boqonnaa tokko

43
Boqonnaa 1 Maalummaa Bineeldota Invertebireetii Seensa Sanyiiwwan bineeldotaa beekaman miliyoona tokkoo ol kan ta’u. Addaa addumaa hedduu qabu. Garaagarummaa guddaa Lafee dugdaa qabaachuu fi dhabuudha. Lafee dugdaa qabeeyyii vertebireetota Lafee dugdaa dhabeeyyii invertebireetota Invertebireetotni :- sadarkaa qindoomina qaamaan, bakkaa fi mala jireenyaan, kkf garaagarummaa guddaa agarsiisu. 1.1 Invertebireetiin Maali? Bineeldotni lafee dugdaa hin qabne Sanyiiwwan isaanii (95%) ol ta’u. Ramaddii mootummaa shanii irratti kan hundaa’n miti.

Upload: chala-dandessa

Post on 21-May-2015

1.211 views

Category:

Education


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: Boqonnaa tokko

Boqonnaa 1

Maalummaa Bineeldota InvertebireetiiSeensa• Sanyiiwwan bineeldotaa beekaman miliyoona tokkoo ol kan ta’u. • Addaa addumaa hedduu qabu. Garaagarummaa guddaa Lafee dugdaa qabaachuu fi dhabuudha. Lafee dugdaa qabeeyyii vertebireetota Lafee dugdaa dhabeeyyii invertebireetota• Invertebireetotni :-

sadarkaa qindoomina qaamaan, bakkaa fi mala jireenyaan, kkf garaagarummaa guddaa agarsiisu.

1.1 Invertebireetiin Maali?• Bineeldotni lafee dugdaa hin qabne • Sanyiiwwan isaanii (95%) ol ta’u.• Ramaddii mootummaa shanii irratti kan hundaa’n miti.

Page 2: Boqonnaa tokko

Kanaaf pirootoozowaas of jalatti hammata. pirootozowaan mootummaa pirootistaa jalatti hammatamuun

• akka ijootti koorsii kana keessatti xiyyeeffannoon itti kenname:• Garee Pirootozowaa• Murna Pooriiferaa• Murna Naayideeriya• Murna Pilaatihelementootaa (Raammoo Battee)• Murna Neemaatoodota (Raammoo Ulee)• Murna Rootiiferaa• Murna Gaastirootiikaa• Murna Neemaatoomorfaa• Murna Aneliidaa• Murna Molaskaa• Murna Artirooppoodaa

Page 3: Boqonnaa tokko

Akka waliigalaatti invertebireetotni• Hundi lafee dugdaa hin qaban.• Kan pirootozowaarraa hafe seel-hedduu dha.• Garaagarummaa isaan qaban;-

Amma, sadarkaa qindoomina caasaa fi

ijaarsa qaamaa, akkaataa madaqiinsa jireenyaan

• Walhormaata gosoota hundaatu garee kana keessatti argama.

• Bineeldota garee sadan asselomeetii, seloom – sobee fi Seeloomeetii jedhamuun hammatu.

• Simeetiriin:- cin-lamee , tamsa’aa ykn miti-simeetirii ta’uu danda’u.

Page 4: Boqonnaa tokko

1.2. Bidoolleewwan Bineeldota Invertebireetii

Invertebireetonni bidoolleewwan • bishaan haaraa, • bishaan ashaboo.• lafawaa irra jiraatu.

• Bidoollee bishaan haaraa: • Qabiyyeen ashaboo baay’ee xiqqoodha. Rakkoon bishaan gara alaatti ba’uu (‘exosmoosis’) hin jiru. Gogiinsi qaama hin mudatu. Malootaa adda addaan bishaan of keessaa baasuun madaala qabiyyee bishaanii fi ashaboo qaama isaanii to’atu, yookaan ‘Osmoregulation’ gaggeessu.

Page 5: Boqonnaa tokko

Bidoollee bishaan ashaboo

• qabiyyee ashaboo 3.4% - 3.6% • suudoowwan qaama pirootozowaa wajjin garaagarummaa

guddaan hin jiru. • Kanaafuu rakkoon dhiibbaa osmoosisii wajjin walqabatu hamaa

miti. Invertebireetonni

– Hedduun bishaan ashaboo keessa jiraatu.» Naayideeriyaa fi ikinoodermaataa.

• harki caalaan ykn hundi bishaan ashaboo keessa jiraatu jechuun ni danda’ama.

• Murniiwwan baay’een sannyiiwwan muraasa bishaan ashaboo keessaa qabu.

•   Bakki bishaan ashaboo (marine water)– Danbaliin waan waliinmakama,– Ho’a walfakkaataa ykn baay’ee kan hin jijjiramne qabuu,– Qabiyyee oksiijinii walqixaataa (‘stable’) qabuu,

Kanaaf jireenya invertebireetotaaf mijataa dha. 

