mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun biiroon dhimmoota kominikeeshinii oromiyaa...

15
“Bu’aa hoggansaafi hordoffii cimaa” Bara - 43 Lak. 23 Bariisaa Adoolessa 18 Bara 2012 (JULY 25, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf! “Miira harcaatota gaaffii saba Sidaamaa gufachiisuuf yaalanii cabsineerra” Kunoo akkuma jenne otoo eenyuyyuu hinrakkisiniifi hinmiidhin haaluma karoorfanneen guutiinsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa marsaa jalqabaa milkeeffanneerra. Fulbaana dabalatee Ganni ji’oota lamaafi walakkaatu hafa. Hangi bokkaas dabalaatuma jira. Nutis Rabbi nu gargaaree hidhichi yeroo karoorfameef dursee bishaan guutee dhangala’uu eegaleera. Hidhichi biyyoota garjallaasaatti argaman ni fayyada jennee dubbachaa turreerra. Kunis kunoo gochaan mirkanaa’a. oggaa ijaarrus ta’e bulchinu Sudaaniifi Ijibti fayyaduu malee hinmiinu. Bishaan biyyoonni lamaan argataa turan otoo hinhir’atin guutiinsa marsaa jalqabaa raawwachuun keenya kanaaf agarsiistuudha. Fuula 2 Fuula 3 Fuula 2 Oromiyaatti Adoolessa 22 qofa biqiltuuwwan miiliyoona 304 dhaabuuf qophiin xumurame” Mijuu BARIISAA SANBATAAAdoolessa 18 Bara 2012 fuula 6 Koronaarratti ‘argu malee hinamanuu’ keessaa haa bahamu Taatee tibbanaafi dinagdee Sirna Gadaa Oromoo keessatti akkaataa walitti bu’iinsi itti furamu fuula 11 fuula 10 fuula 8 “Sirni atseewwanii amantii ilmaan Sidaamaa jijjiirsisuurra darbee barnoota akka hinbaranne taasisaa ture” -Obbo Dastaa Ledaamoo Yaa’iin Caffee Oromiyaa har’arraa eegalee taa’ama

Upload: others

Post on 17-Nov-2020

40 views

Category:

Documents


2 download

TRANSCRIPT

Page 1: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

“Bu’aa hoggansaafi hordoffii cimaa”

Bara - 43 Lak. 23 Bariisaa Adoolessa 18 Bara 2012 (JULY 25, 2020) Qar. 2.30

Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf!

“Miira harcaatota gaaffii saba Sidaamaa gufachiisuuf yaalanii cabsineerra”

Kunoo akkuma jenne otoo eenyuyyuu hinrakkisiniifi hinmiidhin haaluma karoorfanneen guutiinsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa marsaa jalqabaa milkeeffanneerra. Fulbaana dabalatee Ganni ji’oota lamaafi walakkaatu hafa. Hangi bokkaas dabalaatuma jira. Nutis Rabbi nu gargaaree hidhichi yeroo karoorfameef dursee bishaan guutee dhangala’uu eegaleera. Hidhichi biyyoota garjallaasaatti argaman ni fayyada jennee dubbachaa turreerra. Kunis kunoo gochaan mirkanaa’a. oggaa ijaarrus ta’e bulchinu Sudaaniifi Ijibti fayyaduu malee hinmiinu. Bishaan biyyoonni lamaan argataa turan otoo hinhir’atin guutiinsa marsaa jalqabaa raawwachuun keenya kanaaf agarsiistuudha.

Fuula 2

Fuula 3

Fuula 2

Oromiyaatti Adoolessa 22 qofa

biqiltuuwwan miiliyoona 304 dhaabuuf qophiin

xumurame”

MijuuBARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012

fuula 6

Koronaarratti ‘argu malee hinamanuu’ keessaa haa

bahamu

Taatee tibbanaafi dinagdee

Sirna Gadaa Oromoo keessatti akkaataawalitti bu’iinsi itti furamu

fuula 11

fuula 10fuula 8

“Sirni atseewwanii amantii ilmaan Sidaamaa jijjiirsisuurra darbee barnoota akka hinbaranne taasisaa ture”

-Obbo Dastaa Ledaamoo

Yaa’iin Caffee Oromiyaa har’arraa eegalee

taa’ama

Page 2: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 20122

ODUU BARIISAA

Finfinnee: Elementoota ijaarsa biyya tokkoof murteessaa ta’an keessaa seenaan ijoo waan ta’eef Itoophiyaatti hanga har’aatti akkuma madda walitti bu’iinsaa ta’eetti jira.Adeemsi kunimmoo haala kanaan ittifufnaan gara walwaraansa waliiniitti jijjiiramuu waan maluuf pirojektiin ijaarsa biyyaa akka haaraatti bocamee hojiirra oolfamuu akka qabu hayyootni seenaa irra deddeebiin gaafachaa jiru. Yunivarsiitii Finfinneetti kaadhimamaan digrii 3fa barnoota seenaa barsiisaa Kadir Maammoo ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka ibsanitti, wayita ammaa Itoophiyaan kallattiilee hundaanuu haala rakkisaafi yaaddessaa keessa jirti. Kanarraa kan ka’e akka biyya tokkootti walabummaashee tikfattee ittifufuuf rakkoon nageenyaa yeroodhaa yerootti ishee mudachaa jira.Sababootni rakkoolee nageenyaa ammoo hedduu yaa ta’an malee caalaatti adeemsa ijaarsa biyyaarratti waliigalteerra gahuu dhabuun hariiroon sabootaafi sablammootaarratti dhiibbaa

Pirojektiin ijaarsa biyyaa akka haaraatti bocamuu qabaTakkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti raawwii hojii Ashaaraa Magariisaafi duula biqiltuu dhaabuu bara 2012tiin Adoolessa 22, bara 2012 guyyaa tokkotti magaalotaafi baadiyyaatti biqiltuuwwan miliyoona 304 dhaabuuf qophiin xumuramuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ibse.

Biirichatti Hogganaanaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan damee Qabeenya Uumamaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii akka ibsa dheengadda kennaniin jedhanitti, naannichatti Roobii dhufu guyyaa tokkotti aanaalee 290fi magaalota 19 keessatti biqiltuuwwan miliyoona 304 dhaabuuf qophii gahaan taasifameera.

Duula biqiltuu dhaabuufi Ashaaraa Magariisaa baranaatiin akka Oromiyaatti biqiltuuwwan biliyoona 3.2 dhaabuuf karoorfame keessaa biiliyoona 2.2 (%70) dhaabameera. Hanga yoonaatti lammiileen miliyoona 6.6 dhaabiinsa biqiltuu kana irratti kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera.

Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, barana akka nama dhuunfaatti biqiltuuwwan akaakuuwwan gara garaa kuma 500 qopheessuun gatii madaalawaan gabaaf dhiyeessaa kan jiran ta’uufi kanneen keessaa biqiltuuwwan kuma shan maatii, ollaafi hojjettoota isaanii waliin kan dhaaban ta’uu himaniiru.

Hanqinni dhiyeessa biqiltuu bara darbe mudate barana akka nama dhuunfaatti

Finfinnee: Yaa’iin idilee 12fa, waggaa 5fa, bara hojii Caffee 5fa Caffee Oromiyaa har’a Adoolessa 18 bara 2012 irraa eegalee akka taa’amu Waajjirri Caffee Oromiyaa beeksise.Gorsaa olaanaan, Afyaa’ii Caffichaa Obbo Habtaamuu Damisee akka himanitti, Caffeen Oromiyaa yaa’iisaa kanaan ajandaalee adda addaarratti ni mari’ata, gabaasa raawwii karoora bara 2012 qaamolee raawwachiistotaarratti baldhinaan qoratee ni raggaasisa. Yaa’icharratti kallattiin karoora qaamolee mootummaa kan bara 2013 dhiyaachuudhaan tokko tokkoon irratti mari’atamee akka raggaasifamus himaniiru.Karoora qaamolee mootummaa kan bara 2013 keessaa kan qaama raawwachiisaa, seera baasaa, hiikaafi mana hojii odiitara muummichaas akka dhiyaatus dubbataniiru.Kana malees, wixineen labsiiwwan adda addaa erga miseensonni baldhinaan irratti mari’atanii booda ni raggaasifama jedhaniiru. Wixineen labsii bajata dabalataas dhiyaatee kan irratti mari’atamu yoo tahu, bajanni karoora hojiilee mootummaa bara 2013 ittiin raawwatuus Caffeef dhiyaatee erga bal’inaan irratti mari’atamee booda ni raggaasifama jedhan. Dabalataanis wixinee labsii bishaaniifi dhangala’aa Naannoo Oromiyaa murteessuuf baherratti mari’atamee ni raggaasifama jechuusaanii eeruun kan gabaase OBN.

Oromiyaatti Adoolessa 22 qofa biqiltuuwwan miiliyoona 304 dhaabuuf qophiin xumurame

biqiltuuwwa miliyoona walakkaa akkan qopheessuuf na kakaaseera kan jedhan Obbo Tashoomaan, hojiin biqiltuu dhaabuu baranaa hanga Hagayyaatti kan itti fufu ta’uu

ta’a. Hojiin misooma magariisaa milkeessuu dhimma lubbuun jiraachuufi dhiisuu waan ta’eef namni hundinuu dirqama isaa bahachuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

guddaa geessisaa akka jiru dubbataniiru. Keessummaa ammoo paartiileefi xiinxaltootni siyaasaa biyyattii, hayyootniifi dargaggootni marti seenaa Itoophiyaarratti waliigaltee uumuu waan hindandeenyeef sadarkaa walballeessuufi waldiiguurra qaqqabuu danda’eera jedhan.Kanaaf ammoo furmaatni tokkoofi tokko jiru pirojektii ijaarsa biyyaa akka haaraatti bocuun hojiirra akka oolfamu gochuu akka ta’e eeraniiru. Elementoota ijaarsa biyyaatiif murteessaa ta’an keessaa seenaan isa ijoo waan ta’eef, seenaan biyyattii haaromfamee barreeffamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Mootummaanis hayyoota ummattoota hundaa bakka bu’an waliin ciminaan hojjechuu akka qabus gorsaniiru.Seenaan Itoophiyaa karaawwan sadiin ilaalamee hiikamuu danda’a kan jedhan barsiisaa Kadir, kunis mootota Itoophiyaa kaabaa, bahaafi kibbaa jedhamuun beekamaa turan. Sirnootni mootummaa gara Itoophiyaa kaabaa turan caalaatti aadaafi duudhaa kiristaanummaa leellisaa waan turaniif sirna eenyummaa tokkee (seenaa, aadaa, amantii afaaniifi duudhaa) qofa babal’isuuf hojjechaa turan jedhan. Faallaa kanaan ammoo Itoophiyaa bahaatti hawaasni musliimaa waan baay’atuuf sulxaanotni Islaamaa mootummaasaanii babal’isuuf hanga giddugaleessa biyyattiifi Wallootti daldalaa akka turan yaadachiisaniiru.Itoophiyaa kibbaatti ammoo sabootniifi sablammootni hedduun walqixxummaafi bilisummaasaanii eegsifachuuf sirna Gadaa Oromoo jalatti walitti dhufuun bulaa turuusaanii eeraniiru.Falaasamni bulchiinsa mootummoota sadeeniis waliif faallaa waan ta’eef humna mootummoota alaa dabalachuun waldhiibaa turaniiru jedhan. Yeroo ammaas haalliifi

Yaa’iin Caffee Oromiyaa har’arraa

eegalee taa’ama

sadarkaan siyaasaa biyyattii walcaalmaa yaa qabaatu malee adeemsisaa kan duriin walfakkaataa akka ta’e ibsaniiru.Adeemsi siyaasaa jaarraa 18fa dura tureefi jaarraa 21fa kana keessa jiru ammoo waantota hundaanuu garaagarummaa bu’uuraa waan qabuuf gara siyaasa qajeelaafi qaroomina qabuutti dhufuun dhaloota boruuf bu’aa guddaa qabaachuunsaa hubatamuu qaba jedhan. Kanaaf ammoo seenaan Itoophiyaa pirojektii ijaarsa biyyaa haaraa bocamee hojiirra oolfamuu qabu keessatti ofeeggannoon haaromsanii barreessuun sirba dirqamaati jechuun gorsaniiru. Kana booda eenyummaa sabootaafi sablammootaa ukkaamsuun/ hacuucuun gara diigumsaatti kan geessu ta’uunis beekamuu qaba jedhan.Paartileen morkattootaas hundarra seenaan ummattoota Itoophiyaa walkeessa galaa ta’uu hubatanii, karaa waliin jireenya isaaniirratti dhiibbaa hingeessisneen kaayyoo, sagantaafi immaammata qaban qopheeffachuufi beeksifachuu akka qaban gorsaniiru. Dargaggootni biyyattii martis yaada, karoora, gaaffiileefi komii qaban mara karaa nagaatiin mootummaaf dhiyeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Barsiisaa Kadir Maammoo

Suur

ri Iy

yoob

Taf

ariit

iin

Page 3: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012 3

Hawaasaa: Sabni Sidaamaa gaaffii ofiin of bulchuu gaafachuu kan jalqabe har’a osoo hintaane waggoota 130 lakkoofsiseera. Isa dura Sidaamaan ofiin of bulchaa ture. Cunqursaa sirni Atseewwanii irratti raawwachaa tureen walqabatee mirga ofiin of bulchuusaa kan mulqame sabni Sidaamaa qabsoosaa finiinsuun har’a yeroo mirgasaa kabachiifachuuf ka’utti gaaffichi kan sabichaa akka hintaaneetti kan kaasan jiru.

Humnoonni kunniin warra sabicha saamuuf aggaamaniifi harcaatota raacitii sirna Atseewwanii (mootummaa tokkee) ijaarra jedhanii fiigan ta’uu dubbatu Hoogganaan Biiroo Dhimma Nageenyaafi Tikaa Naannoo Sidaamaa Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos.

Yeroo darbe Sidaamaan rakkoolee gara garaa keessa darbuudhaan naannoon 10ffaa Itoophiyaa taatee hundaa’uun injifannoo guddaa ta’uu kan himan Obbo Alamaayyoon, harcaatonni tokko tokko gaaffii sabichaa maseensuuf hojjetaa turaniiru. Harcaatonni gaaffii sabichaa barootaaf ukkaamsaafi jeequmsatti jijjiiraa turan har’as uummaticharraa nyaachaa shira diigumsaa xaxaa kan jiran ta’us gaaffiin eenyummaafi ofiin of bulchuu saba Sidaamaa rakkoolee gara garaa keessaa darbee har’a milkaahina argateera jedhu.

Gaaffiin sabichaa deebi’ee erga sochiin caasaalee diriirsuu eegalamee boodas harcaatonni imalichi akka hinmilkoofneef

rakkoolee nageenyaa uumuuf carraaqqii guddaa taasisaa turuu himanii, paartiileen ‘EZEMA, BALDERAS,TPLF’ gaaffii mirgaa sabni Sidaamaa wareegama qaalii itti kaffalaa turee gonfate kana maseensuun gara jeequmsaatti jijjiiruuf shira xaxaa turaniiru. Paartiileen kunneen Sidaamaan biyya sabaafi sablammiin keessa jiraatan taatus sabaafi sablammiin akka waliin hinjiraanneef hojjetaa jira jechuun saboota gidduutti jibba facaasuun rakkoo nageenyaa uumuuf fiigaa kan turan ta’uu himu.

Paartiileen kunneen keessumaayyuu guyyaa pirezedaantiin moottummaa naannoo Sidaamaa itti muudamuufi murteewwan adda addaa itti darbanitti sirnicha gara jeequmsaatti jijjiiruuf kufanii ka’aa turan kan jedhan Obbo Alamaayyoon, hirmaannaa humnoota nageenyaafi hawaasaatiin shirri diinaan xaxamaa ture utuu hinmilkaa’in hafeera jedhu.

Paartiileen maqaan isaanii armaan olitti eeraman saamicha dur saba Sidaamaarraan gahaa turan deebisuuf warreen abjootan ta’uu himanii, sabni Sidaamaa mirga ofiin of bulchuu kan argate kadhatee osoo hintaane heerri mootummaa waan eeyyameefiifidha. Mirgi ofiin of bulchuu sabichaas saba biraa kan miidhu osoo hintaane kan fayyaduudha. Sabni Sidaamaa aadaa sabaafi sablammoota gara garaa hammatee waliin jiraachuu kan qabu ta’uufi aadaan kun gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Sidaamaan akka naannootti hundeeffamuun

“Miira harcaatota gaaffii saba Sidaamaa gufachiisuuf yaalanii cabsineerra”Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos

Waasihun Takileetiin

sabaafi sablammoota biroof yaaddoo osoo hintaane humna kan jedhan Obbo Alamaayyoon, kaayyoon harcaatota sirna mootummaa tokkee yoomiyyuu akka hinmilkoofneef humnootni nageenyaa of kennanii hojjechaa jiraachuufi sabni Sidaamaas injifannoo argate akka agartuu ijasaatti kunuunfachaa ollaasaa wajjinis nageenya buusee kan jiraatu ta’uu himaniiru.

Sabni Sidaamaa barootaaf sabaafi sablammoota gara garaa hammatee wajjin jiraachaa ture har’a mirga ofiin of bulchuu waan argateef saboota biroo of keessaa ni ari’a jedhanii yaaduun dogoggora ta’uu himanii, humnoonni sirna mootummaa tokkeen saba bal’aa Sidaamaafi naannoo saboota, sablammootaafi ummattoota Kibbaa

Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos

ODUU GAMAA GAMASII

akka bittaaf tolutti tokkoomsuuf yaalan yoomiyyuu hinmilkaa’an jedhu.

