haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/how-to-control-our-thought-afan-or… · waaqayyo...
TRANSCRIPT
~ 1 ~
Yaada sammuu keenyaa akkamitti
haa to’annu?
3 /12
Barreeffama jireenya Afuuraa Walitti fufinsa
Qopheessan:- Waldaa Maaqariyoos
Mana kiristaanaa Ortodoksii Gibxii
Hiikoon
Dn Guutaa Charuu
Muddee, 2012 B.A
~ 2 ~
Hubachisa :-Barruu kitaaba kana akka hubattaniif jalqabaa isaa
irraa eegaluudhaan akka dubbistan.
Yeroo dubbistan bakka kamiyyuu ta’uudhaan ergaa isaa hubattanii
akka qaama keessan keessa galee jireenya keessan irratti hojjetu
abdiin qaba.
Mata dureen barumsa keenya har’aas kan irratti xiyyeefattu
“Yaada sammuu keenyaa akkamitti qulqulluu haa taasisnu” kan jedhudha.
*Barruu kitaabaa kana amantoonni Ortodoksii hundi
isaanii gatii baay’ee xiqqoo ta’een akka bira qaqqabu
abdiin qaba.
*Isiinis warreen barruun kitaaba kana isiin bira
qaqqabe amantoota biroo akka qaqqabsistaan
Waaqayyo Isiin haa gargaru.
~ 3 ~
Seenessaa
Barreefamni kun jireenya Afuuraa keenya keessatti akkataa
itti fufne amantaadhaan guddachuu dandeenyu nu qajeelcha.
Namoonni hedduun isaanii jireenya Afuuraa keessa galanii
jiraachuu danda’u. Garuu akka karoora isaanii sana cimanii
jireenya afuuratiin hin jiraatan. Iccitiin jireenya afuuraatiin
guddachaa adeemuun immoo yeroo irra deebinee kufnu abdi
kutuu dhiisuudhaan gaabbii galuudhaan jireenya Afuuraa
shakkaluutu barbaachisadha. Galma gahuudhaan firii jireenya
Afuuraa arguuf immoo wanta hunduma isaa obsaan fi
adeemsa jireenya Afuuraa suuta suuta caasaa isa eegnee
imaluu nu barbaachisa. Seexanni ykn Diyaabiloos yaada
keenya gidduu galuudhaan akka kaayyoon keenya galma hin
geenye nu waraana. Yoo nu injifate immoo daandii inni
barbade irra akka adeemnu nu taasisa. Seexanni yaadota
badaa ykn hammeenya nuttis addunyatti ta’u gara keenyatti
fida. Garuu akka nutti rawwannuuf nu dirqamsisu. Waaqayyo
wajjin wanta hunduma isaa ni injifanna; maqaa Waaqayyoos
~ 4 ~
waamne seexana miila keenya jalattis akka hiidhu dandeenyu
Waaqayyo waadaa nuuf galeera.
Dhuma irratti wanti nuti yaadachuu fi hubachuu qabnu
shakkalii jireenya Afuuraa keenya keessatti yeroo hunda
kufuu ni dandeenya. Haa ta’u malee gonkuma abdi kutuu hin
qabnu. Yoo kufne ta’e immoo akkamitti irra deebinee
gaabbiidhaan qulqulloofne kaayyoo keenya sana itti fufu fi
imalu akka qabnu qalbeeffachuu qabna. Wantoota kufatii
keenyaaf sababa nutti ta’aaniis gufuuwwan al tokko nu
rukkutaan sanaas lamaffaa of eegachaa (Gal 5:1-2) qalbiidhaan
imalu qabna. Jaalalli Waaqayyo aararsummaan durbee
Maariyaam hunda keenya irra bara baraan haa jiraatu.
Ameen.
~ 5 ~
Abbaa gaabbii argachuudhaaf adeeman jira. Barumsa isaanii
akkuma barachuu eegaleen Waaqayyo jaalala abbummaa isaa
laphee koo keessa bulchee gara Waaqayyootti deebi’uu koo
of bare. Lapheen koo Waaqayyootti gammadee ittin of jajuun
eegaleen gaddi natti dhaga’ame. Yaada kana osoo yaadee hin
xumuriin bubbeen guddaan tokko dhufee fuula koo golgee
humni isaa gudda waan ta’eef anis darbatameen kufe. Humna
qabu hundatti fayyadamee akka ta’eetti ol jedheen
dhaabbadheen imala koo itti fufe. Yaadni yeroo sana natti
dhufees akkumaan yaada jaalala fi abbummaa Waaqayyo naaf
qabu yaaden Seexanni bifa qilleensa guddaadhaan natti
fudhee na rukkuta. Egaa yaadota kana lameen akkamitti akkan
dura dhaabbachuu fi qabsuura gaggeessuu danda’u abbaa
gaabbii koo wajjin akkan maari’adhu murteesse. Abbaan
gaabbii koo na gargaaraa turan. Fannoo harka isaanii irraa
dhungadheen isanuma bira taa’e.
Abbaan koos akkana naan jedha: - Ilmoo koo akkam jirta?
Yaadni ati amantaadhan dadhaboo ykn duwwaa ta’uu kee
akkam maal sitti fakkaata? Nan jedhan.
Anis dubbii koo itti fufeen: - Abbaa koo qabsoo eegaleen
jira. Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis
jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka namaaf kennu amma
~ 6 ~
hubachaan jira. Yeroo hundumaas jireenya koo akka inni naaf
geggeessu wajjin dubbachaan jira. Keessummaattu yeroo
hunduma haala kamiin Isa wajjin dubbachuu akkan qabu
amma qalbeeffadheen gammachuudhaan Waaqayyo koo
wajjin dubbachaan jira. Egaa Abbaa koo amma jabachaan jira
ammas waan baay’eetu na hafa.
Abbaa keenya: - Sirriidha ilmoo koo areedni fi irreen harka
keenya al tokkotti guddachuu hin danda’an. Suuta Suuta
yeroo isaanii eeganii ta’uu qaba. Atis akkasuma. Haa ta’u
malee jireenya Afuuraa hin dagatin. Yoo dagates dafii deebi’i.
Waaqayyo irraas gonkuma fuula kee hin garagalchiin. Garuu
mee jireenya kam wayya?
Anis: - jireenya kam akka caalmaatti na fayyadee jaalachuu
akkan qabu ammaaf hin beeku. Haala amma keessa jiruun
jireenya kam akka caalu wanti natti dhaga’amees hin jiru.
Kanaaf sadarkaa kanatti baruu hin dandeenye Abbaa koo!.
Abbaa keenya:-Kun firii ji’oota hedduu gaafatuudha.Ati qofti
gaaffichaaf amanamoo ta’i. Akkuma nama tokko gaafa yaaduu
eegaltu akkana jedhii Waaqayyoon gaafadhu; “Yaa Waaqa
koo hunduma caalchiseen akkan si’i jaaladhu naa taasisi”
jedhin. Yeroo hawwii fi fedhii akkana laphee kee keessatti
~ 7 ~
horattu Waaqayyos si wajjin ta’a. Jireenya kee keessatti
Waaqayyoon lakkoofsa
jalqabaa ykn tokkoffaa
taasisi. Jireenyi afuuira kees
yeroo sanatti kan tasgaba’ee
fi kan miidhage ni ta’a haa
ta’u malee ilmoo koo firii
jireenya Afuuraa arguudhaaf
obsa si gaafata.
Anis: - garuu guyyoota lama
fi sadiin booda yaadni
badan deebi’ee natti dhufa.
Abbaa keenya: - Gaariidha
kunoo amma daandii sirrii
hordofaa jirta ilmoo koo.
Anis: - yaadota badoo fi
hammeenya ta’aanii
sammuu kootti dhufu
akkamitti daandii sirriidha
nan jettuu Abbaa koo?
Abbaa keenya:- Seexanni jireenya afuuratiin yemmuu ati
jabaachuu kee ilaalu cimsee si’i kufisuuf ni ka’a. Walitti
dhufeenyi kee Waaqayyo wajjin qabdu dadhabaa ta’uu fi
walitti fufinsa qabachuu yoo baatee ati isaaf wanta
Yaadan waan jijjiramteef hin rifatin. Ciminni Seexanaa bilisummaa keenya wajjin kan dorgomamu miti. Nu sodachisuu fi hawwisisuu danda’a malee akka hojjennuuf nu dirqisisuu hin danda’u. (Maar Yaa’iqoob; El Serougy)
~ 8 ~
sodaachistu ykn rakkistu miti. Sababni isaas yeroo barbadeeti
si’i miidhuu akka danda’u ni beeka. Garuu seexanatti wanti
sodaachisaa fi rakkisaa itti ta’u maal akka ta’ee beekta ilmoo
koo?
