qajeelcha kunuunsa simbira abbaa waaqoo godina … guidelines for the... · (dirzo et al., 2014)....
TRANSCRIPT
1
Qajeelcha Kunuunsa Simbira Abbaa Waaqoo Godina Jimmaa Aanaa Cooraa Botor
(Conservation Guidelines for the Conservation of Black Crowned Crane in Chora
Boter District of Jimma Zone)
By: Dessalegn Obsi Gemeda
Jimma, Ethiopia
Feburary, 2016
2
Seensa (Introduction)
Jechi kunuunsa jedhu akka galmeen jechootaa kaa’utti qabeenya uumamaa eeguu yookiin
badiinsa irraa tiksuudha. Akka barumsi baayooloojii nu hubachiisutti immoo, kunuunsa jeechuun
saayinsii eegumsa yookiin bulchiinsa bidoollee (biodiversity) jechuudha. Kunuunsi adeemsa
akkaataa itti faayyadamina qabeenya umamaa, qooduufi eguuti, (Soule, 1985; McCormic, 1991).
Kunuunsi doorsisaafi manca’insa biidoollee hambisuufi. Akkasumas, dhaloota dhufutti
dabarsuuf shoora olaanaa qaba. Namoonni kunuunsaafi eegumsa naannoo irratti qabsaa’anii
bu’uura manca’insa sanyiifi akkaataa itti fooyyessan, gidiraa sanyii bineensootaa wayyeessaniifi
xiqqeessan akkasumas, wanta badaa jiru akkaataa itti eeganiifi qabeenya uumamaa yeroo
dheeraaf tursiisan irratti hojjeetu, (Cooke et al., 2013). Yeroo ammaa addunyaan gochaa dhala
namaatiin biidoollee dhabaa jirti, sanyii fi lakkoofsi isaa naannoo baay’eetti xiqqaachaa jira,
(Dirzo et al., 2014). Dhalli namaa bosona, muka qarqara lagaatti biqilu, lafa margaa, lafa
chaffa’aa gara lafa qonnaatti jijjiruudhaan akkasumaas, lafa caffee qorsuudhaan daandiifi
magaaloota babal’isuudhaan sanyii ilbisotaa irratti dhiibbaa guddaa tasisaa jira. Badiinsi bakka
jireenyaa bidoollee (habitat) raakkoolee sanyii lubbu-qabeeyyii irratti gessisan keessaa isa
guddaadha, (IUCN, 2014). Yeroo ammaa akka qorannoon tilmamaa IUCN agarsiisutti badiinsaa
sanyii lubbuu qabeeyii 22, 000 oliifi bakka guddaa kan fudhatu (85%) manca’insa bakka
jireenya lubbuu qabeeyyiidha. Akkuma beekamu baay’inni lakkoofsa uummataa baay’ee dabalaa
adeemuun akka dhalli namaa humnaa ol qabeenya uumamaa irratti dhiibbaa guddaa godhu
godhee jira. Badiinsa akka addunyaattis tahee akka naannootti lafa caffaa’aafi akka waliigalaa
sirnakkoo (ecosystem) irratti mul’achaa jiruu to’achuuf hawwii guddaadhaan baaruulee
qajeelcha kunuunsa bidoolleef hawaasa addunyaadhaan qopha’ee jira, (Butchart et al., 2010).
Badinsiifi xiqqaachaa dhufuun bidoollee sababa dhalli namaa qabeenya uumamaa seeraan alaafi
amma fayyadamuu qabu olitti fayyadamuudhaan addunyaa kana rakkoo guddaa irra buuseera.
Dhalli namaa bidoollee ballessuufis ta’ee kunuunsuuf bakka guddaa qaba. Yeroo dhihoo asitti
qorannoon akka agarsiisutti kunuunsi saayinsii rakkoo bu’uura qabeenya uumamaaf furmaata
kennuudha, (Musengezi, 2015). Dhiibbaan dhalli namaa bakka jireenyaa bidoollee irratti godhaa
jiru addunyaa kana irratti yeroo gara yerootti dabaluudhaan akka sanyiin bineensotaafi biqiloota
xiqqaatu godheera. Akka gabaasni ‘Millennium Ecosystem Assessement’ bara 2005 agarsisutti,
dhali namaa waggoota 50 darban caalaa sirnakkoo addunyaa kana wantoota akka nyaataa,
bishaanii, muka saanqaa ta’uu, fo’aa, kirrii, boba’aa, albuudaafi kan kana fakkaatan fedhii
guddaadhaan barbaaduu irraa kan ka’e qabeenya uumamaa addunyaa kana irra caalaa akka
xiqqaachaa adeemuu tasiseera.
3
Barbaachisummaa kunuunsaa (Importances of conservation)
Kunuunsi lolaa, ibidda, babal’insa gammoojjiifi hongee dhorkuuf nama fayyada. Kunuunsi
hubannoo nuti qabeenya uumamaa irratti qabnu akka dabaluuf akkasumallee maaltu akka bade,
maaltu akka jiru, maal akka dhaloota dhufuuf dabarsuu qabnu beekumsa keenyaafi fedhii namaa
kakaasuudhaan sanyii baay’een lafa kana irra akka jiraatu gochuu danda'a. Akka gabaasni
‘United Nations Convections on Biological Diversity’ bara 1992 ibsutti, kunuunsi lubbuu
qabeeyyii baay’ee haala ittti fufiinsa qabuun turuu danda’uufi dhalootni amma jiru kan boru
dhufuuf tajaajila kennuu qaba. Gabaasuma ‘United Nations Convections on Biological Diversity’
keeyyaata 13 ibsutti, beeksisuuf hubbannoo namoota kunuunsa bidoollee irratti dabaluudhaaf
miidiyaa adda addaa fayyadamuudhaan akkasummalee, sirna barnootaa irratti dabaludhaan yaada
namootaa gabbisuun qabeenya uumamaa haala itti fufiinsaan akka fayyadamuu qabnu lafa kaa’a.
