qophii: jibriil abdallaa - wordpress.com · 2020. 5. 31. · 6 seensa iimaanaa akka lugaa...
TRANSCRIPT
1
2
Qophii: Jibriil Abdallaa
3
Qabiyyee Dursa ................................................................................................................................. 5
Seensa Iimaanaa ................................................................................................................ 6
Boqonnaa 1 ............................................................................................................................ 16
IIMAANA JECHUUN MAAL JECHUUDHAA? .......................................................... 16
Boqonnaa 2 ............................................................................................................................ 24
ISLAAMA FI IIMAANA ....................................................................................................................24
Barbaachisummaa Iimaanaa........................................................................................................31
Gaafilee Ilmi namaa hundu deebii itti argachuuf barbaadu ............................... 31
Hojiiwwan Gaggaarin Maal irra dhaabbatuu? ..................................................... 33
Karaalee iimaana qalbii keessatti hidda qabsiisan ............................................................37
Boqonnaa 3 .............................................................................................................................. 41
Arkaanaa (Hundeewwan) iimaanaa .........................................................................................41
Hundee Iimaanaa 1ffaa: Rabbii olta’aatti Amanuu ..............................................................42
1. Jiraachuu Rabbitti amanuu............................................................................ 42
2. Gooftummaa Rabbiitti amanuu (al-Imaanu birubuubiyyatihi) .................. 48
3. Tokkichummaa fi haqaan kan gabbaramu Rabbiin qofa akka ta’e amanuu (Al-Iimaanu bi-uluuhiyyatihi) ............................................................................... 51
4. Maqaalee fi Amaloota Rabbiitti amanuu (Al-Iimaanu bi-asmaa’ihi wa sifaatihi) .................................................................................................................. 58
Sifaata Rabbii olta’aa Muraasa .............................................................................. 64
Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa ....................................................................... 68
Hundee Iimaanaa 2ffaa: Malaykotatti Amanuu ....................................................................83
Hundee Iimaanaa 3ffaa- Kitaabbanitti Amanuu ...................................................................94
Haajaa Ilmaan Namaa Kitaabbaniif Qaban ........................................................... 97
Qur'aanatti Amanuu............................................................................................. 101
Qur'aanni Akkamitti Buufamee? ......................................................................... 107
4
Akkaataa Qur’aanni Walitti Qabamee ................................................................ 115
Qur’aana Ilaalchisee Shakkii Qulqulleessuf ....................................................... 123
Firiwwan Kitaabbanitti Amanuu ........................................................................ 131
Hundee Iimaanaa 4ffaa: Ergamtootatti Amanuu .............................................................. 138
Nabiyyii fi Rasuula jechuun maal jechuudhaa? ................................................. 138
Ragaalee Dhugummaa Nabii Muhammad (SAW) Agarsiisan ........................... 148
Ergamaan Ilma Namaa Irraa Ta'uu ..................................................................... 164
Hundee Iimaanaa 5ffaa-Aakhiratti Amanuu ..................................................................... 171
Du’aan Booda Wanta Taasifamutti Amanuu ...................................................... 177
Jiraachu Azaabaa fi Qananii Qabrii ..................................................................... 182
Qiyaamaa Mormitotaaf Deebii Kenname ........................................................... 187
Wantoota Qiyaamatti akka hin amanne nama taasisan .................................... 200
Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf ......................................................................... 203
Hundee Iimaanaa 6ffaa: Qadaa fi Qadaratti Amanuu ...................................................... 223
Hiikaa Qadaa fi Qadara ........................................................................................ 223
Gocha filannoo irratti hin qabne (dirqamaa) fi filannoo irratti qaban Addaan Baasu ..................................................................................................................... 228
Qadaraa fi Hojii namootaa wal qabsiisu ............................................................. 230
Qajeelchuu fi Jallisuu ........................................................................................... 234
Firii Qadaratti Amanuu ........................................................................................ 236
Guduunfaa.................................................................................................................... 244
5
يمه ٱ لرحمنٱ لله ٱبسم ﴿ ﴾لرحه
ursa
Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni
gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee
teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin
eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama
Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin
qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha.
Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.
ي ﴿أ ٱءامنوا لهين ٱها ي سلهمون ۦحق تقاتههه لل ٱ تقوا نتم م
﴾١٠٢ول تموتن إهل وأ
“Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota
taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Ali-Imraan 3:102 Dhugumatti namni Rabbiin kan sodaatu fi Muslima ta’ee du’uuf hundee amanti
isaa yoo beekee fi hojii irra oolchedha. Hundeen amantii arkaana iimaanati.
Arkaanni iimaana kunniin qalbii keessa yoo hin jiraatin, namni amanti sirrii hin
qabuu jechuudha. Kanaafu, bu’uura kana irratti xiyyeefachuun Muslima hunda
irratti dirqama. Namootas itti waamun nama beekumsa qabu irratti dirqama.
Kana yaada keessa galchuun hundeewwan iimaana jahan kitaaba kana keessatti
haala salphaa fi nama hawwatuun ibsamanii jiru. Sammuu keessatti akka
qabatamuuf halluu fi saanduqa yaadaa adda addaatti fayyadamuun tuqaalee
ijoon ibsamanii jiru.
رهيد إهل ﴿صلح ٱإهن أ ه ستطعت ٱما له إهل ب نهيب لله ٱوما توفهيقه
﴾عليهه توكت وإلهه أ
“Hanga danda’een fooyyessuu qofa barbaada. Milkaa’inni kiyyas Rabbiin irraa
malee eenyurraallee miti. Isarratti hirkadhe, garuma Isaatti deebi’as.” Suuratu
Huud 11:88
D
6
Seensa Iimaanaa
Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi dhugaan
amanuudha.1 Akka shari’aatti immoo imaanni dubbii qalbii fi arrabaa, hojii
qalbii fi qaamaa kan of keessatti hammateedha.
Kuni seensa imaanati. In sha Allah dameewwanii fi hundeewwan isaa gara
boodaatti kan ilaallu ta’a. Iimaanni geeybi (wantoota ijaan hin mul’annee fi
fagoo) waliin kan wal qabateedha. Namni wantoota geeybi kanatti yoo
dhugaan amane, hojii fi adeemsi isaa daandii qajeelaa irra ta’a. Geeybitti
amanuuf nafsee teenya qopheessu fi xurii geeybitti akka hin amanne nu
taasisan irraa qulqulleessu qabna. Kana gochuuf qaamolee miiraa, sammuu
fi wantoota naannoo keenyatti argaman beeku qabna. Barreefamni armaan
gadi kuni kitaaba “al-aqiidatul Islaamiyyah wa ususuhaa”2 jedhu irraa kan
cuunfamedha. Haa jalqabnu…
Dandeetti Hubannaa Ilma namaa Ilma namaa keessa dandeetti hubannaa guddaatu jira. Garuu wantoonni
hubataman kunniin baay'een isaanii keessa namaatii kan burqan osoo hin
ta’in alaa kan dhufaniidha. Kanaafi, dandeettin hubannaa ilma namaa
foddaa (maskooti) wantoota alaa ittiin ilaalu qaba. Foddaawwan kunniin
qaamolee miiraa shanani. Isaaniis: qaama miira argitu- ija, qaama miiraa
dhageetti (gurra), qaama miiraa fuunfachuu (funyaan), qaama miiraa
dhandhamuu (arrabaa) fi qaama miiraa tuquu (gogaa). Wantoota qaamoleen
miiraa kunniin gara dandeetti hubannaatti dabarsan irratti hundaa’e
sammuun boca wanta sanii uuma, ni hubata, ni ijaara, bu’uura waliigalaa
lafa kaa’a, wantoota wal fakkaatan wal bira qaba. Kanaan alaa fi wanta kana
caalu gochuu hin danda’u.
Fakkeenyaf, namoonni ballaa ta’anii dhalatan osoo hanga feene haallu
barbaanne itti finne, fakkii halluu kanaa sammuu isaanii keessatti kaasu hin
danda’an. Adiin, gurraachi, diimaa fi kkf maal akka ta’an waan hin beekne
1 Nuurul iimaanii wa zuluumatu nifaaqi-fuula 7 2 al-aqiidatul Islaamiyyah wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 15-30
7
fi ijaan waan hin argineef.Haaluma kanaan namoonni gurri isaanii hin
dhageenyi sagalee addaan baafachu hin danda’an, foddaan sagalee seensisu
waan cufameef.
Gabaabumatti nafseen wantoota addunyaa keessa faca’an kan hubattu karaa
foddaa ishiitin. Foddaa kanaan addunyaa naannawa ishii jiran ilaalti. Osoo
foddaan kuni jiraachu baate silaa homaa hubachuu hin dandeessu,
wallaalummaa guutuu keessatti hafti turte. Foddaan kunniin qaamolee
miiraa shanani.
Hanqinna Qaamolee Miiraa nu bira Jiranii Qaamoleen miiraa nuti qabnu hanqinna baay’een kan marfamaniidha.
Wantoota hunda addunyaa keessa jiran qaamolee kanniin qofaan beeku hin
dandeenyu. Fakkeenyaf, osoo meeshaan hamma ho’aa argisiisu
(termometriin) jiraachu baate, silaa akkamitti hamma ho’aa (tempirechara)
beeknaa? Osoo maykiroskoopin jiraachu baate, silaa akkamitti jarmiwwan
xixxiqoo ijaan hin mul’anne jiraachu isaanii beeknaa? Wanti meeshaan
ammayyaa fi qaamoleen miiraa keenya bira hin geenye lakkaawame hin
dhumu. Osoo uumamtoota hundarra caalle jirru ee baay’ate hanqinni
keenya!
Daangaa Qaamolee Miiraa
Wantootaa naannoo keenya jiran beekuf karaan tokkichi itti fayyadamnu
qaamolee miirati. Garuu qaamoleen miiraa kunniin foddaa gabaaboo
ta’aniidha. Hammaa fi akkaatan kanneen daangefamaniidha. Kanaafu,
“ijaan waan hin argineef ykn sagalee waan hin dhageenyef, ykn qaamolee
miiraa birootin waan wal hin qabanneef” qofa wantoota haqaan addunyaa
keessa jiran, “Hin jiran.” jechuun mormii kijibaa mormuun nuuf sirrii miti.
Qaamoleen miira keenya hammaa fi akkaatan daangefamoo waan ta’aniif.
Hammaan daangeefamoo yommuu jennu wanti tokko fageenya qaamolee
miiraa keenyaf hayyamamee keessaa yoo bahe, qaamoleen miiraa keenya
wanta san hubachuu irraa dadhaboo ta’u. Fakkeenyaf qaama miiraa argituu
(ija) irraa akkuma wanti tokko fagaatun, hammi wanta sanii ija keenya
keessatti xiqqaataa adeema hanga ilaalcha keenya irraa badutti. Garmalee
8
yoo nurraa fagaate san booda arguu hin dandeenyu. Qaamni miira dhageettis
haaluma kanaani.
Akkaataan daangefamoodha yommuu jennu immoo karaa qaamolee
miiratin wanta tokko hubachuuf ulaagaaleen (haal-dureewwan) guuttamu
qaban jiraachu qabu. Fakeenyaf qaamni miiraa argituu wanta tokko arguuf
ifa barbaachisa. Ifni yoo dhabame wanta san arguun hin danda’amu.
Addunyaa tana keessa qaamolee miiraa keenyan kallattiin osoo wal hin
qunnamiin wanti tokko jiraachutti dhugaan kan itti amannuu baay’etu jiru.
Jiraachu wanta kanaatti kan amannu karaa guduunfaatin (conclusion). Kana
jechuun sababa wanta tokkoo erga itti yaanne booda, wanti akkanaa ni jira
jennee guduunfu ykn goloobudha. Fakkeenyaf, osoo mana keessa jirtu,
namni wayii balbala mana keeti dhadhaya (rukuta). Rukuttaa kana
dhagayuun namni wayii ni jira jechuun guduunfita (goloobda). Sagalee
namticha kanaa hin dhageenye ykn isa hin argine. Akkamitti namni jiraachu
beekte ree? Karaan ati ittiin beektu, balballi ofiin of rukutuu waan hin
dandeenyef namni wayii akka jiru dhugaan ni amanta.
Asitti namoota sammuun isaanii xiqqoo taate odeefannoo hundee hin qabne
fi dhugaa hin taane irratti hundaa’un dhugaa jiru fudhachu didan osoo hin
ilaalin bira hin dabarru. Akkana jedhu: nuti wanta qaamoleen miiraa
keenyan bira hin geenye jiraachu isaa hin amannu ykn harka hin kenninuuf.”
Akka waan qaamoleen miiraa isaanii wantoota addunyaa guutuu keessa jiru
haguuganii fi beekanii isaanitti fakkaata. Mee seenaa kana haa ilaallu:
Mulhidoota (warroota jallatanii) gowwummaa isaanii keessa dhama’an
kanniinif mucaan xiqqaan ifa uumama isaatiin deebii gahaa deebiseef.
Namtichi jallataan (eetistiin) tokko akkana jedhe: wanta tokko hanga ijaan
arginutti jiraachu isaatti hin amannu. Hanga isa biratti argamnutti malee
harka hin kenninuufi.” Hanga jiraachu Rabbii bira gahuutti fakkeenya
kijibaa dhiyeessu itti fufe. Ergasii akkana jedhe: Nuti Khaaliqa (Rabbiin)
hin arginu. Kanaafu Inni hin jiru.” Mucaan cal’isaan caafi teessummaa irra
taa’u, nama jallataa kanaan akkana jedhe, “Yaa barsiisaa! Sammuu ati
ittiin yaadaa jirtu hundi keenyaa argaa hin jirru. Kanaafu ati sammuu
9
hin qabdu jechuudha.” Namtichi kafaree achumaan dhama’ee moo’atame.
Rabbiin namoota zaalimtoota hin qajeelchu.
Al-Khayaalu wa Huduuduhu (Boca wanta tokkoo sammuu
keessatti kaasu fi daangaa isaa) Wanta tokko kan fuundura keenyatti hin argamne yaadan ijaaru fi fakkii isaa
sammuu keenya keessatti bocu dandeenya. Haa ta’uu malee, nuti hanga
feene fakkii (suuraa) barbaanne sammuu keenya keessatti haa bocnu,
kutaalee qaamaa addunyaa keessa jiran walitti maxxansuu malee wanta
biroo hojjachuu hin dandeenyu. Kutaalee kanniin karaa qaamolee miiratin
arginee jirra. Garuu kutaalee qaama walitti maxxansuun boca ykn suuraa
addaa fi tokko ta’e sammuu keessatti kaasna.
Kanaaf wanta addaa addunyaa keessa hin jirre mee akka fakkeenyatti haa
dhiyeessinu. Suuraa beelladaa adda ta’e sammuu keessatti haa kaasnu.
Suuraan kuni koola 20 qaba, gariin isaanii sinbirroo irraa, gariin isaanii
nyaata irraa, gariin isaanii immoo baalaa irraa, gariin isaanii immoo warqii,
meeti fi kkf irraa haa jennu. Koola hunda jidduu ija qaba. Ijji tunniin
aannanii fi damma irraa tan ijaarramteedha. Ammas, suuraa addaa kana
hanga feete kutaalee qaamaa adda addaa itti dabaluun adda taasisi. Amma
suuraa yaadaa kana kutaalee isaa akka siif ibsinu koottu. Hundee uumama
suuraa kanaa irraa yommuu kaanu, kutaalee qaamaa tokkollee kan addunyaa
keessa hin jirree fi qaama miiraa keetin hin hubanne bocu ykn kaasu hin
dandeenye. Hunda isaatu wanta argite irraa kaate suuraa addaa kaaste.
Wanta darbe kana yommuu guduunfinu: suuraan (fakkiin) sammuu keenya
keessatti bocamu, wantoota qaamoleen miiraa hubataniin kan
daangefameedha. Hanga feene dandeettin suuraa addaa sammuu keessatti
bocu nuuf haa kennamu, haqiiqaa (dhugaa) wanta tokko hanga naamunaa
(fakkeenya) isaa arginutti bocu hin dandeenyu.
Kanarraa ka’uun suuraa dhugaa Malaykootaa, Jinnii fi kkf sammuu keessatti
bocuu fi kaasu hin dandeenyu. Sababni isaas, qaamolee miiraa keenyan
wanti argine hin jiru. Zaatni Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) immoo kan
kana hunda caaludha. Akkamitti Zaata Rabbii olta’e, fakkaata hin qabne fi
10
waa hundarra Guddaa ta’e sammuu keenya keessatti yaadu dandeenyaa?
Kanaafi,gamnoonni durii akkana jedhu: “Kullu maa khaxara bibaalika
fallahu bikhilaafi zaalika- wanti hundi sammuu kee qaxxaamuru,
Rabbiin faallaa wanta saniiti.” Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa fakkaataa
wayitu hin qabu. Wanta sammuu namaa qaxxaamuruun gonkumaa wal hin
fakkaatu.
Sammuu fi daangaa isaa Sammuun addunyaa miiratin kan daangefameedha. Addunyaa geeybi irratti
murtii hin qabu. Wanta ijaan hin argine ykn gurraan hin dhageenye "akkana
akkana jira" jedhe murteessu hin danda'u. Akkasumas, ragaa malee, "Wanta
ijaan hin mul'anne hin jiru" jechuun mormuu hin danda'u. Sammuun wanta
addunyaa guutuu keessa jiru hubachuu waan hin dandeenyef. Wanti inni
hubatu fi beeku baay’ee xiqqaadha. Fakkeenyaf, samiin tuni daangaa qabdi
moo hin qabdu? jechuun of gaafanna. Sammuun daangaa samii dhaqqabuu
hin danda’u. Kanaafu, wanta ijaan argan guutumaan guututti hubachuu irraa
dadhabaa kan ta’e, wanta geeybi hubachuu irratti akkamitti dandeetti qabaa?
Imaamu Shaafi’iin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:
"Dhugumatti akkuma ijji daangaa dhumaa qabdu, sammuunis
daangaa dhumaa qaba.” Akkuma wanti tokko yommuu garmalee fagaatu
ijji arguu hin dandeenye, wanti sammuu irraa fagoo ta'ees sammuun bira
gahuu hin danda'u.
Wanta darbee haala armaan gadiitin guduunfun ni danda’ama:
1. Qaamoleen miiraa nu bira jiran daangefamoo waan ta’aniif wantoota
jiran hunda bira gahu hin danda’an.
2. Dandeettin suuraa sammuu keessatti kaasu wanta qaamoleen miira
nutti fidan irratti kan hundaa’e fi daangefameedha.
3. Sammuun keenyas akkasuma daangefamaadha. Qaamolee miira fi
sammuu daangefamaa kanatti fayyadamuun, haqa addunyaa keessa
11
jiru "ijaan waan hin argineef" hin jiru jedhanii mormuun wanta ilma
namaatif maluu miti.1
Qoodamiinsa Addunyaa
Dandeetti qaamolee miiraa irratti hundaa’e addunyaa bakka lamatti qoodu
dandeenya. Isaaniis: Aalamul shahaadah fi Aalamul Gheeyb. Kana jechuun
maal jechuudhaa?
Aalamul shahaadah (addunyaa mul’ataa)- wantoonni addunyaa keessatti
argaman kanneen qaamoleen miiraa keenya dhaqqabuu danda’an aalamul
shahaadah (addunyaa mul’ataa) jennaan. Jiraachu wantoota kanniini
eenyullee hin shakku, nama qaamolee miiraa dhabe malee. Fakkeenyaf,
dachii, aduu, ji’a, ilma namaa fi kkf. Qaamolee miira shanan keenyan
wantoota kanniin beeku fi hubachuu dandeenya.
Aalamul Gheeyb (addunyaa hin mul’anne)- jechuun immoo wantoota
qaamoleen miiraa keenya dhaqqabuu hin dandeenyadha. Ijaan arguu hin
dandeenyu, gurraan dhagahu hin dandeenyu. Wantoonni gheeybi (hin
mul’anne) kunniin dhugaan kan jiranii fi jiraachu isaanitti haqaan kan
amannuudha. Fakkeenyaf, ruuhin (soul) iccitii jireenya ilma namaati.
Ruuhin yoo baate ilmi namaa ni du’a. Ruuhi tana ijaan arguu dandeenyaa?
Maal akka taate fi suuran ishii maal akka fakkaattu sammuu keenyan
hubachuu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Garuu jiraachu ishiitti ni amanna.
Akkamitti? Asaara (mallattoon) beekna. Fakkeenyaf, oli gadi socho’uun
ruuhin nu keessa jiraachu argiisisa. Yommuu duunu ruuhin nu keessa akka
hin jirre agarsiisa.
Kanaafu, ragaan sammuu ykn miirri uumamaan ilma namaa keessa jiru
jiraachu wanta geeybi ni agarsiisa. Namni wanti hin mul’anne kuni ifaan
ifatti akka jiru ni amana.Garuu haqiiqan (dhugaan) wanti ijaan hin mul’anne
1 Dhimma kana caalatti hubachuuf kitaaba “Hiika wali-galaa Amanti Islaamaa” keessatti
“Qajeelfamoota Bu’uuraa aqiidaa” fuula-38-55, haa ilaalu.
12
suni maal akka ta’ee fi maal akka fakkaatu sammuun bira gahuu hin
danda’u.
Wanti ijaan hin mul’anne (gheeybin) jiraachuun akkamitti
beekanii? Karaalee wanta ijaan hin mul’anne itti beekan asi olitti tuttuquuf yaalle
jirra. Karaaleen wanta gheeybi itti beekan gurguddaan: mallattoo wanta
tokko itti xinxalluun guduunfaa (conclusion) irra gahuu, odeefannoo
dhugaa fi wanta uumamaan nama keessa kaa’ame (fixriyy)dha.
Mallattoo wanta tokkoo itti xinxalluun guduunfaa (conclusion) irra
gahuu-fakkeenyaaf, humna magneetti ijaan arguu hin dandeenyu. Garuu
yommuu sibiila ofitti harkisuu ykn ofirraa dhiibu, humni kuni akka jiru ni
hubanna. Ammas, Qiyaamaan akka dhuftu mallatooleen beeku dandeenya.
Wantoonni ijaan hin agarree garuu mallatoolee isaanitti xinxalluun akka
jiran amannu lakkoofne hin fixnu. Haa ta’uu malee, wanti hin mul’anne kuni
jiraachu isaa mallattooleen haa beeknu malee wanti kuni akkam akka ta’e
mallattoolee qofaan sirritti beeku hin dandeeyu. Odeefannoon dhugaa
immoo wanti tokko akka jiru madda dhugaa irraa odeefannoo argachuudha.
Fkn, lola Badr nu keessaa eenyullee ijaan hin argine. Garuu odeefannoo
dhugaa waan nu gaheef lolli Badr akka adeemsifame ni amanna.
Wahyii (Revelation)- Karaa hundarra caalu geeybi ittiin
beekaniidha Gheeybi hunda kan beeku Rabbii tokkicha. Akkuma irranitti jenne karaalee
gheeybi ittiin beekan keessaa tokko odeefannoo dhugaadha. Odeefannoon
dhugaa Rabbiin irraa dhufu kuni wahyiidha. Wahyii jechuun-Jecha ykn
ergaa Rabbiin Ergamtoota Isaa irratti buusudha. Fakkeenyaf Qur’aanni
wahyiidha (Ergaa Rabbiin Nabii Muhammad (SAW) irratti buusedha).
Sammuun keenya wantoota geeybi bira gahuu akka hin dandeenye amannee
jirra. Wantoonni geeybi kunniin karaa biraatin beekuf yoo hin tattaafatin
osoo hin beekkamin hafu. Kuni immoo dhimmi namootaa fi addunyaa akka
jeeqamu taasisa. Karaan hundarra caalu kan wantoota geeybi ittiin beekan
13
karaa wahyitiin. Sababni isaas, wanta mul’atu fi hin mul’anne hunda kan
beeku Rabbiin qofa. Kanaafu, wanta geeybi (hin mul’anne) beekuf Rabbiin
irraa odeefannoo muraasa argachuun karaa nama baasudha. Rabbiin
(subhaanahu wa ta’aala) odeefannoo geeybi muraasa isaa ilma namaa hunda
irratti hin buusu. Garuu isaan keessaa namoota filatamoo fi qulqulluu ta’an
irratti buusa. Namoonni qulqulluun kunniniis Ergamtoota Isaa ta’u.
Ergamtoonni kunniin ergaa Rabbiin isaanitti buuse homaa osoo hin
hanqisiinii fi itti hin dabalin ilma namaatti geessu. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
"(26)-[Rabbiin] Beekaa geeybiti; geeybi Isaa eenyuttillee hin
beeksisuu. (27)-Ergamaa irraa nama jaallate malee [nama biraatti hin
beeksisu]. Inni fuundura isaatii fi duuba isaatiin eegdota (malaaykota)
godhaaf. (28)-Ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti [namootatti]
geessu isaanii akka beekuuf [eegdota (malaykota) duraa duuban
kaa’e]; Inni (Rabbiin) wanta isaan bira jiru hunda kan marsee fi
lakkoofsan wanta hundaa walitti kan qabeedha.” (Suuratu al-Jinn
72:26-28)
Ergamtootatti sheyxaanni akka itti hin dhiyaanne, Rabbiin Malaaykota
duraa duuban eegdota gochuun kaa’e. Ergamtoonni Rabbii ergaa Gooftaa
isaanii osoo homaa irraa hin hir’isinii fi itti hin dabalin ilma namaatti akka
geessan Rabbiin gara hundaan isaan eege. Wanta Ergamtoonni dubbatan,
yaadan, hojjatan, ifa baasanii fi dhoksan hunda ni beeka.
Kanaafu, Ergamtoota kanniin dhugummaa, qulqullummaa, amanamummaa
fi Rabbiin irraa mu’jizaan (raajiin) gargaaramu isaanii erga beekne booda,
14
wanta isaan fidanitti amanuu fi hordofuu irraa wanti nu dhoowwu
tokkollee hin jiru.
Karaa wahyitiin wanta nu bira gaheetti amantii dhugaa erga amanne booda,
ergaa Rasuulli (SAW) nutti dabarse irratti dhaabbatu qabna. Daangaa
darbuun ragaa malee sammuu keenyan itti taphachuu hin qabnu.
Wanta darbe yommuu guduunfinu:
1.Sammuun keenya haala amma irratti uumame irratti hundaa’un wanta
geeybi (hin mul’anne) hubachuu waan hin dandeenyef, kana hubachuuf
wahyii isa barbaachisa. Fakkeenyaf sifaata (amaloota) Rabbii beekuf
wahyii nu barbaachisa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Arshii ol ta’uu
karaa wahyiitiin beekna. Jannataa fi Jahannam jiraachu karaa wahyitiin
beekna. Guyyaa Qiyaamaa maal akka adeemsifamu Qur’aana Rabbiin
buuse keessatti arganna.
2.Qabiyyee wahyii irratti dhaabbachuun nurratti dirqama. Fakkeenyaf,
amaloota Rabbii osoo homattu hin fakkeessin, osoo hiika isaa hin micciriin
ykn osoo hin mormiin akkuma Qur’aana fi Hadiisa sahiiha keessatti dhufe
fudhachuudha.
Qur’aana Keessatti qoodamiinsa addunyaa Qur'aanni Aalamul Gheyb fi Aalamul shahaada jechuun addunyaa bakka
lamatti qooda.
Fakkeenyaf: Rabbiin Qur’aaana keessatti ni jedha,
“Rabbiin waan dhaltuun hundi baattu, waan gadaamessi hir’isuu fi
dabalu ni beeka. Wanti hunduu Isa biratti hanga murtaa’adhaanii.
[Rabbiin] Beekaa waan geeybi (hin mul’annee) fi mul’atuuti. [Inni]
15
Guddaa, Olta’aadha. Isin irraa namni dubbii dhoksee fi ifa baase,
ammas namni halkan dhokatee fi guyyaa ifatti bahe [Isa biratti]
waluma qixa.” Suuratu ar-Ra’ad 13:8-10
لهم لهيٱ لل ٱهو ﴿ يم ٱ لرحمن ٱهو لشهدةه ٱو لغيبه ٱل إهله إهل هو ع ﴾٢٢لرحه
“Inni Allah, gabbaramaan dhugaa Isa malee Kan hin jirreedha, Beekaa
geeybii fi wanta mul’atuuti. Inni akkaan rahmata godhaa, akkaan
mararfataadha.” Suuratu Al-Hashr 59:22
Geeybii Rabbiin qofti beeku
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Ergamtoota Isaatti geeybi hunda hin
beeksisne. Dhimmoota geeybi (hin mul’anne) irraa muraasa isaanii
Ergamtootatti beeksise. Geeybi Rabbiin qofti beeku dachii fi samii keessatti
eenyullee beeku hin danda’u. Fakkeenyaf Qiyaaman yoom akka dhaabbattu
Rabbiin malee eenyullee hin beeku. Rabbiin Olta’aan Qulqullaa’e ni jedha:
ته ٱقل ل يعلم من فه ﴿ رضه ٱو لسمويان يبعثون لل ٱإهل لغيب ٱ ل
﴾٦٥وما يشعرون أ
Jedhi, “Rabbiin malee samiwwanii fi dachii keessa kan jiru gheeybi
hin beeku. Yoom akka kaafamaniis hin beekan.” (Suuratu An-Naml
27:65)
16
Boqonnaa 1
IIMAANA JECHUUN MAAL JECHUUDHAA?
Baay’een keenya waa’ee iimaanaa ni haasofna. Iimaanaa dabalachuuf ni
carraaqna. Garuu ma’anaa (hiika) isaa ni beeknaa? Dhugumatti, iimaanaa
jechuun maal jechuudhaa? Iimaanni qalbii qofa irratti daangeefamu
danda’aa? Namni hiika iimaanaa madda sirrii irraa yoo beeke fi hojii irra
oolche, jireenya gammachuu fi mi’aawa jiraata. Sababni isaas, namni mi’aa
iimaanaa argate, jireenya tasgabboofte jiraataa. Mi’aa iimaanaa
dhandhamuuf hiika isaa beeku fi hojii irra oolchuf tattaafachuu qabnaa miti
ree? Har’a yoo Rabbi fedhe, madda sirrii fi hayyoota Islaamaa beekkamoo
wabii godhachuun hiika iimaanaa beekuf ni tattaafanna. Kanaafu imaanaa
jechuun maal jechuudhaa?
Dhugummaan (haqiiqan) wanta tokko karaa sadiin beekkama. Takkaa karaa
lugaatiin fakkeenyaf “aduu”, takkaa immoo karaa shari’aatiin fakkeenyaf
“iimaana, Islaama, salaata”, takkaa immoo karaa barteetiin fakkeenyaf
“qabuu”. Hiikni shari’aan jecha tokkoof kennu takkaa hiika lugaatin walitti
galuu danda’a takkaa immoo garagara ta’uu danda’a. Hiikni shari’aa hiika
lugaa (afaanii) caalaa hiika bal’aa kennu danda’a.Kanaafu kana irratti
hundaa’un hiika iimaanaa karaa lamaan ilaalu dandeenya.
1ffaa: Iimaana akka lugaatti Akka Afaan Arabiffaatti iimaanni hiika lama qaba. Tokkoffaa iimaana
jechuun“Al-Amnu (nageenya)” jechuudha. Hundeen nageenyaa (al-
amnu)-tasgabbii nafsee fi sodaan qalbii irraa deemudha. Kana jechuun
nageenya fi faallaa sodaa kan ta’ee tasgabbii argachuudha. Faallaan “Isaaf
nageenya kenne (tasgabbeesse)” jedhu, “Isa sodaachise ta’a.” Rabbiin ni
jedha:
هن خوف لهي ٱ﴿ هن جوع وءامنهم م طعمهم م ﴾٤أ
17
“[Gooftaa] beela irraa isaan nyaachisee fi sodaa irraa isaan
tasgabbeesse.” Suuratu Qureesh 106:4
Akka lugaatti آمن-Aamana” jechuun tasgabbii fi nageenya keessa seenee
jechuudha. Akkasumas, “Aamana” jechuun “Amane” jechuudha.1
Namni dhugaan Rabbitti amane “Mu’mina” jedhamee kan moggaafameef
addunyaa fi Aakhiratti adabbii (azaaba) Rabbii irraa lubbuu ofii nagaha
waan taasisuufi. Kana jechuun namni mu’mina ta’ee lubbuu ofii azaaba
Rabbii irraa baraara. Akkasumas, maqaalee Rabbii keessaa tokko “Al-
Mu’min”. Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aala gabroota Isaa isaan
miidhu irraa isaan tasgabeessa. Rabbiin ilma namaa gonkumaa hin miidhu,
namootatu of miidha malee.
Akka Afaan Arabifatti hiikni lammataa “Iimaanaa”- Amanuu ykn
Tasdiiq (dhugoomsudha). Kana jechuun dubbii isaa hojiin kan
dhugoomsu (dhugaa taasisuudha). Faallan dhugoomsu kijibsiisudha.
Asitti jechi iimaana jedhu jecha “aamana” jedhu irraa kan horsifameedha.
Akkuma irranatti jenne hiikni lammataa “aamana” jedhu, “Amane” ta’a.
Ni jedhama: “Aamana bihi” kana jechuun “Inni isatti amanee.” Aamantu
billaahi warasuulihi (Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanee).2 Kanaafu, Afaan
Oromoo keessatti lugaa irratti hundaa’un hiikni wal-qixxaataan iimaanaa-
amanuu ta’a. Qur’aana keessatti:
ه ﴿ سنا قالوا ءامنا بوا بأ
ههه ۥوحده لله ٱفلما رأ هما كنا ب فلم يك ينفعهم ٨٤مشهكهي ۦوكفرنا ب
سنا س وا بأ
ه لته ٱ لله ٱنت إهيمنهم لما رأ هك ۦ قد خلت فه عهبادهه هنال فهرون ٱوخسه ﴾٨٥لك
“Yeroo adabbii Keenya argan, ni jedhan, ‘Rabbitti amanne, waan Isatti
qindeessaa turrettis kafarre.’ Erga adabbii Keenya arganii amanuun
isaanii gonkumaa isaan hin fayyanne. [Suni] karaa Rabbii kan
1 https://www.almaany.com/ar/dict/ar-ar/%D8%A2%D9%85%D9%86/ 2 https://www.almaany.com/ar/dict/ar-ar/%D8%A2%D9%85%D9%8E%D9%86%D9%8E/
18
gabroota Isaa keessatti dabreedha. Kaafiroonni achitti
hoonga’an.” Suuratu Ghaafir 40:84-85
Namni tokko "Rabbiin Gooftaa ta’utti amanee jira" yommuu jedhu "Rabbiin
dhugoomse jira" jechuu isaati. Dhugoomsun akkuma qalbiin ta’uu arrabaa
fi qaamanis ni ta’a. Imaam ibn Al-Qayyim ni jedha: “Iimaanni
dhugoomsudha. Garuu dhugoomsu jechuun nama odeefanno beeksiseef
osoo hin masakamin dhugaa ta’uu isaatti amanu qofaa miti. Osoo iimaanni
dhugummaa wanta tokkotti amanuu qofa ta’e silaa sheyxaanni, fira’awni,
ummanni Saalih fi Yahuudonni Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii
ta’uu sirritti beekan mu’mintoota fi dhugoomsitoota ta’uu turan. (Garuu
namoonni kunniin Nabiyyi isaanitti ergameef waan hin masakamneef ykn
hin ajajamneef mu’mintoota miti). Dhugoomsun dhimma lamaan
guuttama:”1
Sheykul Islaam Ibn Teymiyaan (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) akka
lugaatti “iimaanni hiika ‘iqraar (mirkaneessu)’ jedhu qaba” jedha.
Kanaafu akka lugaatti hiikni filatamaan iimaanaa “Al-Amnu (nageenya),
dhugoomsu fi mirkaneessu” jedhu qaba.2
2ffaa- Hiika Iimaanaa Akka Shari'aatti3
Akka shari’aatti iimaana jechuun dubbii fi hojiidha.Kana jechuun iimaanni
dubbii qalbii fi arrabaa, hojii qalbii, arrabaa fi qaamaa of keessatti hammata.
Kanaafu imaanni wantoota shan irraa ijaarramee jechuudha. Isaaniis: dubbii
1 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama'a-fuula
69-70, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii 2 Madda olii- fuula 74 3 Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi-vol 1-fuula 176-180,
Jamaal Zarabozo
Ziyaadatu İimaanii wa nuqsaanihi-fuula 37-40, Abdurazzaq bin
AbdulMuhsin Badri
(1) Dhugummaa wanta tokkotti amanuu fi
(2) Qalbiin jaallachuu fi isaaf masakamuu (ajajamuudha).
19
qalbii, hojii qalbii, dubbii arrabaa, hojii arrabaa fi hojii qaamati. Mee
tokkoon tokkoon hiika isaanii haa ilaalu.
1. Dubbii qalbii- kana jechuun qalbiin haqa beeku, haqarratti hidhamu,
dhugoomsu, mirkaneessu fi shakkii tokko malee itti amanuudha.
Fakkeenyaf, namni Rabbiin malee dhugaan kan gabbaramu akka hin jirre ni
bara. Ergasii beekumsa kanaa qabaachuu, dhugoomsu fi shakkii tokko
malee itti amanuun isarra jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ه يله ٱو ﴿ دقه ٱجاء ب ه ههه لص ئهك هم ۦ وصدق ب ول
﴾٣٣لمتقون ٱأ
“Dhugaan kan dhufee fi isa dhugoomse, isaan sun isaanumatu
muttaqoota.” Suuratu Az-Zumar 39:33
ه لهين ٱ لمؤمهنون ٱإهنما ﴿ ه لله ٱءامنوا ب تابوا وجهدوا ثم لم ير ۦورسولهههم فه سبهيله نفسه
هههم وأ ل مو
هأ ئهك هم لله ٱب
ولقون ٱأ ده ﴾١٥لص
“Mu’mintoonni warroota Rabbii fi Ergamaa Isaatti amananii ergasii
hin shakkinee fi qabeenya isaaniitii fi lubbuu isaanitiin karaa Rabbii
keessatti qabsaa’aniidha. Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.”
Suuratu Hujuraat 49:15
Hadiisa Jibriil jedhamuun kan beekkamu keessatti Ergamaan Rabbii
(SAW) waa’ee iimaanaa ilaalchise akkana jedhe: "Rabbitti, Malaaykota
Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi
kheyriis ta’e sharriis ta’e qadaratti amanuudha.” Sahiih Musliim
Dhugoomsu fi amantii kana waliin ajaja Rabbitiif buluu fi ajajamuun
jiraachu qaba. Rabbiif ajajamuun, buluun, jaallachu fi kabajuun yoo hin
jiraatin, kuni iimaanaa hin jedhamu. Sheykul Islaam ibn Taymiyaan akkana
jedha:(Hojiin qalbii yoo hin jiraatin qalbiidhaan haqa beekun qofti nama hin
fayyadu. Fakkeenyaf, qalbiin jaallachuu, qalbiin hordofuu. Inumaa Guyyaa
20
Qiyaamaa namni namoota hunda caalaa adabamu nama beekaa beekumsa
isaatti hin fayyadamneedha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jechaa turan:
"Yaa Rabbii! Beekumsa nama hin fayyanne irraa, qalbii hin sodaanne
irraa, nafsee hin quufne irraa fi kadhaa (du’aayi) deebii hin arganne
irraa Siin tiikfama.” (Sahiih Musliim
2.Hojii Qalbii- kuni niyyaa qalbii, fedhii, harka kennuu, iklaasa, itti buluu,
masakamuu, hordofuu, gara Rabbitti deebi’uu, Isarratti hirkachuu, rahmata
Isaa kajeelu, Isa sodaachu, Isa kabajuu, Isa jaallachuu, Isaaf gadi jechuu,
Rabbiif jedhanii Jaallachuu fi jibbuu, obsuu, galata galchuu fi kkf of
keessatti qabata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ه لهين ٱول تطرده ﴿ ﴾ۥ يرهيدون وجهه لعشه ه ٱو لغدوةه ٱيدعون ربهم ب
"Warra Fuula Isaa barbaaduf ganamaa galgala Gooftaa isaanii
kadhatan hin ari’in.” Suuratu Al-An’aam 6:52
ؤمهنهي لله ٱوعل ﴿ ﴾فتوكوا إهن كنتم م
"Mu’mintoota yoo taatan Rabbiin irratti hirkadhaa.” Suratu Al-
Maa’ida 5:23
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yaa tuuta arrabaan amanee
imaanni qalbii isaa hin seenne hoo! Muslimoota hin hamatinaa, awraa
isaanii (wanta dhoksatti hojjatan isaan salphisuuf) hin hordofinaa…”
Sunan Abi Dawud 4880
3. Dubbii Arrabaa-kana jechuun shahaadateyn dubbachuu fi wanta
barbaachisu mirkaneessudha. Shahaadateyn yommuu jennu Rabbiin malee
kan haqaan gabbaramu akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Isaa ta’uu
ragaa bahuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
21
ه ﴿ نزهل إهل إهبرهه لله ٱقولوا ءامنا بنزهل إهلنا وما أ
م وإسمعهيل وإسحق وما أ
سباطه ٱويعقوب و ل وته
موس وعهيس وما أ وته
هي ون ٱوما أ هههم ل لنب مهن رب
هن حد م هق بي أ ﴾١٣٦مسلهمون ۥهم ونن ل نفر
Jedhaa "Nuti Rabbitti amannee jirra; waan gara keenyaatti buufame,
waan gara Ibraahim, Ismaa’il, Is’haaq, Ya’aquubi fi Asbaaxatti
buufames [amanne jirra]. Wanta Muusaa fi Iisaaf kenname fi Gooftaa
isaanii irraa waan Nabiyyootaaf kennamettis [amannee jira]. Isaan
irraa tokko fi kan biraa jiddu garagara hin goonu. Nutis warra Isaaf
bitameedha (Muslimoota).” Suuratu Al-Baqaraa 2:136
Asbaaxa jechuun sanyii ilmaan Ya’aquub kudha lamaan
Isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii ergasii san irratti gadi
dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis." (Suuratu
Al-Ahqaaf 46:13)
4. Hojii Arrabaa- kuni hojii arrabaan malee wanta biraatin hin
hojjatamneedha. Fakkeenyaf, kan akka Qur’aana qara’uu, zikrii gochuu,
du’aayi gochuu, namoota barsiisu fi kanneen biroo. Kunniin hundi iimaana
irraayyi. Rabbiin ni jedha:
قاموا لله ٱيتلون كهتب لهين ٱإهن ﴿ة ٱوأ ا لصلو نفقوا مهما رزقنهم سه
وأ
هجرة لن تبور ﴾٢٩وعلنهية يرجون ت
Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisan, salaata
sirnaan salaatanii fi waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaa fi ifatti
[sadaqaa] kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu.” Suuratu
Faaxir 35:29
ه تل ٱو ﴿ إهلك مهن كهتابه رب وحهل لهكهمتههه ما أ ه ولن تهد مهن ۦك ل مبد
ههه ا ۦدون ﴾٢٧ملتحد
22
“Kitaaba Gooftaa keeti irraa wanta gara keetti buufame dubbisi.
Jechoota Isaatiif jijjiraan hin jiru. Isa malee iddoo itti baqattu hin
argattu.” Suuratu Al-Kahf 18:27
ها ﴿ ي أ ٱءامنوا لهين ٱي ا لل ٱ ذكروا ا كثهير يل ٤١ذهكر صه
هحوه بكرة وأ ﴾٤٢وسب
“Yaa warra amantan! Zikrii baay’een Rabbiin zakkaraa (yaadadhaa,
faarsaa). Ganamaa fi galgalas Isa qulqulleessaa.” Suuratu Al-Ahzaab
33:41-42
5. Hojii qaamaa- Kuni hojii qaaman malee wanta biraatin hin
hojjatamneedha. Fakkeenyaf, salaata keessatti dhaabbachuu, ruku’a bu’uu,
sujuudu, sadaqaa kennuu, gara masjiida deemu, gara hajjii fi jihaadaa deemu
fi kkf. Rabbiin ni jedha:
ها ﴿ ي أ رك ٱءامنوا لهين ٱي ٱو ٱسجدواو عوا ٱربكم و عبدوا لير ٱ فعلوا
﴾٧٧لعلكم تفلهحون۩
“Yaa warra amantan! Ruku’a bu’aa, sujuudas bu’aa, Gooftaa
keessanis gabbaraa. Akka milkooftaniif toltuu hojjadhaa.” Suuratu Al-
Hajj 22:77
Wantoota armaan olii shanan kutaalee sadii jalatti guduunfun ni danda’ama.
Isaanis: Qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuu fi qaaman
hojjachuudha. Akka ahl sunnaah wal jama’aatti iimaanni kanniin sadan of
keessatti qabata. Namni sadan kanaan dhufe, iimaanaa ofii guute. Namni
lamaanin dhufee garuu sadaffaa hanqise imaanni isaa sirrii hin ta’u.1
1 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama'a-fuula
84, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
23
Fakkii 1: Hiika Iimaanaa
24
Boqonnaa 2 ISLAAMA FI IIMAANA
Armaan olitti hiika iimaanaa ilaalle jirra. Caalatti ifa gochuuf fakkeenya
waliin ni ilaala. Fakkeenya waliin ilaalun salphatti waa’ee iimaanaa fi
Islaamaa akka hubatan nama gargaara. Fakkeenya kanatti seenun dura mee
garaagarummaa fi wal-fakkeenya Islaama fi iimaana jiddu jiru haa ilaallu.
Akka Lugaatti: Islaama jechuun Rabbiif harka kennu fi ibaadadhaan Isaaf
gadi jechuudha. İimaana jechuun immoo dhugoomsu fi mirkaneessudha.
Akka shari’aatti immoo Islaama fi iimaanaa haala lamaan ilaalu dandeenya.
Haala 1ffaa: Jechi "Islaama fi iimaana" jedhu bakka garagaraatti
dhufuu- Islaamni fi iimaanni hima ykn keeyyata keessatti kophaa kophaa
yoo dhufan hiikni isaanii wal fakkaata. Kana jechuun Islaamni hima ykn
keeyyata tokko keessatti dubbatamee iimaanni waliin yoo hin dubbatamin
ykn iimaanni dubbatamee Islaamni waliin yoo hin dubbatamin, yoosan
hiikni Islaamaa fi iimaana tokko ta’a. Lamaan isaanitu hundee fi damee
amantii guutuu, dubbii fi hojiwwan keessaa fi alaa of keessatti qabatu.
Rabbiin Qur’aana keessatti ni jedha:
سلمه ٱومن يبتغه غير ﴿ ا فلن يقبل مهنه وهو فه له رةه ٱدهين هين ٱمهن لأخه ﴾٨٥لخسه
“Namni Islaaman alatti amantii biraa barbaade isarraa hin
qeebalamu (hin fuudhamu). Inni Aakhiratti warra hoonga’an
(kasaaran) irraayyi.” Suuraa Aali-imraan 3:85
ه ﴿ يمنه ٱومن يكفر ب رةه ٱوهو فه ۥفقد حبهط عمله له هين ٱمهن لأخه ﴾لخسه
“Namni iimaanatti kafare, hojiin isaa jalaa badee jira. Inni
Aakhiraatti warra hoonga’an (kasaaran) irraayyi.” Suuratu al-Maa’ida
5:5
25
Dabalataan Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Iimaanni dameewwan torbaatamaa ol yookiin jahaatamaa ol qaba;
isaan hundarra kan caalu jecha “Laa ilaah illallah” dha. Gadi aantun
immoo wanta nama rakkisu karaa irraa kaasudha. Qaanin (hayaan)
damee iimaanaa irraayyi.” Sahih Muslim 35 b
Kanaafu, asitti iimaanni amanti guutuu of keessatti hammataa jechuudha.
Bakka waan fudhatuufi malee hadiisa biraas dhiyeessun ni danda’ama.
Arabiffa keessatti jechoonni bakka garagaraatti yommuu dhufan hiika wal
fakkaataa qaban ni jiru. Fakkeenyaf, jechoonni faqiir fi miskiin jedhan
bakka garagaraatti yommuu dhufan hiikni isaanii tokko ta’a. Hima tokko
keessatti yoo dhufan immoo hiikni isaanii garagara ta’a. Akkasumas, at-
taqwaa fi al-birr, al-ism fi al-udwaan. Haaluma kanaan Islaamni fi iimaanni
bakka garagaraatti yoo dhufan hiikni isaanii tokko ta’a. Kanaafi, kutaa darbe
keessatti hojii fi dubbiin iimaana irraayyi jenne.
Haala 2ffaa: Islaamni fi iimaanni bakka tokkotti dhufuu- Islaamni fi
iimaanni yoo wal-qabsiifaman hiikni isaanii garagara ta’a. Kana jechuun
hima yookiin keeyyata tokko keessatti jechi Islaama fi iimaana jedhu yoo
dubbataman hiikni isaanii kan armaan gadi ta’a:
Islaamni hojii alaa fi dubbii kanneen akka shahaadateyn, salaata, zakaa,
sooma, hajjii fi kanneen biroo of keessatti qabata.
Imaanni immoo hojii keessaa kanneen akka Rabbii olta’etti amanuu,
Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa
Qiyaamatti fi qadaa wal qadariti amanuu, obsuu, tawakkula, sodaa, Rahmata
Rabbii kajeelu fi kkf of keessatti qabata.1
Hiika armaan olii kana hadiisa Jibriliin ifa gochuu dandeenya.
Hogganaa mu’mintoota kan ta’e Umar ibn al-Khaxxaab (Rabbiin isarraa
1 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal
jama’a-fuula 207-214, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
26
haa jaallatu) akkana jedha: "Gaafa tokko osoo Ergamaa Rabbii (SAW) bira
teenyu, namtichi uffata adii qulqulluu uffate, rifeensi isaa garmalee
gurraacha ta’e nu fuunduratti mul’ate. Mallattoon imalaa isarraa hin
mul’atu, nu keessaa eenyullee isa hin beeku. Dhumarratti, Ergamaa Rabbii
(SAW) waliin jilbifate taa’e. Ganaa isaa sarbaa irra gochuun akkana jedhe,
“Yaa Muhammad! Waa’ee Islaama natti himi.” Ergamaan Rabbii
(SAW) ni jedhan: “Islaamni Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka
hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata
sirnaan salaatu, zakaa kennuu, Ramadaana soomu, wanta ittiin
hajjituun yoo qabaatte hajjii hajjuudha.” Gaafataan ni jedhe, “Dhugaa
dubbatte.” Umar ni jedhe, “Isa ni ajaa’ibsifanne! Ni gaafata ergasii
dhugaa ta’uu isaa mirkaneessaf.” Gaafataan ni jedhe, “Waa’ee iimaana
natti himi.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “[Imaana jechuun] Rabbitti,
Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa
Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadaratti amanuudha.” Gaafataan ni jedhe, “Dhugaa dubbatte.” Itti aanse, “Waa’ee ihsaana
natti himi.” jedhe. Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan: “[Ihsaana jechuun]
Akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha. Osoo ati Isa arguu
baatteyyuu dhugumatti Inni si arga.” Gaafataan ni jedhe, “Waa’ee
Qiyaamaa natti himi.” Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan,
“Gaafatamaan gaafataa caalaa waa’ee Qiyaamaa kan beeku
miti.” Gaafataan ni jedhe, “Mallatoolee ishii (Qiyaamaa) natti himi
kaa.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Yommuu gabrittiin bulchaa
ishii deessu, al-hufaata (miila duwwaa kophee hin qabne), al-uraata
(qullaa), hiyeeyyi fi tiikse re’ootaa kanneen ta’an gamoo dhedheeroo
ijaaruf [yommuu] wal dorgoman argituudha.” Umar ni jedhe, “Ergasi
gaafataan ni deeme. Ani yeroo dheeraaf ni ture.” Ergamaan Rabbis (SAW)
akkana nan jedhan, “Yaa Umar! Gaafataan eenyu akka ta’e beektaa?”
Anis ni jedhe, “Rabbii fi Ergamaan Isaa hundarra beeku.” Ni jedhe, “Inni
Jibriili. Amantii keessan isin barsiisuuf kan dhufeedha.” Sahih Muslim
8 a
Hadiisa kana keessatti Islaamni fi iimaanni dubbatamanii jiru. Kanaafu,
hiikni isaanii akkuma hadiisa keessatti dubbatame garagara ta’a. Kana ifa
gochuuf mee fakkeenyan haa ilaallu.
27
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qur’aana keessatti iimaana muka yeroo
hundaa firii kennuun wal fakkeessa.
لم تر كيف ضب ﴿هت لل ٱأ صلها ثاب
هبة أ هبة كشجرة طي همة طي مثل ك
﴾٢٤لسماءه ٱوفرعها فه
Rabbiin akkamitti jecha gaarii akka muka gaarii hundeen ishii gadi
dhaabbataa ta’ee fi dameen ishii samii keessatti [ol dheeraa] ta’etti
fakkeenya akka godhe hin argine?
هها ويضهب ﴿ كلها ك حهي بهإهذنه رب أ مثال ٱ لل ٱتؤته
هلناسه لعلهم يتذكرون ل ﴾٢٥ل
Yeroo hundaa hayyamaa Gooftaa ishiitiin firii ishii ni kenniti. Akka
gorfamaniif jecha Rabbiin namootaf fakkeenya dhiyeessa.” Suuratu
Ibraahim 14:24-25
Amma mee Islaama fi iimaana muka gaarii kanaan wal bira haa qabnu.1
1.Hiddi mukaa lafa keessatti gadi lixe arkaana iimaanaa qalbii keessa jiruun
1 al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 77-78, Al-Imaanu haqiiqatuh,
khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 57, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
28
wal fakkaata. Akkuma hidda mukaa yoo dachii qonne malee ijaan hin argine
iimaanni qalbii namoota biroo keessa jiruus nutti hin mul’atu. Arkaanni
(hundeewwan) iimaanaa: Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban
Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis
ta’e qadaratti amanuudha.
2.Muka irraa fuula dachii irratti wanti mul’atu hojii Musliimni hojjatuun wal
fakkaata. Hojiin kuni iimaana qalbii keessatti lixe irraa kan burquudha.
3.Jirmi hidda mukaatin wal-qabate shahaadateyn labsuun wal fakkaata.
Sababni isaas, akkuma dameewwan mukaa jirma irratti hirkatan, hojiin
Muslimni hojjatu hundii shahaadateyn irratti kan hirkateedha. Shahaadateyn
jechuun “Laa ilaah illallah Muhammadan rasuulullah.”Rabbiin malee kan
haqaan gabbaramu akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Isaa ta’uu" ragaa
bahuudha.
4.Dameewwan gurguddoon muka irra jiran arkaana (hundeewwan)
Islaamaa hafanii fi dirqamoota birootin wal fakkaatu. Kanneen akka
salaataa, zakaa, sooma fi hajjii.
5.Dameewwan xixxiqoon dameewwan gurguddoo irratti bahanii fi baalli
damee irra jiru; murtiwwan biroo, beekumsa, akhlaaqa fi naamusa
Islaamatiin wal fakkaatu.
6.Bishaan hidda irraa ka’ee hanga baalaa gahu niyyaa (intention) Musliimni
hojii isaa keessatti qabuun wal fakkaata. Akkuma bishaan qaamolee mukaa
guutuu keessa naanna’u, niyyaan Muslimas hojii isaa keessa naanna’a.
Niyyaan isaa gaarii yoo taate, iimaanni isaa ni cima.
7.Firiin mukni yeroo hundaa hayyama Rabbitiin kennitu, kaayyoo ykn
milkaa’inna Muslimni bira gahuun wal fakkaata. Kaayyoo kanatti amantii,
gochaa fi niyyaa isaa qajeelcha. Kaayyoon ykn milkaa’inni kuni Jaalala
Rabbii argachuu, Jannata seenu, addunyaa keessatti jireenya tasgabbii
jiraachudha. Kuni firii iimaanati.
29
8.Mukni hidda hin qabne muka jedhamu hin danda’u. Haaluma
kanaan hojiin namni hojjatu iimaana irratti yoo hin hundaa’in Rabbiin
biratti fudhatama hin argatu. Akkasumas, mukni bishaan keessa hin
naannofne firii kennu hin danda’u. Haaluma kanaan hojiin namni hojjatu
keessatti niyyaan isaa Rabbiif yoo hin ta’in, hojiin isaa firii kennu hin
danda’u.
9.Mukni yeroo garii bubbee hamaaf saaxilamu danda’a. Garuu mukni hiddi
isaa lafa keessatti gadi lixe, bubbeen cimaan jabeenya dabalaaf malee
bakkaa hin buqqisu. Haaluma kanaan mukni iimaanaa qalbii keessatti lafa
qabate rakkoo fi qormaata adda addaatif yommuu saaxilamu, jabeenyi ni
dabalamaaf. Mukni sirritti lafa hin qabanne immoo bubbeen salphatti
buqqistee iddoo fagootti darbiti. Haaluma kanaan imaanni sirritti qalbii
keessatti gadi hin lixne, rakkoo fi qormaanni salphatti kuffisa.
10.Hiddi mukaa albuuda fi nyaata lafa keessaa gara qaamolee mukaatti
dabarsa. Ergasii hiddi fi mukni kuni ni guddatu. Akkasumas, damee fi baalli
nyaata, aduu fi qalleensa irraa fuudhun gara qaamolee mukaa birootti
dabarsu. Haala kanaan mukni ni jabaata, ni guddata.
Haaluma wal fakkaatun, mukni iimaanaa hiddi isaa qalbii keessatti lafa
qabate adeemsa fi hojii isaatiif nyaata dabarsa, ni cimsa. Kana jechuun
arkaanni iimaana jahan qalbii keessa jiru yoo sirritti qalbii keessatti lafa
qabate, namni hojii gaarii hojjatutti ni fiiga. Akkasumas, hojiin gaariin
mul’atu muka iimaanaa guutu jabeessa. Namni akkuma hojii gaggaarii
iklaasan hojjatu fi beekumsa barbaadun iimaanni qalbii keessa jiru ni cima.
30
Guduunfaa
Islaamaa fi iimaanni bakka garagaraatti yoo dhufan hiikni
isaanii tokko ta’a. Lamaan isaanitu hundee fi damee amantii of
keessatti qabatu. Kuni hiika iimaanaa jalqaba irratti ilaalledha.
Islaamaa fi iimaanni bakka tokkotti yoo dhufan immoo hiika
garagaraa qabu. Hiikni isaanii kana:
Islaama- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree
fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata
sirnaan salaatu, zakaa kennuu, Ramadaana soomu, hajjii, dubbii
fi hojiiwwan biroo.
Iimaana- Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti,
Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi keyriis ta’e sharriis
ta’e qadaratti amanuu fi hojii qalbii kan akka ikhlaasa, obsuu,
tawakkula, sodaa, rahmata Rabbii kajeelu fi kkf dha.
31
Barbaachisummaa Iimaanaa
Gaafilee Ilmi namaa hundu deebii itti argachuuf barbaadu Jireenya keessatti gaafiwwan namni hunduu deebii quubsaa barbaadu maal
akka ta’an beektu? Gaafiwwan kunniin: “Eenyutu na uume? Maaliif
addunya tana keessa jiraadhaa? Eessa deemaa jiraa? (du’aan booda
maal ta’aa?)” kan jedhaniidha.1
Namoonni gariin gaafiwwan kanniin irraa garagaluun akkanumatti
dhama’anii jiraatu. Muraasni isaanii immoo qorannoo fi qo’annoo adda
addaa adeemsisuun deebii sirrii argachuu hin dandeenye. Jireenya isaanii
guutu dhama’anii jiraatu. Gariin isaanii immoo madda sirrii qo’achuun
deebii gahaa argatanii jireenya gammachuu jiraatu.
Jireenya keessatti gammachuu fi tasgabbii dhugaa dhandhamuuf gaafiwwan
kanniinif deebii sirrii argachuun dirqama ta’a. Gaafiwwan kanniniif deebii
gahaa kan kennu iimaana akka ta’e shakkiin wayitu hin jiru. Namni
"Eenyutu na uume?" jedhe yommuu of gaafatu, ofiin of uumu akka hin
dandeenye ykn namoonni isa uumuu akka hin dandeenye ni hubata.
Kanaafu, Kaaliqni (Uuman) isa uume jiraachu akka qabu ni amana. Kuni
gaafi jalqabaatiif deebii gahaa isaaf ta’a. Gaafin itti aanu gaafi jalqabaa irraa
kan adda bahuu miti. “Maaliif addunyaa tana keessa jiraadhaa?” Kaaliqni
samii, dachii fi wantoota isaan jiddu jiran taphaaf hin uumne. Kaayyoon
jiraachu qaba. Ilma namaa akkanumatti kaayyoo malee hin uumu. Rabbiin
(subhaanahu wa ta’aala) ilma namaa erga uumee fi wanta isa barbaachisu
erga dhiyeesse fi qopheessefi booda, wanta tokko akka hojjatu ni ajaja ykn
wanta tokkorraa ni dhoowwa. Kanaafu, kaayyoon guddaan ilmi namaa
jireenya tana keessatti uumameef wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi
wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun Rabbiif bitamuu fi gadi jechuu isaa
(ibaadaa) mirkaneessudha. Gaafiwwan jalqabaa lamaan armaan olitiif
haala kanaan Rabbiin deebii kenna:
1 al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan
Madiniyyi, fuula 49-50
32
ها ﴿ ي أ ٱ لناس ٱي ﴾٢١لعلكم تتقون مهن قبلهكم لهين ٱخلقكم و لهيٱربكم عبدوا
“Yaa namoota! Muttaqoota akka taataniif Gooftaa keessan Kan isinii
fi warra isiniin duraa uume gabbaraa.”1 Suuratu Al-Baqara 2:21 Ammas dabalataan ni jedha:
ن ٱوما خلقت ﴿ نس ٱو له عبدونه له ﴾٥٦إهل له
“Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.”
Suurat Az-Zaariyaat 51:56
Ibaada (gabbarrii) jechuun Rabbiin jaallatanii fi olguddisanii (kabaja
guddaan) Isaaf of gadi qabuu fi ajajamuudha.
Namni tokko akkana jechuun gaafi gaafachu danda’a, “Rabbiin gabbarri
keenya irraa bu’aa ni argataa?” Deebiin kanaa gaafi armaan olii sadaffaa
keessa jira. Innis, “Eessa deemaa jiraa? (du’aan booda maal ta’aa?)” Rabbin
subhaanahu wa ta’aalaa gabbarri (ibaadaa) keenya irraa bu’aa ykn faayda
hin argatu. Inni wanta hundarraa Of gahaa fi Dureessa (Ghaniyy) waan
ta’eef. Kanaafu, faaydan ibaadaa namuma hojjate saniif deebi’a. Kanaan
“Jazaa” jennaan. Jazaan mindaa fi adabbii of keessatti qabata. Namni gaarii
hojjate mindaa gaarii argata. Namni badii hojjate immoo ni adabama.
Addunyaa tana keessatti wanta hojjataniif mindaa guutuu argachuun ni
ulfaata. Kanaafu, Guyyaan mindaa guutu itti argatan jiraachu qaba. Kuni
immoo kan adeemsifamu du’aan booda. Rabbiin Guddaan olta’e ni jedha:
1 “Aayah keessatti jechi “la’allakum tattaquun” jedhu hiika lama qaba: 1ffaa– yoo
Rabbiin qofa gabbartan, dallansuu fi azaaba (adabbii) Isaa irraa of eegdu. Sababni isaas,
dallansuu fi azaabni Isaa akka namarraa deebi’uuf wanta sababa ta’uu waan hojjattaniif.
Wanti dallansuu fi azaabni Isaa akka namarraa deebi’uuf sababa ta’u “Rabbiin qofa
gabbaruudha”. 2ffaa- Yoo isin Rabbiin qofa gabbartan, warroota Rabbiin sodaatan
(muttaqoota) kanneen amaloota taqwaatiin ibsaman keessaa taatu. Hiikni kunniin lamaan
sirrii fi kannen wal qabataniidha. Namni ibaadaa haala guutuu ta’een hojjate warroota
Rabbiin sodaatan (muttaqoota) irraa ta’a. Namni warroota Rabbiin sodaatan irraa ta’e
immoo azaaba fi dallansuu Rabbii jalaa nagaha baha.”- Tafsiir Sa’diyy fuula 34
33
هقة ﴿ جوركم يوم لموته ٱك نفس ذائفمن زحزهح عنه لقهيمةه ٱوإنما توفون أ
ل لناره ٱ دخهة ٱفقد فاز وما لنة ٱوأ يو ٱ ل نيا ﴾١٨٥لغروره ٱإهل متع لد
“Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis
guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa
fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi
addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Ali-Imraan 3:185)
Kanaafu, deebii gaafi “Eessa deemaa jira? (Du’aan booda maal ta’a?)” jedhu
akkana ta’a: namni du’ee kan badu osoo hin ta’in lamu deebifame wanta
hojjataa tureef ni gaafatama. Ergasii wanta hojjataa ture irratti hundaa’e, ni
badhaafama ykn ni adabama. Wanta gaarii yoo hojjate Jannataan
badhaafama, wanta badaa yoo hojjate immoo Jahannamiin adabama.
Kanaafu, imaanni gaafiwwan sadan kanaaf deebii quubsa fi gahaa ta’e
kenna. Gaafin jalqabaa Rabbii olta’aatti amanuun deebii argata. Gaafin
lammataa wanta Rabbiin olta’aan itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe
dhiisun deebii argata. Gaafin sadaffaan immoo Aakhiratti amanuun deebii
argata. Kuni barbaachisumma fi faayda iimaanaa isa guddaa ta’eedha.