Page 6: Boqonnaa tokko

Bidoollee lafawaa:

• Jireenya bidoollee lafawaa daangeffamaa dha. • Sababni isaas:-

Balaa H2O qaama keessaa hurkaan dhabamsiifamuu,

O2 qilleensa keessaa fudhachuuf H2O qaama alaa jiisuuf danda’u hanqachuu (dhibuu) danda’uu,

Fertilaayizeeshinii qaaman alatti gaggeeffamuuf hanqinni H2O gufuu ta’uu danda’uu

Jijjiiramni ho’aa guddaan lafarra jiraachuu fi kkf.•  Invertebireetonni lafarra jiraatan ilbiisota irraa kan hafe bakka jiidhaa

qofatti daangeffamu.• 1.3 Faayidaa Invertebireetota Qoraachuun Qabu• Ilbiisotni adeemsa polineessuun walhormaata biqiloota daraaraa keessatti

qooda guddaa qabu.

Page 7: Boqonnaa tokko

• gabbina biyyee dabaluun misooma qonnaatiif gargaaru. Raammoo lafaa albudoota adda addaa keessa biyyeetii

ol baasuun.

• Soorata namaa tolchuun kannisa

• soorata namaa ta’uun mootuu rirmaa, hawaannisa fi qumbursaa.

• Qo’annoo fi qorannoo saayinsawaaf, kkf.• Nama dabalatee bineeldotaa fi biqiloota adda addaa ni

hubu. • Ofii isaaniif

qabeenya namaa bal’eessuu, dhukkuba daddabarsuu fi nama irratti maxxantuu ta’uun rakkoo geessisu.

• Kanaaf balaa isaan geessisan dhabamsiisuu fi irraas fayyadamuuf qorannoon invertebireetotaa barbaachisaa dha.

Page 8: Boqonnaa tokko

Boqonnaa 2 Pirootozowaa 2.1 Bidoollee Pirootozowaa Bishaan ashaboo keessa rarra’uudhaan jiratu

fkn fooraaminiiferaa. zoopilaankiton jedhamuun beekamu. Invertebireetoota dhimbiibbaan soorataniin nyaatamu.

Bishaan haaraa bakka tokkotti kuufamee ture keessa jiratu.

parameeshiyamiin Maxxantoota ta’uudhaan keessa binneeldotaa jiraatu. fkn

 ameebaa, jaardiyaa, pilaasmoodiyemii

Walumaagala bidoolleewwan beekamoon priootozowaa bakka jidha qabuu fi

Maxxantoota jechuun ni danda’ama. 

Page 9: Boqonnaa tokko

cont…

2.2. Ijaarsa Qaamaa fi Dalagaalee Adda Addaa2.2.1 CaasaaHundi seel-qeenxee dha.Seeliin membireenii seeliin(cm) haguugamee argama. Membireenii nuukilaarii qabu.

Kanaaf hundi iyukaariyootota. Pirootoozowaan nuukilasii tokko ykn tokkoo ol

qabaachuu danda’a. FKN. Ameebaan:- nukilasii 1 qabaatu, Parameeshiyemiin:- nukilasii lama qaba.

Seelootni pirootozowaa orgaaneelota qabu.Caasaaleen sochiiRifeensee (‘Cilium’):

Caasa xixiqqoo rifeensa fakkaatan, ala qaama irratti heddumminaan argamu.

yeroo saffisaan rukkutan orgaanizimichi ni socho’a. Fkn. Parameeshiyemii.

Page 10: Boqonnaa tokko

Silqixa (‘flagellum’):

Caasaa sochii qallaa, dheeraa fi ala qaama irratti argamudha.

Lakkoofsi isaa tokko ykn tokkoo ol yammuu ta’u Akka waliigalaatti amma rifeensee baay’ee miti.

Fkn. Iwugiliinaa,• Miil – soboo (‘Pseudopodium’): caasaa dhaabbataa miti.• qabiyyeen saayitopilaazmii saayitooskeleetanii

deggaramuun • keessaan gara alaatti dhiibaman • caasaan quba fakkaatu kan • membireenii seeliin marfame muxxatee gara alaatti

ba’uun orgaanizimicha fuulduratti buta. Miil-soboon caasaa yeroof muxatee ba,u kana.

Page 11: Boqonnaa tokko

pirootozowaan caasaa sochii hin qabnes jiru. pilaasmoodiyamii.2.2.2 Soorannoo, bullaa’insa soorataa fi usaansa

Fotosintesisiin soorata qopheeffatu. Iwugiliinaan kilooropilaasti waan qabuuf ifa

aduutti fayyadamuun soorata qopheeffata. bifa dhangala’oo ykn bifa jajjabootiin soorata liqimsu. Fakkeenyaaf ameebaan miil-soboo isaa fayyadamuun

nyaata liqimsa. Adeemsi faagoosaayitoosisii jedhama.

