaa isaanii bahuu dhabuu isaanitiin
lafti km2 kuma 89,000 karaa seera alaan akka fudhatamu godhanii jiru jechuudhaan seera
yakkaa kew 32(1-A fi B),33,Labsii seera yakka lakk 214/74 kew 23(1-A fi B, fi2) fi kewa 17(1)
jalatti himanna hundeessera.M/M/O/F.LG 70369 irratti dhimmi kun adeemsa falmii himata
duraa keessa akka darbu waan itti amaneef A/A ibsa falmii himata duraa fi tarree ragaalee akka
dhiheessuu ajajee jira.Bu’urumaa kanaan A/Alangaa Komishinichaa bu’uura labsii
lakka.434/97 kw38 tiin ibsa himata dura dhiheessera.Gamee kana irra akka hubtamutti
A/Alangaa isa kana keessatti a) ijoowwan himannaadhaaf bu’uura ta’an tokkoon tokkoon
himatamtoota irratti, (b) tarree ragaa namaa fi ijoo isaaf mirkaneessan (c) tarree ragaalee
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
85
sanadaa dhimmichaa waliin rogummaa qaban (d)Tumaalee Seera himannaaf bu’uura ta’an
caqasuun mana murtiif dhiheesse jira.67
Manneen murtii Naannoo keenya keessatti balinaan yoo hojii irra oolu hin mul’atu.Darbee
darbee ittiin hojjetamaa kan jiru ta’u gaaffii fi deebii A/Alangaa KNFMN Oromiyaa tokko
waliin taasifame irraa hubatameera.Galmeewwaan Ilaalaman keessaa Galmee M/M/O/G/ Shawaa
Lixaa lakk.22000 yoo ta’uu A/Alangaa KNFNMO himatamtootni… jedhamaan seera yakka kew
… 407(2.3) darbuudhaan yakka aangootti gar-malee fayyadamuu lafa mootummaa maqaa
waldaa sobaatiin gurmaa’eef akka kennamu xalayaa barreessuun,akka kennamuu gochuun,
kaartaa qopheessuun kennnuf yaalii gochuun himanna irratti hundeessee jira.Falmiin qophii
himannaa duraa bu’uura labsii 434/97 kw.35 tiin gaggeefamu isaa A/Alangaa ibsa himannaa
duraa fi tarree ragaale bu’uura kw 38tiin dhiheessuu isaa galmee Mana Murtii kana keessaa
hubatamee jira.68
Egaa dhimmoota murtii argatan kanneen irraa kan hubatamu dhimmi tokko adeemsa falmii
himata duraa keessa darbuu qaba moo hin qabu kan jedhu Manni Murtii barbaachisummaa
isaatti yoo amane qofa ajaja kennuun kan raawwatamu ta’uu isaa;adeemsa falmii himata
duraa keessatti himatamaan kan of irraa ittisu himannaa osoo hin taane,ragaa itti dhihaate
ta’uu isaa,manni murtii ijoo qabachuun adeemsa falmii idilee keessatti akka ragadhaan
qulqulla’an gochuu isaa fi Abbaan Alangaa fi himatamaan ibsa falmii himata duraa bitaa mirga
kan dhiheessaan ta’uu ni hubatama.
Haa ta’u malee, kew 35 waliin wal qabatee manni murtii adeemsi qophii himata duraa akka
taasifamu heeyyamuuf qabxiileen ilaaluu qabu kan akka … ijoowwan fi ragaalee wal-xaxaa
adeemsa falmii dheeressu danda’an…jedhu ifa miti.Ijoowwan wal-xaxaa jedhu yoo ilaale falmiin
dhihaate ijoowwan yoo addaan baafaman malee beekuu fi murteessuun hin danda’amu.Tarreen
ragaa wal-xaxaa yommu ta’u bu’aan isaa maal ta’uu akka danda’u ifa miti.Dhimmi kam iyyuu
amala falmii dheerresuu qabaachuu danda’a.Keessatuu adeemsi falmii himata duraa yoo
adeemsifamuu baate falmii dheerreessuu danda’a.
