kan gurra qabu hadhaga’u fuula 12 hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · bara - 43 lak. 8...

19
Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf! Gara fuula 17tti Gara fuula 17tti Fuula 3 Xiyyeeffannaan Oromiyaa lixaa misoomarrattti ta’eera Fuula 2 “Dhibicha ofirraa ittisuuf manaafi lafuma jiranitti sagaduun murteessaadha” Fuula 2 Vaayrasiin Koroonaa kufaatii dinagdee guddaa qaqqabsiisaa jira Hubannoon vaayirasii koronaarratti uumame gadaanaadha Natsaannat Taaddasaatiin Finfinnee: Dhagaan bu’uura pirojektii ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa Bitootessa 24 bara 2003 kaa’amee ifatti hojii erga jalqabee waggoota sagal lakkoofsiseera. Ijaarsi pirojektichaa waggaa shan keessatti xumurama jedhamee karoorfamus sababoota gara garaatiin duubatti harkifateera. Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad waggaa sagalaffaa ijaarsi pirojektichaa itti jalqabameefi weerara vaayrasii koronaa ilaalchisuun ibsa Roobii - Doktar Abiyyi Ahmad darbe kennaniin akka jedhanitti, weerarri vaayrasii koronaa balbala hunda keenyaa rukutaa jira. Tamsa’inni vaayirasichaa yeroo gara yerootti dabalaa jira. Vaayrasichii yeroo ammaa biyyoota addunyaa 201 walga’eera. Weerarri vaayirasichaa biyyoota addunyaa dinagdeedhaan badhaadhaniifi qaroomanitti daran kan babal’ateefi kan miidhe ta’uu himaniiru. Itoophiyaatti hanga har’aatti namootni vaayirasichaan qabaman 29 yoo ta’an, lakkoofsi kun torbanoota dhufan keessa - Ustaaz Ahmaddiin Jabal Mijuu BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 fuula 10 fuula 6 fuula 12 fuula 16 Dhukkuboonni akka vaayirasii COVID-19 amma argaa jirruu dur addunyaa keenya weeraranii beekuu? Haala ittisa dhukkuboota daddarboo ija aadaafi ammayyaattin KAN GURRA QABU HADHAGA’U Qajeelfamoota teknikaafi ejjennoo Itoophiyaan hidha haaromsaarratti qabdu “Koronaaf hubannoo osoo hintaane xiyyeeffannootu hinkennamne” - Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa fuula 8 Bayyanaa Ibraahimiin Finfinnee: Wareera vaayirasii koronaa (‘COVID 19’) ittisuufi to’achuuf akka Oromiyaatti koreewwan gara garaa gurmaa’anii erga hojiitti galanii bubbulaniiru. Raawwiisaa yeroo yeroon bakka pirezidaantiin naannichaa argamanitti dhiheessuudhaan kan gqorachiisu korich, sochiisaa keessatti ciminootaafi hanqinoota mul’atan adda baasuunis hojii gara fuula duraatti hojjatamaniif kallattii kaa’aa jira. Sochiiwwan hanga ammaatti koreewwan adda addaatiin taasifamaniin ummata naannichaa miiliyoona sagal ta’uuf hubannoon kennamuun, hojiin tola ooltummaa bal’inaaan raawwatamaa jiraachuun, hospitaalotni 107 dhimma kanaaf addatti qophaa’uun, dargaggootni 1803 leenjifamanii godinoota 19tti ramadamuun hojii gaarii raawwatame ta’uu sadarkaa pirezidaantiitti ittaanaatti qindeessaan damee hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa dubbataniiru. Iddoowwan uumamaan dhibee kanaaf saaxilamoo ta’an adda baasuudhaan tarkaanfiileen sirreeffamaa fudhatamuus himanii, termoomeetirootni ho’ina qaamaa sakatta’uuf gargaaran 156 bitamanii raabsamuus ibsaniiru. Hanga ammaatti shakkamoota ulaagaa guutan 108 qoratamanii bu’aa qorannoosaanii - Kaleessaa qarshii mil. 31 ol arjoomameera eeggachaa kan jiran ta’uufi samuda baay’inaan ummata keessaa fudhachuufi iddoo qorannaa heddummeessuun garuu dhimma xiyyeeffannoo guddaa argachuu qabuudha jedhaniiru. Sochiin geejibaa daangeeffames konkolaattota ummata fe’an malee kanneen geejjiba goggogaafi dhangala’oo deddeebisan kan hinilaallanne waan ta’eef hubannoon gama kanaan ture rakkoo kan qabu ta’uu ibsaniiru. Sochii vaayirasii kana to’achuuf taasifamu keessatti daldaltootni gatii dabalan, osoo meeshaa qabanuu mankuusatti dhoksaniifi meeshaa yeroon irra darbe gurguraa turan hedduu jiraachuu kan himan immoo pirezidaantii Oromiyaa, Aaddee Caaltuu Saaniiti. Isaanis, sababa kanaan daldaltoota Deggarsi lammiilee akaakuudhaanis ta’e maallaqaan taasisan ittifufeera “Vaayirasii koronaa ittisaa ijaarsa hidha guddichaa ni xumurra” gad bu’uu danda’a kan jedhan ministirri muummichaa, tarii ammoo du’is nu mudachuu danda’a. Vaariyasichi yeroo ammaa Finfinneerra darbee magaalota naannoleetti mul’achuu jalqabeera. Weerarri vaayirasichaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota bira akka hingeenyeef hundi keenya qindoominaan irratti hojjechuu qabna jedhan. Mootummaanis seerota of eeggannoo raawwachiisuufi meeshaalee ittisaaf wal’aansa vaayirasichaatiif barbaachisan waliingahuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Manneen barnootaafi waajjiraalee mootummaa dabalatee bakkeewwan namootni baay’atanii argaman akka cufaman, geejjibootni hawaasa deddeebisan akka daanga’an taasiseera. Kana malees tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachaa jira jedhu. Ijaarsi hidha guddichaa pirojektii guddaa hirmaannaa ummata biyyattiitiin geggeeffamaa jiru mallattoo birmadummaafi tokkummaa keenyaati kan jedhan Doktar Abiyyi, ganna dhufu ijaarsa hidhichaa xumurree bishaan guutuun kan jalqabamu ta’uu himan. Weerarri vaayrasichaa yeroo kanatti

Upload: others

Post on 26-Sep-2020

24 views

Category:

Documents


1 download

TRANSCRIPT

Page 1: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30

Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf!

Gara fuula 17tti

Gara fuula 17tti

Fuula 3

Xiyyeeffannaan Oromiyaa lixaa misoomarrattti

ta’eera

Fuula 2

“Dhibicha ofirraa ittisuuf manaafi lafuma jiranitti sagaduun murteessaadha”

Fuula 2

Vaayrasiin Koroonaa kufaatii dinagdee

guddaa qaqqabsiisaa jira

Hubannoon vaayirasii koronaarratti uumame gadaanaadha

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Dhagaan bu’uura pirojektii ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa Bitootessa 24 bara 2003 kaa’amee ifatti hojii erga jalqabee waggoota sagal lakkoofsiseera. Ijaarsi pirojektichaa waggaa shan keessatti xumurama jedhamee karoorfamus sababoota gara garaatiin duubatti harkifateera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad waggaa sagalaffaa ijaarsi pirojektichaa itti jalqabameefi weerara vaayrasii koronaa ilaalchisuun ibsa Roobii

- Doktar Abiyyi Ahmaddarbe kennaniin akka jedhanitti, weerarri vaayrasii koronaa balbala hunda keenyaa rukutaa jira.

Tamsa’inni vaayirasichaa yeroo gara yerootti dabalaa jira. Vaayrasichii yeroo ammaa biyyoota addunyaa 201 walga’eera. Weerarri vaayirasichaa biyyoota addunyaa dinagdeedhaan badhaadhaniifi qaroomanitti daran kan babal’ateefi kan miidhe ta’uu himaniiru.

Itoophiyaatti hanga har’aatti namootni vaayirasichaan qabaman 29 yoo ta’an, lakkoofsi kun torbanoota dhufan keessa

- Ustaaz Ahmaddiin Jabal

MijuuBARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

fuula 10

fuula 6

fuula 12

fuula 16

Dhukkuboonni akka vaayirasii COVID-19 amma argaa jirruu dur addunyaa keenya

weeraranii beekuu?

Haala ittisa dhukkuboota

daddarboo ija aadaafi

ammayyaattin

KAN GURRA QABU HADHAGA’U

Qajeelfamoota teknikaafi ejjennoo

Itoophiyaan hidha

haaromsaarratti qabdu

“Koronaaf hubannoo osoo hintaane xiyyeeffannootu hinkennamne”

- Doktar Gurmeessaa Hinkoosaafuula 8

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Wareera vaayirasii koronaa (‘COVID 19’) ittisuufi to’achuuf akka Oromiyaatti koreewwan gara garaa gurmaa’anii erga hojiitti galanii bubbulaniiru.

Raawwiisaa yeroo yeroon bakka pirezidaantiin naannichaa argamanitti dhiheessuudhaan kan gqorachiisu korich, sochiisaa keessatti ciminootaafi hanqinoota mul’atan adda baasuunis hojii gara fuula duraatti hojjatamaniif kallattii kaa’aa jira.

Sochiiwwan hanga ammaatti koreewwan adda addaatiin taasifamaniin ummata naannichaa miiliyoona sagal ta’uuf hubannoon kennamuun, hojiin tola ooltummaa bal’inaaan raawwatamaa jiraachuun, hospitaalotni 107 dhimma kanaaf addatti qophaa’uun, dargaggootni 1803 leenjifamanii godinoota 19tti ramadamuun hojii gaarii raawwatame ta’uu sadarkaa pirezidaantiitti ittaanaatti qindeessaan damee hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa dubbataniiru.

Iddoowwan uumamaan dhibee kanaaf saaxilamoo ta’an adda baasuudhaan tarkaanfiileen sirreeffamaa fudhatamuus himanii, termoomeetirootni ho’ina qaamaa sakatta’uuf gargaaran 156 bitamanii raabsamuus ibsaniiru.

Hanga ammaatti shakkamoota ulaagaa guutan 108 qoratamanii bu’aa qorannoosaanii

- Kaleessaa qarshii mil. 31 ol arjoomameera

eeggachaa kan jiran ta’uufi samuda baay’inaan ummata keessaa fudhachuufi iddoo qorannaa heddummeessuun garuu dhimma xiyyeeffannoo guddaa argachuu qabuudha jedhaniiru.

Sochiin geejibaa daangeeffames konkolaattota ummata fe’an malee kanneen geejjiba goggogaafi dhangala’oo deddeebisan kan hinilaallanne waan ta’eef hubannoon gama kanaan ture rakkoo kan

qabu ta’uu ibsaniiru.

Sochii vaayirasii kana to’achuuf taasifamu keessatti daldaltootni gatii dabalan, osoo meeshaa qabanuu mankuusatti dhoksaniifi meeshaa yeroon irra darbe gurguraa turan hedduu jiraachuu kan himan immoo pirezidaantii Oromiyaa, Aaddee Caaltuu Saaniiti. Isaanis, sababa kanaan daldaltoota

Deggarsi lammiilee akaakuudhaanis ta’e maallaqaan taasisan ittifufeera

“Vaayirasii koronaa ittisaa ijaarsa hidha guddichaa ni xumurra”

gad bu’uu danda’a kan jedhan ministirri muummichaa, tarii ammoo du’is nu mudachuu danda’a.

Vaariyasichi yeroo ammaa Finfinneerra darbee magaalota naannoleetti mul’achuu jalqabeera. Weerarri vaayirasichaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota bira akka hingeenyeef hundi keenya qindoominaan irratti hojjechuu qabna jedhan. Mootummaanis seerota of eeggannoo raawwachiisuufi meeshaalee ittisaaf wal’aansa vaayirasichaatiif barbaachisan waliingahuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Manneen barnootaafi waajjiraalee mootummaa dabalatee bakkeewwan namootni baay’atanii argaman akka cufaman, geejjibootni hawaasa deddeebisan akka daanga’an taasiseera. Kana malees tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachaa jira jedhu.

Ijaarsi hidha guddichaa pirojektii guddaa hirmaannaa ummata biyyattiitiin geggeeffamaa jiru mallattoo birmadummaafi tokkummaa keenyaati kan jedhan Doktar Abiyyi, ganna dhufu ijaarsa hidhichaa xumurree bishaan guutuun kan jalqabamu ta’uu himan.

Weerarri vaayrasichaa yeroo kanatti

Page 2: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Qorannaan vaayirasii koronaarratti haalaafi amalasaarratti taasifamaa jiru ammayyuu waan hinxumuramneef lammiileen gorsa ogeeyyota fayyaan darbu hordofuu akka qaban Doktar Gurmeessaan Hinkoosaa beeksisan.

Yunivarsiitii Arsiitti barsiisaa meedikaalaafi ogeessa fayyaa kan ta’an Doktar Gurmeessaan, ibsa Kamisa darbe addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin ittisa vaayirsii koronaarratti of eeggannoon taasifamuu akka malu beeksisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, dhibichi akka addunyaatti daran tatamsa’uun gaaga’ama lubbuufi dinagdee qaqqabsiisaa jira.

Gaaga’ama lubbuu vaayirasii kanaan qaqqabaa jiruuf ittisuuf qorannaawwan gara garaa akka addunyaatti taasifamaa jiraatanis hanga ammaa furmaata kan hinarganne ta’uu beeksisaniiru.

Kanamalees vaayirasichi salphaatti kan daddarbu waan ta’eef of eeggannoo cimaa taasisuun dirqama ta’uu ibsanaiiru.

Dhibee kana jalaa of baraaruuf ammoo gorsa ogeeyyota fayyaatiin yeroorraa yerootti darbu hordofuun murteessaa ta’uus Doktar Gurmeessaan dubbataniiru.

Kun ta’us vaayirasii koronaaf dawaan argameera maqaa jedhuun miirri of dagachuu calaqqisaa jiraachuus eeranii,

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Tatamsa’ina dhibee koronaa ittisuuf hojiin hubannoo uumuu hawaasa maraaf kennamaa jiraatus haala qajeelfamaatiin hojiitti hiikamaa waan hinjirreef, manaafi lafuma jiranitti sagaduun murteessaa ta’uun himame.

Ustaaz Ahmaddiin Jabal Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, amanataan mana manasaaf bakka hojiisaatti sagadachuunsaa tatamsa’ina dhibee koronaa kan hambisuudha. Vaayirasichi dhala namaa sanyiin, amantiifi bifaan osoo hinqoodiin fixaa kan jiru yoo ta’u, kutaaleen hawaasaa marti gorsa ogeessotaan kennamu fudhachuun fayyummaasaanii eeggachuu akka qaban ibsaniiru.

Gorsa ittisa dhibee kanaaf kennamu keessaa qulqullina ofii eeggachuun isa tokko yoo ta’u, amantiin musliimaas isa kana kan jajjabeessu ta’uusaa himaniiru. Sirni sagadaa wayita gaggeeffamu gareen ta’uunsaa bu’aa qabaatus rakkoo mudachuu danda’u hambisuuf mana ofiifi bakka hojii ofiitti sagaduun murteessaadha jedhan.

Dhibee kana ittisuuf biyyoonni biroo

ODUU BARIISAA2

Qorannaan vaayirasii koronaarratti taasifamaa jiru waan hinxumuramneef lammiileen of dagachuu hinqaban

“Dhibicha ofirraa ittisuuf manaafi lafuma jiranitti sagaduun murteessaadha”

Gara fuula 17tti

kunis waan ganaa qoratamaa jiru waan ta’eef lammiileen dammaqinaan of eeguurratti xiyyeeffachuu qabu jedhaniiru.

Vaayirasii kana jalaa of baraaruufis falli jiru harka ofii dhiqachuu, alkooliin qulqulleeffachuu, qaamaafi hawaasummaan walirraa fagaachuun dirqama ta’uu beeksisaniiru.

Akka ibsasaaniitti hariiroo hawaasummaa kaleessa tureen har’a jiraachuuf yaaluun

vaayirasii koronaa kan tatamsaasu waan ta’eef hojiin hubannoo uumuu karaalee gara garaa taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Lammiileen biyyattii hundi aadaa hariiroo kaleessa waliin qabu keessaa bahuun fayyaa ofii eeggachuu akka qabss dhaamaniiru.

Walmarsanii taa’uu, daandiirra baay’atanii deemuu, geejjiba ummataa keessatti akkuma dur barametti walukkaamsanii deemuun, walitti maramanii wal dubbisuun

ammallee kan hindhaabanne ta’uu ibsaniiru.

Kunimmoo tatamsa’ina vaayirasichaaf karaa saaqa kan jedhan Doktar Gurmeessaan, hubannoo kennamaa jiruuf xiyyeeffannoo kennuun murteessaa ta’uu beeksisaniiru.

Kanamalees bakkeewwan gara garaatti gorsa ogeeyyota fayyaatiin kennama jiru dhiisuun qoricha aadaan fayyina jedhamee yaaliin taasifamaa jirullee ilaalcha cabuu qabudha jedhu.

Vaayirasii kanaan qabamuu jechuun du’uu jechuu miti kan jedhan hayyichi, yaala barbaachisaa taasifamuun kan fayyamu ta’uu beeksisaniiru.

Lammiileenis kana hubachuun ilaalcha booddeetti hafaa keessaa bahuun fayyaasaa eeggachuu akka qabu dhaamaniiru.

Darbees dawaan aadaa argameera ilaalcha jedhuun of dagatee gorsa ogeeyyota fayyaarra darbuun miidhaa hammaataa fiduu akka dandahu dagatamuu akka hinqabane ibsaniiru.

Dawaan argamus argamuu baatus lubbuu ofiifi lammiilee baraaruuf hubannoo kennamaa jiruuf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisa jedhaniiru.

Ittisa Vaayirasichaaf jecha maaskiin aguuggatamee adeemamurrattis hubannoon akka hinjirre kaasanii, maaskiin kan kaawwatamu yeroo dhibamaaf gargaarsai taasifamuufi yoo vaayirasichi nama qabeedha jedhan.

masjiidonniifi mannen amantaa biroon cufamuusaanii himanii, Itoophiyaatti tatamsa’ina dhibichaa ittisuuf lafa jiranitti sagaduun barbaachisaadha.

Yeroon salaataa wayita gahutti namootni Hazaanii baasan qofa masjiidota keessatti argamuun saganni lafa jirutti akka gaggeeffamu gochuun hunda caalaa murteessaadha jedhaniiru. Hordoftootni amantichaas fayyummaasaanii, kan maatiifi hawaasaanii eeguuf ofeeggannoo barbaachisu taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

Haala addunyaan itti jirtu yeroo ilaallutti masjiida tokko keessatti meetirii tokko

walirraa siqanii sagaduu mitiitii isaa oliitti sirrii akka hintaane kan himan ustaazichi, Hazaaniin wayita dhagahamu bakkuma jiranitti sagaduun murteessaadha.

Haalli akkanaa kun hawaasa musliimaaf haaraa miti kan jedhan Ustaaz Ahmaddiin, seenaa Islaamaa keessatti dhibee daddarbaan akkanaa wayita mudatu tarkaanfii akkanaa fudhachuun waanuma jirudha jedhaniiru. Jama’aatiin manaafi lafa jiranitti sagaduun akkuma jirutti ta’ee dhibee kana ofirraa dabarsanii nagaan waliitti deebihuuf hunduu ofeeggannoo barbaachisu taasisuu qabu jedhaniiru.

Hordoftoonni amantii Musliimaa baadiyyaa jiranis dhibee kanarraa akka ofbaraaraniif hojii hubannoo uumuu kennaa jirra kan jedhan ustaazichi, martuu ofirraa ittisuuf dirqamasaa bahachuu akka qabus gaafataniiru. Caalaatti hubannoo hawaasaa gabbisuufis miidiyaalee hawaasaa gara garaatti fayyadamuun hojii dadammaqinsaa hojjetaa akka jiran himaniiru.

Vaayirasiin koronaa farra dhala namaa waan ta’eef hunduu gorsaaf barsiisa kennamaa jiruuf xiyyeeffannoo kennee fayyaasaa eggachuu akka qabu Ustaaz Ahmaddiin dhaamaniiru.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa

- Ustaaz Ahmaddiin Jabal

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Weerarri Vaayrasii Koroonaa altokkotti addunyaa mara waliin ga’uun akka biyyaattis ta’e addunyaatti kufaatii dinagdee guddaa qaqqabsiisaa jira. Hojiin dinagdee keessumattuu sektaroonni tajaajila hoteelaa,tuurizimii, agarsiisa faashinii, dorgommiiwwan kubbaa miilaa, atileetiksii ispoortiifi qophiilee gurguddoon madda dinagdee addunyaa ta’an hedduun dhaabbatan, akkasumas hojiileen industiriifi manifaakcheriingii hedduun akka danqaman taasisuudhaan kufaatii dinagdee guddaa qaqqabsiisaaa jiraachuu dubbatu Pirezdaantiin Waldaa Ogeessota Dinagdee

Vaayrasiin Koroonaa kufaatii dinagdee guddaa

qaqqabsiisaa jira

Doktar Guutuu Teessoo

Page 3: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

ODUU GAMAA GAMANAA3

Natshaannat Taaddsaatiin

Finfinnee: Magaalaan Duukam magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti argaman keessaa ishee tokko yoo taatu, warshaalee hedduu qabaachuun beekamti. Sochii bulchiinsiifi jiraattonni magaalattii vaayrasii koronaa ittisuuf taasisaa jiran magaalota naannichaafi biyyattii birootiif fakkeenya gaarii ta’uu danda’a. Kantiibaan magaalattii Obbo Tashoomaa Girmaa ibsa dheengadda Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, bulchiinsi magaalattii vaayrasii koronaa ittisuuf karoora baafatee akkasumas koreewwan adda addaa hundeessuun xiyyeeffannaan hojjechaa jira.

Hojiin korechaa inni guddaan akkaataa hawaasni vaayirasicha ofirraa ittisuurratti hubannoo bal’aa uumuudha. Haaluma kanaan hawaasi magaalattii yeroo ammaa harkasaa yeroo yeroon dhiqachuu, qaamaan walirraa fagaachuu, alkolii harkatti dibachuu, harka walfuuchuu dhiisuufi maloota vaayirasicha ittiin ofirraa ittisuu jalqabarraa kaasee hojiirra oolchaa jira jedhu.

Qaamolee mootummaa, abbootii qabeenyaafi nama dhuunfaarraa qarshii walitti qabameenis meeshaaleen qullqullinaa hawaasni qulqullinasaa ittiin eeggatu dhiyaachaa jiraachuu himanii, vaayrasichi akka tasaa yoo magaalattii keessatti mul’ate dafanii to’achuufis ta’e dursanii ittisuuf deggersi maallaqaa, nyaataafi meeshaalee gara garaa walitti qabamaa jiraachuu ibsan.

Akka tasaa ta’ee namootni vaayrasichaan qabaman kan argaman yoo ta’e bakki addaa itti yaalaman qophaa’uus eeranii, bakki kunis deggersa abbootiin qabeenyaa shan taasisaniin hoteelli tokkoofi buufatni fayyaa tokko qophaa’ee meeshaalee wal’aansaaf barbaachisaniin guutamaa jiraachuu himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa warshaaleefi jiraattonni magaalattii mana kireessanis deggersa guddaa nuuf taasisaniif galateeffamuu qabu kan jedhan kantiibichi, abbootiin qabeenyaa warshaalee garagaraa hojjettootnisaanii manatti akka galan taasisuudhaan mindaasaaniitti dabalanii deggersa nyaataa, mana kiraafi kanneen biroo kan taasisaniif hedduu ta’uu ibsaniiru.

Jiraattonni magaalattii 300, namoota mana isaanirraa kireeffataniif kiraa manaa ji’a tokkoo dhiisaaniis dubbatanii, waan nyaatan qoodaafiin kireeffatoonni galii gadaanaa

argatan yaaddoo malee mana keessa turuun vaayrasicha akka ofirraa ittisan taasisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uus beeksisaniiru.

Deggersi abbootiin warshaaleefi jiraattonni magaalattii galii isaaniirraa hir’isuudhaan harka qalleeyyotaaf taasisuun bara rakkinaa kana waliin baana jechuun taasisan kun rabbi, namaafi mootummaa biratti galata guddaa akka argatan kan taasisu seenaa yoomillee hidagatamne ta’uu himu.

Namootni akka walitti hinqabamneefi qaamaan walirraa fagaachuun vaayrasii tuttuqaafi hafuuraan darbu irraa akka of eeguuf Kibxata darbe irraa eegalee sochiin geejjibaa ummataa baajaajii dabalatee guutummaatti akka dhaabbatu ta’eera kan jedhan Obbo Tashoomaan, konkolaattota dhuunfaafi kanneen magaalattii keessa qaxxaamuranii

darban magaalattii keessa akka hinboqonneef hoteelonni akka cufaman ta’uus beeksisaniiru.

Geejjibni hojjettoota warshaa qorichaa deddeebisu kan yeroo ammaa hojiirra jirus baay’ina hojjettootaa walakkaa oliin hir’isuun akka deddeebisu ta’eera. Abbootiin amantiis hordoftoonnisaanii walitti dhufanii akka hinwaaqeffanneef dhaamsa akka dabarsan ta’eera jedhu.

Hojjettoonni hanga ammaatti warshaalee keessa hojjechaa jiraniif of eeggannoon warshaa keessaafi alatti akka taasifamuufiif hordoffii barbaachisu taasisaafii jiraachuu himanii, meeshaalee vaayirasicha ofirraa ittisuuf isaan barbaachisan kanneen akka maaksii, alkoolii, ‘gilaavii’ dhiyaachaa jiraachuufi walirraa fageenyi saaniis hordofamaa jiraachuu dubbatu.

Fedhiifi kaka’umsi hawaasni rakkoo hamaa kana waliin keessa ce’uuf taasisaa jiru kun cimee ittifufuu akka qabu himanii, deggersa abbootiin qabeenyaafi jiraattonni, qeerroofi qarreen hanga ammaatti taasisan galateeffataniiru.

Warshaan tokko guyyaatti biddeen hanga kuma shanii tolchee harka qal’eeyyiif raabsuuf qophaa’aa jiraachuufi dargaggoonnis gurmaa’anii galii walitti qabuun harka qal’eeyyii gargaaruuf hojjechaa jiraachuu akkasamas hojjetaan mootummaa magaalattii hanga gandaatti jiru dhibee kana ittisuuf mindaasaa ji’aarraa walakkaa kennuuf kan murteesse ta’uu ibsaniiru.