Ilmoo koo dadhabina fi oduu isaa hin lakka’iin! Gara fulduraa
wagga tokko fi lama ol daandii jireenya kee cimsitee yoo
jiraatee itti fuufte daandiwwan seexana cufuu dandeessa.
Waaqayyo jireenya kee keessa godhatee taanan Waaqayyo
fira kee siif ta’a. garuu seexanni hanga dandeetii isaa si’i
gufachisuudhaaf ni ka’a.
Midhaan deedhii tokko guddachuudhaaf yeroo eegalu
baduudhaafis ta’ee muruudhaaf salphadha. Haa ta’u malee al
tokko yoo guddatee muka baay’ee cimaa erga ta’e booda
garuu balleessuufis ta’ee muruudhaafis baay’ee cima.
Sababni inni guddaan kunoo kanadha ilmoo koo. Dinni kee si’i
balleessuu kan eegalu yoo ati jireenya afuuratin guddachuu
egalteedha.
Yeroo qorumsi sitti heddummatus jireenya Afuuraa keetin
yeroo guddachaa adeemtu fi cimaa taatettidha.
Anis: - Yaa abbaa koo qabsoon isaa baay’ee cimaadha.
Furmanni isaa maalidha?
~ 9 ~
Abbaa keenya:- Eeyyeen ilmoo koo qabsoon baay’ee
cimaadha. Garuu Waaqayyo si’i wajjin waan jiruuf hin sodaatin.
Seexanni wanta dhumaa taasisuu kan danda’u meeshalee
dhiyyeessuu qofadha. Haa ta’u malee akka hojii isa hojjetuuf
si dirqisisuu fi dhibbaa sirratti uumuu hin danda’u. inni
akkuma nama meeshaa gurgurtaa siif dhiyyeessu danda’a
malee si bichisisuu hin danda’u.
Anis:- Haa ta’u malee inni beekumsa guddaan kan guutamee
fi daldalaa gurguraaf abdii hin kunneedha. Kanaaf akkamitti
injifachuun danda’aa?
Abbaa keenya:- waraana yaada kee injifachuudhaaf
daandiiwwan sadii ni jiru.
Anis:- Isaan kun maaliidha abbaa koo?
Yaada kee to’achuudhaaf daandii inni jalqabaa Burqaa
yaada hamoon sun ittin argamu cufuudha.
Anis: - akkamitti balbala yaada hammeenyaa kana cufuun
danda’ama?
Abbaa keenya:- nama sammuu dhukkubsata tokko ture. Akka
maraataa taasisu eegale. Hospitala sammuu galee qoricha
fudhachuu fi waldhanamuu eegale.
~ 10 ~
Yeroo murta’een booda erga itti foyya’ee gara mana isaatti
geggeessun duratti ogeeyyoonni fayyaa isa qorutti adeeman.
Bishaan fudhatanii mana keessatti gad naqaanii akka inni
qulqulleessu barbaadan. Innis hanguma manni keessi gogaa
adeemu bishaan boombaa sana itti gad lakkisee obasuu itti
fufe. Walakeessa isa gogsee yeroo deebi’u walakeessi isa gar-
hafe immoo jiidhee argata. Inni mana yeroo qulqulleessu
ogeessoonni sun immoo bishaan boombaa sana akka bishaan
lolaa’uuf bananii turan. Haala kanaan manni kun keessi goguu
danda’aa?
Anis:- kun akkamitti ta’uu danda’a? wagga dhibba guutuu
osoo qulqulleessee bishaan osoo lola’uu goguu hin danda’u.
Abbaa keenya:- dhugaadha ilmoo koo kunoo kanaadha haalli
jireenya keenya. Qaama fi yaada qulqulluu qabachuu yoo
barbadne qaamota miira shanan to’achuu yoo hin dandeenye
lubbuu Qulqulluu qofti gaha miti.
Anis:- Akkamitti qaamota miiraa to’achuu dandeenyaa?
Abbaa keenya:- fedhiiwwan kee yoo to’achu baatte fedhii
keen ala ta’uu kee baruu qabda. Jireenyi kun immoo hallayyaa
si’i gata.
Magaala Gibxii xiqqoo taate tokko keessatti namni tokko osoo
daandii Baaburaa qaxxamuraa jiruu milli isa haadida / daandii
~ 11 ~
Baaburaa kana keessa gale. Namoonni muraasni tokko
miillisaa harkisanii keessa baasuu barbaadan. Haa ta’u malee
hin dandeenye.
Baaburri saffisa guddadhan adeemu salphatti bakka kana
gahee kan dhabbachuu hin dandenyedha. Baaburri saffisa
guddadhaan dhufuu isaa namoonni argan nama kana
dhiisuun adeemu eegalan. Namni kunis akkana jedhee “Miila
koo muraa, miila koo muraa, ani du’uu hin barbaadu” jedhee iyye.
Mana foonii achitti dhiyoo ta’e tokko qottoo fudhatee miila
nama kanaa muruudhaaf gara mana gale. Namni qottoo
fudhuu gale kun osoo hin deebi’iin dura namni tokko gara
mana nyaataa adeemee zaayitii fidee miila nama kana dibe.
Humnaan miila nama
kana harkisuudhaan
bakka seene keessa
base. Namichis,
namoonnis gammaduu
eegalan. Hubadhu
ilmoo koo miila muruuf
namni adeeme sun
gara du’aatti nama kana geessa waan tureefidha.
Yaada Afuura
Qulqulluudhaan fudhatamuun
ija kee cufi, yeroo sanatti
lapheen kennaa Afuura
Qulqulluudhaan ni guutama”
(Abbaa Musee)
~ 12 ~
Waaqayyo akkana jedha “Ijji kee yoo sitti gufuu ta’e baasi gati;
harki kees yoo si gufuu sitti ta’e murii gati” (Maat 18:9)
jedheera.
Anis፡- eegaa Ija koo baasu ykn immoo miila koo muruun
qabaree Abbaa koo?
Abbaa keenya:- Ija seexanaa badaa ta’e baasi gati. Sanaan
booda qaama kee tokko illee daangaa seexanaa keessa hin
godhin. Qaama kee duraa cubbuu ittin rawwachaa turte fi
eenyummaa kee xura’ee sana hojii badaa sana wajjin
darbadhuutii gati.
Anis:- yeroon daandii adeemu wanta tokko illee akka hin
argine ija koo cuufadheen adeema moo Abbaa koo ?
Abbaa keenya:- Ija kee cuufatee hin adeemin. Ilaalcha tokko
fi ilaalcha biroo gidduu garagarummaa jira. Ilaalcha wanta
badaa irra fagaatanii adeemu fi wanta badaa ilaalaa adeemu
gidduu garagarummaa guddaatu jira.
Anis:- ani kanaan ilaalu Abbaa koo waa’ee miidhagina fi wanta
jajamu tokko malee wanta badaa ta’uu fi dhiisuu isaa hin
beeku.
Abbaa keenya፡- wanta badaa fi gaarii ta’uu isaa osoo hin
beekin miidhagina fi wanta jajamu ilaalta!
~ 13 ~
Ilmoo koo ati baayistee ni beekta. Laphee nama sana keessatti
afuura jiraachuun alaatti laphee nama kamiyyuu beekuun hin
danda’amu. Haa ta’u malee ofii kee kan ittin of madaaltu ni
jira.
Anis; - maaliidha inni immoo Abbaa koo?
Abbaa keenya: -
Cal Sammuu (Yaada
dhokataa)
Anis: - Maalidha
yaadni dhokataan?
Abbaa keenya:-
yeroo dhuunfa kee
jirtu maaltu sitti
dhaga’amaa?! Waa’ee Ganat/ mootummaa Waaqayyoo ykn
immoo qulqullootaa yaada moo yaada Addunyaa kanaan
fudhatamta? Hiriyaa keetin maal jettaan, guyyaa guutuu
yaadan hamachaa olta?
Waa’ee yaadni laphee keetii inni guddaan kanadha. Waa’ee
ati yaadu waa’ee uumaa kee Waaqayyo yemmuu ta’u ykn
kadhannaa geggeessuun Abbaa kee samii wajjin dubbatu
moo akka namoota hedduu isaanii waa’ee yaada badaa fi
dadhabaa ta’e yaada?