Injifannichi seeraan akka kunuunfamuufi shirri harcaatotaas akka hinmilkoofneef naannichi poolisiifi humna addaa mataasaa ijaarrachuutti kan deemu ta’uu himanii, naannoon kamiyyuu mirga humna addaafi poolisii naannoo ijaarrachuun nageenyasaa eeggachuu kan qabu ta’uus eeraniiru. Humnoonni nageenyaa kanaan dura sadarakaa godinaatti turanis hanga ijaarsi sadarkaa naannootti gaggeeffamutti humnoota nageenyaa naannoolee saboota, sablammootaafi Ummattoota Kibbaa waliin kan hojjetan ta’uus eeraniiru.

Humnoonni kunneen shira harcaatota sirna mootummaa tokkee uummattoota Kibbaa keessatti babal’isuuf yaalaniif obsa kan hinqabne ta’uu himanii, qaamni kamiyyuu karaa dimokiraatawaa ta’een qabsoosaa gaggeessuu osoo danda’uu hookkora uumuun ergama siyaasaasaa milkeeffachuuf kaachuun balaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee gama kanaan mul’atan furuuf naannoolee ollaa wajjin hidhata obbolummaa uumuun murteessaa ta’uus eeraniiru.

Nageenya naannoo Sidaamaafi Oromiyaa gidduu jiru daran cimsuun fayyadamummaa ummata naannoolee lameenii mirkaneessuuf yoomiyyuu caalaa cichanii kan hojjetan ta’uu kan himan Obbo Alamaayyoon, kunimmoo shira diinni jeequmsa uumuuf xaxu maseensuu keessatti bakka olaanaa kan qabu ta’uus dubbataniiru.

Misiraachichi kan ummatoota biyyoota sululichaa maraatisiGuutiinsa marsaa jalqabaa hidha guddichaa milkaa’inaan xumuramuun misiraachoo biyyoota sululichaa hunda dabalatooti. Ummatoonni Itoophiyaa baga gammadda. Milkaa’inni kun humnoota naannawa keenya madda nagaafi tasgabbii gochuuf dhama’aniif injifannoo guddaadha.Hidhi keenya duubatti akka hindeebine gochaan mirkanaa’eera. Kun Itoophiyaafi Itoophiyaanotaaf dhimma seenaqabeessa. Abjuun keenya dhugoomaa jira. -Pirezidaantii Mootummaa RFDI, Saahilawarqi ZawudeeDubbii gochaan utubameKunoo akkuma jenne otoo eenyuyyuu hinrakkisiiniifi hinmiidhiin haaluma karoorfanneen guutiinsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa marsaa jalqabaa milkeeffanneerra. Fulbaana dabalatee Ganni ji’oota lamaafi walakkaatu hafa. Hangi bokkaas dabalaatuma jira. Nutis Rabbi nu gargaaree hidhichi yeroo karoorfameef dursee bishaan guutee dhangala’uu eegaleera. Hidhichi biyyoota garjallaasaatti argaman ni fayyada jennee dubbachaa turreerra. Kunis kunoo gochaan mirkanaa’a. oggaa ijaarrus ta’e bulchinu Sudaaniifi Ijibti fayyaduu malee hinmiinu. Bishaan biyyoonni lamaan argataa turan otoo hinhir’atiin guutiinsa marsaa jalqabaa raawwachuun

Guutiinsa bishaanii marsaa jalqabaa hidhichaarratti eenyutu maal jedhe?Charinnat Hundeessaatiin

keenya kanaaf agarsiistuudha.Barri kun bara maatii haaromsaa ittihundeeffannu yoo ta’e gaariidha. Maatiin haaromsaa kunis waantota sadii milkeessuun irraa eegama. Isaanis maallaqa ijaarsa hidhichaa ittiin xumurru walitti qabuu, ashaaraa magariisaa kaa’uufi bara haaromsaa arguuf vaayirasii koronaarraa of eeguu.-Ministira Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi AhmadJijjiiramuu siyaasa bishaanii Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa humna maddisiisuun cinaatti siyaasa bishaaniin walqabatee kan jijjiireedha. Odeeffannoo dogoggoraa Ijibti hidhicha ilaalchisuun dhageessisaa jirtu sirreessuuf hojiin diippiloomaasii cimaa hojjechuu barbaachisa.Ijibti hidhichi sodaa nageenyaa idil addunyaa

ta’uu danda’a jechuun biyyoota Arabarraa deeggarsa argachuuf hojjechaa jirti. Hojiin Komiiniikeeshiii waa’ee hidhichaa bifa gurmaa’eefi qindaa’een durfamuun ejjennoo sirrii Itoophiyaa addunyaaf ibsuuf hojjetamuu qaba.-Ministira Muummee Ittaanaa, Obbo Dammaqaa Makonnin Kaayyoo dhugoomaa jiruHidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatiin bishaaniin guutamuun daa’immanii hanga maanguddootaa, qonnaan bultoonni, daldaltoonni, hojjettoonni mootummaa, dhalattoonniifi lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan deeggarsa taasisaa turaniiru. Kaayyoon cichoomasaaniis dhugoomuu mirkaneeffachaa jiru. Hidhichi marsaa jalqabaatiin bishaaniin guutamuusaatiinis baga gammaddan, baga

gammanne. Tarbaayinoota hidhichaa yeroo dhiyootti sochoosuunis dukkanni saaqamee, ifatti ni geeddarama.Dheebuu misoomaa biyya keenya baasuun seenaa haaraatti ni ceena. Ammas ni hojjenna; waan karoorfanne maras galmaan ni geenya. Mul’anni keenya kan hinfashalledha; humna dannabeen injifachuu akka dandeenyu mul’isneerra.-Pirezdaantii BMNO Obbo Shimallis AbdiisaaAgarsiistuu waa danda’uuGuutiinsi marsaa jalqabaa Hidha Haaromsaa haala milkaa’een gaggeeffamuun qaamota hindandeessan nuun jechaa turaniif danda’uu keenya kanittiin agarsiisneedha. Hiikni milkaa’ina kanaa lammiilee Itoophiyaatiifis ta’e kanneen birootiif salphaa miti. Qormaanni pirojekota akkanaa jalqabanii xumuruu ulfaataa ta’us Itoophiyaanonni kana danda’uun keenya bu’aa guddaadhaa.Milkaa’ina argameen boonuu qofa otoo hintaane wantoota hunda jaalalaafi mariidhaan gochuu barbaachisa.-Pirofesar Bayyanaa PheexiroosPirezidaantonni naannolee kaaniifi kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Injiinar Taakkalaa Uumaa akkasumas dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa ergaa baga gammadnee dabarsaniiru. Kana malees abbootiin amantii, abbootiin Gadaafi namoonni dhuunfaan gammachuusaanii haalota gara garaatiin ibsataa jiru.

Page 4: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012 4

Bariisaan Guraandhala bara 1969 hundaa’e.

Torbanitti al tokko, guyyaa Jimaataa,Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin

maxxanfamaa ture. Waxabajjii 1,2011 irraa eegalee Sanbata maxxanfamaa jira.

Gulaalaan Charinnat Hundeessaa

Lak.Bilbilaa [email protected]

[email protected]:Kutaa Magaalaa Nifas Silki

Laaftoo, Aanaa 12

Qopheessitootni:Saamraawit GirmaaNatsaannat TaaddasaaTashoomaa QadiidaaTakkaalliny GabayyooBayyanaa IbraahimWaasihuun Takilee

Ethiopian Press Agency

Ijoo Dubbii

Adeemsisaa Hojii Bil. 011-126-42-22Kutaa Beeksisaa:

Bil. 011-156-98-65Raabsa Gaazexaa Bil.011-157-02-70

Faaksii Kutaa Qophii 251-011-1-5698-62

L.S.P [email protected]

Dhaamsa Bariisaa

GumaachitoonniHamiltan Abdulaaziiz Dachaasaa Roorroo Alamaayyoo Hayilee Zarihun GabreeDoktar Gurmeessaa Hinkoosaa

Guutiinsa hidhichaarratti jecha gochaan waa’elchameMinistirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad dhiyeenyuma

ji’a tokko dura dhimma guutiinsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisuun Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti ibsa ittaanu kennanii

turan.

Ijaarsi hidhicha yeroo qabameef keessatti waan hinxumuramneefi harkifateef Itoophiyaan tokko tokkoo waggoota jahan jalqabaatti qarshii biliyoona tokko dhabdeetti.

Erga ijaarsa hidhichaa jalqabnee as hojii dippilomaasiirratti qormaanni cimaan akka baranaa nu mudatee hinbeeku, wayta hojiin ijaarsa hidhichaa qoosaa turetti qormaannisaas qoosaa ture. Hojiin ijaarsasaa cimee ittifufnaan ammoo qormaanni dippilomaasiisaas ulfaataa ta’eera.

Hidhicha badii jalaa baraarreerra. Hojiinsaa amansiisaa ta’ee waan ittifufeef Ganna baranaa bishaan meetir kuubii biliyoona 4.9 qabachuu dandeenya. Waan hidhicha hojjenneef biyyi miinu hinjiru.

Kan jechaa jirru lammiileen keenya ibsaafi bishaan hinarganne haa fayyadamaniidha. Kun ammoo mirga keenya bu’uuraa eenyurraayyuu hinkadhanneedha. Hoggansi jijjiiramaa hidha haaromsaa xumuree ummatatti ni kenna. Seenaas ni hojjeta jedhanii turan.

Akkuma jedhaniin walakkeessa Adoolessaatti otoo ummanni biyyattii oduu jalqabamuu

guutiinsaa eegaa jiruu haala hinyaadamneen missiraachoo, “Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa ijaarsisaa hirmaannaa lammiilee biyyattiitiin geggeeffamaa jiru kun Adoolessa 12 bara 2012 halkan keessaa sa’aatii 4:00 irratti guutiinsi bishaanii marsaa jalqabaa guyyoota 12 keessatti raawwatamee dambal’uusaa ibsan.

Bishaan hidhame kanaanis tarbaayinoonni lama bara dhufu anniisaa elektirikii maddisiisuun kan eegalamu yoo ta’u, hojiin ijaarsaas ittifufeera.

Hojiin ijaarsa hidhichaa otoo hindandeessan jedhamnuu deeggarsa nama tokkoo malee danda’uu keenya agarsiisuun keenya gammachuu dachaa kan nama gonfachiisuudha. Sadarkaa kanarra ga’uun hidha guddichaa kun seenaa keessatti ibsituu gootummaa keenyaa taasifnee kan ittifayyadamnuudhas.

Hidhichi kana booda miila lamaan dhaabachuu keenyaaf agarsiistuu ta’ee kan tajaajiluufi hojiin hojjetanii boqonnaa tokkorraan ga’uun gammachuu guddaa nama gonfachiisuu ta’uusaatiif mallattoo guddicha. Marsaan jalqabaa guutiinsa hidhachaa haala kanaan waca tokko malee milkaa’inaan xumuramuun misiraachoo misiraachoo caaluudha.

Ijaarsi hidichaa maal keessa darbee sadarkaa kanarra akka ga’e kan beekan lammiileen biyyattii, dhaabbileen mootummaafi mitimootummaa daran gammadaniiru, gammachuusaanii kanas dhandhamaa injifannoo ittaanuuf waadaa galaa jiru.

Biqilootni wabii jiruufi jireenya dhala namaafi bineensotaati. Biqilootni madaala qilleensa naannawaa eeguu keessattis gahee olaanaa qabu. Haata’u malee qabeenya uumamaa kanatti seeraan ala fayyadamuudhaan akka addunyaattis ta’ee biyya keenyaatti garmalee manca’anii badaniiru. Sababa kanaanis haalli qilleensa addunyaas ta’ee biyya keenyaa jijjiirameera. Sababuma kanaan gammoojjummaan babal’ateera; hanqinni roobaas mudateera. Hangi bishaan lafa keessaafi lafa irraas hir’ateera. Dhiqama biyyee mudateenis omishaafi omishtummaan qonnaa akka hir’atu taasiseera.Rakkoolee bosona ykn biqiloota garmalee ittifayyadamuu ykn ciruudhaan ofitti fidne jalaa baraaramuuf keessumaa bara 2000 as waggaa waggaan sagantaan biqiltuuwwan adda addaa dhaabuu geggeeffamaa jira. Baranas akka biyyaatti biqiltuuwwan gosa gara garaa biliyoona shan dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Waanti guddaan hubatamuufi sirriitti hojiirra ooluu qabu garuu biqiltuuwwan dhaabuu qofa osoo hintaane akka daa’imaatti eeguufi kunuunsanii guddisuudha. Yeroo ammaa aadaan biqiltuuwwan dhaabuu babal’achaa jira. Aadaan biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuus daran babal’achuufi guddachuu qaba.Biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuuf keessumaa hawaasni naannawaa gahee olaanaa qaba. biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuu jechuun tuttuqqii namaafi beelladoota irraa bilisa gochuu, aramaadhaan akka hindhaalamne taasisuu, dallaa itti ijaaruu, yoo barbaachise ammoo bishaan obaasuufi itti shooggaruu of keessatti qabata. Kunuunsi kun keessumaa hanga biqiltuuwwan dhaabaman guddatanii mataa namaafi bineensotaa bira darbanitti cimee itti fufuu qaba. Naannawa aadaan bosonaafi biqiloota kunuunsuu itti babal’atee jirutti ammayyuu

Biqiltuuwwan dhaabuu qofa osoo hintaane eeguufi kunuunsuus aadaa haa godhannu

Natsaannat Taaddasaatiin

dacheen magariisa uffattee argamti. Hanqinni roobaas naannoowwan kunneenitti daran babal’atee hinjiru. Dhalootni ammaa labata borii dachee magariisa, haala qilleensaa mijataa qabdu dhaalchisuufi darbees irraa fayyadamuuf hojii biqiloota dhaabuu, eeguufi kunuunsuu irratti xiyyeeffatee hojjechuutu irraa eegama. Bosona ciranii balleessuun hojii daran salphaadha. Lafa bosonni irraa ciramee bade deebisanii misoomsuun garuu hojii cimaafi yeroo dheeraa gaafata. Nuti xiqqaatus bosonaafi biqiloota abbootiin keenya nuuf dhiisanii darbanirraa fayyadamaa jirra. Nutis qabeenya bosonaa jiru eeguufi kunuunsuudhaan lafa bosonni irraa ciramee bade ammoo deebisnee biqiltuuwwaniin uwwisnee misoomsuudhaan ofii keenyaaf qofa utuu hintaane dhaloota ittaanuufis nama yaaduufi hojjetu ta’uu qabna. Hojiilee misooma magariisaa waggoota muraasaa as raawwatamaa jiraniin qabatamaan bu’aaleen adda addaa argamaa jiru. Gabbinni biyyeefi maddawwan bishaaniis fooyya’aa

jiru. Haalli roobaas fooyya’aa jira. Tulluuwwan, gaarreeniifi bakkeewwan bosonni irraa ciramee bade yeroo ammaa biqiltuuwwaniifi margaan uwwifamanii argamu. Kuni ammoo dhiqama biyyee ittisuufi omishtummaa qonnaa guddisuu keessattillee gahee olaanaa qaba waan ta’eef hojiin misooma magariisaa mirkaneessuu cimee ittifufuu qaba. Hojiin biqiltuuwwan dhaabuu magaalotaafi baadiyyaa biyyattiitti bal’inaan geggeeffamaa jiru kun biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuudhaan irra kan deebi’u yoo ta’e malee hojii misooma magariisaa mirkaneessuun hindanda’amu. Kanaafuu kaka’umsi biqiltuuwwan dhaabuu irratti mul’achaa jiru eeguufi kunuunsuudhaanis irra deebi’uu qaba. Walumaagalatti, biqilootni bu’uura jiruufi jireenya dhala namaafi bineensotaa waan ta’aniif jiraachuuf jecha eeguufi kunuunsuun dirqama keenya ta’uusaa hubannee qabeenya bosonaa qabnus sirnaan itti fayyadamuu qabna.

