iyyesuus; durii fii har’a!ethio-islamic.org/.../2019/08/iyyesuus-durii-fi-har.pdfkitaaba qulqulluu...

20
IYYESUUS; DURII FII HAR’A! {Ilaalcha Durii fii Har’a Namoonni Iyyesuusiif Qaban} Barreessaa Elias Mohammed

Upload: others

Post on 02-Nov-2020

174 views

Category:

Documents


15 download

TRANSCRIPT

Page 1: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

IYYESUUS; DURII FII HAR’A!

{Ilaalcha Durii fii Har’a Namoonni Iyyesuusiif Qaban}

Barreessaa

Elias Mohammed

Page 2: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

Baafata

Seensa ............................................................................................................................................... 2

1. Ilaalcha Namoonni Iyyesuusiif Qaban Yoo madaalle ............................................................... 3

1.1 Raga bahinsa Namoota Bidruu irra turanii .............................................................................. 3

1.2 Naafa fayyisuu fi Raga bahinsa namoota Milikkata Arganii................................................... 5

1.3 Deebii gaafii warra Yeruusalemiif kennamte .......................................................................... 7

1.4 Du’aa kaasuu fii Raga bahinsa namoota achi turanii .............................................................. 8

1.5 Raga bahinsa namoota lama kan mandara Emaahus ............................................................. 10

1.6 Raga bahinsa dubartii Samaariyaa ........................................................................................ 11

1.7 Nyaata xiqqoo baay’isuu fii Raga bahinsa namootaa isa waliin turanii ................................ 13

1.8 Raga bahinsa namoota barnoota Iyyesuus dhageeffatanii ..................................................... 14

1.9 Raga bahinsa namticha ija hin qabnee .................................................................................. 15

1.10 Maartaan Iyyesuusiin maal jette? ........................................................................................ 16

Goolabbii......................................................................................................................................... 18

Wabii/Refference ............................................................................................................................. 19

Page 3: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

Seensa

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.

Yeroo baaay’ee kiristiyaanonni Iyyesuus waaqeessuuf jecha mo’ijizaa (dinqii fi

milikkata) gara garaa kan inni hojjete akka ragaatti nuuf dhiyeessu. Irra

daddeebiidhaanis Iyyesuus du’aa waan kaaseef, Jaamaa waan fayyiseef, Nyaaata

xiqqoo waan baay’iseef, naafa waan fayyiseef fi kkf waan hojjeteef inni waaqayyoodha

yaada jedhu nuuf dhiyeessu. Haa ta’uu malee garuu wanti yeroo mara Rabbii keenya

galateeffannu dhugaan jiru kanaan faallaa ta’uu isaati. Kanaas kan nuuf mirkaneessuu

danda’an namoota yeroo inni dinqii fi milikkata kanneen hojjetu isa arganii isa

hordofan jedhamanii kitaabichuma isaanii keessatti seeneeffamaniidha. Namoonni kun

akka amma nuun jedhamu kana (Iyyesuus waaqaa fi gooftaa dha) osoo hin taane;

Iyyesuus ilma namaati (human being), Iyyesuus Raaajii/Nabiyyiidha, Iyyesuus

ergamaadha fi kkf jedhanii amanu. Mata duree kana jalattiis walitti fufinsaan kan nuti

ilaallu dinqiiwwan fii milikkitaawwan Iyyesuus hojjete jedhamee kitaabicha isaan

harkaa qaban keessatti seeneeffamanii fii ilaalchaa fii amantii namoonni yeroo sana

achi turan jedhaman gochichaaf qaban kan ilaallu ta’a. haaluma kanaan namoonni

jaarraa amma nuti keessaa jiraannu kana keessaa jiran hoo gocha wal fakkaataa kanaaf

ilaalchi isaan qaban maali kan jedhu wal cinaa qabaa kan ilaallu ta’a.

Page 4: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1. Ilaalcha Namoonni Iyyesuusiif Qaban Yoo madaalle

1.1 Raga bahinsa Namoota Bidruu irra turanii

Raga bahinsa Namoota Bidruu irra turanii kan Maatiwoos 8:23-27, Marqoos 4:35-41

fii Luqaas 8:22-25, irratti seeneeffamanii yoo ilaallu; Iyyesuus Biyya Qifirnaahoom

jedhamutti dinqii fi mallattoowan gara garaa hojjetee namoonni hedduun naannoo isaa

akka jiran yommuu argu, barattoonni isaa gamatti akka ce’an ajaje jedhee jalqaba

seenichi.

Maatiwoos Boqonnaa 8, Lakkoofsa 23 irraa jalqabee hanga 26 irratti akkana jedha

“Sana booda Yesuusii fi barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii deeman. Yeroo kanatti

obomboleettii cimaan tokko galaanicha irratti waan ka’eef, bishaanichi bidirichatti

nam’uu jalqabe; Yesuus garuu rafaa ture. Barattoonni isaas gara isaa dhaqanii erga

isa dammaqsanii booda, “Yaa Gooftaa dhumuuf jenna, nu oolchi!” jedhaniin. Inni

garuu, “Isin warra amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”

isaaniin jedhe. Achiis ka’ee qilleensichaa fi galaanicha ifate; tasgabbii guddaanis ni

ta’e.”

