sirna gadaa oromoo - oromiatourism.gov.et gadaa... · tokkichatti waan amanuuf, waaqni ammoo...

7
1 Sirna Gadaa Oromoo Baga Wal harkaa fuudhiinsa Baallii Abbootii Gadaa Boranaa geessan/Guraandhala 26/2009; Gadaa Kuraa Jaarsoo geessan. Abbootii Gadaa Booranaa waggoottan saddeetiif (2009-2017tti) geggeessan. Gadaa Kuraa Jaarsoo; Oromoon barnooota hammayyaa qaroomina har’aa Addunyaan fiixee beekumsaa ittiin yaabbate osoo hin qabaatin, Sirna Bulchiinsa walxaxaafi qorannoo waggoota hedduu fudhachuu danda’u, kan jiruufi jireenya namaa karaa hedduudhaan gurmeessee oogganu , Sirna Gadaa; Dimokiraasii dhugaatiin wal bulachaa dhufee jira. Gadaan Oromoo waliin walitti hidhata cimaa ta’e qaba. Jireenya hawwaasa Oromoo guyyaa guyyaa keessatti hiika addaa kan qabuufi raawwiin jireenyaa martinuu qajeelfama Sirna Gadaa jalatti kan raawwatudha. Sirni Gadaa Jildii 1 ffaa Asmaroomiin waabeffatee akka ibsetti, Gadaan Sirna waan mara of keessatti qabuufi jireenya Oromoo kallattii maraan sakatta’udha,jedha. Gadaan Sirna Dimkiraasii namni marti itti amanee fudhatu, adeemsa hawwaasni ittiin wal hin qoodneen; tokko isa biroo irratti loogii ykn dhiibbaa kamiinillee uumuus ta’e uumsisuu bifa hin dandeenyeen keessatti hirmaatu dha. Kanaaf, Gadaan Sirna Bulchiinsaa hawwaasni Oromoo achii as dhufaan sadarkaalee itti keessatti hirmaatamu ka’ee, walii isaa ittiin oogganaa dhufedha. Adeemsa wal bulchuu sana keessatti Oromoon Waaqa tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan amana. Gadaan ijaarsa Sirna Dimokiraasii keessatti fakkeeenyummaa olaanaa bakka hin buufamne qaba, kana jechuun, Sirni Gadaa mataan isaa Dimokiraasiidha jchuu ta’a. Bulchiinsa Sirna Gadaa keessatti aangoon yeroo itti walitti kennaniifi wal harkaa fuudhan qaba. Adeemsi kun fedhiifi yaada namoota dhuunfaa ykn kan garee muraasaan oogganamuufi giddugaleessa godhatu miti.

Upload: others

Post on 23-Sep-2019

243 views

Category:

Documents


30 download

TRANSCRIPT

Page 1: Sirna Gadaa Oromoo - oromiatourism.gov.et Gadaa... · tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan

1

Sirna Gadaa Oromoo

Baga Wal harkaa fuudhiinsa Baallii Abbootii Gadaa Boranaa geessan/Guraandhala

26/2009; Gadaa Kuraa Jaarsoo geessan.

Abbootii Gadaa Booranaa waggoottan saddeetiif (2009-2017tti) geggeessan. Gadaa

Kuraa Jaarsoo;

Oromoon barnooota hammayyaa qaroomina har’aa Addunyaan fiixee beekumsaa ittiin yaabbate

osoo hin qabaatin, Sirna Bulchiinsa walxaxaafi qorannoo waggoota hedduu fudhachuu danda’u,

kan jiruufi jireenya namaa karaa hedduudhaan gurmeessee oogganu , Sirna Gadaa; Dimokiraasii

dhugaatiin wal bulachaa dhufee jira. Gadaan Oromoo waliin walitti hidhata cimaa ta’e qaba.

Jireenya hawwaasa Oromoo guyyaa guyyaa keessatti hiika addaa kan qabuufi raawwiin jireenyaa

martinuu qajeelfama Sirna Gadaa jalatti kan raawwatudha. Sirni Gadaa Jildii 1ffaa

Asmaroomiin

waabeffatee akka ibsetti, “Gadaan Sirna waan mara of keessatti qabuufi jireenya Oromoo

kallattii maraan sakatta’udha,” jedha. Gadaan Sirna Dimkiraasii namni marti itti amanee fudhatu,

adeemsa hawwaasni ittiin wal hin qoodneen; tokko isa biroo irratti loogii ykn dhiibbaa

kamiinillee uumuus ta’e uumsisuu bifa hin dandeenyeen keessatti hirmaatu dha. Kanaaf, Gadaan

Sirna Bulchiinsaa hawwaasni Oromoo achii as dhufaan sadarkaalee itti keessatti hirmaatamu

ka’ee, walii isaa ittiin oogganaa dhufedha. Adeemsa wal bulchuu sana keessatti Oromoon Waaqa

tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal

qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan amana.

Gadaan ijaarsa Sirna Dimokiraasii keessatti fakkeeenyummaa olaanaa bakka hin buufamne qaba,

kana jechuun, Sirni Gadaa mataan isaa Dimokiraasiidha jchuu ta’a. Bulchiinsa Sirna Gadaa

keessatti aangoon yeroo itti walitti kennaniifi wal harkaa fuudhan qaba. Adeemsi kun fedhiifi

yaada namoota dhuunfaa ykn kan garee muraasaan oogganamuufi giddugaleessa godhatu miti.

