qajeelfama iskiriiptii raadiyoo barreessuu

21
QAJEELFAMA Korree Shaanqullee Arsee (MA) QAJEELFAMA ISKIRIIPTII RAADIYOO BARREESSUU (Writing Scripts for Radio- news and programmes) Sagantaa raadiyoo hojjachuun qarummaa teeknikaa barbaada. Yaada sagantaa gabbisanii haala gaariin iskiriiptii barreessuudhaan gara sagantaatti geeddaruudha hojiin guddaan. Kennaa addaa, dandeettii waa kalaquufi cimina hojii miidiyaa namni qabu sagantaa raadiyoo hojjachuun waan isa rakkisu miti. Gaazexeessaan raadiyoo tokko dandeettii-gabaasuu, barreessuu, gaaf-deebii hojjachuu, gulaaluu, meeshaatti akkaan fayyadamuu, tamsaasa kolbaan dhageeffattoota mariisisuufi sagantaawwan raadiyoo tamsaasuu qabaatu gaariidha. Raadiyoorra hojjachuun fedhii barbaaddi; fedhii haasawuu, fedhii yaada namaa dhageeffachuu, fedhii waan argaadhageettii dhageeffattootatti himuu fa’atu barbaadama. Naamusniifi yaadaa qindaawaa dhageeffattootaaf galu dubbiin yookaan barreeffamaan akkaan dhiheessuunis waan biraati. - Waa hundarraa waan muya beekuun (hinbeekuun hintaatu), - Barachuufi jijjiiramuuf fedhii qabaachuu, - Ijaa-gurra odeeffannoo qabaachuu, - Fedhii dhimma namootaa dhageeffachuu-jireenya, mindaa, oomisha isaanii, mirga isaanii, kkf

Upload: kookam-keenumaa

Post on 07-Feb-2016

454 views

Category:

Documents


7 download

DESCRIPTION

it is all about writing scripts for radio programs.

TRANSCRIPT

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

QAJEELFAMA ISKIRIIPTII RAADIYOO BARREESSUU

(Writing Scripts for Radio- news and programmes)

Sagantaa raadiyoo hojjachuun qarummaa teeknikaa barbaada. Yaada

sagantaa gabbisanii haala gaariin iskiriiptii barreessuudhaan gara

sagantaatti geeddaruudha hojiin guddaan. Kennaa addaa, dandeettii waa

kalaquufi cimina hojii miidiyaa namni qabu sagantaa raadiyoo hojjachuun

waan isa rakkisu miti. Gaazexeessaan raadiyoo tokko dandeettii-gabaasuu,

barreessuu, gaaf-deebii hojjachuu, gulaaluu, meeshaatti akkaan

fayyadamuu, tamsaasa kolbaan dhageeffattoota mariisisuufi sagantaawwan

raadiyoo tamsaasuu qabaatu gaariidha. Raadiyoorra hojjachuun fedhii

barbaaddi; fedhii haasawuu, fedhii yaada namaa dhageeffachuu, fedhii

waan argaadhageettii dhageeffattootatti himuu fa’atu barbaadama.

Naamusniifi yaadaa qindaawaa dhageeffattootaaf galu dubbiin yookaan

barreeffamaan akkaan dhiheessuunis waan biraati.

- Waa hundarraa waan muya beekuun (hinbeekuun hintaatu),

- Barachuufi jijjiiramuuf fedhii qabaachuu,

- Ijaa-gurra odeeffannoo qabaachuu,

- Fedhii dhimma namootaa dhageeffachuu-jireenya, mindaa, oomisha

isaanii, mirga isaanii, kkf

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

- Maddi odeeffannoo kan akka fedheyyuu haata’uu shakkuun amala

gaazexeessaa gaariiti;

- Jecchoota muraasaan ergaa mamii hinqabneefi nama maraaf galtu

sirritti(osoo hindogongorre) dabarsuu danda’uun,

Namni sagantaa hojjatu kaayyoo sagantaa san qopheessuuf beekuun

ammoo waan dabalataati. Kana yoo jennu barsiisuuf, bashannansiisuuf

moo bashannansiisaa barsiisuuf? Sagantaan dhageeffataa maraaf moo

dhageeffataa murtaa’eef/muyoof dhihaata? Qopheessaan dhageeffataa isaa

adda hinbaafanne, dhageeffataa garaa gahuufi dhiisuu isaa waa adda

hinbaafatu.