Kiristiyaanoonni baay’een yookiin immoo warren waaqummaa Iyyesuus amananii fii

nama amansiisuuf yaalan hundi qabxii hanga kana erga dubbisan booda “Iyyesuus

gooftaadha! Aameen!” jedhanii akka bira dabran beekkamaa dha.

Dhugaan jiru garuu jecha isaanii kanaan faallaadha. Sababni isaas namoonni yeroo sana

qaamaan bira turanii fii gochicha kana ijaan argan jedhaman ilaalcha akkana kana waan

hin qabatiniif. Kana hubachuufiis fagoo deemuun nurraa hin eeggamu. Keewwatuma

isaan “Aameen!” jedhanii goolaban kana itti fufnee Keewwata itti aanu jechuuniis

Keewwata digdamii torbaffaa yoo dubbifnu waa’ee namoota gocha kana dhiheenyatti

hordofaa turanii fii waa’ee gochichaa ragaa bahanii yeroo dubbatu akkana jedha: -

.

«Kana irratti namoonni dinqisiifatanii “Kun Nama akkamiiti? Qilleensii fi Bishaan

iyyuu in abboomamuuf” jedhan. » (Wangeela Maatewos 8:27)

-

Page 5: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

Hubadhaa! Keewwata kana irratti namootni yeroo inni milikkata(dinqii) gara garaa

hojjetu kana isa bira turan kunniin yeroo ragaa bahan “kuni waaqa akkamiiti?” hin

jenne. “kun gooftaa akkamiiti?” hin jenne. Wanti isaan jedhan “kun ‘Nama’ akkamiiti?”

Jedhan.

Jechi Afaan girikii kan Iddoo kanatti hojiirra oole immoo “α νθρωπος” ykn

“Antiropos” kan jedhu dha. Antiropoos jechuun immoo ‘waaqa guutuu fii nama

guutuu’ jechuu osoo hin taane ‘nama guutuu qofa’ ykn “human being” jechuu dha.[1]

Kitaabni “International Standard Bible Encyclopedia” jedhu Jildii 1ffaa fuula 508

irratti akkana jedha: -

“Of the Greek terms anthropos stands for man(kind) generally — a human being”

Jechuuniis gabaabumatti yoo hiikamu “Afaan girikitti jecha ‘Antiropoos’ jedhu ilma

nama qofa ibsuudhaaf hojiirra oola” jechuu ta’a.[2]

Eegaa! Namoonni qaamaa fii yerooniis itti dhiyeenyaan dhimma kana hordofaa turan

1 James Strong, S.T.D, LL. D, Dictionary of the word in the Greek Testament; with their

Renderings in The Authorized English Version, pp12

2 International Standard Bible Encyclopedia, Vol. 1, pp508

Page 6: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.2 Naafa fayyisuu fi Raga bahinsa namoota Milikkata Arganii

Mata dureewwan kanneen jalatti ilaalcha namoonni amma jiran kunniin

(kiristiyaanoonni) dinqii fii milikkata garagaraa kan Iyyesuus hojjete jedhamee

Macaafa warra kiristiyaanaa keessatti seeneeffamaniif qabanii fii ilaalcha warri yeroo

san isa bira turanii fii waa’ee wanta argan Sanaa ragaa bahan qaban maal fakkaatu kan

ilaalaa jirru ta’uu hin dagatinaa. Haaluma kanaan mata duree olitti ilaallu keessatti raga-

bahinsa namoota bidiruu irra turanii waliin ilaallee irra dabarree jirra. Ammaas sanuma

irraa itti fufuudhaan erga bidirichaan gama ce’an booda wanta ta’e ilaalleeti sana booda

ilaalcha durii fii ilaalcha ammaa kana wal cinaa qabnee ilaalla.

Wangeela Matewoos 9:1-8, Maarqos 2:1-12, fii Luqaas 5:17-26 irratti; Yesuus

bidirichaan bishaan ce’ee gara mandara isaa dhufe. Iyyesuus mandara kana keessattiis

Namticha dhagni isaa gar tokkoon irratti du’e tokko argee ni fayyise. Maatewos

boqonnaa 9, Lakkoofsa 6 irratti “Ka’ii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!” jedheenii

akka fayyise ni dubbata. Kiristiyaanoonni amma Iddoo isin jirtan hundatti argaman

kunniin hanga qabxii kanaatti erga siif dubbisan booda, goolabbii (Conclusion)

“Iyyesuus gooftaadha!” jedhu irra yoo ga’an argita. Kuni garuu dadhabina yookiin

dogoggora isaaniiti. Akkamitti? Maalif” yoo jette. Ammallee fagoo hin dhaqin.