Bakka tokko tokkotti immoo, kunuunsi sanyiis ta’ee bidoollee galma ga’uu isaa saayinsii
mirkaneessus, haalli bidoolleen addunyaa hir’ina manca’inaa irratti akka jijjiiramni hin jirreef
amma illee dhiibbaan guddaa uumama irratti akka dabalaa jiru nuuf mirkaneessa, (Butchart et al.,
2010). Xiqqaachuun sanyii tokkoo naannoo murasa irratti argamuu sanyichi iddoo tokkoo
baduun baay’inni sanyii sanaa addunyaa irraa akka xiqqaatu akka inni godhu hundaaf ifaa dha.
Egaa uumamni xiqqaachuu yookiin badaa jiraachuu sanyii tokkoo irratti yoo jiraate, kunuunsuuf
uummata duukaa qajeelcha baasuun baay’ee salphaa ta’a. Akkuma sanyii bineensotaaf biqiltoota
adda addaa kunuunsi simbirroolee namaafis ta’ee naannoof gama ikkooloojii, hawaasummaafi
dinagdee akksumas saayinsawaadhaaf ni barbaachiisa.
Barbaachisummaa Kunuunsa Simbirroolee (Importances of Bird conservations)
Simbirrooleen baduuf jirachuun malattoolee jijjirama qilleensaafi naannoo nutti agarsisan
keessaa isaan tokkoodha. Yoo qilleensi naannoo tokkoo halaan jijjirame simbirrooleen naannoo
sana jiran iddoo biraatti bakka qilleensa mijatutti godaanu. Badinsaafi manca’insa simbirroolee
irratti hundaa’uudhaan naannoo keenya badii jala jirachuu isaa mirkaneessuuf nu gargaara,
(Balasubramanian, 2010). Hubannoo kunuunsa simbiroollee irratti kennine jechuun naannoo
keenya kunuunsuuf ka’uu keenya agarsiisa. Biyyoota baay’eetti simbirroolee daawwachuun
akka burqaa hawata turizimiitti fayyaada jira. Jiraachuun simbirroolee gosa garaagaraafi
sagaleen simbirroolee adda-addaa qabiyyeewaan miira daawwattoota harkisan keessaa isaan
ijoodha, (Tisedell fi Wilson, 2004). Biyya Ameerikaa keessatti nannoo 40% kan ta’an
dawwattoonni simbirroo biyya biraatti imaluudhaan simbirroolee adda addaa ilaaluudhaaf fedhii
guddaa qabu, (Birdlife International, 2015). Turizimii daawwannaa simbirroollee akka addunyaa
maratti baay’ee guddachaa kan jiruufi gara biyyoota dhihaatti immoo dinagdee isaanii hedduu
olguddisuu irratti hinkoo guddaa qaba, (Jones fi Buckley, 2001). Biyyooni baay’een simbirroolee
fayyadamuudhaan biyya isaanii beeksisaa jiru. Fakeenyaaf, daandii qilleensaa 43 mallattoo
simbirroo of irraa qabu akkasumallee biyyoonni hedduun sumuda postaafi saxaxa (Design) adda
addaatti fayyadamuudhaan biyya isaa addunyaa kana irraa akka naanna’an ergaa biyya isaanii
dabarsaa jiru. Daandiin qilleensaa ja’a: Lufthansa, German; Shanghai, China Eastern Airlines;
4
Xiamen airlines, China Southern Airlines; Japan’s Airlines; Polish airlines and Uganda Airlines;
simbirroolee jiran keessaa Abbaa Waaqoo kan jedhamu saxaxa gara garaadhaan xiyyaara isaanii
irratti akka faajjiitti fayyadamu.
Kunuunsi Abbaa Waaqoo (Abbaa Waaqoo) maaliif barbaachiise? (Why conservation of
Black Crowned crane is needed?)
Simbroon Abbaa Waaqoo sanyii crane ardii Afrikaa keessatti argaman jahan keessaa isa
tokkoodha, (Harris and Mirande, 2013). Sanyii simbira “Cran” kana lakkoofsi isaa xinnaa ta’uu
isaatiin salphaatti baduu irra ga’uu kan danda’uudha. (IUCN, 2012).
Abbaa Waaqoo (Photo by Dessalegn Obsi Gemeda)
Simbiroon kun ardii Afrikaa keessatti karaa gama dhihaatiin qarqara garba Atilantikaa biyyoota
Senegaaliifi Gaambiyaa irraa ka’ee gara bahaatti amma biyya Sudaan fi Etiyoophiyaatti faca’ee
argama, (Boere et al., 2006). Akka qorattoonni baay’een irra ga’anitti baay’inni simbroo Abbaa
Waaqoo kun baay’ee xiqqaachaa dhufuun biyyoota dhiha Afrikaa tokko tokko keessatti immoo
badee jira, (Meine and Archibeld, 1996; Beilfuss et al., 2007; IUCN, 2012; Harris and Mirande,
2013). Xinnaachuun lakkoofsa simbroo Abbaa Waaqoo kun sababa manca’iinsa bakka jireenya
isaa keessumaa lafa caffaa’aa irraa kan ka’e gara fuula duraatti akka itti fufu raaguun
danda’amee jira, (IUCN, 2012). Biyyoota simbiroon kun argamu hunda keessatti manca’iinsaafi
xiqqaachaa dhufuun lafa cafaa’aa; kanneen balaa hamaa yookiin jiraachuu sanyii kanaaf rakkoo
5
guddaa tahaniidha. Simbiroon naannoo tokko sababa uumamaafi dhalli namaa jeequmsa
naannooirratti geessisuun baduu danda’u. Gara biyyaa keenya Etiyoophiyaatti yeroo deebinu
sababa hanqina eegumsaafi kunuunsa lafa caffaa’aa yookiin lafa garmalee jiidhaa ta’e
(Wetlands) akkasumas hojiitti jijiiramuu dhabuu heeraafi seera kununsa qabeenya
uumamaasanyii simbiroo Abbaa Waaqoodhumee jira, (Aynalem et al., 2012). Badiinsa lafa
jiidhaa bakka wal-hormaataafi soorata simbiroo Abbaa Waaqoo akkasumallee ijoolleen loon
tiksitu buuphaa isaa cabsuudhaan, ilmoo simbiraa kana qabudhaan akka sanyii simbira kana
biyya keenyatti hin baay’anne kan godhan keessaa isaan ijoodha, (Aynalem et al., 2010).