Page 5: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

MijuuBARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012

fuula 6

Koronaarratti ‘argu malee hinamanuu’ keessaa haa

bahamu

Taatee tibbanaafi dinagdee

Sirna Gadaa Oromoo keessatti akkaataawalitti bu’iinsi itti furamu

fuula 11

fuula 10fuula 8

“Sirni atseewwanii amantii ilmaan Sidaamaa jijjiirsisuurra darbee barnoota akka hinbaranne taasisaa ture”

-Obbo Dastaa Ledaamoo

Page 6: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012 6

Takkaalliny Gabayyootiin

AADAAFI AARTII

Sirni Gadaa Oromoo sirna bulchiinsa hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa waan ta’eef akkuma Afrikaattuu sirna qindaa’aa durii qabee ummatni bal’aan jiruufi jireenyasaa keessatti ittigargaaramaa turedha.Ummatni Oromoo jaarraa hedduurraa kaasee karaa bilisa ta’een nageenya hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeesaa mirkaneeffachuuf, akkasumas walabummaa isaa eegsifachuuf sirna Gadaatti dhimma bahaa tureera. Bu’uurarraa walitti bu’iinsi hanga dhalli namaa dachee kanarra jirutti kan hinhafne yoo ta’u, akkasuma ammoo gatiin nageenyaa tooftaa itti walitti bu’iinsi furamurratti hundaa’ee garaagarummaa guddaa kan qabudha.Seenaadhuma dhala namaa keessattis walitti bu’iinsi taatee haaraa akka hintaane ni beekama. Kana jechuun ammoo hamma waliin jireenyiifi hariiroon dhala namaa jirutti sababoota garagaraatiin walitti bu’iinsi yoomillee kan mudatuufi uumamuu maluudha. Maddi walitti bu’iinsa addaddaa danuu yoo ta’u, yeroo baay’ee garuu fedhii namootni qabanirraa kan maddu ta’uusaa hayyootni tokko tokko ni ibsu. Pirofasar Asmaroom Laggasaas waggoota kudhanii oliif sirna Gadaa Oromoorratti qo’annoofi qorannoo taasisaa turaniin kanuma mirkaneessaniiru. Walitti bu’iinsa eenyummaas ta’e kan biroo furuuf ammoo duudhaaleen sirna Gadaa Oromoo keessa jiran hundarra murteessoo akka ta’anis ibsaniiru.Akkaataan itti walitti bu’iinsa to’ataniifi furanis naannawaarraa naannawaatti garaagarummaa yaa qabaatu malee galmisaa garuu nageenya waaraa buusuu akka ta’e irratti waliigalama. Akka waliigalaatti ammoo si’a ilaalamu walitti bu’iinsi karaa lamaan kan furamuudha. Kunis karaa idileefi al idilee jedhamuun beekama.Walitti bu’iinsi karaa idilee furamu rakkoon mudate tokko erga karaa qaamolee nageenyaa adeemsa seeraa hordofee qoratameen booda gama mana murtiitiin murtoon dhumaa akka itti kennamu taasifama. Adeemsi haqaa gama kanaan kennamu garuu yeroo baay’ee loogiirraa bilisa waan hintaaneef kenniisa haqaarratti dhiibbaa olaanaa akka qabu beekamaadha.Walitti bu’iinsi karaa al idileen furamu garuu durirraa kaasee hawaasuma bal’aan bakkuma waldhabiinsi uumametti hojiirra kan ooludha. Sirni Gadaa Oromoo keessattis akkaataan walitti bu’iinsi itti hiikamu sirna ammayyaa’aa irra kan caalu ta’uusaa qorannootiin kan irra gahame yoo ta’u, dhugaan lafarra jirus kanuma mirkaneessa. Kunimmoo waldhabiinsa mudate furuurra darbee nageenyi waaraafi hariiroon ummataa ittifufiinsa akka qabaatu gochuu keessattis qooda olaanaa qabaachuu isaati. Sirni Gadaa Oromoos abbootii Gadaafi haadha Siinqeetiin gaggeeffamee hojiirra waan oolfamuuf qaawwa seerota biyyattii guutuu keessattis gahee olaanaa kan qabudha. Qaamoleen kunneenis iddoo walitti bu’iinsi uumame tokkotti walgahuudhaan

Sirna Gadaa Oromoo keessatti akkaataawalitti bu’iinsi itti furamu

bifa jaarsummaa, sirna gumaa baasuufi waliigaltee uumuutiin kan qaamolee waldhaban gidduutti araara buusan waan ta’eef adeemsisaa hawwataadha. Kunis caalaatti walitti dhufeenya hawaasni bal’aan jiruufi jireenya keessatti qabu caalaatti kan cimsuudha.Sirni Gadaa Oromoo dhaabbata dimokiraasii caalaa qindaa’aafi ammaayyaa’aa waan ta’eef, bulchiinsa mootummaa dimokiraatawaa ta’e uumuufi misooma waliigalaa si’eessuu keessatti qooda olaanaa qaba. Qabeenya uumamaa kunuunsuufi walitti bu’iinsa karaa nagaatiin furuufis shoora inni qabu xiqqaa miti.Duudhaaleen sirnicha keessa jiranis hedduu waan ta’aniif, walitti bu’iinsi uumame kamuu karaa abbootii Gadaatiin hojiirra akka oolfaman taasifama. Sirni Gadaa Oromoo nageenya waaraa mirkaneessuurra darbee ummattootni qabeenya akka horatan, walgargaaraniifi diina waloo walta’insaan walirraa akka faccisan taasisuu keessattis qoodnis guddaadha.Egaa ummatni Oromoo Itoophiyaa keessatti bal’ina waan qabuuf wayita gosootaafi saboota gidduutti waldhabdeen uumamu seera Gadaatiin furamaa kan tureefi jirudha. Bu’uurarraa garuu sirna Gadaa Oromoo keessatti walitti bu’iinsi kamuu kan jajjabeeffamu miti.Yunivarsiitii Wallaggaatti barsiisaan barnoota seenaa Doktar Darajjee Hinnahuu yaaduma irranatti eerame kan cimsan yoo ta’u, waliitti bu’iinsi mala jireenyaa hawaasa bal’aa keessattiifi qaamolee lama gidduutti uumamu ta’uu dubbatu. Maddootni walitti bu’iinsaas hedduu yaa ta’an malee si’a baay’ee fedhiin namaa daangaa waan hinqabneef olaantummaa eenyummaa gonfachuuf, qoqqoodinsaafi ittifayyadama qabeenyaarratti, akkasumas faayidaa aangoo ummataa argachuurrattis waldhabdeen uumamuu mala jedhu.Sadarkaan ulfaatina walitti bu’iinsaa maatii, namoota dhuunfaa gidduutti, sirna bulchiinsa mootummaafi paartilee morkattootaa gidduutti, akkasumas hawaasa bal’aa keessatti uumamu garaagarummaa kan qabu yoo ta’u, akkaataan itti waldhabdeen isaanii itti furamus haaluma bilchina isaanii waliin kan deemu ta’uusaa dubbatu.Fakkeenyaaf, akkuma dhirsaafi niitiin waliin jireenya yaadaarratti waldhabuu danda’an, mootummaan Itoophiyaafi Gibxis

ittifayyadama bishaan laga Abbayyaarratti yaadaan waldhabaa jiraachuusaanii ilaaluun ni danda’ama. Waliin jireenya hawaasaa keessattis abbummaa qabiyyee lafaarratti, ittifayyadama kaloofi qabeenya bishaanirratti waldhabdeen uumamu martuu karaa nagaan yoo hinfuramne balaa guddaa kan geessisu ta’uusaa himu.Sirni Gadaa Oromoo ammoo bu’uurarraa nageenya ummataaf iddoo olaanaa waan qabuuf, waldhabdee uumaman maraa furuuf waliigaltee ammayyaa’aa kamirrayyuu filatamaa ta’uu ibsu. Sirna kana keessatti haaluma sadarkaa waldhabdeetiin malli itti furamu garaagarummaa qabaa jedhanii, waldhabdeen dhirsaafi niitii gidduutti uumamu yeroo baay’ee naannawaa jiraatanitti jaarsummaatiin akka furamu taasifama. Waldhabdeen sadarkaa maatiitti uumamu ammoo maanguddoota ollaa jiraataniin osoo bulchiinsa Sirna Gadaa bira hingahiin dhumachuu akka danda’u dubbatu.Malli kunis ummata Oromoo biratti hedduu waan beekamuuf bulchiinsa Sirna Gadaa keessatti akka fakkeenyaatti fudhatamuun hojiirra kan ooluudha. Kunis caasaa sirna Gadaa Oromoo ta’ee sadarkaa xiqqaarratti maanguddootni biyyaa rakkoo abbaa manaafi haadha manaa gidduutti dhalate adda baasuutiin walitti araarsaniidha. Erga walitti araarsanii boodas hariiroofi fakkiin waliin jireenyasaanii maal ta’uu akka qabus tarreeffamee kan beeksifamu ta’uus himu. Kunimmoo dhirsaafi niitiis ta’e namoota dhuunfaa sababoota addaddaatiin walitti bu’an walitti fayyisuuf humna waan qabuuf hundarra mala filatamaadha jedhu.Wayta walitti bu’iinsi gosa tokkoofi kan biraa gidduutti uumamee lubbuun darbus akkaataan sirna Gadaa keessatti walitti araarsan seera mataasaa qaba kan jedhan Doktar Darajjeen, kunis sirna gumaa baasuun dirqamadha. Namni tokko itti karoorsee beekaa ykn akka tasaa nama gosasaa keessaa hintaane tokko yoo ajjeese sirna gumaa baasuu raawwachuun dirqama ta’uusaati. Haalli adabbiin itti kennamu garuu badii ykn ajjeechaa raawwatamerratti kan hundaa’udha. Kunis namni tokko yoo beekaa nama biraa ajjeeseera ta’e sirna gumaa baasuu waliin adabbiin kennamu akkasuma ulfaataa yoo ta’u, akka tasaa taanaan garuu sirna gumaa baasuu waliin dhiifamaan irra darbamee hawaasaatti araarfamaa jedhu.

Haaluma walfakkaatuunis walitti bu’iinsa sabootaafi sablammoota gidduutti uumamuu malanis akkaataa itti gadi taa’anii furan jiraachuus ni eeru. Kanaanis Sirna Gadaa Oromoo keessatti madda waldhabdee adda baasuun fudhachuu, furmaatasaa tarreessuufi dhumarratti ammoo waliigaltee uumuufi gara araaraatti deemuun akka dirqamaatti ilaalamaa jedhu. Fakkeenyaaf, wayta Booranniifi Koonsoon, Gujiifi Sumaaleen, Walloofi Affaar, Karrayyuufi Affaar, akkasumas Oromoofi Amaarri lafa margaa, albuudaafi ittifayyadama bishaaniirratti waldhaban irra caalaatti duudhaaleefi safuu Sirna Gadaa keessa jirutti fayyadamanii furachaa akka turan dubbatu. Kunis adeemsa keessa akka inistitushinii tokkootti baramee waan jiruuf fulduratti mootummaatiin jajjabeeffamee deemuu akka qabu gorsu.Sirna Gadaa Oromoorraa kan baratamuu qabu tokko obsa qabaachuudha kan jedhan Doktar Darajjeen, aadaa taa’anii rakkoo mudate tokko furuun murteessaadha. Aadaan walqixxummaatiin yaada waljijjiiruufi waldhaggeeffachuus amaleeffamuu akka qabu himu. Kuni marti ammoo sirnaan hojjiirra oolfamnaan rakkooleen nageenyaa kutaalee biyyattii garagaraa keessatti mudachaa jiranillee salphumatti kan furaman ta’uus eeru.Walitti bu’iinsotni iddoowwan garagaraatti uumamaa jiranis yaadaafi ejjennoo paartileen siyaasaa qabanirraa kan maddeedhaa jedhanii, kanaaf dursa hojiilee misoomaa sabootaafi sablammoota cimsee walitti hidhu hojjechuun murteessaadha. Hariiroo eenyummaa isaaniis yeroodhaa yerootti walitti fidanii ijaaruun furmaata waaraa ta’uusaa dubbatu.Sirni Gadaa Oromoo duudhaalee kanneen akka waliif obsuu, walitti araaramuu, nageenya waaraa buusuu, walgargaaruu, waliin misoomuufi kkf. ofkeessaa qaba jedhanii, rakkoon nageenyaa mudates kallattii kanaan furamuu akka qabu gorsu. Qaamoleen gochoota badii raawwatanis seeratti akka dhiyaatan yaa godhamu malee hawaasa balaa yeroo dheeraaf karaa nagaan waliin jiraachaa tureefi jiru gidduutti walshakkiin akka uumamu ta’eeraa jedhu. Kanaaf ammoo iddoowwan rakkoon nageenyaa mudatan marattuu sirna araaraa raawwachuun dirqama ta’uusaa gorsu. Maangudootni biyyaas qooda isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamu.Dimshaashumatti, Sirni Gadaa bulchiinsa dimokraatawaa hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa Oromoo calaqqisiisu waan ta’eef waliin jireenyaafi tokkummaa ummata Oromoos ta’e biyyattii cimsuuf shoora olaanaa qabaachuusaa hubatamuu qaba. Walitti bu’iinsota sadarkaa addaddaatti uumamanis karaa nagaatiin akka furaman gochuu keessattis maloota ammayyaa’aa caalaa filatamaa ta’uusaa argannoo qorannoo hayyootaan mirkanaa’eera. Kanaaf beekamtii argatee caasaa mootummaa keessatti akka dhaabbataatti hundeeffamuu akka qabus irra deddeebiin gaafatamaa waan jiruuf hojiitti hiikuun murteessaadha.

Page 7: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

KEESSUMMAA BARIISAA7

“Sirni atseewwanii amantii ilmaan Sidaamaa jijjiirsisuurra darbee barnoota akka hinbaranne taasisaa ture”

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012

Waasihun Takileetiin

Sabni Sidaamaa saba guddaa aadaa, duudhaa, amantiifi eenyummaa sabboonummaan ibsamu kan qabu ta’us, waggoota 130 oliif dhiibbaa sirna gabroomfataa atseewwaniifi Dargiin dararaa hamaa jala tureera.

Sabni kun amantii matasaa osoo qabuu sirnoota ateewwaniitiin dirqamaan cuuphamaa amantiisaa akka jijjiiru taasifameera.

Kana malees afaan, aadaafi duudhaasaa akka hinguddifanneef dhiibbaa irra qaqqabaa tureen eenyummaasaa ganamaa gatee afaaniifi aadaa sirna gabroomfataa akka dhaalu taasifamuun qorqalbiin ilmaan Sidaamaa jaarraa tokkoo oliif jaamfameera.

Har’a garuu aarsaa qaalii ejjettoowwan baasaniin sun hundi hafee, sabni Sidaamaa aadaafi duudhaasaa ganamaatti deebi’ee mirga ofiin of bulchuu gonfateera.

Injifannichi ilmaan Sidaamaa wareegamaniif yaadannoo seenaa ta’ee kan hafu yoo ta’u, kan lubbuun jiraniif galtee miira kutannoo jaalala eenyummaasaaniif qaban kan itti hidhatan ta’ee tajaajila.

Gaazexaan Bariisaas mirga ofiin of bulchuufi qabeenyasaarratti abboomuu sabni Sidaamaa argate kana ilaalchisuun gaafdeebii Prezedaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa, Obbo Dastaa Ledaamoo waliin taasise akka armaan gadiitti dubbistootasaatiif dhiyeesseera.

Bariisaa: Dhiibbaan sirna atseewwanii saba Sidaamaa hammaam miidheera?

Obbo Dastaa: Daran suukanneessaadha. Sidaamaan saba guddaa ofiin of bulchaa ture ta’ee osoo jiruu cunqursaa atseewwaniirraa kan ka’e saba amantii, afaan, aadaa, duudhaafi eenyummaasaa dhabee tureedha.

Sirnichi ofittoo ta’uusaarraa kan ka’e olaantummaa saba tokkoo dagaagsuun qorqalbiin saba Sidaamaa akka jaamu taasiseera. Cunqursaa sirnoota kanaan walqabatee waggaa 130f saba hiraarsaa tureedha.

Bariisaa: Sabni Sidaamaa amantiisaa akka jijjiiru godhameera jechaa jirtuu?

Obbo Dastaa: Eeyyee Sidaamaa Waaqa tokkichatti amana. Innis isa utubaa malee dhaabateedha.

Kun ta’us sirni gabroomfataa ateewwanii kun ulee bulchiinsa abaarsaa sabicharratti kaaseen ilmaan Sidaamaa dirqamaan cuuphsisuun amantii biraa akka hordofan dirqisiisaa tureera.

Bariisaa: Sabni Sidaamaa dinagdeen akka kufu, midhaan nyaataan akka of hindandeenye ‘ciisanyaa’ jedhamee sirnoota atseewwanii dirqamaan akka tajaajilu taasifamaa turuun himamaatii, kun dhugaadhaa?

Obbo Dastaa: Kun gaaffii maalii qaba? Sirni atseewwaniis ta’e Dargiin saamicha humnaafi qorqalbii sabaa jaamsuurratti adda dureedha.

Sidaamaan dinagdeen akka hinjabaanneef

guyyoota torba keessaa jaha mootota atseewwaniif tokko ofiif akka hojjetu taasifamaa tureera.

Kana malees lafa abbootiisaarraa dhaale kanarrattis abbummaa dhabuun hojjetee maxxantoota kana tajaajilaa tureera.

Sidaamaan lafasaa qotee beela jalaa bahuu osoo dandahuu, maqaa ‘ciisanyaa’ jedhamutti mogga’een omishaaleesaa sirna gabroomfataatiif galii gochaa tureera.

Bariisaa: Torbanitti guyyaa tokko qofa akka ofii hojjetu wayta taasifamaa turetti jireenyi ummata Sidaamaa akkam ture?

Obbo Dastaa: Qabeenya ofiirratti ‘ciisanyaa’ jedhamnaan gabroomuun qixa. Guyyoota torbee keessaa guyyaa tokko, innuu guyyaa Sanbataa qofa ofiif hojjechuun alatti kan hafe guyyoota hojii jahan sirna gabroomfataatiif hojjetaa ture.

Galii inni argatus lubbuunsaa akka hinduuneef yeroo butachuu qofaaf kan oolu ture. Haalichi hadhaa’aa ta’uusaarraa kan ka’e qabsoon warraaqsa ejjettoo akka dhalatu taasise.

Saamichi humnaafi qabeenyi kunimmoo Sidaamaan dinagdeen akka hinfooyyofne taasisuun lafarraa akka badu, barnoota ammayyaarraas akka fagaatu godhamee doofummaan liqimfamee akka hafu taasifameera.

Bariisaa: Sirna atseewwaniin booda Dargiin wayita aangootti dhufu Sidaamaan carraa barnoota ammayyaa hinargannee?

Obbo Dastaa: Lakki lakki kan akka Dargii qorqalbiifi eenyummaa saba Sidaamaa lafaa balleesse hinjiru. Sidaamaan barnoota ammayyaa akka hinarganne sirnoota taasisaa turan keessaa sirni nama nyaataa Dargii isa tokko.

Sabni Sidaamaa Dargii keessa barnoota argate jira jechuun ni ulfaata. Sana caalaa akkuma dur barame hojii humnaa hojjetaa mootota sooraa ture boodas Dargii akka sooru godhamaa tureera.

Yoo dhugaa haasofne ilmaan Sidaamaa barnoota ammayyaa kan argachuu dandahan bara Dargii caalaa bara Atsea Hayilasillaaseeti.