Hojiiwwan Gaggaarin Maal irra dhaabbatuu? Namni gahuumsa isaa gahee badhaafamuu ykn adabamuuf hundeen ykn
bu’uurri hojii isaa beekkamu qaba. Akkuma mukni hidda yoo hin qabaatin
muka jedhamu hin dandeenye, hojiin gaarinis hundee (bu’uura) irratti
ijaarramu yoo hin qabaatin hojii gaarii jedhamu hin danda’u. Namoonni
baay’een “Kiristaanonni ykn yahuudonni ykn namoonni Islaaman ala
amanti biroo hordofan hojii gaarii baay’ee hojjatu. Aakhiratti akkamitti
hojiin gaariin kuni jalaa badaa?” jechuun gaafatu. Deebiin kanaa
salphaadha. Akkuma manni bu’uura yoo hin qabaatin ykn bu’uurri isaa yoo
murame diigamu, hojiin gaarin bu’uura hin qabnes akkasuma diigama ykn
bada. Bu’uurri hojiiwwan gaggaarii arkaana iimaanati. Arkaana iimaanaa
yommuu jennu Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota
34
Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadaratti amanuudha.
Kunniin qalbii keessa yoo hin jiraatin hojiin ni bada. Qur’aana keessatti:
ٱ ۞ليس ﴿ ن لبه أ ن لمغرهبه ٱو لمشهقه ٱ قهبل وجوهكم تول وا ٱ ولكه من لبه
ه ءامن ره ٱ لومه ٱو لله ٱب ئهكةه ٱو لأخه ه ٱو لكهتبه ٱو لمل لمال ٱ وءات ن لنبهي ههه عل ۦحب
هلهي ٱو لسبهيله ٱ بن ٱو لمسكهي ٱو لتم ٱو لقرب ٱ ذوهي هقابه ٱ وفه لسائ قام لر وأ
ة ٱ ة ٱ وءات لصلو ههم لموفون ٱو لزكو هعهده إهذا ب هدوا هين ٱو ع به ساءه ٱ فه لص لأ
اءه ٱو سه ٱ وحهي لضئهك لأ
ول ق صد لهين ٱ أ ئهك وا
ول ﴾١٧٧لمتقون ٱ هم وأ
“Dalagaan gaariin fuula keessan gara bahaa fi dhihaa naannessu
miti. Garuu dalagaan gaariin nama Rabbitti, Guyyaa Aakhiraatti,
Malaykotatti, Kitaabaa fi Nabiyyootatti amanee, osoo jaallatu
qabeenya firaaf, yatimaaf, hiyyeeyyiif, kara-deemaaf,
kadhattootaaf, gabra bilisoomsuuf kenne, salaatas sirnaan salaate,
zakaa kenne, yeroo waadaa seenan waadaa isaanii kanneen
guutan, warra rakkinna, dhukkubaa hamaa keessatti fi yeroo
lolaa obsaniidha.” Suuratu Al-Baqarah 2:177
Aayah tana keessatti dalagaan (hojiin) gaariin maal akka ta’e ibsuuf
jalqaba iimaana irraa jalqabe. Kana jechuun Rabbitti, Guyyaa
Aakhiraatti, Malaykotatti, Kitaabaa fi Nabiyyootatti amanuudha. Itti
aanse hojiin qaamaa fi qalbiin hojjataman ibse. Kanaafu, hojii gaariif
iimaanni bu’uura. Iimaanni asitti barbaadame qalbiin amanuudha.
Gaafa tokko Umar ibn al-Khaxxaab gadaamaa molokseen keessa jiraatu
biraan darbe. Akkana jechuun lallabe, “Yaa moloksee!” Ergasii Molokseen
gadi bahe. Umar isa ilaale booye. Ni jedhame, “Yaa hogganaa warra
amananii! Maaltu si boochisaa?” Umaris ni jedhe, “Jecha Rabbii akkana
jedhuun yaadadhe, “Fuulli gariin Guyyaan san (Guyyaa Qiyaamaa)
35
salphattuudha. Hojjattu, ifaajjudha. Ibidda gubduu ni seenu.” (Suuratu
al-Ghaashiyah 88:2-4) Kanatu na boochise” jedhe Umar.1
Molokseen kuni ni hojjata, ni ifaaja. Garuu ifaaje isaatirraa firiin gaariin inni
argatu hin jiru. Hojiin isaa iimaana sirrii irratti waan hin hundoofnef.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala nama hojii isaa iimaana irratti hundeesse fi
nama hojii isaa iimaana irratti hin hundeessine haala kanaan fakkeenyan ifa
godha:
سس بنينه ﴿فمن أ
تقوى مهن ۥأ سس بنينه لله ٱعل
م من أ
ن خير أ ۥورهضو عل
ههه نهار ٱشفا جرف هار ف ي لل ٱفه ناره جهنم و ۦب لهمهي ٱ لقوم ٱل يهده ﴾١٠٩لظ
"Sila nama bu'uura ijaarsa isaa sodaa Rabbii irraa ta'ee fi Jaalala
[Isaa] irratti hundeessetu caala moo, nama bu'uura ijaarsa isaa
afaan qilee kan cituu dhiyaate irratti hundeessee ergasii ibidda
Jahannam keessatti isaan kufetu caalaa?" Suuratu at-Tawbaa 9:109
Akkuma yeroo darbe jenne sodaan Rabbii fi jaalala Isaa barbaadun iimaana
irraayyi. Kanaafu, namni iimaana irratti hojii ofii ijaare dhugumatti bu’uura
cimaa irratti ijaare. Namni hojiin isaa iimaana irratti hin hundoofne immoo
akka nama mana isaa afaan qilee cituuf dhiyaate irratti ijaareti.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala warroota hojii isaanii iimaana irratti hundeessan
badhaasa guddaa kennaaf. Qur'aana keessatti,
لهحته ٱءامنوا وعمهلوا لهين ٱإهن ﴿ ١٠٧نزل لفهردوسه ٱكنت لهم جنت لصهين فهيها ول خله ﴾١٠٨ل يبغون عنها حه
“Dhugumatti, isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Jannanni
Firdaws iddoo simannaa (qubannaa) isaaniif taatee jirti. Ishee keessa
yeroo hunda jiraatu. Ishee irraa jijjiramuu hin barbaadan.” Suuratu
al-Kahf 18:107-108
1 Tafsiir ibn Kasiir 8/385 daaru Xaybaa
36
Warra hojiin isaanii iimaanaa irratti hin hundoofne immoo hojiin isaanii
akka jalaa badu ni beeksisa:
ه ﴿ هئكم ب خسهين ٱقل هل ننب عمل ل
ةه ٱضل سعيهم فه لهين ٱ ١٠٣أ ليو
نياٱ نون ص لد نهم يسههك ١٠٤نعاوهم يسبون أ ئ
وليته كفروا با لهين ٱأ
ههه هههم ولهقائ عملهم فل نقهيم لهم يوم ۦرب ﴾١٠٥وزنا لقهيمةه ٱفحبهطت أ
“Jedhi “Sila warra hojiidhaan hundarra hoonga’oo ta’an (kasaaran)
isiniif himnuu?” Hojii bareechisanii hojjachaa akka jiran osoo yaadanu
warra hojiin isaanii addunyaa keessatti jalaa badeedha. Isaan sun
warra Aayaata Gooftaa isaaniitii fi wal-qunnamtii Isaatti kafaraniidha.
Kanaafu, dalagaan isaanii jalaa baddee. Guyyaa Qiyaamaas madaala
isaaniif hin dhaabnu.”1 Suuratu al-Kahf 18:103-105
1 “Jedhi: namoota hojiidhaan hundarra kasaaraan isinitti himnuu? Isaan warra hojii
isaanii keessatti “Hojii gaarii hojjachaa jirra” jedhanii osoo yaadanu hojiin isaanii
hundi jalaa badeedha. Namoonni kunniin eenyu? Isaan warra aayata Qur’aanaa fi
ragaalee tokkichummaa Rabbii agarsiisan waakkatanii fi du’aan booda kaafamutti
amanuu didaniidha. Kanaafu, hojiin isaanii jalaa bade. Sababni isaas, hojiin isaanii
iimaana irratti hin hundoofne.”-Tafsiira Sa’dii-567, Zaadul Masiir-873
Hojii iimaana irratti hundeessu jechuun jalqaba: Rabbitti, Guyyaa
Aakhiraatti, malaykootatti, kitaabbanitti, Ergamtootaa fi qadaratti
amanuudha. Ergasii hojii gaggaarii ikhlaasaan fi akkaataa
shari’aan ajajuun hojjachuudha.
37
Karaalee iimaana qalbii keessatti hidda qabsiisan Wanta tokko dhugaa ta’uu isaa beekuf karaa adda addaatti fayyadamna.
Isaan keessaa odeefannoo nama dhugaa dubbatu irraa arganne, ijaan arguu,
sammuun itti yaadu fi kkf. Fakkeenyaf, wanti tokko bakka fagoo nu hin
arginetti yoo uumame, namni dhugaa gonkumaa soba hin dubbanne, “Wanti
akkanaa uumame” jedhee yoo nutti hime, oduu isaa kana ni dhugoomsina.
Akkasumas, yoo qaaman bira dhaqnee argine daran dhugaa ta’uu ni
hubanna. Ammas, mallattoo oduu sanii arguun sammuun itti yaanne dhugaa
ta’uu ni barra.
Wantoota dachii fi samii keessa jiran hunda ijaan arguu hin dandeenyu.
Kanaafu, maloota armaan olii keessaa tokkoon ykn sani oliin fayyadamuun
jiraachu wanta ijaan hin arginetti ni amanna. Yeroo baay’ee iimaanni wanta
ija keenyaan hin mul’annetti amanuun kan wal qabateedha.
Kanaafu Karaalee Iimaana qalbii keessatti hidda qabsiisan bakka gurguddaa
afuritti qoodu dandeenya. Isaanis:
1.Sami’iyyi (dhageetti)- akkuma irrannatti jenne wanta ijaan hin argine
karaan ittiin amannu keessaa tokko odefannoo dhugaa nama dhugaa irraa
dhageefachuudha. Ergamtoonni Rabbii odeefannoo dhugaa waa’ee geybii
(wanta ijaan hin mul’annee) ilaalchise Rabbiin irraa gara ilma namaa
geessanii jiru. Kanaafu, namni wanta isaan jedhanitti amanee fi hordofe,
nageenyi fi milkaa’inni isaaf ta’a. Qur’aanni ergaa dhumaa Rabbiin irraa
gara ilma namaatti bu’eedha. Waa’ee geeybi ilaalchise odefannoo dhugaa
gonkumaa sobni itti hin seenne of keessaa qaba.
تهيهه ﴿ل ٱ ل يأ هن حكهيم حهيد ۦ مهن بيه يديهه ول مهن خلفههه لبطه ﴾٤٢تنزهيل م
“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii
Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42
Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun
beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi
murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta
beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Wanta gara
38
fuunduraatti uumamu irraa odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii
dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin dhufu. Sababni isaas Qur’aanni
Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi.
2.Hissiyy (miirawaa ykn wanta ijaan argan)- mallattoo dachii fi samii
keessa jiran ilaalun iimaanni qalbii keessatti hidda akka qabatu gargaara.
Fakkeenyaf, dachii, samii fi wantoota isaan jiddu jiran yommuu itti
xinxallan Khaaliqni akka jiruu fi Tokkicha akka ta’e ni hubatan. Qur’aana
keessatti:
“Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu akkamitti akka ijaarree fi
miidhagsine hin ilaallee? Uraa (qaawwa) homaatu hin qabdu. Dachii
diriirsinee gaarreen gadi dhaabbatoo ishii keessatti darbine; akaaku
[biqiltootaa] babbareedoo hunda irraa ishii keessatti magarsine.
Gabricha [gara Rabbii] deebi’u hundaaf hubachiisaa fi
yaadachiisa.” Suuratu Qaaf 50:6-8
3.Aqliyy (sammuun)- kuni wanta dhagayanii fi ijaan argan kan sammuun
itti yaaduun dhugaa shakkii hin qabne (yaqiina) irra gahuudha. Yommuu
Qur’aana fi wantoota Rabbiin uume irratti xinxallinu iimaanni keenya qalbii
keessatti hidda qabata.
4.Fixriyy (uumaman)- kuni immoo wanta uumamaan nu keessa
kaa’ameedha. Namni hanga fedhe yoo kafareyyuu uumamni isaa gara
Rabbitti ni akeeka. Namni garmalee yeroo rakkatu, “Yaa Rabbi! Yaa
Gooftaa kiyya!” jechuun iyya. Fakkeenyaf, Fira'awni ummata isaatin, “Ani
gooftaa ol’aanaa keessani” jechaani türe. Garuu yommuu bishaanin
nyaatamu akkana jedhe, “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan
malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani
39
Musliimota irraayi” (Suuratu Yuunus 10:90) Yommuu rakkoon keessa
isaa dhooftu haqaan gabbaraman Rabbiin malee akka hin jirre ni amane.
Namni yommuu “Laa ilaah illallah (Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)” jedhee ragaa
bahu, "Rabbiif malee eenyufillee gadi hin jedhu, Isa malee homaa hin gabbaru” jedhee ragaa bahaa
jira. Kuni hojii Rabbiif qulqulleessu (Ikhlaasa). Ammas, “Muhammadan Rasuulullah (Muhammad
Ergamaa Rabbiiti.)” Jedhee yommuu ragaa bahu, “fedhii ofiitiin ykn fedhii namoota sadarkaa
qabaniitin osoo hin ta’in wanta Ergamaan fideen Rabbiin gabbara. Jecha biraatin seera (shari’aa)
Ergamaan fideen Rabbiin gabbara.”jechaa jira.
Hojiin tokko hojii gaarii jedhamuu fi Rabbiin biratti
fudhatama argachuuf ulaagaaleen sadan kunniin
guuttamu qabu:
Iimaanni qalbii keessa jiraachu. Kana jechuun
arkaana iimaanaa jahanitti amanuu
Ikhlaasan hojjachuu. Kana jechuun Rabbiif qofa
jedhanii hojjachuu fi mindaa Isa qofarraa barbaadu
Akkaataa shari’aan Islaamaa ajajuun hojjachuu
Jirma muka
iimaanaa
(shahaadateyn)
Hidda muka
iimaanaa
40
( ) Rabbii olta’aatti amanuu
Malaykotatti amanuu
Kitaabbanitti amanuu
Ergamtootatti amanuu
Guyyaa Aakhiraatti amanuu
Qadaratti amanuu
41
Boqonnaa 3
Arkaanaa (Hundeewwan) iimaanaa
Arkaanaa (hundeewwan) iimaanaa jechuun bu’uuraalee amantiin irratti
ijaarramuudha. Akkuma manni hundee qabu, iimaannis hundee qaba.
Hundeen manaa yoo jige manni guutuun ni jiga. Haaluma kanaan, hundeen
iimaanaa yoo dhabame, iimaanni hin jiru jechuudha. Akkuma Nabiyyiin
(sallallahu aleyh wassallam) Hadiisa sahiih keessatti ibsan, hundeewwan
iimaanaa jaha. Hadiisa armaan oli keessatti, Gaafataan ni jedhe, “Waa’ee
iimaana natti himi.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “[Iimaanni] Rabbitti,
Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa
Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadaratti amanuudha.” Sahih
Muslim 8 a
Kuni hundeewwan iimaanaa hojiiwwan namaa hundi irratti ijaarramaniidha.
Hundeewwan iimaanaa keessaa tokko qalbii keessaa yoo bade, namni
mu’mina (nama amane) ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, hundeewwan
iimaanaa keessaa hundee tokko dhabee jira. Akkuma manni hundee
guuttamaa irratti malee hin dhaabbanne iimaannis hundeewwan guutuu
irratti malee hin dhaabbatu.
Hundeewwan (arkaana) iimaana sirritti hubachuuf fakkeenya armaan oli
muka iimaana ilaalu dandeenya. Hiddi muka iimaanaa hundeewwan
(arkaana) iimaanaa jahani. Jirmii immoo Rabbiif hojii qulqulleessu
(ikhlaasaa) fi Rasuula hordofuudha. Jecha biraatin shahaadateyn.
Dameewwan immoo hojii qalbii fi qaamati.1 Akkuma dameewwan, firii fi
baalli mukaa hidda irra dhaabbatu, hojiiwwan, dubbii fi firiin iimaana irraa
argamu hundeewwan (arkaana) iimaanaa irra dhaabbata.
1 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 57,238 Abdullah bin
Abdulhamid Al-Asarii
42
Hundee Iimaanaa 1ffaa: Rabbii olta’aatti Amanuu
Rabbii qulqullaa’aa olta’etti amanuu jechuun Jiraachu Rabbii, Gooftummaa
Isaa, Tokkichummaa fi haqaan gabbaramuu Isaa fi asmaa’a wa sifaata Isaa
jala muranii dhugoomsu, guutumaan guututti mirkaneessu fi itti amanuudha.
Kanaafu Rabbitti amanuun wantoota afur of keessatti qabataa jechuudha.
Isaanis:
Mee amma wantoota irranatti tarreessine tokkoon tokkoon haa ilaallu.
1. Jiraachuu Rabbitti amanuu
Jiraachu Rabbii olta’aa karaalee armaan gadiitin mirkaneessun ni
danda’ama: Uumamaan (al-fixrah), aqliin, shari’aanii fi miiraan.
1.Uumamaan (al-fixrah)- Jiraachu Rabbii olta’aa uumaman kan
mirkaneessu, wantoonni uumaman hundii yaada yookiin barnoota dursaa
tokko malee Uumaa isaanitti amanuu irratti uumaman. Eenyullee uumama
kanarraa hin garagalu, nama qalbii isaa irratti wanta kanarraa garagalchu
yoo itti darbame malee. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedha:
“Daa’imni kamiyyuu hin jiru fixrah (uumama) irratti kan dhalatu yoo
ta’ee malee. Ergasii abbaa fi haati isaa gara Yahuudaa yookiin
Kiristaana yookiin Majuusaatti jijjiru.” Sahih al-Bukhari 1359
1- Rabbiin Qulqullaa’an olta’e jiraachutti shakkii tokko
malee amanuu
2- Gooftummaa Rabbiitti dhugaan amanuu.
3- Tokkichummaa fi haqaan gabbaramuu kan qabu
Rabbiin qofa akka ta’e amanu.
4- Asmaa’a wa sifaat (Maqaalee fi amaloota) gaggaarii
Rabbiitti amanuu
43
2.Ragaan aqlii (sammuu) Rabbiin jiraachu agarsiisu immoo
uumamtoonni durii fi kan boodaa Khaaliqa isaan argamsiise qabaachu
qabu. Sababni isaas, mataa ofitiin of argamsiisu (uumu) hin danda’an.
Akkasumas, sababa tokko malee ofumaan tasa argamu hin danda’an.
Mataa ofiitiin of argamsiisu (uumu) hin danda’an. Sababni isaas, wanti
tokko ofiin of uumu hin danda’u. Argamuu isaatin dura kan hin argamne
(hin jirre) waan tureef. Wanti duraan hin jirre uumaa ta’uu danda’aa? (Fakkeenyaf, aduun guyya guyyaan ifa kennitu tuni ofiin of uumun guyyaa
guyyaan ifa kennu dandeessi? Ampuulin elektriki manatti itti fayyadamnu
ofiin of uumee ibsaa nuuf kennu danda’aa? Akkuma ampuulin ofiin of uumu
hin dandeenye aduunis ofiin of uumu hin dandeessu. Kanaafu, Uuman ishii
uume jiraachu qaba. Ammas, akkuma ampuulin ofiin of ibsuu fi dhaamsu
hin dandeenye, aduunis ofiin gara bahaatin baate gara dhiyaatin seenu hin
dandeessu. Kanaafu, Khaaliqni wanta hundaa too’atu aduu gara bahaatin
baase gara dhiyaatin seensisu jiraachu qaba.)
Akkasumas, uumamtoonni kunniin tasa argamuu hin danda’an. Sababni
isaas, wanti argamu hundi kan isa argamsiise jiraachu qaba. Dabalataan,
qindaa’inni nama ajaa’ibsiisu kunniini fi wal-simannaan madaala ofii
eeggate, walitti dhufeenyi sababa fi bu’aa jidduu jiru, akkasumas, walitti
dhufeenyi uumamtoota jidduu jiru, tasa akka hin argamne taasisa. Wanti
tasa argame hundema isaatiyyuu sirnaa fi tartiiba isaa kan hin eegganne
ta’ee osoo jiruu, akkamitti haala turtii fi guddinnaa isaa keessatti
qindaa’inna fi tartiiba isaa kan eeggate ta’uu danda’aa? Uumamtoonni
kunniin hundii ofiin of uumu fi sababa tokko malee tasa argamu waan hin
dandeenyef Argamsiisan isaan argamsiise jiraachu qaba. Innis Allah
(Rabbii) Gooftaa addunyaa hundaati.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ragaa sammuu kana suuratu ax-Xuur
:essatti akkana jechuun dubbatake
م هم ﴿ء أ م خلهقوا مهن غيره ش
﴾٣٥لخلهقون ٱأ
44
“Sila isaan osoo wanti isaan uumu hin jirre uumaman moo
isaanumatu uumtotaa?” Suuratu ax-xuur 52:35
Kana jechuun isaan Uumaa malee hin uumamne. Uuman (Kaaliqni) isaan
uumu jiraachu qaba. Akkasumas, isaan ofiin of hin uumne. Kanaafu, Uuman
isaanii Rabbii olta’aa akka ta’e dhugaadhaan ni beekkama. Kanaafi, Jubeeyr
ibn Mux’im (Rabbiin isarraa haa jaallatu) yommuu Ergamaan Rabbii
(SAW) suuratu ax-xuur qara’uun aayaata tanniin irra gahan dhagahe,“Sila
isaan osoo wanti isaan uumu hin jirre uumaman moo isaanumatu
uumtotaa? Yookiin samii fi dachii uumanii? Lakki, isaan yaqiina hin
qaban. Kuusaa Gooftaa keetitu isaan bira jira moo isaantu
injifattootaa?” Suuratu ax-xuur 52:35-37 (Yaqiina- jechuun shakkii tokko
malee dhugaan amanuudha)
Yeroo san Jubeeyr mushriika (nama Rabbiin waliin waan biraa waaqefatu)
ture. Aayata armaan olii erga dhageefate booda akkana jedhe, “Qalbiin tiyya
balali’uutti dhiyaatte. Kuni yeroo jalqabaatif iimaanni qalbii kiyya keessa
kan qubateedha.” Sahiih Al-Bukhaari 4854
Fakkeenya kana ifa godhuu mee haa dhiyeessinu: osoo namni tokko waa’ee
gamoo dheeraa garmalee bareedu, ashaakiltiin (kuduraa fi fuduraan)
marfamee kan burqaan bishaanii keessa yaa’u, afaa babbareedaa fi boraatin
guuttame, faaya adda addaatin faayame sitti hime. Ergasii akkana siin jedha:
“Gamoon kuni fi wanti isa keessa jiru hundi ofiin of argamsiise. Yookiin
osoo wanti isa argamsiisu hin jiraatin tasa argame.” Oduu isaa kana
yommuu dhageettu yoosu isa kijibsiifta, hin fudhattu, dubbiin isaa kuni
dubbii gowwaa akka ta’etti lakkoofta.
Kanaafu, kana booda uumamni bal’aan dachii fi samii, urjiilee fi wantoota
baay’ee of keessaa kan qabu, qindaa’inni fi sirnii isaa kan nama ajaa’ibsiisu
kuni ofiin of argamsiisu (uumu) ni danda’a yookiin wanti isa uumu osoo hin
jiraatin tasa ni argama jechuun ni hayyamamaa?!
3.Ragaa shari’aa Rabbiin olta’aan jiraachu agarsiisu- Kitaabban samii
bu’an hundi kana ni dubbatu. Fooyya’insa namootatiif murtiwwanii fi
45
seeronni kitaabban bu’an kunniin of keessatti qabatan, Rabbii Ogeessa
wanta uumamtoota Isaatiif tolu kan beeku irraa akka bu’an kan agarsiisudha.
Dabalataan, kitaabban buufamanii waa’ee uumamtoota ilaalchise dubbatani
fi kan argamuun isaanii ijaan mul’atu, Rabbii wanta beeksise argamsiisu
irratti Danda’a ta’e irraa akka bu’an ragaa agarsiisudha. (Fakkeenyaf,
Qur’aanni waa’ee uumama namaa, samii, dachii fi kkf ni dubbata. Akkamitti
bubbeen duumessa dhiibdu, ergasii duumessa tuutta’ee fi gurraachate irraa
Rabbiin bishaan buusu ni hima. Kanaa fi kan biroo Qur’aanni ni dubbata.
Waa’ee uumamtoota ilaalchise wanti inni dubbatu hundi wanta namni
hunduu ijaan arguudha. Kanaafu, Qur’aanni Rabbii beekaa wanta hundaa
uumu irraa kan bu’eedha.)
4.Ragaa hissiyy1 Rabbiin qulqullaa’an olta’e jiraachu agarsiisu immoo
karaa lamaan ilaalun ni danda’ama.
Karaa 1ffaa- Yommuu warroonni du’aayi godhan (Rabbiin kadhatan)
du’aayin (kadhaan) isaanii deebii argattu, namni garmalee rakkate yommuu
Rabbitti iyyatu, Rabbiin rakkoo keessaa isa baasu ni argina, ni dhageenya.
Kuni hundi jiraachu Rabbii shakkii tokko malee kan agarsiisudha. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
هله ۥل ستجبناٱونوحا إهذ نادى مهن قبل ف ﴿يمه ٱ لكربه ٱمهن ۥفنجينه وأ ﴾٧٦لعظه
“Nuuhinis yeroo inni san dura [Nutti] lallabee ergasii isaaf
awwaannee, isaa fi maatii isaa cinqaa guddaa keessaa baraarre
[yaadadhu]” suuratu Anbiyaa 21:76
Nabii Nuuh Rabbiin ni kadhate. Rabbis kadhaa isaa dhagahun deebii
kenneef. Isaa fi maatii isaa dhiphinna guddaa irraa ni baraare.
Sahiih al-Bukhaari keessatti Anas ibn Maalik (radiyallahu anhu) akkana
jechuun gabaase; “Yeroo Ergamaa Rabbii (SAW) namoota hoongen ni
tuqxe. Guyyaa Jimaataa Ergamaan Rabbii (SAW) osoo khuxbaa godhaa
jiranu namni baadiyarraa dhufe tokko masjiida seene. Namni kunis akkana
1 Hissiyy-wanta qaamolee miiraatin mul’atu fi hubatamu
46
jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! qabeenyi badee, ijoollen beelofte, Rabbiin
nuuf kadhu.” Ergamaan Rabbiis harka olkaasun Rabbiin kadhatan. Yeroo
sanitti duumessi wanta jedhamu samii irra hin jiru. [Akkuma Ergamaan
Rabbii(SAW) du’aayi godhaniin] yoosu duumessi gaara fakkaatu mul’ate.
Osoo Ergamaan Rabbii (SAW) minbarii (barcumaa khuxbaa irratti godhan)
irraa hin bu’in rooba areeda isaa irra gadi yaa’u arge. Roobni guyyaa san,
guyyaa lammataa, sadaffa, afraffaa fi hanga guyyaa Jimaata itti aanuu ni
roobe. [Guyyaa Jimaata lammataa kana] Namni baadiyaa kuni yookiin
namni biraa dhaabbatee akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Manneen
jigan, qabeenyi bishaanin harame, Rabbiin nuuf kadhu. Ergamaan Rabbiis
harka olkaasun akkana jedhan, “Yaa Rabbii! nurratti mitii naannawa
keenyarra godhi.” Harka isaatin gara itti akeeku sanitti duumessi ni
bittinaa’e…” Sahih al-Bukhari 1033
Hanga ammaattu namoonni dhugaa fi uulaagaalee du’aayi guutun Rabbiin
kadhatan du’aayin (kadhaan) isaanii fudhatama argachuun wanta ragaa
bahamuudha.
Karaan 2ffaan Mallatoolee Nabiyyoota “Mu’ijizaa (raajii)” jedhaman
namoonni argan yookiin dhagahan ragaa jala muraa Kan nabiyyoota erge,
kana jechuun Rabbiin jiraachu kan agarsiisaniidha. Sababni kanaa,
mu’jizaan wanta namni hojjachuu hin dandeenye fi ergamtoota Isaa
gargaaruf Rabbiin qofti kan hojjatuudha. Akka fakkeenyatti, mu’ijizaa
(raajii) Nabi Muusaf kenname kaasun ni danda'ama. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa Nabii Muusaa ulee isaatin akka galaana rukutu ajaje. Erga
rukute booda galaanni karaa goggaa kudha lamatti addaan qoqqoodame.
Bishaan isaan jiddu jiru akka gaaraa ta’e. Rabbiin ni jedha:
نه ﴿وحينا إهل موس أ
هعصاك ضهبٱفأ ٱب فكن ك فهرق نفلق ٱف لحر
يمه ٱ لطوده ٱك ﴾٦٣لعظه
"Gara Muusaatti, “Ulee keetiin galaana rukuti.” [jechuun] wahyii
(beeksisa) goone. [Yerooma inni dhayu] ni qoqqoodame; kutaan
47
qoodame hundi isaa akka gaara guddaa ta’e.” Suuratu Ash-Shu’araa
26:63
Fakkeenyi lammataa, Qureeshonni Makkaa Ergamaa Rabbii (SAW) irraa
mallattoo barbaadan. Ergamaan Rabbis gara ji’aatti akeekan. Jiiynis bakka
lamatti baqaqe. Namoonnis kana ni argan. Kana ilaalchise Rabbiin ni
jedha:
بته ٱ﴿ ﴾١لقمر ٱ نشق ٱو لساعة ٱ قت
“Qiyaaman kaloofte (dhiyaatte); Jiinnis lamatti dhoohe.” Suuratu Al-
Qamar 54:1
Mallatooleen ijaan mul’atan kunniin kan Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
Ergamtoota Isaa ittiin gargaaruf akka argaman taasisu, ragaa ifa bahaa fi jala
muraa jiraachu Isaa agarsiisudha.1
1 Sharih Usuuli salaasa Fuula 80-84 Ibn Useymiin, Explanation of the Three Fundamental Principles of Islaam Page 66_68 Kana ilaalchisee dabalataan kitaaba “Rabbitti Amane” jedhuu fi kitaaba “Hiika wali galaa
Amanti Islaamaa” dubbisuun ni danda’ama.
48
2. Gooftummaa Rabbiitti amanuu (al-Imaanu
birubuubiyyatihi)
Rabb jechuun maal jechuudha? Akka afaan Arabiffaatti jechi Rabb jedhu
jecha tarbiyaa jedhu irraa kan fudhatameedha.1 Tarbiyaa jechuun kunuunsu,
guddisuu fi barsiisudha.2 Akka lugaatti jechi Rabb jedhu hiika baay’ee qaba.
Isaan keessaa Murabbii (kan guddisuu fi kunuunsu), Maalik (Qabaataa),
Sayyid (Bulchaa), Mudabbir (Qindeessaa), Mun’im (kan waa hunda
qananiisu)3 …
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa lubbu-qabeenyi hundaa qananii fi tola
Isaatiin ni kunuunsa, ni guddisa, kaayyooo uumamaniif isaan qopheessee
jira. Wanta barbaadan hunda isaaniif dhiyeessee jira. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa haasawa Nabii Muusaa fi Fira’awn jiddutti taasifame haala
kanaan hima:
ء خلقه لهي ٱقال رب نا ٤٩قال فمن رب كما يموس ﴿ عطى ك ش ﴾٥٠ثم هدى ۥأ
[Fira’awn] ni jedhe, “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?”
[Muusaanis] ni jedhe, “Gooftaan keenya Kan wanta hundaaf bocaa fi
uumama isaa kenneefii ergasii qajeelchedha.” Suuratu Xaahaa 20:49-50
Kana jechuun Gooftaan keenya uumamtoota hundaa Kan uume fi uumamaa
fi boca isaaniif maluu kan kenneedha. Garii guddaa, garii xiqqaa, garii
furdaa, garii qal’aa fi kkf godha. Bocaa fi suuraa garagaraa irratti
uumamtoota uume. Ergasii wanta isaan barbaadanii fi fayyadutti ni
qajeelche.
Kanaafu Rabb (Gooftaan) Kan wanta hundaa uumu, bulchu, too’atu,
kunuunsu fi guddisu, qindeessu, nyaachisu, obaasu, Mootii wanta hundaa,
ajajni hundii kan Isaa kan ta’eedha. Kaaliqni (Uumaan) Rabbiin malee hin
1 Sharih Usuuli salaasa-fuula 46, 84 2 https://www.almaany.com
3 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula
241 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
49
jiru, Mootiin Isa malee hin jiru, Kan wanta hundaa ajaju Isa malee hin jiru.
Fakkeenyaf, ilma namaa kan uumu Rabbiin malee jiraa? Bishaan samii irraa
roobsun biqiltoota kan biqilchu Rabbiin malee ni jiraa? Ilmaan namaa
walitti qabamanii samii irraa bishaan ni buusna osoo jedhanii gonkumaa
buusu hin danda'an.
Gooftummaa Rabbiitti amanuu jechuun Rabbiin qofti Uumaa, Mootii,
nyaachisaa fi obaasaa, Qindeessaa fi Too’ataa wantoota hundaa akka ta’e
amanuudha.1 Rabbiin ni jedha:
ته ٱخلق لهيٱ لل ٱإهن ربكم ﴿ رض ٱو لسمويام ثم ل
تةه أ عل ستوى ٱفه سه
ا و ۥيطلبه لنهار ٱ لل ٱيغشه لعرشه ٱ لن جوم ٱو لقمر ٱو لشمس ٱحثهيثه مرهه
هأ ل ل ۦ مسخرت ب
ٱو للق ٱأ مر
﴾٥٤لعلمهي ٱرب لل ٱتبارك ل
“Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii samii fi dachii guyyoota jaha
keessatti uumee ergasii Arshii irratti ol ta’eedha. Ariitiin kan isa
barbaadu ta'ee guyyaa halkaniin haguuga. Aduu, ji’a fi urjiwwanis kan
ajaja Isaatiin laafiffaman ta’anii [isaan uume]. Dhagayaa! Uumuunii fi
ajajni kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun Isaa
baay’atte.” Suuratu Al-A’araaf 7:54
“Ariitiin kan isa barbaadu ta'ee guyyaa halkaniin haguuge.” kana
jechuun dukkanni halkanii ifa guyyaatin deema, ifni guyyaa dukkana
halkaniitin deema. Halkanii guyyaan ariitiin wal duraa duuban dhufu.
Tokko tokkorraa duubatti hin hafu.” Tafsiir ibn Kasiir 3/427
1 Aqiidatu tawhiid wabayaanu maa yudaaduhaa-fuula 22-29, Saalih bin Fawzaan
50
ٱو لشمس ٱوسخر لله ٱفه لنهار ٱويولهج لنهاره ٱفه لل ٱيولهج ﴿ لقمر ك لهكم ذ سم جل م
تدعون مهن لهين ٱو لملك ٱرب كم ل لل ٱيرهي له
ههه ﴾١٣ما يملهكون مهن قهطمهير ۦدون
“Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa.
Aduu fi ji’a ni laaffise, hunduu hanga beellamaa murtaa’atti ni fiigu.
Suni Gooftaa keessan Allaah dha; mootummaan kan Isaati. Isaan isin
Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qoola haphii ija timiraallee hin
qaban.” Suuratu Faaxir 35:13
Halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa jechuun
tokko kan biraa keessa seensisa. Kanaafu, tokko dheeratee, kan biraa immoo
ni gabaabbata. Fakkeenyaf, Biyya Turkii keessatti yeroo bonaa guyyaan ni
dheerata halkan ni gabaabbata, yeroo gannaa immoo halkan ni dheerata
guyyaan ni gabaabbata. Fkn, Ji’a kana keessa (June) aduun kan baatu gara
sa’aati 11:00 yoo ta’u kan dhiitu immoo galgala gara sa’aati 2:00 ti.
Kuni hundi ajiiib nama jechiisisa. Dhugumatti, kan akkanatti qindeessu fi
sirreessu Rabbiin malee ni jiraa? Asi guyyaa yommuu ta’u biyyaa biraatti
immoo dukkana.
Rabbiin Gooftaa wantoota hundaati. Kana jechuun Kan isaan uume,
Mootiin isaanii, Kan dhimma isaanii fooyyeessu fi sirreessu, qananii
Isaatiin, Ergamtoota erguun, Kitaabban buusun Kan isaan guddisuu,
kunuunsu fi barsiisu, hojii isaaanitiif jazaa (mindaa) guutuu kan isaaniif
kafalu Rabbii Tokkicha. Namni tokko “Gooftaan kiyya Rabbii” yommuu
jedhu, “Kan na uume, na nyaachisu fi obaasu, dhimma kiyya Kan
qindeessu fi sirreessu, Kan na qananiisu, Kan na kunuunsu fi guddisu
Rabbii Tokkicha.” jechuu isaati.
51
3. Tokkichummaa fi haqaan kan gabbaramu Rabbiin
qofa akka ta’e amanuu (Al-Iimaanu bi-uluuhiyyatihi)
Kana jechuun gabbaramaan haqaa Rabbii olta’aa akka ta’e, Isa malee
gabbaramaan biraa akka hin jirre, Isaan ala wantoonni gabbaraman
(waaqefataman) hundi soba akka ta’an jala muranii amanuu fi guutumaan
guututti mirkaneessudha. Jecha biraatin gabbarrii (ibaadaa) hunda keessatti
Rabbii Tokkicha, shariika hin qabnee tokkichoomsuu fi Isa qofa
gabbaruudha. Fakkeenyaf, salaata, qalma, gargaarsa fi birmannaaf
kadhachuu, sooma, hajjii, sadaqaa, sodaa, kajeellaa fi gosoota ibaada biroo
keessatti Rabbiin tokkichoomsudha. Kana jechuun hojiwwan kanniin Isa
qofaaf jedhanii hojjachuudha.
Tawhiida gosa kanaatin tawhiidul uluuhiyyah jennaan. Jechi “Uluuhiyyah”
jedhu jecha, “Ilaah” jedhu irraa kan dhufeedha. "Ilaah" jechuun jaalalaa fi
kabajaa guddaan kan gabbaramuu jechuudha. Jechi ilaah jedhu
gabbaramaa dhugaan gabbaramuu fi gabbaramaa (waaqefatamaa) sobaan
gabbaramu ni hammata. Gabbaramaan dhugaan gabbaramu Uumaa,
wantoota hundaa irratti Danda’aa, kan nyaachisuu fi obaasu, kan
qindeessu, wantoota hundaa kan too’atu fi bulchuu ta’uu qaba. Kan
akkana hin ta’in osoo gabbaramellee gabbaramaa dhugaa ta’uu hin danda’u.
Kanaafu, wantoota hundaa kan uumu, too’atu, nyaachisu fi obaasu, waa
hundarratti danda’aan Rabbiin malee waan hin jirreef gabbaramaan dhugaan
Rabbiin qofa jechuudha. Wantoonni Isaan alatti gabbaraman hundi
gabbaramaa sobaati jechuudha. Rabbiin akkana jedha:
ن ﴿هأ هك ب ل ههه لق ٱهو لل ٱذ ن ما يدعون مهن دون
ل ٱهو ۦوأ ن لبطه
هو لل ٱوأ
﴾٦٢لكبهير ٱ لعله ٱ
“Suni sababni isaa, Rabbiin Isumatu Haqa, wanti isaan Isaa gaditti
gabbaran hundi immoo soba (baaxila) kan ta’eedha; dhugumatti
Rabbiin Olta’aa Guddaadha.” Suuratu Al-Hajj 22:62
52
Kana jechuun gabbaramaan haqaa gabbarriin ta’uufi qabu Rabbiin malee
hin jiru. Sababni isaas, Inni Abbaa aangoo guddaati, wanti Inni fedhe ni ta’a,
wanti Inni hin fedhin immoo hin ta’u. Wanti hundi haajaa ofii Isarraa
barbaadu, Isa fuunduratti gadi xiqqaattota. Wanti namoonni Rabbii gaditti
gabbaran (waaqefatan) hundi soba (baaxila). Sababni isaas, wantoonni
kunniin nama fayyadu fi miidhu hin danda’an.”
“dhugumatti Rabbiin Olta’aa Guddaadha”, wanti hundi injifannoo fi
aangoo Isaa jala jira, Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Gooftaan Isa
malee hin jiru. Sababni isaas, Inni Guddaadha, wanti Isa caalaa guddaa ta’e
hin jiru; Inni olta’aadha, Isaa ol wanti olta’e hin jiru. Wanta zaalimoonni
(miidhaa raawwattoonni) jedhan irraa Rabbiin Olta’e, Qulqullaa’e. (Tafsiir
ibn Kasiir 5/438)
Ammas Rabbul Aalamiin ni jedha:
د ل إهله إهل هو ﴿ يم ٱ لرحمن ٱوإلهكم إهله وحه ﴾١٦٣لرحه
“Gabbaramaan keessan Gabbaramaa Tokkicha. Isa malee dhugaan
gabbaramaan hin jiru. [Inni] akkaan mararfataa, rahmataa
godhaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:163
Kanaafi, Ergamtoonni Rabbii hundi ummata isaanitiin, “Rabbiin qofa
gabbaraa, Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.” jechaani turan.
Garuu warroonni Rabbitti waa qindeessan (mushrikoonni) kana diduun
Rabbiin ala gabbaramaa biraa godhachuun Isa waliin gabbaru. Gargaarsa fi
birmannaa gabbaramtoota sobaa kana irraa barbaadu.
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) wanti mushrikoonni gabbaran kijiba ta’uu
ragaalee sammuu lamaan saaxila.1
1ffaa- wantoonni mushrikoonni akka gabbaramaatti godhatan kunniin
amala gabbaramaa wanta jedhamu hin qaban. Wantoonni isaan gabbaran
1 Sharih Usuuli salaasa Fuula 85-87 Ibn Useymiin, Explanation of the Three
Fundamental Principles of Islaam Page 68-71
53
kunniin uumamtoota homaa uumu hin dandeenyedha, nama isaan gabbaruuf
faaydas fiduu hin danda’an, miidhas irraa deebisu hin danda’an. Jiraachisuu
fi ajjeesu irrattis humna hin qaban. Dachii fi samii keessatti waa too’achuu
fi horachuu hin danda’an, kana keessattis qooda fuudhachuu hin danda’an.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ٱو ﴿ ههه تذوا ههة ل يلقون شي ۦ مهن دون ا وهم يلقون ول يملهكون ءالا ة ول نشور ا ول يملهكون موتا ول حيو ا ول نفع ههم ض نفسه
﴾٣له
“[Kaafiroonni] Isaa gadiitti kan homaa hin uumne, kan isaanu
uumaman, ofiif miidhaa deebisuu fi faayda fidu kan hin dandeenye,
ajjeesuu, jiraachisuu fi du’a irra kaasuus kan hin dandeenye
gabbaramoo godhatan.” suuratu al-Furqaan 25:3
Wanti nama ajaa’ibsiisu kaafiroonni kunniin Rabbii gaditti wanta homaa
uumu hin dandeenye gabbaramaa (waaqefatamaa) godhachuun gabbaran
(waaqefatan). Wanti isaan gabbaran (waaqefatan) kunniin wantoota
uumamaniidha yookiin inumaa kan harka namaatin bocamaniidha. Mataa
ofiitiin miidhaa namarraa deebisuu fi faaydaa namaaf fiduu hin
danda’an. Inumaa, ofirraa miidhaa deebisu fi ofiif faaydaa fidu hin
danda'an. Nama ajjeesus, jiraachisuus, kan du’es du’a irraa kaasu hin
danda’an. Kanaafu, kaafiroonni wanta homaa hojjachuu hin dandeenye
akkamitti gooftaa godhachuun gabbaran (waaqefatanii)? Mee haa gaafannu
warroota Rabbiin alatti wanta biraa gabbaran (waaqefatan): “Wanti isin
waaqefattan wanta hundaa uumuu danda’aa? Fkn nama, samii fi dachii
uumuu danda’aa? Yommuu kadhattan miidha isin irraa deebisuu fi faaydaa
isiniif fiduu danda’aa? Fakkeenyaf, wanti isin waaqefattan Nabiyyii,
Malaaykaa, taabota ykn nama du’e yoo ta’e, akkamitti kadhaa keessan
isiniif dhagayuu? Osoo dhagayanillee miidhaa isin irraa kaasu ykn faaydaa
isiniif fiduu danda’u? Kanaafu, Rabbii waa hundaa uume, jiraachisuu fi
ajjeesu dhiistanii wanta homaa uumuu hin dandeenye, miidhaa namarraa
deebisuu fi faaydaa namaaf fidu hin dandeenye akkamitti waaqefattu
(gabbartuu)?” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur'aana keessatti ni jedha,
54
يشهكون ما ل يلق شي ﴿ا ول ١٩١ا وهم يلقون أ يعون لهم نص ول يستطه
ون نفسهم ينص ﴾١٩٢أ
“Sila wantoota ofiifuu uumamtoota ta’anii waa tokko uumuu hin
dandeenye Rabbitti qindeessuu? Isaan gargaarus ta’ee lubbuu ofii
gargaaru hin danda’an.” Suuratu Al-A’araaf 7:191-192
Kana jechuun sila wanta homaa uumuu hin dandeenye, ofiifu uumamtoota
ta’an, nama isaan gabbaru (waaqefatu) fi mataa ofiitu gargaaru hin
dandeenye Rabbiin waliin gabbaruu? Akkuma Rabbiin Qur'aana keessatti
jedhe, hiikni isaa:
“Yaa namoota! Fakkeenyi dhiyeefamee jiraa dhageeffadhaa.
Dhugumatti, kanneen isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) osoo
isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uuman. Yoo tiisisni waan
tokko isaan harkaa bute, waan san [tiisisa] harkaa buusu hin danda’an.
Barbaadaa fi barbaadamaniis dadhaboodha. Kabaja dhugaa Rabbiif
maluu hin kabajne. Dhugumatti, Rabbin Jabaa Injifataadha” Suuratu
Al-Hajj 22:73-74
Yaa namoota! Hundi keessanu fakkeenya isiniif dhiyeefamu kana mee
dhageeffadhaa. Taabota ta’i, Nabiyyii ta’ii, Malaaykaa ta’i wanti Rabbiin
alatti gabbartan (waaqefattan) osoo tiisisa uumuuf walitti qabamanii
gonkumaa tiisisa uumuu hin danda’an. Inuma osoo tiisisni wanta baay’ee
xiqqaa isaan harkaa bute, wanta kana tiisisa harkaa buusu hin danda’an.
Kanaafu, tiisisa uumuu kan hin dandeenye, inuma tiisisa harkaas waa buusu
kan hin dandeenye akkamitti akka isin gargaaruf kadhatanii (gabbaranii)?
55
Wantoonni isin Rabbii gaditti gabbartan (waaqefattan) kunniin isin gargaaru
hin danda’an, mataa ofillee gargaaru hin danda’an. Kanaafu, wanta mataa
ofiitu gargaaru hin dandeenye akkamitti gargaarsa irraa barbaaddu?
“Dhugumatti namoonni Rabbii gaditti wanta biraa gabbaran “Kabaja
dhugaa Rabbiif maluu hin kabajne” Sababni isaas, wanta karaa hundan
hiyyeessaa fi dadhabaa ta’ee, Rabbii karaa hundaan Dureessaa fi Jabaa
ta’een wal qixxeessan. Wanta ofiifis ta’ee nama biraa faayyaduu fi miidhu
hin dandeenye, ajjeesu, jiraachisuu fi du’aan booda kaasu hin dandeenye,
Rabbii fayyaduu fi miidhu irratti danda’aa ta’e, Kennaa fi Dhoowwataa
ta’ee, Mootii moottotaa ta’ee, mootummaa Isaa keessatti wanta fedhe
hojjatuun wal qixxeessan. “Dhugumatti, Rabbin Jabaa Injifataadha”
kana jechuun humnaa fi jabeenyaa guutuu kan qabuudha, injifannoo guutuu
kan qabuudha. Humni, Jabeenyi fi injifannoon Isaa guutuu ta’uu irraa kan
ka’e sammuun uumamtoota hundaa Harkaa Isaa jirti. Kan socho’u hin
socho’u, kan bakka tokko qubatu hin qubatu fedhii Isaatin yoo ta’ee malee.
Wanti Rabbiin fedhe ni ta’a, wanti Inni hin fedhin immoo hin ta’u. Ammas,
Humni fi Jabeenyi Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’e, samii fi dachiin akka
hin banne ni qaba (samiin dachii irratti kufuu irraa ni eega). Humni fi
Jabeenyi Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’e, jalqaba irraa kaasee hanga
dhumaatti uumamtoota du’an hundaa iyyansa takkaan ni kaasa.”1
Ragaan lammaffaan wantoonni mushrikoonni gabbaran kijiba ta’uu itti
mirkaneessan-mushrikonni kunniin Rabbiin qofti Gooftaa, Uumaa, Mootii
wanta hundaa akka ta’e ni mirkaneessu. Kuni immoo akkuma isaan
Gooftummaan Isa tokkichoomsan, ibaadaa (gabbarrii) keessattis Isa
tokkichoomsu akka qaban isaanitti agarsiisa. Rabbiin olta’aan Qur’aana
keessatti ni jedha:
ها ﴿ ي أ ٱ لناس ٱي مهن قبلهكم لعلكم لهين ٱخلقكم و لهيٱربكم عبدوا
رض ٱجعل لكم لهيٱ ٢١تتقون ا و ل نزل مهن لسماء ٱفهرش
هناء وأ لسماءه ٱب
1 Tafsiiru Sa’dii-638
56
ههه خرج با لثمرته ٱمهن ۦماء فأ نتم رهزق
ا وأ نداد
ه أ لكم فل تعلوا لله
﴾٢٢تعلمون
“Yaa namoota! Muttaqoota akka taataniif Gooftaa keessan kan isinii fi
warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa. Kan dachii afaa, samii immoo
ijaarsa gubbaa (xaaraa) isiniif taasisee fi samii irraa bishaan buusee
ergasii isaan (bishaan kanaan) soorata akka isiniif ta’u samaraata
(fuduraaf kuduraa, midhaan) baasedha. Kanaafu, osoo beektanuu
Rabbiif sharikoota hin godhinaa” Suuratu Al-Baqara 2:21-22
هن ﴿ ٱو لسماءه ٱقل من يرزقكم م من يملهك رضه ل
بصر ٱو لسمع ٱأ
ومن ل
هته ٱمهن لح ٱيرهج هت ٱويخرهج لمي هر لح ه ٱمهن لمي مر ٱومن يدب فسيقولون ل
فل تتقون لل ٱلهكم ٣١فقل أ ٱرب كم لل ٱفذ ه ٱد فماذا بع لق إهل لق
ٱ فون لضلل ن تص ﴾٣٢فأ
“Jedhi, “Eenyutuu samii fi dachii irraa isin sooraa? Yookiin dhageetti
fi argituu eenyutuu dhuunfataa? Ammas, eenyutu du’aa keessaa
jiraataa baasaa, jiraataa keessaa du’aa baasaa? Eenyutu dhimma
hundaa qindeessaa? ‘Rabbiidha.” ni jedhu. Kanaafu jedhiin, “Sila
Rabbiin hin sodaattanii ree?" Sun Allaah, Gooftaa keessan Kan
haqaati. Haqa booda jallinna malee maaltu jiraa? Kanaafu,
akkamumatti irraa garagalfamtu?” Suuratu Yuunus 10:31-32
Kanaafu, Uumaan wantoota hundaa, bishaan samii irraa buusun oomisha
midhaanii adda addaa lafaa Kan baasu, jiraataa keessaa du’aa Kan baasu,
(fakkeenyaf, lukkuu keessaa killee lubbuu hin qabne baasa), du’aa keessaa
jiraataa kan baasu (fkn, killee keessaa caacuti baasa), dhimma hundaa Kan
qindeessu Rabbiin qofa akka ta’e namni beeku, Rabbiin qofa gabbaruu
57
qabaa jechuudha. Sababni isaas, wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman
hundi wantoota armaan olii hojjachuu hin danda’an.
Guduunfaa
✒Ilaah jechuun jaalalaa fi sodaan kan gabbaramuudha. Gabbaruu jechuun
sodaa fi kajeellan, jaalalaa fi kabaja guddaan, gabbaramaaf gadi jechuu fi
gadi of xiqqeessudha.
✒Gabbaramaan gabbaramaa dhugaa (haqaa) ta'uuf amaloota guutuu
qabachuu fi amaloota hanquu irraa qulqulluu ta'uu qaba. Sababni isaas,
amaloota guutuu yoo hin qabaatini fi amaloota hanquu irraa qulqulluu yoo
hin ta’in, wanta namni isarraa barbaadu fi kadhatu kennuufi hin danda’u.
Wanta hundaa irratti danda’aa Kan ta’e, wantoota hundaa kan dhagayu,
beekuu fi arguu Rabbiin qofa. Kanaafu, Rabbiin Ilaah (Gabbaramaa) haqaati
jechuudha.
✒Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman hundi gabbaramaa sobaati.
Sababni isaas, wantoonni waaqefataman kunniin wantoota hundaa irratti
danda’oo miti, waan hunda hin dhagayan, hin beekan, hin argan. Nama biraa
dhiisii mataa ofii irraa miidhaa deebisuu fi faaydaa ofiif fiduu hin danda’an.
Kanaafu, namni akkamitti wanta mataa ofiitu fayyaduu fi miidhaa ofirraa
deebisuu hin dandeenye akka isa gargaaruuf kadhataa?
58
4. Maqaalee fi Amaloota Rabbiitti amanuu (Al-Iimaanu
bi-asmaa’ihi wa sifaatihi)
Kana jechuun Rabbiin maqaalee gaggaarii fi amaloota ol’aanoo akka qabu
jala muranii itti amanuu fi mirkaneessudha. Rabbiin amaloota guutuu
hundaan kan ibsamuu fi amaloota hanquu hundarraa qulqulluudha. Rabbiin
olta’aan amaloota guutuu qabaachu fi amaloota hanquu irraa qulqulluu
ta’uun uumamtoota hunda irraa adda ta’a.1 Amaloota dhibbaan dhibbaatti
guutuu ta’an kan qabuu Rabbiin malee hin jiru, amaloota hanquu hunda irraa
qulqullu kan ta’e Rabbiin malee hin jiru.
Rabbii keenya kan beeknuun sifaata (amaloota) gugguutuu Qur’aanaa fi
sunnah Ergamaa Isaa (SAW) keessatti dhufaniini. Maqaalee fi sifaata
Rabbiin Qur’aana fi sunnah Ergamaa Isaa (SAW) keessatti ittiin of ibse
(wassafe) osoo ta’axiila, tahriifa, takyiifa fi tamsiila hin godhiin haala Isaaf
maluutiin ni mirkaneessina. Jechoonni armaan olii kunnin hiika cimaa
qabuu hordofaa. Sababa kanaan seenaa keessatti namoonni baay’een karaa
sirrii irraa jallatan.
Ta’axiila- jechuun sifaata (amaloota) Rabbii fudhachuu diduu fi
dhabamsiisudha. Yookiin garii isaanii mirkaneessanii garii isaanii
mirkaneessu dhiisudha.
Tahriifa- jechuun hima hiika ykn jecha isaa jijjiruun hiika ifaa (zaahiraa)
irraa fageessu fi jallisuudha. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu
“Micciruu” jechuudha.
Takyiifa- jechuun haala sifaanni (amaloonni) irra jiran ibsu (“Akkana jira,
akkana jira” jedhanii dubbachuudha).
Tamsiila jechuun wayitti fakkeessu jechuudha.2
Namni Rabbii olta’aatti amanu amaloota Rabbiin ittiin of ibse (wassafe)
hundaa fudhachuu (itti amanuu) qaba. Amaloota kanniin micciruu, akkana
akkana jiran jedhe dubbachuu hin qabu, wayittis fakkeessuun isarra hin
1 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 247
Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii 2 Madda olii
59
jiru. Mee amaloota Rabbii keessaa tokko "dhageetti fi arguu" haa ilaallu.
Rabbiin subhaaanahu wa ta’aala wantoota hundaa ni dhagaha, ni arga.
Garuu haalli Inni itti dhagahuu fi arguu homaanu wal hin fakkaatu.
Dhageetti fi argituun Rabbii dhageetti fi argituu ilma namaatiin gonkumaa
wal hin fakkaatan. Ilmi namaa “Rabbiin akkanatti arga, akkanatti dhagaha”
jedhee gonkumaa dubbachuu hin danda’u. Akkaataa Rabbiin wantoota
hundaa itti arguu fi dhagahu waan hin beeknef. Akkasumas, Rabbiin
Tokkicha fakkaataa hin qabne waan ta’eef. Rabbiin Subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
وهو ۦليس كمهثلههه ﴿ ء ير ٱ لسمهيع ٱش ﴾لصه
“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa,
Argaadha.” Suuratu Ash-Shuura 42:11
“Kana jechuun uumamtoota Isaa irraa wanti Rabbii olta’aa fakkaatu
tokkollee hin jiru. Wanti zaata Isaatiin, amaloota Isaatiinii fi hojii Isaatiin
wal fakkaatu tokkollee hin jiru. Sababni isaas, maqaaleen Isaa hundii
gaggaariidha, amaloonni Isaa hundi amaloota guutuu fi guddaa ta’aniidha;
Rabbiin olta’aan hojiwwan Isaatiin umamtoota gurguddaa shariika tokko
malee argamsiise. Rabbiin olta’aan gama hundaan guutuu ta’uudhaan addaa
fi tokkicha waan ta’eef wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. “Inni
Dhagahaadha”,lugaan (afaan) hanga fedhe garagara haa ta’uu, haajaan
hanga fedhe haa baay’atu Rabbiin sagalee hundaa ni dhagaha. “Argaadha”
halkan garmalee dukkanaa’aa ta'e keessatti mixii gurraatti lafa irra deemtu
ni arga.”1 Akkuma wantoota samii ol jiran hundaa argu, wantoota dachii irra
jiranii fi dachii jala jiran hunda ni arga. Arguu irraa wanti Isa dhoowwu ykn
haguugu tokkollee hin jiru. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru.
Subhaanahu wa ta'aala (Inni hanqinna hundarraa Qulqullaa'e, Olta'e)!
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
1 Tafsiiru Sa’dii-fuula 888
60
ه ﴿ سماء ٱولله وذروا دعوه ٱف لسن ٱ ل هها ئههه لهين ٱب سم
أ دون فه ۦ يلحه
﴾١٨٠سيجزون ما كنوا يعملون
“Rabbiif maqaalee gaggaaritu jira, kanaafu isaaniin Isa kadhaa.
Warra maqaalee Isaa jallisaniis dhiisaa. Waan dalagaa turaniif
fuunduratti jazaa ni argatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:180
Rabbiin maqaalee gaggaarii qaba. Kanaafu maqaalee kanniiniin Isa kadhaa.
Kan akka Ar-Rahmaan, Al-Ghaffaar, Al-Waduud, Al-Basiir, As-Samii’i fi
kanneen biroo. Maqaalee gaggaariin kunniin amaloonni (sifaanni) Rabbii
guutuu ta’uu agarsiisu. Fakkeenyaf, Al-Aliim (Beekaa). Maqaan kuni
Rabbiin beekumsa wantoota hunda marsee akka qabu agarsiisa. Samii fi
dachii keessatti wanti beekumsa Rabbii keessaa bahu tokkollee hin jiru, Inni
wantoota hundaa takka takkaan beeka.
“Warra maqaalee Isaa jallisaniis dhiisaa.” Maqaalee Isaa jallisuun kan
ta’u- takkaa maqaalee kanniinin wanta biraa waamuu, takkaa immoo hiika
maqaalee kanniinii diigu fi micciruudha. Yookiin maqaalee kanniin
maqaalee birootin wal fakkeessudha. Wanti dirqama ta’e ilhaada (maqaalee
kanniin jallisuu) irraa of eeggachuudha. Namoonni maqaalee Rabbii jallisan
gara fuunduraatti jazaa ni argatu. Kana jechuun ni adabamu.1
Maqaalee fi sifaata Rabbii ilaalchisee gareen lama jallatanii jiru.2
1ffaa-al-Mu’axxillah kan jedhamaniidha. Gareen kuni maqaalee fi sifaata
Rabbii hunda ykn muraasa isaanii hin fudhatan. Maqaa Rabbiin ittiin of
waame hiika isaa ni micciru. Kanaafu, garee akkanaa irraa of eeggachuun
ni barbaachisa. Fakkeenyaaf, ahbaash, Ash’aari, Mu’tazilaa fi kkf
2ffaa-al-Mushabbihah- gareen kuni maqaalee fi sifaata Rabbii hunda
mirkaneessanii fi fudhatanii garuu Rabbiin uumamtoota Isaatiin wal
1 Gabaabbinnaan madda olii- fuula 351-352 2 Sharih Usuuli salaasa Fuula 88-89 Ibn Useymiin
61
fakkeessu. Rabbii olta'aa uumamtootan wal fakkeessun baaxila (soba).
Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Rabbiin ni jedha:
ه ﴿ مثال ٱفل تضهبوا للهنتم ل تعلمون لل ٱإهن ل
﴾٧٤يعلم وأ
“Rabbiif fakkeenya hin godhinaa. Dhugumatti Rabbiin ni beeka, isin
hin beektan.” (Suuratu An-Nahl 16:74)
Gareewwan lamaan kanaaf deebii kan ta’u Aaya suuratu ash-shuura
jalqabarratti eerredha. “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni
Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Ash-Shuura 42:11
Warroota Rabbiin uumamtootaan wal-fakkeessan, Rabbiin akkana jechuun
deebii kenneef, “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.” Warroota
maqaalee fi sifaata (amaloota) Isaa hin fudhanne immoo akkana jechuun
deebii kenneef, “Inni Dhagahaa, Argaadha.” Kanaafu, namni nageenya fi
milkaa’inna barbaadu garee kanniin lamaanii fi yaada isaan qabatan irraa of
eegu qaba. Yaanni isaan qabatan Qur’aanaa fi sunnaan waan wal
faallessuuf.
Yeroo tokko ilmi Ja’afar Suleymaan Haashimiyy waa’ee Rabbii ni dubbata,
ni ibsa, wayitti fakkeessa. Ergasii Aalimni (hayyuun) Islaamaa
Abdurahmaan bin Mahdiyyi jedhamu gurbaa kanaan akkana jedhe, “Yaa
ilma koo! Jalqaba irratti hanga waa’ee uumamtotaa dubbannuu mee suuta
jedhi. Nuti uumamaa (makhluuqa) [hubachuu] irratti dadhabaa yoo taane,
Khaaliqa [hubachuu] irratti kana caalaa dadhabaa taana. Hadiisa Shu’ubahn,
Sheybaana irraa natti odeesse mee natti himi. Sheybaan akkana jedha, Sa’iid
bin Jubeeyri akkana kan jedhu dhagahe: “Dhugumatti, inni (Muhammad
(SAW)) mallatoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera.” (suuratu
An-Najm 53:18) Aayaa (keeyyata) tana ilaalchise Abdullah ni jedhe, “Nabii
Muhammad (SAW) Malaykaa Jibriliin koola dhibba jaha (600) kan qabu
ta’ee arge.” Ergasii gurbaan kuni yaada keessatti lixee hafe. San booda,
Abdurahmaan gurbaa kanaan ni jedhe, “Yaa ilma koo! Gaafi siif haa
salphisu. Koola 597 sirraa buusa. Uumama kana koola sadiin naaf ibsi.
Koola sadiin kana bakka lama Rabbiin hin godhin gochuun naaf ibsi.
Gurbaan ni jedhe: Yaa abbaa Sa’iid uumamaa (makhluuqa) ibsuu irraayyu
62
dadhabne jirra. Amala (sifata) Khaaliqa (Uumaa) ibsuu irraa kana caalaa
dadhaboodha (gonkumaa sifata Isaa "akkana akkana jiran ykn kana
fakkaatan" jennee ibsu hin dandeenyu). Ani san (wayitti fakkeessuu) irraa
deebi’u koo ragaa nan baha. Rabbiin araarama kadha.”1
Gonkumaa Khaaliqa makhluuqan (wanta uumameen) wal fakkeessun hin
danda’amu. Wal fakkeessun kuni jallinna hangana hin jedhamnetti nama
dabarsa. Sababa wal-fakkeessutiin, Kiristaanonni "Iyyasuus gooftadha"
jechuun waaqefatan. Akkasumas namoonni dhagaa, mukaa fi wantoota
biroo gabbaran sababa wal fakkeessutiin wantoota isaan hin fayyanne
gabbaran. Akkuma Imaam ibn Al-Qayyim jedhu hundeen shirkii wal
fakkeesudha.
Namni sifaata Rabbii hin fudhannee fi umamtootaan wal-fakkeessu urgaa
iimaanaa hin urgeefatu, mi’aa isaa hin dhandhamu. Akka nama qufaan
qabee ta’a. Namni qufaan qabe urgaa gaarii urgeefachuu fi mi’aa gaarii
dhandhamuun itti ulfaata.
Yommuu sheyxaanni wanta hin taane qalbii keessatti darbu waa lama
gochuun nama baraara.
1ffaa- gara Rabbiitti fiigun eeggumsa barbaadu. Rabbiin ni jedha:
ه ستعهذ ٱنزغ ف لشيطنه ٱوإما ينزغنك مهن ﴿ ﴾٢٠٠سمهيع علهيم ۥإهنه لله ٱب
“Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe,
Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.”
Suuratu Al-A’araaf 7:200
Fakkeenyaf, a’uuzu billaahi mina sheyxaani rajiim jechuu. Suuratu An-
Naas (qul a’uuzu birabbi naas) irra deddeebi’anii dubbisuu. Wanta badaa
sheyxaanni namatti darbu qalbii keessaa akka baasu Rabbiin kadhachuu.
2ffaa- jecha Rabbii olta’aa yaadachu fi arrabaan jechuu,
وهو ۦليس كمهثلههه ﴿ ء ير ٱ لسمهيع ٱش ﴾لصه
1 Hayatu Salafi; beyna al-qawli wa al-amali fuula 27
63
“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa,
Argaadha.” Suuratu Ash-Shuura 42:11
Guduunfaa
✒Maqaalee fi Amaloota Rabbitti amanuu jechuun Rabbiin maqaalee
gaggaarii fi amaloota guutuu olta’an akka qabu jala muranii itti
amanuu fi mirkaneessudha.
