qophii: sammubani.com · qaamaan of ol guddisaa hin deeman. ammas, akka nama dhukkubsatee rincicaa...
TRANSCRIPT
1
2
Qophii: Sammubani.com (Jibril Abdalla)
3
Qabiyyee Boqonnaa 1 ...................................................................................................................... 4
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan ............................................................................... 4
1-Dachii irra haala salphaa fi madaallamaan deemu, wallaaltonni dubbii badaan
yommuu isaan dubbisan dubbii nagahaa itti deebisuu .................................................. 4
2-Gooftaa isaanitiif halkan sujuudaa fi dhaabbataa buluu ..................................... 11
Bu’aa Salaanni Halkanii qabu ................................................................................. 13
3-Adabbii Jahannam akka isaan irraa deebisuu Rabbii isaanii kadhachuu ................. 20
4-Yommuu Baasii baasan madaallamaa ta’uu ............................................................ 25
Boqonnaa 2 .................................................................................................................... 33
Amaloota babbadoo Gabroonni Ar-Rahmaan irraa fagaatan.................................. 33
1-Rabbiin waliin waan biraa hin kadhatan ykn hin gabbaran ............................... 33
2-Seeran ala Lubbuu nagahaa ajjeesu irraa ni fagaatu ................................................ 42
3-Zinaa (Sagaaagalummaa) irraa fagaachu ................................................................. 47
4-Az-Zuur irraa fagaachuu fi Al-Laghw biraan kabajaan darbuu ............................... 54
Boqonnaa 3-Amaloota gaggaarii dabalataa ................................................................ 61
1-Yommuu Aayaanni Gooftaa isaanii isaaniif dubbifaman, itti xinxalluun barnoota
irraa fudhatanii itti bulu ............................................................................................... 61
Yommuu Aayata Rabbiitiin gorfaman (yaadachiifaman) Ramaddii Namootaa ...... 62
2-Niitiwwani fi sanyii gaarii argachuuf kan dharra’anii fi sadarka ol’aanaa irra
gahuuf kanneen hawwaniidha ................................................................................. 68
Boqonna 4-Mindaa Gabroota Ar-Rahmaan ............................................................ 70
Guduunfaa..................................................................................................................... 71
4
Boqonnaa 1
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan
Bismillah rahmaani rahiim (Maqaa Rabbii rahmaan, rahiim ta’een jalqaba)
Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna,
araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan
keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru.
Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin
qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas,
Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.
Hawwin guddaan namni jireenya tana keessatti qabu keessaa tokko nama amalaa
fi kabajaa guddaa qabu ta’ee argamuudha. Amala gaariin of faayee kabajamuu
barbaada. Eenyullee taanan salphinnaan haguuggamee jiraachu hin barbaadu.
Akkasi miti ree? Dhugumatti karaan amaloota gaggaarii fi kabaja guddaa itti
argatan gabroota (ibaadu) ar-Rahmaan keessaa ta’uudha. Sababni isaas, yommuu
isaan Rabbii Guddaa olta’aaf gabra ta’an, wantoota fokkuu fi salphinnatti nama
geessan irraa ni fagaatu. Rabbiinis subhaanahu isaan qulqulleessun kabajaa fi
sadarkaa isaanii olkaasa. Nu keessaa eenyutu amaloota kanniinin of faaye dachii
irra tasgabbii fi kabajaan tarkaanfachuu jaallataa? Mee amaloota kanniin ibsa
waliin suuratu Al-Furqaan irraa (aayah 63-76) haa ilaallu. Laa hawla walaa
quwwata illaa billah.
1-Dachii irra haala salphaa fi madaallamaan deemu, wallaaltonni
dubbii badaan yommuu isaan dubbisan dubbii nagahaa itti deebisuu
ين ٱ لرنمحٱوعباد ﴿ رض ٱيمشون لع لهونا إوذا خاطبهم ل
﴾٦٣قالوا سلما لجهلون ٱ
“Gabroonni Ar-Rahmaan kanneen dachii irra haala salphaan adeemanii fi yommuu wallaaltonni [dubbii badaan] isaan dubbisan, nagaha jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:63
5
Rabbiif gabroomun gosa lama: 1ffaa-Gooftummaa Isaatiif gabroomu.
(Gabrummaa walii galaa-Ubuudiyyatu Aamma)- Kuni namoonni hundi itti
hirmaatu. Muslimaa fi kaafirri, namni gaarii fi badaan hundi Rabbiif gabroota
ta’uu. Jaallatanii jibbanii hundi isaanitu gabroota Isaati. Sababni isaas, Kan isaan
uumee fi wanta fedhe isaan irratti murteessu Rabbiidha. Wanta Inni murteesse
jalaa bahuu hin danda’an. Fkn, du’a, dhibee fi kkf yoo isaanitti murteesse, ofirraa
deebisu hin danda’an. Kanaafu, haala kana keessatti namoonni hundu gabroota
Rabbiiti.
2ffaa-Isa gabbaruu keessatti gabra ta’uu- jecha biraatin filannoon Rabbiin
gabbaruu-(Gabrummaa addaa-ubuudiyyatu Khaassa)- kunniin warra filannoo
isaanitiin wanta Rabbiin itti ajajee hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha.
Gosti kuni Nabiyyoota, awliyaa’ota, namoota gaggaarii of keessatti qabata.
Gabroonni Ar-Rahmaan warra gosa kanaati. Kanaafi, gabrummaa gosa kanaa
maqaa Isaa Rahmaan jedhuun walitti hidhee. Kunis kan agarsiisu, haalaa fi
sadarkaa guddaa kana kan gahan sababa rahmata Isaatini. Amaloonni isaanii
amaloota hundarra guutuu fi hunda caalan ta’u ni dubbate.[1] Mee amaloota
isaanii kanniin haa ilaallu:
Gabroonni ar-Rahmaan, “kanneen dachii irra haala salphaan adeemanii…”
dha.Kana jechuun dachii irra haala madaallamaa hin jarjarreen, osoo of hin tuulinii
fi ol aantummaa hin agarsiisin tasgabbiin dachii irra deemu.
Amaloota gabroottan Ar-Rahmaan keessaa namni adeemsa isaanii yeroo
jalqabaatiif arge, dachii irra haala salphaan akka adeeman ni hubata. Kana jechuun
dhimma jireenya addunyaa isaanii guuttachuuf dachii irra haala gaariin, qarummaa
fi haala madaallamaa ta’een adeemu.
Haala adeemsa gabroottan ar-Rahmaan aayah keessatti ibsame wantoonni
faalleessan: of jajuun, of tuuluun, dachii garmalee gadi rukutuun, samii keessa of
ol dheeressuun deemudha. Ammas, akka waan dhibee qabanii garmalee suuta
deemu fi rincicuudha.
Gabroonni Rahmaan garmalee of tuuluu fi of jajuun dachii keessa hin deeman.
Dhugumatti, Rabbiin of tuulaa fi of dhaadataa dachii keessa deemu akka dhoowwe
dhagahanii jiru. Qur’aana keessatti ni jedha:
6
رض ٱول تمش ف ﴿رض ٱمرحا إنك لن ترق ل
ولن تبلغ ل
بال ٱ ﴾٣٧طول ل
“Of tuulaa dachii keessa hin deemin. Dhugumatti ati dachii hin urtu.
Dheerinnaanis gaarreen hin geessu.” Suuratu al-Israa 17:37
Rahmaaniif gabrummaa isaanii mirkaneessuuf ajaja kana tolee jedhanii fudhatan.
Kaayyoon dhoowwaa kana duuba jiru gabroottan Rabbii irratti of tuultota, of
guddistoota akka hin taaneef ni beekan. Wanta of tuuluu fi of dinqisiifachuu
agarsiisan irraa of fageessuuf nafsee ofii ni leenjisan.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aayah suuratu Al-Israa armaan olii keessatti
dhugaa nama of tuuluu fi xiqqeenya haala isaa ifa baase jira. Yommuu namni of
tuuluun miila ofiitiin dachii humnaan gadi rukutuu, dachii uruu hin danda’u.
Sababni isaas, dachiin isa caalaa jajjaboodha. Ammas, dhaabbata isaatin namoota
irratti of ol dheeressu fi of ol guddisuun, dheerinnaan gaarreen gahuu hin danda’u.
Sababni isaas, guddinnaa fi dheerinnaan gaarreen isa caalu.
Kana keessa akeeka gadi fagoo xiqqeenya nama of tuulu agarsiisutu jira. Akkana
isaan jedhama: Dachiin ati irra deemtu humna kee caalaa jabduudha. Hanga feete
dhaabbata keetin ol dheeradhu, gaarreen dhagaalee jajjaboon guuttaman dhaabbata
kee caalaa garmalee dheerodha. Miila keetin dachii garamlee rukutuu fi qaama
keetin of ol dheeressuun guddinna dhugaa naaf kennan jettee hin yaadin. Ammas
akkana isaan jedhama: yaa nama of tuuluu fi of jajuu nafsee tee irratti laaffisi. Of
ol dheeressuun nafsee keetin eessa deemtaa? Gara kallatti lafaa miila keetin
rukutuun moo ol dheerachuun mataa keetiin samii tuquuf?of irratti laaffisi. Hanga
feete of tuluun deemi, dachii uruu hin dandeessu. Ammas hanga feete jismii
(qaama) keetin gara olii osoo of guddistee fi dheeressitee, dheerinnaan gaarreen
gahuu hin dandeessu.
Gaarreen hanga fedhan osoo dheeratanii gatiin isaanii gatii ilma namaati gadi.
Sababni isaas, Rabbiin amaloota baay’een ilma namaa wantoota uumee baay’ee
caalaa kabajee jira. Yaa nama of tuulu, qaamaan of bokoksuu fi of ol guddisuun
ykn namoota irratti of tuuluun kabaja argachuuf hin carraaqin. Dhugumatti,
7
kabajni namaa dheerinna fi bal’inna qaamatiin ykn yommuu deeman dachii miilan
garmalee rukutuun kan ta’uu miti.
Gabroonni Rahmaan amaloota armaan olii kana hin qaban. Akkasumas, ariiti
jarjarsuu agarsiisu hin ariifatan. Ammas, duubatti harkifachuu ceem’uu fi rincicuu
agarsiisu duubatti hin harkifatan. Kana irra, haala salphaa ta’een ijjannoon,
dhiirummaan fi humnaan adeemu. Namni of tuulu nafsee ofii dirqiisisa. Gabroonni
Rahmaan garuu osoo of hin dirqiisisiin haala salphaa fi madaallama ta’een
adeemu. Jecha Luqmaan ilma isaatiif “Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’i”
jechuun dhaame hojii irra oolchu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhaamsa
Luqmaan akkana jechuun Qur’aana keessatti dubbate:
“Boonaa maddi boqoo kee namoota irraa hin garagalchiin. Dachii keessas of
tuulaa hin deemin. Dhugumatti Rabbiin of tuulaa, of dhaadataa hundaa hin
jaallatu. Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’i; sagalee keetis gadi qabi.
Dhugumatti irra jibbamaan sagalee sagalee harreeti.” (Suuraa Luqmaan
31:18-19)
Namni dhugaan amanee, wanta Rabbiin itti ajaje hojjatee fi wanta Inni dhoowwee
dhiisee dachii irra haala madaallamaa fi tasgabbiin deemu gara fuunduraatti
gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko akka ta’uu ni eeggama.
“Yommuu wallaaltonni [dubbii badaan] isaan dubbisan, nagaha
jedhaniidha.”
Asitti wallaaltota jechuun gowwummaa, dallansuu, arrabsuu, jechootu fokkuu
gadi dhiisu fi dhimma gara lolaatti nama oofu irraa of qabu kanneen hin
dandeenyedha. Yommuu wallaaltonni gowwummaa fi dubbii badaa dallansuu
isaanii kakaasu isaanitti dubbatan, gabroonni Ar-Rahmaan, “Salaamaa (Nagaha)”
8
isaaniin jedhu. Teessoo wallaaltoota irraa nageenya labsuun addaan bahu. Asitti
“salaamaa (nagaha)” jechuun jecha nagahaa fi gaarii badiin keessa hin jirree
wallaaltotatti dubbachuun badii irraa nagaha ta’uudha. Wallaaltootaa fi gowwoota
fakkaataa wallaalummaa fi gowwummaa isaaniitiin isaanitti hin deebisan. Kana
irra, dubbii gaarii isaanitti dubbachuun isaan irraa garagalanii deemu. Wanta
badduu wanta toltuu taaten deebisu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:
ي ئة ٱول لسنة ٱول تستوي ﴿ دفع ٱ لس حسن فإذا لت ٱبيٱه أ ل
نه ۥبينك وبينه ﴾٣٤ول حيم ۥعدوة كأ
“Hojiin gaarii fi hamtuun wal hin qixxaa’an. [Wanta baddu] ishii toltuu
taaten deebisi. Yeroo san inni gidduu keetii fi gidduu isaa diinummaan jiru
akka jaalalloo firaa ta’uu [argita].” (Suuratu Fussilat 41:34)
Nageenyi (salaamni) nageenya kabajaa, qaamaa, qabeenyaa fi wanta namni
nageenya isaatiif itti yaaddawu hunda of keessatti hammata. Gabroonni Ar-
Rahmaan wal-qunnamtii nagahaa booda wallaallummaa fi gowwummaa
wallaaltoota irraa yoo argan, wallaalummaa fi gowwummaa isaa obsaa fi irra
darbuun addaan kutu. Dubbii badaa itti deddeebisuun gara lolaatti hin seenan.
Haqa Muslimni tokko Muslima biraa irraa qabu erga yaadachisanii booda teessoo
wallaaltoota gadi furanii deemu. Haqni kunis "nageenya". Nageenya kana
Muslimoonni yommuu wal qunnaman Assalaamu aleykum (Nageenyi isin irratti
haa jiraatu)” jechuun labsu.
Amaloota bu’uuraa Muslimaa keessaa tokko, Muslimoonni arrabaa fi harka isaa
irraa nagaha ta’uudha. Al-Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii
(SAW) akkana jedhanii jiru: “Muslimni nama Muslimoonni arrabaa fi harka
isaa irraa nagaha ta’aniidha. Muhaajirri (Godaanaan) nama wanta Rabbiin
irraa dhoowwe dhiisedha.” Sahiih Al-Bukhaari-6484, Sahiih Muslim 41
Gabroonni Ar-Rahmaan dubbii nagahaa wallaaltotti dubbachuun bira darbuun
isaanii, amalli obsuu, waa danda’uu fi gamnummaan isaan keessatti hidda
qabachuu agarsiisa. Wallaalummaan wallaaltotaa gara gowwummaatti isaan hin
oofu. Kana irra, arrabaa fi sammuu ofii ni too’atu. Hojii dhumti isaa faarfamaa hin
taane hin hojjatan.
9
Dhugumatti isaan, wallaaltota irratti karaa fitnaa fi sharrii ni cufu. Qaanqee
jalqabaa osoo fakkaattu akka ishiitiin deebisanii ibiddaa qabsiifamaa ta’uun lola
guddaa fi sharrii baay’eetti geessitu yoosu dhaamsu.
Gabroonni Ar-Rahmaan sababa iimaanaa fi gaarummaa Islaamaa isaanitiin
yommuu wallaaltonni jecha badaa dallansuu isaanii kakaasu itti dubbatan,
gootummaa obsaatiin nafsee ofii ni too’atu. Dhugumatti gootummaan obsaa
gootummaa haqaati. Yeroo baay’ee namni wal’aanson namoota baay’ee kuffisu
nama garmalee cimaa akka ta’etti ilaallama. Garuu amaloota gaarii keessatti
yunitiin safaraa ciminnaa fi gootummaa "humna qaamaa" osoo hin ta’in "yeroo
dallansuu nafsee ofii too'achuu"dha. Kuni waan Nabiyyiin (SAW) akkana
jechuun ibsaniidha:“Namni cimaan nama wal’aanson cimaa ta’ee osoo hin
ta’iin,nama yeroo dallansuu (aari) nafsee ofii too’atudha.” Sahiih Muslim
2609
Guduunfaa
1-Gabroonni Ar-Rahmaan yommuu dachii keessa deeman, haala salphaa,
madaallamaa ta’ee fi tasgabbiin adeemu. Rabbiif of gadi qabu, gabroota Isaa
irratti of hin tuulan. Of tuuluu jechuun mataa ofii garmalee guddaa akka ta’an
of ilaaluun haqa fudhachuu diduu fi namoota biroo tuffachuudha. Gabroonni
Ar-Rahmaan deemsa isaanii keessatti amaloota badoo ta'an lama irraa kan
qulqullaa'aniidha. Of tuulaa dachii keessa miilan garmalee lafa gadi rukutaa fi
qaamaan of ol guddisaa hin deeman. Ammas, akka nama dhukkubsatee rincicaa
hin deeman. Kana irra, madaala isaanii eeggataa tasgabbiin dachii keessa deemu.
2-Yommuu wallaaltonni fi gowwoonni dubbii badaa isaanitti dubbatan, ykn
wanta badaa Rabbiin hin jaallanne iddoo teessummaa isaanitti dubbatan,
“Salaamaa” isaaniin jedhu. Kana jechuun dubbii badaa wallaaltootaa dubbii
badaa wal fakkaatun hin deebisan. Kana irra, dubbii gaarii nagaha itti ta’an
isaanitti dubbatu.
3-Obsaa fi of too’achuu- yommuu wallaaltonni dubbii badaa isaan dallansiisu
isaanitti dubbatan, obsuu fi of too’achuun dubbii gaarii isaanitti deebisu. Ergasii
iddoo teessummaa walaaltootaa gadi dhiisanii deemu. Rabbiin subhaanahu haala
isaanii akkana jechuun aayah biraa keessatti ibsa:
10
عملنا ولكم للغو ٱإوذا سمعوا ﴿عرضوا عنه وقالوا لا أ
أ
عملكم سلم عليكم ل نبتغ ﴾٥٥لجهلي ٱأ
"Isaan yommuu lagw dhagahan, irraa garagalu. Ni jedhus, “Nuuf hojii
keenyatu jira, isiniifis hojii keessantu jira. Nageenyi isin irratti haa jiraatu.
Nuti wallaaltota hin barbaannu.” Suuratu Al-Qasas 28:55
Lagw jechuun dubbii qullaa fi kufaa faaydaa hin qabneedha. Faayda waan hin
qabneef dhiifamu kan qabuudha. (In sha Allaah waa’ee kanaa gara fuunduraatti
ni ilaalla.)
Kitaabban wabii: [1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 686
Ma'aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi-jiildi 6, fuula 608-614, (Barreefamni
armaan olii irra caalaan kitaaba kanarraa fudhatame)
Tafsiiru Ibn Kasiir-5/605
11
2-Gooftaa isaanitiif halkan sujuudaa fi dhaabbataa buluu
ين ٱو ﴿ دا وقيما ل ﴾٦٤يبيتون لرب هم سج
“[Isaan] Gooftaa isaaniitiif sujuudaa fi dhaabbataa kanneen bulaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:64
Amaloota zaahiraa (ifaa) gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko hojii hundarra
guddaa qaaman hojjatamu kan ta’e salaata eegudha. Fardiis ta’e sunnah sirnaan
salaatu. Keessummaayyu, salaata sunnaa keessaa salaata halkaniitti sirritti
jabaatu.
Akka lugaatti Sujuuda jechuun gadi of qabuudha. Salaata keessatti immoo
sujuudni kallacha, harka lamaan, jilbaa fi fiixee miilaa lafa tuqsiisudha. Sujuudni
qaamaa kuni Rabbii olta’aaf gadi of qabuu daangaa ol’aanaa irra gahee agarsiisa.
Salaata keessatti dhaabbannaan maal akka ta’e hundi keenyaa ni beekna.
Kana booda ibsi aayah kana ta’a: amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa,
halkan isaanii keessatti Gooftaa isaanii gabbaruuf hojii biroo dhiisu. Rabbii
qofaaf sujuuda baay’isuun, Isa qofaaf dhaabbachuun, arraba, qalbii fi yaada
isaanitiin Rabbiin yaadachuu fi faarsuun tahajjuda godhu. Faaruu Isaatiin Isa
qulqulleessu, sodaa fi kajeellaan Isa kadhatu, azaaba Isaa ni sodaatu, mindaa Isaa
ni kajeelu. Qur’aana keessatti:
“Cinaachi isaanii ciisicha isaanii irraa fagaata. Sodaa fi kajeellaan Gooftaa
isaanii ni kadhatu, waan isaaniif kennine irraas ni baasu. Waan isaan
hojjataa turaniif jecha akka mindaatti gammachuu ijaa irraa waan isaaniif
dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu As-Sajdah 32:16-17
12
Cinaachi ykn dirri warra amananii fi Qur’aana hordofanii, bakka rafan irraa hirriba
mi’aawa keessaa gara wanta caalatti mi’aawa ta’etti ka’u. Wanti isaan biratti
garmalee jaallatamaa fi mi’aawa ta’e salaata halkanii (salaatu leyli) fi Rabbii
olta’aa waliin maqoo dhaabbachuudha. Kanaafi, ni jedhe, “Gooftaa isaanii ni
kadhatu” kana jechuun faayda addunyaa fi Aakhirah akka isaaniif fidu fi wanta
miidhaa qabu akka isaan irraa deebisu ni kadhatu. “Sodaa fi kajeellaan” kana
jechuun adabbii Isaa sodaachuun, rahmataa fi mindaa Isaa kajeelun Isa kadhatu.
“waan isaaniif kennine irraas ni baasu” Baasi dirqamaa fi jaallatamaa ni baasu.
Baasin dirqamaa kanneen akka zakaa, ijoollee fi niiti irratti baasu, firoota irratti
baasi baasu fi kanneen biroo. Baasin jaallatamaan kanneen akka sadaqaa kennu,
hojii kheeyri garagaraa hojjachu fi kkf.
Jazaa (mindaa) namoota kanaa akkana jechuun dubbata “akka mindaatti
gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin
beektu.” Kheeyri fi qananii baay’ee guddaa, gammachuu, mirqaansu fi mi’aa
isaaniif Jannata keessatti dhokfame namni tokkollee hin beeku. Akkuma Rasuulli
(SAW) jedhan, “Rabbiin olta’aan ni jedha, “Gabroota Kiyya gaggaariif wanta ijji
hin agarre, gurrii hin dhageenye fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurre
qopheessefi jira.” Sahiih Al-Bukhaari 4780
Akkuma isaan halkan dukkana keessa salaatan, du’aayi godhanii fi hojii dhoksan,
gosaa hojii isaanitiin mindaa isaaniif kafale. Mindaa isaanii ni dhokseef. Akkuma
isaan namoota irraa hojii gaggaarii dhoksan, Innis mindaa isaanii ni dhokseef.