Sirna sana keessa shamarran Sidaamaa mimmiidhagoo ta’an fudhatamanii barnoota ammayyaa akka argatan taasifamaniiru. Kunimmoo agarsiistuu gama barnoota ammayyaatiin Sidaamaan argateera jedhamu keessaa isa tokko.

Kun ta’us sirnoonni darban kunneen Sidaamaan eenyummaasaa ganamaa guutummaatti akka dhabu cunqursaa guddaa irraan gahaa turaniiru.

Bariisaa: Fooyya’insi sirni Dargii

sabichaaf fide hinjiru jechuudhaaree?

Obbo Dastaa: Dargiin wayita aangootti dhufu dhaadannoo “Lafti qonnaan bulaaf” jedhamu qabatee ture. Yeroo sanatti Sidaamaan lafasaa saamame argachuuf sirnicha deeggarus “waancaan dhiqamus farsoon sanuma” akkuma jedhamu abdii saba Sidaamaa fooyyessuu hindandeenye.

Sirna atseewwaniin olitti Sidaamaan akka hinbaranne, dinagdeen akka hinfooyyofne, eenyummaansaa akka dhabamsiifamu duula Dargiin Sidaamaarratti gaggeesse hammaataa ture.

Bariisaa: Cunqursaa sirna gabroomfataa eenyummaa sabichaa dhabamsiisaa ture kana ofirraa qolachuuf qabsoo ilmaan Sidaamaa taasisaa turan maal fakkaata?

Obbo Dastaa: Ilmaan Sidaamaa sirna eenyummaasaaniirratti dudduufe kana ofirraa qolachuuf aarsaafi wareegama qaalii gara garaa kaffalaa tureera. Humnoonni qabsoo hadhaahaafi wareegama qaalii kana baasaa turanis Ejjettoo jedhamuun beekamu.

Isaan kunneen sirnoota kanaaf diddaa agarsiisuun eenyummaan ganamaa saba Sidaamaa bakkatti akka deebihu gochaa turaniiru. Isa kanaafis waggaa 130 ol lakkoofsisaniiru.

Bariisaa: Qabsaa’onni ejjettoo kun waggaa 130 qabsaa’uun kun obsa isaan hinfixachiisnee laata? Maaliif umrii sirnichaa gabaabsuu dadhaban?

Obbo Dastaa: Gaaffii gaariidha. Sirni gabroomfataa atseewwaniis ta’e Dargiin

humna meeshaan biyya bulchaa turaniidha. Kunimmoo nafxanyummaadha.

Meeshaa waraanaan ummata nagaa dhama’ee bulu, mirga namaatti hinbuune ari’anii akka bineensaa ajjeesaa boquun sabichaa ol akka hinjenne godhaniiru.

Haalli hammaachaa dhufnaan Sidaamaanis meeshaa waraanaa bitachuun akkasumas meeshaa aadaa ‘shaamfoo ykn bodee’ jedhamu fudhatee riphee lolaa ta’uun bosona galee nafxanyoota kana haleeluun jibbinsasaaniif qabu agarsiisaa tureera.

Qabsaa’onni riphanii lolaa turan kunneen maqaa ejjettoo jedhamuun beekamu.

Bariisaa: Qabsaa’onni maqaa ejjettoo jedhamuun waamamaan har’a kan uumamaniidhamoo duruu turaniiru?

Obbo Dastaa: Ejjettoon maqaa qabsoo dargaggoota jaalala biyyaaf qabsaa’aniidha.

Dargaggoonni kunneen qabsoo jaalala biyyaaf taasisan kana keessatti lubbuusaanii osoo hinmararfatiin jaalala lammiisaaniif aarsaafi wareegama kan baasaniidha.

Har’as maqaan kun maqaa warraaqsaa ta’ee tajaajilaa kan jiru yoo ta’u, injifannoo ofiin of bulchuu har’a argame kanaaf bu’uura kan buuseedha.

Bariisaa: Warraaqsi qabsoo ejjettoo kaleessaa hanga har’aa taasifame kanaaf galata galchuun alatti galmeen seenaa akka isaan yaadatuuf maal hojjechuuf karoorfattan?

Obbo Dastaa: Injifannichi bu’aa qabsoo

-Obbo Dastaa Ledaamoo

Page 8: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

8 BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012

wareegama qaalii ejjettoowwanii bara dheeraati. Lubbuun itti wareegameera, lafeen dargaggoota hedduu itti cabeera. Isa kanaafimmoo yaadannoo bara baraa akka ta’uuf siidaan ni ijaarama.

Bariisaa: Warraaqsi ejjettoo kun waggoota 100 ol lakkoofsisuunsaa maaliifi, maaf gabaabbachuu dadhabe?

Obbo Dastaa: Sidaamaan meeshaa waraanaa ammayyaa hinqabu ture. Kanarraa kan ka’e umriin qabsichaa akka dheeratu godheera.

Kanamalees warraaqsichi akka gufatuuf sirni gabroomfataa kun ilmaan Sidaamaa hawaasa fuulduratti ajjeesaa, fannisaa tureera.

Gochi gara jabummaa akkasii kun ummaticha sodaachisuuf tarkaanfii fudhatamaa ture ta’us kaayyoo ummatichaa maseensuun hindandahamne.

Bariisaa: Uummanni Sidaamaa amantii mataasaa akka qabu himama. Isa kana garuu dhiibbaa sirna gabroomfataan dhabaa dhufuu odeeffama kun hammam dhugaadha?

Obbo Dastaa: Sirni atseewwanii qorqalbii ummata Sidaamaa jaamseera kan jedhamuufis sababuma kana fa’iifi. Sidaamaan jalqabaa kaasee waaqa tokkichatti amana ture.

Ganama barii ka’ee gaafa harka dhiqatu gara waaqaa ol ilaalee kan nagaan na bulchite nagaan na oolchi, irraa gora daddarba na oolchi jedhee kadhatee jiruusaatti bobbaha.

Sirni gabroomfataa akka aangoo qabateen Sidaamaan humnaan cuuphamee amantiisaa akka dhiisu taasifameera. Soomas akka soomu amantii haaraas akka hordofu labsiin itti baheera.

Bariisaa: Dirqama amantiisaanii akka dhiisan wayta cuuphamanitti, humnaan akka sooman wayta taasifamanitti callisanii ilaalaa turanii?

Obbo Dastaa: Akkuman duraan sii kaase diddaa qaban agarsiisuuf dhokatanii haleellaa gaggeessaa turaniiru. Kana malees wayta ayyaana Fiichee Cambalaalaa kabajutti sirbaan quuqaasaa ibsachaa hawaasas diddaaf kakaasaa tureera.

Bariisaa: Afaan keessan dammaan qabee maalfaa jedhanii sirbaan hawaasa dadammaqsaa turan?

Obbo Dastaa: Sidaamaan dirqama amantiisaa dhiisee sooma akka soomu wayita taasifametti “Xoomii hero xoomi, xoomiro xoomoo, alattii doomii, xoomii hero ishii, hasha marta waranka, lishi Miniikki, Giddoo nooni” jechaa sirbaan ergaasaanii dabarsaa turan.

Hiiknisaa yoo humnaan soomi siin jedhan guyyaa soomii halkan gara mana keetti gaafa galtu garuu waan qabdu nyaadhu, halkan kan si argu Waaqa keen alatti kan si argu hinjiru jechaa sirbaan walijaaraa turaniiru.

Bariisaa: Akkuma sila nuu kaastan Sidaamaan carraa barnootaa akka hinarganne dhiibbaan sirna gabroomfataa itti fe’amaa ture kan furamuu eegale yoomi? Haala kamiin?

Obbo Dastaa: Bara 1940 keessa dhufaatii amantii Pirotestaantiin walqabatee carraan barnootaa sidaamaaf banamuu eegale. Kun ta’us abbootiin ilmaansaanii mana barnootaa galchan hidhamaa hiraarfamaa turaniiru.

Warreen mootota jala deemaa turan akkasumas dargii jalatti kanneen aangoo qaban ilmaansaanii barnoota argachuu dandahaniiru. Innuu ilmaan Sidaamaa fayyaduuf yaadamee osoo hintaane, bittaaf haala mijeeffachuuf shira sirnoonni

gabroomfataa ittifayyadamaa turaniidha.

Gochichi Sidaamaa muraasa kan fayyadan fakkeessuun saba bal’aa gabroomfachuuf siyaasa dhokataa gaggeessaa turan.

Sirnichi daran Sidaamaa hiraarsuusaatiin warraaqsi Walda’amaanu’el Dubbaalaa Hankarsoon durfamu warraaqsa dhooseen diddaan hammaachaa tureera.

Goonni kun fedhii ilmaan Sidaamaa kana dhugoomsuuf qabsoo hadhaa’aa biyya keessaafi alatti taasisaa turee darbus sochiinsaa dhalootaan dhaalamee har’a ija godhachuu danda’eera.

Bariisaa: ADWUIn aangootti akka dhufeen Sidaamaan mirga qabsaa’aafii ture sana hindhuunfannee?

Obbo Dastaa: Sidaamaan zooniin ijaarame malee mirga ofiin of bulchuu qabsaahaafii ture sana dhuunfachuu hindandeenye. Kunimmoo qabsichi akka ittifufu taasiseera. Carraan afaan ofiin barachuu hamma tokko milkaa’ina argatus gaaffiin ilmaan Sidaamaa hindeebine. Inni ijoon isa har’aa kana ture.

Har’a garuu kan du’u du’ee kan qaamaan hir’ates hir’atee Sidaamaan naannoo ofiin of bulchitu taatee ijaaramteetti.

Bariisaa: Gaaffiin Sidaamaa ofiin of bulchuu qofa moo kan biraa jira?

Obbo Dastaa: Akka ummataatti gaaffiin biraa jiraachuu dandaha. Inni guddaan mirga ofiin of bulchuu argachuudha. Kaanimmoo bulchiinsa kana jalatti hojii hojjetamu hamma ta’etti kutannoo siyaasaatiin kan deebihu ta’a.

Dhaloonni nu booda jiru kun gaaffii yeroo wajjin deemu gaafachuu dandaha. Kanaan alatti Sidaamaan citee biyya ta’uuf fedhii hinqabu. Sabaafi sablammiilee Itoophiyaa keessa jiran waliin ta’uun walqixxummaan jiraachuuf ummata kutannoon hojjetuudha.

Bariisaa: Qabsoon ilmaan Sidaamaa dhumeera jechuudhaa?

Obbo Dastaa: Mirgasaatti kan bu’u yoo jiraate kabachiifachuuf qabsaahuunsaa hinoolu. Fakkeenyaaf mootummaan abbaa irree kan deebihu taanaan ofirraa qolachuuf duubatti hinjedhu. Ofiin of bulchuu argadheera jedhee alseerummaafi faayidaasaa kan hubu jiraannaan duubatti jedha jedhanii yaaduun dogoggora.

Kun hojii manaa dhaloota boriiti. Hanga kun hintaanetti garuu mootummaan walqixxummaa sabaafi sablammiitti amanu yoo jiraate faana dhaabatee Itoophiyaa hunda walqixxummaan keessummeessitu ijaaruu keessatti kutannoon hirmaata.

Bariisaa: Qabsoon saba Sidaamaa kana boodaa maal ta’a?

Obbo Dastaa: Dimokiraasiin akka babal’atu, alseerummaan akka dhabamsiifamu, mootummaan filannoon hundaahu akka jiraatuufi abbaan irrummaa akka dhabamsiifamu warraaqsa dimokraasii gaggeessa.

Bariisaa: Sidaamaan bu’aa har’a ofiin of bulchuu argate kana of harka galchuuf qabsoo dimokraatawaa gaggeessaa tureera jettuu?

Obbo Dastaa: Eeyyee qabsoo dimokraatawaa gaggeessaa tureera. Kun kan jedhameefis gaaffiin sabichaa heeraan kan deeggarameedha. Isa kana dhugoomsuufimmoo adeemsawwan deemamuu qaban hunda deemnee guyyaa kana arguu dandeenyeerra.

Adeemsi kun dimokraatawaa ta’uu manni maree karaa deemuu qabu deemeera, hiriirri nagaa dubartootaan, dargaggootaan gaggeeffamu raawwatameera.

Ta’us gaaffiin ilmaan Sidaamaa deebii hatattamaa dhabuusaarraa kan ka’e dargaggoonni akeekkachiisa deebii hatattamaa barbaanna jedhuun hiriira gaggeeffameen miidhaan qabeenyaafi lubbuurra gahe olaanaadha. Kunimmoo gatii waan nu kaffalchiiseef dogoggora.

Bariisaa: Saboonniifi sablammiileen biroo akkuma keessan carraa ofiin of bulchuu argachuuf qabsoorra jiran jiru isinirrraa maal barachuu qabu?

Obbo Dastaa: Nuyi karaa dimokraatawaas ta’e miti dimokraatawaa deemneen bu’aas miidhaas arganneerra. Dimokraatawaa ta’uun miidhaa malee bu’aa qabsoo dhandhamuu fiduu dandaha.

Yaaliin hokkoraan ofiin of bulchuuf taasifamu dinagdee miidha, hawaasummaa huba, siyaasa galma dhabsiisa. Kanaaf kan gaaffii mirgaa qabu kamuu dimokraatawaa ta’uun irraa eegama.

Yeroon kana jedhu saboonniifi sablammiileen gaaffii mirgaa hinqaban jechuukoo osoo hintaane gaaffii mirgaa heeraan deeggarame dhuunfachuuf gatii hinbarbaachisne kaffaluun hinbarbaachisu jechuudha.

Mootummaan amma aangoorra jiru federaalizimii sabdaneessaa dhugoomsuuf hojjetaa waan jiruuf dimokraatawaa ta’anii yoo qabsaahan milkaahuun nidandahama isa jedhuufi.

Bariisaa: Warraaqsa ofiin of bulchuu taasisaa turtan keessatti sochicha gufachiisuuf humnoonni kaatan hinjiran turanii?

Obbo Dastaa: Dimokiraatawaa ta’uun barbaachisaadha kanin jedheefis tokko kanuma.Warraaqsa kana dahoo godhachuun ergama diinummaa kan gaggeessan jiru.Fakkeenyaaf humnoonni sirna mootummaa tokkee sabaaf sablammiitti maxxanuun saamuu baran sirnaafi injifannoo akkasii dhagahuu hinbarbaadan.

Humnoonni kunniin saamichaan jiraachaa waan turaniif har’as sirni akkasii akka lafa qabatu waan watwaataniif qabsoon taasifamu dimokraatawaa ta’uun dirqama.

Warraaqsa dimokraatawaa kana hokkoratti geeddaruun gaaga’ama qabeenyaa, aarsaa lubbuu kaffalamuuf sababa ta’aa kan jiran harcaatota sirni federaalizmii summii itti ta’eefi raacitii duriin socho’uu barbaadan ta’aniif of eeggannoon ni barbaachisa.

Bariisaa: Sidaamaan warraaqsa ofiin of bulchuu dhuunfate kana milkeeffachuuf deeggarsa faayinaansii eessaa argate?

Obbo Dastaa: Qabsichi qabsoo nama dhuunfaa osoo hintaane kan saba bal’aa ta’uusaatiin hundumtuu waan qabu arjoomee qarshii miliyoona 30 ol walitti qabuun hojichi gaggeeffame.

Ummanni keenyas qabsicha onnee guutuun deeggaraa waan tureef waakkii tokko malee sabbatasaa hiikuun deeggarsa barbaachisu taasisee injifannoosaa dhandhamaa keessummaasaa gaggeeffateera.

Bariisaa: Kallattiin qabsoo ilmaan Sidaamaa kana booda maalirratti xiyyeeffata?

Obbo Dastaa: Qabsoon keenya kana boodaa qorannoofi karoora rakkoo hiikuu dandahu ummaticha wajjin hojjechuun raaree hiyyummaa keessaa dhaloota baasuudha.

Dargaggeessi hedduu naannoon ijaaramuuf qabsaahaa turuunsaa fayyadamummaasaa mirkaneeffachuuf waan taheef rakkoo hojidhabdummaa hudhaa itti ta’e furuuf kutannoon hojjechuudha.

Bariisaa: Hariiroon fuulduraa ummata Sidaamaafi sabootaafi sablammiilee

Sidaamaa keessa jiran waliin jiru maal ta’uu qaba?

Obbo Dastaa: Egaa kana booda Afaan hojii waajjiraalee mootummaa naannoo Sidaamaa Sidaamiffa qofa. Naannoon hundaahuuf gaaffii wayita gaafannu qabeenya uumamaa hawaasichi qabu giddugaleeffanneeti. Kun ta’us saboonniifi sablammiileen nu waliin jiran nurraa adda bahu jechuu miti.

Hariiroon keenyaa kan kanaan duraa caalaatti cimee ittifufa. Afaan hojii Sidaamiffa ta’uusaatiin sabni qollifannaan irra gahu, kan dhiibamu hinjiraatu.

Afaan hojii naannichaa kan dandahu sabni kamuu ni keessummaaha. Ogeessi fayyaa naannoo Sidaamaa keessatti hojjetu Sidaamaa qofa otoo hintaane hunda kan hirmaachiseedha.

Bariisaa: Qaamonni isin gaddisiisanis ta’e itti gadditan jiraa?

Obbo Dastaa: Qaamonni tokko tokko sabni Sidaamaa naannoon ijaaramuu akka hinqabne miidiyaan qabsoo gaggeessaa turaniiru; fakkeenyaaf miidiyaan ‘ESAT’. Isaan kanatti gaddinee turre. Ta’us kaayyoonsaanii maali isa jedhu xiinxallee erga ilaallee adeemsasaanii sana bishaan nyaachisnee caallee argamuu keenyaaf gammanneerra.

Humnoonni kun sirna mootummaa tokkee saamichaaf mijatu ijaaruuf kan carraaqan waan turaniif shirasaaniitti dammaqnee taphaa ala isaan gooneerra.