✒Maqaalee fi amaloota Rabbii osoo hin micciriin, wayittuu hin
fakkeessinii fi akkana jiran osoo hin jedhin akkuma Qur'aanaa fi
sunnaa keessatti dhufanitti fudhachuun karaa nageenya fi
milkaa'innatti nama geessudha.
✒Rabbiin gama hundaan guutuu waan ta'eef wanti Isa fakkaatu
tokkollee hin jiru.
64
Sifaata Rabbii olta’aa Muraasa Olta'iinsa Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa Nama tokko waa’ee Rabbii ilaalchise erga itti beeksifne booda, “Rabbiin
eessa jiraa?” jechuun gaafachu danda’a. Gaafi kana deebisuuf madda sirrii
osoo hin qabaatin fedhii keenyan akkana jechuu hin dandeenyu. Beekumsa
malee waa’ee Rabbii dubbachuun cubbuu (dilii) gurguddaa keessaa tokko
waan ta’eef. Maddi keenya Qur’aana Rabbiin irraa bu’eedha. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol akka ta’ee Qur’aana keessatti si’a torba ni
dubbata. Arshiin uumama (makhluuqa) guddaa samiiwwan nu olii torbanii
ol jiruudha. Nu ol samiwwan torbatu jiru. Samiwwan torbanii ol immoo
Arshii guddinnaa fi bal’innaan samii caalutu jira. Arshii ol immoo Rabbii
Guddaa olta’etu jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴾٥ستوى ٱ لعرشه ٱعل لرحمن ٱ﴿
“Ar-Rahmaan (Rabbiin) Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] ol
ta’eera.” Suuratu Xaahaa 20:5
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa olta’iinsa guddinna Isaatiif malu Arshii ol
olta’ee jira. "Akkanatti akkanatti olta’e" jennee gonkumaa dubbachuu hin
dandeenyu. Karaan nagahaa dhama’iinsa fi kasaaraa irraa nama baraaru
olta’iinsa Rabbii fi sifaata Isaa biroo ilaalchise osoo hin micciriin, wayitti
hin fakkeessinii fi akkana akkana osoo hin jedhin akkuma jiruutti itti
amanuudha. Kuni karaa salafaa (ummatta gaggaarii darbaniiti).
Gaafa tokko namtichi tokko gara Imaamu Maalik dhufuun waa’ee aaya
armaan olii ilaalchise gaafate. “Keyfa istawaa (olta’iinsi akkamii)?”
jedheen. Ergasii Imaamu Maalik ni jedhe: Istawaan kan wallaalame miti;
akkam akka ta’e sammuudhaan hin beekkamu, isatti (Olta’iinsa
Rabbitti) amanuun waajiba (dirqama); waa'ee isaa gaafachuun immoo
bid’aadha…”1
1 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a- Fuula
249-255 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii-
65
Istawaan kan wallaalame miti- jechuun jechi istawaa jedhu olta’iinsa akka
ta’e ni beekkama. Garuu Olta’iinsi Rabbii akkam akka ta’e sammuun ilma
namaa hubachuu fi beeku hin danda’u. Rabbiin Arshii ol olta’iinsa Isaaf
malu olta’uutti amanuun dirqama. Akkamitti akka olta’e gaafachuun immoo
bid’aa (wanta haarawa argameedha). Sababni isaas, sahaabonni Nabiyyii
hin gaafanne.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii fi wanta arshii gadi jiran irraa
dureessa, itti hin hajamu. Rabbiin ni jedha: “Dhugumatti, Rabbiin
aalama irraa Duroomadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:97
Aalama jechuun wantoota Rabbiin uume hundaadha. Arshiin aalama
keessaa tokkoodha.
“Rabbiin Isumatu Dureessa, Faarfamaadha.” (Suuratu Faaxir 35:15)
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii uumuu fi Arshii ol olta’uun, arshitti
haajameeti miti (itti fayyadamuufi miti). Arshii irraa hin fayyadamu. Kana
irra hikmaa (ogummaa) Arshii uumuu barbaachisetu Isaaf jira.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa guddinna Isaaf malu guddate, olta’iinsa
Isaaf malu olta’e. Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Rabbiin ni jedha:
وهو ۦليس كمهثلههه ﴿ ء ير ٱ لسمهيع ٱش ﴾لصه
“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa,
Argaadha.” Suuratu Ash-Shuura 42:11
Olta’iinsi amala baay’ee barbaachisaa Isaati. Dandeetti Isaatiin Arshii, samii
fi wantoota achi gadi jiran hunda qaba. Wantoonni gara gadi jiran hundi
Isatti hajamu. Inni immoo Arshii fi wanta Arshii gadi jiran hundarraa of-
danda’aa fi dureessa, isaanitti hin hajamu. Wantoota hundaa beekumsaan
Kan marseedha. Dandeetti Isaatiin arshii qabuu waliin, Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa Arshii oli.1
1 Sharih Aqiidatil xahaawiyyah fuula 372, Ibn Abi Al-Izzaa
66
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’uu ragaaleen baay’een ni
agarsiisu.1 Isaan keessaa:
1.Kitaabaa (Qur’aana)- Qur’aana keessatti Rabbiin olta’u aayaatni
(keeyyattoonni) dubbatan lakkoofsi isaanii baay’eedha.
2.Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW)- Ammas, hadiisota sahiih keessatti
Rabbiin olta’uu agarsiisan hadiisota baay’eetu jira.
3.Al-Ijmaa’a (waliigaltee Muslimootaa)- warri bid’aa dhufuun dura
Muslimoonni Rabbiin Arshii ol akka olta’e irratti wali galanii jiru.
4.Aqlii (sammuu)- Hundii keenyaa akkuma beeknu olta’iinsi amala guutuu
ta’eedha. Kanaafu, olta’iinsi amala guutuu yoo ta’e Rabbiif amalli kuni
sirritti ta’uu qabaa jechuudha. Sababni isaas, Rabbiin amaloota gugguutuun
kan ibsamu (wassafamuudha). Kanaaf, takkaa Rabbiin ol ta'a, takkaa immoo
gadi ta'a takkaa immoo jidduu lamaanii ta'a. Gadii fi jidduun lamaanii
Rabbiif waan hin malleedha. Sababni isaas, gara gadii ta’uun amala hir’uu
(hanquu) ta’eedha. Akkasumas, jidduu oliiti fi gadii ta’uun hir’inna. Sababni
isaas, umamtootaan wal fakkeessu waan ta’uuf. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aala immoo Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Kanaafu, Rabbiin
umamtoota hundaa olii jechuudha.
5.Fixriyy (uumamaan)- ilmaan namaa kamiyyuu qalbii fi uumama
qulqulluu isaanitiin yommuu Rabbiin kadhatan harka isaanii olkaasu.
Yommu Rabbitti warwaatan (garmalee kadhatan) qalbii isaanitiin gara olii
yaadu. Yeroo tokko sheyk Abu Ja’afar Hamazaaniyy bakka taa’umsa Abu
Ma’aali Jaweyniyyitti argame. Abu Ma’aali Jaweyniyy Rabbiin olta’u hin
mirkaneessu ture. Sheyk Abu Ja’afar akkana jedheen, “Yaa ustaaz! Wanta
dirqamaan qalbii teenya keessatti argannu kana ilaalchisee mee nutti himi?
Namni Rabbiin beeku, “Yaa Allaah, Yaa Rabbii” gonkumaa jedhee hin
beeku, qalbii isaa keessatti gara olii kan barbaadu ta’ee yoo argate malee.
Gara mirgaa fi bitaa hin mil’atu, [gara olii malee]. Kanaafu, wanta dirqama
ta’e kana akkamitti nafsee teenya keessaa baasu dandeenyaa?” Ergasii Abu
1 Shariih Aqiidatil Waasixxiyyah-jiildi 1, fuula 178-179, ibn Useymiin
67
Ma’aali Jaweyniyy mataa ofii harkaan osoo kabalaasu (dhadhayuu) bahee
deeme…1
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’iisa Isaaf malu olta’ee wanta
hundaa ni too’ata. Wanti Isa jalaa miliqu tokkollee hin jiru. Wanta hundaa
takka takkaan beeka, ni arga, ni dhagaha. Haati manaa Ergamaa Rabbii
(SAW) Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) akkana jetti:
Rabbii dhageettin Isaa sagalee hunda marseef (dhagahuuf) galanni haa galu.
Dhugumatti, [dubartiin maqaan ishii] Khawlah [jedhamtu] gara Ergamaa
Rabbii (SAW) dhuftee waa’ee abbaa manaa ishii ilaalchise komii itti
dhiyeessite. Dubbiin ishii narraa dhokataa ture (ani mana keessa haa
jiraadhuyyuu malee wanta ishiin dubbattu hunda hin dhagahu ture). Ergasii
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) aaya tana ni buuse:
إهل لته ٱقول لل ٱقد سمهع ﴿ ها وتشتكه لك فه زوجه يسمع لل ٱو لله ٱتجده إهن ير لل ٱتاوركما ﴾١سمهيع بصه
“Dhugumatti, Rabbiin jecha ishee waa’ee abbaa manaa ishii ilaalchisee
siin waliin falmituu fi gara Rabbiitti himannaa dhiyeefattu dhaga’eera.
Rabbiinis falmii keessan lamaan ni dhaga’a. Dhugumatti Rabbiin
Dhaga’aa, Argaadha.” Suuratu Al-Mujaadalaa 58:1" Sunan an-Nasa'i
3460, Sunan Ibn Maajah
1 Sharih Aqiidatil xahaawiyyah fuula 390
68
Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa
Yaa nama Rabbii kee beekuuf carraaqu hoo! Obsi gara fuunduraatti
gammachuu hangana hin jedhamne dhandhamtaati. Yaa nama Rabbiin
beekee Isaaf tole jedhu hoo! gammachuu xaa’a (Rabbiif ajajamuu) irraa
argattuun gammadi! Gara fuunduraatti gammachuu kana caalutu siif jiraa,
Rabbii keetiif tolee jechuu fi jaallachuu itti fufi. Gara ati hin beeknee irraa
si soora, milkaa’inna ati gonkumaa hin yaanne si milkeessa. Ibraahim ibn
Ad’haam akkana jedha: “Wanta (gammachuu) nuti keessa jirru osoo
mootonni beekanii silaa seyfiin nutti qabsaa’u turan.”
Dhugumatti gammachuun Rabbiin beekuu fi Isaaf ajajamuun argamu
hangana hin jedhamu. Kanaafu, maqaalee Rabbii (subhaanahu) muraasaa
mee haa ilaallu.
1. Allaah
Maqaan Allaah jedhu maqaa Gooftaa addunyaa hundaa samiwwanii fi
dachii uumeeti. Allaah maqaa dhuunfaa Rabbiin qofti ittiin waamamuudha.
Wanti biraa maqaa kanaan gonkumaa waamamu hin danda’u.
Maqaan Allaah jedhu Tokkichummaa fi haqaan gabbaramuu kan qabuu
Rabbiin akka ta’ee agarsiisa.
Allaahn gabbaramaa haqaati. Uumamtoota hundaaf gabbaramaan haqaa
Allaah malee hin jiru. Isaan ala wanti gabbaramu hundi soba (baaxila).
Akkuma Gooftaa fi Mootiin isaanii Allaah qofa ta’ee fi Gooftummaa fi
Mootummaa Isaa keessatti eenyullee hin hirmaachisne, haaluma kanaan
gabbaramaan isaanii Allaah qofaadha. Yommuu Isa gabbaran, Isa waliin
shariika gochuun gonkumaa hin ta’u. Kan isaan uumuu, nyaachisuu, obaasu,
dhimma isaanii too’atu akkuma Allaah qofa ta’e, yeroo Isa gabbaran wanta
biraa Isa waliin gabbaruu (waaqefachuu) hin qaban; Isa qofa gabbaru qabu.
Wantoonni Isaan ala jiran hundi mataa ofiitiin faayda namaaf fiduu fi
miidhaa namarraa deebisuu waan hin dandeenyef. Kanaafu, Allaah
69
(Rabbiin) dhiisanii wanta nama hin fayyannee fi miidhaa namarraa hin
deebisne kadhachuu fi gabbaruun bu’aa maalii buusaa? Allaah ni jedha:
لهكم ﴿ ء ف لل ٱذ ه شء وكهيل عبدوه ٱرب كم ل إهله إهل هو خلهق ك ه ش
ك ﴾١٠٢وهو عل
“[Kan akkana hojjate] suni Allaah Gooftaa keessani. Isa malee
haqaan gabbaramaan hin jiru. Uumaa waan hundaati, kanaafu Isa
gabbaraa. Inni waan hundaa Tiiksadha.” Suuratu Al-An’aam 6:102
Wanta uumu hundaa kan uumee, wanta murteessu kan murteesse “Allaah
Gooftaa keessani” Kanaafu, kabaja guddaan kabajamuu, haqaan
gabbaramuu kan qabuu fi of gadi xiqqeessunii fi jaalalli guutuun ta’uufi kan
qabu Gooftaa uumamtoota hundaa qananii Isaatiin qananiisee fi miidhaa
hunda isaan irraa deebiseedha. “Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru.
Uumaa waan hundaati, kanaafu Isa qofa gabbaraa.” kana jechuun Inni
Allaah, haqaan gabbaramaan Isa malee akka hin jirre erga mirkanaa’ee,
ibaadaa hunda Isaaf godhaa, Isaaf qulqulleessaa. Yommuu ibaadaa
hojjattan Rabbi qofaaf hojjachuuf niyyaadha. Kuni kaayyoo
uumamtoonni itti uumamaniidha.1 (Fakkeenyaf, salaata yommuu salaattan,
sadaqaa yommuu kennitan, sooma yommuu soomtan, beekumsa (ilmii)
yommuu barattan, du’aayi yommuu gootan, waan gaaritti yommuu ajajjanii
fi waan badaa irraa yommuu dhoowwitan fi ibaadaa biroo Rabbii qofaaf
jedhaa hojjadhaa. Isaan ala wanta biraatiif jettanii hin hojjatinaa.)
2. Al-Hayyul-Qayyuum
Maqaalee gaggaarii fi gurguddaa Rabbii keessaa tokko Al-Hayyul
Qayyuum. Al-Hayy jechuun Jiraataa. Al-Qayyuum jechuun Ofiin kan
dhaabbatu, of danda’aa homattu hin hajamne, wantoota hunda irraa dureessa
kan ta’e. Hiikni biraa “Al-Qayyuum” uumamtootaa hundaa kan dhaabu, kan
too’atu, jiraachisu. Fakkeenyaf, samii fi dachii kan dhaabe Rabbiidha. Akka
hin sochoone fi hin diigamne kan eegu Rabbiidha. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aala ni jedha:
1 Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir
Sa’dii fuula 299
70
﴾٢لقي وم ٱ لح ٱل إهله إهل هو لل ٱ﴿
“Rabbiin malee kan dhugaan gabbaramu hin jiru. [Inni] Al-Hayyul-
Qayyuum” Suuratu Ali-imraan 3:2
Al-Hayy-Rabbii jireenya guddoo fi guutuu sifaataa birootiif garmalee
barbaachistuu taate Kan qabuudha. Sifaanni (amaloonni) guutuun Rabbii
hundii Jireenya Isaa irra naanna’u. Kan akka dhagahuu, arguu, dandeetti,
humna, guddinna, yeroo hundaa turuu amala jiraachuutin kan wal
qabataniidha. Rabbiin yeroo hundaa Jiraataa hin duuneedha. Jireenyi Isaa
guutuu fi hir’inna wayitu kan hin qabneedha.
Al-Qayyuum- kan ofiin dhaabbatee fi uumamtoota hundarraa dureessa kan
ta’eedha. Gama kaminiyyuu wanta Isa dhaabutti gonkumaa hin hajamu (hin
barbaadu). Kuni Isaan ala wantoota jiran hundarraa of-danda’iinsaa fi
durummaan Isaa guutuu ta'uu agarsiisa. Rabbiin uumamtoota hunda kan
dhaabee fi uumamtoonni hundi gargaarsa fi qananiif Isatti garmalee kan
hajamaniidha. Yoo Rabbiin isaan hin dhaabinii fi hin jiraachisin,
dhaabbachuu fi jiraachuun isaaniif hin jiru. Kuni Dandeetti fi Injifannoo
Rabbii guutuu irraa kan dhufeedha. Dandeetti Isaatiin samii utubaa malee
qax godhee dhaabe. Kuni dandeettiin Rabbii gara hundaan guutuu akka ta’e
agarsiisa.
Maqaaleen lamaan kunniin amaloota Rabbii guutuu, dandeettii fi durummaa
Isaa guutuu kan of keessatti qabataniidha.
Mee warroota Iyyasuusin ykn wanta biraatin gooftaa jedhanii waaqefatan
haa gaafannu. Amaloota Rabbii keessaa tokko yeroo hundaa jiraachuu fi
wantoota hunda irraa of danda’uu fi dureessa ta’uudha. Iyyasuus (nageenyi
isarratti haa jiraatu) yeroo hundaa jiraataa ta’uu danda’aa? Isinuu guyyaa
sadiif du’ee kaafame jettani ni amantu. Rabbiin immoo kan hin deenudha.
Kanaafu, Iyyasuus akkamitti gooftaa ta’aa? Ammas, wantoota hunda irraa
dureessa fi of-danda’aa ta’uu danda’aa? Iyyasuus Gooftaa Isaa kadhachaa
akka ture kitaabni keessan ni dubbata. Rabbiin subhaanahu immoo
gonkumaa waa hin kadhatu, uumamtootatu Isa kadhataa malee. Ammas,
71
wantoota hundaa dhaabuu fi jiraachisuu danda’aa? Samii utubaa malee
dhaabu danda’aa? Rooba samii irraa roobsun uumamtoota obaasu danda’aa?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo hundaa jiraataa hin duunedha. Ni
jedha:
ه لهيٱ لح ه ٱوتوك عل ﴿ ه مده هح به ههه ۦ ل يموت وسب ه ۦوكف ب هذنوبه عهبادهه ﴾٥٨خبهيرا ۦب
“[Yeroo hunda] Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu.
Faaruu Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi. Badii gabroota Isaa keessa
beekuu keessatti Isumatu gahaadha.” suuratu Al-Furqaan 25:58
Rabbiin yeroo hundaa Jiraataa of danda’eedha. Jireenyi fi of danda’uun Isaa
guutuu ta’uu irraa kan ka’e muguunis ta’ee hirribni Isa hin
fudhatu.Uumamtoonni ni rafu, ni mugu. Yommuu mugan ykn rafan wanti
harkaa qaban hundi harkaa jiga ykn mataan isaanitiniyyuu ni kufu.Kanaafu
akkamitti gooftaa ta’uu danda’anii? Iyyasuus ni muga, ni rafa, kanaafu
akkamitti gooftaa waaqefatamu ta’uu danda’aa? Rabbiin osoo mugee ykn
rafee silaa addunyaan guutuun ni baddi turte. Samii fi dachii kan qabuu fi
too’atu Rabbiin malee ni jiraa? Kanaafu, Rabbiin yeroo hundaa jiraataa, of
danda’aa mugaati fi hirribni Isa hin fudhanneedha. Rabbiin keenya olta’aan
qulqullaa’e!
3. Al-Aliim, Al-Khabiir
Maqaaleen lamaan kunniin maqaalee beekumsa Rabbii agarsiisaniidha. Al-
Aliim jechuun wantoota hundaa kan beeku fi beekumsi Isaa guutuu kan
ta’e jechuudha. Al-Khabiir jechuun immoo keessa wantootaa fi wanta
dhokate hunda kan beeku jechuudha. Beekumsi amala wanta tokko dhugaan
beeku fi ifa baasuuti. Beekumsi Rabbii wantoota hundaa kan haguugedha.
Wanti tokko argamuun dura Rabbiin ni beeka. Wanti Isarraa dhokatu fi jalaa
miliqu tokkollee hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
72
هح ۥ۞وعهنده ﴿ ه ٱهو ويعلم ما فه ل يعلمها إهل لغيبه ٱمفات وما لحره ٱو لب رضه ٱتسقط مهن ورقة إهل يعلمها ول حبة فه ظلمته
ول رطب ول ل
بهي هس إهل فه كهتب م ﴾٥٩ياب
“Furtuuwwan gheybi (wanta hin mul’annee) Isa bira jiru. Isa malee
homtuu isaan hin beeku. Inni wanta dachii fi galaana keessa jiru ni
beeka. Baalli homaatu hin kufu Inni kan beeku yoo ta’e malee. Firiin
dukkana dachii keessaa, jiidhaa fi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa
jiraatu malee hin hafu.”Suuratu Al-An'aam 6:59
Ergamaan Rabbii (SAW) furtuuwwan gheybi Rabbiin malee eenyullee kan
hin beekne shan jedhan. Isaaniis: wanta boru ta’u Rabbiin malee eenyullee
hin beeku, (2) wanta gadaamessa keessa jiru Rabbiin malee eenyullee hin
beeku (3) Roobni yoom akka dhufu Rabbiin malee eenyullee hin beeku, (4)
lubbuun tamiyyuu eessatti akka duutu hin beektu (5) Qiyaamaan yoom akka
dhaabbattu Rabbiin malee eenyullee hin beeku. Sahiih Al-Bukhaari
7379, 4697
“Wanta gadaamessa keessa jiru Rabbiin malee eenyullee hin beeku” kan
jedhu wanta saayinsiin ammayyaa irra gaheen wal hin faallessu. Saayinsiin
ammayyaa jalqaba irraa kaase hanga sadarkaa dhumaatti wanta gadaamessa
keessa jiru beekuu danda’aa? “Daa’imni kuni nama gammachuu ta’a moo
nama rakkataa fi dararama ta’a” jedhe saayinsin nutti himuu danda’aa?
Himu hin danda’u. Kanaafu, wanta gadaamessa keessa jiru hunda Rabbiin
malee kan beeku hin jiru. Roobas taanan tilmaama malee dhibbaan dhibbatti
ilmi namaa yoom akka roobu beeku hin danda’u.
Gara ibsa aayatti yommuu deebinu Rabbiin subhaanahu wantoota dachii fi
galaana keessa jiran hunda ni beeka. Namoota, beeladoota, bineensota,
mukkeen, cirracha, biyyee fi kanneen biroo dachii keessa jiran hunda ni
73
beeka. Qurxummii, bineensoota, reptaaylota fi kanneen biroo galaana
keessa jiraatan hunda takka takkaan beeka.
Mukkeeni fi biqiltoota dachii fi galaana keessa jiran irraa “Baalli homaatu
hin kufu Inni kan beeku yoo ta’e malee.” Baala mukkeen hundarraa
harca’an hunda Rabbiin takka takkaan beeka. Firiwwan dukkana dachii
keessa jiran hunda Inni ni beeka. Firiwwanii fi sanyiwwan dachii keessatti
facaafamanii biyyee keessatti dhokatan hunda Inni ni beeka. Kuni beekumsi
Rabbii wantoota hundaa akka marsee agarsiisa. Wanti Rabbiin irraa dhokatu
tokkollee hin jiru.1
Hubannoo: Beekumsi Rabbii akka beekumsa keenyati miti. Beekumsi
keenya xiqqaa fi daangeefamaadha. Wallaalumman booda kan argamuudha.
Garuu Beekumsi Rabbii beekumsa wanta hundaa haguuge (hammatee)dha;
wantoota jiranii fi hin jirre hunda kan marsee fi daangaa kan hin qabneedha.
Beekumsi Rabbii adeemsa keessa kan argamu miti, wallaalummaan isa hin
dursine. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo hundaa wantoota hundaa
kan beekudha. Wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti dhufu hunda ni
beeka.
Al-Khabiir- keessa wantootaa kan beekudha. Rabbiin subhaanahu
wantoota dhokatanii fi ilmi namaa beeku hin dandeenye hunda beeka.
Fakkeenyaf namni tokko yaada sammuu nama biraa keessa jiru beeku hin
danda’u, namtichi ifa yoo hin godhin. Garuu Rabbiin wanta sammuun
yaaddu fi qalbii keessa jiru hunda beeka. Ni jedha:
وه ﴿وا قولكم أ سه
ٱوأ ههه جهروا هذاته ۥإهنه ۦ ب دوره ٱعلهيم ب ﴾١٣لص
"Haasawa keessan dhoksaa yookiin ifa baasaa, Inni (Rabbiin) beekaa
wanta qoma keessa jiruuti.
ل يعلم من خلق وهو ﴿يف ٱأ ﴾١٤لبهير ٱ للطه
“Inni kan uume hin beeku sila? Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir." Suuratu
Al-Mulk 67:13-14
1 Madda olii fuula 288
74
Sagalee keessan gadi qabdanii ykn olkaastanii dubbattanii wanti Isarraa
dhokatu tokkollee hin jiru. Wanti dhoksaa fi ifa bahe Isa biratti wal-qixa
waan ta'eef. Rabbiin wanta qoma (laphee) keessa jiru ni beeka. Kana
jechuun niyyaa, fedhii fi yaada nama hunda ni beeka. Ergasii ragaa
sammuun itti yaadu danda'an ni dhiyeesse. "Inni kan uume hin beeku
sila?" kana jechuun sila Khaaliqni uumamtoota Isaa hin beekuu?
Uumamtoonni keessa ofiitu kan hin beekne ta’uu danda’u. Garuu Uumaan
akkamitti isaan wallaalaa? Hidda dhiigaa qaama keeti hunda kan uume,
qalbii, qoma, sammuu fi kutaalee qaama kee hunda kan uumee Isa. Inni akka
hargantu waan si dandesiseef ni harganta, kutaaleen qaama keetii akka
hojjatan kan taasise Isa. Kanaafu, akkamitti wanti dhoksitan, ifa baastanii fi
qoma keessan keessa jiru Isarraa dhokataa? Kana waliinu, “Inni Al-Laxiif,
Al-Khabiir” dha. Hiika Al-Laxiif keessaa tokko, wantoonni hanga fedhan
haa xiqqaatan ykn haa haphatan, wanta hundaa kan beekudha. Xiqqeenya
irraa kan ka’e, wantoonni ija namaatin hin mul’anne baay’etu jiru. Wantoota
kanniin hunda Rabbiin Guddaan ni beeka. Beekumsi Isaa wantoota hunda
dhaqqaba. “Al-Khabiir” jechuun immoo keesso fi iccitii wantoota hundaa
kan beekudha. Dhimma keessaa fi garmalee dhokate hunda beeka.1
4. Al-Khaaliq (Uumaa)
Wantoota hundaa kan uumee Rabbii tokkicha. Wantoonni naannoo
keenyatti arginu hundi gara Khaaliqaa (Uumaa) akeeku. “Ani mataa kootin
of uumuu hin danda’u. Uumaa na uumetu jira.” jechuun gara Gooftaa isaanii
akeeku. Dachii fi samiin akkanumatti of argamsiisu ykn uumu hin danda’an.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
1 Tafsiiru Sa’dii-fuula 1034, Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 14/623, Bidaa’u Tafsiir-ibn Al-
Qayyim 3/173 https://www.englishtafsir.com/Quran/67/index.html#sdfootnote21sym
75
“[Rabbiin] samiiwwan utubaa argitaniin malee uume. Akka [dachiin]
isiniin hin sochoonef gaarreen gadi dhaabbatoo dachii keessa kaa’e
(gadi dhaabe). Lubbu-qabeenyi hunda irraa ishii (dachii) keessa
facaase. Bishaanis samii irraa buufnee akaaku [biqiltoota] gaggaarii
hunda irraa ishii keessatti magarsine. Kuni uumama Rabbiiti.
Kanneen Isaa gadi jiran wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa.
Dhugumatti, miidha hojjattoonni jallinna ifa galaa keessa jiru.” Suuratu
Luqmaan 31:10-11
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samiwwan torba garmalee gurguddatan,
furdatanii fi babal’atan utubaa malee uume. Utubaa mul’atu hin qaban. Osoo
qabaatanii silaa utubaan kuni ni mul’ata. Samiwwan kunniin dandeetti
Rabbii qofaan iddoo isaanitti qabaman.1 Samii hangana guddattu Rabbiin
malee eenyutu uumuu fi qabuu danda’aa? Kuni Rabbiin jiraachu fi Tokkicha
fakkaataa hin qabne ta’uu ragaa agarsiisudha.
فلم ينظروا إهل ﴿ ﴾٦فوقهم كيف بنينها وزينها وما لها مهن فروج لسماءه ٱأ
“Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu, kan uraa (qaawwa) homaatuu
hin qabne akkamitti akka ijaarree fi miidhagsine hin ilaallee?” Suuratu Al-Qaaf 50:6
Hubannoo: Akkaatan Rabbiin subhaanahu wa ta’aala waa uumuu fi namni
wanta tokko itti uumuu gonkumaa wal hin fakkaatan. Rabbiin wanta tokko
uumuu yoo barbaade, “ta’i” jedhaan. Ergasii yoosu ta’ee argama. Garuu
ilmaan namaa wanta tokko hojjachuu yoo barbaadan dafqa itti xuruuratu,
meeshaa adda addaa fayyadamu, itti dadhabu. Rabbiin immoo kana
hundarraa qulqulluudha. Meeshaa wanta jedhamu hin fayyadamu, wanti
dadhabbi jedhamuus Isa hin tuqu. Kanaafu, Rabbiin olta’aan wantoota
hundaa haala adda ta’een uuma. Kanaafi, irra deddeebinee aaya tana
yaadachu qabna.
وهو ۦليس كمهثلههه ﴿ ء ير ٱ لسمهيع ٱش ﴾لصه
1 Taysiral Kariimil Rahmaani fii tafsiiri kalaamil Mannaani- Abdurrahman
Sa'dii-fuula 760
76
“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni dhagahaa, argaadha.”
Suuratu Shuura 42:11
Akkaataa Rabbiin wanta tokko hojjatu fi uumuu akkaataa uumamtoonni
ittiin hojjataniin wal fakkeessu hin qabnu.
دة إهن ﴿ ير لل ٱما خلقكم ول بعثكم إهل كنفس وحه ﴾٢٨سمهيع بصه
“Uumamni keessanii fi kaafamni keessan akka nafsee (lubbuu)
takkatti malee homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin dhagahaa,
argaadha.” Suuratu Luqmaan 31:28
Namoota dhaloota jalqabaa irraa kaase hanga dhaloota dhumaatti uumuu fi
kaasun Rabbiin biratti akka lubbuu takkatti uumu fi kaasuti. Sababni isaas,
Rabbiin wantoota hunda irratti danda’aadha, wanti Isa dadhabsiisu
tokkollee hin jiru. Dabalataan hojiin Isaa hojii ilma namaatin wal hin
fakkaatu.
5. Al-Qadiir (Danda’aa)
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hunda irratti danda’aadha. Wanta
tokko hojjachuu yoo fedhe, fedhii Isaa wanti jalaa kuffisu hin jiru.
Dandeettin Isaa dandeetti uumamtootatiin wal hin fakkaatu. Gariin
uumamtootaa wanta tokko hojjachuu irratti dandeetti qabu, garuu wanta
biraa irratti dandeetti dhabuu. Garuu Rabbiin olta’aan wantoota hundaa
irratti danda’aadha. Dandeettin isaanii gufuwwan baay’een kan
marfameedha. Garuu dandeetti Rabbii fuundura gufuun dhaabbatu tokkollee
hin jiru. Mee Qur’aana irraa aayaataa (keeyyatoota) muraasa gara dandeetti
Rabbii akeekan haa ilaallu:
و تبدوه يعلمه ﴿ ٱقل إهن تفوا ما فه صدورهكم أ ته ٱويعلم ما فه لل لسمو
رضه ٱوما فه ير لل ٱو ل ء قده ه ش
ك ﴾٢٩عل
Jedhi, “Yoo wanta qoma keessan keessa jiru dhoksitan yookiin ifa
baastan, Rabbiin wanta san ni beeka. Wanta samiwwan keessa jiru fi
77
wanta dachii keessa jirus ni beeka. Rabbiin wanta hundaa irratti
danda’aadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:29
Aaya tanaa ilaalchise ibn Kasiir ni jedha: “Rabbiin olta’aan iccitiwwaan
hundaa, sammuu keessatti wanta dhokatee hundaa fi wanta ifa bahe hunda
akka beeku gabrootta Isaatti beeksisa. Wanta dhokataan gonkumaa Isarraa
hin dhokatu. Beekumsi Isaa haala, battala fi yeroo hunda keessatti isaan kan
marseedha. Akkasumas, beekumsi Isaa wantoota samii fi dachii keessa jiran
kan marseedha. Wanti hanga firii xaafi gahuu ykn isaa gadi jiru dachii fi
galaana keessatti Rabbiin irraa hin dhokatu. Inni “wanta hundaa irratti
Danda’aadha”. Kana jechuun dandeettin Isaa wantoota kana hunda keessa
ni lixa.
Kuni gabroottan Isaa akka Isa sodaataniif labsii Isarra ta’eedha. Wanta Inni
dhoowwe fi isaanirraa [arguu] jibbu akka itti hin tarree isaanitti beeksisa.
Sababni isaas, Inni dhimmoota isaanii hunda Kan beekudha. Adabbii isaanii
ariifachiisu irratti danda’aadha. Nama tursiisu yoo tursiise, yeroo kennaaf.
Ergasii qabaa cimaa jalaa miliquu hin dandeenye qaba. Kanaafi, itti aanse
akkana jedhe,
ا وما عمهلت مهن سوء تود لو ﴿ ض يوم تهد ك نفس ما عمهلت مهن خير م ن بينها وبينه
مدا ب ۥأ
ا أ ﴾عهيد
“Guyyaa lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjatte fi hamtuu irraa
waan hojjatte [ishii fuunduratti] dhiyaatee argitu [yaadadhu]; jidduu
isheeti fi jidduu isaa (hamtuu) fageenyi dheeraan osoo jiraate jaallatti.”
Suuratu Aali-Imraan 3:30
Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa nama hunda fuunduratti wanti gaarii fi
badaan inni hojjate hundi ni dhiyeefama. Namni waan gaarii hojjatee
dabarse ni gammada. Kan waan badaa hojjatee dabarsee immoo dallansuu
fi gaabbin isaaf ta’a. Osoo isaa fi wanta badaa hojjate jidduu fageenyi
dheeran jiraate hawwa.1
1 Tafsiir ibn Kasiir- jiildi 2 fuula 31
78
ن ﴿و لم يروا أ
ته ٱخلق لهيٱ لل ٱأ رض ٱو لسمو
ر ل هقده لقهههن ب ولم يع به
ن يـهى أ ٱعل ير ۥبل إهنه لموت ء قده ه ش
ك ﴾٣٣عل
“Rabbiin Kan samii fi dachii uume, isaan uumuu keessatti kan hin
dadhabin du’aa jiraachisuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee
sila? Eeyyen! Dhugumatti, Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.”
suuratu Al-Ahqaaf 46:33
Kuni du’aan booda deebifamuu (kaafamu) ragaa Rabbiin dhiyeessudha.
Rabbiin irratti du’aan booda namoota kaasun wanta ulfaatu miti. Samii fi
dachii garmalee guddatanii fi bal’atan Kan uumee akkamitti du’aa kaasu
dadhabaa? Wanta guddaa hojjatu kan danda’u, wanta xiqqaa hojjachuun
akkamitti Isa dhibaa? “Dhugumatti, Inni waan hundaa irratti
Danda’aadha.” Kanaafu, Rabbiin wanta hundaa hojjachuu fi uumuu irratti
danda’aa ta’e, namoota du’an guyyaa Qiyaamaa kaasun Isa hin dhibuu
jechuudha.
Hubannoo: Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa akka ta’ee barree fi
amanne jirra. Dandeettin Isaa dandeetti uumamtootaatin gonkumaa wal hin
fakkaatu. Dandeettin Isaa guutuu fi wantoota jiran hundaan kan wal
qabatuudha. Gargaarsa wayitu hin barbaadu. Garuu dandeettiin ilma namaa
daangefamaa, hir’inna kan qabuu fi gargaarsa alaa kan barbaadudha.
Rabbiin wantoota hunda irratti danda’aa akka ta’e yoo beekne, Isarratti akka
hirkannuu fi Isaan ala wanta biraa akka hin sodaanne nu taasisa. Sababni
isaas, sammuu namaa kan harkaa qabuu fi akka fedhetti dhimmoota jijjiruu
Kan danda’u Isa malee hin jiru. Nu nyaachisuu fi obaasu, wanta gaarii nuuf
fiduu fi wanta badaa nurraa deebisu Kan danda’u Rabbiin malee hin jiru.
Kana beeku fi hojii irra oolchun goota nama taasisa. Akkasumas, Rabbiin
akka sodaannu nu taasisa. Yommuu badii hojjachuuf yaannu, Rabbiin badii
saniif yoosu nu qabuu fi adabuu akka danda’u yoo beekne, badii hojjachuu
irraa duubatti deebina.
79
6. Ash-Shahiid (Ragaa Bahaa)
Maqaalee gaggaarii Rabbii keessaa tokko Ash-Shahiid. Ash-Shahiid
jechuun wantoota hundaa irratti ragaa kan bahu, kan arguu, kan beeku fi
homtuu Isarraa kan hin dhokanneedha. Maqaan kuni kan nutti agarsiisu,
wanti ija namaatti hin mul’anne, Rabbitti ni mul’ata. Dachii fi samii
keessatti wanti Isa jalaa dhokatuu fi miliquu waan hin jirreef.1
Shahaadan (ragaa bahuun) sadarkaalee afur qaba. Isaanis:
1. Beekumsa fi baruu- wanta ragaa irratti bahan beeku fi dhugaa ta’uu isaa
mirkaneessu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundaa waan beekuf
wanta hundaa irratti ragaa baha.
2. Sadarkaan 2ffaa shahaada- wanta beeke san dubbachuu. Namoota
birootti osoo beeksisu baateyyu nafsee ofii keessatti wanta argee fi beeke
ni dubbata.
3.Wanta ragaa bahee ykn argee namoota birootti beeksisuu, ifa baasu fi
ibsuudha. Kuni gosa lama qaba. Gochaan beeksisuu fi dubbiin beeksisu.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jiraachu fi Tokkicha ta’uu Isaa gochaa fi
dubbiin beeksisee jira. Gochaan yommuu jennu hojii hojjatuun. Samii,
dachii fi wantoota isaan keessa jiran uumun, qindeessu fi too’achuun
gochaan agarsiise fi beeksise jira. Kuni jiraachu fi Tokkicha ta’uu Isaa
wanta ragaa bahuudha. 2ffaa Kitaabban buusun dubbiidhaan ilma namaatti
beeksise jira.
4. Itti ajajuu fi hojii irra akka oolchan taasisu- Rabbiin Tokkicha ta’uu fi
Isa malee gabbaramaan dhugaa akka hin jirree ragaa bahee jira.
Akkasumas, ilma namaatti beeksisee jira. Wanta beeksisee kana hojii irra
akka oolchan itti ajaja. Kana jechuun Isa qofa akka gabbaran ni ajaja,
wanta biraa gabbaruu irraa ni dhoowwa.2
Rabbiin subhaanahu wantoota hundaa irratti ragaa baha. Rabbiin ni jedha:
1 Sharih ibn Al-Qayyiim li asmaa'il husnaa -fuula 46, 118, In The
Company of God– fuula 157 2 Bidaa’u Tafsiir-1/217-220, Imaamu ibn Al-Qayyim
80
هما لل ٱيوم يبعثهم ﴿ هئهم ب ا فينب ه جهيع حصى أ لل ٱونسوه و لل ٱعمهلوا عل
ء شههيد ه ش ﴾٦ك
"Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti
himu [yaadadhu]. Isaan kan dagatan ta’anii Rabbiin beekee
galmeesseera. Rabbiin waan hundaa irratti ragaa bahaadha.” Suuratu
Al-Mujaadilah:6
Rabbiin Ash-Shahiid (wantoota hunda irratti ragaa kan bahu) ta’uu yoo
amanne, hojii gaarii akka hojjannuu fi hojii badaa irraa akka of qusannu nu
taasisa. Hojiin gaariin keenya Rabbiin biratti kan hin banne ta’uu abdachuun
hojii gaarii dabalataa hojjachuuf ni carraaqna.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
مهنه مهن قرءان ول تعملون مهن عمل إهل ﴿ ن وما تتلواوما تكون فه شأ
هثقاله ذرة فه هك مهن م كنا عليكم شهودا إهذ تفهيضون فهيهه وما يعزب عن رب رضه ٱ
صغر مهن لسماءه ٱول فه ل
بهي ول أ كب إهل فه كهتب م
هك ول أ ل ﴾٦١ذ
"Haala kamillee keessatti hin taatu, Qur’aana irraas hin dubbiftu,
dalagaa irraa waan tokkos hin hojjattan, yeroo isin isatti seentan, Nuti
isin irratti ragaa kan taanu yoo ta’e malee. Wanti hanga atomii dachii
keessattis ta’ee, samii keessatti Rabbii kee jalaa hin miliqu (hin
dhokatu). Wanti san irra xiqqaas ta’ee guddaan kitaaba addeessaa ta’e
keessatti jiraatu malee hin hafu.” Suuratu Yuunus 10:61
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sochii fi taa’umsaa gabrootaa keessatti
haala isaanii hunda akka arguu, beeku fi ragaa irratti bahuu ni beeksisa.
Dhimma amantis ta’i addunyaa, “Haala kamillee keessatti hin taatu”
Rabbiin kan ragaa irratti bahuu ykn arguu yoo ta’e malee. Haala kamiyyuu
keessatti yoo taate, Inni si arga. Qur’aana irraas hanga ta’e hin qaraatu
81
Rabbiin kan irratti ragaa bahu yoo ta’ee malee. Wanta Qur’aana irraa
hamma ta’e qaraatu Rabbiin ni arga, ni beeka. Hojii irraa guddaas ta’i
xiqqaas, gaariis ta’ii badaa yommuu hojjachuu jalqabdaani fi itti fuftan,
Rabbiin hojii san irratti ragaa bahaadha. Kana jechuun ni ilaala, ni beeka.
Kanaafu, hojiiwwaan keessan keessatti Rabbiin ofirratti eegaa. Wanta
Rabbiin jibbuu isin irraa arguu irraa of eeggadhaa. Inni isin kan arguu fi
keessaa fi ala keessan kan beeku waan ta’eef.1
Namni maqaalee fi sifaataa Rabbii (subhaanahu) caalatti beeku barbaade
kitaaba: “Ibsa Maqaalee fi sifaata Rabbii” dubbisuu danda’a.
1 Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–422,
Abdurahmaan Naasir Sa’dii- Daarus salaam
82
Rabbii olta’aatti amanuun waa of afur of
keessatti qabata:
Rabbiin jiraachuutti amanuu
Gooftummaa Rabbiitti Amanuu
Tokkichummaan kan gabbaramu
Rabbiin qofa akka ta’e amanuu
Maqaalee fi sifaata (amaloota) Rabbiitti
amanuu
Gooftummaa Rabbiitti amanuu jechuun kan
wanta hundee uume, jiraachisuu, ajjeessu,
eegu, too’atu, Rabbiin qofa akka ta’e
amanuudha.
Tokkichumaan kan gabbaramu Rabbiin qofa
akka ta’e amanuu jechuun ibaadan (gadi of
qabuun, kadhaan (du’aayin), wareegni, silatin,
saganni (salaanni), soomni,…) Rabbi qofaaf
malee homaafu akka hin taane amanuudha.
Guduunfaa
83
Hundee Iimaanaa 2ffaa: Malaykotatti Amanuu (Al-Imaanu bil Malaa’ikati (Malaaykotatti Amanuu)
Malaaykonni uumamtoota geeybii irraa ta’anii fi Rabbiin yeroo hundaa
gabbaraniidha. Malaykoonni ija keenya irraa dhokatoo kan ta'anii fi samii
keessa kan jiraataniidha. Isaan amala gooftummaa fi gabbarummaa hin
qaban. Kana jechuun, Gooftaa waa hundaa uumuu fi Ilaah (gabbaramaa)
ta’uu hin danda’an. Rabbiin nuura (ifa) irraa isaan uume. Dandeetti ajaja
Isaatiif masakamuu fi hojii irra oolchu kenneef. Wanta Rabbiin itti ajaje
hunda ni hojjatu, hojii irra ni oolchu. Isa gonkumaa hin faallessan. Rabbiin
ni jedha:
ته ٱمن فه ۥول ﴿ ٱو لسمو رضهههه ۥومن عهنده ل ون عن عهبادت ۦل يستكبه
ون ﴾١٩ول يستحسه
“Samiiwwanii fi dachii keessa kan jiru hundi kan Isaati. Kanneen Isa
bira jiran (Malaykoonni) Isa gabbaruu irraa hin boonan, hin
hifataniis.
هحون ﴿ ون لنهار ٱو لل ٱيسب ﴾٢٠ل يفت
“Halkanii guyyaas [Rabbiin] qulqulleessu, hin boqataniis.” Suuratu Al-
Anbiyaa 21:19-20
Malaykootatti amanuun hundee iimaanaa keessaa isa tokkoodha.
Malaaykotatti amanuu jechuun isaan jiraachu, hojii isaan hojjatanii fi
amaloota isaanii dhugoomsu fi shakkii tokko malee itti amanuudha.
'Namni malaaykonni hin jiran' jechuun morme, kaafira ta’a. Rabbiin
akkana jedhee waan jiruuf:
ه ﴿ ئهكتههه لله ٱومن يكفر ب ره ٱ لومه ٱو ۦورسلههه ۦوكتبههه ۦومل ﴾ضلل بعهيدا ل فقد ض لأخه
“Namni Rabbitti, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota
Isaatti fi Guyyaa Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo
jallatee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:136
84
Waa’ee Malaykoota beeksisuu fi Isaanitti amanuu keessa
ogummaa (hikmaa) jiru
Rabbiin hikmaa (ogummaa) Isaatiin ilmaan namaatif Ergamtoota
(Rusuloota) sanyii isaanii irraa ta’an addunyaa fi Aakhiraan isaanii akka
toltuuf erge. Ergamtoota ilma namaa irraa ta’anii fi Rabbiin jidduu
Malaykoota ergaa geessan godhe. Malaykoonni kunniin Ergaa, seeraa fi
danbii ittiin bulmaata hunda Rabbiin irraa fuudhun gara Ergamtootaatti
geessu. Ergamtoonnis ergaa kana ilma namaatti geessu. Rabbiin subhaanahu
wa ta'aala ni jedha:
هل ﴿ ئهكة ٱينز ه لمل وحه ٱب ه لر مرهه
ه ۦمهن أ من يشاء مهن عهبادهه نه ۦ عل
روا أ نذه
ن أ
ۥأ
نا ف ﴾٢تقونه ٱل إهله إهل أ
“'Ana malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree akeekachiisaa,
kanaafu Anuma sodaadhaa.'[jechuun] Malaykoota wahyii waliin ajaja
Isaatiin gabroota Isaa keessaa nama fedhe irratti buusa.” Suuratu An-
Nahl 16:2
Ergaa fi beeksisa gara Ergamtootaatti akka geessan Rabbiin malaaykota ni
erga. Hundee fi handhuurri ergaa “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan
kan gabbaramu hin jiru)” kan jedhuudha.
Kanaafu, namni tokko Malaykootatti yoo hin amaniin, “ergaa Rabbiin irraa
fuudhun gara Ergamtootaa kan geessu hin jiru” jechuun mormaa jiraa
jechuudha. Kuni immoo Rabbitti kafaruudha. Sababni isaas, ergaa kan
geessu yoo hin jiraatin ergaan hin jiru jechuudha. Kuni karaa biraatiin
Rabbiin ergaa homaatu ilma namaatti hin buusne jechuun mormuu fi
kijibsiisudha.
Malaaykootatti amanuun wantoota afur of keessaa qaba. Isaanis:
1ffaa: Malaaykonni jiraachutti amanuu
2ffaa: Maqaa isaanii kan beeknu kan akka Jibriili fi maqaa isaanii kan hin
beekne guutumatti itti amanuu. Malaykootatti amanuu jechuun akka
Gooftaa gabbaramuutti isaan ilaalu fi gabbaruu osoo hin ta’in, jiraachu,
85
malaaykootaa fi gabroottan Rabbii ta’uu isaanitti amanuudha. Akka
kiristaanotaa ykn namoota biroo “Yaa Qiddus Gabra’eel (Jibriil) na
gargaari, Qiddus Gabra’el yifawwusih (si haa fayyisu)…” jechuun gonkuma
malaykoota hin gabbarruu (hin waaqefannu). Gabra’eel, yoo Rabbiin isa hin
ajajin, eessaa dhufee isaan gargaaraa ykn fayyisaa? Rabbii tokkicha
kadhatuu dhiisanii maaliif malaaykaa waa’ee isaanii quba hin qabne
kadhatuu?
3ffaa: Sifaata (amaloota) isaanii irraa waan beeknutti amanuu. Amala akka
Jibriil. Ergamaan Rabbii (SAW) amala ykn uumama Jibriil irratti uumame
akka argan nutti beeksisu. Koola dhibba jaha bahaa fi dhiha dhokse qaba.
Malaaykaan ajaja Rabbiitiin gara boca dhiiraatti jijjiramuu danda’a.
Akkuma Jibriil yeroo Rabbiin gara Mariyam ergu gara dhiira wal-qixxaa’a
fi guutu ta’etti jijjirame. Akkasumas, yeroo gara Ergamaan Rabbii (SAW)
sahaabota isaanii waliin osoo ta’anuu itti dhufe, namtichi uffata adii
qulqulluu uffate, rifeensi isaa garmalee gurraacha ta’ee isaan fuunduratti
mul’ate. Mallattoon imalaa isarraa hin mul’atu, sahaaboota keessaa
eenyullee isa hin beeku. Dhumarratti, Ergamaa Rabbii (SAW) waliin
jilbifate taa’e. Ganaa isaa sarbaa irra gochuun waa’ee Islaama, iimaanaa,
ihsaanaa fi Guyyaa Qiyaamaa gaafate. Xumura irratti Ergamaan Rabbii
(SAW) akkana jedha: “Inni Jibriili. Amantii keessan isin barsiisuuf kan
dhufeedha.” Sahih Muslim 8 a
Haaluma kanaan, malaaykoonni Rabbiin gara Nabii Ibraahiimi fi Luux erge
suuraa dhiirotaatiin itti dhufan.
4ffaa: Hojiwwan isaanii keessaa hojiiwwan nuti beeknu kan ajaja Rabbiitin
malaykoonni hojjatanitti amanuu. Kan akka halkanii guyyaa Rabbiin faarsu,
hifannaa fi boqonnaa malee Isa gabbaruu fi kan biroo. Isaan keessaa
malaykoonni gariin hojii addaa qabaachu danda’u. Fakkeenyaf,
Jibriil wahyii irratti kan amiina ta’e (wahyii akka geessu amaanan kan itti
kenname)- ergaa Rabbiin irraa fuudhun gara Ergamtoota Isaatti osoo
homaa itti hin dabaliinii ykn hin hir’isin akkuma jirutti geessa.
86
Miikaa’iil- ajaja Rabbitiin rooba roobsu fi biqiltoota biqilchuu irratti kan
bakka buufame (wakkalame).
Israafil- yeroo Qiyaaman dhaabattuu fi namoonni awwaalcha keessaa
ka’an, xuruumba akka afuufu kan bakka buufame.
Malakal Mawt- yeroo du’aa ruuhi baasu ykn qabuu irratti kan bakka
buufame
Maalik- waardiya ibidda Jahannam kan ta’eedha.
Malaykoota hojii ilmaan Aadam eegu fi barreessu irratti bakka
buufaman. Nama hundaaf malaykoota lamatu jira. Tokko gara mirgaatin,
kan biraa immoo gara bitaatin.
Malaykoota nama du’e yommuu qabrii keessaa kaa’amu gaafi isa gaafachuu
irratti bakka buufaman. Malaykoonni lama dhufanii waa’ee Rabbii isaa,
amantii fi Nabiyyii isaa gaafatu.
Haqiiqaa fi Sifaata (Amaloota) Malaaykotaa Ergamaa Rabbii (SAW) irraa wanta nutti dhufee malee haqiiqaa (akkaataa
dhugaa) malaaykotaa beeku hin dandeenyu. Sababni isaas, malaaykonni
addunyaa geeybi (ijaan hin mul’anne) keessaa waan ta’aniif miirota
keenyan isaan dhaqqabu hin dandeenyu. Kanaafu, amantii keenyaf wanta
Qur’aanaa fi hadiisa sahiih ta’an keessatti dhufe irratti of daangeessuun nu
gaha. Sifaata (amaloota) malaaykota Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufan
keessaa muraasni isaanii kanneen armaan gaditi:
1-Malaykoonni nuur (ifa) irraa kanneen uumamaniidha. Aa’ishaan akka
gabaastetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Malaaykonni ifa
irraa uumaman, Jinnooni laboobaa ibiddaa aara hin qabne irraa
uumaman, Aadam immoo [Qur’aana keessatti] wanta isiniif ibsame
irraa uumame.” Sahih Muslim 2996
2-Malaykoonni nu waliin ta’uu danda’u garuu isaan hin agarru. Yeroo tokko
tokko Malaaykaan Jibriil ergaa Rabbiin irraa fuudhe gara Ergamaa Rabbitti
yommuu fidu namoonni Ergamaa Rabbii (SAW) waliin taa’an hin argan.
Aa’ishaa irraa akka gabaafametti, ishiin (Aa’ishaan) akkana jette,
“Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, “Kuni Jibriili, salaama sirratti qara’a
87
(nageenya si gaafata), Anis ni jedhe, “Isarrattis nageenyi fi rahmanni
Rabbii haa jiraatu.” Aa’ishaan itti dabaluun akkana jette, “Wanta nuti hin
argine Ergamaan Rabbii (SAW) ni argu.” Sahih al-Bukhari 6201
3-Malaaykonni wanta tokko fakkaachu fi boca namaatti jijjiramuu irratti
Rabbiin dandeetti kenneefi jira. Akkuma irrannatti jenne, Malaykaan Jibriil
dhiira bareedaa fi guutuu fakkaachun gara Mariyam dhufe. Akkasumas,
uffata adii uffachuu fi rifeensi isaa gurraacha mallattoon imalaa kan irratti
hin mul’anne ta’ee gara Ergamaa Rabbii (SAW) fi sahaaboota isaa dhufe.
4-Sifaata (amaloota) isaanii keessaa kan biroo dandeetti guddaa fi raajii ta’e
qabu- Qur’aanaa fi hadiisa keessatti Rabbiin malaaykotaaf dandeetti
ajaa’ibaa akka kenneef mirkanaa’e jira.
Isaan keessaa lakkoofsan xiqqaa haa ta’anii malee Arshii guddaa samii nu
olii caalu baadhatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
يومئهذ وا لسماء ٱ نشقته ٱو ﴿ ﴾١٦ههية فهه
“Samiinis ni baqaqxi, kanaafu, ishiin Guyyaa san laaftudha.
هك فوقهم يومئهذ ثمنهية لملك ٱو ﴿ هها ويحمهل عرش رب رجائ أ ﴾١٧عل
Malaykoonnis daangawwan ishii irratti ta’u. Arshii Gooftaa keetii
Guyyaa san [malaaykota] saddeetu gubbaa isaaniitti baadhata.”
Suuratu Al-Haaqqah 69:16-17
Ammas, isaan keessaa malaayka xuruumba afuufun wantoonni dachii fi
samii keessa jiran itti dhumantu jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala)
akkana jedha:
وره ٱونفهخ فه ﴿ ته ٱفه فصعهق من لص رضه ٱومن فه لسمو ٱإهل من شاء ل لل
هذا هم قهيام ينظرون خرى فإ ﴾٦٨ثم نفهخ فهيهه أ
“Xurumbaan ni afuufama. Warrii samiiwwan keessaatii fi warri dachii
keessa jiran hunduu ni dhumu, nama Rabbiin fedhe malee. Ergasii
88
yeroo lammataas ni afuufama, yeroma san isaan dhaabbatanii kan
ilaalan ta’u.” (Suuratu az-Zumar 39:68)
5-Sifaata (amaloota) malaykoota keessaa kan biraa malaaykonni kan wal
hin fuunee fi wal hin horreedha. Garuu gabroottan Rabbiiti. Kana jechuun
wal-hormaataf qunnamtii tokko osoo hin godhin warra Rabbiin uumedha.
Dhugumatti, Rabbiin kaafiroota malaaykoota dubartii godhan balaleefatee
jira. Dubbii kijibaa kanaaf Guyyaa Qiyaamaa akka gaafataman waadaa
galeefi jira. Rabbiin subhaanahu akkana jedha:
ئهكة ٱوجعلوا ﴿ شههدوا خلقهم ستكتب لرحمنٱهم عهبد لهين ٱ لمل
إهنثا أ
﴾١٩لون شهدتهم ويس
“Malaykoota gabroota Ar-Rahmaan ta’an dubara taasisan. Sila yeroo
isaan uumaman bira jiran moo? Ragaan isaanii ni galmaa’a, isaan ni
gaafatamus.” Suuratu Az-Zukruuf 43:19
89
FIRII MALAAYKOTATTI AMANUU
Malaaykotatti amanuu irraa firii argannu keessaa:
1-Guddinna, dandeetti fi angoo Rabbii beeku. Sababni isaas, guddinna
uumamtoota guddinna Uumaa agarsiisa.
2-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu malaaykota kanniin ilma namaa
akka eegan, hojii isaanii galmeessanii fi hojii biroo akka hojjatan ramadu,
ilma namaatif xiyyeefannoo fi kunuunsa akka kenne agarsiisa. Kanaafu,
Rabbii kana godheef galata galchuun ni barbaachisa.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa malaaykota ilma namaa karaa adda
addaatin akka eegan bakka buuse. Isaan keessaa inni guddaan kitaabban
sababa malaykaan ilma namaatti buusun qalbiin isaanii akka toltu
taasisudha. Ilmi namaa akkuma kitaaba Rabbiin irraa bu’e baratanii fi hojii
irra oolchan qalbii fi jireenyi isaanii guutuun tolti. Rabbiin ni jedha:
ها ﴿ ي أ هما فه لناس ٱي فاء ل هكم وشه هن رب دوره ٱقد جاءتكم موعهظة م لص
هلمؤمهنهي ى ورحة ل ﴾٥٧وهد
“Yaa ilmaan namaa,dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa
taatee,waan qoma keessa jiruf qoricha,mu’imintootaf (warroota
dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti
dhufte.”Suuraa Yuunus 10:57
“Asitti ‘gorsi’ Qur’aana- kan waan gaariitti nama ajaju waan badaa irraa
nama dhoorgu. Wanti qoma keessa jiru immoo wallaalummaa, shirkii,
shakkii, munaafiqummaa,fi kkf.
Eeggumsi lammataa Rabbiin ilma namaatiif taasise, eeggumsa qaamati.
Duraa duuban waan badaa irraa isa akka eegan malaaykota taasise. Wanta
Rabbiin dursee murteesse ykn katabe malee wanti badaan ilma namaa tuqu
hin jiru. “Jedhi, ‘Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homtu nu hin
muudatu.’” (suuratu Tawbah 51). Rabbiin ni jedha:
90
هن بيه يديهه ومهن خلفههه ۥل ﴿ هبت م مره ۥيفظونه ۦمعق ﴾لله ٱمهن أ
“Tokkoon tokkoon [namaatiif] malaaykota wal duraa duuban ta’anii
fuuldura isaatii fi duuba isaa irraan ajaja Rabbiitiin eegantu jiru.”
Suuratu Ar-Ra’d 13:11
Eeggumsi sadaffaan Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaatiif taasise,
eeggumsa hojii isaaniiti. Ilmi namaa halkanii guyyaa hojii tokko hojjachuuf
ni carraaqa. Keessattu, namni hojii gaarii Fuula Rabbii fi ganda Aakhirah
barbaaduf hojjatu, hojii isaa kana kan isaaf galmeessu yoo hin jiraatin abdii
kutuun hojjicha dhiisa. Rabbiin rahmataa fi adlii (haqummaa) Isaatiin hojiin
namni kamiyyuu hojjatu akka hin banne malaykoota hojii namni hojjatu
hunda galmeessan kaa’e. Qur’aana keessatti suurah lama keessatti kaafame
jira. Rabbiin ni jedha:
هيانه ٱإهذ يتلق ﴿ ماله ٱوعنه لمهيه ٱعنه لمتلق ه ما يلفهظ مهن قول إهل ١٧قعهيد لش يهه رقهيب عتهيد ﴾١٨لد
(17)-Mirgaa fi bitaa irra taa’anii yeroo fuutonni lamaan [jecha fi hojii]
fuudhan. (18)-Namni jecha homaatu hin dubbatu isa bira tiiksaa
[galmeessuf] qophaa’e yoo jiraate malee.” Suuratu Qaaf 50:17-18
Malaykaan tokko gara mirga namaatin taa’un hojii gaarii galmeessa.
Malaykaan biraa immoo gara bitaatin taa’un hojii badaa galmeessa.
Malaykoonni kunniin hanga du’aatti namarraa addaan hin bahan. Yeroo
hundaa itti gaafatamummaa isaanii kana bahuuf taa’anii eegu. Nama kana
yeroo hundaa waliin ta’u, isarraa adda hin bahan. Jecha dubbatuu fi hojii
namni hojjatu hunda galmeessuf yeroo hundaa kan qophaa’aniidha.
Akkuma Rabbiin jedhe:
“Dhoorgamaa! Guyyaa Murtii ni kijibsiiftu. Dhugumatti, isin irra
91
eegdotatu jira. Kabajamoo barreessitoota ta’an. Wanta isin hojjattan
hunda ni beeku.” Suuratu Al-Infixaar 82:9-12
Kana jechuun Guyyaan Murtii (Qiyaamaan) hin jirru jechuun mormitu ykn
itti hin amantan. Isin wanta hojjataa turtaniif osoo hin qoratamin gonkumaa
hin haftan. Kanaaf, Rabbiin malaykoota kabajamoo dubbii fi hojii keessan
galmeessan, hojii keessan hunda beekan kaa’ee jira. Hojii kana keessa hojiin
qalbii fi hojiin qaamaa ni seena. Hojii gaarii fi badaa, niyyaan kan tole fi hin
tollee sirritti addaan baasanii beeku. Wanti isiniif maluu malaykoota kanniin
kabajuutu isin irra jira.
Gabaabumatti, nama hundaafu malaaykonni lama hojii isaa eegan, ilaalanii
fi galmeessan bakka buufamanii jiru. Malaaykonni kunnin yeroo hundaa nu
waliin kan deemanii fi addaan hin baanedha. Garuu miira keenya irraa
dhokatoodha. Ijaan isaan arguu hin dandeenyu. Akkuma shari’aan Islaama
mirkaneesse malaaykonni lamaan nu waliin jiraachu ni amanna. Akkamitti
akka barreesan, maal fayyadamanii hojii fi dubbii keenya akka galmeessanii
fi galmeen isaan fayyadaman maal akka ta’e beekuuf hin qorannu. Sababni
isaas, kuni dhimma geeybi (miiran bira hin gahamne) waan ta’eef akkaataa
malaykoonni kana hojjatan nuti beeku hin dandeenyu. Kanaafu, malli nama
baasu waa’ee malaykootaa fi hojii isaanii ilaalchise odeefannoo Rabbiin
irraa dhufetti akkuma jiruun itti amanuudha.
Firiiwwan namni kanatti amanuun argatuu: 1-Hojii gaggaarii hojjachuutti fiigu- hojii gaggaarii hunda malaaykan
isaaf galmeessu akka jiru namni beeku, hojii gaggaarii hojjachutti fiiga.
Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa hojii gaggaarii hojjate galmee isaa
keessatti yommuu arguu garmalee gammaduun akkana jedha: “Kunoo
kitaaba kiyya dubbisaa. Ani qorannoo kiyya akka qunnamuu
mirkaneefadheen ture." (suuratu Al-Haaqqah 69:19-20) Kana jechuun
Guyyaa Qiyaamaa hojii hojjadhuuf nan qoratama jedhee dhugaan itti
amanaa ture. Kanaafu, Guyyaa kanaaf hojii gaarii hojjachuun of
qopheessaa turee.
92
2- Hojii badaa irraa dheessu- hojiin badaan inni hojjatu hundi galmee isaa
keessatti osoo inni quba hin qabaatin galmaa'a akka jiru namni beeku, hojii
badaa irraa dheessa. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa hojii badaan inni
hojjate hundi galmee isaa keessatti ni argata. Kanaafi, warri badii raawwatan
galmee malaaykonni isaaniif barreessaa turan yommuu argan akkana jedhu,
"Yaa badii keenya! Sila kuni kitaaba akkamii! Xiqqaas ta'i guddaas
hin dhiisne, hundaa walitti kan qabu yoo ta'e malee" (Suuratu Al-Kahf
18:49)
3-Yeroo gara ganda Aakhiratti godaanan malaaykonni nama gammachiisu-
Namni hojii gaggaarii yoo hojjatee fi hojii badaa irraa yoo dheesse,
malaaykota kabajaa fi isaaniin walitti hiriyyoomaa jiraa jechuudha. Sababa
kanaan, yeroo du'u malaaykonni haala kanaan isa gammachiisu:
“Dhugumatti, isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii, ergasii
gadi dhaabbatan, Malaaykonni isaan irratti bubbu’uun “Hin
sodaatinaa, hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen
gammadaa. Nuti jiruu duniyaa keessatti gargaartoota keessan turre;
Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (Jannata) keessa waan lubbuun
teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira.