Akka waliigalaatti qophii dhagaha (himata) duraa jechuun himannaa yakka malaammaltummaa
irratti waantoota ifa hin taane ifa gochuu fi ijoo ragaan irratti dhihaatu fi ragaa dhihaatu
calaaluun addaan baasuun falmii idileef haala mijeessuudha.Kaayyoowwan qophii himata duraa
67 Ibsa Falmii Himata Duraa Fi Ragaalee A/Alangaa KNFMF Qophaa’e Xalayaa KNFMFGY/280/2000 Fi LGMMOF 703669 68 KNFMNO Vs Baqqalaa W/Maraam Dabal Fa’a N.7 LGMMOG/Sh/K/Lixaa 22000(2001)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
86
ijoowwan himanna murteessuuf gargaraan addaan baasuuf, Abbootiin dhimmaa ijoowwan akka
hubatan gargaarsa gochuuf; Adeemsa Himannaa ariifachiisuuf fi Manni Murtii Adeemsa
Himannaa qajeelchuu akka danda’u gargaruudha (kew.36)
Adeemsi hordoofamuu qabus labsicha keessati tumameera.Kunis Manni Murtii A/Alangaa
himannaa erga dhiheessee booda dhimmichi wal-xaxaa fi falmii dheeressuu kan danda’u ta’uu
yoo hubate A/Alangaa ibsa himata duraa barreeffaman akka dhiheessuu ni ajaja.A/Alangaa
ijoowwaan himannaf bu’uura ta’an,Ragoota namaa fi ragaawwan sanadaa himannicha fi ijoo
mirkanneessuufii danda’anii,Ciraawwanii fi ragoota sandaa biroo ijoo dubbiif ragummaa qaban;
tumaa seeraa A/Alangaa himannaa irrati hundeesse ni dhiheessa.(kew.38) Miira tumaa kanaa
hubachuuf akka isiin gargaru dhimmoota 1ffaa-3ffaa armaan olitii ibsaman ilaala.
Itti aansuun himatamaan ibsa ragaa ittisaa akka dhiheeffatu ni ajajama.Himatamaaniis kallattii
ittisaa, ijoowwan kaasuuf yaade,mormiiwwan fi ragaawwan dhiheeffatu;sanadoota fi dhimmoota
biroo Abbaan Alangaa dhiheesuu ilaalchisee qabxiiwwan irratti waliigale,qabxiiwwan irratti
walii hin galle yoo jiraatan barreeffamaan ni dhiheessa.(kew.39) Manni murtiis:
1) Dhagaha dhimma dura gaaffiiwwaan seeraa fi fudhatamuummaa ragaa murtii barbaadan
irratti jala-murtii ykn murtii ni kenna;
2) Murtii kennuun galmeen kan hin cufamne yoo ta’e ijoowwan garee lamaan falmisiisu
qofa addaan baasuun haaluma adeemsi falmii idilee qajeelfamuun adeemsi himannaa itti
fufa.
3) A/Alangaa qophii himata duraa erga xumuree booda himannaan A/A dhiheesse kan itti
hin fufne yoo ta’e himannaa fooyyeessee akka dhiheessuu ajajuu fi himannaa dhagahuun
itti fufuu danda’a.Adeemsa kana haala salphaa ta’een hubachuuf dhimmoota armaan olitti
ibsaman ilaalaa.( dhimma 1ffaa -3ffaa )
Adeemsi kana booda jiru deemsa falmii idileetiin taasifamutu hordofama.Haa ta’u malee,
himatamaan ragaa ittisaa fi ragaa adeemsa himata duraa irrati ibseen ala haala haaraa ta’een
dhiheessuu hin danda’u.Kan dhiheessuus yoo ta’e, gaaffii himannaa fooyyeessuu ykn ragaa
ittisaa fooyyeessuu dhihessee mana murtiin fudhatama yoo argate qofa.