Boqonnuma kana lakkoofsuma itti aanu ykn Lakkoofsa isaan ragaa waaqummaa

Iyyesuusiif siif kennan kana itti fuftee yoo dubbifte dhugaan jiru ni hubatta. Kuniis

Raga bahinsa namoota gocha kana daawwachaa turaniiti. Akkana jedha: -

«Namoonni kana yommuu argan in na'an, Waaqayyo isa aboo akkasii namootaaf

kenneefis hooqubaa dhi’eessan. » (Matewos 9:8)

●►Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

“Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay’ee sodaatanii Waaqayyo isa

namootaaf aangoo akkanaa kenneef ulfina kennan.” (Wangeela Maatewos 9:8)

●►Baaybila “New International Version(NIV)” jedhu irratti

They praised God, who had given such authority to human beings.

Page 7: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

●►Baaybila “International Standard Version(ISV)” jedhu irratti immoo akkana jedha:

When the crowds saw this, they became frightened and glorified God for giving such

authority to humans

Hubadhaa! As irratti illee akka kiristiyaanoonni ammaa kunniin “Iyyesuus naafa waan

fayyiseef gooftaadha!” jedhan kana osoo hin taane. Namoonni waan kana arganii fii

hordofaa turan kanneen qaamaan achi turan kunniin Iyyesuus osoo hin taane

“Waaqayyo isa namootaaf aangoo akkanaa kenneef” galatoomfatan ykn ulfina

kennan. Iddoo kana irratti “Namoota” jecha jedhu kan itti barbaadame Iyyesuus akka

ta’e wal nama hin mormisiisu. Haa ta’uu malee garuu namoonni achi turan kunniin

kan galateeffatan Iyyesuusiin osoo hin taane “Waaqayyo isa Iyyesuusiif aangoo

akkasii kennee” dha. [3]

Eegaa! Namoonni qaamaa fii yerooniis wanta ta’e kana itti dhiyeenyaan hordofaa

turan akkuma kitaaba keessatti ibsamee namni hundi dubbisu kanatti Waaqayyummaa

Iyyesuus kan ragaa hin bane yoo ta’e; ati kan barreeffamaan dubbisuuf malee taatee

ta’e sana ija keetiin hin argin akkamiin kana ragaa godhattee Iyyesuus waaqeessuuf

tattaafatta? Deebii sammuu dhugaan barbaaddu hundaafiin dhiisa.

3 Jechi Afaan girikii kan Iddoo kanatti hojii irra oolees akkuma Keewwata mata duree

jalqaba dabarsine keessatti ilaalle “α νθρωπος” ykn “anthropos" kan jedhuudha.

Antiropoos jechuun immoo maal akka ta'e kutaa tokkoffaa keessatti ilaallee turre.

Page 8: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.3 Deebii gaafii warra Yeruusalemiif kennamte

Mat-duree kana keessatti immoo Gaafii Namoota Mandara Yerusaalemi fi deebii warri

Iyyesuus wajjiin turan isaaniif laatan ilaallu. Akka macaafichi seeneessutti “Yeroo

Iyyesuus harree yaabbatee Yeruusalemitti galu mandarichi guutumatti ni raafame.”

Jedha. Namoonni mandara Yeruusaalem kana keessa jiraataniis “kun eenyu?” jedhanii

gaafatan. Yeroo kana namoonni isa wajjiin adeeman immoo maal jedhanii deebisan kan

jedhu keewwata asii gadii kana irraa haa ilaallu mee. Akkana jedha: -

“Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya

Galiilaa ti" jedhee deebise.” (Matewos 21:11)

Xiinxali Yaa Namaa! Namoonni Iyyesuus faana adeemaa turan kunniin namoota isatti

amananii isa faana bu’anii dha. Amantiin namoota kanaa garuu akkuma Keewwata olii

kana irraa hubattan “Iyyesuus waaqa ykn gooftaa dha” kan jedhu hin turre. Inumaatuu

akkuma keewwaticha irraa dubbiftan “Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa

biyya Galiilaa ti” kan jedhu ture.[4]

Eegaa namoonni isatti amananii isa waliin jiraachaa turan inni “Nabiyyii” ta’uu isaa

kan ragaa bahanii fii amanan yoo ta’e; ati hoo har’an maaltu argamnaan “Iyyesuus

Gooftaa dha” jettee amantii namoota hordoftoota Iyyesuus kan jalqabaa ta’an kana irraa

adda ta’e akka isatti amantu si taasise ree? Deebii isaa namuma haqa barbaaduufiin

dhiisa.

4 “Raajicha” jechuun “Nabiyyicha” jechuu dha.