Kanaafi ni jedhe, “Wanta hojjataa turaniif akka mindaatti”1 Hasan al-Basrin
ni jedha: “namoonni hojii gaggaarii isaanii ni dhoksan. Kanaafu, Rabbiinis wanta
ijji hin agarree fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurre dhokseef.”2
Gabroonni Ar-Rahmaan Gooftaa isaanii qofaaf gabroota ta’uu. Ibaadaa keessatti
homaa Isa waliin hin gabbaran. Dhugummaa fi Ikhlaasan gadi of qabuu daangaa
ol’aanaa irra gahe Isaaf of gadi qabu. Yommuu halkana’uu, carraa Gooftaa isaanii
waliin kophaa ta’uu ni saammatu. Isa qofaaf sujuudaa fi dhaabbataa bulu. Fedhii
lubbuu isaaniitiif hin bulan. (Fkn, TV, Fiilmi, badii, oduu faaydi hin qabne fi kkf
irra hin bulan).
1 Tafsiiru Sa’dii fuula 769 2 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/145
13
Gabroonni Ar-Rahmaan halkan isaanii Gooftaa isaanitiif godhu. Kana jechuun
haala sujuudaa fi dhaabbannaa irra ta’aniin Gooftaa isaanii gabbaraa bulu.
Akkuma beekkamu, walakkaa halkanii keessatti salaanni gabrichi Rabbii isaa
waliin kophaa ta’uun salaatu, Rabbiif dhugaa ta’uu fi hojii qulqulleessutti
dhiyoodha, na argaa fi na dhagahaa irraa immoo fagoodha.
Gabroonni Rahmaan dukkana halkanii keessatti, gara Rabbii qajeeluun yeroo
isaanii dabarsu.Isa qofa gabbaru, homaa Isa waliin hin shaarrakan. Sababni isaas,
dukkana halkanii keessatti Rabbiin gabbaruun na argaa fi na dhagahaa ykn
addunyaa irraa waa barbaadu irraa kan fagaate ta’uu ni beeku. Ammas, dukkana
halkanii keessatti Rabbii olta’aa gabbaruun qalbii isaaniitiif gammachuu, nafsee
isaanitiif tasgabbii, sammuu itti yaadanii fi arganiif ifa, humna keessaa isaanitiif
chaarjii akka ta’e ni beeku. Wantoota garmalee qaali ta’an kanniin Rabbii olta’aaf
ibaada qulqulleessu, Isaaf of gadi qabuu fi Isa faarsun malee hin argatan.
Gabroonni Ar-Rahmaan qajeelcha Kitaaba Rabbii fi sunnah Ergamaa isaatiin,
akkasumas, mi’aa iimaanaa isaanitiin, mi’aa ibaadaa hojjataniin, mi’aa Rabbii
waliin kophaa ta’uu fi maqoo dhaabbachutiin kana ni beeku.
Gabroota Ar-Rahmaan keessatti amalli halkan sujuudaa fi dhaabbataa buluu haa
mirkanaa’u malee halkan guutuu hirriba malee buluun isaan irratti dirqamaa miti.
Kana irra, hanga danda’an halkan irraa ni salaatu. Rasuulli (SAW) hogganaa
gabroota Ar-Rahmaani fi sadarka ol’aanaa irra jiru yommuu ta’u, Rabbiin halkan
guutuu akka salaataa buluu dirqama isarratti hin goone. Kana irra, halkan irraa
hanga ta’e akka salaatu ajaje. (Ilaali suuratu al-Muzzammil 1-5)
Bu’aa Salaanni Halkanii qabu
Irranatti bu’aa salaata halkanii tuttuquuf yaalle jirra. Mee Qur’aanaa fi hadiisa
irraa itti haa daballu. Qur’aana keessatti:
ل ٱإن ناشئة ﴿ شد وط ه لقو ييا أ
﴾٦ا وأ
14
“Dhugumatti, ka’uumsi halkanii [arrabaa fi qalbii] wal simachiisutti irra
jabaa fi dubbiifis irra qajeelaadha.” Suuratu Al-Muzzammil 73:6
“Dhugumatti, ka’uumsi halkanii” kana jechuun hirriba booda yeroo halkanii
salaatun[1], “[arrabaa fi qalbii] wal simachiisutti irra jabaa fi dubbiifis irra
qajeelaadha.” Kana jechuun Qur’aana qara’uu fi hiika isaa hubachuuf guyyaa
caalaa halkan yaanni fi niyyaan walitti sassaabamu. Sababni isaas, guyyaan waqtii
namoonni faffaca’an, sagaleen itti baay’atuu fi yeroo galii jireenyaa itti
barbaadataniidha.[2] Guyyaa caalaa yeroo halkanii arrabaa fi qalbiin walitti galu
(wal simatu). Kana jechuun wanta arrabaan jedhan qalbiidhaan ni hubatu, itti
xinxallu. Qalbiin yeroo halkanii na argaa, fedhii lubbuu, jeequmsa fi kkf irraa
duwwaa ykn bilisa waan taatuf wanta arrabaan jedhan sirritti hubatan.
“dubbiifis irra qajeelaadha.” Kana jechuun sammuun waan qulqullaa’uuf,
nafseen waan tasgabboftuuf, naannoon iyyansa sagalee fi jeequmsa irraa waan
qabbanaa’uuf guyyaa caalaa halkan Qur’aana dubbiisuuf, zikrii fi du’aayi gochuuf
sirrii fi gadi dhaabbataadha. Guyyaa caalaa namni yeroo halkanii yommuu
Qur’aana qara’uu qajeelche sirnaan qara’a. Yommuu du’aayi godhus du’aayi
jecha qajeelaa fi kadhaa hundarra gaarii fi kabajamaa of keessaa qabuun du’aayi
godha (kadhata). Akkasumas, namni yeroo halkanii wanti isa jeequ fi yaada isaa
bittineessu waan hin jirreef yommuu du’aayi godhu xiyyeefannoo fi yaada isaa
sassaabuun godha. Kuni immoo du’aayin akka qeebalamtuuf sababa guddaa ta’a.
Namni yaanni fi xiyyeefannoo isaa bittinaa’e osoo jiru du’aayi godhuu fi namni
xiyyeeffannoo fi yaada sassaabun du’aayi godhu wal-qixaa?
Sadarkaa salaata halkanii (leyli) ilaalchisee hadiisonni baay’een Nabiyyii irraa
dhufanii jiru. Isaan keessaa:
“Salaata Fardii (dirqamaa) booda salaanni hundarra caalu salaataa
halkaniiti.” Sahiih Muslim 1163
“Salaata halkanii qabadhaa. Inni (salaanni halkanii) bartee namoota
gaggaarii isin duraati, karaa gara Gooftaa keessanii itti dhiyaattaniidha,
hamtuuf kaffaaraadha, badii irraa nama dhoowwa.” Jaami’u At-Tirmizii
3549 (hamtuuf kaffaaraadha jechuun cubbuun (diliin) akka namarraa haaqamuuf
sababa ta’a. Namni cubbuu hojjatee ergasi hojii gaggaarii yoo hojjate, kan akka
salaata halkanii yoo salaate, Rabbiin subhaanahu sababa hojii gaarii kanaatiin
cubbuu isaa ni haaqaf, isaaf irra darba.)
15
Dubbiin erga akkana ta’ee mee minda warra salaata halkanii salaatan haa ilaallu.
“(15)-Dhugumatti, Muttaqoonni Jannataa fi burqaalee keessa ta’u. (16)-
Wanta Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa. Dhugumatti, isaan san
dura toltu hojjattoota turan. (17)-Halkan irraa xiqqoo qofa kan rafan turan.
(18)-Isaan obboroo araarama kadhatu.(19)-Qabeenya isaanii keessa
kadhataa fi hiyyeessa hin kadhanneef haqatu jira.” Suuratu Az-Zaariyaat
51:15-19
Muttaqoota jechuun warra qalbii isaanitiin amanan, hojii itti ajajaman hojjatanii fi
hojii irraa dhoowwaman dhiisun azaaba (adabbii) Rabbii irraa of eeganiidha.
Warri kuni azaaba irraa erga of eeganii, “Jannataa fi burqaalee keessa ta’u”
Guyyaa Murtii Jannata keessa seenun burqaa aannanii, bishaanii, dammaa fi
farshoo mi’aawaa nama hin macheessine irraa ni dhugu. “Wanta Gooftaan
isaanii isaaniif kenne fudhachaa.” Qananii gosa adda addaa Rabbiin isaanii
isaaniif kennee irraa fudhachaa Jannata keessa gammachuu fi mirqaansuun
jiraatu.
“Dhugumatti, isaan san dura toltu hojjattoota turan.” Kana jechuun Qananii
Jannataa kana gahuun dura ganda addunyaa keessatti toltuu hojjattoota
(muhsiniin) turan. Toltuun (ihsaanni) waa lama of keessatti qabata: 1ffaa- Ibaadaa
bareechisanii sirnaa fi qulqullinnaan hojjachuu-Osoo Isa arguu baataniyyu akka
waan Rabbiin arganitti Isa gabbaru. 2ffaa-gabrootta Rabbiitti tola oolu-kan akka
qabeenya isaaniif kennu, beekumsa isaan barsiisu, isaan gorsuu, toltutti ajajuu fi
badduu irraa dhoowwu, fi kanneen biroo… Inumaa jecha gaarii fi laafaa ta’e
dubbachuun, namoota of jalatti bulchanitti fi beelladaaf tola oolun ihsaana (toltu)
keessa seena.
16
Gosoota ihsaanaa gurguddoo keessaa tokko halkaniin salaata salaatudha. Salaanni
kuni ikhlaasa kan agarsiisuu fi yeroo halkanii kana keessatti arrabaa fi qalbiin kan
walitti galaniidha. Kanaafi itti aanse ni jedhe, “Halkan irraa xiqqoo qofa kan
rafan turan.” Kana jechuun hirribni isaanii kan halkanii xiqqaadha. Halkan irraa
hamma caalu salaatun, Qur’aana qara’uun, zikrii fi du’aayi gochuudhaan Rabbiin
gabbaruun dabarsu. Irra caalaa halkanii ni salaatu.
“Isaan obboroo araarama kadhatu.” Obboroon waqtii fajrii dura jiruudha.
Salaata isaanii hanga obboroo dheeressuun ergasii dhumarratti Rabbiin araarama
kadhatu.[3] Badii dabarsanii fi hanqinna isaaniitiif araarama kadhatu. Araarama
jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa haaqu fi gara
fuunduraatti nama adabu dhiisudha. Kanaafu, araarama kadhachuu (istighfaara)
jechuun akka Rabbiin subhaanahu badii fi hanqinna namaaf haguugu fi haaqu
ergasii sababa badiitiin akka nama hin adabne Isatti warwaachudha. Yeroon
obboroo kuni yeroo hundarra gaarii araarama itti kadhataniidha.
“Qabeenya isaanii keessa kadhataa fi hiyyeessa hin kadhanneef haqatu jira”
Kana jechuun toltuu hojjattoonni (muhsiiniin) qabeenya isaanii keessatti nama
kadhataa fi hin kadhanneef qooda godhan. Qabeenya isaanii irraa nama
kadhataaf ni kennu. Akkasumas, hiyyeessa hin kadhanneefis ni kennu.
Yeroo Salaata Halkanii Salaanni halkanii (Salaatu leyl ykn qiyaamu leyl) Ishaa’i boodarraa jalqabee
hanga fajrii itti fufa. Ergamaan Rabbii (SAW) jalqaba halkanii, walakkaa
halkanii fi dhuma halkanii keessa salaataa turan. Ergasii dhuma halkanii salaatu
irratti gadi dhaabbatan.[4]
Akkaataa itti salaataan Salaanni leyli akkuma salaata taraawitti salaatama. Raka’aa lama lama salaatanii
ergasii witrii salaatun xumuran. Osoo raka’aa muraasalleen ta’ee bu’aan salaata
halkani nama jala darbuu hin qabu. Raka'aa 11 salaatun dirqamaa miti. Hanga
danda'an raka'a 3, 5, 7, 9 ykn 11 salaatun ni danda'ama.
Warri Halkan salaatanii fi hin salaanni wal qixaa? Sababa Maalitu kuni
akka saalatu, kaan immoo akka hin salaanne taasisee? Qur'aana keessatti ni
jedha:
17
“Sila inni Aakhirah sodaachuu fi rahmata Gooftaa isaa kajeeluun yeroo halkanii sujuudaa fi dhaabbataa [Rabbiif] ajajamu [akka nama kana hin hojjanneeti?]. Jedhi, “Sila isaan beekanii fi isaan hin beekne wal qixxaatu?” Dhugumatti kan gorfamu warra sammuu qaban qofa.” Suuratu Az-Zumar 39:9
Sila namni adabbii Aakhirah sodaachuu fi Rahmata Gooftaa isaa kajeeluun yeroo
halkanii sujuudaa fi salaataaf dhaabbataa bulu akka nama kana hin hojjanneeti?
Kana irra, namni adabbii Aakhirah sodaachuu fi Rahmata Gooftaa isaa kajeeluun
halkan hin salaanne, halkan isaa tapha ykn badii hojjachuun dabarsa. Yookiin
halkan irraa sa’aati muraasa salaatu osoo danda’u halkan guutuu rafaa bula.
Namni jalqabaatii fi namni lammataa wal qixaa?
Garuu sababa maalitu nama garii Aakhirah sodaachuu fi Rahmata Gooftaa isaa
kajeeluun halkaniin salaataa akka bulu, garii immoo akka hin salaanne taasisaa?
Tarii sababni kanaa, namni jalqabaa ni beeka. Kana jechuun beekumsa waa'ee
Rabbii olta'aa, qananii fi adabbii Guyyaa Qiyaamaa fi kan biroo ilaalchise
argachuuf ni carraaqa. Kan lammataa immoo hin beeku, kana jechuun beekumsa
Islamaa argachuuf hin carraaqu. Kana irra, beekumsa irraa ni garagala.
Kanaafu, gaafin warroonni beekanii fi warroonni hin beekne wal qixa akka hin
taane amansiisu haa ka’u: "Jedhi, “Sila isaan beekanii fi isaan hin beekne wal
qixxaatu?” Deebiin isaa: Ifaan ifatti wal hin qixxaa’an.
Dansaadha: namoonni gariin maaliif gorfamuun beekumsa barbaaduf carraaqu?
Gariin immoo maaliif hin gorfamne? kanaaf beekumsa argachuuf hin carraaqan.
Deebiin isaa: warri gorfaman namoota sammuu waa hubattu fi badii irraa nama
dhoowwitu qabaniidha. Kanaafu sammuu akkanaatin ni gorfaman: “Dhugumatti
kan gorfamu warra sammuu qaban qofa.” (Kana jechuun ragaalee Rabbii ilaale
kan ittiin gorfamuu, ragaalee kanniinitti xinxallee ergasii karaa qajeelaa hordofu
warra sammuu qaban qofa. Asitti sammuun-aqlii waa hubatuu fi waan badaa irraa
18
nama dhoowwudha. Kanaafu, beekumsa fi ragaalee Rabbiin irraa dhufe
hubachuun kan hordofuu fi waan badaa irraa of qabu warra aqlii qaban qofa.)
Gaafi “Sammuun (aqliin) namoota hin gorfamne eessa dhaqee?” jedhuuf deebiin
isaa keeyyatoota Qur’aanaa biraa keessatti dhufee jira. Keeyyattoonni kunniin
sababni warroonni kuni hin gorfamneef "dhiibbaa nafsee" akka ta’e ifa godhu.
Dhiibbawwan nafsee keessaa isaan gurguddoon: of tuuluu, badii hojjachuuf
dharra’uu, addunyaa ariifattuu fi gabaabdu tana jaallachuudha.[5] Dhiibbawwan
nafsee kanaan sammuun (aqliin) isaanii ni haguuggame. Kanaaf, adabbii Aakhirah
sodaachuu fi rahmata Rabbii kajeeluun Isaaf hin ajajaman. Kana irra, addunyaa
filatan, hasaasa sheyxaanaa ni hordofan.
Guduunfaa
✏Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko salaata halkanii irratti ni
jabaatu. Garuu warri kuni salaata halkanii irratti kan jabaataniif salaata dirqamaa
(fardii) ta’an sirnaan erga salaataniidha. Salaata fardii shanan osoo hin salaatin
akkamitti salaata halkanii salaatu danda’uu?
Salaanni halkanii faaydaalee baay’ee qaba. Isaan keessaa:
✏Halkan yeroo tasgabbii waan ta’eef yeroo qalbii fi arrabni wal simataniidha,
Qur’aana sirnaan itti dubbisanii fi hubataniidha.
✏Salaanni halkanii badiin akka namarraa haxaawamuuf sababa ta’a. Badiin
namarraa yoo haxaawame immoo ba’aan namarraa hir’ata. Kanaafu, jireenya
keessatti tasgabbii argatan.
✏Hojii ibaadaa biroo hojjachuuf, iimaana irratti gadi dhaabbachuu fi badii irraa
of qabuuf salaanni halkanii humna cimaa namaaf ta’a. Sababni isaas, salaanni
halkanii na argaa fi na dhagaha irraa waan fagaateef Rabbii olta’aa irraa
gargaarsaa fi eeggumsa argatan.
✏Kanneen armaan olii hunda hojjachuu fi itti fufuuf beekumsa argachuuf
carraaqu barbaachisa. Namni akkuma beekumsa dabalatuun sadarkaan isaa
olka'aa fi hojii gaggaarii baay'isaa adeema.
Hubachiisa: namni halkan salaatu barbaadu, hanga humni isaa danda’e salaatuf
haa carraaqu. Faaydaa armaan olii fi kan biroo nan argadha jechuun humna
isaatii ol nafsee isaa dirqisiisu hin qabu. Fakkeenyaf, osoo hirribni isatti jiruu,
dirqamaan salaatu hin qabu. Hanga danda’e salaatee, yommuu hirribni isa qabu
haa rafu. Anas ibn Maalik akka gabaasetti, gaafa tokko Ergamaan Rabbii (SAW)
masjiida seenan. Yommuu seenanu, tushaa (haada) utubaa lamaan jidduutti
19
hidhame argan. Nabiyyinis ni jedhan, “Tushaan kuni maalidhaa?” Namoonnis ni
jedhan: “Tushaan kuni kan Zaynabi. Yommuu dadhabde, isatti rarraati.”
Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Lakki! Tushaa kana hiikaa. Tokkoon keessan
yommuu nashaaxaa (si’aa’inna) qabu haa salaatu. Yoo dadhabe, haa taa’u.”
Sahiih Al-Bukhaari fi Muslim
Namni yoo dadhabe, haa rafu. Yoo ofirratti jabeesse boodarra hifannaatu dhufa.
Kanaafu, madaalaan deemu qaba. Gabroonni Ar-Rahmaan akkuma adeemsa
keessatti madaalan deeman, hojii ibaadaa keessattis madaala eeggatu. “Ahsanul
umuuri awsaxuhaa (dhimmi hundarra gaariin madaallamaa kan ta’eedha)”
jedhama.
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula-1054
[2] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/407
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 954, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi-
13/233-234
[4] Sifaatu Ibaadu Rahmaani-11-13, Abdurazzaaq AbdulMuhsin Badrii
[5] Qawaa’idu Tadabburil amsali li-kitaabillahi azza wa jalla-fuula 79-80,
Abdurahmaan Hasan Habanka
Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-jiildi 6, fuula 616-618
20
3-Adabbii Jahannam akka isaan irraa deebisuu Rabbii isaanii
kadhachuu
Kutaa darbee keessatti amaloota Gabroota Ar-Rahmaan sadii ilaalle turre. Isaanis:
(1)-yommuu dachii keessa deeman tasgabbii fi haala madaallamaan deemu. (2)-
Yommuu wallaaltonni fi gowwoonni dubbii badaan isaan dubbisan, dubbii gaarii
isaanitti deebisuun nagaha ta’u. (3)-Halkan irraa hanga danda’an salaataa bulu.
Halkan isaanii tapha, badii fi wanta faaydi hin qabne irratti kan dabarsan osoo hin
ta’in Gooftaa isaanii gabbaraa bulu. Badii fi hanqinna isaanitiif obboroo araarama
kadhachuu baay’isu. Kuni hundi jireenya isaanii keessatti tasgabbii fi gammachuu
dhangalaasa. Mee ammas itti fufuun amaloota isaanii haa ilaallu:
"Ammas isaan,“Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi. Dhugumatti adabbiin ishii namatti maxxanaa ta’eera. Dhugumatti ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun fokkatte!” kanneen jedhaniidha." Suuratu Al-Furqaan 25:65-66
Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa halkanii guyyaa Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisuu kadhatu.
“Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi.” Kana jechuun Yaa
Gooftaa keenya! Adabbii Jahannam nurraa garagalchi, nurraa fageessi. Kuni kan
agarsiisu dogongora hojjatan amanuun Gooftaan isaanii adabbii Aakhirah akka
isaan irraa deebisu kadhatu. Akkasumas, Gooftaan isaanii ma’asiyatti (badiitti)
kufuu irraa akka isaan eegu kadhatu. Yoo badii fi cubbuu Jahannamitti nama
geessu irraa isaan eege, adabbii Jahannam isaan irraa ni deebisaa jechuudha.
Jahannam- maqaa dhuunfaa ganda adabbii Rabbiin kaafirotaa fi warroota badii
hojjataniif qopheessedha.[1] Jecha biraatin maqaa ibiddaati. Jahannam kan
jedhameef garmalee gadi fagoo fi dukkanaa’a waan ta’eefi.[2]
21
“Gharaamaa”-jechuun adabbii cimaa yeroo hundaa namatti maxxanuu fi
namarraa addaan hin baanedha. Kaafirota irratti adabbiin Jahannam yeroo
hundaa cimaa fi maxxanaadha. Isaan irraa addaan hin bahu, gadi isaan hin
lakkisu.
“Mustaqarr”- iddoo qubannaa yeroo hunda achi turaniidha. Jahannam iddoo
qubannaa yeroo hundaa kaafironni achi keessa turaniidha. Achi keessaa bahuun
isaaniif hin jiru. Zalaalamii achii keessa jiraatu.
Muqaama- makaanu iqaamati- iddoo turtii, iddoo jireenyaa. Iddoo jireenya
yeroo hundaaf turuun dirqamaa miti. Namni iddoo tokko yeroo gabaabaaf turee
ergasii deemu danda’a. Akkuma biyya keenya keessaa baanee biyya biraa
jiraachuuf deemnu iqaamaa fudhanne yeroo murtaa’af turra. Ergasii, gara
biyyaatti deebina ykn mala biraa barbaadanna.
Garaagarummaan mustaqarr fi muqaama jidduu jiru, mustaqarr iddoo qubannaa
yeroo hunda keessa turaniidha. Muqaama immoo iddoo turtii ykn iddoo
jireenyaa yeroo hunda achi turun dirqama hin taanedha.