Haala kanaan ameebaan baakteeriyaa, saphaphuu xiixiqqoo, pirootozowaa biroo fi kkf soorata.

Ameebaan maxxantummaan bineeldoota keessa jiraatan jiru.

ujummoo bullaa’insa soorata keessa

Page 12: Boqonnaa tokko

Parameeshiyeemiin

dhooqa afaanii (‘Oral groove’) /qaawwa/ qaba.• soorata ittiin fudhatu qaba. • rifeensee jabina qabaniin marfamee jira.• Rifeenseewwan kunniin oollatanii danbalii bishaanii

uumuun.• sooratni dhiibamee gara qaawwaa kanaatti akka

seenu taasisu. Pirootozowaa keessatti sooratni akkamiin

bulla’a? • Caasaan vaakiyuulii soorataa jadhamu qabu.• Inzaayimii qaba.• Sooratni gara keessaatti fudhatame membireeniin

marfama.• Qilleensis soorata kana waliin qabama. Gubamni soorataa

maayiatookondiriyaa fi saayitoopilaazimii keessatti raawwata.

Page 13: Boqonnaa tokko

Vaakiyuulii koottoonfataan (‘Contractile vacuole) • kottoonfachuun xuriiwwan ofitti fudhata. • Bishaanis osmoosisiidhaan gara vaakiyulii kanaatti seene • xuriiwwan bulbuluu danda’a.• Vaakiyuuliin kun dhiita’aa fi gara fiixee seeliitti dhihaataa

adeema. Membireeniin seelii tarsa’uun xuriiwwanii fi bishaan haftee gara

alaatti dhangalaasa.• Amooniyaa fi CO2

adeemsa diffiyyuushiniin dhabamsiifamu.

• osmooriguleeshinii (Osmoregulation) gaggeessu./ madaala keessa qaama/

• bishaan darbaa (excess) ta’e baasuudhaan. • Kun qabiyyee bishaanii fi suudota keessaa fi naannoo seelii

irratti hundaa’a.• Warri bishaan haaraa keessa bishaan daddafanii dhibamsiisu.• Warrii bishaan ashaboo keessa daddafanii gara keessaatti

fudhatu.

Page 14: Boqonnaa tokko

2.2.3 Walhormaata pirootozowaa

Alsaallessaa: Adeemsa hirmama seeliin maayitoosisiin • seeliin tokko bakka lamatti (parameeshiya, ameebaa) yookaan bakka baay’eetti (Fkn Iyugiliinaa) qoodamuu

danda’a. Dhuke (spore) kan qopheessanis ni jiru. Fkn. Appiikompileeksaa (pilaasmoodiyemii) Saallessaa:• konjugeeshinii gaggeessuu dha. • parameeshiyemiin lama walitti dhufanii walitti maxxanu.• lameenuu gaameet- maayikiroonuukilaayi uumamu.• Gaametootni bocaan addaa adda hin taane

aysoogaameetii jedhamu.• lamaan gaameetota tokko tokko waljijjiru. • Lameenuu keessatti misoomni (fertilization) gaggeeffama.

Page 15: Boqonnaa tokko

• Yeroo gargar bahan lachanuu keessatti • Hirmamni nuukilasii fi kan • Saayitoopilaazmii gaggeeffamee • tokkoo tokko isaanii irraa ilmooleen afur afur agamu. • Appiikompileeksaan walhormaata saallessaa

gaggeessanis jiru.• 2.3 Ramaddii pirootozowaa• pirootoozowaa gara murna torbaatti qoodeera.• Murna Sarkoomaastigooforaa• Murna Laabiriintoomorfaa• Murna Appiikompileeksaa • Murna Maayikiroospooraa• Murna Asseetoospooraa• Murna Miiksoozowaa fi• Murna Siiliyooforaa dha.

Page 16: Boqonnaa tokko

Cont…

• Murna Ikinoodermaataa fi• Keetooginaataa .