Sochiin Duukam ittisa vaayirasii koronaarratti taasisaa jirtu fakkeenya gaarii ta’a

Bayyanaa Ibraahimiin

Geejjibni ugguramee, manneen dhugaatiifi jimaa, shiishaafi puulii akkasumas iddoo hawaasni baay’inaan itti argamu gabaa dabalatee akka cufamu murtiin darbe magaalota hedduun hojiitti hiikamaa jiraatus darbee darbee hanqinootni jiraachuutu himama.Ittisaafi to’annoo vaayirasii koronaarratti murtii Mootummaan Naannoon Oromiyaa dabarse hojiirra oolaa jiraatus, ummanni ajaja darbe fudhatee mana ofii ta’uu dhabuun rakkoo itti ta’aa kan jiru Magaalaan Shaashamannee, hawaasni magaalichaa dhibee kanaan akka hinqabamneef garuu sochii cimaa keessa jiraachuun ibsameera.

Sochii ittisa vaayirasii koronaa (‘COVID 19’) irratti Gaazexichaa Bariisaatiif kaleessa ibsa kan kennan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Tamaam Huseen, hawaasni magaalattii dhukkubichaan akka hinqabamneef koreewwan sadarkaa adda addaa torba hundeessanii hojjachaa akka jiran dubbatu.

sochii iddoowwan dhibee kanaaf nama saaxilan ugguruuf taasifameen hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti manneenii, dhugaatii, shiishaafi cimaa dhukkuba kana daddaabarsuu keessatti gahee qabu jedhamanii shakkaman 565 irratti tarkaanfiin saamsuu fudhatameera.

Dhaabbilee daldalaafi manneen qorichaa gatii dabalan 20 irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Manneen ‘DS TV’ fiilmiiwwan adda addaa itti agarsiifamaniifi puulii itti taphsiifaman 124

Wareera dhibee koronaa jalaa baraaramuuf magaalotni dursanii of qopheessaa jiru

hojii akka dhaaban taasifamuus ibsanii, miidhaa weerarri vaayiraasii koronaa qaqqabsiisu qolachuuf qaamoleen hawaasaa garagaraa deeggarsaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis abbootiin qabenya magaalattii sochii rakkoo vaayirasichaa qolachuuf eegalame cinaa hiriiruu eegaluusaaniis himaniiru.

Magaalichi hospitaalota lamaan qabuufi buufata fayyaa tokko dabalatee dhibee kanaaf qophii taasisuusaafi manni barumsaa qophaa’inaas hanga barumsi eegalamutti dhimmuma walfakkaatuuf akka oolu murtaa’uu Obbo Tamaam eeraniiru.

Qaamolee hawaasa garagaraa, dhaabbilee dhuunfaafi mootummaa deeggarsa maallaqa to`annoofi ittisa vaayirasii koronaatiif oolu qarshii miilyoona 14 walitti sassaabuuf kan karoorfame yemmuu ta’u, hanga yeroo gabaasni kun qindaa’etti qarshiin kuma dhibba jahaa caalu walitti qabamuu ibsaniiru.

Waamicha akka biyyaatti darbe fudhatanii hunduu mana ofiitti turuurratti garuu qaawwi

bal’aan kan jiru ta’uu kan himan Obbo Tamaam, walitti baay’atanii adeemuun ammas bal’inaan kan mul’atu waan ta’eef ummanni gocha kanarraa of qusachuu akka qabu gaafataniiru.

Ittisaafi to’annoo wareera vaayirasii haaraa kanarratti lammiilee harka qal’eeyyiif dursi kennamee hojjatamaa jiraachuu kan himan immoo kantiibaa magaalaa Sabbataa Obbo Birhaanuu Baqqalaa.

Akka isaan jedhanitti, sochii magaalichi eegaleen lammiilee waggoota sadii dura naannoo Sumaaleerraa buqqa’anii achi qubatan 5,252f meeshaaleen qulqullinaa gara garaa qarshii 150 oliin bitamee raabsameera.

Magaalaan Sabbataa ollaa Finfinnee ta’uusheetiin sosochiin geejjibaa akka dhaabatuuf murtii naannoon Oromiyaa dabarse guutummaatti hojiirra oolchuuf jecha taaksiin Finfinneedhaa fe’ee dhufu daangaa magaalattii akka hindabarre ugguraa jiraachuus dubbataniiru.

Obbo Tamaam Huseen, Obbo Birhaanuu Baqqalaa.

Charinnat Hundeessaatiin

Biyyi keenya keessumaa waggoota lamaas jijjiirama adda addaa keessa turuunshii kan beekamuudha. Eddii humnoonni jijjiiramaa gara biyya geggeessuutti dhufanii as dhaabbileen siyaasaa kan biraa haa hafuutii maqaasaanii dhanuunuu lammii hiraarsaafi hiisisaa tureefi ala taa’anii qabsaa’aa turan biyyatti akka galan taasisuu dabalatee tarkaanfiileen siyaasaa danuun fadhatamaniiru.Jijjiirama dhufeen paartiileen siyaasaa qabsoo hidhannoo geggeessaan turan danuun carraa argametti fayyadamani karaa nagaatiin qabsaa’oof yoo murteessanillee tokko tokko garuu ulaa karaa nagaatiif akka qabsaa’amuuf baname maddiitti dhiisanii keessumaa ummanni Oromiyaa lixaa waggoota lamaan jijjiiramaa rakkina keessatti kunuun ni yaadatama.

Xiyyeeffannaan Oromiyaa lixaa misoomarrattti ta’eera

Gara fuula 17tti

Page 4: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 4

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaan Guraandhala bara 1969 hundaa’e.

Torbanitti al tokko, guyyaa Jimaataa,Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin

maxxanfamaa ture. Waxabajjii 1,2011 irraa eegalee Sanbata maxxanfamaa jira.

Gulaalaan Charinnat Hundeessaa

Lak.Bilbilaa [email protected]

[email protected]:Kutaa Magaalaa Nifas Silki

Laaftoo, Aanaa 12

Qopheessitootni:Saamraawit GirmaaNatsaannat TaaddasaaTashoomaa QadiidaaTakkaalliny GabayyooBayyanaa IbraahimWaasihuun Takilee

Ethiopian Press Agency

Ijoo Dubbii

Adeemsisaa Hojii Bil. 011-126-42-22Kutaa Beeksisaa:

Bil. 011-156-98-65Raabsa Gaazexaa Bil.011-157-02-70

Faaksii Kutaa Qophii 251-011-1-5698-62

L.S.P [email protected]

Dhaamsa Bariisaa

GumaachitoonniHamiltan Abdulaaziiz Dachaasaa Roorroo Alamaayyoo Hayilee Zarihun Gabree

Yeroo lubbuun uumamuusheetti gaabbitu, yeroo durummaan gatii dhabe gaafa beekumsiifi saayinsiinis homaa gochuu dadhabe yeroo hamaa yeroo dhiphinaa.

Dhalli namaa akka baalaatti harca’aa, dhibamaan yaala dhabee inni du’e boo’icha dhabee hawaasni addunyaa guutuun waan ta’aa jiru amanuu dadhabee uumamasaa qofatti boo’uu jalqabe.

Biyyasitti guyyaa tokkotti namni hanganaa dhibee kanaan qabameen, namni hanganaa immoo du’een oduu miidiyaalee addunyaa erga ta’ees ji’a guutuuf deemna.

Addunyaan dhibee kanaaf malaafi fala dhabee “ebalutu dhibee kana uumee nutti darbe” jechuun quba walitti qabee bu’aa tokkos dhabe.

Biyyootni guddina saayinsiifi teknolojiitiin sadarkaa dhumaa irra jiranis fala dhibee kanaa dhabanii yemmuu dhumaa jiranitti, biyyootni guddinaan boodatti hafanii immoo dhibee kanaan hammam akka yaaddoo guddaa keessa galan tilmaamuun nama hinrakkisu.

Dhibeen korona (COVID 19) jedhamu kun har’a guutuu addunyaa boochisaa jiru kun dhimmootni dinagdeefi hawaasummaa akkasumas siyaasaa hundi dagatamee xiyyeeffannaa hunda garasaatti deebifateera.

Tamsa’innisaa biyyoota birootiin yemmuu madaalamu xiqqaa haa fakkaatu malee dhibeen kun erga Itoophiyaatti galees saffisaan babal’achaa jira.

Yeroo weerarri dhibee akkanaa kun guutuu addunyaa yaaddoo cimaa keessa galchaa jiruufi xiyyeeffannoon hundi wareera dhibee kanaa ittisuu ta’uu qabu kana keessatti qaamotni tokko tokko ammas ajandaa siyaasaa yemmuu hafarsan arguun immoo heddu nama qaanessa.

Siyaasni kan jiraatu yoo biyyi jiraateedha,

Yeroo biyyi yaaddoo weerardhibee keessa jirtutti, gabaan siyaasaa qul’aadha

biyyi kan jiraattu immoo yoo namni jiraateedha. Haala amma jiruun immoo jiruun namaa gaaffii guddaa keessa bakka gala jirutti tokkummaadhaan dhibee kanarratti duuluun hafee garaa garummaa ilaalcha siyaasaatiif walirratti duuluun biyya ganuu akka ta’etti fudhatama.

Namni weerara dhibee kana jalaa baraaramee egere jiraachuunsaa hinbaramin, rakkoo dhibeen kun qabatee dhufu hubachuu dhabuun ammas geengoo siyaasaa keessa naanna’aa oolu caalaa namni hiikaan siyaasaa jalaa bade hinjiru.

Yeroo kanatti manneen barnootaa oolmaa daa’immaniirraa eegalee hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti hojiin baruufi barsiisuu dhaabbateera.

Hojiin dhaabbilee mootummaa hedduun dhaabbateera, geejibni iddoowwan adda addaatti taasifamus ugguramee, manneen dhugaatii, jimaafi shiishaa hedduus cufamaniiru.

Kunniin hundi kan ta’eef immoo balaan dhibeen kun qabatee dhufe waan hundaa ol kan ulfaatuufi yaaddessaa ta’uusaatiini.

Kanaaf, yeroo wantootni bu’uura dhala namaatiif barbaachisan dabalatee geejjibni ittiin iddoorraa iddootti taasifamu uggurametti ajandaa siyaasaatiin qabamanii ummanni dhibee kana dagatee garasitti qalbiisaa akka deeffatu taasisuun dhaabachuu

Koviid-19 (‘COVID-19’) dhukkuba sababa vaayirasiitiin dhufuudha. Vaayirasiifi dhukkubni haaraan kun ALA Mudde bara 2019 Chaayinaa, bulchiinsa Wiihaanitti bia golfaatiin uumame.

Mallattoolee daran baramoon koviid-19 ho’ina qaamaa, dadhabbiifi qufaa goggogaa, dhukkubsattoonni tokko tokko ammoo ukkaamama funyaanii, cophuu furrii, dhukkuba qoonqoo ykn garaa kaasaa kan qabaatan ta’uu ogeeyyota fayyaatiin irra deddeebiin ibsameera, ibsamaas jira.

Namoota dhukkubichaan qabaman keessaa harki 80n otoo wal’aansi addaa isaan hinbarbaachisin ni bayyanatu.

Dhukkuba kanarraa of eeguufi tatamsa’inasaa ittisuuf odeeffannoowwaniifi qajeelfamoota wayitaawoo Ministeera Fayyaa, Inistiiiyutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaarraa akkasumas Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa kennaman hordofanii hojiirra oolchuun daran murteessaadha.

Yeroo ammaa biyyoonni addunyaa hedduun dhukkuba koviid-19n miidhamaa kan jiran yoo ta’u, Chaayinaa dabalatee biyyoonni muraasni of eeggannoo cimaa taasisaniin tamsa’inasaa hir’isuu ykn dhaabuu danda’aa jiru.

Kanaaf nutis akka biyya keenyaatti haaluma ogeessonni fayyaa gorsaniin harka saamunaafi bishaaniin ammaa amma dhiqachuun, qulqulleessituuwwan harkaa

alkoolii of keessaa qabanitti fayyadamuun ni danda’ama.

Nama haxxifaturraa yoo xiqqaate meetira tokkoo ol fagaachuu, afaan, funyaaniifi ija walumaagalatti otoo hindhiqatiin fuula ofii tuquu dhiisuu, keessumaa yoo haalli fayyaa ofii amansiisaa ta’uu baate mana taa’uu, mallattooleen ho’ina qaamaa, qufaafi rakkina argansuu mul’annaan gargaarsa ogeessa fayyaa argachuun dirqama ta’uun

hubatamuu qaba.

Kun ta’uu baatee maatii jaalattan keessaa tokko vaayirasii koronaan kanaan yoo qabame manaa fuudhee deeme hordoftanii deemuu hindandeessan ykn siree hospitaalaa bira teessanii harkasaanii dhaqqabaa, waan isaan barbaadan gaafattanii kunuunsuun hinjiru.

Mee yaadaa, namni kun haadha keessan, abbaa keessan, obbolaa keessan, jaalallee ykn ijoollee keessan ta’uu mala. Yeroon fuula keenya dura jiru baay’oti yeroo itti haala akkasii keessa darban ta’uu akka malu argaa jirra. Kanaaf waanti kuunnoo jechaa kunoo jedhee akka nu hinmiineef gorsa kennamaa jiru hojiirra haa oolchinu. Vaayirasii hanga kaleessa waaree boodaatti akka addunyaatti lubbuu namoota kuma 54fi 137 ol galaafateefi namoota miliyoona tokkoo ol caalu qabaterraa akka of eegnuuf kennamu cinaatti dhiisnee ofis ta’ee maatii miidhaaf akka hinsaaxille of eeggannaa cimaa gochuu qabna malee hima didduun du’a hindidduu ta’uu qabnu.

Hima didduun du’a hindidduu akka hintaaneef

qaba.

Qaamotni yeroo hamaa kanatti garaa garummaa ilaalcha siyaasaatiin walirratti duulaa hawaasa dogoggorsan kunniin garuu daran xiqqaadha.

Harki caaluufi namootni siyaasa biyyattii keessatti dhiibbaa uumuu danda’an hedduun garuu yeroo kanatti xiyyeeffannoonsaanii guutuun wareeruma dhibee kanarratti.

Warri garaa garummaa siyaasaa bal’aafi yoomillee walitti araaramuu hindandeenye qabanis yeroo ammaa afaan tokkoon dhibee kanarratti duulaa jiraachuun garuu abdii kan namatti horuudha.

Hayyoonni marsariitii hawaasaa bal’inaan itti fayyadamanis waan hunda dhiisanii guyyaa guutuu hubannoo hawaasaa dhibee kanarratti uumuurratti xiyeeffatanii hojjachaa jiraachuunis waan jajamuu qabuudha.

Walumaagalatti, wanta hunda kan dursu lubbuu dhala namaati. Bakka dhalli namaa hinjirretti wanti jiraachuu danda’u hinjiru. Dhala namaa jiraachisuuf immoo weerara dhibee yeroo ammaa sodaa guddaa uumaa jiru kana jalaa baraaruun murteessaa ta’a.

Siyaasni dhala namaa booda waan ta’eef, osoo hawaasni weerara dhibee kanaatiin yaaddoo olaanaa keessa jirutti qaamni garaa garummaa siyaasaatiin ajandaa uumuu fedhu kamuu farra ummataa ta’uunsaa baramuu qaba.

Page 5: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

MijuuBARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

fuula 10

fuula 6

fuula 12

fuula 16

Dhukkuboonni akka vaayirasii COVID-19 amma argaa jirruu dur addunyaa keenya

weeraranii beekuu?

Haala ittisa dhukkuboota

daddarboo ija aadaafi

ammayyaattin

KAN GURRA QABU HADHAGA’U

Qajeelfamoota teknikaafi ejjennoo

Itoophiyaan hidha

haaromsaarratti qabdu

“Koronaaf hubannoo osoo hintaane xiyyeeffannootu hinkennamne”

- Doktar Gurmeessaa Hinkoosaafuula 8

Page 6: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

Charinnat Hundeessaafi Tashoomaa Qadiidaatiin

AADAAFI AARTIIBARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 6

Haala ittisa dhukkuboota daddarboo ija aadaafi ammayyaatiin

Vaayirasiin koronaa ammaan tana addunyaa ummata addunyaa dhiphisaa jira. Vaayirasicha

ta’ochuuf akka biyya keenyaattis ta’e addunyaatti tattaaffiiwwan adda addaa fudhatamaa jiru. Biyya keenyattis ogeeyyonni fayyaafi mootummaan mala vaayirasii kana ofirraa ittisuun danda’amurratti gorsaafi qajeelfama baasaniiru.Gaazexaan Bariisaa oggaa dhukkuboonni daddarboon uumaman akka aadaatti of eeggannaan akkamii akka taasifamaa tureefi tarkaanfiin akkamii akka fudhatamurratti Barreessaa Gumii Abbootii Gadaa Oromiyaafi Abbaa Gadaa Tuulamaa, Goobanaa Hoolaa akkasumas sirna Gadaa keessatti hayyuu Gadaa Duuloo Maaccaa Doktar Qana’aa Lammii dubbiseera.Abbaa Gadaa Goobanaan akka jedhanitti, dhalli namaa gaafa dhalaterraa kaasee akkuma waan gaarii hojjettu hamaallee ni raawwata. Waaqayyo garuu hamaa nutti raawwannu ilaalee akka nu hinbaleessine waaqa kadhanna.Duuti duruu jirti. Garuu Oromoon dhu’aa garamale nu haa’olchu, osoo jaarsiifi jaartiin jiranuu dargaggeessi qacaleen akka hinduune nu olchi jedha Oromoon oggaa Waaqa kaadhatu. Oromoo ummata Waaqayyo kadhatee irraa argatuudha. Ammas vaayirasii koronaa addunyaa raasaa jiru jalaa baraaramuuf kadhachaa gorsa ogeessonni fayyaa kennaniifi qajeelfamoota mootummaa kennaa jiru sirnaan hojiirra oolchuu akka barbaachisu dubbatu.Dhibeen kun qoricha hinqabu. Vaayirasichi haala namni hinbeekneen qilleensaan, hafuraan,walitti siqanii taa’uudhaan, haxxifachuufi waltuttuquudhaan kan darbu waan ta’eef of eeggannoo cimaa gochuun akka barbaachisu eeru.Dhibeen kun tasa kan nama qabu waan ta’eef kanarraa of eeguuf ajaja kennamu kabajanii mana turuun mureessaadha jedhu; isaanis gorsa ogeessota fayyaatiin kennamaa jiru kabajuun ammaan tana manaa bahaa akka hinjirre ibsuun.Waaqayyoo bakkuma jiranitti yoo Isa kadhatan kan dhagahu waan ta’eef hawaasn keenya manumasaa taa’ee kadhachuu qaba jedhu.“Ummanni keenya akka kaleessaa haala aadaatiin osoo hinta’in akka yeroo ammaatti karaa ammayyoomeen naannawa keessan osoo gadi hinlakkisin qulqulleessuudhaan of eeguufi to’achuu qaba”.“Dhibeen kana fakkaatuufi finnoo (infilowinzaa) jedhamu waggoota 90n dura muldhatee ture. Wayitas sanas dhukkubicha jalaa baraaramuun kan danda’ame walirraa fagaachuudhaani. Yeroo sana namni guddaan iddoo

dhibeen kun itti muldhaterraa fagaachaa ture. Naannawa sanaan qaxxaamurees hindarbu. Daa’immanis manaa hinbahan. Xurree (daandii) namni dhibichaan qabame irra darberra hindeemamu” jechuun ibsan.Warri funnoon qabes, “Natti hindhihaatiin” jedhee maatiifi ummata naannawaatiif eeggannaa gochaa turuu kan eeran Abbaa Gadaa Goobanaan, kunis ani tokkoof waaninin qabameef nama biraa hingalaafadhu sababa jedhuun ta’uu ni ibsu.Namni dhibee finnootiin qabame qofaatti of maqsee gaaddisa jala taa’ee Waaqa kadhata malee tasumaa namatti hinmakamu, ollaan hingaaatu. Abidda walii hinkennuun, bishaan unachiisuun hinturre. Ummanni keenya haala kanaan hubannaa Waaqni kenneefiim dhibicharraa of tiksaa ture jedhan.Ammaan tana ammoo haalonni mijaa’oon danuun waan jiraniif gorsaafi qajeelfama kennamu fudhatanii hojiirra oolchuun dhukkuba vaayirasii koronaarraa of eeguun kan danda’amu ta’uu dubbatu. “Sochiin vaayirasicha ittisuuf ammaan tana taasifamaa jiru haala durii sanaan daran walfakkaata. Oromoon nama dhibee daddarbuun qabame qofaatti dawoo keessa teessisee kunuunsee fayyisuun hawaasatti makaa ture” jedhan.Dur dhibee daddarbaan akkanaa oggaa uumamu kan hogganaa ture Abbaa Duulaati kan jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan amma taanaan seerriifi qajeelfamni vaayirasii koronaa ittisuuf bahan hojiirra ooluusaanii humnoonni nageenyaa akka hordofanii tarkaanfii fudhatan gochuun adeemsuma sirrii ta’uu eeran.Dur Abbaan Gadaa Abbaa Duulatti hima. Abbaan Duulaa ammoo namni sun karaa sana akka hindabarre labsa. Akkanatti Oromoon waan hinbarbaadamneefi karaa malee deemamu dhorkee waan hamaarraa ummata ittisaa ture jedhan.“Dhibee kana maaliif akka fide waaqatu.

Waaqini ofisaatii waan fideef ofumaa deebisa. Ummanni kenyas dhibe kanarraa of baraaruuf wanta isatti himame marraa hojirra oolchuu qaba” jechuunis gorsu.Akuuma beekamu kanaan dura ummanni dhaamsa Abbootiin Gadaafi hayyoonni dabarsan fudhachaa akka ture eeranii, dhaloonni har’aa garuu waansaa hinbeekamuu waan itti himame fudhatee hojiirra oolchuurratti hanqina akka qabus ni dubbatu barreessichi. Ummani Oromoo harki caalaan qonnaafi horsiisee waan ta’eef dhibee kanaan akka hinqabamneef of eeggannaa cimaa gochuu barbaachisa. Vaayirasichu biyyoota dinadgeedhaan fagaatanittuu qormaataa guddaa ta’aa waan jiruuf of dagannaan gonkumaa hinbarbaachisu jedhan. Hordoftoonni amantiilee gara garaa gorsa hoggantootasaaniirraa kennamaniif guutummaatti fudhachuufi ajajamuu qabu jedhanii, hundumtuu manumasaa taa’ee Waaqa kadhachuu akka qabus gorsan.Hayyuu Gadaa Duuloo Maaccaa Doktar Qana’aa Lammii gamasaaniin, dur oggaa weerarri dhukkubaa uumamu haalatti ummanni karaa aadaatiin ofirraa ittisaa turerratti yaada kennaniin, dhibeen sadarkaa sadarkaa qaba. Dhibeewwan jiran keessaa golfaa kan jedhamu hamaadha. Golfaa jechuun kan amma faranjoonni ‘pandemic’ jedhu wajjin kan walitti dhiyaatu yoo ta’u, akaakuu dhukkubaa alaa mana nama cufsiisuufi nama fixu ta’uu eeran.Golfaan qufaadhaan, teessisaadhaan, hoqqisiisuun, hurgufuun ykn mallattoolee birootiin ibsamuu danda’a. Dhukkubni sadarkaa koviid-19 (‘COVID-19’) jiru golfaa jedhama. Oggaa waanti gaariinis ta’e hamaan biyya mudate akka sirna Gadaatti isa gaarii cimsuufis ta’e hamaa balleessuuf tumaan ni tumama.Kanaaf oggaa dhukkubni akka koviid-19 oggaa ka’e waantonni lama raawwatamuu qabu. Tokko sirni falachuu raawwatamuu qaba. Falachuu jechuun dabdee wayiituu jiraayii, waanti dhalli

namaa balleesse yoo jiraate yaa Waaq nuu dhiisi jedhanii kadhachuun sirna qalmaa raawwatamuudha. Waanti qalame sun hinyaatamu. Biyyas, nus baraari, jedhanii kadhachuun sirni falachoo raawwatama.Otoodhuma Waaqa kadhatanii lammaffaan tumaa tumuudha. Tumaan ammoo isa amma of eeggadhaa jedhamee himamuudha. Amalli dhibeen kun qabu, akkamitti jalaa baraaramuun akka danda’amurratti odeeffannoo kennamuudha. Kana keessatti dhibichi mallattoo akkamii akka agarsiisu, maaliin akka dhufu, akkamitti ammoo ofirraa ittisuun akka danda’amurratti hubatanii hubachiisuun, qorachuun kan raawwatamuudha. Wayita dhukkubni daddarbaan akka vaayirasii koronaa uumametti jireenya hawaasummaa duraan baratameen itti fufuun rakkisaa ta’a. Waltuttuqaarraa fagaachuun ni barbaachisa. Adeemsa kana Sirni Gadaas tumaatuma ture. Gochoota vaayirasicha dabarsanirraa gonkumaa of qusachuu barbaachisa kan jedhan Doktar Qana’aan, fakkeenyaaf meeshaa tokkoon waan dhuguu, qodaa tokko keessaa mijuu unatanii walunachiisuufaarraa hanga dhibee kun darbutti of qusachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii gorsu. Harka walqabachuun, walitti siqanii hafuura walitti dabarsuun, harka dhiqachuu dhiisuun, otoo harka hindhiqatiin waa nyaachuun daddarba vaayirasii koronaatiif ulaa kan banu waan ta’eef gorsaafi barnoota gabbisa hubannoo ogeeyyota fayyaatiin kennamaa jiru sirnaan hojiirra ooluu barbaachisa jedhan. Akkuma amma keemikaalli facaafamu qoricha qullubbii adii, eebichaafi kkf irraa tumamee qophaa’e mooraafi mana keessatti biifamaa akka turellee yaadachiisanii, dhibee golfaatiin akka hinqabamneef qoricha tumamee gabateetti bulbulamee alaa kaa’ameen harkaafi miilli dhiqatamee gara manaatti seenamaa akka ture dubbatu. Qajeelfamoonni ittisa golfaatiif gargaaran tumamanii hojiirra oolaa akka turaniifi hojiitti hiikamnisaaniis sirnaan hordofaa akka turs himu.Mana golfaan seene karaa balbalaa hinseenan. Karaa boroo cabsanii uffatas ta’e waan nyaatamu kan alatti mukaan nama dhukkubsatetti kennu, harkaa fuudhu. Andoodeefi eebicha walitti tumanii uffinnisaa miiccama. Namoonni nama dhukkubsate kunuunsan kanneen murtaa’aniidha. Isaanis of eeggannaa barbaachisu taasisaniiti kan nama dhukkubsataa sana kunuunsan.Kanaaf ammas vaayirasii koronaa sadarkaa addunyaatti lubbuu namoota hedduu galaafataa jiruufi qoricha hinarganne kanarraa of baraaruuf malli jiru hundumtuu akkuma amantiisaatti Waaqa kadhachaa gorsa kennamu hojiirra oolchuu akka ta’es cimsanii gorsu hayyuun kun.