Akkuma olitti ibsametti manni murtii qophii himannaa duraatiin ijoo seeraa fi fudhatamummaa
ragaa irratti murteessuu ni danda’a.Ragaan A/Alangaatiin dhihaate fudhatama hin qabu jechuun
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
87
otoo murteessee galmeen ni cufama.Kun garuu mirga himannaa dhiheessuu hin hambisuu.
A/Alangaa ragaawwaan biroo sassaabuun himannaa lamata dhiheessuu ni danda’a.Sababni isaas
himannaan kufaa kan ta’e ragaan dhagahamee osoo hin taane jalqabuma irraa ragaan fudhatama
hin qabu jedhameeti.Waan kana ta’eef, A/Alangaa ragaa walfakkaatadhaan lamata himannaa
dhiheessuu hin danda’u.Garuu ragaawwan biroo sassaabuudhan himannaa dhiheessuu kan
dhorku miti.
Qabxiin biraa yeroo adeemsa himata duraa ajajawwan kennaman irratti galmeen cufamuu baatus
gareewwan wal-falman ol’iyyannoo dhiheeffachuu ni danda’u.Haa ta’u malee, ol’iyyannoo
dhiheessuun falmicha hin dhaabu.
Gaaffilee marii
1) Tokkummaa fi garaagarummaan qophii himata duraa fi adeemsa dhagaha falmii idilee
addaan baasuun tarreessaa.
2) Qophiin himata duraa yakkoota malaammaltummaa dhagahuuf akka haal duree tokkootti
fudhachuun ni danda’amaa? Yakkoota malaammaltummaa hunda dhagahuuf itti
gargaaramuuni ni danda’amaa?
3) Adeemsa falmii himata duraa hojii irra oolchuu dhabuun irraa Kan ka’e rakkoolee
uumamuu danda’an tarreessaa?
4) Dhimmoota armaan gaditti dhiyyaatan dubbisuudhaan gaaffilee (a-c) irratti
mari’adhaa!
Dhimma 1ffaa,A/Alangaa Waajjira Galiiwwan Magaalaa Bishooftuu LGAA 005/03 xalayaa lakk
GB/4585 ta’een gaafa 14-10 -03 barreessee irraa akka hubatamutti himatamtuu… jedhamtu
sassaabduu galii guyyaa Waajjira Galiiwwan Magaala Bushooftuu taatee yommuu hojjettu
gibiraa lafaa fi manaa kaffalaa gibiraa irraa yommuu sassaabdu nagahee walcaalchisuun
barreessuun maallaqa mootummaaf galii ta’uu qabu 26,010 keessaa qar 2000 galii godhuun
qar,24,010 faayidaa isheef oolfachuun yakka burjaajjeesuu galii mootumma irratti raawwatee
jirti jechuun Seera Yakka Kew 676(1) fi Labsii Gibira Galii Naannoo Oromiyaa Lakk 74/95
kew.99(BfiC) jalatti himannaa hundeessuun M/M/O/Go/Shawaa Bahaatti himannaa
saaqeera.Manni murtii kunnis LGMM 29061 ta’e irraatti bitaa fi mirgaa erga dhagahee boodaa
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
88
dhaddacha gaafa 01-11 2003 ooleen himatamtuu bu’uura S/D/F/Y kew.141 tiin bilisa gaggeesee
jira.69
Dhimma 2ffaa, A/Alangaa Waajjira Galiiwwan Magaalaa Bishooftuu LGAA-003/03 gaafa 20-09-
03 himannaa dhiheesseen himatamtootni… jedhaman sassaabdoota galii guyyaa Waajjira
Galiiwwan Magaala Bushooftuu ta’anii yommuu hojjetan… abbaa dhimmaatiif kaffaltii
raawwateef nagahee kooppii duraa irratti kaffaltii sirrii ta’ee barreessuun kooppii 3ffaa irratti
immoo maamilli biraa gibira akka kaffale fakkeessuudhan maallaqa nagahee duraa irratti
kaffalame gad hir’isuudhan nagahee wal-caalcisuudhan galii mootummaaf galuu qabu