Murna Sarkoomaastigooforaa (‘Sarcomastigomorpha’) • Sanyiiwwan garaagarummaa guddaa qabu. Amalootni waliigalaa murna kanaa: Caasaan sochii silqixa, miilsoboo ykn lameen Nuukilasii tokko qabu Dhukkee hin qopheessan Walhormaatni hirmama seeliitiin (alsaallessaa) Sorannoon autootiroofik – fotosintesisii ykn

heetirootiroofikii dha. Murna kana jala orgaanizimoota

biqila fakkaataan (Phytomastigophara) kanneen silqixaan socho’an akka iwugiliinaa, Voolvooksii, Kiriiptoomonasii fi kkf argama

Page 17: Boqonnaa tokko

Orgaanizimootni bineelda fakkaatan (Zoomastigophora) kanneen akka

Tiriippaanoozoomaa, Leeshimaaniyaa, Tiraayikoomonasii, Jiyaardiyaa fi kkf as jalatti hammatamu. Gamis murna sarkoomastigoofooraa(sub phylums of

sarcomastigophora)A. Gamis-murna (‘Subphyllum’)Maastigooforaa gita lama

qabu.• Zoomaastigoofooraa fi • Faayitoomaastigooforaa.

• Gamis-muma saarkoodiinaa ta’ee, Fkn Ameebaa.• Gamis- murni opaaliinaataas . Miseensota muraasa qaba. 2. Murna Laabiriintoomorfaa (Labyrinthomorpha) • Miseensotni hedduun zoospoorota silqixa walcaalu qaban qopheessu.

Page 18: Boqonnaa tokko

Cont…• Saphaphoota irratti maxxanuu yookaan • kanneen du’an bosboseessuun jiraatu. Bidoolleewwan

• bishaan ashaaboo fi • walitti makama bishaanota haaraa fi ashaboo

(‘esturine’) keessa jiraatu. Fkn Laabirintullaa

3. Murna Appikompileeksaa (Apicomplexa) Amalli appiikompileeksaan ittiin beekamu

Orgaaneelii (caasaa) walxaxaa qubeelaa fakkaatu, Ujummoo qabuu fi Filaameentawaa ta’e fiixee irraa qabaachuudhaan.

Faayidaan isaas:- seelii keessummeessituu itti maxxanuu yookaan uranii seenuu akka dandaan gargaara.

Page 19: Boqonnaa tokko

amaloota waliigalaa Appikompileeksaa

• Hundi isaanii maxxantoota.• Caasaalee sochii hin qaban,• Saallessaa fi alsaallessaan walhoru,• Miseensotni hedduun dhukkee uumuun beekamu.

– Kanaaf ispooroozowaa jedhamu. – miseensota hedduu of-keessaa qabu, – dhukkuba busaa fiduun – Fkn. Pilaasmoodiyamii.

4. Murna Maayikiroospooraa (Microspora) Murni kun gita lamaatti qoodama. Pirootoozowaa dhukkee qopheessuu dha. Dhukkeen isaanii

• irra caalaa nuukilasii tokko.• muraasa keessatti lama qabaachuu danda’u.• Bineeldota hunda keessatti maxxantoota ta’uun

jiraatu.• Fkn. Amfookantaa, Nosema

Page 20: Boqonnaa tokko

5. Murna Asseetoospooraa (Ascetospora)

• Murni gita lama jalatti qindaa’aee argama. • Dhukke kan tolchan yammuu ta’u • irra caalaa nuukilasii lama • muraasa keessatti immoo tokko qabaachuu danda’u• Hundi isaanii maxxantoota • Fkn : Maarteella, paaraamiksaa 6. Murna Miiksoozowaa (Myxozoa)• Dhukkee kaapsiyuulii qabaniin beekamu.• Sanyiiwwan hundi maxxantoota,

• Fkn. Miiksiidiyemii, 7. Murna Siiliyooforaa (‘Ciliophora’)• Caasaan sochii rifeensee dha.• Nuukilasii gosoota lamatu (xiqqaa fi guddaa) qabu.

Page 21: Boqonnaa tokko

Cont..

• Walhormaata alsaallessaa (hirmama seelii) saallessaa (konjugeeshinii).

• Soorannoon heetirootiroofikii dha. • Bidoollee bishaan haaraa keessa jiraatu.• Vaayikiyuulii kottoonfataa qabu.• Baay’een

ofiin jiraatu (parameeshiyemii). komensaalota invertebireetotaa

(haayipoostoomatiyaa)maxxantoota (veestibuliferaa) ta’uun ni jiru.

Murni kun gitaawwan adda addaa of jalaa qabu caasaa sochii rifeensee “cilium” jedhama.Kanaaf “ciliophora’ jedhamu

PARAMEESHIYEMIIN nuukilasii xiqqaa fi guddaa akkasumas dhooqa afaanii qabaachuun beekamu.