Kununsaa Simbiroo Abbaa Waaqoo Hawasa Naannoo Wajjin (Conservation of Black
Crowned cranes along the local communities)
Hawasni naannoo lafa caffa’aa (bakka wal-hormaata, soorata, qubannaafi jireenya) simbiroo
Abbaa Waaqoo kununsa kana irratti hirmaachisuun yaada filannoo hin qabineedha. Hawaasa
naannoofi namootni dhaabbata adda addaa keessatti qooda qaban (stakeholders) kunuunsa
projektiiAbbaa Waaqoo irratti hirmaachisuun jijjirama guddaa fiduun ni danda’ama. Hawasaafi
qaama dhimmi ilaalu hunda hirmaachisuun kunuunsi sun akka iftoominaaf abbaan dhimmummaa
itti dhagahamu gochuu irratti gahee olaanaa qaba.
Marii Hawasaa Nannoo wajjin (Photo by Dessalegn Obsi)
6
Akkuma beekamu projektiin kunuunsa bidollees ta’e sanyii tokko hirmaannaa uummataan alatti
galma gahuu hindanda’u. Sababni isaa uummanni jiraachuuf jecha qabeenya uumamaa kan
kunuunsamuu qabu guyyaa guyyaatti waan balleessaa ooluuf hubannoo guddaa kennuun
barbachisaadha. Akkuma beekamu uumata malee kunuunsi tokko galma gahuu tasumaa
hindanda’u. Karoorri kunuunsa tokkoo kan inni galmaga’uu danda’u yoo namoonni naannoofi
qaamni dhimmi ilaallatu hundi karoora baasuu irraa eegalee hanga hojii irra oolchuu
irrattihirmaateedha. Keesumattuu hirmaannaan hawaasa naannoo kununsa sanyii simbiroos, ta’ee
kan biraaf furmaata akka ijootti beekuu qaba. Uummanni naannoo qaama sirriitti qabeenya
uumamaa eeguuf gahee guddaa taphachuu danda’an keessaa isaan ijoodha. keessumattuu
biyyoota akka Afrikaa kanneen jireenyi isaanii qonna irratti hundaa’u, (Birdlife International,
2007). Hojiinduulaakunuunsa irratti nama dhuunfaa irraa eegalee hanga seekteroota adda
addaatti hamma danda’ametti hirmaachisuun rakkoo amma jiruuf gara fuula duraatti mudhachuu
danda’u hambiisa. Dhimma kunuunsaa irratti osoo gosa saayinsii addaan hin baasin hayyuun
baay’ee (Multi-discplinary) hirmaachisuun rakkoo amma mul’achaa jiruuf furmaata ta’a.
Kununsi hojii mana hayyuu baayolojii qofa tahuu hin qabu. hayyoon saayinsii hawasasaas yadaa
namootaaf ilaalchaa isaan qabeenya uumama irratti qaban jijjiiruudhaan yookiin gabbisuudhaan
sabni bal’aan hiree fi yaada tokkoon wal-harkaa fuudhee, wal-tumsee, wal-jajjabeesee akka
hojjatu gochuun irratti waan guddaa hojjeechuu danda’a. Walumaagalatti adeemsi karoora
kunuunsaa baasuu hawaasa naannoo wajjin yoo tahe wanti karoorfame akka jedhameef yeroo
jedhametti galma gahuu danda’a.
Kaayyoo Qajeelcha Kunuunsa Simbiroo Abbaa Waaqoo (Objective of Black Crowned
crane conservation)
Kaayyoon qajeelcha kanaa caasaa mala ittin Abbaa Waaqoo kununsinu akkasumas doorsisaafi
manca’iinsa sanyii isaa xiqqeessuuf akka inni gara fuula duratti itti fufee jiraatu gochuu dha.
Kana raawwachuuf immoo qajeelchi kun waantoota hojjeetamuu qabaaniif kaayyoo lafa
kaahame kana bu’aa fiduun kan danda’amu yoo bakka jireenya (Habitat) Abbaa waaqoo
keessumaa lafa caffaa’aa yoo kunuunsineedha.
Tarsiimoo Kunuunsaa Abbaa Waaqoo qopheessuu (Approaches for conservation of Black
Crowned cranes)
Tarsiimoo qopheessuun mala akka salphaatti bakka galma (target) geesisuuf nama gargara.