Hawwii ykn fedhiiwwan qaamota miira keenya
hanguma to’achuu dadhabnu qulqullinni yaada
keenyas badaa adeema.
~ 14 ~
Ilaali ilmoo koo ofii
kee of qoradhu;
sanaan booda
seexanni akka si
gowwomsuuf yeroo fi
fedhii kee hin kennin.
Cubbuu hojjette irratti murteessii maqaa sirrii itti
kenni.
Kanaafuu cubbuu kee himadhu, sanaan booda Waaqayyo
akka cubbuu irra si eegu gaafadhu. Kana ta’uu banaan saraara
irra baatee osoo jirtuu daandii sirrii irraan jira jettee yaada
dogongoraa keessatti kuftee jiraata.
Waa’ee dhaga’uu maacafni akkana jedha “beekumsa kan
dabalachaa adeemu gadda ni dabalata” (Lallabaa 1:18).
Anis: - barumsa kamiyyuu barachuu hin qabu jechuudhaa?
Abbaa keenya: - akkaas miti ilmoo koo maacafni kan jedhuu
barbade beekumsa cubbuudhaan guutameedha. Namni
tokko nama biroo yemmuu ceepheessu fi waa’ee badii nama
tokko yeroo dubbatu yoo dhageessu, nama hamiin irra gahu
sana wajjin yeroo wal bartu dursa waa’ee isa
hammeenyummaa waan dhageesseef dubbii sana yaadachaa
nama sana atis xirreeffachuu eegalta. Namoonni tokko tokko
Gurri kee yoo xura’ee oduunis
yoo guute addaan qodamuu
laphee dhorkuu hin danda’u.
(Abbaa Maqaariyoos)
~ 15 ~
dadhabinaa isaanitti ni oftulu. Maacafni kan jedhu jechoota
hamoo ati dhageessu sun deebisee si hammeessa, egaa atis
yaadicha biroo hammeessuu egalta. Sanaan booda seenaa fi
jechoota badaa yeroo dubbataan waan badaa ta’e akka yaadu
si taasisu. Kanaafidha kitaabni “daandii cubbamtoota irra kan
hin adeemne teessoo warra nuffiitoota(tessoo warra ga'isanii)
irra hin teenye kan ebbifameedha” ( Faar 1:1). Ilmoo koo ilaali
jechoota badoo kanaaf gurra kee hin kennin. Kana ta’uu
baanan gatii dhabeessa ni dadhabda. Kanaan dura yoo hin
dogongore irra deebitee hin dogongoriin.
Anis: - waa’ee arrabas akkaamidha Abbaa koo?
Abbaa keenya: -mee Yaa’iqoob “3:5_12” dubbisi. Waa’ee
Arraba jecha cimaa tokko ni dubbata. "Arrabni Abidda" jedha
mucaa koo akkasuma “Dubbii gaarii malee dubbii hamoo afaan
kee keessa hin bahiin” jedha (Efesoon 4:29).
Waa’ee kana hunda haala dubbii Arraba isaanii kan hin
to’annee dargargoota dubbii hammeenyaa dubbachuun
dubbii sanaan of jajan ni jiru. Kiristaanoonni namoota
Addunyaa wajjin kan deddebi’anii jiraataniidha.
Yeroo amma kana kiristaanummaa keenyatti qana’aa ykn
ceepha’aa fi maqaa gaarii ta’e tokko arrabsoo taasisne jira.
Garuu ammas kiristaanaa ofiin jenna. Ilmoo koo yeroo amma
~ 16 ~
kana barsifataan kiristaanummaa jechuun kiristaanummaa
hallayyaatti nama geessu kiristanummaadhaan kan miidhagu
osoo hin ta’iin kiristaanummaadhaan kan daldalu ta’eera.
Anis: - egaa Abbaa koo jechoota nama jeequ kana hunda
ergaan dhaga’ee maal gochuun qaba?
Abbaa keenya:- qaamollee miira fi yaada kee to’achuuf
akkana gochuu qabda.
Inni jalqabaa dubbii hubachuudha. Namni tokko daandii
cubbuu erga hubatee gaabbii galuu ni eegala. Yoo rakkoo
hubachuu qabate garuu daandiin soba ilaalu sun dhugaa itti
fakkata.
cubbuu sirritti baruu fi hubachuu barbachisaadha. Cubbuun
xiqqoo taatus ulfatina qabdi. Wanti kamiyyuu gaabbii fi of
ceepha’uun yoo hin jiraanne mindaan cubbuu du’adha.
Cubbummaa ofiikee of madaali. Cubbuun hangam xiqqoo
ta’uus; gosa cubbuu
kamiyyuu qaama miira
kee keessatti yoo
yaadni badan argame
cubbuudha. Yoo of
ceephite garuu ni bada.
“Yeroo hunduma ofii kee of
qoradhu; sanaan booda cubbuu
keef gaabbii gali. Waa’ee
cubbuu kee akka dhifaama siif
godhuu Waaqa kee kadhadhu”
Abbaa Isaayyaas
~ 17 ~
Ilmoo koo nama jaalatu wajjin Araara buusudhaf cubbuu
kee hin qulqulleesin. Kana yoo hin tanee gantummaa keessatti
kufta. Waaqayyoon jireenya kee keessatti yoo dursite
akkamitti isa wajjin walii galtee jiraachuu dandeessu fi cubbuu
tokkoon tokkon isheedhaan akkamitti akka dhiifama
gaafachuu fi of ceepheesu qabdu ilaali. Yaadadhu kun
ceepha’uudha.
Anis:- irra deebi’ee yoo gara cubbuutti deebi’e hoo?
Abbaa keenya: sitti himeen jira ilmoo koo. Hanga kam llee
kuftu, al miliyoonaa cubbuus hojjetu gonkuma akka hin banne
cubbuu akka baduu danda’u hubadhu. Sanaan booda of
ceepha’ii gaabbii gali. Akka Abbaan Shinoodaan jedhanitti
cubbuu hanga guyyaa du’a keetti waraani.
Cubbuudhaaf mana hin ijaaraniif
Cubbuu hojjete tokkoon tokkon isaa tarreessitee himuudhaan
Waaqayyo akka dhiifama siif godhu, Seexanaa fi irra
deedebi’ee akka kufatii cubbuurra si eegu Waaqayyon
kadhadhu. Kana guyyaa guyyaadhaan kan rawwatu haa ta’u.
Iyyesuus Kiristoos mufachistee akkamitti raafuuf gara siree kee
adeemta? Uumaa wajjin osoo hin araaramiin raafuf; nageenya
fi tasgabbii raafuuf gonkuma Waaqayyo akka dhiifama siif
~ 18 ~
godhuu akkasumas humna Seexanaa ittin waraantu akka siif
kennuuf gonkuma gara iddoo ciisichaa hin adeemin!
Anis: - Qaamni miiraa biroos waan xuqnuuf moo waan
qaqqabanuuf cubbuu hojenna?
Abbaan keenyaas:- Abbaan Yohaannis ‹‹The sprititual Grove››
kitaaba jedhu keessatti cubbuun qaqqabachuudhaan dhufu
hunda caala badaa ta’uusaa ibsanii jiru. Nuttis eyyamnuus
osoo hin eyyemiin akka cubbuu kamiyyuu keessatti kufnu nu
taasisa. Iyyasuusis ilaaluu fi qaqqabachuu irratti xiyyeefata.
“Ijji kee yoo gufuu sitti ta’e baasi gati; miilli kees yoo si gufachiise,
murii gati” kan jedhuudha. Wanti harka keenyaan
qaqqabannee hojjennu baay’ee cimadha. Kanaas sanaas
taasisu ni dandeessa. Gahe ykn immoo baay’ee rakkisadha.
“Maal taasisa? Sababan alaatti bilisa kamiyyuu hin banne?” haala
adda keessatti si galcha.
Anis: - Hanga kana cimaa fi narratti dhibbaa ni uuma jedhee
gonkuma hin yaadne ture.
Abbaa keenya:- kanaafuu boodee ni mari’anna. Madda
cubbuu hundasaa waan cufteef hundumtuu al tokkotti
jijjiramee nageenya gonka ta’a jettee hin yaadin.
Anis: - Maaliif abbaa koo?
Abbaa keenya:- maddisaa yeroo baay’ee banaa waan ta’eef
bishaan mana guute. Kana jechuun immoo al tokkotti laphee
~ 19 ~
keenya keessa basuu kan hin dandeenye yaadota, jechoota
cubbuu fi haalliwwan adda addaa sammuu keenya keessatti
maxxanfamee jiraacha waan tureef jechoota gaarii ta’aanitti
jijjiruudhaaf yeroo barbada.
