waldaa aksiyoona liqii fi qusannaa oromiyaa reports/booklate.pdf · walqo osoo gita waldaa...

30
W ALQO Deeggaraa Misooma Uummataa WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አክሲዮን ማኅበር OROMIA CREDIT AND SAVING SHARE COMPANY Tajaajilawwan Dhaabbatichi Kennu ተቋሙ የሚሰጣቸው አገልግሎቶች

Upload: others

Post on 25-Oct-2020

375 views

Category:

Documents


32 download

TRANSCRIPT

Page 1: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

WALQODeeggaraa Misooma Uummataa

WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA

የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አክሲዮን ማኅበር OROMIA CREDIT AND SAVING SHARE COMPANY

Tajaajilawwan Dhaabbatichi Kennuተቋሙ የሚሰጣቸው አገልግሎቶች

Page 2: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

2

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

Hunde effama Waldaan Aksiyoona Liqii fi Qusannaa Oromiyaa /WALQO/ labsii dhaabbilee maayikroo faayinaansii hundeessuuf bahe Lakk. 40/1987 bu’uura godhachuun bara 1989 hundaa’e. WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti waggoota lamaaf tajaajila liqii fi qusannaa hawaasa baadiyyaa muraasaaf kennaa tureera.

Ergama

Mul’ata

Dhaabbata maayikroo faayinaansii sadarkaa addunyaa eeggate ta’uudhaan hawaasa dinagdeedhaan cimee fi jijiirame uumuuf gumaachuu.

Tajaajila maayikroo faayinaansii madaalawaa, kalaqa’aa (innovative) fi maamiltoota wiirteffate ummata baadiyyaa fi magaalaaf dhiheessuu dhaan jireenya isaanii jijjiiruu.

Duudhaalee

• Qisaasama qabeenyaa fi hanna irraa bilisa ta’uu

• Ejjannoo /Intigirity

• Xiyyeeffannaa maammilaa qabaachuu /Customer focus

• Beekamtii /Recognition/

• Bu’aa qabeessummaa (effectiveness)

• Ga’umsa ogummaa /Diligence/

• Madaqfachuu (Innovation)

• Hojii gamtaa (teamwork)

Page 3: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

3

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

Kaayyoo WALQO Hundeeffameef

WALQO bu’aarratti kan xiyyeeffatte osoo hin taane ergama dinadgee hawaa-sa naannoo Oromiyaa cimsuu fi hiyyummaa xiqqeessuu qabatee kan hojje-tuudha. WALQOtti qusachuunis milkaa’ina kaayyoo kanaaf gumaachuudha.Waldichi ummata keenya sababa harka qallummaa irraa kan ka’e wabii dhi-heeffatanii tajaajila liqii baankilee irraa argachuu hin dandeenyeef liqii kenn-uun hojii akka ummatan, omisha isaanii akka baballifataniifi jiruu fi jireenya maatii isaanii akka fooyyessan hojjeta.

Page 4: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

Tajaajila Qusannaa

Tajaajilawwan WALQO

1. Qusannaa Idilee

• Namna dhuunfaa ykn dhaabbata ykn gareedhaan qusatamuu kan dandeessisu;• Qr. 30 qofaan dabtara qusannaa banachuun ni danda’ama• Yeroo yeroon hanga humna ofii qusahuuf carraa namaaf kenna• Maamilli yeroo barbaadetti qusannaa kana baafachuu ni danda’a/deessi.

Dhala %7

Page 5: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

5

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

• Daa’imman waggaa 18 gadiitiif maatiin, firootaan ykn guddistootaan kan qusatamuu-

fiidha.

• Qusannaan kun waliigaltee WALsirna O fi maatii ykn guddiftu Ijoollee gidduutti taas-

ifamuun bula.

• Qusannaan kun aadaa Oromoo / handhuuraa/ waliin kan walqabatuudha. Gama tok-

koon aadaa keenya ammayyeesaa, gama biroon egere ijoollee keenyaaf yaaduuf ni gar-

gaara.

• Handhuraan egeere daa’immaniif bu’uura kaa’uu bira darbe; aadaan qusannaa hawaasa

sadarkaa daa’immummaa jalqabe akka dagaaguuf shoora olaanaa gumaacha.

• Waliigalteerratti hundaa’uun waggaa 5 fi isaa oliif osoo baasii hin ta’in kan qusata-

muudha.

• Haala turtii qusannaa irratti hundaa’uudhaan dhibbeentaa 8% ti hanga 10%tti kiraa

maallaqaa kan argamsiisuudha.

• Daa’imman waggaa 18 gadiitiif maatii, firoota ykn guddistootaan kan qusatamuufiidha. • Qusannaan kun waliigaltee WALQO fi maatii ykn guddiftu Ijoollee gidduutti taasifam-

uun bula. • Handhuraan egeere daa’immaniif bu’uura kaa’uu bira darbe; aadaan qusannaa hawaasa

sadarkaa daa’immummaa jalqabe akka dagaaguuf shoora olaanaa gumaacha.• Waliigalteerratti hundaa’uun waggaa 5 fi isaa oliif osoo baasii hin ta’in kan qusata-

muudha.• Haala turtii qusannaa irratti hundaa’uudhaan dhibbeentaa 8% ti hanga 10%tti kiraa

maallaqaa kan argamsiisuudha.

Turt

ii Ye

roo

Qus

anna

aD

hala

Wag

gaa

5 ha

nga

10%

8W

agga

a 10

han

ga 1

5%

9W

agga

a 15

han

ga 2

0%

10

Dha

la Q

usan

naa

Kan

aaf S

halla

gam

u

2. Qusannaa Handhuuraa

Page 6: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

6

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

3. Qusannaa Sabata Ayyoo

Dubartoonni biyya keenya loogii hawaas-diinagdee gita adda addaatti isaan

irra gahaa tureen carraa qabeenya hoorachuufi diinagdeen of-danda’uu isaanii gad-aanaa tureera. Qusannaan Sabbata Aayyoos dubartoonni aadaa qusannaa isaanii akka gabbifatan gochuun cinatti tajaajila liqii argatanii hojii mataa isaanii akka uummataniifi qabeenya mataa isaanii horatanii eeggattummaa diinagdee jalaa bahuun guddina hawaas-dinagdee naannoo fi biyya keenyaa keessatti shoo-ra isaan irraa eegamu akka gummaachan jajjabeesuuf kan qophaa’eedha.

Page 7: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

7

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

4. Qusannaa Saanduqaa: • Gostii qusannaa kun namoota amala hojii isaanii irraa kan ka’e gara damee dee-

manii qusachuu hin dandeenyeef kan qophaa’eedha. Keessattuu namoota hojii dal-dala xixiqqaarratti boba’aniif tarsiimoo qusannaa mijawaadha.

• Maamilli saanduqa tajaajila kanaaf oolu damee WALQO irraa fudhachuun guyyaa guyyaan gara damee osoo hin deemin bakka hojii isaanitti saanduqa qusannaatti akka qusatan dandeesisa.

