qophii: sammubani.com (jibril abdalla)...beeksisa (wahyii) rabbii gara ergamtootatti geessaniin...
TRANSCRIPT
1
2
Qophii: sammubani.com (Jibril Abdalla)
3
Qabiyyee Seensa ............................................................................................................................. 4
Ibsa Suuratu Al-Mursalaat .............................................................................................. 9
Qiyaamaan Dhufuun Haqa ......................................................................................... 9
Taatewwan Gurguddaa Addunyaa Keessatti adeemsifaman .................................. 11
Namoonni Sababa kufrii fi badii gurguddaa biroo hojjataniin lafarraa
xuruuramu ................................................................................................................... 15
Ragaalee Kaafamuun Haqa ta'uu agarsiisan keessaa .............................................. 17
Qiyaamaan haqaa hin kijibsiisin, ni baddaati .......................................................... 19
Adabbii Namoota Qiyaamaa Kijibsiisanii (akka sobaatti ilaalanii) ....................... 25
Mindaa fi Badhaasa namoota Qiyaamatti amananii fi Rabbiif ajajamanii ........... 29
Qananii fi Faaydan Addunyaa baay’ee xiqqoo fi tan badduudha .......................... 31
Miidhaa Salaata Dhiisu ............................................................................................... 37
4
Seensa
Bismillah rahmaani rahiim (Maqaa Rabbii rahmaan, rahiim ta’een jalqaba)
Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna,
araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan
keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru.
Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin
qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas,
Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.
Dhugumatti jireenya namaa hundee irraa kitaabni jijjiruu danda’u Qur’aana. Tarii
kitaabonni biroo jijjirama fiduu danda’u. Garuu jijjiramni kunniin gadi
dhaabbataa fi itti fufaa miti. Jijjiramni Qur’aaanni jireenya namaa keessatti fidu
gadi dhaabbataa fi turaadha. Tarii namni fedhii lubbuu isa moo’attu fi dhukkuba
qalbii isaa fayyisuuf wanta baay’ee hojjata. Garuu yoo Qur’aana qajeelcha hin
godhatin, tooftaaleen hundi ni fashalaa’u. Kanaafi, Qur’aanni dhibee qalbii fi
fedhii lubbuutif qoricha. Dhibeen qalbii kanneen akka shakkii, kufrii (amanuu
diduu), of tuuluu, hinaaffi, haafayuu fi kkf. Qur’aana keessatti Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ها ﴿ يأ م وشفاء ل ما ف لناس ٱي ب ك ن ر وعظة م م م ور ٱقد جاءتك د لص
ؤمني دى ورحة ل لم ﴾٥٧وه
“Yaa namoota!, dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee, waan qoma
keessa jiruf qoricha, mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif)
qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte.” Suuraa Yuunus 10:57
Gorsi kuni Qur’aana. Qur’aanni wanta qoma keessa jiruuf qoricha. Warroota
amananiif qajeelfamaa fi rahmata. Qur’aanni qoricha, qajeelfamaa fi rahmata kan
ta’u yoo isa baratan, hubatanii fi hojii irra oolchaniidha. Sababa adda addaa irraa
kan ka’e, namoonni baay’een Qur’aana osoo hin baratin hafuu danda’u. Bakka
duwwaa kana dhiphisuuf Sammubani.com irratti barruulee barraa’an keessatti
aayata Qur’aanaa hanga danda’ameen kitaabban tafsiira beekkamoo irraa ibsaa
5
turreera. Mee ammas, Suurah Qur’aanaa keessaa ibsa suurah takkaa haa ilaallu.
Suurahn tuni dhimma Guyyaa Qiyaamaatin waan wal-qabataniif iimaana namaa
ni jabeessiti. Laa hawla walaa quwwata illa billah
Maloota Suurah tana hiiku fi ibsuuf itti fayyadame:
1. Jalqaba aayaata (keeyyattoota) muraasa bakka tokkotti walitti qaba.
2. Hiika keeyyattoota kanaa lugaa biraatin ni ilaala. Lugaawwan
(afaanonni) kunniinis, Afaan Oromoo, Ingiliffaa fi Amaariffa. Afaan
Oromoo malee afaanota kanniin websaayiti: https://quran.com/ irraa
fayyadama. Websaayiti kana irraa hiikni Ingiliffaa gara sagalitu jira.
Afaan Oromoo immoo “Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootiin”
kan jedhu fayyadama. Akkasumas, “Qur’aana Qulqulluu irraa tasfiira
Juz’iiwwan Sadan booda” kan jedhus fayyadame jira.
3. Ergasii keeyyattoota gara Afaan Oromootti nan hiika. Tarii jalqaba
akkuma jiruutti, “Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootiin” jedhu
irraa fudhee ergasii hiika lugaa birootin wal bira qabuu danda’a.
4. Itti aanse tafsiirota Qur’aanaa ni ilaalla. Dogongorri yoo argame
tafsiirota kanaan nan sirreessa.
5. Jecha Arabiffaa gara Afaan Oromootti hiikun ulfaatu akkuma jiruutti
hiika keessatti barreessun jalatti ibsa keessatti jecha kana ni ibsa..
Hanga danda’ameen suurah tana ibsuuf carraaqe jira. wa maa tawfiiqi illa billah
(milkaa’inni kiyya Rabbiin malee homaanu ta’uu hin danda’u). Namni
dogongora argee naaf dhiyeesse galataan isarraa fudha.
Mallatoolee keessatti itti fayyadamnu:
Mallattoo hammattuu loxee ( )– mallattoo hammattuu jecha ykn hima tokko
ibsuuf “yookiin”if itti fayyadamna. Fakkeenyaaf, Abdiin laaqana (dhiyana)
nyaate. Asitti mallattoon hammattuu jecha “yookiin” jettu bakka buuti. Kuni
jechaaf ibsa ykn hiika ta’a. Ibsi armaan oli kuni “jechaaf” ta’a. Lakkoofsa
keeyyatootaa hammattu tana keessa waan godheef kanarraa adda.
Mallattoo hammattuu saanduqaa [ ] – Afaan biraa irraa gara Afaan
Oromootti hima tokko yommuu hiiknu, jecha afaanicha san keessa hin jirre itti
guutuuf itti fayyadamna. Kuni immoo seera lugaa Afaan Oromoo akka eeguu fi
hima guutuu taasisa. Mallattoon tuni bakka “Yookiin” hin buutu.
6
“(1)-Wal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniin; (2)-Humnaan
bubbisuu bubbisaniin; (3)-Faffacaastota faffacaasaniin nan kakadha; (4)-
Adda baastota adda baasaniin, (5)-Yaadannoo darbitootaan nan kakadha,
(6)- sababa dhabamsiisuuf yookiin akeekachisaaf. (7)- Dhugumatti wanti
isin waadaa galamtan ni argama. (8)-Yeroo urjiileen ifti isaanii haaqame.
(9)-Yeroo samiinis babbanamte; (10)-Yeroo gaarreenis bubbuqifaman; (11)-
Yeroo Ergamtoonnis beellamaan walitti qabaman; (12)-Guyyaa kamiif
tursiifame? (13)-Guyyaa Addaan bahiinsaatif. (14)-Guyyaan addaan
bahiinsa maal akka ta’e maaltu si beeksisee? (15)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf
ee badii isaanii! (16)-Sila Nuti warra duraani hin balleessinee? (17)-Ergasii
warra boodaa isaan hordofsiifna. (18)-Akka kanatti yakkamtootatti
hojjanna. (19)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-
Mursalaat 77:1-19
7
8
“(20)-Sila Nuti bishaan dadhabaa irraa isin hin uumnee? (21)-Iddoo
qubanna tasgabbaa’a ta’e keessas isa goone. (22)-Hanga yeroo
beekkamaatti. (23)-Ni safarres, Nuti safartoota [hunda caalaa] akkaan tolle.
(24)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (25)-Sila Nuti dachii walitti
qabattuu hin taasifnee? (26)-Jiraa fi du’aas [tan walitti qabdu]? (27)-
Gaarreen ragga’oo dhedheeroo ishii keessatti goone. Bishaan mi’aawas isin
obaafne. (28)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (29)-“Gara waan
sobsiisaa turtanii deemaa. (30)-Gara gaaddisa abbaa damee sadihii
deemaa.” [jedhamu]. (31)-Gaaddisa [qabbanaa’as] miti, laboobaa irraas
nama hin eegu. (32)-Dhugumatti ishiin qaanqeewwan akka gamoo darbiti.
(33)-Inni (qaanqichi) gaalota sufr fakkaata. (34)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf
ee badii isaanii! (35)-Kuni Guyyaa isaan hin dubbanneedha. (36)-Uzrii akka
himatan isaaniif hin hayyamamu. (37)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii
isaanii! (38)-Kuni Guyyaa addaan bahiinsaati; isinii fi warra duraanii walitti
qabne. (39)-Yoo tooftaa wayii qabaattan, tooftaa Natti baafadhaa. (40)-
Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (41)-Dhugumatti, Muttaqoonni
gaaddisootaa fi burqaawwan keessa ta’u. (42)-Wanta fedhan irraa
fuduraalee [keessa ta’u]. (43)-“Sababa waan dalaga turtaniitif gammachuun
nyaadhaa dhugaa.” [jedhamu]. (44)-Dhugumatti, Nuti akka kanatti toltu
hojjattoota mindeessina. (45)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!
(46)-[Yaa warra kafare] nyaadhaa, xiqqoo qanani’aa dhugumatti isin
yakkamtoota. (47)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (48)-Yommuu
“Ruku’a bu’aa” isaaniin jedhamu, ruku’a hin bu’an. (49)-Guyyaa san
kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (50)-Isa booda dubbii kamitti amanuu?”
Suuratu Al-Mursalaat 77:20-50
9
Ibsa Suuratu Al-Mursalaat
Qiyaamaan Dhufuun Haqa
“(1)-Wal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniin; (2)-Humnaan
bubbisuu bubbisaniin; (3)-Faffacaastota faffacaasaniin nan kakadha; (4)-
Adda baastota adda baasaniin, (5)-Yaadannoo darbitootaan nan kakadha,
(6)- sababa dhabamsiisuuf yookiin akeekachisaaf. (7)- Dhugumatti wanti
isin waadaa galamtan ni argama.” Suuratu Al-Mursalaat 77:1-7
Akka lugaatti mursalaat jechuun “ergamtoota” jechuudha. Hayyoonni “wanti
ergame kuni ykn ergamtoonni kunniin maalidha?” jedhu ilaalchise hiikota
beekkamo lama kennanii jiru. Isaanis, bubbee fi malaykoota. Garuu harki caalaan
hayyootaa, “bubbee” jedhanii jiru.1 Kanaafu, gara Afaan Oromootti yommuu
deebisu bubbee jechuun fayyadame jira.