Anis:- kana yeroo barbadnetti hir'isnee gara jabinaa fi laphee
gaabbiitti deemuu hin dandeenyu?
Abbaa keenya:- yaadota hafaan to’achuudhaaf qabxiiwwan
sadii kan yaada keenya gammachisaan ni jiru. Anis:- Tooftaan
ittin to’atan maaliidha?
Abbaa keenya:- tooftaan inni itti aanu.
Lakki jechuu
“Fooddaa qilleensi galu cufitii tasgabaa’i” kan jedhu mammaksi
ni jira. Fedhii yaada fidu sirratti cufuus gonkuma si hin dhiisu,
balbala laphee kee irra dhaabbatee akka deebitee laphee kee
bantuuf boqonnaa malee yeroo hundumaa ni rukkuta.
“Hiriyaa kee durii ana Daabiloosidha sagalee koo na hin
yaadatuu? Balbala naaf bani” jedha. balbala irra dhaabbatee
yeroo rukkutu, lakki jechuudhaan balbala laphee kee
~ 20 ~
gonkuma hin baniniif! Ciminaa fi murti guddadhaan “hin ta’u
jechuun, hin ta’uudha” jedhin! Al tokko na ilaali yeroo jedhu
akkana jedhiin “Gonkuma si hin ilaalu baduu hin barbadu, arrabsi
yoo sin jedhe immoo si hin arrabsu Kiristoosiin gonkuma hin ganu
jedhin” kana sirritti beeku qabda!
Daabiloos gara hammeenyatti si afferuu danda’a. garuu si
dirqamsisuu ykn immoo dhibbaa sirratti geggeessu gonkuma
hin danda’u.
Cubbuu waraanuu fi cubbuudhaan kufuun
garagarummaa guddaa jira.
Anis: - Abbaa koo garagarummaa maalitu jira?
Abbaa keenya:- Waraanaa cubbuu kan jennu seexanni kan
ittin si kufisu yoo dhabeedha. Inni yaada badaa isa fudhatee
Afuuraa isaa wajjin suuta jedhee adeemu danda’a. Kun hojii
isaatidha. Ati taasisuu hin qabdu jechuu hin dandeessu. Inni
ofii isaatif amanamadha. Haa ta’u malee waraana cubbuu isa
wajjin wal waraani jechuun cubbuudhaan kufaa jirta jechuu
miti. Isa wajjin yeroo wal waraantu gonkuma hin sodatin.
Cubbuudhaan kufaan jira jettee hin yaadin. Innoo seexanni
~ 21 ~
qulqulloota fi Goofta keenya Iyyasuus Kiristoos wajjin illee
osoo hin hafne wal waraananii jiran.
Ati diriee waraenaa keessa yeroo jirtu kana loltuudha
jechuudha. Isa yoo injifatuus waan isa rakkistuuf hojiisaa osoo
abdiin hin kutiin qorumsa sirratti heddummeessa. Cubbuu
keessatti kufuu jechuun immoo hojii badii Seexanaa fudhattee
isa wajjin adeemu yoo egalteedha. Hojii badaa dubbachuu fi
eenyummaa keetti of jaajuu gaafa egaltu cubbudhaan of
ceephessuu qabatuus sagalee Waaqayyo hin dhaga’u jettee
cubbuu jajuu gaafa egaltuudha Waaqayyorra kan adda batu.
Miilli kee gufatuus illee ofii kee kufatiif hin kennin. Yoo
darbamtee kufte illee akka kufteetti hin hafin. Cubbuudhaan
yoo kuftu ariitiidhaan ka’i malee akka kufteetti hin hafin.
Seenaa Yooseef ni yaadataa ilmoo koo?
Anis: - Eeyyeen Abbaa koo nan yaadadha.
Abbaa keenya: -Yooseef nama cimaa ture. Obboolleewwan
isaatiin garbummaadhaf dabarsamee gurgurame. Lafa ambaa
irras jiraacha ture. Haadha mana mootiidhaan qorame.
Qorumsi kun baay’ee cimaa ture garuu Yooseefidhaaf icciitii
guddaan jecha tokko ture.
~ 22 ~
Anis: - Maal inni Abbaa koo?
Abbaa keenya:- “Lakki” waan jedheef. Dubartii akka kana
barreedu na jaallattee ani miidhuu hin qabu garuu
qulqullummaa Waaqayyoodhaaf jedhee, waa’ee Abrihaam
Yisihaq fi Yaa’iqoob seennesseefii tasgabeessa” hin jedhu.
Gonkuma waliif galuus mari’achuuf hin yaale “hin ta’u” jedhee
fiige malee. Yeroo yaada badaa wajjin hasawuu eegaltu
dadhabaa dhuftee booda ni injifatamta. Daandii imala tokko
irra jiru yaadi, daandichi xura’oo dhangala’oodhaan guutee
jira.
Hojjetoota rakkoo sanaaf furmataa bakka sanatti walitti
qabamaan keessa namni dheerinni isaa gabaaba ta’e tokko
dhangala’oo xurawoo sana keessa dhabbatee “Bilisummaa,
Waaraqsa, bilisummaa, kottaa nu fakkadhaa yaa namoota”
jedha. maaltu ta’aa akka jiru namni beeku tokko illee hin jiru.
Yaadadhu ati osoo achi jiraate yeroo sana rukkutuu ykn xuuqu
dandeessa?
Anis: - gonkuma akkas gochuu hin danda’u Abbaa koo nan
baaqadha malee. Eenyu illee haa ta’u namni nama
dhangala’oo xura’aa keesa dhaabbatu kana xuqe boode
xura’oo sanaan na balleessu danda’a.
~ 23 ~
Abbaa: - Kanadha ilmoo koo “lakkii” fi “baqachuu”.
Kanaafidha qulqulluun Phaawuloos saboota Ximootiyoosiif
akkana jedhe “fedhiiwwan dargagummaa kee irra baqadhaa”
(፪ffaa Xim ፪፣፳፪) ‹‹Figuun tooftaa nama haxxee tarkaafii
jalqabaatidha” kan jedhu mammaksi ni jira. Dhugaa
dubbachuudhaaf
ilmoo koo yeroo
kanatti kan nama
basuu fiigichadha.
Ilmoo koo seenaa
Loox yaadataa?
Anis: - Eeyyeen
Abbaa koo nan
yaadadha.
Abbaa:- Ergaan lama dhufee akkana jedhaan “Kottu bakka
kanaa bahii adeemi”. Innis shakkee akkana jedhe “hanga boru
ganamaa bakka keessan gad lakkisa bahaa ykn immoo akka
Gibxoonni jedhanitti boru ganama lolaan galaanaa ni
uumama” Innis “hin ta’u Loox ganama abiddi ni rooba!
Haadha mana isaa fi ilmoo isaa fudhee fiige. Jechoota gaarii
ta’aan sadiidha kan nutti himan.
Waraana keessatti dhugaa dubbachuun hanga kam dadhabaa taatu fi hanga kam illee kuftuus atatamaan ka’uun kayyoo keetif hanga dhumaa dhaabbachudha.
~ 24 ~
Jechi jalqabaa “jireenya keef yoo jette fiigi”
Wantoota hamoo fi eenyummaa cubbuu jireenya kee
balleessuuf jedhu irra bahuuf fiigi. Fedhiiwwan badoo fi
yaadonni adda addaa sammuu kee keessatti yoo ta’e nuffiin
ykn suuta jechuun kee si balleessa yoo yaadota kana of keessa
basuu dadhabde. Humna qabdu hundaan lakki jedhi. Hanga
kam yoo kuftees, injfatamtees lakki jedhii ka’i. ifatti
dubbatamee jira “jireenya keef yoo jette miliqii bahi” kan
jedhu. Sanaan booda nuffii sirra jiruun jala bahuuf baqadhu;
wantoota baay’ee badoo ta’aan jala baqaadhu. Eenyuu illee
jireenya afuura yoo dhaga’e jireenya isaa ni barara. Kana kan
hin taasisne garuu jireenya isa gara badiitti geessa.
Jechi lammaffaan “naannoo sana hin dhabbatin” wanta badaa
tokko ati badaadha jedhiin. Wanti badaa xiqqaa fi guddaa
jedhamu tokko illee hin jiru. Wanta badaa sana keessa
bahuun yoo siif hin tole illee badaadha jechuun ceepheessu
yoo dadhabde illee Waaqayyo kana irra akka si baraaru eegi.