Page 22: Boqonnaa tokko

2.4. Pirootoozowaa dhukkuboota fiduun beekaman tokko tokko

• Pilaasmoodiyemii: • maxxantuu gosoota afur ta’an qabu.• Sababa dhukkuba busaati. • waggaatti namoota miliyoona 2tti dhiyaatantu du’aan

darbu. • Busaan dhukkuba tiroopikaati.• hubaatiin isaa Afirikaa keessatti daran hamaa dha. • Busaan bookee busaa dhalaa ta’een daddarba.• Tiriippaanoosoomaa: • Sanyiiwwan

T. gaambiyenzii (west and centeral africa)T. Roodeesiyeensi (south east and central) dhukkuba muusessaa afirikaa (African sleeping

sickness) fidu.

Page 23: Boqonnaa tokko

• Dhukkubi kun kan daddarbu qarxaasaa (‘tsetsefly’) dhaan.• T. kiruuzii immoo (south and central )• dhukkuba chaagaa (‘chagas disease’) jedhamu namatti fida. • Sanyiiwwan biroon bineeldota manaa fi bosonaatti dhukkuba fidan

dha.

• Jaardiyaa fi Ameebaa: • Miseensota murna Saarkoomaastigooforaati.• ujummoo bullaa’insa soorataa(mari’imaan) miidhu. • Bobbaa wajjin bahuun bishaanii fi nyaata faaluun namarraa namatti

darbu. Tiraayikoomonasii: maxxantoota qaama saalaa dhalaati. miidhaa geessisu.

Page 24: Boqonnaa tokko

Boqonnaa 3 3. Meetaazowaanota – Bineeldota Seel-baay’ee 3.1 Meetaazowaan Maali? maqaa garee: bineeldota seel-hedduu hammatu bineeldota sadarkaa dagaaginaa

adda addaa irraa jiran of-keessatti hammatu bineeldota seelota dalagaan adda adda ta’anii dhaabbataan

waliin immoo jiraatanii of keessatti hammatee dha.

Warri saallessaan walhoran dagaaginni miciree sadarkaa bilaastullaa keessa darba.

Bilaastullaan

jalqaba dagaagina micireetti yeroo seelotni baqqaana tokko uumuudhaan qaawwaa keessaatti marsanii argamanii dha.

Kun immoo bu’aa maayitoosisii gargar qoodinsaati.

Page 25: Boqonnaa tokko

3.2 Argama Meetaazowaanotaa (‘Origin of Metazoans’)

• deebii hundi irratti walii gale hin qabu.• Hubannoodhaaf.

I. Tiwoorii Sinsiishaalii (‘Syncytial Theory’)• pirootopilaazmii nuukilasoota hedduu qaban jiru.• membireenii pilaasmaa addaan hin qoodamin qabu.

– Warra rifeensee qabaniidha. • Akka tiwoorii kanaatti, bineeldotni • seel-hedduu garee seelota hangafaa kan rifeensee qaban

irraa dhufan. Tiwooriin kun seelotni rifeensewaa nuukilasoota hedduu qabu.adeemsa ivoluushiniidhaan nuukilasootni isaanii

qofa qofaan membireenii seelii argatan. bineelda seel – baay’ee ta’an jedha.

• Tiwoorii kana fuula dura mormitoota hedduutu dhaabbata.

Page 26: Boqonnaa tokko

II. Tiwoorii Koloniyaalii (Colonial Theory)

Tiwooriin kun:-meetaazowaan jalqabaa orgaanizimoota silqixaa qaban, Kan gurmuu seelotaa uumanii, bifa geengoon jiraatan irraa dhufuu isaanii ibsa.

Keessii gurmuu seelotaa kanaa qaawwaa kan turee, • Ivoluushiniidhaaan

baqqaanni geengoo seelotaa gara keessaatti dacha’uun, seelotni addaan bahaa fi dalagaa ofii ofii isaanii

qabaachaa adeeman. Tiwoorin kun deggertootas mormitootas qaba.

III. Tiwoorii Pooliifaayileetikii (‘Polyphyletic Origin Theory’) meetaazowaan warra adda addaa irraa dhufan

(‘polyphyletic’) ka’umsa tokko qofarraa argaman miti jedhu.

Page 27: Boqonnaa tokko

• Akka tiwoorii kanaatti

• Ispoonjii fi Naayideeriyaan orgaanizimoota silqixaa gurmuun jiraatan irraa argaman

• meetaazowaa ol’aanoon immoo orgaanizimoota rifeensee nuukilas-hedduu irraa argaman jedhu.

3.3 Ijaarsa Qaama Meetaazowaa fi Taateewwan Ijaarsa Caasaa Isaanii Waliin Hariiroo Qaban Meetaazowaan saallessaan walhoran:- Dagaagina miciree keessatti taateewwan afur keessa

darbu. Isaanis:-

1. Misooma hanqaaquu fi zaayigotii uumuu. 2. Addaan qoodama seelotaa (‘Cleavage’):

maayistoosisiin walitti fufiinsaan gaggeeffamuun bilaastuullaa uumuu.