• Yeroo saanduqni guutu gara dameetti geessuun dabtara irratti galii godhata.• Yeroo kamiyyuu qusannaa kana baafachuun itti fayyadamuun ni danda’ama.• Maamilli qusannaa kanatti fayyadaman WALQO irraa liqeeffatanii daldala isaanii

akka guddifataniif haalli ni mijataaf.• Furtuun saanduqa qusannaa kanaa Damee WALQO bira ta’a. • Maamila qusannaa kanaatiif liqeeffatanii daldala isaanii akka guddifatan haalli ni

mijataaf.• Dhalli (interest) qusannaa kanaaf herregamu dhibbeentaa 7%.

Page 8: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

8

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

5. Qusannaa Sooramaa: • Nama umriin isaa waggaa 18fi isaa ol ta’e kamiinu kan hirmaaachisu ta’ee walii-

galteedhaan yoo xiqqaate waggaa 5’f osoo baasii hin ta’in kan qusatamuudha.• Kaayyoon qusannaa sooramaa namoonni har’a yeroo humnaa fi galii qaban yoo

qusatan yeroo sooroma bahanitti maallaqa hanga tokko akka kuufatanii fi hojii mataa isaanii akka uummatan akkasumas galii dabalataa argatanii hirkattummaa jalaa akka bahanif gargaara.

• Maamilli qusannaa sooramaa tajaajila liqii waldichaa dursa akka argatu haalli ni mijaa’aaf.

• Namni qusannaa sooromaa haala waliigalteen yoo qusachuu baate kan keessu-meeffamu seera qusannaa idileetiini.

• Qusannaan kun waliigaltee irratti hundaa’uudhaan kiraa maallaqaa(dhala) dhib-beentaa 7% hanga 10% tti kan argamsiisuudha.

• Turtii Yeroo Qusannaa DhalaWaggaa 5 hanga 10 8%Waggaa 10 hanga 15 9%

6. Qusannaa Yeroon Daangeffame: /Time deposit/

• Gostii qusannaa kun waligaltee irratti hunda’uun qusannaa yeroo murtaa’eef qusatamu yemmu ta’u, kiraa maallaqaa (dhala) dursa waligalamee kan raaw-watamu yoo maallaqni qusatame sun yeroo waligalte booda kan bahu ta’eedha.

• Maamilli qusannaa kanatti fayyadamuu barbaadu Qr. 30,000 fi isaa ol ji’a sadii hanga waggaa 2 kan baasii hin taane ol ka’achuu qaba.

• Baayyina maallaqa qusatamuu fi turtii yeroo irrat-ti hundaa’unis dhala dhibbeentaa 7.5% hanga 9%tti kan argamsiisuudha.

• Hanga Maallaqaa Turtii yeroo qusannaa DhalaQar. 100,000-299,999 Ji’a 9 hanga 15 7.5%Qar. 100,000-299,999 Ji’a 13 hanga 24 8%Qar. 300,000 fi isaa ol Ji’a 9 hanga 12 8.5%Qar. 300,000 fi isaa ol Ji’a 13 hanga 24 9%

Page 9: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

9

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

7. Herrega Socho’aa: /Checking Account/

• Daldaltoota ykn qaama kamuu tajaajila cheekii barbaadaniif kan dhihaateedha.

Tajaajilii kun maamilii maallaqa damewwan tajaajila maayikiroofaayinaansii olaa-

naa WALQO biraa qabu cheekii dhaabbatichaan qophaa’een ajajuuf dandeesisa.

• Maamilli herrega qusannaa qaard banachuu barbaadu maallaqa ka’umsaa Qr.

1,000 irraa jalqabe hanga feedhii isaa qusachuun herrega banachu danda’a.

• Maamilli tajaajila kana argachuu barbaadan dhunfaanis gareenis herrega kana

banachuu ni danda’u.

• Ajaja qarshii kuma 50 olii mirkaneefachuuf xallayaan dabalataa mallatoo fi chaapaa

abbaa herregichaa qabu ni barbaachisa.

• Qusannaa Herrega socho’aa Qaard irratti dhalii ykn kiraan maallaqaa hin herre-

gamu. Maallaqicha bahii gochuufis tahe dadabarsuun gatin itti hin gaaftamu(no

charge is made on the transactions to be made from cureent account)

Page 10: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

10

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

Tajaajila Liqii :-1. Liqii Gurmuu

Gareen xiyyeeffannaa gosa liqii kanaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota yoo ta’u kaayyoo liqiin kun kennamuufis oomishaafi oomishtummaa maamilaa guddisuufi. Ulaagaa liqii/Eligibility criteria/ • Umurii waggaa 18-60 kan ta’e• Naamusaafi aadaa hojii gaarii kan qabu/du• Deebii liqii irratti seenaa gaarii kan qabu/du naamusa qabaachuu • Liqii biraa irraa bilisa kan ta’e/taate • Ganda keessatti qabeenya socho’aa (hoorii) fi qabeenya hin sochonnee ( lafa qon-

naa fi biqiltuu) qabaachuu.• Yoo xiqaatee waggaa tokkoof gandicha keessa kan jiraate/ttee• Hojii karoorfame hojjachuuf ga’umsa qaamaa (physical fitness) kan qabu/du• Seera wabii gareetti (group liability) kan waliigaluu fi kabaju ta’uu• Qusannaa dirqii fi feedhii qusachuuf eyyamammaa kan ta’e.• Qajeelfama fi Polisii liqii fi qusannaa WALQOtiin buluuf eyamammaa kan ta’e.Wabii Liqii/Loan Collateral • Liqiin kun wabii gareetiin kan liqeeffamuudha. Hanga Liqii/Loan size• Liqeefattoonni haaraan qarshii 8,000.00 irraa jalqabe kan liqeefachuu danda’an

yemmuu ta’u, maamilli buleeyyiin ammoo hanga qarshii 20,000.00 liqeefachuu ni danda’u.

Yeroo Turtii Liqii• Turtiin liqii kanaa waggaa tokko kan hin caalle ta’a. Dhalaa fi Kaffaltii Tajaajilaa• Dhalli liqii kanarratti shallagamu waggaan %17 yemmuu ta’u, ji’aan 1.4167% ta’ee

hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan shallagamuudha (declining interest rate).

• Liqii kanarratti kaffaltiin tajaajilaa %3 ni shallagama.

Liqiin kun namoota feedhii walfakkaataa qabanii fi namoota 5 hanga 50 ta’anii gur-maa’udhaan liqeefachuu barbaadaniif kan dhiyaate dha. Miseensoonni liqii kun wabii waliif ta’udhaan liqiin nama tokko irratti yoo hafe kafaluuf dirqama dhunfaa fi walloo qabu. Tajaajili liqii kun jiraattoota badiyyaa( dhiraa fi dubara) akkasumas jiraattota magaalaa keessattuu duubartoota irratti xiyyeefachuun kan keenamudha.