Page 9: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.4 Du’aa kaasuu fii Raga bahinsa namoota achi turanii

Amma immoo wanti nuti ilaallu Iyyesuus “Gurbaa haati isaa hiyyeessaa kan du’e tokko

kaasuu isaa” fii Raga-bahinsa namoota yeroo sanatti isa bira turan kanneen gocha kana

daaw’achaa turanii ti.

Wangeela Luqaas boqonnaa 7 lakkoofsa 11 irraa jalqabnee yoo dubbifnu Waa’ee turtii

Iyyesuus kan Iddoo Qifirnahoom jedhamuu booda ta’e yoo odeessu yaada akkana jedhu

arganna

«Ergasiis Yesus gara mandara Naayin jedhamuu in dhaqe; bartoonni isaa fi namoonni

danuun isaa wajjin dhaqan. Inni balbala kellaa mandarichaatti yommuu dhi'aate,

kunoo namoonni reeffa baatanii itti dhufan; inni du'e immoo haadha hiyyeessaa tokkoof

ilma tokkicha ture. Namoonni baay'eenis mandaricha keessaa haadha isaa wajjin

duukaa in bu'u turan. 13 Gooftaan yommuu ishee arge oo'eefii, "Hin boo'in!" jedheen.

14 Itti hiiqee siricha harkaan qabnaan, warri baatan in dhaabatan; inni immoo,

"Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka'i!" jedheen. 15 Achumaan inni du'ee ture ol

jedhee taa'ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise. »

(Luqaas 7:11-15)

↪ Garuu kiristiyaanoonni jaarraa kanaa Keewwata boqonnaa kanaa irraa hanga 15tti

jiru siif dubbisanii “Iyyesuus kana waan hojjeteef (namticha du’e waan kaaseef)

gooftaadha” jedhanii goolabu. Dhugaan jiru amma illee kana irraa adda. Maalif? jettanii

yoo na gaafatan; keewwatuma isaan irratti dhaaban kanarraa itti fufnee yoo dubbifnu

Keewwata 16ffaa irratti Raga-bahinsa namoota gocha kana daawwachaa turanii

arganna. Dhiiroo namoonni kun akkuma amma nuun jedhamu kana “Iyyesuus waan

akana hojjeteef gooftaadha” jedhanii amanuu? Lakkii dubbiin waa akkas miti. Mee

walumaan haa dubbifnu Akkana jedhu: -

«Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba

isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi’eessan. » (Luqaas 7:14-16)

●►Xiinxali yaa sabaa! Namoonni wanta kana itti dhiheenyaan bira dhgaabbatanii

ilaalaa tura “Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera” jedhan malee “waaqayyo nu

Page 10: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

keessatti dhalate” hin jenne. Maaliif beektuu? Eyyeen dinqii fii milikkata (mo’jizaa)

hojjechuun mallattoo waaqummaa osoo hin taane, mallattoo nabiyyummaa akka ta’e

waan beekaniif ture. Har’a garuu jaarraa hedduu booda wanti kun jijjiiramee ragaa kana

eerani “Iyyesuus gooftaadha” jedhanii lallaban. Namoonni qaamaan isa bira turan

garuu Raajii ykn Nabiyyiidha jedhaniiti kan ragaa ba’aniif kamtu fudhatama qaba kan

jedhu deebii sammuu keessaniifan dhiisa.

Page 11: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.5 Raga bahinsa namoota lama kan mandara Emaahus

Raga bahinsa namoota lama kan mandara Emaahus jedhamu keessa haasa’aa adeemaa

turanii; Wangeela luqaas boqonnaa 24 lakkoofsa 13 irraa jalqabnee hanga 16tti yoo

dubbifnu, namoonni lama osoo waliin haasa’aa mandara Emaahus jedhamu keessa

adeemaa jiranuu Iyyesuus isaanitti dhufe waa’ee maalii akka isaan haasa’aa jiran isaan

gaafate yaada jedhu arganna. Jara Lamaan keessaa inni maqaan isaa Qileyophaa

jedhamu tokko gaafii Iyyesuus kanaaf Deebii maal jedhu deebiseef mee

keewwatichuma irraa waliin haa dubbifnu

«Yommus Yesus, "Inni isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maali?" jennaan,

nyaara guuranii achuma dhaabatan. Isaan, keessaa inni Qileyophaa jedhamu, tokko

deebisee, "Warra Yerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti

ta'e kan hin beekne, 'Si'uma duwwaa dhaa?" jedhe. Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin

jennaan, isaan immoo, Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo,

"Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti

raajii aango-qabeessa ture sana, » (Luqaas 24:13-19)

↪ Mee Xiinxalaa!

1ffaa: - Namoonni kunniin amantii isaan waa’ee odeessaa turanii qaban yeroo dubbatan

“Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti

raajii aango-qabeessa ture sana” jedhan. ‘Yesus nama Naazireet’ erga jedhan booda

“…isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa

ture” jedhan. Kanaafuu Iyyesuus nama jechuu dha. Namni kun garuu ilma namaa

durattiis waaqayyo durattiis kabajamaadha malee waaqummaa hin qabu.