qarshii.22,347.80 keessaa qarshii 393 qofa galii gochuun qarshii 22,954 faayidaa mataa isaaniif
waan oolfataniif,nagahee galii ittiin sasssaaban burjaajeessuun yakka burjaajeessuu galii
mootummaa irratti raawwatanii jiru jechuun Seera Yakkaa kew.676(1) fi Labsii Gibira Galii
Naannoo Oromiyaa lakk 74/95 kew.99 (BfiC) caqasuun himanna hundeessuun
M/M/O/GO/Shawaa Bahaatti himannaa saqeera.M/murtii kunis LG.27788 ta’e irratti dhaddacha
gaafa 22-10-03 ooleen irratti kew 676(1) jalatti murtii balleessummaa erga murteessee booda
tokkon tokkoon isaanii hihaa cimaa waggaa 3 fi ji’a 7 fi qar.5000 akka adabaman murteessuun
adabbii hidhaa bu’uura SeeraYakkaa kew 196 kew 2 tiin daangessuudhan adabbiin qarshii akka
irraatti raawwatamu murteessee jira.70
Dhimma 3ffaa A/Alangaa W/H/GO/Arsii himatamaa…jedhamu Bulchaa Gandaa…ta’ee
yommmu hojjetu Gibira Itti Fayyadama Baadiyaa sassaabuuf nagahee W/G/Aanaa Xiyyoo
fudhatee qashii 5283 sassaabee galii osoo hin godhiin faayyidaa isaaf sababa oolfateef yakka
amantaa hir’isuu cimaatiin kew.676(1) jalatti himannaa hundeessee jira.Himatamanis
M/M/Go/Arsiiti dhihaatee waan amaneef Manni Murtii kunis Galmee LG.19135 irratti kew ittiin
himatame jalatti balleessa qaba jechuun hidhaa cimaa waggaa lamaa fi qarshii.1000 itti
murteessee jira.
69 A/Alangaa W/Galiiwwan Magaala Bushooftuu Vs Gabaanash Bahaaruu fa’a N2 LGAA-005/03 LGMM29061(2003) 70 A/Alangaa W/Galiiwwan Magaala Bushooftuu Vs Fireehiwoot Tasammaa fa’a N3-LGAA-003/03 LGMM 7788(2003)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
89
Himatamaan M/M/W/O/Dhaddacha Bahaatti Ol’iyyannoo Kan dhiyyeeffate yoo ta’u, Manni
Murtii kunis Galmee LG.85345 ta’e irratti ol’iyyaannoon isaa hin dhiheessisuu jechuun
murteessee jera.71
Dhimma 4ffaa, A/Alangaa Waajjira Galiiwwan Aanaa Adaamaa gaafa 26-5-2003 LGAA 1/2003
ta’een himatamaan… jedhamu Dura Ta’aa Ganda Qotee Bulaa… jedhamu ta’ee yommuu hojettu
WMMD Aanaa Adaamaa irraa nagahee galii gibiraa baasii godhee fudhatee gibira sassaabe
keessa qarshii 11,071.25 hir’iseera jechuudhaan Seera Yakkaa Kew.676 (2-A) jalatti yakka
amantaa hir’isuu cimaa raawwateera jechuudhaan himannaa hundeessee Mana Murtii Aanaa
Adaamaatti dhiheessee jira. M/m kunis LG.47407 ta’e irratti dhaddachaa gaafa 26-08-2003
ooleen jala murtii laateen himatama filatamaa ummataa waan ta’eef, yakki waajjira mootummaa
irratti Kan raawwatame waan ta’eef, keewwanni irratti caqafame amantaa hir’isuu cimaa waan
ta’eef bu’uura s/d/f/y tiin Manni Murtii kun ilaaluuf aangoo hin qabu jechuun galmee cufeera.72
Dhimma 5ffaa, A/Alangaa Waajjira Galiiwwaan Aanaa Adaamaa himannaa agaafa 13/7/02
dhiheesseen himataan… jedhamuu Dura Ta’aa Ganda Qotee Bulaa … jedhamuu ta’ee yommuu
hojjetu gibira sassaabe qarshii 3070.00 faayidaa mataa isaatiif oolfatee jechuun yakka amantaa
hir’isuu cimaa tiin Seera Yakkaa kew.676-2A jalatti fi Labsii Kaffaltii Itti Fayyadama Lafa
Baadiyyaa Fi Gibira Galii Hojii Qonnaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.99/97 kew.28
