qindeessaan: jibriil abdalla · 2020. 10. 9. · 2 qabiyyee osoo hin qoramin “amanne” jechuun...

111
1 Qindeessaan: Jibriil Abdalla

Upload: others

Post on 20-Nov-2020

45 views

Category:

Documents


1 download

TRANSCRIPT

Page 1: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

1

Qindeessaan: Jibriil Abdalla

Page 2: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

2

Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1 ................................. 4

Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 2 ............................... 10

Haadhaa Abbaatti Tola Oolu ......................................................................................... 17

Yeroo Kam Mu'minaa fi Munaafiqni addaan baafamuu?.............................................. 26

Karaa Jallinnaa Namatti Bareechisuu fi adabbii isaa .................................................... 31

Nabii Nuuhin Erguu fi Ummanni isaa baduu ................................................................ 35

Rabbiin Qofa Gabbaruun Karaa Rizqii fi wanta barbaadan ittiin argataniidha ............. 37

Jalqaba Kan Uume Lamuu Deebisuun Isatti ni ulfaataa? .............................................. 40

Jireenyi Lammataa Maaliif Barbaachistee? ................................................................... 42

Rabbiin Jalaa Miliquu Hin Dandeessan ......................................................................... 43

Roorroo Ummata Nabii Ibraahim .................................................................................. 47

Luuxi fi Ummata Isaa .................................................................................................... 52

Shu’ayb fi Ummata Isaa ................................................................................................ 58

Aadi fi Samuud .............................................................................................................. 59

Moottota Abbaa Irree fi daangaa darbitoota balleessuu ................................................ 62

Fakkeenya namoota Rabbii gadiitti wanta biraa gabbaranii? ........................................ 65

Uumamni samii fi dachii Haqa ...................................................................................... 68

Salaata Sirnaan Salaatun bu'aa maal fa'a qabaa? ........................................................... 72

Warra Kitaabaa Waliin Falmuu ..................................................................................... 75

Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa Bu'e ................................................................................ 80

Qur'aanni warra amananiif rahmataa fi yaadannoodha ................................................. 84

Sobatti amananii Rabbii olta'aatti kafaruu (amanuu diduu) .......................................... 89

Adabbii Ariifachiisu ...................................................................................................... 90

Karaa Rabbii keessatti Godaansa .................................................................................. 93

Rabbii olta'aan ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) sirriidhaa? ........................ 97

Jireenyi Haqiiqaa Tamiidhaa? ..................................................................................... 102

Yeroo Rakkoo Rabbiitti warwaatanii yeroo mijaa’innaa immoo qananii Isaa

waakkachuu ................................................................................................................. 106

Page 3: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

3

Page 4: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

4

Warra dukkana keessaa gara ifaatti, dhiphinna keessaa gara bal'innaatti,

dhama'iinsa keessaa gara qajeelinnaatti bahuu barbaadaniif Qur'aanni furmaata

hundarra caaludha (best solution). Kunoo, suuratu Al-Ankabuut boqonna

ajaa'ibaa dhugaa jireenyaa namatti himtuudha. Yeroo qormaataa fi rakkoo

iimaanni kee akkami? Kaayyoon namoota qoruu maalidhaa? Namni dhugaa fi

kijibaan yoom addaan baafamaa? Gaafilee kanniiniif deebii yoo barbaadde deebii

quubsaa siif kennaa na qo'adhu jetti suuratu Al-Ankabuut.

Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-

Kutaa 1

يمه ٱ لرحمنٱ لله ٱبسم لرحه

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

ب ١الم ﴿ حسهتن ون لناس ٱأ فر مر ل ي ول وا ءامنا وه ن يق

وا أ ك ن ي تر

ولقدر فتنا ٢أ

لمن لهين ٱ فليعر لمن ين له ٱ لل ٱمهن قبرلهههمر هي ٱصدق وا ولعر ب ذه ﴾٣لرك

“Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin

qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree jirra.

Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas beekuf jira.”

Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3

“Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin qoramiin dhiifamu

yaadu?” Kana jechuun sila namoonni amanne waan jedhaniif osoo hin qoramin

waan dhiifaman isaanitti fakkaataa?1

Dhugumatti namni jireenya addunyaa marsaa qormaataa taate tana keessatti

wanta jibbuun ykn wanta isa gammachisuun yeroo hundaa qormaataaf kan

saaxilamuudha. Kanaafu, Rabbitti, Ergamaa Isaatti fi kitaabban Isaatti amanuu

yommuu labsuu fitnaa (qormaata) irraa akka of eegee godhee akka hin yaanne.

1 Tafsiiru Xabarii-18/356, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-20/203

Page 5: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

5

Dubbii isaatiin iimaana labsuu isaa keessatti takkaa saadiqa (dhugaa) ta’uu

danda’a, takkaa immoo kijibaa ta’uu danda’a. Wanti dhugaa isaa ifatti baasu

wanta inni jibbuun isa qoruudha. Yoo inni ajrii (mindaa) guddaa Rabbii olta’aa

biratti abdachuun obsee, obsi isaa ragaa iimaana labsuu keessatti dhugaa ta’uu

isaa agarsiisuudha. Hammi obsaa inni qabu hamma iimaanaa inni qabu agarsiisa.

Yoo hin obsin, inumaa dallane, nyakkise, wanti isatti bu’ee iimaana labsuu

isaatiin walitti akka hin galle yaade, gara karaa kufrii fi kaafirootatti dabuu

jalqabe, kuni hundi arrabaan iimaana labsuu isaa keessatti kijibaa akka ta'e

agarsiisa.

Rabbiin azza wa jalla qomaata keessatti arrabaan iimaana labsuun qofti gahaa

akka hin taane aayah tana keessatti ifa godhe. Murtii Isaatiif garaa guutuun harka

kennuu waliin Rabbiin irraa jaallachuun, wanta jibban irratti obsuu fi mindaa

guddaa Isa biratti abdachuun waan hafu hin qabneedha.

“Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree jirra.” Kana jechuun dhugumatti

ummattota darban irraa namoota “Nuti amanne” jedhan qorree fi mokkorre jirra.

Wanta jibbaniin isaan qorre. Iimaana isaanii labsuun isaanii wanta jibbaniin

qoramu irraa isaan hin eegne. Ummattoota darban kanniin keessaa nabii Nuuh

aleyh salaam fi namoota isa waliin amanan, Huud, Saalih, Ibraahim, Luux,

Shu’ayb, Muusaa hunda isaanii irrattu nageenyi haa jiraatu fi mu’mintoota isaan

waliin turan.1

Fakkeenyaf, Nabii Ibraahim ibiddatti darbamuun, ilma isaa akka gorra’u

ajajamuun ni qorame. Hiikni aayaata armaan olii: Rabbiin gabroota Isaa amanan

hamma iimaana isaaniitiin isaan qoruun waan hin hafneedha. Akkuma Hadiisa

keessatti dhufe: “Namoota hunda caalaa qormaanni kan itti cimu

Nabiyyoota, ergasii saalihoota. Ergasii hundarra gaarii kan ta’e, itti aane

gaarii kan ta’eedha. Namni hamma amanti isaatiin qorama. Amantidhaan

cimaa yoo ta’e, qormaanni isaa cimaa ta’a.” Jaami’u At-Tirmizi 2398

“Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas beekuf jira.”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruun dura, yeroo qormaataa fi

qormaata booda wanta qalbii isaanii keessa jiru ni beeka. Garuu hiikni aayah

armaan olii: isaan qoruun nama dhugaan “Rabbitti amanne” jedhe ifatti baasa.2

1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu Tadabburi-15/221-222 2 Tafsiir Xabarii-18/357, Zaadul Masiir-1076

Page 6: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

6

Nama sobaas ifa baasa. Namoonni hundu arrabaan Rabbitti amanne jechuu

danda’u. Garuu yommuu balaa fi rakkoon bu’u, namni dhugaan amane iimaana

irratti gadi dhaabbata. Namni sobaa immoo iimaana irraa duubatti deebi’a.

Kanaafu, dhugaan nama saniiti fi sobni nama kanaa ifatti bahee jechuudha.