Ibsa kana booda, Jahannam keessatti "Mustaqarr" kaafirotaa fi munaafiqotaaf ta'a.
Kaafironni fi munaafiqonni Jahannam keessa zalaalami waan jiraataniif,
Jahannam isaaniif iddoo qubannaa yeroo hundaa keessa turan taati. Muqaama
immoo warra amananii badii baay'ee hojjachuun nafsee ofii irratti daangaa
darbaniif ta'a. Warroonni kunniin yeroo murtaa'ef Jahannam keessa erga turanii
booda waan bahaniif, Jahannam iddoo turtii isaaniif taati. Akkuma beekkamu,
warri amananii fi Rabbiin tokkichoomsanii garuu badiin isaanii baay’atee
Jahannam yoo seenan, yeroo hunda achi keessa hin turan. Hanga badii isaanii
Jahannam keessatti erga adabamanii booda, achi keessaa bahanii Jannata ni seenu.
Jahannam iddoo qubannaa yeroo hunda keessa turan ta’uun, ammas iddoo yeroo
gabaabaf keessa turaniis ta’uun kan fokkateedha. Sababni isaas, adabbiin
Jahannam cimaadha.
Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, yeroo hundaa hanqinnii fi dogongorri
isaanii isaanitti dhagahama. Kanaaf, Rabbiin rahmata Isaatiin isaaniif araaramu,
isaaniif irra darbuu fi adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisu ni kadhatu.
Jecha gabroota Ar-Rahmaan, sa’aat mustaqarran wa muqaama jedhu keessatti,
iddoo sodaa isaanii agarsiisa. Gara fuunduraatti haalli isaanii jijjiramee shirkii fi
wanta badaa sanii olii hojjachuun Jahannam isaaniif iddoo qubannaa ni taati
22
sodaatu. Ammas, shirkii gaditti badii gurguddaa hojjachuun Jahannam iddoo
yeroo gabaabaaf keessa turan ni taati sodaatu. Kanaafu, Gabroonni Ar-Rahmaan
adabbii warra yeroo hundaa achi keessa turan ta’i, adabbii warra yeroo gabaabaf
achi keessa turan ta’i, adabbii Jahannam gosa hundaayyu akka isaan irraa deebisuu
fi garagalchu Rabbii isaanii kadhatu.
Du’aayin armaan olii kuni addunyaa tana keessatti sababoota Jahannamitti isaan
geessu akka Rabbiin isaan irraa deebisu of keessatti qabata. Kanneen akka kufrii,
shirkii fi badii adda addaa isaan irraa akka deebisu kadhatu. Kunis kan ta’u,
iimaana sirrii fi hojii gaggaariin isaan waffaquu (qunnamsiisudha). Jecha biraatin,
iimaana sirrii akka qabaatanii fi hojii gaggaarii akka hojjatan isaan
dandeesisuudha. Iimaana sirrii qabaachuun nafsee ofii kufrii irraa eegu. Kanaafu,
Rabbiin Jahannam keessa yeroo hundaa turuu isaan irraa deebisa. Hojii gaggaariin
immoo nafsee ofii badii fi cubbuu irraa eegu. Kanaafu, Rabbiin osoo yeroo
gabaaballee ta’ee Jahannam keessa turuu isaan irraa deebisa.
Ammallee, du’aayin isaanii kuni tawbaaf, araarama kadhachuu fi gara Isaatti
deebi’uuf akka isaan waffaqu Rabbiin kadhachuu of keessatti qabata. Akkuma
ma’asiyaan isaan irraa mul’atuun, yookiin dogongorri isaan irratti argameen,
hanga Rabbiin badii isaanii isaan irraa haaqee fi tola Isaatiin isaaniif irra darbee
ergasii Gooftaa isaanii galmee wanta ibidda Jahannam keessatti akka adabamaniif
isaan taasisu keessa hin jirreen itti dhufanitti, tawbaa fi istighfaara akka isaan
qunnamsiisu kadhatu.[3] Gabaabumatti, gabroonni Ar-Rahmaan, “sababoota
adabbi Jahannamitti nama geessan irraa nu eegun, dogongoraa fi badii keenya nuuf
araaramuun adabbii Jahannam nurraa deebisi” jechuun Rabbii isaanii kadhatu.[4]
Mee du’aayi bareeddu armaan olii tana namni hunduu akka itti fayyadamuuf
jecha jechaan haa ilaallu. Seensa irratti “Wallaziina yaquuluuna” jedhu, hiika
“isaan kanneen jedhaniidha” jedhu waan qabuuf du’aayi keessa hin seenu.
Du’aayin kana:
23
“Rabbanasrif annaa azaaba jahannama inna azaabahaa kaana gharaamaa.
Innahaa saa’at mustaqarran wamuqaamaa.”
Hiika jechoota: Rabbanaa-Gooftaa keenya, isrif-deebisi, annaa-nurraa,
azaaba-adabbii, jahannama-Jahannam, inna-dhugumatti,azaabahaa-
adabbiin ishii, kaana-ta’eera, gharaamaa-namatti maxxanaa, innahaa-
dhugumatti ishiin, saa’at-fokkatte, mustaqarran-iddoo qubannaa yeroo
hundaa keessa turan, muqaamaa- iddoo turtii
Hiika himaa: “Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi.
Dhugumatti adabbiin ishii namatti maxxanaa ta’eera. Dhugumatti ishiin
iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun fokkatte!”
Guduunfaa ¶Gabroonni Ar-Rahmaan osoo hanga fedhan hojii gaggaarii hojjataniyyuu, yeroo
hundaa dogongorri fi hanqinni isaanii isaanitti dhagahama. Kanaafi, Rabbiin
adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisu halkanii guyyaa kadhatu. “Hojiin
kiyya Jahannam jalaa na baasa” jechuun of hin jajan.
¶Adabbii Jahannam akka isaan irraa deebisu Mawlaa isaanii kadhachuun
wantoota armaan gadii of keessatti qabata:
✒Guyyaa Qiyaamaa zalaalamiifis ta’ii yeroo gabaabaf Jahannam keessa akka
hin turreef adabbii Jahannam akka isaan irraa deebisu kadhatu. Jecha biraatin,
zalaalamiif ta’ii yeroo gabaabaaf Jahannam keessa akka isaan hin seensifne
kadhatu.
✒Badii fi cubbuu Jahannamitti nama geessu irraa akka isaan eegu kadhatu.
✒Badii fi dongongora hojjataniif akka isaaniif araaramu kadhatu. Badii fi
dogongora adabbii Jahannamitti nama geessu yoo isaaniif hin araaramin,
Jahannamiin akka seenan ni beeku. Kanaafi, yeroo hundaa Rabbii olta’aa irraa
araarama kadhachuu (istighfaara) baay’isu.
Kitaabban wabii [1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-jiildi 6, fuula 622
[2] Tafsiiru Qur'aanil Kariim, Suuratu Furqaan, fuula 276, Muhammad bin
Saalih Useymiin
24
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-jiildi 6, fuula-622-625
[4] Tafsiiru Sa’dii-fuula 686
25
4-Yommuu Baasii baasan madaallamaa ta’uu
Rakkoolee gurguddaa jireenya keessatti nama muudatan keessaa tokko rakkoo
diinagdeeti. Yommuu qabeenya argatan garmalee israafa gochuun (qisaasessuun)
dhiphinna cimaatti seenu. Yookiin immoo doy’a ta’uun osoo itti hin fayyadamin,
qabeenyi suni irraa fudhatama ykn inni irraa du’a. Gabroonni Ar-Rahmaan
akkaataa diinagde itti horatanii fi bulchan warra beekaniidha.
ين ٱو ﴿ لك قواما ل وا وكن بي ذ نفقوا لم يسفوا ولم يقت ﴾٦٧إذا أ
“Isaan yommuu baasan kan hin qisaasessinee fi hin doy’oomneedha. Garuu jidduu kanatti [baasin isaanii] jiddu-galeessa kan ta’eedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:67
Gabroonni Ar-Rahmaan baasi (nafaqaa) dirqamaas ta’ee baasi jaallattamaa
yommuu baasan, baasi barbaachisu caalaa baasun kanneen hin qisaasessineedha.
Ammas, baasi dirqamaa dhiisun kanneen hin doy’oomnedha.
“kan hin qisaasessinee” kana jechuun baasi keessatti daangaa sirrii ta’ee
kanneen hin darbineedha.
“hin doy’oomneedha” kana jechuun baasi ofii fi baasi namoota isaan irratti
baasun dirqama ta’ee kanneen hin dhiphisneedha. Jecha biraatin, qabeenya osoo
qabanu baasi ofirratti baasu hin danqan (hin dhiphisan). Namoota isaan jala jiran
irrattis hin dhiphisan.
“Garuu jidduu kanatti [baasin isaanii] jiddu-galeessa kan ta’eedha.”
Kana jechuun baasin isaanii qisaasessuu fi doy’ummaa jidduu karaa jiddu-
galeessaa irra kan ta’eedha.
Qisaasessuun gara mirgaatin yommuu ta’uu, doy’ummaan immoo gara bitaa
irratti argama. Karaan jiddu-galeessaa immoo karaa qajeelaa isaan lamaan
jidduutti argamuudha.[1] Gabroonni Ar-Rahmaan baasi isaanii keessatti, gara
mirgaa gorun osoo hin qisaasessin ammas, gara bitaa gorun osoo hin doy’oomin,
karaa jidduu-galeessaa hordofu.
26
Kanniin hubachuuf mee fakkeenyaan haa ilaallu. Namni tokko nyaata ni nyaata.
Nyaata isaa keessatti garmalee nyaachun daangaa yoo darbe, qaamni isaa ni
dadhaba. Hojii gaggaarii hojjachuu hin danda’u. Kuni israafa (qisaasessuudha).
Gama biraatin immoo, osoo qabeenya qabu hamma barbaachisu gadi yoo nyaate
ykn nyaata yoo dhiise, qaamni isaa garmalee laafee hojii gaggaarii hojjachuu
dhiisa. Kuni doy’ummaadha. Karaan jiddu-galeessa ta’e, osoo garmalee hin
baay’isinii fi garmalee hin xiqqeessin haala madaallamaa ta’een nyaachudha.
Akkuma beekkamu namni humnaa ol baay’isee yoo nyaate, dhibee adda addaatiif
of saaxila. Akkasumas, hamma barbaachisu gadi yoo nyaates rakkinna adda
addaatiif saaxilama. Kanaafu, qisaasessuu fi doy’ummaan karaalee jallataa
ta’aniidha.
Gabroonni Ar-Rahmaan diinagdee isaanii baasu keessatti gamnoota fi warra qalbii
qabuudha. Fedhii lubbuutin dhiibamuun qabeenya isaanii akkuma argan hin
balleessan. Ammas, doy’ummaa, haafa’uu fi sodaa hiyyummaatin dhiibamuun
dirqama isaan irra jiru baasu irraa qabeenya isaanii garmalee hin qusatan.
Hayyoonni keenya qisaasessuu fi doy’ummaa aayah tana keessatti barbaadame
haala kanaan guduunfu:
Asitti qisaasessuun hiika lama qaba: 1ffaa-baasi halaalaa yommuu baasan
daangaa darbuudha. Fkn, uffata, nyaata fi kkf irratti baasi daangaa darbe baasu.
2ffaa- wanta Rabbiin dhoowwe irratti qabeenya baasu. Osoo xiqqaatellee,
haraama irratti qabeenya baasun qisaasessuudha. Fkn, khamri (wanta nama
macheessu) bituu fi wanta fokkuu adda addaa irratti qabeenya baasun
qisaasessudha.
Doy’ummaanis hiika lama qaba: 1ffaa-hamma nama barbaachisu irraa hanqisuu
fi garmalee xiqqeessu. 2ffaa-Haqa Rabbii dhoowwachuu [2]- fkn, osoo qabeenya
gahaa qabanu zakaa baasu ykn sadaqaa kennuu diduu.
Gabroonni ar-Rahmaan dhaamsa Rabbiin kitaaba Isaa keessatti buuse waan
beekaniif, qabeenya isaanii badii irratti baasun ykn hamma isaan barbaachisu ol
baasun hin qisaasessan. Ammas, hamma isaanii fi namoota isaan jala jiraniif
barbaachisu hanqisuun ykn haqa isaan irratti dirqama ta’e dhoowwachuun hin
doy’ooman. Akkaataa diinagde itti horatan ilaalchise dhaamsi Rabbii
(Subhaanahu) kana ture:
27
“(26)-Firaaf, harka qalleeyyi fi karaa deemaafis haqa isaa kenni. Qisaasessuu
hin qisaasessin. (27)-Dhugumatti, warri qisaasessan obboleeyyan
sheyxaanotaa ta’anii jiru. Sheyxaannis Gooftaa isaa akkaan waakkataa
ta’eera. (28)-Gooftaa kee irraa rahmata abdattu barbaadun yoo isaan irraa
garagalte, jecha laafaa isaanitti dubbadhu. (29)-Harka kee gara morma keetti
sakaallamaa hin godhin, diriirsuu guutus hin diriirsin, komatamaa fi harka
qullaa taate teessati.” Suuratu Al-Israa 17:26-29
“Firaaf, harka qalleeyyi fi karaa deemaafis haqa isaa kenni.” Firaaf yommuu
jedhu dhiigummaan fira kan ta’an, kanneen akka abbaa, haadha, ijoollee fi
kanneen biroo. Firaaf haqaa isaa kennuun kan ta’uu tola isatti oolu, hariiroo
firummaa sufuu, baasi dirqamaa fi jaallatamaa isaan irratti baasudha.
Garaagarummaa haajaa isaanii, dhiyeenya firummaa fi yeroo irratti hundaa’e
haqni kunniin garagara ta’u. Harka qalleeyyi jechuun nama hiyyeessa ta’eedha.
Haqni nama kanaaf kennamu zakaa ykn sadaqaa irraa hamma ta’ee isaaf kennuun
haajaa isaa guutudha. Haqni karaan deemaan qabu immoo yoo mana namaa bule,
haala gaariin isa keessumeessu. Yoo maallaqa iddoo jireenya isaa ittiin gahuu
fixate ykn dhabe, maallaqa biyya ofii ittiin gahuu isaaf kennuudha.
Kanaafu ibsi aayah: fira keetiif tola oolun, baasi isaan irratti baasun, hariiroo
firummaa (rahimummaa) sufuun haqa isaa kenniif. Ammas, hiyyeessafis sadaqaa
kennuun, karaa deemaas keessumeessun ykn itti sadaqachuun haqa isaanii
kenniif.[3]
28
“Qisaasessuu hin qisaasessin. Dhugumatti, warri qisaasessan obboleeyyan
sheyxaanotaa ta’anii jiru. Sheyxaannis Gooftaa isaa akkaan waakkataa
ta’eera.”
Qisaasessuu jechuun faffacaasudha. Akkuma sanyii miidhanii facaasanitti
qabeenya bakka sirrii hin taanetti faffacaasun qisaasessudha. Kuni shari’aa
keessatti daangaa waan darbuuf balaalefatamaadha. Wanta Rabbiin dhoowwe
irratti baasin bahu hundi qisaasessuudha. Wanta Rabbiin hayyame keessatti
haajaa ol baasi baasunis qisaasessuudha. Miidhaaf ykn rakkisuuf baasin bahu
hundi qisaasessuudha. Baasin karoora hin qabnee fi bakki qabeenyi itti bahuu hin
beekkamnes qisaasessuu irraayyi.
➞Qisaasessuu keessaa wanta nama macheessu, araada nama qabsiisu hunda
irratti qabeenya baasudha. Fkn, alkooli, sigaaraa, caati fi kkf irratti qabeenya
baasun qisaasessuudha.
➞Mana keessatti meeshaan gahaan osoo jiru, bakka biraatti waan arganiif
meeshaa san bituun mana guutun qisaasessuudha.
➞Ammas, qisaasessu keessaa affeerraa cidhaa, affeera nyaataa (diggisii) irratti
hamma barbaachisu ol nyaata qopheessun ergasii kositti darbuudha.
➞Gosoota qisaasessuu hawaasa keenya keessatti adeemsifamu lakkoofne hin
fixnu. Gabaabumatti qisaasessuun badii irratti qabeenya baasu, hanga itti
hajamanii ol baasu, karoora malee qabeenya bittineessudha.
“Qisaasessuu hin qisaasessin.” Kana jechuun qabeenya kee Rabbiin faallessu
keessatti hin baasin (haraama irratti hin baasin), hanga itti hajamtu ol hin
bittineessin, qabeenya kee bakkuma argiteetti hin balleessin. Kana irra, Rabbiif
jedhii karaa kheeyri (gaarii) keessatti haala madaallamaan baasi.
“Dhugumatti, warri qisaasessan obboleeyyan sheyxaanotaa ta’anii jiru.” Rabbiin subhaanahu warra qisaasessan obboleeyyan sheyxaanota ta’uu ibse. Kana
jechuun sheyxaana waliin kan saahiboman ykn hiriyyoomaniidha. Isaan hasaasa
sheyxaanatiin kan dhiibamaniidha. Sababni kanaa, baasi keessatti qajeelinni isaan
bira waan hin jirreef hasaasa sheyxaanaa fedhii isaanii too’atuuf saaxilamu. Hanga
fedhan qabeenya haa baasan, fedhii lubbuu sheyxaanni itti isaan kakaasu
guuttachuuf gara fuunduraatti furga’u. Wanti fedhii lubbuu isaanii too’atu isaan
bira waan hin jirreef, fedhii duuka bu'uun qabeenya qisaasessu. Sheyxaanni jinnii
fi namaa gadi isaan xiqqeessun isaanitti taphatu. Suuta suutaan wanta
hayyamamaa irraa gara wanta jibbameetti, ergasi gara wanta dhoowwamaa
29
xiqqaatti, ergasii gara wanta dhoowwame guddaatti san booda gara kufriitti isaan
geessu. Kunis kan ta’u, hamma injifannoo fedhiin lubbuu namoota dhuunfaa
tokkoon tokkoon irratti qabuuni.[4]
(Sheyxaanni wanta tokko nama hawwisiisa. Namni kuni yoo of hin too’atin, fedhii
lubbuu isaa guuttachuuf qabeenya qabu hunda ni baasa. Tarii wanti kuni haraama
ta’uu danda’a. Kanaafu, sheyxaanaaf tolee jechuun haraama irratti qabeenya
baasuun obboleeyyan sheyxaanaa irraa nama godha. Ammas, sheyxaanni namaa
TV, gazeexaa fi midiyaa adda addaatin gara badiitti nama waamu. Namni isaaniif
awwaachun qabeenya ofii yoo bittineesse obboleeyyan sheyxaanaa keessaa ta’a.
Miidhaan qabeenya qisaasessu maal akka ta’e gara boodaatti ni ilaalla.)
“Sheyxaannis Gooftaa isaa akkaan waakkataa ta’eera.” Sheyxaanni qananii
Gooftaan isaa isarratti ooleef galata hin galchu. Kana irra ni waakkata.
Waakkachuun kunis kan ta’u, Rabbiif ajajamuu diduu fi Isaa faallessuudha.
Haaluma kanaan, ilmaan Aadam irraa obboleeyyan sheyxaanaa qisaasessitoota
ta’an, qananii Rabbiin isaan irratti ooleef galata hin galchan. Kana irra, ajaja Isaa
ni faallessu, badii adda addaa hojjatu.[5]
“Gooftaa kee irraa rahmata abdattu barbaadun yoo isaan irraa garagalte,
jecha laafaa isaanitti dubbadhu.” Kana jechuun yommuu firri kee, hiyyeessi fi
karaa deemaan waa si kadhate, garuu si bira homaa kan hin jirre yoo ta’ee irraa
garagaltee, jecha laafaa fi gaarii isaanitti dubbadhu. Jecha biraatin, rizqii waan
dhabdeef garuu gara fuunduraatti Rabbiin rizqii akka siif kennu kan abdattu taate
yoo isaan irraa garagalte, dubbii laafaa isaanitti dubbadhu. Asitti “isaan irraa
garagaluun” fuulaan irraa garagaluu osoo hin ta’in, qabeenya waan hin qabneef,
“Waa isaaniif kennuu dhiisudha.” Garuu yommuu waa kennuu dhiisan, jecha
laafaa fi gaarii ta’e dubbachuudha. Fakkeenyaf, Waadaa gaarii isaaniif seenu.
“Yoo rizqiin Rabbii nuuf dhufe, in sha Allah siif kennina” isaaniin jechu. Yookiin,
“Rabbiin nuu fi siif haa razzaqu.” Jechuu fi dubbii gogiinsi fi jabeenyi keessa hin
jirre isaanitti dubbachuudha.[6] Kuni kan agarsiisu kadhataa dubbii badaa itti
dubbachuu fi arrabsuu dhiisudha. Namoonni gariin kadhataa ni arrabsu. Osoo waa
isaaf kennaniyyu dubbii jabaa fi gogaa itti dubbatu. Kuni amala badaa Muslima
irraa hin eeggamneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha:
ذى و ﴿ن صدقة يتبعها أ عروف ومغفرة خي م ٱ۞قول م ﴾٢٦٣غن حليم لل
30
"Jecha gaarii fi araaramatu sadaqaa rakkisuun hordofame irra caala.
Rabbiin Dureessa, Obsaadha." Suuratu Al-Baqarah 2:263 (Kana jechuun
sababa sadaqaatin nama rakkisuun sadaqaa namaaf kennu irra dubbii gaarii
namatti dubbachuu, du'aayi namaaf gochuu, irra namaaf darbuu fi hanqinna
namaaf dhoksutu caala.)
“Harka kee gara morma keetti sakaallamaa hin godhin, diriirsuu guutus hin
diriirsin, komatamaa fi harka qullaa taate teessati.” Rabbiin subhaanahu aayah
tana keessatti haala nama haafayuu fi doy’aa haala nama harki isaa morma isaatti
sakaallameen ykn hidhameen wal fakkeesse. Namni harki isa mormatti hidhame
harkaan homaa hojjachuu hin danda’u. Nama qisaasessuu immoo haala nama
harka ofii guutuu gadi diriirseen wal fakkeesse. Namni harka isaa guutuu yoo gadi
diriirse fi gadi lakkise homtu harka isaatti hin hafu. Duraan harkatti kan waa qabatu
yoo ta’e, yommuu harka isaa gadi diriirse wanti suni harkaa kufa. Haaluma kanaan
namni qabeenya isaa qisaasessuu fi balleessu dhumarratti homaa isa harkatti hin
hafan.
“Harka kee gara morma keetti sakaallamaa hin godhin” kana jechuun nafsee
tee, maatii kee, firoota kee, keessummaa keeti fi namoota biraa irratti baasu
keessatti haafayaa fi doy’a hin ta’in.