Affeerraa Rabbii Araaramaa, Rahmata godhaa ta’ee irraayyi.” [isaaniin jedhu]”1 Suuratu Fussilat 41:30-32
1 “Dhugumatti namoonni Gooftaan keenya Allaah jedhanii ergasii shari’aa Isaa irratti gadi
dhaabbatan, yeroo du’aa malaykoonni isaan irratti bubbu’uun, “Du’aa fi wanta achi booda
jiru irraa hin sodaatinaa, dhimmoota addunyaa irraa wanta of duubatti dhiistaniif hin
gaddinaa. Jannata waadaa galamaa turtaniin gammadaa. Nuti jireenya addunyaa keessatti
gargaartota keessan turre. Ajaja Rabbiitiin isin sirreessaa fi eegaa turre. Akkuma kana
Aakhirattis isin waliin taana. Jannata keessa wanta nafseen teessan feetetu isiniif jira.
Wanti hawwitan hundi achi keessa isiniif jira. Kuni Gooftaa zanbii keessaniif araaramaa,
isiniif rahmata godhaa ta’ee irraa isiniif affeerraa ta’a.” jedhu. (T.Muyassar-480, Ma’ariju
tafakkuri-12/506)
93
Kitaabban wabii: Sharih Usuuli salaasa Fuula 90-92 Ibn Useymiin
Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula
257 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
Guduunfaa Malaaykootatti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:
1ffaa: Malaaykonni jiraachutti amanuu
2ffaa: Maqaa isaanii kan beeknu kan akka Jibriili fi
maqaa isaanii kan hin beekne dimshaashan itti amanuu.
3ffaa: Sifaata (amaloota) isaanii irraa waan beeknutti
amanuu. Amala akka Jibriil. Jibriil koola 600 akka qabu
nutti beeksifamee jira.
4ffaa: Hojiwwan isaanii keessaa hojiiwwan nuti beeknu
kan ajaja Rabbiitin malaykoonni hojjatanitti amanuu
94
Hundee Iimaanaa 3ffaa- Kitaabbanitti Amanuu Hundee iimaanaa keessaa sadaffaan kitaabban Rabbiin buusetti amanuudha.
Akka lugaatti “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha. Akka
shari’aatti immoo kitaaba jechuun Kalaama (Jecha) Rabbiin ilma namaatiif
rahmataa fi qajeelcha akka ta’uuf Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Sababa
kitaaba Rabbiin irraa bu’e kanaan ilmaan namaa sa’aada (gammachuu)
ganda lamaanii dhandhamu. Osoo Rabbiin kitaabban isaaniif buusu baate,
silaa hundii isaanitu dukkana keessatti kufanii hafu. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa kitaabban buusun akkamitti dukkana keessaa sababa
Ergamtootatiin akka baase akkana jechuun ilma namaatti beeksiisa.
ه لهيٱهو ﴿ ه عبده هل عل هن ۦ ينز خرهجكم م ه هنت ل لمته ٱءايت بي إهل لظ ٱ يم لل ٱوإن لن وره هكم لرءوف رحه ﴾٩ب
“Inni dukkana keessaa gara ifaatti akka isin baasuuf Aayaata ifa
ta’an gabricha Isaa irratti Kan buusudha. Dhugumatti, Rabbiin isiniif
mararfataa, rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:9
Isiniif mararfachuu fi rahmata Isaatirraa kan ka’e Rabbiin Ergamaa isiniif
erge. Ergamaa kanatti keeyyattoota (aayaata) ifa bahan buuse. Kanas kan
godheef dukkana wallaalummaa, kufrii, shirkii, fedhii lubbuu hordofuu,
yaadaa badaa fi kkf irraa gara ifa iimaanaa, beekumsaa, yaqiinaa akka
baataniifi. Kitaabni keeyyattoota baay’ee waan of keessatti qabatuuf ilma
namaatiif qajeelfamaa fi ifa jireenyaa ta’aa jechuudha.
Hundeewwan iimaana jahan tokko tokkorraa kan adda bahuu miti. Hundi
isaanitu kan wal qabataniidha. Rabbitti amanuun malaykootatti,
kitaabbanitti fi hundeewwan iimaana birootti amanutti nama waama.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:
95
ها ﴿ ي أ ه لهين ٱي ه لله ٱءامنوا ءامهنوا ب ه لهيٱ لكهتبه ٱو ۦورسوله رسوله ۦنزل عل
ه لهي ٱ لكهتبه ٱو نزل مهن قبل ومن يكفر بئهكتههه لله ٱأ
ۦورسلههه ۦوكتبههه ۦوملره ٱ لومه ٱو ﴾١٣٦ضلل بعهيدا ل فقد ض لأخه
“Yaa warra amantan! Rabbitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Ergamaa Isaa
irratti buusettii fi kitaaba san dura buusetti amanaa. Namni Rabbitti,
Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa
Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu
An-Nisaa 4:136
Kitaabban Rabbiin buusetti amanuun wantoota afur of keessaa qaba.1
Tokkoffaa: Kitaabban kunniin dhugaan ykn haqaan Rabbiin irraa buufamu
isaaniitti amanuu
Lamaffaa: Kitaabban maqaalee isaanii beeknutti amanuu. Isaan keessaa
Qur’aana, kan Nabii Muhammad (SAW) irratti buufame, Tawraat kan Nabii
Muusaa (AS) irratti buufame, Injiil kan Nabi Iisaa (AS) irratti buufame, fi
Zabuur kan Nabii Dawuudif kennametti amanu. Kanneen maqaa isaanii hin
beekne immoo walumaagalatti itti amanna. Kana jechuun Rabbiin irraa kan
bu’an ta’uu fi ilma namaatiif qajeelchaa fi ifa akka ta’an ni amanna.
Sadaffaa: Odeefannoo osoo hin jijjiraminii fi hin micciramiin haqaan
kitaabban kanniin keessatti dhufan dhugoomsu ykn dhugaan itti amanu. Kan
akka odeefannoo Qur’aana keessatti dhufanii fi odeefannoo haqaa kitaabban
duraanii osoo hin jijjiraminii dhufanitti amanu.
Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi haqa hin jijjiramne fi hin
micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu hundi wanta
Qur’aanni of keessaa qabu hundi dhugaa ta’uu isaatti amanu qaba. Rabbiin
ni jedha:
1 Sharih Usuuli salaasa Fuula 94-95 Ibn Useymiin
96
تهيهه ﴿ل ٱل يأ هن حكهيم حهيد ۦ مهن بيه يديهه ول مهن خلفههه لبطه ﴾٤٢تنزهيل م
“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii
Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42
Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun
beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi
murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta
beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii
Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu
irraa odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta
jedhamu itti hin dhufu.1 Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku
irraa waan bu’eefi.
﴾٢لعلهيمه ٱ لعزهيزه ٱ لله ٱمهن لكهتبه ٱتنزهيل ﴿
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e
irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2
Ammas, Qur’aanni waa isatti dabalamuu yookiin waa irraa hir’achuu irraa
kan eeggameedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
هكر ٱإهنا نن نزلنا ﴿ ﴾٩لحفهظون ۥوإنا ل ل
“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa
tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9
Afraffaa: Seera ykn murtiwwan kitaabban of keessaa qaban kan hin
shaaramne irratti hojjachuu, hikmaa (ogummaa) isaa hubannee dhiisne
murtiwwan kaniinitti gammaduu fi guutumatti harka kennu. Kitaabban
darban hundi Qur’aanan shaaramanii jiru. Rabbiin ni jedha:
نزلنا إهلك ﴿ه لكهتب ٱوأ ه ٱب هما بي يديهه مهن لق ا ل ق ه ﴾ومهيمهنا عليهه لكهتبه ٱمصد
“Kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa fi isa irrattis tiiksaa
ta’ee Qur’aana gara keetti haqaan buufneerra.” Suuratu Al-Maa’ida
5:48
1 al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa -fuula 320
97
“…Qur’aana haqaan gara keetti buufneerra” Kana jechuun Qur’aanni
Rabbiin irraa bu’uun isaa haqa. Akkasumas, wanti inni of keessaa qabu
hundi haqa. “Kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa…” kana
jechuun Qur’aanni odeefannoo kitaabban darban of keessaa qaban ni
mirkaneessa, odeefannoon isaanii kan haqa ta'e odeefannoo Qur’aanitiin
walitti gala. Akkasumas, kitaabban darban Qur’aanni akka bu’uu
beeksisanii turan. Kanaafu, Qur’aanni beeksisa isaanii kana ni dhugoomse
ykn ni mirkaneesse jechuudha. “…fi isa irrattis tiiksaa” kana jechuun
wanta haqaa fi ilma namaa fayyadan kitaabban darban of keessaa qaban
Qur’aannis san caalaa of keessatti dabaluun of keessaa qaba. Kitaabban san
keessaa wanta Qur’aanni haqa ta’uu isaa mirkaneesse haqa, wanti kijiba
ta’uu mirkaneesse kijiba. Sababni isaas, kitaabban akka Tawraat, Injiil
keessatti jijjiraa fi micciruun argamee jira. Kanaafu, wanti Qur’aanni
dhugaa ta’uu mirkaneesse dhugaadha, wanti sobaa ta’uu mirkaneesse soba.1
Hiikni biraa “wa muhayminan aleyh” jedhu “isa irratti kan murteessu”
ta’a. Kana jechuun Qur'aanni kitaabban darban irratti ni murteessa, wanta
shaaramu qabu ni shaara. Kanaafu, kanarratti hundaa’un murtiwwan
kitaabban darbanii irratti hojjachuun hin ta’u kan dhugaa ta’ee fi Qur’aanni
mirkaneesse malee.
Haajaa Ilmaan Namaa Kitaabbaniif Qaban2 Haajan ilmaan namaa kitaabbanitti qaban haajaa isaan nyaataa fi dhugaatiif
qaban caala. Sababni isaas, ruuhin ilma namaa tuni yeroo hundaa tasgabbii
fi nageenya barbaaddi. Qaamni immoo sakandi sakandiin nyaata hin
barbaadu. Kanaafu, tasgabbii fi nageenya ruuhin barbaaddu kennuufi kan
danda’u kitaaba Rabbiin irraa bu’eedha. Mee haajaa namoonni kitaabban
Rabbiin irraa bu’aniif qaban muraasa isaanii haa tarreessinu:
1ffaa- Kitaabni Rabbiin irraa gara Ergamaatti bu’e ummata Ergamaa
kanaatiif madda irraa baratanii fi haala ofii sirreessan ta’aaf. Yeroon hanga
1 Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii, fuula 257-258 2 al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 465-
468
98
fedhe haa darbu, ummanni Ergamaa kanaa hundeewwan amantii,
ka’uumsaa fi gahuumsaa isaa murteessuf gara kitaaba Ergamaa irratti
bu’eetti deebi’u. Wanta Rabbiin akka hojjatan itti ajaju fi wanta irraa
dhoowwu, amala gaggaarii itti kakaasu fi jajjabeessu beekuf gara kitaaba
deebi’u. Nama waan gaarii hojjateef mindaa jiruu fi nama waan badaa
hojjate adabbii isa eeggatu kitaabban keessatti argatu. Akkasumas,
rakkoolee jireenya keessatti nama muudatan füruu fi murtiwwaan adda
addaa baasuf gara kitaaba deebi’u. Keessumattu, Ergamaan yeroo fi
bakkaan kan isaan irraa fagaatu yoo ta’e gara kitaabaa deebi’un isaan irrati
dirqama ta’a.
2ffaa- Kitaabni Rabbiin irraa bu’ee wantoota namoonni irratti wal-dhaban
irratti murtii haqaa ta’aaf- wantoota namoonni irratti wal dhaban kan
murteessu Kitaaba Rabbiiti. Sababni isaas, kitaabni Rabbii jecha (Kalaama)
Isaati. Rabbiin immoo Abbaa Murtiiti. Kana ilaalchisee Rabbiin akkana
jedha:
دة فبعث لناس ٱ كن ﴿ مة وحهه ٱ لل ٱأ نزل ن لنبهي
رهين وأ هين ومنذه ه مبش
ه لكهتب ٱمعهم ه ٱب حكم بي لق ٱفهيما لناسه ٱله ﴾فهيهه ختلفوا
“Namoonni amantii tokkicha irra turan. Ergasii, Rabbiin nabiyyoota
gammachiiftotaa fi akeekachiiftota taasise erge. Wanta namoonni
keessatti wal dhaban ilaalchisee akka isaan jidduutti murteessuuf isaan
waliniis kitaaba haqaan buuse.” Suuratu Al-Baqarah 2:213
Rabbiin hundarra beekaa- namoonni yeroo jalqabaa dachii tana irratti wal
horan amanti tokko irra turan. Rabbiin qofa gabbaruu fi tokkichoomsu turan.
Ergasii, sababa fedhii lubbuu, wallaalummaa, dagachuu fi sheyxaanatiin
Rabbiin tokkichoomsu fi Isaaf ajajamuu keessatti gargar ta’an. Gariin
Rabbiin qofa gabbaruu itti fufan, gariin immoo Rabbiin gabbaruu dhiisanii
taabotaa fi wanta biraa gabbaruu jalqaban. Sababa kanaan Rabbiin
nabiyyoota qananii addunyaa fi Aakhiraatiin nama amanee fi hojii gaarii
hojjate gammachisan, adabbii nama kafaree fi badii hojjate akeekachiisan
isaanitti erge. Ergamtoota hunda waliin kitaaba gara haqaatti nama
99
qajeelchu buuse. Kitaabni kuni wantoota namoonni irratti wal-dhaban
keessatti abbaa murtii akka ta’uuf Rabbiin buuse. Hundee fi damee amantii
isaan keessatti waldhaban kitaabni ni murteessa. Haqni fi sobni kam akka
ta’e ifa baasa. Kanaafu, faaydan kitaabban Rabbiin irraa bu’anii keessaa
tokko wal mormii fi wal-dhabbii namootaa furuufi. Osoo kitaabni bu’uu
baate, silaa namni hunduu, “Karaa ani irra jiru qofatu sirriidha. Kan biraa
immoo jallataadha.” jechuun dukkana keessa jaanja’a.
3ffaa- Erga Ergamtoonni du’anii booda kitaabni Rabbiin irraa bu’e hundee
amantii, seerotaa fi kaayyoo isaa jallinna warra fedhii ofiitiin amantitti
taphatan irraa eega- Ergamaa boodaa kitaabni ummata isaa keessa
jiraachuun akka Ergamaan suni isaan keessa jiraachuti. Sababni isaas,
kitaabni kuni wanta Ergamaan ittiin ergame of keessaa kan qabuudha.
Ergamtoonni ilma namaa waan ta’aniif duuti nama kamittu dhuftu isaanittis
ni dhufti. Garuu hundeen, dameewwani, amalli gaarii fi seeronni amantii
isaan itti waamaa turan gonkumaa hin du’an. Osoo kitaabni haala itti fufaan
jiraachu baate, silaa akkuma isaan du’aniin amantii san keessatti jijjiramnii
fi wal dhabbiin baay’een ni uumama. Namoonni jallattoonni fi fedhii ofii
hordofan wanta amanti keessa hin jirre itti dabaluun, irraa haaqu fi Rabbiin
irratti kijibuun amantii balleessu. Sababa kanaaf, ilmaan namaatif kitaabni
seeraa guutuu fi haqa irratti hundaa’e kan jijjiramu irraa eeggame jiraachu
qaba. Kanafi, Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaa jijjiramuu fi micciiramuu
irraa ni eeggama. Akka ilmaan namaa irratti hujjah (ragaa) ta’uuf. Rabbiin
ni jedha:
هكر ٱإهنا نن نزلنا ﴿ ﴾٩لحفهظون ۥوإنا ل ل
“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa
tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9
100
.
.
Barbaachisummaa kitaabban Rabbii olta’aa irraa bu’anii:
Haajaan dhalli namaa kitaabban Rabbiin buusef qaban haajaa
isaan nyaataa fi dhugaatiif qaban caala. Sababni isaas, ruuhin
namaa tuni sakandii hunda keessatti tasgabbii fi nageenya
barbaaddi. Kana kan argattu immoo kitaaba Rabbiin buuse
keessatti.
Ergamtoonni erga darbanii booda kitaabban isaan irratti bu'an
ummata isaan booda dhufuuf madda qajeelinnaa fi barnootaa
ta'aaf.
Kitaabni amantiin akka hin jijjiramne eega. Ergamaa
boodaa kitaabni ummata isaa keessa jiraachuun akka
Ergamaan suni isaan keessa jiraachuti. Sababa kanaaf,
Qur'aanni namoota yeroo Nabii Muhammad (SAW) fi isa
booda dhufan irratti hujjah (ragaa) ta'a.
Kanaafu, namni ergaan Qur’aanaa gahe guyyaa Qiyaamaa
Nabiyyiin natti hin dhufne jedhee mormuu hin danda'u.
Sababni isaas, kitaabni Nabiyyicha irratti buufame isa bira
gahee jira.
Kitaabni wal dhabbii namoota jidduutti uumamu hiikun
daandii sirriitti isaan qajeelcha
101
Qur'aanatti Amanuu Akkuma kutaa darbee keessatti jenne kitaabbanitti amanuu jechuun Rabbiin
irraa haqaan bu’uu isaanii, ergaan kitaabban kanniin keessa jiru dhugaa akka
ta’ee itti amanuu fi hojii irra oolchudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an
yeroo ammaa kan jijjiramanii fi micciramaniidha. Kanaafu, kitaabni
tokkichi osoo hin jijjiramin hanga Guyyaa Dhumaa turu Qur’aanaa
jechuudha. Sababni isaas, kitaaba dhumaa Rabbiin buusedha. Ragaan kanaa
maal yoo jettan, karaa lamaan ilaalun ni danda’ama.
1ffaa-Aqliyy (sammuun)- Qur’aanni mu’ijizaa (raajii) ilmi namaa
kophattis ta’i walitti qabamanii fakkaata isaa fiduu hin dandeenyedha. Ilmi
namaa Qur’aana qopheessun waan hin danda’amneedha. Eenyullee wanta
akka Qur’aanaa seenaa keessatti fidu hin dandeenye. Fiduun ni danda’ama
jedhe namni yaadu yoo jiraate, “Wanta akka Qur’aanatti qara’amu fi
jechoonni isaa kan walitti galan mee fidi” jennaan. Fakkeenyaf, suuratu al-
baqaraa yoo ilaaltan, aayanni (keeyyanni) irra caalu qubee nunin (ن )
xumurama. Mee Suuraah (boqonnaa) Qur’aanaa tokko fuudhatii xumura
Aayaata (keeyyattoota) ilaalaa. Jechoonni xumuraa kan walitti galanii fi
yommuu dubbifaman kanneen mi’aawaniidha. Akkasumas, himoota
gaggabaabo erga bal'aa dabarsaniidha. Osoo ilmi namaa kan qopheessu ta’e
fakkaatan akka Qur’aanaa addunyaa irra ni jiraa? Kitaabni akka Qur'aanatti
sagalee bareedan qara'amuu fi guutun isaa sammutti qabatamuu ni jiraa?
Gonkuma ilmi namaa Qur’aana qopheessu hin danda’u. Kanaafu, Qur’aanni
Rabbii olta’e irraa kan bu’e jechuudha. Rabbiin ni jedha:
نس ٱ جتمعته ٱقل لئهنه ﴿ ن ٱو له همهثله هذا له توا بن يأ
أ تون لقرءانه ٱعل
ل يأ
همهثلههه ا ۦب عض ظههير ﴾٨٨ولو كن بعضهم له
Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu
irratti walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa
ta’aniyyuu, fakkaataa isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Isra 17:88
102
هثلههه ﴿ هن م هسورة م توا بنا فأ عبده هما نزلنا عل ٱو ۦوإن كنتم فه ريب م دعوا
هن دونه قهي إهن ك لله ٱشهداءكم م ﴾٢٣نتم صده
“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo
taatan, suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo
taatan, Rabbiin ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan
waamadhaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:23
Qur'aanni Jecha Rabbii olta’aa ta'uu wantoota agarsiisan keessaa kan biraa:
"Akkaataa seenaa namoota darbanii itti dhiyeessu"dha. Qur'aana yommuu
ilaallu wanta ajaa'ibaa namni hojjachuu hin dandeenye tokko ni agarra.
Kunis haalli seenaa itti dhiyeessu addaa fi qulqullinna ol'aanaa irra kan
gaheedha. Qur'aanni seenaa yommuu himu garmalee dheeressun nama hin
hifachiisu, garmalees hin gabaabsu. Wantoota hin barbaachisne keessaa
haaqun wanta namootaaf barnoota ta'u qofa dhiyeessa. Fkn, maqaa namoota
seenaa keessatti hirmaatanii hunda himuun oduu hin dheeressu. Maqaa
namoota barbaachiso ta'an qofa dubbata. Garuu maqaa namoota hin
dubbatinii immoo "namticha (rajul), qawm (namoota), dubartitti fi kan
biroo" jedhe dubbachuun maqaa wali galaatin isaan waama. Fkn, seenaa
Nabii Yuusuf keessatti, namoonni maqaa dhuunfaatin kaafaman namoota
muraasa. Kanneen hafan maqaa wali galaatiin (common noun) kaafaman.
Kuni kan agarsiisu, osoo Qur'aannni namaan kan barraa'u ta'e, silaa maqaan
namootaa fi wantoonni hin fayyanne isa keessa guutaa türe. Akkuma
beekkamu, namni yommuu seenaa barreesu, maqaa namootaa tarreessu fi
wantoota faaydi hin qabne itti dabaluun seenaa dheeressa. Mee haa ilaallu,
Qur'aanan ala kitaabban amanti biroo.
2ffaa-Naqliyy (dabarfamaan)- Qur’aanni Nabiyyanaa Muhammad (SAW)
irratti erga bu’ee karaa lamaan dabarfamuun as gahe. Innis, sammuu
keessatti haffazuu (qabachuu) fi meeshaa barreefamaa irratti barraa’un.
Haalli Qur’aanni dhaloota irraa dhalootatti itti darbu, shakkiin ykn jijjiran
wayii akka isa keessa hin seenne taasisa. Guutun isaa sammuu keessatti
qabatamuun jijjirraa irraa tiikfama. Osoo galmeen Qur’aanni irratti
103
galmaa’e akka jiruun addunyaa irraa bade, yeroma san Qur’aana
galmeessun ni danda’ama. Sababni isaas, Qur’aanni sammuu namoota
miliyoonatti lakkaawaman keessa jira. Qur’aanni jecha ilma namaa kan hin
taane ta’uu Rabbiin haala kanaan ibsa.
هقوله شاعهر قلهيل ما تؤمهنون ﴿ هقوله كههن قلهيل ما ٤١وما هو ب ول به ٤٢تذكرون هن رب ﴾٤٣لعلمهي ٱتنزهيل م
“Inni (Qur’aanni) jecha walaleessaatii mitii, xiqqoma qofa amantu.
Jecha raagaatiis miti, xiqqoma qofa gorfamtu.Gooftaa aalamaa
hundaa irraa kan buufameedha.” Al-Haaqqah 69:41-43
Qureeshonni yommuu Qur’aana raajii isaanitti ta’e kana Ergamaan Rabbii
(SAW) isaanitti fidu, “Kuni walaleessaadha (nama walaloo barreessudha),
kuni raagaadha” jechuun Ergamaa Rabbii arrabsuu jalqaban. Rabbiin jecha
badaa isaanii kana irraa Ergamaa Isaa ni qulqulleesse. Warroonni kunniin
osoo amananii fi gorfamanii silaa Ergamaa Rabbii (SAW) hin arrabsanii
turan. Qur’aanni Rabbiin irraa ta’uu osoo amananii fi akka gorsaatti
fudhatanii hordofanii, silaa wanta isaan fayyaduu fi miidhu ni beeku turan.
Kan irraa ka’uun, osoo haala Nabii Muhammad (SAW) ilaalanii, gara
amalaa fi akhlaaqa isaa osoo mil’atanii, silaa dhimma akka aduu ifu arguu
turan. Dhimmi kunis, Nabi Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu fi
wanti inni fide Rabbiin irraa kan buufame ta’uu ni hubatu. Qur’aanni kuni
jecha ilma namaa gonkumaa ta’uu hin danda’u. Kana irra, jecha Gooftaa
aalama hundaati. Kana jechuun Qur’aanni kuni Gooftaa wantootaa hundaa
uumee, kunuunsu, guddisuu, barsiisuu, too’atu, qindeessu fi bulchu irraa
kan buufameedha. Kunuunsa fi barsiisu Rabbiin ilma namaatiif godhe
keessaa tokko kitaaba isaaniif buusudha. Kitaaba kanaan dukkana
keessaa bahuun jireenyaa ifaa fi gammachuu gaggeessu.
Itti aanse Nabiyyiin Qur’aana ofirraa fuudhe fi jecha ofii itti dabaluun kan
hin dubbanne ta’uu haala kanaan ibsa:
104
“Osoo jechoota sobaa muraasa Nurratti dubbatee, silaa mirgaan isa
qabnaa turree. Ergasii hidda onnee isarraa kunnaa turre. Isin
keessaa namni isarraa dhoorgu tokkollee hin jiru.” Al-Haaqqah 69:44-47
Kana jechuun Nabii Muhammad (SAW) wanta Nuti hin jenne osoo jedhe,
Qur’aana keessa wanta hin jirre osoo itti dabalee yookiin irraa hir’isee,
“Silaa mirgaan isa qabnaa turree.” Akka warroonni Qur’aana ibsan
jedhanitti “mirgaan isa qabna” jechuun "humna cimaan isa qabna"
jechuudha. Sababni isaas, humni cimaan wantoota hundaa mirga keessa
jira. Osoo Nabiyyin wanta Rabbiin hin dubbanne dubbate, silaa Rabbiin
dubbii isaa hin mirkaneessu, adabbii cimaan isa qabaa ture. Ergasii hidda
onnee isarraa kuta. Hiddi onnee yoo cite namni ni du’aa jechuudha. “Isin
keessaa namni isarraa dhoorgu tokkollee hin jiru.” Kana jechuun osoo
Rabbiin isa balleesse ykn ajjeese, adabbii ofirraa deebisuu hin danda’u,
eenyullee adabbii Rabbii isarraa dhoorgu hin danda’u.1
(Wanti asirraa hubannu Nabiyyiin ykn namni biraa Qur’aana qopheessu ykn
ofirraa fuudhe dubbachuu hin danda’u. Osoo Qur’aana ofumaa qopheessee,
“kuni jecha Rabbiiti” jedhee, silaa Rabbiin haala armaan olitti ibse kanaan
adaba. Qur’aanni jecha Isaa waan ta’eef Nabiyyii mu’ijizaa garagaraatin ni
gargaare, namoota isa faalleessan ni salphise.)
1 Bidaa’u tafsiir 3/193, Ibn Qayyim, Tafsiir Sa’dii-1043-1044
105
“(48)Dhugumatti inni warra Rabbiin sodaataniif gorsa.
(49)Dhugumatti, isin keessaa kijibsiistoonni akka jiran Nuti ni
beekna. (50) Inni kaafiroota irratti gaabbiidha. (51)Dhugumatti Inni
dhugaa mirkanaa’adha. (52) Kanaafu, maqaa Gooftaa kee Guddaa
ta’e faarsi.” Al-Haaqqah 69:48-52
“Dhugumatti inni warra Rabbiin sodaataniif gorsa.” Kana jechuun
Qur’aanni warra Rabbiin sodaataniif gorsa ykn yaadannoodha. Namni
Rabbiin sodaatu Qur’aanan gorfama. Qur’aana keessatti wanta isa fayyadu
arguun ni hojjata, wanta isa miidhu irraa immoo ni fagaata. Maqaalee,
amaloota fi hojiwwan Rabbii Qur’aanan ni yaadata, kanaafu itti amana.
Wanta Rabbiin itti ajajee fi dhoowwe, mindaa Rabbiin warra hojii gaggaarii
hojjatanii fi adabbii warra badii hojjataniif qopheesse Qur’aanan yaadata.
Wanta nafsee isaa olkaasu fi qulqulleessu, wanta xureessu fi salphisuu
Qur’aanni isa yaadachiisa. Beekumsa addunyaa fi aakhirah, Jannataa fi
Jahannam, beekumsa keeyri fi sharrii Qur’aanni isa barsiisa. Dhugumatti
Qur’aanni gorsaa fi yaadannoo haqaati. Namoota hundarratti raga kan
ta’uudha, warroota Isa baratanii fi hojii irra oolchaniif faaydaa fi qajeelcha
ta’a.1
“Dhugumatti, isin keessaa kijibsiistoonni akka jiran Nuti ni beekna.”
Kana jechuun Qur’aana erga akkanatti ibsinee booda namoonni Qur’aanatti
hin amanne akka jiran ni beekna.2 Kuni akeekachisaa Rabbiin irraa warroota
Qur’aanatti hin amannee ykn kijibsiisaniif ta’eedha.Waan kijibsiisaniif
adabbii cimaan isaan adaba. “Inni (Qur’aanni) kaafiroota irratti
gaabbiidha.” Isaan Qur’aanatti amanuu fi hordofuu waan didaniif, wanta
Qur’aana keessatti waadaa galame yommuu argan garmalee gaabbu.
Sababni isaas, Qur’aanan hin qajeelfamne, ajaja isaatiif hin bulle. Mindaan
isaan jala darbe, adabbii cimaa irra gahan, sababoonni hundi isaanirraa
citan.3 “Osoo Qur’aana kijibsisuu baanne, silaa adabbiin kuni nu hin tuqu.
Yookiin Osoo Qur’aanatti amannee fi hordofne silaa adabbii jalaa ni
1 Bidaa’u tafsiir 3/193, Ibn Qayyim 2 Tafsiir ibn Kasiir-8/218 3 Tafsiiru Sa’dii-1044
106
baraaramna” jechuun Guyyaa Qiyaamaa garmalee gaabbu. Garuu gaabbin
isaan hin fayyadu. Ibidda erga seenanii booda akkana jedhu,
صحبه ﴿ أ و نعقهل ما كنا فه
﴾١٠لسعهيره ٱوقالوا لو كنا نسمع أ
“Osoo kan dhageenyu yookiin kan xinxallinu taanee, silaa warra
ibidda boba’aa keessaa hin taanu turre.” jedhan.” Suuratu Al-Mulk
(Tabaaraka) 67:10
Osoo Qur’aana dhageefatanii, itti xinxallanii, itti amananii fi hordofanii
silaa warra ibiddaa keessaa hin ta’an. Akeekachisaa fi waadaa Qur’aana
keessatti dhufe eenyullee akka hin shakkinee, “Dhugumatti Inni dhugaa
mirkanaa’adha” jedhe. Kana jechuun Qur’aanni haqa gadi dhaabbataa
shakkii wayitu hin qabneedha.1 Wanti Qur’aanni of keessaa qabu hundi
dhibbaan dhibbatti dhugaa ta’uun isaa kan mirkanaa’edha. Kanaafu,
Qur’aana guddaa fi haqa irratti hundaa’e kana Kan buuse Rabbii kee faarsi,
wanta Isaaf hin malle irraa qulqulleessi.
1 Tafsiiru Muyassar-568
107
Qur'aanni Akkamitti Buufamee? Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti
baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa
14 dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. Namoonni kana
ajaa’ibsifachuun Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila
akka amma arginu kanatti waraqaa irratti katabee buuse moo akkamitti
buufamee? In sha Allah mata duree kana jalatti akkaataa buufama
Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla. Asii gaditti waa'ee wahyii fi buufama
isaa ilaalla. Qur'aanni wahyii keessaa tokko waan ta'eef akkaataa buufama
isa hubachuun nama hin dhibu.
Wahyii jechuun maal jechuudhaa? Akka lugaa Arabiffaatti wahyiin hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa, wahyii
jechuun odeefannoo wayii dhoksaa fi ariitin (daddaffiin) namni tokko akka
beekuf sammuu ykn qalbii isaatti darbuudha. Fakkeenyaf sheyxaanni ilma
namaa jallisuuf oduu qalbii namaatti darba ykn itti hasaasa. Bifa dhokataa
fi aritiin, “Kuni gaariidha akkana godhi.” jechuun wanta badaatti nama
kakaasa.
Karaa biraatin wahyii jechuun beeksisa, odeefannoo fi ergaa Rabbiin
Ergamtoota Isaa keessaa qalbii Ergamaa tokkootti darbuudha. Beeksisni,
odefannoo fi ergaan kunniin murtii shari’aa, seenaa ummata darbee, wanta
gara fuunduraatti dhufu, amala gaarii, amala jibbamaa dhiisu qaban, haala
jireenya ilma namaa fi kan kana fakkaatan ta’uu danda’a. Qur’aanni kana
hunda waan qabateef wahyiidha. Wahyiin Qur'aana qofatti kan daangefamu
osoo hin ta'in hadiisota sahiihis kan of keessatti qabatuudha. Hadisoonni
sahiihin Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaafaman wahyiidha.
Wahyiin (وحي) ingiliffaan “Revelation” jedhama.
Garuu Rabbiin akkamitti ilma namaa keessaa nama fedhe dubbisaa?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala bifa sadiin ilma namaa keessaa nama fedhe
ykn filate akka dubbisu Qur’aana keessatti akkana jechuun nuuf hima:
108
همه ﴿ ن يكل جاب لل ٱ۞وما كن لهبش أ و مهن وراي حه
ل إهل وحيا أ و يرسه
أ
ههه بهإهذن حكهيم ۥما يشاء إهنه ۦرسول فيوحه ﴾٥١عله
“Wahyiin yookiin girdoo duubaan yookiin ergamaa ergee hayyama
Isaatiin waan fedhe itti buusun yoo ta’e malee Rabbiin isa dubbisuun
namaaf kan ta’uu miti. Dhugumatti, Inni Ol’aanaa Ogeessa.” Suuratu
Ash-Shuuraa 42:51
Kana jechuun bifa (karaa) sadiin malee bifa biraatin Rabbiin ilma namaa
hin dubbisu. Isaanis:
Karaa 1ffaa: Wahyiin- Rabbiin olta’aan wanta fedhe qalbii Ergamaa
irratti darbuun nama filate ykn Ergamaa Isaa dubbisa.
Karaa 2ffaa: Girdoo duuban Ergamaa Isaa dubbisuudha. Fakkeenyaf,
Rabbiin Nabii Muusatti dubbatee fi waame jira. Garuu Nabii Muusan
Rabbiin arguu hin dandeenye. Sababni isaa, ilmi namaa addunyaa tana
keessatti Rabbii olta’aa arguu hin danda’u.
Karaa 3ffaa: Rabbiin Ergamaa Isaatti ykn nama filatetti Malaaykaa
erguudha. Kana jechuun Malaaykan Rabbiin irraa ergaa fuudhun Ergamaa
Rabbiitti geessa. Fakkeenyaf, Malaaykan Jibriil (Gabra’eel) ergaa Rabbiin
irraa fuudhun Nabii Muhammad (SAW) itti geessa. Malaaykan kuni abbaa
iccitiiti; humna cimaa kan qabuu fi amanamaa kan ta’eedha. Amaloonni
lamaan kunniin (humni cimaa fi amanamummaan) ergaa geessuf amaloota
garmalee barbaachisoo ta’aniidha.
Sadarkaalee Wahyii Ergamaa Rabbitiif (SAW) ta’an1 Ergamaa Rabbitiif bifoonni fi sadarkaaleen adda addaa wahyiin (ergaan,
beeksisni, odeefannoon dhugaa Rabbiin irraa ittiin bu’uu) isaaf ta’ee jira.
Isaanis:
1 Taarikhu Nuzuulu al-Qur’aan al-Kariim– fuula 9-28, by Mahammad
Ra’afat Sa’iid
109
1ffaa-Abjuu dhugaa hirriba keessatti argu- kuni sadarkaa jalqabaa
wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) bu’uu jalqabeedha. Abjuun
Nabiyyiin argu hundii dhugaadha. Namoonni abjuu arguu danda’u. Tarii
abjuun isaanii dhugaa ta’u danda’a dhugaa ta’uu dhiisus danda’a. Garuu
abjuun Nabiyyoota dhugaadha. Sababni isaas, sheyxaanni qalbii
nabiyyootatti taphachu hin danda’u. Ijji Nabiyyoota ni rafti, garuu qalbiin
isaanii hin raftu. Wanti abjuun argan wanta dhugaan Rabbiin isaanitti buusu
fi borumta ykn gara fuunduraatti ta’uudha. Fakkeenyaf, Qur’aanni wanta
Nabii Ibraahimi fi ilma isaa Ismaa’il jiddutti adeemsifame haala kanaan
nuuf hima:
رى فه لسع ٱفلما بلغ معه ﴿ أ بن إهن ه ذبك ف لمنامه ٱقال ي
أ ن ه
ماذا نظر ٱأ
بته أ إهن شاء فعل ٱترى قال ي دنه ستجه هين ٱمهن لل ٱما تؤمر به ﴾١٠٢لص
Yommuu isa waliin deemu gahuu, [Ibraahim] ni jedhe “Yaa ilma koo!
Ani abjuu keessatti kan si gorra’u arge. Kanaafu, ilaali maal yaaddaa?”
Innis ni jedhe: “Yaa abbaa koo wanta ajajamte hojjadhu, yoo Rabbiin
fedhe warra obsan irraa ta’uu na argita.” Suuratu As-Saffaat 37:102
Ismaa’il yommuu abbaa isaa Ibraahim waliin deemu ykn fiigu irra gahe,
abbaan “Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gorra’un arge. Yaanni
kee maali?” jedhee gaafate. Abjuun Nabiyyoota wahyii Rabbiin irraa bu’e
waan ta’eef, hojii irra oolchun barbaachisaadha. Ismaa’el, “Wanta itti
ajajamte hojjadhu.” jechuun abbaaf yaada kenne.
Gara Nabi Muhammad (SAW) yommuu dhufnu immoo, banamiinsi
Makkaa abjuu Ergamaan Rabbii (SAW) argeen galma gahe. Rabbiin abjuu
isaa dhugaa taasiseef. Rabbiin ni jedha:
ه لر ءياٱ رسول لل ٱلقد صدق ﴿ ه ٱب د ٱلدخلن لق لل ٱإهن شاء لرام ٱ لمسجههقهي رءوسكم هين ل تافون ءامهنهي مل ه ﴾ومقص
110
“Rabbiin Ergamaa Isaatiif abjuu haqaan dhugaa taasisee jira. Yoo
Rabbiin fedhe nagayaan mataa keessan haadachaa, [gariinis]
gabaabsachaa, osoo hin sodaanne Masjiida kabajamaa [Makkaa] ni
seentu.” Suuratu Al-Fat’hi 48:27
Abjuun Ergamaan Rabbii (SAW) mataa haadachuun, akkasumas, namoonni
gariin rifeensa gabaabsunii fi osoo hin sodaanne Masjiida Kabajamaa
Makkaa seenu arge wahyii haqaa Rabbiin itti buuse fi ergasii dhugaa
taasisedha. Kuni sadarkaalee wahyii keessaa sadarkaa jalqabaa wahyiin
Ergamaa Rabbitiif dhugaa taasifameedha.
2ffaa- Ergamaan Rabbii (SAW) Malaayka suuraa irratti uumamen
argu- Kuni sadarkaa lamaffaa karaa wahyiin ittiin dhufuudha. Qur’aanni
si’a lama Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame
akka arge nuuf hima. 1ffaa Suuratu Najm Ayaata 1-11, 2ffaa suuratu Najm
armaan olii Aaayat 12-18
Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Jibriil irratti uumame kan argan yeroo
wahyiin (Qur’aanni) bu’uu jalqabe irratti. Haati mu’mintoota tan taate
Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) haala kanaan ibsiti:
"Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba
keessatti arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo
taate malee. Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti
kophaa bahuun gara maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti
Rabbiin gabbaraa ture. Kanaaf galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara
Khadiijaa deebi’uun akkuma duraa siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo
inni goda Hiraa keessa jiru Haqni tasa isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe].
Malaaykan dhufee akkana jedheen, “Iqra’a (dubbisi)” Ergamaan Rabbii
(SAW) ni jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergamaan Rabbii
itti fufuun ni jedhe, “Ergasii Malaaykan sirritti na qabuun hanga
dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure.” Ammas
Malaaykan ni jedhe, “Dubbisi!” Ani nan jedhe, “Akkamitti akka
dubbisan hin beeku.” Ergasii Malaaykan yeroo lammataaf sirritti na
qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure,
111
“Dubbisi!” naan jedhe. Anis nan jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin
beeku.” Ammas yeroo sadaffaaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu
gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na furee akkana jedhe, “Maqaa Rabbii
keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa
uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu]
barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)
San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo
qalbiin dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa
deebi’an. Ergasii ni jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa
deemu ni haguugan. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe,
"Yaa Khadiijaa! Rakkoon kiyya maalii? Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.”
Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami!
Abshir (gammadi), Rabbiin kakadhe! Rabbiin si hin salphisu. Rabbiin
kakadhe! Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), dhugaa dubbatta,
hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan
keessumeessita, warra balaan itti bu'e gargaarta.” Ergasi Khadijaan ilma
abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira Ergamaa Rabbii fidde.
Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW) ergamuun dura Kiristaana
ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila Arabiffaan barreessaa
ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture. Khadijaan “Yaa ilma
abbeeraa kiyyaa! Wanta ilmi obboleessa keeti jedhu dhagahi mee.” jetteen.
Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal argite?” Ergamaan
Rabbii (SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe, “Kuni [Malaayka
Jibriil] kan iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e. Maal qaba
ani osoo dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee biyyaa si
baasanii lubbuun jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Isaan
biyyaa na baasu?” Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati
fidde fide namoonni diina isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun
jiraadhe silaa deeggarsa cimaan si deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo
muraasan booda ni du’e. Wahyiniis yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu
dhiise.” Sahih al-Bukhari 3
Kuni yeroo jalqabaatif Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil suuraa
irratti uumame argan. Malaaykan Jibriil Qur’aana irraa aayata (keeyyata)
112
muraasa yeroo jalqabaatif Rabbiin irraa fuudhe gara Nabi Muhammad
(SAW) geesse.
Yeroo lammataa Nabiyyiin suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame halkan
Mi’raaja samii ol’aantu Sidratal Muntahaa biratti isa argan. Kuni sadarkaa
fi bifa 2ffaa wahyiin Rabbiin irra gara Nabiyyi bu’uudha. Innis Malaayka
Jibriil suuraa irratti uumameen arguuni.
3ffaa- Suuraa Namaatin Malaaykaa arguu – Malaaykan Jibriil nama
fakkaachun gara Ergamaa Rabbii (SAW) wahyii fide dhufa. Namoonni
naannawa san jiran Jibriilin ni argu, wanta inni jedhu ni dhagahu. Ragaan
kanaa hadiisa Umar bin al-Khaxxaab dabarseedha. Osoo sahaabonni
(hiriyoonni) Nabiyyi fi Nabiyyiin bakka tokko walitti qabamanii taa’anuu,
Jibriil suuraa nama hin beekkamneetin dhufe. Ergamaa Rabbii (SAW)
fuundura taa’un waa’ee Islaamaa, iimaanaa, ihsaanaa fi Guyyaa Qiyaamaa
gaafate. Ergamaan Rabbiis gaafiwwan Jibriil ni deebisaniif. Jibriilis
dhugaa dubbatte jechuun mirkaneesse. (Sahiih Musliim-8)
Malaaykan Jibriil akkuma suuraa namaatin gara Ergamaa Rabbii dhufu,
osoo nama hin fakkaatinii fi ijaan hin mul’atinis gara Nabiyyiitti dhufuun
wanta “itti geessi” jedhame itti geessa.
4ffaa: Akka qillisa bilbilaatin wahyiin Nabiyyiitti bu’uu Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akka
gabaastetti, Haaris ibn Hishaam akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW)
gaafate, “Yaa Ergamaa Rabbii! Wahyiin akkamitti sitti dhufaa?” Ergamaan
Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Yeroo tokko tokko akka qillisa bilbilaa natti
dhufa. Kuni hunda caalaa narratti ulfaatadha. Ergasii narraa cita;
wanta inni (malaykaan) jedhe nan qabadha. Yeroo garii immoo
Malaykaan namticha fakkaatee na dubbisa. Ergasii wanta inni jedhu
nan qabadha.” Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) ni jetti, dhugumatti wahyiin
guyyaa garmalee qorraa osoo isarratti bu’uu argee jira. Wahyiin erga
dhumate booda dafqii kallacha isaa irraa coccoba.” Sahih al-Bukhari 2,
Sahih al-Bukhari 3215
113
Asitti bilbila yommuu jedhu telefoona yeroo ammaa harkaa qabnu osoo hin
ta’in bilbila sibilaa qillisuudha. Fakkeenyaf, fardoota irraa bilbila qillisu ykn
bilbila yeroo durii mana barnootatti itti fayyadaman. Afaan Amaariffaatin
isa “dawul” jennuudha.
Hadiisa armaan olii Aaayatni Qur’aanaa ni deeggaru. Rabbiin (subhaanahu
wa ta’aalaa) ni jedha:
ه ۥوإنه ﴿ ههه ١٩٢لعلمهي ٱلنزهيل رب وح ٱنزل ب مهي ٱ لر كون ١٩٣ل بهك له
قل علرهين ٱمهن بهي ١٩٤لمنذه م هلهسان عربه ﴾١٩٥ب
“Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa addunyaa hundaati.
Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa
fide). Akka ati Akeekachisaa irraa taatuf qalbii kee irratti [fide]. Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een.” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195
Guduunfaa Barreefama armaan olii irraa akkaata Malaykaan Jibriil Nabiyyiitti
wahyii geessu haala kanaan guduunfa dandeenya:
1ffaa: Ergamaan Rabbii suuraa dhugaa Jibriil irratti uumame ni argu.
Kanaafu, wahyi isarraa ni dhageefatu.
2ffaa: Jibriil suuraa namaa fakkaachun itti dhufuun ergaa itti geessa.
Yeroo kanatti Ergamaan Rabbii fi namoonni naannawa san jiran
Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu.
3ffaa: Malaaykan Jibriil osoo ijaan hin mul’atin Ergamaa Rabbitti
wahyii Rabbiin irraa fida. Yeroo kanatti, Ergamaan Rabbii yommuu
wahyiin isatti bu’u akka sagalee qillisa bilbilaa isatti dhagahama.
Haalota wahyiin itti bu’u biroo caalaa haalli kuni isarratti ulfaatadha.
114
Akka yaadannotti osoo Ergamaan Rabbii (SAW) rafu Qur’aanni abjuudhaan
isarratti hin buune. Wanti abjuun isatti bu’e Qur’aanan ala wahyii biraati.
Fakkeenyaf, banamiinsa Makkaa fi wantoota gara fuunduraatti dhugaan
uumaman biroo abjuun argu. Garuu Qur’aanni osoo inni of beekee fi hirraba
irraa dammaqee jiruu isarratti bu’aa ture.
Haala armaan olii sadan kanaan Qur’aanni waggaa 23f dhawaata
dhawaatan, aayaa aayan (keeyyata keeyyataan), boqonna boqonnaan bu’aa
ture. Bu’iinsi kuni faaydaa baay’ee qaba. Isaan keessaa: suuta suutan
namoota barsiisuuf, karaa salphaan namoonni sammuu keessatti akka
qabatan (haffazaniif), qalbii Ergamaa Rabbii fi sahaabota isaa
tasgabbeessuf, warroota gaafi gaafataniif deebii hatamtamaa kennuu fi kkf.
Haala fi akkaata bu’iinsa Qur’aana hubanne jirraa jechuudha. Amma gaafin
ka’u kana fakkaata. (1)-Malaaykan Jibriil Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabi
Muhammad (SAW) erga fide booda Nabiyyiin hin dagatanii? Aayata fi
jechoota wal keessa hin dhayanii? (2)- Ergamaan Rabbii (SAW) barreessuu
fi dubbisuu hin danda’an. Kanaafu Qur’aanni akkamitti barreefaman hanga
ammaa as gahee? Deebii gaafilee kanniinii mata duree armaan gadi keessatti
ni ilaalla.
115
Akkaataa Qur’aanni Walitti Qabamee Qur'aanni kalaama (haasawa) Rabbii, Nabii Muhammad (SAW) irratti
buufame fi isa dubbisuun akka ibaadatti kan ilaallamuudha.
Qur’aana keessatti yeroo baay’ee maqaa Qur’aanaa agarsiisuuf jechoonni
lama irra deddebi’amanii mul’atu. Isaanis; Qur’aanaa fi Kitaaba. Lugaa
Arabiffaa keessatti "Qur’aanni" hiika “dubbisuu” qaba. Kuni kan agarsiisu
Qur’aanni qubeewwan walitti fiduun arrabaan dubbifamuu kan
danda’amuudha. Karaa biraatin "Kitaaba" jechuun immoo wanta galmaa’e
fi barraa’edha.1
Kanaafu, maqaaleen Qur’aanaa lamaan kunniin ergaa gurguddaa lama
dabarsuu jechuudha.
1ffaa: Jechi "Qur’aana" jedhu sammuutti qabatamuun (haffazamuun)
eeggamuu isaa kan agarsiisu yoo ta’u
2ffaa: Jechi "Kitaaba" jedhu immoo waraqaa ykn meeshaa barreefamaa
irratti galmaa’un tiikfamu isaa mul’isa.2
Kanaafu, Qur’aana keessatti tasa dogongorri yoo uumame, maddoota
lamaan kanniin keessaa tokkoon ni sirreeffama. Fakkeenyaf, namni tokko
suurah (boqonnaa) Qur’aanaa sammutti qabate osoo kitaaba hin ilaalin
dubbisuu yoo dogongore, kitaaba ilaalun sirreefachu danda’a. Ammas, osoo
Aayata ykn suurah Qur’aanaa waraqaa irratti print godhanuu ykn
barreessanu ykn Aplikeeshinii telefoona irratti yoo dogongoran, namni
Qur’aana guutuu sammutti qabate dogongora kana ni sirreessa. Qur’aanni
haala kanaan jijjiramu ykn irraa haaqamu ykn itti dabalamuu irraa hanga
Guyyaa Qiyaamatti ni eeggamaa jechuudha. Dhugumatti Rabbul Aalamiin
ni jedha:
هكر ٱن نزلنا إهنا ن ﴿ ﴾٩لحفهظون ۥوإنا ل ل
“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa
tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9
1 How to Approach and understand The Qur’an-Jamal Zarabozo-fuula 8 2 Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootiin- fuula 12
116
Kanaafu, qulqullinnaa fi tiikfamu Qur’aanaa ilaalchisee wanti nama
shakkisisuu hin jiru.
Akkuma beekkamu Qur’aanni addaan ciccituun yeroo adda addaa keessatti
buufamaa ture. Buufamee erga xumuramee booda Qur’aanni tartiiba isaa
eeggatee walitti qabame jira. Walitti qabamaa Qur’aanaa bakka lamatti
qoonne ilaalu dandeenya. Isaaniis: Qur’aana qomatti qabachuu fi
barreefamaan walitti qabuudha.
1. Qur’aanni Qomatti Haffazamu (Qabatamu) Qur’aanni qomatti haffazamu jechuun osoo homaa itti hin dabalinii fi hin
hir’isin Qur’aanni guutuun sammuu keessatti qabatamuudha. Adeemsi kuni
Ergamaa Rabbii (SAW) irraa kaase hanga ammaatti kan itti fufaa jiruudha.
Yommuu Jibriil Qur’aana dubbisu akka jalaa hin bannee fi qomatti
qabachuuf Ergamaan Rabbii (SAW) arraba isaanii Malaykaa Jibriil waliin
sochoosaa turan. Garuu Rabbiin adeemsa kana dhoowwun yommuu
Qur’aanni qara’amu (dubbifamu) akka cal’ise dhageefatu ajaje. Rabbiin
(subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
ٱ لملهك ٱ لل ٱفتعل ﴿ ه لق ن يقض إهلك لقرءانه ٱول تعجل بمهن قبله أ
ا ۥ وحيه ه زهدنه عهلم ﴾١١٤وقل رب
“Rabbiin Mootii Haqaa ta’e ol ta’eera. Osoo buufamni isaa gara kee
bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana [dubbisuutti] hin jarjarin.
‘Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali’ jedhi.” (Suuratu Xaahaa 20:114) Aaya tana keessatti Rabbiin azza wa jalla hanga Jibriil aayaata Qur’aanaa Isa irraa fide guutumatti dubbisee fixutti akka eegu Nabiyyi (SAW) barsiisa.
هك ﴿ ههه ل تر ههه ۦب عجل ب هسانك له ﴾١٧ۥوقرءانه ۥإهن علينا جعه ١٦ۦ ل
“Qur’aana [qabachuutti] ariifachuuf jecha arraba kee isa waliin hin
sochoosin. Dhugumatti, Qur’aana [qalbii kee keessatti] walitti qabuu
fi akka dubbistu gochuun Nurra jira.” (Suuratu Al-Qiyaamaa 75:16-17)
117
Hubachiisa: Qur'aana keessatti Rabbiin “Nuti, Nu” yommuu jedhu
“Guddinna fi kabaja” agarsiisufi malee baay’inna agarsiisufi miti. Arabiffa
keessatti of kabajuuf, “Nahnu (Nuti) ykn Innaa (dhugumatti nuti)” namni
tokko ni fayyadama. Fakkeenyaf barreessan kitaabaa, “mata-duree kana
jalatti nuti kana ibsinee jirra” jedhee yommuu barreessu ni argina. Rabbiin
“Nuti” jedhe fayyadamuun immoo wanta garmalee Isaaf maluu jechuudha.
Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabne fi waa hunda uumudha.
Gara mata-duree keenyatti yommuu deebinu, akkuma keeyyata armaan olii
irraa hubannutti Rabbiin Qur’aana guutu qalbii Nabi Muhammad (SAW)
keessatti akka walitti qabu itti gaafatamummaa fudhatee jira. Rabbiin wanta
hundaa irratti danda’aa waan ta’eef, keeyyata (aayaa) fi boqonnaa Qur’aana
yeroo adda addaatti bu’an qalbii Nabiyyii keessatti tartiiban walitti qabe.
Kanaafu, aayaa (keeyyata) Qur’aanaa boqonnaa (suurah) ishiif maltu
keessatti Rabbiin tartiiba qabsiise jira. Haala kanaan Nabiyyiin Qur’aana
guutuu qomatti qabatan (haffazan).
Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana irraa wanta isaanitti bu’e sahaabota
isaanii barsiisaa turaniiru. Sahaabonnis Qur’aana haffazanii (qomatti
qabatanii) jiru. Isaan keessaa Bukhaarin namoota torba sahiiha keessatti
tuqeera. Isaaniis: Mu’aaz bin Jabal, Ubay bin Ka’ab, Zayd bin Saabit,
Abdullah bin Mas’uud, Saalim bin Ma’aqil, Abuu Zayd bin Sakanii fi Abu-
dardaa fa’aadha.
Kana jechuun namoonni jireenya Nabiyyi keessatti Qur’aana haffazan
kanniin qofa jechuu miti. Garuu warreen Bukhaarin dubbate torban ykn
saddeettan kunniin warra Qur’aana qomatti qabatanii (haffazanii) Nabiyyiin
qaraati (dubbisa) isaanii isaaniif dhageefachuun beekkamaniidha. Namoota
kanniin ala Qur’aana irraa muraasa ykn guutuu isaa kan haffazan baay’etu
jiru.
2-Qur’aanni Barreefamaan Walitti Qabamuu Karaan lammataa Qur’aanni walitti qabamee karaa barreefamaatin.
Barreefamaan Qur’aana walitti qabuu iddoo saditti qoodanii ilaalun ni
danda’ama. Isaaniis:
118
1-Jireenya Nabii Muhammad (SAW) Keessatti Barreefamaan walitti
qabamuu- Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana (wahyii) Rabbiin irraa
isaanitti dhufu ofiin barreessu waan hin beekneef sahaabota irraa
barreessitoota gurguddoo kan akka Aliyyi, Mu’aawiyaa, Ubayy bin
Ka’abii fi Zayd bin Saabit fa’a ramaduun yeroo keeyyanni (aayan) wayii
buufamtu akka keeyyata san barreessan isaan ajaju turan. Iddoo ishiin itti
barreefamtu fi boqonnaa (suuraah) ishiin keessatti barreefamtus Nabiyyitu
barreessitootatti hima.1
Fakkeenyaf, Zayd bin Saabit Masjiida Ergamaa Rabbitti dhiyoo waan
ta’eef, wahyiin yommuu bu’u Nabiyyiin yeroo baay’ee akka barreessu isa
waamaa turan. Yeroo Aayan waa’ee Jihaada dubbattu buutu, Ergamaan
Rabbii (SAW) meeshaa barreefamaa waliin Zayd bin Saabit waaman.
Ergasii Aaya jihaada ni dubbisaniif, Zayd immoo ni barreessa. Osoo
Ergamaan Rabbii dubbisanuu, ibn Um-Maktuum dhufee akkana jedhe, “Yaa
Ergamaa Rabbii, Rabbiin kakadhe osoo danda’e silaa karaa Rabbii irratti
nan qabsaa’a.” ibn Um-Maktuum ijaan hin argu ture. San booda Rabbiin
رر} “ أوليالض jettu buuse.” Sahiih (warra miidhama qaban malee) ”{غير
Al-Bukhaari 4592
Ammas, barreefamaan booda wanta barraa’e mirkaneessun (proofreading)
ni jira. Galmeen aayaata (keeyyattootaa) erga xumuramee booda,
dogongorri akka hin uumamneef Zayd Ergamaa Rabbiitiif ni dubbisa.2
Ergamaan Rabbii Qur’aana eeguf tarkaanfilee barbaachisu haa
fudhataniyyuu malee yeroo sanitti Qur’aanaa jiildi (galmee) tokkotti walitti
hin qabne. Kana irra, Qur’aanni wanta garagaraa fi bakka adda addaatti
barreefamaa ture. Sababni isaas, suuraah fi Aayaan Qur’aanaa bu’uu itti
fufanii jiru. Akkasumas, meeshaan barreefamaa akka ammaatti hin jiru.
Kanaafu, yeroo sanitti osoo Qur’aanni guutun bu’ee hin xumuramiin,
suuraah fi Aayaa yeroo adda addaatti bu’an jiildi (galmee) tokko keessatti
walitti qabuun garmalee ulfaata. Garuu Ergamaan Rabbii erga du’anii booda
1 Madda olii- fuula 22-24 2 History of Qur’anic Text-fuula 69, 77 fi 96
119
wahyiin bu’uu ni dhaabbate. Kanaafu, amma Qur’aana guutuu bakka
tokkotti walitti qabuun ni danda’amaa jechuudha. Kunis yeroo Abu Bakr
adeemsifame.1
2-Yeroo Motummaa Abu Bakr Keessa Qur’aana Barreefamaan Walitti
qabuu- Abu Bakr bakka Ergamaa Rabbii (SAW) bu’uudhaan bulchiinsa
Muslimtootaatiif dhaabbatee ture. Rakkoon baay’eenis isa muudate ture.
Guyyaa lola Yamaamaa haafizoonni (warroonni Qur’aana qomatti qabatan)
baay’een dhumanii turan. Akkuma irranatti jenne Qur’aanni yeroo
Ergamaan Rabbii lubbuun jiran wantoota adda addaa irratti barraa’a tureera.
Umar bin al-Khaxxaab, “Qur’aanni bakka adda addaatti faca’e kuni ni bada
ykn ni dagatama” jechuun Qur’aanni bakka tokkotti walitti qabamu akka
qabu Abu Bakrin mari’achiise. Abu Bakris yaada kana fudhachuun
Qur’aana kitaaba (galmee) tokko keessatti akka walitti qabu Zayd bin
Saabitiin ajaje. Zaaydis itti gaafatamummaa kana fudhatee Qur’aana bakka
adda addaatti yeroo Nabiyyii barreefamee faca'e bakka tokkotti walitti qabe.
(ilaali Sahih al-Bukhari 4986)
Haala kanaan Qur’aanni yeroo Motummaa Abu Bakrii fi sahaabota yeroo
sana jiraaniin galmee tokko keessatti walitti qabamuun raawwatame. Kunis
walitti qabiinsa lammaffaa jechuun beekkama.
3-Yeroo Mootummaa Usmaan keessa Qur’aanni Barreefamaan Walitti
qabamuu- Akkuma beekkamu Qur’aanni Afaan Arabiffaatin buufame.
Araboonni akka balbala sanyii isaanitti loqoda garagaraa waan qabaniif
nama hundaaf akka laafuf Ergamaan Rabbii (SAW) loqoduma isaanitiin
Qur’aana barsiisan. Loqoda jechuun jecha tokko yommuu sagaleessan
sagaleen garagara ta’uudha. Garuu hiikni isa tokkoma. Fakkeenyaf, akka
Afaan Oromootti, naannoo Hararitti jecha “of” jedhu, “if” jechuun
sagaleessu. Hima keessatti, “Ofii hojjadhe = ifii hojjadhe.” Jechoonni
lamaan kunniin hiikni isaanii tokkoma. Haaluma kanaan Afaan Arabaa
keessattis jechoonni hiika wal-fakkaataa qaban garuu yommuu dubbatan
sagaleen isaanii garagara ta’e ni jiru. Fakkeenyaf, jecha "(قلت) qultu" jedhu,
1 Madda olii
120
warri Ijibt "ult" jechuun sagaleessu. Warri Yaman immoo "gultu" jechuun
sagaleessu. Garuu hiikni isaanii tokkoma. Innis "Ani jedhe" ta'a. Qur'aanni
loqoda Arabiffaa garagaraatin yoo dubbifame, hiika isaa kessatti wanti
jijjiramu tokkollee hin jiru. Ergamaan Rabbii (SAW) bifa torbaan Qur'aana
dubbisaa turan. (Ilaali Sahih Muslim 819)
Yeroo mootummaa Usmaan biyyoonni Musliimaa waan baay'ataniif,
haafizonni gara biyyoota kanniini keessa faca’an loqoda ofii qabatanii
deemu jalqaban. Naannawa tokko tokko keessatti Araboonni gariin loqonni
isaanii loqoda biroo akka caalu dhaadachu eegalan. Akkasumas, Musliimni
haarofti Qur'aana osoo dubbisuu yoo dogongore, dogongorri isaa kuni
dhuguma dogongora dhugaati moo bifaa dubbisaa torban Ergamaan Rabbii
barsiisaa turan keessaa isa tokko ta'uu ykn dhiisu isaa itti himuun garmalee
ulfaata. Dhumarratti rakkoon kuni naannoolee Arabaan alan jiraniif madda
dhama'iinsa fi wal-dhabbii ta'e.1
Sahaaban Huzeeyfa ibn Al-Yamaan jedhamu yommuu Iraaq keessa jiru
dhama'iinsa kana hubachuun addaan bittinaa'u ummata Muslimaati fi
jijjiramu Qur'aanaa sodaate. Huzeyfaan yommuu gara Madiinaa deebi'u
rakkoo argee fi dhagahe Usmaanitti beeksisee. Yeroma san Usmaanis
sahaabota mari’achiisun galmee Abu Bakr irraa loqoda jiddu-galeessa
tokkoon Qur’aana kitaaba tokko keessatti akka barraa’u murteessan.
Galmeen yeroo Abu Bakrii barraa’e haadha manaa Nabiyyi tan taate Hafsaa
bira ture. Usmaanis Hafsaa irraa galmee Qur’aanaa fuudhee gara Zayd bin
Saabit, Abdullah bin Zubeeyr, Sa’iid bin Aas fi Abdurahmaan bin Haaris
bin Hishaamitti erguun akka isaan kitaabbilee baay’eetti garagalchaan ajaje.
Isaaniis kana raawwachuun biyya hundatti hawaasaf tamsaasan. Kunis
walitti qabiinsa sadaffaa jedhama. Sunis godaansa Nabiyyii irraa waggaa
25ffaa keessa ture. (ilaali Sahih al-Bukhari 4987)
Haala kanaan garagalchi (koopin) Qur'aanaa bifa wal-fakkaatun addunyaa
keessa raabsame. Sana booda Qur’aanni hanga guyyaa har’aatti akka yeroo
1 Usuul Tafsiir-Bilaal Filips-fuula 113
121
sanitti walitti qabameen qomattis qabatamee fi meeshaa barreefamaa irrattis
barreefame tiikfamee jira.
Akkasumas, tiikfamu Qur’aanatiif ragaa kan ta’an garagalchii (koopin)
Qur’aanaa yeroo durii baay’een isaanii Muuziyeemi biyyoota adda addaa
keessatti ni argama. Qabiyyeewwan hunda isaanitu kan wal-fakkaataniidha.
Akka fakkeenyatti fakkiiwwan lamaan kanniin dhiyeessun ni danda'ama.
Mus'hafa yeroo durii muuziyeemi Yaman keessatti argamu.1 Mus'hafa
jechuun galmee Qur'aanni irratti barraa'u jechuudha.
1 Madda olii
122
Galmee Qur'aanaa durii Masjiida Kaayiro Al-Huseyn jedhamu keessatti
argamu.1
1 Sahih International English Translation of the Qur'an, fuula 708
Qur'aanni karaalee lamaan tiikfame
1ffaa- Qomatti qabatamuun
2ffaa- meeshaalee barreefamaa irratti barreefamuun.
Qur'aannni yeroo Ergamaan Rabbii (SAW) barreefamaan
wantoota adda addaa irratti barraa'e jira.
Yeroo bulchiinsa Abu Bakr Qur'aanni wantoota adda addaa
irratti barreefame ture galmee tokko keessatti walitti
qabame.
Yeroo bulchiinsa Usmaan ibn Affaan koopin Qur'aanaa
baay'een galmee Abu Bakr irraa garagalfamuun biyyoota
Musliimaa adda addaatti ergame
Guduunfaa
123
Qur’aana Ilaalchisee Shakkii Qulqulleessuf Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbal aalaminaa akka ta’ee fi
qulqullummaan isaa hanga ammaatti akka tiikfame armaan olitti ilaalle jira.