“Wal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniin” Kana jechuun bubbee wal
duraa duubaan qananii fi rahmataan ergamaniin Nan kakadha. Bubbeen tuni
rooba rahmata Rabbii ta’een nama gammachiisti. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:“Inni bubbee gammachiisa taasisee rahmata Isaa dura Kan
erguudha.” Suuratu Al-A’araaf 7:57 (Asitti rahmanni Isaa rooba)
“Humnaan bubbisuu bubbisaniin” Ammas bubbee humnaan bubbistuun Nan
kakadha. Aayaata keessatti jecha heddumminna agarsiisu waan fayyadameef
1 Tafsiiru Qurxubii-21/494
10
akkuma jiruutti gara Afaan Oromootti deebise. Garuu ibsa keessatti akka namaaf
galuuf jecha tokke (singular) fayyadame. Bubbeen humnaan bubbistu tuni wanta
dachi irra jiru fuutee bakka tokko irraa bakka biraatti geessun hojii adda addaa
hojjatti. Hojii kana keessaa namoota kan fayyadu jira, ammas isaaniif qormaata
kan ta’uu fi isaan adabuufis kan ta’u jira. Bubbeen humnaan bubbistu tan adabbii
fiddu akka aadaa fi seeraa Rabbiitti bubbee rahmataa fi qananiin ergamtu booda
dhufti.
“Faffacaastota faffacaasaniin nan kakadha” Kana jechuun bubbee faffacaastu
taaten nan kakadha. Bubbeen tuni hurka bishaani ni faffacaasti. Hurka
kanarraayis duumessi ni uumama. Akkasumas, bubbeen tuni sanyii biqiltootaa fi
daakuu habaaboo bakka tokko irraa bakka biraatti faffacaasun biqiltoonni akka
bilchaatanii fi wal horan gahee taphatti. Ammas, bubbeen tuni gaazi fi wantoota
nama ukkaamsan ni faffacaasti.2 Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haqa guddaa
gara fuunduraatti dhufu tokko mirkaneessuf bubbeewwan faaydaa guddaa fi
baay’ee qaban tanniinin kakate.
“Adda baastota adda baasaniin” Kana jechuun Malaaykota wanta dhugaa fi
soba addaan baasu fidaniin nan kakadha.3
“Yaadannoo darbitootaan nan kakadha” Kana jechuun Malaykoota ergaa fi
beeksisa (wahyii) Rabbii gara Ergamtootatti geessaniin kakadha.4 Wahyiin (ergaa
fi beeksisni) Rabbiin irraa gabrootatti dhufu isaaniif yaadannoo (zikrii) ta’a.
Wahyi kana keessatti faaydaa isaanii isaan yaadachiisa.
“sababa dhabamsiisuuf yookiin akeekachisuuf.” Ergaa fi beeksisni Rabbiin
irraa gara namootaa dhufe kuni wantoota sodaachisoo gara fuunduraatti isaanitti
dhufu akeekachiisu. Ammas, sababa isaan dhiyeefatan dhabamsiisu. Kanaafu,
Rabbiin biratti ragaa ittiin mormatan hin qaban.5 Guyyaa Qiyaamaa, “Rabbiin
irraa ergaan nutti hin dhufne” jechuun akka sababa hin dhiyeefanneef Rabbiin
subhaanahu kitaabban ni buuse, ergamtoota ni erge. Keeyyattoonni Rabbii erga
2 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi-2/555-557 3 Zaadul Masiir-1503, Tafsiiru Xabarii-23/587-588 4 Tafsiiru ibn Kasiir-7/454 fi maddoota armaan olii 5 Tafsiiru Sa’dii-1066
11
isaaf ibsamanii booda namni kafaruun adabbiif of saaxile, sababa dhiyeefatu hin
qabu. Mataa ofii malee eenyullee hin komatu.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota armaan oliitin kan kakatuuf haqa
shakkiin keessa hin jirre namootaaf mirkaneessu fi isaan amansiisuufi. Haqa
kanas akkana jechuun ibse: “Dhugumatti wanti isin waadaa galamtan ni
argama.” Kana jechuun “Guyyaa Qiyaamaa xurunbaan ni afuufama, qaamonni
du’an ni kaafamu, namoota jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa jiran dirree tokko
irratti walitti qaba, hunda isaanitiifu jazaa Nan kafala” jechuun waadaan Ani
isiniif gale ni argama. “ni argama” kana jechuun wanti waadaa galame kuni
dirqamaan ni ta’a, shakkii hin qabu.
Taatewwan Gurguddaa Addunyaa Keessatti adeemsifaman
Wanti Guyyaa Qiyaamaa waadaa galame kuni yommuu argamu, addunyaa
keessatti jijjiramni guddaa fi haalonni garmalee ciccimoo nama rifachiisan ni
uumamu. Mee haalota kanniin haa ilaallu:
“(8)-Yeroo urjiileen ifti isaanii haaqame. (9)-Yeroo samiinis babbanamte;
(10)-Yeroo gaarreenis bubbuqifaman; (11)-Yeroo Ergamtoonnis
beellamaan walitti qabaman; (12)-Guyyaa kamiif tursiifame? (13)-Guyyaa
Addaan bahiinsaatif. (14)-Guyyaan addaan bahiinsaa maal akka ta’e
maaltu si beeksisee? (15)-Guyyaa san kijibsiiftootaaf ee badii isaanii!”
(Suuratu al-Mursalaat 77:8-15)
Aayaata tanniin keessatti Guyyaan Qiyaamaa kuni addunyaa keessa jiraannu tana
keessatti jijjiramni akkami yoo adeemsifame akka dhufu hima. Guyyaa Qiyaamaa
12
jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamuun murtiin isaan jidduutti darbee
takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam itti deemaniidha.
Yeroo akkamii Guyyaan Qiyaamaa kuni dhufaa? Yeroo urjiileen sarara irra
naanna’an (orbiiti isaanii) gadi furanii, ifti isaanii haaqamuun harca’anii fi
bittinnaa’an. Qur’aana keessatti iddoo biraatti Guyyaa Qiyaamaa haala urjiilee ni
dubbata:
“Yeroo Urjiileen harca’an” Suuratu At-Takwiir 81:2
Urjiileen ifa dhabuu fi harca’uun wantoota gurguddaa Guyyaa Qiyaamaa
adeemsifaman keessaa tokko. Wanti rifachisaan biroo Guyyaa san adeemsifamu,
samiin har’a wal-qixxooftu taatee fi qawwaa fi baqaqiinsa homaatu hin qabne
dhodhoo’u fi banamuudha. Guyyaa san samiin tuni dhodho’uu fi babbaquun ni
banamti. Namni tokko, “Urjiileen erga harca’anii fi samiin dhodhootee banamte,
aduu fi jiiyni hoo maal ta’uu?” jedhee gaafachu danda’a. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa wanta aduun taatu ilaalchise ni jedha:
“Yeroo aduun maramte.” Suuratu At-Takwiir 81:1
Akkuma beekkamu hammi aduu hamma dachii caala. Garuu waan nurraa
fagaatteef xiqqoo fakkaatti. Yommuu Qiyaamaan dhootu, akkuma amaamaan
maramu aduunis ni maramti. Aduun yoo walitti maramte, ifni ishii ni badaa
jechuudha.
Jiiynis ifa dhabuun aduun akka walitti makamu Suuratu Al-Qiyaamah keessatti
ni dubbata:
13
“[Yeroo] Jiiyni dukkanaa’u (ifa dhabu), Aduu fi jiiyni walitti qabaman.”
Suuratu Al-Qiyaamah 75:8-9
Aduun ji’a liqimsuun bakka tokkotti walitti qabamu.
Wantoonni armaan olitti kaasne wantoota nu olitti adeemsifamaniidha. Samii fi
wantoota ishii keessa jiranitti taatewwan gurguddaan kunniin ni adeemsifamu.
Dachii irratti hoo maaltu adeemsifamaa? Itti aansun ni dubbata: “Yeroo
gaarreenis bubbuqifaman”
Gaarreen gurguddaa fi dhedheeron arginu kunniin bakka isaaniiti bubbuqifamuun
daaraa ta’u. Dachii irratti wanti gaara jedhamu hin mul’atu. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa ni jedha:
بال ٱل وك عن ويس ﴿ نسفا ل ها رب ل ينسف ﴾١٠٥فق
“Waa’ee gaarreenii si gaafatu. “Gooftaan kiyya faffacaasu isaan
faffacaasa.” jedhiin.” (Suuratu Xaahaa 20:105)
Kana jechuun gaarreen bakka isaaniitii isaan deemsiisuu fi bubbuqisuun akka
jibrii iddamtee ykn akka ashawaa taasisa. Ergasii waliin dhawuun akka awwaara
ykn dhukkee bunnisuu godha. Dachiin hoo akkam taati? Gaarreen erga irraa
buqqa’anii daaraa ta’anii booda dachiin dirree wal qixxooftu bu’aa bayii
homaatu hin qabne taati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Lafa wal qixxaataa biqilaa hin qabne taasisee dachii dhiisa. Ishii keessattis
bu’aa bahii homaatu hin agartu.” Suuratu Xaahaa 106-107
Dachii fi samii keessatti jijjiramni hangana hin jedhamne ni adeemsifama. Itti
aanse haala namoota dubbata: “Yeroo Ergamtoonnis beellamaan walitti
qabaman”
Beellamni (qaxaroon) kuni “Guyyaa kamiif tursifamee?” Kuni gaafi guddinna
Guyyaa kanaa agarsiisudha. Ergasii akkana jechuun deebise, “Guyyaa Addaan
14
bahiinsaatif” Kana jechuun Guyyaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aala uumamtoota
jidduutti murteessuf tursifame. Guyyaa kana keessa ilmaan namaa hojii isaanii
irratti hundaa’e gara Jannataa fi ibiddaatti addaan baafamu (fooyamu).
Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa Ergamtoonni walitti qabamuun isaanii fi ummata
isaanii jiddutti murteefamuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
قت ﴿ شرض ٱوأ
لكتب ٱبن ور رب ها وو ضع ل ٱوجايء ب ن لنبي
هداء ٱو لش م ب ون لق ٱوق ض بينه ظلم م ل ي ﴾٦٩وه
“Dachiinis ifa Gooftaa ishiitin ni ifti. Galmeenis ni kaa’ama. Nabiyyoonni fi
ragooleen ni fidamu. Gidduu isaanitti haqaan murteefama, isaan homaa
hin miidhaman” Suuratu Az-Zumar 39:69
Guyyaa Qiyaamaa ifti amma jiru ni bada. Akkuma irranatti ilaalle, aduun ni
maramti, jiiyni ifa dhaba, urjiileenis ifni isaanii haaqamun harca’u. Kanaafu,
namoonni dukkana keessa ta’u. Yeroo kanatti “dachiin ifa Gooftaa ishiitin ni
ifti.” Yommuu Rabbiin guddaan olta’ee namoota jidduutti murteessuf dhufu,
dachiin ifa Isaatin ifti. “Galmeenis ni kaa’ama.” Kana jechuun kitaabni hojiin
namootaa keessatti galmeefame ni dhiyeefama. Namni hundi wanta gaarii fi
badaa hojjate kitaaba kana keessatti ni argata. Akkana isaan jedhama:
ٱ﴿ ﴾١٤علي حسيبا لوم ٱكتب كف بنفس قرأ
“Kitaaba kee dubbisi. Har’a ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf
gahaadha.” Suuratu Al-Israa 17:14
"Nabiyyoonni fi ragooleen ni fidamu." Ummata isaaniitti ergaa geessu isaanii
gaafatamuf, isaan irratti ragaa bahuuf Nabiyyoonnis ni fidamu. Ragooleenis ni
fidamu. Ragooleen kunniin, malaaykoota, kutaalee qaamaa, hordoftoota
Nabiyyootaa namoota waan gaariitti ajajanii fi waan badaa irraa dhoowwaniidha.
15
“Gidduu isaanitti haqaan murteefama” Kana jechuun haqa guutuun namoota
jidduutti murteefama. Sababni isaas, qorannoon Rabbii nama hin miine, wantoota
hundaa takka takkaan beeku irraa kan baheedha. Ammas, wanti isaan hojjatan
hundi Malaykoota kabajamoo ajaja Isaa gonkumaa hin faallessineen kan
galmaa’edha. Ammas, ragooleen isaan irratti ragaa bahu. Kanaafu, osoo homaa
hin miidhamin haqaan isaan jidduutti murteefama.6 Hojii isaa irratti hundaa’e kan
badhaafamu qabu ni badhaafama, kan adabamu qabu ni adabama.
Itti aanse Guyyaa Guddaa uumamtoota jidduutti murteefamu kana nama
kijibsiise, akkana jechuun akeekachiisa: “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii
isaanii!” Kijibsiiftoota jechuun namoota Guyyaan Qiyaamaa soba akka ta’etti
yaadaniidha. Namoonni du'an lamuu hin kaafaman jechuun yaadu. Namoota
wanta akkanaa yaadanii fi amananiif ee badii isaanii. Guyyaa san yaa gaabbii fi
ciminna adabbii isaanii! Rabbiin subhaanahu waa’ee Guyyaa kanaa isaanitti
beeksisee fi kakachuun akka dhufu mirkaneesseefi jira. Garuu isaan kana hin
dhugoomsine. Kanaafu, adabbii isaaniif malu argatu.7 Akeekachisni jabaan kuni
suurah tana keessatti irra deddeebi’uun dhufe. Kunis, karaa nafsee kijibsiisuu fi
shakkiin dhukkubsatte ittiin fayyisaniidha. Qorichi akkuma irra deddeebi’anii
dhuganiin ykn liqimsaniin fayyaa namaaf ta’aa miti ree?
Namoonni sababa kufrii fi badii gurguddaa biroo hojjataniin
lafarraa xuruuramu
“(16)-Sila Nuti warra duraani hin balleessinee? (17)-Ergasii warra boodaa
isaan hordofsiifna. (18)-Akka kanatti yakkamtootatti hojjanna. (19)-
Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:16-19
6 Tafsiiru sa’adii-858, Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/278-279 7 Tafsiiru Sa’dii-1066
16
Arabiffa keessatti guddinnaa fi aangoo agarsiisuuf maq-dhaala“nuti” jedhu
fayyadamuun wanta baratamee fi beekkameedha. Kanaafu, keeyyattoota
Qur’aanaa keessatti Rabbiin “Nuti” jedhe yommuu fayyadamu, Guddinnaa fi
Aangoo Isaa agarsiisuufi. Asitti “Nuti” baay’inna hin agarsiisu. Rabbiin olta'e
Tokkicha waan ta’eef.
“Sila Nuti warra duraani hin balleessinee?” Wanta Seera Jazaa Rabbii
agarsiisu keessaa tokko Rabbiin azza wa jalla yakkamtoota duraanii ergamtoota
Gooftaa isaanii fi Guyyaaa Murtii kijibsiisan balleessudha. Yakkamtoota kanniin
keessaa ummata Nuuh, ummattoota Samuudi fi Aad ni eeramu.
Rabbiin yakkamtoota duraanii balleessun seenaa beekkamaadha. Hafteen isaanii
gariin ni mul’ata. Gooftaan hakiim (ogeessa), rahiim ta’e isaan hin balleessu
sababa badii gurguddaa isaan keessa turaniif malee. Kanaafu, badii hojjachuu yoo
itti fufan, ogummaa irraa yakkamtoota kanniin balleessun dachii qulqulleessudha.
Rabbiin arraba ergamtootaatin balleessaa guutuu akka isaan balleessu
akeekachiise jira. Garuu isaan akeekachisa Rabbii akka salphaatti ilaalan. Wanta
Rabbiin itti ajajee fi irraa dhoowwetti xiyyeefannoo itti hin kennine. Dachii
keessatti badii ni baay’isan. Kanaafu, Gooftaan isaanii isaan balleesse.
Yakkamtoonni darban sababa badii isaanitiin akka lafarraa xuruuraman
mirkaneessuuf haala gaafitiin dhufe: “Sila Nuti warra duraani hin
balleessinee?” Seenaan yakkamtoota darbanii lafarraa xuruuraman beekkamaa fi
hafteen isaanii iddoo adda addaatti kan mul’atu waan ta’eef, namni gaafi kanaaf,
“Eenyen, Rabbiin isaan balleesse jira” jechuun mirkaneessa. Kanaafu, namni
aaqilli badii isaan hojjatan hojjachuun adabbiif of hin saaxilu. Badiin kunis kufrii
fi badii gurguddaa biroodha.
“Ergasii warra boodaa isaan hordofsiifna.” Yeroo dheeraa booda
yakkamtoonni biroo yakkamtoota jalqabaatin wal fakkaatan yommuu argaman,
balleessaa guutuu isaan balleessina.8 Jecha biraatin, akkuma yakkamtoota darban
sababa kufrii fi badii isaaniitiif balleessine, yakkamtoota isaan booda dhufanii
akkuma isaanii kafaranii fi badii hojjatanis ni balleessina.
8 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/573
17
Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ummata Nuuh, ummattoota Aadi fi samuud
sababa kufrii fi badii isaanitiin isaan balleesse jira. Ummattoota isaan booda
dhufaniis kanneen akka ummata Luux, Madiyan, Fira’awna fi ummata isaa
akkuma yakkamtoota durii badii waan hojjataniif ni balleesse. Kuni seeraa Rabbii
hin jijjiramneedha. Rabbiin subhaanahu yakkamtoota yeroo kennaaf. Garuu
akkanumatti osoo hin qabinii fi hin adabin hin dhiisu. Kanaafi itti aanse ni jedha:
“Akka kanatti yakkamtootatti hojjanna.” Kana jechuun akkuma yakkamtoota
darban kanniin sababa kufrii fi kijibsiisuu isaanitiif balleessine, akkuma kana
seerri Kiyya ummattoota kaafira9 isaan fakkaatan keessatti hojii irra oola.
Kanaafu, yakkamtoota sababa yakka isaaniitiif yommuu daangaa darban isaan
balleessina.10 Ergaan namootaaf dabarfamu barbaadame, “Akkuma yakkamtoota
darbanii kufrii fi badii gurguddaa hojjachuu itti hin fufinaa. Akkuma isaanii yoo
itti fuftan adabbiin isinitti bu’aati.” Dhugumatti seerri kuni yeroo ammaa keenya
kana keessattis ni mul’ata. Hoongeen, waraanni, roobni cimaan, kirkirrii lafaa fi
kkf sababa namoonni badii gurguddaatti taraniifi.
“Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Keeyyattoota, ragaalee,
mallattoolee ifaa fi adabbii fakkeenyaa erga arganii booda warra Guyyaa
Qiyaamaa kijibsiisaniif ee badii isaanii!11
Ragaalee Kaafamuun Haqa ta'uu agarsiisan keessaa
“ (20)-Sila Nuti bishaan dadhabaa irraa isin hin uumnee? (21)-Iddoo
qubannaa tasgabbaa’a ta’e keessas isa goone. (22)-Hanga yeroo
beekkamaatti. (23)-Ni safarres, Nuti safartoota [hunda caalaa] akkaan
9 Kaafira jechuun nama Rabbitti fi arkaana iimaanaa birootti hin amanne, 10 Tafsiiru Xabarii-23/594 11 Tafsiiru Sa’dii-1067
18
tolle. (24)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat
77:20-24
“Sila Nuti bishaan dadhabaa irraa isin hin uumnee?” Aayah keessatti, mahiin
jechuun xiqqaa, dadhabaa, tuffatamaa jechuudha. “maa’a” jechuun immoo
bishaani. Bishaan dadhabaan, xiqqaan, tufatamaan kuni dhangala’aa saalaati. Yaa
namoota! Du'aan booda Guyyaa Qiyaamaa kaafamu yoo shakkitan, sila Nuti
dhangala’aa saalaa dadhabaa, xiqqaa fi tuffatamaa ta’e irraa isin hin uumnee?