“diriirsuu guutus hin diriirsin”, ammas baasi kee keessatti hin qisaasessin.
Humna keeti ol kennitee fi galii kee caalaa baaste komatamaa fi harka qullaa
taate teessati.[7] Asitti “diriirsu guutuu hin diriirsin” jechuun ajaje. Sababni isaas
diriirsun gariin faarfamaa fi gaariidha. Kana jechuun qabeenyaa guutuu hin
kenniin ykn hin balleessin. Garuu qabeenya kee irraa hamma ta’ee karaa gaarii
keessatti baasi.
Aayan tuni osoo doy’a hin ta’inii fi hin qisaasessin karaa jiduu galeessaa akka
hordofan nama qajeelchiti. Namni karaa jiddu-galeessaa hordofuu dhiisee doy’a
ta’e ykn qisaasessaa ta’e, dhumarratti komatama fi harka qullaa kan hafu ta’a.
“komatamaa fi harka qullaa taate teessati”
“Eeti, namni qisaasessu harka qullaa hafuu danda’a. Garuu namni doy’i
qabeenya ofii waan kuufatuuf akkamitti harka qullaa hafuu danda’aa?” Gaafin
jedhu ka’uu danda’a. Deebii isaa haala kanaan haa ibsinu:
Namni haafayuu fi doy’ummaa irraa kan ka’ee qabeenya garmalee qabatu, Rabbiin
biratti, Malaykootaa fi namoota biratti komatamaa (waqqafamaa)dha. Ergasii
31
Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa isaa biratti wanta barbaadu argachuu irraa dadhabaa fi
harka qullaa hafa. Guyyaa Qiyaamaa yommuu namoonni sadaqaa kennaa turan
wanta isaan gammachiisu argatan, namni doy’i immoo sadaqaa waan hin kenniinef
wanta namoonni sadaqa kennan argatan ni dhaba. Sababa kanaan, homaa kan hin
arganne ta’e harka qullaa hafa. Kan gadduu fi seena’u ta’ee taa’a. Nama isa
gargaaru hin argatu.
Namni qabeenya qisaasessuus Rabbiin biratti, Malaykootaa fi namoota biratti
komatamaa (waqqafamaa) ta’a. Ergasii Guyyaa Qiyaamaas, wantoota baay’ee
barbaadamu argachuu irraa dadhabaa fi harka qullaa kan hafu ta’a. Addunyaa tana
keessattillee qisaasessuun isaa hiyyeessaa fi sadaqaa namootatti kan hajamu isa
taasisa. Wanta Rabbiin dhoowwe keessatti qabeenya baasu isaatiif kan gaabbu
ta’ee harka qullaa taa’a.[8]
Eeti, namoonni doy’a ta’anii fi qisaasessan hawaasa keessattillee ni komatamu.
Nama doy’a namoonni maqaa badaan isa kaasu. Akkasumas, osoo haafayuu fi
doy’a ta’uu guyyaa tokko qabeenya isaa balaan itti buute harka dhadhoofti
(balleessiti). Ergasii kan gaddu fi gaabbu ta’e harka qullaa taa’a. Namni
qisaasessuus yommuu qabeenyi isa jalaa dhumu, kan gaabbu, harka qullaa waa
harkaa hin qabnee fi dadhabaa mala dhabe ta’ee taa’a.
Gabroonni Ar-Rahmaan kana waan beekaniif qabeenya isaanii baasu keessatti
karaa jiddu-galeessaa hordofu.
Guduunfaa
✒ Qisaasessuun waa lama of keessatti qabata: wantoota Rabbiin dhoowwe
(haraama) irratti qabeenya baasuu fi haajaa ol wantoota hin barbaachisne irratti
qabeenya baasudha.
✒ Doy'ummaanis wantoota lama of keessaa qaba: nafsee ofiitiif, maatii fi
namoota nama jala jiraniif wanta dirqamaan barbaachisu guutuu dhiisu fi haqaa
Rabbiin itti ajajee kennu didu. Fkn, osoo qabeenya baay'ee qabanuu zakaa
dhoowwachu, sadaqa kennu didu.
✒Karaan jiddu-galeessaa kanniin hundarraa bilisa kan ta'eedha. Gabroonni Ar-
Rahmaan hin qisaasessanis, hin doy'oomanis. Baasin isaanii madaallamaa fi
jiddu-galeessa kan ta'eedha.
32
Kitaabban wabii: [1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi - 6/626
[2] Zaadul Masiir fuula 1022, Akkasumas, Tafsiiru Xabarii-17/497-…
[3] Tafsiiru Sa’dii-530, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -9/601-602,
Tafsiiru Xabarii-14/564-565
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 9/603-604
[5] Tafsiiru Xabarii-14/568
[6] Tafsiir ibn Kasiir, 5/69, Fathul Qadiir-fuula 819-Shawkaani, Ma’aariju
tafakkuri 9/605, Zaadul Masiir 810
[7] Tafsiir ibn Kasiir, 5/69
[8] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -9/607
33
Boqonnaa 2
Amaloota babbadoo Gabroonni Ar-Rahmaan irraa fagaatan
1-Rabbiin waliin waan biraa hin kadhatan ykn hin gabbaran
Boqonnaa darbe keessatti hojii gaggaarii gabroonni Ar-Rahmaan hojjatan ilaalle
jirra. Amma immoo hojii badaa isaan irraa fagaatan ni ilaalla. Itti haa fufnuu…
“(68)-Isaan Rabbiin waliin gabbaramaa biraa kanneen hin kadhanne, haqaan malee nafsee Rabbiin haraama godhe hin ajjeesnee fi zinaa (sagaagalummaa) hin raawwanneedha. Namni kana hojjate adabbii qunnama. (69)-Guyyaa Qiyaamaa adabbiin isaaf dachaa ta’a, kan salphifame ta’ee yeroo hundaa achi keessa jiraata. (70)-Nama tawbate, amanee fi hojii gaarii hojjate malee. Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf. Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. (71)-Namni tawbate fi hojii gaarii hojjate, dhugumatti inni gara Rabbii tawbaa dhugaa tawbata.” Suuratu Al-Furqaan 25:68-71
Amaloota gabroota Ar-Rahmaan ifatti bahan keessaa: badii fi cubbuu gurguddaa
irraa fagaachudha. Rabbiin (Azza wa jalla) aayaata tanniin keessatti badii
gurguddaa sadii adda baasun dubbate. Sababni isaas, isaan sadan kunniin badii
gurguddaa hunda kan caalanii fi garmalee cimaa ta’aniidha. Badiin sadan
kunniinis:
Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (shirkii) Nafsee nagahaa ajjeesu
34
Zinaa (sagaagalummaa)
Shirkiin haqa Rabbiin gabroota irraa qabuun kan wal qabatu yommuu ta’u, badii
nama osoo hin tawbatin isarratti du’eef Rabbiin hin araaramneedha. Akkuma
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jedhe:
ٱإن ﴿ ك به لل ن يشلك لمن يشاء ومن ۦل يغفر أ ويغفر ما دون ذ
ٱيشك ب ى ٱفقد لل ﴾٤٨إثما عظيما فت
“Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu. Waan sanaa
gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti
cubbuu guddaa uumee jira.”Suuraa An-Nisaa 4:48
Nama shirkii irratti osoo hin tawbatin du’e Rabbiin isaaf hin araaramu. Garuu
du’aan dura yoo tawbate ni araaramaaf. Akkuma aayah armaan olii suuratu Al-
Furqaan keessatti ilaallutti.
Namni ibaadaa irraa kanneen akka du’aayi, birmannaa, nazrii (silatii), qalma,
salaata, fi kanneen biroo Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, dhugumatti badii
nama balleessuu fi yakka hundarra guddaatti taree jira. Badii fi yakki kunis
shirkiidha.3
Gabroonni Ar-Rahmaan kana waan beekaniif, “Isaan Rabbiin waliin gabbaramaa biraa kanneen hin kadhannee”dha. Kana jechuun haajaa
addunyaa fi Aakhirah isaaniitiif Rabbiin kadhachuu waliin gabbaramaa biraa
Rabbiif shariika godhanii hin kadhatan.4
Du’aayin (kadhaan) bakka lamatti qoodama:
1ffaa- Du’aa’ul Mas’alati (Du’aayi gaafi)- kun namtichi faayda wayii
argachuuf ykn miidhan isarra akka ka’uuf Rabbiin kadhachuudha. Fakkeenyaf,
“Yaa Rabbii addunyaa fi aakhiratti waan gaarii naaf kenni.” Yoo jedhe kuni
du’aayi gaafiti.
3 Sifaatu Ibaadu Rahmaani-fuula 19-20, Abdurazzaaq Abdul Muhsin Badrii 4 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -6/631
35
2ffaa-Du’aa’ul-Ibaadati (du’aayi ibaada)- gochi ibaada kamiyyuu du’aayi
kana jalatti ramadama. Kanneen akka Rabbiin faarsu, salaatu, zakaa kennu,
hariiroo firummaa sufuu, waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu fi
kkf.
Namni tokko,“Akkamitti ibaadan akka zakaa, salaata fi kanneen biroo du’aayi ykn
kadhaa ta’aa?” jedhe gaafachuu danda’a. Deebiin isaa akkana: Namni Rabbii
olta’a gabbaru dhugumatti Isa kadhachaa jira. Sababni isaas, kan inni ibaada kana
hojjatuuf, rahmata Rabbii kajeele fi azaaba (adabbii) Isaa sodaateti. Namni
yommuu salaatu, zakaa kennu, soomu, hajji hajjuu, haadha abbaaf tolu oolu, hojii
kanaan maal barbaadaa jiraa? Mindaa Rabbii barbaadaa jira. Akka waan akkana
jedhuuti: Yaa Rabbi! Mindaa naaf kenni, Jannataan na badhaasi, ibidda irraa na
baraari.” Fi kkf jedha. Kanaafi, ibaadaan du’aayi jedhamuun waamame. Nama
Rabbiin gabbaru “Maaliif Rabbiin gabbartaa?” jette osoo gaafatte, akkana jechuun
deebisa: mindaa isaa kajeelee fi azaaba isaa sodaadheti.” Haqiiqadhaan namni kuni
kadhataadha.5
Gama biraatin, kadhaanis ibaadadha. Sababni isaas, akka lugaatti ibaada (gabbarri)
jechuun of gadi qabuu fi of xiqqeessudha. Kadhataan wanta kadhatu san argachuuf
waan of gadi qabuu fi of gadi xiqqeessuuf, kadhaan isaa kuni ibaada (gabbarrii)
dha.
Gabroonni Ar-Rahmaan amaloota isaanii keessaa tokko, Rabbiin waliin waan
biraa hin gabbaran. Ibaadaa gosa kamiyyuu Isaan ala wanta biraatiif hin godhan.
Ibaadawwan kanniin keessaa inni dursaa, du’aayi (kadhaa)dha. Rabbiin ala wanta
biraatiif of gadi qabuu fi wanti kuni dandeetti of danda’e ni qaba jedhanii amanuun
hin kadhatan. Gabaabumatti Rabbiin ala wanta biraatiif of gadi qabuun, kajeelu fi
sodaachuun hin kadhatan. Sababni guddaan kanatti isaan geesse maal akka ta’e
beektuu?
Gabroonni Ar-Rahmaan sirna kawnii (yuniversii) ni ilaalan. Ergasii, wanta dachii
fi samii keessatti adeemsifamuu sababoota akka qaban ni beekan. Garuu
sababoonni too’annaa Rabbii Injifataa ta’eef kan bulaniidha. Hayyama Rabbiitiin
malee sababooni kunniin bu’aa buusu hin danda’an. Kan amaloota addaa
sababoota hunda keessaa ka’ee fi humna ittiin bu’aa buusan isaaniif maddisiisu
Rabbii olta’aadha. Dhugaadhaan sababoota kanniin yoo ilaalle, mataa ofiitiin
5 Tafsiiru Qur'aanil Kariim, Suuratu Furqaan, fuula 283, Muhammad bin Saalih Useymiin
36
homaa gochuu hin danda’an. Kana irra, Rabbiin sababoota kanaan murtii Isaa hojii
irra oolcha. Fakkeenyaaf, barataan yuniversitii xumure tokko qacarrii barbaada.
Qaxaramee hojii hojjachuu jalqabe haa jennu. Asitti, bulchaan mindaa isaaf kennu
fi hojiin isaa “Sababoota”. Bu’aan immoo “Mindaa”dha. Bu’aan kuni kan argamee
murtii Rabbiitini. Osoo Inni sababoota laaffisuu baate silaa namni kuni eessaa
mindaa argataa?
Kanaafu, gabroonni Ar-Rahmaan sababni fi bu’aan murtii Rabbiitiin akka ta’an
beekun, kadhaa fi ibaadaa isaanii guutuu Rabbi qofaaf godhan. Eeti, hojii isaan
irraa eeggamu ni hojjatu. Garuu qalbii isaanii sababa irratti hin rarraasan. Kana
irra, Khaaliqa sababoota uume irratti rarraasu. Furtuuwwan samii fi dachii Isa
harka jiru. Sababoonni hayyama Isaatiin malee homaa bu’aa buusu hin danda’an.
Gubbaa hojiitii, isaan sababoota ta’uu; hidda qalbii isaanii keessatti immoo Rabbii
Tokkicharratti hirkattoota. Sababootaa fi karaalee wanta barbaadan itti argatan ni
hojjatu, bu’aa immoo akka isaanif galma geessuuf Rabbiin kadhatu. Kuni wanta
iimaanni isaan irratti dirqama godheedha. Isaan Rabbiin waliin gooftaa biraa hin
kadhatan, gadi hin jedhaniif. Namoota, jinni, malaykoota, taabota, namoota
du’anii fi warra qabrii irraa eenyullee hin gabbaran. Akkasumas, seera uumamaa
fi sababoota yuniversi (Universal cause) hin gabbaran. Sababni isaas, wanti hundi
Rabbiif akka gadi jedhuu fi buluu ni beeku. Kanaafu, Gabroonni Ar-Rahmaan kan
nama miidhu fi fayyadu, rakkoo namarraa kaasu danda’uu Rabbiin qofa ta’uu
waan beekaniif, wanta nama miidhu fi fayyadu hin dandeenye hin kadhatan, gadi
hin jedhaniif.
Gabroota Ar-Rahmaan keessaa Nabii Ibraahim dhugaa armaan olii akkamitti
akka labsee mee haa ilaallu:
37
(69)-Seenaa Ibraahim isaan irratti dubbisi. (70)-Yeroo inni abbaa fi ummata isaatiin, “Maal gabbartuu?” jedhe. (71)-“Sanamoota gabbarra. Isaaniif aakifiin taanee itti fufna.” Jedhan. (72)-[Ibraahimis] ni jedhe, “Sila yommuu kadhattan isin dhagahuu? (73)-Yookiin isin fayyadu yookiin ni miidhuu?” (74)-Isaanis ni jedhan, “Lakki, abbooti keenya akkas kan dalagan ta’anii arganne.” (75)-Innis ni jedhe, “Sila wanta gabbaraa turtan argitanii? (76)-Isinii fi abbootin keessan duraanii? (77)-Gooftaa aalamaa malee dhugumatti isaan anaaf diinota. (78)-[Gooftaan aalamaa] Kan na uumedha, Inni na qajeelcha. (79)-Kan na nyaachisuu fi na obaasu Isa. (80)-Yommuu dhibame Isatu na fayyisa. (81)-Kan na ajjeesu ergasii na jiraachisuudha. (82)-Guyyaa Murtii dogongora kiyya akka naaf araaramu Kan kajeeludha.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:69-82
Nabii Ibraahim (aleyh salaam) dhugaa wanta gabbaranii isaan hubachiisuuf,
waa’ee sanamootaa ilaalchise wanta amanan ykn wallaalummaa fi gowwummaa
isaanii ifatti baasuuf abbaa fi ummata isaa gaafi gaafachuun jalqabe. “Maal
gabbartuu?” kana jechuun haqiiqaan wanta isin gabbartanii fi amaloonni isaa
maali? Isaanis “Sanamoota gabbarra. Isaaniif aakifiin taanee itti fufna.” Jedhan. “Sanamoota” heddumminna (danuu) “sanamaa” ti. Sanama jechuun siidaa
dhagaa, muka, sibiila ykn wanta biraa irraa ta’ee fi warroonni isa waaqefatan gara
Rabbiitti ykn gabbaramaa biraatti nu dhiyeessu jechuun odeessu. Amaariffaan
38
Xaa’ot, Ingiliffaan immoo “Idol” jedhama. Sanama gabbaruun kan ta’uu waa isaaf
dhiyeessu, sujuuda bu’uufi, irra naannawu, qalma qaluufi, yeroo dheeraaf bira
dhaabbachuun ykn faayda argachuu fi miidhaa deebisuuf kadhachuuni.
Aakifiin jechuun maxxantoota wanta tokkotti maxxanan, nafsee fi miira isaanii
hunda wanta saniif kennan, yeroo dheeraaf kan irra turan. Ingiliffaan “Devoted”
jedhama.
Kana booda ibsi “Sanamoota gabbarra. Isaaniif aakifiin taanee itti fufna” –
siidaa harka keenyaan bocnee fi hojjannee yeroo keenya baay’ee isaan gabbaruu
fi kadhachuuf bira dhaabbanna.
Namni wanta tokko kan gabbaruuf (waaqefatuuf) faaydaa irraa barbaadeti. Wanta
faayda namaaf fiduu hin dandeenye ykn miidha namarraa deebisu hin dandeenye
akkamitti gabbaranii? Dhugaa kana ifa baasuuf Nabii Ibraahim gaafi isaa itti fufee:
“Sila yommuu kadhattan isin dhagahuu?” kana jechuun haajaa jireenya
keessanii kanneen akka rizqii, gargaarsa, ilma, nageenya fi kkf argachuuf yommuu
isaan kadhattan, isin dhagahuu? “Yookiin isin fayyadu yookiin ni miidhuu?”
Kana jechuun yoo isaan gabbartan (waaqefattan) isin fayyaduu? Yookiin yoo
gabbaruu dhiistan isin miidhuu? Yookiin immoo yommuu isaan gabbartan diinota
keessan ni miidhuu?
(Warroota Rabbiin ala wantoota biraa kan akka Malaykaa, sanamaa, Nabii Iisaa,
awliyaa, nama du’ee fi kkf kadhatan gaafima armaan olii osoo gaafatamanii,
deebiin isaanii takkaa “Eeti” jechuun soba dubbatu takkaa immoo dhugaa
dubbachuun amanu.) Deebiin ummanni Nabii Ibraahim deebisan, “Lakki,
abbooti keenya akkas kan dalagan ta’anii arganne.” Kana jechuun sanamoonni
kunniin kadhaa keenya ni dhagahan, isaan ni fayyadan ykn ni miidhan jennee
mirkaneessu hin dandeenyu. Garuu akkuma nuti isaan kadhannuu fi gabbarru kana
abbootin keenyas kan gabbaranii fi kadhatan ta’anii argine. Nutis isaan akkeessina
ykn hordofna.
Haala kanaan Ibraahim baaxila (soba) ifa bahaa irra akka jiran isaaniif ibse. Haala
kaminiyyuu wanta abbootin irra turan akkeessun gonkumaa ragaa qabatamaa ta’uu
hin danda’u. Sababni isaas, tarii abbootiin wallaaltota ykn jallattoota fedhii qullaa
hordofan ta’uu danda’u. Kanaafu, abbootin isaanii wallaaltota ykn jallattoota waan
ta’aniif wanti isaan gabbaran baaxila (soba) ifa bahaadha. Sababni isaas, isaanis
ta’ee abbootin isaanii, ragaa Rabbiin irraa dhufe ykn ragaa sammuu qabatamaa
39
hojii isaanii kana dhugoomsu hin qaban. Kanaaf itti aanse Ibraahim ni jedhe, “Sila
wanta gabbaraa turtan argitanii? Isinii fi abbootin keessan duraanii?” Wanta
isinii fi abbootin keessan darban Rabbii gaditti gabbartan itti xinxalluun sammuu
fi qalbii keessaniin soba ta’uu isaa hin argitanii? Isiniis abbooti keessan akkeessun
sanama gabbaruu itti fuftan.
“Gooftaa aalamaa malee dhugumatti isaan anaaf diinota.” Sababni isaas,
Gooftaa aalamaa gaditti wanti isin gabbartan kunniin amala gabbarama isaan
taasisu waan hin qabneef baaxila (soba). Baaxilli immoo diina kiyya. Gonkumaa
wanta isin gabbartan ani hin gabbaru. Kan ani gabbaru sanama homaa gochuu hin
dandeenye osoo hin ta’iin Gooftaa wantoota hundaa uume, isaan too’atu fi
qindeessu gabbara. Itti aansee amaloota Gooftaa aalamaa akka gabbaruu isa
taasisuu ifa godhe:
“[Gooftaan aalamaa] Kan na uumedha, Inni na qajeelcha.” Kana jechuun
safara wanta hundaa na keessa jiran kan murteesse fi dhabama irraa na argamsisee
Gooftaa aalamaati. Ergasii Isa qofatu gara faaydaa addunyaa fi Aakhiraatti na
qajeelcha.
“Kan na nyaachisuu fi na obaasu Isa.” Kan na nyaachisuu fi obaasu Isa qofa.
Isaan ala kan biraati miti. Soorata namootaa kan uumuu fi sababoota kan laafisu
Rabbiidha (subhaanahu wa ta'aalaa). Ibraahim isaan keessaa tokko. Osoo Rabbiin
uumuu fi murteessu baate, silaa biqiltoonni hin biqilan, lubbu-qabeenyin hin
jiraatan. Osoo karaa nyaataa laaffisuu baatee, silaa sorataan dachii irraa homaa hin
nyaatu ture. Osoo Rabbiin lubbu-qabeenyiif afaan ittiin nyaatan, ujumoo gara
garaa ittiin liqimsaan, meeshaalee daakkaa nyaata daaku, ujumoolee fi kutaalee
qaamaa nyaata bakka barbaachisutti raabsanii fi xurii hafee immoo gara alaatti
baasan gochuu baate, silaa lubbu-qabeenyin soorata hin sooratu turan. Ammas,
marsaalee adda addaa keessa dabarsuun bishaan uumee samii irraa kan buusu
Rabbii tokkicha. Kanaafu, kan soorata uumuu, sababa soorataa laaffisuu fi
qaamoolee soorataa namaaf uumuun nama sooruu fi obaasu Rabbii Tokkicha qofa.
“Yommuu dhibame Isatu na fayyisa.” Asitti Ibraahim Rabbii olta’aa waliin
naamusa (adaba) qabate. Yommuu Gooftaan kiyya na dhukkubse hin jenne. Kana
irra “yommuu dhibame” jedhe. Kuni, namni wanta jibbu yommuu isa qunnamu
Gooftaa isaa waliin adaba (naamusa) qabaachu akka qabu agarsiisa. Nabii
Ibraahim (aleyh salaam) "yommuu dhibame kan na fayyisu Rabbiin qofa." jedhe.