Namoonni namoota daandii haqaa irraa jallisuuf halkanii guyyaa carraaqan,
Qur’aana jijjiruu akka hin dandeenye yommuu beekan, namootatti shakkii
naquu hojii ofii godhatan. Namoota qofa osoo hin ta’in sheyxaanni keessaas
shakkii namatti naquuf halkanii guyyaa namatti hasaasa.
Yeroo Qur’aanni buufamu sanitti Mushrikoonni Nabiyyitti (SAW) kijiba
maxxansan. Kijibni kunis, “Qur’aana kana Muhammadtu ofirraa fuudhe
dubbate. Yookiin namoota durii irraa waraabe.” Kiristaanonni ammaas
kijiba kana keessatti yommuu akkana jedhan isaan waliin hirmaatu:
“Muhammad Qur’aana macaafa qulqulluu irraa garagalche.” Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun Mushrikootaa, Kiristaanota fi garee
biraatiif deebii deebisa:
نزل ﴿ ٱيعلم لهيٱقل أ ه ته ٱفه لس ٱو لسمو رضه
ا ۥإهنه ل يم ا رحه ﴾٦كن غفور
“Jedhi ‘Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekutu isa
(Qur’aana) buuse.’ Dhugumatti Inni akkaan Araaramaa, rahmata
godhaadha.” Suuratu Al-Furqaan 25:6
Nama Qur’aanni kuni kitaaba Kiristaanota fi Yahuudota irraa waraabame
jedhuuf deebiin isaaf kennamu, “Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii
[hunda] Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.” ta’a. Qabiyyee deebii kana
keessa jiru hubachuuf wanta Qur’aanni of keessatti qabate beekun nurra jira.
Akkasumas, haala namoota jecha kijibaa kana jedhanii fi iccitii isaanii
Rabbiin qofti beeku hubachuu qabna. Wanta Qur’aanni of keessatti qabate
ilaalun qorataa tokko gara wantoota armaan gaditti isa qajeelcha:
1ffaa-Tooftaan dubbii ibsuu Qur’aana keessatti dhufee fi kitaabban
Qur’aana dura dhufan jidduu wal fakkeenyi hin jiru. Ijaarsi himaa fi
jechootaa Qur’aana keessa jiruu fi kitaabban darban keessa jiran wal hin
fakkaatan. Kuni jechoonni Qur’aanaa kitaabban darban irraa kan hin
waraabbamne ta’uu ifaan ifatti agarsiisa.
124
2ffaa-Dhimmoota amantii irraa wanti Qur’aana keessatti dhufe kan hiikni
isaanii kitaabban darban kanneen akka Suhf Ibraahim fi Muusaa, Tawraat,
Zabuur, Injiil fi kanneen biroo keessatti bu’e, dhimma amanti kana Kan
buuse Tokkicha akka ta’e mirkaneessa. Innis Rabbiidha. Fakkeenyaf,
waa’een tawhiida (Rabbiin tokkichoomsu) Qur’aana keessattis, kitaabban
darban keessattis bu’ee jira. Osoo kitaabban kunniin jijjiramu ykn
micciramuu fi baduu baatanii silaa dhugaa kana ifa baasu.
Garuu kitaabni amanti Kiristaanotaa fi Yahudoota harka jiru, kitaaba
micciramee itti dabaluu fi irraa hir’isuun hundee sirrii irraa kan
jijjirameedha. Kanaafu, hanga xiqqoo malee, wanti Qur’aana keessa jiruu fi
wanti kitaabban isaanii keessa jiru guutumaan guututti walitti hin galu.
Hundeen sirriin Rabbiin olta’aan nabiyyoota darban irratti buuse
kiristaanota fi yahudoota keessatti iccitii garmalee dhokfamu ta’ee jira.
Amantiin Rabbiin namootaaf kaa’e tokkicha waan ta’eef, qabiyyeen ergaa
Nabiyyoota Rabbiin irraa ergamanii walitti kan galu ta’uu qaba. Garuu
kitaabban kunniin kan badanii fi iccitii keessaa iccitiii guddaa waan ta’aniif
eenyullee hundee amantii sirrii ta’ee kitaabban kanniin irraa waraabu hin
danda’u. Fakkeenyaf, Rabbiin Tokkichoomsun (tawhiinni) hundee
amantiiti. Tawhiinni ergaa nabiyyoota hundaati. Kitaabban amma
Kiristaanonni fi Yahuudonni harka qaban keessatti tawhiinni dhimma iccitii
ta’ee fi kan badeedha. Garuu Qur’aana keessatti tawhiinni bal’innaan kan
ibsameedha.
Kuni Qur’aana kan buuse Rabbii iccittii samiiwwanii fi dachii beeku akka
ta’e agarsiisa. Qur’aanni kitaaba Kiristaanonni fi yahuudonni “Kuni Rabbiin
irrayyi” jedhan irratti tiiksadha. Kana jechuun wanta dogongoraa fi sobaa
kitaabban kanniin keessa jiru ni sirreessa. Miccirrama achi keessa jiru ifa
baasa. Wanta achi keessaa bade ni mirkaneessa. Amanti guutuuf wanta
barbaachisu itti dabala.
Kanaafu, Kiristaanota Qur’aanni macaafa qulqulluu irraa waraabbame
jedhuuf deebiin sirriin ta’uu, Jedhi“Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii
[hunda] Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.’”
125
Qur’aanni iccitii isaan dhoksanii fi haaqan waan ifa baasuuf Rabbii iccitii
hunda beeku irraa bu’e.
3ffaa-Qur’aana keessatti wanta buufamee irraa dhimmoonni iccitii samiin
wal qabatan kanneen akka pilaaneti, urjiilee fi dhimmoonni iccitii wanta
dachii keessa jirun wal qabatan kanneen akka namootaa, lubbu-qabeenyi fi
lubbu-dhabeenyi biroo dhufanii jira. Pilaanetotaa, urjiilee, dachii, namoota,
lubbu-qabeenyi biroo ilaalchise wanti saayinsin yeroo ammaa irra gahee
yeroo Qur’aanni bu’u sanitti iccitii samii fi dachii Rabbiin qofti beekudha.
Kitaabban darban keessatti waa’een kanaa hin dhufne, namni yeroo sanitti
beekus hin jiru. Dhugaan saayinsawaa Qur’aana keessa jiraachun, Qur’aana
kan buuse Rabbii samii fi dachii keessatti iccitii beeku akka ta’e agarsiisa.
Kanaafu, deebiin isaaniif maluu wanta barsiisa Rabbii olta’e keessatti
dhufeedha: Jedhi “Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii hunda Kan
beekutu isa (Qur’aana) buuse.’
4ffaa-Mushrikoonni, “Kuni oduu durii namoota irraa waraabbameedha.”
jedhan, isaan kijibdoota ta’uu sirritti beeku. Wanta jedhaniif ragaa hin
qaban. Kan isaan kana jedhaniif hordoftoota isaanii dogongorsuu fi
Qur’aana fi Nabiyyii hordofuu irraa isaan garagalchuufi. Deebiin sirriin
haala isaanii kanaaf maluu kenname: Jedhii“Samiwwanii fi dachii
keessatti iccitii hunda Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.” Ragaa sobaa Ergamaa Rabbii irratti uumtaniif adabbii fi haloo Isaa irraa of
eeggadhaa. Akeekachiisa kana booda yoo isaan araarama kadhatan,
tawbatan, amananii fi Rasuula hordofan, Rabbiin araarama fi rahmata
Isaatiin isaan kajeelchisa. Rabbiin olta’e ni jedha, “Dhugumatti Inni
akkaan Araaramaa, rahmata godhaadha.” Kana jechuun Inni yeroo
hundaa nama gara Isaatti deebi’ee araarama kadhatee fi karaa Isaa qabateef
ni araarama, rahmata godha.1
Qur’aana ilaalchise dubbii kijibaa Mushrikoonni fi namoonni biroo jedhan
daran ifatti baasa. Qur’aanni jecha namaati yoo jettan, wanta Qur’aana
fakkaatu fidaa ykn boqonnaa kudhan ykn boqonnaa takkaayyu fidaa
1 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 6/360-362, Abdurahmaan Habanka
126
jechuun isaan affeera. Yoo fidu dadhaban Qur’aanni jecha namaa akka hin
taane namni sammuu qabu haa mirkaneefatu. Affeerraa fi deebii kana mee
keeyyattoota armaan gadi keessatti haa ilaallu:
م يقولون ﴿ه ٱأ ى هثلههه فت هعشه سور م ب توا
يت و ۦقل فأ ٱمفت منه دعوا
هن دونه ستطعتمٱ قهي لله ٱم لكم ف ١٣إهن كنتم صده يبوا هلم يستجه ٱفإ علمواهعهلمه نزهل ب
نما أ
ن ل إهل لله ٱأ
سلهمون وأ نتم م
﴾١٤ه إهل هو فهل أ
“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu? Jedhi, “Yoo kan dhugaa
dubbattan taatan, fakkaataa isaa suurah kudhan kanneen [isin biraa]
uumaman fidaa. Rabbiin gaditti nama dandeessan [gargaarsaf]
waamadhaa.” Yoo isiniif deebii hin kenniin, [Qur’aanni] beekumsa
Rabbiitiin akka buufamee fi Isa malee haqaan gabbaramaan akka hin
jirre beekaa. Kanaafu Muslimoota ni taatuu?” Suuratu Huud 11:13-14
“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu?” kana jechuun
Mushrikoonni Makkaa ykn namoonni biroo akkana jedhu sila?
“Muhammad Qur’aana ofuma irraa fuudhe dubbatee ‘kuni Rabbiin irraa
bu’e’ jedha.” Deebiin namoota kanaaf kenname kana fakkaata:
Wanta jettan kanaaf dhugaa kan dubbatan yoo taatan, suurawwan
(boqonnaalee) kan of biraa isin uumtan kudhan, suurawwan Qur’aanaatin
kan wal fakkaatan fidaa. “Qur’aanni jecha namaati” jechuu irratti dhugaa
yoo taatan, suurawwan kudhan kan Qur’aana fakkaatan uumuuf Rabbiin ala
nama dandeessan gargaarsaf waamadhaa.
Isinii fi Nabii Muhammad (SAW) jidduu dandeetti Afaan Arabiffaattiin
garaagarummaan hin jiru. Da’waa (waamicha) isaa balleessuuf isin diinota
fedhii guddaa qabaniidha. Yoo dhugaa dubbattan, suurawwan kudhan
fidaa.1
1 Zaadul Masiir 645, Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/334, Tafsiiru Sa’dii 435
127
“Yoo isiniif deebii hin kenniin” kana jechuun yoo suurawwan kudhan
fiduu dadhaban, beekaa, isaan kanarraa dadhaboodha, Qur’aanni kuni
beekumsa Isaa, wanta Inni ajajee fi dhoowwe of keessatti qabatee Rabbiin
irraa kan bu’eedha.1 Ammas, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin
jirre beekaa. “Kanaafu Muslimoota ni taatuu?” Kana jechuun ragaan erga
isiniif dhiyaate booda Rabbiif ni ajajamtuu, Isa qofa ni gabbartuu?2
Mushrikoonni suurawwan (boqonnaalee) Qur’aana fakkaatan kudhan
yommuu fidu dadhaban, gara suurah takkaatti isaaniif hir’ifame. Ni jedha:
م يقولون ﴿ه ٱأ ى هثلههه فت هسورة م توا ب
ٱو ۦقل فأ هن دونه ستطعتمٱمنه دعوا م
قهي لله ٱ ﴾٣٨إهن كنتم صده
“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu? Jedhi, “Yoo kan dhugaa
dubbattan taatan, fakkaataa isaa suurah takka fidaa. Rabbiin gaditti
nama dandeessan [gargaarsaf] waamadhaa.” Suuratu Yuunus 10:38
Qur’aanni kuni Rabbiin irraa ta’uu yoo shakkitanii fi sobaan,
“Muhammadtu ofirraa fuudhee dubbate” yoo jettan, isinis suurah akka
Qur’aanaa takka fidaa. Namaa fi jinnii irraa gargaarsaaf nama dandeessan
waamadhaa.
Ammas, Qur’aana keessatti bakka biraatti dubbii kana jabeessuf ni jedha:
“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo
taatan, suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo
taatan, Rabbiin ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan
waamadhaa.”Suuratu Al-Baqarah 2:23
Mushrikoonni fi namoonni biroo suurah Qur’aana fakkaatu gonkumaa fiduu
hin dandeenye. Kanaafu, affeerraa isaaniif dhiyaate hojjachuu erga
dadhabanii, ilmi namaatii fi Jinnin wanta Qur’aana fakkaatu fiduu hin
danda’anii jechuudha. Akkuma irranatti arginu, gargaarsaf nama
1 Tafsiiru Ibn Kasiir 4/438 2 Xabarii 12/345
128
dandeessan waamadhaa, ragoota waamadhaa jedha. Kanaafu, wanta akka
Qur’aanaa fiduuf namoonni fi jinnooni osoo walitti qabamani, fiduu hin
danda’an. Ni jedha:
نس ٱ جتمعته ٱقل لئهنه ﴿ ن ٱو له همهثله هذا له توا بن يأ
أ تون لقرءانه ٱعل
ل يأ
همهثلههه ا ۦب عض ظههير ﴾٨٨ولو كن بعضهم له
Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu
irratti walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa
ta’aniyyuu, fakkaataa isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Israa 17:88
Namoonni fi jinnooni hundi erga dadhabanii, Qur’aanni Rabbiin irraa
bu’uun shakkii hin qabu jechuudha. Ni jedha:
ى مهن دونه ان لقرء ٱوما كن هذا ﴿ ن يفتيق لله ٱأ ن تصده بي لهيٱولكه
يل ه لكهتبه ٱيديهه وتفصه ﴾٣٧لعلمهي ٱل ريب فهيهه مهن رب
“Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan sobaan uumamu hin taane.
Garuu dhugoomsaa [kitaabota] isa dura turanitii fi addeessa
kitaabati. Gooftaa aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin
jiru.” Suuratu Yuunus 10:37
“Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan sobaan uumamu hin taane.” Kana
jechuun namas ta’e, jinnis ta’e, Malaaykas ta’e eenyullee Rabbiin ala
Qur’aana kana barreessun ykn ofirraa fuudhe dubbachuun ergasii “Kuni
Rabbiin irraa bu’e” jechuu hin danda’u.1 Sababni isaas, uumamtoota
keessaa eenyullee wanta akka Qur’aana fiduu hin danda’u. Qur’aanni wanta
darbe, wanta ammaa fi wanta gara fuunduraatti dhufuu of keessaa qaba.
Rabbii waan hundaa beekun ala eenyutu waan darbe, amma fi gara
fuunduraatti dhufu hunda beekaa? Kanaafu, Qur’aanni kuni kalaama
(dubbii) Rabbii olta’aa fakkaata hin qabneeti. Akka mushrikoonni jedhan
1 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/119, Tafsiiru Qurxubii-10/503
129
dubbii nabii Muhammadi (SAW) miti. Ammas akka gareewwan biroo
jedhan, dubbii Malaykaa Jibriili miti. Qur’aanni kuni dubbi ykn jecha nama
kamiyyuu ta’uu hin danda’u.
“Garuu dhugoomsaa [kitaabota] isa dura turanitii” kana jechuun
Rabbiin ala eenyullee Qur’aana kana ofirraa fuudhee dubbachuu ykn
barreessu hin danda’u. Garuu Gooftaa aalamaa irraa kan bu’eedha. Dhugaa
kana wanta agarsiisu keessaa tokko, kitaabban darban kan Rabbiin irraa
bu’an akka Nabii Muhammad (SAW) ergamuu fi Qur’aanni isarratti
buufamu beeksisanii fi gammachiisanii turan. Akkuma kitaabban sunniin
(Tawraat, Injiil) beeksisan Qur’aannis ni bu’e. Ammas, Qur’aanni kitaabban
darban kanniin keessatti wanta abbootin amanti jijjiran, micciranii fi
dhoksan ifa baasa.1
“fi addeessa kitaabati.” Hayyoonni kanaaf hiika lamaa kennanii jiru.
1ffaa-Qur’aanni kitaabban darban ibsa. Wanta isaan keessatti haala wali-
galaatin dhufe Qur’aanni takka takkaan ibsa. 2ffaa-Dirqamoota Rabbiin
ummata Nabii Muhammad (SAW) irratti katabee fi wantoota haraamaa ibsa.
Haraama fi halaala, murtiwwan amantii fi odeefannoo dhugaa addeessa
(ibsa).2
“Gooftaa aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Asitti
aalama jechuun Rabbiin ala wantoota jiran hunda jechuudha. Hiikni aaya:
Qur’aanni kuni Rabbiin irraa bu’uun shakkiin keessa hin jiru. Qur’aanni
jecha Rabbii olta’aati. Bakka biraattis ni jedha:
ه لكهتبه ٱتنزهيل ﴿ ﴾٢لعلمهي ٱل ريب فهيهه مهن رب
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Gooftaa aalama irraa ta’uun
shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu As-Sajdah 32:2
1 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/120, Tafsiiru Sa’dii 418 2 Maddoota olii, Tafsiiru Qurxubii-10/503
130
Namni Qur’aanaa yoo qorate qabxilee armaan gadiirra ni gaha:
Dubbii ibsuuf tooftaan Qur’aanni fayyadamee fi kitaabban
darban itti fayyadaman wal hin fakkaatu. Ijaarsi himaa fi
jechoota Qur’aana keessa jiru garmalee kan nama hawwatu fi
adda kan ta’eedha. Wanti walirraa garagalfame (kooppi) ta’e
waan wal fakkaatuuf Qur’aanni kitaabban Kiristaanota fi
yahuuda irraa garagalfamu hin danda’u.
Hundeen amanti Rabbiin nabiyyoota darban irratti buuse
Kiristaanota fi yahuudota biratti dhimma iccitii ta’ee jira.
Qur’aanni immoo iccitii kana ifa baasa. Kanaafu,
Jedhi“Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan
beekutu isa (Qur’aana) buuse.’ Suuratu Al-Furqaan 25:6
Argannoowwan saayinsawaa (Sceintific discoveries)
Qur’aana keessa jiran yeroo Qur’aanni bu’u sanitti dhimma
iccitii Rabbiin malee eenyullee hin beeknedha. Fkn, marsa
uumama ilma namaa, waa’ee galaanaa, pilaanetotaa,
gaarreeni fi kanneen biroo saayinsin yeroo ammaa irra gahe
yeroo Qur’aanni bu’utti dhimmoota iccitii Rabbiin malee
eenyullee hin beeknedha. Kanaafu, Jedhi“Samiwwanii fi
dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekutu isa
(Qur’aana) buuse.’”
Ilma namaa fi Jinnoonni wanta akka Qur’aanaa fiduuf osoo
walitti qabamanii wanta Qur’aana fakkaatu fiduu hin
danda’an. Kanaafu, “Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan
sobaan uumamu hin taane. Garuu dhugoomsaa
[kitaabota] isa dura turanitii fi addeessa kitaabati.
Gooftaa aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin
jiru.” Suuratu Yuunus 10:37
Qur’aanni wanta darbee, ammaa fi gara fuunduraa uumamu
of keessatti qabata. Wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti
uumamu kan beeku Rabbiin qofa. Kanaafu, Qur’aanni
Rabbii iccitii samii fi dachii beeku irraa bu’e.
Guduunfaa
131
Firiwwan Kitaabbanitti Amanuu Gammachuu fi Milkaa'inna argachuu
Jireenya tana keessatti namoonni hunduu gammachuu argachuuf jecha
halkanii guyyaa carraaqu. Gariin hojii humnaa hojjachuun, gariin hojii
sammuu hojjachuun gammachuu barbaadu. Garuu gammachuun ilma
namaa kan guuttamu wantoota sadii of keessaa yoo qabaatedha. Isaaniis:
qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa of
qusachuudha. Namni tokko wantoota kanniin hojjachuuf qajeelcha isa
barbaachisaa miti ree? Qajeelchi waa’ee wantoota kanniinii isaanitti himu
kitaabban Rabbiin irraa bu’aniidha. Kanaafu, firiiwwan kitaabbanitti
amanuu keessaa tokko wantoota armaan olii sadanitti qajeelun gammachuu
fi milkaa’inna argachuudhaa jechuudha.
Kitaabban Rabbiin irraa bu’an ilmaan namaa maalitti amanuu akka qaban,
maal gabbaruu akka qaban sirritti addeessu. Akkasumas, hojii gaggaarii
akkamii hojjachuu akka qabanii fi hojii badaa maal akka ta’e sirritti ibsu.
Ergasii immoo badhaasa nama waan gaarii hojjatee fi adabbii nama waan
badaa hojjate ifa godhu. Kanaafi, Kitaabban kunniin ilma namaatiif akka
ibsaati jechuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:
ه لكهتب ٱنزل عليك ﴿ ه ٱب نزل لق هما بي يديهه وأ ا ل ق ه ة ٱمصد نجهيل ٱو لورى ٣له
نزل هلناسه وأ ى ل با لهين ٱإهن لفرقان ٱمهن قبل هد لهم لله ٱيته كفروا
يد و ﴾٤نتهقام ٱعزهيز ذو لل ٱعذاب شده
"Waan isa dura jiru kan dhugoomsu ta’e kitaaba dhugaan sirratti
buuse. Tawraati fi Injiilis ni buuse. [Qur’aana] dura, namootaaf
qajeelfama akka ta’aniif, Al-Furqaaninis ni buuse. Dhugumatti
isaannan Aayaata Rabbitti kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira.
Rabbiinis Injifataa, Abbaa haaloo bayannaati.” Suuratu Aali-Imraan
3:3-4
Kana jechuun Rabbiin olta’e Qur’aana dhugaa irratti hundaa’e Nabii
Muhammad (SAW) irratti buuse. Wanti Qur’aanni itti ajajuu, irraa
132
dhoowwu fi odeefannoon ijaan hin mul’anne beeksisu hundii dhugaadha.
Sababni isaas, Rabbiin irraa kan bu’eedha. Qur’aanni kitaabban isa dura
bu’an ni dhugoomsa. Kana jechuun odeefannoo kitaabban darban of keessaa
qaban ni mirkaneessa, odeefannoon isaanii kan haqa ta’e odeefannoo
Qur’aanitiin walitti gala. Akkasumas, kitaabban darban Nabii Muhammad
(SAW) akka ergaman beeksisanii turan. Kanaafu, Qur’aanni beeksisa
isaanii kana ni mirkaneesse jechuudha. Rabbiin Qur’aana dura Tawraatin
Nabii Muusaa (AS) irratti, Injiilin immoo Nabii Iisaa (AS) irratti buusee jira.
“namootaaf qajeelfama akka ta’aniif” kana jechuun Rabbiin Qur’aana,
Tawraata fi Injiilin namoonni jallinna keessaa bahanii akka qajeelaniif
buuse. Namni qajeelfama Rabbii fudhate, inni nama qajeeledha. Namni
kana hin fudhanne immoo jallinna keessatti hafa.
“Al-Furqaaninis ni buuse.” Kana jechuun qajeelinnaa fi jallinna, haqaa fi
sobaa kan addaan baasu ni buuse. Akkasumas, wantoota namooni barbaadan
hunda addaan babaase ni ibse. Hanga seeronni fi murtiwwan amanti ifa
ta’anitti namootaf ifa ni godhe. Kana booda, nama Isatti fi aayata Isaatti hin
amanneef sababni (uzriin) tokkollee hin jiru. Kanaafi akkana jedhe,
“Dhugumatti isaannan Aayaata Rabbitti kafaran..” Kana jechuun
keeyyattota fi ragaalee erga isaaniif ibsee booda, namoonni keeyyattota fi
ragaalee kanniitti amanuu didan, Guyyaa Qiyaamaa “adabbii cimaatu
isaaniif jira.” "Rabbiinis Injifataa” kana jechuun Inni abbaa humnaati,
homtu Isa hin dadhabsiisu. “Abbaa haaloo bayannaati”. nama aayata Isa
kijibsiise fi Ergamtoota Isa faallesse irraa haaloo baafata. Kana jechuun
akkuma namoonni daangaa Isaa darbanii fi kafaran, Innis adabbi cimaan
isaan qaba.1
Kanaafu, gammachuu fi dararaan, qajeelinnaa fi jallinni ilma namaa
kitaabban Rabbiin buusetti amanu fi amanuu dhiisu irratti kan
hundaa’eedha. Akkuma yeroo darbe jenne, kitaabbanitti amanuu jechuun
kitaabban Rabbiin irraa haqaan bu’uu itti amanuu, ergaan isaan of keessaa
qaban guutumaan guututti haqa akka ta’e itti amanuu fi hordofuudha.
1 Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan fuula 125,
Tafsiir ibn Kasiir 2/5
133
Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa sababa namaatin waan
jijjiramaniif, kitaabni Rabbii hanga ammaa osoo hin jijjiramin addunyaa irra
jiru Qur’aana qofaa jechuudha. Kanaafu, Qur’aanni hanga Guyyaa
Qiyaamatti namootaf qajeelfamaa fi ifa ta’ee tura. Rabbiin ni jedha:
“Yaa ilmaan namaa, dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee,
waan qoma keessa jiruf qoricha, mu’imintootaf (warroota dhugaan
amananiif) qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte. Jedhi “Tola
Rabbiitii fi rahmata Isaatiin- Sanatti haa gammadan, isatu waan isaan
walitti qaban caalati.”Suuraa Yuunus 10:57-58
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba Kabajamaa kana amaloota gaarii
isaa ibsuun namoonni gara isaatti akka garagalan itti kakaasa. Yaa ilmaan
namaa, dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee... isinitti
dhufte.” Kana jechuun hojiiwwan dallansu Rabbiiti fi adabbii Isaatti nama
geessan isin yaadachisa, isin gorsa. Bu’aa fi badii hojii badaa irraa dhalatuu
ibsuun isin akeekachisa. Gorsi kunis Qur’aana. “Waan qoma keessa jiruuf
qoricha” Dhibeen qalbii fi badiin hundi wantoota lama irraa burqu. Isaanis:
Shawhaata (fedhii lubbuu) fi shubuhaata (shakkii, dhugaa fi sobni wal-
fakkaachu). Fedhiin lubbuun akka ajaja Rabbitiif hin masakamne ykn hin
hordofne nama dhoowwa. Shakkiin ykn dhugaa fi sobni wal fakkaachun
immoo beekumsa dhugaatin wal falleessa, kanaafu amantii keessatti akka
shakkan nama taasisa. Qur’aanni dhibeewwan kanniniif qoricha. Gorsi,
abdachisuun, sodaachisuun, waadaa fi akeekachisni Qur’aana keessa jiru
hundi, nama tokko akka abdii qabaatu fi dhuma badaa sodaatu isa taasisa.
Namni hojii gaarii hojjachuutti yoo fedhii qabaate fi hojii badaa irraa yoo
dheesse, ergasii kanniin lamaan akkuma hiika Qur’aana hubatuun irra
deddeebi’e yoo shaakale, kuni wanta lubbuun isaa barbaadde caalaa wanta
134
Rabbiin barbaade akka filatu isa taasisa. Haala kanaan wanta fedhiin lubbuu
isaa jaallatu caalaa wanta Rabbiin jaallatu isa biratti jaallatama ta’a.
Haaluma kanaan ragaalee fi ibsi Rabbiin Qur’aana keessatti sirritti ibse,
shakkii qalbii namaa irraa oofa. Qalbiin sadarkaa ol’aanaa yaqiinaa irra
geetti. Yaqiina jechuun beekumsa dhugaa shakkii wayitu hin qabneedha.
Qalbiin yoo fayyite fi tolte, qaamnis ni tola, hojii gaarii hojjata.
“mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi
rahmata” qajeelfama jechuun haqa beekanii hojii irra oolchudha. Rahmata
jechuun immoo wanta gaarii, tola, mindaa ammaa fi boodaa nama ittiin
qajeelfameef argamuudha. (Fkn, mu’imintoonni Jannata yommuu seenan,
Jannani isaaniif rahmata. Sababni isaas, Jannani waan gaarii sababa hojii
isaaniti fi Qur’aanan qajeelaniin argataniidha.) Kanaafu, qajeelinni sababa
hundarra guddaa wanta barbaadan itti argataniidha, rahmanni immoo wanta
barbaadanii fi kajeelan suni kan ittiin guuttamuudha. Garuu Qur’aanni
qajeelfamaa fi rahmata kan ta’uuf warroota amanan qofaafi. (Sababni isaas,
amanuun ykn iimaanni furtuu jalqabaa qajeelfamaa fi rahmanni itti
banamuudha. Namtichi yoo hin amaniin akkamitti qajeelfamaa fi rahmata
Qur’aana keessa jiru argataa?)
Qajeelfamni yoo argamee fi rahmanni isarraa burquu yoo jalqabee,
gammachuu fi milkaa’inni, bu’aa buufachuu fi nagaha bahuun, mirqaansu
fi tasgabbiin ni argama. Kanaafi, Rabbiin kanatti akka gammadan akkana
jechuun ibsa: Jedhi, “Tola Rabbiitii” kana jechuun Qur’aana qananii fi tola
hundarra caalee kan Rabbiin gabroota Isaa irratti oole. Qur’aanni tola
Rabbiiti. “rahmata Isaatiin” kana jechuun Islaama, iimaanaa, Rabbiin
gabbaruu, Isa jaallachuu fi beeku. “Sanatti haa gammadan, isatu waan
isaan walitti qaban caalati.” Kana jechuun qabeenya baddu isaan walitti
kuusan irra Qur’aana fi Islaamatu caala. Kanaafu, Qur’aana fi Islaamatti haa
gammadan. Sababni isaas, gammachun Qur’aana fi Islaaman argamuu
gammachuu ganda lamaaniti. Addunyaa fi Aakhiratti gammachuu itti
fufuudha. Gammachuun qabeenyaa garuu takkaa qabeenyi suni baduun
takkaa immoo namni suni du’uun addunyaa tana irratti ni cita ykn ni bada.
135
Sababni Rabbiin tolaa fi rahmata Isaatti akka gammadan kan ajajeef,
gammachuun kuni nafseen akka bal’attu fi mirqaantu taasisa, akka Isa
galateefatan, beekumsa barbaadanii fi iimaana dabalataniif nama
kakaasa.1Namni wanta isa gammachisuu fi mirqaansu yoo arge, wanta san
hojjachutti fiiga. Kanaafu, Qur’aanni fi Islaamni wanta gammachuu namaaf
fidan waan ta’aniif namni isaan beeku fi hordofuuf fedhii cimaa qabaachu
qabaa jechuudha.
1 Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–fuula 421-
422,
Dhibeen qalbii fi badiin hundi wantoota lama irraa burqu. Isaanis: Shawhaata
(fedhii lubbuu) fi shubuhaata (shakkii, dhugaa fi sobni wal-fakkaachu).
Fedhii lubbuu hordofuun Rabbitiif akka hin ajajamne nama taasisa. Shakkiin
ykn dhugaa fi sobni wal fakkaachun immoo beekumsa dhugaatin waan wal
falleessuuf amantii keessatti akka shakkan nama taasisa. Qur’aanni kanniin
lamaaniif qoricha. Akkamitti?
1ffaa-Gorsi gaariin, mindaa guddaa waadaa galuu fi adabbiin nama
akeekachisuun Qur’aana keessa jira. Kanaafu, kuni mindaa guddaa kajeelu fi
adabbii badaa sodaachun fedhii lubbuu akka hin hordofne nama taasisa. Haala
kanaan fedhii lubbuutif qoricha.
2ffaa-Qur’aanni beekumsa haqa shakkii wayitu hin qabnee fi ragaalee mormuun
hin danda’amne of keessaa qaba. Kanaafu, kuni shakkii qalbii keessatti uumamu
oofa.
Namni fedhii lubbuu hordofuu irraa yoo of qabee fi shakkiin qalbii isaa keessaa
yoo qulqullaa’e, gammachuu fi tasgabbii guutuu argata.
136
Guduunfaa
Kitaabanitti amanuun wantoota afur of keessatti qabata:
Kitaabban kunnin haqaan Rabbiin irraa akka
buufaman amanuu
Kitaabban maqaalee isaanii beeknutti amanuu.
Odeefannoo osoo hin jijjiraminii fi hin micciramin
kitaabban kanniin keessatti dhufan dhugoomsu
Seera ykn murtiwwan hin shaaramne kitaabban
kunniin of keessaa qabanitti hojjachuu, faaydaa fi
iccitii keessa jiru hubanne dhiisne murtiwwan
kaniinitti gammaduu fi guutumatti harka kennu.
Qur'aanatti amanuu jechuun Qur'aanni Rabbiin irraa
bu'uu, wanti inni of keessaa qabu hundi haqa akka ta'e
amanuu fi ajajoota isaa hordofuudha.
ها ﴿ ي أ هكم فمنه لق ٱقد جاءكم لناس ٱقل ي هنما يهتدهي هتدى ٱمهن رب فإ
هه فسه هوكهيل ۦ لنه نا عليكم ب وما أ ل عليها هنما يضه ﴾١٠٨ومن ضل فإ
Jedhi, "Yaa Ilmaan namaa! Dhugumatti, haqni Gooftaa
keessan irraa isinitti dhufee jira. Kanaafu, namni qajeele
lubbuma ofiitiif qajeele. Namni jallates ishima (lubbuma
ofii) irratti jallate. Ani isin irratti wakiila (tiiksaa fi
too'ataa) miti." Suuratu Yuunus 10: 108
137
138
Hundee Iimaanaa 4ffaa: Ergamtootatti Amanuu
Nabiyyii fi Rasuula jechuun maal jechuudhaa? Dhalli namaa jireenya keessatti tooftaa fi haala jireenya walirraa baratuun
tokko tokko hordofa. Kanaafu, namoonni tooftaa jireenya isaan hordofan
irratti hundaa’e bakka lamatti qoodun ni danda'ama. Tokkoffaa
hoggantoota, lammaffaa hordoftoota. Namni takkaa hordofaa ta’a, takkaa
hogganaa ta’a, takka immoo lamaanu ta’u danda'a. Hogganaan tokko
hogganaa biraa hordofuun nama saniif hordofaa ta’a. Namoonni kan wal
hordofaniif faayda fi gammachuu barbaadan argachuufi. Hogganaan suni
wanta tokko hojjachuun, hojiin isaa suni namoota yoo gammachise,
namoonni isa hordofuuf figu. Tarii hojiin isaa suni badaa ta’uu danda’a.
Ilmi namaa hoggantoota dukkana keessaa gara ifaatti, dhiphinna keessaa
gara bal’innaatti, addunyaa baddu tana keessaa gara daarul qaraar (ganda
yeroo hunda keessa turanitti) isaan baasan isaan barbaachisa. Ta’uu baannan
dukkana keessatti hafanii jireenya horii gaggeessu. Hoggantoonni kunniin
Ergamtoota Rabbiiti (isaan hunda irrattu nageenyi Rabbii haa jiraatu).
Kanaafu, Ergamtoonni Rabbii ilmaan namaa haala gaariin kan hoggananii
fi fiixe milkaa’innaatti kan isaan ceesisaniidha. Sababni isaas, beekumsi fi
tooftaan isaan ilma namaa ittiin hoogganan Rabbii waa hundaa beeku
irraa kan dhufeedha. Rabbiin haala ilmaan namaa, wanta gammachuu fi
gaddatti, badii fi milkaa’innatti isaan geessu hunda ni beeka. Kanaafi, ergaa
wantoota kana hunda qabu gara Ergamtoota Isaatti buuse. Namni
Ergamtoota hordofe nama qajeele fi milkaa’innatti bahu ta’a. Namni
hordofu dide immoo jallinnaa fi salphinnatti tara. Sababni isaas, wanta isa
miidhu fi fayyadu, xumura wanta hojjatuu sammuu isaa qofaan
addaan baafachu waan hin dandeenyef fedhii qullaa hordofuun adabbii
cimatti kufa. Kanaafi, Ergamtootatti amanuun hundee iimaanaa keessa isa
tokko. Mee amma hiika Rasuul fi nabiyy jedhu maal akka ta’an haa ilaallu.
Jechi Nabiyy jedhu jecha Arabiffaa Naba’a jedhu irraa kan dhufeedha.
Naba’a jechuun 'oduu (ዜና)' jechuudha. Jechi Rasuul jedhu immoo irsaal
jedhu irraa kan horsifameedha. “Irsaal” jechuun “erguu” jechuudha.
139
Kanaafu, Rasuul jechuun Afaan Oromootin "Ergamaa" jechuudha. Danuun
(baay’inni) isaa immoo “Rusul- Ergamtoota” ta’a.
Akka shari’aatti rasuul fi nabiyy jechuun nama Rabbiin ergaa itti buusee
akka namootatti geessu ajajeedha. Garuu garaagarummaan isaan jiddu jiru,
nabiyyiin seeruma (shari’aa) duraan jirutu irratti buufama, akka shari’aa
yeroo sanii mirkaneessu fi haaromsuf. Faallaa kanaa, rasuulli ummata
kafaranitti akka geessuf shari’aa haarawatu irratti buufama. Fakkeenyaf, kan
akka Nuuh, Ibraahim, Muusaa, Iisaa fi Muhammad (isaan hunda irrattu
nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu). Rasuulli hundii nabiyyiidha, garuu
nabiyyiin hundi rasuula miti. Sababni isaas, rasuulli shari’aa haarawa fi
shari'aa duraanii keessaa muraasa isaas fiduun ummatatti geessa. Garuu
nabiyyiin shari’ama duraanitiin ummata hooggana. Fakkeenya armaan olii
keessatti Ergamtoonni maqaan isaanii eerame hundii isaanii Nabiyyis,
rasuulas. Rasuulli jalqaba nabiyyi ta’a. Ergasii Rasuula ta’a.
Ergamaan (rasuulli) jalqabaa Nuuh. Kan dhumaa immoo Nabi Muhammad
(SAW). Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) akkana jedha:
وحينا إهل نوح و ﴿وحينا إهلك كما أ
ه ٱ۞إهنا أ ه ن لنبهي ه ﴾ ۦ مهن بعده
“Dhugumatti, Nuti akkuma Nuuhi fi Nabiyyoota isa booda dhufanitti
beeksisa goone gara keetti beeksiisa goone.” Suuratu An-Nisaa 4:163
Nabii Muhammadin (SAW) ilaalchise Rabbiin akkana jedha:
ن رسول ﴿ هجالهكم ولكه هن ر حد م با أ
ه ٱوخاتم لله ٱما كن ممد أ ن لنبهي
ا لل ٱوكن ء علهيم ه شهكل ﴾٤٠ب
“Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkootu hin taane.
Garuu inni Ergamaa Rabbitii fi xumura Nabiyyoota kan ta’eedha.
Rabbiinis waan hundaa beekaa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:40
140
Ergamtoonni Amala Gooftaa ykn Gabbaramaa hin Qaban Ergamtoonni ilma namaati. Amala gooftummaa fi gabbaramaa hin qaban.
Rabbiin biratti ergamtoota hunda caalaa Nabiyyi sadarkaa qabu kan ta’e
Nabii Muhammadin (SAW) Rabbiin akkana jedhi jechuun ajaja:
“Jedhi ‘Ani waan Rabbiin fedhe malee lubbuu tiyyaaf faaydas ta’ee
miidhaa fiduu hin danda’u. Osoo ani gheeybi (wanta hin mul’anne)
kan beeku ta’ee, silaa toltuu irraa nan baay’ifadha, wanti badaanis na
hin tuqu ture. Ani namoota amananiif akeekachisaa fi gammachiisaa
malee homaa miti.’” (Suuratu Al-A’araaf 7:188)
Wanti nama kamu tuqu ergamtootas ni tuqa. Kan akka du’aa, dhuguu,
nyaachu fi kan biroo. Garuu wanti Ergamtoota ilma nama biroo irraa adda
godhu wahyi (ergaa ykn beeksisa) Rabbiin irraa isaanitti dhufuudha. Kanaan
ala, gooftaa fi gabbaramaa ta’uu hin danda’an. Sababni isaas, amala Gooftaa
kan akka uumuu, jiraachisuu, miidhu, fayyadu fi kan biroo harka isaanii hin
jiru. Kanaafu, namoonni nabiyyoota kadhatanii fi gabbaran jallinna guddaa
keessa jiru. Sababni isaas, Nabiyoonni wanta namoonni kunniin kadhatan
hin dhagahan. Namni akkamitti wanta isa hin dhageenya kadhataa?
Namoonni Iyyasuusin (Iisaa) waaqefatan dogongoraa fi jallinna keessa jiran
kanarraa hubachuu danda’u. Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu)
gabricha Rabbiiti. Rabbiin akkana jedha:
إهسءهيل ﴿ نه ه نعمنا عليهه وجعلنه مثل ل ﴾٥٩إهن هو إهل عبد أ
“Dhugumatti, Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oolle fi ilmaan
Israa’iliif fakkeenya taasifne malee waan biraati miti.” (Suuratu Az-
Zukhruf 43:59)
Kana jechuun Iisaan gabricha Rabbiin Ergamaa isa taasisuun isa irratti tola
oole malee Gooftaa ykn gabbaramaa miti. "Ilmaan Israa’iliif fakkeenya
taasifne"- kana jechuun Rabbiin mallattoo dandeetti Isaa agarsiisu taasise.
Sababni isaas, Rabbiin akkuma Aadamiin haadha fi abbaa malee uume Iisas
141
abbaa malee uume. Kanaafu, kuni Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aa
akka ta’e agarsiisa.
Nabiyoonni gabroottan Rabbii filatamoo ta’aniidha. Namoota hunda caalaa
namoota Rabbiin beekan, jaallatanii fi gabbaraniidha.
Maaliif Ilma namaatiif Ergamtoota barbaachise?
Kana jechuun ilmaan namaa maaliif ergamtootatti hajamanii? Jecha
biraatiin maaliif Ergamtoonni gara ilma namaa ergamuu?
Ilmi namaa marsaalee (maraahila) sadan armaan gadi keessa yoo darbe
jireenya gammachuu fi milkaa'innaa gaggeessa.
Marsaan 1ffaan- Khaaliqa (Uumaa) beeku- Khaaliqa beeku yommuu
jennu sifaata (amaloota) gaggaarii Isaa beekun itti amanuu fi Jaalala
Isaatin guuttamuudha. Namni akkuma Rabbiin beekuuf tattaafatuun,
nafsee ofiis beekaa adeema. Maaliif addunyaa keessa akka jiraatu ifa isaaf
ta'a.
Marsaa 2ffaan- Rabbitti amanuu, Isa faarsu, wantoota Rabbiin itti nama
ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa nama dhoowwe dhiisudha. Namni
akkuma Rabbiin beeku fi jaallatuun wanta itti ajajame hojjata, wanta irraa
dhoowwame immoo dhiisa.
Marsaa 3ffaan- Kaayyoo ol’aanaa kan ta’ee gammachuu itti fufaa
addunyaa fi Aakhiratti argachuuf carraaqu. Gammachuu addaan hin cinnee
kana kan itti argatan wanta yaadan, dubbatanii fi hojjatan hunda keessatti
Jaalala Rabbii yoo barbaadan qofaadha. Jecha biraatiin, Rabbiif qofa
jedhanii yaadu, hojjachuu fi dubbachuudha. Namni yoo akkana godhe
dhugumatti milkaa'inna fi gammachuu ol'aanaa irra gaha.
Ilmi namaa marsaalee sadan kana galmaan gahuuf Ergamtoota Rabbiin irraa
ergaa isaaf fidan garmalee isa barbaachisa. Namni Uumaa (Kaaliqa) beekuf
karaa sirrii fi gabaaban yoo itti hin agarsiifamanii, jireenya keessatti
dhama’ee hafa. Hurriin itti buuti. Kanaafu, Ergamtoonni karaa gabaaba fi
ifa ta’een Khaaliqa ilma namaatti beeksisu. Kunis kan ta’eef, ergaa isaan
142
Uumaa irraa isaaniif dhufuudha. Rabbiin waa’ee amaloota fi hojii ofii
ilaalchise karaa Ergamtootatiin ilma namaatti beeksisee jira. Kanaafu,
namni akkuma ergaa Ergamtoonni fidan ilaalu fi qoratuun Rabbii isaa sirritti
beekaa adeema.
Marsaan lamaffaan, haala ibaadaa itti gaggeessan, wanta Rabbiin itti ajajee
fi irraa dhoowwe yoo beekan malee galma hin gahu. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa wanta itti ajajee fi irraa dhoowwe akka beeknuf karaa gabaaba
nuuf filate. Innis ergamtoota erguudha. Ergamtoota erguun wantoota ilma
namaa fayyaduu fi miidhu ifa akka galchan taasise.
Marsaan saddaffaan immoo kan guuttamu hojii hojjatan Rabbiin biratti
fudhatama kan argatu, Jaalala Isaa yoo ittiin barbaadan qofa akka ta’e
beekudha. Kan kana beekan odeefannoo Rabbiin irraa nama gaheen malee
karaa biraatin beekun hin danda’amu. Akka kana nu beeksisan Rabbiin
Ergamtoota filate nuuf erge. Kanaafu, Ergamtoonni, “Hojiin gaariin tokko
Rabbiin biratti fudhatama kan argatu fi namni hojii kanaan mindaa (ajrii)
kan itti argatu, hojii san Rabbiif jedhee yoo hojjate qofaadha.” Jechuun ilma
namaatti beeksisan. Kanaafu, wiirtuun ergaa isaanii Laa ilaah illallah dha.
Namoota gara laa ilaah illallah’tti waamu fi shirkii irraa dhoowwudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
نه ﴿مة رسول أ
ه أ
ٱولقد بعثنا فه ك ٱو لل ٱ عبدوا هبوا غوت ٱ جتن ﴾لط
"Dhugumatti, 'Rabbiin gabbaraa, xaaghuut irraa fagaadhaa'
[jechuun] ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra.” Suuratu An-
Nahl 16:36
Rabbiin jiruu fi du’a kan uumeef ilma namaa keessaa kamtu hojii irra
gaarii akka hojjatu qoruufi.
ة ٱو لموت ٱخلق لهيٱ﴿ يو حسن عمل وهو لي كم أ
بلوكم أ ﴾٢لغفور ٱ لعزهيز ٱله
“[Rabbiin] eenyuu keessantu irra toltu akka hojjatu isin qoruuf jecha
du’aa fi jireenya Kan uumee dha.” Suuratu al-Mulk 67:2
143
Qormaanni kuni addunyaa tana keessatti kan guuttamu ilma namaatif wanti
ittiin qoramu ifa yoo ta’eedha. Kunis, karaalee keeyrii fi sharrii itti himuu fi
barsiisudha. Ergasii karaa keyrii (wanta gaarii) itti agarsiisu, wanta gaarii
akka hojjatu itti kakaasu fi yoo karaa kana filatee hordofe mindaan isa
abdachisuu fi gammachisuudha. Akkasumas, karaa sharrii isaaf ifa gochuu,
sharrii isa akeekachisuu fi yoo karaa sharrii kana hordofe adabbiin isa
sodaachisudha. Kuni galma akka gahuuf Rabbiin karaa gabaaba filate. Innis,
Ergamtoota erguudha. Ergamtoota erguun halaalaa fi haraama, badhaasa fi
adabbii ilma namaatiif ifa godhe. Osoo Rabbiin ergamtoota ergu baatee
ergasii wanta badaa namoonni hojjataniif osoo isaan adabe, silaa namoonni
“Ergamaan waan gaarii fi badaa nuuf ibsu nutti hin dhufne” jechuun Rabbiin
irratti mormii dhiyeessu turan. Rabbiin ni jedha:
هلناسه عل ﴿ ل يكون ل رهين له هين ومنذه ه بش ٱحجة بعد لله ٱر سل م لر سلها لل ٱوكن ﴾١٦٥عزهيزا حكهيم
“Ergamtoota booda Rabbiin irratti namootaf ragaan akka hin
argamneef gammachiistotaa fi akeekachistoota taasifne Ergamtoota
[ergine]. Rabbiinis Injifataa, Ogeessa.” Suuratu An-Nisaa 165
Ammas Rabbiin ni jedha:
هن قبلههه ﴿ هعذاب م هلكنهم بنا أ
رسلت إهلنا رسول ۦولو أ
لقالوا ربنا لول أ
ن نذه ﴾١٣٤ل ونزى فنتبهع ءايتهك مهن قبله أ
“Osoo Nuti isa (Ergamaa) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni
jedhu turan, “Gooftaa keenya! Osoo ergamaa gara keenyatti ergitee,
silaa osoo salphinnaa fi xiqqeenyi nu hin muudatin dura keeyyattoota
kee hordofnaa turre.” Suuratu Xaahaa 20:134
Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa namoonni Rabbiin irratti mormii akka hin
dhiyeessineef isaaniif Ergamtoota erge.
144
Kaayyoo Ergamtoonni ilma namaatti ergamaniif:
Namootatti Khaaliqa isaanii beeksisuu-Sifaata (amalootaa) fi
hojii Isaa isaan barsiisu.
Rabbiin qofa akka gabbaran isaan waamuu fi shirkii irraa
isaan dhoowwu.
Waan gaarii fi badaa isaaniif ibsuu
Nama gaarii hojjate mindaa guddaa fi qananiin gammachiisu,
nama badii hojjate immoo adabbii cimaan akeekachiisu
Jireenya addunyaa keessatti haqa gadi dhaabu, wanta
namoonni irratti wal dhaban keessatti haqaan isaan jidduutti
murteessuu fi jireenya isaanii fooyyessu.
Ilmaan namaatiif Guyyaa Qiyaamaa ragaan ittiin mormatan
akka hin argamneef ergamtoonni isaanitti ergamu.
145
Ergamtootatti Amanuu Ergamtootatti amanuun dhimmoota afur of keessatti qabata. Isaaniis:
1-Ergamtoonni haqaan Rabbiidhaan kanneen ergaman ta’uu
amanuu- kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa
dukkana keessaa gara ifaatti akka bahaniif, isaan keessaa namoota hunda
caalaa filatamoo fi qulqulluu ta’an Ergamtoota akka erge shakkii tokko
malee amanuudha. Daaw’an (waamichi) ergamtootaa ummata isaanii
shirkii fi dhagaa gabbaruu irraa baraaru, hawaasa badii hunda irraa
qulqulleessudha. Namni Ergamaa tokkotti amanuu dide, Ergamtoota
hundatti kafaree jira. Sababni isaas, hundeen (asaasni) ergaa Ergamtoota
hundaa tokkoodha. Innis, “Rabbiin Tokkichoomsudha” ykn Tawhiida.
Kanaafi, Rabbiin subhaanahu Qur’aana keessatti akkana jedha:
﴾١٠٥لمرسلهي ٱكذبت قوم نوح ﴿
“Ummanni Nuuh Ergamtoota kijibsiisan.” Suuratu Ash-Shu’araa
26:105
Ummata kanatti Ergamaan tokko haa ergamuyyu malee Rabbiin ergamtoota
hunda kan kijibsisan ta’uu mirkaneesse. Namni Ergamaa tokko kijibsiise
ykn itti amanuu dide, osoo ergamtoonni kumni itti dhufanillee inni hin
amanu. Sababni isaas, hundeen ergaa Ergamtoota Rabbii hundi tokko.
نه ﴿ إهلهه أ رسلنا مهن قبلهك مهن رسول إهل نوحه
نا ف ۥوما أ
﴾٢٥عبدونه ٱل إهله إهل أ
“[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa tokkooyyuu hin ergine, “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafu, Ana [qofa]
gabbaraa” [jechuun] kan isatti buufnu yoo ta’e malee.” Suuratu Al-
Anbiyaa 21:25
Kana jechuun Ergamtoota si dura dhufan hundatti “Gabbaramaan haqaa
Ana malee hin jiru. Kanaafu Ana qofa gabbaraa” jechuun ergaa itti buufne.
Kanarraa ka’uun, Kiristaanonni Nabii Muhammadin (SAW) kijibsiisanii fi
hin hordofne, Nabii Iisaas (AS) kijibsiisanii fi kan hin hordofne ta’anii jiru.
Keessumaayyu, Nabii Muhammad akka dhufu, Nabii Iisaan isaan
gammachiise ture. Kana hubachuuf, ergaa Nabii Iisaa, Muhammadi fi
146
nabiyyoonni darban hundii itti waamaa turan jijjiranii fi micciranii jiru.
Ergaan kunis “Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Kanaafu Isa
qofa gabbaraa” jechuun ummata isaanii waamaa turan. Faallaa kanaa,
Kiristaanonni Rabbii Tokkicha gabbaruu dhiisanii Isa waliin Iyyasuusin,
Gabra’eeli fi Mikaa’elin gabbaru (waaqefatu). Kanaafu, handhuura fi
hundee ergaa irraa waan jallataniif ergamtoota hunda kijibsiisanii jiru.
2-Ergamtoota keessaa maqaalee isaanii kan beeknu itti amanuu- Kanneen akka Muhammad, Ibraahim, Muusaa, Iisaa fi Nuuh (hunda isaanii
irrattu nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu). Ergamtoonni shanan
kunniin ergamtoota ijjaanno isaanitiin hundarra cimoo ta’aniidha. Uulul
azmi jedhamu. Qur’aana keessatti bakka lamatti maqaan isaanii waliin
dhayame. (Suuratu Al-Ahzaab 33:7 fi suuratu ash-Shuuraa 42:13) Kanneen
maqaalee isaanii hin beekne immoo haaluma walii galaatiin itti amanna.
Kana jechuun ergamtoota maqaan isaanii nuuf himame fi hin himamne
Rabbiin haqaan akka erga amanuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:
“Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirra. Isaan keessaa warra
seenaa isaanii siif himnetu jira; isaan keessaa warra seenaa isaanii siif
hin himnetu jira.” Suuratu Ghaafir 40:78
3-Oduu isaan irraa dhufuun isaa mirkanaa’e dhugoomsu- kana jechuun
odeefanno Ergamtoota irraa nama gahe fi odeefannoon kuni dhugaadhaan
isaan irraa ta’u yoo mirkanaa’e itti amanuudha. Sababni isaas, wanti
Ergamtoonni dubbatan hundi dhugaadha.
4- Ergamtoota keessaa seera (shari’aa) Ergamaa gara keenyaatti
ergamee hojii irra oolchu fi itti buluu- Ergamaan kunis Nabii
Muhammad (SAW) xumura nabiyyootatii fi ilmaan namaa hundaaf kan
ergameedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
147
﴿ هموك فهيما شجر بينهم ثم ل يهدوا فه هك ل يؤمهنون حت يك فل ورب ا هموا تسلهيم هما قضيت ويسل ا م ههم حرج نفسه
﴾٦٥أ
“Lakki; Rabbii keetiin kakadha! Waan gidduu isaaniitti wal dhaban
keessatti hanga si murteesissanii ergasii waan ati murteessite irratti
odoo lubbuu isaanii keessatti diddaa homaatu hin mul’isinii fi
fudhannaa [garaa guutuu ta’een] fudhatanitti isaan hin amanan.”
Suuratu An-Nisaa 4:65
Kitaabban wabii: Sharih Usuuli salaasa Fuula 95-98 Ibn Useymiin
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal
jama’a-fuula 267-269 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan
Madiniyyi, fuula 271-273
148
Ragaalee Dhugummaa Nabii Muhammad (SAW) Agarsiisan Wanti Ergamtoota Rabbii namoota biroo irraa adda isaan taasisu wahyii
(beeksisa) Rabbiin irraa isaan irratti bu’uudha. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aala nama tokko Ergamaa Isaa gochuu yoo barbaade, ragaalee fi
mu’jizaa (raajii) adda addaan gargaara. Namni tokko “Ani Ergamaa
Rabbiiti, na hordofaa” yoo jedhe, wanta oduu isaa kana dhugoomsu fidu
qaba. Ragaalee armaan gadi keessaa ragaa tokkoon ykn sani oliin
dhugummaa Ergamaa Rabbii agarsiisuun ni danda’ama:
Mee amma kana tokkoon tokkoon haa ilaallu:
(1)-Haqiiqaa Ergaa inni fideetiin Rabbiin irraa haqaan kan
ergame ta’uu mirkaneessu Namni sammuu qulqulluu fi xinxalliin wanta Ergamaan fidee ilaale,
dhugumatti Ergamaa kana Rabbiin haqaan akka erge ni arga. Fakkeenyaf,
Nabiyyana Muhammad (SAW) ergaan inni namootaaf fidee ergaa
fooyya’iinsa, gaarummaa, faaydaa fi bu’aa ilma namaa hundaaf toluudha.
Wanti inni itti ajajuu ilma namaa kan fayyadu fi wanti inni irraa dhoowwu
ilma namaa kan miidhaniidha. Namni hanga fedhe fiixe qaroominna irraa
haa gahuu, seerri fi heerri inni ilma namaatiif tumu, yeroo hundaa kan turuu
fi hanqinna irraa bilisa kan ta’ee miti. Hanqinna baay’ee kan qabuu fi bakkaa
bakkatti gargar kan ta’uudha. Garuu faallaa kanaa seerri Ergamaan Rabbii
(SAW) fidan yeroo hundaa kan turuu fi ilma namaa guutuuf kan ta’uudha.
Namni tokko haqiiqaa wanta Ergamaan fidetti yoo itti lixe xinxalle, maddi
seera kanaa Rabbii waa hundaa beeku akka ta’e ni hubata. Kanaafu,
Ergamaan kuni kan Rabbiin erge ta’uu jala muree ni amana.
Rabbiin Qur’aana keessatti Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa ilma namaa
guutuuf ergamee akka ta’ee bakka adda addaatti dubbata. Isaan keessaa:
1ffaa- Haqiiqaa Ergaa inni fidee
2ffaa- Eenyummaa, amalaa fi adeemsa Ergamaa Rabbii
3ffaa- Ergamtoonni amala Ergamaa kanaa dubbachuu fi
wanta isaan jedhaniin walitti galuu
4ffaa- Mu’jizaa (raajii) Rabbiin isaaf kenne
149
“Yaa namoota! Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa Ergamaan haqaan
isinitti dhufee jira. Kanaafu amanaa isiniif irra gaarii ta’aati. Yoo
kafartaniis wantoonni samiiwwanii fi dachii keessa jiran kan Rabbiiti.
Rabbiinis Beekaa Ogeessa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:170
Mee Keeyyata tana akka nuuf ibsan Sheykh Abdurahmaan Sa’diyyiif haa
dhiifnu:
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa hunda gabrichaa fi Ergamaa
Isaa kan ta’ee Muhammaditti akka amanan ajaja. Sababa isatti amanuu
barbaachisee, faaydaa isatti amanuu irraa argamuu fi miidhaa isatti amanuu
dhiisu ni dubbata. Sababni itti nama kakaase, Ergamaan Rabbii haqaan
isaanitti dhufuu isaati. Kana jechuun mataan isaa dhufuunu haqa, seerri inni
fide haqa (dhugaa)dha.
Namni qaruuten ergaan Rabbii kan isaan irraa cite ta’ee osoo jiruu ilmi
namaa wallaalummaa keessatti dhama’uu fi kufrii keessatti raata’uun,
ogummaa fi rahmata Rabbitiin kan hin malle ta’uu ni hubata. Ogummaa fi
rahmataa Rabbii keessaa tokko, namoonni qajeelinna jallinna irraa addaan
baasanii akka beekaniif ergamaa isaaniif erguudha. Ergaa Nabi
Muhammad (SAW) fide ilaalun qofti nabiyummaan isaa dhugaa akka
ta’e ragaa jala muraadha. Haaluma kanaan, seera (shari’aa) guddaa fi
daandiin qajeelaan inni fide [Ergamaa Rabbii ta’uu isaa ni mirkaneessa.]
Sababni isaas, shari’aa kana keessaa odeefannoo dhokataa darbee fi gara
fuunduraatti dhufutu keessa jira. Ammas, odeefannoo Rabbii fi Guyyaa
Qiyaamaa wahyii (beeksisa) Rabbiin irraa ta’een malee kan hin beekamnetu
keessa jira. Dabalataan, wanta gaarii, fooyya’aa, qajeelinna, haqummaa,
toltuu, dhugummaa, gaarummaa, hariiroo firummaa sufuu fi amala gaaritti
ajajutu [shari’aa kana keessa jira]. Ammas, wanta badaa, balleessaa,
daangaa darbuu, zulmii, amala badaa, kijiba fi abbaa haadha miidhu irraa
150
dhoowwutu [shari’aa kana keessa jira]. Kuni hundi Nabii Muhammad
(SAW) ergamaa Rabbii akka ta’e agarsiisa. Namni akkuma ilaalchi fi
hubannaan inni Islaamaf qabu dabalaa adeemun, iimaanni fi shakkiii tokko
malee dhugaan amanuun isaa ni dabalamaaf. Kuni sababa iimaanatti isa
waamudha.
Faaydan isatti amanuu keessa jiru immoo “isiniif keeyriidha (gaariidha).”
jechuun beeksiisa. Keeyrin faallaa sharrii (wanta badaati). Iimaanni
warroota amananiif qaama, qalbii, ruuhi, addunyaa fi Aakhirah isaanii
keessatti gaariidha. Kunis kan ta’eef fooyya’insi fi faaydan hundii isarraa
(iimaana) irraa kan burquu waan ta’eefi. Mindaan (sawaabni) ammaa fi gara
fuunduraatti argamu hundii firii iimaanaa irraayyi. Gargaarsi, qajeelinni,
beekumsi, hojii gaariin, gammachuun, mirqaansuun, Jannanii fi qananii
ishiin of keessatti qabatte hundii sababa iimaanatiin kan dhufuudha.
Addunyaa fi Aakhiratti dararamuun immoo iimaana dhabuu fi hir’inna
isaatirraa dhufu.
Miidhan Nabii Muhammaditti amanuu dhiisu irraa dhufu faallaa wanta isatti
amanuu irraa argamuun ni beekkama. (Kana jechuun namni yoo Nabiyyitti
amanuu dide, beekumsa jireenya isaa ibsu, qajeelinna, gammachuu, Jannata
fi wantoota biroo dhaba.) Namni yoo amanuu dide (kafaree) mataa ofii
malee eenyullee hin miidhu. Rabbiin isarraa dureessa. Badiin warroota badii
hojjatanii Isa hin miitu. Kanaafi akkana jedhe, “wantoonni samiiwwanii fi
dachii keessa jiran kan Rabbiiti” Kana jechuun uumamtoonni fi
motummaan Isaa hundi too’annaa Isaa jala jiru. Rabbiin waan hundaa
Beekaadha, wanta uumuu fi ajaju keessatti Ogeessa ta’eera. Inni nama
qajeelinni fi jallinni maluuf ni beeka. Qajeelinnaa fi jallinna bakka isaanii
kaa’u irratti ogeessa. (Nama qajeelu barbaadu hin jallisu. Nama jallinna
malee qajeelinna hin barbaanne hin qajeelchu).”1
1 Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan
Naasir Sa’dii fuula 235-236
151
2ffaa- Dhugummaa Ergamaa Rabbii (SAW) Eenyummaa,
amalaa fi adeemsa isaatiin mirkaneessu
Eenyummaa Ergamtoota Rabbii osoo qoranne, amala fi adeemsa isaanitiin
eenyullee isaaniin wal dorgomuu hin danda’u. Amalli isaanii guutuu fi
adeemsi isaanii karaa sirrii irra kan ta’eedha. Sababni isaas, Rabbiin
dogongoraa fi badii hojjachuu irraa isaan eegee jira. Ergamtootan ala haala
nama kamiyyu yoo qoranne hanqinni wayi isa biratti ni mul’ata. Hanga
fedhe nama amala gaarii qabu, gamnaa fi sadarka ol’aanaa irra jiru haa ta’u,
cinaa tokkoon dogongorri wayii irraa hin dhabamu.
Kanaafu, amala namumaa guutuu kan qaban ergamtoota Rabbii akka ta’an
erga hubanne booda ergaan isaan fidan dhugaa akka ta’e ifa nuuf ta’a.
Amalli isaanii fiixe amaloota gaarii kan tuqee fi fiixe kana irra ergamtoota
malee eenyullee kan hin baanedha. Seenaa irraa amala Nabii Muhammad
(SAW) namoonni ragaa bahan baay’eedha. Inumaa diinonni isaa
“Muhammadul amiin (Muhammadi amanamaa)” jechuun waamaa turan.
Amaanaa namaa irratti amanamaa kan ta’e, amaanaa Rabbii isaa irratti
akkamitti amanamaa hin taanee ree? Nabii Muhammad (SAW) ergamaa
dhugaa ta’uu isaa mee seenaa irraa muraasa haa ilaallu:
1-Ibn Abbas Abu Sufyaan irraa akka gabaasetti: Abu Sufyaan yeroo Shaam
keessa ture Mootin Roomaa Hiraql jedhamu waa’ee Nabii Muhammad
(SAW) ilaalchise isa gaafate. Yeroo san Abu Sufyaan Mushrikoota
Qureeshotaa irraayyi. Daldalaaf gara Shaam deeme. Gabaabsuuf jecha
gaafi fi deebii isaanii haala kanaan haa dhiyeessinu. (Yeroo sanitti
biyyoonni akka Libaanon, Sooriya fi Filisxeem "Shaam" jedhamu)
152
Hiraql (Heraclues) Abu Sufiyaan
Isiin keessatti sanyiin isaa akkami? Inni nu keessaa sanyii
kabajamtu irraayyi
Isin keessaa isa dura jecha kana namni
jedhe jiraa? (Isa dura "Ani Nabiyyiidha"
namni jedhe jiraa?)
Lakki
Abbooti isaa irraa namni mootii ta’e
jiraa?
Lakki
Warroota sadarka guddaa qaban moo
dadhaboo (hiyyeessota) ta’antu isa
hordofaa?
Warroota dadhaboo
(hiyyeessa) ta’aniidha.
[Guyyaa guyyaan lakkofsan] ni dabaluu
moo ni hir’atu?
Ni dabalu
Isaan keessaa erga amanti isaatti seenee
booda amanti kanatti gammachuu
dhabuun kan duubatti deebi’e jiraa?
Lakki
Wanta jedhu jechuun dura sobaan ni
yakkitu? (kana jechuun ani nabiyyidha
jechuun dura isaa sobu argitanii beektu?)