Saxaxa tarsiimoo nama kamiiyyuu kan kunuunsa irratti hirmaatu ni gargara. Yeroo tarsiimoon
qophaa’utti qaamni dhimmi ilaallatu yoo irratti hirmaate gaarii taha, kaayyoo qophaahuu irratti
walii galamuu qaba, akkasumas yoom akka hojjatamuuf maalin akka hojjeetamu beekuun
barbachisaadha. Sababa namoonni qabeenya uumamaa irratti hubbannoo xiqqaa qabaniif
akkasumas jireenyi isaanii dhibbaan dhibbatti isaan irratti waan hunda’uuf duulli kunuunsa hojii
7
salphaa ji’ootaa fi waggoota muraasatti kan hojjeetamu osoo hin taane kan yeroo fudhatuuf
aarsaa qabeenyaa fi yeroo nama barsiisuudha. Kara gama tokkoon hanqina hubannoo irraa kan
ka’e namni guyyaa guyyaatti qabeenya uumamaa amma faayadamuu qabuu ol bosona, lafa
caffaa’aa, lafa margaafi kan biro illee balleessaa oola.Kara gama biraatiin immoo dhalli namaa
sababa filannoo biraa dhabeef uumama irratti duula bobba’a. Rakkoo kana hundee irraa furuuf
tarsiimoo gaarii qorachuun mala ittiin badiinsa bidoollee ta’annu qopheessuun wanta filannoo
hin qabneedha. Akkuma beekamu tarsiimoon tokko rakkoo manca’iinsa bidoolleef furmaata
kennuu hindanda’u. Mala makaa “bottom- up fi top-down” ilaalcha keessa galchuudhaan karora
kunuunsa akka yaadameefi,yeroofi qabeenyaa utuu hin afoollessiin sirriitti hojjeechuun nama
dandeessisa. Malli “botom-up” kan jedhamu yaada, ilaalchaafi hubbannoo hawaasni naannoo
qaban gadi bu’anii baruudhaan ilaalcha isaanifi beekumsa isaan qabsiisuudhaan kunuunsa irratti
hirmaachisuuf yeroo tahu “top-down” kan jedhamu immoo qaama dhimmii ilaalatuu
keesummatuu caasaa dhabbilee motummaa keessa darbuudhaan deeggarsa waajjiroolee fi abbaa
aangoo dabalachuudhaan uummata balaa akka duulaa kununsaa bidoollee irratti hubannoo
argataniif akkasumalee hojjeetaan gochuu dha. Yeroo tarsiimoon qopha’uu karoora akka dura
aantii (Priority stetting) isatti qopheesuuf dandeetti rawachuu danda’an beekuun waanta yaadame
akka lafa irratti qabatamaan rawachuuf nama gargaraa (Brooks et al., 2006). Toftaa laman
bottom-up fi top-down faayadamuudhaan qajeelchaa fi imaammata ifaa tahee qalaqudhaan
qaama dhimmi ilalatuu hunda: hawaasa nannoo, bulchaa hawaasa nannoo, bulchaa aanaa fi
zoonii, universitoota fi dhabbillee qorannoo adda addaa, dhabbillee motummaa fi mti-motummaa
hirmaachisuudhaan manca’iinsaa fi badisaa bidoollee olchuun ni danda’ama.
Faayidaa Sab-Qunnamtii Hawaasaa Kunuunsa Abbaa Waaqoo Irratti (Role of Media in
conservation of Black Crowned cranes)
Dhimma kunuunsaa irratti sab-qunamtiin kanneen akka facebook, Twitteriifi YouTube
faayyadamuudhaan yaada qaama dhimmi ilaallatu hundaaf (hriyoota, hojjettoota mootummaa,
hawaasa naannoofi kan biroo) yeroo gabaabaa keessatti yaada dabarsuudhaan namoonni
baay’een akka hubannoo gabbifatanii deeggersa barbsachisaa kunuunsa irratti akka gumaachan
gochuudhaan jijjiirama guddaa fiduun ni danda’ama. Yeroo sab-qunamtii hawaasaa fayyadamnu
milkaa’ina hojii kunuunsaa qofa osoo hintaane hanqinoota nu mudatanis namootaaf hiruun karaa
gama tokkoo namoonni yaada ijaarsaa, furmataafi gorsa akka nuuf kennaniif akkasumas,
oggeessa nu gargaruu danda’u wajjin nu qunnamsiisuudhaan gara rakkoo hiikuutti akka dhufnu
baay’ee nu gargaara.
Argannoofi wantoota hojiidhaan mul’atan meeshaalee sab-qunamtii hawaasaatiin dabarsuutti
dabalatan, wantoota raawwatamaniif qorannoodhaan bira ga’aman barruulee adda addaa irratti
akkasumas, joornaalota sadarkaa addunyaatti beekaman irratti maxxansuudhaan bifa adda
addaatiin beekumsa argame hawaasaafi qorattoota saayinsiif hiruudhaan daangaa tokko malee
ilaalcha nama baay’ee jijjiruuf beekumsa isaanii kunuunsa irratti qaban dabaluudhaan naannoo
8
irra darbee addunyaa irratti gumaachuudhaan jijjirama guddaa fiduun nidanda’ama. Yeroo hojii
pirojeektii kunuunsaa irratti hojjetan jalqabaa kaasee hanga xumuraatti ragaa hojii raawwii
agarsiisu: suura yeroo hojii dirree irraa, marii tuutaa, walga’ii hawaasaafi bakka bu’oota
dhabbata adda addaa (stakeholders), argannoo waraqaa namootaaf dhiyeeyfame (presentation)
maxxansuudhaan raga godhanii olkaa’uun barbaachisaadha. Argannoo hojiin ykn
qorannoodhaan argame carraa argame sadarkaa biyyoolessaas ta’e addunyaa irratti dabarsanii
hiruun hojii qorataafi nama kunuunsa irratti bobba’e irra kan eegamudha. Walitti dhufeenya
ogeessootaa dhimma walfakkaataa irratti hojjetan wajjin hariiroo cimsuudhaan beekumsa ofii
olguddisuun barbaachisaadha.
Kunuunsi Abbaa Waaqoo waltumsaafi carraaqqii garee seekteroota adda adda: Waajjira Qonnaa,
Eegumsa Lafaafi Naannoo, Interpraayizii Bosonaafi Bineensootaa, Aadaafi Tuurizimii,
dhaabbilee dhunfaa, Dhaabbilee hawaasaa, dhabbillee qorannoo, Yuunversiitootaafi manneen
barnoota sadarka adda addaa irratti hirmaachisuudhaan bu’aan gaarii argamu danda’a. Kunuunsi
kamiyyuu erga karoorfamee booda hojiitti jijjiiruudhaaf kaabbitaala nama barbaachisa.
Dhaabiiee naannoofi Idila addunyaa kunuunsa iratti hojjetan qunnamuudhaan gumaacha qarshii,
meeshaa, gorsaafi qajeelcha argachuudhaan hojii mul’atuu lafa irratti mul’isuun nidanda’ama.