Page 2: Sirna Gadaa Oromoo - oromiatourism.gov.et Gadaa... · tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan

2

Caaseffama Sirna Gadaa Oromoo

Sirni Gadaa Jaarmiyaalee damee Siyaasaa, Diinagdee, Hawaasummafi Amantii Sabni Oromoo

keessatti gurmaa’uudhaan jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa Sirnaan gaggeessatu akka

ta’eedha.

Marsaan Gadaa tokko waggaa 40 qaba. Kana jechuun warri Miseensa Gadaa Harmufaa Baallii

kennanii gara aangootti deebi’uudhaaf marsaa Gadaa tokko; waggaa 40 turu jechuudha. Haalli

walitti kenna Baallii kun Seera eegee waan raawwatuuf Dimokiraatawaadha,

Sirna Gadaa keessatti, kanneen sadarkaa ooggantummaa ykn Bulchiinsa Gadaatti yeroo waggaa

saddeet keessatti aangoon itti keennama. Sadarkaalee Gadaa umurii irratti hundaa’e keessatti

Leenjii adda addaa Bulchiinsa isaan itti deemaniif qopheessu hanga gaafa Marsaan Gadaa isaan

ga’ee bulchaniitti dandeettii horatan, muuxannoo kuufatan qabu

Caasaan kunis, qaama olaantummadhaan ykn itti gaafatamummaa yeroo gadooma ‘isaa keessatti

kan Oogganu ykn hojjetuudha. Caasaan kun akkuma gosaatti darbee darbe adda addumaa

muraasa ni qabaata ta’a . Haaluma kanaan :-

haala kanaan yoo ijaaraman, akkaataa ragaan qorattootaa ibsutti, sadarkaa dursummaafi itti

gaafatamummaa hangafummaa kan qabu; fkn Abbaa Bokkuu; hangafaafi Seeraanis olaanaadha.

Akka ragaaleen qorannoo ibsanitti haala armaan gadiitti ilaalama:-.

Maqaa Sadarkaa Umurii

1. Gaammee (didiqqaa) 0-8; barnoota afaan, sirbootaafi afoolawwan

salphaa shaakaluu..

Page 3: Sirna Gadaa Oromoo - oromiatourism.gov.et Gadaa... · tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan

3

2. Dabballee 9-16; Sirboota sochii qaamaa qaban,shaakala lolaa

Kanneen kun ammoo, qaamaan ga’ummaa irra kan jiraniifi wal dogommii adda addaa irratti

hirmaachuudhaan, sochii cimaa waggaattan itti aananiif kuusatti ce’uuf of qopheessan.

Page 4: Sirna Gadaa Oromoo - oromiatourism.gov.et Gadaa... · tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan

4

3, Kuusama 17 -24;Tooftaa ittisa lolaa shaakalan

4, Raaboma 25-32;Mala Bulchiinsaa baratu,marii; itti gaafatamummaaf

of qopheessuu

Page 5: Sirna Gadaa Oromoo - oromiatourism.gov.et Gadaa... · tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan

5

5, Doorii 33-40; mariifi tajaajila ummataa irratti ni hirmaatu;

haqaafi seera uummata eegsisuu irratti shaakala ni adeemsisu.

6, Luba(Gadaa) 41-48; Sadarkaa itti gaafatamummaatti ce’uudhaan

bara itti fufuuf aangoo fudhachuun uummata bulchuu, muuxannoo ni hiru, kanneen isaanittti

fufaniif leenjii ni kennu…..

Page 6: Sirna Gadaa Oromoo - oromiatourism.gov.et Gadaa... · tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan

6

7, Gaadaa(Yuuba) 49-72;- yeroon kun kan isaan keessatti tajaajila gorsaa

itti kennanidha. (Yuuba1ffaa, 2ffaa,3ffaa, jedhama)

8, Gadamoojjii 73-80;-

9, Jaarsa 81-88

Umrii dhalootaa ykn sadarkaa Dabballeerraa eegalee gahee mataa isaanii kan qaban yoo ta’u

horii tiksuu, maatii gargaaruu, Afoolaafi Duudhaalee hawaasaa adda addaa barachuu dabalatee

kan hojjataniidha. Umriin kunneen umrii ijoollummaa keessa jiran waan ta’eef itti

Page 7: Sirna Gadaa Oromoo - oromiatourism.gov.et Gadaa... · tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan

7

gaafatamummaan guddaan itti hin kennamu. Umrii Sirriiqaa ykn Suutee (Passive) je’dhamuun

beekama. Ga’ee guddaa kan itti kenname nagaya biyyaa eeguu, Filoosofiifi Siyaasaa hooggansa

Sirna Gadaa leenji’uu akkasumas Aangoo qabatanii biyya bulchuu dabalatee ba’aan ol’aanaan

kan itti kenname umrii 25-48 kan jiranirratti waan ta’eef umrii kanaan Dammaqoo(Active)

je’dhamuun beekama. Sirna Gadaa keessatti warri Gadaa Baallii erga kennaniin booda hanga

waggaa 72-tti Hayyuu yoo je’aman gorsitoo Abbaa Gadaa ta’uun hooggansa keessatti shoora

guddaa taphatu.