2ffaa: - Iyyesuus immoo amantii fii jecha isaanii kana Iddoo tokkottillee hin mormine.

Kana jechuun namummaa isaa qeebalee jira jechuudha. Nama ta’uu isaas

keewwataawwan kitaabichaa baay’ee keessatti ibsee jira.

3ffaa: - Namoonni bara inni lafa irra jiraachaa ture Iyyesuus nama ta’uu isaa ragaa osoo

bahaa jiranii namoonni isa booda jaarraa baay’ee booda yeroo ammaa kana jiranii fii

amantii haarawa “Iyyesuus gooftaadha” jedhu qaban kunniin kamtu dhugaadha jettaniii

yaaddu? Dhugaa isaa sammuun haqa barbaaddu haa filattu.

Page 12: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.6 Raga bahinsa dubartii Samaariyaa

Ittuma fufnee amma immoo mata duree “Raga bahinsa dubartii Samaariyaa” jedhu kana

jalatti wa’ee dubartii samariyaa takka kan ilaallu ta’a. Wangeela Yohaannis boqonnaa 4

lakkoofsa 1 irraa jalqabnee yoo dubbifnu Iyyesuus kutaa biyya yahuudaatii bahee yeroo

gara Galiilaatti adeemu Samaariyatti mandara Siikaar jedhamu tokko keessa osoo

qaxxaamuruu, iddoon kun lafa isa Yaaqoob ilma isaa Yoseefiif kennetti dhi'oo waan

tureef Bishaan boollaa Yaaqoob achi ture. Yesus osoo karaa adeemu waan dadhabeef,

naannoo sa’aatii ja’aa kanatti boolla bishaanii sana bukkee taa'e akka boqatee ture ni

hubanna. Yeroo boolla bishaanii sana bukkee taa'e boqatu kanattiis Dubartiin

Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuuf itti dhufte yeroo kana Iyyesuusis akka

isheen bishaan dhugaatii isaaf laattu gaafatee achumaanuu dhimmoota biraas wajjiin

haasa’e kanaas boqonnaadhuma kana lakkoofsa 16 irraa jalqabnee arganna.

“Yesus immoo, "Dhaqi! Abbaa manaa kee waamii kottu!" jedheen. 17 Dubartittiin

deebiftee; "Anoo abbaa manaa hin qabu" jetteen; Yesus immoo, "Isa 'Abbaa manaa hin

qabu' jette, ba'eessa dubbatte. 18 Abboota manaa shan qabda yoo turte iyyuu, inni

amma sii wajjin jiru abbaa manaa kee miti'o; kana dhugaa dubbatte" ittiin jedhe.”

(Wangeela Yohaannis 4:16-18)

●►Keewwatootta kana irratti Iyyesuus dubartittiidhaaf iccitii ishee osoo isheen isaaf

hin himin itti hime. Kiristaanoonni amma jiran kunniinis seenaa/odeessa kana erga siif

dubbisanii booda Iyyesuus waan kana waan beekeef “inni gooftaadha” nuun jedhu.

Wanti nama ajaa’ibsiisu garuu Dubartiin wanti kun ishee mudate maal jettee akka ragaa

baate yoo ilaallu dhugaan kanaan faallaa ta’uu isaati. Dubartittiin boqonnaadhuma kana

lakkoofsa 19 irratti kkana jechuudhaan ragaa baateef: -

“Kana irratti Dubartittiin, "Akka ati Raajii taate nan arga.” (Wangeela Yohaannis

4:19)[5]

●► Mee sammuu keessan loogii irraa bilisa godhaa xiinxalaa. Dubartittiin tun yeroo

sanitti isa cinaa turte. Ulfina dubbii kanaas namoota arra wanta barreeffame qofa

dubbisan kana caalaa ishee tan qaamaan bira turteetu hubata. Haa ta’uu malee garuu

5 Dubartittiin "Akka ati Raajii taate…” Jechuun "Akka ati Nabiyyii taate ...” jechuudha.

Page 13: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

Dubartittiin Iyyesuus dubbii kana waan beekeef waaqayyoodha ykn gooftaadha hin

jenne. Inumaatuu “Akka ati Raajii taate nan arga.” jettee akka inni Nabiyyii ta’e ragaa

baateef.

Eegaa yaa Lammii too Dubartiin qaamaan bira turte tan taateen tun irratti raawwatame

Iyyesuusiin ati Nabiyyiidha jettee kan amantu yoo ta’e, jaarraa meeqa booda warri

dhimma kana barreeffamaan qofa dubbisan wanta kana akkamiin jijjiiranii waaqummaa

Iyyesuusiif ragaa godhuu jalqaban? Akkamiin Iyyesuus waaqeessuu jalqaban? Deebii

sammuu keessaniif.