Fakkeenyaf, namni sababa Islaama qabachuu isaatiif reebamu, arrabfamu ykn

hidhamu danda’a. Namni rakkoo isa qunname kanaaf obsee fi Islaama qabachuu

isaa itti fufe, iimaanni isaa qalbii keessatti hidda qabachuu fi dhugummaan isaa

ifatti baha. Namni rakkoo kana sodaachun Islaama irraa duubatti deebi’e immoo

iimaanni qalbii keessatti hidda akka hin qabanne agarsiisa. Sobni isaas ifatti baha.

"Ani amane" jedhee dubbachuun isaa soba akka ta'e ni beekkama.

ب ﴿ مر حسهمل ون لهين ٱأ ه ٱيعر ون اته لسي م ونا ساء ما يرك بهق ن يسر

﴾٤أ

“Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan

murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4

Kana jechuun namoonni Iimaana keessa hin seennee [fi badii hojjatan],

qormaata kana jalaa nagaha waan bahan isaanitti hin fakkaatin.

Dhugumatti, qormaata kana caalaa adabbii garmalee cimaa ta’etu isaan

duuba jira. Kanaafi ni jedhe, “Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa

bahuu yaaduu?” Kana jechuun namoonni hojii badaa dalagan waan Nu

jalaa miliqan isaanitti fakkaataa? “Wanti isaan murteessan waa fokkate!”

Kana jechuun wanti isaan yaadan waa fokkate!1

Aayata lamaan jalqabaati fi aayata tana yommuu wal qabsiisnu hiika kana

ni hubanna: sababa Islaama qabataniif qormaanni namarra gahuu baay’een

gama kaafirootaa irraan namatti dhufa. Kaafironni Islaama irraa namoota

duubatti deebisuuf isaan ni rakkisuu, ni adabu, ni dararu. Yeroo kanatti,

namni dararaa fi rakkoon kuni kaafirota irraa yommuu isarra gahu,

“Kaafironni kafaranii osoo jiranu, akkamitti akka nu adabanii fi rakkisan

Rabbiin isaan dhiisaa?” jedhee yaadun isaa hin oolu. Kaafironnis yakka

hojjatan kana adabbii Rabbii jalaa bahuu akka danda’anitti yaadu. Kanaafu,

Rabbiin subhaanahu yaada sobaa kana haaquf, Muslimoota jajjabeessuu fi

1 Tafsiir Ibn Kasiir-6/47

Page 7: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

7

kaafirota akeekachisuuf, “Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu

yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!” jechuun beeksisa.

Aayan tuni kaafirota qofaaf osoo hin ta’in nama badii hojjatu hunda

akeekachiisti. Kaafirri Rabbii olta’aa jalaa bahu hin danda’u. Muslimni

badii hojjatus Isa jalaa bahu hin danda’u. Namni “Rabbiin na hin adabu, na

hin qabu” jechuun badii hojjachu itti fufuu, yaada fokkuu yaade jira.