Page 28: Boqonnaa tokko

3. Gaastiruleeshinii

sadarkaa kanatti Micireen baqqaanota keessaa fi alaa uumuun caasaa walxaxaatti jijjiiramuu eegala.

Dhuma sadarkaa kanaatti micireen gaastirullaa jedhama. Naayideeriyaan baqqaana keessaa fi alaa qofa qaba.

Kanaaf baqqaan-lamee (‘diploblastic’) jedhama. Meetaazowaa ol’aanoo keessatti baqqaanni gidduu ni

dagaagaBaqqaan – sadee (‘triploblastic’) jedhamu.

• Sadarkaa gaastirullaatti baqqaanni keessaa uumamee raawwata.

• 4. Orgaanoojenesisii (‘Organogenesis’): Gurmuuwwan tishuulee dalgaa adda addaatti qoodamu. meetaazowaanotni

simeetirii adda addaa qabaachuu qaawwaa qaamaa adda addaa qabaachuu ykn qabaachuu dhabuus ni danda’u.

Page 29: Boqonnaa tokko

3.3.1 Qaawwaa qaama meetaazowaa (‘Metazowan body cavity’)

• Qaawwaan qaamaa / coelome) :-• Bineeldota baqqaan-sadee keessaatti qaawwaa tishuulee ippitaaliyamii

baqqaana gidduun marfamee argamuu dha.• Bineeldota baqqaan – sadee bakka sadiitti qoodamee ilaalama.

I. Mit – selomeetii (Acoelomate) Qaama jajjabaa (solid body) qabu. Sab. qaawwaa qaamaa ujummoo bullaa’insa soorataa fi dhaabbii qaama alaa

gidduutii hin qaban. Keessi qaamaa seelotaan guutamee jira. Qaawwaa dhangala’oon guutame hin qaban.

mit-selomeetii (‘acoclomate’) jedhamu.

Fkn Raammoo batteen meetaazowaa mit-selomeetii dha.

Page 30: Boqonnaa tokko

II. Selomeet –sobee (‘Pseudocoelomate’)

• Baqqaanni gidduu baqqaana alaa qofaa irraa uumama.• Kanaaf tishuuleen isaa qaawwaa qaamaa guutummaan marsee hin jiru. • Sababa kanaaf qawwaan qaamaa kun • Alaan baqqaana gidduun marfamee • keessaan ujummoo bullaa’insa soorataan dangeffamee gidduutti argama. • Fkn raammoo Ulee fi Rootiiferaan.• Bineeldotni akkasii selomeet-sobee jedhamu.

III. Selomeetii (‘Coelomate’)• Qaawwaan qaama tishuuwwan baqqaana gidduutiin marfamee argama.• Bineeldotni selomii dhugaa qabanis selomeetii jedhamu. Fkn Aneliidaa, Ikkinoodermaataa• Selomiin dhugaa aneliidaa irraa eegalee mul’ate.

 

Page 31: Boqonnaa tokko

3.3.2 Simeetirummaa qaama meetaazowaa (‘Body symmetry in melazoa’)

• Simeetirii jechuun • Sararaa ykn tuqaa tokko giddu galeessa godhannee yoo ilaallu,

qabiyyeewwan qaamaa kallatti adda addaarra jiran bocaa fi ammaan madaalaan argamuu jechuu dha.

• Simeetirummaa qaamaa irratti hundaa’uun bineeldonni garee saditti ramadamuu danda’u.

1. Mit-simeetirii (‘Assymetrical’)Qaamoleen walkkaa nafa gama tokko jiran kan walakka nafaa

gama biroo jiran waliin walqixa miti. • Ispoonjota keessatti tilmaamni sararaa nafa bakka lamatti qooduu danda’u

hin jiru. • Molaskootni gaastirooppoodaa ga’eessotnis qaama mit-simeetirii qabu.

Page 32: Boqonnaa tokko

• 2. Simeetirii tamsa’aa (‘Radial symmetry’) Qaamoleen bineeldotaa

naannoo tuqaa gidduu tokkorraatti tamsa’anii argamu. Bineeldotni simeetirii kana qaban

caasaa bitaa fi mirgaa hinqaban. kan irraa (afaan) fi jalaa (faallaa afaanii) qabu.

Simeetirii tamsa’aan sochii qaamaaf mijataa miti. Bineeldotni jireenya isaanii sedarkaa tokko tokkotti

socho’uu hin danda’an ,ykn sochii harkifataa agarsiisu.Fkn: Ikinoodermaataa, Naayideeriyaa.