Tooftaalee Fandii Kununsaaf Argatan (How to secure fund for conservation)
Dhaabbilee kunuunsaaf fandii kennan akka salphatti interneetii irratti argamanis, kanneen
pirojeektii keenya wajjin walsiman argachuun ulfaataa ta’uu mala. Namni tokko yoo fandii
barbaadudhaanis ta’e argachuudhaan muxxannoo hin qabu taanan nama muuxxannoo gahaa qabu
marii’achuudhaan akkasumas, leenjjiifi workshop akkataa wixinee gaarii barreessaniifi fandii
barbaadan irratti hirmaachuudhaan dandeettii barreessanii fandii argachuu danda’an
guddiffachuudhaan gargaarsa fandiif argachuun ni danda’ama. Karaa gama biraatiin immoo,
Dhaabbilee Idila Addunyaa kanneen yeroo beeksifni fandii ba’u nama beeksisan kan akka
www.terraviva grants.org, www.fundsforngos.org yeroo yerootti weebsaayitii isaanii irra galuun
kanneen pirojeektii keenyatti walitti dhufeenya qabanitti erguudhaan fandii argachuun
nidanda’ama. Namni pirojeektii barreessee dhaabbilee fandii kennanitti erguu barbaadu wantoota
kudha-saddeettan (18)n armaan gaditti tarreeffaman ilaalcha keessa galchuu qaba. Isaanis:
1. Pirojeektiin keenya fandii jiruuf ulaagaa isaa (eligible) guutuufi dhiisuu isaa
mirkaneessuu,
2. Aantii (priority) warra fandii kennaanii beekuu,
3. Yoo biyya nidaangessa ta’e osoo pirojeektii keenya hin ergiin mirkaneessuu,
4. Guyyaa dhuma pirojeektiin itti galu (application deadline) mirkaneessuu,
5. Qaamni fandii kennu ammam akka kennuu danda’u (gadi ’aanaafi ol’aanaa) adda
baasanii beekuu,
6. Qajeelfama unka fandiif guutamu seeraan dubbisuudhaan sirriitti guutuu, yoo baay’ina
jechaafi fuulaan dangefaamaa ta’e ilaaluun barreessuu,
9
7. Yeroo pirojeektii qopheesinu yeroo sirriitti fudhachuun barreessuu akkasumas, irra
deebii’udhaan iditii gochuun barbaachisaadha.
8. Osoo warra fandii kennanitti hinergiin hiriyaa ofii ykn ogeessan wixinee (proposal)
barreefame tokko gulaalchisuu,
9. Yaada hiriyaan ykn ogeessan kenname kan wixinee (proposal) keenya cimsu itti
dabaluudhaan qaama fandii kennutti erguu,
10. Baajatafi yeroon kaa’mee wixinee barreeffame raawwachuuf haqaafi amansiisaa ta’uu
isaa mirkaneessuu,
11. Kan pirojeektii keenya gargaaran (co-fund) kan meeshaanis ta’e maallaqaan deeggeruu
danda’an barbaaduun gaafii dhiyyeessuu,
12. Murtoo qaama fandii kennu irraa carraa darbuuf kufuun %50 akka ta’e beekuun obsaan
eeguun barbachisaadha.
13. Pirojeektiin fandiif ergame yoo milkaa’ina dhabe (regret) yeroo barreesinetti beekumsa
baay’ee waan arganneef akka kisaatti ilaalamuu hin qabu.
14. Pirojeektiin fandiif ergamee yoo hin milkaayiin hafe gatuu dhiifnee irra deeb’uun
fooyyessinee ulaagaa jiru erga adda baafnee booda qaama kuffisetti yookiin bakka
biraatti erguun carraa milkaa’uu olguddisuun nidanda’ama.
15. Carraa fandii kunuunsa pirojeektiidhaaf karaa adda addaan babal’isuun yaaluu,
16. Sababa carraa milkaa’uuf milkaa’uu dhabuun walqixaa ta’eef abdii dhaabbata fandii
kennu tokko qofa irratti qabnu xiqqqeessuu,
17. Galma ga’umsa pirojeektii keenyaa warra fandiin nu deeggeraniif akkasumas,
dhaabbilee fandii kunuunsaaf kenuu danda’aniif ta’e kan kunuunsa irritti hojjettaniif
hiruun hojii karoora gara fuul-duraatiif nama gargaara.
18. Carraa argame kamittuu waa’ee kunuunsa bidoollee irratti beekumsa qabnu maalti akka
hojjetamuu qabu, akkamii akka raawwatamuu qabu qaama dhimmi isaa ilaalu hundaaf
dabarsuudhaan hawaasa bira geessisuun jijjiirama amma danda’ame fiduuf warraquu
qabna.
Dhaabbilee fandii kennuu danda’an kan biraa (Possibile funding sources)
Dhaabbilee mootummaa naannoofi giddugaleessaa
yuunivarsitootaafi dhaabbilee qorannoo
Dhaabbillee hawaasaa adda addaa
Dhabbilee dhuunfaa
Matayyaa (individual)
Karoora kunuunsa Abbaa Waaqoo hojiirra oolchuuf akkasumas, itti fufiinsaan kunuunsuudhaaf
kanneen armaan gaditti tarreeffaman raawwachuu qabna:
1. Ragaa qorannoo irratti hundaa’e fayyadamuudhaan uummata kununsa Abbaa Waaqoo
irratti hirmaachisuu
10
2. Qaama dhimmi ilaalu hunda wajjin barbaachisummaa kunuunsa Abbaa Waaqoo irratti
waliigaluu
3. Dhaabbilee kunuunsa irratti hojjetan addaan baafachuun wajjin hojjechuu
4. Dhabbilee adda addaa wajjin hojjeechuu
5. Osoo duula waliigala (outreach) kunuunsa Abbaa Waaqoo hin eegaliin dura uummatniifi
dhaabbileen adda addaatti kaayyoo isaa hubachisuu
6. Ogeessota adda addaa walitti fiduudhaan akkaataa gara fuula duraatti dhimma kunuunsa
Abbaa Waaqoo irratti hojjetamu dubbachuufi kallattii lafa kaa’uuf nama gargaara.
