maaskii keessan nageenyaan akkamitti akka uffattan · minnesota department of health |...
TRANSCRIPT
Maaskii Keessan Nageenyaan Akkamitti akka Uffattan
Tarkaanfii 1: Haarka keessan dhiqadhaa ykn saanitaazaraan qulqulleessaa.
Tarkaanfii 2: Fiixeen maaskii funyaan keessan gubbaatti akkasumas gajjalaan isaa areeda keessan jala ta’usaa mirkaneessaa.
Tarkaanfii 3: Saaqqiiwwan gurraa fayyadamuu ykn mataa keessan duuba hidhuun duratti maaskii funyaan fi afaan keessan gubbaatti kaa’aa.
Tarkaanfii 4: Maaskiichi funyaan, afaanii fi areeda keessan gutuumaatti akka haguuguuf naanneessuun sochosaa.
Tarkaanfii 5: Fiixee maaskiiwwan tokko tokkoo gobbachuu danda’u. Sirriin naannoo funyaan keessaniitti akka taa’u godhuuf, fiixee maaskii irra quba keessan gadi qabaa.
Tarkaanfii 6: Yeroo maaskii uffattan hin tuqinaa. Sirriitti akka taa’u gochuuf yoo barbaaddan, saaqqiiwwan ykn hidhaa gurraa maaskiichaa fayyadamaa.
Tarkaanfii7: Maaskii baafachuuf saaqqiiwwan ykn hidhaa gurraa fayyadamaa. Fuldhurasaa hin tuqinaa.
Tarkaanfii 8: Yoo maaskiichi kan gatamuu ta’e gataa.
Tarkaanfii 9: Maaskii keessan irra deebiitanii itti fayyadamuun dura maashiniin ykn harkaan miccaa.
Tarkaanfii 10: Ammas haarka keessan dhiqadhaa ykn saanitaayizaraan qulqulleessaa.
Minnesota Department of Health | health.mn.gov | 651-201-5000 |Danaa filmaataa gaafachuuf [email protected] qunnamaa. | 07/15/2020 | Oromo