Page 33: Boqonnaa tokko

3. Simeetirii cin-lamee (‘bilateral symetry’) Nafi bineelda tokkoo sararaa tilmaamaa 1 irraa ka’uun Yoo bakka 2 qofaatti hiramee fi, Cinni tokko fakkaatti cina isa biroo yammuu ta’uu. simeetirii cin-lamee (‘bilateral symetry’) qaba jedhama. Sararriin kun qaamolee bineeldota kanaa bitaa fi mirgatti qooda.

Simeetirii cin-lamee sochiif mijataa dha. Bineeldotni baay’een ijaarsa qaamaa kana qabu.

Fkn Analiidaa. Boqonnaa 4

Murna Pooriiferaa (Ispoonjota)

4.1 Amaloota Waliigalaa Ispoonjotaa Jiisaa malee ga’eessotni hin socho’an. Sirna Qaawwaa Bishaanii qabu.

Page 34: Boqonnaa tokko

Qaama irraa qaawwaa xixiqqoo oostiyaa jedhamuu fi guddaa oskulam jedhamu fiixee gubbaarratti qabu.

Seellii narvii hin qaban Tishuu haalaan qindaa’ee fi qaama (‘Organ’) hin qaban.

Bidoollee fi Soorannoo hundi bishaan keessa jiraatu. 98% bishaan ashaboo keessa:• jala garbaa fi galaanaa kattaatti qabachuun,• jirma garba keessa seenetti qabachuun,• saddeeqaatti qabachuun jiraatu. • Kanneen hafan bishaan haaraa laggeen fi haroo keessa jiraatu.

Page 35: Boqonnaa tokko

Cont… Dhimbiibuun sooratu.

diyaatoomotaa fi pirootozowaa bishaan keessaa.

Oksiijiin soorata faana karaa oostiyaa seena. Xuriiwwan immoo karaa oskulamii dhabamsiifamu.

4.2 Ijaarsa Qaamaa fi Dalagaalee Adda Addaa

4.2.1 Gosoota seelii

Seeloti akka meetaazowaa ol’aanoo haalaan tishuutti qindaa’anii hinjiran.

Ispoonjoti yeroo tokko tokko ‘Parazoa’ jedhamu.

1. Piinaakoosaayitoota: • seelota battee ta’anii dha. • caalmaan ala ispoojjotaa aguugu.

2. Ko’aanoosaayitoota: • Seelota silqixaa fi • Amartii (‘collar’) silqixa marsee mul’atu qabaachuun beekamaniidha.

Page 36: Boqonnaa tokko

• Pirootistaa silqixa qaban kowaanoofilaajileetii fakkaatu. • Dhimbiibuu dalagu. (used in filtration)

3. Pooroosaayetoota:Seelota xixiqqoo Ispoonjota baay’ee keessatti oostiyaa tolchu.Qaawwaa qabu. (pore forming cells.)

• Seelota mesenchiimaa (Meezoohiilii): meesenchiimaan maatiriksii pirootiinii ti Seeloota hedduu of keessatti qabata. Wantootni ispoonjiif jabina laataan

ispiikiyuulii ykn dagalee lafee fi gaameetootni askeessatti tolfamu.

• Seelotni mesenchimaa walumaagala ameeboosaayitii jedhamu.• Hundi qaama ispoonjii keessa bakka bakkatti sochouu danda’uun

walfakkaatu.

Page 37: Boqonnaa tokko

• Maayoosaayitoota: maayikirootiyuubiyuulii fi maayikiroofilaamentii qabu.

kanaaf amaloota maashaa qabu. kottoonfachuu danda’u.

• akka qubeelaatti tarreeffamuun oskulamii fi qaawwaa bishaanii biroo marsanii argamu.

• Kanaafuu kottoonfachuun qaawwaa cufuun hojjatu. • Kanneen malees ispoonjotni seelota biroos ni qabu.

4.2.2 Sirna Qaawwaa Bishaanii (‘Water Canal System’)

Bishaan karaa oostiyaa seenee karaa oskulamii gara alaatti baha.

Adeemsa kana keessa sooratni dhimbiibamee qaamaan fudhatama.

Ispoonjotni bakka sadiitti qoodamu danda’u.

1. Askoonooyidii (‘Asconoid’)• Qaama xiqqoo boca ujummoo (‘siliindarii’) qabu.• ijaarsa salphaa ta’een beekamuu. • Bishaan karaa oosti pooroosaayitii seene ispoonjoosool keessa gaha.

 

Page 38: Boqonnaa tokko

Baqqaanni ispoonjosoolii seelota silqixa qaban kanneen kowaanoosaayit jedhamaniin aguugamee jira.

Ispoonjoosoolii keessaa bishaan karaa oskulamii gara alaatti baha. • Fkn: Ispoonjii liikoosooleeniyaa.