Page 14: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.7 Nyaata xiqqoo baay’isuu fii Raga bahinsa namootaa isa waliin turanii

Boqonnaa Wangeela Yohaannis Yoo Dubbifnu ‘Yohanni 6:1’ iraa kaafnee yoo Dubbifnu

Iyyesuus Kiristos Yeroo Bishaan Ciisaa Galiilaa, kan Xiberiyaas Jedhamu Ce’etti

Moo’ijizaa/Milikkita inni hojjete Arganii Namoonni Baay’een akka isa hodofanii

Deeman ni Dubbata. Iyyesuus Keessummoota Baay’ee Isa Hordofan Kanaaf Buddeena

Essaa Binna jechuudhaan Filiphosin gaafate. Filiphosiis Baay’ina namaa irraa kan ka’e

Buddeenni jara kana wal gahu akka hin jire haala isaaf mijaawuun ibseef. Haa ta’u

malee garuu isaan keessa Gurbaan Buddeena garbuu Shanii fi Qurxummii lama qabu

gidduu isaanii akka jiru ibseef. Iyyesuus Keessimootni Akka taa’an erga abboome

booda. Buddeenaa garbuu shanii fi Qurxummii lama fuudhee Waaqayyo Kadhatee

Namoota Baay’ee (5000) kanaaf akka wal ga’u akka taasise hanga lakkoofsa 13 tti yoo

dubbifnu ni hubanna. Wanti nama dinqisiisu garuu Kiristiyaanoonni Yeroo baay’ee

Seenaa kana Waaqummaa Iyyesuus ni Ibsa jedhanii akka ragatti yoo itti fayyadaman ni

dhageenya. Haa ta’uu malee garuu dhugaa jiru hubachuuf deebii namootuma achi

turaniif haa dhiifnu.

↪Namootni yeroo sanatti iddoo sana turan maal jedhan laata? Kana hubachuuf

Yohaannis 6:14 irra dhaqnee ilaaluu dandeenya. Kuniis akkana jedha; -

«Namoonni sun milikkita Yesus argisiise kana yommuu argan, "Kun dhuguma

raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana" jedhan. » (Yohaannis 6:14)

●►Yaa nama sammuu bilisa taate qabdu xiixnxali gaa! Keewwata kana irratti

namoonni milikkata(Mo’jizaa) Iyyesuus hojjete ija isaaniitiin ergan kunniin “Kun

dhuguma raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana” jedhanii isaaf ragaa

bahanii turan. Seenaadhuma kanaan immoo namoonni hordoftoota kiristoosi ofiin

jedhan kan jaarraa kana keessa jiraatan “Iyyeesuus waaqa ykn gooftaadha” jedhanii

amanu. Nama qaamaan bira dhaabbatee ijaa isaatiin taatee kana argee “Iyyesuus

Nabiyyiidha” jedhee itti amanee fii nama jaarraa baay’een booda seenaan kana

barreeffamaan qofa dubbisee “Iyyesuus Waaqayyoodha” jedhee itti amane kamtu

dhugaadha jettee yaada? Deebii sammuu haqa barbaadduuf.

Page 15: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.8 Raga bahinsa namoota barnoota Iyyesuus dhageeffatanii

Mat-duree kana jalatti immoo “Raga bahinsa namoota barnoota Iyyesuus

dhageeffatanii” kan ilaallu ta’a. Akka Seenaa Yohaannis wangeela isaa keessatti

Boqonnaa 6 irraa kaasee Galmeesseetti Iyyesuus Kutaa Biyya Qifirnaahomitti Erga

ce’e booda Milikkata Gara garaa akka hojjete ni hubanna. Akkasuma Boqonnaa 7 irraa

kaasnee yoo Macaafa Qulqulluu Dubbifnu Obboloonni Iyyesuus Akka inni Ayyaana

Warra Yahuudootaa kan “Gordommaa” jedhamuun beekkamu tokko irratti akka inni

isaan wajjiin Hirmaatuu fii Milikkita gara garaa hirmaattootaa Ayyaanichaa irratti

argisiisee akka inni hordoftootaa baay’ee horatuuf Iyyusuusiif gaafii dhiheessan. Inni

garuu “isin ofii keessanii gara Ayyaanichaatti ol Ba’aa, ani garuu, yeroon anaaf ta’u

waan hin Raawwatiniif ammaa illee gara Ayyaana kanaatti ol hin ba’u” jedhee akka

isaaniif deebise fii Galiilatti hafe macaafni Qulqulluun nuuf ibsa. Haa ta’uu malee garuu

Obboleewwan isaa Gara Ayyaanichaatti erga ol ba’anii booddee Iyyesuus immoo

dhooksatti Akka Ol Ba’e ni hubanna. Asitti Iyyesuus Walakkeessa Guyyaa Torban

Ayyaaniichaatti Mana Qulqullummaatti Ol Galee Barsiisutti Ka’e nuun jedha

macaafichi.