Bishaan dadhabaa, xiqqaa fi tuffatamaa kanarraa Kan isin uumee, akkamitti
lamuu isin deebisee uumuu dadhabaa? Akkuma isinu beektan, jalqaba irratti
uumuu kan danda’e lamuu deebisuun isa hin dhibu. Inumaa lamu deebisuun Isaaf
salphaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Inni uuminsa Kan jalqabu, ergasii deebisuudha. Suni (deebisuun) Isa
irratti baay’ee salphaadha.” Suuratu Ar-Ruum 30:27
Uumamtoota uumuu Kan jalqabu Rabbiin qofa. Isaan ala eenyullee uumamtoota
uumuu hin danda’u. Akkuma jalqaba irratti isaan uume, yommuu du’an Kan
deebisu Rabbuma. Erga du’anii booda uumamtoota deebisuun ykn kaasun
Isarratti baay’ee salphaadha. Kanaafu, Qiyaamaa hin shakkinaa. Namoota
jalqabaa irraa kaasee hanga dhumaa jiran kaasun ni ulfaata jettanii yoo yaaddan,
kuni Isarratti salphaadha. Namoota biliyoonatti lakkaawaman Kan uume, lamuu
isaan kaasun Isa hin dhibu. Ni jedha:
إن ﴿ م إل كنفس وحدة م ول بعث ك ك ا خلق ٱم بصير لل ﴾٢٨سميع
“Uumamni keessanii fi kaafamni keessan akka nafsee (lubbuu) takkatti malee
homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin dhagahaa, argaadha.” Suuratu Luqmaan
31:28
Namoota dhaloota jalqabaa irraa kaase hanga dhaloota dhumaatti jiran hunda
uumuu fi kaasun Rabbiin biratti akka lubbuu takkatti uumu fi kaasuti. Sababni
19
isaas, Rabbiin wanta tokkoon “ta’i” yoo jedhe, wanti suni yoosu ta’ee argama. Inni
waan hundaa irratti Danda’aa homtu Isa hin dadhabsiifnedha.
“Iddoo qubannaa tasgabbaa’a ta’e keessas isa goone.” Kana jechuun
dhangala’aa saalaa kana gadaamessa haadhaa keessa goone. Gadaamessi haadhaa
iddoo qubannaa guddinnaa fi dagaaginna bishaan saalaa kanaaf mijaa’aa fi
tasgabbaa’a ta’eedha. Achi keessatti maxxanuun hanga nama guutuu ta’e bahuu
guddachu itti fufa. Bakka kana (gadaameessa) Kan mijeesse fi achi keessatti
dhangala’aa kana Kan qubsiise Rabbii olta’aadha. “Hanga yeroo
beekkamaatti.” Hamma yeroo beekkamaa fi murtaa'atti dhangala’aan saalaa
kuni gadaamessa keessatti hanga nama guutuu ta’u guddachuu fi dagaagu itti fufa.
Ergasii ni dhalata.
“Ni safarres” Kana jechuun Uuminsa ulfaa (daa’imaa) keessatti safara fi hamma
wanta hundaa murteessinee fi daangaa goonefi jirra. 12 Fakkeenyaf hanga,
dheerinna, bocaa fi amala kutaalee qaama hunda safaruu fi murteessu.
“Nuti safartoota [hunda caalaa] akkaan tolle.” Eenyullee akka Rabbiin safaruu
fi murteessutti safaruu fi murteessu hin danda’u. Kanaafu, warroota waa safaranii
fi murteessan caalaa wantoota hundaa dogongora tokko malee kan safaruu fi
murteessu Rabbii olta’aaf faarun hundi haa ta’u.
Copha bishaani irraa ilma namaa kana kan akkanatti uume du’aan booda
deebisuun Isatti ulfaataa? Rabbiin dadhabbinna irraa olta’e qulqullaa’e. Rabbiin
namoota du’an akka deebisuu danda’u ragaan ifaa fi shakkii hin qabne erga
dhiyaate booda, nama Qiyaamatti hin amanneef akeekachisni ta’uu, “Guyyaa
san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!”
Qiyaamaan haqaa hin kijibsiisin, ni baddaati
Yaa nama Guyyaa Qiyaamatti hin amanne! Mee wanta irraa uumamte ilaali.
Dhangala’aa saalaa dadhabaa, xiqqaa fi tuffatamaa irraa uumamte. Dhangala’aan
saalaa kuni dadhabaa fedhii, beekumsaa fi dandeetti waan hin qabneef ofiin of
uumuu hin danda’u. Kanaafu, dhangala’aa kanarraa kan si uumee Rabbii olta’aa
12 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -2/577
20
waan hundaa irratti danda’aa ta’eedha. Jalqaba irratti dhangala’aa kanarraa si
uumuu Kan danda’e, erga duutee biyyee taates lamuu si uumuu irratti
danda’aadha. Sababni isaas, jalqabarratti wanta tokko hojjachuu kan danda’e,
lamuu wanta san hojjachuun itti hin ulfaatu. Kanaafu, ragaa ifaa kana booda
Qiyaamaa hin kijibsiisni ni baddaati. “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii
isaanii!” Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha. Ishii dhoksuutti dhiyaadha. Akka
lubbuun hundi wanta hojjatteen jazaa argattuuf, [Qiyaamaan ni dhufti].
Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofe ishii irraa
si hin garagalchin, ni baddaati.” Suuratu Xaahaa 20:15-16
“Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha” kana jechuun Yeroon namoonni du’an
jireenya lammataatif itti kaafaman ni dhufti, shakkii hin qabu. Sababni isaas,
karoora uuminsaa keessaa tokko waan taateef. Karoorri jalqabaa addunyaa tana
keessatti namoota qormaatu yoo ta’u, karoorri kunis raawwatamaa jira. Karoorri
lammataa immoo qorannoo, murtii dabarsuu fi jazaadha. Kuni immoo jireenyi
addunyaa tanaa erga xumurame booda Guyyaa Qiyaamaa raawwatama. Kanaafu,
Qiyaamaan dhufuun dirqama.
“Ishii dhoksuutti dhiyaadha.” Of irraayyu dhoksuutti dhiyaadha. Akkamitti
akka isin beektan taasisaa? Kanaafu, Ana malee yeroo Qiyaamaan itti dhuftu kan
beeku hin jiru.13 Akka aadaa Arabootaatti yommuu wanta tokko garmalee
dhoksan ni jedhu, “Of irraayyu dhokse.” Kana jechuun wanta dhokse kana
eenyuttillee hin beeksisu.14
Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu Rabbiin malee kan beeku hin jiru. Faaydan
akkanatti ishii dhoksuu keessa jiru, akeekachisuu fi namoonni hojii gaggaarii
13 Tafsiiru Xabarii,16/35 Tafsiir ibn Kasiir-5/274, Zaadul Masiir-fuula 901 14 Zaadul Masiir-fuula 901, ibn Al-Jawzi
21
hojjachuun akka of qopheessanii fi of eeggataniifi. Namni yoom diinni isatti akka
dhufu yoo hin beekne, garmalee of eeggata.15
“Akka lubbuun hundi wanta hojjatteen jazaa argattuuf, [Qiyaamaan ni
dhufti].” Jazaa jechuun gaaris ta’ee badaa irraa wanta hojii saniif maluun deebisuudha.
Jazaan kuni mindaa fi adabbii of keessatti qabata. Namni waan gaarii hojjate
mindaa gaarii akka argatuuf, namni waan badaa hojjate adabbii isaaf maluu akka
adabamuuf Qiyaamaan ni dhaabbatti. “Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi
fedhii lubbuu isaa hordofe ishii irraa si hin garagalchin,” Kana jechuun namni
Qiyaamatti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofu, Qiyaamatti amanuu fi
Jannata qananii keessatti mindaa guddaa Guyyaa san argataniif hojjachuu irraa si
hin garagalchin, si hin ko’oomsin. Namni Qiyaamatti hin amanne, shakkuu fi
shakkisisuuf carraaqa. Namni kuni fedhii lubbuu kan hordofu yommuu ta’u,
fedhiin isaa hundi faayaa fi miidhaginna addunyaatti tan rarraatedha. Tarii fedhii
lubbuu hordofuu isaatu argituu beekumsaa jaamse. Kanaafu, Qiyaamaa fi jazaaf
kaafamutti ni kafare. “ni baddaati.” Kana jechuun karaa nama Qiyaamatti hin
amannee fi fedhii lubbuu hordofu duuka bu’uun Qiyaamatti amanuu yoo didde fi
ishiif hojjachuu irraa yoo garagalte, ni badda. Qilee badiitti kuftee dallansuu fi
adabbiin Rabbii sitti bu’a.16
“(25)-Sila Nuti dachii walitti qabattuu hin taasifnee? (26)-Jiraa fi
du’aas [tan walitti qabdu]? (27)-Gaarreen ragga’oo dhedheeroo ishii
keessatti goone. Bishaan mi’aawas isin obaafne. (28)-Guyyaa san
kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:25-28
“Sila Nuti dachii walitti qabattuu hin taasifnee? Jiraa fi du’aas [tan walitti
qabdu]?” Kana jechuun dachii jiraataa keessanii fi du’aa keessan tan walitti
15 Madda olii 16 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-8/57-58, Tafsiiru Sa’dii-586
22
qabduu hin goonee? Iddoo jireenyaa fi mana keessatti jiraattota ofirratti qabdi.
Warroota du’an immoo qabrii keessatti of keessatti qabatti.17 Garaa dachii keessa
du’aatu jiraata. Gubbaa dachii keessa immoo lubbu-qabeenyitu jiraata. Kanaafu,
dachiin jiraa fi du’aa tan walitti qabattee fi sassaabdeedha.
Wanti bu’uuraa dachii “biyyee fi bishaani.” Dachiin qabee jireenyaati malee
mataa ofiitin lubbuu tana qabduu miti. Lubbuun wanta ishii irraa adda baheedha.
Kana jechuun lubbuun tuni gara biraati ishii keessatti seensifamti. Lubbu-
qabeenyitti lubbuu kan seensisu dachii osoo hin ta’in, Rabbii olta’aadha.
Hammaarri biyyeetti lubbuun yoo seensifamte, hammaarriin kuni qabee lubbuu
of keessatti qabatu ta’a. Yeroo du’aa lubbuun tuni qaama hundeen isaa biyyee
ta’ee irraa fudhatamti. Ergasii qaamni gara biyyeetti deebi’a. Lubbuun itti seenun
dura haala duraan turetti deebi’a.