Adeemsa hojii sagantaa

yaada

karoora

qorannoo piroodaakshinii

madaallii

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

YAADA MADDISIISUU: Yaadni qophii bakka biraatii hinmaddu.

Jireenyi ilmaan namaa harki caalu ija ogummaatin ilaalamnaan roga heddu

itti baasuun qophii gochuun nidanda’ama. Yeroo baay’ee namoonni kan

dogongoran yaada haaraa maaltu jira inni ani yaadu waanuma beekamu

jechuun. Waan haaraa baasuun dadhabamus roga ittiin ilaalan haaraa

baasuun nidanda’ama. Mee diyaagiraamii armaan gadii kana haa ilaallu.

Salaphaadhumatti yoo diyaagiraamii armaan olii ilaalle yaada baldhaa

tokkorraa gara dhiphaatti(muyootti)deemuun waan qabatamaa seenaa

namaa irraa odeeffannu baasuun nidanda’ama.

Fayyaa Barnoota Fayyaa Ittisa Dhibeewwan

Daddarboo

Busaa Qulqullina Qulqullina qe'ee

balfaa: goggogaafi dahangala'aa

balfaa dhangala'aa

balfaa - qoorsuu, dhangalaasuu, lafa dhooqaa biyyeen

guutuu

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

KAROORSUU: hojiin karoora hinqabne ka’umsaafi xumuras hinqabu.

Namni hojii isaa hinkaroorfannemmoo, bu’aan hojii isaa

hinbeekamu;hinsafaramus. Hojii nama biraa hojjachuun isa qofa

lakkaawata. Kun ammo irra deddeebii karooraafi bu’a argamee ta’a.

Abbaan karoora malee socho’u waan dogondoru hinbeeku; waan fooyyessus

hinqabu. Karoorri, waan milkii qofa osoo hintaane, milkaawuuf daandiin

sirriifi filatamaan kami?, milkii maaltu mudeessuu danda’a? fa’a

jedhameeti hojitti seenama.

Karoorri dhimmoota armaan gadii kana qabaata.

1. Mataduree karooraa: dhimma ijoo sagantaan irratti hojjatamu.

2. Kaayyoo karooraa: maaliif matadureen filatame

3. Galma karooraa: dhageeffattoonni maal raawwatu erga dhageeffatanii

4. Dhaamsa/ergaa karooraa: ergaan qabatamuu qabu maali

5. Madda odeeffannoo: odeeffannoon eessaa walitti qabama

6. Qabiyyee karooraa (tarreeffama): dhimma sagantaa keessatti

qabiyyeen jabeennatti ilaallaman maal kan akkamiiti

7. Bifiyyee ittiin dhihaatu: dhimmichi haala akkamiin yoo dhihaate

woyya

8. Qorannoo qabiyyee(qophii): yaada dhuunfaafi yaada qabatamaa

akkamii faatu jira dhimma sagantaan irratti hojjatamu duuka walqabatee

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

9. Dheerina: dheeressuu moo gabaabsuu woyya ykn sagantaa gabaabaa

moo dheeraa ykn oduu moo sagantaan yoo dhihaate woyya

10. Dhageeffattoota: dhageeffattoota mara moo muyoo akkasumas

sadarkaa barnootaa akkamii, umriifi koornayaa kamiif kkf

Afaan:

1. Gabaajee : namni odeeggannoo/seenaa qophii tokko barreessu akka

dubbisuuf isatti toluun jechoota sababii garagaraatiif

gabaabsuu/gabaajessuu danda’a. Sababni tokko, yeroo qusachuu ta’a.

Fakkeenyaaf jecha Doktora jedhu Dr jechuun barreessuun nidanda’ama.

2. Lakkoofsa/Lakkoobsa Barreessuu: lakkoobsa yoo iskiriiptii

raadiyoo keessatti barreessinu akka mamiin hinjiraane qubeessuun

barreessuun dubbisuutu gaarii ta’a, keessattuu, lakkoobsa baay’ee yoo ta’e.