Page 7: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 7

Takkaalliny Gabayyootiin

QARREEFI QEERROO

Waa’een waa kalaquu wayita ka’u dandeettiin, hubannoofi gahumsi lammii biyya Jarman, Albarti Inistaayiin ka’uunsaa kan hinoolleedha. Namni kun dhalatee kan guddate Jarman, Magaalaa Wurtanbargitti yoo ta’u, namni kun dhalootasaarraa kaasee bu’aa bahii hedduu keessa darbuun barnootasaa baratee jireenyasaa qajeelfachuu danda’eedha.

Waa kalaquurrattis cichee hojjechuun waan milkaa’eef yaadotni waa uumuu dhaloota har’aafi borii gara jijjiiramaafi bu’aa qabeessummaatti geessuuf humna qabaachuusaa barsiisaa tureera.

Fakkeenyaaf yaadota waraabbiisaa keessaa, “Icciitiin waa kalaquu inni guddaan ka’umsa yaada ofii beekuu danda’uudha, tilmaamni yaadaa jireenya hawataa fuuldura jiru mul’isa, ka’umsa yaadaa sababa godhachuun kallattiilee addaddaatiin daandii dheeraa nama deemsisa, sadarkaa rakkoon tokko irra jiruun rakkinicha furuun hindanda’amu irra jalaan malee, odeeffannoon beekumsa miti, maddi beekumsaa garuu muuxannoodha, waa kalaquun yaada bilchina qabu waan ta’eef, isa qabachuun murteessaadha, dandeettiifi gahumsa olaanaa dhabus waa tokko kalaquuf miira addaatu nakeessa jira”.

“Tilmaamni yaadaa beekumsarra waan caaluuf, namni dogoggora hinhojjenne kamuu waan haaraa tokkollee hojjechuu hindanda’u” jechuun hayyuu dhaloota har’aafi boriif hubannoo gabbisuu danda’eedha.

Dandeettiifi gahumsi dargaggootni Itoophiyaa damee waa kalaquurratti qaban olaanaa yaa ta’u malee haalota addaddaatiin danqamanii kanneen otoo hinmilkaa’iin karaatti hafan hedduudha. Haata’u malee ijoolleen muraasni haalota naannawasaanii hubachuun waa uumanii hawaasasaanii tajaajilaa jiraniifi ammas waa kalaquuf tattaaffachaa jiran hedduudha.

Dargaggoo Wandee Tasfaayees dargaggoota Oromiyaa yaada bilchina qaban keessaa tokko yoo ta’u, vaayirasii koronaa lammiilee addunyaa dararsaa jiru hawaasasaarraa dursee ittisuuf gahumsaafi muuxannoo gabbataa waa kalaquurratti qabu fayyadamee qoodasaa bahachaa jira.

Tooftaalee vaayirasicha dursanii ofirraa ittiin ittisan keessaa tokko harka ofii saamunaadhaan dhiqachuu yoo ta’u, namni kamuu tuttuqaa harkarraa bilisa ta’e teknolojiitti fayyadamee meeshaa harka itti dhiqatan (handwash equipment) hojjetera.

Wandee Tasfaayee Godina Iluu Abbaa Booraa, Magaalaa Mattuutti dhalatee kan guddateefi barate yoo ta’u, wayita ammaas Kolleejii Poolii Teknikii Mattuutti leenjisaa ogummaa saanitarii ta’uun hojjechaa jira.

Akkaataa kamiifi maaliif meeshaa harka dhiqannaa kana hojjechuuf akka kaayyeffaterratti Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kenneera. Kanaanis dhimmoota wayitawoo biyyoota addunyaa raasaa jiran keessaa inni guddaan dhibee koronaa waan ta’eef, kunis waan isaafi

Wandee Tasfaayee: Hayyuu ittisa vaayirasii koronaaf teknolojii harki ittiin dhiqatamu kalaqe

maatiisaa yaaddesseef dursamee akka ittifamuuf maloota tarreeffaman hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu hubachuurraa akka ta’e eera.

Ka’umsa waa kalaquusaas yoo ibsu, “Teknolojii ani uume kun daran salphaadha. Kunis tooftaalee dhibee koronaa ittiin ofirraa ittisnu keessa tokko harka ofii dhiqachuudha. Wayitan haala itti fayyadama jiraattota Magaalaa Mattuu argu waltuttuqaan bal’inaan ni mul’ata. Kunimmoo waan natti toluu dideef, teknolojii salphaa naannawaakoo jirutti dhimma bahee furmaata fiduuf kaayyeffadhe. Ogummaan qabuttis fayyadamee hawaasichaaf waa tokko buusuuf yaadee meeshaa tuttuqaa harkaa tokko malee dhiqannaa harkaatiif oolu kana guyyoota muraasa keessatti hojjechuu danda’e” jechuun dubbata.

Tilmaamni yaadaa inni dursee lafa kaa’es, “Namni kamuu akkamiin tuttuqqaa tokko malee harkasaa qulqulleeffachuu danda’a?” kan jedhu yoo ta’u, meeshaalee dhumataa kolleejicha keessa jiranitti fayyadamuun guyyoota sadii keessatti haala salphaa ta’een meeshaa harka itti dhiqatan kalaquu hima.

Meeshaan kunis pilaastikiiwwan addaddaafi sibiilotarraa kan hojjetame yoo ta’u, tuttuqaa harkaatiin ala miilaan peedaalii ujummoo qophaa’e tuquun bishaaniifi saamunaa kan harka namaarratti buusu ykn gadhiisu ta’uu ibsa.

Akka ibsa leenjisaa Wandeetti, meeshaan harka dhiqannaa hawaasaaf kalaqame kun tuttuqaa harka namootaarraa bilisa waan ta’eef wayita ammaa jiraattotni Mattuufi naannawaashee sodaa tokko malee itti fayyadamaa jiru. Waajjiraalee mootummaa keessattis daran barbaadamaa waan jiruuf yeroo rakkinaa kanatti meeshicha kalaquukootti hedduun gammade jedha.

Dargaggootni magaalittiis yeroo yaaddessaa kanatti meeshaan kun kalaqamuusaatti hedduu kan gammadan yoo ta’u, irraa barachuufis fedhii guddaa agarsiisaa akka jiran hima.

Akkuma meeshaan harka dhiqannaa kun kolleejichatti beeksifameen miidiyaaleen elektirooniksii kanneen akka OBN, OBSfi ETVn waraabanii ummatatti

beeksisuusaaniis ni dubbata. Meeshaa harka dhiqannaa kana hojjechuun dura tilmaama yaadaa qopheessuutu caalaatti yeroo natti fudhate kan jedhu leenjisaa Wandeen, ittaansee garuu sa’aatii afur qofa itti fudhachuusaa ibsa. Kunis meeshaalee barbaachisan walitti hidhuuf sa’aatii sadii, akkasumas meeshaa kalaqame san halluu dibuuf sa’aatii tokko qofa ta’uusaati jechuudha.

Kolleejii Poolii Teknikii Mattuu keessatti dameewwan ogummaa hedduun dargaggootaaf leenjiin kennamaa kan jiru yoo ta’u, akkaataa ummataaf ujummoolee bishaan dhugaatiifi dhiqannaa itti diddiriirsan, mana fincaanii itti qopheeffataniifi shiboowwan elektirikii sirreeffatanirratti barnootni kan kennamu ta’uus eera. Haala itti fayyadama meeshaalee konistiraakshiniifi warshaalee addaddaa keessatti diddiiriirsuun danda’amurrattis xiyyeeffatamee barnootni kennamaa jiras jedha.

Leenjii gahaafi muuxannoo leenjistootni kolleejichaa qabanirraa ka’uunis dargaggootni hedduun yeroodhaa yerootti dandeettiifi gahumsa waa kalaquu gabbifachaa kan jiran yoo ta’u, kanaanis irra caalaan leenjifamtoota kanaan dura eebbifamanii hojii mootummaafi dhuunfaarratti bobba’uusaanii ni addeessa. Wayita ammaas kolleejjichi ogummaawwan asiin dura barsiisaa turerratti dabalataan dameewwan indastirii, konistiraakshiniifi manufakchariingiirratti barattoota haaraa simatee leenjii kennaa akka jiru hima.

Ogummaa qabuufi ittiin hojjechaa jiruun waantota ummatatti yaaddoo ta’an furuuf ciminaan hojjechaa jiraachuusaa kan dubbatu Wandeen, haala itti vaayirasii koronaa kana dursanii ittisanirratti, meeshaa harka dhiqannaa malee tooftaa dabalataa kalaquuf qophiirra jiraachuu eera.

Dargaggootnis akkumasaa wayita rakkoon tokko hawaasa mudatutti tooftaa ittiin rakkinicha furan mala dhahuun murteessaa ta’uu gorsa. Qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranis keessumaa dargaggoota waa kalaquuf kaka’umsa olaanaa qaban addatti deggarsa barbaachisu gochuu akka qaban ni gaafata. Deggarsi

Kolleejjii Poolii Teknikii Mattuun taasisaa jirullee qixa kanaan yoo ilaalamu hangas mara quufsaa waan hintaaneef tumsa walirra hincitne sirnaan taasisuu akka qabu yaadachiisa.

Gara fuulduraattis dandeettiifi gahumsa waa kalaquu gabbifachuun ofiifi hawaasaaf bu’aa buusuuf karoora guddaa qabaachuu kan dubbatu Wandeen, wayita ammaa kanallee yeroo gabaabaa keessatti akkaataa dhibee hamaa kana ittisuun danda’amurratti xiyeeffateera.

Kanas, “Akkaataa sirna elektirooniksiitiin ykn seensariidhaan harka ofii itti dhiqachuun danda’amurratti hojii kalaqa biraa hojjechuuf karoorfadheera. Kanuma saffisiisuuf ammoo tilmaama yaadaa hedduu walitti sassaabbachuutiin qophii duraa gochaan jira. Kanaaf kolleejjiifi hawaasni marti najajjabeessuu qabu” jechuun ibsa.

Adeemsa waa kalaquu keessatti bu’aan ykn maniin barbaadamu altokkotti dhufuu waan hindandeenyeef abdii nama kutachiisuu danda’a kan jedhu leenjisaan kun, hundarra garuu tartiibotni hordofamuu qaban hojiirra oollaan salphumatti iddoo yaadameerra gahuun kan danda’amu ta’uu eera.

Hunda dursa garuu waa kalaquuf haala qabatama keessa jiramu hubachuun, barbaachisummaasaa eeruun, yeroo hangamii akka fudhatu adda baasuun, meeshaaleerraa hojjetaman qopheeffachuufi kutaalee hawaasaa kamiif akka dhiyaatu dursanii tarreessuun murteessaa ta’uu dubbata.

Dimshaashumatti, Leenjisaa Wandee Tasfaayee meeshaa tuttuqaa harkaa malee akka salphaatti hawaasni marti harkasaa itti dhiqachuun dhibee koronaarraa of ittisu kalaquun yeroo rakkinaa kana keessatti mala furmaataa tokko ummataaf gumaacheera.

Fuuldurattis damee waa kalaquurratti caalaatti bu’aa qabeessummaasaa mirkaneeffachuuf karoora guddaa qabateera. Dargaggootni biroos akkumasaa yeroo rakkinaatti hawaasasaaniif furmaata ta’uuf hundarra eeggatummaa jalaa bahanii waa kalaquuf tattaaffii olaanaa gochuu akka qaban dhaamsasaati.

Page 8: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

KEESSUMMAA BARIISAA

Waasihun Takileetiin

“Koronaaf hubannoo osoo hintaane xiyyeeffannootu hinkennamne” - Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa

8

Dhibeen koronaa guyyaa addunyaarratti mul’aterraa eegalee raafamaafi gaaga’amni lubbuufi qabeenyaa qaqqabsiisaa jiru daran hadhaa’aadha. Seenaa addunyaa kees-sattis diina dhala namaa isa jalqabaati jechuun danda’ama.

Vaayirasichi yeroo gabaabaa keessatti saffisaan tatamsa’u ta’uun walqabatee addun-yaan har’a keessa jiraannu kun ciniinsuu cimaa keessa seenteetti.

Fala dhibee kanaa argachuuf duulli waloo ogeeyyotaan taasifamaa kan jiru yoo ta’u, falli ittisaasaa ajaja hayyoota fayyaafi qajeelfama mootummaan kennu hordofuu qofa akka ta’e himamaa jira.

Rakkoo gama kanaan jiru furuuf akkuma jedhame lammiileen gorsaafi kallattii moo-tummaafi ogeeyyonni fayyaa kennan fudhatanii hojiitti hiikuun daran murteessaadha.

Hojiin hubannoo uumuu karaa miidiyaalee biyya keessaafi alaa, karaa mootummaa, karaa ogeeyyotaa, karaa abbootii amantii, karaa manneen hojii darbaa jiraatus gurri lammiilee banamee waan dhagahe hinfakkaatu.

Dhibeen kun yoo tatamsa’e miidhaa guddaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf gorsaafi qajeelfama hordofuurratti hanqinni guddaa akka jiru ogeeyyonni fayyaa taajjabbii qaban dubbatu.

Nuyis dhimma kana ilaalchisuun turtii ogeessa fayyaafi barsiisaa meedikaalaa Yuni-varsiitii Arsii Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra. Bariisaa:Koronaan maali?

Doktar Gurmeessaa: Koronaan maatii vaayirasiiwwanii hedduu yoo ta’u, isaan keessaa inni yeroo ammmaa addunyaa keenyaaf qormaata ta’aa jiru akaakuu koronaa ‘COVID 19’ jedhamuudha. Vaayirasichi karaa salphaan kan daddarbu ta’uurraa kan ka’e addunyaa hunda yeroo gabaabaa keessatti waliin gahuu danda’a.

Bariisaa: Hubannoo hawaasni dhibee koronaarratti qabu quufsaadha jettanii yaadduu?

Doktar Gurmeessaa: Ummanni hubannoo argate malee xiyyeeffannoo hinkennine. Gurraan dhagahuufi ta’anii ykn hojiitti hiikanii argamuun garagara.

Vaayirasii koronaa erga biyya seenee miti osoo hinseeniin duraa kaasee miidiyaaleen walharkaa fuudhanii balballoomsaa turaniiru.

Erga dhufee biyya galees hubannoon karaa ogeeyyota fayyaa, karaa mootummaa karaa miiidiyaalee kennamaa jiraatus sirnaan gurra kennuufii dhabuun xiyyeeffannoo kan argate hinfakkaatu.

Hawaasni kaleessa walhammatee deemu, wajjin nyaatu, wajjin dhugu, akkuma kaleessaatti walukkaamsee jireenyasaa geggeesaa jira.

Kunimmoo tatamsa’ina dhibichaaf qaawwa bal’aa kan saaquufi yeroo gabaabaatti akka tatamsa’u isa taasisa.

Bariisaa: Lammiileen Xaaliyaanii guyyaatti hanga nama 800 awwaalaa jiru isaanirraa maal baranna?

Doktar Gurmeessaa: Xaaliyaaniin biyya teknolojiin fagaatte taatus hubannoo ittisasaarratti kennamaa tureef xiyyeeffannoo kennuu dhabuusaatiin lammiileen kuma 10 ol dhumaniiru.

Kunimmoo nu, Itoophiyaanotaaf barnoota ta’ee kan tajaajilu ta’us xiyyeeffannoo kennaa hinjirru.

Kanaafuu ilaalchi hawaasaa fooyya’uu

mala. Akka baran osoo hintaane akka baraatti bulu.

Bariisaa: Walirraa fagaachuun maloota ittisasaa keessaa tokko. Isa kanaan walirraa fageenya hawaasaamoo qaamaa jechuu qabna?

Doktar Gurmeessaa: Dhibeen kun kan baduu dandahu karaa lamaansaati. Namoota walgahii waamanii walirraa fagaadhaa taa’aa jechuurra walgahicha hambisuutu barbaachisaadha.

Haala kanaan walirra fageenyi hawaasummaafi qaamaa dirqama murteessaadha.

Walirraa fageenya hawaasaa gaafa jedhamu warreen hawaasummaa baratan ykn keessa hojjetan qeequ.

Waldaaleen amantiifi masjiidonni hariiroo hawaasummaa daangessuu qabna gaafan jedhu itti walii galuu dhiisuu dandahu. Ta’us dhibicha dhabamsiisuuf fala dirqama hojiirra ooluu qabu ta’uu mala.

Mana amantii tokko keessatti namoota kumaa ol walitti qabanii walirraa siqaa taa’aa jechuurra mana mana keessan taa’aa kadhadhaa jechuutu fala jijjiirama fida.

Hawaasummaan sun ittifufuu kan dandahu yoo nageenyi jiraateedha, yoo waliif yaaduun jiraateedha, yoo jaalala waliif qabaannee walmararfanneedha.

Kanaan ala akkuma dur barre hawaasummaan baduu hinqabu jennee walmarsinee taa’uun dhibicha babal’isuudha.

Tokkummaan sagaduun jireenya hawaasummaa keessatti barbaachisaa ta’us rakkoo yeroo wajjin walbira qabnee ilaaluun mana mana keenyatti yoo saganne Waaqayyo dhgahuu hindidu.

Bariisaa: Hariiroon hawaasummaa Itoophiyaanotaa inni dur ture sababa dhibee kanaan daangaheeraa laata, maal hubattan mee?

Doktar Gurmeessaa: Homaa, an hangan olii gadi sosocho’ee ilaaletti ykn

miidiyaan arguttis namoonni dhibee kanaaf xiyyeeffannoo kan kennan hinfakkaatan.

Akkuma dur baranitti geejjiba gara garaa keessatti,gabaatti,daandiirratti wal ukkaamsanii taa’u. Hojiin hubannoo uumuu kennamaa jira,namno osuma dhagahuu faallessaa jira kunimmoo balaa guddaa baata.

Ammallee fooyya’insi jiraachuu mala, mootummaan akkuma biyyoota biroo tarkaanfii barbaachisu fudhatee dhibee kana dhaabsisuu mala.

Hawaasnis ittifufuu dhalootaaf, biyyaaf kan yaadu yoo ta’e dhagahuu osoo hintaane dhaggeeffachuu qaba.

Bariisaa: Malli daddarbuu dhibee kanaa takkaan qufaan, haxxissoon, tuttuqaanfaati jedhama kanuma qofaanii laata?

Doktar Gurmeessaa: Malli daddarba koronaa qufaaf haxxissoo, tuttuqaa kun wayita qufaanu ykn haxxiffannu dhangala’oo afaan ykn funyaan keessaa bahaniin kanneen mudataniidha.

Kana malees dhibamaa san waliin tuttuqaa taasisnuuni.Tuttuqaa walii waliiniin alatti wayita bishaan bannu, furtuu balbalaa bannu of eeggannoo cimaa gochuu qabna.

Bakki harki dhibamaa sun qubate vaayirasichi waan qubatuuf karaa salphaan akka tatamsa’u taasisa.

Bariisaa: Qorannaan maloota daddarboo vaayirasii kanaa xumurameera jechuu dandeenyaa?

Doktar Gurmeessaa: Homaa jalqabbiirra jira. Kallattii inni itti daddarbu muraasni haa caqasaman malee kan hafe jiraachuu mala. Kunis yeroo gabaabaa keessatti bal’inaan akka tatamsa’uuf haala mijataa kan uumeefiidha. Kanaafi, hariiroon hawaasummaafi qaamaa daangahuu qaba kanan jedhe.

Wantoota gabaarraa binnee nyaannu tokko tokkoofillee of eeggannoo taasisuun barbaachisa. Kun kan ta’eefis tuttuqaan harkaa waan uumamuuf dhibamicharraa nama fayyaatti darbuu danda’a.

Qorannoon ammaan tana argame akka

Page 9: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

Gara fuula 17tti

9

“Koronaaf hubannoo osoo hintaane...ibsutti dhibichi waantota gara garaarra taa’ee darbuu kan dandahu waan ta’eef of dagachuun hinbarbaachisu.

Bariisaa: Namni vaayirasii koronaatiin qabame wayita bakka tursiisaa geeffamamu deeggarsi ogummaafi yaalli taasifamu maalfaadha?

Doktar Gurmeessaa: Jalqaba dhibamaa sana bakka tursiisaa geessuun dhibichi akka hintatamsaaneefi.

Sababni dhibamaan kun maatiisaa waliin kan taa’u yoo ta’e hundasaanii gaaga’uurra darbee ollaafi biyyaaf yaaddoo ta’a. Tuttuqaan kun akka hafuufii nageenyi maatii hafanii akka mirkanaahu mana yaalaatti geessuun dirqama.

Bariisaa: Vaayirasiin kun qoricha hinqabu jechuufi yaaliin kennamu hinjiru jechuun tokkoo?

Doktar Gurmeessaa: Lakki vaayirasiin koronaa qoricha hinqabu jechuun yaalamanii fayyuun hindandahmu jechuu miti.

Inni guddaan dhibichi irra jireessaan somba miidha. Wayita kana qilleensa baasuufi fudhachuurratti rakkoon uumamuu waan dandahuuf yeroo kana yaalii ogummaan furuun dandahama.

Kunis meeshaa yaalaa namtolchee mekaanikaal ventileeter jedhamu fayyadamuun sirna hargansuusaa sirreessuun dandahama. Yeroo kana sombi dhibee kana ofirraa lolatee gara fayyummaasaa duriitti deebihuu dandaha.

Adeemsuma kanaan dhibeewwan dabalataa somba nama kanaa qabatanii jiranis yaalii taasifamu kanaan dhabamsiifamuu dandahu.

Bariisaa: Koronaan kun gaafa nama qabatu namoota dur dhibee biraa qabaniif hinqabnerratti garaagaraummaa hin agarsiisuu laata?

Doktar Gurmeessaa: Garaagarummaa agarsiisuu dandaha. Kunis nama dibee sukkaaraa ykn onnee qabu tokko yoo qabate dirqama dhibicha akka itti hinhammeessineef yaalii barbaachisaa rakkinicha salphisuu dandahu ni kennamaaf.

Yaaliin kun kennamuufii baannaan dhibeen itti baay’achuun walqabatee dhibamaa sana dadhabsiisuu dandaha.

Walumaagalatti osoo vaayirasiin koronaa nama hinqabiin dura dhukkuba biraa yoo qabaanne akkasumas koronaan booda dhibeen dabalataa yoo mudate dafnee deeggarsa yaalaa fudhachuun murteessaa ta’a.

Bariisaa: Qorichi busaa kiloorookiin jedhamu koronaa fayyisa jedhanii namoonni kaasaa turaniiru. Kun hammaam ogeeyyota yaalaatiin jajjabeeffamaa laata?

Doktar Gurmeessaa: Dhimmi kun pirezedaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi gadi bahanii jecha kana dubbachuun walqabatee olola afarfameedha.

Jecha kana dhagahuun namoonni qoricha kana fudhachuun lubbuunsaanii darbe hedduudha. Kun fooyya’uu mala. Qorichi kan ajajamu qorannaa fayyaan malee jette jetteen miti. Isa kanaaf hawaasni keenya dammaqee gorsa ogeeyyotaatiin deeggaramaa deemuu qaba.

Bariisaa: Namni tokko vaayirasii koronaatiin yoo qabame dhibbantaan yaalamee fayyuusaa hammami?

Doktar Gurmeessaa: Inni kun haala dhibamaa sanaarratti kan hundaahu ta’a. Umriin nama dhibamaa sanaas gahee guddaa qaba. Fakkeenyaaf namni umrii waggaa 80, 30fi umrii waggaa shanii yoo dhibee kanaan qabaman garaagarummaa agarsiisa.

Dhibichi namoota umriin bilchaataniifi dhibee dabalataa qabanirratti hammaata. Kun kan ta’eefis namoota yeroo ammaa dhibee kanaan du’aa jiran keessaa harki 65 ol namoota umriinsaanii 65 ol ta’eedha.

Namni dargaggeessa ta’eefi fayyaalessa ta’e tokko dhibee koronaa kanaan yoo qabame carraan yaalamee fayyuusaa olaanaadha. Dhibbantaan 80 ol mallattoolee dhibichaa sasalphaa agarsiisuun yaala salphaan fayyu. Dhibbantaa 20 ammoo dhibichi itti cimee yaalii yeroo fudhatuun fayyuun hinoolu.

Nama umriin raageefi dhibee biraa qabu yaaliin hatattamaa taasifamuu yoo baate carraan lubbuun darbuusaanii olaanaadha.

Bariisaa: Mallattooleen dhibee koronaa mul’achuu kan jalqaban yoomii kaasaniiti?

Doktar Gurmeessaa: Giddugaleessaan baay’inaan guyyaa shanii hanga torbaatti mul’atu kun garuu namoota hundarratti miti, darbee darbeeti. Gaafa guyyaa lamaa, sadii jedhee mul’achuu jalqabuu dandaha. Darbees torbee tokkoo hanga hanga 14 gahuu dandaha.

Bariisaa: Dhibee koronaa dhibeelee biroorraa wanti adda isa taasisu maali, mallattooleensaa dhibee biroo wajjin akka walfakkaatan himamaatii?

Doktar Gurmeessaa: Namoota mallttoon salphaa irratti mul’aturratti dhibee kana adda baasuun ulfaata. Qufaan dur barre nama dadhabsiisee hospitaala nama hingalchu. Koronaan dadhabsiisuurra darbee hanga lubbuu dabarsuu kan gahuudha.

Haata’uutii koronaan kan itti adda bahu

itti fufinsaan ho’insa qaamaa daran hamaa qabaachuusaati. Koronaan ni qufaasisa, ho’insa qaamaa hammeessu ta’ee caalaatti sakatta’insan kan adda bahuudha.

Bariisaa: Qorichoonni aadaa dhibee kana fayyisan argamaniiru jedhamaa turan isa kana akkamiin ilaaltan?

Doktar Gurmeessaa: Qorichi argameera jedhanii ibsa baasuun hawaasa of dagachiisuun dogoggora guddaadha. Dursanii miidhaafi bu’aasaa adda baasuun barbaachisaadha.

Qopheessaa jirraafi yaaliirra jirraan adda adda. Yaalaa jirraan bu’aansaa kan hinbeekamneedha,

Qopheessaa jirraan kan dhumateef yoo ta’u, dogoggorri akkasii hawaasa waan of dagachiisuuf fooyya’uu mala.

Odeeffannoon kun osoo gadi hinbahiin qoratamuu madaalamuu qaba ture. Ilaalchi akkasii biyyoota biroo miidheera.

Akka ani yaadutti qorichi argameera jechuurra qorichoota aadaarraa kan koronaaf oolu hojjechuuf yaaliirra jirra osoo jedhame irra bareedaa ta’a ture. Ammas taanaan ummanni keenya ilaalcha kana fudhatee of dagachuu hinqabu.

Bariisaa: Ibsi bahe hawaasa of hindagachiisnee laata?

