walii galan alaa galanoromoo fi bakka bu’aan htbo argamuun mul’ata tokkummaa qabsaa’ota...

2
Walii Galan Alaa Galan Yaamicha Walgahii Maree fi Gaalgala Aadaa Waldaa Artistoota Oromoo irraa Waldaan Artistoota Oromo (WAO)n WAOn hog-dammaqiinsaa fi hogqaroomi- na hawaasaa fi qabsaa’ota Oromoo ol kaasu- uf, aadaa, seenaa fi afaan Oromoo akka hin badne, kan hormaan akka wal hin makan- nee fi akka jirutti dhaloota boriif dabarsuuf qabsoo ta’aa turee fi jiru keessatti hirmaan- naa guddaa ba’aa turee fi jira. Walgahii WAO Minneapolis MN, Caamsaa 25 bara 2010 Walgahii WAO Minneapolis MN, Caamsaa 25 bara 2010 Gaalgala Aadaa WAO Minneapolis MN, Caamsaa 25 bara 2010 Haala kanaanis Caamsaa 25 bara 2010 Magaalaa Minneapolis Min- nesota keessatti walgahii ummataa qopheessine irratti bakka bu’oonni ABO sadan, Bakka bu’oonni waldaalee amantii, hayyoonni Oromoo fi bakka bu’aan HTBO argamuun mul’ata tokkummaa qabsaa’ota oromoof qaban ibsuun isaanii afuura qabsa’otaa fi Hawaasa keenyaa baayyee cimse. Waldaan Artistoota Oromoo aadaa, seenaa fi ogbarruu af- aan Oromoo guddisuu kees- satti hirmaannaa ol aanaa ba’aa jiruttis dabaluun mooraa qab- soo bilisummaa Oromoo kees- satti araarri nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf, tokkummaan qabsa’otaa fi hawaasa Oromoo akka cimuu fi bakka deebi’uuf deemsa araaraa maanguddoota Oromoon jiru tumsuuf dhi- heenyatti sochii walitti fufiinsa qabu taasisaa jira.

Upload: others

Post on 26-Oct-2020

22 views

Category:

Documents


5 download

TRANSCRIPT

Page 1: Walii Galan Alaa GalanOromoo fi bakka bu’aan HTBO argamuun mul’ata tokkummaa qabsaa’ota oromoof qaban ibsuun isaanii afuura qabsa’otaa fi Hawaasa keenyaa baayyee cimse. Waldaan

Walii Galan Alaa Galan

Yaamicha Walgahii Maree fi Gaalgala Aadaa

Waldaa Artistoota Oromoo irraa

Waldaan Artistoota Oromo (WAO)n WAOn hog-dammaqiinsaa fi hogqaroomi-na hawaasaa fi qabsaa’ota Oromoo ol kaasu-uf, aadaa, seenaa fi afaan Oromoo akka hin badne, kan hormaan akka wal hin makan-nee fi akka jirutti dhaloota boriif dabarsuuf qabsoo ta’aa turee fi jiru keessatti hirmaan-naa guddaa ba’aa turee fi jira.

Walgahii WAO Minneapolis MN, Caamsaa 25 bara 2010

Walgahii WAO Minneapolis MN, Caamsaa 25 bara 2010

Gaalgala Aadaa WAO Minneapolis MN, Caamsaa 25 bara 2010

Haala kanaanis Caamsaa 25 bara 2010 Magaalaa Minneapolis Min-nesota keessatti walgahii ummataa qopheessine irratti bakka bu’oonni ABO sadan, Bakka bu’oonni waldaalee amantii, hayyoonni Oromoo fi bakka bu’aan HTBO argamuun mul’ata tokkummaa qabsaa’ota oromoof qaban ibsuun isaanii afuura qabsa’otaa fi Hawaasa keenyaa baayyee cimse.

Waldaan Artistoota Oromoo aadaa, seenaa fi ogbarruu af-aan Oromoo guddisuu kees-satti hirmaannaa ol aanaa ba’aa jiruttis dabaluun mooraa qab-soo bilisummaa Oromoo kees-satti araarri nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf, tokkummaan qabsa’otaa fi hawaasa Oromoo akka cimuu fi bakka deebi’uuf deemsa araaraa maanguddoota Oromoon jiru tumsuuf dhi-heenyatti sochii walitti fufiinsa qabu taasisaa jira.

Page 2: Walii Galan Alaa GalanOromoo fi bakka bu’aan HTBO argamuun mul’ata tokkummaa qabsaa’ota oromoof qaban ibsuun isaanii afuura qabsa’otaa fi Hawaasa keenyaa baayyee cimse. Waldaan

Carraan kunis qabsa’otaa fi ha-waasa oromoo naannoo sana jiraatuu fi bara dheeraaf walir-raa hiiqee wal gaarreffachaa ture sana waltajjii tokkotti fiduun akka isaan waliin ta’anii egeree qabsoo fi saba isaanii sana waliin mari’ataniif karaa baneef.

Qophee keenya Adoolessa 28 bara 2010 Seatte Washington Gaalgala Aadaa WAO Adolessa 28 bara 2010, Seattel Washingtonti ta’e irrattis hawaasni keenya dhibbootaan lakkawamanii fi bakka adda addaa irraa dhufan irratti qooda fudhachuun deemsi keenya kun deeggarsa hangamii akka qabaachaa jiru nuuf mirkanees-san. Yeroon ammaa yeroo itti Oromoon diina isaa dhiisee walii isaa itti lolu miti, yeroon ammaa yeroo Oromoon akka sabaatti, dhaabonni bilisummaa oromoo akka qabsa’otaatti, eessa akka jira-nii fi eessatti deemaa akka jiran dhaabbatanii itti of ilaalan malee, yeroo itti wal gaarreeffatanii fi waldhabamsiisuuf walirratti hojjetan miti . Kanaafuu Waldaan Artistoota Oromoo ABO tok-koomsuu fi mooraa qabsoobilisummaa oromoo keessatti araara, nagaa fi tasgabbiin akka ta’uuf deemsa araaraa deemaa jiru deeggaruun hawaasni Oromoo marti yaada eebbifamaa kana duukaa akka bu’uuf dhaamsa isaa dabarsa.

WAO qophee isaa kana itti fufuunis Fulbaana 25 bara 2010 washington DC irratti walgahii um-mataa fi galgala aadaa kan artistootni Oromoo baayyinaan irratti argaman qopheessaa jira. Wal-gahii mare hawaasaa kana irrattis, bu’ureessitooni ABO duraanii: kanneen akka obbo Leencoo Lataa, Obbo Xahaa Abdii, Obbo Diimaa Nogoo, Obbo Ahimed Huseen, Bakka bu’oonni hawaasa

Gaalgala Aadaa WAO Adolessa 28 bara 2010, Seattel Washington

oromoo North Ameri-kaa fi hayyonni Oromoo argamuun barbaachis-ummaa araaraa mooraa qabsoo bilisummaa Oro-moo, tokkommaa hawaasa oromoo fi qabsa’ota isaa irratti ibsa barbaachisaa kennu. Kanaafuu hawaasni Oromoo Waashington DC fi naannoo isaa jiraattan marti walgahii fi qoph-hee bashananaa kana irraa akka qooda fudhattaniif kabajaan isin afeerra.

Boordii WAO