Lakki
Waadaa diigee beekaa? Lakki
Isa waliin wal waraantanii beektu? Eeyyen
Isaan yommuu wal loltan dhumti
waraanaa akkam turee?
Yeroo garii nuti
moo’ata yeroo garii
immoo isatu moo’ata
Hiraql: Maal akka hojjattan isin ajaja?
Abu Sufiyaan: “Rabbiin qofa gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa;
wanta abbootin keessan jedhan dhiisaa.” Jedha. Salaatatti, dhugaa
dubbachuutti, iffah (sagaagalummaa irraa ofii eegu) fi hariiroo firummaa
sufuutti nu ajaja.
153
Hiraql: Waa’ee sanyii isaa ilaalchise si gaafadhe, atis sanyii kabajamtu irraa
akka ta’e dubbatte. Haaluma kanaan Ergamtoonni ummata isaanii keessaa
sanyii kabajamtu irraa ergamu. Isa dura namni jecha kana dubbate ni jira
jedhee si gaafadhe. Ati lakki jette. Isin keessaa isa dura jecha inni jedhe
namni biraa osoo jedhee, “Kuni namticha jecha isa dura jedhame kan
hordofuudha.” Nan jedhaa ture. Abbooti isaa irraa mootin jiraa jechuun si
gaafadhe. Atis lakki jette. “Abbooti isaa keessaa namni mootii ta’e osoo
jiraate, sila kuni namticha mootummaa abbooti isaa barbaadudha.” nan
jedhaa ture. Wanta jedhu jechuun dura (Kana jechuun ani nabiyyiidha
jechuun dura) sobaan isa yakkitanii beektu jechuun si gaafadhe. Atis lakki
jette. Dhugumatti inni namoota irratti sobuu dhiisee Rabbiin irratti kan sobu
akka hin taane ani beekee jira. (Kana jechuun namoota irratti soba kan hin
dubbanne, Rabbiin irrattis soba hin dubbatu). Namoota sadarkaa guddaa
qaban moo namoota dadhabootu isa hordofa jechuun si gaafadhe. Atis
namoota dadhabootu isa hordofa jette. Isaan (namoonni dadhaboon ykn
hiyeessonni) warroota Ergamtoota hordofaniidha. Ni dabalan moo ni
hir’atan jechuun si gaafadhe. Ati ni dabalan jette. Haaluma kanaan dhimmi
iimaana hanga guuttamu [ni dabala]. Amanti isaa keessa namni erga seenee
booda itti gammaduu dhiisun namni duubatti deebi’e ni jiraa jechuun si
gaafadhe. Atis lakki jette. Haaluma kanaan, iimaanni yommuu mi’aan isaa
qalbiin walitti makamu [namni duubatti deebi’u hin jiru]. Waadaa ni diigaa
jechuun si gaafadhe. Atis lakki jette. Haaluma kanaan, Ergamtoonni waadaa
hin diigan. Maalitti akka isin ajaju si gaafadhe. Rabbiin qofa akka gabbartan,
homaa akka Isatti hin qindeessine. Sanama (siidaa) gabbaruu (waaqefachu)
irraa akka isin dhoowwu, salaata, dhugaa dubbachuu fi qulqullummaa
eegutti akka isin ajaju ni dubbatte. Wantoonni ati jette dhugaa yoo ta’e,
bakka luka lamaan kiyyaa kana ni too’ata. Akka bahu duraan nan beekaa
ture. Garuu isin keessaa ta’a jedhee hin yaanne. Osoo isa kan dhaqqabu
ta’ee, silaa isa qunnamuuf nan ariifadhaa ture. Osoo isa waliin ta’ee silaa
luka isaa nan dhiqaa ture…” Sahiih Al-Bukhaari 7
2-Al-Alaa’a bin Hadaramiyyi Amiira Bahreyn kan ture Munzir bin Shaawaa
yommuu Islaamatti waamu akkana jedheen: Yaa Munzir! Ati addunyaa
keessatti abbaa sammuu guddaati. Namoota birooti gadii miti. Majuusan
tunniin amantiin isaanii badaadha. Arabni amantii kanaan kan itti kabajamtu
154
miti. Beekumsa abbooti kitaabas hin qaban. Wal qunnamu irraa wanta nama
qaanessun wal-qunnamu. Nyaachu irraa wanta fagaachu qaban isaan ni
nyaatu. Guyyaa Qiyaamaa ibidda isaan nyaattu gabbaru (waaqefatu). Ati
nama ilaalcha fi aqlii dhabee miti. Mee ilaali: Nama gonkumaa addunyaa
keessatti hin sobne isa dhugoomsu diduun sirriidhaa? Nama gonkumaa hin
ganne, isa amanuu dhiisun sirriidhaa? Nama gonkumaa waadaa hin diigne
amanamummaa isarra gochuu dhiisun sirriidhaa? Kuni Nabiyyii hin
dubbisnee fi hin barreessine kan namni sammuu qabu akkana jechuu hin
dandeenyedha: wanta inni itti ajaju osoo irraa dhoowwe jiraate maal
qaba! Yookiin wanta irraa dhoowwe osoo itti ajajee jiraate maal qaba!
Yookiin irra namaaf darbuu osoo dabalee ykn adabbii isaa osoo hir’isee
maal qaba! (Fakkenyaf, Ergamaan Rabbii (SAW) waan gaarii hundatti ni
ajaju, waan badaa hunda irraa ni dhoowwu. Namni sammuu qabu "Waan
gaarii itti ajaju kana osoo irraa dhoowwe ykn waan badaa irraa dhoowwu
kana osoo itti ajajee." hin jedhu.) Kanaafu, kuni hundi fedhii warra sammuu
qabanii fi warroota xinxallaniin walitti kan galuudha.”
Al-Alaa’a bin Hadaramiyyi Ergamaan Rabbii dhugaa ta’uu karaa lamaan
ragaa erga itti argisiise booda Munzir Islaamummaa ni fudhate:
1ffaa- Fakkeenyan Eenyummaa Ergamaa Rabbii (SAW)
2ffaa- Ergaan inni namoota itti waamu guutuu ta’uu
3-Yeroo jalqabaatif Ergamaa Rabbii (SAW) irratti wahyiin (beeksisin) goda
Hiraa osoo jiru ni bu’e. Wahyiin bu’uu waliin nafsee isaa irratti ulfaatinni
itti dhagahame. Osoo qalbii isaa dhikkistuu fi hollattu gara Khadiijaa
deebi’uun akkana jedhe, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa
deemu ni haguugan. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe,
“Yaa Khadiijaa! Rakkoon kiyya maalii? Lubbuu tiyya irratti
sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni jette,
“Dhoorgami! Abshir (gammadi), Rabbiin kakadhe! Rabbiin gonkumaa si
hin salphisu. Rabbiin kakadhe! Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta
(eegda), dhugaa dubbatta, hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma
kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.” Sahiih
Al-Bukhaari:3
155
Khadijaan (Rabbiin ishii irraa haa jaallatu) amala guutuu isarraa beektun
Rabbiin akka isa hin salphisne ni ibsite. Kanaafi, Rabbiin (Subhaanahu wa
ta’aalaa) yeroo nabiyyi ergaa namootatti akka geessu ajaju, namni jalqaba
isatti amane Khadijaa turte. Guutummaan amala isaa dhugummaa (sidq)
isaa ragaa agarsiisudha.
4-Yeroo Ergamaan Rabbii (SAW) Abu Bakr siddiiqin (Rabbiin isarraa haa
jaallattu) gara Islaamatti waamu, Abu Bakr eenyummaa nabiyyi duraan kan
beekun ala ragaa biraa dhugummaa ergamaa Rabbii agarsiisu hin barbaanne.
Kana jechuun Abu Bakr Nabii Muhammad (SAW) eenyummaa isaa maal
akka ta’e fi amala guutuu isaa duraan sirritti beeka. Yeroo Nabiyyin gara
Islaamatti isa waamu, Islaama fuudhachu irraa duubatti hin harkifanne,
amala nabiyyi duraan waan beekuf. Nabiyyiin ummata isaa keessatti nama
dhugaa dubbatu, amanamaa, qulqullummaa ofii kan eegu fi amala guddaa
kan qabu ture. Kanaafi, Abu Bakr dhiirota keessaa nama jalqabaa isatti
amanee fi waamicha isaa fudhateedha.
3-Ergamtoonni darban amala Ergamaa kanaa dubbachuu fi wanta isaan jedhaniin walitti galuu Sammuun ilma namaa bilchinnaa fi qaroominna ol’aanaa irra yommuu
gahuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyi xumuraa ilmaan namaa
guututti erge. Shari’aan nabiyyi kanaas bal’aa fi namoota hundaaf yeroo fi
bakka osoo hin filatin kan ta’uudha. Kanaafi, Nabiyoonni Nabi
Muhammad(SAW) dura dhufan ummata isaanii nabiyyi xumuraa kanatti
akka amanan gorsaa fi dhaamafi turan. Mallatoolee ittiin beekanis itti
himanii jiru. Keessumaayyu, kitaabban Yahuudaa fi Kiristaanotaa keessatti
maqaan isaa, bakki irraa bahuu fi amaloonni isaa himamani jiru.
Yahudoonni Nabiyyi xumuraa bahuun dura garmalee eegu.
Yahudoonni odola Arabaa irra jiraatan Rabbiin nabiyyi dhumaa kana
isaaniif ergee Araboota sanama gabbaran akka injifatan kadhataa turan.
Garuu yommuu nabiyyiin kuni ilmaan Israa’il irraa osoo hin ta’in Araba
keessaa bahu isa waanyun itti kafaran. Dhugummaa nabiyyi kanaa amaloota
kitaaba isaanii keessatti himameen osoo beekanuu itti amanuu didanii diina
itti ta’an. Qur’aanni haala isaanii yommuu dubbatu:
156
“Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’ee waan isaan wajjiin jiru
dhugoomsu isaanitti dhufu, kan san dura akka warra kafaran irratti
injifannoo argatan [dhufaati Nabi Muhammad (SAW)] kadhachaa
turanii yeroo wanti isaan beekan isaanitti dhufu isatti kafaran.
Kanaafu, abaarsi Rabbii kaafirota irratti haa jiraatu.” Suuratu Al-
Baqarah 2:89
Yahudoonni Mushrikoota Arabootatiin akkana jechaa turan, “Yeroon
dhumaa (Aakhiru zamaan) yommuu dhiyaatu, Nabiyyiin xumuraa ni
ergama. Isa waliin isin waraanne isin balleessina.”1 Garuu Nabii
Muhammad (SAW) Qur’aana Tawraatii isaan bira jiru dhugoomsun
yommuu isaanitti dhufu, ni kafaran. Waa’ee Nabi Muhammad (SAW)
sirritti beeku. Akkuma Qur’aana keessatti dubbatame:
“Warroonni kitaaba kennineef akkuma ilmaan ofii beekanitti isa
beeku. Dhugumatti, gareen isaan irraa ta’e osoo beekanuu haqa
dhoksu. Haqni Gooftaa kee irraayyi, kanaafu warroota shakkan
keessaa hin ta’in.” Suuratu Al-Baqarah 2:146-147
Kiristaanonni fi yahudoonni kitaabban isaanii miccirraa fi jijjiraa baay’ee
keessatti haa uumaniyyuu malee hanga ammaa waa’ee Nabi Muhammad
(SAW) ilaalchisee Tawraati fi Injiil keessatti hafteen ni jira. Garuu warri
kitaabaa (Kiristaanotaa fi Yahuudonni) amala achi keessatti dubbatame
1 Tafsiir ibn kasiir 3/325
157
Nabi Muhammadi miti jechuun waakkatu. Injiil (Wangeel) itti dabaluun
maqaan Muhammad jedhu hiika Ahmad irraa akka horsifame ni dubbata.
Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) Nabiyyi isa booda dhufuun akka
isaan gammachise Qur’aanni ifa godha:
إهسءهيل إهن ه رسول بن ٱوإذ قال عهيس ﴿ ا لله ٱمريم يبنه ق ه صد إهلكم م هما بي يدي مهن ةه ٱل ي لورى ته مهن بعده
هرسول يأ ا ب ه حد فلما ۥسمه ٱومبش
أ
ه هنته ٱجاءهم ب بهي ذاقالوا ه لي حر م ﴾٦سه
“Yeroo Iisaan ilmi Mariyam, “Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti ani
Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatin keessatti na dura bu’e
dhugoomsuu fi Ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad
ta’een [isin] gammachisu ta’ee gara keessanitti ergame.” jedhe
[yaadadhaa]. Yeroma inni ragaalee ifaan isaanitti dhufe, “Kuni falfala
(sihrii) ifa galaadha.” Jedhan.” Suuratu As-Saff 61:6
“Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti ani Ergamaa Rabbii…gara
keessanitti ergame.” Kana jechuun gara wanta gaarii akka isin waamu fi
wanta badaa irraa akka isin dhoowwu Rabbiin gara keessan na erge.
Ragaalee ifa galaan na gargaare. Dhugaa ta’uu kiyya wanta agarsiisu
keessaa tokko “Tawraatin keessatti waan na dura bu’e kan dhugoomsu”
ta’uudha. Kana jechuun wanta Muusaan Tawraati fi Seerota irraa ittiin
dhufeen, anis ittiin dhufe. Akkasumas, tawraat waa’ee kiyya beeksisee ture.
Kanaafu,wanta Tawraat jedhe kunoo dhufuun dhugoomsee jira. “Ana
booda Ergamaa dhufu maqaan isaa Ahmad kan ta’een [isin]
gammachiisa.” Inni Muhammad bin Abdullah bin Abdul Muxxalibi dha.
Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) akkuma nabiyyoota biroo nabiyyi
isa dura dhufe ni dhugoomsa, nabiyyi isa booda dhufu immoo ni
gammachisa. Fuggisoo kanaa, kijibdoonni nabiyyoota faallessu. Amaloota,
naamusa, ajajuu fi dhoowwu keessatti isaan faallessu. (Kijibdoonni “Nuti
nabiyyidha” jedhanii bahan namoota gowwoomsu fi faayda addunyaatif
fiigu.)
158
“Yeroma inni ragaalee ifaan isaanitti dhufe” Kana jechuun Yeroma Nabi
Muhammad (SAW) akkuma Iyyasuus jedhe ragaalee ifa ta’aniin isaanitti
dhufu, haqa irraa garagaluu fi itti boonun, “Kuni falfala (sihrii) ifa
galaadha.” Jedhan.1
Tawraati fi injiil keessaa waa’ee Nabi Muhammad (SAW) ilaalchisee
baay’een haa haaqamuyyuu malee ammas hafteen akka keessa jirtu
hayyoonni Kiristaanaa gara Islaamatti deebi’anii fi hayyoonni Musliimaa ni
akeeku. Kana bal’innaan ilaaluf linkii kana tuquun ni danda’ama: Prophet
Muhammad In The Bible
Kanarraa ka’uun, namni amanti Yahuudaa ykn Kiristaanatti amanuu fi
gammachisa macaafa isaanii keessatti dhufee yoo qorate, gammachisni kuni
Nabii Muhammadin walitti kan galu ta’uu ni arga. Ergasii inni Nabiyyi
xumuraa akka ta’e beekun ni amana.
4-Mu’jizaa Akkuma seenaa irraa beeknu Nabiyyoonni baay’een ummata garagaraatti
ergamanii jiru. Ummanni kuni dhugaan ergamaa Rabbii ta’uu isaa
mirkaneessuuf ragaa ifaa Nabiyyii kana irraa barbaadan. Ragaa kanaa
isarraa barbaadun haqa isaaniti, yoo itti of-tuuluu fi itti baacuuf hin ta’in.
Kanaafu, ragaan ifaa kuni haala mu’jizaatin isaaniif dhufa. Tarii mu’jizaan
kuni akkuma isaan barbaadanitti yookiin immoo haala biraatin dhufuu
danda’a. Tolee mu’jizaa jechuun maal jechuudhaa? Ulaagaaleen isaa hoo
maalii? Eenyuuf kennamaa?
Hiika Mu’jizaa (Raajii) Jechi mu’jizaa jedhu jecha “i’ijaaz” yookiin “ajz” jedhu irraa kan
horsifameedha. Ajz jechuun dadhabinna. (Mu'jizaan ilma namaa kan
dadhabsisuudha). Kanaafu, Mu’jizaa jechuun aadaa irraa adda kan ta’ee,
ilmi namaa hojjachuu kan hin dandeenye fi Rabbiin dhugummaa ergamaa
1 Tafsiir ibn Sa’diyyi 1013
159
Isaa agarsiisuuf harka Ergamaa Isaa irratti kan mul’isuudha.1 Kanaafu,
mu’jizaan wantoota gurguddoo sadii of keessaa qabaa jechuudha.
Wantoota sadan kanniin ulaagaalee (sharxiwwan) mu’jizaa jechuunii
dandeenya. Isaaniis:
1-Mu’jizaan aadaa irraa adda ta’uu- kana jechuun haala namoonni
beekanii fi bartee godhatan irraa adda ta’uu.
2- Ergamaan mu’jizaa akka isaa kana akka fidan namoota affeeru. “Osoo homaa hin jijjiriin mu’jizaa akka kiyyaa kana isinis fidaa” jechuun
isaan waama. Yoo fidu dadhaban, inni ergamaa Rabbii ta’uu ni beeku.
Sababni isaas, mu’jizaa kana Rabbiin malee ilmi namaa hojjachuu hin
danda’u. Kanaafu, mu’jizaan dhugummaa ergamaa Isaa agarsiisuuf wanta
Rabbiin harka Ergamaa Isaa irratti mul’isuudha jechuudha.
3- Ummanni fi ilmaan namaa guutuun fakkaataa mu’jizaa san
faalleessu fiduu dadhabuu- asitti waa lamatu jira: 1ffaa- fakkaataa
mu’jizaa sanii fiduu, 2ffaa- haala fi bifa wal fakkaatun fakkaataa mu’jizaa
sanii fiduu danda’udha. Namoonni mu’jizaa san faalleessuf fakkaataa
mu’jizaa sanii yoo hojjatan garuu haalli fi bifti isaan itti hojjatan, haala fi
bifa mu’jizaa Nabiyyii irraa garagara yoo ta’e, morkiin isaanii kuni sirrii hin
ta’u. Fakkeenyaf, Mu’jizaa Nabii Iisaa (aleyh salaam) keessaa tokko nama
dhukkubsataa harkaan haxaawuun hayyama Rabbiitiin fayyisuudha.
Doktorrii dhufee qoricha fayyadamuun nama dhukkubsataa san yoo
fayyisee, kuni mu’jizaa hin jedhamu. Sababni isaas, bifni dhukkubsataa itti
fayyisee kan Nabii Iisaa irraa garagara. Qorichaan nama fayyisuun
aadaadhaan baramaa kan ta’eedha. Garuu harkaan haxaawanii fayyisuun
aadaadhaan kan baramee miti. Kanaafu, mu’jizaan ilmi namaa kamiyyuu
hojjachuu kan hin dandeenyedha. Inuma Ergamtoonni mataan isaanitu
hojjachuu hin danda’an. Rabbiin qofatu harka isaanii irratti mu’jizaa kana
mul’isa.
1 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal
jama’a-fuula 272 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asari
160
Asirraa ka’uun dogongora Kiristaanota baruun ni danda’ama. Mu’jizaa
(raajii) Rabbiin nabii Iisaaf kenne fayyadamuun “Iyyasuus nama fayyisa,
Iyyasuus nama fayyisa.” Jechuun ilma namaa dogongorsu. Eeti, nama
dhukkubsate fayyisuun mu’jizaa (raajii) Rabbiin isaaf kenneedha. Garuu
kuni Gooftaa isa hin taasisu. Sababni isaas, dhukkubsataa kan fayyise
dandeetti isaatiin osoo hin ta’in hayyamaa fi dandeetti Rabbiitiin.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota Isaatiif mu’jizaa adda addaa
kenneefi jira. Fakkeenyaf, Nabii Muusaaf (aleyh salaam) gara mu’jizaa
sagalii kenneefi jira. Isaan keessaa uleen Nabii Muusaa gara bofaatti
jijjiramuu, galaanni guddaan Bani Israa’iliif banamuun lafa gogaa irra
deeman ta’uu fi kan biroo eeruun ni danda’ama. Akkuma duratti eerre Nabii
Iisaafis mu’jizaan baay'een kennameefi jira.
Mu’jizaan Ergamtoota duraanitiif kenname mu’jizaa yeroo gabaabaf turuu
fi namoonni achi jiran qofti arguu kan danda’aniidha. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa Nabiyyi xumuraa erguu yommuu barbaadu, mu’jizaa yeroo
hundaa turuu fi namoonni hunduu ragaa bahuu kan danda’an Nabii
Muhammadiif (SAW) kenne. Mu’jizaan (raajin) guddaan Nabii
Muhammadiif (SAW) kenname maal akka ta’e beektu? Dhagayaa!
Mu’jizaan guddaan kuni Qur’aana.
Qur’aana booda mu’jizaan guddaan Ergamaa Rabbiitif (SAW) kenname
mu’jizaa Israa wal mi’raaj. Ergamaan Rabbii (SAW) ruuhi fi qaaman halkan
tokkoon gara samii ol fuudhamee jira. Kuni akkamitti ta’ee jechuun
gaafachuu dandeessu. Akkuma duratti jennee mu’jizaan wanta raajii fi
dinqisiisaa ta’e fi aadaa (bartee) namootaa irraa adda kan ta’eedha. Rabbiin
waan hundaa irratti danda’aa waan ta’eef, Ergamaa Isaa sa’aati muraasa
keessatti samitti ol fuudhu ni danda’a. Qur’aanni waa’ee Israa (Adeemsa
halkanii) kana yommuu dubbatu akkana jedha:
161
“Inni gabricha Isaa halkan Masjiidal Haraam irraa Masjiid Al-Aqsaa
kan naannoo isaa barakaa goonee, mallattooleen keenya akka isatti
agarsifnuuf deemsisee qulqullaa’e. Dhugumatti, Inni Dhaga’aa,
Argaadha.” Suuratu Al-Israa17:1
Kana jechuun Rabbiin kan gabricha Isaa Muhammadin (SAW) Masjiida
Haraam Makkatti argamu irraa gara Masjiida Al-Aqsaa Filisxeemi keessatti
argamutti halkan tokkoon fuudhe, hanqinnaa fi dadhabinna hunda irra
qulqullaa’e. Halkan tokkoon Makkaan irraa gara Al-Quds (Jerusaalam)
geessun wanta Isa dhibuu fi Isarratti ulfaatu miti. Yeroo ammaa namni
halkan tokkoon biyya tokko irraa biyya biraatti xiyaaran balali’a hin jiruu?
Garuu haalli Ergamaan Rabbii (SAW) Makkaan irraa Al-Qudsitti geefaman
haala namoonni xiyaaran itti balali’an irra adda. Kanaafi, adeemsi halkanii
Makkaan irraa gara Al-Qudsitti ergasii gara samitti Ergamaan Rabbii
(SAW) taasisan mu’jizaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) gara samii ol’aantu
bahuu Qur’aanni suuratu an-Najm keessatti ni dubbata.
Mu’jizaan biraa Ergamaa Rabbiitif (SAW) kenname keessaa jiiyni bakka
lamatti dhooyudha. Anas akka jedhetti, “Warri Makkaa Ergamaa Rabbii
(SAW) mallatoo akka isaanitti agarsiisu gaafatan. Innis dhoohinsa Ji’aa itti
agarsiise.” Sahiih Bukhaari 3637 fi Muslim 2802
Jiyni bakka lamatti baqaquun Qur’aanni haala kanaan dubbata:
بته ٱ﴿ ﴾١لقمر ٱ نشق ٱو لساعة ٱ قت
“Qiyaaman kaloofte (dhiyaatte); Jiinnis lamatti dhoohe.” Suuratu Al-
Qamar 54:1
162
Al-Haafiz ibn Kasiir (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) akkana jedha:
“Akkuma hadiisa sahiih mutawaatira ta’e keessatti dhufetti [dhooyun ji’a]
gadaa Rasuulaa (SAW) keessa ta’ee jira. Dhooyun ji’aa gadaa Rasuulaa
(SAW) keessa kan adeemsifame ta’uu isaa hayyoota Islaamaa jiddutti kan
irratti wali galameedha.. Mu’ijizaa beekkamaa keessaa isa tokko ture.”
(Tafsiir ibn Kasiir 7/472)
Mee gabaabbinaan Mu’jizaa Ergamaa Rabbii (SAW) biroo muraasa isaanii
haa eerru:
➹Nyaanni hangaan xiqqaa ta’e baay’achuu.
➹Bishaan baay’achuu fi qubbiin isaa jidduu burquu
➹Nama dhukkubsate wayyeessu, harka isaa irratti sahaabonni isaa gariin
osoo dawaa hin fayyadamiin fayyuu. Yeroo tokko Museylimatal Kazzaab
(Museylimaa Kijibaa) akkana jechuun gaafatamee, “Muhammad nama ijji
isaa dhukkubsatte itti tufuun fayyisa. Mee atille akka isaa hojjachuun nutti
agarsiisi.” Museylimanis ija dhukkubsatetti tufe. Ergasi ijji ni jaamte.
Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) du’aniin Museylimaan “Ani
Nabiyyiidha” jechuun ummata gowwoomsaa ture. Kanaafi, Museeylimal
kazzaab jedhame. Kanaafu, Nabiyyiin dhugaati fi namni kijibaan salphatti
addaan bahu.
➹Mu'jizaa Nabiyyii keessaa kan biraa wanta gara fuunduraatti dhufuu
beeksisu. Isaan keessaa wanta ajaa'iba hundi keenya ragaa baanu haa
eerru. Hadiisa Abu Hureyran gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW)
akkana jedhan:
“Namoota gosa lamaa warra ibiddaa irraa ta’an kanneen ani hin
agarretu [dhufa]. [1ffaa]: namoota alangee akka eegee horii fakkaatu
qabanii fi alangee kanaan namoota ittiin reebaniidha. [2ffaa]:
dubartoota uffatanii garuu qullaa mul’atan. Ofiillee dabanii namootas
baditti kan dabsaniidha. Mataan isaanii akka dalluu gaala bukhti gara
tokkotti dabuuti. Isaan Jannata hin seenan, fooli ishiis hin argatan.
163
Fooliin ishii fageenya hanganaa hanganaa irratti osoo
argameyyu.” Sahih Muslim 2128
"Dubartoota uffatanii garuu qullaa mul'atan" himni jedhu nama ajaa'ibsisa.
Akkuma Nabiyyiin jedhan dubartoota akkanaa gadaa kana ragaa bahaa jirra.
Uffata xiqqoo ofitti maxxansanii qaamni isaanii irra caalaan qullaadha. Kuni
sidq (dhugummaa) Ergamaa Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) wanta
agarsiisuu keessaa tokko.
Kitaaba wabii:
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,
fuula 285-301
164
Ergamaan Ilma Namaa Irraa Ta'uu Dhalli namaa jireenya keessatti hogganaa hordofee milkaa’innatti bahu
barbaada. Hogganaan namoonni hordofan kunis akkuma isaanii kan nyaatu,
dhuguu, uffatuu fi rafuu ta’uu qaba. Ta’uu baannan, uumama sanyii isaanii
irraa adda ta’e fi amalli isaa amala isaanii waliin kan hin deemne akkamitti
hordofu? Hordofuu jechuun wanta namni suni hojjatu ilaalun hojjachuudha.
Namoonni dhugaa kana hin hubanne dur irraa kaase, “Rabbiin maaliif
malaykaa ergamaa godhee hin ergine?” jechuun Ergamtoota Rabbii
faallessu. Rabbiin osoo malaaykaa erge akkamitti malaaykaa kana
hordofuu? Uumamni malaaykaa fi namaa garagara. Malaaykan hin nyaatu,
hin dhugu, hin fuudhu. Ilmi namaa immoo kana hunda godha. Rabbiin
(subhaanahu wa ta’aalaa) haala ilma namaa akkana jechuun ibsa:
ن يؤمهنوا إهذ جاءهم لناس ٱوما منع ﴿بعث لهدى ٱأ
ن قالوا أ
ا رسول لل ٱإهل أ ﴾٩٤بش
“Namoonni yommuu qajeelchi isaanitti dhufu, “Sila Rabbiin ilma
namaa Ergamaa godhee ergaa?” jechuu malee homtuu amanuu irraa
isaan hin dhoorgine.” Suuratu Al-Israa 17:94
Rabbiinis akkana jechuun deebii isaaniif kenna:
رضه ٱقل لو كن فه ﴿هن ل لنا عليههم م هي لنز هن ئهكة يمشون مطمئ
لسماءه ٱ مل ﴾٩٥ملك رسول
Jedhi, “Osoo dachii keessa Malaaykonni tasgabbaa’anii deeman kan
jiraatan ta’ee, silaa samii irraa Malaaykaa Ergamaa goone isaan
irratti buufnaa turre.” Suuratu Al-Israa 17:95
Malaykaan kan ergamuu malaaykota qofaaf akka ta’e Rabbiin ni beeksisa.
Sababni isaas, osoo Malaaykan namootatti ergamee, silaa namoonni haala
irratti uumameen malaykaa kana arguu hin danda’an.1 Malaykoonni
uumamni isaanii kan namootaa irraa adda kan ta’e fi guddinni isaanii kan
nama sodaachisudha. Rabbiin nabiyyoota qofa haala malaaykan irratti 1 Tafsiira Qurxubii- 13/178
165
uumame arguu irratti isaan dandeesise. Kanaafu, namoonni malaykaa
suuraa irratti uumame arguu fi isa waliin haasawu hin danda'an. Rabbiin
akkana jedha:
“Ni jedhan “Maaliif Malaaykan isa irratti hin buufamnee?” Osoo
malaaykaa buufne silaa dhimmichi ni murteefama; ergasii yeroon
isaaniif hin kennamu ture. Odoma malaayka isa gooneyyuu, silaa
dhiira isa taasifna, waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti
walfakkeessinaa turre.” Suuratu Al-An’aam 6:8-9
Maaliif Malaaykan nabiyyii irratti hin buufamnee? jechuun warri kafaran
gaafatan. Osoo malaaykaa buufne silaa dhimmichi ni murteefama. Ibn
Abbaas ni jedha: “Osoo malaaykaa suuraa inni irratti uumame arganii silaa
ni du’u. Isa ilaalu waan hin dandeenyef.” Hasanii fi Qataadan ni jedhan:
adabbii isaan balleessun ni baduu turan. Sababni isaas, nama mallattoo
barbaade, ergasii mallattoon tuni mul’atte yoo amanuu dide, Rabbiin
yeroma san ni balleessa. “Ergasii yeroon isaaniif hin kennamu ture.”
Kana jechuun hin tursiifaman.
“Odoma malaayka isa gooneyyuu, silaa dhiira isa taasifna…” -
Malaayka suuraa isaa irratti isa arguu hin danda’an, jismii (qaama) erga
ta’een booda malee. Sababni isaas, uumamni hunduu sanyii isaa waliin
taa’utti ni gammada, sanyii isaa kan hin taane irraa immoo ni dheessa. Osoo
Rabbiin olta’e ilma namaatti malaayka ergee, silaa isatti dhiyaachu irraa ni
dheessu, isa waliin hin taa’an. Dubbii isaa ni sodaatu, isa hin gaafatan…
Ammas, osoo malaaykan kuni suuraa dhiiraatin isaanitti ergamee akkana
jedhu turan: "Ati malaykaa miti. Ati ilma namaa qofa, sitti hin amannu."
Haala isaanii duraanitti ni deebi’u turan. Malaaykonni suuraa namaatin
166
ergamtootti dhufaa turan. Nabii Ibraahimii fi Luuxin suuraa namaatin itti
dhufan.
“waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeessinaa turre.”
Kana jechuun yommuu Ergamaan namaa isaanitti dhufu, “Kuni nama akka
keenyaati. Nama akka keenyaa hin hordofnu” Jedhan. Osoo malaaykalleen
suuraa namaatiin isaanitti dhufee, “Kuni nama akka keenyaati. Kanaafu, hin
hordofnu.” Jechuu turan. Haala kanaan ni dhama’u, isaan irratti
dhimmoonni wal fakkaatu, walitti makamu.1
Ogummaa (Hikmaa) Ergamaan ilma namaa irraa ta’uu Ergamaan gara ilmaan namaatti ergamu malaykaa osoo hin ta’in isaanuma
keessaa nama Rabbiin filateedha. Kuni faayda fi ogummaa baay'etu keessa
jira. Isaan keessaa mee muraasa haa eerru:
1-Namootaf fakkeenya ta’uu- osoo malaaykan namootatti ergamee, silaa
isa hordofuu fi fakkeenya isa godhachuuf ni rakkatu turan. Sababni isaas,
uumamni namaati fi malaayka garagara. Namni ni nyaata, ni dhuga, ni
fuudha. Malaaykonni immoo kana hundaa hin hojjatan. Osoo malaykaan
namootatti ergamee waan badaa irraa isaan dhoowwe, silaa namoonni
akkana isaan jechuu turan, “Ati uumama keenya irraa adda. Hin nyaattu, hin
dhugdu, hin fuutu. Wanti gara badiitti si dhiibu hin jiru. Kanaafu, ajaja kee
hin fudhannu.”
Uumaman namni jecha caalaa hojii namaa ilaalun hordofa. Kanaafu,
ergamaan ilma namaa irraa ta’uun, namoonni hojii isaa ilaalun akka
fakkeenyatti isa fudhatu. Rabbin ni jedha:
همن كن يرجوا لله ٱ كن لكم فه رسوله لقد ﴿ سوة حسنة ل لوم ٱو لل ٱأ
ر ٱ ا لل ٱوذكر لأخه ﴾٢١كثهير
1 Tafsiira Qurxubi-8/327-328
167
“Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas
Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa
(fakeenya) gaariitu isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21
2.Namoonni isa hodofuuf kakka’uumsa qabaachu- osoo ergamaan
Malaykaa ta’ee, silaa namoonni jireenya keessatti fakkeenya isa godhachuuf
kakka’uumsa hin qabanii turan. Sababni isaas, sanyii isaanii irraa adda kan
ta’ee fi uumamaan isaan irraa garagara waan ta’eef isa hordofuu hin
danda’an. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, sanyii isaanii irraa ergamaa
isaaniif erguun fakkeenya gaarii hordofuu qaban isaaniif godhe. Kanaafu,
ergamaa namaa hordofuuf kakkaa’umsa qabaatu. Tola kana Rabbiin haala
kanaan ibsa:
"Dhugumatti, Rabbiin yeroo ergamaa isaan irraa ta’e, kan
keeyyattoota Isaa isaan irratti dubbisu, isaan qulqulleessu, kitaaba fi
hikmaa (sunnaa) isaan barsiisu isaan keessatti ergu mu’mintoota irratti
tola ooleera. Dhugumati san dura isaan jallinna ifa bahaa keessa turan” Suuratu Ali-Imraan 3:164
Kana jechuun Rabbiin mu’mintoota (warroota amanan) irratti tola ooleera,
yommuu ergamaa sanyii isaanii irraa ta’e ergu. Sanyii isaanii irraa ta’uun
isa akka hordofan, waliin taa’un akka tasgabbaa'anii fi gaafi gaafatan isaan
taasisa. Osoo sanyii biraa irraa ta’e silaa kana hunda gochuu hin danda’an.
Ergamaan kuni keeyyattota Rabbii isaan irratti qara’a (dubbisa), waan
gaaritti isaan ajajuu fi waan badaa irraa isaan dhoowwun lubbuu isaanii
qulqulleessa. Qur’aana fi sunnaa isaan barsiisa. Dhugumatti isaan kana dura
jallinnaa fi dukkana keessa turan.
168
3.Namoonni Malaayka waliin wal-qunnamu dadhabuu- akkuma duratti
jenne osoo malaaykan suuraa jalqabaa irratti uumameen isaanitti ergame,
silaa isa waliin haasawu fi taa’u hin danda’an. Sababni isaas, suuraan isaa
suuraa namaa irraa adda kan ta’ee fi kan nama rifachisuudha. Kanaafu,
uumama irraa dheessani fi nama rifachisu irraa akkamitti ergaa Rabbii
beeku fi hubachuu danda’uu? Ergamaan isaan keessaa ta’uun isaaniif
rahmataa fi mararfannaadha.
Kitaabbilee wabii al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,
fuula 344-345
Tafsiira Ibn Kasiir 2/460-461
https://furtusammu.wordpress.com/2017/01/17/the-messengers-god-
sends/
Firii Ergamtoota Amanuu
Namni firii Ergamtootatti amanuu beeku barbaadu liinki kana irraa ilaalu
danda’a: https://sammubani.wordpress.com/2018/11/03/firii-ergamtootatti-amanuu/
169
Ergamtootatti amanuun waa afur of keessatti qabata:
Ergamtoonni dhugaan (haqaan) Rabbiidhaan kanneen
ergaman ta’uu amanuu
Ergamtoota keessaa maqaalee isaanii kan beeknu itti
amanuu
Oduu isaan irraa dhufuun isaa mirkanaa’e dhugoomsu
Ergamtoota keessaa seera (shari’aa) Ergamaa gara keenyaatti
ergamee hojii irra oolchu fi itti buluu. Nabiyyiin xumurraa
ilmaan namaa guutuuf ergamee Nabii Muhammad (salallahu
aleyh wa sallam).
Nabii Muhammaditti amanuu jechuun Nabii Muhammad (SAW)
ilma namaa guutuuf kan ergame ta’u dhugaan itti amanuu,
odeefannoo isarraa mirkanaa’e dhugoomsu, wanta inni itti ajaje
hojjachuu fi wanta inni irraa dhoowwe dhiisudha.
Qur’aana keessatti: “Jedhi [Yaa Muhammad], ‘Yaa namoota! Dhugumatti, ani
Ergamaa Rabbii Kan mootummaan samii fi dachii kan Isaa
ta’e irraa gara hunda keessaniitti [ergameedha].’” Suuratu Al-
A’araaf 7:158
Ammas Qur’aana keessatti:
“Wanta Ergamaan isiniif kenne qabaadhaa, wanta inni irraa
isin dhoowwe dhoowwamaa. Rabbiin sodaadha. Dhugumatti,
Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.” Suuratu Al-Hashr 59:7
Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jedha:
“Wanta tokko irraa yommuu ani isin dhoowwe, isa irraa fagaadhaa.
Ajaja tokkotti yommuu isin ajaje immoo isa irraa hanga
dandeessan hojjadhaa.” Sahiih al-Bukhaari 7288
GUDUUNFAA
170
171
Hundee Iimaanaa 5ffaa-Aakhiratti Amanuu Yawmul Aakhirah (Guyyaa Dhumaa)-jechuun guyyaa Qiyaamaa
namoonni du’an qorannoo fi mindaaf itti kaafamaniidha.Aakhira jechuun
dhuma ykn xumura wanta tokkoo jechuudha. Guyyaan Qiyaamaa guyyaa
Aakhirah jedhamee kan waamameef yommuu warri Jannataa Jannata
keessa qubatan, warri ibiddaa ibidda keessa seenan isa booda guyyaan
biraa waan hin jirreefi.1 Aakhiratti amanuun wantoota sadii of keessaa
qaba.
1ffaa- Du’aan booda kaafamuutti amanuu (Al-Iimaanu bil Ba’as) Kana jechuun yommuu xurunbaan si’a lammataaf afuufamu namoonni
du’an hundi akka kaafaman amanuudha. Namoonni miila duwwaa kophee
hin qabne, qaama qullaa hin uffannee fi kan hin kittaananne ta’anii
Gooftaa aalamaa fuundura murtiif dhaabbatu. Rabbiin (subhaanahu wa
ta’aalaa) ni jedha:
"Akkuma uumama duraa jalqabnetti isa deebifna. [Kuni] waadaa Nu
irra jiruudha. Dhugumatti Nuti ni hojjanna.” suuratu Anbiyaa 21:104
Kana jechuun uumamtoota deebisuun akkuma yeroo jalqabaa isaan
uumneti. Homaa kan hin turre ta’anii osoo jiranu akkuma jalqaba isaan
uumne akkuma kana du’a isaanitiin booda isaan deebisna.
1 Sharih Usuuli salaasa Fuula 100-103 Ibn Useymiin
1- Du’aan booda kaafamuutti amanuu
2- Qorannoo fi jazaatti amanuu
3- Jannataa fi ibiddatti amanuu
172
“[Kuni] waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti Nuti ni hojjanna.”
wanta waadaa galle hojii irra oolchina. Dandeettin Rabbii guutuu waan
ta’eef wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru.1
Erga du'anii ka'uun dhugaa mirkanaa’aa Qur’aanni, sunnaa fi wali galteen
Muslimootaa agarsiisudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Ergasii isin sana booda ni duutu. Ergasii dhugumatti isin Guyyaa
Qiyaamaa ni kaafamtu.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:15-16
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
يحشرالناسيومالقيامةحفاةعراةغرل
“Guyyaa Qiyaamaa namoonni miila duwwaa, qullaa fi kan hin
kittaanamne ta’anii walitti qabamu.” Sahiih Muslim
Akkasumas, Muslimoonni ilmaan namaa erga du’anii booda akka kaafaman
irratti walii galanii jiru. Kuni hikmaadhaan wanta barbaachisuudha. Rabbiin
olta’aan ilmaan namaa wanta gaarii akka hojjatanii fi wanta badaa akka
dhiisan karaa Ergamtootatiin isaan ajaje jira. Kanaafu, wanta hojjataniif
Guyyaa itti mindeefaman murteesse jira. Rabbiin ni jedha:
نكم إهلنا ل ترجعون ﴿ا وأ نما خلقنكم عبث
بتم أ فحسه
﴾١١٥أ
“Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin
deebifamne ta’uu ni yaaddu?” (Suuraa Al-Mu’uminuuna 23:115)
2ffaa- Qorannoo fi Jazaatti amanuu (Al-Iimaanu bil-hisaabi wal jazaa’a) Jazaa jechuun mindaa ykn adabbii namni tokko wanta hojjateef argatuudha.
Gabrichi hojii isaatiif ni qoratama. Ergasii hojii gaarii yoo hojjatee fi
ulaagaalee yoo guute, ni mindeefama, ta’uu baannan ni adabama.
Qur’aanni, sunnaah fi wal-galteen Muslimoota kana ni agarsiisu.
Rabbiin olta’aan ni jedha: 1 Tafsiiru Sa’dii-620
173
“Dhugumatti deebiin isaanii gara Keenya. Ergasii, qorannoon isaanii
Nurra jira.” Suuratu Al-Gaashiyah 88:25-26
Kana jechuun du’aan booda deebiin uumamtootaa garuma Keenya. Ergasii
gaariis ta’i badaa irraa wanta hojjataa turaniif isaan qoranna.1 Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ه ﴿ ه ۥفله لسنةه ٱمن جاء ب ومن جاء ب هها مثالهئةه ٱعش أ فل يزى إهل لسي
﴾١٦٠مهثلها وهم ل يظلمون
“Namni toltuun dhufe, isaaf [toltuu] ishii fakkaattu kudhantu jira.
Namni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishii malee hin mindeefamu.
Isaaniis hin miidhamanu.” Suuratu Al-An’aam 6:160
Kana jechuun namni dhugaan amanee fi toltuu hojjatee Guyyaa Qiyaamaa
dhufe, toltu san kan fakkaattu toltuu kudhantu isaaf jira. Kanaafu, mindaan
isaa isaaf baay’ata. Namni hamtuu hojjatee Guyyaa Qiyaamaa dhufe
immoo hamtuun isaaf hin baay’attu. Hamtuu (badii) hojjate qofaaf
adabama. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa)ni jedha:
“Guyyaa Qiyaamaatiif madaala haqaa lafa keenya. Lubbuun takkas
homaa hin miidhamtu. Yoo waan ulfinna hanga firii raafuu qabus ta’e,
ishii ni fidna. Qorannaafis Nuti gahoodha.”Suuratu Al-Anbiya 21:47
1 Tafsiiru Muyassar-593, Tafsiiru Sa’dii-1088
174
Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qorannoof Guyyaa
Qiyaamaa madaala haqaa dhaaba (lafa kaaya). Hojiin namni hojjate hundi
ni madaallama. Hojiin isaa xiqqeenya irraa kan ka'e osoo hanga firii raafuu
ykn xaafii taateyyuu Rabbiin ni fida. Eenyullee waan gaarii hojjate irraa
hir’ifamuun ykn waan badaa hojjateen ala badiin biraa isatti dabalamuun hin
miidhamu.1
Namni wanta hojjateef qoratamuu fi mindaan isaaf kafalamuun haqa
eenyullee hin kaanne (hin kijibsiisnedha). Mee amma of haa gaafannu,
namni aangoo qabu hojjattoota isa jala jiran wanta tokko akka hojjatan ni
ajaja. Dhumarratti abbaan aangoo (maanejarrii) kuni hojjattoonni kunniin
wanta san hojjachuu fi hojjachu dhiisu isaanii gaafate mindaa ni kafalaaf
moo ni dhiisa? Bu’aa wanta hojjatanii osoo hin gaafatin mindaa kafaluufi
danda’aa? Mindaa kan hin kennineef yoo ta’e, wanta sanitti ajajuun bu’aan
isaa maaliidhaa? Eeti, maanejarri hojjattoota wanta tokkotti ni ajaja. Hojii
isaanii irratti hundaa’e mindaa kafalaaf.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala fakkaata hin qabnee fi kana hundaa olta’e
namoota wayitti ajajee dhumarratti jazaa (mindaa) osoo isaanii hin kenniin
ni dhiisaa? Subhaanallah! (Rabbiin qulqullaa’e)! Dhugumatti, wanta itti
ajaje hojjachuu fi hojjachuu dhiisu isaanii dhumarrattti ni gaafata ykn ni
qorata. Ergasii hojii isaanii irratti hundaa’e isaan mindeessa. Nama toltuu
hojjate, mindaa gaarii kennaaf. Nama badii hojjate, adabbii irratti murteessa.
Ali Ibn Abi Xaalib akkana jedha: Har’a hojitu jira qorannoon (hisaabni) hin
jiru. Boru immoo qorannotu jira, hojiin hin jiru.” Kana jechuun addunyaa
tana keessa yommuu jiraatan, hojii hojjachuu malee guutumaan guututti
qoratamun hin jiru. Guyyaa Qiyaamaa immoo wanta addunyaa keessatti
hojjataa turaniif qoratamu malee hojiin hin jiru. Kanaafu, “Qoratamuun dura
of qoradhaa, madaallamuun dura of madaalaa!” Umar ibn Al-Khaxxaab.
1 Maddoota olii
175
3ffaa- Jannataa fi Ibiddatti amanuu Kana jechuun Jannani warroota amananii fi hojii gaggaari hojjataniif akka
qophoofte amanu. Ammas, ibiddi Jahannam warroota kafaranii fi badii
hojjataniif akka qophoofte amanuudha. Jannata keessa wanta ijji takkuu
argitee hin beekne, gurri dhagahee hin beekne fi qalbii namaa qaxxaamuree
hin beeknetu jira. Rabbiin ni jedha:
هما كنوا يعملون ﴿ عي جزاء بهن قرةه أ لهم م خفه
﴾١٧فل تعلم نفس ما أ
“Waan isaan hojjataa turaniif jecha akka mindaatti gammachuu ijaa
irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu
As-Sajdah 32:17
Kheeyri fi qananii baay’ee guddaa, gammachuu, mirqaansu fi mi’aa
isaaniif Jannata keessatti dhokfame namni tokkollee hin beeku. Akkuma
Rasuulli (SAW) jedhan, “Rabbiin olta’aan ni jedha, “Gabroota Kiyya
gaggaariif wanta ijji hin agarre, gurrii hin dhageenye fi qalbii namaa
irra hin qaxxaamurree qopheessefi jira.” Sahiih Al-Bukhaari 4780
لهحته ٱءامنوا وعمهلوا لهين ٱإهن ﴿ ١٠٧نزل لفهردوسه ٱكنت لهم جنت لصول هين فهيها ل يبغون عنها حه ﴾١٠٨خله
“Dhugumatti, isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Jannanni
Firdaws iddoo simannaa (qubannaa) isaaniif taatee jirti. Ishee keessa
yeroo hunda jiraatu. Ishee irraa jijjiramuu hin barbaadan.” Suuratu
al-Kahf 18:107-108
Ibiddi Jahannam immoo mana adabbi warra kafaranif Rabbiin
qopheessedha. Warri ibidda seenu warra Isatti amanuu didanii fi Ergamtoota
Isaatiif ajajamuu didaniidha. Salphinna hangana hin jedhamnetu achi keessa
jira. Rabbiin ibidda irraa nu haa tiiksu. Rabbiin ni jedha:
ٱو ﴿ ٱ لنار ٱ تقوا فهرهين لته هلك عهدت ل ﴾١٣١أ
“Ibidda kaafirotaaf qopheeffamte san sodaadhaa.” Suuratu Aali-
Imraan 3:131
176
“Dhugumatti, Rabbiin kaafirota abaaree fi ibidda boba’aa isaaniif
qopheessee jira. Abadii achi keessa kan turan ta’anii tiiksas ta’ee
gargaaraa [isaan baraaru] hin argatan. Guyyaa fuulli isaanii ibidda
keessatti gara gaggalfamu, “Yaa hawwii keenya! Osoo Rabbiif
ajajamnee, Ergamaa [Isaatiifis] ajajamne [jiraanne maal qabaa]!”
jedhu.” Suuratu Al-Ahzaab 33:64-66
"Isaan fincilan immoo teesson isaanii ibidda. Dhawaatuma isaan ishii
(ibidda) keessaa bahuu fedhaniin ishii keessatti gadi deebifamu.
"Adaba ibiddaa kan kijibsiisaa turtan dhandhama." isaaniin
jedhama." Suuratu As-Sajdah 32:20 (Isaan fincilan- Rabbitti kafaranii fi
Isaaf ajajamuu didan. Warri kuni "ibiddi Jahannam hin jiru, lamu hin
kaafamnu" jechuun mormaa ykn kijibsiisaa turan.)
177
Du’aan Booda Wanta Taasifamutti Amanuu Du’aan booda wantoota taasifaminitti amanuun wanta Aakhiratti amanuun
wal qabatuudha. Ilmaan namaa hunduu ni du’u. Kuni Murtii Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa murteessedha. Garuu hanga Qiyaamaan
dhaabbattu qabrii (awwaalcha) keessa ni tursifamu. Yeroo qabrii keessa
turan adabbii ykn qananii wayii ni dhandhamu. Adabbii Kanaan azaabul
qabr jennaan. Qananiin immoo ni’matul qabr jennaan. Namni adabamuun
ykn qananii dhandhamuun dura fitnaan (qormaanni) isa qunnama. Mee
amma sadan kanniin haala armaan gadiitiin haa ilaallu:
1-Fitnatul qabr (qormaata qabrii) Kuni namni erga awwaalameen booda gaafi malaykoonni
gaafataniidha.“Man Rabbuka (Gooftaan kee eenyu)?, Maa diinuka
(Amantiin kee maaliidha)?, Namticha isin keessatti ergamee ilaalchise maal
jettaa?” Jechuun isa gaafatu. Rabbiin namoota amananii fi hojii gaggaarii
hojjataa turan ni jabeessa. Gooftaan kiyyaa Rabbii (Allah) dha, amantiin
kiyya Islaama, Nabiyyiin kiyya Muhammad (SAW) jedha. Kaafirri, “Haa
haa! Laa adrii (Haa, haa hin beeku)” Munaafiqa ykn nama shakkuu yoo ta’e
immoo: Hin beeku, namoonni wanta tokko kan jedhan dhagahe,anis ni
jedhe.
2-Azaabul Qabr (Adabbii qabrii) Kuni adabbii kaafirootaa fi munaafiqoota irraa zaalimootaaf ta’uudha.
Rabbiin ni jedha:
ظلم مهمنه ﴿ى ٱومن أ ء ومن قال لله ٱعل فت إهل ولم يوح إهلهه ش وحه
و قال أ
با أ كذه
نزل أ نزهل مهثل ما
ٱسأ لهمون ٱولو ترى إهذه لل ئهكة ٱو لموته ٱفه غمرته لظ
طوا لمل باسهي
يههم أ نفسكم ده
خرهجوا أ
هما كنتم تقولون عل لهونه ٱتزون عذاب لوم ٱأ غير لله ٱب
ه ٱ ون ۦوكنتم عن ءايتههه لق ﴾٩٣تستكبه
“Nama Rabbiin irratti kijiba uumee yookiin osoo homtu isatti hin buufamin, “Wahyiin (beeksisni) gara kiyyatti bu’eera” jedhee fi
178
nama “Fakkaataa wanta Rabbiin buusee nan buusa” jedhe caalaa namni zaalimni eenyu? Yommuu zaalimoonni haguuggi du’aa keessatti ta’anii malaaykonni harka isaanii diriirsuun “Lubbuu teessan baasaa, dhugaan ala Rabbiin irratti waan jechaa turtanii fi aayata Isaa irraa of tuulaa turtaniif har’a adabbii salphisaa mindeefamtu.” [jedhan] osoo argite, [wanta rifachiisaa argitaa turte.]” Suuratu Al-An’aam 6:93
Kana jechuun machaa fi rakkoon du’aa zaalimootatti yommuu dhuftu,
malaaykonni harka isaanii diriirsuun rukuttaa cimaa rukutu. Akkuma
malaykota kanniin ijaan hin agarre, yommuu nama kana rukutaniis hin
agarru. Kuni wanta geeybi (ijaan hin mul’anneeti). Rukuttaa cimaa rukutaa
“Lubbuu keessan baasaa; Rabbiin irratti dhugaan ala wanta biraa
waan dubbataa turtanii fi keeyyattoota isaa irraa [waan] boonaa
turtaniif har’a jazaan keessan adabbii salphisaa ta’a.” jedhuun.
Zaalimooni kunniin, osoo isa hin ergin Rabbiin na erge jechuun yookiin
“Rabbiin ilma qaba ykn wanta akka Rabbiin buuse anillee nan buusa”
jechuun Rabbiin irratti dhugaan ala kijiba dubbataa turan. Ammas,
keeyyattoota fi Ergamtoota Isaatti ni boonan. Kana jechuun itti hin bulan,
hin masakamaniif. (ibn-kasiir 3/576-577)
Kuni raga cimaa adabbii qabrii agarsiisudha. Adabbiin qabrii qabrii qofa
keessatti osoo hin ta’in, battalaa du’aa irraa jalqabuun qabrii keessattis
hanga Rabbiin fedhetti adabbii itti fufuudha. Ragaan lammataa adabbii
qabrii agarsiisu, waa’ee Fira’awn fi hordoftoota isaa ilaalchisee Rabbiin
akkana jedha:
ا ويوم تقوم لنار ٱ﴿ ي ا وعشه لوا ءال لساعة ٱيعرضون عليها غدو دخهأ
شد ﴾٤٦لعذابه ٱفهرعون أ
"Ibidda ganamaa fi galgala ishii irratti fidamantu [isaan marsee].
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, “Ummata Fira’awna adabbii akkaan
cimaa seensisaa.” [jedhama]." Suuratu Ghaafir 40:46
179
Ruuhin ykn nafseen isaanii ibidda irratti fidamuun ni azzabamti (ni
adabamti). Guyyaa Qiyaamaa ruuhi fi qaamni walitti seenun, “Ummata
Fira’awna adabbii akkaan cimaa seensisaa.” Jedhama.
Ammas, Hadiisa sahiih ta’an keessatti azaaba qabrii Ergamaan Rabbii
(SAW) ni dubbatu.
Zayd ibn Saabit akkana jedha, “Ganda Bani Najjaar keessa Ergamaan
Rabbii (SAW) gaangee yaabbatanii osoo deemanu gaangeen isaan utaalun
kufisutti yommuu dhiyaattu nuti isa waliin turre. Ganda san keessatti qabrii
jaha, shan ykn afur arge. Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan, “Namoota
qabriwwan tanniin keessatti awwaalaman eenyutu beekaa?” Namtichi
tokko ni jedhe, “Ana” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Isaan kun yoom
du’an?” Innis ni jedhe, “Osoo Rabbiin waliin wanta biraa gabbaranuu
du’an.” Ergamaan Rabbis ni jedhan, “Namoonni kunniin qabrii isaanii
keessatti qoramaa jiru. Sababa azaaba qabrii dhagahuun wal awwaalu
kan hin dhiisne osoo ta’ee, silaa azaaba qabrii ani dhagahu akka isin
dhageessisu Rabbiin nan kadhaa ture.” Ergasi fuula isaatin nutti
garagalee akkana jedhe, “Azaaba qabrii irraa Rabbiin tiikfamaa.” Isaanis
ni jedhan,“Azaaba qabrii irraa Rabbiin tiikfamna.” Innis ni jedhe, “Fitnaa
irraa waan ifa bahee fi waan dhokataa Rabbiin tiikfamaa.” Isaanis ni
jedhan, “Fitnaa (qormaata cimaa) irraa waan ifa bahee fi waan
dhokataa Rabbiin tiikfamna.” Innis ni jedhe, “Fitnaa Dajjaal irraa
Rabbiin tiikfamaa.” Isaanis, “Fitnaa Dajjaal irraa Rabbiin tiikfamna.”
Jedhan.” SahiihMuslim 2867
Dabalaatan Hadiisni biraa azaaba qabrii ni mirkaneessa: Ibn Abbaas akka
gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) qabriiwwan lama bira darban. Ergamaa
Rabbii (SAW) ni jedhan, "Isaan lamaan kunniin azzabamaa jiru,
[dhiisuf] wanta guddaaf kan azzabamanii miti. Tokkoffaan jettee jettee
ol gadiin deema, lamaffaan, fincaan irraa of hin eegu." Sahiih Al-
Bukhaari fi Sahiih Muslim
180
3- Qananii qabrii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota dhugaan amanan yommuu
du’aan akkana jechuun isaan gammachiisa:
ٱثم لل ٱقالوا رب نا لهين ٱإهن ﴿ ل عليههم ستقموا ئهكة ٱتتنز ل تافوا ول لمل
أ
ه وا ب بشه ﴾٣٠توعدون كنتم لته ٱ لنةه ٱتزنوا وأ
“Dhugumatti, isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii, ergasii
gadi dhaabbatan, Malaaykonni isaan irratti bubbu’uun “Hin
sodaatinaa, hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen
gammadaa.” [jedhuun]” suuratu al-Fussilat 41:30
Ammas, haala nama du'uu fi du'aan booda wanta isa eeggatu haala armaan
gadiitin ibsa:
“(83)-Yeroo [nafseen] kokkee geessu,[maaliif hin deebifnee?] (84)-Yeroo
san isin kan ilaaltan taatanii osoo jirtanuu, (85)-Nuti isin caalaa gara
isaatti dhiyoodha, garuu isin hin argitan. (86)- Kan hin qoratamnee fi
hin mindeefamne yoo taatan [nafsee san deebisaa] (87)-Yoo kan dhugaa
dubbattan taatan maaliif hin deebifnee?” SuuratuAl-Waaqi’a 56:83-87
Yeroo namni tokko du’u yommuu nafseen bahuuf kokkee geessu, isin osoo
ilaaltanii fi bira jirtanuu maaliif nafsee san qaama keessatti hin deebisnee?
“Gooftaa Guyyaa Qiyaamaa isin kaasee isin qoratu fi jazaa isiniif kafalu yoo
mormitan, nafsee tana maaliif hin deebisne?1 Yoo kan hin deebisne ta’e,
dhimmi harka keessan osoo hin ta’in harka Rabbii akka jiru beekaa.
Yeroo duuti dhuftu namoonni bakka saditti qoodamu:
1 Zaadul Masiir-1394
181
Yoo namni du’u suni namoota Rabbitti dhiyeefaman irraa ta’e, [Isaaf]
haara galfii, gammachuu fi Jannata qananiitu jira. Yoo inni warra
mirgaa irraa ta’e immoo, Warra mirgaa irraa waan taateef nageenyi
siif haa ta’u.” [isaan jedhama]. Yoo [namni du’u] sobsiftoota jallattoota
irraa ta’e immoo, [Isaaf] affeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
Jahiim (Ibidda) seenutu isaaf jira. Dhugumatti inni kuni haqa
mirkanaa’adha.” Suuratu Al-Waaqi’a 56:88-95
182
Jiraachu Azaabaa fi Qananii Qabrii
Azaabni fi qananiin qabrii wanta geeybi (ijaan hin mul’anne) irraa waan
ta’eef nafsee nama du’ee malee namni biraa arguu hin danda’u. Namoonni
gariin wanta ijaan hin mul’annee (geeybi) kana ijaan arguu yommuu
barbaadan, qabrii banuun yaalan. Garuu azaaba fi qananii qabrii jedhame
hin argine. “Qabrii bal’attuu fi dhiphattu hin argine, qaamni nama du’ee
akkuma duraatti jira. Meeti ree azaabni qabrii?” Kana bu’uura godhachuun
azaabni fi qananiin qabrii hin jiru jechuun ofillee dhamaasanii namallee
dhamaasu. Har’a In sha Allah shakkii fi dhama’iinsa kana saaquf ni yaalla.
Azaabni fi qananiin qabrii jiraachuu karaa afuriin mirkaneessun ni
danda’ama:
1-Shari’i– kana jechuun Qur’aanni fi Hadiisni Nabiyyii (SAW) azaabni fi
qananiin qabrii akka jiru beeksiisanii jiru. Armaan olitti aayaata fi hadiisa
qananii fi azaaba qabrii dubbatan kaasne jirra.
2-Hiss (wanta namni ijaan arguu fi qaamolee miiraatin hubatamuu)–
Namni rafuu kamiyyuu abjuu ni arga. Tarii abjuu isaa keessatti qananii isa
gammachisu keessa ta’uu danda’a. Osoo rafuu nyaata mi’aawa nyaata,
bakka bal’aa fi bareedaa seena. Faallaa kanaa, namni biraa immoo osoo
azzabamuu (adabamuu) abjuun ni arga. Tarii osoo bofni isa ari’u, ibiddi isa
gubuu, iddoo dhiphaa seenun osoo rakkatu ni arga. Inuma adabbii fi rakkoo
kana irraa kan ka’e yeroo hirriba keessaa itti dammaqutu jira. Akkasumas,
adabbiin kuni yeroo qaama isaa irratti mul’atutu jira.
Namoonni nama rafu kana siree (algaa) irra jiraachu isaa ni beeku. Garuu
osoo inni rafuu adabbii inni adabamaa jiru hin argan. Yeroo hirribaa ruuhin
ykn nafseen ni adabamti. Tarii adabbiin kuni gara qaamattis ce’uu ni
danda’a. Hirribni obboleessa du’aati. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa
ta’aala “hirriba” wafaat (du’a) jechuun moggaase.
183
نفس ٱيتوف لل ٱ﴿هها و ل ي موت ك لته ٱحه فيمسه لته ٱلم تمت فه منامهها
ل لموت ٱقض عليها خرى ٱويرسههك لأيت ل ل إهن فه ذ سمى جل م
إهل أ
هقوم يتفكرون ﴾٤٢ل
“Rabbiin nafsee yeroo du’a ishii ni fudhata; tan hin duunes hirriba ishii
keessatti [ni fudhata]. Ergasii, tan du’a itti murteesse ni qaba (ni
hanbisa). Tan biraa immoo hanga beellama beekkamaatti gadi dhiisa.
Dhugumatti, kana keessa warra xinxallaniif mallattooleetu jira.”
Suuratu Az-Zumar 39:42
3-Aqliin (sammuun)- namni rafuu hirriba keessatti abjuu guyyaa adiin
haqa ta’u ni arga. Tarii Nabiyyii (SAW) abjuun amala isaa irratti arguu
danda’a. Namni Nabiyyi amala (sifata) isaa irratti argee dhugaan isa argee
jira. Kana waliinu namni rafu, osoo gola isaatii fi siree irra jiruu wanta argee
irraa baay’ee fagoodha. Yoo kuni haala addunyaa keessatti kan ta’u ta’e,
haala Aakhirah keessatti ta’uu irraa maaltu isa dhoowwaa?
4- Muxannoo namootaa– namoonni hundi nama du’e yeroo adabamuu haa
arguu baataniyyuu malee yeroo tokko tokko namoonni gariin adabbii qaama
isaa irratti ni argu. Seenaa fi naannoo keenyatti namoonni qaamni isaanii
jijjiramee fi qabrii isaanii keessatti bofni argame ni jiru. Kuni wanta Rabbii
fi Ergamaan Isaa jedhan kan dhugoomsudha.
Kanaafu, azaabni fi qananiin qabrii dhugaadha. Garuu namoonni dhugaa
kanatti hin amanne, “Osoo nama du’e irraa biyyee haane (saaqne), qabrii
bal’innaa fi dhiphinnaan jijjiramtu hin arginu.” yaada jedhu irratti
hundaa’un azaaba qabrii kijibsiisu. Deebiin kanaa maal ta’inna ree? Deebin
isaa karaa baay’eeni. Garuu isaan keessaa:
1ffaa-Shubuhaata (fafakeessaa) akkanaatin wanta shari’aan ittiin dhufe
faalleessun hin danda’amu. Osoo namni fafakkeessaa kanatti xinxallee, soba
akka ta’e ni beeka.
184
2ffaa-Haalli barzakha dhimma geeybi ijaan hin mul’anneedha. Osoo ijaan
mul’ate silaa faaydan geeybitti amanuu ni dhabamaa ture. Namoonni
geeybitti amananii fi namoonni kijibsiisan wal qixxaatu turan.
3ffaa-Azaaba fi qananii qabrii, bal’innaa fi dhiphinna ishii, nama du’ee
malee kan biraa hin hubatu. Kuni akka nama hirriba keessa jiruuti. Namni
gola keessatti osoo siree irra rafuu abjuun iddoo bal’aa fi gammachiisaa
yommuu seenee gammadu ni arga. Ammas, iddoo dhiphaa fi rakkoo
yommuu seenee rakkatu ni arga. Garuu iddoon inni rafuu hin jijjiramne.