وا لهقاء ﴿ جل لله ٱمن كن يررج هن أ و لله ٱفإ وه ﴾٥لرعلهيم ٱ لسمهيع ٱلأت

“Namni qunnamti Rabbii kajeelu, dhugumatti beellamni Rabbii

dhufaadha. Inni Dhagayaa, Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:5

Kana jechuun namni ganda Aakhiraatti Rabbiin akka qunnamu abdatee fi

mindaa bareedaa Rabbiin bira jiru kajeele, beellamni Rabbiin mindaa fi

adabbiif namoota kaasuf murteesse ni dhufa.1

Yaa nama Rabbii isaa jaallatu, Isatti dhiyaachuu fi Isa qunnamuuf dharra’u, Isa

gammachisuuf fiigu! Yeroo jaallatamaan itti wal qunnamtu dhiyoo ta’uun

gammadi. Dhugumatti, yeroon kuni ni dhufa. Wanti ni dhufa jedhame hundi

dhiyoodha. Kanaafu, kajeellaa waliini fi Isa bira gahuu abdachuun Isa qunnamuuf

siinqi (galaa) qopheeffadhu, gara Isaatti imali. Garuu wanti namni odeesse hundi

oduu isaa qofaan isaaf hin kennamu. Akkasumas, namni hawwu hundi wanti

hawwee [hawwii isaatiin qofa] isaaf hin kennamu. Rabbiin sagalee Kan

dhagayuudha, niyyaa namaa Kan beekudha. Namni kana (Rabbiin qunnamu fi

mindaa Isaa kajeelu) keessatti dhugaa ta’e, wanta inni abdate isaaf kenna. Namni

kijibaa ta’e immoo oduun isaa homaa isa hin fayyadu. Inni nama jaalala Isaatiif

maluu fi hin malle ni beeka.2

Marsaan jireenya addunyaa marsaa qormataa fi fitnaa waan taatef, ammas

namoonni bakka lamatti waan qoodamaniif: warra kasaaran- kunniin warra

qunnamti Rabbii hin abdanne, fedhii qullaa ofii, sheyxaanaa fi dharraa addunyaa

hordofan,

warra bu’aa buufatan-isaan kuni warra Rabbiin wal qunnamu abdataniidha.

Adeemsa isaanii keessatti karaa Rabbii qajeelaa qabachuuf qabsaa’u. Kanaafu,

1 Tafsiir Xabarii-18/361, madda olii 2 Tafsiir As-Sa’dii-735

Page 8: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

8

dubbii ibsuu keessatti hikmaa (ogummaa) irraa waa’ee warra dhugaan amananii

fi jireenya isaanii keessatti jaalala Gooftaa isaanii barbaadun qabsaa’an ilaalchise

dubbachuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

هه ﴿ سه فر هنما ي جههد لنه عنه لل ٱإهن ۦ ومن جهد فإ ﴾٦لرعلمهي ٱلغنه

“Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Dhugumatti Rabbiin

aalama hundarraa Dureessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6

Kana jechuun namni humna guddaa isa bira jiru Rabbiif ajajamuu fi wanta Isa

gammachisuu hojjachuu keessatti baase, kan inni qabsaa’uuf fooyya’insaa fi

faayda nafsee ofii qofaafi. Ibaadaa fi qabsoo isaatiin Rabbiif faayda homaatu

hin dhiyeessu. Sababni isaas, Rabbiin aalama hundarraa dureessa.

Dureessa- jechuun of gahaa Isaan ala wanta biraa kan hin barbaannedha.

Aalama jechuun immoo Rabbiin ala wantoota jiran hunda. Aalamni namoota

hunda ykn namaa fi jinni ibsuufis itti fayyadaman.1 Qabsoon (jihaanni) bakka

lamatti qoodama:

1ffaa-Qabsoo lolaa- kuni diinotatti qabsaa’udha. (Qabsoo kana irraa bu'aa

buufachuu fi mindaa (ajrii) irratti argachuuf Rabbiif jedhanii yoo qabsaa'anii fi

haala Inni ajajeen yoo ta'e qofaadha.)

2ffaa-Qabsoo nafsee-kunis wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa

dhoowwaman dhiisu irratti nafsee ofiitti qabsaa’udha.2 Itti aansee mindaa warra

haala kanaan qabsaa'anii dubbata:

لهحته ٱءامن وا وعمهل وا لهين ٱو ﴿ ه لص مر سي هرن عنره مر لن كف زهينه هههمر ولنجر اتسن حر

مل ون لهيٱأ ﴾٧كن وا يعر

“Warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa

ni haaqna. Dhugumatti irra gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan

mindeessina.” Suuratu Al-Ankabuut 29:7

Kana jechuun warroonni Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsanii fi hojii

gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa haxoofna. Hojii isaanii

1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu Tadabburi-15/224-225 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut, fuula 26, Ibn Useymiin

Page 9: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

9

gaggaariif wanta hojjataa turan caalaa mindaa isaaniif kennina.1 Kunis hojii

gaarii takkatti hojjataniif mindaa dachaa kudhanii hanga dhibba torbaa fi

san caalu argatu. Garuu hojiin hojii gaarii jedhamuuf: ikhlaasaa fi shari’aa

hordofuun kan hojjatame yoo ta'eedha. Ikhlaasan yommuu jennu hojii

keetin Fuula Rabbiiti fi ganda Aakhirah niyyachuudha. Shari’aa hordofuun

immoo akkaataa Nabiyyiin (Sallallahu aleyh wassallam) hojjataniitti

hojjachuudha. Faallaan ikhlaasa shirkiidha. Faallaan shari’aa hordofuu

immoo bid’aadha. Kanaafu, mushrikaa fi nama bid’aa hojjatu ta’uu hin

qabdu.2

1 Tafsiir Muyassar-397 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut, fuula 29, Ibn Useymiin

Page 10: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

10

Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-

Kutaa 2 Caalatti ifa akka ta'uuf suuratu Al-Ankabuut irraa aayah 1-7 jiran

ilaalchise wanta imaamu Ibn Al-Qayyim jedhe mee itti haa daballuu.

“Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin

qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree

jirra. Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas

beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3

Suurah (boqonnaa) tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama

dhugaa fi nama kijibaa, mu’minaa fi kaafira, nama Isa galateefatu,

gabbaruu, fi nama Isarraa garagalu, wanta biraa gabbaruu adda baasuf

uumamtoota Isaa akka qoru ni dubbate.

Haala dhumaa warra qoramaniis ni dubbate. Addunyaa keessatti

hoggantoota warra qoramanii, hordoftoota isaanii, dhimma dhumaati fi

gahuumsa isaanii ni dubbate. Hoggantoonni kunniin Ergamtoota.

Nama addunya tana keessatti "Amane" jedhee odeessuun "Qormaata jalaa

nagaha nan baha" jechuun yaade irratti jibbuun jalqabe. Uumamtoota Isaa

keessatti ogummaan (hikmaan) fi dhimmi Isaa kana ni dida. Iccitiin

qormaata kanaa nama dhugaa ta'ee fi nama sobaa, mu’minaa fi kaafira

addaan baasu akka ta’e ni beeksise. Rabbiin subhaanahu kuni argamuun

dura ni beeka. Garuu gabroota Isaa keessa isaanii beekuu qofaan jazaa akka

isaaniif hin kafallee haqummaa fi faarun Isaa ni barbaachise. Kana irra,

wanti beekkamu yoo argamee fi mirkanaa’e [jazaa isaaniif kafala].

Qormaanni wanta Isa biratti beekkamaa ta'e kana kan mul’isee fi gara

argamuutti kan baasedha. Kanaafu, yeroo kanatti jazaa kafaluun ni

bareedaa jechuudha. (Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa gabroota qoruun

dura keessa isaanii ni beeka. Garuu beekumsa kana qofaan jazaa isaaniif

hin kafalu. Kana irra, erga isaan qoree booda wanta isaan irraa mul'atuun

jazaa isaaniif kafala.)

ب ﴿ مر حسهمل ون لهين ٱأ ه ٱيعر ون اته لسي م ونا ساء ما يرك بهق ن يسر

﴾٤أ

Page 11: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

11

“Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan

murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4

Ergasi Rabbiin subhaanahu nama fitnaa fi qormaata Ergamtootaa fi

hordoftoota isaanii irra gahu sodaachun Rabbitti amanuu fi Ergamtoota

Isaa hordofu didee irratti ni jibbe. Namni kuni iimaana fi Ergamtoota

Rabbii dhugoomsu fi hordofuu irraa garagaluun fitnaa fi qormaata jalaa

nagaha waan bahu isatti fakkaata. Dhugumatti, isa fuundura wanta irraa

dheesse caalaa fitnaa, qormaataa fi azaaba (adabbii) guddaa fi ulfaataa

ta’etu jira. (Waan amanuu fi Ergamtoota hordofuu dideef azaaba

Jahannamtu isaaf jira.)

Namoonni erga Ergamtoonni isaanitti ergamanii booda dhimmoota lama

jidduutti ta’u: Takkaa isaan keessaa namni tokko “Amane” jedha, takkaa

immoo kana hin jedhu. Inumaa, badii hojjachuu itti fufa. Namni “Amane”

jedhe, ragaan iimaana isaatii fi isarratti gadi dhaabbachu akka mirkanaa’uuf

Gooftaan olta’e isa qora, ni mokkora. Iimaanni yeroo fayyaa fi

badhaadhinnaa qofaa miti. Kana irra, haala qananii fi balaa keessatti

iimaanni gadi dhaabbataa ta’uu qaba.

Namni hin amanne immoo Gooftaa isaa jalaa waan miliqu isatti hin

fakkaatin. Kana irra, inni qabaa Rabbii keessa jira, sammuun isaa harka

Isaa jira. Nama “amane” jechuun qorame caalaa balaa guddaa ta’etu isaaf

jira.