7. Uummata naannoo akka kunuunsa Abbaa Waaqoo irratti bal’inaan hirmaatan gochuu
8. Wa’ee Abbaa Waaqoo uummataaf ibsuudhaan akka kunuunsa isaaf godhan taasisuu
9. Yaada uummatni calaqqisiisuuf kabaja guddaa kennuudhaan yaada dabalataa kennuu
10. Faayidaa lafa caffaa’aa irratti uummataaf leenjii kennuu
11. Uummataafi bakka bu’oota dhabbilee adda addaatiif faayidaa sirnakkoo namaaf kennuu
irratti leenjii keennuu: provisional servicies, regulating services, cultural services and
supporting services
12. Leenjii uummataa bakka bu’oota dhabbilee adda addatiif leenjii waa’ee Abbaa Waaqoo
sadarkaa gandaa, aanaafi godinaa irratti kennuu
13. Hubannoo uummatni eeguumsa naannoofi kunuunsa lafa caffaa’aa irratti qabu guddisuu
14. Midhaginaafi hawwata Abbaan Waaqoo qabu suuraalee adda addaa agarsiisuudhaan
akkasummas, sab-quunnamtii hawaasaa fayyadamuudhaan dabarsuu
15. Documantaarii filmii Abb Waaqoo irratti qopheessuu: Yeroo adeemuu, balali’u, taphatu,
shubbisuufi nyaatu qopheessuudhaan YouTubefi kannnen sab-quunnamtii hawaasaa ta’an
facebookiifi Twitter irratti gadhisuun jaalala namni simbira kana irratti qabu dabaluu
16. Dhaabbilee idila-addunyaa deeggarsa fandii kunuunsaa Abbaa Waaqoof akka
gumaachan gaafachuu
17. Sakkatta’insaafi madaallii kunuunsa pirojeektii tokkoo seeraan hojjeechuuf qaama
dhimmi ilaaluuf gabaasuu
18. Pirojeektii kunuunsa tokko amma wanti karoorfame galma ga’utti sadarkaa
sadarkaadhaan pirojeektii adda addaa kalaquudhaan raawwachuu.
Wantoota armaan olitti tarreeffaman raawwachuudhaan, rakkinoota Abbaa Waaqoo irra ga’aa
jiran hir’isuun nidanda’ama. Hunda caalaa uummata barsiisuudhaan faayidaa sirnakoo kennu
hubachiisuudhaan jijjiirama kunuunsaa irratti fiduun nidanda’ama. Ergaa ilaalcha uummatni
kunuunsaa Abbaa Waaqoo irratti gabbifatee booda karaa workshooppii, leenjjiifi marii adda
addaadhaan buufata tokko irra gara buufata biraatti, ganda tokko irraa gara ganda biraatti, aanaa
tokko irraa gara aanaa biraatti kana irra darbees gara godinaaleefi naannootti babal’isuudhaan
jijjiirama guddaa fiduu dandeenya.
11
Wantootaa Kunuunsa Abbaa Waaqoo Irratti Dhibbaa Gesissaan (Factors affecting the
conservation of Black Crowned cranes
Turtii yeroo dheeraa qorannoof dirree irra turretti akkasumas hawaasa naannoofi bakka bu’oota
wajjiroolee adda addaa irraa akka yaada fudhannetti goodina Jimmaa aanaa Choora boter
keessatti sababa badiinsaafi xiqqaachaa dhufuu lafa caffaa’aa irraa kan kahe jireenya
simbirrooAbbaa Waaqoo irra rakkoon guddaan akka gaha jiru mirkanneefanneerra. Yoo badinsi
lafa caffaa’aa kun haaluma kanaan kunuunsa tokko malee itti fufe sanyiin simbirroo
kanaa,Abbaa Waaqoo nannoo kanaa ni bada yookiin immoo bakka soorata wal-hormaata isaa
barbaduuf naannoo biraatti godaana. Akka qorannoon agarsiisutti, godiina Jimmaaaanaa
Chooraa boter keessattisababiwwan jireenya Abbaa Waaqoo irratti dhiibbaa guddaa fidaa jiran
keessaa kanneen armaan gaditti terreeffaman isaan hangafootadha. Isaanis:
Iddoon jireenyaAbbaa Waaqoo saffisa guddaadhaan xiqqaachuu
Xiqqaachuu qaama bishaanii
Lafa caffee qoorsuu
Dalaliin (siltation) sababa rakkoo nannootiin kan ka’e dabaluudhaan lafa caffaa’aa
balleessuu
Naannoo lafa caffaa’aa amma barbaachisuu olitti dheedichahoriitiif (overgrazing)
fayyadamuu
Tiksitootaaf ijoollee naannoo lafa caffaa’aa oolaan (human disturbance) (inni kun maal
akka jechuu barbaadde naaf hin galle)
Hubannoo dhabuu faayidaa lafa caffaa’aa
Hubannoo dhabuu uummataa fi caasaa motummaa simbirooleen hawwata turizimii tahuu
ishee
To’achuufi gamaaggamuu Projektii (Project Monitoring and Evaluations)
Projektii tokko to’aachuun kaayyoo jalqaba kaahame akka galma ga’eefi dhiise baruuf nama
gargaara. Akkuma to’achuu, projeektii tokko madaaluun, waantoota milkaa’aniif kan
hinmilkaahin hafan beekuuf akkasumas raawwii hojii keenyaa madaaluuf nu fayyada. Projeektiin
tokko erga hojii jalqabee gidduutti yoo fashalahe gara fuula duratti hanqinoota argamaan irraa
barachuudhaan tooftaa (mala) gaarii qopheessuudhaan kaayyoo keenyaa akka salphatti galma
geessisuun nidanda’ama.