Dachiinis qaama du’e hanga nyaatte balleesisutti of keessatti qabatti. Ergasii
biyyema dachii tanarraa jireenyi biraa ni uumamti. Tarii qaama duraan du’ee
biyyetti deebi’e irraa wanti tokko ijaarsa qaamaa haarawaa kana keessa seenu
danda’a. Haala kanaan du’aa fi jireenyi dachii tana keessatti irra deddeebi’u.
Akkuma mul’atu, dachiin qabee guddaa murtii, uuminsaa fi too’annaa Rabbiitin
lubbu-qabeenyin keessaa ol yaa’aniidha. Ammas, murtii, uumiinsaa fi too’annaa
Rabbiitin wantoonni du’an dachitti deebi’u. Tarii hammaarrin biyyee fi bishaan
dachii, jireenyaa fi du’a jidduu si'a baay’ee deddeebi’an.18 (Kana jechuun wanti
tokko yommuu du’u gara biyyeetti jijjirama. Biyyee tana irraa biqiltoonni ni
biqilu. Biqiltoota kana irraa lubbu-qabeenyin ni nyaatu. Nyaanni kuni gariin
qaama keessa deemun gara dhangala’aa salaatti jjjirama. Dhangala’aa saalaa
kanarraa namni ykn lubbu-qabeessi ni uumama. Ammas, lubbu-qabeessi kuni
guddatee ni du’a. Ergasii qaamni isaa gara biyyeetti jijjirama. Biqiltoonni biyyee
kanarratti ni guddatu. Ergasii lubbu-qabeessi biroo biqiltoota kanarraa ni nyaata.
Nyaanni kuni gara dhangala’aa saalaatitti jijjirama. Haala kanaan jiruu fi duuti
si’a baay’eef deddeebi’u. Wanti asitti hubatamu qabu, biyyee fi bishaan hundee
ykn bu’uura qaamni namaa irraa ijaarramuudha. Garuu lubbuun alarraa qaama
17 Tafsiiru Xabarii-23/596 18 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi-2/579-586
23
biyyee fi bishaan irraa ijaarrame kanatti seenti. Qaama kanatti lubbuu Kan
seensisu Rabbii olta’aadha.)
Kanaafu, maaltu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa namoota
kaasu akka hin danda’amnetti akka ilaalan nama taasisa ree? Jecha biraatin,
maaltu, “Namoonni erga du’anii booda hin kaafaman” jedhanii akka yaadan nama
taasisa ree? Dachiin tuni qabee waa of keessatti qabattu malee lubbuu tan uumtu
miti. Bu’uurri qaama lubbu-qabeenyi biyyee fi bishaani jennee jirra. Qaama
biyyee fi bishaan irraa erga walitti qabee booda lubbuu itti seensisuun nama
Kan taasise, erga du’anii booda biyyee fi bishaan irraa walitti isaan qabuun
lubbuu itti seensisee lamuu isaan hin kaasuu? Dhugumatti, Rabbiin waan
hundaa irratti danda’aa waan ta’eef namoota du’anii biyyee ta’an lamu uumuun
lubbuu isaanitti ni seensisa. Ergasii qorannoo fi jazaaf isaan kaasa. Suuratu
Xaahaa keessatti dhugaa kana akkana jechuun ifa baasa:
خرى ﴿ م تارة أ ك رج م ومنها ن ك م وفيها ك عيد ﴾٥٥۞منها خلقنك
“Ishii irraa isin uumne, ishii keessatti isin deebifna. Yeroo biraas ishii
keessaa isin baafna.” Suuratu Xaahaa 20:55
Kana jechuun dachii irraa isin uumne. Kana jechuun biyyee fi bishaan ishii irraa
qaama keessan uumne. Du’aan boodas gara dachiitti isin deebisna. Biyyee keessa
taatu. Yeroo biraa dachima tanarraa isin baafna. Qorannoof, murtiif, ergasii
mindaa kafaluu fi adabuuf yeroo lammataaf gara jireenyaatti isin deebisna.19 Kuni
Guyyaa Qiyaamaa ta’a.
Isin homaa kan hin turree taatanii osoo jirtanuu dachii irraa isin uumne. Akkuma
yeroo jalqabaa isin baasne du’aan boodas dachima irraa isin baasna.20
“Gaarreen ragga’oo dhedheeroo ishii keessatti goone.” Kana jechuun dachii
keessatti gaarreen sirritti gadi dhaabbatan, lafa qabatanii fi dhedheeroo taasifne
jirra. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gaarreen ibsa lamaan ibse: gadi dhaabbatoo
19 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi- 8/146 20 Tafsiiru Xabarii-16/87
24
fi dhedheeroo. Ibsa lamaan kana dubbachuun xiyyeefannoo fi kunuunsa Rabbiin
gabroota Isaa dachii keessa jiraataniif kenne agarsiisa. Gaarreen dachii keessatti
gadi dhaabbachuu fi sirritti hidda qabachuun dachii tasgabbeessa. Yeroo hundaa
dhiibbaa keessaa fi kirkiraaf akka hin saaxilamne eega.
Ammas, gaarreen dhedheeroo ta’uun namootaa fi wantoota birootiif faayda
baay’ee fidaaf. Gaarreen kana keessa bishaan mi’aawan ni kuufama. Dhagaa
isaanii irraayis namoonni ijaarsaaf itti fayyadamu. Yeroo duulaas gaarreen
keessatti dhokachuun of eegu.21
“Bishaan mi’aawas isin obaafne.” Kana jechuun bishaan mi’aawa dhugaatif
ta’u duumessa irraa buusun isin obaafne. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni
jedha:
"Sila bishaan dhugdan san argitanii? Isintu duumessa irraa buuse moo Kan
buuse Nuhi? Osoo feene ashaboo [kuraawaa] isa taasifna. Kanaafu, maaliif
[Rabbiin] hin galateefannee?” Suuratu Al-Waaqi’a 56:68-70
Yaa namoota! Bishaan dhugaatii namatti tolu, kuraawaa fi hadhaawaa kan hin
taane san itti xinxallitanii? Isintu duumessa irraa buusee moo Nutu buusee?”
Osoo Rabbiin subhaanahu wa ta’aala duumessa irraa bishaan dhugaatiif namatti
tolu buusu baate, eenyutu buusaa? Ilmaan namaa guutuun osoo walitti qabamanii
copha bishaani takka buusu hin danda'an. Rabbii olta’aa malee bishaan qulqulluu
duumessa irraa kan buusu hin jiru. Kana hubachuuf mee yeroo hoonge haala
namootaa ilaali. Yeroo hoongee roobni dhabamu san namni hunduu gara Rabbii
olta’aa fiiga. Osoo namoonni ofii kan buusan ta’anii, silaa duumessa irraa bishaan
ni buusu turan. Garuu, Rabbii Tokkicha malee eenyullee bishaan kana hin buusu.
21 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi -2/582-583
25
Gaarreen gurguddaa fi dhedheeroo kanniin uumuu fi bishaan mi’aawa duumessa
irraa buusun namoota obaasun wantoota guddinna dandeetti Rabbii fi ogummaa
Isaa agarsiisaniidha. Kunis du’aan booda jireenya lammataaf kaafamuun haqa
akka ta’ee ragaa amansiisaa namaaf dhiyeessa. Jireenya lammataa kana keessatti
qorannoon, murtii fi jazaan ni adeemsifama. Kanaafu, ragaalee nama amansiisan
booda nama Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisuu, “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii
isaanii!” jedhee akeekachisuun wanta maluudha.
Adabbii Namoota Qiyaamaa Kijibsiisanii (akka sobaatti
ilaalanii)
Asi olitti ragaalee nama amansiisan Qiyaamaan haqa ta’uu agarsiisan erga
dhiyeesse booda, namoota Qiyaamaa kijibsiisaniif adabbii isaan eeggatu hima:
“(29)-Gara waan sobsiisaa turtanii deemaa. (30)-Gara gaaddisa abbaa
damee sadihii deemaa.” [jedhamu]. (31)-Gaaddisa [qabbanaa’as] miti,
laboobaa irraas nama hin eegu. (32)-Dhugumatti ishiin qaanqeewwan akka
gamoo darbiti. (33)-Inni (qaanqichi) gaalota sufr fakkaata. (34)-Guyyaa
san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:29-34
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyattoota tanniin warroota Guyyaa Murtii
kijibsiisan dubbisuun jalqaba. Dubbiin kuni Guyyaa Murtii wanta isaanitti
qajeelfamu keessaa fakkii murameedha. Gara Jahannam akka deeman yommuu
ajajaman dubbiin kuni sammuu keessatti fakkii kaasa.
Rabbiin subhaanahu kijibsiiftota irratti erga murteesse booda Guyyaa Qiyaamaa
maal akka isaaniin jedhamu jireenya addunyaa keessatti namootaaf hima.
Qur’aanni wanta gara fuunduraatti raawwatamu akka waan raawwatametti kan
26
ibsuuf, gara fuunduraatti wanti suni dirqamaan akka raawwatamu namootatti
beeksiisuufi. Wanta gara fuunduraatti raawwatamu akka waan raawwatameetti
ibsuun yeroo Qur’aanni bu’utti Araboota biratti sirna dubbii beekkamaa hin turre.
Yeroo ammaa keenya kana keessatti, namoonni fiilmi hojjatan kanneen taatee
(gocha) wanta tokkoo odeessan sirna dubbii kana argatanii jiru. Fiilmi hojjachuun
dura, wanta gara fuunduraatti raawwatamu qabu ni odeessu ykn ni barreessu.