Doktar Gurmeessaa: Kun beekamaadha. Hawaasa baay’eetu gammade. Osoo ta’eetii namatti tola. Wanta bilchaatee of harkaan hingeenye daabboo abjuu nama nyaachisuun ilaalchaafi hubannoo akkasumas xiyyeeffannoo namoonni dhibichaaf gochuu malan dagachiiseera.

Bariisaa: Hojiin hubannoo uumuu dhibee koronnaarratti taasifame gahaadhaa??

Doktar. Gurmeessaa: Dhimma koronaarratti hojiin hubannoo uumuu gama mootummaatiin, miidiyaatiin, ogeeyyota fayyaatiin kennameera, kennamaas jira. Ta’us gurra kan kenne waan jiru hinfakkaatu. Miidiyaaleen hawaasaas baay’ee hojjetaniiru.

Bariisaa: Dhibeen koronaa golfaa bara durii nama fixaa turetu deebihee ka’e kan jedhan jiru. Golfaafi koronaan garaagarummaa hinqabanii??

Doktar Gurmeessaa: Homaa walitti dhufeenya hinqaban. Golfaan dhibee dur nama rakkisaa lammiilee fixaa ture yoo ta’u, hagas mara akka koronaa dhiibbaa hingeessisne.Golfaan dhibee jarmiidhaan dhufu yoo ta’u, koronaan vaayirasiidhaan dhufa.

Mallattoolee isaan agarsiisanii, akkaataa itti isaan daddarbaniifi qaama isaan miidhanis garaagara.

Haata’uutii namoonni walfakkeessanii kan ilaalaniif dur golfaan akkuma koronaa kana nama gaaga’aa waan tureef isaaan walfakkeessuu dandahu yoo ta’een ala walin argan.

Dhibeen golfaa mana tokko yoo seene maatii fixa, ollaatti darba. Kanaan koronaan walfakkeessu malee tokko miti. Darbee golfaan sirriiti qoratamee dhibee qoricha argateedha.

Bariisaa: Ittifayyadama maaskii ilaalchisee kara deemaan maaskiin of haguugee deemaa jiraatii maaskiin kun kan kaawwatamu yoomi?

Doktar Gurmeessaa: Maaskiin fuulaa kan kaawwatamuuf waantota lamaafi. Inni tokko yoo nama koronaan qabame kunuunsaa jirra ta’e. Lammatammoo yoo dhibee koronaa kanaan qabameera ta’eedha.

Maaskiin kun dhibamaan gaafa qufa’u ykn haxxiffatu hancufnisaa nama fayyaatti akka hinfacaane akka hintatamsaane gargaara. Darbee ogeeyyonni fayyaa hojiirra jiran kaawwachuun dirqama.

Kun ta’us namni fayyaan dhibee hinqabne calluma jedhee afaanitti haguuggatee deemuun sirrii miti.

Maaskii (haguugduu ) fuulatti godhatanii deemuun dhibee koronaa hinittisu. Kun kan jedhameefis maaskii guyyaa guutuu afaanirra oole galgala borsaa ykn kiisii keessa bulchuun ganama deebisanii fayyadamuun mataansaa dhibee kana tatamsaasa.

Maaskii afaanirra oole deebisnee harkaan tuquun sirrii miti. Takkaa itti fayyadamnaan kan gatamuu qabuudha malee deebisanii itti fayyadamuun sirrii miti.

Bariisaa: Maaskii tokko miicanii irra deebiin fayyadamuun dandahamaa, moo itti fayyadama yeroo tokkoo qofaa?

Doktar Gurmeessaa: Maaskiin fayyadamnu akaakuu qaba. Kan ogeeyyota fayyaa adda ta’e jira. Inni kun yaala wayita gaggeessan kan itti fayyadamaniidha.

Kan hawaasni keenya itti fayyadamaa jiru kun yeroo tokko qofaafi. Bullee, miiccinee fayyadamna taanaan dhibee tatamsaasaa jirra jechuudha.

Gabaabaatti maaskiifi guwaantii harkaa haguuggatanii deemuun koronaa ittisa maqaa jedhuun harka dhiqachuu, alkooliin qulqulleessuu nama dagachiisuun fuulaafi afaan keenya akka qaqqabannu waan nu taasisuuf dammaquun barbaachisaadha.

Bariisaa: Ittisa dhibee koronaatiif lafa

Page 10: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 10

DAMAAKASEEDoktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Fuulli kun dhimmoota fayyaa waliigalaarratti xiyyeeffachuun ogeessa damichaatiin torbanitti al tokko kan isinii dhihaatudha. Isinis gaaffii dhimma fayyaarratti yoo qabaattan teessoo keenyaan yoo nuuf ergitan ogeessaan kan

deebii itti kennamu ta’a.

Dhukkuboonni akka vaayirasii COVID-19 amma argaa jirruu dur addunyaa keenya weeraranii beekuu?

Dhalli namaa erga addunyaarratti uumamee eegalee, wal’aansoo, dhibbaa fi dhumaatii hedduu keessa darbee, mo’atee haga har’aa jiraataa jira. Nutis dabaree keenya eeggannee amma addunyaa kana warra kan ofii godhatee irra jiru keessaa tokkodha. Waan shakkii hin qabne, dhaloonni amma jiru kunis, yoo yeroon keenya ga’u, dabarsinee addunyaa kana dhaloota dhufuuf kenninee deemna.

Epidemics (dhukkuba yeroo walfakkaataatti namoota hedduu hubu) ykn pandemic (epidemics ta’ee kan bal’inaan biyyoota ykn ardiiwwan hedduu irraa namoota hedduu hubu), yeroo hedduu kan uumaman yoo jarmiileen duraan turan amala haaraa baasuudhaan (of haaressuudhaan) dhala namaa hubuu eegalan, yokaan ammoo yoo jarmiileen duraan dhala nama hubuun hin beekamne of jijjiiranii gara namaa dhufanii dhala namaa hubuu eegalani dha.

Dhukkuboota seenaa dhala namaa keessatti seenaa hamaa fi garajabina badaan galmaa’anii jiran hedduudha. Dhukkuboonni osoo dhalli namaa seenaa barreessee kaa’uu hin eegaliin illee kan nama hubaa turan ta’uu akka malan qorattoonni ni ibsu. Erguma dhalti namaa seenaa barreessee kaa’uu eegalee as ammoo kanneen lubbuu dhaloota hedduu karaatti hambisaa turan dhukkuboonni hedduun ni turani, kana amma lubbuu galaafataa jiranis akkasuma ni jiru. Kannen keessaa namoota hedduu addunyaa kanarraa duguuguun sadarkaa ol’aanaa qabu kan jedhaman, kanneen armaan gadii kana.

Plague of Justinian kan jedhamu kan bara 541 – 750 A.D: dhukkubni kun dhaloota kiristoosiin dura bara 541 haga 750 kan addunyaa yeroo sanaa hube yoo ta’u, haga namoota inni lubbuu dabarsee irratti qorattoonni hedduu walii galuu baatanis, giddu galeessaan namoota miliyeena 20 fi 50 gidduu ta’u jedhama. Kunis walakkaa baay’ina yeroo sana addunyaa kanarra jiraataniiti jedhama.

Black Death ykn Du’a Gurraacha kan bara 1346 -1350: inni kun ammoo ummata ardii Awurooppaa bara sanaa haga miliyeena 25 kan galaafate yoo ta’u, kunis walakkaa namoota yeroo sana ardii Awurooppaa keessa turanii ta’a. Ardiin Awurooppaa ummata dhukkuba kanaan dhume deebitee bakka buufachuuf waggoota dhibba lamaa ol (>200) akka itti fudhate himama.

Spanish flu (H1N1) kan bara 1918 -1920: dhukkubni kun baay’ina nama galaafateen yoo ilaalamu, dhukkuba dhala namaa yeroo tokkotti galaafate isa hammeenyaan sadarkaa duraa irra jirudha jedhama. Kunis bara 1918 haga 1920 kan ture yoo ta’u, namoota miliyeena 500 hubee, kanneen keessaa miliyeena shantamaa ol (>50

million) kan lubbuun dabarseedha.

Dhukkubni vaayirus influenza jedhaman kanaan dhufu irra deebi’ee dhiyeenya kana bara 2009 kan addunyaa hubee fi duraanis hubaa ture ta’us akka bara 1918-20 sanatti lubbuu namaa balleessee hin beeku.

Dhukkuboota armaan olii kana qofaa akka fakkeenyaatti haa kaasnu malee, dhukkuba HIV, dhukkuba Small Pox, dhukkuba koleeraa, dhukkuba iboolaa fi kanneen biroo akkuma har’aa kana addunyaa keenya hubaa turaniiru.

Dhukkubni har’a addunyaa guutuu hubaa jiru kun, COVID-19 yoomii fi eessaa ka’ee?

Vaayirasii yeroo ammaa kana addunyaa sodaachisaa jiruutti yoo deebinu ammoo dubbiin akkana. Mudde 31, bara 2019, addunyaa keenyaaf guyyaa gaarii hin turre, guyyaa badduufi jibbamtuudha. Gaafa guyyaa kanaa magaalaa Wuhan biyya Chaayinaa keessatti, namoonni infeekshinii sombaa (pneumonia) ka’umsi isaa hin beekamneen qabamaa akka jiran dhabbata fayyaa addunyaa damee Chaayinaatiin beeksifame. Dhukkubsattoonni akkasii kun haga Amajji 3, 2020tti, lakkoofsaan 44 irra ga’an. Amajji 7, Chaayinaan, infekshiniin sombaa kun ‘vaayirasii koroonaa gosa haaraa’tiin akka dhufe argatte, ifoomsite.

Maqaan addaa vaayirasii haaraa gosaan koronaa vaayirasii ta’e kanaaf Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin kan kenname yoo ta’u maqichis, “Severe Acute Respiratory Syndrome Coronavirus-2” ykn gabaajeffamuun “SARS-CoV-2” kan jedhudha. Maqaan addaa dhukkuba vaayirasii kanaan (SARS-CoV-2) dhufu kanaa ammoo, “Corona Virus Disease 2019” ykn gabaajeffamuun “COVID-19” jedhamee waamamuu eegale.

Namootni tokko tokko garuu vaayirasiin kun biyya Chaayinaatti waan argameef ‘Vaayirasii Chaayinaa’ jedhanii waamu, pirezidaantii Ameerikaa, Donaald J.Tiraampi fakkeenya kaasuun dandahama.

Gaafa Amajji 30, 2020 G.C, sadarkaa guddaa argatee, Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin “Public Health Emergency of International

Concern (PHEIC)” ykn Dhibee Fayyaa Hawaasaa Hatattamaa Addunyaa jedhamee waamamuu eegale. Ittuma hammachaa deemuudhaan, gaafa Guyyaa Bitootessa 11, 2020 G.C ammoo sadarkaa fi taayitaa dhukkubni addunyaa kana irra jiru argachuu danda’u isa dhumaa “Pandemic”ykn Weerara Dhukkubaa Addunyaa” jedhamee waamame.

Erga maqaa pandemic jedhu kana gonfatee booda guyyaa lama keessatti, Bitootessa 13, 2020 G.C ammoo biyya keenya Itoopiyaa seene. Ammaaf biyya keenya seenuu isaa malee yoom akka ba’u hin beeknu, dhukkuba kana biyya keenya keessaa baasuuf ammoo ga’een nuti akka dhuunfaatti, akka maatiitti, akka hawaasaa fi biyyaatti taphannu hedduu ol’anaadha.

Waa’ee dhukkuba kanaa waantoota beekuun nurraa eegamu hoo maal maali?

Vaayirasiin COVID-19: Akkamiin daddarba laata?

►Waltuttuqqaa (contact) namoota dhukkuba kanaan qabamanirraa namoota fayyaa ta’aniin salphaatti daddarba.

►Meeshaalee garagaraa akka sibiilootaa, pilaastikoota garagaraa, meeshaalee mana keessaa fi kkf namoonni vaayirasii kana qaban tuttuqanii yokaan itti fayyadamanii, vayirasiin kun irra buufate, namni fayyaan yoo deemee tuttuqu vaayirasichi ni darba. As irratti, vayiirasichi meeshaalee kana irra guuyyootaaf osoo hin badiin turee akka namaatti darbu beekuun barbaachisaadha.

► Yoo namni dhukkuba kanaan qabame qufa’u (coughing) yokaan haxxiffatu (sneezing) bishaan xixiqqoo (droplets) afaaniif funyaan nama hubamee kana keessaa ba’ee faca’uun gara nama fayyaatti darba. Kun namni fayyaan haalaan itti siiqee walitti dhiyeenya meetira lamaa gadii irra jira yoo ta’e, cophni dhangala’aa sun kallattumaan nama qufa’e ykn haxxiiffate sana keessaa ba’ee waan irra bu’uufi. Yoo namni kallattiin nama qufa’u ykn haxxiffatu bira hin jiraanne garuu vaayirasichi copha bishaanii xixiqqoo kana waliin lafa bu’a waa ta’eef qilleensarra turee namatti hin darbu.

► Vaayirasiin kun baya’inaan kan daddarbu, bakka namoonni walitti dhiyaatanii turan akka gabaa, bakka walga’ii, mana barumsaa, geejjiba hawaasaa keessatti fa’i.

Mallattoo COVID-19:

►Dhukkubni COVID-19 vaayirasiin koroonaa erga qaama namaa seenee guyyaa 2 haga 10 keessatti mallattoo argisiisuu eegala. Haa ta’u malee dhukkubni kun namoota muraasa keessatti, haga guyyaa 14 osoo mallattoo hin argisiisin turee sana booda akka argisiisuu malu qorannoon bira ga’ameera.

► Mallattoon jalqabaa ho’inni qaama dabaluu (fever) kan jennudha, mallattoon kun namoota dhukkuba COVID-19 kanaan qabaman keessaa dhibbeentaan (88%) kan ta’an irratti mul’ata. Itti aansuudhaan qufaa gogaa (dry cough) ammoo haga dhibbeentaa (67%) irratti argama. Dabalatan mallattoo akka, dadhabsiisuu (fatigue), hafuura kutuu (shortness of breath) fi darbee darbee namoota muraasa irratti ammoo teessisuu fi balaqqamsiisa (olguuraa) argisiisuu danda’a.

Ittisa dhukkuba COVID-19:

►Akkaataan ittisa vaayirasichaa inni jalqabaa yeroo yeroon harka keenya saamunaa fi bishaan qulqulluun yoo xiqqaate sekondii 20 siriitti dhiqachuu dha.

►Yoo saamunaa dhabne ammoo alkoolii mana qorichaarraa bitannee ittiin qulqulleeffachuu

►Akka carraa haalota armaan olii fayyadamuudhaan harka keenya kan hin qulqulleefatiin yoo ta’e harka keenya haga qulqulleeffannutti, harka keenyaan afaan ,fuulaa fi funyaan keenya tuttuquu dhiisuu.Fageenya qaamaa taasisuu ykn wayita adeemnu,teenyu ykn dhaabannu meetira 2 walirraa fagaachuu.

►Yoo dhukkuba kanaan qabamne yokaan Mallattoo Dhukkuba kanaa ofirratti argine ammoo ala baanee hawaasatti makamuu dhiisuudhaan hatattamaan mana yaalaatti beeksisuun hordoffiif yaala argachuu

►Yoo dhukkubsanne ykn Mallattoo of irratti argine, yoo qufaanu yoo argame maskii yokaan haguugguu afaanii godhachuu, yoo dhabnemmoo afaan keenyaa fi funyaan keenya irree keenyaan ykn huccuun haguugnee qufa’uu fi haxxiffachuu.

Waa’ee COVID-19 wanta hubatamuu qabu keessaa, vaayirasichi addunyaa kanaaf keessummaa ta’uu isaa irraan kan ka’e, qorannoowwan kumaatamaan lakkaa’aman biyyoota hedduutti geggeffamaa jiru. Kanaaf odeeffannooleen haga ammaa jiran kun fooyya’uu, jijjiiramuu fi itti dabalamuu malu. Isa kana eegnee wal hubachiisaa deemna.

Page 11: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

SEENAAObbo Alamaayyoo HaayileeHayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Sirna Bulchiinsa Federaalawaa Yajjuu

11

Kutaa 3fa

Haata’u malee Raas Aliinis fudhatama qaban kana hunda biraa darbees goomattuu aangoos ofbiraa hindhabne. Keesumatti bulchitoonni warra Sameen, Tigraayiifi Goojjam isaan rakkisoo turan. Garee kun yeroo hundaa kan ilaalan dandeettifi jaalala abbaa biyyumaa bulchitoonni qaban osoo hintaane hidda sanyii warra Salamoonirraa dhufuudha. Kanaaf yeroo hundaa bulchitoota warra Yajjuu kana nagaa dhowwatu. Dajjazimachi Goshuu inni Goojjam bara Raas Gugsaatii kaasee warra dhimmi kun liqmsamuuf dide keessa tokko turan.

Haata’uu malee Raas Aliin hubannoo siyaasaa jabaa qabaniin ilma Dajjaazimachi Goshuu Dajjazimachi Birruu intala isaanii Yewubdaariin itti heerumsiisuun ofitti qabaniifi abbaansaa Dajjaazimachi Goshuu bara 1841tti wallolchiisan. Waraanicha keassattis Dajjaazimaachi Birruun injifatan.

Karaa biraatiin kan Raas Alii Xiqqaa (Alii 2fa) yeroo dheeraf rakkisaa ture Dajjaazimaachi Wubee Haylamaariyaam. Dajjaazmaachi Wubeen kan dura Sameeniin bulchaa turan warranuma gara warra Yajjuu goree loleen Tigraayiin hunda fudhatee daangaansaa hanga Galaana Diimaatti baballifate. Loltoota Subaagaadisinis walittiqabee fudhate. Humnuma Yajjoonni itti horan kanatti qawwee warra Awurooppaa dabalachuun Raas Alii Xiqqichaa weeraraa ture. Haata’u garuu akka warra dura isaatii uttaalee waraanatti lixuuf hinariifatu ture. Inni kunis sababa lamaaf akka ta’e dubbatama. Inni duraa Raas Alii Xiqqichi intala Dajjaazimaachi Wubee Aadde Hiruutiin waan fuudheef. Firooma soddummaa qabu. Karaa biraa immoo haala mijataa eegatee Raas Aliis Atsees aangoorra buusee guutummaa guutuutti nugusa sanyii warra Salamoon ta’ee aangoo dhuunfachuu waan barbaadeef. Kanaafuu bara 1826 kaasanii hanga bara 1840tti rakkoo tokko malee Raas Aliif gabbaraa akka turanidha.

Haata’u malee Abuuniin ennas turani Abbaa Salaamaa hanga Kiibba Gondoritti sirna bulchiinsa amantii Ortodoxii kan isaaniin bulu babal’isuu waan barbaadaniif Dajjaachi Wubee rafuufi ka’uu dhorkatan. Dajjaachi Wubeen garuu cimina oggansa Raas Aliifi Giiftii Manaan cimsanii waan beekaniif, akkasumas gootummaa Oromoo Walloo wajjin lolanii waan arganiif haala mijataa yoo argatan malee utaalanii waraanichatti seenuu hinfeene. Osoo kun akkasitti jiruu Raas Aliin lafa Goojjam kan bulchiinsa Dajjaachi Birruu jala ture gar tokkoo kutanii haadha isaanii Giiftii Mananii kennan. Kun immoo Dajjaachi Birruu baay’ee aarse. Kun ennaa ifa ba’u kan silumayyuu carraa kana eeggachaa ture Dajjaachi Wubeen Dajjaachi Birruutti hidhachuun Raas Alii waraanuuf murteefattan. Abbuna Salaamaan kirstaanni gara Raas Alii goree Waaqayyo biratti abaarama jechuudhan deggersa karaa afuura kennuu eegalan. Dajjaachi Wubeefi Dajjaachi Birruun Abuna Salaamaa qabatanii gartokko goruun Raas Aliirratti Dabra Taabor gubbaatti Amajjii

7 bara 1842 waraana banan. Haata’u malee abaarsa Abuunichaa kan bishaan hinfuuneefi malaammaltummaa kan qabu ta’uusaa kan baran Oromoon Walloo gara Raas Alii goruun kottofachiisanii lolan.

Haata’uutii gara jalqabaa waraanni Dajjaachi Wubee meeshaa warra Awurooppaa bitanii dhufanii injifannoo argachuu yaalan. Dhumarratti haala kana kan hubate Birruu Alii humna dabalataan Raas Alii qaqqabee warra Raas Wubee barbaadeessee booji’amtoota hunda isaanii Raas Alitti kennee deeme. Booda garuu Raas Aliin lubbuu nama caljedhanii balleessuurra jedhanii Dajjaachi Wubee gara bulchiinsa isaatti Dajjaachi Birruus gara Gondoritti ergan.

Walumagalitti barri mootummaa warra Yajjuu akka barreesitoonni hedduun bara waraanaafi beelaa, akkusumas tokkummaan Itoophiyaa ennasii kan itti diigame miti. Sirni kun kan Itoophiyaa ennasii diige, hiyyummaafi gadadoon baballise miti. Barreessitooni kun sirna bulchiinsa warra Yajjuu kan madaalan sirna bulchiinsa gooftaafi kitilaayyoo, yeroo hundaa jiraachuu waraanatti amanan keessatti. Sababinsaan bara beelaafi Itoophiyaan itti diigamte jedhan kunis ummatarra guuramee wanti moototaafi galu waan gadi bu’eefi akkasumas sirna warri atsee ofiin jedhani olii gadi deemanii itti ummmattatti bookkisan waan hambiseef. Kanarra kan hafe wanti ture isa jedhamurraa faallaa ta’uu qorattoonni seenaa ammayya ifa godhaniiru.

Shifarraa Baqqalaa qorannoosaa keessatti, “Barri kun bara warra Yajjuu jedhamuutu irra ture malee sababuma tokko malee lafaa ka’anii bara biyyattiin itti qoqqodamte jechuun irra hinturre. Barri kun isa jaarraa 14ffaa ennaa tokkummaan jira jedhamee itti amanamuu ol bara tokkummaan biyyatti itti eegamtedha” (Shifarrawu and Kasa) jechuun bifa namaa galuun lafa kaa’aniiru. Taaboor Waamiis karaasaa bara kanaan akkas jedha. “Barri kun bara daldalli itti jeeqame, omishni qonnaa yoo xiqqaate, qaroominni boodatti harkifate, waraanni waliin waliinii itti heddummate miti. Ilaalchi akkasii dhugammaarra kan fagaatee bilisummaa seenaa kan sarbedha” jedhu. Moordkayi Abiiris akkana jedha: Barri mootummaa Yajjuu bara daldaalli biyya alaa itti babal’ateefi bara qaraxni daldaltootarraa guuramu sirnaan itti madaalamu ture. Doonald Kiraamenis karaa isaa bara kana akkas jedhee ibsa. “Barri warra Yajjuu kun ennaa omishatti dammaa, midhaan nyaataafi kan biroo haala quubsaa ta’een itti guddatanidha. Keesumattu barri 1830-1860mootatti bara guddinni mul’atee hinbeekne itti mul’atedha” jedha. Garuu yeroonsun yeroo humnaan impaayeera ijaaruuf bu’uurri itt taa’amedha.

Haata’uutii ennaa kana jedhamu barri kun bara rakkoon bulchiinsaafi waldhabdeen keessatti hinmul’dhanne jechuu hindandeenyu. Sababiinsaas bara kana keessa warri bulchuu jechuun waraana gaggeessuu fakkaatee itti muldhatu, bara

sanyii Salamoon kan ofii jedhee malee hiddi sanyii biraa bulchuu hindandeenye, humna malee dhugaatti hin amanne jiraatan waan ta’eef, Yajjoonni akka yaadan lolarraa bilisa ta’anii jiraachuu hindandeenye. Ennaa moototni warra Yajjuu yoo xiqqate waraana tokko itti hingaggeessin darban hinturre. Ta’us nageenya yaaduuf deggersa Oromoo warra Hemaanoofi Rayyaarraa argachaa turaniin bareechanii jala dhaabbataniiru.

Haata’u malee tokkummaan isaanii kunis sababa karaa fuudhaafi heerumaan nageenya uumuu jedhuun warra rakkoo uumu jaallatu kana ofitti makaa waan turaniif gara 1840moota keessa keessumatti warra Hemaanoo biratti walqooddaan ciminaan mul’achaa dhufe. Warri Yajjuu Raas Alii Xiqqichiifi haatisaa Manan humnoota finciltoota tuffachuun tarkaanfii yeroon fudhachuu malan osoo hinfudhatiin hafuun rakkoosaa guddaa ture. Inni kun immoo diinni isaanii salphaatti akka isaan injifatuuf karaa baneef.

Kufaatii sirna bulchiinsa Yajjuu

Walloon garri warra Hemaanoon bulu bara 1840moota keessa tokkommaa dura qaban gataa dhufaniiru. Isa dura tokkommaa Oromummaafi kabaja amantaa Islaamaafi dhimmaan dhiisanii maqaa aangoo amantii Islaamaa keessa jiru Imaam jedhu qabachuuf walii waliisaanii wallolaa turan. Waldhabiinsa kana keessa naannoleen warri akka laga Hidhaa, Laga Amboo, Tehuledree, Warra Qaalluu, Laga Goraa, Daawuntii, Dalaantaafi Warra Emaanoo gargar ciccitanii Imaama mataasaanin bulaa turan. Karaa biraa immoo bulchiinsa warra Yajjuu giddugaleesummaan qabatanii kan turan Raas Aliifi haatisaanii Manan diinotasaanii riphanii naannnoo keessan jiran maal fiddiidhan gadi buusanii ilaaluu eegalan.

Yeroo lammiin Jarman, Kiraaf bara 1842tti qorannoof Walloo keessa turetti qabiyyeen warra Mohammadoochi kan gaggeeffamu mucaa waggoota 14 Liibaniin akka tureefi garuu sirni kun eessuma Mahammad(Abbaa Jabboo), Amadee(Kolaasee)fi Liiban(Abbaa jiruun) biyya bal’aa ijaaramee kana akka diigaa turan ibseera. Haaluma kanaan dhuma bara 1842 keessa Oromoon Walloo tokkummaa isaanii diiguun naannoo jiranitti bulchiinsa ofi akka armaan gaditti mul’atuun hundeessan. Isaaniis:

1. Laga hidhaa – Hasan Doolloo

2. Lagamboo – Jaarsoo /Kaaba Shawaa/

3. Warra Qaalluu – Baabbu Biruu /Luboo/

4. Laga Goraa – Abbaa Dagayitti /Adaraa Biilii/ fa’i.

Haalli kun qoqqoodama guddaa Oromoo Walloo jidduuti akka uumaman godhee ture. Kun immoo Qaraxa daldaaltotaa Walloo keessa darbanirraa guuramu gadi buusaa dhufe. Daldaaltoonis ofitti amananii deddebi’uu dhiisan. Oromoon Walloo yoo jeeqamu aangoon warra Heebanoos dadhabaa dhufe. Abbootiin biyyaa maqaa Wallootiin yaamamaniifi akka naannootti hundeeffaman kun mootolee kana akka

diinummatti akka isaan walilaalan taasiseera. Kunis humna Gondoriirra gara fulduraatti ka’uuf carraa gaarii uume. Oromoon Walloo imaamoota warra hubannoo qofa otoo hinta’iin nutis dameedhuma Wallootii jedhuu mootummoota xixiqqaa hundeessuun walfalmunsaanii kun mootota Walloo beekaman sadii akka uumaman godhe. Isaaniis:

1. Amadee Liiban Amadee /Abbaa Waaxoo/

2. Alii Liiban /Abbaa Bullaa/fi

3. Amadee Bashiir Liibanidha.

Jarreen kun mata mataatti bulchiinsa ofii kan diriirsaniifi walmorkaa turaniidha. Haaluma kanaan Amadee Liiban /Abbaa waaxoo/ Maqdalaa yoo bulchu Giiftii Mastaawoot maqaa ilmashee Amadee Bashiriin “Korab” kan bulchituufi Giiftiin beekamtuun warra Heebanoo kan biraa Warqituun ammoo maqaa ilmashee, Amadee Aliin Ambaassal bulchaa turte.