1.1. Liqii Gurmuu Baadiyyaa

Page 11: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

11

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

Gareen xiyyeeffannaa gosa liqii kanaa jiraattota magaalaa hoji-dhabeeyyii ta’an ykn galii gad aanaa qabaniidha. Kaayyoon liqiin kun kennamuufis namoonni galii hin qabne hojii akka uummatanii fi namoonni galii gad-aanaa qaban galii isaanii akka guddifataniifi.

Ulaagaa liqii/Eligibility criteria/ • Umurii waggaa 18-60 kan ta’e• Naamusaafi aadaa hojii gaarii kan qabu/du• Deebii liqii irratti seenaa gaarii kan qabu/du naamusa qabaachuu • Liqii biraa irraa bilisa kan ta’e/taate • Waraqaa enyummaa gandaa kan haarome kan qabu/bdu.• Hojii karoorfame hojjachuuf ga’umsa qaamaa (physical fitness) kan qabu/du• Namoota 5- 25tiin gurmaa’uu fi seera wabii gareetti (group liability) kan waliiga-

luu fi kabaju ta’uu• Qusannaa dirqii fi feedhii qusachuuf eyyamammaa kan ta’e.• Qajeelfama fi Polisii liqii fi qusannaa WALQOtiin buluuf eyamammaa kan ta’e.Wabii Liqii/Loan Collateral • Wabii garee waliiniitin kan fudhatamu yemmuu ta’u, turtiin liqii waggaa tokko.Hanga Liqii/Loan size• Liqeefattoonni haaraan qarshii 8,000.00 irraa jalqabe kan liqeefachuu danda’an

yemmuu ta’u, maamilli buleeyyiin ammoo hanga qarshii 20,000.00 liqeefachuu ni danda’u.

Yeroo Turtii Liqii• Turtiin liqii kanaa waggaa tokko kan hin caalle ta’a. Dhalaa fi Kaffaltii Tajaajilaa• Dhalli liqii kanarratti shallagamu waggaan %17 yemmuu ta’u, ji’aan 1.4167% ta’ee

hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan shallagamuudha (declining interest rate).

• Liqii kanarratti kaffaltiin tajaajilaa %3 ni shallagama.

1.2. Liqii Gurmuu Magaalaa

Page 12: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

12

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

2. Liqii Intarpiraayizii Maayikiroo Xixiqaa fi Gidugaleessa

Toorii xiyyeefannoo Liqii IMXG dargaggoota hoji-dhabeeyyii fi eebbifamtoota dhaab-bilee barnootaa olaanaa fi kolleejjii barnoota tekinikaa fi ogummaa irraa bahan hojiitti galchuudha. Ulaagaa liqii/Eligibility criteria/ • Umurii waggaa 18-60 • Naamusaa fi aadaa hojii gaarii kan qabu• Liqii deebisuu irratti seenaa gaarii kan qabu• Qaama seerummaa (waraqaa ragaa waldaa IMXG ta’uu isaa ibsu) qabachuu• Liqii (idaa) kamiyyuu irraa bilisa ta’u.• Eeyyama daldalaa qabaachuu• Waraqaa eenyummaa haaromfame qabaachuu• Qusannaa liqii duraa qusachuuf eyyamammaa ta’u. • Karoora daldalaa bu’a qabeessa ta’e• Liqii gaafatameen wabii walmadaalu dhiheefachuu. • Bakkii hojii fi bu’uuraalee misoomaa hojichaaf barbaachisan guuttachuu• Muuxannoo fi dandeetti hojichaa qabaachuu• Liqii Miliyoona 2 ol yoo ta’e gabaasa odiitii dhiheeffachuu kan danda’u

Wabii Liqii/Loan Collateral • Wabii Kaartaa Manaa, Mindaa, Abbaa qabeenyumaa lafa sadarkaa 2ffaa (sar-

tafikeetti abbaa qabeenyummaa lafa baadiyya), Xallayaa wabummaa dhaabbata irraa dhihaatu (Bulchinsa magaalaa fi waldaa aksiyoonaa fi kkf), Sartifikeeti qusan-naa yeroon dangeefamee fi kan bahii hin taanee/ Time deposit certificate / fi wabii konkolaataa

Hanga Liqii/Loan size• Karoora daldalaa fi wabii liqeeffataan dhiheeffatu irratti hundaa’uun murtaa’a. Yeroo liqiin itti deebi’u/Loan period • Yeroon deebii liqii IMXG gosa hojii fi galii waldichaa irratti hundaa’uun yoo

baay’ate hanga waggaa sadiitti kan dheeratuudha.Dhala /Interest/• Dhalii liqii kana irratti shalagamu waggaadhan 13% yemmu ta’u, ji’aan 1.0833%

ta’ee hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan shallagamuudha (declining interest rate).

• Liqii kanarratti kaffaltiin tajaajilaa %3 ni shallagama.

Page 13: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

13

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

3. Liqii Fandii Naannoftuu Dargaggootaa

Dargaggoota hojii dhabeeyyi baadiyyaa fi magaalaa dhaabbilee barnootaa olaannoo irraa ebbifamani fi kanneen biroo naannicha keessatti hojiiwwan kan akka waldaa ho-jii gamtaa, sharikummaa fi dhabbata dhunfaa itti gaafatamummaan isaa mirkanaa’een gurmaa’uuf feedhii qabaniif ulaagaa guutaniif kan kennamu dha.Ulaagaa/Eligebility Croteria /• Umuuriin isaanii waggaa 18-34 • Qaama dhimmii ilaaluu irraa ragaa hojii dhabdummaa dhiyeefachuu qabu.• Seera wabii walii walii(cross guarantee)tiin bitamuf eyyamammaa ta’u(liqii kafala-

mu dhabbuuf dhunfaaniis ta’ee gareen itti gaaffatamummaa fudhachuu).• Jiraataa naannoo damee liqii kennuu ta’u isaa ragaa fi waraqaa enyumma ganda

irraa dhiheeffachuu.• Qusannaa liqii duraa qusachuuf eyyamammaa ta’u. (hanga liqii gaafatamee irraa

10% qusachuu; kan hanga liqiin deebii’utti baasii taasiisuun hin danda’amne).• Hojii gaarii fi seera qabesummaa hojichaa. • Amala gaarii fi seenaa liqii maammilii kanaan dura qabu(yoo jiraate), haala na-

geenya maatii fi ilaalcha deebii liqii irratti qaban. • To’annoo garii fi dorgommaa ta’u.• Waraqaa ragaa waldaa IMX fi eyyama daldalaa haarome• Bakkii hojii fi haalii hojii mijataa ta’uu• Muuxannoo fi dandeetti hojiichaa qabaachuu• Polisii fi qajeelfama liqii WALQOtiin abboomamuuf eyyamamaa ta’uuWabii Liqii/Loan Collateral• Wabii walii(Cross guarantee among the group members) • Maatii irraa wabii dhiheefachuuYeroo liqiin itti deebi’u/Loan period • Yeroon deebii liqii IMX fandii dargaggootaa haala hojiichaa irratti hundaa’un

waggaa Shan keessatti kan deebi’udha.Dhala /Interest/• Dhalii liqii kana irratti shalagamu waggaadhan 8 % yemmu ta’u, ji’aan 0.6666%

ta’ee hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan herregamuudha (declining interest rate).