“wanta barbaduu fi hanga dandeessu” gidduu garagarummaan
ni jira.
Anis: - garagarummaan maaliidha Abbaa koo?
Abbaa keenya: - garagarummaa qaba. Barbachuu jechuun
sagalee Waaqayyo dhageessa. Garuu ati bakka hin kennituuf
~ 25 ~
ni mormita. Dhag’uus hin dandeessu. Cubbuu badaas
cubbuudha jettee dhiisuu hin dandeessu. Dhaga’uus hin
barbadu. Ati gammachuu qabda gonkuma illee hin
gaanlbbitu. Kanaafuu Waaqayyo garbicha isaa balbala laphee
kee rurukkutaa jira. Fedhii kee garuu dirqisisee seenu hin
barbadu.
Hanga dandeessu jechuun wanta badaa tokko jibbuudhaaf ni
yaalta garuu dadhabdee ammaas ni yaalta. Ammas irra
deebitee yaalta, ammas yaalte dadhabaa taatus ni injifata.
Garuu yoo kuftu cubbuu ta’uusa ni amantaee ni gaabbita.
Ati eyyemamaa yoo taate fi yoo barbade Waaqayyoodhaaf
salphaadha. Humna fi dandeetii kan gaafatu sitti fakkaata.
Cubbuudhaan waan kufteef hin badin. Daandii kee
qabadhuutii qabsicha itti fufi. Waaqayyo gara kee ni dhufa hin
shakkin. Dhukkuba kee wajjin gara isaatti simatee dadhabina
kee gara ciminaatti jijjira.
Anis:- ergaan kecha sadaffaan maaliidha?
Abbaa keenya: - jechi inni
sadaffaan gara booddee
hin ilaalin. Hojiiwwan
badaa darbaan gara
booddeetti deebi’uun
Cubbuu darbeef hin yaadin;
gara sanatti si deebisuu fi
dhiphisuu ni danda’u.
(Abbaa Inxoos)
~ 26 ~
yaadachuun itti hin gammadin, wanta dhiisteefis gonkuma
illee gaabbiin sitti hin dhaga’amiin. Bakkeewwan cubbuu itti
rawwatee fi namoota si miidhan gonkuma yaadachuuf hin
yaalin. Armaan dura daandiiwwan cubbuu keessatti kufte
keessatti kufuuf gonkuma hin yaalin. Dibaaloos gara
booddeetti si deebisuudhaaf yeroo yaalu lakki jedhiin. Haadha
mana Loox yaadadhu. Yeroo gar booddee ilaaltu soogidda
ashaboo taatee haftee jirti. Seenaa Loox isa haaraa sitti
himeen jiraa?
Anis: - lakkii abbaa seenaa kana natti hin himnee? Seenichi
jarraa 14ffaa ykn 15ffaa keessa kan rawwatame osoo hin ta’iin
kan dhiyoodha. Seenaa kana kan naaf seenesse Phaaphaasii
ykn Luba tokkon osoo hin ta’iin abbaa gaabbii hiriyaa kiyya
tokkonidha.
Anis: - Egaa maaliidha Abbaa koo?
Abbaa keenya: - Dargageessi kun hiriyaa isaa maatii qabu
bakki isaa fageenya qabu tokko adeeme. Konkolataa irra
bu’ee gara manaa waliin jireenya darbii torbaaf gahe balbala
rurukkute. Gara mana yemmuu seenu hiriyaan isa hojiidhaaf
akka bahe fi torbeedhaan booda akka deebi’ee dhufu haati
mana itti hime. Garuu isheen cubbuu wajjin rawwachuudhaaf
yaade. Lapheen isaa baay’ee sodate “Waaqayyo maaloo na
~ 27 ~
gargaari” jettee sa’aatii namatti hin tole keessatti taatee kana
dinqisifachaa osoo hin beekin konkolata keessa gahuu isa
bare Waaqayyon galateeffate.
Anis: - kun jireenya keenya keessatti ni uumama jechuudha?
Abbaa keenya:- Eeyyeen ilmoo koo! Waaqayyoodhaaf yeroo
hunduma amanamaa yoo taate innoo yeroo hunduma siif
amanamadha. Laphee dhugaadhan gara isaatti iyyi inni siif
dhaga’a. sagalee isaa kan gaafatan hundaf tokkodha. Seexanni
hanga kam illee cimaa ta’uus lakki jedhiin. Humni Waaqayyo
baay’ee cimaa fi barri kan hin jijjireedha. Hojii badaa wajjin
garuu maari’achuuf hin ta’iin.
Magaala haaraa tokko keessatti mana jireenya waliini haaraa
ta’e tokko keessa namoota jiraatan turan. Namni uffanni isaa
baay’ee miidhagu tokko kufee halkan balbala mana rurrukute.
Innis fooddaa irran yeroo ilaalu nama namusa qabu fakkaata.
Balbalaas banaanif. Akkuma balbala banaaniif samtoonni ykn
hattoonni shan utalanii gara mana galuudhaan kan argataan
hunda hattanii bahan. Ilaali ilmoo koo! Seexanni yeroo dhufu
bakkeedha gaarii fakkatee; ofiisa of dhoksee fi hiriyaa si
jaalatu, fira fi obboolleessa kee fakkaatee gara kee dhufa.
Keessi isa garuu kan summa’edha.
~ 28 ~
Anis: - garuu akkamitti to’achuun danda’aa?
Abbaan keenyas:- gufuun tokko al lama akka si hin
gufachisne hin eyyamaniif. Haa ta’u malee, yoo si gufachisee
fi kufte ka’i malee harka hin kennin. Bakka jirtu kana armaan
duratti namni baay’een isaanii akka hataman hin dagatin. Si
hatuun akka ofitti qanooftu si taasisa. Haa ta’u malee balbala
laphee kee rurrukkutuu danda’a malee cabsanii galuu waan
hin dandeenyef ati balbala laphee kee akka cimsitee cuftuu fi
boji’amuu dhiisuu kee hubadhu. Laphee qulqulluudhanis
kadhadhu; mana isaatiis hin bahin innoo si fayyisaatii. Warreen
hamoodhaaf hammeenyummaa walakkaa ykn xiqqoo ishee
illee tole hin jedhin.
Anis: - maalidha hammeenyumman xiqqoon ishee Abbaa
koo?
Abbaa keenya:- daandii gaarii fi yaara; du’aa fi jireenya,
Waaqayyoo fi seexana jira. Daandiiwwan kana lameen gidduu
daandiin jiru daandii walakkeessadha. Duuka bu’aan
qulqulluun Phaawuloos akkuma jedhe, “Wanta hamoo
kamiyyuu irra fagaadhu” (፩ffaa Tasalonqee ፭፤፳ ፪) Daabiloos
daandii Waaqayyo akka adeemtu gonkuma hin barbadu.
Guutummaa guutuus wanta badaas akka hojjetu hin barbadu.
~ 29 ~
Anis:- Maal Abbaa Seexanni ani akkaan guutummaa guututti
seexana ta’u hin barbaduu?
Abbaa keenya:- Daandii Waaqayyo akka adeemtu hin
barbaadu, akka hin adeemne daandii hunda argate hundatti s
gufachisuudhaaf ni tattafata. Haaluma wal fakkatuun daandii
isaa irra akka imaltu hin barbadu.
Anis: - Maaliif abbaa akka ani daandii isa irra hin imale kan
taasisuuf immoo?
Abbaa Keenya: - cubbuu guddinaan akka kana cubbuu hin
jiru jedhamu hojjetee gaabbii galuun gara Waaqayyootti
deebi’uu dandeessa. Haa ta’u malee cubbuu gidduu galeessa
rawwattee cubbuu sun akka cubbuu hin taanetti sitti fakkeesse
gidduu sana si dhaaba.
Anis: - kana akkamitti beekun danda’a ani Abbaa?
Abbaa keenya: - afuurri qulqulluun yeroo akka ati cubbuu
sana irra deebitu laphee kee dammaqsu sitti yeroo
dhaga’amuudha. Jireenya tokko keessatti wanti sitti hin tole
yoo jiraate fedhiin tokko yoo si ceephesse daandii kee dhabi.
Fedhiin yaada kun jireenya kee keessa hanga jiruutti
obboroodhaan ka’ii gara Waaqayyootti iyyi. Bo’iitii wanta
badaa irra akka si eegu kadhadhu.