Waliigaltee dhabuun kan akka diinummadhan of yaaman gochuusaa malee humnoonni Gondorii ka’an haala salphaadhaan akka rukutaman isaan godheera. Himalaan Awurooppaa bara 1842 Kiraaf akka ibseetti, “Gosoonni Oromoo Walloo walta’uudhaan otoo gurmaa’anii, Lolee hedduu waan qabaniif humnoota mootota Gondoriifi Shawaa haala salphaadhaan ofirraa qolachu ni danda’u jedhe ture. Kun immoo akka duraa warra Yajjuu deggeruun hafee ofii isaaniyyuu garamalee wal laaffisaa dhufan.

Karaa biraatiin warri Yajjuus ofitti amanamummaa hinbarbarchisne horachaa dhufanii rakkoo diinnisaanii irratti uumu yeroon tarkaanfii irratti fudhachuu dhiisanii boodatti hafuu eegalan. Siyaasa mormitoota ofitti haraarsuu jedhu keessattis diinota isaanin fuudhaafi heerumaan walkeessa seenuun keessa walii akka walhubatan taasise. Yeroo waraanni ka’us akka duraa walitti dhaamanii waliin duuluun hafee abbi tokko abbaa tokko walduraa duubaan erguu eegalan.

Walloonni Warra Hemaanoofi Raayyaan aangorraati wallolaa jirachuunsaanis deggersa dura kennaa turan akka hinlaanne dhorkate. Carraa kanatti fayyadamuun goomattonni aangoo warra Yajjuu bakka bakka turan mataa olqabachuu eegalan. Isaanis daangaa warri Yajjuu bulchan keessaa tokkorratti mirga labsachuuf haala mijatee kan eegaa ture tokko Kaasaa Hayluu, isa booda Atsee Tawadroos jedhee ofmoggaasedha.

Lafti Kaasaan gara fuula duraatti naa kennama jedhee yaadaa ture lafa Quwaaraa kan eessumasaa Dajjaazimaachi Maaruun bulaa turedha. Haata’uutii gaafa Dajjaazimachi Maaruun Onkololeessa bara 1827 du’an bulchiinsaanii kun Dajjaazimaachi Kinfuu karaa abbaa obboleessa Kaasaa kan ta’eef kenname. Kaasaanis hawwiisaanii kana hanga Dajjaazimaachi Kinfuun du’utti obsaan eeggachaa ture.

Ittifufa

Page 12: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 12

QORAASUMA Zarihun GabreeIngiliffaan digrii jalqabaa, ‘HIV/AIDS’fi Gorsa wajjiin walqabatee Maastarsii qabu. Yeroo ammaa barnoota “Transformational Leadership” jedhamu sadarkaa ‘PhD’tti barachaa jiru. Barreessaa kitaabota Afaan Oromoon Waangolii Dhaloota Mancaasan, Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate, afaan Ingiliziin ammoo ‘Abortion and Evangelical Christians, Risk Behaviors and HIV/AIDS among Ethiopian University Students jedhamaniiti.

KAN GURRA QABU HADHAGA’UWaldhaga’uu diduun mallattoo beekumsaa ykn qaroominaa miti. Waan sodaachuu qabnus sodaachuu dhiisuun wallaalummaadha ykn ammoo maraatummaadha. Yeroo ammaa addunyaa kana dhukkuba raasaa jiru dhukkuba Koroonaa ilaalchisee namootni yaaddoo qabu hin ibsine hin jiru. Namootni siyaasaa, namootni eegumsa fayyaa, namootni miidiyaa, namootni dinagdeefi kkf daandiin tokkichi ittiin balaa hamaa vaayirasii kanaa jalaa miliqan of eeggachuu akka ta’e ni dubbatu. Haa ta’u iyyuu malee ammayyuu gama hawaasanii rakkoon cimaan ni mul’ata. Hanga hidhattootni namoota waldubbisan dhorkanitti ga’uun isaa kan nama ijaa’ibsiisu qofa utuu hinta’in kan nama gaddisiisuudha.

Haalli nuti amma agarru kun mucummaa kootti seenaa namoota dooniin deeman lama na yaadachiise. Inni tokko qorataa saayinsii inni lammaffaan ammoo nama mana barumsaa hin dhaqne.

Utuu galaana irra dooniidhaan deemaa jiranii bubbee cimaan ka’ee dooniin isaanii raafamee. Sadarkaa itti bishaaniin liqimfamuutti dhiyaate. Namni beekaan saayinsii doonii kana keessa jiru daran dhiphate. Asiifi achi fiigee tarii yoo furmaatni jiraate hubachuuf yaalii godha ture.

Namni mana barumsaa hindhaqin jiru sun garuu dudgaan ciisee sodaa tokko malee beekaa dhiphatu kana ilaalee itti kolfa. Dhumarratti akkumasaatti dooniin kun qarqara galaanaa yeroo ga’etti namichi mana barumsaa hin dhaqin kun gaaffii tokko beekaa sana gaafate.

“Ati beekaa biyya lafa taatee yeroo ati dhiphattu si ilaalaan oole. Ati beekaa jedhamtee rakkoo uumameef akkas dhiphachuutu sirra turee?” Namichis yeroo deebisuuf “Du’uu kootiin biyya lafaa kanatti waan baay’eetu hir’ata. Kanaaf rakkoo uumame furuuf yaalii gochaan ture” jedhe.

Torban lamaan sadan darban kana keessa wanta guddaa nama gaddisiisu isa kanatu mul’ata. Rakkoo biyya lafaa namootni baay’een maatiisaanii, firootasaanii, jaalalleesaanii ittiin dhabaa jiran jalaa akka oolaniif namootni halkanii guyyaa iyyan akkuma jiran namootni isa kana dhaga’uu dadhabuun balaa dhibee hamaa kanaaf irbaata ta’uufi kanaas ittiin galaafachuuf jiraachuusaanii arguun waan daran nama gaddisiisuudha.

Baroota hanga har’aatti miidiyaaleen hinturre illee namni iyyee iyya dabarsuun balaa hedduu jalaa miliqaa ture. Wanti beekuu mallu yoo jiraate dhukkuba kana sodaachuu dhiisuun gootummaa miti. Miidhaa inni akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti fidu hubachuu dadhabuudha.

Baroota keesssatti balaan hedduun vaayirasootaan ka’uun dhaloota duguuganiiru. Biyya quucarsaniiru. Dinagdee biyyaa kuffisaniiru. Kan jabaatan, warri wal dhaga’an injifataniiru.

Baroota keessatti rakkoo ammaa wajjin kan walfakaatu dhibeen daawaa hinqabne gara garaa yeroo ka’anitti fakkeenyaaf biyya Ameerikaa keessatti akka namootni walirraa fagaatan, manni barnootaa akka cufamu, manni bashannana garaa garaa yeroof akka dhaabatu gochuun du’aan duguugamuu jalaa miliqaniiru. Mee dhukkuboota kanneen keessaa muraasa haa ilaallu.

Dhukkubni maaree (Antooniin Plague) bara 165-180tti akkasumas bara 250 biyya Roomaa (biyya Xaaliyaanii jechuudha) keessatti guyyaatti namoota 2000 kan galaafataa ture dhukkuba deemaa hamaa ture. Adduman dhukkubni kun dhukkuba hamaa loltoota Roomaa miidhe ture. Kufaatii Roomaafis sababa ta’e. Daawaan isaa inni jalqabaa walirraa fagaachuu ture.

Isa kanatti aansuun bara 1347-1551tti ardii Awurooppaa kan miidhe tarii maqaa du’a gurraacha (black death) jedhamuun beekame namoota miliyoona 25 ol duguugeera. Ummata Awurooppaa 1/3fa dhukkuba fixe yoo ta’u, yeros manneetiin daldalaa, barnootaafi kkf cufamaniiru. Keessumaa Isaak Newuton barattoota yeros manni barumsaa cufamee galan keessa ture. Yeroo kana muka appilii jala utuu jiru seera Fiiziksii nama argate akka ta’e beekamaadha.

Ittaansuun bara 1580 ardii Eeshiyaatti dhukkubni Infuluweenzaa (qufaa cimaa) ka’ee daandii daldalaa qabatee gara biyya Awuroophaafi Ameerikaatti tatamsa’ee akkuma har’aa kana namoota heedduus galaafate.

Bara 1800 koleeraan naannoo biyya Hindiitti ka’es daandii daldalaa qabachuun du’a namoota hedduuf sababa ta’e. Isa caalaa garuu uummanti Hindii siyaasaa wajjin walitti qabuun aarii guddaan mootummaa irratti ka’e.

Sababiinsaa mootummaan hiyyeessa balleessuuf beekaa dhukkuba kana gadi dhiise jedhanii yaadanii turan. Jaarraa tokko booda dhukkubni qufaa hamaan bara 1918 ka’ee namoota miliyoona 50 ol duguuge.

Sababa dhukkuba kanaanis akka si’ana argaa jirru manneetiin hojii danuun cufamaniiru. Walkeessa deemuun akka dhaabatu ta’eera. Namni nama awwaaluus dhibee ture. Bara dimshaashaan boolla tokkotti nama gadi naqan ture.

Isa kana booda dhukkubni hamaan baroota 1957fi 1968 ka’e namoota miliyoona tokko ol fixeera. Itti fufuunis bara 1970 eegale hanga har’aatti vaayirasiin ‘HIV/AIDS’ namoota miliyoona 75 ol yeroo faalu namootni miliyoniin 32 ol du’aan godaananiiru. Akka baay’een keenya yaadannu Eboolaan itti fufee lixa Afrikaa keessatti bara 2013-2016tti yoo xiqqate namoota 11,300 ol fixeera.

Egaa dhukuboonti kunniin yeroo isaaniitti kan dawaa hinqabne, miidiyaan akka har’aa mana nama hundaa bara itti ga’u, saayinsiifi qaroominni humna har’aa bara itti hinqabne yoo ta’ellee warri ajaja dhaga’ee hordofe ooleera. Warri hindhageenye garuu ofiifis ta’e maatii isaaf du’a buufate. Oromoon yeroo mammaaku, “Hima diddeen du’a hindiddu” jedha.

Har’a bara wanti hedduun mijataa ta’etti nuti maal fakkaannaa? Hangam waldhageenyee balaa hamaa kana jalaa miliquuf yaallaa? Wanti beekuu qabnu of eeggannoon mirga keenya qofa miti, dirqamas. Namni tokko dhukkuba daddarbuun qabamuun sababa faalamu maatii, ollaa, namoota hedduuti. Irras darbee sababa du’a namoota baay’ee ta’uu dandeenya.

Of eeggachuu dhiisuun qaroomina ykn gootummaa miti. Gootas ta’e beekaan nama maaliif akka du’u beekuudha. Du’i yoo dhufellee warra kaan kan oolchuudha. Isa kana namoota mana yaalaa biyyoottan addaa addaa keessa jiran agarreerra. Du’uun isaanii ooluu nama hedduuf sababa ta’eera.

Dhagaa’anii kan hinhubanne garuu ofiifis ta’e dhalootaaf, maatiifis ta’e biyyaaf, lammii isaaniif kan dantaa hinqabne akkasumaan du’aaf namoota naqatamaniidha. Isa kana namoota dhuunfaarraa eegalee hanga dhaabbilee adda addaa taajjabuu danda’eera.

Karaa biraa garuu namootni nama boonsan, dargaggootni qabeenyaafi umuriisaanii olitti yaadan, maanguddoo garaa haarrii kan ta’an arguun daran kan nama gammachiisuudha. Maanguddoo mataa haarriifi maanguddoo garaa haarriitu jiru. Kan mataa haarrii umuriidha. Kan garaa haarrii garuu yaada. Yaada bilchaataa, mul’ata borii, ilaalcha ta’umsa kan qaban. Isaan kun namoota boriiti. Isaan kun har’aa eegalanii itti gaafatamummaa warra fudhataniidha. Barii ganamaatii eegalanii oliifi gadi kaachuun waan qabaniin dhaloota bira kan dhaabatan biyyiifi dhalootni kan ittiin boonu akkuma jiran kan homtu itti hindhagaa’amne, waan ta’aa jiru kan hin hubanne, maal akka itti dhufuu danda’u kan hintilmaamne jiru.

Inni kun dargaggoota muraasaafi hidhattoota mootummaa qofan abidda dhaamu miti. Dhaabbileen amantii gama isaaniin ga’ee

irraa barbaadamu ba’uun barbaachisaadha. Qajeelinaaf taanaan wal-dhaga’uun cubbuu miti. Nama oolchuun iyyuu hojii hafuuraati. Hojii Waaqayyo jaallatuudha.

Isa kana hoomaattuu utuu hin lakkaa’in biyyoottan tokko tokko keessatti geggeessitootni amantaa gorsa ogeessota fayyaa dhaga’uu diduun nama walitti qabaniin Kibbi Kooriyaa keessatti namootni 5000 ol faalamaniiru.

Burkiinaa Faasoo keessatti namootni 2500 dhukkuba kanaaf saaxilamaniiru. Kana qofa utuu hin ta’in biyya Swiizerlaandi, Hiindi, Xaaliyaaniifi beyyootni hedduun mana amantaatti bakka walitti qabama guddaan jirutti akka ta’e agarra.

Nutis har’a isaan kana irraa baruun of eeguun darbinees namoota kan biraa oolchuun barbaachisaadha. Xiyyaara rakkoon yeroo mudatu duraan dursanii ofii erga qophaa’anii booda mucaa baatan illee gargaaru. Dura ofiif oolanii isa kaan oolchuuf tattaafatu.

Addumaan immoo uummanni keenya dhukkuba of irraa ittisuu irratti hin xiyyeeffannu taanaan rakkoon keenya salphaa miti. Jireenyiifi akkaataan hariiroon nuti namootaa wajjin qabnu kan saba yeroo ammaa rakkoo hedduuf saaxilamanii caalaa daddarbuu dhukkuba kanaaf mijataadha.

Nama hammannee nagaa gaafanna; hammannee nagaa itti dhaamna. Warri amma rakkoo keessa jiran isa kana darbee darbee yoo ta’e malee wal arganii wal hammachaa hin oolan. Uummata aadaa qophaa galeessa ta’e (individualism) qabaniidha. Nuti waliin nyaanna, waliin oollee bulla.

Du’as ta’e gaa’elarratti kumaatamaan argamna, nyaatarratti afaan walkaa’uun beekamoodha. Aadaa gaariidha. Haa ta’u malee yeroof daandii ni dhaabna. Bara hamaafi murxuxxee gadi jedhanii darbu. Isaan kana mara kan goonu yoo jiranne qofa. Yoo jiraanne namaa wajjin jireenya hawaasummaa jiraanna. Ofiifis ta’e maatii keenyaaf kan taan yoo jiraanne. Kanaaf isaan kanneen hunda yeroof daangessuun beekumsa.

Karaa kan biraas dhukkubni kun nuuf salphaa miti. Warra Lixaa (Ameerikaafi Awurooppaa) caalaa balaa nurraan ga’a. Hospitaalotni keenyaa hangam akka isaan qoricha, siree, hojjetaa qaban nama dhaqee argetu beeka.

Amma namootni fooyya’an jedhaman sababa muraasa ta’aniif. Hospitalli keenya hedduun qoricha hinqabu. Siree hinqabu. Nama arganuu dadhabe walduukaa namni dhibbi tokko yoo dhufe qulleensa (Oxygen) ittiin gargaaru hinqabu.

Baay’een keenya Iboolaan yeroo Afrikaa lixaatti ka’e dhukkubsattootni hedduun kan dhuman namoota Iboolaan qabaman gargaaruuf manni yaalaa waan gara isaaniitti deebiseef dhukkubni kan biraan nama fixeera. Har’allee taanaan of eeggachuu baannaan rakkoon keenya isaa gadi hinta’u.

Barataan sababa mana barumsaatii ba’eef beekuu qaba. Hojjetaan sababa hojii irraa boqonnaan kennameef beekuun barbaachisaadha. Yoo waldhageenye ni dabarra. Yoo gorsa fudhanne ofiifis ta’e isa kaaniif sababa ooluu taana. Isa kana gadi fageenyaan itti haa yaadnu.

Page 13: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

YAADA BILISAAHamiltan Abdulaaziiz

Afaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii Finfinneerraa digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa dhunfaadhaan hojjetaYaada barreessaaf qabdaniif karaateessoo ‘e-mail’ isaanii barreessuufii ni dandeessu.

13

Ashamaa Jirtuu?

Jirra naan jedhaa malee maaloo yaa firaa?

Barroo hammaateeraa. Waaqayyo araarasaatiin nu haa simatu malee add unyaa guutuun yeroo kaan diina walii taatee waraanaan walgajaatu amma koronaadhaaf haa toluutii-maalan jedha ree silaa Waaqayyoon erga irraanfannee bubbulleerra. Kunoo fuggisoon kanaa olii maaltu jira jettaniitu. Lafa silaa Waaqayyoon galateeffatamuu qabutti golfaa dhaadhessita- sababa dhibee kanaa addunyaan akka hoolota lafa hadhabaatti jeedalaan marfamteetti mataadhaan wal jala seenteerti. Afaan tokkoon walitti hasaasaa, somba tokkoon hafuura baafachaa jirti.

Raajiidha!

Addunyaa beekaan, hayyuun, artisitiin, ispoortessaan, hoogganaan, luboonni amantaalee, tujaarri, gootni, bareedni… waa dhalli namaa bara jireenyasaa walgaarreffannaan saboota, biyyootaafi mootummoota addunyaa gidduutti yeroowwan adda addaa dhalatee adeemsa keessa waldiinomfatee walfixe kanatti walitti suphanii tokkummaasaa deebisanii mirkaneessuuf bara dhufaa darbaa hedduun dhama'aniiru, hedduus itti miidhamaniiru. Hamman yaadadhutti tokkoonsaaniiyyuu garuu waan milkaa'an natti hinfakkaatu. Amantanis amanuu baattanis obbo koronaan garuu tututut…isaanii marga… bareechee milkaa'eeraaf. Addunyaa tana muquqquulanii aduu tokkotti afaan tokko godhaniiru. Kun seenaa jaarraa hedduu keessatti dhalatee hinbeekneedha. Sirni siyaas-dinagdee idiladdunyaa kanaan dura ‘globalization’ jennuun amma kan biraatiin mo'ameera. Matadureen koo har'aas haala kana hamma tokko naa ibsa jedheen jechoota lamaan afaan Ingiliffaa “Corona”fi “Globalization” jedhan walitti madaqsee jecha “coronalization” jedhuun moggaasee barreeffama armaan gadii kana gumaacheeraa hadaraa itti dhihaadhaa.

Akka seenaa irraa hubachuun danda’amutti addunyaan gaaga'ama akka kanaa waggoota 70 dura isii mudatee ture. Haa ta'uutii inni ammaa madaallii kamiinuu ammallee kan isa gitu hinjiru jedhu hayyoonni damee kanarratti qorannaa gadi fageenyaa taasisan. Waraana addunyaa tokkoffaa booda dhibeen “Spanish flu” jedhamu guutuu addunyaatti tatamsa'ee lubbuu namoota miliyoona 50 olii galaafachuusaa seenaan ni yaadata. Garuu ammoo gaaga'ama yeroo ammaa uumameen tasumayyuu waan walitti dhufuu miti.

Amma dhibee afaansaa hinbeeknetu nutti dhufe. Saffisnisaa akka abidda bonaatti daangaa dachii gama tokkootii ka’ee garaagarummaa sa’aatii muraasaatii daangaa addunyaa biraa qaqqabuun kallattiilee afranuu waliin gaheera. Biyyoota addunyaa dhibba lamaafi wahi gahan keessaa yoo jabaate biyyoota 10 hinguunneedha kan ammallee gabaasisaanii ifa hinta'in. Isayyuu golfaan koronaa jennuun kun akka bakakkaa tasa namarra bu'u waan ta'eef. Gara caalu dhalli namaa

“CORONALIZATION”beekumsa amala vaayirasichaatiin walgitu waan hinqabneef malee hundumaa bira kooluu galee riphee taa'aa jira. Gaafa achii ka'e humni dhala namaa isa dhaabsisuu danda'u gonkumaa hinargamu. Kan nama dinqu hayyoonni akka Nostiraadaamos kanan waa’eesaa barreeffama koo yeroo darbee keessatti walaloo Doktar Zalaalam Abarraa faana walqabsiisee isiniif dhiheesse keesaatti Doktar Zalaalam hayyuun kuni waa'ee koronaa waggaa dhibba jahaan dura akka dhalatuu malu ifatti raaguusaa Doktar Zalaalam afaan dhangaasaa sanaan nuu addeesseera. Rakkoon keenya odeeffannoo natti hinfakkaatu malee. Dhibeen keenya injifannoo guddaan amaluma keenya. Lubbuu keenyatu akka sangaa fardaa nu yaabbatee nuun taphataa oola. Isa kana mo'achuu dadhabneetu kan golfaan sababa hamma raammoo firii xaafii hingeenyeen bobaadhuma keenyatti dhalatee achitti walhoree deebi’ee kan inni lafarraa nu haxaawaa jiruuf.

Gaaga'ama kanneen hunda boodaaniyyuu of baruun dammaquun dhibee gara biraa nutti ta’eemmoo yaa jamaa. Maal kana duwwaa seetan…balaa namummaatti dhufe kana [caalaansaa harkuma warra waan kana fideetiin] gabaa godhachuuf ciisanii bulaa hinjiranu. Ammallee koronaaf haa galatu dabasaanii kana harkatti fashalsee walnu qixxeesseera malee.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Doktor Tewodroos Adhaanoomiin hoogganamu dhuma bara Faranjootaa darbe kana ture gabaasa jalqabaa waa'ee dhibee haaraa kanaa gara baha fagoo Eshiyaatii kan argate. Dhibeen amala daranyoo sombaa ykn “Pneumonia” qabu tokko dubartii umrii 35 lammii Chaayinaa, kutaa bulchiinsaa Yuubee, magaalaa Wuuhaanittti argamuusaa baatii ALA ‘December bara 2019’ sababa vaayirasii “Novel Corona”tiin uumamuun gabaafame. Mootummaan Chaayinaa battala odeeffannoon kun gurra addunyaa bu'etti “Lakki kun maqa balleessiidha malee biyyi koo nagaadha. Warra gaarummaa koo hinbarbaannetu olola dharaa narratti hafarsaa jira” jechuun dhimmicha ukkaamsuutti galte. Gaazexeessota hidhuun, warreen odeeffannoo mootummaa butanii sabaan gahan “Whistleblowers” ugguruu daranuu jabeessite. Dubbichi garuu waan ukkaamamee hafu hinturre akka yeroo kaanii. Battala ol kaatee qubasii masaanuu isii Ameerikaatti qabde. Kana kan godhe Yunaayitid Isteetisi jechuunis Ameerikaa ifatti abaarte. Ameerikaanis gama isiitiin Chaayinaan addunyaa faaluusii akkuma itti fuftetti jirti jechuudhaan dubbicha dubbii lubbuu dhala namaa gochuu dhiiftee tapha siyaasaa fakkeessuun addunyaa gowwoomsuu ittifufte. Wanti kolfan nama hinhanqatu jedha Oromoon kunoo hardha eenyuunuu caalaa abiddi koronaa isiidhuma waxalaa jiraachuu addunyaan ija ufiitiin arguurra gahe. Dubbiin akka fagoodhaa dhaadatamu akka hintaane afaanuma ufiitiin ragaa bahuu eegalte, Ameerikaan mootii addunyaa turte. Inumaayyuu waan hinoolle kana itti of qopheessuu qabna jechuun karoora du'aatii hunda baafatee

socho'uutti geesse. Lammiilee koo keessaa kuma 100 hanga 240 kan gahan koronaan na jalaa ni ajjeesa, hamma miliyoona lamaa kan gahan ammoo ni qabamu jettee lubbuu lammiileesheerratti karoora baafatte.

Qorannaa Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF)fi Baankiin Addunyaa (World Bank) taasisaniin ummata addunyaa keessaa namoonni miliyoona lama ta'an dhibee kanaan ni du'u jedha. Ammayyuu ummata addunyaa biliyoona 7.8 gahu keessaa harki 37 kallattiidhaan hubamaa jira balaa koronaatiin. Ameerikaa maqaa kaafne malee dhibeen kun biyyoota dinagdeedhaan badhaadhan hunda akka abidda saafaatti gubbaafi jalaan waxalaa jira. Biyyoonni hiyyeeyyiin akka keenyaa ammoo jara malee nu bira hindhufu jedhaniitu abjuudhaan uf gowwoomsu. Koronaan eenyuun filatee eenyuun balfee? Fagootti eegna, innoo asuma nu bukkee jira. Ufirratti hinbeeknuufi malee yennaan isa hamadhu kanayyuu otoo narra jiraate yookiinis sihii barreeffama kana dubbisaa jiru gubbaa jiraate maaliin barra? Waaqaafi koronaadhuma mataasaa qofatu beeka lafa jiru.

Odeeffannoo hamma yoonaa jiruun lakkoofsi dhibamtootaa Afrikaa vaayirasii kanaaf saaxilaman akkasumas saffisni dhibeen kun ittiin tatamsa'aa jiru kan Yunaayitid Kingidam faana yemmuu walbira qabamee ilaallamu gadaanaa haa fakkaatu malee biyyoonni hedduun ardichaa haala nama raajuun tatamsa'ina kana ittisuuf murteewwan jajjaboofi sodaachisoo Ingiliiz mataanshee hinfudhatin dabarsaniiru. Fakkeenyaaf mootummaan Sudaan akkuma dhibeen kun biyya ishee seenene namni tokko vaayirasii kanaan qabamee tokkommoo du'uusaa ibsiteen battalumatti dhaabbilee barnootaa cufte. Biyyoonni biroo kanneen akka Masiris lammiileensaanii uf eeggannoo cimaa akka taasisan akeekkachiisa kennuu bira darbee hamma tajaajila geejjiba xiyyaaraa cufuutti deemaniiru.