Bariisaa: Mootummaan Naannoo Sidaamaa mirga ofiin of bulchuu argate kana kunuunsee dhaloota dhufutti dabarsuuf poolisiifi humna addaa mataasaa kan qabaatu yoomi?

Obbo Dastaa: Egaa kana booda Bulchiinsi Mootummaan Naannoo Sidaamaa erga mirkanaahee kaasee Hawaasaan magaalaa guddoo naannichaatti.

Sidaamaan naannoon erga hundaahee poolisii idilee, humna addaa mataasaa akka qabaatuuf hojii ittifufiinsaa adeemsarra jiruudha. Hojiin kun heeraan kan deeggarame waan taheef nageenyaafi sochii lammiilee mijataa ta’e lafa qabsiisuuf xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetama.

Bariisaa: Sochii Itoophiyaan qabeenya uumamaashii hidha laga abbaayyaatti fayyadamuuf taasistu deeggaruu keessatti sochiin Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Sidaamaa akkamiin ibsama?

Obbo Dastaa: Qabeenyichi kan sabootaafi sablammiilee Itoophiyaa hanga ta’etti garaagarummaan hinjiraatu. Humna ijaarsa hidhichaarratti aggaamamu kamuu obboloota keenya waliin ta’uun ofirraa qolachuuf kutannoofi humna qabnuun kaleessas har’as hojjetaa jirra. Aarsaa barbaachisu kaffaluufis ejjennoon keenya cimaadha.

Bariisaa: Dhumarratti investaroota dachee magariituu Sidaamaa keessatti misooma babal’isuun ofis ta’e dargaggoota naannichaa fayyaduuf yaada qabaniin maal jettu?

Obbo Dastaa: Sidaamaas ta’e sabni biraa naannachatti misoomarratti bobbahee hojjechuu barbaadu kamiifuu anaa dhufu jennee simanna.

Bariisaa: yaada bal’aa nuuf kennitaniif maqaa Gaazexaa Bariisaatiinin isin galateeffadha. Bara hojii gaarii isiniif haa ta’u.

Obbo Dastaa: Injifannoo cululuqaa qabsoo hadhaahaa ilmaan Sidaamaatiin argame ummata kaan biraan nuu gahuu keessaniif isinillee galatoomaa!

Page 9: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 20129

YAADA BILISAA Hamiltan AbdulaaziizAfaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii Finfinneerraa

digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa dhunfaadhaan hojjeta

Yaada barreessaaf qabdaniif karaateessoo ‘e-mail’ isaanii

barreessuufii ni dandeessu.

Ashamaa jenne!Jirra jirtuu maatiin Bariisaa? Ganni kun akkami?

Barreeffama koo hardhaatiin waggaa baranaa isa amma xumurree gaggeessuuf jennu kanan taajjabuuf

barbaadee maal jettu? Isinumtuu yoo na taajjabuu baattan turtii waggaa tokkoo barreeffama fuula tokkootiin taajjabuuf qalama koo fudhe. Torbeewwan lamaan sadan darban keessa dhimmoota waytaawoo tokko tokko tuttuquuf yaaleera. Hardha matahidha bara ulfaataa kanaa xinxaluufan yaadaan abbalee gurraafi qalbii naa ergisaa.

Dhugaa dubbachuuf bara akka bara 2012 ulfaataa argee hinbeeku jireenyan dabarse keessatti. Wanti hunduu fuggisoo bara itti ta’eedha anaaf. Balaa uumamaafi namtolchee xiqqaarraa hamma guddatti dabarsineerra. Hammeenya dhalli namaa walirratti hinraawwanne yemmuu walirraan geenyu argineerra. Gochaa badii walirratti raawwanne kanaanis nutti mufachuu hin oolle fakkaataa Waaqayyos balaa dhibee waggaa dhibba tokkoof addunyaan argee hinbeekneen nu rukuteera. Humna akka hin qabneefi humni kan Waaqayyoo akka ta’e nuuf addeessee jira. Ammayyuu nuu galaa hinjiru malee.

Egaa otuma galaana gadadoo kana daaknuu, otuma dhoqqee badii keessa gangalannuu tokko lama jechaa ji’a kudha tokko xumurree kudha lammaffaa balbalarra geenyeerra. Gamaan waggaan haaraan fuulatti nu deemaara. Hammam keenyatu bara haaraa miira haaraadhaan simachuuf of qopheessinee Waaqa qofatu beeka. Hundumaafuu Dukkana Gannaa walakkaa jirra. Hagayya gungumee dukkanasaa buusuuf, isa darbeef dhaamsa laatee isa dhufuuf akeekkachiisuuf akkasumas qophii simannaa bara Haaraatiif gamanumaa akka of kurfeessinu gochuuf haalduree isaa waan xumurate fakkaata.

Barri baranaa bara koronaa jedhamee otoo moggaafamee maal isinitti fakkaata? Bara 2012 jedhamuunsaa hafee. Namni mormu jira hinsehu. Dhibeen bara kana keessa nutti dhufe kuni jaarraa hedduu keessatti waan dhalli namaa argee hin beeknee fi gama hundaanuu balaa haaraa ta’uusaa mamii hin qabu. Dhalachuu fi akka abiddi bonaa battalumatti babal’achuunsaas addunyaadhaaf baasa addaa ti. Beekkumsi Ilmi namaa gama saayinsii hammayyaa ittisaafi waldhaansa dhibeetiin irra gahee ol ta’uunsaa ammoo dukkana daangaa hinqabneen liqimfamuun keenya sirriitti kam addeessuu dha. Yaa jamaa dhibee jiraafi du’aa namaatis addaan fooyee, kophaa nama baasee tokko tokkoon nu funaanuuf nutti dhufe. Turtiisaa yeroo walakkaa waggaa hin caalle keessatti namoota walakkaa miliyoonaatii ol ta’an lubbuu galaafateera. Miliyoona kudha afuritti kan siqan ammoo dhibee kanaan faalamanii “nan fayya moo hinfayyuu” gidduutti akka raafaman taasiseera.

Bara Fuggisoo

Gama biraatiin hoomaan hawwaannisaa takkaa argamee hinbeekkamne waraana nurratti baneen garmalee haleellaan cimaan nurra gaheera. Kan facaafannee maasiirraa qabnu, biqiltuu waa dachiin ol baafte hunda yeroo muraasa keessatti guutuu Oromiyaa waliingahuun qabeenya wabii jireenya keenyaa ta’e burkuteessera. Horii abbaa beekan ta’ee qabanii hidhanii midhaan koo balleesse, marga na jalaa dheede jedhanii namatti hin himatan. Yookaanis afalaamaa nuun nyaatan. Silas Waaqa komachuun hinta’u. Maaliif yoo jenne hawwaannisa kan uume Waaqumaa nu uumee dha. Maaliif akka nutti bobbaase Isumatu beeka. Kan nurraa deebisus Isuma. Balaan rooba hammaataa godinaalee hedduu keessatti uumamee lubbuu fi qabeenya hedduu gaaga’es dabalataan kaasuun ni dand’ama.

Kun kanaan otoo jiruu yakki dhalli namaa ufiifi walirrattis raawwatu kuufama balaa uumamaa durumaa miillaa kaasee hamma mataatti hudhee nu qabe daranuu kan babal’ise inni biraan ammoo tapha fokkataa siyaasaa nuti taphannuu dha. Inumaayyuu al tokko tokko gaafan taa’ee ilaalu balaawwan biroo caalaa miidhaan sababa ofittummaa siyaasaa nurra gahu addunyaa guutuu akka balleessuu namni shakku jira jedhee hinyaadu. Maaliif yoo jedhame Ka’umsi yookaanis itti galgalli balaa hundaa shira siyaasaa jifa garaagaraatiin gaggeeffamuudha. Kun keessumaa ardii Afrikaa keessatti waanuma aadeffatamaa dhufee dha. Aangoof jecha wal ajjeesuun, walsakaaluufi koronaadhuma walitti ta’uun waan haaraa miti jechuun nidanda’ama.

Barana Itoophiyaan keessumaa ammoo ummanni Oromoo addatti mudannoo fokkataa tokko qaba. Amajaajii Waxabajjii bar dheengaddaa muummicha ministeeraa keenyarra gahe hunduu ni yaadata. 2012 ammoo isa bardheengaddaa caalaas garaa

nutti jabaate. Wayyoo! Bara jabaa Oromoo jabaa biyyaa, jabaa addunyaatti dhabnee dha. Bara Haacaaluu nu saamee dha. Taateen Waxabajjii 22 magaalaa Finfinneetti taate sun siyaasaafi qorqalbii Oromootaa hundeen geeddareera jedheen yaada. Sababiinsaas Oromoon Haacaaluudhaa ol nama dhabu hinqabu. Nama bakka isaa buuftus qaba yookaanis ni qabaata jedhee hin yaadu. Koronaan waggaa dhibba tokkoo as argamee hin beekne argamuunsaayyuu nu raajaa jira. Kan Haacaaluu ammoo kan kana daraniiti. Akkuma kanaan duras irra deddeebiidhaan kaasaa ture duuti Hacee hundeedhaan siyaasa Oromoos ta’e kan biyya kanaa ni geeddara. Garuu ammoo onnee tokkoon tokkoo Oromootaa du’a kallacha keenyaatiin cabe kana suphuun yoomiyyuu waan danda’amu natti hin fakkaatu abadan.

Kan garaa nama nyaatu tapha fokkataa siyaasaa du’a Haacaaluu dahoo godhatee madaa keenya horfaa du’a biraatiif nu kaadhimu kanadha. Duuti Haacaaluu otoo nu guggubaa jiruu reeffi mana Oromoo guutaatuma adeeme. Guyyaan hundi boohicha, qe’een hunduu sharaa ykn dukkaana dhaabuun waanuma baratamaa ta’aa dhufe. Ilmi namaa guyyaa guyyaan du’uun; isa kan sababa tapha farra dhala namaa kanaan du’uuf haqa dhabuun dhiigni namaa bilaasha dhangala’ee hafuun jireenya dukkanaa maandhee akka taasifannu nu godheera.

Waanan taajjabe keessaa siyaasa ‘daawun daawunii’ du’a lubbuu dhala Oromoorratti rarra’uun baruma baraan daldalamuudha. Marartee waliif fixachuun sadarkaa garjabummaa Ilmi namaa irra gahe agarsiisa. Bara bineensi bosonaa waliif yaaduu irra darbee ilmuma namaa isa adamsuufuu nahuufii jalqabetti nuti akkas wal hadheeffannee wal balaaleffachuun keenya addunyaan kuni baduuf jettii laata nama jechisiisa. Gidduu kana torbee guutuu ijoolleen keenya baqattummaan biyya ormaa jiraatan sagalee mormii dhageessifachuuf daandii biyya Faranjii irra oolanii akka bulan miidiyaarraa argaa turre. Rakkoo keessoo qe’eetti dhalateef ilmaan ishee hunduu iddoo jiranii iyyanii sagalee isaanii dhageessisuun anaaf rakkoo hin qabu waanuma sirriifi ta’uus qabuudha jedheen amana.

Garuu waanti tokko hubatamuutu irra jiraata ka’umsumarraa. Kunis biyyi ormaa biyyuma Ormaati. Dhimmi biyya keenyaa dhimmuma ilmaan biyyattii maraati, kan fagoo jirus kan dhihoos. Biyya isaaniitti aadaan dimokraasii gabbataan waan jiruuf akkuma barbaadan bahanii waan yaadan dubbatanii galuun rakkisaa miti. Biyya keenyattis akka jalqabbii sirna kanaatti wanni hunduu dugda lukkuu ta’uus baatu erga jijjiirama kanaa as waanuma raajiitu biyya kanatti ta’aa ture. Mirga biyyoonni Awurooppaa aadaa ufii taasifatanii ittiin of tuulan ilmaan abbaa Gadaa qabatamaana

mul’iftee aadunyaa afaan qansiisterti. Kun seensa bar-dhibbee keessatti galmaa’ee hin beeknee dha.

Seenaadhuma mucaa keenyaan galmaa’ee Oromoon ittiin hinjifatee mataa ol qabatee ittiin adeemu kana deebisanii balleessuuf kallattii hiriiraas geeddaranii “Abiyyi haa bu’u, Nobeeliin irraa haa mulqamu” jechaa qe’ee faranjiitti alaan’aluun garuu kan nagaa natti hin fakkaatu. Ormas ofitti kofalchiisuu ta’a. Torbeedhuma sana warra alaabaa durii qabatanii kaayyoo muummichaas faallessuun injifannoo saamanii dhiiga ijoollee keenyaa biyyatti dhangala’es gatii dhabsiisaniif of saaxiluunis kan inni dhufe sababuma gararraatti tuqe Kanaaf akka ta’e tilmaamuun nama hin dhibu. Yaa jamaa “gulufaa boolla laallachaa” jedhe Oromoon. Yoomuu taanaan kaayyoon Oromoo kiyyoo diinaatti lixee akka afanfaajjii keessa galu taasisuun nurra hinjiraatu. Amajaajii Waxabajjii dahoo godhatee bara baraan nutti ademu kana dammaqinaan ilaalaa tarkaanfachuun amaanaa nutti haa ta’un jedha.

Gadadoon bara kana keessa nu mudate laakka’uuf yeroo fi iddoonis nama ankaaka waan ta’eef ammaaf irruman dabra. Garuummoo waa tokko waliif dhaamuun baheessa dha. Kunis abdii fuulduraatiif gamanumaa of qopheessuun gaarii ta’a jedheen amana. Dukkana Hagayyaa kana inuma ceena isa kana shakkuu hin qabu sabni koo. Bacaqii Gannaa kana tarkaanfannee booqaa Birraatti akka baanu abdii horachuun dirqama ta’a. Maleessaa barri baranaa kun akkuma salphaatti waan gadi mu lakkisu hin fakkaatu.

Otuman barreeffama koo hardhaa kana qopheessuu Oduun Aagaa tokkos gurrarra na baateetti. Kunis waa’ee hidha laga Abbayyaati. “Otuma mortuun mortuu jirtuun jirti” jedhama mitiiree. Biyyi Misrii fi ollaan keenya Suudaaniinis waldhabdee haala kuusaa bishaan hidhichaa irratti ergarama guddaa keessa nu galchuuf tattaaffii cimaa akka taasisaa turan ni beekkama. Isa kana injifannoodhaan bira darbuu keenya Muummichi ministiraa keenya missiraachoo nuun gahaniiru. Kun injifannoo isa marsaa duraati. Barri haaraan kan milkii ta’uusaa mallattoo gamanumaan nutti akeekuu dha. Dhimma kanarratti mata duree biraatiin bal’inaan kan walitti deebinu ta’a.

Ammaaf bara moofaa kana murRee gannee isa haaraa simachuuf tarkaanfii tokkittii duwwaatu nu hafa. Hagayya mootii gannaa ta’e kana nagaan bobba’ii gali jechuu qofa dha. Akka salphaatti akka as hin gahin ammoo irraanfachuun nurra hinjiraatuun dhaamsa koo har’aati.

Waara torbee nu haa taasisu. Horaa bulaa, deebanaa.

+251964113111

[email protected]

Barri baranaa bara koronaa jedhamee otoo moggaafamee

maal isinitti fakkaata? Bara

2012 jedhamuunsaa hafee

Page 10: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 201210Fuulli kun namoonni dinagdeedhaan

milkaa’aniifi dhimmoonni dinagdee kan irratti keessummeeffamuudha

ABBAA SA’AA

Ajjeechaa Waxabajjii 22 bara 2012 halkan Artisti Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatameen walqabatee gocha badii humnoonni badii raawwataniin godinaalee adda addaa Oromiyaatti walitti bu’iinsi uumamee lubbuun lammiilee 167 darbeera, qabeenyi guddaanis barbadaa’eera. Hokkara kanaan qabeenyi dhuunfaafi ummataa kan barbadaa’e yoo ta’u, kanaanis manneen jireenyaa 523, hoteelotni 195, manneen daldalaa 232, warshaalee addaddaa saddeetiifi konkolaattotni 273 horoomaa ala ta’aniiru.Badiin lubbuu namaafi qabeenyarratti biyya keenya hiyyeettii tanatti irra deddeebiin uumamu kun gaaga’ama dinagdee akkamii hordofsiisa qabxii jedhu ka’umsa godhannee hayyuu dinagdee tokko dubbisneerra.Hayyuun kun Doktar Guutuu Teessoo jedhamu. Hayyichi ammaan tana Pirezidaantii Waldaa Ogeessota Dinagdee Oromiyaa ta’anii tajaajilaa kan jiran yoo ta’u, dhimmoota dinagdeedhaan walqabatanirratti Gaazexaa Bariisaa dabalatee miidiyaalee biyyattii adda addaarratti qaaccessa gadifageenya qabu kennuun beekamu. Kan ammaas kunooti.Qabeenyi taatee yeroo darbe Oromiyaafi Finfinneetti uumamee tureen barbadaa’e kan halkan tokkotti horatame otoo hintaane yoo xiqqaate hanga waggoota shantamaa kanitti dhama’ameedha.Qabeenya haala kanaan tasa manca’e deebisanii horachuun ammas waggootuma eerame kana deebisee fudhata. Bu’uuraalee misoomaa, daldalaafi hojiilee dinagdee hojjetaman mara waggoota hedduuf duubatti deebisa. Abbootii qabeenya hojicharratti bobba’anii turanis gabaadhaa ala taasisa.Gabaadhaa ala ta’uunsaanii ammoo lammiilee isaan bira hojjechuun jireenyasaanii geggeessan, namoota waan isaan omishan irraa bitatan, tajaajila kennan irraa argatan hunda garmalee miidha; jireenyasaaniis gaaga’a.Badiin qaqqabe kun qe’ee namoota hundaafi qaamota daldalaa hedduu miidha. Walumaagalatti miidhaan dinagdee hokkaroonni akkanaa dinagdeerraan gahan akka salphaatti tarreeffamee kan xumuramuu miti.Kana bira darbees waan ‘bizinas konfidansi’ jedhamu jira. Namni tokko bizinasiirratti yoo konfiidansii (ofitti amanamummaa) qabaate malee daldalas ta’e invastimantiitti hingalu. Warri alaala taa’anii waan ta’aa jiru kana hubatanis hojichatti hinseenan. Haalli akkanaa warra amma hojicha keessa jiran gabaa keessaa baasuu qofa otoo hintaane hojiilee baay’ee gara fuulduraatti hojjetamuuf jedhaman konfidansii dhabsiisuun miidhaa guddaa uuma. Hojiin invastimantii qisaasama guddaarratti akka kufus ni taasisa.Bizinasiin barbaada’e kun baay’een hoteelas ta’u warshaan, dunkaanas ta’u kan biraa liqii mana baankii ykn dhaabbilee maallaqaatiin waan hojjetaniif isaanirraanis qisaasama guddaa qaqqabsiisa. Egaa qisaasamni kun kan abbootii qabeenyaa biratti qofa dhaabatu otoo hintaane dhaabbilee maallaqaallee daran ni miidha jechuudha.