~ 30 ~
Anis: - maaloo abbaa koo akka sirritti naaf galu fakkeenya
tokko naaf kennaa.
Abbaa keenya:- ani waan tokko sitti hin himu garuu yeroo
hundumaa osoo addan hin kutin akka kadhattuun sitti hima.
Sanaan booda Waaqayyo siif ibsa. Inni akka siif ibsu, akka si
eegu fi jaabessu kadhadhu.
Anis: - gorsa gaariidha Abbaa koo. Garuu dhiifama naaf
godhaa malee wanta hojiitti hiikamu miti.
Abbaa keenya: - maaliif ilmoo koo?
Anis: - sababni isaa abbaa koo jireenya keenya hin beeku.
Nutti wanta hojjechaa jiru hin argu. Seexanni balbala laphee
keenya cabsee seena malee hin rurukkutu.
Abbaa keenya:- inni dubbii ijoo sadaffaa ilmoo koo!
❖ Waraana kadhannaa ti
Anis:- kadhannaa waraanaa jechuun hoo maal jechuudha?
Abbaa keenya: - waraana namoota, qilleensa, taankii irra
dhufu ni jira. Qaama kee kamiyyuu miidhuus ( fakkeenya ija
kee) “Uuma koo ija koo na fayyisi” jechuun osoo adda hin kutin
kadhadhu.
~ 31 ~
Anis: - eegaa akkanatti osoo iyyuu waraana hin dhaabuu?
Abbaan keenya: - hin dhaabu ilmoo koo jabachaa adeema
malee.
Anis: (sagalee ariidhaan) ni dabalaa? Qorumsa ani dabarse
gahaa mitii? Yoo na dhiise hin wayyuu?
Abbaa keenya; - taasgaba’i ilmoo koo. Yeroo murasaan
booda gartuu tokkotti gora. Hanguma qorumsi cimaa adeemu
atis “Iyyasuus Waaqa koo na fayyisi” jechaa ni iyyita. Inni qabsoo
isaa ni cimsa. Ati Waaqa kee kadhachuutti cimta. Hanguma
inni qorumsa waraanaa sitti cimsu atis sagalee kee gara
Waaqayyootti ol kaasta. Yeroo murasaan booda seexanni
yeroo si sodatu argita.
Anis:- Seexanni ana sodaata moo? Akkam ta’ee na sodaata?
Abbaa keenya:- hanguma yeroo baay’ee qabsoo waraanaa
geggeesu injifadhee
kufisu irra akka inni
kadhannaatti cimu
taasiseen jira! Jedhee
sodaata. “Ayii dhiisi
dhiisi si gaha hiribni
gaariidha; dubbisi
dubbisi” sin jedha.
hanguma inni si
waraanu atis kadhannaatti cimtee seefiin kadhannaa sanan isa
Eenyuu illee Iyyasuus Kiristoos jedhee kan
waamatu; innoo seefii isaatin diina muree
darbata.
~ 32 ~
yeroo rukkutu waraana sirra dhaaba. Haa ta’u malee si
kufisuudhaaf daandii biroo barbaduu egala. Yaada badaa
hawwii hamoo ta’e waraanuudhaaf tooftaa kana fayyadami.
Anis: - tooftaa maaliidha Abbaa koo inni immoo?
Abbaa keenya:- namni baay’ee aare tokko baay’ee sammuun
isaa dhukkubsatee maatiin isaa gara mana yaalatti fudhachuuf
yaalan. Isaaniin mormee harka isaan hin qabne harkaa bade
fiige. Baay’ee isaanitti dheekama; Isaanittis aara. Maatiinis
gargarsa barbaduudhaaf gara ogeessa fayyaatti bilbilu.
Ogeessis akkamitti akka nama sammuun jeeqame
dhukkubsate tokko kununsu ni beeka.
Anis: Akkamitti kunuunsuun danda’a?
Abbaa keenya:- ogeessi suuta jedhee fuula bifa gaddeen isa
fakkatuun gara isaatti siiqe akkana jedheen “ati aartee ta’uu
danda’a; ani garuu si caalaa baay’ee aaree fi gaddeen jira” namni
aare sun sodachaa akkana jedhe “namni kun ana caalaa
maraatadha” jedhe. Ogeessichi namicha gowwomsu isaa erga
hubatee suuta jedhee taasgabeesse qoricha lilmoodhaan
waraanee gara Hospitalaa fudhata.
Anis (kolfeen):- kun toofta haxxummaan guutameedha
Abbaa.
~ 33 ~
Abbaan keenyaas:- Atis haaluma wal fakkatuun seexana
wajjin walii galta. Aare si qabuu yeroo barbaadu atis isa caalaa
akka aarte itti himiti. Yeroo sana hanga yaadni sirra baduutii fi
seexanni hanga si gatee baduutti kadhannaa isa waraanu
danda’u gaggeessuu kee itti fuufi.
Dhugaa dubbachuudhaaf ilmoo koo ati seexana irratti goota
taata ykn immoo seexanni sirratti goota ni ta’a. Daa’imni
xiqqoon tokko mana fuldura taphaacha turte. Isa kan caalu
daa’ima wagga afurii wajjin wallansoo eegale. Daa’imni kunis
daa’ima sana hudhee qabate. Daa’imichis iyyee akkana jedhe
“Abbaa koo Abbaa koo ….” Jedhee iyye. Abbaan daa’ima kana
iyya ilmoo isa osoo dhaga’ee maal jedha sitti fakkata?
Anis: - Ariitiidhaan gara Sanaa adeeme daa’imicha bararee
daa’ima isa gudda sana rukkuta.
Abbaa keenya:- sirriidha ilmoo koo. Haa ta’u malee, daa’imni
kun suuta jedhee osoo daa’ima kana morma isa hudhee jiraate
abbaa isa waamaa “Abbaa koo daa’imichi morma koo hudhee jira
dadhabeen jira dafii naaf koottu” jedhaa?
Anis: - Kan taphaatan itti fakkata waan ta’eef daa’ima kana
baraaruuf dhufuu hin danda’u.
~ 34 ~
Abbaan keenyas:- hubadhu ilmoo koo, Abbaan foonii hanga
kaana yoo rawwate Abbaan nu uume hanga kam ariifatee
dhufee akka nu fayyisu yaadadhu. Hanga dandeessu gara
Waaqayyootti iyyi. “Waaqni nageenya miila isaanii jaalatti
ariitiidhaan ni rukkuta. Sugni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
Isiin wajjin haa ta’u” (Room 16:20).
❖ Akkasumaas holqa itti of dhoksitu qopheeffadhu
Anis: Holqi itti dhokadhu maalidha Abbaa koo?
Abbaa keenya:- Namni kamiyyuu dadhabina mataa isaa
qaba. Kana immoo diinni keenya Seexanni ni beeka. Wanti
gaarii ta’u garuu yeroo hundumaa dadhabina mataa isaa
sirritti osoo beekee dadhabina isaaf holqa kan
qopheeffatudha. Yeroo durii diinonni yeroo gara magaala
galu ummanni hundi isaanii gara magaala galuudhaan
balbalaawwan gara magaalatti namoota ol galchu hundasanii
ni cufu.
Gamoos ni ijaaru; iddoo itti dhokatanis ni hojjetu; sanaan
booda diinonni yeroo dhufan gamoo ijaarsa sana diiguudhaaf
sirritti waa’ee gamoo sana ni qoratu. Sanaan booda gamoo
sana diigu ni yaalu. Gamoon dallaa sana salphaa fi dadhabaa
yoo ta’e magaala sana diigamudhaaf sababa ta’a. namni
~ 35 ~
kamiyyuu dadhabina mataa isaa qaba. Dadhabinni nama
kamiyyuu adda addummaa mataasaa qaba. Inni guddaan
garuu dadhabina isaanii sana baruudhaan adda basanii
sirreessuudhaaf yaaludha. Sirreessuudhaaf yoo itti ulfatee
garuu gara wanta hamoo cimaatti adeemurra ykn immo
ce’uurra Waaqayyo dadhabina qabnu akka sirreessu
kadhachuudha. Laphee gaarummaadhaan yoo kadhattee
Waaqayyo waan barbaadde hunda ni kenna.
Anis: - wantoota badoo sammuu kee keessatti maxxanfame fi
irra deebi’ee akka
yaadachuu hin
dandeenye tooftaa
sadii gurguddoo sadii
akka natti himtaan
armaan dura waadaa
naaf galtanii turtan.