cabsuun yakka raawwatee jira jechuun himannaa dhiheessee jira.M/M Aanaa Adaamaa LG
40276 ta’e irratti dhaddachaa gaafa 14-7-2003 ooleen kew.676 (2A) jalatti murtii balleessummaa
kennuun himatamaan hidhaa cimaa waggaa tokkoo fi qr.300tiin akka adabamu itti murteessee
jira.73
A) Dhimma 1ffaa, fi 2ffaa irraa akka hubatamutti Abbaan Alangaa Waajjira
Galiiwwan Magaalaa Bishooftuu seera yakkaa kew.676 (1) fi labsii gibira galii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.74/95 kew.99 (b fi c) caqasuun
hojjeettoota Waajjira Galiiwwanii kan ta’an …sanada wal-caalchisuudhaa gibira
mootummaa faayidaa ofiif oolfatan jechuun himannaa hundeessee Mana Murtii
Ol’aanaa Go/Sh/Bahaatti dhiheessee murtii kennisiisee jira.Himannaan Abbaan
71
A/Alangaa W/Godina Arsii Vs Obboo Kadir Darsee Gutichaa LGMMOG/Arsii 40276, fi Galmee MMWODH/Bahaa LG-85345 72
A/Alangaa W/Galiiwwan Aanaa Adaamaa Vs Obboo Siisay Baqqalaa LGAA-1/03 LGMM.474079(2003) 73
Miil- jalee Asii olii 83 ilaallata.
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
90
Alangaa galiiwwanii hundeesse bu’uura seeraa qabaa? Himannaan seera yakka
bara 1996 bahe tuma yakka malaammaltummaa kew.676(1) jalatti hunda’uu
qaba moo Labsii Gibira Galii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kew.99 ( b fi c)
bu’uura godhachuun hundaa’u qaba?
Hub Labsii lakk.74/95 kew.99 (b fi c) mata duree “Badiiwwaan Hojjetoota
Abbaa Taayitaa Gibiraan raawwataman” jedhu jalatti akka itti aanutti tumamee
jira.Kanaaf mariif akka tolu tumaa kunniin dubbisaa!
Tumaalee labsii kanaa raawwachuuf biiroodhaan kan qaxarame namni kamiyyuu:
b) Galii gibirarraa argamu burjaajeessuu ykn tumaatota labsii
kana waliin ykn itti gaafatamummaa raawwatiinsa gaariif itti
kenname waliin gocha faalla raawwachuu kan dalaguu qabu
dalagurraa of qabuu, wanta sirrii hin taane hayyamuu, gocha
burjaajessuummaa gibirarratti raawwatamu dhoksuu yookiin
icciitiin raawwachuuf waliigaltee uumee kamiinuu keessatti dalaga
kana irratti hirmaachuu isaaf waliigaltee kan kennr yookiin
c) Labsii kanaan aangoo Abbaa Taayitaa Gibiraaf kenname ol
kan hojjete ykn aangoo kennameef seeraan ala kan itti fayyadame
balleessaa ta’uunsaa mana murtiin yoo mirkanaa’ee adabbiin
maallaqaa qr.50, 000 hin caalle fi hidhaa waggaa 10 gad hin
taane fi waggaa 20 hin caalleen ni adabama.
B) Dhimma 3ffaa, 4ffaa fi 5ffaa irraa akka hubatamutti Abbaan Alanagaa Galiiwwanii
fi Abbaan Alangaa idilee yakka amantaa hir’isuu cimaa Dura Ta’aa Gandaatiin
Gibira Galii Hojii Qonnaa fi Kaffaltii Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa
mootummaa naanoo Oromiyaa irratti raawwatameera jechuudhan seera yakkaa
676(1) fi kew 676(2-A) jalatti himannaa hundeessuun murtii kennisiisanii
jiru.Dhimma akka kanaa irratti himannaa hundeessuuf aangoo kan qabu Abbaa
Alangaa idileetti moo yookiin Abbaa Alangaa KNFMN Oromiyaa yookiin
Abbaa Alangaa Galiiwwaanitti jettu?