Taatee tibbanaafi dinagdeeCharinnat Hundeessaatiin

Biyya kamittuu mormiin ni geggeeffama. Lammiin biyya keessa jiraatutti mootummaa waa gaafachuuf mirga qaba. Aadaan kun waanuma biyya kamittuu mul’atuudha. Ta’us mormiin hundi qabeenya barbadeessuu, invastimantii gufachiisuu, carraa hojii uumamuuf jedhu dhaamsuuf ta’a taanaan adeemsa sirriifi qajeelaa waan hintaaneef gochoota akkanaarraa gonkumaa of eeggachuun daran barbaachisaadha.Qabeenyi kan abbaa qabeenyaa sanaa qofa otoo hintaane kan biyyaa ta’uun hubannoo cimaa argachuu qaba. Gamoon tokko gaafa hojjetamu, konkolaataan tajaajila geejibaa kennu oggaa bitamu kan biyyaa ta’uun hubatamuu qaba. Kanaaf qabeenya akkanaa kunuunfatanii eeggachuun lammii hundarraa eegama. Badii qabeenya akkanaarratti aggaamamu kamuu dura dhaabachuutu barbaachisa. Kun dirqama lammummaatisi. Qabeenya baroota meeqa itti dhama’amee horatame deebisanii bakka buusuuf waggoota danuu kan fudhatu ta’uun hubannoo cimaa argachuu qaba. Keessumaa gochi badii akkanaa biyya hiyyummaa gadhee keessaa bahuuf tattaafataa jirturraa waan eegamu miti. Waan qabeenyi haala kanaan barbadaa’eef jijjiiramni hindhufu. Adeemsi akkanaa sirnaan sirraa’uu qaba.Qabeenyi biyya kana keessa jiru abbaan fedhe fidee haa dhufuu ykn haa horatu faayidaansaa biyyuma kanaafi, hawaasuma naannawa sana jiraatuufi. Sabootaafi sablammoota naannawa sana jiraataniifi. Abbootii qabeenyaa ykn qabeenyasaanii alaa fidanii akka asitti hojjetan gochuun ifaajii ykn dhamaatii guddaa keessa darbameeti. Namni dhufee asitti hojjetu kun yoo deemellee gamoo (warshaa) ijaare sana buqqifatee, konkolaataa fe’atee dhufee itti hojjetaa tureefi jiru waan fudhatee hindeemneef qabeenyuma biyyaafi hawaasa naannawaa ta’a. Kallattiinis ta’e alkallattiin qabeenyichi biyyuma kanatti hafee faayidaa dinadgee biyyattiitiif oola. Kanaaf qabeenyi biyya tokko keessa jiru namni hojjetee horate lammii biraa yoo ta’ellee faayidaansaa kanuma naannawa sanaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha. Erga faayidaansaa kan namoota naannawaa ta’ee eeggachuufi tikfachuunis lammiidhuma naannawa sana jirurraa kan eegamuudha. Namni tokko hawaasa ykn saba kana amanee qabeenya baroota dheeraaf itti dhama’eefi dafqee horatee gaafa qe’ee keenya keessatti

dhangalaasu amantaafi ilaalcha gaarii nurratti qaburraa ka’eeti. Jara kana keessattin hojjedha, gumaachaaf jedhee dhufe. Nama amantaa akkanaatiin qabeenyasaa guduunfatee nu bira dhufe abdii kutachiisuun amantaafi hojiilee invastimantii gara fuulduraarratti rakkoo waan fiduuf qabeenyisaa kun kan keenya ta’uu hubachuun kunuunsaafi eegumsa gochuufiin daran barbaachisaadha.Fakkeenyaaf warshaan tokko namoota 100 tokko mindeessa, galteewwan qonnaan bultootaafi daldaltootarraa fudhata. Omisha omishee gurgura. Kun ammoo gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Alattis ergee sharafa argamsiisa. Egaa kana keessaa kallattiinis ta’u alkallattiin kan fayyadamu sabootaafi sablammootuma biyya kanaati.Kanaaf waan na fayyadurratti tarkaanfii badii fudhachuun sirrii miti; yakkasi. Mormuun mirga ta’ee otoo jiruu qabeenya barbadeessuufi dhala namaa miidhuu wajjin maaltu walitti fide? Barsiifanni akkasii gonkumaa hafuu qaba. Egaa waanti hundi keenya hubachuu qabnu gaafa mufannaa guddaan uumamu, gaafa dargaggoonni miira keessa galan qisaasama akkanaa fuduun waan biyya keenyaa qofa mudate akka hintaaneedha. Waanti akkasanii biyya kamittuu ni uumama. Fakkeenyaaf sababa gurraachi lammii Ameerikaa, Joorji Filoyid ajjeefameen qabeenya biyyattii doolaara tiriliyoonaan lakkaa’amurra balaa guddaan qaqqabeera. Barsiifanni akkanaa biyyoota akka keenyaa oldeemaa jiranitti waanti akkanaa rakkisaadha. Haala kana sirreessaafi furmaata kennaa deemu barbaachisa.Rakkinni biyya kanaa kaappitaala ta’uunis hubatamuu qaba. Kaappitaalli kun ammoo gamoodha, warshaadha, konkolaataadha. Warra akkanaati biyyoota guddatan keessatti rakkoo guddaa ta’ee kan jiru. Kanaafuu qabeenyuma xiqqoo harka keenya galte kanallee of harkaa mancaasuun sirrii miti. Amaleeffannaan akkanaa tasumaa hafuu qaba. Ummanni hundi harka walqabatee kanarratti hojjechuu qaba. Qabeenya naannawasaa jiru akkuma kansaatti kunuunsuufi tiksuu qaba.Waantota akkanaarratti gabbisni hubannoofi barumsi ittifufiinsaan kennamuu qaba. Keessumaa miidiyaaleen dhimma kanarratti xiyyeeffannaan hojjechuu qabu. Qabeenyichiifi faayidaan achirraa argamu kan biyyaafi hawaasaa ta’uurratti gorsa kennuun barbaachisaadha. Faayidaan akkamii akka dhaabbilee kanneenirraa argamu sharafanii sirnaan ibsuun barbaachisaadha. Kun qabeenya akka hinabadne gochuu keessatti shoora olaanaa taphata. Hokkara ka’u hunda keessatti qabeenya barbadaa’aa deema taanaan daldalaan maaliif, maaliinis daldala? Akka caccabu hoo beekaa maaliifin dhama’a?, Maaliifan dafqa koos dhangalaasa jedhee abbaan qabeenyaa abdii kutachuu danda’a. Ofitti amanumammaa bizinasii miidha kan jedhameefis kanumaafi. Hawaasni keenya duruu bal’inaan daldala keessa hinjiruu ishuma harkasaa jirtu kanallee baasee gaafa daldalatti galuuf jedhutti gochoonni akkanaa amaleeffamii

guyyaa gara guyyaatti hammaataa deemu yoo ta’e namni gara invastimantiitti ykn bisizinisiitti deemuurra qarshiisaa baankii kaawwachuutti deebi’a.Kun ammoo guddina dinagdee karaatti hambisa, quucarsa. Kun ta’uun ammoo hojii bizinasii qisaasessa. Kanaaf hokkarri ka’u oggaa ishuma harkaa qabuu harkaa facaasu rakkoo hamaaf saaxilamna. Gara fuulduraatti jabaannee akka hinhojjenneef danqaa ta’a. Ija jabaatee gara daldalaatti akka hinseenne godha. Kun lammata akka hintaaneef xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu qaba.Kanaafis abbootiin qabeenyaa keenya hariiroo hawaasa wajjin qaban cimsachuu qabu. Abbaan qabeenyaa tokko biyya hiixuudhaa dhufee naannawa kanatti invasti godha yoo ta’e ummata wajjin hariiroo hawaasummaasaa cimsachuu qaba. Waa’ee hojii hojjetuu faayidaasaa wajjin ummataaf ibsaa deemuunis bu’aa qabaata. Hojiinsaa jijjiirama naannawa sanaatiif bu’aa waan qabuuf kanas ummataaf ifa gochuu qaba.Gaafa akka tibbanaa rakkoon dhiibbaadhaan uumamu faayidaan humnatti fayyadamuu xiqqaadha. Namni miira keessa waan galeef, keessumaa waanti akka ajjeechaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa guddaa xiqqaa, beekaa wallaalaa miira keessa kan galcheedha. Waantota akkanaa tasgabbiidhaan akka furamu gochuu malee mootummaadhaanis ta’e abbaa qabeenyaatiin humnaanin tarkaanfii fudhadhaan rakkoo biraa dhaluu mala. Kanaaf akka itti dafanii karaa nagaatiin jidduu galamurratti gadifageessanii yaaduu barbaachisa, irrattis hojjetamuu qaba. Waanti akkanaa kan yaadamuu qabu oggaa rakkoon uumamu otoo hintaane lafa jala ta’uu qaba. Adeemsa kana sirreessuun waan waggaa guutuu ittifufiinsaan hojjetamuu qabuudha. Oggaa rakkoon uumamuu haala kamiin to’achuun akka danda’amurrattu lafa jala xiyyeeffannaa hojjetamuu qaba. Aadaa keessatti duudhaan walitti bu’iinsa ittifuran cimaan waan jiruuf kanattis fayyadamuun murteessaadha.Kanarratti mootummaan, dhaabbileen mitmootummaa, dhaabbileen amantii, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, waldaaleen sivikii gara garaa walta’iinsaan hojjechuu qabu. Muuxannoo biyyoonni biroo rakkaa akkanaa ittifuran fudhachuunis gaariidha. dhaabbileen addunyaa hojiilee akkanaarratti hojjetan bal’inaan waan jiraniifis ittifayyadamuun barbaachisaadha.Keessumaa mootummaan yeroo hunda humnatti fayyadamuu yaaduu hinqabu. Haalatti hawaasatti siqanii, amansiisanii, hubachiisanii rakkoo uumamuu malu ittisuurratti gadifageenyaafi bal’inaan hojjetamuu qaba. Rakkoon biyya kanatti uumamu otoo jennuu tasumaa dabalaa deemuun maaliif akka ta’es hubannaa argatee irratti hojjetamuu qaba. Gaaffii ka’uuf deebii faallaa kennaa deemuun furmaatarra rakkoo biraa dhalaa waan deemuuf dhimma kanarratti caasaalee hawaasaa hunda qabatanii akka mootummaatti irratti hojjechuun barbaachisaadha. Humna iddoo humni barbaachisutti qofa fayyadamuun gaariidha jedheen yaada.

Doktar Guutuu Teessoo

Page 11: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012 11ILAAMEE...

Macaafa Qulqulluu keessatti ergaa akkana jedhutu jira. Kiristoos erga fannifamee, awwaalamee, du’a mo’ee ka’ee booda fannicha guyyoota torbanii keessaa gaafa tokko bakka ergamtoonni 12 walga’anitti, balballoonni cufamanii jiranitti dhufee jidduusaanii dhaabatee, “Nageenyi isinii haa ta’u” jedheenii harkaafi cinaachasaa itti agarsiise. Ergamtoonnis oggaa Isa argan ni gammadan. Ergamtoota kanneen keessaa tokkoofi Toomaas jedhamu oggaa Iyyasuus dhufu waan isaan wajjin hinturreef Gooftaa argine jedhaniin. Inni garuu, “Yoon godaannisa harkasaa arge, barruusaa waraanameefi cinaachasaa keessa harka koo galche malee Isa ta’uu hinamanu” jedheen. Iyyasuus guyyaa biraa dhufee ergamtoota jidduutti argamee Tomaasiin, “Quba kee fidii harka koo ilaali. Harka kees fidii cinaacha koo keessa galchi” jedheen. Egaa dhaloonni kunis otuma hammeenyi vaayirasii koronaa bal’inaan himamuu akkuma Toomaas waan yoon arge malee hinamanu jedhe fakkaata.Waa’ee hammeenya vaayirasichaa hubachuuf biyyoota akka Ameerikaa, Xaaliyaaniifi kkf kanneen vaayirasicha akka laayyootti ilaalaa turanii booda harka kennisiisee akka baalaa harcaase odeeffachuun salphaadha.Biyyoota kanneen qaroominaan fagaachuufi qabeenyaan duroomuunsaanii vaayirasicharraa baraaramuuf wabii hintaaneef. Sirumayyuu qaroominniifi qabeenyisaanii gaaga’ama guddaaf isaan saaxile. Qabeenyaafi qaroominatti hirkatanii of jajuun waan gatii hinqabne ta’uu isaan hubachiiseera.Pirezidaantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraampis otuma vaayirasichi hinjiru, innuu kan Chaayinaati jedhanii qoosanii lammiin biyyattii koviid -19 garmalee akka gaaga’amu taasisan.Pirezidaantiin Biraazilis akkuma kan Ameerikaa maaskii malee otoo socho’aniifi qoosanii vaayirasiin koronaa qoosaa hinbeekne dhumarratti erga lammiileen biyyattii danuun daran miidhamanii akka harka kennatan taasiseera.Egaa kanarraa kan hubannu namoonni akkuma Toomaas sana har’as akkuma kaleessaa arginu malee hinamannu, hinfudhannu jedhanii sababa jalaa hinbaane tarreessaa jiraachuusaaniiti.Biyya keenyattis namoonni tokko tokko otuma miidhaa vaayirasichi akka addunyaatti dhala namaarraan gahaa jiru dhagahanii ejjennoo, “Argu malee hinmanu” jedhamu waan qabatan fakkaatu.Silaamee akkuma aadaattuu hamaa gurraan dhageenye ijaan nu hinagarsiisiin jedhama mitii? Har’a safuunis kunis dagatamee namni hanga vaayirasichi qe’eesaa dhufe balbala rukututti waan eegaa jiru fakkaata.Of eeggannaan sinsinnii yeroo vaayirasichi biyya seenetti taasifamaa ture hafee of dagannaan garmalee hammaatee babal’ina vaayirasichaatiif ulaa banaa jira. Of dagannaan mul’atu waan vaayirasichi badeera jedhamee labsame fakkaata.Namoonni tokko tokko jiraachudhuma vaayirasichaayyuu hinamanan. Of bira darbaniiyyuu oggaa kan biraa burjaajessan