Page 14: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

14

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

4. Liqii Daldalaa:

Qaamoonni liqii daldalaa argachuu danda’an namoota dhunfaanis ta’ee gurmuun ho-jii daldalaa irratti boba’uuf eyyama qabanii dha. Liqiin daldalaa namoota hojii mataa isaanii uumatanii fi dhunfaan hojii daldalaa irratti hirmaachaa jiran jajjabeesuuf kan qophaa’eedha. Xiyyeeffannaan liqii kanaa ebbifamtooota dhaabbilee teeknikaa fi ogum-maa, dhaabbilee barnootaa olaannoo fi dargaggootaa fi shamaran hojii dhabeeyii hojii daldalaa keessatti hirmaachuuf feedhii qaban gidugaleessa kan godhatedha.Ulaagaa /Eligibilty Criteria/• Umurii waggaa 18-60 • Jiraataa dhaabbi naanoo damee liqii kennee ta’uu fi waraqaa enyummaa ganda ir-

raa dhiheefchuu kan danda’u.• Amala gaarii fi seenaa liqii maammilii kanaan dura qabu(yoo jiraate), haala na-

geenya maatii fi ilaalcha deebii liqii irratti qaban.• Polisii fi qajeelfama liqii WALQOtiin abboomamuuf eyyamamaa ta’uu• Seera qabeesummaa fi fudhatamuummaa hojiichaa• Karoora daldalaa qabatamaan hojjatamuu danda’u kan dhiheefate• Eyyama daldalaa haarome dhiheefachuu• Muuxannoo fi dandeetti hojiichaa qabaachuu• Hojii leenjii teeknikaa fi ogummaan walqabatuuf muuxannoo barnoota, waraqaa ragaa leenjii gabaabaa barbaachisa.• Bakkii hojii fi haalii hojii mijataa ta’uu• Liqii Miliyoona 2 ol yoo ta’e “financial statement” oggeessa herregaa seera qabees-

sa ta’een oditii ta’e dhiheefachu• Qusannaa liqii duraa qusachuuf eyyamammaa ta’u. (hanga liqii gaafatamee irraa

10% qusachuu; kan hanga liqiin• Wabii/collateral/ liqii gaafatameen walmadaaluu dhiheefachuu. Wabii Liqii/Loan Collateral • Wabii Kaartaa Manaa, Mindaa, waraqaa ragaa qusannaa yeroon dangeefamee fi

kan bahii hin taanee/ Time deposit certificate /Evidence of blocked account/ fi wa-bii konkolaataa

Dhala /Interest/• Dhalii liqii kana irratti shalagamu waggaadhan 17% yemmu ta’u, ji’aan 1.4167%

ta’ee hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan herregamuudha (declining interest rate).

• Liqii kanarratti kaffaltiin tajaajilaa %3 ni shallagama.

Page 15: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

15

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

5. Liqii WEDP

• Gareen xiyyeeffannaa liqii kanaa dubartoota dhuunfaadhaan ji’a 6 fi isaa oliif ho-jii daldalaa irratti boba’an ykn waldaalee IMX ta’anii miseensonni isaanii % 50 oli dubartoota kan ta’aniidha.

Ulagaa/ Eligebility Criteria/• Umurii waggaa 18-60 • Yoo xiqqaate baatii jahaaf (6) hojii daldalaa keessa kan turte• Muuxannoo fi dandeetti hojiichaa kan qabdu • Naamusaa fi aadaa hojii gaarii kan qabu• Liqii deebisuu irratti seenaa gaarii kan qabu• Qaama seerummaa (waraqaa ragaa waldaa IMXG ta’uu isaa ibsu) qabachuu• Liqii (idaa) kamiyyuu irraa bilisa ta’u.• Waraqaa ragaa liqii dubartootaa(WEDP ID or green card) qaama dhimmi ilaalu

irraa dhiheeffachuu • Eeyyama daldalaa qabaachuu• Waraqaa eenyummaa haaromfame qabaachuu• Qusannaa liqii duraa qusachuuf eyyamammaa ta’u. • Karoora daldalaa bu’a qabeessa ta’e• Liqii gaafatameen wabii walmadaalu dhiheefachuu. • Bakkii hojii fi bu’uuraalee misoomaa hojichaaf barbaachisan guuttachuu• Muuxannoo fi dandeetti hojichaa qabaachuu• Liqii Miliyoona 2 ol yoo ta’e gabaasa odiitii dhiheeffachuu kan danda’u Wabii Liqii/Loan Collateral • Wabii Kaartaa Manaa, Mindaa, waraqaa ragaa qusannaa yeroon dangeefamee fi kan

bahii hin taanee/ Time deposit certificate /Evidence of blocked account/ fi wabii konkolaataa

Yeroo liqiin itti deebi’u/Loan period • Liqii hojii adeemsisuuf (working capital) kenname yoo ta’e waggaa 1 keessatti

deebi’uu qaba.• Liqii investimentiidhaaf kenname yoo ta’e ammoo waggaa 2 hanga 3tti deebi’a• Haalli deebii liqii yeroo yeroodhaan ta’ee waliigalteen murteeffama./Instalment

base/Ammaaf liqiin kun kan kennamu dameewwan murtaa’an qofarratti. Dhala /Interest/• Dhalii liqii kana irratti shallagamu waggaadhan 13% yemmu ta’u, ji’aan 1.0833%

ta’ee hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan shallagamuudha (declining interest rate).

• Kaffaltiin tajaajilaa 3% liqeeffataan ni kaffala.

Page 16: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

16

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

6. Liqii Bitaa Konkolaataa Liqiin konkolaataa gosa liqii yeroo gabaabaa maamiltoota hojii tajaajila geejibaa ykn hojii adda addaatiif haala ittin mijeefachuuf gaafataniif kan qophaa’edha. Maamiltooni liqii kana fudhachu barbaadan namoota ykn intarpiraayizoota eyyama daldalaa seera qabeesa ta’e qabanni fi wabii manaa dhiheefachu danda’aniif kan kenamudha. Liqiin kun konkolaataa gosa adda addaa kan akka konkolaataa fee’umsaa,otobisii, minibaasii, pikaapii, atomobilii fi kkf kennama.Ulagaa/ Eligebility Criteria/• Jiraataa dhaabbi naanoo damee liqii keenu ta’uu fi waraqaa enyummaa ganda irraa

dhiheefchuu kan danda’u.• Amala gaarii fi seenaa liqii maammilii kanaan dura qabu(yoo jiraate), haala na-

geenya maatii fi ilaalcha deebii liqii irratti qaban.• Umurii waggaa 18-60 kan ta’e• Polisii fi qajeelfama liqii WALQOtiin abboomamuuf eyyamamaa ta’uu• Karoora daldalaa qabatamaan hojjatamuu danda’u barbaachisaa yoo ta’e• Eyyama daldalaa haarome • Karoora daldalaa qabatamaan hojjatamuu danda’u barbaachisaa yoo ta’e• Eyyama daldalaa haarome • Mana akka wabitti dhiheefachuu kan danda’u/suu• Qusannaa liqii duraa 5% qusachuuf feedhii kan qabu.• Yoo xiqaate dhibeentaa 40 bitaa konkolaatichaa dhiheesu kan danda’u, garu

dhaabbata liqii keenu irraa ta’u hin qabu.• Konkolaatan bitamu braandii beekamtii qabu ta’u qaba. Bitaa ispeer paartii

konkolaataatiif liqiin hin keenamu• Akkuma konkolaataan bitameen inshuuransii seenuuf eyamammaa kan ta’e• Liqii Miliyoona 2 ol yoo ta’e “financial statement” oggeessa herregaa seera qabees-

sa ta’een oditii ta’e dhiheefachu• Konkolaataan bitamu deebi’ee yoo gurgurame gatii kan baasuu ta’u qaba.Wabii Liqii/Loan Collateral fi Yeroo deebii liqii• Wabii liqii konkolaataa Kaartaa Manaa qofaadha.• Haalli deebii liqii yeroo waliigaltee murteeffama./Instalment base/ liqiin kun kan

kennamu wayituma sana.Dhala /Interest/• Dhalii liqii kana irratti shalagamu waggaadhan 17% yemmu ta’u, ji’aan 1.4167%

yemmu ta’u reetin isaa haala irratti hundaa’ee jijjiramu danda’a.

• Liqii kanarratti kaffaltiin tajaajilaa %3 ni shallagama.

Page 17: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

17

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

7. Liqii Ijaarsaa /Housing Loan/Gareen xiyyeeffannaa liqii ijaarsaa miindeffamtoota dhaabbii (Hojjettoota mootum-maa, miti mootummaa fi kkf) rakkoo mana jireenyaa mootummaan furuuf yaalaa jiru deeggaruuf kan dhiyaateedha. Keessattuu namoota mana ykn lafa bitachu barbaadaniif, ijaarsa manaa jalqabanii yoo xiqqaate bu’uura kan baasaniifi suuphaa manaaf kan ken-namuudha.• Umurii waggaa 18-48. • Maamiltoota umurii 49-55 ta’an garuu liqii ji’a 12 fudhachuu ni danda’u.• Waajjira hojjachaa jiran irraa xalayyaa dhiheefachuu(ji’a ji’an minda hojjatichaa irraa

hordofani baasii liqii barbaachisuu hir’isanii kafaluuf eyamammaa ta’u kan ibsu.• Qusanaa liqii duraa 5% qusachuuf eeyyamamaa kan ta’an.• Gonkummaa Idaa biraa irraa bilisa ta’u isaa/ishee dhiheefachu kan danda’u• Naamusaa fi amala gaarii qabaachu isaani waajjira irraa xalayya dhiheefachu kan danda’uu• Liqeefatoonni soorama bahuuf yoo xiqaate waggaaan 12 kan hafe ta’u qabu.• Wabii mana liqiichaan wal-madaalu dhiheefachu kan danda’u/dandeesuu• Polisii fi qajeelfama liqii WALQOtiin abboomamuuf eyyamamaa ta’uu• Liqeefataan hojjataa/hojjatuu dhaabbii naannoo ykn mit-mootummaa ta’u qabu• Miseensa waldaa waraqaa ragaa qabu fi seeran gurmaa’anni ta’u qabu• Dura taa’an waldichaa xalayyaa seera qabeesa lafichii gara qaama sadafaatti hin

dabaree dhorkuu damee liqee kenneef bareesu qaba.• Laftii liqii ijaarsatiif akka wabiitti qabame beekamtii WALQO ala qaama sadafaatti akka hin

dabare xalayyaa mirkaneefanaa bulchinsa magaalaa irraa dhihaachuu qaba.• Haaldureewwan xumuramee laftii ijaara manaatiif mootummaan keenne qofan

wabii liqii ta’u ni danda’a. Garu waraqaan ragaa abbaa qabeenyummaa lafaa hanga liqiin deebi’uutti dame WALQO liqeese bira tura.

• Liqiin ijaarsaa guutummaa guututti yeruma tokko hin gadhifamu. Gatii ijaarsaa (bill of quantity) dhihaate irratti hundaa’un jala jalaa gadhifamaa deema. Kanaaf dhalii liqii fudhatame fi yeroo itti fudhatame irratti shalagama malee liqii waligala ijaarsaf mirkanaa’e irratti mitti.

Hanga liqii/Loan sizeHangi liqii ijaarsaa 1/3 mindaa waligalaa ji’a 19(gross salary) Yeroo deebii liqii• Yeroon deebii liqii inni guddaan waggaa 10( ji’a 120 )Wabii Liqii/Loan Collateral • Wabiin gosa liqii kanaaf dhihaachuu qabu mana qofadha. Dhala /Interest/• Dhalii liqii kana irratti shalagamu waggaadhan 17% yemmu ta’u, ji’aan 1.4167%

ta’ee hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan herregamuudha (declining interest rate).

Page 18: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

18

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

8. Liqii Dhimma Waliigalaa /General Purpose Loan/WALQO hojjattoota, hoggantootaaf fi poliisoota naannoo oromiyaa sababa gara ga-raa kan akka tajaajila yaalaa ittiin argachuuf, barnootaaf, meeshaa mana keessaa ittin bitachuuf, cidhaaf akkasumas hojii dhunfaa ittin hojjachuuf barbaadaniif tajaajila liqii waligalaa ni kenna.Ulaagaa/Eligebility criteria /• Maamilli liqii kana fudhachuu hojjataa dhaabbii fi waajjira amma keessa hojjachaa

jiru yoo xoqaate ji’oota 24 kan tajaajilee ta’u qaba.• Maamilli liqii kana fudhatu seena liqii gaarii qabaachussaa waajjira irraa mirka-

naa’ufii qaba• Liqii/Idaa kamirraayu bilisa ta’u isaa xalayyaa mirkaneessu waajjira yeroo liqiicha

gaafatu keessa hojjatu irraa fidu qaba• Xalayyaa mindaa, haala qaxarii fi soorama bahuuf yeroo isa hafe ibsuu waajjira-

amma keessa hojjatu irraadhiheefachuu • Baasii liqii ji’a ji’aan cittuu hordofee hir’isee dame WALQO liqii kenneef galchuuf

waajjiri eyamammaa ta’uu Xalayyaa mirkaneesuu dhiheessuu.• Liqeefataan soorama bahuuf yoo xiqaate waggaan 3 kan hafe ta’u qaba.• Hojjataa mootummaa ykn mana offii (mana nama 3ffaa) akka wabitti dhiheefachu

kan danda’u. Mindaan nama wabii ta’u mindaa liqeefataatin qixa yoo ta’e nama tokko, kan issaa gadi yoo ta’e nama lama dhiheefachu qaba.

• Namni wabii ta’u soorama bahuuf yoo xiqaate waggaan 3 kan isa hafe ta’u fi waajjira amma keessa hojjatu waggaa 2 fi isaa ol kan tajaajile ta’u qaba.

Hanga liqii/Loan sizeHangi liqii ijaarsaa 1/3 mindaa waligalaa ji’a24 (gross salary) Yeroo deebii liqii• Yeroon deebii liqii inni guddaan waggaa 2( ji’a 24 )Wabii Liqii/Loan Collateral • Liqii kana argachuuf wabiin dhihaachuu qabus miindaa gitaa fi wabii namaa ykn

qabeeenya dhaabbataaDhala /Interest/• Dhalii liqii kana irratti shalagamu waggaadhan 17% yemmu ta’u, ji’aan 1.4167%

ta’ee hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan herregamuudha (declining interest rate).

Page 19: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

19

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

3. Qaard /Herrega Socho’aa/

• Daldaltoota ykn qaama kamuu tajaajila cheekii barbaadaniif kan dhihaateedha. Tajaajilii kun maamilii maallaqa damewwan tajaajila maayikiroofaayinaansii olaa-naa WALQO biraa qabu cheekii dhaabbatichaan qophaa’een ajajuuf dandeesisa.

• Maamilli herrega qusannaa qaard banachuu barbaadu maallaqa ka’umsaa Qr. 1,000 irraa jalqabe hanga feedhii isaa qusachuun herrega banachu danda’a.

• Maamilli tajaajila kana argachuu barbaadan dhunfaanis gareenis herrega kana banachuu ni danda’u.

• Qusannaa Herrega socho’aa Qaard irratti dhalii ykn kiraan maallaqaa hin herre-gamu.

2. Qusannaa Waadiyaa Amaanaa• Qusannaan waadiyaa Amaanaa namoota sababa adda addaatiin kiraa maallaqa

qusannaarratti hin barbaadnee xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan tajaajila qusan-naa kennamudha.

• Qusannaan kun akkuma gosota tajaajila qusannaa kaneen biroo dabtara addaa fi qabiinsa herregaa off danda’e kan qabu dha.

• Namni umriin isaa waggaa 18 fi isaa ol ta’e kamiyyuu itti fayyadamuu ni danda’a.

Tajaajila Faayinaansii Dhal-Malee

1. Tajaajila Faayinaansii Muraabbahaa

Tajaajilli faayinaansii kun bifa bittaa fi gurgurtaa meeshaatiin maamilaa fi WALQO

gidduutti kan adeemsifamuudha. Adeemsi isaas;WALQO meeshaa maam-

milli ba baade biteefi bu’aa irratti ida’achuun maamilatti kan gurguratu ta’a.

Page 20: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

20

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

• Tajaajilli inshuuraansii xixiqqaa tajaajila liqii gurmuu magaalaa fi baadiyyaarraatti qofa kan kennamuudha. Innis, liqeeffataan yeroo liqii itti deebisuu qabu keessatti akka tasaa du’aan yoo boqote liqiin (idaan) irra jiru gara maatii isaatti akka hin dabarre kan godhuufii idaa liqeeffataa guutummaa guutuutti irraa kan haqsiisuu dha.

Tajaajila Inshuuraansii Xixiqqaa

Tajaajila Bulchiinsa Maallaqaa:• WALQO tajaajila bulchiinsa maallaqa qaama sadaffaa kennuurratti muuxan-

noo guddaa qaba. Waldichi maallaqa ykn fandii dhaabbilee mootummaa fi mi-ti-mootummaa kan akka baankii addunyaa kkf irraa gara isaa dhufan dhimma misoomaa barbaadamerra akka oolu gochuun ga’umsaa fi qulqullinaan bulchaa tureera; ammas fandii dhaabbilee biyya keessaa fi alaa hedduu bulchaa jira.

Tajaajila Maallaqa Dabarsuu:• WALQOn tajaajila maallaqa dabarsuu biyya keessatti ni kenna. Haaluma kanaan,

dameewwan isaa naannoo Oromiyaa fi Harar akkasumas bulchiinsa magaalaa Fin-finnee fi Dirre Daawaa keessatti argamanitti fayyadamuudhaan tajaajila maallaqa dabarsuu biyya keessatti ni kenna.

Tajaajila Gorsaa:

• WALQO tajaajila gorsaa bilisaan maamila isaa hundaaf ni kenna. Haa ta’u malee,

tajaajilli kun bal’inaan kan irratti xiyyeeffatu qonnaan bultoota, horsiisee bultoo-

ta, dargaggootaa fi dubartoota. Kaayyoo guddaan tajaajila kanaas itti-fayyadama

liqii fi barbaachisummaa qusannaa irratti hubannoo hawaasaa dagaagsuu dha.

Page 21: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

21

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

• WALQOn tajaajila Moobaayil Baankingii dhaabbata ‘M-Birr ICT Service Plc’ jedhamu waliin walta’uun maamiloota isaaf kennuurratti argama. Tajaajilli kun karaa bilbila moobaayiliitiin maallaqa qusachuu, baasuu, kaffaltii adda addaa raawwachuu, maallaqa dabarsuu, bittaa fi gurgurtaa adeemsisuu fi kkf gochuuf kan dandeessisuudha.

Tajaajila baankii mobaayilaa (M-Birr):

Page 22: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

22

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አ.ማ. የፋይናንስ አገልግሎት በጥራትና ተመጣጣኝ ዋጋ በማቅረብ

የዜጎችን ኢኮኖሚ ለማሳደግ እየሠራ የሚገኝ ተቋም ነው፡፡ ተቋሙ በ1989 ዓ.ም የተቋቋመ

ሲሆን ላለፉት ሃያ አመታት በኦሮሚያ ክልል ውስጥ የተለያዩ የማይክሮ ፋይናንስ አገልግሎቶችን

በመስጠት በርካቶች ኑሮአቸውን እንዲያሻሽሉ አድርጓል፡፡ ባሁኑ ጊዜም የደንበኞችን ፍላጎት

መሠረት ያደረጉ የፋይናንስ አገልግሎቶችን በጥራትና በተመጣጣኝ ዋጋ በመስጠት ላይ ይገኛል፡፡

ተቋሙ የሚሰጣቸው ዋና ዋና አገልግሎቶች፤

1.1. የቡድን ብድር

- ለአርሶ አደሮች፣ አርብቶ አደሮች፣ ጥቃቅን ንግድ ላይ ለተሰማሩ የከተማ ነዋሪዎች

የሚሰጥ የብድር አይነት ነው፡፡

- ተበዳሪዎች የቡድን ዋስትና ማቅረብ ይጠበቅባቸዋል፡፡

- የብድር ጣራ፡- ከብር 8000 – 20000

- ብድር የሚመለስበት ጊዜ፡- ለአርሶ አደሮችና አርብቶ አደሮች በአንድ ዓመት ሲሆን

ለጥቃቅን የንግድ ሥራዎች ላይ ለተሠማሩ ከተማ ነዋሪዎች እንደየሥራው ሁኔታ እስከ ሁለት

አመት ልቆይ የችላል፡፡

- ወለዱ:- 17% በአመት ወይም 1.4167% በወር ሆኖ ወለድ የሚታሰበው በቀሪው

ሒሳብ ላይ ብቻ ነው፡፡

የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አ.ማ.

1. የብድር አገልግሎት፤

Page 23: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

23

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

1.2. የአነስተኛና ጥቃቅን ኢንተርፕራይዝ

- በአነስተኛና ጥቃቅን ኢንተርፕራይዝ ለተደራጁ ወጣቶች የሚሰጥ የብድር አይነት ነው፡

- የአነስተኛና ጥቃቅን ኢንተርፕራይዝ የተለያዩ የዋስትና አማራጮች ያሉት ሲሆን

እነርሱም፤

የተቋም ዋስትና

የቤት ካርታ

የመሬት ባለቤትነት ማረጋገጫ ደብተር

በጊዜ የተገደበ ቁጠባ ሰርተፍኬት

የመኪና ልብሬ ናቸው፡፡

- የብድር ጣራ፡- በስራው ዕቅድ መሠረት የሚወሰን ይሆናል፡፡

- ብድር የሚመለስበት ጊዜ፡- እንደየሥራው ሁኔታ እስከ ሦስት አመት ልቆይ የችላል፡፡

- ወለድ:- 13% በአመት ወይም 1.4167% በወር ሆኖ ወለድ የሚታሰበው

በቀሪው ሒሳብ ላይ ብቻ ነው፡፡

1.3. የቢዝናስ ብድር

- የታደሰና ህጋዊ የሥራ ፊቃድ ያለው

- ህጋዊ ካርታ ያለው ቤት ዋስትና ማቅረብ የሚችሉ

- የብድር ጣራ (መጠን) በቢዝነስ ፕላን /ስራ እቅድ/ የሚወሰን ይሆናል፡:

- ብድር የሚመለስበት ጊዜ፡- እንደየሥራው ሁኔታ እስከ ሦስት አመት ልቆይ የችላል፡፡

- ወለድ:- 17% በአመት ወይም 1.4167% በወር ሆኖ ወለድ የሚታሰበው

በቀሪው ሒሳብ ላይ ብቻ ነው፡፡

Page 24: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

24

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

1.4. የሴት እንተርፕሩነሮች ብድር

- ቢያንስ ለ6 ወር እና ከዚያ በላይ በስራ ላይ የቆዩ ሴት እንተርፕሩነሮች የሚሰጥ

- የታደሰና ህጋዊ የሥራ ፊቃድ እንዲሁም የሴት እንተርፕሩነሮች ብድር መታወቂያ

ካርድ ያላቸው፤

- ህጋዊ ካርታ ያለው ቤት በዋስትና ማቅረብ የሚችሉ

- የብድር ጣራ (መጠን) በቢዝነስ ፕላን /ስራ እቅድ/ የሚወሰን ይሆናል፡:

- ብድር የሚመለስበት ጊዜ፡- እንደየሥራው ሁኔታ እስከ ሦስት አመት ልቆይ የችላል፡፡

- ወለድ:- 17% በአመት ወይም 1.4167% በወር ሆኖ ወለድ የሚታሰበው

በቀሪው ሒሳብ ላይ ብቻ ነው፡፡

1.5. የመኖሪያ ቤት ግንባታ

- ቋሚ የወር ገቢ ላላቸው የመንግስትና መንግስታዊ ላልሆኑ ተቋማት ሰራተኞች

የሚሰጥ፤

- ብድር የሚጠየቅበት ግንባታ ህጋዊ ካርታና የግንባታ ፊቃድ ያለው ሆኖ ቢያንስ

መሠረት የወጣለት መሆን አለበት፤

- የሚገነባውን ቤት ካርታ በዋስትና የሚያቀርብ

- የብድር ጣራ (መጠን) በተበዳሪ ደመውዝ መጠን የሚወሰን ይሆናል፡፡

- ብድር የሚመለስበት ጊዜ፡- እንደየሥራው ሁኔታ እስከ ሦስት አመት ልቆይ የችላል፡፡

- ወለድ:- 17% በአመት ወይም 1.4167% በወር ሆኖ ወለድ የሚታሰበው

በቀሪው ሒሳብ ላይ ብቻ ነው፡፡

Page 25: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

25

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

1.6. ለተለያየ አላማ የሚውል ብድር

- ቋሚ የወር ገቢ ላላቸው የመንግስትና መንግስታዊ ላልሆኑ ተቋማት ሰራተኞች

የሚሰጥ፤

- ከተበዳሪው እኩል ወይም በላይ ደመውዝ ያለውን ቋሚ ሰራተኛ ወይም ህጋዊ የቤት

ካርታ ዋስትና የሚያቀርብ

- የብድር ጣራ (መጠን) በተበዳሪ ደመውዝ መጠን የሚወሰን ይሆናል፡:

- ብድር የሚመለስበት ጊዜ፡- እንደየሥራው ሁኔታ እስከ ሁለት አመት ልቆይ የችላል፡፡

- ወለድ:- 17% በአመት ወይም 1.4167% በወር ሆኖ ወለድ የሚታሰበው

በቀሪው ሒሳብ ላይ ብቻ ነው፡፡

1.7. የመኪና ግዢ ብድር

- የቢዝነስ ሥራቸውን ለማቀላጠፍ ወይም የትራንስፖርት አገልግሎት ላይ መሰማራት

ለሚፈልጉ ደንበኞች የመኪና ግዢ ብድር የሚሰጥበት አካሄድ ነው፡፡

- ተበዳሪው ተመጣጣኝ ዋስትና ማቅረብ ይጠበቅበታል፡፡

- የብድር ጣራ (መጠን) በተበዳሪ ደመውዝ መጠን የሚወሰን ይሆናል፡:

- ብድር የሚመለስበት ጊዜ፡- እንደየሥራው ሁኔታ እስከ ሁለት አመት ልቆይ የችላል፡፡

- ወለድ:- 17% በአመት ወይም 1.4167% በወር ሆኖ ወለድ የሚታሰበው

በቀሪው ሒሳብ ላይ ብቻ ነው፡፡

Page 26: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

26

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

2.1. መደበኛ ሒሳብ

- ያለ ገደብ 18 ዓመት እና ከዚያ በላይ እድሜ ላላቸው የቀረበ

- በማንኛውም ጊዜ ሊቆጠብና ወጪ ሊሆን የሚችል

- 7 በመቶ ወለድ የሚያስገኝ

2.2. ሀንዱራ ሒሳብ

- ለህፃናትና ለልጆች የቀረብ

- ከ8 እስከ 9 በመቶ ወለድ የሚያስገኝ

2.3. ሶረማ ሒሳብ

- ለሁሉም ሰዉ የቀረበ ሆኖ የሚቆጠብበት ምክንያት ለጡረታ ነው፡፡

- ከ 8 እስከ 9 በመቶ ወለድ የሚያስገኝ

ቁጠባው የሚቆይበት ጊዜ ወለድ

ከ5 እስከ 10 አመት 8%

ከ10 እስከ 15 አመት 9%

2. የቁጠባ አገልግሎት

ቁጠባው የሚቆይበት ጊዜ ወለድ

ከ5 እስከ 10 አመት %8

ከ10 እስከ 15 አመት %9

ከ15 እስከ 20 አመት %10

Page 27: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

27

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

2.4. ሰበታ አዮ ሒሳብ

- ለሴቶች የቀረበ የቁጠባ አይነት ነው፡፡

- 8 በመቶ ወለድ የሚያስገኝ

2.5. የሳጥን ሒሳብ

- በሥራቸው ጠባይ ምክንያት ወደ ቅርንጫፎቻችን ሄዶ መቆጠብ ለማይችሉ ተመራጭ

ነው!