12
Kunuunsa Abbaa Waaqoo hojiirra oolchuuf wantoota rawwatamuu qaban gabbatee
armaan gadii keessatti kaahamee jira (For the conservation of Black Crowned cranes the
following activities will be conducted)
Lakk. Waantoota hojjeetamuu qaban Yaada
1 Kunuunsa Abbaa Waaqoof karoora
qopheessuu
Kanneen degeersaa fandii kennan
barbaaduu
2 Baajata dhugaa irraatti hundaa’e gaafachuu Baajata barbaachisu tilmaama isaa sirriitti
beekuu
3 Meeshaaleeqorannoof barbaachisan
guuttachuu
GPS, dijitaala camera, video camera,
bionuclars hojii dirreef baay’ee
barbachiisoo dha
4 Uummata faayidaa lafa caffaa’aa barsiisuu Ogeessota adda adda affeerudhaan akka
beekumsa dabalataa kennan gochuu
5 Leenjii uummataa fi bakka bu’oota
wajirraaf (stakeholders) sadarkaa sadarkaan
kunuunsa lafa caffaa’aa fi Abbaa Waaqoo
keennu
Garreedhaan, oggeessotaa adda
addaayuuniversiitiif dhabbilee qorannoo
irraa affeeruudhaan akka leenjiin kennamu
irratti gochuu
6 Qorannoo faca’iinsa, bay’inaafi Ikolojii
(ecology)Abbaa Waaqoo irratti taasiisuu
Gareedhaan, kanneen data funaanan
durgoo kaffaluudhaan yeroo yerootti
odeefannoo walitti qabuu
7 Kunuunsaa lafa caffaa’aa cimsuu Caasaa motummaa wajjin ta’uudhaan
uummata sulala misooma irratti
hirmaachisuu
8 Eegumsi biyyee fi bishaanii akka cimu
gochuu
Waajjira qonnaa irraa deegersa dabalataa
argachuudhaan eegumsa biyyee fi
bashaanii cimsuu
9 Gabbion hojjeechuu Bakka dhiqimnii biiyee balaa’amaa jiru
hidhuun furmaata fiduu
10 Lafa qullaa tahe marga uwwisuudhaan lolaa
irraa eeguu
Hubannoo uummataaf hiruudhaan
akkasumas muuxannoo gaarii
babal’isuudhaan (practical demonstration)
uummata misooma sululaa irratti
hirmaachisuun, gargarsa caasaa motummaa
sadarka sadarkaan jiran irraa deeggarsaa
argachudhaan
11 Nannoo lafa caffaa’aa amma barbaachisuu
olitti dhedicha horitiif (overgrazing) akk hin
fayyadamne gochuu
Uummataaf mala aadaafi saayinsawaatiin
akka fayyadamaan caasaa motummaa
wajjin ta’uudhaan hubannoo akka argatan
gochuu
12 Lafa caffaa’aa gara tajajiila qonnatti jijiiruu
hir’isuu
Caasaa motummaa fi ogeessota qonnaa
waliin ta’uun hubannoo bal’aa uumuu
13 Yeroo qorannoo gaggeeffameodeeffannoo
argame seeraan qabuufi galmeessuu
Gareen, daataa funanuu
13
14 Simbirooleen hedduun waanlafa
caffaa’aairra jiraataniif gara fuulduraaf
bakka hawaata turiziimii akka ta’uu
danda’u bal’iinaan hubachiisuu
Ogeessotaafi beektoota adda addaa,
dhabbilee aadaa fi turiziimii, sab-
qunnamtii hawwaasaa kanneen akka
radiyoo fi television fi gaazexissitoota
dabalachuudhaan beeksisuu
15 Argannoo saayinswaa maxxansuun akka
namoonni baay’een dubbisan hubannoo
isaanii haalan gabbifatan gochuu
Dhimma kunuunsaa waan ta’eef argannoo
maxxansame qaamni dhimmi ilaallatu
hundi akka fayyadamuuf akkasumas
dubbisuuf bilisaan gadhiisuu
16 Projektiin tokko yeroo dhumu kan biraa itti
fufsiisuudhaan akka hojjatamuu gochuu
Projeektii kunuunsa tokkoo hangagalma
ga’iinsa kaayyoo isaatti hojachuu
14
Galata (Acknowledgments)
Barruulee qajeelchi kunuunsa projeektii kunuunsa simbiroo Abbaa Waaqoo jedhamtu kan
godiina Jimma aanaa Chora Boter gargaarsa fandii dhaabbata “Rufford Foundation” jedhamu
kan biyya Inglizii keesatti argamuun ji’a Gurraandhala 2015 eegelee hanga Amajjii 2016
taasifame irratti hunda’ee kan qophaa’ee dha. Mata duree projektichaas “Enhancing the
conservation of Vulnerable Abbaa Waaqoo in Limu district of Jimma zoneThe case of Ethiopia’.
Duraan dursa galanni koo dhaabbata “Rufford foundation” kan kunuunsa uumamaa biyyoota
guddachaa jiraniif gargaarsa fandii kan kennaniifhaata’u.
Galanni koo itti aansuudhaan obbo Stuart Paterson, bulchaa duree (executive manager) dhabbata
‘Fauna and Flora International’ kan biyya Inglizii keessa jiru dandeettiikaroora baareesuuf mala
fandii argachuu danda’aan irratti kan leenjii naaf kenne, ragaa barreeffamaa (refree statement)
qaama fandii kennuuf barreesuudhaan akkasumas proposaala kan naaf gulaalehedduun
galateeffadha. Dr. ir. L. (Lukas) Grus, Laboratory of Geo-information Science and remote
sensing, Wageningen University, The Netherlands; Dr. Rene Haaroff, Head of department of
Tourism and Event Management at Central University of Technology, Free State kan Afrikaa
Kibbaatti kan argamutuu fi Dr. KiteessaaHundarraa kan yuuniversiitii Jimma, Ethiopiyaa
keessatti kan argamuu yeroo projeecktii barreessaa tureetti kan ragaa barreeffamaa Rufford
Foundation naaf ergan baay’een galateeffadha. Itti aansuudhaan Obbo Malkaamuu
DuumessaaYuuniversiitii Jimma irraa, Oboo Birhaanuu Hayilee Malkaa biyya Ameerikaa irraa
yeroo isaaniiaarsaa gochuudhaan kan yaadaan na-gargaaran baay’een galateeffadha.
