sadaasa guyyaa 9, bara 2010 - oromo liberation frontsadaasa guyyaa 9, bara 2010 guyyaa yaadannoo fdg...
TRANSCRIPT
Sadaasa guyyaa 9, bara 2010
Guyyaa Yaadannoo FDG ilaalchisee, sadaasa 6, bara 2010 Norway ,magaalaa Oslo, irratti
soneeffamee ture milkii fi injifannoon kabajame. Gumaachi WBOf godhames guddaa fi
boonsaa ture. Sagantaa kana kan qopheessee fi qindeesse koree madda galii ABO, kan
Awuropaa yeroo ta’u, seenaa FDG ilaalchisee, bara Oromoon humna alagaatiin qabame irraa
eegalee hanga har’aatti jiru, keessattuu ammoo bara 2005 keeessa sadaasa guyyaa 9, gaaffii
mirgaa baratoonni Oromoo karaa nagaan qindoominaan gaafatanii fi wareegamni, kafalame ,
akkasumas injifannoon argame guddaa akka ture seenaa yeroo ta’uu fi guyyaan kunis bara
baraan akka yaadatamu ibsame.
Wal-gahii kana kan qindeessan keessaa tokko J/Ayyaanaa Goobanaa turan. Isaanis yeroo
sagantaan wal-gahii kun gahu hirmmatotaan baga nagaan dhuftan jechuun tartiiba sagantaa
sanaa gabaabaatti ibsanii duuba; J/Mohammed Ahmed Dura Taa’aa Koree Hojii Geggeesituu
ABO Kutaa Scandinavia akka gara waltajiitti dhihaatan afeeran.
I. Akka kanaatti sagantaa bifa seminaaraan qophaa’e kana haasawa gabaabaan
gochuun kan bane, J. Mohammed Ahmed ibsa kennaniin, barattoota
Oromoo FDG keessatti hirmaatanii fi humna waraanaa Wayyaanneen
godinoota Oromiyaa bakka adda addaatti ajjeefaman hanga tokko maqaa
tuttuquun seenaan isaanii akkuma gootowwan Oromoo qabsoo bilisummaa
Oromoo keessatti wareegamanii kan yaadatamuu fi kan kabajamu ta’uu
hubachiisuun, kaayyoo isaan itti wareegaman sana fiixaan baasuuf
ammallee cimnee tokkummaan qabsaa’uu akka qabnu hubachiisan
.
Ittaansuun akka armaan gadiitti keessummoota adda addaatu mata duree gara garaa irratti
ibsaa fi barumsa kenne.
II. J. Dhugoomsaa Dhugaasaa, miseensa GS ABO duraanii fi yeroo amma
soorama kan bahan waa’ee seenaa FDG irratti yaada kennan, Innis fincilli diddaa
gabrummaa kan eegale bara Oromoon sirna kolonii Habashaa jalatti kufe irraa
eegalee, Mootummoota Habashaa dhufaa dabraa turan irratti bifa qindaawee fi hin
qindoofneen godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti godhamaa kan ture yeroo
duraaf Oromoo kutaa Walloo keessa qubatuun akka eegalame tahuu ibsan. Kunis
Raayyaa fi Warra Baabboo keessatti Warqituun kan geggeeffamu Tewodros irratti
finciluun of irraa dhorkaa akka turan akka fakkeenyaatti ibsan.Finciloonni kunniin
boodarra gara qindoominaatti jijjiiramuun ijaarsa MT booda ABOn bu’urefamee
lola sirnaa fi bifa qabeessa qabu gochaa akka ture, kanarrattis injifannoolee hedduu
fi wareegamni guddaanis akka kafalame, bu’uureffama ABO irraa jalqabee
muuxannoo qabsoo keessatti argatanii fi horatan bal’inaan hubachiisanii jiru.