Sababni isaas, fayyuun murtii Rabbiitiin malee galma hin gahu. Dhibamaan akka
40
fayyu yoo Rabbiin murteesse, ogeessi fayyaa dawaa fayyuuf sababa ta’u akka
kennuu dandeesisa. Dhibamaanis hayyama Rabbiitiin ni fayya. Dawaanis
sababoota Rabbiin uumee keessa tokko. Fayyuun murtii Rabbiitiin malee hin
mirkanaa’u. Nabii Ibraahim, yommuu dhibame kan na fayyisuu Rabbiin qofa
jedha. Kiristaanonni maal ta’aniitin “Iyyasuus fayyisaadha” jedhu ree? Nabii
Ibraahim (Abraahamtu) irra beekaadha moo isaantu irra beekodhaa?
“Kan na ajjeesu ergasii na jiraachisuudha.” Lubbu-qabeenyi ajjeessun uumama
Rabbiin uumee keessaa tokko. Sababni isaas, duuti kan mirkanaa’u yommuu ruuhi
fi qaamni addaan bahaniidha. Ruuhi qaamatti qabsiisuu fi addaan baasun uuminsa
fi hojii Rabbii qofa. Rabbiin ala eenyutu ruuhi uumee qaama du’aa keessa galchuu
danda’aa?6 Nabii Ibraahim itti aansee amanti Guyyaa Qiyaamaatiif qabu labse,
“ergasii na jiraachisuudha.” Erga du'ee yeroo murtaa'eef awwaalcha keessa turee
booda Guyyaa Qiyaamaa na jiraachisuun kan na qoratu Rabbiin qofa. Kanaafu,
Qiyaamaan dhufuun haqa waan ta’eef “Guyyaa Murtii dogongora kiyya akka
naaf araaramu Kan kajeeludha.” Addunyaa fi Aakhiratti badii kan namaaf
dhoksuu fi sababa badiitiin nama adabu dhiisu Isa malee hin jiru. Rabbiin malee
badii hunda kan namaaf araaramu ni jiraa?7
Kana hunda kan hojjatu Rabbii tokkicha. Kanaafu, sanamaa fi uumamtoota biroo
kan homaa hin uumne, hin qajeelchine, hin fayyisne, hin nyaachisnee, hin
obaasnee, hin ajjeesne, hin jiraachisne, nama isaan waaqefatu hin fayyannee fi
miidhaa irraa hin deebisne dhiisun ibaadaa fi ajajamuu keessatti Rabbiin
tokkichoomsuun dirqama.8 Dubbiin erga akkana ta’e, Rabbiin ala wanta biraa
gabbaruun adabbii guddaatti nama geessa:
ٱل تعل مع ﴿ ذول لل ها ءاخر فتقعد مذموما م ﴾٢٢إل
“Rabbiin waliin gabbaramaa biraa hin godhin.[Yoo akkas goote]
balaaleffatamaa fi gargaaraa kan hin qabne taatee teessati.” Suuratu Al-
Israa 17:22
6 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-8/621-629 7 Tafsiiru Ibn Kasiir-5/629 8 Tafsiiru Sa’dii-fuula 694
41
Kana jechuun umamtoota irraa eenyullee ibaadaa (gabbarri) haqa ni godhata jettee
gonkumaa hin amaniin. Isaan keessaa eenyullee Rabbiin waliin hin gabbarin.
Sababni isaas, kuni gara balaalefannaa fi gargaarsa dhabuutti nama geessa.
Rabbiin, Malaaykoni Isaa fi Ergamtoonni Isaa shirkii irraa dhoowwanii fi nama
isa hojjatu waqqasaa cimaa waqqasanii jiru. Maqaa badaa fi amala fokkuu isatti
maxxansaniiru.
Namni hamma Gooftaa isaatti rarra’uu dhiiseen dhimma addunyaa fi Aakhirah
isaa keessatti gargaarsa dhabuutu isaaf jira. Namni Rabbiin ala wanta biraatti
rarra’e, gargaarsa dhaba. Wanta inni itti rarra’etti isa dhiisa. Hayyama Rabbiitiin
malee uumamtoota keessaa eenyullee nama gargaaru hin danda’u. Namni Rabbiin
waliin gabbaramaa biraa taasise maqaa badaan yommuu waamamuu fi gargaarsa
dhabuu, namni Rabbiin tokkichoomse fi Isatti rarra’e immoo maqaa gaariin
waamama, haala isaa hunda keessatti gargaarsa argata.9
Aayah keessatti, jecha “Makhzuulaa” jedhutti xiyyeffannoo guddaa itti kennu
barbaachisa. Namni wanta tokko kan gabbaruuf gargaarsa barbaadeti. Akkasi miti
ree? Tarii namni yommuu Rabbii olta’aa gaditti wanta biraa gabbaru gargaarsa
nan argadha jedhee yaada. Garuu dhugaan faallaa kanaati. Makhzuul jechuun
nama gargaaraa isa gargaaru hin qabne jechuudha. Dhugumatti namni Rabbii
gaditti wanta biraa gabbaru, gargaarsa hin argatu. Kuni isaaf addunyaa keessatti
adabbiidha. Addunyaattis ta’e Aakhiratti wantoonni inni Rabbii gaditti gabbaru
homaa isa hin fayyadan. Ergasii itti aanse adabbii Aakhiratti argatu dubbate:
“Rabbiin waliin gabbaramaa biraa hin godhin.[Yoo akkas goote]
komatamaa fi fageefamaa taatee Jahannam keessatti darbamtaati.” Suuratu
Al-Israa 17:39
Kana jechuun Rabbiin waliin waan biraa hin gabbarin. Rabbiin waliin waan biraa
gabbaruu jechuun wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuu, sodaachu,
irratti hirkachuu, wanta saniif sagaduu, qalma qaluu, nazrii (silatii) gochuu fi
gosoota ibaadaa birootin itti dhiyaachuudha. Rabbiin waliin waan biraa yoo
9 Madda olii-fuula 529
42
gabbarte, Guyyaa Qiyaamaa badii fi amala badaan kan ibsamtu taatee fi rahmata
Rabbii irraa fageefamte Jahannam keessatti darbamta. Dhugumatti Jahannam
iddoo gahuumsaa ta’uun garmalee fokkatte, garmalee badde. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa nu hundaa Jahannam irraa nu haa tiiksu.
“Namni tokko Rabbiin yoo hin gabbarin, wanta biraas yoo hin gabbarin adabbiin
isa ni qunnamaa?” jedhame gaafatamuu danda’a. Deebiin isaa, kan nama
argamsiisee fi qananii adda addaatin nama qananiisu Rabbii olta’aa waan ta’eef,
dirqamni namoota irra jiru Isaaf galata galchuu fi gabbaruudha. Kanaafu, yoo Isa
gabbaruu dhiisanii of tuulan adabbii cimaatu isaan qunnama. Qur’aana keessatti
ni jedha:
“Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii
Jahannam seenuf jiru.’” Suuratu Ghaafir 40:60
Kana jechuun Ani Gooftaa isaanii qananii adda addaatiin isaan qananiisu ta’ee
osoo jiru warroonni of tuuluu isaanii keessatti lixuun Ana gabbaruu didan, Guyyaa
Qiyaamaa xiqqaattoota fi salphattoota ta’anii Jahannamiin ni seenu.10 Kunis jazaa
isaanitii. Jazaan nama of tuulu salphinnaa fi xiqqeenya waan ta’eef, namoonni
Rabbii isaaniitiif gadi of qabuu fi ajajamu irraa of tuulan Jahannamin salphattoota
fi xiqqaattota ta’anii seenu.
Gabaabumatti, Gabroonni Ar-Rahmaan Rabbii olta’aa qofa gabbaru. Isa waliin
homaa hin gabbaran.
2-Seeran ala Lubbuu nagahaa ajjeesu irraa ni fagaatu
Gabroonni Ar-Rahmaan warroota “haqaan malee nafsee Rabbiin haraama godhe hin ajjeesnee” dha. Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa nafsee
Rabbiin ajjeechaa ishii haraama godhe haqaan malee hin ajjeesan. Hanga fedhe
dallansuun gara kanaatti isaan kakaasu isaan keessatti osoo socho’eyyuu haqa
Rabbiin itti ajajeen ykn hayyameen malee hin ajjeessan.
10 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -12/403
43
Nama nagaha Rabbiin akka ajjeefamu hin hayyamne ajjeessun badii gurguddaa
keessaa tokko. Kanaafu gabroonni Ar-Rahmaan kanatti kufuu irraa garmalee of
eeggatu.
Hundemaa amantii Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa namootaf karaa godhe
keessatti nafsee namaa ajjeessun kan dhoowameedha. Sababni isaas, Rabbiin
nafsee tana uumee fi addunyaa qormaataa keessatti gahee ishii akka taphattuu fi
marsaa qormaataa akka dabartuuf wanta jireenyaaf barbaachisuu ishiif dhiyeesse
jira. Qormaata kana booda Rabbiin biratti qorannoo fi jazaatu ishiif jira.
Garuu hawaasa ilma namaa keessatti fooyya’iinsaaf jecha nafsee namaa garii
ajjeessun yeroo barbaachisaa itti ta’uu ni jira. Kanaafu, Rabbiin haala addaa
ajjeechaan itti barbaachisu keessatti ajjeessu ni ajajee ykn ni hayyame. Haala
kana keessatti ajjeechaan haqaan ta’a. "Haalonni nafseen namaa itti ajjeefamtu
maal fa’a?" jedhee namni gaafachu danda’a. Haalota kanniin Qur’aanaa fi
hadiisa irratti hundoofne haala kanaan tarreessu dandeenya:
✏Zulmii fi daangaa darbuun namni nama biraa ajjeesse, inni ni ajjeefama. Kunis
seera Islaamaa keessatti Qisaasa (seera adabbii wal-qixxeessu-retribution)
jedhama. (Ilaali- suuratu Al-Baqarah 2:178-179) Fakkeenyaaf, Ahmad osoo
beeku nama Muslimaa tokko irratti daangaa darbuun yoo ajjeese, Ahmad ni
ajjeefama. Garuu warri nama ajjeefame Ahmadiif dhiifama gochuun gumaa yoo
barbaadan, Ahmad ajjeechaa jalaa ni baha.
✏Dhiirri fuudhee fi dubartiin heerumte yoo zinaa (sagaagalummaa) raawwatan,
dhagaan buruqfamanii ni ajjeefamu. Garuu ajjeessun dura osoo hin dirqisisin
ishiin/inni zinaa akka raawwate amanuu yookiin ragaaleen afur kan dhugaa
dubbatan argamu qabu. Namoonni afran ragaa bahan kunniin, “Akka jirbiin
qaawwa lilmoo keessa seentutti nuti isaa/ishii zinaa raawwatu ijaan argine”
jechuun ragaa bahuu qabu. Yoo ijaan hin argin ykn shakkiin yoo ta’e, ragaan
isaanii fudhatama hin argatu.
✏Hawaasa Musliimaa munaafiqoota fi warra ummata qoran irraa eeguuf namni
Islaama irraa duubatti deebi’e ni ajjeefama. Sababni namni kuni itti ajjeefamuuf
“Aqiida (amantii) Muslimoota waan jalaa balleessufi.”
Ragaalee kanniin sadanii Hadiisa sahih ta’e irraa haala kanaan dhiyeessun ni
danda’ama. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: "Dhiiga nama Muslimaa
Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi ani Ergamaa Rabbii
akka ta’e ragaa bahu jiigsun hin hayyamamu haala sadiin keessaa tokkoon
44
yoo ta’e malee: Nafsee nafseen (Qisaasa), nama fuudhee/heerumtee zinaa
raawwate fi nama Islaama irraa duubatti deebi’ee hawaasa [Musliimaa]
irraa adda bahe.” Sahiih Al-Bukhaari-6878, Sahiih Muslim 1676
Hubachiisa cimaa: akkaataan namoota armaan olii kanniin itti ajjeessan seera fi
qajeelfama qaba. Imaamni ykn hogganaan Musliimaa seerotaa fi qajeelfamota
kana hordofuun akka ajjeefaman ajaja. Namni dhuunfaa tokko akkanumatti lafaa
olka’e gara ajjeechaatti fiigu hin qabu. Ta’uu baannan, badii guddaatu babal’ata.
Gara qaaditti ykn imaamatti namoonni yakka hojjatan kunniin dhiyeefamanii
ajjeefamu.
✏Dachii keessatti balleessaa (fasaada) babal’isuuf namoota carraaqan.
Balleessaan kunis namoota ajjeesu, namoonni karaa akka hin dabarree
dhoowwun isaan ajjeesu fi qabeenya isaanii saamu. Haala isaanii irratti hundaa’e
namoonni kunniin ni ajjeefamu ykn ni rarraafamu ykn harkaa fi lukti isaanii ni
murama ykn biyya keessaa ari’amu (Ilaali suuratu Al-Maa’ida 5:33)
✏Musliimotatti warra duulanii fi ergaan Islaamaa ilma namaa hunda akka hin
geenye kanneen karaa cufan ni ajjeefamu. Kaafironni Muslimootatti duulanii fi
Islaamni akka hin babal’anne gufuu ta’an ni ajjeefamu. (Ilaali suuratu Al-
Baqarah 2:190-193)
Kunniin shanan haqa nama itti ajjeesun hayyamamuudha. Kanaan ala, Muslimas
ta’ii kaafira nama nagahaa yakkaa ajjeechaatti nama geessu hin hojjanne
ajjeessun badii guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Haqaan malee nafsee Rabbiin [ajjeesu] haraama godhe hin ajjeesinaa.
Nama miidhamuun ajjeefame, waliyyii isaatiif aangoo kenninee jirra.
Ajjeechaa keessatti daangaa hin darbin. Dhugumatti inni tumsamaa
ta’eera.” Suuratu Al-Israa 17:33
45
“Nama miidhamuun ajjeefame, waliyyii isaatiif aangoo kenninee jirra.”
Nama haqa malee fi daangaa isarratti darbamuun ajjeefame, waliyyii isaatiif
(namoota isa dhaalaniif) aangoo kenninee jirra. Aangoo kenninee jirra jechuun
murtii shari’aa Rabbiitii fi mootummaa Muslimaa seera raawwachisutiin humna
seera haqummaa hojii irra oolchu kennineefi jirra.11Murtiin shari’aa Rabbii nama
haqa malee nama biraa ajjeese qisaasaan akka ajjeefamu murteessa. Motummaan
Muslimaa seera Qisaasaa kana hojii irra oolcha. Gabaabumatti, firri nama zulmiin
ajeefame, yoo fedhan qisaasa barbaadu danda’u. Yoo fedhan immoo nama isa
ajjeessef araaramu ykn gumaa fudhachuu danda’u.12 Kuni aangoo isaaniif
kennameedha.
Araboota keessattis ta’i naannoo keenyatti, yommuu namni tokko haqa malee
ajjeefamu, firri nama ajjeefame, takkaa fira nama ajjeesse ajjeesu takkaa immoo
haala badaan nama san ajjeesu. Gocha akkana Islaamni “Ajjeechaa keessatti
daangaa hin darbin” jechuun ni dhoowwe. Kana jechuun firri nama ajjeefamee,
ajjeessaa ajjeesu keessatti daangaa darbu hin qaban. Kan akka qaama isaa cicciruu
yookiin fira isaa keessaa nama biraa ajjeesu ykn wanta inni hin ajjeesneen isa
ajjeesu.13
“Dhugumatti inni tumsamaa ta’eera.” Firri nama ajjeefamee, nama ajjeesen ala
nama biraa ajjeesun hin barbaachisu. Sababni isaas, warri nama ajjeefamee
shari’aa fi murtii Rabbiitiin kan gargaaramuudha. Akkasumas, motummaan
Musliimaa namni ajjeese akka ajjeefamu isa gargaara.14
Kanaan ala, lubbuu namaa akkuma argan fixuun adabbii guddaatti nama geessa.
Keessumaayyu, lubbuu Musliimaa ajjeessun adabbii guddaaf nama saaxila.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa lubbuu haqa malee baasun yakkaa gurguddaa
keessaa yakka guddaa akka ta’e akkana jechuun ibsa:
11 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-9/614 12 Tafsiiru Xabarii 14/583 13 Tafsiiru Sa’dii-fuula 531 14 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -9/614, Tafsiiru Ibn Kasiir-5/73
46
دا فجزاؤه ﴿ تعم ا فيها ۥومن يقتل مؤمنا م جهنم خل ٱوغضب عد ل ۥعليه ولعنه لل
﴾٩٣عذابا عظيما ۥوأ
“Namni osoo beeku mu’mina (nama amane) ajjeese, jazaan isaa achi
keessatti kan hafu ta’e Jahannami. Rabbiinis isa irratti dallanee isas abaare
jira. Adabbi guddaas isaaf qopheesse.” Suuratu An-Nisaa 4:93
Namni qalbii isaa keessaa hanga firii xaafii hubannaa ykn sodaa Rabbii qabu balaa
guddaa kanatti tarkaanfachuuf ni gootomaa? Dhugumatti balaan kuni balaa
wantoota afur of keessaa qabuudha: Jahannam keessa yeroo dheeraaf turuu,
Rabbiin irraa dallansuun namatti bu’uu, rahmata Isaa irraa fageefamuu fi
darbamuu (abaarsa) fi adabbii (azaaba) guddaa.
Kuni adabbii nama mu'mina (nama Rabbiitti amane) ajjeeseti. "Namni kaafira
eeggumsa Muslimoota jala jiru ykn wali galtee Muslimoota waliin qabu ajjeese
hoo adabbiin isaa maalidhaa?" jedhame gaafatamu danda'a. Deebii isaa hadiisa
sahiih keessatti haala kanaan arganna: Abdullah ibn Amr akka gabaasetti
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: "Namni nafsee Mu'aahad ajjeese foolii
Jannataa hin fuunfatu, foolin ishii adeemsa waggaa afurtamaa irratti osoo
argameeyyuu." Sahiih Al-Bukhaari-6914 (Mu'aahad jechuun nama Muslimoota
waliin wal galtee qabuudha. Akkasumas, musta'aman fi zimmiyy as keessa galu.
Musta'aman jechuun nama kaafira ta'ee Musliimoota irraa nageenyi isaaf
kennamee biyya Muslimaa seenedha. Zimmiyy jechuun immoo bulchiinsa
Musliimaa jalatti nama gibira kafaluudha. Namoota kanniin ajjeesun hin
danda'amu.)
Namoonni gariin beekumsa hin qabne, "Kaafirota kanniin osoo ajjeefne fixne"
jechuun dhaadatu. Kuni wallaalummaa isaanii agarsiisa. Kaafirri yoo Muslimatti
hin duulin, ergaan Islaamaa akka babal'atu hin dhoowwinii fi badii ajjeechaatti
nama geessu biroo hin hojjatin, ajjeessun hin danda'amu. Nama Musliima hin
taane (kaafira) nagahaa ajjeessun Muslimoota irratti balaa meeqatu dhufa. Namni
tokko jihaada jedhe nama nagaha ajjeesun dura yeroo kuma itti yaadu fi beekumsa
barbaadu qaba.
47
Gabroonni Ar-Rahmaan balaa guddaa kana waan hubataniif lubbuu qulqulluu fi
nagahaa ajjeessu irraa garmalee of eegu.
Kutaa kana hadiisa Abdullah ibn Mas'uud gabaasen haa xumurru. Abdullah Ibn
Mas'uud akkana jedha: Ani akkana jedhee [Nabiyyii (SAW) gaafadhe], "Yaa
Ergamaa Rabbii! Zanbii (badii) kamtuu hundarra guddaadhaa?" Ergamaan Rabbiis
(SAW) ni jedhan, "Rabbiin si uumee osoo jiru wanta biraa gabbaruun Isaaf
dorgomaa gochuudha." Anis ni jedhe," itti aanse kamiidhaa?" Innis ni jedhe,
"Akka si waliin hin nyaanne ilma kee ajjeessudha." Anis ni jedhe, "itti aanse
kamiidhaa?" Innis ni jedhe, "Niiti ollaa keeti waliin zinaa (sagaagalummaa)
raawwachuudha." Sahiih Al-Bukhaari 6811
3-Zinaa (Sagaaagalummaa) irraa fagaachu
Ammas gabroonni Ar-Rahmaan warra, “zinaa (sagaagalummaa) hin raawwanneedha.” Kana jechuun amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko
isaan zinaa hin raawwatan. Sababni isaas, badii gurguddaa irraa fagaachu keessatti
of eeggannoo cimaa godhu. Isaan iddoolee gara badii zinaatti nama kuffisan irraa
ni fagaatu. Haada iffaa (kabaja ofii eegu) qabachuuf karaalee Rabbiin itti ajajee ni
hordofu.
Isaan zinaa kan hin raawwanne erga ta’anii, wanta zinaa caalaa fokkuu ta’e kan
akka saalaa wal fakkaatun wal qunnamu (homosexually) itti hin taran.
“Zinaa” jechuun osoo karaa seera qabeessaatiin wal hin fuudhin dhiiraa fi
dubartiin wal qunnamti foonii raawwachuudha. Gara Afaan Oromootti yommuu
deebisnu sagaagalummaa jennaan. Miidhaan zinaan nama dhuunfaa fi hawaasa
irraan gahuu garmalee guddaa waan ta’eef, Rabbiin azza wa jalla zinatti akka hin
dhiyaanne ajaje:
ٱول تقربوا ﴿ ن حشة وساء سبيا ۥإنه لز ﴾٣٢كن ف
“Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi
karaa hamaa ta’ee jira.” Suuratu Al-Isra 17:32
48
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyata tana keessatti sababoota fi wantoota
dursaa zinaatti nama geessan irraa dhoowwu agarsiisuuf zinatti dhiyaachu irraa
dhoowwe. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan ija, harka, gurraa fi miirota biroo
isaanii badii irraa ni qabu. Rabbiin Azza wa jalla zinaa faahishaa akka ta’e ni ibse.
Kana jechuun badii fokkuu guddaa ta’eedha.
Akka lugaatti faahishaa jechuun dubbii fi hojii irraa wanta fokkuu hunda. Dhimmi
haqaa fi murtii sirriin walitti hin gallee hundi faahishaadha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa zinaan karaan isaa hamaa akka ta’e ni ibse.
Zinaan “karaa hamaa ta’ee jira.” kana jechuun fedhii fooni guuttachuuf karaa
badaa fi fokkuu ta’eedha.