Abbaa keenya:-
kanaaf sammuu
keenya keessa
wantoonni ta’uu
danda’an sitti himuun
duratti jalqaba irratti
Eenyuu illee jireenya ta’us
ofii isaanii fannoo Iyyasuus
Kiristoos jalatti of darbatanii
diina seexana wajjin warri
wal waraanan jireenya
gadaamii irra kan caalmaa
qabatee firii kennu gonkuma
hin jiru.
~ 36 ~
Waaqayyoon yaadadhu. Waa’ee qaamota miira shanan nu
barsiisu dubbisi. Ani immoo wantoota kanneen waarqadhaan
barreessee ka’een jira.
Anis: - Baay’een Isiin gaalateeffadha Abbaa koo. Garuu wanti
kun of eegannoo barbaachisa.
Abbaa keenya:- Qaamoota miira keenya eegachuu qabna
ilmoo koo! Hanguma yaadonni hamoon nu waraanaan
qaamota miira keenyaaf of eegannoo kennaa adeemna. Kunis
al tokkon ta’uu hin danda’u. isa cubbuu ta’e tokko immoo ati
cubbuudha jechuun qabna malee cal jennee bira hin taru.
Gibxoota biratti dubbii “Daldalaan tokko yemmuu kisaara keessa
galu; akkataa dur ittin qusachaa ture sanatti deebi’a” jedhu.
Anis: - Maal jechudha kun immoo Abbaa koo?
Abbaan keenyaas:- Maddawwan cubbuu cufuu yeroo eegalu
(qaamota miira shanan to’achuu gaafa eegalu); hin ta’u jechuu
gaafa eegalu, sarara kallattii sirrii ykn qajeeloo Waaqayyo
jaalatun kadhannaa gaafa geggeessuu eegalu Seexanni
kisaara keessa gala. Kanaaf inni si waraanuudhaaf wanta
badaa dur si hojjechise sana kaasee akka ati yaadatu,
abjuuwwan badoo fi wantoota badaa hojjecha turte akka
yaadattu taasise isaan si qoruu ykn waraanuu eegala.
~ 37 ~
Anis:- Egaa akkamitti kana jalaa miliquu akkamittin danda’a?
Abbaa keenyas:- hunduma dursee yaada sammuu
keenya fannifamuu Gooftaa keenya irratti maxxansuun
yaadachuu barbachisaadha. Qulqulluun Phaawuloos “Yaa
saba Gaalatiyaa Kiristoos dura keessanitti yeroo hundumaa
yaadataniif innoo fakkiidhaan fakkeeffamee akka fannifameetti
ta’ee jira” (Gal 3:1) kan jedhu dhageesse beekta? Abbaan
Bishooy sirritti waa’ee kana lafa ka’ee jira. Kanaaf fakkii
Gooftaa isa nuuf jedhee fannifame sana sammuu kee keessa
godhatee yaadachuu qabda malee cubbuu seexanni si
hojjechise sana kisaaraa lamaffaaf hin yaadatin. Kanaaf ilmoo koo fakkii Goofta keenya uffata keenyan, balbala
keenyan, Komputeera keenyan, akkasumaas bakka jiru
hundatti ka’uudhaan hanga nuuf danda’ame yaadachuu
qabna.
Anis: - Maaliif Abbaa ?
Abbaa keenya:- Maacafni qulqulluun akkana jedha “Inni ofii
isaatii cubbuu foon keenyaa muka irratti bate; mada’uu isaatiin
fayyitanii jirtu” jedha. Waa’ee cubbuu keenyaf kan du’e
Iyyasuus Kiristoos caalmatti yaada sammuu kee keessa
godhattee irra caalmaan ilaali olmaa inni siif oole sammuu fi
qaama kee hunda keessatti maxxansi qabadhu. Yeroo ifti
tokko ifu dukkana hunduma akkuma balleessu fakkiin
~ 38 ~
Waaqayyoos sammuu keenya irratti cubbuu fi hojii
hammeenya bocamee jiru hunda haqee balleessa. Seexana
wajjin yeroo waa’ee wanta badaa ta’e waranaa jirtu gara
Qaaraniyoo akka bahaa jirtu yaadadhu. Achumaan fannoo
jalatti jilbifadhuutii dhiiga fi foon Kiristoos wajjin dubbadhu.
Akkanaas jedhin “Dhiigni Gooftaa koo Iyyasuus Kiristoos cubbuu
koo hundarraa na qulqulleesi”
Anis:- dhuguma kun firii atattamaa fiduu danda’aa?
Abbaa keenya:- dhuguma firii dhugaa qaba. Namoonni
baay’een armaan duratti yaalii godhanii jiru. Waa’ee uumama
immoo murtii fi ijannoon kee murteessadha. Cimaa yoo
taatee fageenyicha daqiiqaa shan keessatti ni xumurta. Nama
dadhabaa yoo taatee immoo sa’aatii sitti fudhachuu danda’a.
Anis:- kennaa Waaqayyootin nama cimaa nan ta’a. sanaan
booda jireenya koo kan miidhu wanta nama dadhabsisuu fi
balleessu akkasumaas yaadota badoo yaadachuun maddi isaa
akka gogu hawwiin qaba. Inni lammaffaan hoo maaliidha
abbaa koo?
Abbaa keenya:- Faarfannaa Afuura dhageeffachuudha. Yeroo
teessuu, adeemtu, mana barumsa yeroo adeemtu
keessummaattuu yeroo raftu dhageeffadhu.
~ 39 ~
Anis:- yeroon rafus moo?
Abbaa keenya:- Eeyyeen ilmoo koo. Yeroo raaftu kan rafu
sammuu keedha
malee yaada miti.
Yeroo raftu onnee ykn
lapheen kee daqiqaa
tokkoof ykn immoo
lamaaf nan rafa jedhee
beekaa?
Anis:- inni hin jedhu!
Lapheen yeroo hojii
ishee dhabdu jireenyi namaas xumura ni ta’a.
Abbaa keenya:- Dhugaadha! Yeroo raftu, dammaquu fi hojii
yeroo hojjetuutti keessummattuu yeroo raftutti sammuun
faarfannaa ni dhaga’a.
Anis:- garuu sagalee dhaga’aa raafu hin danda’u.
Abbaa keenya:- namni hunduu akka keedha. Yeroo jalqabaaf
of irratti dhiibbaa godhii hojjedhu sanaan booda barsifata sitti
ta’ee faarfannaan alatti rafu hin dandeessu. Nama
dhukkubsataa baaqaqsanii hodhan tokko erga wallaansi isaaf
geggeefame booda dubbachuu eegala. Ogeessoonni fayyaa
“Abbaa keenya wajjin qabsoo kadhannaa geggeesuudhaan gaabbii
galuu adeema yeroo turetti” waan jedhaan dhageesse?
Sagalee qulqulluu afaan
isaatti qabatee gammachuun
kan rafu seexanni gara
isaatti dhiyaachuu hin
danda’u.
(Al Sheikh al Rohany)
~ 40 ~
Anis:- osoon beekee gaarii turee Abbaa koo?
Abbaa keenya:- ofii isaanii mana qulqulluu keessa akka
jiraatanitti of qopheessanii gamtaadhaan kadhannaa
geggeessu eegalan.
Anis:- anis akka isa ta’uun barbaade.
Abbaa keenya:- yeroo raftus, yeroo hirribaa kaatus
faarfannaa dhageeffachuu eegali. Keessummaattuu
faarfannaan qoricha jedhama.
Anis:- maalidha faarfannaa qoricha kan jedhamu kun?
Abbaa keenya:- yeroo qorumsi sitti heddummatu qorumsi sun
hanga dhaabbatuutti
faarfannaa baay’ee si
gammachisu irra deddebi’ii
ganamaas galgalas
dhageefachuu yaali.
Guyyoolleedha hanga
torbeewwanittis
dhageefadhu.
Fakkeenyaaf:- Ciminni kan argamu yeroo qorumsa irra jirtu
yemmuu jirtu “Waaqayyo anaaf dhugaa fi waadaa dubbii keef kan
amanamteedha; humni fi dandeetiin koos kan keedha” jecha
galateeffadhu. Qorumsi Sagagalummaa yeroo sitti dhufu “Ati
ni beekta yaa Waaqa koo na qulqulleessi, na qulqulleessi” jechaa
Hawwii guddadhaan iccitii
guddaa baruu yeroo
dandeesseetti wanta badaa
kamiyyuu yaadachuu hin
dandeessu. (Maar Isihaaq Isa
Sooriyaa)
~ 41 ~
faarfadhu. Yeroo qabsoo abdii kutuu fi dadhabbiin sitti dhufe
qabsooftutti “Iyyasuus ati kabajamadha; jireenya koo keessatti
hanga si kan kabajame hin jiru” jedhi faarfadhu.