Fakkeenyaaf, 65678 jennee barreessuurra miiliyoona jahaafi kuma dhibba

shaniifi dhibba jahaafi torbaatamii saddeeti jechuutu gaarii ta’a. Yookaan

miiliyoona afuriifi kuma dhibba shanii ol jechuunis nidanda’ama. Garuu

dogongorri waan nama ajaa’ibsiisu yeroo baay’ee miliyoona afuriifi

tuqaa/qabxii shan kan jennee dubbisnu. Kun siruma ifa waan hintaaneef,

haala kanaan barreeffamuu hinqabu. Tuqaan maali? Nama meeqatu qabxii

jennee yoo waamnu hubata? Kan biraa lakkoobsa 3989 gara lakkoobsa

guutuutti siksuudhaan gara kuma afurii ta’u/ta’a jennee barreessuun

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

rakkoo hinqabu. Parsantii yookaan dhibbaantaa yoo ogeeyyii keessa

beekanirraa ragaa arganne yookaan fakkeenyaaf ejensii istaatistiksii irraa

yoo arganne malee siruma itti fayyadamuu hinqabnu. Tokkoffaa

dhageeffataan marti maalummaa isaa hinhubatu. Lammaffaa dogongorri

hiikkaa parsantii/dhibbantaa heddu. Lakkoobsota 1-9 jechaan barreessi.

Lakkoobsota 10-999 akkuma jiranitti lakkoobsumaan barreessi.

Lakkoobsota 1000 ol ta’an jechaafi lakkoobsaan barreessi. Fakaeenyaaf,

Kuma 15, kuma 90, miliyoona 12 kkf. Lakkoobsa bilbilaa, sa’aatii, qabxii

waldorgommii ispoortii, guyyaa fa’a addatti ilaalla.

3. Gabaajee Diiganii Barreessuu: gabaajee babali’isanii/diiganii

barreessuun dhageeffattoota raadiyootiif bareeda ta’a. Tokkoffaa hiikkaa

gabaajee sanaa akka dhageeffataan baru gargaara. Lammaffaa qubeewwan

jechoota akkamii irraa akka gabaajeffamanii barreeffaman hubata. WALQO

jechuurra Waldaa Aksiyoonaa Liqiifi Qusannaa Oromiyaa yoo jenne

bareeda. Gabaajee UNESCO garuu akkuma jirutti dubbisuutu irra wayya;

idil-addunyaatti beekkama waan ta’eef. Yoo barbaanne bifuma tokkoon

ammaa amma irra deddeebi’uurra, dhaabbata barnootaa, saayinsiifi aadaa

biyyoota gamtaayanii jechuunis maalummaa gabaajee sanaa ibsinee itti

fayyadamuuf nu gargaara. IMX, BLTO, ILQSSO jennee akka jirutti

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

dubbisuu hindandeenyu; garuu gabaajee isaa barreessinee yeroo dubbisnu

ammo diigaa dubbisuun rakkoo hinqabu.

4. Sirna Tuqaalee: sirni tuqaalee iskiriiptii raadiyootif baay’ee

barbaachisa. Namni dubbisu eessatti hafuura akka baafatuufi eessaa hima

dubbisuu eegalee eessatti akka xumuruu qabu beekuu qaba. Sirni tuqaalee,

iskiriiptiin akka haala gaaritti dhangala’uufi namni waa dubbisu yoom maal

akka jechuu malu seera qabsiisa. Gulaalaan kana sirritti ilaaluu qaba.

Abbaan barreessullee waan akkanaa yoo eeggatee barreesse, guggufataa

iskiriiptii hindubbisu.

5. Jechoota ogummaa: jechoonni ogummaa kan ogeeyyiin ogummaa

tokkoo qofti itti fayyadaman, kan garuu, namoonni biroo hubachuu

hindandeenye jechuudha. Yeroo dhimma teknoolojii qofarratti dubbatamu,

ogeeyyiin jechoota ofiif beekan qofatti fayyadamu dhageeffataa

irraanfatanii yookaan jechoota bakka buusan dhabanii. Dhageeffatan waan

isaaf hingalle dhageeffachuuf dirqama hinqabu waan ta’eef, gara filannoo

biraa deemuu danda’a. Kun akka hintaane, haala salphaa namoonni

hubataniin barreessuu qabna. Roobootii ibsuudhaaf waan dhageeffataan

beeku sa’a jabbiin jalaa duutee ‘tolee’ tolchanii ittiin elmatan irraa ka’uun

ibsuunis mala tokko. Toleen jabbii bakka bu’uun faayidaa kenniti waan

ta’eef. Roobootiinis akkasuma nama bakka bu’uun tajaajila kenniti.