Zinaan karaan isaa hamaa ta’uun Rabbiin azza wa jalla zinaa haraama gochuu
yommuu fedhettii fi wanta guddaa namni addunyaa tana keessatti ittiin qoramu
yommuu godhetti, bu’aa badaatti wanta nama geessu fi karaa isaa wanta badaa
godhu isa keessa kaa’e.
Gama fayyaatin sababa zinaatiin dhibeewwan adda addaa ni babal’atu.
Akkuma saayinsii fi dhaabbileen fayyaa mirkaneessaniitti sababa zinaan
hawaasa keessatti babal’ateen dhibeewwan daddarboon baay’atanii jiru.
Dhibeewwan kanniin keessaa dhibeen qoricha dhabee fi sababa zinaatin
daddarbuu dhibee Edisiiti.
Gama hawaasummaattin yommuu ilaalle, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sirna
hawaasummaa ilma namaa bilooketti maatii dhiigan wal qabatan irratti akka
ijaarramu taasise. Kana jechuun maatiwwan baay’een walitti dhufuun hawaasa
guddaa ijaaru. Garuu miseensi maatii hariiroo firummaa dhiigaatin kan wal
qabatan ta’uu qabu. Ammas, maatii kana keesaa haqa baasi dirqamaa baasu, haqa
wal dhaalu fi soddoomu kaa’e.
Yommuu zinaan hawaasa keessa babal’atu sirni kuni ni bada. Sababni isaas,
amanummaan maatiin firummaa dhiigaa irraa qaban ni bada. Kana jechuun
yommuu zinaan babal’atu maatii keessatti ilmi dhalatu kan isaanii ta’uu ykn dhiisu
amanuuf isaanitti ulfaata. Fkn, dubartiin abbaa manaa qabdu zinaa raawwattee
abbaa manaa ishii waliin yoo jiraatte, ilmi yommuu dhalatu, abbaan manaa kuni
49
kan isaa ta’uu ykn kan isaa ta’uu dhiisu isaa ni shakka. Ergasii amanamummaan
maatii keessaa ni bada.
Ammas, yommuu zinaan babal’atu daa’imman badhetti gataman kan abbaan
isaanii hin beekkamne ni baay’atu. Yeroma daa’imman badhetti gataman kunniin
baay’atan yakkamtoonni ni baay’atu.15 Sababni isaas, daa’imman kunniin
yommuu guddatan abbaan isaanii waan hin beekkamneef kan isaan guddisu ni
dhabu. Kanaafu, galii isaanii argachuuf jecha yakka adda addaa hojjatu. Haala
kanaan, hawaasa guutuu balleessu.
Kanaafi, Islaama keessatti miidhaa badaa zinaa irraa dhalatu hanbisuuf adabbii
nama zinaa raawwate guddaa taasise. Inni yoo fuudhee ykn ishiin yoo heerumtee
zinaa raawwatan, dhagaan buruqfamanii ajjeefamu. Yoo kan hin fuune ykn hin
heerumne ta’e immoo si’a dhibba (100) reebamu. Garuu ajjeesuuf ykn reebuuf
qajeelfama hordofantu jira. Qajeelfamoota sanniin keessaa: osoo hin dirqisiifaman
namni zinaa raawwate mataa ofiitin, “Ani zinaa raawwadhe” jedhee amanuu.
Yookiin immoo ragaaleen afur argamuudha. Namoonni ragaa bahan kunniin
shakkii tokko malee ija isaanitiin yommuu zinaa raawwatan argu qabu.
Gabroonni Ar-Rahmaan addunyaa fi Aakhiratti miidhaa fi adabbii guddaa zinaa
irraa dhalatu waan beekaniif wantoota zinaatti nama geessu irraa ni fagaatu.
Kanneen akka dubartoota nyaaphaa (ajnabiyyah) waliin kokkolfuu, haasawa hin
barbaachisne isaan waliin haasawu, fiilmi ilaalu fi kkf irraa ni fagaatu.
Dubartoonni gabroota Ar-Rahmaan irraa ta'anis dhiiraa nyaaphaa waliin akkuma
fedhan hin ta'an, hijaaba isaanii sirnaan uffatu.
“Namni kana hojjate adabbii qunnama.” Kana jechuun namni Rabbii
Tokkicha waliin waan biraa gabbare, haqa malee nafsee Rabbiin haraama godhe
ajjeessee fi zinaa raawwatee, adabbii hojii badaa isaa ni argata. Adabbii kana itti
aanse ni ibse: “Guyyaa Qiyaamaa adabbiin isaaf dachaa ta’a,”
“Gabroota Ar-Rahmaan keessaa nama badii shirkii, nafsee haqa malee ajjeesu fi
zinaatti kufeef adabbiin dachaa ta’uu keessa iccitii maaltu jiraa?” jedhamee
gaafatamu danda’a.
15 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -9/611
50
Akkana jedhamuun ni danda’ama: Mu’imintoota biroo caalaa gabroonni Ar-
Rahmaan amantii irraa waa’ee baay’ee beekanii jiru. Ija ummataa keessatti
fakkeenya gaarii ta’anii jiru. Namni beekumsa qabuu fi beekumsa hin qabne wal-
qixa adabamaa? Gabroonni Ar-Rahmaan beekumsa badii kanarraa isaan deebisu
namoota biroo caalaa kuufatanii jiru. Kanaafu, yoo badii kanniin hojjatan namoota
biroo caalaa adabbiin isaaniif dachaa ta’a. Akkuma mindaan hojii gaggaarii isaanii
namoota biroo caalaa dachaa ta’u, akkasuma, adabbiin isaaniis dachaa ta’a.
Azaabni (adabbiin) dachaa kuni nama badii kana keessatti kufee osoo hin tawbatin
du’eef ta’a. “kan salphifame ta’ee yeroo hundaa achi keessa jiraata.”
Yeroo hunda adabbii jahannam keessa jiraachun isaa sababa shirkii hojjatee osoo
hin tawbatin du’eefi. Salphifamaa ta’uun isaa immoo yommuu gabroota Ar-
Rahmaan keessaa ta’uun Rabbiin isa kabaju, inni kabaja kana duubatti deebi’uun
ofirraa mulqe. Shirkii hojjachuun ni kafaree, ajjechaa fi zinaa hojjachuun badii
hundarra fokkuutti tare. Isa salpisuun kan ta’u, bakka hawaasa mushrikoota wali
galaa gadi itti ta’u kaa’uni. Kunis, sadarka gara olii erga ol bahee booda gara gadi
waan deebi’eef jazaa isaati.
Amma gaafi haa gaafannu, “Namni sadarkaa gabroota Ar-Rahmaanitti erga ol
bahee booda akkamitti badii shirkii, ajjeechaa fi zinaatti kufuu danda’aa?”
Akkana jennee deebisuun ni danda’ama: namoonni sadarkaa guddaa kanarra
gahan itti gaafatamumma amanti guddaa akka fudhataniif kaadhimtoota ta’u.
Yommuu itti gaafatamummaa amanti kana fudhatanii hojii isaanii jalqaban, gara
abbooti aangooti fi gara biraa irraa dhiibbaan isaan irra gaha. Hacuuccaa fi
dhiibbaan kuni badii gurguddaa kanniin keessatti akka kufan isaan taasisuun abbaa
aangoo daangaa darbaa ta’e gammachiisuuf ykn sadarkaa isaanitiif sodaachuun
Rabbiin waliin waan biraa kadhatu.
Tarii abbaan aangoo nama isa faalleessu ajjeessuuf murtii shari’aa (fatwaa) akka
kennan isaan irratti dhiibbaa gochuu danda’a. Isaanis, haqa malee fatwaa kennanii
nama ajjeefamu hin qabne ajjeessuun abbaa aangoo (sulxaana) waliin ajjeechaa
keessatti hirmaatu.
Ammas, gabroota Ar-Rahmaan keessaa namoonni gariin fitnaa dubartoota
babbareedotiif saaxilamuun badii zinaa keessatti kufuu danda’u. Kanaafu,
amaloota gaggaarii isaanii ibsuu waliin gabroota Ar-Rahmaan keessaa gariin badii
kanniinitti kufuu akka danda’an beeksisuun ogummaa (hikmaa) irraayyi.
51
“Namni badii kana keessatti yoo küfe karaan keessaa ittiin bahaniin jiraa?” jedhee
gaafachuu danda’a. Eeti, duuti dhufuun dura karaa ittiin bahan ni jira: “Nama tawbate, amanee fi hojii gaarii hojjate malee. Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf. Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.”
Nama badii shirkii, ajjeechaa fi zinaatti erga kufee booda Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa rahmataa fi tola Isaatiin karaa tawbaa isaaf banee jira. Tawbaa jechuun
badii hojjachuu irraa gara Rabbiif ajajamuutti deebi’uudha. Tawbachuun badii
kanniin irraa qulqullaa’e adabbii jalaa nagaha bahuu danda’a. Aayah tana keessatti
tawbaan kunis waa sadii akka of keessaa qabu Rabbiin azza wa jalla ni ibse:
1ffaa-Tawbaan dhugaa ta’uu. “Nama tawbate” jechi jedhu ni agarsiisa
2ffaa-Shirkii irraa of qulqulleessuuf iimaana haaromsu. “amanee” jechi jedhu ni
agarsiisa.
3ffaa- tawbaa fi iimaanni isaa dhugaa ta’uu ibsuuf hojii gaggaarii jaalala Rabbii
ittiin barbaadan hojjachuu. Jechi, “hojii gaarii hojjate” jedhu ni agarsiisa.
Rabbiin azza wa jalla balbala tawbaa isaaniif erga banee booda, namoota
tawbataniif waadaa gaarii seene.16 Waadaan kunis: “Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf. Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.”
“Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf.” Jedhu ilaalchise
hayyoota jidduutti ibsa lamatu jira:
1ffaa-Addunyaa keessatti hojiin badaan isaanii gara hojii gaaritti jijjirama. Shirkii
gara ikhlaasatti, zinaa gara kabaja ofii eegutti, hojii badaa biroo gara hojii gaaritti
jijjiraaf. Yommuu dhugaan tawbatan hojii badaa hojjachaa turan dhiisun hojii
gaggaarii hojjachuu jalqabu. Kanaafu, jireenyaa isaanii hafee keessatti hojii badaa
dhiisun hojii gaarii hojjachuun dabarsu (xumuru). Akkuma namni dhukkubsataan
yommuu fayyuu dhibeen isaa gara fayyaatti jijjiramu, namoonni tawbatan
kunniinis amallii fi hojiin badaan isaanii gara amalaa fi hojii gaariitti jijjirama.
2ffaa-Aakhiratti tawbaa dhugaa yoo tawbatan badiin isaan hojjatanii dabarsan
kunniin gara toltuutti jijjiramu. Sababni isaas, akkuma namni hojii badaa hojjate
dabarse san yaadachuun gaabbuu fi araarama kadhatuun zanbiin (badiin)
16 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -6/639-645
52
toltuudhaan bakka buufama. Araarama kadhachuun mataa isaatinu toltuu waan
ta’eef.17
Gabroonni Ar-Rahmaan badii erga hojjatanii booda yoo dhugaan tawbatan, bakka
duraan turanitti deebi’u. Yeroo duubatti deebi’uun badii hojjatan sanitti, badii
galmee hojii isaanii keessatti barreefame Rabbiin tola Isaatiin haaqun bakka sanii
hojii gaarii godha. Kuni Rabbiin irraa arjoominna guddaadha. Bakka hojii badaa
toltuu gochuun badii haaqu, dhoksuu fi irra darbuu caala. Dhugumatti, tolti
Rabbiin gabroota Ar-Rahmaan irratti oolu ee guddate!!!18
Namni mindaa namoota tawbataniif waadaa galame kana argachuuf, tawbaan isaa
dhugaa ta’uu qaba. “Namni tawbatee fi hojii gaarii hojjate, dhugumatti inni gara Rabbii tawbaa dhugaa tawbata.” Kana jechuun namni badii irraa
buqqa’uun gaabbee gara Rabbii deebi’ee fi hojii gaarii hojjate, tawbaan isaa
guutuu fi fudhatama tan qabduudha. Sababni isaas, tawbachuun gara karaa
Rabbitti nama geessutti deebi’a waan ta’eef. Kanaafu, tawbaa isaa Rabbiif haa
qulqulleessu.19 Mindaan tawbaa isaa Rabbiin biratti guddaa ta’ee argataati.
Ammas hiikni biraa aayah tanaa: namni dhugaadhaan tawbachuu barbaade fi
niyyate, tawbaa kanaan Jaalala Rabbii qofa barbaadun isarra jira, wanta tawbaa
balleessun walitti makuu hin qabu.20 Kaayyoon tawbaa guutuu fi haala hundarra
gaarii ta’een hojjachuutti kakaasu keessa jiru, qulqullinnaa fi guuttamu tawbaa irratti
hundaa’e badii irraa haxaawu fi mindaa isaaf guddisuufi. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
17 Tafsiiru Ibn Kasiir-5/610-611, Bidaa’u Tafsiir-2/267, Zaadul Masiir-fuula 1023 18 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 6/646 19 Tafsiiru Sa’dii-fuula 687 20 Zaadul Masiir fuula 1024
53
“Yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluun gara Rabbii deebi’aa. Guyyaa
Rabbiin Nabiyyii fi warra isa wajjiin amanan hin hoongessine san Gooftaan
keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannata laggeen jala yaa’an
isin seensisuun ni kajeellama. Ifti isaanii fuundura isaaniitii fi mirga isaanii
deema; “Yaa Gooftaa keenya! Ifa keenya nuuf guuti, nuufis araarami; Ati
waan hundaa irratti danda’aadha.” Jedhu.” Suuratu At-Tahriim 66:8
Akkuma Umar bin Al-Khaxxaab fi kan biroo jedhan tawbaa qulqulluu (tawbaa
dhugaa) jechuun badii irraa buqqa’uu fi gonkumaa itti deebi’u dhiisudha.
Akkuma aannan gur’uu sa’aatti hin deebine, namni dhugaan tawbatus badiitti
gonkumaa deebi’u dhiisudha. Ammas, Hasan ni jedha: tawbaa qulqulluu jechuun
qalbiin gaabbu, arrabaan araarama kadhachuu, qaaman badii irraa buqqa’u fi
gara fuunduratti itti deebi’u dhiisudha.
Guduunfaa
✏ Badiiwwan keessaa isaan hundarra gurguddoo ta'an:
1-Shirkii-Rabbii olta'aa waliin waan biraa gabbaruu
2-Haqa malee nama nagahaa ajjeesu
3-Zinaa
✏ Shikiin qalbii ajjeesa, ajjeechaan qaama ajjeesa, zinaan immoo kabaja namaa
ajjeesa.
✏ Namni badiiwaan kanniin hojjate, addunyaa fi Aakhiratti adabbii cimaatu isa
qunnama. Garuu, namni badiiwwan kanniinitti tare, tawbaa qulqulluu fi dhugaa
tawbachun adabbii jalaa ni baha. Tabwaa jechuun badii irraa buqqa'uun gara
Rabbiif ajajamutti deebi'uudha.
✏ Namni sharxii tawbaa guutuun tawbate, dhugumatti inni tawbaa dhugaa fi
fudhatama qabdu gara Rabbii (subhaanahu wa ta'aalaa) tawbata.
✏ Yaa obboleessa koo/ Yaa obboleetti koo! Badiiwwan armaan olii keessaa tokko
yoo hojjatte, hanga duuti dhuftu balballi tawbaa siif banaadha, carraa kanatti
fayyadami. Carraa tawbaa of jala dabarsuun adabbii guddaaf of hin saaxilin. Eeti,
hadhaan badii takkamaan nama keessaa hin bahu, ulfaatinni isaa takkamaan
namarraa hin salphatu. Garuu akkuma tawbaa, istighfaara fi hojii gaggaarii
baay'istuun hadhaa fi ulfaatinni kuni hir'ataa adeema. Mee ilaali, jireenya kee
keessatti akka waan ba'aan guddaan gurmuu kee irra jiruutti, ulfaatinni fi dhiphinni
sitti dhagahama. Akkasi mitii? Sababni kanaa maali jettee gaafatte beektaa?
Sababni kanaa "Badii (zanbii) dha" Qalbii irratti badiin yoo baay'ate, ulfaatinnaa
54
fi dhiphinna guddaa namatti ta'a. Karaan ba'aa zanbii ittiin ofirraa darban: tawbaa
dhugaa tawbachuu, salaata sirnaan salaatu, araarama kadhachuu, sadaqaa kennu,
sooma soomu fi hojii gaggaarii biroo hojjachuudha. Rabbiin subhaanahu wa
ta'aala rahmata Isaatiin tawbaa nasuuha (dhugaa taateen) nu haa milkeessu.
4-Az-Zuur irraa fagaachuu fi Al-Laghw biraan kabajaan darbuu
“Isaan kanneen Az-Zuur ragaa hin baanee fi yommuu Al-Laghw biraan darban kabajaan darbaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:72
Aayah tana sirritti hubachuuf hiika jechoota, “shahida, az-zuur fi al-laghw”
jedhan sirritti beeku qabna.
Akka lugaa Arabifaatti hiika “shahida” keessaa tokko “argamu” dha. Fkn,
akkana ni jedhama:“Shahida al-majlisa” Kana jechuun “Inni iddoo wal-gahiitti
argame (He attended meeting place)”
Ammas hiikni biraa, “Shahida” jedhu oduu irraa wanti inni dhiyeessu dhugaa
akka ta’e beeksisuudha. Hiika kana gara Afaan Oromootti yommuu deebisnu,
“Ragaa bahuu” jennaan. Kanaafu, hiikota shahida jedhu keessaa, “Argame” fi
“Ragaa bahe” kan jedhaniidha.
“Az-Zuur” jechuun baaxila (soba), kijiba, ragaa sobaati. Tarii hundeen “az-
zuur” “Al-Izwiraar” kan jedhu irraayyi ta'a. “Al-Izwiraar jechuun wanta tokko
irraa dabuu fi maquudha. Kijibni, baaxilli fi ragaan sobaa hundi karaa haqaa irraa
kanneen dabaniidha.
Hiika jalqabaa “shahida” (argame) jedhu irratti hundaa’e jechii Rabbii olta’aa
“Wallaziina laa yash-haduuna-zzuur” jedhu, hiikni isaa akkana ta’a: Amaloota
gabroota Ar-Rahmaan keessaa, iddoo baaxilli, kijibni fi badiin itti raawwatamu
kan warri shirkii fi jallinnaa itti wal gahanitti hin argaman. Gabroonni Ar-
Rahmaan osoo achitti waliin hirmaatu baataniyyuu, achitti argamuu fi ilaalu irraa
ni fagaatu. Sababni isaas, achitti argamuun qofti ma’asiyaa (badii) dha.
Hiika lamaffaa “Shahida (ragaa bahe)” jedhu irratti hundaa’e hiikni aayah:
amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, ragaa isaanii keessatti wanta beekan
55
malee hin beeksisan. “Kuni dhugaa beeknu” jedhanii odeessun, sobaan ragaa hin
bahan.[1] Hiikni lamaan armaan olii wanti wal faallessu isaan keessa waan hin
jirreef kan wal jabeessaniidha.
Armaan olitti jecha baaxila jedhu kaasne turre. Baaxila jechuun faallaa haqaa kan
ta’ee fi wanta dhaabbata hin qabneedha. Fkn, shirkiin baaxila. “Hojii baaxilaa” ni
jedhama. Kana jechuun, “Hojii kasaaraa faaydan keessa hin jirre.”[2]
Hiikota armaan oli irraa kaane, Gabroonni Ar-Rahmaan iddoo wal-gahii dubbii
dhoowwamaa ykn hojii dhoowwamaa of keessaa qabu hundarraa ni fagaatu.
Iddoo namoonni wal gahanii ykn wal-qunnamanii sobaan itti wal morman, wal-
hamatan, jette jettee odeessan, wal-arrabsan, maqaa xureessan, itti qoosan, itti
sirban, farsoo dhugan, filmii ilaalanii fi kkf itti hojjatanitti hin argaman.[3]
Wantoota baaxilaa fi kijibaa kanniin irratti kan hin argamne erga ta’anii, sobaan
ragaa hin bahanii jechuudha.
Ragaan sobaa jireenya namaa keessatti kijiba irraa gocha garmalee fokkuu ta’ee
fi miidhaa guddaa fiduu ta’ee osoo jiruu, akkamitti gabroonni Ar-Rahmaan ragaa
sobaa bahuu? Hundemaa, ragaa bahuu keessatti nama haqaatiif deeggaraa ta’uu,
haqummaa gadi dhaabu fi yakkamtoota nama miidhan irratti murteessuf
gargaaraa ta’uudha. Ragaan itti-gaafatamummaa isaa irraa jijjiramuun sobaaf
deeggaraa fi abbaan murtii haqaan ala sobaan murteessun murtii kan jallisuu yoo
ta’e, yeroo tokko keessatti yakka gurguddaa lama of keessatti hammata:
Yakka 1ffaa- Ragaan itti gaafatamummaa uumamaa isaa bahuu dhiisu. Kana
jechuun dhugaadhaan ragaa bahuun osoo namarra jiru sobaan ragaa bahuudha.
Gama kanaan, ragaa dhoksuu irra haalli kuni irra badaadha.
Yakka 2ffaa-Ragaa sobaa kana fudhachuun mirgi fi haqni sarbamuu, namoonni
qulqulluun miidhamu, gabroota Rabbii irratti daangaa darbuu fi isaan miidhuuf
itti gargaaramuudha. Fakkeenyaaf, abbaan murtii haqaan murteessun osoo isarra
jiruu, fedhii lubbuu hordofuun ykn addunyaa irraa faaydaa xiqqoo barbaadun
ykn firummaaf dhimmamuun haqa malee murteessa, zaalima ni gargaara, irree
nama daangaa darbee ni jabeesa.
Osoo yakka kanniin lamaan of keessaa qabaatu baateyyu, ragaan sobaa kijiba
uumameedha. Warroota hin amannee malee eenyullee kijiba akka hin uumne
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibse jira:
56
ين ٱ لكذب ٱإنما يفتي ﴿ ل يؤمنون اب ل ٱي ول ئك هم للذبون ٱوأ ﴾١٠٥لك
“Kijiba kan uumu keeyyattoota Rabbitti kanneen hin amanne qofaadha.
Warri suni isaanumatu kijibdoota.” Suuratu An-Nahl 16:105
Kana jechuun kan kijiba uumuu fi sobuu namoota ragaalee fi beeksisa Rabbiitti
hin amanneedha. Sababni isaas, dhugaa dubbachuu isaanitiif mindaa hin kajeelan,
kijiba dubbachuu isaanitiif adabbii hin sodaatan. Isaan warra kijiba uumaniidha.[4]
Aayan tuni akkuma agarsiistu, kijiba namoota hin amanne irratti gabaabse. Kijiba
kan uumu warroota hin amanne qofa. Gosoota kijibaa keessaa hundarra fokkuu
kan ta’e, Rabbii olta’aa irratti kijiba uumuu fi ragaa sobaa bahuudha.