Namoonni siree isaa irratti “Qaamni isaa nagaha kan homaa hin jijjiramne
ta’uu” beeku. Bakka bal’atu fi dhiphatu hin argan. Kana hunda kan argu
nama rafu qofa. Hirribni obboleessa du’aa waan ta’eef namni du’ees
haaluma kana. Asitti haalli nama du’ee fi nama rafuu karaa hundaan wal
fakkaata jechuu miti. Haala nama du’ee hundarra kan beeku Rabbuma.
4ffaa-Hubannaan ilma namaa hanga Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) isa
dandeesisee irratti kan daangeefameedha. Namni wantoota addunyaa irra
jiran guutuu hubachuu hin danda’u. Fakkeenyaf namoonni sheyxaanaa fi
Jinnii ijaan arguu hin danda’an. Yeroo dachii keessa deemanii fi balleessaa
adda addaa raawwatan nuti arguu hin dandeenyu. Namoota Jinniin qabde
maal akka ta’an tarii baay’een keenya ni beekna.1 Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
ءادم ل يفتهننكم ﴿ هن لشيطن ٱيبنه بويكم م خرج أ
ينزهع لنةه ٱكما أ
إهنه هههما هيرهيهما سوءت اسهما ل كم هو وقبهيله ۥعنهما له مهن حيث ل ۥيرىهلهين ل يؤمهنون لشيطهي ٱترونهم إهنا جعلنا اء ل وله
﴾٢٧أ
“Yaa ilmaan Aadam! Akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa
isaanii isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun Jannata
keessaa isaan baasetti sheyxaanni akka isin hin qorre (hin mokkorre).
Dhugumatti inni fi gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu.
1 Sharih Usuuli salaasa Fuula 104-109 Ibn Useymiin
185
Nuti, isaan hin amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Suuratu Al-
A’araaf 7:27
Guduunfaa
➠Qabrii keessatti qananiin ykn adabbiin kuni ruuhi fi qaama isaa ni
dhaqqaba. Ruuhin (nafseen) erga qaaman addaan baate booda tan
qananiifamtu ykn azzabamtu taate ni turti. Garuu yeroo garii ruuhin
qaaman wal qunnamuun qananiin ykn adabbiin isaan lamaanu dhaqqabu
danda’a. Guyyaa Qiyaamaa guutumaan guututti ruuhin gara qaamaa
deebi’uun qabrii keessaa kaafamu.1
➠Namni osoo rafuu waan gaarii arguun ni gammada. Ammas, waan badaa
keessa ta’uun ni rakkata. Iddoo dhiphoo seenun yommuu iyyuu fi rakkatu
of arga. Garuu iddoon inni rafuu kan dhiphatuu fi bal’atuu miti. Rakkinna
yeroo hirribaa inni dhandhamaa jiru namoonni naannoo isaa jiran hin
argan.
➠Haaluma kanaan, namoonni qananii fi adabbii nama du’ee arguu hin
danda’an.
➠ Hirribni obboleessa du’aati.
➡Rabbiin sababa garagaraatif namoota irraa adabbii qabrii dhokse. Isaan
keessaa;
(A) Osoo namoonni adabbii kana dhagahanii silaa naasu fi sodaa irraa kan
ka'e wal hin awwaalan.
(B)Osoo adabbiin nama du'ee dhagahamee silaa warri isaa ni salphatu,
halkanii guyyaa dhiphinna keessa jiraatu.
(C)Iimaana namootaa qoru-adabbiin qabrii geeybi irraa waan ta'eef
eenyutu amanaaf hin amanuu addaan baasuf.
1 Kitaabu Ruuh-Imaamu ibn al-Qayyim fuula 149
186
MALLATOOLEE GUYYAA QIYAAMAA
Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa jechuun Qiyaamaan dhiyaachu wantoota
agarsiisaniidha. Mattoleen kunniin mallaatolee gurguddaa fi mallatoolee
xixxiqoo jechuun bakka lamatti qoodamu. Maallattolee Qiyaamaa asitti
dhiyeessun kitaabicha waan dheeressuuf kitaaba kana irraa ilaalun ni
danda’ama: https://sammubani.files.wordpress.com/2020/05/mallatoolee-guyyaa-
qiyaamaa.pdf
187
Qiyaamaa Mormitotaaf Deebii Kenname Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iddoo jireenyaa lama uumee. Tokkoffaan,
iddoo jireenyaa gabaabdu taate fi qormaanni itti adeemsifamuudha. Iddoon
jireenyaa gabaabdun tunis addunyaa tana. Lamaffaan immoo iddoo
jireenyaa yeroo dheeraa turuu fi firiin qormaataa (jazaan) itti mul’atuudha.
Kanaafu, umriin iddoo jireenya gabaabdun tuni erga xumurame booda
Guyyaan iddoon jireenyaa dheeraan itti jalqabamuu ni dhufa. Kunis
Guyyaa Qiyaamaa ta’a. Guyyaa Qiyaamaa kana namoonni du’an
kaafamuun gara iddoo jireenyaa lammataatti oofamu.
Seenaa keessatti namoonni dhugaa kana kijibsiisan baay’eedha. Namoonni
erga du’anii akkamitti kaafamu? Lafeen isaanii erga bututtee booda eenyutu
isaan kaasaa jechuun shakkii ofitti naqu. In sha Allaah shakkii kana hanga
dandeenyun qulqulleessuf ni carraaqna. Warroonni Qiyaamaatti amanuu
didan yaadota armaan gadii hundee hin qabne irratti amantii isaanii ijaarun
Qiyaamaa kijibsiisan. Yaadota isaanii deebii waliin haala armaan gaditiin ni
ilaalla:
aada sobaa 1ffaa- “Khaaliqni jalqaba namoota uume lamuu
deebisuu hin danda’u” jechuun yaadu. Sababni guddaan yaada
sobaa kana akka yaadan isaan taasise dandeetti Uumaa fi
dandeetti uumamtoota wal qixxeessudha. Uumamtoonni wanta
bade deebisuu hin danda’an jedhanii waan yaadaniif Uumaniis wanta bade
deebisu hin danda’u jechuun yaadu. Yaada sobaa kana sammuu keessa
kaa’un namoonni lamuu hin kaafaman jedhanii mormu. Qur’aanni yaada
sobaa isaanii kanaaf karaa lamaan deebii kennaaf.
1ffaa- karaa wal madaalchisuu-Kana jechuun yeroo jalqabaatiif uumuu
fi erga badee booda deebisu wal madaalchisu. Hundii keenya wanta duraan
hin jirre uumuu irra wanta bade deebisuun akka salphatu ni beekna. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa wanta duraan homaa hin turre irraa
isaan uume. Jalqaba bishaan saalaa furrii fakkaatu irraa lafee, foon fi
qaamolee adda addaa kan baase, akkamitti biyyee erga ta’anii booda isaan
deebisuu dadhabaa? Hoggantoota Makkaa keessaa gariin isaanii lafee
Y
188
shamte fiduun Ergamaa Rabbii (SAW) fuunduratti butuchan. Ergasii ni
jedhan, "Yaa Muhammad! Namni du'e ni kaafama jetta. Mee nutti himi;
lafee shamtee fi bututte tana eenyutu lamuu kaasa?" Ergasii Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa Aayata (keyyatoota) armaan gadi buuse:
“Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee?
Yeroma san inni mormaa ifa bahaa ta’ee argama. Fakkeenya Nuuf
godhee fi uumama isaa dagatee, “Lafee erga bututtee [booda] eenyutu
jiraachisa?” jedha. “Kan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu
jiraachisa.” Jedhiin. Inni uumama hundaa Beekaadha.” Suuratu Yaasin
36:78-79
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama Qiyaamaa mormuu fi shakkuun
akkana jechuun gaafata: “Sila namni bishaan saalaa irraa akka isa
uumne hin arginee?”Kana jechuun namni lamuu kaafamu mormu jalqaba
maalirraa Rabbiin akka isa uume hin ilaalu? Bishaan saalaa dadhabaa qaama
keessa faca’e bakka tokkotti walitti fiduun isa uume. Bishaan kanarraa,
lafee, foon, harka, ija, gurra fi qaamolee biroo akka uumee sila ilaalun lamuu
deebifamutti hin amanuu? Bishaan dadhabaa qaama keessa faca’e walitti
fiduun kan isa uume, lafee bututtee dachii keessa facaates lamuu akka
deebisu haa beeku.
“Fakkeenya Nuuf godhee” Kana jechuun akka uumamtootaa dandeetti kan
hin qabnee fi dadhabaatti Nu ilaala. Akkuma namni du’aa deebisuu hin
dandeenye, “Rabbiinis nama du’e hin deebisu” jedhee yaada. “uumama
isaa dagatee, “Lafee erga bututtee [booda] eenyutu jiraachisa?” jedha.”
Kana jechuun jalqaba bishaan du'aa lubbuu hin qabne irraa isa uumuu
189
Keenya dagatee "lafee bututte eenyutu kaasa?" jedha.“Kan yeroo jalqabaa
ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Jedhiin.
Karaa 2ffaa- Dandeetti Rabbii dachii fi samii keessatti mul’atu beeksisuu-
namni kaafama mormuu, "nama du’e deebisuun jalqaba uumuu caalaa ni
ulfaata" jedhee yoo falme, Qur’aanni ragaa uumamaa namaati fi kaafama
caalaa guddaa ta’etti dabarsa. Innis, uumama samii fi dachiiti. Akkuma
namni hunduu beeku, uumamni samii fi dachii uumama fi kaafama namaa
caala. Kan samii fi dachii garmalee gurguddatan kanniin uume akkamitti
nama du’e kaasu dadhabaa? Rabbiin ni jedha:
ن ﴿و لم يروا أ
ته ٱخلق لهيٱ لل ٱأ رض ٱو لسمو
لقهههن ل ولم يع به
ن يـهى أ ر عل هقده ٱب ير ۥبل إهنه لموت ء قده ه ش
ك ﴾٣٣عل
“Rabbiin Kan samiiwwanii fi dachii uume, isaan uumuu keessatti kan
hin dadhabin du’aa kaasu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee sila?
Eeyyen! Dhugumatti, Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” suuratu
Al-Ahqaaf 46:33
Rabbiin samii fi dachii garmalee guddatanii fi bal’atan uume, ilmaan namaa
lamuu deebisuun gonkumaa Isarratti hin ulfaatu. Sababni isaas, Inni waan
hundaa irratti Danda’aadha. Samii fi dachii uumuu keessatti homaa hin
dadhabne. Namoota du'an deebisuu keessattis wanti Isa dadhabsiisu
tokkollee hin jiru.
Ilmi namaa akkuma jalqaba bishaan saalaa irraa nama uumuu hin
dandeenye, lamuus nama kaasu hin danda’u. Rabbiin Guddaan Olta’e
immoo akkuma jalqaba nama bishaan saalaa irraa uume, lamuus ni
deebisa. Kanaafu, dandeettin Rabbii fi dandeettin namaa gonkumaa wal
hin fakkaatan. Rabbiin wanta hundaa irratti Danda'aadha. Ilmi namaa
immoo dadhabaadha. Rabbiin wanta hundaa beekaadha.
190
Uumamni samii torbanii fi dachii uumama namaa caala. Kanaafu,
samii fi dachii garmalee gurguddan kanniin Kan uumee akkamitti
namoota xixxiqoolee kanniin lamu uumuun Isatti ulfaataa?
191
aada sobaa 2ffaa- “Namni du’e lafeen isaa bututtee
dachii keessa baddi. Suuraa fi amalli isaa hundi ni bada.
Kanaafu, Rabbiin nama lafeen isaa bututtee dachii keessatti
badde akkamitti deebisaa?” Sababni guddaan yaada sobaa kana
akka yaadan isaan taasisee, “Rabbiin lakkoofsa namoota du’anii, lafeen
isaanii eessa akka dhaqxuu fi wanta xiqqaaf guddaa hunda hin beeku.”
Jedhanii waan yaadaniifi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yaada isaanii
kana haala kanaan ifa godha:
ءهذا ضللنا فه ﴿رضه ٱوقالوا أ
فهرون ل هههم ك هلهقاءه رب بل هم ب يد ءهنا لفه خلق جده
﴾١٠أ
“Ni jedhan, “Sila yeroo [duunee] dachii keessa bannee, dhugumatti
uumama haarawa keessatti [lamuu ni uumamnaa]? Dhugumatti, isaan
qunnamti Gooftaa isaanitti kan kafaraniidha.” Suuratu As-Sajdah 32:10
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa akka beeku isaaniif
mirkaneessa. Lakkoofsa namoota du’anii, namoota dhalatanii fi wantoota
samii fi dachii keessa jiru hunda takka takkaan beeka. Inuma, wanta nafseen
isaanii isaanitti hasaastu fi wanta qalbii keessatti dhoksan hunda beeka.
Lafee bututtee dachii keessa badde takka takkaan akka beeku akkana
jechuun isaaniif ibsa:
رض ٱقد علهمنا ما تنقص ﴿ ﴾٤مهنهم وعهندنا كهتب حفهيظ ل
“Dhugumatti, wanta dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Nu
bira galmee tiiksatu jira.” Suuratu Qaaf 50:4
Kana jechuun lafee, foon, gogaa fi rifeensa isaanii irraa wanta dachiin nyaattu
dhugumatti ni beekna. Eessatti qaamni isaanii akka bittinaa’e fi lafeen isaanii
bututte takka takkaan ni beekna. Dabalataan galmeen kuni hundi keessatti
galmaa’e Nu bira jira. (Tafsiir Ibn Kasiir 7/395)
Y
192
ه لهين ٱوقال ﴿ ت ٱينا كفروا ل تأ لهمه لساعة هينكم ع ت
ه لأ لغيبه ٱقل بل ورب
ته ٱل يعزب عنه مهثقال ذرة فه رضه ٱول فه لسموهك ل ل صغر مهن ذ
ول أ
كب إهل فه كهتب م ﴾٣بهي ول أ
Warri kafaran, “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan. “Akka isin jettanii
miti. Rabbii kiyya Beekaa waan hin mul’anne ta’een kakadhe, dhugumatti
isinitti ni dhufti. Wanti hanga madaala atamii, wanti sana irra xiqqaa fi kan
sana irra guddaas samiiwwan keessatti fi dachii keessatti Isa irraa kan hin
miliqne ta’ee kitaaba ifa bahaa ta’e keessa jiraatu malee hin hafu.” Suuratu
Saba 34:3
Rabbiin wanta nutti mul’atuu fi hin mul’anne, nuti beeknu fi hin beekne hunda ni
beeka. Xiqqeenya irraa kan ka'e, wanti hanga atamii ykn firii xaafii samii fi dachii
keessatti Isarraa hin dhokatu. Lafeen hanga feete bututtee daaraa haa taatu, eessatti
akka bittinoofte Rabbiin ni beeka. Kanaafu, Kan waan hundaa beeku fi Danda’aa
ta’e nama du’e kaasun Isarratti hin ulfaatu.
Wanta nafseen isaanii isaanitti hasaastu beekumsi Isaa akka marsee akkana
jechuun Ibsa:
نسن ٱولقد خلقنا ﴿ ههه له قرب ۥ نفسه ۦونعلم ما توسوهس بونن أ
﴾١٦لورهيده ٱإهلهه مهن حبله
“Dhugumatti, nama uumneerra. Waan lubbuun (nafseen) isaa itti
hasaastus ni beekna. Nuti [beekumsa Keenyan] hidda dhiigaa caalaa
gara isaatti dhiyoodha.”Suuratu Qaaf 50:16
Samii torbanii fi dachii keessatti wanti xiqqaa fi guddaan Rabbiin irraa
hin dhokatu. Xiqqeenya irraa osoo hanga atamii ta’eyyu beekumsa Isaa
jalaa hin bahu. Lafeen namoota du’anii hanga feete bututtee dachii keessa
haa bittinooftu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa lakkoofsa lafee, eessatti
akka bittinoofte takka takkaan beeka. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa
namoota du’an kaasun Isatti hin ulfaatu.
193
aada sobaa 3ffaa-Wanti tokko yommuu adeemsifamu ijaan waan
hin arginiif gara fuunduraatti hin adeemsifamu. Nama du’ee kaafame ijaan
hin argine. Kanaafu, namoonni gara fuunduraatti hin kaafaman jechuudha.
Deebiin namoota kanniniif kennamu karaa baay’een ta’a.
1ffaa- wanta gara fuunduraatti uumamu wallaalu- ilmi namaa hanga
fedhe beekumsa haa qabaatu, wanta gara fuunduraatti dhalatu ykn uumamu
hin beeku. Karaan wanta gara fuunduraatti dhufu itti beekan karaa beeksisa
(wahyii) Rabbiin irraa nama dhaqqabeetini. Rabbiin wanta gara fuunduratti
raawwatamu hunda waan beekuf, wanta gara fuunduraatti dhalatan muraasa
isaanii ilma namaatti beeksisee jira. Isaan keessaa Qiyaamaan tokko. Mee
warroota Qiyaamaa kijibsiisan haa gaafannu, “Wanta gara fuunduraatti
uumamu hunda ni beektu?” Inuma mee haa gaafannu, xiyyaarri samii irra
balali’u kuni argamuun dura osoo lubbuun jiraattanii akkana isiniin
jedhame, ni amantu moo ni dhiistu? “Yeroo Murtaa’aa booda geejjibni
samii irra balali’u ni argama. Namoota sa’aati muraasa keessatti biyya irraa
biyyatti geessa.” Odeefannoon kuni odefannoo Rabbiin beeksise osoo ta’ee
fi geejjibni (xiyaarri) kuni akkuma jedhame yoo argame, namoonni geejjibni
akkanaa hin argamu jechuun kijibsiisaa turan maal ta’uu? Yoo san, hangam
kijibdoota akka ta’anii fi odefannoo Rabbiin irraa nama dhaqqabetti amanuu
akka qaban ni beeku. Qiyaamaanis haaluma kanaani. Rabbiin ni jedha:
"Kakuu isaanii kan daangaa gahe, "Rabbiin nama du'e hin kaasu"
jechuun Rabbiin kakatan. Lakkisaa [isin kaasa]; Waadaa Isa irratti
dhugaa ta'e [Rabbiin seenee jira]. Garuu irra hedduun namootaa hin
Y
194
beekan.
[Sababni du'a irraa isaan kaasuuf] wanta isaan keessatti wal dhaban
isaaniif ibsuu fi warri kafaran kijibdoota ta'uu isaanii akka beekaniifi."
Suuratu An-Nahl 16:38-39
2ffaa- Wal-bira qabuu (Qiyaasa)- Qur’aana keessatti:
ل لهيٱوهو ﴿ هيح ٱيرسه ا بي يدي رحتههه لر قلت سحابا ۦ بشحت إهذا أ
ههه نزلنا بهت فأ ل مي هقال سقنه له ههه لماء ٱث خرجنا ب
ه ۦفأ
لثمرته ٱمهن ك هك نرهج ﴾٥٧تذكرون م لعلك لموت ٱكذل
“Inni Kan bubbee gammachiisaa taasisuun rahmata Isaa dura
erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte, gara biyya (lafa)
duutetti oofna; ergasii bishaan irratti buusun gosoota fuduraalee
(firaafiree) hunda baafna. Akka kanatti du’aa kaafna. Akka
gorfamtaniif [kana hunda isiniif ibsine].” (Suuratu Al-A’araaf 7:57)
رسل لهي ٱ لل ٱو ﴿هيح ٱأ ههه لر حيينا ب
هت فأ فتثهير سحابا فسقنه إهل بل مي
رض ٱهك ل هها كذل ﴾٩لن شور ٱبعد موت
“Rabbiin Kan bubbee erguudha; isheenis duumessa ol kaafti. Ergasii
gara lafa duutetti isa oofnee dachii du’a ishiitin booda ittiin jiraachifna.
Du’aan booda kaasunis akkuma kana.” (Suuratu Faaxir 35:9)
Jechoota bakka lamaan armaan olii jiran mee haa hubannu. Jechoonni kunis,
“akka kanatti du’aa kaafna” fi “Du’aan booda kaasunis akkuma
kana.”
Akkuma yeroo bonaa biqiltoonni goganii dameen, baalli,
jirmii fi sanyiin isaanii biyyee keessatti bututuu fi bittinnaa’u, namnis erga
du’ee booda rifeensi, gogaa fi lafeen isaa biyyee keessatti bututanii
bittinnaa’u. Biqiltoonni dameen, jirmii, baalli fi sanyiin isaanii erga bututee
195
fi bittinaa’e booda maaltu hafaa? Dhugumatti sanyiin ykn hundeen
hiddaa ni hafa. Haaluma kanaan, rifeensi, gogaan, lafeen namaa erga
bututanii booda, lafeen xiqqoon sanyii biqiltootaatin wal fakkaatu ni hafti.
Lafeen xiqqoon tuni ajbu az-zanabi (lafee eegeeti). Lafeen eegee tuni lafee
gara taa’a irratti argamtuudha.
Akkuma sanyii biqiltootaa irratti bishaan roobsun sanyiin kuni hiddaa
fi jirma godhachuun lafa keessaa ol bahu, Guyyaa Qiyaamaas lafee
eegee tana irratti bishaan roobsun qaamni namaa ni ijaarrama. Mee
ilaali, Rabbiin subhaanahu sanyii biqiltuu xiqqoo tana irraa muka guddaa
jirmaa fi damee qabu baasa. Guyyaa Qiyaamas lafee xiqqoo tana irraa
qaama namaa harkaa lugaa, afaani funyaan qabu ijaara. Mee kana ilaalchise
hadiisa keessatti wanta dhufe haa ilaallu:
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti ilma namaa keessa
lafee gonkumaa ardiin (biyyeen) hin nyaannetu jira. Guyyaa Qiyaamaa
ishii irraa [qaamni ilma namaa] lamuu ijaarrama.” Namoonni ni jedhan,
“Lafee tami (kami) Yaa Ergamaa Rabbii?” Innis ni jedhe, “Ajbu az-zanabi
(lafee eegeeti)” Sahih Muslim 2955 c
Abu Hureeyran akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Afuuffi xurumbaa lamaan jidduu afurtama jira.” [Namoonni Abu
Hureeyraa marsan] ni jedhan, “Yaa Abu Hureyraa, guyyaa afurtamaa jechuu
keeti?” Innis ni jedhe, “Homaa jechuu hin danda’u”, Ni jedhan, “Ji’a
afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, 'Homaa jechuu hin danda’u' Isaanis
ni jedhan, “Waggaa afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, 'Homaa jechuu
hin danda’u' 'San booda Rabbiin bishaan samii irraa ni buusa. Ergasii
akkuma kuduraan (baaqelan, atarri) biqilu isaanis (namoonnis) ni
biqilu. Nama irraa wanti hin tortorre hin jiru lafee takkatti malee.
Lafeen sunis Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamti. Guyyaa Qiyaamaa
lafee tana irraa uumamni [namaa] ni ijaarrama.'” Sahih Muslim 2955 a
196
3ffaa-seenaa keessatti namoota du’anii kaafaman yaadachisuu-seenaa
keessatti namoonni erga du’anii booda kaafaman baay’eedha. Qur’aanni
iddoo adda addaatti nuuf hima. Fkn,
و ﴿ مر لهيٱك أ قرية عل خاوهية وهه ه عل ن قال اعروشه
ه ۦيحه أ ه لل ٱ هذه
بعد هها ماته موت يوما لهثت قال لهثت كم قال ۥ بعثه ثم عم مهائة لل ٱ فأ
و هك طعامهك إهل نظر ٱف عم مهائة ثت له بل قال يوم بعض أ اب سنه يت لم وش
ارهك إهل نظر ٱو جعلك حه هلناسه ءاية ولنه ها كيف لعهظامه ٱ إهل نظر ٱو ل ننشها نكسوها ثم علم قال ۥل تبي فلما لم
ن أ
لل ٱ أ ه عل
ء ك ير ش ﴾٢٥٩قده
“Yookiin namticha ganda mataa ishii irratti kukkuftee osoo jirtuu irra
darbee, “Du’a ishiitin booda akkamumatti Rabbiin tana jiraachisaa?”
jedhe, [hin ilaallee?]. Rabbiinis waggaa dhibba isa ajjeesee isa kaasun,
“Hangam turte?” jedheen. Innis, “Guyyaa tokko yookiin cinaa guyyaa
ture.” Jedhe. [Rabbiinis] ni jedhe, “Ati waggaa dhibba turte. Mee gara
nyaataa fi dhugaati keeti ilaali; hin jijjiramne. Gara harree keetis ilaali.
Namootaaf mallatoo si taasisuuf [kana goone]. Gara lafees ilaali,
akkamitti akka walitti qabnu fi ergasii foon itti uwwifnu.” Yeroma ifa
isaaf ta’u, “Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa ta’uu nan beeka.”
Jedhe.” (Suuratu Al-Baqarah 2:259)
Namtichi tokko ganda manneen ishii kukkuftee fi jiraattonni keessatti
dhuman biraan darbe. Kana ajaa’ibsifachuun “Rabbiin namoota du’an
kanniin akkamitti jiraachisa?” jechuun gaafate. Ergasii Rabbiin isa
ajjeessun waggaa dhibba tursiise. Waggaa dhibba kana keessatti, nyaanni fi
dhugaatin isaa hin jijjiramne. Garuu harreen isaa lafee ta’uun addaan
bittinoofte. Rabbiin waggaa dhibba booda namticha kana kaasun
mallatoolee sadii isaa fi namoota birootti agarsiise. 1ffaa: namticha mataa
isaa waggaa dhibba erga tursiise booda kaasu. 2ffaa, nyaanni fi dhugaatin
197
osoo homaa hin jijjiramiin akkasumatti tursiisu. Kuni Qudraa (Dandeetti)
Rabbii (Subhaanahu wa ta’aala) agarsiisa. 3ffaa: Harree duute fi lafeen ishii
bittinoofte fuula namtichaa fuunduratti kaasu. “Akkamitti akka walitti
qabnuu fi ergasii foon itti uwwifnu gara lafee ilaali” Jedheen.
Dhumarratti wanta jedhe itti haa xinxallinu. “Rabbiin waan hundaa irratti
Danda’aa ta’uu nan beeka” Kanaafu, Rabbiin nyaata fi dhugaati osoo hin
jijjiramin tursiisu fi lafee bututte deebisee kaasu irratti danda’aadha. Kuni
kaafama ijaan mul’atu fi gurraan dhagahamuudha.
Qur’aana keessatti namoota fi lubbu-qabeenyi biroo du’aan booda kaafaman
ni arganna. Ilaali suuratu Al-Baqarah aayah 243, 260 fi 73.
4ffaa-Iimaanni geeybitti amanuu irratti kan ijaarrame ta’uu- Osoo
Rabbiin yeroo hundaa nama du’e kaase silaa iimaanni geybitti amanuu osoo
hin ta’in wanta ijaan arganitti amanuu ta’a. Du’aan booda kaafamun wanta
ammatti ijaan hin mul’annee fi gara fuunduraatti adeemsifamuudha. Kanaan
geeybi (wanta ammatti ijaan hin mul’anne) jennaan. Iimaanni wanta ijaan
arganitti amanuu osoo hin ta’in wanta Rabbiin irraa nama gahe kan ijaan hin
mul’annetti amanuu irratti kan hundaa’edha. Namni wanta tokko ijaan argee
yoo amane kuni iimaana hin jedhamu. Kanaafi, Guyyaa Qiyaamaa
namoonni duraan kafaran, “Rabbii keenya! Argine, dhageenye. Kanaafu,
hojii gaarii hojjannaa nu deebisi. Dhugumatti, nuti amma dhugaan
amannee jirra.” Jedhu. (Suuratu As-Sajdah 32:12) Garuu kuni homaa isaan
hin fayyadu.
198
aada sobaa 4ffaa: “Fedhiin Khaaliqa jireenya tana
jalqabuudha malee jireenya tanaan alatti gara biraatti kan darbuu
miti. Ogummaan (Hikmaan) Isaa hundii jireenya tana qofa
keessatti guuttama. Jireenya tanaan ala jireenyi biraa wanti
jedhamtu hin jirtu. Ni nyaanna, ni dhugna, ni duuna. Dubbiin asirratti
dhumate. Aakhirah wanti jedhamu hin jiru.”
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yaada sobaa kanarratti akkana jechuun
deebisa:
نكم إهلنا ل ترجعون ﴿ا وأ نما خلقنكم عبث
بتم أ فحسه
لل ٱفتعل ١١٥أ
ٱ لملهك ٱ ﴾١١٦لكرهيمه ٱ لعرشه ٱل إهله إهل هو رب لق
“Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin
deebifamne ta’uu ni yaaddu? Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e. Isa
malee Kan haqaan gabbaramu hin jiru. Inni Gooftaa Arshii
kabajamaati.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:115-116
Osoo jireenya tanaan ala jireenyi biraa kan haqummaan Rabbii keessatti
guuttamu jiraachu baatte silaa, jireenya addunyaa tana uumuun tapha ta’aa
ture. Rabbiin guddaan tapha irraa qulqullaa’e.
Zaalimonni (namoonni cunqursaa hojjatan) zulmii isaaniitiif osoo hin
adabamin du’aan baay’eedha. Namoonni cunqurfamaniis osoo haqa hin
argatin du’an baay’eedha. Kunniin hundi akkanumatti du’anii achumaan ni
baduu? Kuni gonkumaa hin ta’u. Kanaafu, zaalimonni akka adabamanii fi
namoonni toltu hojjatan akka badhaafamaniif du’aan booda kaafamun
dirqama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
Y
199
وعد ﴿ ا عكم جهيع ا إهنه لله ٱإهلهه مرجه جزهي ۥثم يعهيده للق ٱيبدؤا ۥحقى لهلهحته ٱءامنوا وعمهلوا لهين ٱ ه لص هن لهين ٱو لقهسطه ٱب اب م كفروا لهم ش
هما كنو م ب له حهيم وعذاب أ ﴾٤يكفرون ا
“Deebiin hunda keessanu gara Isaa (Rabbiiti). [Kuni] waadaa Rabbii
haqa [ta’eedha]. Dhugumatti, Inni uumuu ni jalqaba, ergasiis ni
deebisa. [Kana kan godhuuf] warroota amananii fi hojii gaggaarii
hojjatan haqummaan mindaa isaaniif kennuufi. Garuu warroota
kafaran waan kafaraniif jecha isaaniif dhugaatii bishaan danfaa irraa
ta’ee fi adabbii laaleessaatu jira.” Suuratu Yuunus 10:4
Guyyaa Qiyaamaa deebiin keessan hundaa gara Gooftaa keessaniiti. Kuni
waadaa Rabbii haqa ta’eedha. Inni uumamtoota argamsiisuu Kan jalqabuu,
ergasii du’aan booda Kan deebisuudha. Du’aan booda kan isaan kaasuuf
namoota qalbii isaaniitiin hundeewwan iimaana jahanitti fi dameewwan
isaatti amananii fi hojii gaggaarii hojjatan haqummaan mindaa isaaniif
kennuuf. Namoota keeyyattoota Rabbiitti amanuu didanii fi Ergamtoota
Isaa kijibsiisaniif immoo bishaan danfaa fi adabbii laalessaatu jira. Kuni
sababa isaan kafaraniifi.1
Kitaabban wabii:
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,
fuula 573-580
https://furtusammu.wordpress.com/2018/04/15/who-is-your-lord-no-7/
1 Tafsiiru Muyassar-208, Ma’aariju Tafakkuri-10/44, Tafsiir Sa’dii-410
200
Wantoota Qiyaamatti akka hin amanne nama taasisan Tolee, karaalee shakkii Guyyaa Qiyaamaa ittiin qulqulleessan ilaalun
dura mee wantoota Guyyaa kanatti akka hin amanne ykn shakkaniif
sababa ta’an haa ilaallu. Wantoonni Guyyaa Qiyaamatti akka hin amanne
sababa ta’an keessaa gurguddoon lama.
1ffaa: Badii ykn cubbuu hojjachuu. Badii adda addaa hojjachuun qalbii
gurraachessuun ragaa ifa bahaa akka hin argine nama taasisa. Qur'aana
keessatti:
“Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! Guyyaa Murtii kanneen
kijibsiisaniif. Namni isa (Guyyaa Qiyaama) kijibsiisu hin jiru,
daangaa darbaa, dillaawaa hunda malee. Yeroo keeyyattoonni
Keenya isa irratti dubbifaman, ‘Oduu warra duriiti.” jedha. Haa
dhoorgaman! Wanti isaan hojjataa turan qalbii isaani haguuge.”
Suuratu Al-Muxaffifin 83:10-14
“Guyyaan Murtii (Qiyaamaa) hin dhufu” jechuun kan morman namoota
daangaa darbanii fi dillaawo (badii hojjatan) malee eenyullee hin jiru.
Namni kuni yommuu keeyyattonni (aayaatni) Rabbii isaaf dubbifaman,
“Oduu warra duriiti” jedha. Dhugumatti, oduu warra duriiti miti. Haqa
akka aduu ifa ta’eedha. Garuu qalbiin isaanii cubbuun ykn badiin waan
haguugamteef haqa fi ragaa kana hin argan.
2ffaa: Addunyaa garmalee Jaallachuu- namni yommuu jireenya
addunyaa tana garmalee jaallattu, waan zalaalami keessa turu itti fakkaata.
Inumaa Guyyaan Qiyaamaa hin jiru jechuun morma. Qur’aana keessatti
seenaa ajaa’iba suuratu al-Kahf:32-43 keessatti ni arganna. Seenaa san
201
gabaabbinaa fi muraasa isaa yommuu ilaallu; namoota lamatu ture.
Namtichi tokko kaafira, kan biraa immoo mu’mina (nama dhugaan
amane). Namtichi kaafiraa ooyru inabaa (firii weeynii) lama qaba. Lamaan
isaanitu mukkeen temiraatin kan marfamaniidha. Bishaan jidduu isaanii
yaa’a. Ooyrun tunniin firii kennuu itti fufan. Homaa hin hanqisan.
Yommuu ooyrun tunniin firii inabaa nama hawwisistu buustu, namtichi
kaafiraa kuni namticha mu’minaatin akkana jedhe, “Anatu qabeenyan si
caala, gosaanis sirra jabaadha.” (suuratu al-kahf:34) Dabalataan osoo
lubbuu ofii miidhee jiru ooyru isaa keessa seenu fi qabeenya isaa
ajaa’ibsifachuun akkana jedhe, “Ishiin kuni gonkumaa ni baddii hin
yaadu. Qiyaamanis ni dhaabbatti hin yaadu. Dhugumatti yoon gara
Gooftaa kiyyaa deebifamee, iddoo deebii kan isa caalun
argadha.” (suuratu al-kahf:35-36)
Argitanii! Kaafirri akkamitti qabeenya fi jireenya addunyaa tanaan akkatti
gowwoomu. Garuu dhumarratti, qabeenyi isaa kuni jalaa bade.
Gaabbidhaan ganaa (shanacha) lamaan isaa gaggaragalchaa akkana jedhe,
“Yaa gaabbii koo! Odoo Gooftaa kiyyatti waa tokko dabaluu
(qindeessu) baadhe maal qabaa!” (suuratu al-kahf:42)
Kanaafu, namni qabeenya fi miidhaginna addunyaatin gowwoomun
Guyyaa Qiyaamatti kafaru, dhumarratti ni salphata, hin milkaa’u.
Dabalataanis seenaa Qaarun suuratu Qasas (28): 76-82 irraa dubbisuu
dandeenya. Qaarun qabeenya baay’ee Rabbiin ni kenneef. Qabeenya
Kanaan garmalee of tuule, badii adda addaa raawwate. Dhumarratti,
Rabbiin isaa fi iddoo jireenya isaa dachiin akka liqimsitu taasise. Hanga
fedhan qabeenyaa fi humnaa haa qabaatan, “Edaa dhugumatti
kaafiroonni hin milkaa’an.” (Suuratu Qasas 28:82)
Akka dabalataatti, wantoota Guyyaa Qiyaamaa akka shakkan nama
taasisan keessaa kan biroo, beekumsa sirrii barbaadu dhiisu fi hojii
gaggaarii hojjatan keessatti niyyaa Rabbiif qulqulleessu dhiisudha.
202
203
Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf Jireenya keessatti sababni guddaan namoonni yeroo baay’ee gammachuu
fi milkaa’inna itti dhaban maal akka ta’ee beektu? Tarii qarshii dhabuu,
namni jaallatan du’uu, qabeenyi barbadaa’u fi kan biroo jechuu dandeessu.
Eeti, kunniin sababa ta’uu danda’u. Garuu sababa guddaa ta’uu danda’u?
Sababa guddaa ta’uu hin danda’an. Dhugumatti, sababni guddaan jireenya
keessatti gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban, Guyyaa Qiyaamatti
kafaruu ykn shakkuudha. Mee amma karaalee shakkii kana ittiin oofan haa
ilaallu:
1.Salaata sirnaan salaatu- dhugumatti milkaa’inni fi gammachuun
addunyaa fi Aakhiraa salaata keessa jira. Salaanni gara Rabbitti nama
kaleessun eeggumsa, gargaarsa fi tiika Isaa akka argatan nama taasisa.
Karaan addunyaa irraa eegalee hanga Aakhiraa dheeratu daandii dheeraa
gargaarsa fi eeggumsa gaafatuudha. Sheyxaanni daandii kana irraa nama
jallisuun ibiddatti akka seenan sababa ta’a. Kanaafu, daandii dheeraa fi
diriiraa kana irraa sheyxaanni akka nama hin jallisne yeroo hundaa
eeggumsa, gargaarsa, qajeelcha fi tiika Rabbii barbaachisaa miti ree?
Karaan kanniin hunda ittiin argannu salaata sirnaan salaatuni. Rabbiin ni
jedha:
ها ﴿ ي أ ٱءامنوا لهين ٱي ه ستعهينوا ه ٱو لصبه ٱب ة هين ٱمع لل ٱإهن لصلو به ﴾١٥٣لص
“Yaa warra amantan! Obsaa fi salaataan gargaarsa barbaadaa.
Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Suuraa Al-Baqaraa
2:153
2.Tawbachuu (gara Rabbii deebi'u) fi Istighfaara (Rabbiin irraa
araarama kadhachuu) baay’isuu- akkuma irranatti jenne, shakkii
Guyyaa Qiyaamatiif ykn hundeewwan imaanaa keessaa tokkoof sababa
guddaa kan ta’u cubbuu ykn badii hojjachuudha. Badii hojjachuun balbala
bal’aa karaa sheyxaanni ittiin seenu namatti bana. Namtichi yommuu badii
hojjatu, sheyxaanni hasaasa badaa adda addaa itti darba. Namni Guyyaa
Qiyaamatti amanuu kan diduuf ragaalee fi mallatooleen dhabamanii osoo
hin ta’in badii inni hojjatetu haqa akka hin hubanne qalbii isaa oggore.
Baditti yoo lixan haqa akka jibbanii fi hin argine nama taasisa. Rabbiin
(subhaanahu wa ta'aalaa) ni jedha:
204
ه لهين ٱفليحذره ﴿ مرههم ۦ يالهفون عن أ له
يبهم عذاب أ و يصه
يبهم فهتنة أ ن تصه
﴾٦٣أ
"Isaan ajaja isaa (Nabiyyi) faallessan fitnaan wayii isaan tuquu
yookiin adabbiin laalessaan isaan tuqu irraa of haa eegan." Suuratu an-
Nuur 24:63
Ajaja nabiyyii yommuu jedhu sunnaa isaa, shari'aa Islaamaa fi kkf.
Fitnaan immoo kufrii, shakkii, nifaaqa, bid'aa fi kkf. Adabbiin immoo
ajjeechaa, hidhaa fi kkf. (Tafsiir ibn Kasiir)
Namni yommuu ajaja Nabiyyii (SAW) faallessu takkaa fitnaan qalbii isaa
tuqa takkaa immoo wantoota adda addaatin adabama. Wanta Nabiyyiin itti
ajaje hojjachuu dhiisu fi wanta inni irraa dhoowwe hojjachun ajaja isaa
faallessudha. Kanaafu, karaan bal'aan fitnaan shakkii, kufrii fi kkf ittiin
dhufu ajaja Nabiyyi faallessudha.
Karaan kana jalaa ittiin bahanii haqa itti argan immoo gara Rabbii
deebi’uu fi araarama Isa kadhachuudha. Ergasi wanta itti ajajaman
hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisudha. Sababni isaas, Ergamaa
Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Yommuu namni Mu’minaa (dhugaan amane) badii hojjatu, qalbii
isaa irratti tuqaan gurraattin ni mul’atti. Yoo gara Rabbii deebi’e,
[cubbuu irraa] buqqa’ee fi araarama Rabbiin kadhate, qalbiin isaa
ni cululuqxi (ni addaatti). [Cubbuu hojjachuu] yoo itti dabalee (itti
fufee), tuqaan gurraattinis ni guddatti. Suni “Ar-Raana” Rabbiin
kitaaba Isaa keessatti dubbateedha.“Haa dhoorgaman! Wanti isaan
hojjataa turan qalbii isaanii haguuge. (raana alaa quluubihim)” Al-
Muxaffifin 83:14 Sunan Ibn Majah
Salaata sirnaan salaatanii erga xumuranii booda, fitnaa shakkii jalaa
bahuuf Rabbiin hidda onnee jalaa araarama kadhachuun furmaata
guddaadha. Shakkiin qalbii waan jeequf, araarama yommuu kadhatan
shakkii kana oofun tasgabbii namaaf fida. Kanaafi, Rabbiin (Qulqullaa’an
olta’e) Qur’aana keessatti irra deddeebi’uun, “Gooftaa keessan
araarama kadhaa, dhugumatti Inni yeroo hundaa araaramaadha.”
205
(71:10), “Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaa
deebi’aa” (11:52,90)” jedha.
Kanaafu, furmaanni cimaan shakkii itti oofan cubbuu irraa buqqa’uun
gara Rabbii deebi’uu fi yeroo hundaa araarama kadhachuudha. Mee
du’aayi tana bartee haa godhannu:
ه غفهر ٱربنا ف ﴿ هر عنا سي هنا وتوفنا مع لنا ذنوبنا وكف براره ٱات ﴾ل
Rabbanaa faghfir lanaa zunuubanaa wa kaffir 'annaa sayyi’aatinaa
wa tawaffanaa ma’al-abraar.
“Gooftaa keenya! Badii keenya nuuf araarami; hamtuwwan keenyas
nurraa harcaasi; warra qulqulluu wajjinis nu ajjeesi.“ Suura Ali-Imraan:
193
Hiika jechootaa: Rabbanaa (Gooftaa keenya), faghfir (araarami), lanaa
(nuuf), zunuubanaa (badii keenya), kaffir (harcaasi), ‘annaa (nurraa),
sayyi’aatinaa (hamtuwwan keenya), tawaffanaa (nu ajjeessi), ma’a
(wajjiin), al-abraar (warra qulqulluu)
3.Sheyxaana Rabbitti maganfachuu-Maganfachuu jechuun wanta nama
miidhu irraa gara wanta nama eegutti fiigun eeggumsa isaa barbaadudha.
Sheyxaanni nama jallisuuf shakkii qalbii irratti darba. Dhugaa soba, soba
dhugaa fakkeessa. Ragaa ifa jiru kana akka hin fudhanne namatti hasaasa.
Rabbiin (Azza wa Jalla) ni jedha:
ه ستعهذ ٱنزغ ف لشيطنه ٱوإما ينزغنك مهن ﴿ ﴾٢٠٠سمهيع علهيم ۥإهنه لله ٱب
Dhugumatti halkan gara dhumaatti ka’uun salaata hanga danda’an
salaatu fi istighfaara baay’isuun fitnaa shakkii ni balleessa.
206
“Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti
maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf
7:200
Akkaata sheyxaana Rabbiitti maganfatan Qur’aanaa fi hadiisa keessattis dhufee
jira. Qur’aana keessatti:
ه وقل﴿ عوذ رب هك أ عوذ ٩٧لشيطهيه ٱ همزته ن مه ب
هك وأ ه ب ن رب
أ
ونه ﴾٩٨يض
(97)-Jedhi, “Gooftaa kiyya! Kakaasa (hasaasa) sheyxaanotaa
irraa Siin eeggama. (98) Isaan (sheyxaanonni) na waliin
argamuu irraayyis Siin eeggama.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:97-
98
Akkasumas, suuratu An-Naas (114) irra deddeebi’anii qara’uun ni
danda’ama. Namni kana hundaa yoo dadhabee, “A’uuzu billahi mina
sheyxaani rajiim” jechuu danda’a.
Yeroo kanatti obsa guddaa barbaachisa. Dhugumatti qormaanni (fitnaan)
guddaan qabeenyi nama jalaa barbadaa’u ykn namni nama jalaa du’uu
osoo hin ta’in iimaana dhabuun kufritti seenudha. Namni kafaree kufrii
irratti yoo du’e zalaalami ibidda keessa jiraata. Kanaafu fitnaa kamtu
guddaa fi badaadha ree? Sheyxaanni nama kafarsiisuf wanti inni fi
namoota irraa deeggartonni isaa hin hojjanne hin jiru. Tarkaanfin kufritti
nama seensisuuf fayyadamu kana.
207
Yommuu shakkiin qalbii keessa seenu, namtichi, “Kuni maaliif ta’e?
Rabbiin maaliif kana hojjata?” jechuun inuma Rabbitti dallana. Akka
waan Rabbiin miidhu salaata dhiisa. San booda tarkaanfi tarkaanfin
sheyxaanni Islaama keessaa isa baasa. Kanaafu, shakkiin yommuu nutti
dhagahamu dafne gara Rabbii fiigu qabna. Hanga shakkiin kuni darbuu
obsuu fi salaata irratti jabaachu qabnaa malee, dallanuu fi salaata dhiisu
hin qabnu. Qur’aana keessatti, “Yaa warra amantan! Obsaa fi salaataan
gargaarsa barbaadaa. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.”
jedhamuun waan ajajamneef.
Dabalataan barruu Sheyxaana irraa of tiiksuf jettu dubbisuun ni
danda'ama.
4.Rafuu- dhugumatti fitnaan shakkii kuni qalbii irratti jabaachun yeroo
nama dhamaasutu jira. Yeroo kanatti yoo danda’ame sa'aati muraasaf jalaa
rafuun qalbii irraa hanga tokko ni hir’isa.
Osoo hin tawbatin yoo du'e gahuumsi namaa ibidda
Kufriitti harkisuu
Haqa jibbisiisuu
Badiitti daran (caalatti) akka lixu itti kakaasu
Salaata akka dhiisu taasisuu
Dallansiisuu
Shakkii qalbiitti naquu
208
5.Obsuu- Dhugumatti, jireenya keessatti qormaanni guddaan qormaata
shubuhaata fi fedhii lubbuuti. Namoonni baay'een qormaata kana kufuun
jireenya gadadoo jiraatu. Ammas, qormaata kana darbuun gara sadarkaa
olitti ol nama kaasa. Kanaafi Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) amantii
keessatti hoggantummaa dhugaatiif obsaa fi yaqiina ulaagaalee (haal-
duree guuttamuu qaban) taasise. Rabbiin ni jedha:
وكنوا با﴿ وا مرهنا لما صبهأ همة يهدون ب ئ
تهنا يوقهنون وجعلنا مهنهم أ ﴾٢٤ي
“Yerooma isaan obsanii fi Aayaata (mallatoole, keeyyatoota,
ragaalee) Keenya dhugaan itti amanan (yuuqinuun), isaan irraa
imaamota (hoggantoota) ajaja Keenyan namoota qajeelchan
taasifne.” Suura As-Sajda 32:24
Yommuu hasaasni badaan sheyxaana irraa namatti dhufu QORMAATA akka
ta'e beekun obsuu fi yaada badaa san irraa garagaluun iimaanni namaaf akka
jabaatu taasisa.
6.Soomu – nyaanni yommuu garaa guutu, nafseen namaa tuni quufun of
tuulti. Rabbiif of gadi qabuu fi Isaaf ajajamuun itti ulfaata. Namoonni
yeroo baay’ee Ergamtoota kijibsisanii fi haqa hin fudhanne, warroota
qabeenya qabaniidha. Qabeenya isaanitiin of tuulun haqa irraa jaamaa
ta’u. San booda adabbi badaa asi fi Aakhiratti dhandhamu. Kanaafu,
nafseen teenya tuni qabeenyan akka of hin tuulle yeroo tokko tokko
beelessuun gaariidha. Guyyaa Wiyxataa fi Kamisaa hanga danda’ameen
soomun hidda dhiigaa sheyxaanatti dhiphisa.
7.Sammuu fi dhageetti ofiitti fayyadamu- namoonni yeroo baay’ee
sababa qaamolee kanniinitti hin fayyadaminiin, miidhaa fi adabbii hamaa
dhandhamu. Guyyaa Qiyaamaa warroonni ibidda seenan waan sammuu fi
dhageetti isaanitti hin fayyadamneef garmalee gaabbu. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:,
هئس ﴿ هههم عذاب جهنم وب هرب هلهين كفروا ب ير ٱول ﴾٦لمصه
209
“Isaan Gooftaa isaanitti kafaraniif adabbii Jahannamtu jira. Iddoon
gahuumsa waa fokkate!
تفور ﴿ ا وهه لقوا فهيها سمهعوا لها شههيق ﴾٧إهذا أ
Yeroo ishee (Jahannam) keessatti darbaman, osoo danfaa jirtuu
ishee irraa [sagalee akka] halaaka harree dhagahu.
ير لغيظه ٱتكاد تمي مهن ﴿ هكم نذه تلم يأ
لهم خزنتها أ
فهيها فوج سأ لقه
﴾٨كما أ
Dallansuu irraa kan ka’e ciccituutti dhiyaatti; dhawaata gareen wahii ishii
keessatti darbamuun waardiyyaan ishii, “Sila Akeekachisaan isinitti hin
dhufnee?” [jechuun] isaan gaafata.
ير فكذبنا وقلنا ما نزل ﴿ ء إهن لل ٱقالوا بل قد جاءنا نذه نتم إهل فه ضلل كبهير مهن ش ﴾٩ أ
“Eeyyen; dhugumatti akeekkachisaan nutti dhufeera, garuu ni sobsiifne.
‘Rabbiin homaa hin buufne; isin jallinna guddaa keessa jirtu.’ jenneen.”
jedhu.
ص ﴿ أ و نعقهل ما كنا فه
﴾١٠لسعهيره ٱحبه وقالوا لو كنا نسمع أ
“Osoo kan dhageenyu yookiin kan hubannu taanee, silaa warra
ibidda boba’aa keessaa hin taanu turre.” jedhan.” Suuratu Al-Mulk
(Tabaaraka) 67:6-10
Dhuguma jedhan! Osoo ragaalee isaanitti dhiyeefamu dhagayanii ykn itti
xinxalluun hubatanii silaa warra ibiddaa keessaa hin ta’anii turan.
Ragaalee akka aduu ifu irraa waan garagalanii Rabbii fi Guyyaa
Qiyaamatti kafaraniif, gahuumsi isaanii akkanatti fokkate.
Kanaafu, namni tokko Aaya (keeyyata) Qur’aanaa gurraan dhageefachuu,
dubbisuu fi hubachuun ykn mallatoolee samii fi dachii keessa jiran itti
xinxalluun salphatti Rabbitti amanuu danda’a. Akkasumas, ragaalee fi
mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa agarsiisan itti xinxalluu fi Guyyaa kanaaf
of qopheessun adabbii Jahannam armaan olitti ibsame irraa akka
baraaramu isa/ishii taasisa.
210
8.Jaalalaa duniyaa hir’isuu-addunyaa tana kaayyoo ol'aanaa
godhachuu osoo hin ta'in aakhira ittiin bitachuuf itti fayyadamuudha.
9.Sadaqaa- Rabbiif jedhanii fi mindaa Aakhiraa barbaadanii sadaqaa
kennuun amantiin Guyyaa Qiyaamaaf qaban guddaa akka ta’e agarsiisa.
Namni yommuu sadaqaa kennu jaalala duniyaaf qabu hir’isuun
Aakhiratti Jannata qananiin guuttamte hawwa. Kuni immoo iimaana
isaa/ishii dabala.
Mu’aaz ibn Jabal irraa akka odeefametti, Mu’aaz akkana jedha: Imala
irratti Ergamaa Rabbii (SAW) waliin ture. Ganama tokko osoo deemnu
isatti dhiyaachun akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Hojii Jannata na
seensisuu fi ibidda irraa na fageessu natti himi.” Innis ni jedhe,
“Dhugumatti wanta guddaa gaafatte garuu nama Rabbiin laaffiseef
irratti laafadha. Rabbiin qofa ni gabbarta homaa Isatti hin
qindeessitu. Salaata sirnaan salaatta, zakaa ni kennita, Ramadaana ni
soomta, Hajjii ni hajjita.” Ergasii ni jedhe, “Balbaloota keeyrii (waan
gaarii) sitti akeeku? Soomni gaachana, akkuma bishaan ibidda
dhaamsu sadaqaanis badii dhaamsiti (haaqxi); salaata halkan qixxee
namtichi salaatu. Ergasii [Qur'aana irraa] “Cinaachi isaanii ciisicha
irraa ni fagaatti…” ni qara’e (suuratu as-sajdah 32:16-17) ….” Sunan Ibn
Majah 3973
Soomni gaachana yommuu jedhu ibidda ykn badii irraa eegumsa namaaf
ta’a. Kanaafu, soomun, sadaqaa kennuu fi halkan salaatun dukkana badii
namarraa saaqun ifa akka argan nama taasisa.
10.Ibaadaa keessatti madaallamaa ta’uu- ibaadaa keessattis ta’ii
jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti madaalaa eeggachun
milkaa'innatti nama baasa. Wanta itti ajajamne dhiisun hanqinna fi
adabbitti kufuu hin qabnu. Akkasumas, wanta itti ajajamne hojjachuu
keessatti daangaa darbuun of miidhu hin qabnu. Ergamaan Rabbii (SAW)
akkana jedhan:
فإذانهيتكمعنشىءفاجتنبوه،وإذاأمرتكمبأمرفأتوامنهمااستطعتم
211
“Wanta tokko irraa yommuu ani isin dhoowwe, isa irraa fagaadha.
Ajaja tokkotti yommuu isin ajaje immoo hanga dandeessan
hojjadhaa.” Sahih al-Bukhari 7288
Rabbiin ni jedha:
إهنه ستقهم ٱف ﴿ مهرت ومن تاب معك ول تطغواير ۥكما أ هما تعملون بصه ﴾١١٢ب
“Akkuma ajajamtetti gadi dhaabbadhu. Isaan si waliin tawbataniis
[gadi haa dhaabbatan]. Daangaas hin darbinaa. Dhugumatti Inni
(Rabbiin) waan isin dalagdan Argaadha.” suuratu Huud 11:112
Rabbiin Ergamaa Isaati fi warroota amanan istiqaamatti ajaja. Istiqaamaa
jechuun wanta itti ajajaman hojjachuu irratti gadi dhaabbachuu fi wanta
irraa dhowwaman irraa fagaachu itti fufuudha. Itti aanse daangaa darbuu
irraa isaan dhoowwa.
11.Hiriyyaa badaa fi jallattootaf ajajamuu fi hordofuu dhiisu-
namoonni baay’een jireenya keessatti gadadoo fi dararaa adda addaa kan
arganiif hiriyyaa badaa fi jallattootaf ajajamuudha. Hiriyyaa ykn
jallattoota akkeessun waan badaa hojjatu. Ergasii adabbii wanta hojjatanii
ni dhandhamu. Guyyaa Qiyaamas hiriyyaan hiriyyaa akka ajiifatu
(waqqasu), hordoftoonni jallattoota ykn hoggontoota akka ajiifatan
Rabbiin keenya nutti hima. Isaan keessaa mee muraasa haa ilaallu.
هم ٱويوم يعض ﴿ يديهه يقول يليتنه لظال ٢٧سبهيل لرسوله ٱمع تذت ٱعلتهذ فلنا خلهيل
ويلت لتنه لم أ ضلنه عنه ٢٨ي
هكره ٱلقد أ بعد إهذ جاءنه ل
نسنه خ لشيطن ٱوكن هله ﴾٢٩ذول ل
“Guyyaa miidhaa hojjataan “Yaa hawwii koo! Osoo Ergamaa wajjiin
karaa sirrii qabadhee maal qabaa” jedhee [gaabbidhaan] harka isaa
lamaan ciniinu [yaadadhu]. Yaa badii kiyya! Odoo ebaluun jaalalle
212
onnee taasifachuu baadhee maal qabaa! Dhugumatti Gorsi
(Qur’aanni) erga natti dhufee booda irraa na jallisee jira;
sheyxaannis namaaf salphisaa ta’eera.” Suurat al-Furqaan(25):27-29
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
هما تسع لساعة ٱإهن ﴿ جزى ك نفس ب خفهيها لهكاد أ
فل ١٥ءاتهية أ
هها و ه فتدى تبع ٱيصدنك عنها من ل يؤمهن ب ﴾١٦هوى
“Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha. Ishii dhoksuutti dhiyaadha. Akka
lubbuun hundi wanta hojjatteen jazaa argattuuf, [Qiyaamaan ni dhufti].
Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofe ishii irraa
si hin garagalchin, ni baddaati.” Suuratu Xaahaa 20:15-16
“Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofe ishii
irraa si hin garagalchin,” Kana jechuun namni Qiyaamatti hin amannee fi
fedhii lubbuu isaa hordofu, Qiyaamatti amanuu fi Jannata qananii seenuuf
hojjachuu irraa si hin garagalchin, si hin ko’oomsin. Namni Qiyaamatti hin
amanne, shakkuu fi shakkisisuuf carraaqa. Namni kuni fedhii lubbuu kan
hordofu yommuu ta’u, fedhiin isaa hundi faayaa fi miidhaginna addunyaatti tan
rarraatedha. Tarii fedhii lubbuu hordofuu isaatu argituu beekumsaa jaamse.
Kanaafu, Qiyaamaa fi jazaaf kaafamutti ni kafare. “ni baddaati.” Kana jechuun
karaa nama Qiyaamatti hin amannee fi fedhii lubbuu hordofu duuka bu’uun
Qiyaamatti amanuu yoo didde fi ishiif hojjachuu irraa yoo garagalte, ni badda.
Qilee badiitti kuftee dallansuu fi adabbiin Rabbii sitti bu’a.1
12.Adabbii fi badhaasa addunyaa fi Aakhiraa yaadachuu- yommuu
sheyxaanni yaada badaa natti darbuu, wanti jalqaba matatti na dhufu karaa
sirrii irraa yoo bahe adabbii na qunnamuu fi badhaasa dhabuudha. Aayah
armaan olii keessatti, “ni baddaati” jechuun nama akeekachiisa. Namni
yoo Rabbii fi guyyaa Qiyaamatti kafaree addunyaa tana keessatti jireenya
dhiphoo fi gammachuu hin qabne jiraata. Aakhiratti immoo adabbii kana
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-8/57-58, Tafsiiru Sa’dii-586
213
caalu dhandhama. Namni Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti amanu immoo
addunyaa tana keessatti tasgabbii qalbii argata. Aakhiratti immoo Jannata
qananiin guuttamte argata. Kana lamaan wal bira qabnee yommuu
madaallu, kufrii garmalee akka jibbinuu fi iimaanaa akka jaallannu nu
taasisa. Du'aayi tanaan kutaa kana haa xumurru.
نا الكفر والفسوق يمان وزي نه ف ق لوبنا، وكر ه إلي نا ال اللهم حبب إلي والعصيان، واجع لنا من الراشدين
Allahumma habbib ileynal iimaana wa zayyinhu fii quluubinaa
wa karrih ileynal kufra wal-fusuuqa wal-isyaana waj’alnaa mina
raashidiin.
"Yaa Rabbii! Iimaanaa nu jaallichisii, qalbii teenya keessatti
bareechisi; kufrii, fusuuqa fi isyaana nu jibbisiisi. Warroota
qajeelan keessaa nu taasisi." (Tafsiir ibn Kasiir)
Fusuuqa-ajaja keessaa bahu
Isyaan-faallessuu, ajajamu diduu
214
• Salaata sirnaan salaatu
• Tawbaa fi istighfaara baay'isuu
• Sheyxaana Rabbitti maganfachuu
• obsuu
• rafuu
• soomuu
• dhageetti fi sammuutti fayyadamu
• Jaalala addunyaa hir'isuu
• sadaqaa kennu
•Ibaadaa keessatti madaallamaa ta'uu
•Hiriyyaa badaa fi jallattoota irraa fagaachu
•Adabbii fi badhaasa addunyaa Aakhiraah yaadachuu
Qiyaamaa fi arkaana iimaanaa biroo ilaalchisee
karaalee shakkii itti qulqulleessan
215
Firii Guyyaa Aakhiraatti Amanuu Ilmaan namaa yommuu jireenya tana keessa jiraatan gaafin akkana jedhuu
yeroo hundaa sammuu isaanii quuqa. “Eessa deemaa jiraa? Xumurri ykn
gahuumsi kiyya eessaa? Du’ee achumaan nan badaa?” Kuni gaafi guddaa
deebii barbaadudha. Namni gaafi kanaaf deebii argate, jireenya keessatti
tasgabbiin jiraata. Sababni isaas, gahuumsa itti deemu waan beekuf.
Kanaafi, namoota Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanan tasgabbaa’oo fi
abdii kan hin kunne ta’anii argina. Balaa ykn gadda cimaa keessa yommuu
ta’an, wanta abdatan tokko qabu. Yommuu hojii gaggaarii hojjatan wanta
kajeelan tokko qabu. Yommuu nafseen isaanii gara baditti isaan kakaastu,
wanta tokko sodaachun of qabu. Kuni hundii jireenya keessatti aannan
tasgabbii akka dhugan isaan taasisa.
Faallaa kanaa, namoota Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti hin amanne
yommuu balaan isaan muudatu, wanta abdatan waan hin qabneef garmalee
dhiphatu. Inumaa gara of galaafachu deemu. Ammas, yommuu hojii
gaggaarii hojjatan, wanta addunya tana keessatti argan malee wanta biraa
waan hin abdanneef gammachuun hojii isaanii irraa argatan baay’ee
xiqqaadha. Dabalataan, yommuu nafseen isaanii gara baditti isaan
kakaastu, Aakhiratti ni adabamna jedhanii waan hin yaannef nafsee ofii
duuka bu’uun hallayyaa badiitti taru. Kuni jireenya isaanii keessatti
hadhaa gaddaa fi dhiphinnaa akka dhandhaman isaan taasisa.
Guyyaa Aakhiraatti amanuun dhugumatti faayda hangana hin jedhamne
qaba. Firii Guyyaa Aakhiraatti amanuu irraa argamu keessaa mee muraasa
haa ilaallu:
1-Qajeelinnaa fi milkaa’inna argachuu Namni akkuma bishaaniif garmalee dheebotu qajeelinnaa fi
milkaa’innaafis garmalee dheebota. Jallinna keessa raata’uun wanti inni
argatu hin jiru. Qajeelinni guddaan namni jireenya keessatti argatu, eenyu
akka isa uumee beeku; Maaliif addunyaa tana keessa akka jiraatu beeku fi
eessa deemaa akka jiru itti xinxalluun iddoo gahuumsaa isaatiif galaa
216
gahaa qopheefachuudha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala baniinsa
suuratul Baqara keessatti warroota qajeelanii fi milkaa’an ni dubbata:
“Alif Laam Miim. Kuni Kitaaba (Qur’aana) mamiin isa keessa hin
jirreedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama. Isaan warra
Gheeybitti amanan, kan salaata dhaabanii fi wanta Nuti isaaniif
kennine irraa arjoomaniidha. Ammas, isaan warra waan gara keetti
buufamee fi waan si dura buufametti amananii fi Aakhiraatti [shakkii
tokko malee] dhugaan amananiidha. Warri suni qajeelfama Gooftaa
isaanii irraa ta’e irra jiru. Ammas, warri suni isaantu milkaa’odha.”
Suuratu Al-Baqara 2:1-5
Qur’aanni kuni shakkiin homaatu keessa hin jiru. Wanti inni of keessaa
qabu hundi haqa, Rabbiin irraa bu’uun isaas shakkii hin qabu.
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Gooftaa aalamaa irraa
ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu As-Sajdah 32:2
Qur’aanni kuni qajeelfama kan ta’uuf warra Rabbiin sodaataniif. Warra
Rabbiin sodaatan (muttaqiin) jechuun warra waan gaarii hojjachuu fi waan
badaa dhiisun adabbii fi dallansuu Isaa irraa of eeganiidha. Qur’aanni kuni
sobaa fi dhugaa, jallinnaa fi qajeelinna, wanta fokkuu fi miidhagaa, badaa
fi gaarii addaan isaaniif baasa. Warri Rabbiin sodaataniis, soba, jallinnaa
fi wanta fokkuu dhiisun dhugaa, qajeelinna fi wanta gaarii hordofu. Warri
kuni warra gheeybitti amananiidha. Gheeybi jechuun wanta ijaan hin
mul’annee fi sammuun nama bira gahuu hin dandeenyedha. Ilmi namaa
217
addunyaa tana keessatti Rabbii olta’aa ijaan arguu hin danda'u. Garuu
wantoonni uumaman hundii Uuman (Khaaliqni) akka jiru ni akeeku.
Akkasumas, kitaabban Isarraa bu’an sifaata (amaloota) Isaa ni himu.
Kanaafu, Rabbitti ni amanu. Ammas, Jannata, Jahannam, fi wanta
Aakhiratti adeemsifamu biroo odeefannoo karaa Ergamtoota Rabbiitiin
isaan gahee irratti hundaa’un ni amanu.
Geeybitti amanuun wanta mu’minaa fi kaafiraa addaan baasudha.