Guyyaan yaadannoo FDG kun guyyaa yaadannoo goototaa Ebla 15 wajjin kan
walfakkaatu ta’uu eeruun, kaayyoon jaallan kun yeroo adda adda irratti
wareegaman akka fiixa bahuuf ilmaan oromoo marti karaa isaaf danda’ame
jaarmiyaa fedhe jalatti hiriiree diina keenya waloo irratti qabsoo gochuuf
gumaacha karaa adda addaa irraa eegamu gochuu akka qabu hubachiisan.
III. Itti fufuun keessummaan afeerame obbo Baqqalaa Jiraataa ture. Obbo Baqqalaa
Jiraataa barreessaa WFDO kan ture yoo ta’u, mootummaan Wayyaanee sabab maqaa
ABO jedhu itti moggaasuun shira soba itti xaxee Oromoota bara dabre keessa murtii du’aa
fi hidhaa bara dheeraa itti murteeffame keessaa jalaa miliqee bahe dha. Waa’ee FDG
ilaalchisee waan arganii fi xiinxalan irraa ibsa bal’aa kennan keessaa cuunfaan isaa akka
armaan gadii ta’a. Erga Mootummaan wayyaanee humna qawween aangoo qabate irraa
eegalee ummanni oromoo karaa qindaawaa fi hin qindoofneen lolaa fi fincilaa akka jiru,
keessumattuu baratoonni Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafataniin kan mana
barumsaa keessaa arihatamanii fi ajjeefaman lakkoofsaan himuun akka nama dhibu,
Waldaan MT dhimma magaalaa FF ilaalchisee sababa hiriira baheen hidhamuu fi waajirri
isaa cufamuu irra dabree qabeenyaan isaa saamamuu, WFDOn akka seera biyyattiitti erga
hundeeffamee booda hojii gurguddaa akka hojjetee fi humna oromoo keessumattuu
barattootaa fi dardarran Oromoo haalan akka qindeessee fi daandii qabsoo bifa toftaa
bilchaataan akka geggeessaniif barumsaa fi muuxannoo cimaa akka kenneef, afaan
oromoo mana maree paarlamaa biyyattii keessatti akka dubbatamu gochuun fakkii guddaa
akka ture, humni oromoo yeroo ammaatti alagaa biratti kan sodaatamaa dhufee fi kabajaa
guddaallee akka horataa jiru, garuu oromoon humna isaa kana akka alagaan ilaalutti
hubataa akka hin jirre ibsan. Kanaaf oomoon humna isaa beekuu, xiiqeffachuu baruu,
hooggana isaaf kabajaa qabachuu fi hordofuu, dhaabolii oromoo kanneen mirga oromoof
falman marayyuu gargaaruu fi waltumsuun akka jiraatu gorsa hayyummaa kennuun yaada
isaanii xumuran.
IV. Isaanumatti aansuun Dr. Geetaachoo Jigii, miseensa WFDO fi bara 2005 keessa
filatamaa paarlamaa kan turanii fi erga biyyaa bahanii booda Gumii Paarlaamaa Oromoo
kan jedhamu ijaaranii qabsoo karaa dipiloomaasii gochaa kan jiran, yaada kennaniin,
ummanni Oromoo dhaaba isaa ABO humna, beekumsaa fi qabeenya qabuun akka cinaa
hiriiru, oguma qabaniin ijaaramuun egeree Oromiyaaf waan malu akeekuu fi gorsa
barbaachisu mara gumaachuun dirqama oromummaa bahuu akka qaban bal’inaan ibsuun
yaada kanaafis wixinee barbaachisu qopheessuun hawaasa Oromoo maraaf dabarsuuf
akka jiran ibsan.