Ergasii wanta odeessan ykn barreessan kana fiilmi keessatti hojii irra oolchu.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa beeku, Guyyaa Qiyaamaa haqa
ta’uu ilaalchise ragaalee amansiisoo erga dhiyeesse booda gara wanta Guyyaa san
kijibsiiftotaan jedhamutti darbe. Kijibsiiftoonni akka waan amma tanatti Guyyaa
Murtii keessa jiranitti isaan dubbise:
“Gara waan sobsiisaa turtanii deemaa.” Kana jechuun yeroo addunyaa keessa
turtan sanitti gara wanta sobsiiftaniitti deemaa. Wanti isaan sobsisaa turan kuni
ibidda Jahannami. Kaafironni addunyaa irratti, “Adabbiin ibiddaa hin jiru”
jechuun yaadaa turan. Adabbii Jahannam ilaalchise wanti Ergamtoonni fi
hordoftoonni ergamtootaa isaanitti himan akka sobaatti ilaalaa turan. Guyyaa
Qiyaamaa adabbii Jahannam kana ijaan argu. Akkana isaaniin jedhama:
“Tuni ibidda isin sobsiisaa turtaniidha. Sila kuni sihriidha moo isin hin
agartanii?” Suuratu Ax-Xuur 53:14-15
Ibiddi kuni sihrii (falfala) sobaati moo isintu hin arginee? Kuni isaan gaafachuuf
osoo hin ta’in isaan waqqasuufi. Nama tokko yommuu waqqasnu, akka gaafatti
dubbii keenya dhiyeessinaaf. Guyyaa Murtii ibiddi Jahannam haqa ta’ee waan
arganiif jalaa dheessu hin danda’an. Kanaafu, “Gara gaaddisa abbaa damee
sadihii deemaa.” isaaniin jedhama. Kana jechuun gara aara Jahannam bakka
sadiitti qoodametti deemaa. Aarri Jahannam yommuu olka’uu bakka saditti
qoodama. Haaluma kanaan aarri ibidda guddaa yommuu olka’u ni qoqqodama.
Aarri kuni gaaddisa qaba. Ergasi gaaddisa aaraa kanaa maal akka ta’e ni ibse:
“Gaaddisa [qabbanaa’as] miti, laboobaa irraas nama hin eegu.” Kana
jechuun gaaddisa kana keessa boqonnaa fi tasgabbiin hin jiru. Yommuu isa keessa
turanis laboobaa ibiddaa irraa isaan hin eegu. Kana irra, laboobaan ibiddaa bitaa
mirgaa fi gara hundaan isaan marsa. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:
27
“Gubbaa isaanitii haguuggi ibiddaatu isaaniif jira, jala isaanitiis haguuggi
[ibiddaatu] jira.” Suuratu Az-Zumar 39:16
Ergasii itti aanse guddinna qaanqewwan ibiddaa dubbite: “Dhugumatti ishiin
qaanqeewwan akka gamoo darbiti.” Kana jechuun qaanqeen ibiddi Jahannam
darbitu guddinni ishii akka gamoo guddaati. Qaanqee jechuun ibidda irraa
qilleensa keessatti wanta faffaca’uudha. Gamoon immoo ijaarsa (mana) guddaa
ta’eedha.22 Ergasii itti aanse bifa qaanqe ibse: “Inni (qaanqichi) gaalota sufr
fakkaata.” Kana jechuun bifti qaanqe kanaa akka gaalota gurraacha gara
booraatti dhiyaatan fakkaata. Gaalota sufr jechuun gaalota gurraacha gara bifa
booraatti dhiyaataniidha. Kuni kan agarsiisu ibiddi Jahannam, barbadaan ishii,
laboobaa fi qaanqen ishii gurraacha, bifti ishii jibbisiisadha. Garmalee hoo’iti.
Rabbiin ibidda Jahannam irraa nagaha akka nu godhu kadhanna.23 Adabbii cimaa
kana erga ibsee booda namoota Guyyaa kana kijibsisan, “Guyyaa san
kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” jechuun akeekachiisa.
“(35)-Kuni Guyyaa isaan hin dubbanneedha. (36)-Uzrii akka himatan
isaaniif hin hayyamamu. (37)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!
(38)-Kuni Guyyaa addaan bahiinsaati; isinii fi warra duraanii walitti
qabne. (39)-Yoo tooftaa wayii qabaattan, tooftaa Natti baafadhaa. (40)-
Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:35-40
22 Fatihu Qadiir-1571, Shawkaani, Daarul Ma'arifa 23 Tafsiiru Sa’dii-1067, Tafsiiru Muyassar-581
28
“Kuni Guyyaa isaan hin dubbanneedha.” Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa
kuni Guyyaa guddaa kaafiroota irratti cimaa ta’e kan isaan hin dubbanneedha.24
Uzriis akka himatan isaaniif hin hayyamamu. Uzrii himachuu jechuun akka
dhiifamni namaaf godhamuu fi hin adabamneef sababa, rakkoo fi ragaa
dhiyeefachuudha. Guyyaa Qiyaamaa namoonni Rabbiitti, Ergamtootatti fi
Guyyaa Qiyaamaatti hin amanne, sababa, rakkoo fi ragaa dhiyeefachu hin
danda’an. Osoo sababa, rakkoo fi ragaa dhiyeefataniyyuu, isaan irraa hin
fuudhamu. “Yaa Rabbii sababa kanaaf amanu dadhabne, rakkoo akkanaatiif hojii
gaggaarii hojjachuu dadhabne, yaa Rabbii dhiifama nuuf godhi” yoo jedhan, kuni
isaan irraa hin fuudhamu.
“Kuni Guyyaa isaan hin dubbanneedha” yommuu jedhu Guyyaa Qiyaamaa
guutumaan guututti hin dubbatan jechuu miti. Dhugumatti, Guyyaan Qiyaamaa
iddoo fi waqtii qaba. Kuni waqtii isaan hin dubbannee fi uzrii akka himatan
isaaniif hin hayyamamneedha.25
Guyyaan kuni Guyyaa cimaa rakkoo fi sababa osoo dhiyeefatanii namarraa hin
fuudhamneedha. Kanaafu, namoota Qiyaamatti amanuu diduun badii hojjachuu
itti fufan, tarii akeekachiisni kuni isaan dammaqsu danda’a “Guyyaa san
kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Kana jechuun warra Guyyaa Qiyaamaa kana
soba akka ta’etti ilaalaniif Guyyaa san badii fi adabbii cimaatu jira.
“Kuni Guyyaa addaan bahiinsaati;” kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa, “Kuni
Guyyaa Rabbiin uumamtoota jidduutti murteessudha.” Jedhama. Guyyaan
Qiyaamaa Guyyaa addaan bahiinsaa kan jedhameef, Rabbiin uumamtoota
jidduutti murteessun warri Jannataa fi warri Jahannam addaan baafamu. “isinii fi
warra duraanii walitti qabne.” Addunyaa keessatti “Guyyaa Qiyaamaa isinii fi
namoota darban hunda walitti ni qabna” jennee waadaa galaa turre. Kunoo har’a
isinii fi warra darban walitti sassaabne. Kanaafu, har’a “Yoo tooftaa wayii
qabaattan, tooftaa Natti baafadhaa.” Kana jechuun adabbii irraa tooftaa ittiin
baatan yoo qabaattan, tooftaa baafadhaa. Qabaa Rabbii irraa of baraaraa.26
24 Tafsiiru Sa’dii-fuula 1067 25 Tafsiiru Qurxubii-21/513 26 Tafsiiru Muyassar-581
29
Guyyaa kana tooftaa fi malli isaanii ni bada, shirri isaanii ni dhabama. Azaaba
(adabbii) Rabbiitiif harka kennu. Wanta isaan kijibsiisan isaaniif ifa godha.
Amma dubbiin kan duraa caala. Duratti dubbachuu fi uzrii himachuu irraa ni
dhoowwaman. Amma immoo murtiin isaan jidduutti waan murtaa’uf adabbii
jalaa bahuu hin danda’an. Kanaafu, nama Guyyaa Qiyaamaa tooftaa fedhe osoo
baase adabbii jala bahuu kan hin dandeenye ta’ee osoo jiru Guyyaa Guddaa kana
akka sobaatti ilaaluf, akeekachisni ta’uu, “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii
isaanii!”
Mindaa fi Badhaasa namoota Qiyaamatti amananii fi Rabbiif
ajajamanii
Adabbiin armaan olii kuni nama Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisee osoo hin tawbatin
du’eefi. Garuu du’aan dura tawbachuun, amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun
yoo of dhaqqabe, adabbi kana jalaa ni baha. Muttaqoota keessaa ta’uun Guyyaa
san mindaa guddaa argata. Mee amma mindaa warra Guyyaa kanatti amananii
hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachuun of qopheessan haa
ilaallu:
“(41)-Dhugumatti, Muttaqoonni gaaddisootaa fi burqaawwan keessa ta’u.
(42)-Wanta fedhan irraa fuduraalee [keessa ta’u]. (43)-“Sababa waan
dalagaa turtaniitif gammachuun nyaadhaa dhugaa.” [jedhamu]. (44)-
Dhugumatti, Nuti akka kanatti toltu hojjattoota mindeessina. (45)-Guyyaa
san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:41-45
“Dhugumatti, Muttaqoonni gaaddisootaa fi burqaawwan keessa ta’u.” Muttaqoota jechuun namoota dhugaan Rabbii fi odeefannoo Isarraa dhufetti
amanan, hojii gaggaarii itti ajajaman hojjatanii fi hojii irraa dhoowwaman
dhiisaniidha. Kanaafu ibsi aayah: dhugumatti namoonni addunyaa keessatti
dirqamoota Islaamaa hojjachuu fi badii irraa fagaachuun adabbii Rabbii irraa of
30
eegan, gaaddisoota qabbanaa keessa ta’u. Azaan hoo’aa fi qorraa isaan hin tuqu.
Fuggisoo kanaa, namoonni Rabbitti kafaran, gaaddisa aaraa qabbana hin qabnee
fi laboobaa ibiddaa irraa nama hin eegne keessa ta’u.27
Aayah keessatti “Gaaddisoota” jechuun, jecha hedduminna agarsiisutti
fayyadame. Sababni isaas, Jannata keessa gaaddisa baay’eetu jira. Gaaddisa
mukkeeni, gaaddisa gamoowwanii fi kan biroo. Kanaafu, warri Jannataa
gaaddisa qabbanaa keessa jiraatu. Qur'aana keessatti:
م ف ظلل عل ﴿ ه زوج م وأ رائ ٱه
تك ل ﴾٥٦ون م
"Isaanii fi niitiwwan isaanii gaaddisa keessatti sireewwan irratti hirkatu."
Suuratu Yaasin 36:56
Warri Jannataa fi niitiwwan isaanii gaaddisa jalatti sireewwan garmalee
faayaman irratti tasgabbiin hirkatu. Kuni tola akkami! Qananii akkam namatti
tolu!