Koronaarratti ‘argu malee hinamanuu’ keessaa haa bahamuJiruu Qananiitiin

mul’atu.Of dagannaa kanaan maatiin, ollaan darbees biyyi garmalee waan miidhamaniif hunduu kan alaalatti dhaga’aa jiru isa bira qaqqabee gaaga’ama hinmallerratti kufuu jalaa of baraaruu qaba.Keessumaa Oromiyaatti ajjeefamuu Artisti Haacaaluutiin walqabatee taatee iddoowwan adda addaatti uumamee tureen waanti of eeggannaa jedhamu tasumaa waan dagatame fakkaata.Sababa irranatti eerame dabalatee akkuma waliigalaattuu of dagannaan kun babal’ina vaayirasii koronaatiif gumaachuu mala sodaan jedhu jiraachuudha Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa tibbana kan beeksise.Daayirektarri barnoota fayyaafi kominikeeshinii biirichaa Sistar Sa’aadaa Ahmad ibsa Gaazexaa Bariisaatiif torban darbe kennaniin akka jedhanitti, hawaasni keessumaa dargaggoonni ajjeefamuu qabsaa’aafi gooticha Artisti Haacaaluutiin naheefi gadde otoo of hineeggatiin waan baheef taatee kanaan weerarri vaayirasichaa babal’achuu mala yaaddoon jedhu jiraachuu eeran.Hunda caalaa dargaggoonni ofiisaaniifis ta’e maatiisaaniitiif gama eeggannaatiin gahee adda durummaa bahachuu qabu jedhanii, yeroo kanatti hamma danda’ametti manuma taa’uu, ta’uu baannaa ammoo haaluma ogeessonni fayyaa gorsaniin of eeggannaa barbaachisu gochuun malchiisaa ta’uus ni dubbatu. Fayyaan bu’uura waan hundaa waan ta’eef dargaggoonni marti dhimma fayyaasaaniirratti xiyyeeffatanii vaayirasii

koronaarraa of eegannaa cimaa gochuu akka qabanis gorsanii, miidhaa vaayirasichi qaqqabsiisu jalaa miliquun kan danda’amu hubannoo hawaasaa cimsuun dursanii ofirraa ittisuu qofaan ta’uus ni ibsu.Biiroonsaaniis hubannoo hawaasaa gabbisuutti dabalee bakka tursiisaafi wal’aansa koviid-19 mijeessuun xiyyeeffannaa hojjetaa akka jiru kan eeran daarektarittiin, haaluma kanaan bakki tajaajila wal’aansaa itti kennamu 25 qophaa’anii kanneen keessaa 20 guutummaatti hojiitti galaniiru, shan ammoo qophiirra jiraachuu himan. Yunivarsitiiwwan dabalatee iddoon turmaataa 370s qophaa’anii tajaajila kennaa jiraachuu eeraniiru.Wiirtuuwwan qorannoo laabiraatorii 14s meeshaalee barbaachisoodhaan guutamanii tajaajila kennaa jiraachuufi kanaanis akka Oromiyaatti waliigalaan namoota kuma 22fi 682f qorannoon vaayirasii koronaa taasifamuu addeessu.Lakkoofsa kana keessaas namoota 350 irratti vaayirasichi argameera kan jedhan Sisitar Sa’aadaan, lubbuun namoota 10 ammoo darbuu ibsaniiru.Lammiilee namoota vaayirasii koronaatiin qabaman wajjin tuttuqqaa qaban ykn shakkaman kuma afuriifi 303 addaan baafamanii qorannoon taasifamuus himanii, kanaanis namoota 71 irratti vaayirasichi argameera jedhan. Qorannoo hawaasarratti taasifameen namoota 184 irratti vaayirasichi mul’achuusaafi qorannoo laabiraatorii namoota dhukkuba biraa yaalamuuf gara

dhaabbata fayyaa dhufan fa’iif taasifameen 80 vaayirasichaan qabamuu dubbataniiru. Namoota biyya alaatii galan 86 irrattis vaayirasiin koronaa argamuufi waliigalaan vaayirasichi namoota 350 irratti akka argameedha kan ibsan.Biirichi naannawawwan vaayirasichi itti babal’ataa jiru kanneen akka magaalota Burraayyuu, Adaamaa, Jimma, Sabbataafi Godinaalee Harargee Bahaafi Shawaa Lixaatti xiyyeeffannaa addaafi qindoominaan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.Qilleensi Gannaa kunis babal’achuu vaayirasichaatiif gumaacha waan qabaatuuf hawaasni gama kanaanis of eeggannaa cimaa gochuu qaba kan jedhan Sistar Sa’aadaan, biiroonsaaniis hojii ittisa vaayirasii koronaarratti taasisaa jiru caalaatti cimsee hojjechaa jiraachuu himaniiru.Kanaafis wiirtuu odeeffannoo sadarkaa biirootti qopheessetti ogeessota fayyaa ramaduun tajaajila si’ataa sa’aatii 24:00 hawaasaaf kennaa jraachuus ibsaniiru. Ji’oota sadan darbanitti namoonni kuma 136fi 848 lakkoofsa bilbilaa 6955 irratti bilbiluun dhimmoota adda addaarratti odeeffannoo argachuusaaniis addeessaniiru. Ogeessonni fayyaas ummanni qajeelfamni kennamu sirnaan hojiirra akka oolu gaafachaa jiru. Akkuma irra deddeebiin ibsamu vaayirasicharraa of eeguun daran salphaadha. Ittiin qabamnaan garuu gidiraansaa hamaa waan ta’eef waanti alaalatti dhaga’aa jiru kun to’annoon ala akka hintaaneef xiyyeeffannaan deddeebi’uun malchiisaa ta’uu eeru.Qajeelfamnoonni gorsi ittisa vaayirasichaatiif geessotaan kennamu harka dhiqachuu, maaskii keewwaachuu, fageenya eeguu, yoo dirqama ta’e malee manaa bahuu dhiisuu fa’i.Kunniin hundi gochoota tokko tokkoon namaa hojiirra oolchuuf ittirakkatu waan hintaaneef akkuma jedhame xiyyeeffannaa kennanii hojiirra oolchuu qofa.Ammaan tana barattoonni manni barumsaa cufamee akka mana oolan taasifaman otoo hinhafiin saaxilamaa waan jiraniif dhimma kana laayyootti otoo hinilaaliin fageenyumatti ofirraa ittisuuf tattaafachuu barbaachisa.Dhugaa dubbachuuf Finfinneettis ta’e bakkawwan birootti keessumaa iddoo tajaajilli geejibaa kennamaa jirutti, manneen dhugaatiitti, lafa gabaafi kkftti wanti mul’ataa jiru xiyyeeffannaa qaamolee hundaa kan barbaaduudha. Baay’inni namoota qabamanii biyya keenyatti ibsamaa jiru keessaa fakkeenyaaf kanuma Dilbata darbee (704) namni dhaga’e tarkaanfiisaa sirreessuu akka qabu kan akeeku waan ta’eef namni dhuunfaa maatiisaa jaalatu kamuu hunda caalaa ofiisaas ta’e maatiisaa balaa hamaa vaayirasichi qaqqabsiisurraa xiyyeeffannaan of eeguu qaba.Kanaa achi akkuma biyyoota Xaaliyaanii fa’itti ta’e of dagannaa nama tokkootiin balballi cufamee maatiin hundi vaayirasichaan faalamee gaaga’amaaf otoo hinsaaxilamin tarkaanfii namuma kamiifuu salphaa ta’e, of eeggannaa haa cimsu.Kanumaan walqabatee dogoggorsiitota of nu dagachiisanirraa of ittisaa maatiifi hawaasa jaalannu vaayirasiiof eeggannaa qofaan ittifamu kanarraa of haa eegnu.

Page 12: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

SEENAAObbo Alamaayyoo HayileeHayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

14BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012

Bararaa ija barreessitoota seenaa Oromootiin

Kutaa 2fa

Seenaa ijaarsa biyya tokkoo keessati ummani waliin jiraachaa ture seenaa waliin jireenyaafi kabajaa dhalootaa gara dholootaatti dabru qaba. Biyya keenya keessati yaadni akkanaa iddoo baay’eetti gadi bu’aa dhufeera. Kun kan mul’atu ijoollee gita bittootaa duriifi lammii akkasii kan bocaa turte jaarmiyaalee manneen sagadaa, akkasumas maamiltoota isaaniiti. Falmii seenaa Oromoofi gitoota bittaa biyya kanaa gidduu ture tokko gaaffii abbaa biyyumaafi qubannoo Oromoon kan walqabatuudha.

Falmiin kun jaarraa hedduuf godhamaa kan ture yoo ta’u, yeroo kana gaaffii abbaa biyyummaa Finfinneetiin walqabatee jiru gonkumaa ummata Oromoo arrabsuufi inumaayyuu akka qaama ummata Itoophiyaa hinturree ifatti falmuuf yaalu.

Ragaansaaniis barreeffama ololaa gitoonni bittaa duriifi manneen amantaa akkasumas maamiltoonni isaanii duris ta’e amma qopheessan wabii godhachuuni. Ololli isaaniis Oromoo jaarra 16ffaa keessa biyya kana akka weraraan seene jechuun ibsaa kan turan gareen gitoota bittaa biyya kanaa yoo ta’u, wabiin isaaniis dhabilee mana sagadaafi miseensota isaanii kan ummataa Oromoorra jibba qabaniidha.

Qorattooni seenaa Oromoo garuu Oromoon horteen isaa hanga barumsa ammayyaa argatutti gaaffiin abbaa biyyumaa isaa ukkamamee waan ture seenaan isaa kan dhugaa dhokatee tureera. Yeroo ammaa akka barreesitoota seenaa Oromootti garuu qorannoon argameefi bu’aan isaa akka ifa ta’etti Oromoon jarreen warra seemoota dura kan dhufanii qubataniidha jedhama.

Inumaayyuu gitoonni bittaa biyya kanaa Oromoo buqqisaa akka turaniifi kanaafis bara hamtuu mootota darbanii akka dhaadannootti “Gara biyya keessaniitti galaa’’ jechuun akka isaan doorsisaa turan seenaa baroota 1960 keessa tureedha.

Qabsoo Oromoo Arsii bara 1965 keessa godhameen bulchaan yeroo sanaa akaakayyuun Raas Daargee Asraat Kaasaafi Sahiluu Difaayee akka Ormoota Arsii buqqisaa turan ni yaadatama.

Yaanni gitoota bittaa yeroo sanaa erga bara 1966 keessa kufeefi akka hinkaanetti awwalamee booda ammas walgargaaruun kitaabota abbaa biyyumaa Oromoo haaluurraa duubatti hinjenne.

Lammiin Oromoo ammas obsaan isaaniifi kan isaan fakkataniif bifa irraa barataniin, Qubsuma duraa Oromoofi wal’ansoo gitoota bittaa Absiniyaa Oromoorratti raawwachaa turan baroota isaan eeran ykn jaarraa 16fa keessafi isaan dura kan ture seenaa Oromoofi jiraattota Shawaa eenyuufi mootummaan isaan weeraraan kuffisanii lafa isaa fudhatan beeksisuun

barbachisaadha. Oromoon jiraata duraa kaabaafi baha Afriikati. Kanaafis ragaan baay’ee dhiyeessuun kan danda’amu ta’us irra jireessaan Oromoon damee sanyii kushootaa ta’uun isaa gahaadha.

Barreesitoonni gita bittaa durii kun garuu Oromoon duula Ahmad Giraany booda gara Itoophiyaa akka gale olola hundee hinqabne afarsaafi jibba ummata kanarraa qaban maqaa seenaa Bararaa barreessuu jedhuun abbaa biyyumaa Oromoo haalaa jiru.

Ragaan nama kanaa barreeffama ykn maappii ‘Firawu Mariwoo’ jedhamu jaarraa15fa keessa monokseen gara biyya Xaaliyaa (Venuus) deeman qorachuun qopheesse akka ta’eefi odeeffannoo irraa fudhachaa turan nutti hima. Kitaabni namni Habtaamuu Mangistu jedhamu kun barreesse inni duraa soba irraa ka’uu isaa yoo ta’u, irra deddeebi’uun sobaan kan guutameefi kan garmalee burjaaja’eedha.

Inni lammaffaan Kitaabniifi maappiin Firawu Mariwoo barreesse odeeffannoon inni irraa argate luboota bataskaana Ortodoksii Itoophiyaarraa waan ta’eef hariiroo manni sagadaafi yeroo san Oromoo waliin qabu diinummaa waan qabuuf fudhatama hinqabu. Kunis jaarraa 9fa eegalee Oromoo waliin falmii guddaarra waan turaniif akka ragaa dhugaatti fudhatamuu hindanda’u.

Inni sadaffaan immoo Lubni Firawu Mariyoo jedhamu maappiin jaarraa 16fa

keessa hojjate odeeffannoo monoksoota kanarraa funaaneen utuu biyyattii kana keessatti hinargamin kan hojjate waan ta’eef gonkumaa dhugaarraa kan fagaateedha.

Inni afraffaan, maqaafi iddoowwan maappii kanarratti mul’atan baay’een isaanii kan hinbeekamne yoo ta’u, kan beekamanis gara Kaaba Itoophiyaa keessatti kan beekamaniidha. Fakkeenyaaf Zuqaalaa yeroo san Gondor keessa malee Ardaa Tuulamaa Shawaa Libaan keessatti hinturre.

Inni shanaffaan Seenaa Mootoota (sulxaanoota) Shawaa naannawa kanaa hanga bara (896/7-1270) woggoota 390 turan tooftaa bira darbuu jedhamuun seenaa isaanii kaasuullee hinbarbaanne. Kunis loogii seenaa keessatti mul’achaa ture ifa godha.

Kana malee falmii mootummaan Oromoo Warjii maqaa sulxaanota Shawaa jedhuun hundeeffame, waraana bara 1108fi bara 1128 keessa mootota Kiristaanaa waliin gochuun daangaa isaa kabachiisuuf gochaa tureefi babal’ina araddaa Oromoo Tuulamaarra ture kan saxiluudha. Yaata’uutii seenaa kana kaasuullee hinbarbaanne.

Yeroo Oromoonni Warjii Shawaa (Tuulama, Galaan keessatti aangoo mootummaa cimaa qaban waraana babal’ina kiristaanoonni gara Kibbaatti jalqaban sana rukuttaa guddaan waan irra ga’eef hanga bara

1270 ga’utti sochiin gara Kibbaatti biyya weeraruuf gochaa turan Oromoota Tuulamaan fashalaa’e ture.

Yeroo booda kufaatii mootummaa Oromoota Shawaan (Tuulamaan) hogganamu erga kufee booda Sulxaanoota Ifaatitti ce’anii bara 1314 keessa duulaa gudda eegalan kunis mootii isaanii Amdatsiyooniin eegale.

Weerarri isaanii kunis kufaatii mootummaa Warjii booda waggoota 200 booda qabiyyee Oromoo irratti qubachuun hanga bara 1523 ga’utti weerara babali’naa itti fufuun lafa Oromoo qabeenya isaa samuufi akkasumas daandii daldalaa gara Kibbaa to’achuu eegaluuf ture.

Babali’na bifa kanaan gochaa turan haaluudhaan seenaa dhugaa kana bira darbuun Oromoon akka jiraataa duraa hinturretti barreessafi loogii seenaarratti hojjachaa jiru.

Jarreen kun Seenaadhuma isaaniyyuu waan beekan hinfakkaatu. Maaliif yoo jenne sabumti Amaara jedhamu akka hinjirreefi, Amaara jechuun jecha hibruu Ami-Haraa, jedhurraa kan maddeefi (Ami jechuun Hizibi, Haaraa jechuunimmoo Taraaraa) ykn ‘Yetaraara lay nawaari ykn Hizbi’ kan jedhamu (ummataa Gararra Jiraatan ) jechuuni.

Namoonni seenaasaaniyyuu seeraan hinbeekne seenaa Oromoo akkamitti ni barreessu jedhamee eegama. Piroofesaroonni olola siyaasa akaakileewwansaanii raawwataniifi tooftaa abbootiinsaanii ittiin ummata addunyaa burjaajessan yeroo ammaas ni hojjata jedhanii asiifi achii kaachaa jiru.

Gara seenaa isaan kaasan, bararaatti yoo deebine, magaalli ykn lafti bararaa jedhamu addunyaa keessatti iddoo baay’eetti argama ykn beekama. Maappii durii biyyaa Hindii keessatti argamu yoo ta’u, inni lammaffaan immoo Mongooliyaa keessatti kan mul’atu yoo ta’u, sadaffaan immoo Itoophiyaa keessatti kan mula’atuudha. Akka hubannoo keenyaatti Mataduree xiqqaan kunis jechoonni namoonni biyya alaas ta’e jarreen

gara kaabaa biyya keenyaa maqaa Oromoos ta’e araddaa Ormoon irra qubate seeraan dubbisuus ta’e barreessuu hindanda’ani.

Fakkeenyaaf Galaaniin Gabbaah, yoo jedhan Jiddaan immoo Jiddahaa, Willeelleen Walalah akkuma jedhanii yaamaan lafa Barrak jedhamu maqaa Tulluu Barrakiin Bararaa jechuun akka yaaman hubatama. Maanguddoon Oromoo Kaaba Shawaa ni dubbatu. Tulluun Barrak Kaaba Shawaa aanaa Barrak Alaltuu keessatti kan argamu ta’ee iddoo irreechi tulluu irratti gaggeeffamuudha. Iddoon kun amantii muslimaa babal’achaa yoo dhufu sheekonni Maakzuumii Tulluu eebbifamaa jechuun ‘Barrak’ akka jedhamuu akka qabe manguddoonni Galaan ni dubbatu.

Kanarra ka’uun namoonni Kaaba Shawaatii gara Hora Harsadiifi Hora Eereritti deeman karra barreefi, Tulluu Barrak jechuun yaamaa turan Magalonni akka Willeellee, Shanoo, Totosse, Roggeefi Oboriin akka wiirtuu daldalaa ta’uun karra Barree qaxamuruun itti godaanaa turan. Mootoonni bara Giddugalaas daandii daldalaa kana to’achuuf naannawa kana to’achaa dhufan. Ummata kanattis makamuun jiraachaa turan. Dubartoota Muslimoota ykn Oromoota Warjjii keessayis fuudhuun maatii irraa horaa turan.

Yeroo booda garuu walitti bu’iinssi amantaa kun cimaa waan deemeef irra deebi’uun Oromoota amantii Islaamaa hordofan waraanuun gara Kibbaafi Bahaatti akka baqatan taasisan. Kunis xiiqiifi waraana walirraa hincinne garee amantaa kana hordafan jidduutti akka uumamu gochaa ture.

Dhawaataan garuu humni Oromoota musliimaa kun gargaarsa biyya alaarraa argachaa waan dhufaniif motummaasaanii keessatti hundaa’een durfamuun gargaarsa argachuun humna Ahmad Ibraahim mo’achuun biyyaa abbaa isaaniitti akka deebi’an isaan gargaareera.

Oromoonni waaqeffatooniifi kiristaana ta’an garuu biyyuma ykn naannuma Shawaa kana akka turan ni beekamaa. Mootonni Abisiniyaas gara Kaabaatti baqachuun wiirtuu isaanii Gondoritti jijjiiran. Oromoon waraana godhame garee lamaan gochaa turan kana keessatti hin hirmaanne jechuu miti. Waaraanni godhameyyuu araddaa isaa keessatti. Warri seenaa Bararaa bareessan garuu seenaa dhugaa kana bira dabruun jaarra 14fa irraa ka’uun gocha mootoonni Abisiniyaa raawwachaa turan dhadheessa jiru. Yakki seenaa bara giddugalaa naannawa Shawaatti raawwachaa ture bifa lamaan ture.

Tokkoffaan bufataa daldalaafi doonii gara Kaabaa ture Arabootaan waan jalaa cufameef rakkoo hariiroo biyyoota alaa waliin hiikuuf godhamu keessaa isa guddaa ture.