Murtee cimaafi yeroosaa eeggate kan biyyoonni Afrikaa muraasni dabarsan kun bilchina siyaasaa addunyaan gara biraa hinqabnerraa kan maddeedha jedhamuu mitilleedha. Isarra muuxannoon hadhaawaa akka Afrikaatti keessa dabrameefi sirni eeggumsa fayyaa sekerraa'aan duraanuu fedhii lammiilee eeguuf gatantaraa jiru balaa kana dandamachuu hindanda'u sodaa jedhuun ejjennoo qabatameedha jennee fudhachuu dandeenya. Dhibeen “Ebola” bara Faranjootaa 2014 keessa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii goolaa ture madaansaa ammayyuu sammuu keenya keessaa hinqoorre; sababoota kanneeniin baaraganii murtii akkasii dabarfachuun waanuma eeggamuudha jechuun ni danda'ama. Malee Afrikaadhaaf yaadannoon du'a jumlaa, dhibee daddarbaa, beelaafi balaawwan namtolchee akkasumas kan uumamaa danuutu tokko tokkoo laphee dhalattootashee keessaa iyya. Yemmuun kana jedhu haala biyyi keenya itti jirtu irratti uf qabiinsa (reservation) guddaa qabaachuu koo isin dhoksuu hinbarbaadu. Qeeqa gara oliitti biyyoota

akka Ameerikaafi ingiliziirratti kaase kan keenyarrattis irra ejjadheen kaasuu barbaada. Takka takka kophaa koo taa'een qunqunfadha (agitation). Jarri waan qaban abdataniitu harkifatuu, nutoo hiyyeettiidhaa maal keenya herreganneetu dhibee kanatti dafnee hulaa keenya danqarsuu dhiifnee cufaa malee bulla jedheen ufitti aara. Keessumaa ministiraa muummichi keenya asirratti maaltu akka isaan danqe naaf galuu hindandeenye. Isa kana mataduree biraatiinan itti deebi'a. Waanuma fedheefuu dubbittiin mana keenyas seenteerti. Seenuu biraayyuu dabartee boroo nu lixxeerti. Dhumaatii hardha Xaaliyaaniin keessa jirtu kanaafi muxannoo Chaayinaa gidduu garaagarummaan jiru torbee lama hincaalu. Wanti adda isaan taasisu rifaatuufi tarkaanfii itti aansanii fudhatanirratti haala itti si’ataniidha. Chaayinaan daftee itti ol utaaltee abidda dhaamsuutti arreedde. Jarri Awurooppaa utuma sirriiqanuu barbadaan koronaa lafjalaan nyaatee fixe. Gaafa dunquqquu keessaa dammaqan koronaan giimateera. Maraammartoon kun nuunis sirriitti nu ibsa.

Egaa harkifannaan duula ittisa koronaarratti warri lixaa kun argisiisan dhugaatti nu yaaddessa yoo ta’eef amajaajiin jarri yeroo ammaa miilaa kaasee hanga mataatti keessa cuuphamanii garri keessaa itti bahan itti dukkanaa’ee kun addunyaa diinagdeen duubatti hafe akka keenyaa haala hamaa ta’een liqimsuuf hamuummachuunsaa waan oolee bulu hinta’u. Yaa sabaa, meeshaalee waldhaansaa himiinsaafuu nama qaanessu qabannee, sanarraanuu gideewwan (rakkoo hammaataa) fuucha namaaf hinlaanne kan akka hir’ina nyaataa, qubsuma tuucha'aa ummataa (high population density) haala jireenyaa aadaa gosaa (communal way of living), hanqina bishaaniifi meeshaalee eeggumsa qulqullinaa, hirri du’aatii (mortality rate) walumatti qabamee oduu dhumaatii biyya Awurooppaatti fageenyaan dhageenyu nu biratti caalaayyuu lafarraa nu daguuguunsaa shakkii tokkollee hinqabaatu. Hundaa ol ammoo, hundaa ol balaan gama dinagdeetiin nuu dhufaa jiru waanan ani himee danda’uu miti. Sabni Afrikaa durumaa hiyyuumaa keessatti affeelamaa hardha gahe qoma waraana kana ittiin qolatu, humna maallaqaa laamsha’insa dinagdee kana ittiin aa'atuufi inshuraansii lubbuusaa ittiin baraaru tokkollee if harkaa hinqabu. Waaqasaa malee!

Hinxumuramne… torbee qabadheen dhufa kutaa isa itti aanu. Hammasittuu nagaadhaan akka walitti deebinu harka keessan dhiqachuu, lafa walgeettii namoota hedduurraa fagaachuu, yemmuu mallattolee dhibee kanaa tasa ufirrattis ta'e nama kan biraa irratti argitan daftanii gama ogeessa fayyaa deemuu adaraa hadaraa hinirraanfatinaa. Wanti Kuunnoo jechaa baane ila kunoo erga jedhamtee bubbulteerti.

Waaqayyo nu faana haa ta’u.

Yaada keessan naaf hiixachuu hin irraanfatinaa ammoo. Bilbila: +251 964 11 31 11

Email: [email protected]

Page 14: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 14

ILAAMEE...

Takkaalliny Gabayyootiin

Vaayirasiin hamaa jaarraa 21fa kana keessa ardii addunyaa mudate dhibeewwan asiin dura mudachaa turanirraa wanti adda isa godhu yoo jiraate, daangaan lafaafi lammummaan, akkasumas sadarkaan guddina biyyootaa dantaasaa ta’uu dhabuudha. Kunis yeroo gahaa osoo hinkenniin dhala namaa hunda haala walfakkaataa ta’een miidhuu kan danda’u ta’uusaati.

Kanarraa ka’uunidha, Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa walta’insaan tatamsa’inni vaayirasichaa akka ittifamuuf hawaasa idiladdunyaa maraaf waamicha kan dhiyeesse. Balaa vaayirasiin kun geessisu daran ulfaataa waan ta’eef, mootummootni addunyaa yeroo dheeraaf yaadaafi gochaan waldhabaa turanillee garaagarummaasaanii cinatti dhiisaanii walta’insaan ittisuuf waliigalteerra gahaniiru.

Kunimmoo vaayirasichi addunyaarratti balaa hamaa fidee waan dhufeef yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf barbaadamnaan tattaaffiin biyyootni addaddaa qofa qofaasaaniitti taasisan faayidaa akka hinqabne caalaatti kan itti amaname ta’uusaati jechuudha. Sanyii, amantii, halluu, dugda duubee hawaasarraa dhufaniifi kkf kan adda hinbaafne vaayirasii koronaan, walta’insi biyyoolessaa kan murteessaa ta’uusaa aangawootaan hubatamaa dhufeera.

Biyyootni addunyaa hedduus tattaaffii biyyasaanii keessatti taasisaniin cinatti walta’insa hundagaleessaaf xiyyeeffanii yoo hinhojjenne, yaaliin vaayirasicha to’achuuf taasifamaa jiru faayidaa dhabeessa kan taasisuudha.

Barreessaa olaanaa Mootummoota Gamtoomanii, Antooniyoo Guutarresis dhaamsa lammiilee addunyaatiif tibbana dabarsaniin, jaarraa 21fa keessa dhala namatti dhahicha hamaa fidee kan dhufe dhibee koronaa ittisuuf biyyootni addunyaa walta’insaan hojjechuu akka qaban cimsanii hubachiisaniiru. Keessumaa ammoo biyyootni guddinarra jiran vaayirasicha ittisuuf humni qaban murtaa’aa waan ta’eef, deggaruuf bajetni dolaara biliyoona lama ramadamuusaas beeksisaniiru.

Waytiin kun yeroo kamiyyuu caalaa walta’insaan vaayirasicha ittisuuf xiyyeeffatamuusaa eeranii, yeroo hamtuu kana walta’insaan dabarsuuf filannoo osoo hintaane dirqama yeroon gaafatu ta’uus ibsan. Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas (‘WHO’) dhiyeenya kana ardii Afrikaatti yeroon rakkinaa akka hindhufneef hubachiisuunsaa kan yaadatamuudha.

Ardii Afrikaa keessatti sadarkaan tatamsa’ina vaayirasichaa biyyoota Awurooppaa, Ameerikaafi Eeshiyaa waliin walbira qabamee oggaa ilaalamu xiqqoo fakkaatullee yeroodhaa yerootti baay’inni namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa waan jiruuf lammiileerratti yaaddoo guddaa ta’aa dhufeera. Ka’umsi vaayirasii kanaa Chaayinaa yaa ta’u malee wayita ammaa hundarra biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa dararsuurratti argama.

Kanarraa ka’uun fakkaata Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad tibbana tatamsa’ina vaayirasichaa Afrikaa keessatti mo’annu malee hundumaa kan dhuunfatudha jechuun sodaafi yaaddoo qaban irra deddeebiin

Vaayirasichi walta’iinsaan irra aanama

ibsuun lammiileen Itoophiyaa akka ofeegg ataniif hubachiisaa turaniiru.

Biyyootni dinagdeetiidhaan guddatan sababa koronaatiin miidhaa dinagdeesaaniirra dhaqqabe bayyanachiisuuf sagantaalee addaddaa kan qopheeffatan yoo ta’u, biyyootni Afrikaa hedduun garuu tarkaanfii walfakkaataa fudhachuuf humna akka hinqabne ibsan.

Vaayirasiin kun dhahicha jaarraa 21fas waan ta’eef, keessumaa ardii Afrikaa keessatti walta’insaan irra hinaanamu taanaan rakkoo hawaasa idiladdunyaa ta’uun kan ittifufu ta’uusaa hubachiisan. Sochiin qindoomina hinqabnes vaayirasicha caalaatti hammeessaa waan jiruuf waltumsuu akka qaban gaafatan.

Diina hamaa ija dhalootaan hinmul’atne kana irra aanuun kan danda’amu sadarkaa addunyaatti hoggansa qindoomina qabu kennuun yoo danda’ame qofajedhanii, tarii hanqinoota addaddaarraa kan ka’e ardittiin dhumarratti miidhamuu kan dandeessi.

Rakkoo hamaa sababa vaayirasichaan as adeemaa jiru walta’iinsaan irra aanuufis dursanii tumsa hawaasa idiladdunyaa kan gaafatan yoo ta’u, kanaanis biyyootni miseensa guddina dinagdee digdamanii (G20), Baankii Addunyaa, Dhaabbata Maallaqa Addunyaafi Komishinii Gamtaa Awurooppaa waliin waliigalteerra gahuun danda’ameeraa jedhu.

Gama qabeenya biyya keessaa walitti qabuutiinis hojiileen bu’aa qabeessa ta’an galmaa’aa jiraachuusaa ibsanii, erga koreen deggarsa biyyaalessaa hundaa'ee kaasee guyyoota shan qofa keessatti arjummaafi kutannoo ummata Itoophiyaa arguun akka danda’ame eeru. Hamma ammaattis meeshaalee wal'aansaa kennaman osoo hindabalatiin qarshiin miliyoona 197 sassaa bamuun hubatameera.

Kana malees namoonni kuma 241 ta’an karaa Itiyoo Telekoom qarshii miliyoona

2.7 buusuusaaniis himan. Walta’insa biyya keessatti argame kanas daran itti gammaduusaanii ibsanii, Itoophiyaanonni haala addaddaa keessa jiran yeroo gidiraa keessatti tokkummaadhaan dhaabachuunsaanii rakkoo kamiyyuu waliin mo'achuu akka dandeenyu kan agarsiisudha. Kanaan boodas haalotni mul’achaa jiran ulfaataa ta’uu malu waan ta’eef, deggarsi taasifamu ittifufiinsa akka qabaatuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Tatamsa’innii vaayirasichaa hundarra biyyoota Awurooppaa kanneen akka Xaaliyaanii, Ispeen, Beeljiyamiifi kkf keessatti daran hammaachaa waan jiruuf yeroo gabaabaa keessatti isaan jilbeeffachiisuu danda’eera. Ameerikaattis kan eegameen olitti tatamsa’aa waan jiruuf magaalotni biyyattii hanqina meeshaalee wal’aansaafi dhabiinsa qorichaan jeeqamaa jiraachuusaanii hubachuun danda’ameera.

Magaalota biyyattii keessaas lammiileen Niyoorki keessa jiraachaa jiran kaanirra vaayirasichaan danuu miidhamaa waan jiraniif Kantiibaan magaalittii Mistar Bil Dii Bilasoo dhiphina keessa seenuun waan qabaniifi gadhiisan wallaalaniiru. Keessumaa ammoo vaayirasicha salphumatti to’achuun

hafee ofirraa ittisuufillee sadarkaa hoggansa biyyoota addunyaa keessa qoqqoodinsi yaadaa jiraachuudha kan beekame.

Magaalaa guddittii addunyaa yeroo gabaabaa keessatti jilbeeffachiisuu kan danda’e biyyoota ganaa guddinarra jiran ammoo yeroo yartuu keessatti weeraruuf yeroo kan hinfudhanne ta’uusaa hubachuun rakkisaa hinta’u.

Itoophiyaa dabalatee hojmaatni fayyaa biyyoota Afrikaa hedduu laafaa ta’uusaafi biyyoota badhaadhoorratti hirkatoo ta’uusaa si’a yaadamu walta’insa hawaasa idiladdunyaan ala tamsa’inasaa irra aanuun kan hinyaadamnedha, gara jechuutti kan nama geessudha.

Hundeessaan Kaampaanii Teknoloojii Aliibaabaa (Chaayinaa) Jaaki Maa meeshaalee wal’aansaa biyyoota Afrikaa maraaf gargaarsa gochaa turuunsaanii kan yaadatamuudha. Kunimmoo qindoominni mootummoota addunyaa, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee deggartootaa hangam murteessaa akka ta’e kan mul’isu ta’uusaati.

Pirezidaantiin mootummaa RFDI Saayilawarqi Zawudees saffisni tatamsa’ina vaayirasichaa yaaddoo guddaa ta’uusaa kan ibsan yoo ta’u, hawaasni Itoophiyaa marti qajeelfamoota ogeessotni fayyaa kennan hojiitti hiikuuf ammayyuu hawaasdicha dadamqsuufi hubachiisuu kan gaafatuudha. Biyyootni vaayirasichaaf hinjilbeeffannu jechaa turanillee yeroo ammaa rakkachaa waan jiraniif ofeeggannoo gochuun murteessaadha jedhan.

Akka biyyaatti qorannoon taasifamuu malu guutummaatti waan hinadeemsifamneef, baay’ina lammiilee vaayirasichaan miidhaman qabatamaatti beekuun ammaaf kan danda’amne ta’uusaas ibsanii, qaamoleen mootummaa martuu jechuun abbootiin amantii, paartileen siyaasaa, maanguddootniifi kutaaleen hawaasaa walta’insaan qophii gochaa deemuun barbaachisaadha.

Tatamsa’ina vaayirasichaa lammiileerraa ittisuuf mootummaan tarkaanfiiwwan addaddaa fudhachaa jiran kan jedhan pirezidaantittiin, fayyummaafi nageenya hawaasaa eeguuf tarkaanfiin irra deddeebiin fudhatamu kamuu nuffisiisaadha jechuun akka hindanda’amnellee hubachiisan. Dursanii ofirraa ittisuun qooda tokko tokkoo keenyaa waan ta’eef yoomillee ofdagachuun sirrii miti jedhan.

Itoophiyaan waggoota lamaan darban keessa damee fayyaatiin bu’aalee hedduu kan galmeessiste yoo ta’u, vaayirasii saffisa guddaatiin tamsa’uutiin balaa hamaa geessisaa jiru garuu ittisuuf qophii gahaa akka hinqabaannes hubachuun danda’ameera. Iddoo tajaajillii fayyaa si’ataa ta’eefi bishaan dhugaatii qulqulluun hinjuirretti, akkasumas ogeessotni fayyaa baay’inaan hinjirretti ammoo dhukkuboota daddarbaan sadarkaa barbaadameen ittisuufi to’achuuf ulfaataa ta’uusaati jechuudha.

Dimshaashumatti, rakkooleen sektara fayyaa keessa jiran akkuma jiranitti ta’ee tooftaalee vaayirasicha ittiin ofirraa ittisan guutummaatti hojiitti hiikuun ammoo ittigaafatamummaafi dirqama lammiilee hundaa ta’uu hubachiifameera. Qophiin walta’insaan taasifamaa jirus jajjabeessaa waan ta’eef, martuu qooda lammummaasaa bahachuuf of kennee hojjechuunis murte essaadha.

Diina hamaa ija dhalootaan hinmul’atne kana irra aanuun kan danda’amu sadarkaa addunyaatti hoggansa qindoomina qabu kennuun yoo danda’ame qofa

Page 15: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012

YAADA BILISAA 15

Barreeffama koo kan torbee kanaa osoon qopheessaa jiruu dhaamsi tokko namoota garagaraarraa karaa bilbila mobaayilii kiyyaan na dhaqqabe. Tarii isinis dhaqqabeera ta’a.

Dhaamsa dubbii ijoo koo kan torban kanaa wajjin kan walqabate waan ta’eef seensa barreeffama kootii godhadheen itti fayyadame. Maddisaa eenyurraa akka ka’e hinbeeku. Barreessaa hinbeekamne ykn ‘unonimous’ jedheen fudhe yeroof. Maalumaafuu dhaamsichi akkana jedha.

Ergichis Afaanuma Oromootiin, “Ani guyyaan kun darbee ija kee arguu nama barbaaduudha. Ani naman nagaa kee hunda caala hawwuudha. Ani akka mataa kootti nama siif yaaduudha. Kanaafuu, of eegi; of kunuunsi; ofii yaadi; anaafis yaadi; biyyaafis yaadi. Mee hiriyoota jaalattu maraaf sheer godhi. Anis namoota sana keessaa tokko yoon ta’e deebisiitoo naaf ergi” jedha

Yaada gaarii hiriyaa qofaaf osoo hintaane dhala namaa yeroo kana cinqii keessa jiru hundaaf darbuu qabuudha. Garuu hagam akka nama sodaachisu, naasuu namatti naqu ilaalaa mee? Yoo namni tokko akkas namaan jedhu ana of eeguu, of kunuunsuufi ofii yaaduu koorra waan hamaa biraatu natti mul’ata. Kanaaf dhaamsa sodaa guddaa natti uumeefi yaaddoo keessa nagalcheedha.

Haa ta’u malee yeroo kana waliif yaaduufi walgargaaruun, meeshaanis ta’u afuuraan, dirqama namummaati. Akkuma namaattis ta’ee akka biyyaatti waan adda addaarratti walii galuu dhabuu dhandeenya. Yaada gamaa gamanaa qabaannee walmormii keessa jiraachuu malla. Wanti ittin walqoccollu danuu ta’uu mala. Garuu akka dhala namaatti du’aan waan walhawwinu natti hinfakkaatu; sanaayuu du’a vaayirasii koronaatiin.

Kanaaf, walii yaaduun akkuma jirutti ta’ee, dhaamsi waliif dabarsinu haala dhukkuba biraa jechuunis dhukkuba sammuu (mental illness)fi rakkoo xiinsammuu ( psychological disorders) namarraan hingeenyeen ta’uu qaba jedheen yaada.

Namoonni dhaamsa akkanaa dabarsanillee rakkoo biraa namarraan akka hingeenye yaaduu qabu jedheen amana. Yeroo kana, walhubachiisuufi haala dhibeen kun ittiin dadarbu sirnaan hubatanii barsiisuun akkuma jirutti ta’ee, waan ittiin walyaaddessaniifi walsodaachisanirra wantoota ittiin waljajjabeessantu caalmaan nama fayyada. Yoo of eeggannoo cimaa taasisme vaayirasii koronaa ofirraa ittisuun akka danda’amullee walyaadachiisuun gaariidha.

Akkuma yaadattan, matadureewwan yaada kootii kanneen torban lamaan tare dhihaatan dhibee kanarratti kan xiyyeeffatan turan. Ammas qabiyyeen barreeffama kootii isumarratti xiyyeeffata, garuu kallattii biraatiin.

Amma vaayirasiin kun to’annoo dhala namaa jala oolutti ykn miidhaansaa gadi bu’utti xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. Yoo kun jedhamu hojiin biraa hinjiru jechuu miti; hir’atullee jiruufi jireenyi waan ittifufuuf dhimmoonni siyaasaa; hawaas-dinagdee ittuma fufu.

Akkuma beekamu yeroo kana addunyaan odeeffannoo vaayirasii koronaatiin

dhiphatteetti. Namoonni haganaa qabaman; Namoonni haganaa fayyan; Namoonni hagana du’an; odeeffannoon jedhu sammuu keenya dhiphisaa jira. Dhiittee-bariitee yoo miidiyaa bantan odeeffannoon vaayirasii koronaa sanaayuu kan nama sodhaachisu hindhabdan.

Miidiyaan dirqamaafi hojiisaa waan ta’eef sirriidha. Garuu nutimmoo; dhagge effattoonni, akkamitti osoo hincinqamin odeeffannoo kanatti fayyadamuu dandeenya jennee yaaduu qabna.

Rakkoo guddaan dhibeen kun namarraan gahaa jiru rakkoo dhukkuba sammuu (mental illness) jedhamuudha. Dhukkuba sammuu jechuun, akka hiika Waldaa Saaykaatriistota Ameerikaatti, haala jijjirama fayyaa namaa kan yaada, ilaalachaa, gochaafi miira wajjin walqabatuufi jeequmsa sammuu uumuudha.

Galmeen jechootaa ‘Oxford’ ammoo ‘haala gochaafi yaadama (behavior & thinking) namaarratti jeequmsa guddaa uumuudha.” Har’a koronaan akkanatti addunyaa muddama keessa galchee dhiisii durumaanuu dhalli namaa sababoota adda addaatiin dhukkuba kanaaf saaxilamaadha. Fakkeenyaaf, ragaa yeroo tasgabaa’aatti fudhatameen Ameerikaatti nama shan keessa name tokko dhibee kanaaf saaxilamaadha.

Dhukkubni sammuu rakkoo guddaa namoota dhukkuba kanaan qabamaniifi kanneen shakkamanii koraantiinii (iddoo tursiisaa) keessa jiran kanneen kuma dhibbaatamaan lakkaawamaniidha. Akkasumas rakkoo namoota dhukubichaan hinqabamni garuu kanneen namarraa fagaatanii dallaa ofii keessatti balballi itti cufamee waa’ee dhimma lubbuusaanii, lubbuu maatiifi fayyan firasaanii mala dhahaa oolan tarii biliyoonan shalagamuu malu.

Dhukkubni koronaa addunyaarratti garmalee babalachaa jira. Hanga ammaatti qorichi ykn talaalliin hinargamneef. Namoonni dhukkuba kanaan qabaman miliyoona ce’aa jira. Kanneen lubbuunsaanii darbe hanga kaleessaatti kuma 47 ta’eera.

Dhukkuba cancala tokko malee addunyaa keessa garmaamaa jiru kana hinsodaadhu jechuun dhugaa hinfakkaatu. Kan yeroo ammaa dabalataan garmalee nama miidhaa jiru cinqiidha; sodaadha; yaaddoodha- dhukkuba sammuu, dhukkuba jeequmsa xiinsammuu kan saaykaatristoonni ‘psychological disorder’ jedhaniin.

Har’a waa’ee hammeenya dhukkuba koronaa dhaamsa yoo dabarsinu, miidiyaan

yoo gabaasnu, aktiivistoonni miidiyaa haw aasaarratti yoo dhaamsa dabarsan gama biraatiin dhiibbaa sammuu namaarratti uumu dagachuu hinqaban.

Namni tokko vaayirasii kanaan yeroma kamuu saaxilamuu danda’a; ana hinqabu jennee afaan guunnee dubbachuuf wabii hinqabnu. Dhukkubichi hoggantoota siyaasaa olaanaa, abbootii qabeenyaa guguddoo, hakiimtota beekamoo, saayintiistota osoo hinhafin qabaa jira.

Kanaaf, akka addaatti fudhachuun namoota vaayirasii kanaan qabaman akkasumas maatiisaanii haala adda ta’een ilaaluun barbaachisaa miti. Garuu yaada mootummaan kennu fudhachuu, gorsa ogeessaa kabajuun dirqama lammummaati jedhanii fudhachuun gaariidha.

Asumaan waan tokko isin haa yaadachiisu. Bara dhukkubni ‘HIV/AIDS’ dura dhufu haalli odeeffannoon karaa midiyaatinis ta’ee karaa namaatiin daarbaa ture namoonni yeroo sana turre hundi keenya ni yaadanna.

‘HIV/AIDS’iin bulguu ta’ee dhihaataa ture. Suurriwwan ka’aa turan kan nama sodaachisan turan. Kun boodarra nama ‘AIDS’iin qabameefi maatiisaaniirratti dhiibbaa guddaa fide. Loogiifi ofirraa fageessuuf karaa banee warra vaayirasichaan qabamellee haaloo keessa akka galche yaadannoo fagoo osoo hin ta’in kan dhihooti.

Ogeessonni xiinsammuu yeroo dhukkubni weeraraa akka koronaa ka’u rakkoon dhukkuba sammuu kun garmalee akka danatu ragaa bahu. Yeroo kana namoonni hedduun hojiirra hinjiran. Ijoolleen barnoota dhaabaniiru. Maatii hedduun mana cufatanii yaadaan dararamaa jiru. Gabaa bahanii waa shamatachuun rakkoodha. Kan galii guyyaa argatu qoonqoon du’uuf deema. Akkuma argaa jirru biyyoonni Awrooppaa hedduun biyyasaanii danqaraniiru. Ardiilee hundattuu namni mana keessa jira. Dhabbileen bizinasii kisaaraa galmeessisaa jiru. Kana kan dhukkuba sammuu bal’inaan uumaa jiru.

Dhukkuboota sammuu sababa dhibee koronaatiin uumaman keessaa tokko sodaa (fear)dha. Inni biraa cinqii (anxiety)dha. Dhukubicha wajjin walqabsiisanii garmalee dhiphachuu, yaaduufi jeeqamuu of keessaa qaba. Mukaa’un (depression) mallattoo rakkoo fayyaa sammuu haala amma jiru wajjin namatti dhufu.

Gama dhibee sammuutiif caalaatti warri saaxilaman namoota kanaan dura dhukkuba kanaan dararamaa jiraniidha. Isaan kunniin

garmalee akka hinhubamne yaala addaa barbaadu. Tajaajila gorsaa xiinsammuu (psychological counsiling service) cimaan akka barbaachisu ragaaleen ni eeru.

Kan duraan sammuun nagaa ta’ellee yeroo kana dhukkuba koronaa qofaaf osoo hintaane dhukkuba sammuutiif akka saaxilamu hubatamee karaa dhukkuba kana keessaa ittiin bahu yaaluun sirrii ta’a.