V. Dhimma dubartootaa ilaalchisee aadde Almaaz Qixxeessaa fi aadde Amsalee Margaa
walduraa duubaan yaada kennaniin, dubartoonni mirga isaanii fi saba isaaniif falmataa
turan bebbeekamoon Addunyaa kanarra akka turanii fi jiran fakkeenyaaf maqaa dhahuun
dubartoota oromoo keessaallee kan akka aadde Warqituu fi Aster Gannoo akka turan,
qabsoo bilisummaa fi FDG keessattis dubartoonni oromoo hedduun akka wareegamanii fi
seenaa boonsaa kan galmeessan hedduu akka ta’an ibsan. Dubartoonni utubaa maatii fi
ummataa akka ta’an, ibsuun ilmaan isaanii gootummaa fi sabboonumaa horatanii akka
guddataniif daa’imummaa irraa eegalanii gorsaa fi barumsa barbaachisu kennuun dirqama
haadholii akka ta’e hubachiisan. Kana malees ijaaramuun Dubartootaa fi Hawaasa
Oromoo hedduu barbaachisaa tahuu irra deebi’anii ibsanii jiru.
VI. Dr. Dagafaa Abdiisaa miseensa Shanee Gumii Sabaa ABO kan ta’an bakka
kanatti argamuun dhaamsa ummata walgahii kanarratti argeef dabarsaniin, ” Jaallan
maal nuuf dhaamanii dabran ?” mata duree jedhu irratti gootowwan qabsoo
bilisummaa oromoo fi FDG irratti wareegaman keessaa kanneen akka Haajii Adam
Saadoo, Obbo Hayle Maaram Gammadaa fi Elemoo Qilxuu, Aja/ Dhibbaa
Maammoo Mazammir, General Taaddasaa Birruu faan yeroo adda addaatti ummata
Oromoof haala garaa garaa keessatti qabssoo Oromoo ilaalchisee ummataaf akka
barumsaatti jedhaa turan keessaa jechoota isaan ummata isaaniif dhaaman,
akkasumas diina isaaniitti himan akka fakkeenyaatti kaasuun dhaloota har’aaf fakkii
guddaa akka ta’e ibsuun barumsa onnee fi hamilee nama kakaasu dabarsan.
VII. Akkasumas Obbo Waaqee kan jedhaman hayyuun oromoo tokko, dhaamsa ummata
kanaaf gad jabeessanii dhaaman keessatti, amantiin oromoon yeroo ammaa hordofu marti kan
oromummaa booda dhufe waan ta’eef amantiin oromummaa fi qabsoo oromoo dura
dhaabbatu ykn qabsoo irraa dhorku marti balfatamuu fi balaaleffatamuu akka qabu
hubachiisuun, hordoftoonni amantii Kiristaanaa, Isilaamaa fi Waaqeffannaa harka
walqabachuun qabsoo saba isaaniif tumsaa fi gumaacha irraa eegamu akka godhaniif
hubachiisan.
VII. Obbo Rukelloo Boruu dardarri Oromoo walaloo barreessuun kan beekamu
walaloo ” Loli, WBO, loli ammallee” jedhu dhiheessuun qalbii fi hamilee ummata
walgahii kanarratti argaman kakaasee jira.
VIII. Gara dhumaa irratti qindeessitoonni sagantaa guyyaa kanaa aadde Ilfinesh
Qannoo fi obbo Ayyaanaa Goobanaa namoota waamicha godhameef kana kabajuun
bakka kanatti argaman galateeffachuun, akeekni qophii kanaa yaadannoo FDG
cinaatti gumaacha WBOf gochuu akka ta’e hubachiisan. Akka kanaatti namoonni
bakka kanatti argaman gumaacha maallaqa guddaa gochuun WBOf abdii fi lafee
dugdaa ta’uu isaanii hojiin mul’isan. Kanatti dabalees galiin isaan WBOf kan ta’u
suuraan J. Asilii Oromoo caalbaasiif dhihaatee galii guddaa argamsiisee jira.
Akkasumas, dhumarratti artistoonni Oromoo Abbabaa Abbashuu, Tottoobaa Taaddasaa,
Hayluu Kitaabaa fi humna haarawaa kan ta’an Hawwii H/Yesus, Daangaa H/Yesuusii fi
Firaa’oli Siyyum sirba aadaa fi ammayyaan ummata
bashanaansiisan.
Walgahiin guyyaa yaadannoo FDG, 2010 Oslotti godhame kun nagaa fi milkuun kabajamee
xumurame.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti !!