abbaa taayitaa galiiwwan oromiyaaora.gov.et/images/publications/barruu hubannoo buúraa... ·...

23
i | fuula PaY YOU Tax Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa Barullee Hubannoo Seera gibiraa fi Taaksii Cimsu Daayreektoreetii Barumsa Kaffaltoota Gibiraa fi kominikeeshinii tiin kan Qophaa’e Eebla, 2006 Finfinne,

Upload: others

Post on 01-Jan-2020

2.326 views

Category:

Documents


113 download

TRANSCRIPT

Page 1: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

i | f u u l a

PaY YOU Tax

Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa

Barullee Hubannoo Seera gibiraa fi Taaksii Cimsu

Daayreektoreetii Barumsa Kaffaltoota Gibiraa fi

kominikeeshinii tiin kan Qophaa’e

Eebla, 2006 Finfinne,

Page 2: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

ii | f u u l a

Baafata 1. ErgamaaFi Mul’ata (Mission and Vision) Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa ...................... 1

1.1 Ergama (Mission) ................................................................................................................. 1

1.2 Mul’ata (Vision) ................................................................................................................... 1

1.3 Dudhaalee (Values).............................................................................................................. 1

2 Hiika Taaksii ............................................................................................................................... 1

3 Bu’uura Amaloota taaksii (basic charaterstics of taxation) .......................................................... 1

4. Kaayyoowwaan Gibiraa fi Taaksii (objectives of taxation) .......................................................... 2

5. Kaffaltootni Gibiraa eenyuu? bakka meeqattis qoodamuu? ...................................................... 2

Akaakuuwwan/gosoota Gibiraa..................................................................................................... 2

5.1 Taaksii Kallattii ..................................................................................................................... 2

5.1.1 Galii Qaxaramuun argamu (Galii Gabatee "A") .................................................................. 2

5.1.2 Galii Kiraa manaa irraa argamu (Galii Gabatee "B")........................................................... 3

5.1.2 Gibira hojii bu'aa daldalaa (Galii Gabatee "C") .................................................................. 4

5.1.4 Galii Gabatee "D"'Galiiwwan biroo ................................................................................... 7

5.2 Taaksii al-kallattii ..................................................................................................................... 9

5.2.1 Taaksii Dabalata qabeenyaa.............................................................................................. 9

5.2.2 Taaksii Tarnovarii ............................................................................................................ 12

5.2.3 Taaksii Eksaayizii ............................................................................................................. 14

5.2.4 Qaraxa Tembeeraa ....................................................................................................... 15

6. Maashina gurgurtaa galmeessu (Cash Register Machine) .................................................... 17

Page 3: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

1 | f u u l a

1. ERGAMA (MISSION) FI MUL’ATA (VISION) ABBAA TAAYITAA GALIIWWAN OROMIYAA

1.1 ERGAMA (MISSION)

Bulchiinsa gibiraa fi Taaksii ammayyaa’aa ta’e diriirsuu, aadaa fedhiin gibira kaffaluu gabbisuu fi ogeessa seera kabachiisuuf gahumsaa fi kaka’umsa qabutti fayyadamuun galii dinagdeen Naannichaa maddisiisu sassaabuudhaan misooma hawaas-dinagdee naannichaaf akka oolu gochuu.

1.2 MUL’ATA (VISION)

Bara 2012 tti sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii ammayyaa’aa fi haqa qabeessa ta’e diriirsuun galii dinagdeen naannichaa maddisiisu gahumsaan sassaabuu.

1.3 DUDHAALEE (VALUES)

• Itti gaafatamummaa • Iftoomina • Tajaajila maamila giddu galeessa godhate kennuu • Seera gibiraa fi taaksii kabajuu • Ogummaa fi dandeettii bu’aa qabatamaaf oolchuu (Professionalism), • Jijjiiramaaf qophaa’uu

2 HIIKA TAAKSII

• Gibira ykn taaksii jechuun Mootummaan akkaataa qajeelfamaa fi dambii irratti hundaa’uun maallaqa

ummataa fi dhaabbata hojii hojjatanii bu’aa argatan irraa walitti qabuu jechuu dha. Haaluma kanaan Mootummaan tajaajiloota kan akka hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee, bu’uraalee misoomaa babal’isuuf maallaqni gibiraa fi taaksii irraa argamu murteessaa ta’uu irraa kan ka’e mootummoonnii fi lammiileen biyyoota hedduu gibiraa fi taaksii jechuun kaffaltii qaroominaaf kaffalamu akka ta’e irratti walii galu.

• Taaksiin kaffaltii dirqama kaffalamu (sassaabamu) kan Kaffalaan gibiraa, gibiraa fi taaksii isa irraa barbaadamu guyyaa seeraan kennameef keessatti kaffaluuf dirqama qabu ta’uu fi Kaffalaan gibiraa faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal gitu mootummaa irraa argachuu kan hin eegne dha.(Fkn kaffalaa gibiraa lama keessaa tokko qarshii 1000 kan biraa qarshii 100 Gibira yoo kaffalani, Lamaan isaanii iyyuu tajaajila mootummaan dhiyeessu kan akka buufata fayyaa, eegumsa poolisii, bishaan, ibsaa, daandii, ittisa balaa ibiddaa fi kkf irratti mirga wal-qixa fayyadamuu qabu.)

3 AMALOOTA TAAKSII BU’UURAA (BASIC CHARACTERSTICS OF TAXATION)

• Taaksiin kaffaltii dirqamaan kaffalamu dha • Gibiraa fi Taaksiin Mootummaan qofa sassaabama • Gibiraa fi taaksiin haala irratti hin hundaa’u • Gibiraa fi taaksiin seeraan sassaabama. • Gibiraa fi taaksiin dirqama dhuunfaati

Page 4: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

2 | f u u l a

• Gibiraa fi taaksiin bu’aa waliiniitiifi • Gibiraa fi taaksiin kan hundaa’u gosa kaffalaa gibiraa taaksii kaffaluu, galii isaa, bifaa fi gosa hojiisaa

irrattii • Gibiraa fi taaksiin tokko tokkoo kaayyolee murtaa’an qabu: • Gibiraa fi Taaksiin loogii hin uumu (tax does not discriminate):-

4. KAAYYOOWWAAN GIBIRAA FI TAAKSII (OBJECTIVES OF TAXATION)

• Baasii/baajata Mootummaa Deeggaruuf/uwwisuuf • Wal -caalmaa galii fi Qabeenyaa hir’isuuf, Dinagdee Tasgabbeessuuf • Oomishaalee namoota (hawaasa) miidhan hir’isuuf • Investimentii dhuunfaa jajjabeessuuf • Kuufama Kaappitaalaa guddisuuf • Guddina naannoolee gidduu jiru wal-madaalsisuuf • Daldala biyya alaa jajjabeessuuf (encourage exports) • Hojii dhabdummaa xiqqeessuuf /carraa hojii uumuuf • Sadarkaa haala jireenyaa uummataa fooyyeessuuf

5. KAFFALTOOTNI GIBIRAA EENYUU? BAKKA MEEQATTIS QOODAMUU?

AKAAKUUWWAN/GOSOOTA GIBIRAA

Akaakuuwwan/gosi gibiraa fi taaksii taaksii kallattii, taaksii al-kallattii fi kan biro jedhamanii qoodamu.

5.1 TAAKSII KALLATTII

Taaksii kallattii jechuun nama dhuunfaa ykn dhaabbata kamiyyuu galii argate irratti taaksii buufamu dha.

5.1.1 GALII QAXARAMUUN ARGAMU (GALII GABATEE "A")

Namni kamiyyuu sababa qaxaramuu isaatiin galii argatu kamiyyuu irratti akka kanaa gadi gabatee ‘1’ jalatti ibsameen gibira galii ni kaffala. Qaxaramuun kan argamu qr. 0.00 hanga 150.00 galii gibirri itti kaffalamu keessatti hin hammatamu . Qaxaraan kamiyyuu tokkoon tokkoo kaffaltii qaxaramichaaf kaffalu irraa gibira hir'isuu, gibira hir'ifame abbaa taayitaa gibiraatiif ji'a ji'aan galii gochuu qaba. Raawwannaa kanaa olitti ibsameef galiin baatii Hagayyaa fi Qaammee walitti ida'amee akka galii ji'a tokkootti lakkaa'ama.

Gibira irraa bilisa gochuu Galiiwwan kanatti aanan gibira bu'uura labsii kanaatiin kaffalamuu irraa bilisa ta'u

• Galii qaxaramaan ogeessa hintaane kamiyyuu yeroo, ji'oota 12 keessatti qaxaraa tokkoof ji’a tokkoo ol kan hin tajaajille argatu.

• Qaxaraadhaan kan baasii ta'u, buusiin sooramaa, proovidant fandii fi faayidaan sooramaa bifa kam iyyuu mindaa hojjatichaa % 15 kan hincaalle.

• Haala walfakkaataan Itiyoophiyaanootaaf raawwatamee yoo argame, Dippilomaatikii fi Qonsilootaaf • Namoonni Embaasii, Lagaasiyoonii, Qonsilaa kam iyyuu ykn mootummaa biyya alaa keessatti

qaxarmanii dhimma biyyasaanii raawwatanii fi hayyama mirga darbuu dippiloomaatikii qaban ykn

Page 5: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

3 | f u u l a

bu'uura addunyaa irratti itti hojjatamuun ykn baratameen yeroo baayyee gibira irraa bilisa ta'ani sababa qaxaramaniin tajaajiloota kennaniin galiiwwan argatan,

• Keessattuu, gibira galii irraa bilisa akka ta'u; Labsii kanaan addatti kan fooyya'e ykn kan haqame yoo ta'e malee seerota Itiyoophiyaa keessatti hojii irra jiraniin,waliigalteewwan addunyaatiin ykn, walii galtee oogganaa Abbaa Taayitaatiin ragga'e ykn raawwatameen galii hayyamame

• Manni Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa sababoota dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaaf labsii kanaan galii jedhamee beekumsi kan kennameef galii kamiyyuu dambii dhaan bilisa taasisuu akka danda'uu aangoo kennameefiin dambii ba'een kan bilisa ta'an.

Hojjetaan yammuu dhukkubsatu maallaqa tajaajila yaalaatiif kaffalamuuf, Bu'uura waliigaltee hojiitiin durgoo naanna'umsaa hojjetaaf kaffalamu, Durgoo amala qilleensaa, Hojjetaan iddoo hojii idileetiin ala yammuu hojii raawwachuuf socho'u baasii geejibaa fi durgoo oolmaa kaffalamu

Durgoo kiraa mana jireenyaa fi faayidaawwan adda addaa muudamtootaa, itti gaafatamtootaa fi hojjettoota mootummaa tiif murtii mootummaatiin kaffalamu

Itti gaafatamtoota ykn hojjetoota dhaabbilee ykn waajjiraalee dhuunfaa keessa hojjetaniif mana jireenyaa ijaaramanii kennamuuf ykn durgoo kiraa manaa kaffalamuuf (Hanga qarshii 300)

Miseensa ykn barreessaa boordii dhaabbilee Misooma Mootummaa ykn waajjiraalee Mootummaa ta'uudhaan akkasumas gareewwan qorannoo Mootummaa Federaalaatiin ykn Mootummaa Naannoleetiin ykn Bulchiinsaalee Magaalotaatiin dhaabbatan keessatti miseensa ykn barreessaa koree ta'u isaatiin durgoo kaffalamu

Hojjetaan bakka hoji iitti ramadame yammuu deemu, hojii xumuree yeroo deebi'u ykn lammi biyya alaatiif bu'uura waliigalteetiin baasii geejibaa kaffalamu

Durgoo Itti gaafatamtootaa ykn ogummaa, Doktorotaa, Narsotaa, Ogeeyyii biroo dhaabata fayyaa keessa hojjetan, Daarekterootaa fi kan biroo murtii Mootummaa Naannichaatiin kaffalaman.

Galii namoota hojii mana keessaa hojjechuuf mana jireenyaatti qaxaraman Kan kanaa gaditti tarreeffameen kan wal-qabateen beenyaa ykn kenna nama tokkoof

raawwatamu: Miidhaa qaamaa nama fudhatu irra gaheen, Balaa du'aa nama gara biraa irra gaheen Qaxaraan gibira kaffalamu kana guutummaan guutuutti ykn gartokkee isaa qaxaramaaf kan kaffale

yoo ta'e gibirri kaffalame kun galii qaxaramaa irratti ida'amee gibirri herregama.

5.1.2 GALII KIRAA MANAA IRRAA ARGAMU (GALII GABATEE "B")

Galii gibirri itti kaffalamu Mana haala kamiiniyyuu kireeffame irraa galii argame irratti gibirri ni kaffalama. Taariifa kaffalchiisa gibiraa Galii manneetii kireeffaman irraa argamu irratti gibirri kan murtaa'u, ramadamuu fi kaffalamu akkaataa tarreeffama kanaa gadiitti ibsameen ta'a.

a) Galii dhaabbatoota mirgi namummaa seeraan kennameef irraa yoo ta'e, galii gibirri itti kaffalamu irratti % 30 (dhibbeentaa soddomaa.)

b) Galii namoota dhuunfaa irratti yoo ta'e, akkaataa gabatee "B" kanaa gadiitti i1aalameen

Page 6: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

4 | f u u l a

5.1.3 GIBIRA HOJII BU'AA DALDALAA (GALII GABATEE "C")

Galii gibirri itti kaffalamu sochii hojii daldalaa tiin argamee irratti gibirri galii buufamee walitti ni qabama. Galii hojii daldalaa gibirri itti kaffalamu Galiin hojii daldalaa gibirri itti kaffalamu qajeelfama qabiinsa herreega fudhatama argate hordofuudhaan herreega bu'aa fi kasaaraa qophaa'uu ykn ibsa galii labsi kanaa fi akkaataa qajeelfama Abbaan Taayitaa Gibiraa baasu bu'uura gochuun tokkoon tokkoo bara gibiraatiin ni murtaa'a. Taarifa gibiraa

a) Dhaabbileen seeraan mirgi namummaa kennameef galii isaani gibirri itti kaffalamu irraa % 30 (dhibbeentaa soddoma) harka dhibbaa irraa sodommaa gibira ni kaffalu.

b) Kaffaltoonni gibiraa biroo hojii daldalaa irratti bobba'aan galii hojii daldalaa gibirri itti kaffalamu argatan irratti bu'uura gabaate "C" kanaa gaditti ibsameen gibira ni kaffalu.

Baasiiwwan hir'ifaman § Hojii daldala isaatif galii argachuuf maallaqaa kallaatiin baasii godhame yoo ta'u, kunis mi'a daldalaa

hojjeechuuf, bituuf, gara biyyaatti galchuuf, gurguruuf, akkasumas hojiiwwan kanneen fakkaatan hundaaf maallaqa kallattiin baasii godhamu.

§ Hojii daldalaa wajjiin kan walqabate baasiwwan bulchiinsaa fi hojii adeemsisuuf baasii godhamu. § Galii gibirri itti kaffalamu waliin dhimma kallattiin qunnamtii qabuuf, Wabii Inshuraansii argachuuf

kaffaltii raawwatamee. Daangaa qajeelfama Biiroon Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa baasu osoo hin darbiin biyya keessaa fi biyya alaatti hojii daldalaa isaa beeksisuuf baasii bahu.

§ Tajaajila hojiin daldalaa argateeef komishinii kaffalame. Baasiin kunis kan hirifamu: § Tajaajilli kan kenname ta'uun yoo mirkanaa'e, § Komishiniin tajaajilichaaf kaffalame, haala walfakkaatuun tajaajila walfakkaatu kennuuf gatii gabaa

kaffalamaa jiru waliin kan walfakkaatu yoo ta'e dha. § Dameen ykn caasaan dhaabbata tokkoo ykn Kubbaaniyaa quunnamtii gamtaa qabu biyya alaatti

argamu ta'ee; Oromiyaa keessattii hojii daldalaa kan adeemisisu, Kubbaaniyaa isaa waajjirri olaanaa biyya alaatti argamuuf, ykn dhaabbata aksiyoona kubbaaniyichaa caalmaan qabateef, ykn kubbaaniyaa qunnamtii gamtaa qabuuf kaaffaltiin raawwatamu kamiyyuu hirri'famuu kan danda'u:-

o Baasiin jedhame tajaajila raawwatameef sirritti kan kaffalame ta'uun yoo mirkanaa'e. o Tajaajilli kenname hojii daldalichaaf barbaachisaa ta'ee yoo argamee fi tajaajilichi namoota

birootiin, ykn dameesaatiin, maxxantuu dhaabbata (caasaa isaatiin), ykn kubbaaniyaa quunnamtii gamtaa qabuun, ykn ofii isaatiin, baasii gadi aanaadhaan raawwatamuu kan hin dandeenye yoo ta'e dha.

§ Abbaan aangoo gibiraa mindaa ykn bifa biraatiin maallaqa hojii gageessaa ykn gaggeessitoota waldaa dhuunfaa itti gaafatamummaan murta'eef ykn waldaa aksiyoonaf kafalamu hamma (hanga) barbaachisu oli ta'uu isaa yoo hubate uumama daldalichaa bu'urefachuudhaan gibira murteesuuf jecha mindaa hojii gaggeesitootaa tokkoo oli ta'anii akka hin qabamne gochuu ykn karaa biraa ni ta'a jedhee itti fakkaate kamiiniyyuu sirreessuu ni danda'a.

§ Mindaan ijoollee miseensoota waldaa shirkummaa ykn Abbaa hojii daldalaaf kaffalamu akka hir'ifamuu kan godhamu hojii itti ramaadamanitti ulaagaalee hojichaaf barbaachisu yoo guutan qofaadha.

Page 7: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

5 | f u u l a

Baasiiwwan hin hir'ifamne • Bu'uura labsii gibiraa keewwata 23 tiin qabeenyaa hojii daldalaa hiri'famni dullumaa godhamuuf

argachuudhaaf, fooyyessuudhaaf haaromsuudhaafi deebisanii ijaaruudhaaf baasii godhame. • Kaappitaala Aksiyoona Kubbaaniyyichaa ykn waldaa shariikaa galmaa'eef bu'uura ta'e guddisuu, • Buusii sooramaa ykn proviidant fandii Miindaa ji'aa qaxaramaa irraa % 15 (dhibbeentaa kudha

shan) ol taasifamu. • Gahee Aksiyoonaa fi gahee bu'aa kafalamee abbootiin aksiyoonaa akka beekan taasiifame, • Baankii Biyyooleessaa fi Baankoota Daldalaa jiddutti liqii godhameen kan herreegamu irraa taarifi

dhalaa (interest) % 2 (dhibbeentaa lama) 01 kan ta'e baasii dhalaa, • Dhalli ibsamee hirri'famuu kan danda'au

- Liqeessitoota biyya keessaa baankii biyyooleessaa Itiyoophiyaatiin beekamtiin kennamef irraa,

- Baankoota alaa dhaabbilee daldala Itiyoophiyaa keessa jiranif liqii kennuudhaaf eeyyama qaban irraa liqii argame yoo ta'e,

• Kanaa olitti lakk.18.6 irratti kan tumame yoo jiraates, liqaa Baankoota biyya alaa irraa argameef dhalli kaffalame hirri'famuu kan danda'u kan kanatti aanan yoo guutamanii argamani dha. - Baankiin biyyaa alaa liqii kennu, maallaqa liqii kamiyyuu nama kamiifuu kennuudhaaf kan

karoorfate ta'uu isaatiif Iiqicha eenyuuf akka kennu kan ibsu beeksisa barreeffamaan abbaa aangoo gibiraaf kennuu qaba.

- Liqeeffataan liqeessaaf dhala kaffalu irraa % 10 hir'isee barri bajaataa erga xumuramee booda ji'a lamaan jiran keessati abbaa aangoo gibiraaf galii gochuu qaba .

• Idaa haguuggaa wabii inshuuraansii qabu • Sababa balleessaatiin Beenyaa miidhaa fi adaba kaffalame, • Labsii kanaan kan hayyamameen ala, herreega ittiin eeggannaa haaraa hundeessuu ykn ittiin

eeggannoo hanga hayyamameen 0l guddisuu ykn maallaqa kaayyoo addaa tiif oolu kaa'uu, • Galii gabaate "C" irraa gibira kaffalame ykn (taaksii) dabalataa qabeenyaa (Value-Added tax)

deebifamu, • Dhaabbata daldalichaa bakka bu'uudhaan bakka adda addaatti argamuudhaaf baasiin godhamu

(hojii daldalaa babaallisuuf kan gargaaran keessummoota hojii dhaabbatichaa ala jiraniif keessumeessuuf kan oolu durgoo kennamudha) mindaa hojjeticha % 10 ( dhibbeentaa kudhan) kan caalu yoo ta'e,

• Baasiiwwan faayidaa dhuunfaa, • Labsii kanaan ykn labsii kana irratti hundaa’ee dambii bahuun daangaa kaa'ameen ol baasii

godhame, • Baasiiwwan bashannanaa(Baasii kallaattiin ykn karaa kallaatti hin taaneen, dhugaati, tamboo,

iddoo buufataa (iddo haara galfannaa), bashannana nama biraatiif dhiyaatu ykn keessummeessaa gosaa kamiyyuudha)

• Kennaa ykn gargaarsa : Kennaa ykn gargaarsi kan fudhatama argatu yoo a) Gargaarsa fudhatan akka dhaabbata gargaarsaatti kan galmaa'ee, hojii kanaan gumaacha

ol'aanaa kan galmeessee fi hojimaatin haala itti fayyadama maallaqaa fi qabiinsi herrega isaa iftooma fi ittigaafatamummaa kan mirkaneessu ta'uun isaa qaama dhimmi ilaalun yoo

Page 8: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

6 | f u u l a

mirkanaa'e. b) Bilisummaa biyyaa eegsisuuf, balaa hojii namaa ykn uumamaan gahe, ykn weerara dhukkubaa

ka'e ittisuuf,ykn sababa biraa kaminiyuu waamicha gargaarsaa Mootummaan godhe bu'uurefachuudhaan gargaarsa kenname.

c) Gargaarsa dhaabbilee tajaajila barumsaa fi yaalaa hojii daldalaaf hin dhaabbanneef kenname ilaalchisee Manni Marii Bulchiinsa Naannichaa gargaarsa ykn kennaa faayidaa uummataa tiif oolu akka hir'ifamu hayyamuu waan danda'uuf,

• Abbootiin aksiyoona kubbaaniyyichaaf liqiin kennanii fi kaffaltiin dursaa bara gibiraa tokko keessatti gidduu galeessaan gatii kaappitaalaa aksiyoona kubbaaniyyichaa irraa marsaa afurii ol yoo ta'e, liqichaa fi kaffaltii dursaa tiif dhala (interest) kaffalamuuf hir'iifamni hin godhamu. Kanaa olitti kan himame baankii fi kubbaaniyoota insuuraansii irratti hin raawwatamu.

• Dhaabbilee biroo kubbaaniyichaan ala jiran ilaalchisee kanaa ol jechi kaappitaala aksiyoona jedhu kaappitaala bu'uuraa jecha jedhuun yeroo bakka buufamu tumaan Lakk.18 (19) ni raawwatama.

• Meeshaa daldalaa man-kuusaa jiru:"meeshaa daldalaa man kuusaa jiru” jechuun adeemsa oomishaa keessatti faayidaa irra kan oole ykn qaama oomishaa akka ta'u kan taasifame qabeenyaa hojii daldalaa ykn meeshaa kamiyyuu gurgurtaaf qabamee dha.

• Galiin kaffalaan gibiraa argate yeroo herreegamu meeshaa daldalaa kan bara gibirichaa keessa mana-kuusaatti argamuuf baasiin godhame ni hir'ifama.

• Meeshaawwan daldalaa bara gibiraa keessa gurguramaniif man- kuusaatti argamaniif baasiin godhame kan herreegamu mala herreegaa baasii gidduu-galeessaa jechuun gatiin meeshaa tokko tokkoo mana kuusaatti argamu baasii gidduu-galeessaatiin akka herreegamu kan dandeesisuun mala qabanna herreega fudhatama waliigalaa argate irratti hundaa'uudhaan.

Hir’ifama dullumaa (Depreciation) Ka’umsa hir’ifama dullumaa (Depreciation base) = Gatii jalqabaa (Beginning book value)

+ kan itti dabalame( Additions)-Maallaqa argame(Cash proceeds from disposal)

Gibira irraa bilisa taasisuu

Galiiwwan kanaa gadii bu'uura labsii lakk 74/1995 gibiira galii hojii daldalaa kaffalamuu qabu irraa bilisaa ta’a. • Teekinooloojii tokko haala murta'een akka wal-simmuu taasisuudhan ykn yaada uumuu haaraa

dhiyeessuuni fi hojimmata baasii salphisuu dandeesisan hojii irraa oolchuudhaan badhaasa kennamu,

• Dirree hojii kamiyyuutti gocha olaanaa namoota raawwataniif badhaasa kennaman. • Seeraa Itiyoophiyaa keessatti fudhatamee ittin hojjatamuun, waliigaltee addunyaa tiin ykn bu'uura

waliigaltee ittigaafatamaan Biiroo godhuun ykn hayyamuun galii gibirrii akka itti hin kafalamne godhame.

• Kan kanatti aanan galiin sababa hojii isaanittin argatan gibira bu'aa daldalaa irraa biliisa ta'u a) Mootummoota Fedeeraalaa fi Naannolee akkasumas Bulchiinsawwan magaalaa, Waajjiroota Mootummaa. b) Baankii Biyyooleessaa,

Page 9: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

7 | f u u l a

Galii gabatee 1,Hanga dhibbantaa Gibira galii Gabatee ’A’,’B’,FI ’C’ Galii gibirri itti kaffalamu Gibira

kaffalamu(dhibbantaan) Hir’ifama

Ji’aan Waggaatti Ji’aan Waggaatti

0 150 0 1,800 Gibira irraa bilisa Hin jiru Hin jiru

151 665 1,801 7,800 10 15 180

651 1400 7,801 16,800 15 47.50 570 1401 2350 16,801 28,200 20 117.50 1,410

2351 3350 28,201 42,600 25 235.00 2,820

3351 5000 42,601 60,000 30 412.50 4,950

5000 Kanaa ol 60,000 ol 35 662.50 7,950

5.1.4 GIBIRA GALIIWWAN BIROO (GABATEE "D")

Galii kiraa mirga waa-uumuu

• Galii kamiyyuu mirga waa-uumuu kireessuun argame irraa gibirii dhibba keessaa %5 (dhibbantaa 5) ni kafalama.

• Namni dirqama gibira hir'isee galii gochuu qabuu daangaa yeroo labsii gibira galii 74/95 tiin kanaan murtaa'e keessatti gibira tuqame hir'isee qabuudhaan waajjira gibira galchuuf dirqama beeksisuu fi kaffaluu qaba.

• Jireenyi kaffalaa biyya alaa ta'ee kan fudhataa immoo Itiyoophiyaa yoo ta'e, fudhataan daangaa yeroo labsii kanaan murtaa'ee keessatti galii kiraa mirgaa waa-uumuu argate irraa gibira ni kaffala.

• Gibirri bifa kanaan kaffalame galii sochii kanaan argame ilaalchisee isa xumuraa ta'a. • Labsii gibiraa keessatti "galii mirga waa-uumuu kireessuudhaan argamu" jechuun filmii sosso'u fi

haadha sagaalee ykn filmi sosso'u tamsaasa radiyoo fi Televizyniitiif ooluu, hayyamaa kamiyyuu mirga nama tokkoo tiin fayyadamuuf kenname (patentii) aasxaa daldalaa, dizaaynii ykn moodeelii, pilaani, formulaa iccitiidhaan qabame, ykn adeemsa omiisha ykn meeshaa industirii, daldala, ykn meeshaa saayinsii kamiyyuu ykn odeeffannoo muuxannoo industirii, daldalaa fi sayiinsii irraa argame fayyadamuu, ykn mirga fayyadamuu dabalaate hojii aartii ykn saayiinsii kamiifiiyyuu mirga addaa fayyadamuun ykn mirga fayyadamu sababa bu'aaf kireesuu tiin kaffaltii argamu kamiyyuuti.

Galii tajaajila teekinikaa kennuun argamu

• Tajaajila teekiniikaa Oromiyaan alatti namoota jiraataa Oromiyaa ta'aaniif kennameef kaffaltii raawwatameef %10 (dhibba irraa kudhan) ni kaffalama. Gibira kanas kaffalaan namichi tajaajilli raawwatameef hir'ise hambisuudhaan Abbaa Taayitaa gibiraa tiif galii gochu qaba.

• "Tajaajila Teekiniika" jechuun gorsa ogummaa ykn tajaajila teekinooloojii" kamiyyuu dha.

Page 10: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

8 | f u u l a

Galii yaalii carraa irraa argamu

• Namni kamiyyuu dorgommii yaalii carraa mo'achuudhaan (fkn lotorii, tombolaa, ykn sochiiwwan biroo walfakkaatan irraa) galii argatu galii qarshii 100 ol ta'e irraa % 15 (dhibbaa irraa kudhashan) gibira kaffala.

• Akkaataa labsichaa keewwata 67 irratti ibsameen kaffalaan gibiricha hir'ise hambisuudhaan Abbaa Taayitaa Gibiraatiif gali gochuu qaba.

• Gibirri bifa kanaan kanfalame, galii sochii kana irraa argame ilaalchise taaksii (ashuuraa) isaa xumuraa ta'a.

Gahee bu'aa aksiyoonaa • Gahee aksiyoona waldaan aksiyoonaa qoqqoodee ykn bu'aa waldaan dhuunfaa ittigaafatamummaan

isaa murtaa'ee qoodu irraa namni galii argatu kamiyyuu galii argatee irraa gibira %10 (dhibbaa irraa kudhan) ni kaffala.

• Kaffalaan gibiricha hir'ise hambisuuddhaan Abbaa Taayiita gibiraa tiif galii gochu qaba. • Gibirri bifa kanaan kaffalame galii sochii kanaan argame ilaalchisee taaksii xumuraa ta'aa.

Galii kiraa qabeenyaa irraa argamu Haala labsii gibiraa galii keewwata 17 jalatti ibsametti galii sochii daldalaa gibirii itti kaffalamuu waliin wal hin quunnamneen namni darbee darbee qabeenyaa kirreessuudhaan galii argate kamiyyuu galii waggaa waliigalaa (dimshaashaa) irraa parsantii 15 (dhibbaa keessaa 15) gibira ni kaffala. Gibirrii bifa kanaan kaffalame isa dhumaa ta'a.

Galii dhala maallaqaa kaa'aamee irratti kaffalamu • Namni kamiyyuu maallaqaa kaa'aame irraa dhalaa argatu irratti gibira % 5 (dhibba keessaa Shan)

ni kaffala. • Bu'uura labsii gibiraa keewwata 67 irratti tumameen kaffalaan gibiricha hir’isee hambisuudhan

Abbaa Taayiitaa gibiraaf galii gochuu qaba. • Gibirri bifa kanaan kaffalame galii dhala irraa argame ilaalchise gibira isaa xumuraa ta'a.

Faayidaa qabeenyaawwan kaappitaalaa murtaa'an dabarsuudhaan argamu • Daldalaaf, warshaadhaaf, biiroof gamoowwan qabaman % 15 (dhibba keessaa kudha shan),

Aksiyooniin kubbaaniyoota % 30 (dhibba keessaa soddoma) • Mana jireenyaa dhuunfaatiif qabame dabarsuudhan faayidaa argamu irratti gibirrii itti hin

kaffalamu. Faayidaan mana jireenyaa dabarsuun argamu gibira irraa bilisa ta'uu kan danda'u yeroo maqaan manichaa naanna'u dura jiran manichi waggoota lamaaf guutummaan guutuutti mana jireenyaaf kan tajaajile ta'uun yoo mirkanaa'eedha.

Herregoota kaffalaman irraa gibira hir'isanii hambisuu

• Dhaabbatootni seeraan mirgi namummaa kennameef, waajjiiraaleen mootummaa, dhaabbattootni dhuunfaa bu'aadhaaf hin hundoofnee fi dhaabbattootni miti-mootummaa dambii manni marii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa baasuun, gibirri hirrifamee haftee akka ta'u kaffaltii murtaa'e kam irraa iyyuu gibiricha hirrisanii hambisuu qabu.

• Herregoota kaffalamanu irraa hirrifamee gibirri haftee ta'u heerrega kaffaltii dimshaasha irraa dhibbentaa 2 (lama) ta'a.

• Namni gibira kana hir'isee galii taasisuu qabu heerregoota baatii sana keessatti kaffalamani irraa

Page 11: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

9 | f u u l a

hirrifaman herrega walii galaa haftee ta'uu qabu, guyyaa dhuma baatichaa irraa eegalee guyyoota 10 /kudhan/ jiran keessatti Abbaa Taayitaa gibiraa tiif galii taasisuu qabu.

5.2 TAAKSII AL-KALLATTII

Taaksiin al-kallattii akka taaksii kallaattii namoota dhuunfaa ykn dhaabbata irraa galii argamuu namoota dhuunfaa ykn dhaabbaticha irraa taaksii kallattiin sassaabamu osoo hin taane oomisha fi tajaajiloota biyya allaattis ta’e biyya keessaattti kennaman irrratti maamiltoota ykn fayyadamtoota irraa taaksii sassaabamu dha. Akaakuuwwan taaksii al-kallattii

5.2.1 T aaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT) 5.2.2 Taaksii Tarn ovarii (TOT) 5.2.3 Taaksii Eksaayizii 5.2.4 Qaraxa teembiraa

5.2.1 TAAKSII DABALATA QABEENYAA

Maalummaa Taaksii dabalataa qabeenya (VAT)

Kaayyoon Taaksii Dabalata Qabeenyaa galii mootummaa guddina dinagdee waliin wal simu sassaabuun misooma biyyaa ariifachiisuuf,galii bittaafi gurgurtaa oomisha fayyadamtoota irra argamu walitti qabuun qusannaafi invastimantiin akka babal’atu deeggaruun taaksii gurgurtaa hojiirra ture bakka bu’e.

Taaksiin Dabalata qabeenyaa kan walitti qabamu oomishni biyya alaatii gara biyya keessa yeroo galu ykn bittaa fi gurgurtaan meeshaa fi tajaajila kamiyyuu wayita geggeeffamu. Taaksichi kanaan dura meeshaalee biyya alaatii gara biyya keessaa galanii fi tajaajilawwan Biroorraa kan walitti qabamaa ture taaksii gurgurtaa (sales tax) bakka bu’uudhaan bu’uura labsii taaksii Dabalata Qabeenyaa 285/1995tiin Mudde 23 bara 1995 irraa kaasee hojiirra ooleera.

Faayidaa taaksii dabalata qabeenyaa (VAT )

Oomishni sadarkaa tokkorraa gara sadarkaa biraatti wayita darbu taaksii dura kaffalame hir’isuudhaan haala taaksiirratti taaksii herreguu ykn haala taaksiin gara biraatti cehuu ni hambisa.

Meeshaalee biyyaa keessatti oomishaman kan alaa galan faana akka wal dorgomu ni taasisa. Oomisha biyya alaatti ergamanirratti hojiirra kan oolu %0’n (rate) taaksiin oomishaaf kaffalame seera ittiin deebi’u waan qabuuf daldalli alaa akka jajjabaatuuf gargaara.

Reetiin Taaksii Dabalata Qabeenyaa

I. 15% /parsantii kudha shan/ II. 0%/parsantii zeeroo/ Ammi taaksii dabalata qabeenyaa itti kaffalchiisan akaakuu lama kan qabu yoo ta’u %15 nii fi %0 dha. Inni %15 kan taaksiin itti walitti qabamu yoo ta’u %0 ammoo yeroo baayyee hojiirra kan oolu oomishtoota gara biyya alaatti ergamanirratti. Kunis daldala biyya alaa jajjabeessuuf yaadameeti.

Page 12: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

10 | f u u l a

Ammi taaksichaas meeshaalee biyya alaatii gara biyya keessaa galanirratti gatii meeshaa, gatii geejjibaafi kan inshuraansii yoo ta’u biyya keessatti ammoo gatii gurgurtaa meeshaa fi tajaajilaati.

Taaksii dabalata qabeenyaa kaffalamu = Taaksii omishaa irratti -Taaksii itti gala Galmeeffama taaksii dabalata qabeenyaa karaa sadiin rawwatama

§ Namni ykn dhaabbanni daldalaa kan hojii daldalaa adeemsisu kamiyyuu dimshaashi gurgurtaa ji’oota 12 qarshii kuma 500 ni ta’a ykn ni caala yoo ta’e taaksii dabalata qabeenyaatiif galmaa’uuf dirqama qaba. Ji’oota 12’n itti aananii gurgurtaa isaa qr. kuma 500 fi isaa ol ta’a jechisiisuuf sababni qabatamaan yoo jiraate dirqama galmaa’uu qaba.

§ Gara biraatiin ji’oota 12n walitti aanan kamiyyuu keessatti sochii daldalaatiin gurgurgurtaan dimshaashaa taaksiin itti kaffalamu qarshii kuma 500 gadi yoo ta’e seeraan taaksii dabalata qabeenyaaf galmaa’uuf dirqamni hin jiru. Haa ta’u malee, %75 kan ta’u bittaafi gurgurtaan meeshaalee fi tajaajilaa isaanii namoota taaksii dabalata qabeenyaaf galmaa’anii wajjin yoo ta’e fedhiidhaan galmaa’uun ni danda’ama.

§ Akkaataa qajeelfamaa lakk.25/2001 taaksii dabalataa qabeenyaa baheen gurgurtaan waggaa isaanii kuma dhibbaa 500 fi isaa oli ta’ees ta’u baatus dirqama taaksii dabalataa qabeenyaaf (VAT) galmaa’u akka qaban ni ibsa. Haaluma kanaan kanneen armaan gadiitti tarreefaman kun dirqama galmaa’uu qabu. Fknf. Mana warqee, electiroonikisii, fichisiistota, warshaa qophee fi kkf.

Taaksii dabalata qabeenyaa galmaa’uuf wantoota guutamuu qaban § Galmee herregaa qabachuu. § Koppii heyyama daldalaa § Lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) § Bakka bu’aa yoo ta’ee waraqaa bakka bu’insaa. § Gurgurtaan waggaa kumaa 500 oli ta’u qaba. § Akkawuntii baankii banu.

Jechoota ijoo taaksii dabalata qabeenyaa

a) Taaksii itti gala /input tax ) :-oomisha ykn tajaajila tokko kennuuf bittaan yeroo gaggeeffamu irratti kan kaffalamu.

b) Taaksii oomisha irraatti(output tax):-yeroo oomishni gurguramu kan irratti shallagamu dha. c) Taaksii dabalata qabeenyaa kaffalamaa :-taaksiin kun haalli ittiin shallagamuu gurgurtaa meeshaalee

irraa taaksii dabalata qabeenyaa hir’ifame taaksii bittaa meeshaa ittii gala irratti kan kaffalamuu dha . d) Tilmaama zeroo /zero rating:-Dhiyeessi dhibeentaa zeroo (0%) kan itti kaffalamuu ta’ee dhiyeessaf

yeroo bittaa taaksii kaffalamee irratti akka deebi’u taasisuun ni danda’ama

Taaksii(VAT) irraa bilisa kan ta’an :- Gurgurtaawwan taaksii irraa bilisa ta’an irratti taaksiin dabalataa qabeenyaa hin kaffalamu. Taaksii dabalata qabeenyaa irraa bilisa ta’uu

Page 13: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

11 | f u u l a

§ Gurgurtaa mana jireenyaa fi kiraa mana jireenyaa yoo xiqqaatee waggaa lama tajaajile § Tajaajila faayinaansii, Qorannaa saantimaa fi medaaliyaaf kan oolaniin ala qarshii biyyaa keessaa fi

biyya alaatti wabummaaf qorannaa sanadootaatiif raabsamaniif gara biyyaa galan § Warqee baankii biyyoleessaatiif dhiyaatan yeroo biyyaa keessa galan § Dhaabbata amantii keessatti tajaajilaa kennamu dhimma amantiif kan oolu. § Tajaajilaa fayyaa, dawaa(Qoricha) fi dhiyeessii meeshaalee fayyaa § Dhaabbilee barnoota keessattii tajaajilaa barumsaa kennamee fi eegumsaa ijoolleef tajaajilaa

oolmaa daa’imaaniin kennamee. § Meeshaalee tajaajilaa namootaaf oolan deebisani ijaaruu warshaalee balaa tasaan midhaamaniif

kan oolu § Dhiyeessa elektirikaa gaazii adii fi bishaan dhugaatii. Yaa ta’uu bishaan samsamanii pilaastikiin

gurguraman hin dabalatu (packed & bottled water). § Seeraan ykn walii galteen qaraxaa gumuruukaa fi taaksilee biroo irraa dhaabbilee waldaalee fi

piroojeektootaa bilisa ta’aaniin meeshaalee gara biyya keessaa galan § Tajaajilaalee adda addaa ykn kaffaltii komishiinaan alaa tajaajilaa dhaabbataa poostan labsii

aangoon kennameef irraatti hundaa’uun meeshaalee fi tajaajiloota dhiyaatu . § Tajaajila geejjibaa § Hoji kamiyyuu sochoosuuf eeyyamaa kennamuu irraatti kaffaltii mootummaaf kaffalamu § Dhaabbatni hojjetootaa qaama miidhamtoota 60% ol qaxaree hojjechiisuu meeshalee ykn

tajaajilaa dhiyeessu, Kitaabolee fi maxxansalee adda addaa § Hojii qonnaaf kan oolan xaawoo, saanyii filatamaa fi keemikaaloota adda addaa

Yeroo taaksiin dabalata qabeenyaa itti beeksifamuu qabu .

Namni ykn dhaabbatni taaksii dabalata qabeenyaaf galmaa’e kamiyyuu gurgurtaa meeshaa fi tajaajila ji’a tokko keessatti raawwate ji’a itti aanu keessa guyyaa 1-30tti Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwaniitti beeksisee akka kaffalu ni dirqama. Ji’a keessatti gurgurtaa yookaan bittaa yoo raawwachuu baatellee yeroo ibsame kessatti omaa akka hin hojjenne Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwaniitti dhihaatee beeksisuun dirqama. Adabbii bulchiinsaa Akkaataa labsii taaksii dabalata qabeenyaa lak. 285/1994 keewwataa 45 jalatti taa’een

Taaksii dabalata qabeenyaaf galmaa’uuf osoo qabuu osoo hin galmaa’in gurgurtaa taaksiin itti kaffalamu namni ykn dhabbatni gaggesse kamiyyuu osoo hin galmaa’in hangaa ture hundaa hojii daldaala raawwate irratti taaksii kaffaluu qabu harka dhibba (100%) adabama.

Taaksiin kaffalamuu qabu akka hir’atu ykn nagahee sobaa fayyadamuun taaksiin hir’atee hafu akka dabalu ykn nagahee taaksii kennuu osoo qabuu hin kennin yoo hafe qarshii nagahee irratti mul’ate ykn gurgutaa kan mul’ate kaffaluu kan qabu irratti harka 100 ni kaffala.

Namni taaksii dabalata qabeenyaaf osoo hin galmaa’in nagahee taaksii yeroo kennu yoo bira gahame galii nagahee sana irratti mul’ate galii osoo hin godhiin kan hafe yoo ta’e kan hafe san irratti harkaa dhibba ni adabamaa.

Taaksii dabalata qabeenyaa yeroon beeksisuu dhabuun adabbii qaqabsiisa.

Page 14: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

12 | f u u l a

Jiini seenee guyyaa 30 keessatti qarshii hamma taaksii dabalata qabeenyaa irraa sassaabame tokkoon tokkoo ji’aatiif ykn walakkaa ji’atiif dhibbeentaa %5 hanga %25 hanga guutuutti ni kaffala.

Ji’a duraatiif beeksiisa taaksii osoo hin dhiyeesiniif adabbiin qarshii kuma shantama (50,000) hin darbu.

Haaluma kamiinuu adabbiin qarshii kuma kudhan (10,000) ykn beeksisa murtii gibiraa irratti kan taa’ee % 100 hin hanqatu .

Galmeen taaksii dabalataa qabeenyaa akkamitti addaan cita? Taaksii dabalata qabeenyaa galmee irraa haquun? yoomii fi akkamitti danda’amaa?.

Dhabbatichi yoo cufamee ykn yoo gurguramee, kun akkuma jirutti ta’e dhabbatichi daldalaa tokkoo ol qabatee hundaa isaa cufu ykn gurguruu yoo hin barbaanne galmee taaksii dabalata qabeenyaa haquu dhisuu ni danda’a.

Galmaa’aa taaksii dabalata qabeenyaa guyyaa galmaa’ee irraa eegalee waggoota sadii erga xumuree boodaa gurgurtaan isaa ji’oota 12 darbaniif taaksii dabalataa qabeenyaa osoo hin dabalatiin gurgurtaan waggaa qarshii kumaa 500 gadi ta’uu Abba Taayitaa gibiraafi taaksii amansisuu yoo danda’ee qofa.

Kaffalaan gibira taaksii dabalata qabeenyaaf fedhiin galmaa’ee tokko galmeen akka haqamuuf kan gaafatu waggaa lama booda.

Namni dhunfaan ykn dhaabbatichi hojii daldaala taaksii dabalata qabeenyaa irra bilisa nama godhutti yoo jijjiirrate dha.

Taaksii dabalata qabeenyaaf galmaa’uun utuu irra jiruu kan hingalmoofne

Akkaataa taaksii dabalata qabeenyaa lakkoofsa 285/94 keewwata 16 keewwata xiqqaa I(A-B) bu’uureffachuun gurgurtaan waggaa isaa qarshii kuma 500 kan ga’u dhaabbanni kamiyyuu akkaataa seeraatiin dhihaatee yoo hin galmaa’in,

• Bu’uura labsichaa keewwata 3 yeroo seeraan galmaa’uuf dirqama seene irraa kaasee boodatti deebi’ee taaksicha akka kaffalu gaafatama.

• Bu’uura labsichaa keewwata 45(A) tiin namni ykn dhaabbanni kamiyyuu gurgurtaa utuu hin galmaa’in raawwate hundaaf %100 kaffala.

5.2.2 TAAKSII TARNOVARII

Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 97 tiin Aangoo gibiraa Mootummaa Naannoleef addaan bahee kenname keessatti kaffaltootni gibiraa hammataman irratti Akka labsii kana keyyata 7 tiin ykn labsicha bu'uura godhuudhaan qajeelfama bahuun bilisa yoo taasifaman malee, namoonni taaksii dabalata qabeenyaatiif hin galmoofne meeshaawwan Tajaajiloota biyya keessatti gurgurani irratti bu'uura labsii kanaatiin Tarn oovar taaksiin ni kaffalama. Taarifa tarn Oovar Taaksii

a) Meeshawwan biyya keesatti gurguraman kamirratiyyuu 2% (harka dhibba keessaa lama) b) Tajaajiloota biyya keessatti kennaman irratti, Tajaajiloota kontiraaktaroota manneetii baabura

midhaanii, tiraaktarootaa fi tajaajiloota Kombaayin harvastarootaa irratti 2% (dhibbati lama)

Page 15: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

13 | f u u l a

c) Tajajilaalee kan biroof 10% (dhibbatti kudhan) tarn oovar taaksiin ni kaffalama . Bu'uura Shallaggii Tarn oovar taaksii

Gatiin taaksiini ittiin shallagamu galii gurgurtaa dimishaashaa meeshichaa ykn tajaajilichaa tiin dha. Taaksii Tarn overii = Gatii gurgurtaa x taarifa

Dirqama tarn Oovar taaksii walitti qabanii galii gochuu Meeshaawwan ykn tajaajiloota namni gurguru kamiyyuu taaksii gurgurtaa irratti kaffalamuu qabu isa biturraa walitti qabuun abbaa taayitaa taaksichaatiif galii gochuuf dirqama qaba. Waan ta'eef gurguraan taksichaaf itti gaafatamaa duraa ni ta'a. Taaksiirraa bilisa ta'uu Kan kanatti aanaan kaffaltii tarn oovar taaksii akka Labsii kanaatiin buufame irraa bilisadha. § Gurgurtaa mana jireenyaa yoo xinnaate waggaa lama tajaajilee fi kiraa mana jireenyaa, § Tajaajiloota Faayinaansii, Tajaajila Qorannoo santimootaa fi madaalliiwwaniif kan oolan malee

maallaqoota biyya keessaa fi biyya alaa fi sanadoota wabummaa raabsuu, § Tajaajiloota amantiitiin ykn amantiin walquunnaman dhaabbata amantiitiin kennaman § Tajaajila yaalaa fi bu'uura qajeelfama waajjira mootummaa seera qabeessa ta'erra bahuutiin

qorichoota( dawaa) Hakiimaan ajajaman . § Tajaajiloota barsiisuu dhaabbilee barnootatiin kennaman, akkasumas tajaajiloota eegumsa

daa'immanii oolmaa daa'imaniitiin kennaman. § Dhiheessuu Elektiriikaa, keeroosinii fi bishaanii, Tajaajila geejjibaa, § Sochii hojii kamiyyuu raawwachuuf hayyama kennamuuf kaffaltii mootummaaf raawwatamu,

Meeshoonii fi tajaajilloonni dhaabbanni hojjettoota qaamaan miidhaman qaxaree hojjechiisu hojjetooni isaa 60% ol qaamaan miidhaman dhiheessu.

§ Kitaabolee fi barruulee maxxanfaman, Daabboo fi Aanaan § Hojilee qonnaaf kan oolaan xaawoo, sanyii filatamaa fi keemikaaloota ittisaa weerara § Qajeelfama Biiroo Maallaqaa fi misooma Dinagdee baasuun meeshawwanii fi tajaajiloota Biiroo irratti

taaksiin kaffalamu akka hafu hayyamuu ni danda'a § Raawwannaa mirgawwan taaksiirra bilisa ta'uu keewwata kanaan tarreeffamaniif Qajeelfama Biiroon

maallaqaa fi Misooma dinagdee baasuun murtaa'a. Galmee herreegaa qabachuu Kaffaltootni taaksii akkaataa labsii gibira galii lakk.74/1995 tiin galmee herreegaa qabachuuf dirqamni irra kaa'ame murteessuu tarnovar taaksiif akka tajaajilutti galmee herreegaa labsii gibira galiitiin ajajame qabachuu qabu.

Adabbiiwwan Bulchiinsaa § Labsii kanaan haala biraatiin akka raawwatamuuf kan murtaa'ee malee yeroo murtaa'e keessatti

kaffalaan taaksii dirqama taaksii beeksisuu hin bahin ji'a utuu hin kaffaliin ture tokko tokkoo isaaf ykn gartokkee ji'aa yeroo ta'eef taaksii hin kaffalamin 5(dhibbentaa shan) hanga 25 (dhibbantaa digdamii shan) hamma guututti adabbii kaffala.

§ Beeksisa taaksii ji'atti dhiyaachuu qabu ykn yeroo gartokkee ji'aa ta’etti namni beeksisa taaksii hindhiyeessine bu'uura tumaa keeyyata kana keeyyata xiqqaa 1 tiin adabbiin kaffalu qr.50,000.00 (Kuma shantama) hin caalu.

Page 16: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

14 | f u u l a

§ Rawwatiinsa keeyyata kanaaf taaksii hin kaffalamnedha kan jedhamu beeksisa taaksii irratti kan ilaalamuun irra turee fi guyyaa taaksiin itti kaffalamuu qabutti taaksii kaffalame gidduu garaagarummaa jirudha.

§ Adabbiin haala kamiin iyyuu irratti bu'u kan kanaa gaditti ilaalaman keessaa isa xiqqaadhaa gadi hin ta'u.

1. Qr.10,000 (kuma kudhan) 2. Hanga taaksii beeksisa taaksii irratti agarsiifamuun irra turee 100 % (dhibbentaa dhibba)

5.2.3 TAAKSII EKSAAYIZII

Taaksiin Eksaayizii oomisha biyya keessatti oomishamanii fi omiisha biyya alaatii gara biyya keessaattii oomisha/meeshaa muraasa irratti taaksii buufame dha.

Bu'uura hamma kaffaltii facaatii irratti ibsaman taaksiin eksaayizii irratti ni kaffalama. Bu'uura shallaggii Taaksii Eksaayizii § Meeshaalee biyya keessati oomishamaniif baasii ittiin oomishaman, § Meeshaalee gara biyya keessaati galaniif gatii meeshaa, baasii Inshuuraansii fi baasii geejjibaa (C.I .

F) ta'a. Gabatee oomishaa fi meeshaalee, taaksiin irratti buufame

Lak Gosa Meeshaa Eksaayizii Taaksii %dhan

1 Sukkaara gosa kamiyyuu Moolasasii osoo hin dabalatiin 33 2 Dhugaatii 2.1 Dhugaatii Laallaafaa fi Cuunfaa firii adda addaa osoo hin dabalatiin bifa daakuun

qopha’an 40

2.2 Bishaan dugaatii warshaan oomishaman 30 2.3 Dugatii alkoolii qaban kami iyyuu Biiraa fi Istaawut wayiinii Xaajjii kan ta’ee hunda 50 2.4 Wuskii fi dhugaati alkoollii qaban kan biroo 100

1. Alkoolii guutuu (Qulqulluu) dhugaatii qabu kamiyuu 75 2. Baala tamboo 20

4.1 Sigareet, Sigaara,Sigaaraloos,Tamboo Pipi sureet fi bu’aawwan tamboo kan biroo 75 3. Soogidda፣ Boba’aa, Beenzila, peetirool gazoolin fi Mooteer Spiritii 30 4. Urgooftuu fi Tooyileet weteers 100 5. Huccuu fi meeshalee huccuu adda addaa irraa omishaman 10

6 Faayaalee adda addaa warqee, meettii fi kan biroo irra omishaman 20 7 Maashinii meeshaa saahini mana jireenyaa dhiqu 80 8 Mashinii meeshaa uccuu tajajjilaa mana jireenyaa dhiquuf gargaaran 30 9 Deekii Viidiyoo,Teelevijoonii fi Kameera viidiyoo 40 10 Risiveerootaa Teelevijoonii fi Radiyo,meesha sagalee warabduufi dhageesiftu kan

walitti hidhaman ta’us ta’uubaatanis 10

11 Deemsaa karaaf kan gargaaran Awutoo Motivoota 12 Hanga 1,300 cc 30

Page 17: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

15 | f u u l a

12.1 1,300 cc hanga 1,800 cc 60 12.2 1,800 cc oli 100 13 Hafataa Lafaa (Minxaafa waalalii) 30 14 Asbeestoo fi bu’a Asbeestoo Sa’aatii harkaa,Girgiddaa fi Minjaalaa 20 15 Ashangulliitii fi taphachistoota 20

Yeroo Kaffaltii

Bu'uura murtiin addaa yoo kenname malee meeshaaleen facaaticha keessati ibsamen, § Yeroo gara biyyaatti galan fichisiisaan yeroo meeshaalee naannoo gumruukii baasu, § Yemmuu biyya keessati oomishaman guyyaa oomishamanii kaasee guyyootaa 30 keessati taaksiin

eksaayizii ni kaffalama § Akkaataa Abbaan taayitaa taaksii hayyamuun omishaan meeshaalee oomishaman otoo taaksii hin

kaffaliin mankuusaa meeshaa keessa kaa'uuf hayyama yoo gaafatee fi Abbaan taayitaa taaksiis yoo kana hayyame meeshaawwan haala kanaan taa'an irratti meeshaalee akkuma mankuusaa keessaa bahaniin yeroodhuma sana taaksiin ni kaffalama.

§ Abbaan taaytaa taaksii sochiin hojii oomishaa mankuusaa kan isa barbaachisu ta'ee yoo arge man kuusa akkasii akka dhaabbatu ni hayyamaaf. Haala man kuusichi hojiisaa ittiin geggeessus qajeelfamaan ni murteessa. Waan ta'eef bakka bu'aan Abbaa taayitaa taaksii bakka sanatti yoo argamuu fi to'achuu baate meeshaa gosa kamiyyuu man kuusaa keessa kaa'uu ykn man kuusaa keessaa akka bahu gochuun hin danda'amu.

§ Oomishaan herreegaa fi sanadoota seera qabeessa ta'an otoo hin qabatiin kan hafe yoo ta'e ykn ibsa herreega ji'a ji'aan yoo dhiheessuu baate ykn yeroo Labsii kanaan murtaa'e keessatti yoo kaffaluu baate ykn ibsi herreegaa dhiheesse qorannaadhaan yoo sirrii ta'ee hin argamne ta'e hanga taaksichi kaffalamutti omishaan meeshaa kamiyyuu idoo itti omishamuu ykn mankuusaa meeshaa keessa akka hin baafne Abbaan taayitaa taaksii dhorkuu ni danda'a.

6.2.4 QARAXA TEMBEERAA

Qaraxaa teembiraa jechuun sanadoota adda addaa irratti gosa qaraxa buufamu yoo ta’u mootummaan misoomaa fi baasii adda addaaf jecha ummataa irraa al-kallattiin taaksii sassaabamu keessatti gosa taaksii ramadamu. Sanadoota Qaraxni Teembiraa irratti kaffalamu Sanadoota kanaa gadiitti qaraxni teembiraa ni kaffalama. § Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaata waldaa daldalaa, waldaa hojii gamtaa yookiin

waldaa bifa kamiyyuu, Araara, Sanada waadaa, Sanada kuusaa meeshaa mirkaneessu, kontiraata, waligaltee, waltahinsa fi ibsa (yaadannoo) kanneenii, sanadoota wabummaa, waltahinsa gamtaa, waliigaltee (qaxara) hojii Kiraa, mirga kireeffataan kireessuu danda'uu dabarsuun kennuu kkf., Mirkaneessaa, Aangoo bakka bu'ummaa, Sanada mirgi abbummaa qabeenyaa galmeessamu hundaaf qaraxni teembiraa ni kaffalama.