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

Doktoroonni yeroo baay’ee waa’ee fayyaa irratti mariif yoo gara keenya

dhufan dhimma akkanaatin rakkatu. Kun akka hintaane, qopheessaan

dursee doktoraan waliin mari’achuun haga danda’u jechoota ogummaa

gara jechoota yookaan yaada bakka bu’uutti jijjiiruun iskiriiptii barreeffatee

istuudiyoo seenuu qaba.

6. Qubeessuu: jechoonni akkuma jedhamanitti yookaan akkuma

hiikkaa sirrii itti kennanitti sagaleeffamuu qabu. Akkas ta’uu baannaan,

hiikkaa yaadame dhiisanii hiikkaa biraa kennu. Kan gabaabachuu qabu yoo

dheerate; kan dheerachuu qabu gabaabachuun hiikkaa jijjiira. Fakkeenyaaf,

Dalloo Maannaa, Dalloo Mannaa, Dalloomannaa jennee barreessuun

garaagarummaa hiikkaa qaba. Abbayyii Coomman, Abbayyii Cooman,

Abbayi Cooman/Coomman jechuunis akkasuma garagarummaa qaba. Saqa

Coqorsaafi Saqqaa Coqorsaallee tokkoo miti. Jecha faxuula/faxuula silaa

jedhamu faaxula jedhanii ammaa amma dubbisuun dogongora. Nama

dhaamotee haguuggate ormi faaxula se’a jedhame sagantaa tokko

keessatti. Saadiq Ibraahim nama jedhamuun Zaadiq Abraham jechuun

hoo? Qubeessiifi hiikkaanis gargar. Shaale, Shaalle, Shaalee jechuunis

abbaa maqaa kanaan waamamu nikomachiisa isa sirrii yoo barreessuu

baanne. Nama aadaa ummataa hinbeekne nu fakkeessa. Wallaalaallee nu

fakkeessa. Jabeessanii waa ilaaluu dhabuullee muldhisa. Sirrummaa

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

odeeffannoo keenyaa shakkisiisa. Kabajaa nu dhabsiisa. Aadaa ummataa

gaafachuun; maqaa namaatis taanaan abbaa maqaa saniin waamamu

gaafachuun, salphina hinqabu rakkoo jalaa nu baasa yoo ta’e malee. Mee

maqaa keessan haala isin ittiin of hinwaamneen namni aadaafi afaanicha

hinbeekne yoo isin waame maaltu isinitti dhagahama? Gulaalaan dhimma

akkanaa irratti dursee abbaa iskiriiptii barreesse duukaa dubbachuun haala

itti sagaleeffamu/dubbisamu waliigaluun waan ummanni jaalatu

qabachuudhaan qilleensatti bahuun waan filannoo biraa hinqabne.

Qubeessuu akka waan xiqqaa tokkootti warri ilaalan jiran waan ta’eef,

dogongora qubeessuu wallaaluun qabu kana irraa hubachuu danda’u.

Jechoota dubbisuun nama dhibu dursa irra deddeebisanii

dubbisuu/sagaleessuun ofitti fudhachuun gaarii ta’a.

7. Aangoon maqaa dursa:

Deetaa Ministira Daldalaafi industirii ebaluu ebaluu

Ministira Muummee ebaluu ebaluu

Pirezidaanti Dr ebaluu ebaluu

Doktora kabajaa artisti ebaluu ebaluu

Dogongoraan kan barreeffamu:

Ministir Deetaa/Ministeer Deetaa

Muummee Ministiraa/ministeeraa

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

Artistiifi Doktora kabajaa ebalu

8. Hiikkaa/jijjiirraa: akka jirutti aadaa tokko gara aadaa biraatti

yookaan afaan tokko gara afaan biraatti jijjiiruun/hiikuun rakkoo ergaati

bu’aan isaa. Yeroo baay’ee jijjiirraan akkajiree(loyal to the source) dhaamsa

barbaadame hinqabaatu. Sadarkaa jechaatti, sadarkaa gaaleetti, sadarkaa

himaatti muldhata rakkoon akkanaa. Fakkeenyaaf, ‘maadireg’ taasisuu

jennee hiikaa jirra. ‘Yihi bendih endale’ kan jedhu ‘kun kanumaan osoo

jiruu’ jennee gara Afaan Oromootti jijjiiraa jirra. Ummanni afaan dubbata

caasaa afaanii akkasiitti fayyadamaa jennee yaaduu qabna osoo hinjijjiirin

dura. Taasisuu kan jedhu fakkeenyaaf ‘gochuu’ jechuu qabna. Akkas na

gootee, akkana na gootaa, maaf akkas goota jedha malee ummanni, akkana

na taasistee?, akkana na taasistaa?, akkas na taasistaa?...kkf hinjedhu.