Akkasumaas kanneen qajeelchaa kana afan Ingliffaa irraa gara Afan Oromootti kan barreeffamee
kan gulalaan Obbo Darajjee Akkasaa, Obbo Maazgabuu Sanbatoo, Obboo Alamaayyoo
Gammadaa, Addee Baalatuu Chaala fi Addee Hanna Yasiin baayeen galateefadha.
Itti aansuudhaan Yuuniversiitii Jimmaa, kolleejjii Qonnaa fi Beeyladaa yeroo qorannoo
raawwachaa turetti haalota waan naaf mijeeseef baay’ee galateeffaa dha. Galanni koo akkasumas
Obboo Ababayehy Atichoo, Taarikuu Makonnin,Akaaluu Daffisaa, Addunyaa Eneyew, Mitikuu
Tezera, Dr. Derbew Belew, Dr. Yetnayet Bekele, Addee Ebisee Burakaa fi Umii Abdilkadiir
karaa adda addaatiin yeroo projeektii adeemsisaa turretti yaada, gorsaa fi beekkumsaan kan na
gargaaraa turaniif hedduun galateeffadha.Dhuma irratti baaka bu’oota waajjiraalee motumma
aanaa Chora boter fi mana baruumsa Ayitee sadarkaa 1ffaa fi uummata Mecha Dirreetiif galannii
koo daangaa hin qabu.
15
Waabii (References)
Aynalem S, Nowald G, and Schroder W (2010). Biology and Ecology of Cranes; Wattled
Cranes (GrusCaruncucatus), Black Crowned Cranes (Balearicapavonina), and Eurasian Cranes
(GrusGrus) at Lake Tana, Ethiopia. (Eds) Nowald G, Weber A, Fanke J, Weinhardt E, and
Donner N (Eds) 2013. Proceedings of the 7th European Crane Conference-Breeding, resting,
migration and biology, Crane Conservation German. GroßMohrdorf.
Aynalem S, Archibald GW, Branch J, and Geiler D (2012). Survey of Wattled Cranes, Black
Crowned cranes and Eurasian cranes in Ethiopia. (Eds) Mabhachi O (2012). Community Project
Coordinator African Crane Conservation Program ICF/EWT Partnership, South Africa.African
Cranes, Wetlands and Communities Newsletter 12.
Balasubramanian, S (2010). Why save birds?
https://wildlifemusings.wordpress.com/2010/05/24/why-save-birds
Beilfuss RD, Dodman T, and Urban EK (2007). The Status of Cranes in Africa in 2005. Ostrich:
Journal of African Ornithology, 78 (2), 175-184.
Birdlife International (2007). Conserving Biodiversity in Africa:Guidelines for Applying the Site
Support Group Approach. ICIPE Science Press, Nairobi, Kenya.
Birdlife International (2012). Balearicapavonina. The IUCN Red List of Threatened Species
2012.http://www.iucnredlist.org/details/22692039/0 (Assessed on November 8, 2015).
Birdlife International (2015). http://migratorysoaringbirds.undp.birdlife.org/en/sectors/tourism.
Boere GC, Galbraith CA, and Stroud DA, eds. (2006). Waterbirds around the World. The
Stationary office, Edinburgh, UK, 960 PP.
Brooks TM, Mittermeier RA, da Fonseca GA, Gerlach J, Hoffmann M, Lamoreux JF and
Rodrigues AS (2006). Global biodiversity conservation priorities. Science, 313, 58-61.
Butchart SHM, Walpole M, Collen B et al. (2010). Global biodiversity: indicators of recent
declines. Science 328, 1164-1168.
Central Statics Authority (2007). Ethiopian Population and Housing Census Results.
Cooke SJ, Sack L, Franklin CE, Farrell AP, Beardall J, Wikelski M and Chown SL (2013).
What is conservation Physiology? Perspectives on an increasingly integrated and essential
science. Conservation Physiology. 1 (1): doi: 10.1093/conphys/cot001.
Dirzo R, Young HS, Galetti M, Ceballos G, Isaac NJB and Collen B (2014). Defaunation in the
Anthropocene. Science, 345 (6195). 401-406. http://nora.nerc.ac.uk/508443 (Assessed on
January 10, 2016).
16
Harris J and Mirarande C (2013). A global overview of Cranes: Status, threats and conservation
priorities, International Crane Foundation, Baraboo, USA, Chinese Birds 2013, 4 (3): 189-209.
International Union for the Conservation of Nature (2014). http://www.iucnredlist.org..
Jones DN and Buckley R (2001). Bird-Watching tourism in Australia, Wildlife Tourism
Research Report Series No. 7, Status Assessement of Wildlife Tourism in Australia Series, CRC
for Sustainable Tourism.
McCormick J (1991). Reclaming Paradise: The Global Environmental Movement, vol 660.
Indian University Press, Bloomington.
Meine CD and Archibald GW. Eds, (1996). The Cranes: Status Survey and Conservation Action
plan. IUCN, Gland, Switzerland, and Cambridge, UK, 294PP.
Millennium Ecosystem Assessment. 2005. Ecosystems and Human Well-Being: Synthesis.
Island Press, Washington, DC.
http://www.millenniumassessment.org/documents/document.356.aspx.pdf (Assessed on January
10, 2016).
Musengezi J (2015). Contemporary Conservation: Introducing conservation, United for
wildlife. https://learn.unitedforwildlife.org/mod/lesson/view.php?id=648 (Assessed on January
18, 2016)
Oromia Economic and Finance Bureau. 2012. The National Regional Government of Ethiopia,
Bureau of Finance and Economic Development.
http://www.oromiabofed.org/index.php?option=com_content&view=category&id=46&layout=bl
og&Itemid=63 (Assessed on January 20, 2016).
Soulé ME (1985). What is conservation biololgy? Bioscience. 35: 727-734.
Tisdell C and Wilson C (2004). Economics, Wildlife tourism and conservation ecology and the
environment, working paper No. 112, School of Economics, The University of Queensland.
United Nations (1992). Convention on Biological Diversity. https://www.cbd.int/doc/legal/cbd-
en.pdf