Haasawaa fi mornii Diqisiisoo inni Yahuudootaa wajjiin taasisees Wangeela Yohaannis

Boqonnaa 7, Lakkoofsa 15-38 irraa argachuu dandeenya.

●►Mee Gara Dubbii Ijoo Kaaneefiitti Haa Darbinu, Guyyaa dhuma Ayyaanichaa irratti

Namootni Ayyanicha irratti hirmaatanii fii Haasawa Iyyesuus Hordofaa turan waa’ee

isaa maal dubbatan jennee yoo qorannu wangeela yohaannis 7:40 irratti dhuga ba’insa

namoota kanaa akkanaan aganna: -

.

“warra dubbii kana dhaga’an keessaa jarreen tokko, “namichi kun dhuguma

raajicha” jedhan” (wangeela yohaannis 7:40)

↪ Eegaa! Ammaas irrumaan deddeebi’a namoonni qaamaan Barnoota Iyyesuus

hordofanii isaaf ragaa bahan “namichi kun dhuguma raajicha” yoo jedhan; har’a

immoo jaarraa meeqaan booda dhufanii “Iyyesuus waaqayyoodha” jechuu maaltu fide?

Namoota qaamaan isa arganii isa hordofanii fii namoota jaarraa dheeraa booda

dhageettiidhaan isa waaqeessan kamtu dhugaadha jettee amanta? Deebii sammuu

keetiif.

Page 16: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.9 Raga bahinsa namticha ija hin qabnee

Wangeela Yohaannis Boqonnaa 9 irratti Iyyesuus namicha dhaloota isaa irraa jalqabee

jaamaa ture tokko akka fayyise hanga lakkoofsa 7 irratti ibsamee jira. Obboleewwa

keenya kiristiyaanootaas boqonnaa kana (yohaannis 9:1-7) nuuf dubbisanii “Iyyesuus

jaamaa waan faayyiseef waaqayyoodha” jedhanii nu amansiisuuf yaalii gara garaa

taasisu. Wanti nama ajaa’ibsuusu garuu namicha kana Fariisotni “Waa’ee isa Ija kee siif

bane kanaa maal jetta?” jedhanii waa’ee Iyyesuus gaafatanii turan. Namtichi kun garuu

akka har'a jedhamu kana; “Iyyesuus Waaqayyoodha” jedhee hin deebifne. Inumayyuu

“Inni Raajii dha.” Jechuudhaan Iyyesuus nabiyyii akka ta’e raga bahe: -

“Kana Booddee Warri Fariisotaa Namicha isa Jaamaa Ture Sanaan “Waa’ee isa Ija

kee siif bane kana maal jetta?” jedhan; yemmus namichi “Inni Raajii dha.” Jedhee

Deebiseef.” (Wangeelaa Yohaannis 9:17)

●► Eegaa yaa namaa! Sammuu bilisa ta’e qabda jedheen yaada namtichi Iyyesuus

heyyema Rabbiitiin ija baneef kun waa’ee Iyyesuus yoo ragaa bahu “Inni Raajii dha.”

jedhee ragaa bahe. Ati hoo namticha taateen tun irratti taate caalaa Iyyesuusiif dhiyaatta

moo Jaarraa meeqaantamiin booda Barnoota “Iyyesuus Jaamaa waan fayyiseef

waaqayyoodha” jedhu eessaa fidde? Yoo xiinxaltu hoo silaa namticha taateen kun irratti

raawwatamteetu dhuga qabeessa moo siidha? Deebii sammuu keetiif.

Page 17: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

1.10 Maartaan Iyyesuusiin maal jette?

Yeroo baay’ee seenaan maartaa fii obboleessa ishee Alaazaar kan kitaabicha keessatti

odeeffame Kuniis burjaajeessuu adda addaaf akka oolaa jiru ni argina. Dubbiin akkana

Maartaan obboleettii Alaazaari. Obboleessi ishee jalaa du’ee ture. Obboleessa ishee

kanaas Iyyesuus heyyama Rabbiitiin du’aa kaaseefii ture. Seenaa Iyyesuus Alaazaariin

itti du’aa kaase kana immoo kiristiyaanoonni baay’een akka ragaa waaqummaa

Iyyesuusitti itti fayyadamaa akka jiran beekkamaa dha. Haa ta’uu malee garuu akka

odeessa macaafichaatti taatee yeroo sana taate yoo xiinxallu dhugaan jiru amantii jara

kanaatiin faallaa ta’ee arganna. Maartaan Iyyesuusiin maal jette? Mee walumaan

xiinxalaa haa deemnu.