Haala Itti Barreessinu/Akkaataa Itti Barreessinu(style)

9. Dhageettiif barreessi: nama si dhageeffatutti akkaataa waan

ergaa itti himtutti barreessi iskiriiptii kee. Akkaataa namoota lama walitti

haasawaniin walfakkeessii barreessi iskiriiptii kee. Istuudiyoo yoo seentus

nihimata malee hindubbistu. Haasawa fakkeessii himi. Yoo akkaan itti

beektee himuu wallaalte shaakali. Jechoota filadhu, hima gaggabaabsi,

haasawaati himi malee hindubbisin! Dhageeffattatti haasawi malee

iskiriiptii hindubbisiniif! Nama seenaa/duri durii namatti himu ta’ii

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

barreessi; akka waan nama tokkotti haasawaa jirtuuttis duubbis. Hima

dheeraa barreessuun dubbiif hinta’u, sagalee olfudhatanii dubbiduufiyyuu

hafuuratu nama cita. Kan dhageeffatu ammoo mee irra naaf deebi’i jechuuf

yookaan ofiif irra deebi’achuuf carraa hinqabu; jala baanaan bahe

hindeebi’u. Dhageeffataa dirretti gatuun hinta’u hadiyyoo.

o Akka waan nama tokko isayyuu hiriyaa keetti haasoftuutti

barreessi,

o Akka waan hoogganaa kee yookaan amajaajii keetti dubbataa

jirtutti yookaan sagalee gadi buuftee yookaan dutaa akka waan

dubbattuutti hinbarreessin,

o Akka waan dhageeffataa duukaa(wajjiin) dubbataa/haasasaa

jirtuutti malee akka waan asi gadi itti dubbataa jirtuutti

hinbarreessin,

o Ibsitoota maqaa garmalee hinfayyadamin; keessattuu

maqdhaaltota akeektuu (demonistratives) namni gurraan

dhagaha waan ta’eef itti hinfayyadamin,

o Walqabsiistota yeroo haasawaa namuu itti hinfayyadamu; atis

raadiyoodhaafédhageettiif waan barreesitu akkasumatti

barreessi,

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

o Seerlugni yookaan caaslugni sirriidha moo osoo hintaane,

gurraaf taanaan akkasumas hiikkaa sirriifi ergaa barbaadamu

dabarsinaan garmalee dhiphachuun hinbarbaachisu,

Mootummaan namoota yakka malaammaltummaatin

shakkaman heddu keessattuu aangoo ummataatin

dahatanii warra maallaqaafi qabeenya ummtaafi

mootummaa faaidaa dhuunfaa isaaniitif oolfatan

toowannaa seeraa jala oolchaa jira. Haaluma kanaan,

bulchaa godina ...guyyaa adhaa yakka

malaammaltummaatin shakkamanii poolisiidhaan

toowatamanii jiru. Kana jechuurra, bulchaan godina

akkasii yakka malaammaltummaatin shakkamanii

toowataman. Oduu kana osoo nama beektu yookaan

hiriyyaa keetti himtee, ebalu hidhamuu dhageettee yakka

malaammaltummaatin shakkamee? jetta.

Dhageeffattoonni raadiyoo waan sakondii 90 hanga

daqiiqaa jahaa fudhatu qofa yaadatu jedhu ragaaleen.

The enemy of good writing is the official, the bureaucrat and the so-called expert who uses words as a barrier to understanding instead of as a means of communication. Their aim is to mystify rather than enlighten. A good deal of the journalist’s time is spent translating their gobbledegook

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

into plain English so ordinary people can make sense of it.(Boyd, 2001:61)

Fkn. Sababii waytiin kun ganna ta’eef, manni barnootaa cufamee,

barattoonni gara warra isaanii galanii hojii tola ooltummaa hojjataa

jiru. (maaliif yoo jenne deebii hinqabu;dhageeffataa taanee yoo ilaalle.)