Dhimmichi wanta ijaan mul’atutti amanuu osoo hin ta’in wanta ijaan hin
mul’annetti amanuudha. Ammas, warroonni Rabbiin sodaatan salaata ni
dhaabu. Kana jechuun waqtii, ulaagaa fi arkaana salaataa eegun sirnaan
salaatu. Yeroo salaatan qalbii guutuu salaata irra godhu. Ammas, wanta
Rabbiin (Azza wa jalla) isaaniif kenne irraa ni arjoomu. Kanneen akka
zakaa, sadaqaa, maatii ofii irratti baasi barbaachisu baasu, wanta gaariif
qabeenya isaanii irraa hanga danda’an kennuudha.
Warroonni Rabbiin sodaatan wanta gara Nabii Muhammad (SAW) bu’etti
ni amanu. Kana jechuun Qur’aanaa fi sunnaatti ni amanu, ni hordofu.
Akkasumas, kitaabban Nabiyyi (SAW) dura bu’anittis ni amanu.
Aakhiratti shakkii tokko malee dhugaan amanu. Aakhiraan akka jirtu
dhugaan beekun, wanta isaan irraa eeggamu ni hojjatu. Wanta badaa ni
dhiisu. Warri kuni qajeelfama Rabbiin irraa ta’e irra jiru. Jireenya keessatti
hin dhama’an, dukkanni isaanitti hin bu’u. Namni kan dhama’uu fi
dukkanni itti bu’uuf qajeelfama yommuu dhabuudha. Warri kuni warra
milkaa’aniidha. Milkaa’inna jechuun wanta badaa jibban irraa nagaha
bahuu fi wanta gaarii jaallatan argachuudha. Amaloota jahan armaan olii
warri qaban warra qajeelfamu fi milkaa’udha. Amaloonni jahan kunniinis:
1- Rabbiin sodaachu (Taqwaa)
2- Gheeybitti amanuu
3- Salaata sirnaan salaatu
4- Qabeenya isaanii irraa baasi dirqama fi jaallatamaa ta’e baasu
5- Kitaabban Rabbiin buusetti amanuu
6- Aakhiratti shakkii tokko malee dhugaan amanudha.
218
Dhugumatti namoonni kunniin Maaliif akka jiraatan beekun waan gaarii
ni hojjatan, waan badaa ni dhiisan. Eessa akka deeman beekun Aakhiratti
dhugaan ni amanan. Gahuumsi nama hundaa Aakhiraa waan ta’eef.
Kanaafu, isaan qajeelinna milkaa’innatti nama baasu irra jiru jechuudha.
2-Hojii gaggaarii hojjachuu Guyyaan wanta hojjateef itti qoratamuu fi mindaa itti argatu akka jiru
namni beeku, hojii gaggaarii hojjachuuf carraaqa. Jannani gara hundaan
miidhagde warra amananii fi hojii gaarii hojjataniif akka qophoofte namni
amanu, dhugumatti hojii gaarii irratti garmalee jabaata. Jannata samii nu
olii torbaffaa keessa jirtu yommuu itti yaadu, addunyaan tuni isa biratti
xiqqoo akka taatetti ilaala. Qur'aana keessatti;
ا وملك كبهيرا﴿ يت نعهيميت ثم رأ
﴾٢٠وإذا رأ
“Yeroo achi (Jannata) keessa ilaaltes Qananii fi Mootummaa
Guddaa ni argita.”(suuratu Al-Insaan 76:20)
Jannani gahuumsa warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniiti.
“Dhugumatti Rabbiin isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan
Jannata laggeen jala yaa’an isaan seensisa. Ishii (Jannata) keessatti
gumeewwan warqee fi lu’lu’a1 irraa ta’aniin faayamu. Uffanni
isaanii ishii keessatti hariira.” Suuratu Al-Hajj 22:23
Gumeewwan jechuun faaya akka geengoo harka irratti godhatamuudha.
1 “lu’lu’a” wanta akka callee adii fakkaatu beelladota bishaan keessa jiraatan keessaa
baafamuudha. Baay’ee bareedaa waan ta’eef yeroo baay’ee faayaf itti fayyadaman. Ingiliffaan
Pearls, Amaariffaan immoo “Lul” jedhama.
219
Namni ganda tanaaf hawwuu jireenya ofii bakkuma argetti hin balleessu.
Yeroo isaa guutuu xiqqaatus guddatus hojii badhaasa guddaa kana namaaf
argamsiisu hojjata. Kuni immoo jireenya addunyaa tana keessattu tasgabbii fi
gammachuu isaaf ta’a.
3- Hojii fokkuu fi badaa irraa fagaachu Namni Aakhiratti amanuu nama hojii fokkuu fi badaa hojjateef Jahannam
akka jirtu ni beeka. “Hojii fokkuu yoo hojjadhe, Jahannamii adabbiin ishii
cimaa ta’e ni seena.” Jechuun sodaata. Kuni immoo hojii fokkuu irraa akka
dheessu isa gargaara. Qur’aana keessatti:
“Isaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif kutama; mataa
isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama. Isa sanaan (bishaan
danfaan) wanti garaa isaanii keessa jiruu fi gogaan [isaanii] ittiin
baqfama. Ammas, jirma sibiilaa irraa ta’etu isaaniif jira.
Dhawaatuma isaan yaaddo irraa kan ka’e ishii keessaa bahuu
fedhaniin ishii keessatti gadi deebifamu. “Adabbii gubaa
dhandhamaa!” [jedhamu].” Suuratu Al-Hajj 22:19-22
Warra Rabbitti amanuu didanii fi waan biraa Isa waliin gabbaran
(waaqefatan) ibiddi isaaniif uffata ta’a. Gara hundan isaan marsa. Mataa
gubbaa isaaniitii bishaan garmalee danfaan itti naqama. Sababa bishaan
danfaa kanaan wanti garaa isaanii keessa jiru ni baqfama. Akkasumas,
gogaan isaanii ni baqfama. Jirma sibiilaa (madooshaa) kan Malaykoonni
isaan itti rukutantu isaaniif jira. Garmalee yaaddawuu fi dhiphachuu irraa
Qalbiin namaa tan tasgabbooftu yommuu hojii badaa
dhiisanii fi hojii gaarii hojjataniidha.
220
kan ka’e akkuma ibidda keessaa bahuuf tattaafataniin gara ibiddaatti gadi
deebifamu. “Adabbii garmalee nama gubu dhandhamaa” jedhamu. Kuni
hundi sababa isaan yakka guddaa hojjataniif. Rabbii olta’a isaan soorutti
kafaranii yommuu dachii keessatti badii babal’isan adabbiin isaaniis kana
ta’e. Rabbiin isaan hin miine, ofumaa of miidhanii malee. Rabbiin
kanarraa nu haa tiiksu.
Dhugumatti, namni kana beekun ifaa fi dhoksatti wanta badaa fi fokkuu
hojjachuu irraa ni fagaata. Badii irraa fagaachun immoo jireenya keessatti
tasgabbii fi badhaadhinna akka argatu isa taasisa. Wanta fokkuu fi badaa
hojjachuu caalaa wanti jireenya namatti dhiphisu ni jiraa?
4- Wanta dhabaniif ykn miidhaa (zulmii) fi rakkoo namatti
bu’eef jabeenyaa fi obsa argachuu Namni Aakhiratti amanuu addunyaa irraa yoo waa isa jala darban ykn
balaan itti bu’e, Aakhiratti wanta san caalu abdata. Wanta dhabeef ykn
isa jalaa badeef yoo obse, Aakhiratti mindaa guddaa argata. Akkasumas,
yommuu balaa fi rakkoon isatti bu’u, rakkoon Aakhirah kana caalaa
guddaa akka ta’e ilaalun rakkoo addunyaa akka salphaatti ilaala.
Qur'aana keessatti namoonni gaggaarii akkana akka jedhanii fi mindaa
isaanii Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) ni hima:
“Dhugumatti nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa hammaataa [fuula]
suntursu sodaanna. “Rabbiinis sharrii Guyyaa sanii irraa isaan eega,
ifaa fi gammachuu isaan qunnamsiisa. Sababa obsaniif Jannataa fi
hariira isaan badhaasa.” Suuratu Al-Insaan 76:10-12
221
Kanaafu, namni Aakhiratti amanu Guyyaa garmalee hammaataa ta’ee fi
Jannata qananiin guuttamte yommuu yaadatu, rakkoon addunyaa tanaa
isaaf salphata.
Akkasumas, adabbii cimaa namoota zulmii hojjataniif qophaa’e yommuu
yaadatu zulmii (miidhaa) isarra gahuufis ni obsa. Zaalimtoota (namoota
cunqursaa) raawwatan irraa miidhaan isarra gahuu adabbii Aakhira
zaalimtootaaf qophaa’en yommuu wal bira qabu xiqqaa akka ta’etti arga.
Kanaafu, ni obsa.
Kitaabban Wabii: Sharih Usuuli salaasa Fuula 105 Ibn Useymiin
Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan
Naasir Sa’dii
Tafsiira Qurxubii
https://islamqa.info/en/answers/215011/where-is-paradise-and-where-is-hell
222
Guduunfaa
Aakhiratti amanuun wantoota sadii of keessatti qabata:
Namoonni erga du’anii booda akka kaafaman
amanuu
Namoonni wanta hojjataa turaniif akka
qoratamanii fi jazaa argatan amanuu
Jannataa fi Jahannam akka jiran amanuu
Akkasumas, du’aan booda fitnaa qabrii, qananii fi
azaaba qabriitti amanuun Aakhiratti amanuu
irraayyi.
223
Hundee Iimaanaa 6ffaa: Qadaa fi Qadaratti Amanuu Samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran yommuu ilaallu, sirna (tartiiba)
isaanii kan eeggataniidha. Aduun, jiiyni, urjileen, samiin ol fuudhamuun,
dachiin diriiruun jireenya lubbuu qabeenyitiif mijaa’un, gaarreen akka
shikaali dachii keessatti suuqamu fi kkf sirna isaanii kanneen
eeggataniidha. Mee aduu fi ji’a haa ilaallu. Aduu fi jiiyni sa’aati fi
sakkandii isaani eeggatanii orbiiti isaanii irra naanna’u. Tokko tokkootti
hin bu’u. Wal faalleessun hin jiru. Halkanii guyyaanis akkanuma.
Kanaafu, wantoonni kunniin hundii hangaan, amalaan, yeroo fi bakkaan
kan murteefamanii fi daangeefamanii jechuudha.
Wantoota kanniin hunda kan akkanatti murteessu, qindeessu fi too’atu
Rabbii olta’aa malee hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota
hunda uumun dura kan beeku fi murteessudha. Wantoonni samii fi dachii
keessatti adeemsifaman hundii beekumsaa fi murtii Isaatiin adeemsifamu.
Wanti beekumsaa fi murtii Isaa keessaa bahu tokkollee hin jiru. Sababni
isaas, Inni Uumaa fi Mootii waa hundaati. Uumaan wantootaa hundaa kan
uumudha. Mootiin immoo wantoota hundaa kan murteessudha.
Erga kana beekne booda al-qadaa wal qadaratti amanuun nu hin dhibuu
jechuudha. Adeemsa keenya itti fufuun dura mee hiika Qadaa fi Qadar
jedhu beekuuf haa tattaafannu.
Hiikaa Qadaa fi Qadara Akka lugaatti qadaa jechuun wanta tokko xumuruu, guutu, raawwachuu
fi murtii dabarsuudha. Wanti kuni fedhii, jecha, hojii ykn wanta biraa
ta’uu danda’a. Inni qaadidha yommuu jennu inni nama murtii dabarsu
jechuu keenya.
Qadar jechuun immoo wanta tokko safaruu, murteessu, hanga wanta
tokkoo adda baasudha.
Akka shari’aatti garaagarummaa qadaa fi qadara jidduu jiru ilaalchisee
hayyoonni yaada garagaraa kennanii jiru. Akka nuuf salphatuuf hiika
caalaatti Aayaata (keyyattoota) Qur’aanaatti dhiyaatu haa fudhannu.
224
Qadar jechuun wanti hundii uumamuun ykn raawwatamuun dura amala,
hamma, yeroo, bakka isaa fi kan kana fakkaatan murteessu fi
katabuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanti tokko uumamuun
ykn raawwatamuun dura murteesse fi katabee jira. Rabbiin biratti wanti
hunduu kan murtaa’edha.
Qadaa jechuun immoo wanta duraan murtaa’e hojii irra oolchu fi
xumuruudha.1
Qur’aana keessatti ni jedha,
هن سبع سموات فه يوميه ﴿ ﴾فقضى
“Guyyaa lama keessatti samiiwwan torba godhee xumuree (qadaa)”
Suuratu Fussilat 41:12
Garaagarummaa Qadaa fi qadara sirritti hubachuuf mee fakkeenyaan haa
ilaallu:
Yeroo ammaa kanatti yommuu ijaarsi manaa ijaarramu, taapellaan maqaa
injinarootaa fi kontiraaktaroota ofirraa qabu ni dhaabbata. Injinarri kaartaa
ni kaasa, bal’innaa fi dheerinna dhaaba manaa, sibiila, simintoo fi dhagaa
ittiin ijaarramu, balbalootaa fi foddaa keessatti ta’u hunda hammaa fi
safara isaa ni murteessa. Kuni fakkeenya qadaraati. Kontraktarri immoo
wanta injinarri murteesse kana hojii irra oolcha. Kuni fakkeenya qadaati.2
Qadaa fi qadaratti amanuun hundee iimaanaa keessaa tokko. Malaaykaan
Jibriil (aleyh salaam) gara Nabiyyii (SAW) dhufuun “Waa’ee iimaana
natti himi.” jedheen. Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “[Imaana
jechuun] Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota
Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadaratti
amanuudha.” Jibrilis, “Dhugaa dubbatte.” jedhe. Sahih Muslim 8
1 Al-Qadaa wal qadar– Umar Ashqar, Fuula 21-25,
Divine Will and Predestination (Hiika kitaaba armaan olii)
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 625-627 2 Ta’ariifu aammu bidiinil Islaama-Ali Xanxaawi, gara Afaan Oromootti kan hiikkame irraa
fudhatame-Hiika wali galaa Amanti Islaamaa-fuula 158-159
225
Qadaa fi qadaratti amanuun wantoota afur of keessaa qaba.1
1ffaa- Rabbiin wantoota hundaa dimshaashaa fi takka takkaan yeroo
hundaa akka beeku amanu. Rabbiin wanta darbe, gara fuunduraatti dhufuu
fi wanta ammatti ta’u hunda beeka. Hojii gabroottan Isaa hunda takka
takkaan beeka. Wantoonni hundi uumamuun dura takka takkaan ni beeka.
Rabbiin waa wallaalu fi dagachuu irraa qulqulluudha. Rabbiin Azza wa
jalla ni jedha:
ا﴿ ي ﴾وما كن رب ك نسه
“Gooftaan kee dagataa hin taane.” (Suuratu Mariyam 19:64)
Gonkumaa Rabbiin homaa hin dagatu.
ٱو ﴿ ٱو لل ٱ تقوا ن علمواء علهيم لل ٱأ ه ش
هكل ﴾ب
“Rabbiin sodaadhaa, Akka Rabbiin waan hundaa Beekaa ta’es
beekaa!” Suuratu Al-Baqarah 2:231
Beekumsi Rabbii beekumsa ilma namaatiin gonkumaa wal bira hin
qabamu. Beekumsi ilma namaa gabaaba, daangeefamaa fi
wallaalummaan booda kan argamuudha. Beekumsi Rabbii olta’aa immoo
daangaa hin qabu, wantoota hundaa kan marsee fi abadii (zalaalamii) kan
ta’eedha.
2ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota raawwataman ykn
uumaman hundaa Lawhal Mahfuuz keessatti akka barreesse ykn katabe
amanuu. Rabbiin Subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha:
ن ﴿لم تعلم أ
ٱو لسماءه ٱيعلم ما فه لل ٱأ رضه
هك فه كهتب إهن ل ل إهن ذ
هك عل ل ير لله ٱذ ﴾٧٠يسه
"Sila Rabbiin wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda akka
beeku hin beektuu? Dhugumatti, kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz)
1 Sharih Usuuli salaasa Fuula 111-112 Ibn Useymiin
226
keessa jira. Dhugumatti, kun Rabbiin irratti laafaa dha." (Al-Hajji
22:70)
Rabbiin wanta ifa bahee fi dhokataa, keessaa fi alaa, wantoota dachii fi
samii keessa jiran hunda takka takkaan ni beeka. Kunniin kitaaba keessatti
kan barreefamaniidha. Maqaan kitaaba kanaas, Lahwal Mahfuuz. Akka
yaada keessaniitti wantoota hundaa beekun ulfaata isinitti haa fakkaatu
malee Rabbiin wantoota hundaa beekumsaan marsuu fi kitaaba keessatti
barreessun waan Isatti ulfaatu miti. Jalqaba irraa kaase hanga Guyyaa
Qiyaamatti wanta adeemsifaman hunda katabuun Rabbiin irratti baay’ee
salphaadha.1
Lahwal Mahfuuz Qur’aana keessatti maqaaleen adda addaa kennameefi
jira. Isaanis: Al-Kitaab (Kitaaba), Al-Kitaabul Mubiin (Kitaaba ifa ta’e),
Al-Imaamul Mubiin, Ummul Kitaab fi Al-Kitaabul Masxuur.
3ffaa- Wantoonni argaman hundi fedhii Rabbiitiin qofa akka argaman
ykn uumaman amanu. Kuni hojii Isaatiin yookiin hojii uumamtootiin kan
wal qabate ta’u danda’u. Fedhii Isaatiin ala wanti raawwatamu tokkollee
hin jiru. Wanti Inni fedhe ni ta’a, wanti Inni hin feene hin ta’u. Rabbiin
Olta'aan ni jedha:
“Rabbiin kee waan fedhe uuma, ni filatas.” Suuratu Al-Qasas 28:68
“Rabbiin wanta fedhe hojjata.” Suuratu Ibraahim 14:27
4ffaa- Rabbiin Uumaa waan hundaa akka ta’e amanuu- Wantoota jiran
hunda kan uumee Rabbiin akka ta’e amanuudha. Rabbiin (Azza wa Jalla)
ni jedha:
ء وكهيل لل ٱ﴿ ه ش ك ء وهو عل ه ش
﴾٦٢خلهق ك
1 Tafsiiru Sa’dii-637
227
“Rabbiin Uumaa waan hundaati. Inni waan hundaa irrattis
tiiksadha.” Suuratu Az-Zumar 39:62
Ammas ni jedha:
﴾٨٦لعلهيم ٱ للق ٱإهن ربك هو ﴿
“Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu akkaan Uumaa, Beekaadha.”
Suuratu Al-Hijr 15:86
مره ﴿راد شي ۥإهنما أ
ن يقول ل إهذا أ
﴾٨٢كن فيكون ۥا أ
“Ajajni Isaa yoo waan tokko fedhe, “Ta’i” jechuma qofa; yoosu
ta’a.” Suuratu Yaasin 36:82
Rabbiin Qulqullaa’an olta’e wanta tokko hojjachuu ykn uumuu yoo fedhe,
‘Ta’i’ jedha. Wanti sunis yeroma san ta’ee argama.
Rabbiin Olta’aan wantoota namoonni hojjatan kan uumudha. Garuu kan
hojjatu namoota. Fakkeenyaf, dhagaa, sibiila, muka fi kkf kan uume
Rabbiidha. Namoonni immoo dhagaa, sibiila fi muka walitti fiduun mana
ijaaru. Kanaafu, wanta namoonni hojjatan dhugaan kan uume Rabbii
Olta’aadha jechuudha. Osoo Inni sibiila, dhagaa fi kkf uumu baatee silaa
namoonni mana ijaaru danda’u? Mee telefoona fi elektrooniksi harkaa
qabnu haa ilaallu. Ilmi namaa meeshaa dheedhii teleefonni fi
elektrooniksin biroo irraa hojjataman mataa isaatiin uumuu danda’aa?
Gonkumaa uumuu hin danda’u. Wantuma Rabbiin olta’aan uumee walitti
fiduun telefoona ykn kompiyutara hojjatan. Ammas tooftaa fi beekumsa
ittiin hojjataniin kan kenneef Rabbiidha. Kanaafu, wanta namoonni
hojjatan dhugaan kan uume Rabbii Olta’aadha jechuudha.
Haala armaan oliitti ibsine kanaan qadaratti amanuun namoonni fedhii fi
dandeetti wanta tokkoo qabaachun wal hin faallessu. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aala fedhii fi dandeetti isaan keessatti uumee jira. Fedhii fi dandeetti
kanaan wanta fedhan akka hojjatan bilisummaa isaaniif kenne jira. Fedhii
fi dandeetti kanatti fayyadamuun waan Inni itti ajaje yoo hojjatan, mindaa
akka isaaniif kennu waadaa galee jira. Ammas, fedhii fi dandeetti kanatti
228
fayyadamuun wanta badaa Inni dhoowwe yoo hojjatan akka adabu waadaa
galee jira. Kanaafu, namni tokko, “Badiin ani hojjadhe, wanta Rabbiin
murteessedha” jechuun mormuu fi fincila agarsiisu hin qabu.
Wanta Sheekhul Islaam ibn Taymiyaan (rahimahullahu) jedhe, yaada
armaan olii kanaaf furmaata ni ta’a jedheen yaada.
“Qadaratti ni amanan malee ittiin hin morman. Gabrichi yeroo musiiban
(balaan) isatti bu’u, gara Qadaraa (Murtii Rabbii) akka deebi’u ajajama.
Yeroo badii (zanbii) hojjate immoo araarama Rabbii akka kadhatu
ajajama. Akkuma Rabbiin jedhe,
“Obsi! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Dilii (cubbuu)
keetifis araarama kadhu.” Suuratu Ghaafir 40:55”1
Kanaafu, namni yommuu musiiban isatti buutu murtii Rabbii akka ta’e
beekun obsuu qaba. Yommuu badii hojjatu immoo Rabbiin irraa araarama
kadhachuun isarra jira.
Gocha filannoo irratti hin qabne (dirqamaa) fi filannoo irratti
qaban Addaan Baasu Dhimmi Qadaraa dhimma falmii baay’een itti baay’ateedha. Namoonni
sifaata (amaloota) Rabbii olta’aa amaloota ilma namaatiin wal bira
qabuun qadara hubachuuf yaalan. San booda karaan harkaa bade
dhama’an. Osoo gara Qur’aanaa fi sunnah deebi’anii silaa dukkana
keessatti hin taran. Kana ilaalchisee gareen lama daandii sirrii irraa
dabanii jiru.
1 Hayaatu Salaf; beyna al-qawli wa al-amali fuula 20, footnote
229
1ffaan- Qadariyyaa- gareen kuni akkana jedhu, “Namni wanta hojjatu
hundaaf fedhii fi dandeetti mataa isaa qaba. Fedhii fi dandeettin Rabbii
keessa seenun dhiibbaa isarratti hin uumu. Qadara wanti jedhamu hin
jiru.”
2ffaa- Jabariyyah- gareen kuni faallaa garee jalqabaati. "Namni hojii isaa
irratti dirqisiifamaadha. Fedhii fi dandeetti hin qabu. "jedhu.
Dhama’iinsa kana furuuf gochoota ilma namaatiin wal qabatan bakka
lamatti qoodun ni danda’ama. Barnoota Baaylojii yommuu barannu
gochoota bakka lamatti qoonne ilaalaa turre. Isaaniis;
1ffaa- gocha filannoo namaatin ala ta’e (Involuntary action)- gocha
kana keessatti namni filannoo hin qabu. Filannoo isaatiin ala gochi kuni
isarratti raawwatama. Fakkeenyaf, yeroo jalqaba uumamu filannoo
uumamuu ni qabaa? Hin qabu. Akkasumas, bifa akkamii irratti akka
uumamu, dhiira moo dubara akka ta’u filannoon isaaf hin kennamne.
Dhugaa kana Qur’aanni haala kanaan ifa godha:
وتعل لله ٱسبحن لهيرة ٱورب ك يلق ما يشاء ويختار ما كن لهم ﴿ ﴾٦٨عما يشهكون
“Rabbiin kee waan fedhe uuma, ni filatas. Isaaniif filannoon hin jiru
ture. Rabbiin waan isaan itti dabalan (shaarrakan) irraa
qulqullaa’e, olta’e.” Suuratu Al-Qasas 28:68
Kana jechuun uumamtoota akka fedhettii fi ogummaa (hikmaa) Isaa irratti
hundaa’un filatee kan uumu Rabbiin qofa. Fakkeenyaf, yeroo garaa
haadha keessa jiran, bifni kiyya akkana haa ta’u, saalli kiyya kana haa ta’u
namni jedhe jiraa? Hin jiru.
Gochoonni filannoo namaatin ala raawwatamaan baay’eedha.
Fakkeenyaf, dhibee, du’a fi kkf. Gochoonni kunniin murtii Rabbiiti
(qadara). Eenyullee maaliif akkana ta’e jedhee mormuu hin danda’u.
Rabbiin wanta hojjatuuf hin gaafatamu waan ta’eef.
230
2ffaa- Gocha namni filannoo itti qabu (voluntary action)- kuni gocha
namni wanta filatee fi fedhe itti hojjatuudha. Fakkeenyaf, nyaachu,
dhuguu, taa’u, ka’uu, hojii gaggaarii hojjachuu, hojii badaa hojjachuu fi
kkf. Gochoota akkanaa keessatti Rabbiin fedhii fi dandeetti wanta fedhan
itti hojjatan namootaf kennee jira. Kanarraa ka’uun, kitaabban buuse,
Ergamtoota erge. Nama fedhii bilisaa isaatiin waan gaarii hojjate mindaa
gaarii kennaaf. Nama fedhii bilisaa isaatiin waan badaa hojjate, ni adaba.
Qadaraa fi Hojii namootaa wal qabsiisu Namoonni wanta tokko hojjachuun bu’aa wanta sanii ni argu. Yookiin
immoo fedhii wanta tokko hojjachuu osoo qabanuu gufuun isaan
fuunduratti bahuun wanta san akka hin hojjanne isaan taasisa. Kanaafu,
asitti wantoota afur hubachuun barbaachisaadha.
1ffaa- fedhii fi dandeetti- Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fedhii fi
dandeetti namootaaf kenne jira. Fedhii fi dandeetti kana fayyadamuun
wanta barbaadan hojjatu. Garuu fedhii fi dandeettin isaanii garagara.
2ffaa- sababa- kuni wanta tokko galmaan gahuuf wanta namni
hojjachuuf carraaqudha. Fakkeenyaf, barataan qormaata darbuuf ni
qo’ata. Qo’annaan isaa kuni sababa ta’a.
3ffaa- bu’aa- kuni firii hojii ykn galma wanta namni yaadeti. Fakkeenya
armaan olii keessatti barataan qormaata qabxii gaariin darbuun bu’aadha.
4ffaa- gufuu- galma yaadan akka hin geenye wanta nama dhoowwu ykn
nama gufachiisuudha.
Gochoota namaa keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma
namaatiif fedhii fi dandeetti kennee jira. Akkasumas, sababa fi bu’aa
uumee jira.
Akka fakkeenyatti oomisha midhaanii ilaalun ni danda’ama. Rabbiin
subhaanahu wa ta'aala lafa qonnaa fi meeshaa ittiin qottan namootaaf
laaffise jira. Kanaafu, kuni "sababa". Namni lafa qotuuf "fedhii fi
dandeetti" qabaachu qaba. Rabbiin fedhii fi dandeetti kenneefi jira.
Sanyiin erga faca'ee booda xumurarratti callaan ni argama. Kuni
"bu'aa"dha. Garuu yeroo tokko tokkoo callaan abdatan hin argamu.
231
Roobni dhabamuun ykn waagin dhayuun ta'u danda'a. Asitti roobni
dhabamuu fi waagin "gufuu" dha.
Fakkeenya biraa, Yommuu Shaam keessatti dhibeen namoota fixu
uumamee, Umar bin al-Khaxxaab namoonni Shaam seenu irraa akka
deebi’an ajaje. Ergasii Abu Ubaayda Aamir bin Jarraah akkana jedhe,
“Yaa Ajajaa warra amananii! Murtii Rabbii (Qadara) irraa dheessun ni
jiraa?”
Ergasii Umar akkana jedhe: “Yaa Abbaa Ubeeyda siin ala osoo namni
biraa kana jedhee [maal qabaa]. Eeti, Qadara Rabbii irraa gara
qadara Rabbiitti dheessina.”
Dhibeen qadara (murtii) Rabbiiti. Fayyaanis murtii Rabbiiti. Kanaafu,
dhibee irraa gara fayyaa dheessun, murtii Rabbii tokko irraa gara murtii
biraatti dheessu jechuudha.
Namni sababa yoo hojjatee fi gufuun isa jidduu yoo hin seenin bu’aa ni
argataa jechuudha. Namni fedhii isaatiin wanta badaa yoo hojjate ni
adabama. Wanta gaarii yoo hojjate ni badhaafama. Garuu gufuun kanniin
keessa yoo seene bu’aa hin argatu. Fakkeenyaf, namni waan badaa yoo
hojjatee ergasii dafee yoo tawbatee fi Rabbiin irraa araarama kadhate, hin
adabamu. Namni amanee hojii Jannatatti nama geessu yoo hojjate, tola
Rabbiitiin Jannata ni seena. Namni fedhii ofiitiin kafaree fi hojii badaa
Jahannamatti nama geessu hojjate osoo hin tawbatin du’e, Jahaannamin ni
seena. Kanaafu, sababaa fi bu'aan wanta Rabbiidhaan murteefamedha.
Namni fedhii isaatiin sababa wanta tokkoo yoo hojjate gufuun yoo hin
jiraatin bu'aa ni argataa jechuudha. Haala kanaan Qadaraa fi hojii
namootaa wal qabsiisuun ni danda’ama. Garuu sammuun ilma namaa
daangeefamaa waan ta’eef waa’ee qadaraa guutumaan guututti hubachuu
hin danda’u. Kanaafu karaan nama baasu:
1-Wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe
dhiisudha. Hojii gaarii yommuu hojjatanii fi hojii badaa irraa yommuu
fagaatan Rabbiin irraa gargaarsa fi qajeelcha kadhachuudha.
232
﴾٥إهياك نعبد وإياك نستعهي ﴿
Iyyaaka na’abudu wa-iyyaaka nasta’iin Si qofa gabbarra; Si qofa irraa gargaarsa barbaanna. (Al-Faatiha
1:5)
2-Hojii gaarii dhiisanii fi hojii badaa hojjataniif tawbachuu fi
Rabbiin araarama kadhachuu
Namoonni gariin “Maaliif hojii gaarii hin hojjanne ykn hojii badaa hin d
hiisne?” jedhamanii yommuu gaafataman, “Kuni qadara” jechuun mormu
Qadarri murtii dhoksaa Rabbiin malee eenyullee hin beeknedha. Wanti
murtaa’e suni hanga raawwatamutti, Qadara wanta sanii namni beeku hin
jiru. Fakkeenyaf, namni tokko yoom akka du’u ni beekaa? Kanaafu,
Wanta badaa yommuu hojjatu, “kuni qadara” akkamitti jechuu danda’aa?
Lawhal Mahfuuz keessatti wanta katabamee argee jiraa? Kanaafi yommuu
mushrikoonni “Osoo Rabbiin fedhee silaa Isa waliin waan biraa hin
gabbarru…” yommuu jedhanii qadaraan mormaan, Rabbiin akkana
jechuun deebii isaaniif deebise:
إهن تتبهع ﴿ هن عهلم فتخرهجوه لنا نتم لظن ٱإهل ون قل هل عهندكم م وإن أ
﴾إهل ترصون
"Sila beekumsa irraa kan isin nuuf baasu (fidu) dandeessan isin bira
jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanu. Isinis warra soba
dubbatu malee homaa hin taane." Suuratu Al-An'aam 6:148
3-Yommuu Musiiban (balaan) namatti buutu, obsuu- wanta
barbaachisu erga raawwate booda, wanti badaan yoo isa qunname, obsuu
fi mindaa gaarii kajeelu qaba. Murtii Rabbiitiif harka kennuun haa obsu.
Rabbiin subhaanahu wa ta'aala nama musiiban isatti buute akkana jechuun
gorsa:
ٱف ﴿ و لله ٱإهن وعد صبه ه ستغفهر ٱحق هك ب مده رب هح به نبهك وسب ره ٱو لعشه ه ٱله بك ﴾٥٥له
233
“Obsi! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Dilii (cubbuu)
keetifis araarama kadhu. Gooftaa keetis ganamaa galgalaa faarun
qulqulleessi.” Suuratu Ghaafir 40:55
Kanaafu, namni yommuu musiiban isatti buutu murtii Rabbii akka ta’e
beekun obsuu qaba. Yommuu badii hojjatu immoo Rabbiin irraa
araarama kadhachuun isarra jira.
4-Rabbiif galata galchuu- Firii wanta hojjate yommuu argu, “Bu’aan
Rabbiin irraa akka dhufe” beekun Rabbiif galata galchuu qaba. Osoo
gufuun isa jidduu seene bu’aa san argachuu danda’aa?
Wantoota afran armaan olii of keessaa qabu Aayah takka siif dabalu?
Wantoonni afran kunniinis Rabbiif galata galchuu, hojii gaarii hojjachuuf
gargaarsa Isarraa barbaadu, badii hojjataniif tawbachuu fi murtii Isaatiif
harka kennuu. Rabbiin haadha abbaa tola akka oolan namoota erga ajajee
booda du'aayi kanaan akka Isa kadhatan isaaniif dhaama:
"Gooftaa kiyya! Qananii kee kan Ati ana, haadha fi abbaa kiyya
irratti oolte akka galateefadhuu fi dalagaa gaarii Ati jaallattu akka
hojjadhu nan dandeesisi. Sanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisi. Ani
gara kee tawbaan deebi'eera. Ani Muslimoota irraayyi." Suuratu Al-
Ahqaaf 46:15
Tawbaa jechuun badii irraa buqqa'uun gara wanta Rabbiin jaallatutti
deebi'uudha. Musliima jechuun nama Rabbiif ajajamuu, Murtii fi fedhii
Isaatiif harka kennuu fi buluudha. Kanaafu namni Rabbiif ajajamu, wanta
badaa hojjatuuf qadaraan hin mormuu jechuudha. Kana irra ni tawbata.
Ammas fedhii isaatiin ala wanta badaa isa qunnameef ni obsa, murtii
Rabbiitiif harka waan kennuuf.
234
Qajeelchuu fi Jallisuu Namni qajeelcha barbaadu keessatti dhugaa ta’e, Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa isa qajeelcha. Nama fedhii lubbuu fi sheyxaana hordofu itti fufe
immoo Rabbiin ni jallisa. Qur’aana keessatti ni jedha:
ههه ﴿ ي ب نه تبع ٱمنه لل ٱيهده هن لسلمه ٱسبل ۥرهضو لمته ٱويخرهجهم م لظ ههه لن وره ٱإهل ستقهيم ۦبهإهذن رط م يههم إهل صه ﴾١٦ويهده
“Rabbiin nama jaalala Isaa hordofe karaalee nageenyaa ittiin qajeelcha, hayyama Isaatiin dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasa, gara karaa sirrii isaan qajeelcha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:16 (Kana jechuun Rabbiin subhaanahu Qur’aana kanaan nama niyyaan isaa jaalala
Rabbii argachuu, wanta Inni jaallatu hojjachuu fi hordofuu ta’e karaalee adabbii
Isaa jalaa nagaha ittiin bahu qajeelcha. Hayyama Isaatiin dukkana keessaa gara
ifaatti baasa, gara karaa sirrii qajeelcha.)
Warri Rabbiin qajeelche fedhii ofiitiin iimaanaa fi Islaama qabatan.
Kanaafu, Rabbiin tola Isaatiin isaan qajeelche. Namoonni jallatan immoo
fedhii ofiitiin karaa qajeelinnaa dhiisanii sheyxaana hordofan. Kanaafu,
Rabbiin haqummaa Isaatiin jallinna isaan irratti murteesse. Ni jedha:
ٱإهنهم لضللة ٱ عليههم فرهيقا هدى وفرهيقا حق ﴿ اء لشيطهي ٱ تذوا ولهأ
هتدون لله ٱمهن دونه نهم م ﴾٣٠ويحسبون أ
“[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche, gareen biraa immoo jallinni
isaan irratti mirkanaa’e. Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti
sheyxaanota jaalallee taasifatan. Isaan akka qajeelfamanitti yaadu.”
Suuratu Al-A’araaf 7:30
Warri jallatan sheyxaana waan hordofaniif jallinni isaan irratti mirkanaa’e.
Sheyxaana hordofuun sababa (cause). Jallinni immoo bu’aa (effect) dha.
Haala kanaan, Qur’aana keessatti hima, “Rabbiin nama fedhe ni jallisa,
nama fedhe ni qajeelcha” jedhu ni hubanna. Namni sababa qajeelinna
hojjate, Rabbiin isa qajeelcha. Namni sababa jallinnaa hojjate Rabbiin isa
235
jallisa. Kuni seeraa fi haqummaa (justice) Isaati. Fkn, namni summii nama
ajjeesu dhuge ni du’a. Summiin sababa, duuti bu’aa dhumaati. Haaluma
kanaan, namni wanta qalbii isaa balleessu hojjate, ni jallata.Garuu namni
sababa jallinna nama geessu hojjate, ergasi dafee yoo tawbatee fi araarama
kadhate, In sha Allah hin jallatu. Haa ta’uu malee, sababa jallinna
hojjachuu yoo itti fufe, jallinni isarratti mirkanaa’a.
Guduunfaa
➥Qadaratti amanuu jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota
umama keessatti adeemsifaman hunda beekumsaa Isaa turaa fi ogummaa
Isaatiin murteessee akka kaa’e amanuudha.
➥Gochoota ilma namaatiin wal qabatan bakka lamatti qoodun ni
danda'ama. 1ffaa-Gochoota fedhii fi dandeetti namaatin ala ta'an.
kanneen akka umamu, du'uu, dhibamuu fi kkf. 2ffaa-Gochoota fedhii fi
dandeetti namaatiin wal qabatan. Kanneen akka nyaachu, dhuguu, hojii
gaarii hojjachuu fi kkf.
➥Namoonni fedhii bilisaa isaaniitiin waan tokko akka hojjataniif
Rabbiin fedhii fi dandeetti kenneefi jira. Fedhii bilisaatiin waan gaarii
yoo hojjatan mindaa ni kennaaf. Ammas, dirqii tokko malee fedhii
bilisaatiin waan badaa yoo hojjatan ni adaba. Kuni murtii fi seera Isaati.
➥Rabbiin subhaanahu wa ta'aala sababa fi bu'aa uumee jira. Namoonni
fedhii isaaniitin sababa wanta tokkoo yoo hojjatan, gufuun yoo hin
jiraatin, bu'aa wanta sanii ni argatu. Kanaafu, sababa fi bu'aan qadara.
Fakkeenyaf, Lafti qonnaa fi meeshaan ittiin qotan sababa. Callaan
bu'aadha.
➥ Sammuun ilma namaa daangeefamaa waan ta’eef waa’ee qadaraa
guutumaan guututti hubachuu hin danda’u. Sababni isaas, Qadarri murtii
Rabbii Lawhal Mahfuuz keessatti katabeedha. Erga raawwatame booda
malee namni beeku hin jiru. "Al-Qadaru sirrullah (Qadarri iccitii
Rabbiiti)" jedhu namoonni darban.
➥Kanaafu, hojii gaarii dhiisaniif ykn hojii badaa hojjataniif qadaraan
mormuun, shakkii hordofuu fi kijiba dubbachuu malee homaayyu miti.
Kana irra wantoota armaan gadii hojjachuun nama baasa:
236
(1)-Wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta dhoowwe
dhiisu. Kana irratti gargaarsaa fi qajeelcha Isa kadhachuu.
(2)-Hojii badaa hojjataniif tawbachuu fi araarama kadhachuu.
(3)-Bu'aa hojii gaarii yoo argan Rabbiin galateefachuu.
(4)-Musiibaa nama qunnamuuf obsu.
237
Firii Qadaratti Amanuu
Jireenya keessatti namoonni yeroo toltuu fi rakkoo garmalee yommuu
cinqaman ni mul’atu. Kan rakkoo qabu dhiphachuun isaa wanta jiru. Kan
toltuu keessa jiru hoo maaliif dhiphataa? Inuma kan toltuu keessa jiruu
kan rakkoo keessa jiru caalaa yeroo dhiphatu ni mul’ata. Sababni isaa
maal ta’inna ree? Dhiphinna ofirraa kaasuf qabeenya barbaadan. Garuu
qabeenya yommuu argatan dhiphinni kan duraa caalaa isaanitti
dabalama. Kanaafu, Rabbii olta’aatti amanuu fi murtii Isaatiif harka
kennuun, dhiphinna hangana hin jedhamne jalaa nama baasa. Qadaratti
amanuun addunyaa irraa wanta nama jala darbeef akka hin gaddine,
wanta dhufuuf immoo akka sodaannee fi hin dhiphanne nama taasisa.
Kanaaf Ergamaan Rabbii (SAW) ibn Abbaasin akkana jedhan:
“Yommuu kadhattu Rabbiin kadhu. Yommuu gargaarsa barbaaddu,
Rabbiin irraa gargaarsa barbaadi. Beeki! Osoo ummanni wanta
tokkoon si fayyaduuf walitti qabamanii, isaan si hin fayyadan wanta
Rabbiin dursee siif katabe malee. Ammas, wanta tokkoon si miidhuf
osoo walitti qabamanii, isaan si hin miidhan wanta Rabbiin dursee
sirratti katabe malee. Qalamni ol fuudhame, galmeen goge. (Jaami’a
at-Tirmizi 2706)
Tirmiziin ala gabaasa biraa keessatti, “Yeroo toltuu Rabbiin beeki,
yeroo rakkoo Inni si beekati. Beeki! Wanti sirra darbe sitti bu’uufi
miti. Wanti sitti bu’ee kan sirra darbuu miti. Beeki! Injifannoon obsa
waliin dhufa; Farajni (Rakkoon namarraa deemun) balaa guddaa
waliin dhufa. Rakkoo waliin laafinnatu jira. (Hadiis Nawawii-19)
Qadaratti amanuun firii baay’ee qaba. Isaan keessaa muraasa isaanii mee
haa tarreessinu:
1-Namni yommuu sababa hojjatu Rabbii Olta’aa irratti hirkachuu-
Namni hanga fedhe haa carraaqu, Rabbiin yoo hin fedhiin bu’aa barbaade
hin argatu. Namni Qadaratti amanu bu’aan hojii isaa Rabbiin akka
murteesse ni beeka. Kanaafu, wanta hojjaturratti osoo hin ta’in Rabbiin
irratti hirkata. Rabbiin irratti hirkachuu jechuun osoo homaa hin hojjatin,
238
"Bu’aan Rabbiin irraa naaf dhufa" jedhanii taa’u miti. Kana irra, Rabbiin
irratti hirkachuu jechuun qaaman wanta namarraa eeggamu hojjachaa
wanta gaarii kan namaaf fidu fi wanta badaa namarraa kan
deebisu Rabbiin akka ta'e qalbiin itti amanuu fi tasgabbaa'udha.
2- Sodaa fi Dhiphinni isarraa deemu- wanta mataa namootaa naannessu
keessaa tokko wanta isaan qunnamuuf sodaachu fi dhiphachuudha. "Wanti
akkanaa na qunnamuu danda'a" jechuun sodaatu, ni dhiphatu. Namni
Qadaratti amanuu immoo addunyaa keessatti wanta akkanaa na qunnama,
nan hiyyooma jechuun sodaa fi dhiphinnaan of hin haguugu. Kana irra,
wanta isarraa eeggamu ni hojjata. San booda Rabbiin irratti hirkata. Murtii
Rabbiitiin malee homaa akka isa hin qunnamne ni beeka.
يبنا إهل ما كتب ﴿ نا وعل لل ٱقل لن يصه ﴾٥١لمؤمهنون ٱفليتوكه لله ٱلنا هو مولى
"Jedhi, "Waan Rabbiin nuuf katabe malee homaa nu hin muudatu.
Inni Tiiksaa keenya." Warroonni amanan Rabbiin irratti haa
hirkatan." Suuratu At-Tawbah 9:51
3-Namni yommuu waan gaarii argatu ofi dinqisifachuu fi of jajuu
dhiisu- Namni Qadaratti amanu yommuu waan gaariin isa geettu, of
tuuluu fi of dinqiisifachuun hin guuttamu. Sababni isaas, wanti gaariin isa
gahe karaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa murteessee fi laaffiseeni.
Osoo Rabbiin olta’aan isaaf murteessuu fi laaffisuu baate silaa wanta
gaarii san hin argatu. Of tuulu fi of dinqisiifachuun galata qananii sanii
akka dagatu isa taasisa.
4- Musiibaan ykn balaan yommuu isatti bu’u qalbiin isaa tasgabbaa’u
fi nageenya argachuu- namni Qadaratti amanu, “wanti isarra darbee isatti
kan hin buune, wanti isatti bu’e immoo isarra kan hin darbine” ta’uu ni
beeka. Balaa isatti bu’eef ykn addunyaa irraa wanta isa jala darbeef
dhiphinna cimaatti hin seenu. Sababni isaas, kuni Murtii Rabbii akka ta’e
ni beeka. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
239
“Rakkoo irraa wanti dachii keessatti yookiin nafsee teessan keessatti
bu’u hin jiru, ishii argamsiisuun dura kitaaba keessatti [kan
galmeefame] yoo ta’e malee. Dhugumatti kuni Rabbiin irratti
salphaadha. Wanta isin jala darbe irratti akka hin gaddineef, wanta
isiniif kenneen [of tuulun] akka hin gammanneef [isin beeksisnee].
Rabbiin of jajaa, dhaadataa hunda hin jaallatu.” Suuratu Al-Hadiid
57:22-23
Kana jechuun musiibaan (rakkoon) dachii fi isin irratti bu’e tokkollee hin
jiru, umamtootaa fi nafsee uumun dura kitaaba keessatti kan galmeessine
yoo ta’e malee. Samii fi dachii jidduutti musiibaan bu’e hundii wanta
kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessatti barraa’edha. Wanti tokko argamuun
dura Rabbiin beeku fi katabuun Isarratti baay’ee salphaadha.
“Wanta isin jala darbe irratti akka hin gaddineef, wanta isiniif kenneen [of
tuulun] akka hin gammanneef [isin beeksisnee].” Kana jechuun wanti
tokko argamuun dura beekne, katabnee fi safarree jirra. Kan kana isin
beeksiisnuuf wanta isin jala darbeef akka hin yaaddofnee fi hin gaddineefi.
Sababni isaas, wanti isin jala darbe kuni wanta duraan murtaa’e fi
katabameedha. Argamuun isaa waan hin oolledha. Ofirraa deebisuun hin
jiru. Kanaafu, wanta isin jala darbeef garmalee hin gaddinaa. Ammas,
wanta gaarii Nuti isiniif kennineetti garmalee gammaduun akka of hin
dinqisiifannee fi namoota irratti of hin tuulleef wanti tokko argamuun dura
beeku, katabuu fi safaruu Keenya isin beeksifna. Wanti isin argattan hundi
humnaa fi carraaqqi keessaniin osoo hin ta’in, tolaa fi murtii Rabbiitiin.
Kanaafu, qananii Rabbiin isiniif kenneen of hin tuulina, hin dhaadatinaa.
240
Kanaaf itti aanse akkana jedhe, “Rabbiin of jajaa, dhaadataa hunda hin
jaallatu.”1
Kanaafu, namni yommuu wanti tokko isa jala darbu ykn musiibaan isatti
bu’uu obsuu qaba. Wanti kuni wanta duraan katabame ta’uu beekee yoo
obse, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala isa qajeelcha. Qur’aana keessatti ni
jedha:
يبة إهل بهإهذنه ﴿ صه صاب مهن م ه لله ٱما أ لل ٱو ۥ يهده قلبه لله ٱومن يؤمهن ب
ء علهيم ه شهكل ﴾١١ب
"Hayyama Rabbiitin malee hamtuu irraa wanti tokkollee nama hin
tuqu. Nama Rabbitti amanu, [Rabbiin] qalbii isaa ni qajeelcha.
Rabbiin waan hundaa Beekaadha." Suuratu At-Taghaabun 64:11
Al-A'amash akka gabaasetti Abi Zibyaan akkana jedha: [Gaafa tokko] nuti
Alqamah bira turre. Aayanni (keeyyanni) armaan olii isa biratti qara'amte
(dubbifamte). Waa’ee kanaa ilaalchisee ni gaafatame. Alqamaanis ni
jedhe, "Inni namticha musiiban (balaan) isa tuqxee ergasii balaan tuni
Rabbiin irraa akka taate beeke fi san booda itti gammade fi harka
kenneedha." Hadiisa keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Dhimmi mu’minaa (nama amanee) nama ajaa’ibsiisa. Dhugumatti
dhimmi isaa guutun keeyridha (gaariidha). Kuni mu’minaaf malee
eenyufillee kan ta’uu miti. Yoo toltuun isa tuqxe, Rabbiin galateefata.
Kuni isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo ni obsa. Kunis
isaaf gaarii ta’a.” (Sahiih Muslim 2999) (Tafsiir ibn Kasiir 8/137-138 (
Daaru Xaybah))
Namni yommuu musiiban isatti buutu obsu, mindaa hangana hin
jedhamne argata. Addunyaa keessatti mindaan guddaan maal akka ta'e
beektu? Mindaan guddaan qalbiin sakiinaa (tasgabbii), qajeelcha fi
yaqiina (mirkaneefannaa) argachuudha. Fuggisoo kanaa, namni hin
obsine tasgabbii fi qajeelcha dhaba. "Aayan tuni akka waligalaatti yoo
1 Tafsiiru Ibn Kasiir-7/186-187
241
fudhatamte, nama amane (kana jechuun nama Rabbitti, Malaykotatti,
kitaabbanitti, Ergamtootatti, Guyyaa Aakhiraa fi qadaratti amane) fi hojii
isarraa eeggamu hojjachuun iimaana isaa yoo dhugoomse, Rabbiin
subhaanahu wa ta'aala haalota, jechoota, beekumsa fi
hojiwwan isaa keessatti ni qajeelcha." (Gabaabinnaan Tafsiira Sa'diyyii -
fuula 1023 irraa fudhatame.)
5-Amantii Guyyaa Qiyaamatiif qaban dabaluu- Akkuma yeroo darbe
jenne qadara jechuun wanta Rabbiin dursee beeke, murteesse, safaree fi
katabeedha. Wanti Inni dursee murteessee fi katabe argamuun isaa waan
hin oolledha. Kutaa darbe keessatti qadaratti amanuun wantoota afur of
keessa qaba jennee jirra. Isaanis: Rabbiin wantoota hundaa akka beeku
amanuu, wantoota kanniin hundaa Lawhal Mahfuuz (Galmee Eeggamaa)
keessatti akka katabe amanuu, wantoonni hundii fedhii Isaatiin qofa akka
raawwataman amanuu fi wantoota hundaa kan Uumuu fi argamsiisu
Rabbiin akka ta’e amanuudha. Yoo kana amanan Qiyaamaan akka dhuftu
ni mirkaneefatan.
Sababni isaas, Rabbiin Azza wa Jalla wantoota darban, kan ammaa fi kan
dhufan hunda beeka. Wantoota darbanii fi ammaa dhabama irra kan
argamsiise Isa. Wantoota gara fuunduraatti dhufanis kan argamsiisu Isa.
Wantoota gara fuunduraatti dhufan keessaa tokko Guyyaa Qiyaamaati.
Guyyaan Qiyaamaa yoomi fi akkamitti akka dhaabbattu, Rabbiin beekee
fi katabee jira. Wanti Guyyaa san adeemsifamu hundi galmee keessa jira.
Wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa murteesse fi katabe argamuun isaa
waan hin oolledha. Kanaafu, namni kana beeku, Guyyaan Qiyaamaa akka
jirtu ni amana. Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa ni dhufti jechuun
Rabbiin beeksisee jira. Wanti Inni beeksise ni argama. Shakkii hin qabu.
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:
﴿ ن لساعة ٱن وأ
﴾٧لقبوره ٱيبعث من فه لل ٱءاتهية ل ريب فهيها وأ
242
“Dhugumatti Qiyaaman dhuftuudha; ishee keessa shakkiin wayitu
hin jiru. Dhugumatti Rabbiin namoota awwaalcha (qabrii) keessa
jiran hundaa ni kaasa.” Suuraa Al-hajj (22):7
Qadaratti amanuun firii armaan gadii namaaf buusa:
Namni yommuu sababa hojjatu Rabbii Olta’aa irratti
hirkachuu
Sodaa fi Dhiphinni isarraa deemu
Namni yommuu waan gaarii argatu ofi dinqisifachuu
fi of jajuu dhiisu
Musiibaan ykn balaan yommuu isatti bu’u qalbiin
isaa tasgabbaa’u fi nageenya argachuu
Amantii Guyyaa Qiyaamatiif qaban dabaluu
243
Rabbiin wanta hundaa akka beeku amanuu
Wantoota kanniin hundaa Lawhal Mahfuuz (Galmee Eeggamaa) keessatti Rabbiin akka katabee amanuu
Wantoonni hundii fedhii Isaatiin qofa akka raawwataman amanuu
Wantoota hundaa kan Uumee Rabbiin akka ta'e amanuudha
Qadara jechuun wanti hundi raawwatamuun ykn uumamuun dura
murtii Rabbiin murteesse fi katabeedha. Qadaa jechuun immoo
wanta murtaa’e hojii irra oolchu fi xumuruudha.
Qadaa fi Qadaratti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:
244
Guduunfaa
Akka lugaatti iimaana jechuun amanuu, dhugoomsu, mirkanessuu fi nageenya. Akka shari’aatti iimaana jechuun qalbiin amanuu, arrabaan labsuu fi qaaman hojii hojjachuudha. Iimaanni hojii namni hojjatu irratti hundaa’e ni dabala yookiin ni hir’ata. Namtichi hojii gaggaarii yoo hojjatee fi hojii badaa irraa yoo fagaate, iimaanni isaa ni dabala. Faallaa kanaa, hojii gaarii yoo dhiisee fi hojii badaa yoo hojjate, iimaanni isaa ni hir’ata.
Iimaanni Arkaana ykn hundeewwan jaha qaba. Isaanis: Rabbitti amanuu, Malaykotatti amanuu, Kitaabbanitti amanuu, Ergamtootatti amanuu, Guyyaa Aakhiraatti (Dhumaatti) amanuu fi Qadaratti amanuudha.
1-Rabbii olta’aatti amanuu Rabbiin (Allaah) Gooftaa olta’aa wantoota hundaa uumee fi too’atu, yeroo
hundaa jiraataa fi tokkichumaan gabbaramuudha. Isaan ala kan haqaan
gadi jedhaniif, sodaa fi kajeellaan kadhatanii fi qalbii guutun jaallatan hin
jiru. Wanti Isaan alatti gabbaramu (waaqefatamu) hundii kijibaa fi baaxila.
Rabbii olta’aatti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:
(1) Rabbiin Qulqullaa’an olta’e jiraachutti shakkii tokko malee amanuu
(2) Gooftummaa Isaatti dhugaan amanuu. Kana jechuun Uuman,
Mootiin, Qindeessan, nyaachisaa fi obaasan wanta hundaa Rabbii
ol’aanaa qofa akka ta’e amanu.
(3) Tokkichummaa fi haqaan gabbaramuu kan qabu Rabbiin qofa akka
ta’e amanu.
(4) Asmaa’a wa sifaat (Maqaalee fi amaloota) gaggaarii Rabbiitti
amanuu-kana jechuun Rabbiin qulqullaa’an olta’e amaloota gugguutuu
fi maqaalee gaggaarin Kan ibsamu akka ta’e amanu. Amaloota hanquu fi
hir’uu irraa qulqullu akka ta’e amanu.
245
2-Malaykotatti amanuu
Malaykoonni uumamtoota ija keenyatti hin mul’annee fi kan Rabbiin
nuura (ifa) irraa isaan uumedha. Malaaykonni gabroottan Rabbii
kabajamoo fi badii irraa qulqulluu kannneen ta’aniidha. Yeroo hundaa
Rabbiin gabbaruu fi Isa faarsu. Malaaykonni amala gooftummaas ta’i
amala gabbarummaa hin qaban. Kana jechuun isaan gooftaa waa hundaa
uumee fi kanneen gabbaraman ta’uu hin danda’an. Hundema wanti
uumame Gooftaa gabbaramuu ta’uu danda’aa?
Malaaykootatti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:
1ffaa: Malaaykonni jiraachutti amanuu
2ffaa: Maqaa isaanii kan beeknu kan akka Jibriili fi maqaa isaanii kan
hin beekne dimshaashan itti amanuu.
3ffaa: Sifaata (amaloota) isaanii irraa waan beeknutti amanuu. Amala
akka Jibriil. Jibriil koola 600 akka qabu nutti beeksifamee jira.
4ffaa: Hojiwwan isaanii keessaa hojiiwwan nuti beeknu kan ajaja
Rabbiitin malaykoonni hojjatanitti amanuu. Kan akka halkanii guyyaa
Rabbiin faarsu, hifannaa fi boqonnaa malee Isa gabbaruu fi kan biroo.
Isaan keessaa malaykoonni gariin hojii addaa qabaachu danda’u.
3.Kitaabbanitti amanuu Kitaabban Rabbiin irraa bu’an ilma namaa gara gammachuu, nageenyaa
fi milkaa’innaatti qajeelchu. Kitaabban Rabbiin buusetti amanuun
wantoota afur of keessaa qaba.
1ffaa: Kitaabban kunniin dhugaan ykn haqaan Rabbiin irraa buufamu
isaaniitti amanuu
2ffaa: Kitaabban maqaalee isaanii beeknutti amanuu. Isaan keessaa
Qur’aana, kan Nabii Muhammad (SAW) irratti buufame, Tawraat kan
Nabii Muusaa (AS) irratti buufame, Injiil kan Nabi Iisaa (AS) irratti
buufame, fi Zabuur kan Nabii Dawuudif kennametti amanu. Kanneen
maqaa isaanii hin beekne immoo walumaagalatti itti amanna. Kana
jechuun Rabbiin irraa kan bu’an ta’uu fi ilma namaatiif qajeelchaa fi ifa
akka ta’an ni amanna.
3ffaa: Odeefannoo osoo hin jijjiraminii fi hin micciramiin haqaan
kitaabban kanniin keessatti dhufan dhugoomsu ykn dhugaan itti amanu.
246
4ffaa: Seera ykn murtiwwan kitaabban of keessaa qaban kan hin
shaaramne irratti hojjachuu, hikmaa (ogummaa) isaa hubannee dhiisne
murtiwwan kaniinitti gammaduu fi guutumatti harka kennu.
Kitaabni xumuraa ilma namaatiif qajeelfamaa fi rahmata akka ta’uuf
buufame Qur’aana. Qur’aanaan booda kitaabni biraa hin buufamu.
Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamatti jijjiramuu fi micciramuu irraa ni
tiikfama. Kitaabni amantiin akka hin jijjiramne eega. Ergamaa boodaa
kitaabni ummata isaa keessa jiraachuun akka Ergamaan suni isaan
keessa jiraachuti. Sababa kanaaf, Qur’aanni namoota yeroo Nabii
Muhammad (SAW) fi isa booda dhufan irratti hujjah (ragaa) ta’a. Yoo
isaan ajajoota Qur’aana keessa jiru hordofan, adabbii Rabbii (subhaanaha
wa ta’aalaa) irraa nagaha bahu. Yoo hordofuu didan immoo adabbii
cimaaf of saaxilu.
4.Ergamtootatti Amanuu
Ergamtoonni namoota filatamoo Rabbiin olta’aan isaan ergeedha.
Ergamtoonni gabroottan Rabbiiti malee Gooftaa fi gabbaramoo ta’uu hin
danda’an. Ergamtoonni ilmaan namaa dukkana keessaa gara ifaatti,
dhiphinna keessaa gara bal’innaatti, kufaati keessaa gara milkaa’innaatti
baasu. Sababni isaas, Ergamtoonni qajeelcha guutuu Rabbii waa hundaa
uumee fi beeku irraa waan argataniif. Ergamtootatti amanuun wantoota
afur of keessatti qabata. Isaaniis:
1ffaa- Ergamtoonni dhugaan (haqaan) Rabbiidhaan kanneen ergaman
ta’uu amanuu–
2ffaa- Ergamtoota keessaa maqaalee isaanii kan beeknu itti
amanuu- Kanneen akka Muhammad, Ibraahim, Muusaa, Iisaa, Nuuh fi
kan biroo (hunda isaanii irrattu nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu).
3ffaa-Oduu isaan irraa dhufuun isaa mirkanaa’e dhugoomsu– kana
jechuun odeefanno Ergamtoota irraa nama gahe fi odeefannoon kuni
dhugaadhaan isaan irraa ta’u yoo mirkanaa’e itti amanuudha. Sababni
isaas, wanti Ergamtoonni dubbatan hundi dhugaadha.
4ffaa- Ergamtoota keessaa seera (shari’aa) Ergamaa gara keenyaatti
247
ergamee hojii irra oolchu fi itti buluu. Nabiyyiin xumurraa ilmaan namaa
guutuuf ergamee Nabii Muhammad (salallahu aleyh wa sallam).
Nabii Muhammaditti amanuu jechuun Nabii Muhammad (SAW)
ilma namaa guutuuf Rabbiin kan erge ta’uu dhugaan itti amanuu,
odeefannoo isarra mirkanaa’e dhugoomsu, wanta inni itti ajaje
hojjachuu fi wanta inni irraa dhoowwe dhiisudha.
Kaayyoon guddaan Ergamtoonni itti ergamaniif ilmi namaa dhagaa,
urjiilee, aduu, namoota, sheyxaana, fedhii ofii fi kkf gabbaruu
(waaqefachuu) dhiisanii Rabbii isaan uume qofa akka gabbaran gorsuu fi
barsiisufi.
5.Guyyaa Aakhiraatti Amanuu
Guyyaa Aakhiraa-jechuun Guyyaa Qiyaamaa namoonni du’an qorannoo
fi mindaaf itti kaafamaniidha. Aakhirah jechuun dhuma ykn xumura wanta
tokkoo jechuudha.Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa Aakhirah jedhamee kan
waamameef yommuu warri Jannataa Jannata keessa qubatan, warri
ibiddaa ibidda keessa seenan isa booda guyyaan biraa waan hin jirreefi.
Aakhiratti amanuun wantoota sadii of keessaa qaba.
1ffaa-Namoonni erga du’aani booda akka kaafaman amanuu
2ffaa- Namoonni wanta hojjataa turaniif akka qoratamanii fi jazaa
argatan amanuu. Jazaan kuni takkaa mindaa gaarii takkaa immoo adabbii
badaa ta’uu danda’a.
3ffaa- Jannataa fi Ibiddatti amanuu- Kana jechuun Jannani warroota
amananii fi hojii gaggaari hojjataniif akka qophoofte amanu. Ammas,
ibiddi Jahannam warroota kafaranii fi badii hojjataniif akka qophoofte
amanuudha.
6.Qadaratti Amanuu Qadara jechuun wanti hundi raawwatamuun ykn uumamuun dura murtii
Rabbiin murteesse fi katabeedha.
Qadaa jechuun immoo wanta murtaa’e hojii irra oolchu, raawwachuu fi
xumuruudha.
Qadaratti amanuun wantoota afur of keessaa qaba:
1.Rabbiin wanta hundaa akka beeku amanuu
248
2.Wantoota kanniin hundaa Lawhal Mahfuuz (Galmee Eeggamaa)
keessatti Rabbiin akka katabee amanuu
3.Wantoonni hundii fedhii Isaatiin qofa akka raawwataman amanuu
4.Wantoota hundaa kan Uumuu fi argamsiisu Rabbiin akka ta’e
amanuudha.
➥Rabbitti amanuu jechuun shakkii tokko malee Jiraachu Isaatti,
Gooftummaa Isaatti, Tokkichummaa fi haqaan kan gabbaramu Isa ta’uu
Isaatti fi maqaalee gaggaarii fi amaloota gugguutun kan ibsamu
(wassafamu) akka ta’e amanuudha.
➥Malaaykotatti amanuu jechuun jiraachuu isaanitti, hojii isaaniitti fi
amaloota isaanitti amanuudha.
➥Kitaabbanitti amanuu jechuun haqaan Rabbiin irraa kan bu’an ta’uu
amanuu, ergaaleen isaan keessa jiran haqa ta’uu dhugaan itti amanuu fi
ergaalee achi keessa jiran kanneen hin shaaramne (hin jijjiramne) hojii
irra oolchudha.
➥Ergamtootatti amanuu jechuun Rabbiin haqaan kan isaan erge ta’uu
amanuu, odeefannoo isaan irraa mirkanaa’e dhugoomsu fi isaan
hordofuudha.
➥Aakhiratti amanuu jechuun ilmaan namaa erga du’anii booda
kaafamanii akka qoratamanii fi mindeefaman amanuu, Jannataa fi
Jahannam jiraachu shakkii tokko malee amanuudha.
➥Qadaratti amanuu jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota
umama keessatti adeemsifaman hunda beekumsaa Isaa turaa fi ogummaa
Isaatiin murteessee akka kaa’e amanuudha.
▶Namni hundeewwan iimaanaa jahan armaan olitti amanee fi hojii
isarraa eegamu sirnaan hojjate, “iimaana qaba ykn mu’mina” jedhama.
▶Hundeewwan armaan olitti yoo amanuu dide immoo “iimaana hin qabu
ykn kaafira” jedhama. Hojii gaarii hanga fedhe yoo hojjate, hojiin gaariin
isaa hundee waan hin qabneef Rabbiin biratti mindaa hin argatu.
Cuunfaa
249
Wa Aakhiru da’awaanaa anilhamdulillahi Rabbil aalamiin
Qunnamtiif:
Website: www.sammubani.com
Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/
Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/
Email: [email protected]