2. Saayikoonooyidii (‘Syconoid’)• Akkuma askoonooyidiiti.• Cicha qaamaa yabbuu (furdaa) qabu. • ujummoolee heddu mimicciiramoo qabu.• tokko tokko ujummoolee kanaa kowaanoosaayitii qabu.• Bishaan ujummoolee keessa darbee ispoonjoosoolii seena. Ispoonjoosooliin kowaanoosaayitoota hin qabu. • Bishaan karaa oskulamii guddaa baha.

Page 39: Boqonnaa tokko

Ostiyaan ispoonjota • saayikoonooyidii keessatti seelota gidduutti argamu • askoonooyitii keessatti garuu bishaan seelota keessa darba. • Fkn saayikonii (‘sycon’).

• Liiukoonooyidii (‘Leuconoid’) Sirni qaawwaa bishaanii

walxaxaa fi qoloota baay’ee kan qabuu dha. • Ispoonjoosooliin dhugaa hin jiru. • Sini qaawwaa bishaanii gola baay’ee qabaachuun ispoonjotan

• dirra (‘surface area’) bal’aa akka qabaatan taasisuun:• fudhannaa soorataaf qilleensaaf • dhabamsiisuu xuriif daran haala mijeessa.

• Liikoonooyidootni gosoota ispoonjotaa keessaa ammaan gurguddoo dha. • Ispoonjotni hedduun liikoonooyidii dha. • Fkn Ispoonjii dhugaa (‘Euspongea’).

Page 40: Boqonnaa tokko

4.2.3 Lafee ispoonjotaa (‘Skeleton of the sponges’) Lafeewwan

Ispiikiyuulii jedhaman of keessaa qaba.Kaalsiyemii ykn silikeetii irraa tolfamu. utubbii fi ittisa qaamaaf fayyadu.

• Pirootiinii jabina qaban ispoonjiin jedhaman

ispiikiyuulii deggaruun hojjatu. 4.2.4 Walhormaata fi dagaagina ispoonjotaa.

A. Alsaallessaa: Kichuu (‘bud’) keessatti ykn alatti uummachuun walhoru. Qaamni yoo cites deebiiee dagaaga.

B. Sallessaa: Ispoonjiin tokko seelota korma (‘sperm’) fi dhalaa (‘egg’) qopheesa. Haa ta’u malee goonaadota (‘xannacha saalaa’) hin qaban. Seelotni kowaanoosaayitii gara ispeermiitti jijjiiramu.

Page 41: Boqonnaa tokko

Hanqaaquun :-kowaanoosaayitii ykn askoosaayitii irraa tolfamu.

Ispoonjotni saal – lame dha. Misooma zaayigootii booda:-

jiisaan rifeensee qabuu fi sochouu danda’u dagaaguu gara ga’eessaatti ce’a.

• Adeemsa dagaaginaa keessatti bilaastullaan ni uumama.

4.4. Ramaddii Pooriiferaa• Gita 1. Kalkaariyaa (Kaalsiispoonjee)• Lafeen /ispiikiyuuliin/ kaalshiyeem kaarbooneetii qofa irraa ijaarame.• Ispiikuuliin roga 1,3 ykn 4 qabaatu.• Ammaan xiqqoo dha (10 cm gadi).

Page 42: Boqonnaa tokko

Qindoominni qaamaa:- askoonooyidii, saayikoonooyidii yookaan liikoonooyidii ta’uu danda’a.Fkn: Saayikon, Liikoosooleeniyaa.

Gita 2. Hegzaaktineliidaa

(Hayaaloospoonjee ykn ispoonjii burcuqqoo)• laafeen (ispiikuuliin) silikaarraa tolfame, roga 6 qaba.• Bishaan ashaboo qofa keessa jiraatu. Qindoominni qaamaa:-

saayikoonooyidii ykn liikoonooyidii dha.

Fkn: Hayaaloneemaa, yuupileektellaa (‘Venus flower busket’)

•  

Page 43: Boqonnaa tokko

• Gitaa 3: Diimoospoonjee Sanyiiwwan ispoonji (95%) as jalatti argamu. Lafeen yoo jiraate:-

ispoonjiinii yookaan silikaa yookan lameen of-keessaa qaba.

Kanneen ispiikuulii hin qabnees muraasi jiru. Ispoonjiin bishaan haaraa as keessa jiru. Qindoominni qaamaa liikoonooyidii dha.• Fkn: Teenia, Ispoonjillaa, Kili’oonaa

Gita 4: Iskileeroospoonjee Keessaan lafee silikaa fi ispoonjiinii qabaatanii alaan immoo kaalshiyeem kaarbooneetiin aguugamanii argamu. Qindoominni qaamaa liikoonooyidi dha. Ssanyiiwwan muraasatu beekama. Fkn: Astirooskireellaa, Meerliyaa.