C) Dhimma 4ffaa fi 5ffaa irraa akka hubatamutti Manni Murtii Aanaa Adaamaa
galmee lakk.47407 ta’e irratti himannaa Abbaan Alangaa Galiiwwaan Aanaa
Adaamaa seera yakkaa kew.676 (2-A) caqasuudhaan dhiheesse ilaaluudhaaf
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
91
aangoo akka hin qabne ibsuudhan galmee cufee jira.Gama biraatiin, dhimma
kanaan wal-fakkaatu keessummeessuun galmee lakk.40276 ta’e irratti murtii
balleessummaa fi adabbii laatee jira.Himannaan Abbaan Alangaa dhiyyeesse
bu’uura seera qabaa? Ejjennoo manni murtii Aanaa Adaamaa dhimmoota
lammaan kanneen irratti agarsiise akkamitti ilaaltu?
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
92
Maddawwan Wabii
A.Kitaabota
1. Nichollas, Colin and others: Corruption and Misuse of Public Office: First Published
2006. Oxford University Press
2. Harris Godfrey: Corruption How To Deal With Its Impact On Business And Society :
First Indian Edition 2005
3. A.Garner, Bryan: Black’s Law Dictionary: Eight Edition Pp 371
4. Oxford Advanced Learner’s Dictionary
5. G Kameswarri: Anti- corruption strategies Gilobal and Indian Socio-Legal Persipectives
First Edition 2006 published by the ICFAZI University Press
6. W.Paati Ofosu-Amaah,Raaj Soopramanien & others:Combating Corruption A
comparative Review of Selected Legal Aspects of State practice and Major International
Intiatives
B.Seeroota, Labsiiwwan fi Konveenshiiniwwan Idila-Addunyaa
1. United Nation Convention against Corruption
2. African Union Convention on Preventing and Combating Corruption
3. Labsii Seera Adaba Yakkaa Fooyyeessuf Bahe Labsii Addaa Lakk 214/74
4. Labsii KNFM Federaalaa Hundeessuuf Bahe Lakk 235/93
5. Labsii Addaa sirna Adeemsa Falmii Fi Seera Ragaa Farra Malaammaltummaa
Lakk.236/93
6. Heera Mootummaa RFDI Lakk.1/1987
7. Seera Yakka RFDI Lakk.414/1996
8. United Nation Convention against Corruption Ratification Proc.No.544/2007
9. African Union Convention on Preventing and Combating Corruption Ratification Proc.
No 545/2007
10. Labsii Lakk KNFMF irra deebi’uun hundeessuuf bahe 433/97(kan fooyya’e)
11. Labsii Seera Adeemsa Falmii Fi Ragaa Adda Farra Malaammaltummaa Lakk 239/93
12. Labsii Seera Adeemsa Falmii Fi Ragaa Adda Farra Malaammaltummaa Lakk .434/97
13. Labsii KNFMN Oromiyaa hundeessuf Lakk 71/95
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
93
14. Labsii Qabeenya Beeksiisuu fi Gameessiisu, Nagariit Gaazeexaa, Lakk. 668/2002
15. Labsii Qabeenya Beeksiisuu fi Gameesiisuu, Magalata Oromiyaa lakk. 169/2003
16. Labsii Eeruu Kennitoota Fi Ragaa Baatoota Yakkaaf Eegumsa Taasisu.Lakk 699/200
17. S/A/F/Y labsii lakk185/54
18. Labsii Manneen Murtii Federaalaa lakk 25/88 ( 321/95 kan fooyya’e)
C.Barreeffamoota Adda Addaa
1. Leenjii Mata Duree Hundeeffama Himata Idilee Fi Sirna Dhiheessa Ibsa Qopheessa
Himata Duraa jedhu irratti Leenjii Abbootii Alangaa Fi Qorattoota KNFM Naannootiif
Sadaasa 19-23/2002 Finfinneeti Kenname ( kan hin maxxanfamne)
2. Mata duree Ibsa Gabaaba Tumaalee Seera Adda adeemsa Falmii Fi Seera Ragaa Farra
Malaammaltummaa jedhu irrati Leenjii Bara 2000 Magaalaa Adaamaa fi Naqamteeti
Kennme (kan hin maxxafamne)