Keessummattuu jireenya keenya kan gammachisu sirna
qulqulleessaa ykn qiddaasee keenya dhageeffachuu addaan
hin kutin.
Anis: tooftaan karaa biroo yaada keenya qulqulleessu ittin
dandeenyu maaliidha Abbaa koo?
Abbaa keenya:- torbee torbeedhaan caaqasa tokko tokko
qabachuu, al dhibba tokko irra deedebi’anii sammuutti
qabachuu.
Anis: - Maal jechuudha caaqasa tokko filatanii irra deedebi’u
moo? Kan biroo nan danda’a. Fakkeenyummaan garuu
dandeettii kootii olittidha.
Abbaa: - keessi keettis kophaa taatus irra deedebi’ii shakkali
sammuu fi yaada sammuu ni qulqulleessa. Sagaleen
Waaqayyo jireenya kan qabu seefii guddadha. Gara hojii
gadheetti kan fudhatu cedhedha diinota ni mura. Yeroo
hunda irra deedebi’ii shakkali osoo hin beekin keessa kee
galee yaadni sammuu isaan booji’ama. Dhugaa
dubbachuudhaaf jireenya afuura keessatti murtiin ni jira.
~ 42 ~
Anis: - Maal jechuudha abbaa koo?
Abbaa keenya: - namni tokko yoo dubbii badaa
dhaga’ee wanta hamoo yoo si agarsiisu seexanni yeroo kana
seenaa xumura hin qabne si hojjechiisuu barbaada. Seexanni
qorumsa sirratti fiduu gonkuma hin dhabu. Haaluma kana
fakkii Iyyasuus gaafa argu, sagalee qulqulluu ykn faarfannaa
yeroo dhageessu yaada sammuu kee to’achuutti ni adeema.
Xaarmusii tokko yeroo bishaan itti naaqxu bishaan guutee irra
ni lola’a. Peepsii
yoo itti guute
peepsiin sun
guutee irra ni
lola’a. haaluma
wal fakkatuun
qilleensa yoo
guute qilleensi
guutee irra ni
yaa’a. yaadni
keenyas
akkasidha. Wanta keessa jiruuf itti gaafatamummaa kan qabu
nu mataa keenyadha. Haa ta’u malee kun yeroo gaafata.
Qulqulluun Phaawuloos “eegaa fedhii keessaniif hin ajajamina,
foon keessan du’uu danda’uun cubbuun akka isin irratti mootii hin
Ija keenya; gurraa keenyas ta’ee
qaama keenya kamiyyuun illee
sagalee badaadhaan fi
cubbuudhaan yoo xura’ee gara
Waaqayyootti deebinee gaabbii
haa galu. Sagalee isaas irra
deedebinee haa dhaagenyu.
~ 43 ~
taane; qaama
saala keessan
Meesha qabsoo
taasisuudhaan
cubbuudhaaf
hin dhiyyeesina.
Haa ta’u malee
du’a keessa
ka’uudhaan
jireenyaaf akka
argataaniif ofii
keessan
Waaqayyoodhaaf dhiyyeessa. Qaama keessan Meesha qabsoo
qulqullummaa taasisuudhaan Waaqayyootti dhiyaadha” (Room
3:16)
Anis: - sagalee qulqulluu kam irraa eegalu Abbaa?
Abbaan keenyas: - dubbiin jalqabaa ilmoo koo “Iyyasuus ana
ni jaalata, waa’ee koof dabarsee of kenneera”.
‹‹Iyyasuus ›› kan jedhu dubbannu fi irra deedebinee haasofnu
hanga kam mi’awaa yoo ta’e amantaa Kiristaanummaa keenya
jabachaa adeema. “nu jaalata” kan jedhu jaalala uumamtoota
irra kan adda bahe fi Waaqayyo eenyummaa isaatiin akka nu
jaalatu nutti hima. Nama kamiyyuu jaalalli ni barbaachisa.
Hiriyoota fi maatii keenya irra adda nu baasu danda’a. garuu
❖ Yaadni qulqulluu akka ta’uuf
wanta taasisuu danda’an.
• Fannoo Gooftaan keenya ittin fannifame ilaalu.
• Faarfannaa dhaga’uu • Caaqasa tokko torbeetti al
dhibbaa irra deedebi’anii sammuutti qabachuuf shakkaluu .
~ 44 ~
jaalalli Iyyasuus wajjin qabnu gammachuu addaa keessa
keenyatti nutti dhaga’ama.
“Ofiisaa of dabarsee” kan jedhu immoo fannoo Iyyasuus
fuldura irra kan dhufuu fi ol fudhatamuu afuura
qulqulluudhaan ‘dhiphina kana hunda naaf jettee obsite” jettaan.
“Naaf jedhee” jettee “ati naaf jettee rakkoo kana hunda fi dhiphina
hunda isaa simatte; ani garuu fuldura keetti cubbuu hin hojjechuun
naaf hin ta’u” jedhin. Wanti kun sammuu keessa jiraachu
danda’a. haa ta’u malee jecha yeroo dhageessu yaadni
afuuran fudhatamee ni adeema.
Anis: - Jechoota baay’ee nama gammachisaanidha. Abbaa
koo bataluma kanatti jechuu nan eegala.
Abbaa keenya: - eeyyeen ilmoo koo abbaan koo yeroo natti
himu anis torbee guutuu irra deedebi’een jedhe. Sanaan
booda wagga tokko guutuun jedhe.
Anis:- al tokko tokko waa’ee Waaqayyoo jechi bittaa yeroo
natti dhufu maal gochuun qaba?
Abbaa keenya:- hin dhiphatin ilmoo koo! Hanga sababa
yaadicha barrutti fi furmataa kenninee balleesinutti
jalqabaa waa’ee yaadawwan Waaqayyootti haa himnu.
Yaadawwaan badaa kanneen balleessuudhaaf amma hojii
~ 45 ~
haa eegalu. Inni guddaan dhimmicha irratti murtee
jabataa ta’ee qabachuudha. Ijjannoo fi daandii keetiin
jabadhuu nama firii ta’u ni tata. Yoo dadhabdee fi rafte
garuu firiin gad aanaa argata. Tooftawwan yaadota ittin
to’achuu dandeessu si haa yaadachisu.
** Maddawwan isaa cufuu (qaamota miraa shanaan to’achuu)
** Lakki jechuu (yaadota badoo wajjin waliigaltedhaaf, mariidhaaf
taa’uu dhiisuu; hojii bada gartokkees lakki jechuu)
**Qabsoo kadhannaa (iddoo itti dhokataan qopheessu, jabatanii
kadhachuu, toofta gorsa xinxilaan sammuu jedhu fayyadamuu)
Naga’aan siif haa ta’u ilmoo koo; waa’ee nageenya keessa kee
maari’achuudhaaf hanga torbee dhufu wal arginutti
iccitiiwwan kannneen fi yeroo gaarii ganamaa wajjin imala kee
itti fufi.
Anis: - Wanta tokko na yaadachisa abbaa koo; yeroon gaarii
ganamaa maaliidha?
Abbaa keenya:- obboroodhaan katee osoo fuula kee hin
dhiiqatin, “Yaa Waaqayyo akkan si jaaladhu na taasisi; jaalala kee
akkan qabadhu na taasisi, yaa Waaqayyo si wajjin akkan jiraadhu
na taasisi” jedhi.
~ 46 ~
Maar Yisihaaq maal akka jedhee yaadadhu
“Kadhannaan nama cimaa jechuun kadhannaa kan baay’isu osoo
hin ta’iin kadhannaa kan addaan hin kunne” jechuudha.
Guyyaa hunduma ta’uus kadhachuu hin dhabin. Yeroo sana
Waaqayyos si wajjin jiraata. Kunis ciminaa fi haala qabinsa
kadhannaa keenya murteessadha. Waaqayyon jaalachuun
cubbuu jibbudha. Kanaaf ragaa Waaqayyo ni taana.
Anis: - nan eegala Abbaa koo!
Abbaa keenya:- eegaluun gaha miti ilmoo koo. Yeroo
hundumaa jabadhuu Waaqayyo si gargara.
Galanni Waaqayyoof
Dubroo Deessuu haadha isaaf
Kabajamaa Fannoo isaaf haa ta’u!