Page 18: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

16 | f u u l a

Hanga Qaraxa Teembiraa kaffalamu § Labsii qaraxa tembiraa keewwata (3) jalatti tokkoo tokkoo sanada ilaalame irratti hangi qaraxa

kaffalamuu qabu akka gabatee kana wajjin walqabatee jiruu fi akka qaama labsii kanaa tokko ta'ee lakkaa'amu keessatti tarreeffameen ta'a.

§ Sanadni tokko deddeebi'ee yoo raawwatame hangi qaraxa Teembiraa sanadoota irratti kafalamu kan murtaa’u, gaafatamuu fi sassaabamu akkaa gabatee kana gadi keessatti tarreefametti ta'a.

Lakk. Bifa sanadaa Bu’uura tilmaamaaf Fudhatame

Hanga kaffalchiifamu

1 Dambii Bulmaataa hundeeffama hojii daldalaa kamiyyuu ykn waldaa biraa kamiyyuu a)jalqaba oggaa raawwatame b)itti fufuun oggaa raawwatame

Muramaan ”

Qr.350.00 Qr.100.00

2 Dambii bulmaata hojii Gamtaa a)jalqaba oggaa raawwatame b)itti fufuun oggaa raawwatame

Muramaan ”

Qr.35.00 Qr.10.00

3 Araara Gatii isaa irratti a)kan tilmaamamu %1 b)kan hin tilmaamamne Qr.35.00

4 Qabannaa(bond) Gatii isaa irratti %1 5 Sanda mirkaneessaa kuusaa meeshaa Gatii isaa irratti %1 6 Waliigaltee walta’insaa fi ibsa isaaniif Murmaan Qr.5.00 7 Sanada wabummaa Gatisarratti %1 8 Waliigaltee gamtaa

a)oggaa galmaa’u b)oggaa fooyya’u

Muramaan ’’

Qr 350.00 Qr.100.00

9 Waliigaltee Qaxaraa Mindaji’a tokko %1 10 Kiraa ,sanada mirga kireeffataan kireessuu fi

kan kana fakkaatu dabarsuu Gatiisarratti %0.5

11 Mirkaneessaa muramaan Qr5.00 12 Aango bakka bu’ummaa muramaan Qr.35.00 13 Mirga abbummaa qabeenyaa Gatii issa irratti %2

Aangoo Abbaa Taayitaa Galiiwwanii

Bu'uura Labsii kanaan qaraxa murteeffame walitti qabuufi labsii kana raawwachiisuu; Kafaltoonni qaraxaa galmeewwan, dabtaroota, waraqaalee, sanadootaa fi murtiiwwan adda

addaa akkaataa qaraxni itti murtaa'e ibsan akka dhiyeessan gochuu fi qorachuuf, oggaa barbaachisaa ta'es namni dhimmi ilaalu dhiyaatee akka qorachiisu yookiin ibsu ajajuu;

Kaffalaan qaraxa dhimmi ilaalu akka keewwata kana keewwata xiqqaa (2) haala ilaalameen raawwachuuf eeyyamamaa yoo ta'uu baate qaraxa tilmaamaan murteessee sassaabuuf,

Page 19: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

17 | f u u l a

aangoon kennameeraaf. Barbaachisaa ta'ee yoo arge namootni tajaajilamtootaaf akka gurguran tembeera hirifama

gatiitiin itti gurguruu ni danda'a. Hamma hirifamaa gatii fi haala raawwii isaa qajeelfamaan murteessa.

Haalaa fi yeroo Qaraxni itti kaffalamu Barreeffama hundeeffamaa fi ittiin bulmaataa irratti galmeeffaamuun dura yookiin yeroo

galmeeffamu Araararratti murtiin osoo hin kennamiin dura yookiin yeroo kenname; Sanadoota waliigaltee yookiin walta'insaa irratti sanadoonni osoo hin mallattaa'iin dura yookiin

yeroo mallattaa'an. Waliigaltee kiraa yookiin kireeffataan kireessuu irratti waliigalteen osoo hin mallattaa'iin dura

yookiin yeroo mallattaa'an. Sanada mirkaneessuurratti kenniinsi dhugummaa isaa mirkaneessuun yammuu raawwate. Sanada wabummaa irratti osoo hin mallattaa'iin yookiin yeroo mallattaa'e. Sanada mirga abbummaa qabeenyaa galmeessuu irratti gochi galmeessisuu osoo hin

raawwatamiin dura yookiin yeroo raawwatame Qaraxni teembiraa kafalamu Qr.50.00 gad oggaa ta'e, kafaltiin teembira gatii barbaachisaa qabate

maxxansuun raawwatama. Qaraxni teembiraa kafalamu Or.50.00 kan caalu oggaa ta'u yookiin haallii fi gosni sanadichaa

hojimaata adda ta'e kan gaafatu yoo ta'e qajeelfama ATGO baasuun qaraxni teembira itti maxxansuun ala karaa biraa akka kaffalamu gochuu ni danda'a.

Namni sanada teembirri irratti maxxanfameen hojjatu yookiin fudhatu teembira kanaan lammaffaa akka itti hin hojjatamneef mallattoo addaa itti godhuu qaba.

Namoonni sanada teembirri irratti maxxanfame fudhatan tembirichi yeroo lammaffaaf hojjechuu akka hin dandeenye taasisuu ilaalchisee akkaataa Abbaan Taayitaa Gibiraa murteessuun ni raawwatu.

Teembirri sanada irratti maxxaafame akka Abbaan Taayitaa Gibiraa murteesseen akka hin hojjanne yoo hin taasifamne sanadicha irratti teembirri akka hin maxxaafamneetti lakkaa'ama. Ittigaafatamummaans sababa kanaan gahu kan kufu abbaa dhimmaa irratti osoo hin taane sanada teembirri irratti maxxanfame hin haqamneen nama hojjatu yka fudhatu ta'a.

6. MAASHINII GURGURTAA GALMEESSU (CASH REGISTER MACHINE)

Mashinii gurgurtaa galmeessu jechuun sochii daldalaa keessatti gurgurtaa guyyaa guyyaan adeemsifamu ykn tajaajilas ta’e shaqaxa gurguramu kan galmeessuu fi wantoota gurgurtaa keessatti raawwataman hunda nagahee elektrooniksii bifa maxxansuun kan baasu fi lakkoofsa eenyummaa adda Abbaa Taayitaa Galiwwanii fi Gumuruka Itoopiyaan kan kennamuu qabu yoo ta’u, meeshaa daataa beezii Abbaa tayitaatiin kan wal qabate dha. Barbaachisummaa fi faayidaa Maashinii gurgurtaa galmeessu Rakkoolee bulchiinsa taaksii biyya keenyaa keessatti dhimmoota cimaa ta’ani mul’atan keessaa inni guddaan qabiinsa ragaa gibiraa ammayya’aa fi itti fayyadama isaa yoo ta’u, rakkoon kun kaffalaa gibiraa fi dhaabbata gibira sassaabu jidduu wal amananii akka waliin hin hojjenne godhee jira.

Page 20: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

18 | f u u l a

Gibirri ragaa irratti hin hundoofne fi tilmaamaan murtaa’u karaa tokkoon mootummaan galii argachuu qabuu akka hin arganne yoo godhu gara biraatiin immoo kaffalaan gibiraa, gibira kaffaluu qabu qofaa akka kaffalu waan hin taasisneef adeemsa hojii irratti rakkoo uumaa jira. Gibira tilmaamaan murteessuun rakkoolee hedduu waan qabuuf qaamolee lamaan giddu walii galteen akka hin uumamne godhaa jira. Kanaafuu yeroo ammaa hojimaata tilmaamaan rawwatamu keessaa bahuun tajaajila iftoomina qabuu fi saffisaa kennuuf sirna qabiinsa ragaa ammayya’aa hojii irra oolchuun filannoo kan hin qabne dha. Haaluma kanaan Mashiniin Gurgurtaa Galmeessu rakkoo kana furuuf filannoo isa duraa tii. Kanaafuu kaffalaan gibiraa galii sirrii argate irratti hundaa’aamee gibira ykn taaksii akka kaffalu taasisuun waliitti dhufeenya qaamota lamaan gidduu jiru wal amanuun akka hojjatamu taasisa. Akka walii galaattii meeshicha hojii irra oolchuun waanti barbaachiseef faayidaa waliin waan argamsiisuuf. Gabaabumatti fayyidaaleen meeshichaa akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru. Ø Hojimaata seeraan alaa ni hanbisa (dhowwa) Ø Hojimaata tilmaamaan hojjatamu ni hanbisa Ø Haqa qabeessummaa hojii irra ni oolcha Ø Waliigalteen qaama lamaan jidduu akka uumamu ni taasisa Ø Aadaa fedhii fi amanamuummaan gibira kaffaluu ni guddisa. Ø Baasii bulchiinsaa ni hir’isa Ø Dandeettii beekumsa daldalaa ammayya’aa ni taasisa Ø Kaffalaa gibiraa fi qaama gibira sassaabu gidduu qabiinsa ragaa fi itti fayyadama ragaa akka

fayyadaman waan godhuuf gibira ragaa sirrii irratti hundaa’e akka kaffalamuu fi sassaabamu taasisa.