Ragaa sobaa irraa akeekachisuu ilaalchisee Abu Bakrah irraa Al-Bukhaari fi
Muslim akkana jechuun gabaasanii jiru: Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Badiwwan gurguddaa keessaa hundarra badaa kan ta’e isinitti himuu?” Nutis ni
jenne, “Eeyyen Yaa Ergamaa Rabbii!” Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan: “Rabbitti
waa qindeessu (shirkii), haadha abbaaf ajajamuu diduu fi tola oolu dhiisu, ragaa
sobaa yookiin dubbii sobaati.” Ergamaan Rabbii (SAW) hirkatanii turan. Ergasii
ol jedhe taa'un “Ragaa sobaa” jechuu irra deddeebi’u hin dhiisne hanga osoo
cal’isee maal qaba jennuutti.” Sahiih Muslim 87, Sahiih Al-Bukhaari 6919
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Xurii taabotaa irraa fagaadhaa, dubbii sobaa irraayis fagaadhaa.” Suuratu
Al-Hajj 22:30
Taabota fi uumamtoota biroo gabbaruun (waaqefachuun) xurii hundarra badaa
qalbii namaa xureessudha. Dubbiin sobaas dubbii hundarra fokkuu ta’eedha.
Kanaafu, kana hundarraa fagaadhaa.
Gabaabumatti, gabroonni Ar-Rahmaan hojii fi dubbii sobaa keessatti hin
hirmaatan, akkasumas, ragaa sobaa hin bahan. Isaan warra “yommuu Al-Laghw biraan darban kabajaan darbaniidha.”
57
Akka lugaatti, “Al-Laghw” jechuun addunyaatti ykn Aakhiratti faaydan isarraa
waan hin argamneef wanta haaqamuu fi dhiifamuu qabu hunda.[5] Gabaabumatti,
al-laghw jechuun dubbii ykn hojii qullaa faaydaa fi kheeyrin keessa hin jirreedha.
Kan akka dubbii namoota gowwaa, waa’ee wal-qunnamti foonii dhiiraa fi dubartii
jidduutti adeemsifamu ilaalchisee jecha ifaatin dubbachuu, mushrikoonni wanta
gabbaran ol guddisanii dubbachuu, sirba dhageefachu fi kkf laghw irraayyi.[6]
Gabroonni Ar-Rahmaan dubbii qullaa faaydaa hin qabnetti yoo tasa dhufan ykn
itti dhiyaatan, kabajaan bira darbu. “Kabajaan darbuu” jechuun nafsee ofii dubbii
qullaa faayda hin qabne irraa fageessu, itti lixu irraa nafsee ofii ni kabaju. Osoo
itti lixuun cubbuu ta’uu baateyyuu, wanta faaydi hin qabne dubbachuun ykn
hojjachuun gowwummaa akka ta'e fi, namummaa fi dhiirummaaf hanqinna akka
ta’etti ilaalu. Kanaafu, nafsee ofii kanarraa ol fageessu.[7]
Gabroonni Ar-Rahmaan gatii yeroo ni hubatu. Jireenya tana keessatti yeroon isaan
irra darbu mataa qabeenya isaanii akka ta’e ni beeku. Yeroo isaanii wanta faaydan
keessa hin jirree (al-laghw) keessatti akka gubattuuf yoo hayyaman, hamma al-
laghw keessatti baasaniin mataa qabeenya isaanii bittineessanii ykn balleessanii
jiru. Kasaaran kana keessatti kasaaran gonkuma akka bakka hin buufamne ni
beeku. Isaan gamnootaa fi warra beekumsa qaban waan ta’aniif, kasaaraa bakka
hin buufamne kana akka hin kasaarre garmalee tattaafatu. Sababni isaas, umriin
daangefamaadha. Namni hojii isa jala darbe hojjachuuf osoo umriin isaa akka
tursifamuu hanga fedhe barbaade, gonkumaa hin tursiifamu, osoo sa’aati takkallee
taateyyu. Du’aan booda hojii gaarii hojjachuuf akka deebifamuu yoo kadhates,
kadhaan isaa fudhatama hin argatu. Inuma ni waqqafama.
Kanaafi,ilmi namaa kasaara keessa akka jiru agarsiisuuf Rabbiin azza wa jalla
yeroon kakate. Namni bakkuma argetti yeroo isaa bittinneesun akkuma yeroon isa
irra darbuun kasaaraa keessatti mucucaata. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
warroota kasaaran irraa namoota amanan, hojii gaggaarii hojjatan, haqaa fi obsa
waliif dhaaman adda baase. Sababni isaas, warroonni kasaaraa jalaa bahan kunniin
warroota umrii isaanii daldala bu’aa guddaa buusu Rabbii olta’aa waliin daldaalu
irratti baasaniidha. Dhugumatti, daldalli kuni daldala guddaa guddinna isaa namni
yaadu hin dandeenyedha.
Gabroonni Ar-Rahmaan gosoota kana irraayyi. Yeroon isaanii faayda tokko malee
gubachuu waan sodaataniif wanta faaydi hin qabne kabajaan bira darbu. Kana
keessatti taruun yeroo ofii hin guban, ofiis hin xiqqeessan. Namni kabajamaan
58
wanta tokko biraan yoo darbe xiyyeefannoo isaa, ykn yeroo isaa ykn humna isaa
osoo itti kennin, kana waliinu gogaa fi jabaataa osoo hin ta’in, haala salphaa fi
laafan bira darba. Itti hin jabaatu, hin gogu, haala laafaa fi salphaa ta’een namoota
wanta faaydi hin qabne keessatti lixan gorsa. Umriin garmalee qaalii akka ta’e
isaanitti hima. Kanaafu, wanta faaydi hin qabne keessatti yeroo balleessuun sirrii
miti.
Gabroonni Ar-Rahmaan amaloota isaanii keessaa tokko uluwwul himmati (Yaanni
isaanii garmalee ol'aanaa) ta’uudha. Yaada ykn kaayyoo ol fagoo waan qabaniif
wantoota tufatamoo fi xixxiqoo irraa of ol kaasu. Dhimmoota ol’aanoo fi guutuu
ta’an barbaadu. Dhimmoota tuffatamootti rarra’uun gadi aantummaa nafsee fi
yaanni namaa kufuu akka ta’e ni hubatu. Warri qalbii fi nafsee guddaa qaban kana
hin hojjatan. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan warra argituu gara karaa olii ol
nama kaasutti fudhattuu fi gubbaa ol’aanu ilaaltu qabaniidha. Isaan argituu tanaan
dubbiin ykn hojiin ykn yaanni faaydi hin qabne dhimmoota tuffatamoo fi gadi
aanoo akka ta’an ni argu. Kanaafi, isaan xiqqoo malee yeroo fi humna isaanii irraa
wanta faaydi hin qabne irratti hin balleessan.
Jireenya isaanii keessatti dhimmoota duwwaa faydan keessa hin jirre biraan yoo
darban, irraa garagalu. Nafsee ofii dhimmoota faaydi hin qabne keessa turuu irraa
ni kabaju. Al-laghw wanta faayda hin qabne waliin ko’oomu waan ta’eef
dhimmoota gamnoonni xiyyeefannoo itti hin kennineedha. Gabroonni Ar-
Rahmaan gamnoota waan ta’aniif wanta isaan ilaallatuu fi fayyadu argachuuf
garmalee itti futu. Dhaamsa Nabiyyii (SAW) hojii irra oolchun wanta isaan hin
ilaallanne waliin hin ko’ooman:[8]
"إن من حسن إسالم المرء تركه ما ال يعنيه
“Gaarummaa Islaama nama tokkoo keessaa wanta isa hin galchine
dhiisudha.” Jaami’u Tirzimii-2318
Wanti isa hin galchine wanta isaaf ykn nama biraatiif faayda hin buufnedha.
Fakkeenyaf, namoota hamachuu, fi kkf. Asitti wanti hubatamu qabu, “Namoota
waan badaa irraa dhoowwun ykn waan gaaritti ajajuun” hadiisa kana keessa hin
seenu. Yommuu namni tokko nama biraa waan gaaritti isa ajaju ykn waan badaa
irraa isa dhoowwu, namni lammataa hadiisa armaan oliitti fayyadame, “kuni
dhimma dhuunfati si hin galchu” jechuuni hin danda’u. Sababni isaas, al-amr bil
ma’aruufi wa nahyi anil munkari (waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa
59
dhoowwun) wanta shari’aan itti ajajee fi dirqama godheedha. Wanti shari’aan itti
ajaje hundi wanta nama galchuu fi xiyyeeffanno itti kennuun barbaachisudha.
Guduunfaa
➥“Az-Zuur” jechuun baaxila, kijibaa fi ragaa sobaati. Baaxilli shirkii,
muuziqaa, hojii badaa fi fokkuu biroo of keessatti hammata
➥Al-Laghw jechuun wanta faaydaa fi bu'aa hin qabneedha.
➥Gabroonni Ar-Rahmaan az-zuur irratti hin argaman ragaas hin bahan. Kana
jechuun isaan hojii fokkuu fi kijiba keessatti hin hirmaatan, akkasumas, ragaa
sobaa hin bahan. Hojii badaa, kijibaa fi ragaa sobaa irraa fagaachun isaanii waa
sadii irraa isaan tiiksa: Adabbii, salphinnaa fi yeroo gubuu.
➥Ammas gabroonni Ar-Rahmaan wanta faaydi hin qabne biraan kabajaan
darbu. Kana jechuun yommuu tasa wanta faaydi hin qabnetti dhufan nafsee ofii
kabajanii bira darbu. Yoo danda'an namoota ni gorsu. Yoo dadhaban immoo
irraa garagalanii deemu. Haala kanaan, yeroo isaanii bakka hin taanetti gubuu
irraa eegu.
➥Gabroonni Ar-Rahmaan sirba (muuziqaa) hin dhageefatan ykn iddoo sirbaatti
hin argaman. Sababni isaas, sirbii takkaa hojii baaxilaa badiitti nama geessu ta’a,
takkaa immoo dubbii qullaa faaydan keessa hin jirree ta’a. Gabroonni Ar-
Rahmaan baaxilaa fi kijiba irratti waan hin argamneef ammas, wanta faayda hin
qabne biraan kabajaan waan darbaniif sirba hin dhageefatan ykn iddoo isaatti hin
argaman.
➥Ammas gabroonni Ar-Rahmaan fiilmi fi moovi dubartii fi dhiira makate hin
ilaalan. Sababni isaas, fiilmi fi moovin kunniin baaxila hojii fokkuu akka shirkii,
sagaagalummaa fi ajjeechaatti nama geessaniidha. Akkasumas, hojii fi dubbii
faaydan keessa hin jirreedha. Namni fiilmi fi moovi warra dhiyaa, hindoota,
turkoota, araboota fi kan biroo halkanii guyyaa ilaalu faaydan inni argatuu
maaliidhaa? Gabroonni Ar-Rahmaan wanta baaxilaa (sobaa) ilaalu irratti yeroo
isaanii qaali hin guban.
➥Ammas, gabroonni Ar-Rahmaan nama hamachuu irratti yeroo ofii hin
dabarsan. Sababni isaas, nama hamachuun az-zuur waan ta'eef badittii isaan
kuffisa.
➥Gabaabumatti gabroonni Ar-Rahmaan umriin isaaniif kenname gabaaba ta'uu
60
waan beekaniif Aakhiratti mindaa guddaan milkaa'uu fi adabbii jalaa bahuuf:
hojii badaa, kijibaa fi ragaa sobaa irraa ni fagaatu. Yeroo isaanii wanta faayda
hin qabne irratti hin balleessan. Kana irra, takkaa addunyaatti hojii isaan
fayyadu, takkaa immoo Aakhiratti hojii isaan fayyadu hojjatu.
Kitaabban wabii: [1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -6/648
[2] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-
ar/%D8%A8%D8%A7%D8%B7%D9%84/
[3] Tafsiir Sa’dii-687
[4] Tafsiiru Xabarii-14/371
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -6/652,
[6] Tafsiiru sa’dii-fuula 687, Tafsiiru Xabarii-17/525
[7] Tafsiiru Sa’dii-fuula 687
[8] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-6/652-654
Tafsiiru Qur’aanil Kariim, Suuratu Furqaan, fuula 315, Muhammad bin Saalih
Useymiin
61
Boqonnaa 3-Amaloota gaggaarii dabalataa
1-Yommuu Aayaanni Gooftaa isaanii isaaniif dubbifaman, itti
xinxalluun barnoota irraa fudhatanii itti bulu
“Isaan aayaata Gooftaa isaanitiin yommuu yaadachiifaman, duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.” Suuratu Al-Furqaan
25:73
Kana jechuun yommuu keeyyanni Qur’aanaa gabroota ar-Rahmaan irratti
dubbifamu, “duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.”
Kana jechuun hanga duudaa hin dhageenye fi jaamaa hin argine ta’anitti gaflaa
keessa hin ta’an.21 Jecha biraatin, keeyyanni Qur’aanaa yommuu isaan irratti
dubbifamu akka nama hin dhageenye duudaa hin ta’an, akka nama hin arginee
jaamaa hin ta’an. Kana irra, aayata Qur’aanaatti xinxalluun itti fayyadamu. Akka
kaafiraa, munaafiqaa fi nama gaafilaa duudaa fi jaamaa ta’uun irraa hin garagalan.
Kaafirri, munaafiqni fi namni gaflaa keessa jiru yommuu keeyyanni Qur’aanaa
isaan irratti dubbifamu, gurraan osoo dhagahaniillee akka duudaa hin dhageenye
ta’uun irraa garagalu. Garuu namoonni amanan, aayaata Qur’aanatti xinxalluun ni
fudhatu, iimaanni isaanii ni dabala. Qur'aana keessatti:
ما ﴿ ين ٱ لمؤمنون ٱإن ٱإذا ذكر ل لل قلوبهم إوذا تلي وجلته ون ۥعليهم ءاي رب هم يتوك ﴾٢زادتهم إيمنا ولع
“Warri dhugaan amanan yommuu Rabbiin dubbatamu qalbiin isaanii
sodaattu, yommuu keeyyattoonni Isaa isaan irratti dubbifaman iimaana
isaaniif dabaltuu fi Gooftaa isaanii qofa irratti kanneen hirkatan qofaadha.” Suuratu Al-Anfaal 8:2
21 Zaadul Masiir-fuula 1024, Ibn Al-Jawzi
62
Warri dhugaan amananii fi iimaanni isaanii guutuu ta’e yommuu maqaalee fi
sifaanni Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa dubbatamu, qalbiin isaanii ni sodaatti.
Qur’aana irraa yommuu keeyyattoonni isaaniif dubbifaman, dhugoomsun,
yaqiinni (mirkaneefannaan) fi Rabbiin sodaachuun isaaniif ni dabalama. Sababni
kanaa, isaan gurraan sirritti dhageefatu, qalbii isaanii sassaabun wanta dhagayan
ykn dubbisan ni qalbeefatu ykn ni hubatu. Yeroo kanatti iimaanni isaanii ni dabala.
Yommuu xiyyeefannoon keeyyata Qur’aanaa dhageefatan ykn dubbisan, takkaa
wanta wallaalan beeku, takkaa wanta dagatan yaadatu, takkaa immoo qalbii isaanii
keessatti waan gaarii kajeelu fi adabbii sodaachun ni uumama. Kuni hundi wanta
iimaana dabaluudha.22 Namoonni aayata Qur’aanaatti xiyyeefannoo hin kennine
immoo kana hunda dhabu.
“Aayatni” keeyyata Qur’aanaa fi mallattoolee of keessatti hammata. Mallattooleen
kunniin uumamtoota Rabbiin uumeedha. Uumamtoonni hundi mallatoolee gara
Uumaa (Khaaliqaa) agarsiisaniidha. Gabroonni Ar-Rahmaan yommuu
mallatoolee samii fi dachii keessa jiran isaaniif ibsaman jaamaa ta’uun irraa hin
garagalan. Kana irra, mallatoolee kaniinitti xinxalluun guddinnaa fi dandeetti
Khaaliqaa hubatu. Kaafirri fi namni gaflaa keessa jiru immoo mallattoolee kanniin
irraa jaamaa ta’uun garagala. Osoo ijaan argeeyyu itti xinxalle wanta mallatooleen
kuni agarsiisan hin hubatu. Qur’aana keessatti:
“Mallatoo meeqa samii fi dachii keessa irraa kan garagalan ta’anii ishii irra
darbuu.” Suuratu Yuusuf 12:105
Yommuu Aayata Rabbiitiin gorfaman (yaadachiifaman) Ramaddii Namootaa23
Yommuu haala namootaa aayata Rabbii dubbifamaniin yookiin mul’ataniin
yaadachiifaman itti xinxallinu bakka jahatti ramadamanii (qoodamanii) arganna:
Ramaddii 1ffaa- namoota keessaa nama yommuu aayata Gooftaa isaatiin
yaadachifamu (gorfamu), osoo yaada, dhageetti fi argituu isaa itti hin kenniin
22 Zaadul Masiir-fuula 540, Tafsiiru Sa’dii-fuula 357 23 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-6/659-662
63
yoosu aayata kanniin irraa garagaluudha. Sababni isaas, inni jalqaba irraa kaasee
nafsee isaa keessatti wanta kheyrii, qajeelinnaa fi gorsa hundarraa isa dhoowwu
dhaabe jira. Inni wanta gara haqaatti isa qajeelchu ykn fedhii cimaa addunyaa fi
faaya ishiitti rarra’uu isarraa hir’isuu hin fudhatu. Namoota keessaa namni
akkanaa isaa fi qajeelcha Gooftaa isaa jidduu haguuggii furdaa ta’etu jira.
Haguuggin kunis, hawwii, fedhii lubbuu, of tuuluu fi jireenya addunyaa keessatti
lixuudha. Suuratu Al-Kahf keessatti wanti gosa namoota akkanaatti akeeku dhufee
jira:
ر اب﴿ ن ذك ظلم مم رب ه ومن أ عرض عنها ونس ما ۦي
فأ
ن يفقهوه وف كنة أ
قلوبهم أ يداه إنا جعلنا لع م قد
ب فلن ي لهدى ٱءاذانهم وقرا إون تدعهم إل ﴾٥٧داهتدوا إذا أ
“Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii isaan irraa garagalee fi wanta harkii isaa lamaan dabarsan dagate caalaa namni miidhaa hojjate eenyuu? Dhugumatti, Nuti akka isaan isa hin hubanneef qalbii isaanii irra haguuggii fi gurra isaanii keessa duudummaa goonee jirra. Yoo gara qajeelinnaatti isaan waamte, isaan yoosan gonkumaa hin qajeelan.” Suuratu Al-Kahf 18:57
Nama yommuu keeyyattoonni Qur’aanaa isaaf dubbifamuun haqni fi sobni,
qajeelinnaa fi jallinni isaaf ibsame booda irraa garagalee fi badii hojjate dabarse
dagate caalaa namni zulmii fi yakka hojjate hin jiru. Keeyyattoota Gooftaa isa
uumee nyaachisuu fi obaasu irraa ni garagala, hojii badaa duraan hojjate dagatee
haala badaa isaa itti fufa. Nama kana caalaa namni zaalimni (miidhaa raawwataan)
jiraa?
Namoonni ramaddi kanaa, sababa isaan miira isaanii hunda addunyaa irraa wanta
qaamni fi nafseen isaanii fedhanitti garagalchaniif qalbiin isaanii tan
haguuggamteedha. Keeyyattoota Gooftaa isaanii irraa wanta yaadachiifaman isaan
hin hubatan. Hanga fedhe gorsii ifaa fi ragaa wayiitu kan hin barbaanne haa ta’u,
isaan gorsa kana hin dhagahan. Sababni isaas, dubbii dhageefachuun kan ta’uu
64
wanta barbaadamu hubachuuf yoo fedhii qabaataniidha. Namni kana hin
barbaanne dhageetti isaa irraa garagalcha. Inni sagalee hiika hin qabne malee waan
biraa hin dhagahu. Akka nama gurra isaa keessaa duudummaan jiruuti.
Ramaddii 2ffaa-Kuni namoota keessaa nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin
yaadachifamee ergasii dhagahuu fi wanta isaan agarsiisan itti xinxalluudha. Tarii
keeyyattoota kanniinitti fayyadamuu danda’a. Garuu, kana booda fedhii fi
hawwiin lubbuu isa moo’achuun irraa garagala.
Namoota keessaa ramaddiin kuni nama keessa isaatti yaanni fi hawwiin, sammuun
gara qajeelinnatti qajeelchu fi fedhiin lubbuu finciltuu taate wal lolaniidha.
Marsaalee wal’aansoo yeroo dheeraaf ykn yeroo gabaabaf turu erga darbee booda
hawwii fi fedhiin lubbuu ni injifatti. Fedhiin lubbuu yaada fi sammuu isaa ni
too’atti. Erga aayata kanniinitti yaaduun haqa amansiisuuf wanta isa gahuu fi karaa
qajeelaa irra akka deemuf ragaa isaan agarsiisan hubatee booda irraa garagala.
Namoota irraa wanta ramaddi kanatti akeeku jecha Rabbii olta’aa keessatti haala
kanaan dhufee jira:
ر اب﴿ ن ذك ظلم مم رب ه ومن أ إنا من ۦي عرض عنها
﴾٢٢منتقمون لمجرمي ٱثم أ
“Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee sana booda isaan irraa
garagale caalaa namni miidhaa hojjate eenyuu? Dhugumatti, Nuti
yakkamtoota irraa haloo bahatoodha.” Suuratu As-Sajdah 32:22
Namoota keessaa ramaddin kuni akkuma ramaddi jalqabaa yakkamaadha
(mujrima). Garuu ramaddi jalqabaa irra carraan ramaddi lammataa kana fooyyessu
guddaadha. Kanaafi, haala nama ramaddi jalqabaa yommuu ibsu jecha Rabbii azza
wa jalla keessatti akkana jechuun dhufe: “Yoo gara qajeelinnaatti isaan waamte,
isaan yoosan gonkumaa hin qajeelan”
Ramaddi lammataa ibsuuf himni akkanaa hin dhufne. Namoota aayata armaan olii
lamaan keessatti dubbataman ibsuuf wal-qabsiistu garagaraatti yommuu
fayyadamu, isaan namoota ramaddii garagaraa akka ta’an hubachuu dandeenye
jirra. Nama ramaddi jalqabaa ibsuuf jecha " أعرض(a’arada)" jedhu irratti wal-
qabsiistu ‘fa’ maxxanse. A'arada jechuun garagalee jechuudha. Akka lugaa
65
Arabiffaatti, wal-qabsiistuun, ‘fa’ osoo yeroo dheeraa hin fudhatin wal duraa
duuban wanta tartibaan dhufu agarsiisa.