Ittifufa…

Barreesitoonni gita bittaa durii kun garuu Oromoon duula

Ahmad Giraany booda gara Itoophiyaa akka gale olola

hundee hinqabne afarsaafi jibba ummata kanarraa qaban maqaa

seenaa Bararaa barreessuu jedhuun abbaa biyyumaa

Oromoo haalaa jiru.

Page 13: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 201214

Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad kaleessa naannoo Afaaritti biqiltuu dhaabaniiru. Naannichatti guyyaa kana qofa biqiltuuwwan miliyoona 1.8 dhaabamaniiru. Ministiroonniifi hoggantootni olaanoon naannichaas sagantaa biqiltuu dhaabuu kanarratti kan hirmaatan ta’uu ‘FBC’n gabaaseera.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi duula biqiltuu dhaabuu baranaa magaalaa Hawaasaatti kan jalqabsiisan yoo ta’u, ergasii as sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa guyyaan adeemsifamaa jira. Barana akka biyyaatti biqiltuuwwan biliyoona shan dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Naannoon Afaar qabeenya hedduu hintuqamne kan qabu ta’uu kan eeran Doktar Abiyyi, keessumaa laftisaafi biyyoonsaa gabbataan qonna gammoojjiif kan mijatudha. Walta’aniifi cimanii hojjechuudhaan gumaacha naannichi wabii nyaataa biyyattii mirkaneessuufi omishtoota alaa galan bakka buusuuf qabu haalaan guddisuun kan danda’amu ta’uu himaniiru.

Yoo waliin dhaabbanne kan karoorfanne

Doktar Abiyyi Ahmad kaleessa Afaaritti biqiltuu

dhaaban

fiixaan ni baafna kan jedhan ministirri muummee, Ashaaraa Magariisa

mirkaneessuun dhaloota boriifis galaa kaa’uu ta’uu himaniiru.

Rippoortara gaazexichaatiin

Waldaa Dhuunfaa Komeershaal Nomiiniis Ittigaafatamummaansaa Murtaa’e tajaajiloota armaan gaditti lootiidhaan ibsaman dhaabbiilee gara garaa caalbaasiidhaan dorgomsiisee bittaa raawwachuu barbaada.

Lootii 1. Haaressa gamoo dhaabbatichaa naannawa Garjii Mabraat Hayilitti argamu.

Lootii 2. Haaromsa gamoo dhaabbatichaa naannawaa Saarbeet Gabreelitti argamu.

Lootii 3. Istiil Istiraakcharii Wiirtuu Egizibiishinii Finfinneetti ijaaramee jiru diigee gara mankuusa dhaabbata keenyaatti galchuu.

Lootii 4. Gommaawwan konkolaataa adda addaa bituu.

Waan kana ta’eef kontiraaktaroonni sadarkaa 7fi isaa ol ta’an lootii 1,2fi 3 irratti hirmaachuu kan danda’an yoo ta’u, dorgomtoonni caalbaasichaa eeyyama daldala damichaa haara’e, waraqaa ragaa galmeeffama taaksii bu’aa dabalataa, xalayaa galiiwwanii akka isaan caalbaasicharratti hirmaachuu danda’an ibsu, ragaa dhiyeesitummaa, waraqaa mirkaneessa gahumsaa Ministeerri Konistiraakshinii kenne kan qaban lootii 1,2fi 3, ‘CPO’ kabachiisa caalbaasiifi kan kana fakkaatan ‘Envelooppii’ saamsame akkasumas gatiin caalbaasicha saamsame ‘Envelooppii’ lammaffaa keessa gochuudhaan akka dorgoman affeera.

Waldaa Dhuunfaa Komeershaal Nomiiniis Ittigaafatamummaansaa Murtaa’eCommercial Nomminees PLC

CN/NCB/02/2013Dokimantii caalbaasichaa Gamoo Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Damee Taklahaymaanotitti argamu darbii sadaffaa biiroo lakkoofsa 118 kutaa loojistiksiifi Faasilitii manaajimantiitti qarshii 100.00 kaffaluudhaan Wiixataa hanga Jimaataatti (Ganama sa’aatii 2:00- 6:00 akkasumas sa’aatii 7:00-11:00)tti argachuu dandeessu. ‘COP’ kabachiisa caalbaasichaa tokko tokkoon lootiitiif qarshii 20,000.00 dokmantii caalbaasicha ittiin dorgomu waliin dhiyeessuu qaba.

Dorgomtoonni caalbaasichaa dokmantiisaanii karaa teessoofi yeroo hojii armaan olitti eerameen saanduuqa caalbaasii qophaa’e keessa hanga Hagayya 05 bara 2012, ganama sa’aatii 4:00tti dorgomtoonni caalbaasichaa ykn bakka bu’oonni seera qabeessi bakka argamanitti galma dhaabbatichaatti banama. Dorgomtoonni caalbaasichaa ulaagaalee armaan oliifi haaldureewwan hinguutne beeksisa dabalataa tokko malee dorgommichaan ala taasifamu.

Dhaabbatichi caalbaasicha gartokkeedhaanis ta’ee guutummaatti haquuf mirgisaa eegamaadha.

Waldaa Dhuunfaa Komeershaal Nomiiniisii Ittigaafatamummaansaa Murtaa’e. Gamoo Baankii Daldalaa Itoophiyaa Damee Taklahaymaanotitti argamu

Lakkoofsa bilbilaa: 011-1-475611

Waldaa Dhuunfaa Komeershaal Nomiiniis

Adaamaa: Rakkoo nageenyaa godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti mudateen projektootni invastimantii gubatan deggarsa qaamolee addaddaatiin deebi’anii kan ijaaraman ta’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibse.Abbootiin qabeenyaa magaalotaafi godinaalee Oromiyaa keessa jiranis hoggantoota olaanaa naannichaafi federaalaa waliin ta’uun kaleessa magaalaa Adaamaatti kan mari’atan yoo ta’u, rakkoo nageenyaa mudateen danqamanii sochii misooma invastimantii addaan kutuu akka hinqabne hubachiifameera.Prezidaantii ittaantuun BMNO Aadde Caaltuu Saanii waltajjicharratti akka ibsanitti, qaamoleen badii biyya alaafi keessaan qindaa’anii gochaa suukaneessaa rawwataniin lubbuun gooticha Oromoo artisti Haacaaluu Hunndeessaa darbuu danda’eera. Qabeenyi dhuunfaafi ummataa biliyoona hedduutti tilmaammamus kan barbadeeffame ta’uu himaniiru.Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuuf yaaliin taasifamaa ture hirmaannaa hawaasaafi qaamolee nageenyaatiin fashalaa’uusaa himanii, kanaaf ammoo tumsa hawaasniifi abbootiin qabeenyaa taasisaniif maqaa mootummaa naannichaatiin galateeffataniiru.Rakkoo nageenyaa mudateenis invastimantootni hedduun kan gubatan waan ta’eef misooma dinagdee naannichaafi biyyaarratti dhiibbaa guddaa kan geessisan ta’uus dubbataniiru. Kanaaf yeroo gabaabaa keessatti deebi’anii akka ijaaramaniif koreen akka biyyaalessaatti hundaa’ee miidhaa dhaqqabe gamaggamaa akka jiru himaniiru.Abbootiin qabeenyaas badii dhaqqabetti rifatanii misoomarraa duubatti deebi’uu osoo hintaane hariiroo hawaasa naannawaasaanii waliin qaban cimsachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Takkaalliny Gabayyotiin

Invastimantootni gubaman deebi’anii kan ijaaraman ta’uun ibsame

Doktar Abiyyi Ahmad biqiltuu wayta dhaabanitti

Page 14: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012 15

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Kubbaan miilaa biyyoota Awuroppaa keessumaa Ingiliz, Faransaayiifi Xaaliyaanitti dursee beekamtii argatus addunyaarratti ALA bara 1896 Olompikii ammayyaa kan yeroo jalqabaaf Giriik ,Ateensitti gaggeeffamee as ta’uusaati seenaan kan muldhisu.Ispoortichi suuta suuta beekamtii argachuudhaan ardii Addunyaa tanarratti jaalatamaa kan dhufe garuu waancaa kubbaa miilaa Addunyaa kan ALA bara 1930 Ameerikaa Kibbaa, Paaraaguwayitti gaggeeffamee as akka ta’e ragaaleen ni muldhisu.Haata’u malee ispoortiin kun Afrikaatti beekamtii edda argatee walakkaa jaarraa tokkoo ol ta’us sadarkaa dorgommiitiin haala ammayaatiin gaggeeffamuu erga jalqabee waggoota 77 lakkoofsiiseera.Ispoortiin kubbaa miilaa biyya keenyatti kan jalqabame waggoota 1920 keessa ta’us federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa kan hundeeffame ALA bara 1943 keessa ta’uun galmaa’eera. Haata’u malee biyyattiin miseensa waldaa kubbaa miilaa addunyaa kan taate bara 1952 akka ta’e seenaan ni addeessa.Tapha kubbaa miilaa kana dursitee kan hubatte Itoophiyaan Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa akka hundeeffamu biyyoota ollaa ishee, Sudaaniifi Misri waliin ta’uun ga’een isheen taphatte hindagatamu.Haaluma kanaan Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afrikaa ALA bara 1957 hundeeffamuudhaan ispoortiin kubbaa miilaa Ardii Afrikaattis baldhinaan akka hordofamu kan ta’e.Taphni kubbaa miilaa biyya teenyatti baroota1920n keessatti muldhatus suuta suuta manneen barnootaafi kutaalee dhaabbilee Raayyaa Ittisaa adda addaatti guddachaa dhufee kilaboota horachuun walmorkiiwwan biyyoolessaarratti hirmaachuun jalqabame.

Bu’uura garee biyyaalessaa kan ta’an kilabootaaf xiyyeeffannaa barbaachisa

Itoophiyaan walmorkii biyyoolessaarratti hirmaachu kan jalqabde taphawwan gulaalaa Olompikii, waancaa kubbaa miilaa Addunyaafi Afrikaa, taphawwan Afrikaa guutuu, walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa, walmorkii waancaa biyyoota bahaafi giddugalessa Afrikaafi kkf irratti ta’uusaati.Bu’uura kubbaa miilaa biyya keenyaa kan ta’an kilaboonni hedduunis kutaalee biyyattiitti babaldhachaa dhufuudhaan walmorkiin kubbaa miilaa liigii priimeerii, shaampiyoonaan kilaboota liigii biyyaaleessaa, akkasumas kan dargaggootaafi dubartootaa hundaa’uudhaan ispoortiin kubbaa miilaa biyya keenyatti jaalatamaafi hordoftoota heddu akka argattu ta’eera.Ispoortiin kubbaa miilaa kun dargaggoota addunyaa biratti jaalatamaa dhufuudhaan waldaan kubbaa miilaa addunyaa “FIFA”n sagantaa baasuudhaan akkuma haala qilleenssa biyyoota miseensootaaf tolutti waggaa waggaadhaan gageessaa tureera.Addababa’ii guddaa dargaggoonni

addunyaa irratti walargan taphiiwwan olompikiifi waancaan kubbaa miilaa addunyaas sagantaaleesaanii eeggatanii akka gaggeeffaman gochaa tureera. Rakkinnoota waraana addunyaa tokkoffaa, lammaffaafi sadaffaatiin kan ka’e yeroo sadiif addaan citus kanneen hafan yeroosaanii eeggatanii sagantaa waldichi baasuun gaggeeffamaa turuunsaa kan yaadatamuudha.Haata’u malee barana sababii kovid-19n dhaabileen ispoortii sochiin biyyaa keessaafi shaampiyoonaawwan biyyoolessaarratti taasisan addaan citeera.Haaluma kanaan waldaa kubbaa miilaa Addunyaa (“FIFA”)n, Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (“CAF”)fi koree Olompikii biyyooleessaarraa akeekkachiisa darbeen walmorkiin biyyoolessaafi biyya keessaa addaan citeera. Haata’u malee biyyoonni miseensota waldaa kubbaa miilaa addunyaa jalatti argaman marti taphattoota kilabootaa, leenjistootaafi oggeessota ispoortiiwwanii maraafuu mindaan osoo hindhaabbatin sochii qaamaa qofa gochuudhaan hanga walmorkiin banamutti eeguu qabu yaada jedhuun qajeelcha dabarseera.Haaluma kanaan Itoophiyaanis miseensa waldichaa ta’uun shaampiyoonaawwan adda addaa kanneen biyya keessatti gaggeeffamaa turan dhaabuudhaan kilaboonni gara kaampiisaaniitti dacha’aniiru.Kilaboonni marti bajata mootummaatti hirkatanii waan jiraataniifi bajannis kan ramadamuuf hanga ji’a Waxabajjiitti ta’uusaatiin mindaa taphattootaafi leenjistootaaf kafalaa turan fixuun kilaboonni rakkina keessa galaniiru.Sababuma kanaan kilaboonni tokko tokkoo diigamuuf qarqararra gahaniiru. Baayi’een isaanii ammoo taphattoota hirdhisuudhaan ari’aa jiru.Haalli kun ammoo itti fufnaan

Finfinnee: Waggaa waggaadhaan kilaboota liigii priimeerii Ingiliz jidduutti kan adeemsifamu shaampiyoonaan kubbaa miilaa kan bara 2019/2020 Roobii darbe olaantummaa kilaba Liivarpuuliin xumurame.Shaampiyoonicharratti kilaboonni liigii priimeerii Ingiliz 20n hirmaachaa kan turan yoo ta’u, kilabni hangaftichi Ingiliz, Liivarpuul tapha maahessaa Cheelsii waliin Roobii darbe adeemsifatetti 5-3n mo’achuun abbaa waancaa kan ta’e.Ji’oota saddeet dura xumuramuun kan irra ture shaampiyoonichi sababii koviid-19n kan addaan cite walmorkiin maahessaa kun kan gaggeeffame bakka daaw’ataan kubbaa miilaa hinjirretti istaadiyoomii cufaa keessatti.Walmorkicharratti kilaboonni ciccimoon Ingiliz hirmaachaa kan turan yoo ta’u, Liivarpuul walumaagalatti taphawwan 37 adeemsifate keessaa 31 mo’ee, sadi walqixa bahee, sadi mo’amee, goolii 82 galchee, 32 itti galee, qooda galchaa 50n walumaagalatti qabxii 96 argachuudhaani.

kufaatii kubbaa miilaa biyyaa keenyaa dhiheessaa jira.Rakkina kilaboota kana furuuf jecha federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa kilaboota liigii piriimeerii 16fi kilaboota liigii biyyaaleessaa 28f walumaa galatti qarshii miiliyoona saddeet ramaduudhaan Kibxata darbe kenneera.Prezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayaas Jiraa akka ibsanitti,qarshii kenname kana keessaa kan kilaboota liigii priimeerii Itoophiyaa 16 miliyoona 2.5 yoo ta’u, kan hafe ammoo kan kilaboota liigii biyyaalessaa ta’uu muldhisaniiru.Haaluma kanaan kilaboota magaalota naannoleef tokko tokkoosaaniif qarshiin kuma dhibba sadii sadii yoo kennamu kanneen bulchiisa magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaaf ammoo kuma dhiba lama lamaa kennamuun beekameera.Federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa kanaan dura galii kan argatu gargaarsa waldaa kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA”fi Konfedereeshina kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF”irraa gargamu, akkasumas galii yeroo taphaa istaadiyomaarraa argamuun ta’uusaa kan addeessan Obbo Isaayaas, naannoleen rakkina jiru hubachuun gargaarsa argame osoo hinqisaasessiin ittifayyadamu qabu jedhaniiru.Akkasumas federeeshinonni kubbaa miilaa naannolee mana maree ispoortiifi komishini ispoortii naannolee waliin mari’achuudhaan karaa maallaqa itti argatan barbaaduudhaan ispoorticha akka gargaaran gaafataniiru. Bara rakkinaa kana harka walqabannee ce’u qabna kan jedhan Obbo Isaayaas, kilaboonni mindaa taphattootaa kan hanga ammaatti hinkafalamin kafaluun dirqamasaaniiti jedhan.Kana ta’uu baannaan kilaboonni kafaltii hin raawwanne shaampiyoonaa bara 2013 irratti akka hinhirmaanne akeekkachiisaniiru.

Liivarpuul

Liivarpuul waggoota 32 booda waancaa kaase

Yoomiyyuu caalaa kilaboota kubbaa miilaa piroofeeshinaalotaan kan hirmaachaa ture kilabnni Liivarpuul, walmorkii baranaa kanatti kilaba sadarkaa lammaffaarratti argamu, Maanchistar Siitii qabxii 18n dursusaatti waancaaf kan isa gitu hinture.

Edda hundeeffame waggaa dhibba tokkoo ol kan laakkofsiise Liivarpuul, waancaa kilaboota liigii priimeerii Ingiliz kana waggoota 32 booddeedha kan fudhate.Shaampiyoona baranaatti kilabni Maanchistar Siitii qabxii 78n lammaffaa,

yeroo baay’ee waancaa kilaboota liigichaa fudhachuudhaan kan beekamu kilabni Maanchistar Yunaayitid qabxii 63n sadarkaa sadaffaa argachuudhaan akkuma waldura duuba jiranitti meedaaliyaa meetiifi nahaasaa argataniiru.

Page 15: Mijuu...kan hirmaatan ta’uus himaniiru jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera. Jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Tashoomaa Baqqalaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 18 Bara 2012 16

Dhaabbata Maxxansaa Birhaaninnaa Salaamitti maxxanfame

Hojiin guutiinsa bishaanii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, marsaan jalqabaa milkaa’inaan xumuramuusaatiin Warshaan Alkooliifi Araqee Naashinaal gammachuu guddaan kan itti dhagahame ta’uu ummata Itoophiyaaf ibsa.Warshaa Alkooliifi Araqee Naashinaal