Gama kanaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa of eeggannoo cimaan akka taasisamuu qabu gorsa. Dhaabbatich mataduree, “Mental health and psychosocial considerations during the COVID-19 outbreak” jedhuun ALA Bitootessa 18/2020 baaseen dhimmi kun xiyyeeffanaa argachuu akka qabu dhaamsa dabarseera.

Dhibee sammuu kana keessaa bahuuf tarkaanfiileen namni dhuunfaan fudhachuu qabu maalfa’i? Yaadawwan ogeessonni tokko tokko dhiheessan gabaabseen isin dubbisiisa.

Oduu dhaggeeffachuu xiqqeessuu: Yeroo ammaa haaluma biyya keenyaa yoo fudhanne dhimmi ijoon oduu koronaati. Miidiyaaleen odeeffannoo yeroo yeroon tamsaasuufi hubannoo uumuurratti bal’inaan hojjachaa jira, sirriidhas. Miidiyaan hawaasaa dhugaafi soba qabatee waliin hiriireera.

Oduun hawaasa keessaa kan jette jetteen guutame sarara biraatiin deemaa jira. Kunniin hundi walitti dabalamee dhukkuba sammuu namarratti fiduu waan danda’uuf odeeffannoo miidiyaa filannoofi karooraan dhageeffachuun, oduuf iddoo guddaa kennuu dhiisuu dhabuun akka fala tokkootti fudhatama; gorfama.

Fayyadama miidiyaa hawaasaa xiqqeessuu: Miidiyaa idilee caalaa dhimma vaayirasii koronaarratti kan dafee odeeffannoo nama biraan gahu miidiyaa hawaasaa akka ta’e hinhaalamu. Odeeffannoo gama miidiyaa kanaan nama bira gahu akkuman sila kaase dhugaafi soba, madaalawaafi kan hinmadaalofne, kan namuusa eeguufi hineegne waan ta’eef sammuu namaa garmalee miidhuu akka danda’u ogeessonni ni himu; nutis muxanno keenyarraa kaanee ni beekna. Kanaaf fayyadama miidiyaa hawaasaa gadi buusuun cinqii namaa akka xiqqeessuudha; kan beektonni gorsan.

Hojiilee birootiin sammuu ofii qabu: Gama kanaan akka ogeessonni xiinsammuu gorsanitti yaadama vaayirasii koronaa keessaa bahanii waan biraarratti xiyyeeffachuun dhukkuba sammuu kana jalaa akka bahan gargaara. Fakkeenyaaf; ispoortii hojechuun qaama ofii jajjabeessuu, qalbii ofii bohaarsu (psychological reliance) kitaaba dubbisuu, waa barreessuu, tajaajila tola ooltummaa kennuuniifi kkfn cinqii kana keessaa nama baasa.

Tajaajila Gorsa Hawaasaa (social counseling service) fudhachuu. Kun biyya keenyatti hagas beekamaa ta’uu baatullee ogeessota xiinsammuu bira deemuun tajaajila gorsaa haala rakkoo kana keessaa itti bahuu danda’anirratti marii taasisuun bu’aa qaba.

Akkuma waliigalaatti rakkoo cimaa nuquunnamee sammuu keenya raasaa jiru kana keessaa bahuuf ofiifi maatii ofii jajabeessuun, dukkana osoo hintaane ifa yaaduun gaariidha.

Nama torban walitti deebi’u nu haa taasisu! Ameen!

Dhukkuba Sammuu: Miidhaa ‘COVID- 19’ kan biraa Dachaasaa Roorrootiin

Yeroo akkanaa kana kitaaba dubbisuun saaxilamummaa dhiphina sammuu xiqqeessuu keessatti gumaacha qaba

Page 16: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 116

Takkaalliny Gabayyootiin

TIBBANAQajeelfamoota teknikaafi ejjennoo Itoophiyaan

hidha haaromsaarratti qabduBarruun kun Ministira Bishaanii, Jallisiifi Inarjii mootummaa Rippaabilikii Federaalawaa Itoophiyaa (RFDI), ta’uun tajaajilaa kan jiran Doktar Injinar Silashii Baqqalaatiin tibbana Afaan Ingiliffaan qophaa’ee gara Afaan Oromootti kan hiikameedha.Ka’umsi laga Abbayyaa dhibbeentaan 86 laggeen xixiqqoo Itoophiyaa keessaa madduun sassaabamee ummata Misiriifi Sudaan qofaaf waliigalaan bishaan meetrik kuubii biiliyoona 77.5 kennaa jiraachuunsaa kan beekamuudha. Kunis maddi lagichaa laggeen kanneen akka Takazee, Gannaalee, Dindariifi Baaroo fa’irraa itti galuun kan uumamedha.Itoophiyaan mirga qabeenya bishaanii Abbayyaarratti qabdu haala haqaqabeessa ta’een itti fayyadamuuf socho’uunshee akka filannootti kan fudhatamu osoo hintaane hiree jiraachuufi jiraachuu dhabuutti kan ilaalamuudha. Lammiileen biyyattiis dhibbeentaan 50 hanga 60 ta’an hanqina bishaan dhugaatii qulqulluu, elektirikiifi inarjiitiin dararfamaa waan jiraniif waggoota dheeraaf sadarkaa hiyyummaan gadii keessa akka jiraataniif sababa ta’eera. Kanaaf jiruufi jireenya hawaasichaa bu’uurarraa jijjiiruuf ijaarsi hidhi guddicha haaromsaa carraa misoomaafi guddinasaanii kan murteessu ta’uusaa hubatamuu qaba.Itoophiyaan yeroo ammaa anniisaa elektirikii meegaa waattii kuma afuriifi 400 maddisiisaa kan jirtu yoo ta’u, hidhi guddicha haaromsaa itti ida’amnaan ammoo dhibbeentaa 115niin kan guddisu ta’uusaati. Kun itti dabalameeyyuu baay’ina ummata biyyattii waliin walbira qabamee yoo ilaalamu ammallee gahaa waan hinta’iiniif ciminaan hojjetamuu kan gaafatuudha.Maddi anniisaa elektirikiifi kanneen biroo madda anniisaawwan Misir qabdu waliin walbira qabamee wayita ilaalamu gadaanaa waan ta’eef Itoophiyaan qajeelfamoota seeraa sirriifi haqaqabeessummaa biyyoota yaa’a lagichaa bu’uureffateen hidha guddicha haaromsaa ijaarsisuurratti argamti. Misir garuu madda anniisaa gahaa osoo qabduu karaa dogoggoraan waliigalteewwan addaddaa ijaarsa hidha haaromsaarratti taasifamaa turan akka raawwatamaniif halkaniif guyyaa hojjechaa turteetti; ammas ittuma jirti.Dhugaan yoomillee haqamuu hindandeenyeefi haalaan hubatamuu qabu yoo jiraate, akkuma lagni Abbayyaa ummata Misiriifi Sudaaniif murteessaa ta’e ummata Itoophiyaafis ta’e biyyoota yaa’a lagichaafis daran murteessaa ta’uusaati. Itoophiyaan akkuma ardii Afrikaattuu baay’ina ummataatiin sadarkaa lammaffaarra waan jirtuuf misooma hawaasummaafi dinagdeeshee si’eessuuf yeroo kamirrayyuu caalaa sadarkaa anniisaan elektirikii caalaatti ishee barbaachisurra geessee jirti.Fedhii misoomuu ummatni Itoophiyaa qabu cinatti dhiisuutiin qajeelfamootaafi haqawwan sirrii hintaaneen falmuun birmadummaa biyyi tokko qabdu akka kabajuu dhabuutti kan fudhatamuudha. Misir har’as waliigalteewwan bara kolonii(1929fi 1959)tti ishumaafi Ingilizi, akkasumas

Sudaan gidduutti raawwataman hojiirra akka oolfamuuf fedhii guutuu kan qabdu yoo ta’u, Itoophiyaan yeeruma sanayyuu waliigalticha kan hinfudhanne ta’uusaa garuu beekamaadha.Waliigalteewwan bara koloniitti gaggeeffaman kunneen ammoo fayyadamummaa Itoophiyaa guutummaan guutuutti zeerootiin kan baay’ise yoo ta’u, mirga qabeenya bishaanii daangaa qaxxaamuraniitti dhimma bahuu biyyoota yaa’a oliis (Eertiraa, Keeniyaa, Ruwaandaa, Taanzaaniyaa, Sudaan Kibbaafi Ugaandaa) guutummaatti kan molqe ture.Itoophiyaan dhimmoota misooma waliiniifi siyaasa kennanii fudhachuurratti loogiifi karaa dhiibbaarraa walaba ta’een biyyoota ollaashee waliin kutannootiin hojjechaa kan turteefi jirtu yoo ta’u, itti fayyadama laga Abbayyaarrattis fayyadamummaa biyyoota yaa’a lagichaa karaa haqaqabeessa ta’een mirkaneessuuf qajeelfmoota seeraa sirrii ta’aniin hojjechaa kan jirtuudha. Harki caalaan qabeenya bishaanichaa daangaa biyyattii keessaa waan burquuf jecha karaa fedhii ummata Misiriifi biyyoota yaa’a lagicha hundaa hineegneen qofumasheetti fayyadamuuf gaafachaa kan jirtu miti.Gaaffiifi ejjennoon Itoophiyaan hidha guddicha haaromsaarratti qabdu yoomillee tokkuma yoo ta’u, kunis akkaataa biyyootni addunyaa seeraafi qajeelfamoota itti fayyadama qabeenya bishaanii daangaa ce’aniitiin ittiin gaggeeffamanitti qoqqoodinsi bishaan laga Abbayyaa fayyadamummaa biyyoota yaa’a lagichaa hunda karaa waliqixaan akka mirkaneessuufidha.Misir garuu faallaa kanaatiin ejjennoo dogoggoraa durii kaastee qabduun akkawaan qabeenyi bishaan laga Abbayyaa kennaashee qofaa ta’eetti fudhachuutiin ummataafi hawaasa idiladdunyaa gowwomsuurratti

cichitee hojjechaa jirti. Ejjennoon kun ammoo ka’umsasaarraa ka’umsa yaadaa dogoggora qabu waan ta’eef, falaasama farra misoomaa yoomillee milkaa’uu hindandeenye ta’uusaa hubatamuu qaba. Qoqqoodinsi qabeenya bishaanii haqaqabeessa akka ta’uuf Itoophiyaa qofaatu falmaa jira osoo hintaane biyyootni yaa’a lagichaa gara oliis falmachaa jiraachuusaaniis beekuun gaariidha. Misir garuu akkuma kaleessaafi dheengaddaa bishaan meetrik kuubii biiliyoona 77.5 keessaa biiliyoona 55.5 qofumasheetti fayyadamuuf tattaaffii olaanaa gooteetti. Abadan garuu yaadniifi ejjennoon dogoggoraa isheen qabattee jirtu kun yoomillee kan milkaa’u hinta’u.Ijaarsaafi guutinsa bishaanii hidha guddicha haaromsaarrattis qajeelfamootaafi seerota sadarkaa addunyaarratti beekamtii hinqabne hojiirra oolchuuf tattaafachuun, akkasumas ijaarsa hidhichaa gufachiisuuf ykn dhaabsisuuf yaaluun yoomillee fudhatama kan hinqabnedha. Har’as ta’e boris mirgi Itoophiyaan qabeenya bishaansheetti fayyadamuuf qabdu molqamuu kan hindandeenyedha. Karaa haqaqabeessaan ittifayyadamuufis eeyyama qaama kamiyyuu akka hinbarbaadne beekamuus qaba.Sirnoota mootummaa Itoophiyaa darbanii keessattis fedhiifi ejjennoon biyyattiin qabdu ture karaa haqaqabeessaan bishaanichatti fayyadamuu ta’uusaa jalqabumarraa kaasee Misiriin kan beekamu ta’uullee erga ijaarsi hidhichaa eegalee kaasee karaa dippilomaatotaan irra deddeebiin ibsamaaf tureera. Fakkeenyaaf, ibsa ejjennoo qoqqoodinsa bishaanii haqa qabeessa ta’e Itoophiyaan baroota 1956, 1957, 1959, 1980fi 1997 karaa Ministeera Haajaa Alaashee baasuun mootummaa Rippaabilikii Arabaa kan taate Misiriif, Barreessaa Mootummoota Gamtoommaniifi Baankii Addunyaaf ergite kaasuun kan

danda’amuudha. Yeroo garagaraattis yaaddannoowwan (memorandums) hedduu qopheessuutiin qaamolee dhimmi ilaallatu maraa hubachiisaa turteetti.Keessumaa ammoo waliigalteewwan bara kolonii keessa mallatteeffaman lamaan mirga biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gara olii kan dhiibe waan ta’eef, haqamuu akka qabu irra deddeebiin gaafachaa turteetti; ammas Komishiniin Biyyoota Yaa’a Laga Abbayyaa akka hundeeffamuuf adda durummaatiin hojjechaa kan jirtu ta’uushee hubachiisuun fedha. Misir ejjennoo qajeelfamarratti hinhundoofne hordofaa waan jirtuuf fedhii misoomaa biyyoota yaa’a lagichaa dirqamaan dura gortee dhaabuuf hojjetti. Biyyootni yaa’a olii garuu wayita Misir pirojektii bishaanii laga Toshkaafi bo’oo Kaanaaliirratti ijaartetti fedhii misooma ummata bal’aa waan ta’eef qaamnishee morme hinturre.Akka argannoon qorannoowwan addaddaa ibsutti, Misir bishaan laga Abbayyaatti sirnaan itti fayyadamaa waan hinjirreef, irra caalaansaa qisaasamaa jira. Karaa ittigaafatamummaa hinqabneefi teknoloojii moofaatti dhimma bahuun misooma jallisiirratti hojjechaa waan jirtuuf salphumatti balaa lolaaf kan saaxilamuudha. Haalli ittifayyadama Misir bishaan laga Abbayyaarratti qabdu laafaa yaa ta’u malee gammoojjii Saaraa bo’oo Kaanaalii keessa yaasuutiin bal’inaan misooma jallisiif ittifayyadamaa akka jirtu ifatti beekamuu qaba.Kanaanis midhaanota dheedhii kanneen akka Ruuziifaa, akkasumas fuduraaleefi kuduraalee addaddaa baay’inaan akka omishtuuf ishee gargaareera. Kanaan alas rakkoolee gama humna elektirikiitiin biyyattiin qabdu furuuf pirojektoota anniisaa hedduu boccee sadarkaa jireenyaa lammiileeshee fooyyessuuf carraaqqii guddaa gochaa turteetti; ittis milkaa’uu dandeesseetti.Waggoota hedduu darban keessatti qabeenya bishaan laga Abbayyaatti fayyadamuun sochiin misoomaa gama hawaasdinagdeen Misir qofumasheetti taasisaa turte bu’aa buusuufiirra darbee hangi bishaanichaa harki kudhan faayidaa malee lafatti dhangala’aa turuusaa qorannoo taasifameen irra gahameera. Kunimmoo biyyattiin fedhii ummatashee misoomaan guutuurra darbee qabeenyi bishaanii isaanirraa hafu lafumatti badaa jiraachuusaa kan mul’isu ta’uusaati. Qabeenyuma bishaanii faayidaa malee lafatti dhangala’aa jirullee biyyoota yaa’a gara oliif qoqqooduuf fedha guutuu waan hinqabneef akkawaan ijaarsi hidha guddichaa ummata Misirirratti miidhaa geessisuutti wixxirfachaa jiraachuunshee har’as boris fudhatama kan hinqabnedha.Kaayyoofi galmi Itoophiyaan hidha guddicha haaromsaa ijaarsisaa jirtuuf akkuma Misir himata dogoggoraa bantee dhaadhessaa jirtu osoo hintaane guddina dinagdee biyyattii fooyyessuutiin hiyyummaa hir’isuuf akka ta’e ifatti beekamuun irra jiraata. Yeroowwan darban keessa garuu qabeenya bishaanii qabnu sirnaan hogganuu dhabuu keenyaan kan ka’e hongeefi beelaan daran miidhamaa turreerra. Kun lamuu akka hindeebineef kutannoo olaanaatiin hojjechaa jirra. Ittifufa

Doktar Injinar Silashii Baqqalaa

Page 17: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 17

Oromiyaa Doktar Guutuu Teessoo.

Doktar Guutuun ibsa dheengadda Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, biyyootni industiriidhaan beekaman kanneen Chaaynaa, Awuroophaa, Ameerikaa sababa weerara vaayrasichaatiin industiriiwwan isaanii madda galii hojjettootaafi sharafa alaa ta’e cufanii manatti galanii jiru. Biyyootni akka Biraaziil, Eeshiyaafi Afrikaas omisha qonnaa isaanii gabaa biyya keessaafi alaatiif akka hidhiyeessine danquudhaan maddi galii isaanii akka raafamu taasisaa jira. Weerarichi altokkotti biyyoota addunyaa gidiraafi qorumsa guddaa keessa galchee jira.

Biyyootni Afrikaa Sahaaraan gadii sababa weerarichaatiin omisha qonnaa isaanii gabaaf dhiyeessuu waan hindandeenyeef tilmaamaan doolaara Amerikaa miliyoona 220 dhabuu danda’u kan jedhan ogeessi dinagdee kun, weerarichi invastimantiin addunyaa keessumaa kan Ameerkaa %34n akka gad bu’u taasiseera. Kana malees baankonni biyyoota addnyaa 50n dhala baankii akka gad buusan taasisuun bu’aan baankota addunyaa baay’ee akka gad bu’u gama biraan ammoo rakkoon hojdhabdummaafi qaala’inni jireenyaa gar malee akka dabalu taasisaa jiraachuu himaniiru.

Ameerkaatti sababa weerarichaatiin namootni miliyoona 3.3 ol hojii dhabeeyyii ta’uu isaanii kan himan Doktar Guutuun, warshaaleen Itoophiyaa hedduun omishaaleesaanii gara biyya alaatti ergaa waan hinjirreef hojjettoota isaanii hir’isaa jiru. Kun ammoo madda galii dhuunfaa,

dhaabbataafi mootummaas daran miidhaa jira. Kana malees weerarichi gatiin omishaalee qonnaa Itoophiyaa kanneen akka bunaafi saliixii gabaa addnyaa irratti baay’ee akka gad bu’u taasisuun akka biyyaattis ta’e addnyaatti gama tajaajilaa, industiriifi qonnaatiin

kufaatii dinagdee guddaa qaqqabsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Itoophiyaatti sababa weerarichaatiin tajaajilloonni hoteelaa, tuurizimii, daandii xiyyaaraa hanga hojii dhaabanitti ga’aniiru kan jedhan Doktar Guutuun, biyyattiin tarkaanfii jalqaba balalii xiyyaaraa gara biyyoota 30tti taasiftu dhaabuuf fudhateen doolaara Ameerkaa miliyoona 190 kan dhabde yoo ta’u, yeroo ammaa balalii xiyyaaraa gara biyyoota 80 olitti taasistu dhaabdee jirti. Kuni kisaaraa guddaadha. Yeroo ammaa biyyootni dinagdeedhaan guddatan hedduunis kufaatii dinagdee guddaaf kan saaxilaman ta’us hanga tokko danddammachuu ni danda’u. Biyyootni dinagdeedhaan guddataa jiran akka duraanii biyyoota dinagdeedhaan guddatan irraa gargaarsa argachuu waan hindandeenyeefi sochiin dinagdee isaanii waan dhaabbatee jiruuf keessumaa namoota sadarkaa hiyyummaan gadii keessa jiran qormaata hamaa keessa galcha jedhu.

Biyyootni dinagdeedhaan guddataa jiran kufaatii dinagdee isaan mudate dandammachuufi keessaa ba’uun yeroo dheeraa isaan gaafata. Biyyoota dinagdeen guddataa jiran keessatti namootni %30 sadarkaa hiyyummaa gadii keessa jiru.

Biyyoota kunneen keessatti namoota hojii qaban keessaa %80 hojiilee idilee irratti hirmaatanii waan hinjirreef rakkoon kufaatii dinagdee kun biyyoota kunneen keessatti daran hammaata. Rakkoon maatii irra gahus cimaa waan ta’eef mootummaan haala namootni harka qalleeyyiin ittiin gargaaraman irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu dhaamsa dabarsaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa harki caalaan waan guyyaa guyyaan hojjetaniin waan jiraataniif guyyaa muraasaaf yoo mana oolaan ofiifi maatiin rakkoo guddaa keessa galuu danda’u. Gabaan ykn hojiin isaan hojjetanii bulan yoo cufame maatii hedduun gidiraa hammaaf waan saaxiluuf hojii dhiisanii mana keessa ooluun ulfaataadha. Kanaafuu lammiileen biyyattii gorsa ogeessota fayyaaafi kallattii mootummaan kaa’u hojiirra oolchuudhaan of eeggannoo barbaachisu taasisuudhaan hojii isaanii itti fufuu akka qaban yaadachiisu.

Kufaatiin dinagdee sababa weerari chaatiin mudate rakkoo waliinii waan ta’eef furmaata waliinii barbaada kan jedhan Doktar Guutuun, biyyoonni addunyaa hundinuu harka walqabatanii rakkoo kana keessaa ba’uuf hojjechuu qabu. Saayintistoonni Jaappaanii, Awurooppaa, Awustiraaliyaafi Ameerkaa qoricha Vaayrasii Koroonaa argachuuf qorannoo taasisaa jiranis jiranis dhimma addunyaa baraaruu waan ta’eef waliin hojjechaa deemuutu isaan irraa eegama. Kana malees biyyootni addunyaan waldeggeraa, omisha isaanii walirraa bitaa deemuu baannaan qisaasama ta’ee hinbeekneef saaxilamuu danda’u jedhu.

Vaayrasiin Koroonaa... Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa haala qabatamaa Oromiyaa lixaatti jechuunis Godina Qellem Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaatti mul’ataa jiru eddii guyyoota shaniif daaw’ataniifi ummata wajjin mari’atanii booda Kibxata darbe waajjirasaaniitti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.Kanaanis rakkoo nageenyaa ture iddootti deebisuuf tajaajilli Iitiyoo telekoom adda citee ture tattaaffii cimaa ummanniifi qaamoleen nageenyaatin nageenyi waan mirkanaa’eef tajaajililchi ittifufuufi xiyyeeffannaa ummataas gara misoomaatti deebi’uu eeran.Ummatuma wajjin ta’uun hojiin nageenya argame tiksuu ciminaan kan ittifufu ta’uus eeranii, humnoonni maqaa ABO shaneetin socho’an ummata irratti badii guddaa raawwachaa turuu ibsan. Misoomawwan bu’uuraa kanneen akka telekoomiifaa mancaasuun namoota oppireeshinichaaf bahanirratti miidhaa qaqqabsiisaa turuus himaniru. Caasaa mootummaa diiguusaaniis kaasaniiru.Mootummaan nageenya ummataa kabachiisuun sodaa nageenyaa tokko malee socho’ee akka jiraatu dirqama waan qabuf qaamolee nageenya booreessan kamuurratti araarama tokko malee tarkaanfii ni fudhata jedhan.Pirojektonni sadarkaa naannoofi federaalaatiin eegalaman dafanii akka xumuramaniif xiyyeeffannaa addaatiin kan hordofamu ta’uu Obbo Shimallis eeraniiru. Ijaarsi buufata xiyyaaraa Dambi Dolloo xumuramuufi kan Naqamtees gara xumuraatti jiraachuu beeksisaniiru.

Xiyyeeffannaan..

3123 ta’an irratti tarkaanfiin addaafi baankonni maallaqaafi akaakuudhaan deggarsa taasisaa kan jiran yoo ya’u, keessumaa abbaan aabeenyaa Hoteela Teetaas Adaamaa, Obbo Abiyyi Abbabaahoteela abbaa darbii saddeetii iddoo wal’aansa namoota vaayirasii koronaatiin qabamuuf akka ooluuf mootummaaf kennaniiru. Hoteelichi yeroo gabaabaa keessatti gara hospitaaala riiferaalaatti akka

jijjiiramus ibsameera. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Assaggid Geetaachoo kaayyoon abbaa qabeenyaa kanaa eebbifamaa waan ta’eef galateeffachuun hoteelli kun yeroo gabaabaa keessatti gara hospitaalaatti akka jijjiiramu deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsuusaanii odeeffannoon fuula feesbuukii Obbo Addisuu Araggaarraa arganne ni mul’isa.

Hubannoon vaayirasii...

mudachuun isaa xiyyeeffannaa nuti ijaarsa hidhichaaf qabnu hir’isuudhaan ijaarsi hidhichaa duubatti akka harkifatu taasisuu keessatti dhiibbaa mataa waan qabuuf sababa kanaan ijaarsa hidhichaa dagachuu hinqabnu jedhaniiru.

Qabsoo weerara vaayirasichaa dhaabuuf taasisaa jirruun gamatti ijaarsa hidhichaa xumurree dafnee bishaan guutuu jalqabuuf hirmaannaa keenya cimsinee ittifufuu qabna kan jedhan ministirri muummeen, yeroo keenya hojiirratti dabarsaa kan sababa weerara vaayirasii koronaatiin mana keessa taa’uun miidhaa hawaas dinagdee geessisuu akka danda’u eeran.

Weerara vaayirasichaa dhaabuufis ta’e ijaarsa hidhichaa xumuruuf lammiileen biyyattii marti akka raayyaa tokkootti ka’uu qaba. Weeraricha dhaabuuf tuttuqaa walii irraa of eeguu, fageenya qaamaa murtaa’e eeguu, harka keenya yeroo yeroon dhiqachuun qabna. ijaarsa hidhichaa xumursiisuu hirmaannaa keenya cimsinee ittifufuu qabnas jedhu.

Ministrri Bishaan, Jallisiifi Inarjii Doktar Injinar Silashii Baqqalaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, raawwiin ijaarsa pirojektii hidha guddichaa sadarkaa jajjabeessaarratti argama. Ijaarsi pirojektichaa %72.4 irra

“Vaayirasii koronaa...ga’eera. Ijaarsi hidhichaa dabaree lamaan hojjetamaa. Ganna dhufu bishaan guutuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Mariin biyyoota sadan (Itoophiyaa, Sudaaniifi Misir) gidduutti taasifamaa ture karaa tekinikiitiin utuu furmaata argachuu danda’uu Misir dhimmicha gara siyaasaatti naannessuuf yaalii taasisaa jiraachuushee himaniiru.

Itoophiyaan garuu walamantaafi hariiroo ollummaa Misir wajjin qabdu cimsuurratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Lammiileen Itoophiyaas ijaarsi hidhichaa hanga xumuramutti hirmaannaasaanii cimsanii akka itti fufaniif gaafataniiru. Ijaarsi hidhichaa sababa weerara vaayrasii koronaatiin akka hingufanneefis hojjetamaa kan jiru ta’uu himaniiru.