Waytiin kun ganna. Manni barnootaa cufamee jira. Barattoonni gara

warra isaaniitti galanii hojii tola ooltummaa hojjatu.

10. Seensaafi bahiinsa: akkaataan itti barreessitu haasawa fakkaannaan

yoo gara dhimma tokkootti seentu dhimmicha beeksistee, jidduuttis irra

deebitee, yoo baatus akkasuma. Fakkeenayaaf, “obbo Caalaan akkas nuun

jedhan” jetta yoo seentu...jiddutti “haala jireenyaa/hojii obbo Caalaa irraa

muuxannoon fudhatamu...” jettee yoo baatu ammoo “...obbo Caalaa yaada

nuuf kennaniif baay’ee galateeffanna. Haala kanaan yoo hojjatan

hiyyummaa waliin waggaa baay’ee hinturan akka nuti arginetti.” Si’a

sadeenuu obbo Caalaan xiyyeeffannaa gaazexeessaa keessaa hinbaane.

Dhageeffataan jalqaba, jidduutti yookaan xumura irratti raadiyoo bane

dhageeffatus waa’ee nama Caalaa jechamuu akka dubbatamaa jiru

nihubata. Dogongorri yeroo baay’ee muldhatu, nama tokko osoo

hinbeeksine yookaan si’a tokko qofa maqaa dhahuun, achi booda “qonnaan

bulaan kun, qonnaan bultichi, qonnaan bulaa adda dureen kun,...”

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

jedhama. Qonnaan bulaa kam akka ta’e wanti beekamu hinjiru. Kun, sun,

-ichi, kunneen, as... dhamjechoota iskiriiptii raadiyoo/dhageettiif

barreeffamu keessatti faayidaa hinqabne akka ta’an hubadhu.

o Manni barumsaa kun (raadiyoorratti akkamiin agarsiifta?)

o Aanicha/aanichatti/aanichi (Aanaa kami?)

o Kan ani uffadhe kun qoloo jehama. (kamtu?)

o Rifeensi dhahadhe kun ammoo quttoo jedhama. (akkamitti

dhahame?) akka ati beektu dhageeffattoonnis nibeeku jettee hintilmaamin.

Kanaaf, yoo irra deddeebii ta’a jetteellee shakkite irra deddeebi malee,

tilmaamaan yaada ibsamuu qabu bira hindarbin.

10. Sagalee Uumamaa: iskiriiptii yoo barreessitu sagaleen uumamaa

kan akkamii akka qabdu adda baafadhu. Dhageeffattoonni kee qaamaan

waan ati argite arguu baatanis miiraan si hubachuu danda’u. Sagaleen

uumamaa lubbuu raadiyooti waan ta’eef yeroo mara irraanfatamuu

hinqabu. Fakkeenyaaf, deeggartoota kubbaa miilaa dirree kubbaa miilaatti

iyyan waraabuun qofa eessa akka dhaqxeefi waa’ee maali akka odeessuuf

deemtu yoosuu baru. Lafa daggalaa yoo deemtes sagaleen shimbiraafi

bineensota gara garaa qophii keetiif dhama ta’u. Kanaaf yoo mara, waa’ee

sagalee uumamaa hindagatin qophii raadiyoo yoo hojjattu/iskiriiptii

raadiyoo yoo barreessitu.

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

11. Gulaallii Iskiriiptii: seenaan qophii tokkoo yookaan iskiriiptiin

akkuma barreeffamee dhumeen gulaalaa bira gahee marii hojiin duraafi-

boodaarratti (brief) dhihaatee tamsaasaaf ta’a moo hinta’uu adda bahuu

qaba. Achi booda, sirratee (wanti bahu bahee kan dabalamu dabalamee)

istuudiyoo aseennama.

12. Duub-deebii:sagantaan/oduun osoo hintamsaane, akkuma

waraabamee xumurameen ilaaluu malee, erga tamsa’ee booda yaada

kennuun faayidaa hinqabu. Ragaan lakkoofsaa sirritti dubbisamuu,

maqaan namaafi bakkaa sirritti waamamuu, yaadni namaa bakka sirritti

fudhatamuu, akkasumas dhaamsi darbu osoo irraa hincinne waraabamuu

isaa ilaaluun dirqama ogummaati.