Dirqama Meeshichatti fayyadamuu kan qabu eenyu faadha? Gara fuladuraatti daldalli fi sirni taaksii biyya keenyaa ammaaya’aa yoo dhufe dhaabbanni daldalaa kamiyyuu meeshicha akka itti fayyadamu ni dirqamaa. Akka biyyaatti bara 2000 irraa kaasee hojii irra ooluu yoo jalqabamelee akka naannoo keenyaatti ji’a onkololeessaa 2004 irraa jalqabee marsaa duraaf Magaalota sadarkaa tokkoffaa naannicha keessatti argaman hunda keessatti hojii irra akka olu taasifamee jira. Haalumaa kanaan marsaa duraa kanaaf kaffaltootni gibiraa sadarkaa “A” fi “B” hundii meeshichaatti akka fayyadaman dirqama qabu. Kaffalaan Gibiraa tokko meeshaa gurgurtaa galmeessu bitachuuf wantoonni barbaachisan Ø Sertifikeeta galmee Eeyyama daldalaa Ø Sertifikeeta Eeyyama daldalaa Ø Sertifikeeta lakk. Eenyuummeessaa kaffalaa gibiraa(TIN) Ø Dhaabbatichi galmaa’aa taaksii dabalata qabeenyaa yoo ta’e Sertifikeeta taaksii dabalata

qabeenyaa (VAT)

Labsii galmee daldalaa kennu ilaalichisee kan ba’e, daldaltoota galmeen daldalaa hin kennamneef meeshaa gurgurtaa galmeessu bitachuuf wantoonni barbaachisan FKNf. Abukaatummaa irratti kan bobba’an, Suuqii iddoo bashannanaa uummataa, Albuuda omshuu irratti kan bobba’an, Telekom irratti kan bobba’an fi k.k.f

Page 21: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

19 | f u u l a

Ø Iddoo daldala isaani kan ibsu sertifikeeta Lakk.Eeyummeessaa Kaffalaa gibiraa (TIN) Ø Galmaa’a Taksii dabalata qabeenyaa yoo ta’e sertifikeeta taksii dabalata qabeenyaa(VAT)

Kaffaltoota gibiraaf Eeyyamni daldalaa ministeroonni adda addaa kennaniif yoo ta’eemoo Ø Qaama eyyama kenneen kan kenname sertifiketa eyyama daldalaa haara’e Ø Galmaa’aa Taaksii dabalata qabeenyaa yoo ta’e sertifikeeta taksii dabalata qabeenya(VAT) Ø Sertifikeeta lakk. Eenyummeessaa kaffalaa gibiraa(TIN)

Meeshaa gurgurtaa galmeessu socho’aatti fayyadamuuf Ø Sertifikeeta galmee Eeyyama daldalaa Ø Sertifikeeta Eeyyama daldalaa haara’e Ø Sertifikeeta lakk. Eenyummeessaa kaffalaa gibiraa(TIN) Ø Dhabbatichi galmaa’aa taaksii dabalata qabeenyaa yoo ta’e Sertifikeeta taaksii dabalata

qabeenyaa (VAT) Ø Xalayaa deeggersaa Abbaan Tayitaa Galiiwwanii gara dhiyyeessitootaatti barreesse qabaachuun

barbaachisadha. • Kaffalaan gibiraa meeshaa gurgurtaa galmeessu socho’aatti fayyadamuu akkuma gosti daldalaa

isaanii qoqqodamee addaan ba’etti sosocho’ee akka itti fayyadamuuf gosa daldalaa sana irratti kan bobba’e qofa yoo ta’e, meeshaa gurgurtaa galmeessu sanaan socho’ee naga’ee kutuuf qofa ta’usaa fi erga nagahee ittin muree booda maashinicha iddoo eyyama daldalasaatii deebisee kaa’uutu irra jira.

Meeshaa gurgurtaa galmeessu Iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti jijjiruuf ulaagaan guutamuu qabu: Ø Sertifikeeta galmee Eeyyama daldalaa isa iddoo haaratti jijjiramee fi eyyama daldalaa qabaachuu Ø Iddoo daldalasaa jijjirachuu isaa abbaa taayitaa galiwwan naannoo isaa jirutti beeksisuu Ø Xalayaa Abbaan Taayitaa Galiiwwanii akka iddoo daldalasaa jijjiirratee beeksisuu barreesseef

Meeshaa gurgurtaa galmeessu bifa adaraatiin yeroodhaaf dhiyeessitoota bira kaawwachuuf • Iddoon dhaabbata daldalaa kaffalaa gibiraa sun sababa misoomatiif yoo digame kaffalaan gibiraa

sun hanga iddoo jijjiirraa biraa argatutti yeroo murtaa’eef maashinicha giddu gala dhiyyeessitoota bira kan kaawwatu yoo ta’u,kaffalaan gibiraa sun wantoota guuttachuu qabu

Ø Iddoon dhaabbata daldalaa kaffalaa gibiraa sun sababa misoomaatiif diigamuu isaa kan ibsu xalayaa qaamaa dhimmi ilaalu irraa dhiyyeessuu

Ø Giddu galli dhiyeessitota maashinichaa bifa adaraatiin akka kaa’aniif kan ibsu xalayaa deggarsaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irra dhiyyeeffachuu

Ø Yeroon kennameef osoo hin dhumiin dura iddoo daldalaa isaa itti jijjiirrate Abbaa Taayitaa GalIiwwaniItti beeksisuu

Ø Sababa humnaa oliitiin iddoo daldalaasaa itti jijjiirratu hin arganne yoo ta’e yeroon isaa kenname osoo hin dhumiin dura Abbaa Taayitichaatti beeksisuu

Kaffalaan gibiraa tokko dhaabbata daldalaa isaa cufuuf odiittii gochaa jira yoo ta’e meeshaa gurgurtaa galmeesuu kana eessa kaa’uu qaba?

Page 22: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

20 | f u u l a

• Kaffalaan gibiraa Dhaabbata daldalaa isaa cufuu barbaade tokko meeshaa gurgurtaa galmeessu bifa adaraatin gidduu gala dhiyeessitoota bira kan kaa’uu yoo ta’u,wantoota guutuu qabu keessaa Ø Iddoo Eeyyama daldalaa baasee ittiin hojjechaa ture irraa xalayaa degarsaa dhaabbata

daldalaa isaa cufuuf jedhu ibsu abbaa taayitaa galiwwaniitiif barreeffame dhiyeeffachuu qaba Ø xalayaa degarsaa dhaabbata daldalaa isaa cufuuf jedhu ibsuu abbaa taayitaa galiwwaniitifi

barreefame ibsu tuuta meeshaa gurgurtaa galmeesuuf dhiyeessuu qaba. Ø Dhaabbata daldalaa isaa cufuu barbade odiitii godhama jiru tokkof meeshaa gurgurtaa

galmeessu bifa adaraatiin gidduu gala dhiyeessitoota bira akka taa’uuf tuutni meeshaa gurgurtaa galmeessu kun gara dhiyeessitotaati xalayaa barreessaaf

Kaffalaan gibiraa tokko Dhaabbata daldalaa isaa gutummaa guutuutti cufe meeshaa gurgurtaa galmeessu deebissuuf ykn jijjiirraa abbaa gochuuf:-

• Kaffalaan gibiraa tokko Dhaabata daldalaa isaa guutummaa guutuutti daldalaa keessaa erga bahee meeshaa gurgurtaa galmeessu debisuu kan danda’u yoo ta’u, meeshaa gurgurtaa galmeessu deebisuuf wantoota barbaachisan:- Ø Sertifikeeta Abbaan Taayitaa GaliIwwanii idaa gibiraa fi taaksii irraa bilisa ta’uusaa kennef

dhiyeeffachuu qaba. Ø Galmee daldalaa fi eeyyamni daldalaa isaa guutummaa gutuutti haqamuusaa (cufamuusaa)

ragaa ibsu yoo dhiyeeffate xalayaa degarsaa meeshaa gurgurtaa galmeessu akka deebisuuf gara dhiyeessitootatti barreefatee debisuu ni danda’a.

Meeshaa gurgurtaa galmeessu tokkoo olitti fayyadamaa turee kan deebise yoo ta’e • Gaaffiin isaa kan dhiyyaatu abbaa taayitaa galiwwanif yoo ta’u, iddoo sana daldalichi meeshaa

tokko ol qabaachuu isaa sistema abbaa taayitichaa keessaa mirkaneeffachuun barbachisa dha. Ø Dhaabbatichi Sertifikeeta galmee Eeyyama daldalaa fi Sertifikeeta Eeyyama daldalaa akka

dhiyeeffatu gochuu. Ø Meeshaa Kaffalaan gibiraa ittiin hin fayyadamne Sana lakk. Galmeessaa caqasuun xalayaa

barreessu. Ø Meeshaa gurgurtaa galmeessu gara gidduu gala dhiyeessitootati akka deebisuu danda’u

xalayaa barreefachuu.

Meeshaa gurgurtaa galmeessu daldalaa (nama) biraaf jijjiiraa gochuun kan danda’amu:- • Meeshaa gurgurtaa galmeessu kaffalaan gibiraa tokko itti fayyadamaa turee nama biroof

jijjiiruun waan danda’amuuf, jijjiirraa gochuuf wantoonni barbaachisaa ta’an:- Ø Dhaabbatni sun daldala isaa kan cufe yoo ta’e xalayaa ittiin maashinicha deebisee dhiyeessu

qaba. Ø Meeshaa gurgurtaa galmeessu tokkoo oli qabaachuusaatiin kan deebisee yoo ta’e, kana

kan agarsiisu ragaa Sertifikeeta galmee Eeyyama daldalaa fi Sertifikeeta Eeyyama daldalaa dhiyyeefachu qaba.

Ø Walii galtee isa jijjiiree fi isa jIjjiiratee kan agarsisu qofa qofatti sertifikeeta isaanii guutummaa walin dhiyeeffachuu qaba.

Page 23: Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaaora.gov.et/images/Publications/Barruu Hubannoo buúraa... · 2015-05-28 · faayidaa kaffaltii gibiraa fi taaksii kaffale wajjin wal madaalu ykn wal

21 | f u u l a

PaY YOU Tax

Direct tax

Emloyment Income Tax

Business Income Rental

incometax Other taxes

TOT

VAT

Excise TAx

Stamp duty

Custom duty

Taxation

Indirect tax