Ammas qananiin kanarratti hin dhaabbatu, “burqaawwan keessa ta’u” Jannata
keessa burqaawwan laggeen gosa garagaraa irraa dhangala’antu jira. Jannata
keessa burqaawwan, “Tasniim, Salsabiil” jedhamantu jiru. Muttaqoonni
burqaawwan kanniin irraa dhangala’aa isaanitti toluu fi garmalee mi’aawu dhugu.
Qabbanaa fi dhugaati argachuun qananii keessa ta’anii jiru. Nyaanni isaanii hoo
yoo maal ta’e qananiin isaaniif guuttamtii? “Wanta fedhan irraa fuduraalee
[keessa ta’u].” Kana jechuun Jannata keessatti wanta fedhan keessaa tokko
fuduraalee fedhan nyaachudha. Fuduraalee jechuun firaafiree akka muuzi,
burtukaana, teemira fi kkf.
“Wanta fedhan irraa” kana jechuun wanta guutuu fedhan keessaa tokko
fuduraalee kanaan Jannata keessatti qanani’uudha. Kuni Jannata keessa
wantoonni barbaadaman baay’een lakkoofsi isaanii hin daangefamne akka jiru
agarsiisa.28
27 Tafsiiru Xabarii-23/611 28 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi-2/606
31
“Sababa waan dalagaa turtaniitif gammachuun nyaadhaa dhugaa.”
[jedhamu]. Kana jechuun, addunyaa irratti iimaana irratti hundaa’u fi jaalala
Gooftaa keessanii barbaaduun sababa hojii gaggaarii hojjattaniif, fuduraalee
kanniin irraa wanta feetan nyaadhaa, burqaawwan kanniin irraas wanta isinitti
mi’aayee dhugaa. Hayyama guutuun nyaadhaa dhugaa, dhoowwaa fi hudhamuun
hin jiru.29 Nyaataa fi dhugaati kana keessa wanta namatti toluu fi mi’aawu malee
wanti hadhaawaa fi nama jeequ hin jiru. Kanaafi, “gammachuun nyaadhaa
dhugaa” jedhe.
Yaa nama qananii fi gammachuu guutuu barbaadu! Eessatti qananii fi
gammachuu guutuu argatta ree? Addunyaan tuni iddoo qormaataa fi ifaajee waan
taateef qananii fi gammachuu guutuu jeequmsa irraa bilisa ta’e hin argatan.
Qananii fi gammachuun guutuun jeequmsaa fi gadda irraa bilisa ta’e Jannata qofa
keessatti argama. Garuu kana argachuuf dhugaan amanuu fi hojii gaggaarii
hojjachuu barbaachisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota amananii fi
hojii gaggaarii hojjatan Jannataa fi qananii ishiitin isaan badhaasa. “Dhugumatti,
Nuti akka kanatti toltu hojjattoota mindeessina.” Mindeessu jechuun mindaa
isaaniif kennuudha. Toltu hojjattoota jechuun warra ibaadaa isaanii bareechisanii
fi sirnaan hojjatan, namootaafis tola oolaniidha.
Sababa kijibsiisanii fi hojii gaarii qananii guddaa kanatti nama geessu hojjatu
dhiisaniif yaa badii namoota mindaa fi qananii guddaa kana dhabanii! “Guyyaa
san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!”
Qananii fi Faaydan Addunyaa baay’ee xiqqoo fi tan badduudha
Amma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota addunyaa tanaan gowwoomuun
Qiyaamatti amanuu didanii fi badii gurguddaatti lixanitti dubbii qajeelcha.
29 Madda olii
32
“(46)-[Yaa warra kafare] nyaadhaa, xiqqoo qanani’aa dhugumatti isin
yakkamtoota. (47)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (48)-
Yommuu “Ruku’a bu’aa” isaaniin jedhamu, ruku’a hin bu’an. (49)-
Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (50)-Isa booda dubbii kamitti
amanuu?” Suuratu Al-Mursalaat 77:46-50
“[Yaa warra kafare] nyaadhaa, xiqqoo qanani’aa dhugumatti isin
yakkamtoota.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota kaafamu kijibsiisaniin
ni jedha: jireenya addunyaa ganda qormaataa taate keessatti soorata Ani
namootaaf dachii keessatti uume irraa nyaadhaa, dhugaati irraa wanta namootaaf
taasise irraa dhugaa. Fedhii addunyaa, mi’aa ishii, bashannana, tapha, ishii
baay’ifachuu, ittiin of dhaadachuu fi faaya addunyaatiin qananii xiqqoo
qanani’aa. Qananiin kuni hammaa fi akkaataan baay’ee xiqqaa kan ta’eedha.
Sababni isaas, qananiin kuni yeroo gabaabaf tura, yoosu bada. Hammi isaas
xiqqaadha.
Arabiffa keessatti, “al-Mataa’u” jechuun addunyaa keessatti wanta yeroo
gabaabaf itti fayyadamanii badiinsi itti dhufuudha. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa wanta addunyaa keessa jiru guutuu wanta xiqqaa yeroo gabaabaf itti
fayyadaman (mataa’u qaliil) akka ta’etti ibse. Sababni isaas, wanti addunyaa
tanaa jireenya Aakhiraa zalaalamii turuun wal bira yommuu qabamu baay’ee
xiqqaadha. Jireenya addunyaa irraa wanti namoonni jaallatan “(mataa’u qaliil)”
akka ta’etti ibsu keeyyattoonni baay’een dhufanii jiru:
نياٱق ل متع ﴿ ون فتيل تق ٱخي ل من لأخرة ٱقليل و لد ﴾ول ت ظلم
33
Jedhi, “Faaydan addunyaa xiqqaadha. Aakhiraan nama Rabbiin sodaatuf
irra caaltudha. Hanga fatiilaayyu hin miidhamtan.” Suuratu An-Nisaa 4:77
Fatiila jechuun wanta akka jirbii firii teemiraa keessa jiruudha. Fakkii armaan
gadii irraa jidduu kan jiru “fatiila”
Ammas, namoota ibidda seenan ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
akkana jedha:
ط لل ٱ﴿ زق ٱيبس لر وا وفرح لمن يشاء ويقدر ة ٱب نياٱ ليو لدة ٱوما نياٱ ليو ﴾٢٦إل متع لأخرة ٱف لد
“Rabbiin nama fedheef rizqii ni bal’isa, [nama fedhe immoo] itti dhiphisa.
Jireenya addunyaatti ni gammadan. Aakhira biratti jireenyi addunyaa
faayda [xiqqoo] malee homaayyu miti.” Suuratu Ar-Ra’ad 13:26
Kana jechuun jireenyi addunyaa Aakhiraan yommuu wal bira qabamtu faayda
xiqqoo malee homaayyu miti. Faayda fi qananiin addunyaa dafee kan baduudha.
34
Rabbiin subhaanahu wanta Jannata keessa jiru immoo qananii turaa gonkumaa
hin banne (na’iimu muqiim) jechuun moggaase. Rizqii jechuun wanta namoonni
itti fayyadaman kanneen akka soorata, dhugaati, uffataa, geejjiba fi kkf.
Rabbiin azza wa jalla kaafirota addunyaa keessa jiran, “[Yaa warra kafare]
nyaadhaa, xiqqoo qanani’aa dhugumatti isin yakkamtoota.” jedhee
dubbisuun, yeroo murtaa’eef isaan tursiisuu fi isaan akeekachisuuf akka ta’e ibsa.
Kana keessa yeroo hundaa too’annaa jala akka jiranii fi jireenya addunyaa irraa
wanti isaan itti fayyadaman murtii Rabbiitiif kan buluu ta’uu isaanitti beeksisuun
waan jiruuf.
Rabbiin subhaanahu, “dhugumatti isin yakkamtoota.” jechuun murtii ifaan
ifatti isaan irratti murteesse. Kana jechuun yoo isin tawbaan30, amanuu fi hojii
gaggaarii hojjachuun badii keessan irraa hin buqqa’in isin amma yakkamtoota
(mujrimiin). Ammas, ragaaleen amansiisoo fi wantoonni nama abdachiisan isiniif
haa dhufaniyyuu malee kufrii31 fi kijibsiisa keessan yoo itti fuftan, yakkamtoota
ta’uun turtu, Guyyaa Murtiis yakkamtoota taatanii dhuftu. Maqaan Kijibsiiftota
jedhuu isin irratti maxxanfama. Kanaafu, ibidda keessa seenuun isiniif mala.
“Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!”
Yakkamaa (mujrim) jechuun nama badii gurguddaa hojjatuudha. Qur’aana
keessatti jechi, “Mujrimiin (yakkamtoota)” jedhu, faallaa jecha, “Muslimiin
(Muslimoota)” jedhuun kan dhufee fi ibsa maqaa kaafirota Rabbiin addunyaa
keessatti balleessee fi warra ibidda keessatti adabamaniif kennameedha. Kanaafu,
akka Qur’aanatti, mujrimiin (yakkamtoota) jechuun badii gurguddaa irraa badii
kufriitti warra lixaniidha. Kanaaf, isaan warra ibiddaa achi keessatti hafaniidha.
Hiika kana ilaalchisee ragaaleen armaan gadi ni agarsiisu:
30 Tawbaa jechuun cubbuu (dilii) dhiisuun gara Rabbiif ajajamuutti deebi’uudha. 31 Kufrii jechuun Rabbitti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti, malaykotatti fi
kitaabban Isaatti amanuu diduudha. Ingiliffaan “Disbelieve” jedhama.
35
“Sila Muslimoota akka yakkamtootaa (mujrimiin) ni goonaa? Maalumatu
isiniif jiraa? Akkamitti murteessituu?” Suuratu Al-Qalam 68:35-36
Ammas bakka biraatti:
جرمي ٱإن ﴿ ون لم ﴾٧٤ف عذاب جهنم خل
“Dhugumatti, yakkamtoonni (mujrimiin) adabbii Jahannam keessatti
hafoodha.” Suuratu Az-Zukhruuf 43:74
“Hafoodha” kana jechuun yeroo hundaa achi keessa turu ykn jiraatu.