Dhoorkaadha:

- Osoo sagalee yookaan ragaa barreeffamaa dirree dhufe hindhageeffanne

yookaan hinilaalle iskiriiptii barreessuun,

- Garee tokkoof carraa sagalee dhageessifachuu kennuun garee tokko

dhoowwachuun,

- Ragaa sirrii ta’uun isaa hinmirkanoofne maaltu na dhibe jedhanii itti

fayyadamuun,

- Qaama madda odeeffannoo tokko fayyaduuf jecha ragaa lafarra hinjirre,

keessattuu lakkoofsa fa’a, fakkansanii dhiheessuun,

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

- Barreeffama/seenessa yookaan iskiriiptii osoo gulaalaan hingulaalle

istuudiyoo seenanii dubbisuun,

- Iskiriiptii/barreeffama gulaalame hayyama gulaalaa malee, akka ofiif

barbaadanitti sirreessuun ergaa madaala hinqabne dabarsuun,

- Yaada gulaalaan akka bahu jedhe osoo keessaa hinbaasin dubbisuun,

- Dhibbeentaa(percentile) qaamni seeraan beekkamu kennuu male, abbaa

odeeffannoo kenne irraa qofa fudhannee iskiriiptii barreessuun,

- Ragaa barreeffamaa qaamni odeeffannoo sagalee isaatin nuuf kennu

dabalataan harkatti nuuf kenne faayidaa ummataafi ragaa qabatamaa lafa

jiruun osoo walhinmadaalchifne, akkuma nuuf kennametti kan keenya

goonee itti fayyadamuun, (hannas; dhugaatu dabas)

Dhageeffattoonni osoo itti hinyaadin raadiyoo dhagahu ta’a; osoo

qalbiii isaanii hinhawanne garuu ncaqasu jechuun rakkisaadha.

Namni sagantaa raadiyoo hojjatu, sammuu dhageeffattoota

keessatti, suuraa uumuun akka raadiyoo dhageeffatan haala

hawwataa ta’een hojjannaan ergaa darbu qabsiisuu mala.

Sagaleen, qoonqiifi muuziqaan akka dhageeffataan waan tamsa’u

jabeessee ilaalu shoora jabaa qabu. Sagaleen kan uumamaa fa’a

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

ta’a. Qoonqi kan nama sagantaa hojjateefi kan namoota gaaf-

deebii irratti hirmaatanii ta’uu mala.

Muuziqaan miira namaatti dhihoodha. Qalbii namaa qaba. Fedhii

dhageeffataa kakaasa.

Malleen jahan armaan gadii kunneen seenessa raadiyoo cimaa

barreessuuf baay’ee nu barbaachisu.

- Dhageettii: seenessi(iskiriiptiin) raadiyoo nama ijaan

hinagarreef barreeffama. Danbaliin sagalee raadiyoon

dhageeffataa bira dhaqqabu suura waan ibsamuu sammuu

dhageeffataa keessatti uumuun akka waan tamsa’aa jiru

jabeessee ilaalu gochuu qaba.

- Jalqabumarratti fedhii dhageeffataa qabachuu:

seenessi barreeffamu seensuma irratti akka gaaritti kan

dhageeffataa hinqabanne taanaan dhageeffataan waan

dirqamuuf hinqabu. Gara raadiyoo biraa deema. Simbirti tan

jalqabaattu ija fudhata jedha mammaaksi. Seenessi keenya

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

dhageeffataa qabachuu, waan sagantaa keessatti dhihaatuuf

deemu akka qalbii dhageeffataa qabatutti dhiheessuu qaba.

- Akeekuu(Power of suggestion): barreessaan seenessa

raadiyoo (radio script) dhageeffattoonni yoo hanga xumura

sagantaatti kan dhageeffatan ta’e waan akkamii fa’a, eessatti,

akkamitti akka dhiheessuf daangaa isaa dhageeffattoota

qabsiisuu qaba. Daangaa beekumsaafi muuxannoo akkamii

irratti akka sagantaan dhihaataa jiru muldhisuu jechuudha.

- Daangaa yeroo: dhimmi sagantaa raadiyoo keessatti

dhihaatu tokko yeroo murtaa’e keessatti kan xumuramu

ta’uu qaba. Daangaa yeroo keessatti maaltu dursee dhihaata?