- 7 በመቶ ወለድ ያስገኛል

2.6. በጊዜ የገደበ ሒሳብ

- በስምምነት ከ30000 ብር ጀምሮ ለተገደበ ጊዜ ወጪ ሳይደረግ የሚቆጠብ ሆኖ

እንደቆይታው ከ 8 እስከ 10 በመቶ ወለድ የሚያስገኝ የቁጠባ አይነት ነው፡፡•

የገንዘብ መጠን ቁጠባው የሚቆይበት ጊዜ ወለድ

ብር 100,000-299,999 ከ 9 እስከ 15 ወር 7.5%

ብር 100,000-299,999 ከ 13 እስከ 24 ወር 8%

ብር 300,000 እና ከዚያ በላይ ከ 9 እስከ 12 ወር 8.5%

ብር 300,000 እና ከዚያ በላይ ከ 13 እስከ 24 ወር 9%

2.7. ተንቀሳቃሽ ሒሳብ

- በቼክ ሒሳባቸውን ማንቀሳቀስ ለሚፈልጉ ደንበኞች የቀረበ አማራጭ ነው፡፡

Page 28: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

28

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

4. የሐዋላ አገልግሎት

3. ወለድ አልባ የፋይናንስ አገልግሎት፡

ይህ አገልግሎት በሸሪያ ህግ ላይ ተመስርቶ የሚሰጥ ከወለድ ነፃ የፋይናንስ አገልግሎት ነዉ፡፡

በኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አ.ማ. የሚሰጡ ዋና ዋና ወለድ አልባ የፋይናንስ አገልግሎቶች፡

3.1. ሙራባሓ ፋይናንስ

ሙራባሓ ፋይናንስ አገልግሎት በዕቃ ግዢና ሽያጭ መልክ የሚካሄድ ይሆናል፡፡ አካሄዱም፣

ተቋማችን ደንበኛዉ የፈለገዉን ዕቃ ገዝቶ ትርፉን በመደመር ለደንበኛዉ የሚሸጥ ይሆናል፡፡

3.2. ዋዲያ ቁጠባ

ዋዲያ ቁጠባ አገልግሎት በሸሪያ መመሪያ መሠረት ወለድ ሳይታሰብበት ደንበኛ ገንዘቡን በአደራ

መልክ በተቋማችን ዘንድ የሚያስቀምጥ ነዉ፡፡ ገንዘቡ በሚፈለግበት ጊዜም ወጪ ልደረግ

ይችላል፡፡

3.3. ቃርድ ተንቀሳቃሽ ሂሳብ

ይህ አገልግሎት ሂሳባቸውን በቼክ ማንቀሳቀስ ለሚፈልጉ ደንበኞች እንደ አማራጭ የቀረበ ነው፡፡

በዚህ ቁጠባ ወለድ አይታሰብበትም፡፡

የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አ.ማ በሀገር ዉስጥ የገንዘብ ማስተላለፍ (ሐዋላ) አገልግሎት እየሰጠ ይገኛል፡፡

ወደፊትም የቴክኖሎጂ አቅሙን በማጠናከር የዌስተርን ዩንየን ሐዋላ አገልግሎት ለመጀመር እየሰራ ይገኛል፡፡

Page 29: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

29

WALQODeeggaraa Misooma Ummataa

5. ሞባይል ባንኪንግ አገልግሎት (M-BIRR)

ኤም ብር ሞባይል ስልክን በመጠቀም ገንዘብን የማዘዋወር ስርአት ለመዘርጋት በኢትዮጵያ

የመጀመሪያው ሲሆን በሞባይል ስልክዎን በዋነኝነት የባንክ አገልግሎት ከማቅረቡ በተጨማሪም

የተለያዩ የግብይት ስራዎችን ለመፈጸም የሚያስችል ምቹና ቀላል ቴክኖሎጂ ነው፡፡

በኤም ብር አገልግሎት ደንበኞች ሞባይላቸዉን በመጠቀም ሂሳባቸዉን ማንቀሳቀስ የሚችሉ

ሲሆን በተለይ በቀላሉ ጊዜን ቆጥቦ ገንዘብ ማሰቀመጥ፣ መቀበል፣ ማስተላለፍ፣ ግዢ መፈጸም

ወይም የተለያዩ አገልግሎቶች ክፍያ ለመፈፀም ያስችላል፡፡

6. የፈንድ አስተዳደር አገልግሎት

ሁሌም የምንተጋዉ የህዝባችን የኢኮኖሚ መሠረት ተሻሽሎ ለማየት ነዉ፡፡

የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አ.ማ. የብዙሃን የልማት አጋር!

7. የምክር አገልግሎት

የኦ.ብ.ቁ. አ.ማ ስለገንዘብ አያያዝ፤ ስለብድር ገንዘብአጠቃቀም፤ ስለቁጠባ አስፈላጊነት፤ ስለቢዝነስ ፕላን

አዘገጃጀትና ወዘተ ለደንበኞቹ ነፃ የምክር አገልግሎት ይሰጣል፡፡

የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አ.ማ የሶስተኛ ወገን ፈንድ በማስተዳደር ከፍተኛ ልምድ ያለዉ ድርጅት ነዉ፡፡ ድርጅቱ ከተለያዩ መንግስታዊና መንግታዊ ካልሆኑ ድርጅቶች፣ ከአገር ዉስጥና ከአለም ባንክ እንዲሁም ከመሳሰሉት ተቋማት ወደ ድርጅቱ የሚመጣዉን ገንዘብ ወይም ፈንድ ለመጣለት የልማት ዓላማ እንዲዉል በማረግ ደረጃ በጥራትና በብቃት ሲያስተዳድር ቆይቷል፡፡ አሁንም በርካታ ከሀገር ዉስጥና ከሀገር ዉጭ ወደ ድርጅቱ የመጣዉን ፈንድ በማስተዳደር ላይ ይገኛል፡፡

Page 30: WALDAA AKSIYOONA LIQII FI QUSANNAA OROMIYAA Reports/booklate.pdf · WALQO osoo gita waldaa aksiyoonaatti hin hunda’in dura Waldaa Walgargaarsa Oro-moo (OSHO) jalatti sadarkaa piroojektiitti

Teessoo Waajjira Muummichaa

+251 11 557 11 60

[email protected]

oromiamfi.com

http://www.facebook.com/oromiamicrofinance

WALQODeeggaraa Misooma Uummataa

Gamoo Odaa Taawor Qarsaa( Kaazaanchis)

Finfinnee