↪ Gaafa obboleessi ishee du’u maartaan Iyyesuusiin akkana jette:

«Maartaan Yemmus Yesuusiin, “Gooftaa Utuu Ati as Jiraattee, Obboleessi Koo Hin

Du’u Ture. Ammuma Iyyuu Immoo Waanuma Ati Isa Kadhatte, Waaqayyo Akka Siif

Kennu Ani Nan Beeka” Jette. » (Wangeela Yohaanis 11:21-22)

●► Mee ilaalaa xiinxalaa maartaan Iyyesuusiin “Ammuma Iyyuu Immoo Waanuma

Ati Isa Kadhatte, Waaqayyo Akka Siif Kennu Ani Nan Beeka” jetteen. Kana jechuun

waaqayyo kadhadhuu naaf kaasi jechuu isheeti. Lakkii akkas miti “Innoo dandeettuma

isaatiin kaase malee waaqa hin kadhannee” yoo jette immoo itti aansuudhaan akkamitti

akka Iyyesuus isa kaase haa ilaallu: -

«Yesuus garuu ol ilaalee, “Yaa Abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif siin galateeffadha.

Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as

dhaabbatankun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe” jedhe. »

(Yohaannis 11:41-42)

-

●► Gocha Iyyesuus kana yoo xiinxallu: -

1ffaa: Keewwatichi yoo jalqabu “Yesuus garuu ol ilaalee…” jedha. Wanti ol ilaaluuf

maali jennee yoo yaadnu waaqa isaa kadhachuufi dha.

2ffaa: waaqa kadhatee erga kadhaan isaaf qeebalamtees “Yaa Abbaa! Anaaf

dhaga’uu keetiif siin galateeffadha…” jedhe. Kana jechuun immoo Alazaar du’aa

kan kaase kadhaa waaqni isaaf dhagayeen ta’uu isaati.

Page 18: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

3ffaa: Maalif waaqa kadhatee Alaazaariin du’aa akka kaase yoo dubbatu immoo

“garuu namoonni as dhaabbatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana

dubbadhe” jedhe. Kana jechuun immoo milikkatni/mo’jizaan isaaf kennamte kun

ergamaa/Nabiyyii Rabbii ta’uu akka isaaf ragaa baatuuf malee waaqa ta’uu isaa

gonkumayyuu hin mirkaneessitu jechuu dha.

Page 19: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

Goolabbii

Barreeffamni olitti dhiyaate ragaadhaan kan deeggartameedha. Arrabsoos ta’ee

wantoota miira namootaa qocolan of keessaa hin qabu jedheen yaada. Dabalataaniis

Wanti namni hundi (hordoftoota amantii muslimaas ta’ee kan kiristiyaanaa) hubachuu

qabu, Kaayyoon barreeffama kanaa inni guddaan amantii namaa xiqqeessuuf,

xureessuu fi ilaalcha hordoftoota amantii biraa miidhuuf osoo hin taane ragaa

qabatamaa namni hundi hubachuu danda’u bu’uura godhachuun lammiilee keenya

kanneen dhugaan jalaa dhokattee fi dhugaa barbaaddoota ta’aniif dhugaa jiru ifa

taasisuuf qofaa dha. Kanaafuu namni barreeffama kana erga dubbise booda dhugaan

galtee fii gara haqni jiru deemuu barbaadu akkasumaas namni dhugaan kun utti

hadhaawee liqimfamuufii diddee barreeffama kana irraa mormiin qaba jedhu hundi

karaa armaan gadii kanneen fayyadamuudhaan na qunnamuu dandeessu.

E-mail Address: [email protected]

Yookiin gara Facebook’tiin fuula armaan gadii kana irratti ‘message’ naaf erguu

dandeessu: -

Facebook: ☞ https://www.fb.com/elias.muhmmed

⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬✿⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬

Barreeffama kana asumattiin goolaba. Barreeffama wal fakkaataa biraatiin hanga

walitti deebinutti…

٤٧:طه﴾سورة اتبع الهدى والسلم على من ﴿

«Nageenyi Nama Qajeelfama (Rabbii) Hordofe Irratti. » (Xaahaa 20:47)

⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬❀⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬⚬

Amajjii, 16, 2019

Page 20: IYYESUUS; DURII FII HAR’A!ethio-islamic.org/.../2019/08/Iyyesuus-Durii-fi-Har.pdfKitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ³Namoonni sunis wanta kana yommuu argan, baay ee sodaatanii

Wabii/Refference

1. Baayibilii Afaan Oromoo (Oromo Bible)

2. Qur’aana Qulqulluu

3. International Standard Bible Encyclopedia, Vol. 1

4. James Strong, S.T.D, LL. D, Dictionary of the word in the Greek Testament; with

their Renderings in The Authorized English Version

5. Bart D. Ehrman, Misquoting Jesus: The Story Behind Who Changed the Bible and

Why

6. Bart D. Ehrman, The Orthodox Corruption of Scripture: The Effect of Early

Christological Controversies on the Text of the New Testament

7. Bart D. Ehrman, The New Testament: A Historical Introduction to the Early Christian

Writings

8. Bart D. Ehrman, Lost Christianities: The Battles for Scripture and the Faiths We

Never Knew