Maaltu itti aana? Akkamiin xumurama?kkf fa’a miira

dhageeffataa qabachuuf akka tolutti dhiheessuun gaarii ta’a.

- Walabummaa (freedom of movement): akka nama

seenessa raadiyoo barreessuu tokkotti qopheessaan sagantaa

akka barbaadetti dhageeffattoota yaadaan fudhatee guuluu

danda’a jechoota filatamanitti fayyadamuun. Sagalee

uumamaa fa’attis fayyadamuun dhageeffattoota yaadaan

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

bakka tokkoo fudhatee bakka tokkoti buusee miira isaaniitin

akka doolanan gochuu danda’a. Fakkeenyaaf, sagalee

fincaa’aa bishaaniifi waca simbirrootaa, sagalee weenniifi

qamalee kkf yoo fayyadame, dhageeffataan mana ofii taa’ee

raadiyoo dhageeffataa qalbiin daggala keessa nanna’a.

Muuziqaanis as keessatti qooda guddaa qaba.

- Waldiddaa (conflict): gaazexeessaa cimaan waldiddaan

ribuu dugdaa seenessa/barreeffama sagantaa raadiyoo akka

ta’e namuu itti hinhimu. Laafaafi jabaa, kufaatiifi milkaa’ina,

gaariifi hamaa, qabsoo jireenyaafi falli rakkoo kkf seenessa

sagantaa raadiyootif utubaadha.

Barreeffama(seenessa) gaarii:

- Kan namuu hubatu (clear): barreeffamni sagantaa

raadiyoo salphaa ta’uu qaba. Yaadni isaa tartiibaan

dhihaachuu qaba. Yaadni akka dhageeffataan hubatutti haala

gaariin yaa’uu qaba. Ergaan darbus kan hiikkaa gara garaa

qabaachuu hinqabu. Jechoota hedduu yookaan lakkoobsota

hedduu hima tokko keessatti akkuma sitti toletti hinruuqin.

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

Himni jechoota 25 irraa ijaarame gaariidha. Kanaa ol

taanaan, hima lamatti adda qoodamu hubachuuf salphaa

ta’a. Gaalee of hindaneenyetti hinfayyadamin. Hima salphaa

tokkoon yaada kee barreessi. Jechoota dhageeffattoota

rakkisanittis hinfayydamin. Jechoota namni baay’een

beekutti fayyadam. Jechoota ogummaa gara afaan/yaada

namni baay’een beekuutti jijjiiri.

- Gabaabsuu(concise): dhageeffataan waan darbe irra

deebi’uu hindanda’u. Himoota gaggabaabsii barreessi.

Himoonni kee garmalee sadarkaa barbaadamuu gadis bu’uu

hinqaban. Kan dhageeffataan irra jireessiifi jiddugaleessi

hubachuu danda’u ta’uu qabu.

- Xuxxubbaa(completeness): seenaan sagantaa tokkoo

guutuu taanaan mamii malee ergaan barbaadame darba.

Gaafiiwwan: Maal? Eessatti? Yoom? Eenyuun? Akkamiin?

Maliif? Fa’a deebii argannaan seenessi(barreeffamni)

sagantaa mudaa hinqabu;mamiis hinqabu jechuu

dandeenya.

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

- Haasawa(conversational): yaada akka gaaritti yaa’u yoo

ta’e malee sabaa himaan yoo haasawa hawaasa keessatti

barameen dhihaate bareeda. Akka ofii kee haasoftutti

seenessa(barreeffama) sagantaa barreessi. Sagalee olfudhuu

himi malee hindubbisinis. Seenessa kee erga barreesitee

xumurteen booda sagalee olfudhhuu dubbis; yoo san kan

haasawaaf ta’u moo kan hintaanee adda baafatta. Caasa

himaa namatti hintolleefi jechoota ulfaatan ilaalii kan

biraatin bakka buusi.

- Amma(current): seenaan seenessa keetti kan yeroon irraa

darbe akka hintaane ofeeggadhu. Waan dhageeffataan ijaa

gurraa qabu sagantaadha jettee hindhiheessin. Waan

jijjiirame yookaan dabalame duukaa bu’ii hojjadhu.

- Sirrii(c0rrect): lakkoofsiifi dhugaan lafa jiru osoo

hindabne, osoo hincabne akkuma jirutti dhihaachuu isaa

mirkaneeffadhu.