3. Barruulee KNFM Naannoo Oromiyaa Jildii 03 Lakk 01 Bitootessa, Bara, 2000
Maxxanfamtee
4. Malaammaltummaa fi Naamusa: KNFM Feederalaatiin (2001 A.L.I.)
5. Profile Of The Federal Ethics And Anti Corruption Commission,March,2010,Addis
Ababa Ethiopia
C.Tarree Dhimmoota
1. A/Alangaa W/H/GO/ Arsii Vs Kadir darsee Gutichaa LGMM.85345
2. A/Alangaa KNFMN Oromiyaa Vs Abrahaam dibbisaa Hirphaa LGMM.09974
3. A/Alangaa Waajjira Haqaa Aanaa Adaamii Tulluu L.G.A.A .00507 LGMM.13010
4. A/Alangaa W/Galiiwwan Aanaa Adaamaa Vs Taliilaa Bulchuu LGMM.40276
5. A/A/KNFMNO Vs Yashiwarqi Wadajjoo fa’aa N.4.LG M/M/O/G/ Harargee Lixaa-
12441;LG M/M/W/O/ Dhaddacha Bahaa.85306; M/M/W/O /dhaddacha-ijibbaata
LG.88865
6. A/A/KNFMNO VS Faantaayyee Tasammaa fa’a N-6. M/M/GO/Addaa Adaamaa LG
10625, M/M/W/O/Dhaddacha Bahaa.LG-121042
7. A/A.KNFMO Vs Silashii Gizaaw LGMMG/H/Bahaa-03764
8. A/Alangaa FedeeraalaaVsYaasinAhimad LGM/M/W/F/Dhaddacha Ijibbaata.64813
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
94
9. A/Alangaa Go/Sh /Bahaa Vs Obboo Baqqalaa Badhaanee LGM/M.16729
10. A/Alangaa Naannoo Vs LG.0061 Simee Mangashaa Taaddasaa fa’a n-16
LGM/M/W/O/Dh/Bahaa.92596.
11. Poolisii Aanaa Doddotaa VsYohaannis Abarraa fa’a N.3 M/M/Aanaa Doddotaa LGYB
07209, LGM/M/O/Go/Arsii.26149
12. Makkoniin Simee Vs A/A LGMW 50749
13. A/Alangaa KNFM Fedeeraalaa Vs Yooseef Asfaaw LG-70222
14. A/Alangaa Go/Shawaa Bahaa Vs Ahimad Abdii Arabii L.G.M.M.18701
15. A/Alangaa Go/Harargee Bahaa Vs Mahaammad Yuusuuf L.G.M.M.10152
16. KNFMNO Vs Lammaa Maammoo Qannawwee fa’a N.3 LGM.090001)
17. KNFMF Vs Shumaalam Geetaachoo LGMMOF 44612
18. Biruuk Mazigabaa Vs KNFMF LGMMWF-48055(2002)
19. Dr.Solomoon Goshuu fa’a N4 Vs KNFMF LGMMWF-478457(2002)
20. Toofiq Sammaan Vs KNFMF LGMMF 44825(2001)
21. Meeroon Dilnasany Vs KNFMF LGMMOF 42487(2002)
22. KNFMF vs Mr.Gulihaam Abbaas LG 103609(2003)
23. KNFMF vs Faantaayee Tasammaa N6.LGMM.10625(2003)
24. KNFMNO Vs Daanyaachoo Fayyee N8.LGMMWO 17621(20001)
Malaammaltummaan Gufuu Guddina Haqaa, Diimookiraasii Fi Misoomaatti!!
95