Ramaddi lammata ibsuuf immoo jecha, “ أعرض(a’arada)” jedhu irratti wal-
qabsiistu “ ثم (summa)” maxxanse. Akka lugaa Arabiffaatti, wal-qabsiistun
“summa” duubatti hafuu waliin tartiiba agarsiisa. Kana jechuun wanti tokko
tartiibaan dhufa. Garuu hatamtamaan dhufuun hin barbaachisu. Turee dhufu
danda’a. Wal-qabsiistuwwan kanniin gara Afaan Oromotti yommuu deebisnu,
hiikni dhiyoon “ergasii, itti aanse, sana booda” ta’a. (Waa'ee wal-qabsiistu
kanniini daran hubachuuf sharih al-arjuumiyyah-fuula 316-317,by ibn Useymiin
ilaalun ni danda'ama).
Ramaddi jalqabaa keessatti wal-qabsiistu “fa” jecha a’arada jedhutti maxxansun
jedhe. Namni kuni yommuu keeyyattoonni Gooftaa isaatiin "(fa'arada)فأعرض "
gorfame ergasii yoosu irraa garagala.
Ramaddii lammataa ibsuuf wal-qabsiistu “summa” jecha a’arada jedhutti
maxxansun “ ض ثم أعر (summa a’arada)” jedhe. Namni kuni yommuu
keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfame ergasii hanga ta’e ture irraa garagala.
Ramaddii 3ffaa- ramaddin kuni ramaddi munaafiqaa aayata Rabbiitiin yommuu
yaadachifamuu mu’mintoota waliin akka waan fudhatee fi amanee ni fakkeessa.
Sujuuda qaamaa qofa ni bu’a. Garuu qalbii isaa keessatti inni kaafira. Wanta
yaadachisaan (gorsaan) itti waamu irraa gurri isaa duudaa, ijji isaa jaamaadha.
Haalli isaa akka haala ramaddi 1ffaa ykn 2ffaati.
Ramadddi 4ffaa-warra amanan irraa nama hojii na argaaf hojjatuudha. Namni
kunis yommuu sujuuda bu’u sujuuda qaamaa qofa bu’a. Sujuuda qalbii fi of gadi
qabu nafseeti miti. Sababni isaas, fedhiin isaa ibaada agarsiifachuun namoota
biratti faayda addunyaa argachuudha. Na argaaf jedhe hojjachuun isaa, hojii isaa
jalaa balleessa. Gooftaa isaa biratti mindaa hojii san irratti hin argatu.
Ramaddi 5ffaa- warra amanan irraa nama gaafila ta’e- namni kuni sujuuda
ibaadaa osoo hin ta’in sujuuda aadaa ni sujuuda. Yaanni fi qalbiin isaa dhimmoota
addunyaa waliin ko’oomutti kan garagalaniidha. Yommuu ibaadaa hojjatu yaanni
fi qalbiin isaa addunyaa waliin kan ko’oomaniidha (biizi ta’aniidha). Inni ibaadaa
irraa gaafila (xiyyeefannoon hin hojjatu). Madaala (miizana) Rabbii keessatti
namni ramaddi kanaa gatii hojii isaa hir’uu ta’e irratti hundaa’e mindaa ni argata.
66
Garuu akkuma hojiin isaa hir'uu ta'e, namoota isa caalaa hojii qulqullinnaan fi
sirnaan hojjataniin yommuu wal bira qabamu, mindaan isaas hir'uudha. Namni
xiyyeefannaan salaata salaatu fi namni xiyyeefannaan salaata hin salaanne
mindaan isaanii wal-qixaa?
Ramaddi 6ffaa- Ramaddin kuni ramaddi qalbin, yaanni fi nafseen isaa
argamaniidha. Qalbii fi yaada wanta hojjatu irratti sassaabe xiyyeeffannoon
hojjata. Sujuuda nama dhagahuu, arguu, aayaata Rabbii dubbifamanii fi
mul’ataniitti xinxalluu sujuuda bu’a. Namoonni ramaddi kanaa, aayata Rabbii
dubbifaman dhagahuun itti xinxalluu. Akkasumas, aayata ijaan mul’atan arguun
itti yaadu. Gabroonni Ar-Rahmaan ramaddi kana keessaayyi.
Jechi Rabbii azza wa jalla armaan gadi ramaddi kana ni agarsiisa:
ما يؤمن اب﴿ ين ٱيتنا إن دا وسبحوا ل وا سج روا بها خر إذا ذك ون۩ ﴾١٥بمد رب هم وهم ل يستكب
“Aayaata Keenyatti kan amanu warra yommuu isaaniin yaadachiifaman
sujuuda bu’anii fi faaruu Gooftaa isaanitiin [Isa] qulqulleessan qofaadha.
Isaan of hin tuulan.” Suuratu As-Sajdah 32:15
Guduunfaa
➦ Gabroonni Ar-Rahmaan yommuu aayanni Rabbii isaan irratti dubbifaman,
jaamaa fi duudaa ta'anii irraa hin garagalan. Kana irra, itti xinxalluun barnoota
irraa fudhatu. Ergasii ni hodofu.
➦ Yommuu aayaatni Rabbii (subhaanahu wa ta'aalaa) dubbifaman amaloota
isaan agarsiisan irratti hundaa'e, namoota bakka jahatti qoodun ni danda'ama.
1ffaa-Nama yommuu aayanni Rabbii isaaf dubbifamuu osoo itti hin xinxalliin
yoosu irraa garagaluudha. Namni kuni of tuuluu fi fedhiin badaan isa keessa
waan jiruuf yaadaa fi qalbii isaa cufee jira.
2ffaa-Namni yommuu aayaanni isaaf dubbifaman yeroo muraasaaf erga itti
xinxallee booda irraa garagaluudha.
3ffaa-Munaafiqa- nama qalbii keessatti kufrii dhoksee gubbaa (zaahiraa) Islaama
mul'isuudha. Haalli isaa akkuma haala namoota ramaddii 1ffaa fi 2ffaati.
67
4ffaa-Warroota amanan irraa nama hojii na argaaf hojjatuudha. Sujuuda yoo bu'e
na argaaf bu'a. Hojii ibaadaa biroos namoota biratti faayda addunyaa argachuuf
hojjata. Aayanni yommuu isaaf dubbifamanis itti hin xinxallu.
5ffaa-Warroota amanan irraa nama gaafila ta'e-namni kuni hundeewwan
iimaanatti haa amanuu malee qalbii fi yaanni isaa faaya addunyaatti waan
rarraatef, aayanni yommuu isaaf dubbifaman ykn ibaada hojjatu gaafila ta'a.
Kana jechuun xiyyeefanno itti hin kennu.
6ffaa-Warroota dhugaan amananii yaada fi qalbii isaanii sassaabun aayata
dhageefataniidha ykn hojii ibaada hojjataniidha.
Dhugumatti namoota gosoota jahaa kanniin hawaasa keessatti ni argina. Wanti
asirraa hubannu, namni Qur'aana yommuu dhageefatu ykn dubbisuu, akkasumas
hojii ibaadaa yommuu hojjatu, akka namoota ramaddi 6ffaa ta'uuf carraaqu akka
qabuudha. Ramaddii 1-3 yoo ilaalle, warri kuni warra kasaarati. Rabbiin kanarraa
nu haa tiiksu. Ramaddiin 4ffaas hojii na argaaf waan hojjatuuf mindaa hojii sanii
hin argatu. Ramaddiin hundarra gaarii ta'ee fi kasaaraa jalaa bahu ramaddi
6ffaadha. Ramaddiin jahaffaan kuni warra dhugaan amananii fi hojii gaggaarii
qulqullinnaan, xiyyeefannoo fi ikhlaasan hojjataniidha. Rabbiin subhaanahu wa
ta'aalaa ramaddii kana keessaa nu taasisu.
68
2-Niitiwwani fi sanyii gaarii argachuuf kan dharra’anii fi sadarka
ol’aanaa irra gahuuf kanneen hawwaniidha
ين ٱو ﴿ عي يقولون ربنا هب ل لة أ تنا قر ي زوجنا وذر
ا من أ
﴾٧٤للمتقي إماما جعلناٱو
"Isaan “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” warra jedhaniidha." Suuratu Al-Furqaan 25:74
Mufassiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan) “gammachuu ijaa kan ta’an” jedhu, “[Yaa Rabbii] niitolii fi sanyii Siif ajajamanii ijji teenya itti gammaddu nuuf kenni.” jechuun hiikan.[1] Gabroonni Ar-Rahmaan ijji isaanii
tan gammadduu fi qalbiin isaanii tasgabbooftu yommuu niitii fi sanyiin isaanii
Rabbiin qofa gabbaranii fi Isaaf ajajaman arganiidha. Niitolii fi ijoolleen isaanii
warra iimaanaa, taqwaa fi hojii gaggaarii hojjatu ta’uun namoota biroof fakkeenya
akka ta’an hawwu. Niiti fi sanyiin tee namoota amaloota baay’ee gaarii (excellent
qualities) qabaatan yoo ta’an, hangam si gammachiisuu?
Namni niiti fi sanyiin isaa gaarii akka ta’an barbaadu, jalqaba mataan isaa gaarii
ta’uu qaba. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan niiti fi sanyiin isaanii gaarii akka
ta’an kadhachuu waliin mataa isaaniitiifis namoota gaarii akka ta’an
kadhatu. “Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” jechuun Rabbiin kadhatan.
Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, isaan yeroo hundaa hanga warra
sadarkaa muttaqootaa irra jiraniif fakkeenya ta’anitti gara sadarkaa abraarotaa fi
muhsintootatti akka olkaafaman hawwuu.
Muttaqoota jechuun warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni
dhoowwe dhiisaniidha. Abraaronnis warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje
hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha. Garuu hojii gaggaarii baay’ee
hojjachuu fi wantoota makruh (jibbamaa) dhiisun sadarkaan isaanii muttaqoota ol
ta’a. Muhsinoonnis warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni
69
dhoowwe dhiisaniidha. Garuu Rabbiin osoo arguu baataniyyu akka waan Isa
arganiitti gabbaruun sadarkaan isaanii sadarkaa abraarotaa fi muttaqootaa ol ta’a.
Muhsinoonni sadarkaa ol’aanaa irratti argamu.
Gabroonni ar-Rahmaan muhsintootaa fi abraarota keessaa ta’uun muttaqootaaf
akka fakkeenya isaan godhu Rabbii olta’aa kadhatu. Dhugumatti, namni nama
biraatiif fakkeenya gaarii ta’uuf nama isa hordofuu fi isatti hidhatu caalaa
sadarkaan kan ol ka’ee fi amaloota gaggaarii baay’ee kan qabu ta’uu qaba.
“Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” Kana jechuun yaa Rabbii keenya! Sadarkaa ol’aanaa kana irra nu geessi.
Sadarkaan ol’aanaan kunis amanti keessatti fakkeenyaa fi hogganaa ta’uudha.
Dubbii fi hojii isaanii keessatti muttaqootaaf fakkeenya gaarii ta’uudha. Hojii
isaanii namoonni itti hidhatu, dubbii isaanititti ni tasgabbaa’u. Warri kheeyri isaan
duuka bu’u. Mataa ofiiti qajeelanii namoota biroos qajeelchu. Amanti keessatti
fakkeenya gaarii fi hogganaa ta’uun obsaa fi yaqinaan (shakkii tokko malee
dhugaan amanuun) malee hin guuttamu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:
وكنوا اب﴿ وا ا صب مرنا لمة يهدون بأ ئم
﴾٢٤وقنون يتنا ي وجعلنا منهم أ
“Yeroma isaan obsanii aayaata (mallattolee, ragaalee, keeyyattota) Keenyatti dhugaan amanan, isaan keessaa hoggantoota ajaja Keenyaan [namoota] qajeelchan taasifne.” Suuratu As-Sajdah 32:24
Fakkeenya gaarii fi hoggantoota ta’uuf kadhachuun hojii akka hojjatan, Rabbiif
ajajamu irratti akka obsan, Isa faallessu irraas akka obsan, rakkoolee cimoo irrattis
akka obsanii fi beekumsa yaqiinatti nama geessu argachuu barbaachisa. Hojii,
obsaa fi beekumsa malee sadarkaa ol’aanaa irra gahuun ni danda’amaa?
(Hubachiisa: Isaan fakkeenyaa fi hogganaa ta'uuf kan dharra'an namoota irratti
ol'aantummaa argachuu fi beekkamaa ta'uuf osoo hin ta'in, Jaalala Rabbii
barbaadun namoota dukkana keessaa gara ifaatti baasufi. Nama Rabbiif jedhe
namootaaf fakkeenya ta'uu barbaadu fi nama addunyaaf jedhee hoggantummaa
barbaadu wal bira qabi.)
70
Boqonna 4-Mindaa Gabroota Ar-Rahmaan
Jazaan gosa hojiitin waan ta’eef, gabroonni Ar-Rahmaan yommuu yaannii fi
kaayyoon isaanii garmalee ol fagoo ta’uu, Rabbiin manneen garmalee ol fagoo
ta’aniin isaan badhaase.[2] Ni jedha:
“(75)-Isaan sun waan obsaniif jecha [Jannata keessatti] Iddoo Ol’aanaa ta’e badhaafamu. Ishee keessattis nagahaa fi salaama qunnamu. (76)-Achi keessa yeroo hundaa jiraatu. Ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun garmalee miidhagde.” Suuratu Al-Furqaan 25:75-76
Aayata lamaan kanniin keessatti mindaa gabroonni Ar-Rahmaan Guyyaa Murtii
Gooftaa isaanii biratti argatan ibsa. “Isaan sun” kana jechuun gabroonni Ar-
Rahmaan amaloota babbareedo kanaan ibsaman, “waan obsaniif” kana jechuun
hojii gaggaarii hojjachuu irratti, wanta Rabbiin dhoowwe irraa fi balaa isaan
muudateef sababa obsaniif, “[Jannata keessatti] Iddoo Ol’aanaa ta’e
badhaafamu” kana jechuun akkuma isaan addunyaa keessatti sadarkaan isaanii
iimaanan, hojii fi amaloota gaggaariin olka’e, Guyyaa Qiyaamaas Rabbiin azza
wa jalla Jannata qananii keessatti iddoo ol’aanaan isaan badhaasa. Iddoon
ol’aanaan kuni gamoowwan (manneen) ol fagoo qananii barbaadamu hunda of
keessatti qabataniidha.
“Ishee keessattis nagahaa fi salaama qunnamu.” Akka lugaatti jechi “tahiyyata” jedhu hiika “nagaha guutuu” qaba. Salaamnis
hiika nagaha jedhu qaba. Garuu, tahiyyata salaama caalaa wali gala (a’amm) kan
ta’eedha. Salaamni hundi tahiyyata[3]
Jannata keessatti malaykoonni nagaha fi baga dhuftaniin isaan qunnamu. Salaama
jechuun wanta jibbamaa fi hanqinna hundarraa nagaha ta’uu waan ta’eef, nafsee
isaaniitii fi iddoo jireenyaa isaanii keessatti wanta isaan jeequ fi rakkisu hundarraa
nagaha ta’u. Rabbii olta’aa irraa nagaha argatu. Malaykoonnis balbala hundaan
71
isaanitti seenun “Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi
boodaa waa tole!”jedhu (Suuratu ar-Ra’ad 13:23-24) Isaanis wal jidduutti nagaha
walirratti qara’u. Dubbiin, adeemsi fi jireenyi isaanii guutuun hundi wanta badaa
fi fokkuu hundarraa nagaha kan ta’eedha.
“Achi keessa yeroo hundaa jiraatu.” Hafiinsa xumura hin qabne achi keessatti
kan hafan ta’anii Jannata irraa Firdaws keessatti iddoo ol’aanaa badhaafamu.
“Ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun garmalee miidhagde.” Jannanii
warra manneen ishii keessatti qubataniif iddoo qubannaa garmalee
miidhagdeedha. Akkasumas, warroota wal ziyaaraniif (wal daaw’ataniif) iddoo
turtii garmalee miidhagdeedha.[4]
Guduunfaa
Alhamdulillah gargaarsa Rabbii olta’aatin amaloota garboota Isaa gaggaarii ta’an
ilaalle jirra. Sababa isaan hojii babbadaa fi amaloota fokkuu irraa fagaachuun hojii
gaggaarii fi amaloota miidhagoon of faayaniif, mindaan isaanii Jannata keessatti
iddoo ol’aanaa ta’e. Akkuma beekkamu, Jannata kan seenu warra xurii hojii fi
amala badaa irraa qulqullaa’aniidha. Qur’aana keessatti ni jedha:
ين ٱوسيق ﴿ ٱ ل قوا زمرا حت إذا جاءوها لنةٱربهم إل تبها وقال لهم خزنتها سلم عليكم طبتم بو
أ وفتح
﴾٧٣خلين دخلوهاٱف
“Warri Rabbii isaanii sodaatan gareedhaan gara Jannataa oofamu. Yeroma isaan ishiitti dhufanii balboonni ishii banaman, Waardiyoonni ishii, “Nageenyi isin irra haa jiraatu, qulqulluu taatanii jirtu. Keessatti hafoo ta’aatii ishii (Jannata) seenaa.” Isaaniin jedhu.” Suuratu Az-Zumar
39:73
Asitti “qulqulluu taatanii jirtu.” jecha jedhu itti haa xinxallinu. Jannanii iddoo
qulqulluu fi nagahaa waan taatef, ganda warri qulqulluun seenudha. Warra
qulqulluu jechuun warra qalbiin isaanii xurii akka shirkii, badii gurguddaa fi
72
wantoota fokkuu biroo irraa qulqullooftedha. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan
wantoota fokkuu irraa qulqullaa’un hojii fi amaloota gaariin waan of faayaniif
jazaan (mindaan) isaanii Jannata ta’e.
Mee amma amaloota gaggaarii isaan ittiin of faayanii fi amaloota badoo
isaan irraa fagaatan haa guduunfinu: 1-Dachii irra haala salphaan adeemu. Rabbii olta’aaf of gadi qabu. Gabroota Isaa
irratti of hin tuulan. Akkasumas, na argaaf hin rincican. Adeemsi isaanii
madaallamaa of tuuluu fi rincicuu irraa bilisa ta’eedha.
2-Yommuu namni gowwaa fi wallaalan dubbii badaa isaanitti dubbate, dubbii
gaarii fi nagaha ta’een isatti deebisu. Gowwaa fi wallaalatti dubbii gaarii kan
deebisan yoo ta’e, namoota biroottis dubbii irra gaarii deebisu jechuudha.
3-Gooftaa isaanitiif halkan ni salaatu
4-Akka Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa adabbii Jahannam isaan irraa deebisu
garmalee kadhatu.
5-Yommuu baasi baasan garmalee hin qusatan, hin qisaasessanis. Baasin isaanii
madaallamaadha.
6-Rabbiin waliin waan biraa hin kadhatan ykn hin gabbaran
7-Nafsee Rabbiin ajjeesu haraama godhe haqa malee hin ajjeesan
8-Zinaa (sagaagalummaa) hin raawwatan.
9-Yoo badii armaan olitti ykn kan biraatti kufan, tawbaa dhugaa tawbatu, hojii
gaggaarii baay’isanii fi qulqullinnaan hojjatu.
10-Hojii fi dubbii sobaa fi fokkuu irratti hin argaman ykn hin hirmaatan. Ragaa
sobaa hin bahan.
11-Yommuu hojii fi dubbii faaydi hin qabnetti dhufan, kabajaan bira darbu.
12-Yommuu Qur’aanni isaan irratti dubbifamu, jaamaa fi duudaa ta’uun irraa hin
garagalan. Kana irra, itti xinxalluun ni fudhatu, ni hordofu.
13-Niitiwwan isaanii, sanyii isaanitii fi mataa ofiitiif akka amaloota gaggaariin
faayamanii fi sadarkaa ol’aanaa irra gahan Rabbii olta’a kadhatu.
Mee amma irra deebine lakk.4 fi 13 haa ilaallu. Lakk.4 keessatti Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa akka adabbii Jahannam isaan irraa deebisu kadhatu.
Adabbi Jahannam isaan irraa akka deebisu kadhachuun, badii irraa isaan eegu fi
badii darbee isaaniif araaramu of keessatti qabata. Kanaafu, Yaa Rabbii adabbii
Jahannam nurraa deebisi jedhanii kadhachuun isaanii adabbii, hojii fi amaloota
fokkuu hunda akka isaan irraa deebisu kadhachaa jiru. Lakk.13 keessatti immoo
73
muttaqootaf imaama nu godhi jedhanii yommuu kadhatan, hojii fi amaloota
gaggaariin akka isaan faayu kadhataa jiru. Kanaafu, gabroonni Ar-Rahmaan
adabbii, hojii badaa fi amaloota fokkuu ofirraa deebisuuf akkasumas, hojii fi
amaloota gaggaariin of faayuf Rabbii olta’aa kadhatu. Sababa kanaan iddoo
ol’aanaa badhaafaman. Osoo gargaarsa Isaa argachuu baatanii silaa bakka
ol’aanaa kana ni gahuu? Kuni kan agarsiisu hanga danda’an carraaqu waliin
yeroo hundaa Rabbii olta’aa kadhachuudha. Mata-duree kana du’aayi Ergamaa
Rabbii (SAW) irraa gabaafame kanaan haa xumurru:
اللهم اهدني ألحسن األعمال وأحسن األخالق ال يهدي ألحسنها إال أنت
ي سيئ األعمال وسيئ األخالق ال يقي سيئها إال أنت وقن
Allaahumma-hdinii li ahsanil a’amaali wa ahsanil akhlaaqi, laa yahdi li ahsanihaa illaa anta. Waqinii sayyi’al a’amaali wa sayyi’al akhlaaqi, laa yaqii sayyi’ahaa illaa anta. "Yaa Rabbii! Hoji hundarra gaarii ta'ee fi amala hundarra gaarii ta'etti na qajeelchi, [hojii fi amala] hundarra gaarii ta'etti kan qajeelchu si malee hin jiru. Hojii badaa fi amala badaa irraa na eegi. [Hojii fi amala] badaa irraa kan nama eegu si malee hin jiru." An-Nisaa’i 896
wa aakhiru daw'aanaa anilhamdulillah Rabbiil aalamiin.
Kitaabban wabii: [1] Tafsiira Ibn Kasiir 6/132, Tafsiir Qurxubii 15/488
[2] Tafsiiru Sa’dii-fuula 688
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim, Suuratu Furqaan, fuula 340, Muhammad bin
Saalih Useymiin
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -6/669, sifaatu Ibaadu Rahmaan
fuula 31
Qunnamtiif:
Website: www.sammubani.com
Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/
Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/
Email: [email protected]