Gaggeessaan hojii olaanaa Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa Injinar Ashabbir Baalchaas gamasaaniin, kaayyoon guddaan hidhi guddichaa itti ijaaramuuf humna elektirikii maddisiisuutiin misooma waliigalaa si’eessuu waan ta’eef, haaluma karoorfameen hojjetamaa jiraachuusaa eeraniiru. Sababa dhibee koronaatiinis hojiin elektiroo-mekaanikaalaa akka hingufanneefis haala ofeeggannoo qabuun itti deemamaa akka jiru himaniiru.

qorichi aadaa makaa zinjibilaa, loomii, qullubbii adii, feexoo, damma sanaaficii murteessaadha jedhamee fudhatamaa jiraatii kanarratti maal jettu? Doktar Gurmeessaa: Kunniin marti vaayirasii kana hinfayyisu, hinfooyyessus. Ta’us namni dhiphina qabu ykn sodaa xiinsammuu jalaa of baraaruuf gochaa raawwatuudha.Erga namoonni jedhanii dhugeen ilaala jecha jedhuun yaalii gaggeeffamuun akka qorichatti ilaalamaa jira malee kun kan gorfamu waan hintaaneef miti ilaalcha fooyya’uu maluudha.Bakkawwan tokko tokkotti alkoolii harkatti dhiqatamu obaasuun ni mul’ata. Kunis ilaalcha hamaa du’a qaqqabsiisaa jiru waan ta’eef fooyya’uu mala.Bariisaa: Vaayirasiin koronaa kun daran tatamsa’ee gaaga’ama biyyoota biroorratti qaqqabsiisaa jiru Itoophiyaarrattis akka hinfinne mootummaaf hawaasarraa maaltu eegama?Doktar Gurmeessaa: Mootummaan hojii hubannoo uumuu jalqabe itti fufsiisuun hawaasni xiyyeffannoo akka argatu taasisuu, hawaasnis isa dhagahe hojiitti hiikuun fayyasaafi maatiisaa eeggachuutu irraa eegama.Kanamalees gorsa ogeeyyota fayyaafi miidiyaan darbu hordofuun hojiitti hiikuu qaba.Darbee mootummaan meeshaalee qorannaa dhibee kanaaf barbaachisan haalaan guuttatee sakatta’insa gadi fageenya qabu taasisuun dhibamaafi fayyaa adda baasuu qaba.Kanaan ala meeshaa dhibeen kun itti

qoratamu muraasaan tatamsa’ina dhibee kanaa qorachuun tajaajila yaalaafi hordoffii yaalaa kennuun ulfaata. Vaayirasii koronaarratti leenjiin gahumsa ogummaas ogeessota fayyaaf yeroon kennuunis barbaachisaadha. Hawaasa keessattis sodaafi yaaddoon akka hinuumamne barsiisuu, dadammaqsuu, ilaalcha boodatti hafaan akka hinmiidhamne hordoffii walirraa hincinne taasisuun murteessaadha. Shororkaaif sodaan akka hafuufis namoota koronaan qabaman, du’an, yaalamanii fayyan gabaasaa deemuunis murteessaadha. Hawaasni keenya gorsa koronaarratti darbaa jiru dhagahaa hinjiru. Akkuma kaleessa dheengaddaa ta’aa jira. Manaa hinbahiinaa jedhamnaan taa’uu, harka dhiqadhaa jedhamnaan dhiqachuu, alkooliin qulqulleeffachuu aadaa godhachuu qabaata.Namni biyya keessaa du’e hinjiru jedhanii dhibicha akka waan nama hinmiineetti ilaaluun du’a fiduu waan dandahuuf of eeggachuudha.Bariisaa: Ittisni vaayirasii koronaa kun akka lafa qabatuuf maaltu ta’uu qaba jettu?Doktar Gurmeessaa: Mootummaan hir’ina meeshaa guuttatee ogeeyyota biyyaan meeshaa qorannaa baay’isuun sakatta’insa namoota hundaaf taasisuun adda baasanii yaalii guutuu taasisuun barbaachisaadha.Biyyi keenyis miidhaa dhibeen kun qaqqabsiisu biyyoota biraarraa baruun hawaasa dhibeerraa bilisa ta’e horachuuf olola dhiisee gorsaafi ajaja darbu hordofuun barbaachisaadha.

“Koronaaf hubannoo osoo hintaane...

Page 18: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 18

Wandimmaagany Ashabbiriin

Giddugalli Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa guddina qonnaa biyyattii keessatti gahee sektarri qonnaa qabu guddisuuf hojii qonnaa ammayyessuuf qo’annoo qonnaa taasisuun omisha callaa qonnaa guddisuu bira darbee sharafaa biyyaa akka argamsiisuu akkasumas Itoophiyaan wabii nyaataan akka ofdandeessuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjechaa jira.

Gidduugala Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti, daarektarri qorannoo midhaanii Dr. Taayyee Taaddasaa akka ibsanitti, gidduugalli qorannoo qonnaa Itoophiyaa wabii midhaan nyaatan akka ofdandeenyu wantootaa barbaachisan, galii sharafa biyya alaaf omishaalee gargaarsa qaban, fooyya’insa nyaataaf midhaan filatamanirratti qorannoo adda adda hojjachaa jira jedhu.

Sektarri qonnaa biyyattii waggootan 10 darban keessatti jijjirama guddaa agarsiiseera. Guddina omisha callaatiin dhibbantaa saddeetii hanga dhibbantaa 10tti guddatee jira. Haata’uti garuu guddinni mul’achaa jiru karoora qabamee jiru wajjiin yommuu ilaalamu xiqqaadha. Omishaa midhaanii waggaa waggaan omishaman keessattu ammoo midhaan nyaataa kan ta’an qamadii, boqqolloo, xaafii, mishiingaafi ruuziin fudhatamee yommuu ilaalamu akka waliigalaatti guddinni omisha callaa jiru waggaa waggaan kuntaala tokkoo kan

Qorannoo midhaan nyaataarratti taasifamu cimsuun omisha callaa guddisuudha

Fuulli kun walta’iinsa Giddugala qoranoo qonnaa Itoophiyaafi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torban torbaniin kan dhihaatuudha

hincaalledha.

Guddinni kunis guddina biyyattii wajjin walbira qabamee yeroo ilaalamu baay’ee gadi aanaa akka ta’edha kan mul’isu. Rakkoo kana hiikuuf omisha yeroo amma omishanaa jiru harka lamaan guddisuuf qorannoon adda adda hojjatama jiraachuusaanii kan himan Dr. Taayyeen, dhiyeessi callaa guddistuu wajjin walqabatee rakkoo jiru tarkaanfachuun hindanda’amne jedhu.

Kana jechuun garuu filannoon teknolojii nuti qabnu fedhii keenya hinguutan jechuu akka hintaane hubachuun barbaachisaadha jechuni kan ibsan.

Akka biyyaatti sanyiin qorannoon bahaa jiran haa baay’atan malee tajaajilaarra kan oolfamaa jiran garuu xiqqaadha. Giddugalli qofti sanyii 740 ta’an qo’annoon kan baase yoo ta’u baay’eensaanii qonnaan bulaa keenya biraa kan hingeenyedha.

Sababnisaas qo’annoo baasuufi teknolojii beeksisuu wajjin walqabatee cimina kan hinqabne waan ta’eef xiyyeeffannoon hojjachuun barbaachisa.

Teknolojiin haaraan yeroo bahu jalqabarratti fayyadamaa giddugala gochuu qaba. Teknolojiin dhihaatus qonnaan bulaa biraan gahuuf waliin hojjatamu qaba. Teknolojiiwwan haaraa bahan qonnaan bulaan akka itti fayyadamu gochuuf dhaabbileen yookaan waajjiraleen dhimmi kun ilaallatu hundi

xiyyeeffannoon hojjachuu qabu. Gidduugalli qorannoo qonnaas akka waajjira tokkootti hojii qo’annoo hojjachuun alatti qindoomina hojii uumuufis hojjachaa jira.

Giddugalli qorannoo qonnaa Itoophiyaa qorannoo midhaan nyaataarratti hojjachaa jiruun, yeroo dhihoo as bu’aalee qonnaa fayyadamuu danda’an industriiwwan adda addaa baay’achaa waan dhufaniif, guddina industiroota kana wajjiin walqabate teknoloojii haaraa baasuun faayidaa kanaaf omisha gahaa omishuun xiyyeeffannoon hojjachaa jira.

Fakkeenyaaf garbuu biqilaa, qamadii daabboofi paastaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Kanumaan walqabatee teknoloojiin haaraan bahaa jiran qulqullina qabachuusaanii mirkaneessuuf hojii ijaarsa dandeettii hojjatamaa jira.

Dabalataanis omishaalee nuugiifi saalixaa wajjiin walqabatees sanyii haaraafi teknolojiiwwan barbaachisoo ta’an bahaniiru. Omishaa sharafaa biyya alaaf gargaaran buna, boloqqeefi kanneen biroo eeruun ni danda’ama. Akkasumas qo’annoo sanyiin boqqolloo keessatti qabiyyee vitaamiinii ‘A’fi sibiila ayiranii akka qabaatu taasifamee sanyii haaraa baasuunis danda’ameera.

Qabiyyee nyaataa fooyyessuu wajjiin walqabatee qo’annoon fuduraafi kuduraarratti taasifaman hawaasa baadiyaafi magaalaa keessa jiraatan nyaata madaalamaa akka

argatan gochuun caalaatti hojiiwwan qonnaan bulaa fayyadamaa taasisan hojjatamaniiru. Giddugalli bara bajata omishaa 2011 akaakuu sanyii 36 yoo galmeessisu, bara bajataa 2012 ammoo sanyii akaakuu 18, xaafii, mishingaafi boqqolloo dabalatee galmaa’uufi.

Kaayyoon giddugalichaa, teknolojiiwwan qonnaa burqisiisuu, teknolojiiwwan burqisi ifaman qonnaan bulaaf dhiheessuufi faayidaa akka kennuu qaban taasisuu akka ta’e kan himaan daarektarichi, bu’aan qo’annoo qonnaan bulaa harka gahuu baannaan bu’aa qabeessa jechuun waan hindanda’amneef bu’aawwan teknolojii haaraan omishaaf akka fayyadan hirmaannaa hundaa akka gaafatuudha kan hubachiisan. Akka ibsa Dr. Taayyeetti, rakkoowwan sektara qonnaa keessatti argaman teknoloojii amma qabnuun furmaata kennuu ni dandeenya. Ammas taanaan rakkoowwan hiikamuu qaban ni jiru.

Gara fuuladuraatti hojii qo’annoo qonnaatiin Gidduugalli Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti hojjatamuu cimsuun qo’annoo midhaanii filatamoo ta’an shan, mishiingaa, boqqolloo, midhaan gammoojjiifi shumburaarratti sanyiisaanii fooyyessuuf hojjetamaa jira. Hojiiwwan kunniin bu’aa qabeessa akka ta’aniifi omishaaf akka qaqqaban akkasumas naannoolee hunda keessatti babal’isuuf giddugallii qorannoo qonnaa gaheesaa bahaa jira.

Ergaa Ministirri Muummeen Muutummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad waggaa lammaf-faa imala jijjiiramaa sababeeffachuun Afaan Oromootiin dabarsan qindeessinee akka ar-maan gadiitti dhiyeessineerra.

Kabajamtootafi jaalatamtoota uummattoota bi-yyaakoo

Adeemsa jijjiiramaa waggaa lammaffaa kan kabajnu gama tokkoon qormaataafi yaaddoon gama biraatiin immoo abdiin fuuldura keenyat-ti nutti mul’iataa wayita jirutti.

Biyyi keenya yeroo murteessaa abdiiwwan adeemsa jijjiiramaa waggoota lamaan darban-itti argatte lalisiisuufi, gufuuwwan ishee mu-datan immoo sirreessuuf dhama’aa jirtu kanatti diinni hinmul’anneefi addunyaa guutuu yeroo muraasa keessatti to’annoo ofii jala oolche, vaayirasii koronaa biyya keenyarraanis dhiib-baa gahaa gahaa jira.

Adeemsasaa hamma ammaatti biyyoota 200tti siqan kan waliin gahe vaayirasichi biyya keenyas seenee namoonni 29 vaayirasichaan qabamaniiru. Bor lammiilee meeqa qabuu akka malu mirkaneeffannee beekuu baannus, hundi keenya waliin tumsinee gaaga’ama gadaanaad-haan akka dhaabsifnu garuu amantii guutuu qabna.

Biyyi keenya jijjiiramaa boqonnaa jalqabaatti, ibiddi naannoo Somaaleetti humna meeshaas ta’e garajabina hamma funyaaniitti hidhatee dheebuu aangootiin jaamee nagaa naannolee ollaa booressuurra darbee fedhii hamma naan-nicha fottoqsuutti gahu qabatetu ture.

Haaluma walfakkaatuun Wallaggaafi kuta-alee Oromiyaa lixaattis saamichi baankii, ajj-

eechaan namaa, mana gubuun, daandii cufuun, mana barumsaa cufaa, jiraattota dararuufi magaalota Naqamtee, Gimbiifi Shaambuutti caasaalee mootummaa diiguun sochiin haala rakkisaa keessa galee ture.

Adeemsi jijjiiramichaa yeroo badaa kana keessas darbee amma ijaarsa Hidha Haarom-saa keenyaa saffisiisaa, pirojektota guguddoo biroos xumuruun abdiirra riibaanii kutuurra geenyeerra.

Naannoo Amaaraafi Finfinneetti guyyaa tok-kotti jaalleewwaniifi hoggantoota waraanaa keenya jaalatamofi ajjaboo haala sukannees-saadhaan dhabneerra. Asiittis achittis wayita abiddi qabsiifamaa turetti balleessaan kan ga-ree isa kanaafi isa sanaati jedhamaa naannolee adda addaatti rakkooleen gara garaa uumamaa turaniiru.

Jijjiirama kana keessa fooyya’insa dinagdee

biyyaa madde lafa qabsiisuuf hojii daldalaa si’eessuun fooyya’insa hojii biiznasii saffisaan hojii irra oolchuuf dhaabbilee faayinaansii ad-dunyaa wajjin waliin waliigalteewwan taasifa-maniiru.

Hojimaatawwan baankotaa sirreessuuf, na-geenya naannolee mirkaneessuuf sochiin ta-asifameera. Wayitii yunivaristiiwwanitti haalli baruu barsiisuu gaariin uumamee waa’ee filan-noo, badhaadhina biyya keenyaafi egereeshii yaadaa jirrutti vaayirasiin koronaa nus ta’e ad-dunyaa guutuu midate. Kanaafis jilbi keenya yoomiyyuu kan hinlaafne ta’uun isinii mir-kaneessa. Kanarrattis Akkuma ummata keenya qindeessineefi humna keenya idaanee injifan-noodhaan irra ce’uun edda gara riifoormii bi-yyoolessaa jalqabneetti yeroo gabaabaa kees-satti akka fuulleffannu shakkii hinqabu.

Vaayirasii koronaa nu dhiisaati biyyooyta lixaa dhaabbilee fayyaa cimaa hamman dhiphisaa akka jiru beeknus naannawawwan daangaatti to’annoo olaanaan taasifamaa jira; hojiifi dal-dalalli gartokkoon dhaabataniiru. Sochiin Daandiin Qilleensaa keenya gamtokkoon dhaabateera. Daldalli habaaboo biyya alaatti erguu yeroon itti deebi’ee bayyanatu ifatti haala hinbeekamneen haala rakkisaa keessa dhidhimeera. Rakkoon alergii, manufaakche-riingiifi dameewwan maallaqaa keenya irratti danqarames akka saphaatti ilaalamu miti. Rak-koon nu mudate hamaa fakkaatus walta’insaan waan hojjennuuf yeroon kun ni darba.

Jaallatamtoota ummattoota Biyyakoo! Adeem-sa jijjiiramichaa waggaa lammaffaa yeroo yaadannu, Itoophiyaa attamii haa ijaarru isa jedhu yaaduudhaan ta’uu qaba. Tokkummaan sabdaneessummaan ishee kan jabaate, bad-

haadhina gama hundaa kan mirkaneessiteefi lammiiwwansheef mijatte, invastimeentiif filatamtu, giddugala biiznasiifi dinagdee Afri-kaa Bahaa taasisuuf mul’ata of keessatti qaban-nee ta’uu qaba.

Nagaafi nageenyishee kan mirkanaa’e, gud-dina dinagdee ittifayyadama haqummaarratti hundaa’een kan walsimsiifte, Afrikaatti bak-keewwan tuuristoota hawatan filatamaa qabdu, akkasumas biyya qabeenya shee afuuraafi uu-mamaa haalaan misoomsuu dandeessu ijaaruu itti yaaduutu nurraa eegama.

Biyya abdii ifaa qabdu kanaaf milkaa’eefii arguuf dogoggoroota keenya darban irraa ba-rannee, qabeenyaa qabnu qabannee, wantoota gargar nufageessanirra kanneen walitti nud-hiyeessanirratti xiyyeeffannee adeemuu qabna. Addunyaan dorgomuuf fiigaa jira. Dorgom-nee mo’achuuf yoo barbaanne fiiguu dhiif-nee deemuun, deemuun hafee dhaabbachuun, dhaabachuun hafee rafuun tasumaa nu hin-baasu.

Biyya keenya gara boqonnaa ishiif maluuin akka geenyun amana. Kanaaf ammoo walta’iinsa hojiifi kadhannaa hunda keenya ishee barbaachisa. Carraa kanaan Itoophi-yaanonniifi dhalattoonni Itoophiyaa sadarkaa ittigaafatamummaa gandaa irra hamma feder-aalaatti jirtan, waldaaleen qonnaafi horsiisee bultootaa, giddugaleeyyiin daldalaafi, invasti-mantii, miseensonni Raayyaa Ittisaa addoota adda addaa irra jirtan, walumaagalatti dhimmi Itoophiyaa nulaallata kan jettan hundi biyya keessaniif humna keessan utuu hinqusatiin akka kennitan waamichan dhiyeessa.

Uumaan Itoophiyaa haa eebbisu!

Ni darbaa hinshakkiinaa!

Page 19: KAN GURRA QABU HADHAGA’U fuula 12 Hubannoon vaayirasii … · 2020. 4. 4. · Bara - 43 Lak. 8 Bariisaa Bitootessa 26 Bara 2012 (April 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 26 Bara 2012 20

Tashoomaa Qadiidaatiin

Dhaabbata Maxxansaa Birhaaninnaa Salaamitti maxxanfame

Atileetonni Olompikii Tokiyoof filataman dhunfaadhaan shaakaluFinfinnee: Addunyaarratti akkaakuwwan ispoortii heddutu adeemsifama. Ispoortiiwwan adeemsifaman martuu hordoftoota qabu.

Ispoortiiwwan beekamaniifi daaw’atoota baay’ee qaban keessaa tokko atileetiksiidha. Atileetiksiin akkaakuu ispoortii dadhabsiisaafi meedaaliyaawwan baay’ee argamsiisuudha.

Itoophiyaan dirreewwan olmopikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa, Taphawwan Afrikaa Guutuufi shaampiyoonaawwan atileetiksii Afrikaatti kan ittin beekamtuufi meedaaliyaawwan hedduu kan itti hamaarrattu akkaakuu ispoortii kanaani.

Itoophiyaan burqaa atileetootaa hin goginne ta’uusheetiin yeroo adda addaa Afrikaaa bakka bu’uudhaan atileetoonni ishee meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa argamsiisaniiruuf. Gootoota atileetota biyyattii duuba kan jiru ammoo mootummaa, ummatni, Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, waldaaleen ispoortiifi leenjistoonni isaanii akka jiran beekamaadha.

Kanaaf ragaa kan ta’u wayita Olompikiirratti hirmaachuudhaan isaan injifannoodhaan galan ummatni biyyattii hedduun bahee Buufatta Xiyyaaraa Biyyoolessaa Booleetii kaasee daandii bitaamirgaa dhaabachuun hanga Masaraa Mootummaatti simataa tureera. Mootummaan Itoophiyaas akkuma sadarkkaasaanitti qarshii dabalatee badhaasa adda addaa badhaasaa tureera. Dhaabbileen ispoortiis akkasuma kunnunsaa turaniiru. Keesumattu abbummaadhaan kan isaan to’atuufi bobbaasu federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa irra caalaa leenjistootaafi atileetootaaf kunnunsa addaan hincinnee gochaa tureera, ammas gochaatuma jira.

Federeeshinichi Olompikii Tokiyoorratti hirmaachuuf garee atileetiksii biyyaalessaa hoteela galchuudhaan akka qophaa’an gochuun isaa kan yaadatamuudha. Haata’u malee sababii sodaa dhukuba hamaa Vaayirasii Koronaa addunyaarratti babal’achuun Ummata fixaa jiruun

walqabatee gareen kun bittinaa’ee dhuunfaadhaan akka shaakalu godhameera.

Sababuma kanaan Ittigaafatamaan Waajira Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Biililliny Maaqoyyaa tibana Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, abiddi hamaan Vaayrasii Koronaatiin addunyaarratti ka’e hanga badutti atileetonni bittinaa’anii manatti akka galan taasifamusaa addeesaniiru.

Dhukkubichi dhala namaa diimaafi guraacha, dureessaafi hiyyeessa, beekaafi walaalaa, dhiiraafi dubartii, xinnaafi guddaa, sanyii, amantaafi siyaasaan osoo addaan hinbaasin fixaa jira. Kanarraa ka’uun mootummaan gama maraanuu of eegannoon akka taasifamu akkekachiisaa waan jiruuf federeeshinichis yeroof atileetonni gara manasaaniitti akka dacha’an taasiseera. Federeeshinichi atileetootaafi leenjistootasaanii yeroof manasaaniitti dachaasuu qofa osoo hintaane dhuunfaadhaan shaakala akka taasisaniif duuka bu’ee kan to’atu ta’u ta’uufi kanaafis qarshii miiliyoona afurii ol ramaduusaa adeesaniiru.

Ittigaafatamaan kun akka jedhanitti, koreen

hojii raawachiftuu Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa walga’ii Wiixata darbe Istaadiyoomii Finfinneetti adeemsiseen, atileetota 211fi leenjistootasaanii 56f qarshii miiliyoona afuriifi kuma shan (4,005,000) yeroo shaakalan kan itti fayadamaniif ramadameera. Kana malees hidhatni ispoortii akka kennamuuf murteesseera.

Haaluma kanaan tokkoon tokkoon atileetotaafi leenjistootaaf qarshii kuma 15 kennuudhaan shaakalasaanii akka itti fufan ta’eera jedhu.

Qarshiifi hidhani kun kan kennameef atileetota Olompikii Tookiyoo irratti fiigicha meetira 800 hanga maaraatoonitti dorgomuuf filataman 91, qophii kanaaf leenjistoota atileetoota filachiisan 27f, atileetota fiigicha gabaabaafi dirreerratti fiigan 63f, leenjistoota fiigicha gabaabaafi dirree 16, atileetota dargaggootaa bakka bu’ootaa 57fi leenjistootasaanii 13 ta’uns beekameera.

Yeroo ammaa kana dorgommiiwwan biyya alaatti gageeffaman keesumattu fiigichi gabaabaafi dirreerratti taasifaman hafusaaniitti galiin leenjistonniifi atileetonni

argatan waan xinnaatuuf federeeshinichi cinaasaanii dhaabachaa jiraachuusaa akka beekan gochuuf jedhu.

Haata’u malee atileetonni kunneen yeroo dhuunfaadhaan shaakalan kana leenjistonni isaanii akka to’ataniifi doktoronni federeeshinchaa ammoo qorannoo qoricha fara doppingi kan taasisan ta’uus himaniiru.

Gama biraan Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa yeroo ammaa kana ummata addunyaa fixaafi yaaddoo keessa galchaa kan jiru Vaayrasii Koronaa ittisuuf waamicha yeroo kan mootummaan dhiyeessen qarshii miiliyoona lamaa arjomeera. Akkasumas ijaarsa hidha gudichaa milkeessuuf ammoo qarshii miliyoona lama kenunsaa himanii, Pirezidaantiin federeeshinichaa Koloneel Atileeti Daraartuu Tulluu dhuunfaan qarshii kuma dhiba afur gumaachuusaanii adeesaniiru.

Federeeshinichi kanaan duras ijaarsa hidha guddichaaf atileetota wal taasisuudhaan qarshii miiliyoonaa heddu kenuusaa malee maqaa waajirichaatiin ammoo kuma 500 kennuusaa himanii, keennaan kun gara ful duraattis kan itti fufu ta’uu himaniiru.

- Federeeshiniin atileetiksii qarshi mil. afurii ol atileetotaaf ramade

Waldaaleen ispoortiifi kilaboonni ittisa vaayrasichaaf deggersa taasisan Finfinnee: Vaayirasiin koronaa ji’a lama dura Chaayinaa, magaalaa Huwaangiitti mul’achuun yeroo gabaabaa keessatti addunyaa walga’uun ummata fixaa jira. vaayirasichi hanga ammaatti qoricha waan hin arganneef ummata Itoophiyaafis ta’e addunyaaf yaadoo guddaa ta’ee jira. Sabababa weerara vaayrasichaatiin addunyaa irraa hanga kaleessaatti namootni kuma 53 ol lubbuu isaanii dhabaniiru. Weerarri vaayrasichaa Itoophiyaatti erga mul’atee torban sadii kan lakkoofsise yoo ta’u hanga kaleessaatti namootni 29 vaayirasichaan qabaaniiru. Vaayirasiin koronaa kun akka hin

babal’aneef ummani addunyaa qabenya, humnaafi dandeetiisaanii walitti tumsaa deggersa barbaachisu taasisaa jiru. Itoophiyaanis tamsa’ina vaayrasichaa dhaabuufi to’achuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jirti. Namootni dhuunfaa, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileefi waldaaleen gara garaas qarshii, beekumsa, humnaafi qabeenyaa isaaniitiin vaayrasicha ittisuufi to’achuu irratti deggersa cimaa taasisaa jiruHaaluma kanaan waldaaleen ispoortii, keesumaaa

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, koreen olompikii biyyaalessaa, federeeshiniin Wushuu Magaalaa Finfinnee, kilaboonni kubbaa miilaa (Qiddus Giyoorgis, Buna Itoophiyaa, Jimmaa Abbaa Jifaar) waajirri fiigicha olaanaa Itoophiyaafi kanneen biroon bajeta isaaniif ramadamerraa qarshi miiliyoona kudhanitti lakaa’amu arjomaniiru.Akkasumas kilaboonni naannoolee adda addaas qarshii, meeshaaleefi midhaan nyaataa walitti qabuudhaan koree ittisa vaayrasichaatti kennaniiru. Waldaaleen ispoorii adda addaa magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaafi kan naannolee gara garaas qarshii walitti qabuudhaan deggersa barbaachisu taasisaniiru.