Warroonni amanan yommuu kaafirota yakkamtoota qabeenyaa fi aangoo qaban,
biyyoota addunyaa keessa bilisaan akka fedhanitti deemanii fi wanta jaallatanitti
fayyadaman argan, mindaa Aakhiratti amanuun (iimaanni isaanii) hurgufamuu
danda’a. (Yaanni “Akkamitti Rabbiin yakkamtoota kanaaf qabeenyaa fi qananii
bal’isaaf?” jedhu yommuu sammuu isaanii keessa qaxxaamuru, iimaanni isaanii
sosocho’u danda’a.) Kanaafu, Rabbiin Mu’mintootaa fi Muslimoota dhuunfa
dhuunfaan akkana jedhe isaan dubbisuun ogummaa (hikma) irraayyi:
“Dachii keessa gaggaraluun warra kafaranii si hin gowwoomsin. Kuni
qananii xiqqoodha. Ergasii teesson isaanii Jahannami, afatichi waa
fokkate!” Suuratu Aali-Imraan 3:196-197
Kana jechuun qananiin, aangoon kaafirotaa, daldalaaf, qabeenyaa fi bu’aa
argachuuf bakka tokko irraa bakka biraatti deddeemuun isaanii si hin
gowwoomsin. Kuni hundii faayda fi qananii xiqqoo yeroo muraasaf turuudha.
Gadi dhaabbannaa fi turiinsa hin qabu. Kana irra, yeroo gabaabaaf itti fayyadamu,
ergasii yeroo dheeraaf ni azzabamu (adabamu). “Ergasii teesson isaanii
36
Jahannami” kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa iddoon jireenya isaanii Jahannami.
Afatichi (minxaafin) waa fokkate.
Itti aanse, warroota amanan akkana jechuun jajjabeessa:
ين ٱلكن ﴿ ٱ ل قوا م ت ت تري من تتها ربه م جن ر ٱله كه ل
ن عند ل م ه ٱخلين فيها ك ز ٱوما عند لل برار لل ﴾١٩٨خي ل ل
“Garuu warri Gooftaa isaanii sodaatan, Rabbiin irraa akka nuzulaatti achi
keessatti hafoo ta’anii Jannata laggeen jala yaa’antu isaaniif jira. Wanti
Rabbiin bira jiru Abraaraf irra gaariidha.” Suuratu Aali-Imraan 3:198
Nuzula jechuun mindaa, rizqii, arjoominna, wanta keessummaaf qophaa’e.
Warroota wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irra dhoowwaman dhiisun
Gooftaa isaanii sodaatan, Rabbiin irraa Jannanni isaaniif mindaa, rizqii fi
arjoominna. Ammas, yommuu gara Jannataa deeman akka keessummaa
kabajamootti waan deemanif Jannanni wanta isaaniif qophooftedha. Isaan
Jannata tana keessatti yeroo hundaa jiraatu.
Abraar jechuun warroota amananii hojii gaggaarii baay’ee hojjatanii fi hojii badaa
irraa fagaataniidha. Wanta kaafironni ittiin qanani’an irra wanta Rabbiin bira
jirutu isaaniif caala. Sababni isaas, wanti kaafironni ittiin qanani’an yeroo
gabaabaf kan turuu fi dhaaba kan hin qabneedha. Wanti Rabbiin bira jiru immoo
qananii hammi isaa baay’ee guddaa ta’ee fi yeroo hundaa turuudha. Kanaafu,
qananii kaafironni qaban kan baduun hin gowwoomin.
Mee amma kaafirota addunyaa tana keessatti qanani’anii fi abraar wal bira haa
qabnu: Kaafironni yeroo gabaabaf addunyaa tana keessatti ni qanani’u. Qananii
isaanii kana keessatti daangaa Rabbii hin eegan, badii adda addaatti taru. Badiin
hundarra guddaan kufriidha. Kanaafu, Jahannam keessatti yeroo dheeraaf
adabamu. Abraar (warroonni Rabbiin sodaatanii fi hojii gaggaarii baay’ee
hojjatan) immoo daangaa Rabbii ni eegu, badii irraa ni fagaatu. Kanaafu,
badhaasni isaanii Jannata qananiiti.
37
Miidhaa Salaata Dhiisu Amma gara ibsa suuratu Al-Mursalaat haa deebinu:
“Yommuu “Ruku’a bu’aa” isaaniin jedhamu, ruku’a hin bu’an. Guyyaa
san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! Isa booda dubbii kamitti amanuu?”
Ruku’a jechuun akka lugaatti gadi jechuudha. Akka shari’aatti immoo salaata
keessatti erga dhaabbatanii booda harkaan jilba qabachuun gadi jechuudha.
“Yommuu “Ruku’a bu’aa” isaaniin jedhamu, ruku’a hin bu’an.” As keessa
of tuulinsa isaanii wanta agarsiisutu jira. Inumaa hanga Khaaliqa isaan uume,
isaan nyaachisu fi obaasu, jireenya isaanii harkaa qabu irratti of tuulu gahan. Isaan
fedhii lubbuu fi hawwii ofii hordofuu irraa of hin qusatan. Badii gurguddaa
hojjatu. Inumaa, Gooftaa isaanii irratti boonu. Osoo fedhii garaa, saalaa,
beekkamtii, tapha, miidhaginna addunyaatti rarra’uu, dhaadannoo fi baay’ifachuu
jaallachuun isaan keessa jiraachu baateyyu, Gooftaa isaanitiif xiqqoollee taatu
gadi hin jedhan. Sababni isaas, nafsee isaanii keessatti isaan of tuultotaa. Of tuulu
fi boonun isaanii gowwummaa fokkuutti akka taran isaan taasise.32 Boonu fi of
tuulun isaanii Gooftaa isaanitiif akka gadi hin jenne isaan taasise.
Gabaabumatti, namoonni Guyyaa Qiyaamaa fi wanta Rabbiin irraa dhufe
kijibsiisan kunniin yommuu “salaataa” jedhaman, hin salaatan.33
Guyyaa Qiyaamaa akka sujuuda bu’aniif yommuu ajajaman, sujuuda bu’uu hin
danda’an. Dugdi isaanii akka xawlaa gogee hafa. Qur’aana keessatti ni jedha:
“Guyyaa mogolee irraa saaqamuu fi gara sujuudaa waamamanii isaan
sujuudu hin dandeenye [yaadadhu]. Ijji isaanii sodaattu taate xiqqeenyis
32 Ma’aariju tafakkuri-2/609-614 33 Tafsiiru Qurxubii-21/516-517
38
isaan haguuga. Osoo fayyaa qabanuu gara sujuudaatti waamamaa turan.” Suuratu Al-Qalam 68:42-43
Guyyaa Qiyaamaa yommuu jeequmsi, sochii fi haalli garmalee cimaan saaqame,
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota jidduutti murteessuf dhufe, Isaaf
akka sujuudan ni waamamu. Mu’mintoonni (warri amanan) Rabbiif addunyaa
keessatti filannoo fi fedhiin sujuudaa turan, Guyyaa kana ni sujuudu. Garuu
munaafiqonni fi kaafirran sujuuduf ni tattaafatu, haa ta’u malee sujuudu hin
danda’an. Dugdi isaanii akka gaafa horii gogee hafa. Gadi jechuu hin danda’an.
“Ijji isaanii sodaattu taate xiqqeenyis isaan haguuga.” Kana jechuun sababa
isaan addunyaa keessatti badii gurguddaa hojjatanii fi of tuulaniif Guyyaa
Qiyaamaa ijji isaanii sodaattu taati. Salphinni isaan haguuga. Faallaa wanta isaan
irra turaniitin adabamu. Osoo fayyaa qabanuu yommuu addunyaa irratti gara
sujuudaa waamaman, ni didan. Haaluma kanaan, Aakhiratti yommuu Rabbiin
azza wa jalla ifatti bahee mu’mintoonni sujuudan, isaan immoo sujuuda
dadhabuun adabamu.34 Akkuma isaan addunyaa irratti of tuulanii fi of guddisan,
Aakhiratti salphinni fi xiqqeenyi isaan haguuga.
Akkuma hubatamu, wanti sujuuda kanarraa barbaadame, warra dhugaan
amananii fi munaafiqota addaan baasufi. Warroonni amanan (mu’mintoonni)
gama mirgaa adeemsi isaa gara Jannataa ta’e akka fudhatamaniif, munaafiqonnis
gama bitaa adeemsi isaa gara ibiddaa ta’e akka oofamaniif, sujuuda kanaan
addaan baafamu.35
Kana keessa nama salaata dhiisu fi na argaaf salaatuf akeekachiisa cimaatu jira.
Kanaafu, nama Guyyaa garmalee cimaa kanatti amanuu dide, hojii gaarii
dirqamaa Rabbiin itti ajaje hojjachuu didee fi hojii badaa hojjachuu itti fufeef
akeekachisni ta’u “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!”
“Isa booda dubbii kamitti amanuu?” Kana jechuun Qur’aana kanatti yoo hin
amananiin, dubbii fi kitaaba kamitti amanuu? Qur’aanni kuni ragaaleen,
murtiwwanii fi odeefannoon isaa hundi ifa. Jechoonni isaas ifa namaaf
galaniidha.
34 Tafsiiru sa’dii-1039, Tafsiiru ibn Kasiir 7/353 35 Ma’aariju tafakkuri-1/255
39
Alhamdulillahi Rabbiil aalamiin, gargaarsaa Rabbii guddaa olta’aatiin ibsi
suuratu Al-Mursalaat asirratti xumurame jira.
Kitaabban wabii:
1. Tafsiiru Sa’dii- Daaru Salaam
2. Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-Abdurahmaan Hasan
Habanka, Daarul Qalam
3. Tafsiiru Xabarii- Daarul Hijra
4. Tafsiir ibn Kasiir-Daaru ibn Al-Jawzi, Tafsiir ibn Kasiir, English
Transalation
5. Tafsiiru Qurxubii-
6. Zaadul Masiir fi ilmi tafsiir, ibn al-Jawzi- Daaru ibn Hazm
7. Fathu Qadiir-
8. Hiika Qur’aana Kabaja Afaan Oromootiin, Mana Maxxansa Najaashi
9. https://quran.com/
10. https://www.almaany.com/ar/dict/ar-ar/
11. Qur’aana Qulqulluu irraa tasfiira Juz’iwwan Sadan booda,
www.tafseer.info
12. Tafsiiru Muyassar
13. Cover design: https://www.vectorstock.com/royalty-free-
vectors/islamic-book-cover-vectors
Qunnamtiif:
40
Website: www.sammubani.com
Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/
Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/
Email: [email protected]