Namni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amane, diinota Isaatii fi diinota

Ergamtoota Isaatiin qoramuun waan isaaf hin hafneedha. Qormaanni

kuni kan isa dhukkubsuu fi isarratti ulfaatu ta’uu danda’a. Namni Rabbii

olta’aatti fi Ergamtoota Isaatti hin amanne immoo isa adabuun waan

hin hafneedha. Kanaafu, laalaa ykn dhukkubbii mu’mintoota (warra

amanan) irra gahee caalaa laalaa fi rakkoon dacha dachaa ta’e isarra gaha.

Nafsee amantee ykn amanuu diddee (kaafira taate) hunda irratti laalaan

gahuun waan hin oolledha. Garuu mu’minni (namni dhugaan amane)

addunyaa keessatti rakkoon cimaan isarra gaha. Ergasii isarraa addaan

cituun mi’aan (mijaa’inni) guddaan itti aane isaaf dhufa. Kaafirri immoo

Page 12: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

12

jalqaba irratti mi’aa fi gammachuun isaaf argama. Ergasii gammachuun

kuni addaan cituun laalaa fi rakkoon hundarra guddaan isatti dhufa.

Akkuma kana haalli warra fedhii lubbuu hordofanii. Jalqaba irratti fedhii

badaa kanatti ni gammadu. Ergasii hamma mi’aa argataniin laalaan cimaan

itti aane isaanirra gaha. Namoonni fedhii lubbuu irraa obsan immoo jalqaba

irratti wanta barbaadan waan dhabaniif ni laalatu (keessi isaanii ni gubata).

Ergasii laalaa kana booda hamma fedhii badaa kana irraa obsanii fi

dhiisaniin mi’aa fi gammachuun isaaniif dhufa.

Laalaa (pain) fi mi’aan (pleasure) nama hundaafu dhimma dirqama

ta’eedha. Garuu garaagarummaan isaanii ammatti argamuu, addaan cituu,

xiqqaa ta’uu fi boodarra dhufuu, turaa, guddaa ta’uudha. (Kana jechuun

laalaa fi mi’aan (gammachuun) takkaa ammatti kan argamu, addaan cituu

fi xiqqaa ta’a takkaa immoo boodarra kan dhufu, turaa fi guddaa ta’a.)

Kanaafi, warri aqlii qaban (qaruuten) dhumaa fi boodde wantootaa ilaalu.

Namni haala laalaan gonkumaa isa hin tuqneen laalaa jalaa nagaha nan

baha jedhee yaade yaanni isaa kijiba hunda caaledha. Sababni isaas, namni

uumama mi’aa fi laalaaf, gammachuu fi gaddaaf, mirqaansu fi dhiphinnaaf

saaxilamuudha. Kuni jihaa (toora) lamaan ta’a:

Jihaa ijaarsa, uumamaa fi amala isaatin. Namni wantoota walitti

makaman, wal darbanii fi wal falleessan kan gara hundaan wal qixxeessun

hin danda’amne ykn ulfaatu irraa kan ijaarrameedha. Wantoonni isa keessa

jiran kunniin tokko kan biraa irratti daangaa darba. Kanaafu, daangaa

sirraawaa keessaa ni bahu. Ergasii laalan ni argama.

Jihaa ilma namaatin. Namni uumamaan namoota waliin kan jiraatudha.

Adda ofii jiraachu hin danda’u. Inumaa isaan waliin malee hin jiraatu. Innis

isaaniis mi’aa fi dharraa wal faallessanii fi walitti fiduun hin danda’amne

qabu. Inumaa, wantoota barbaadu kana irraa waa yoo argate, wanti biraa

isa jala darba. Wanta barbaadu fi fedhii isaa irratti akka namoonni isa waliin

wali galan barbaada. Isaaniis kana isarraa barbaadu. Yoo isaanin wali gale

hamma wanta barbaadu irraa isa jala darbeen laalaa fi rakkoon isa

qunnama. Yoo isaaniin wali galuu dide immoo isa rakkisu, ni adabu, fedhii

isaa dhabamsiisuuf carraaqu.

Page 13: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

13

Isaaniin wali galees faallessees inni laalaa fi rakkoo keessa ta’a.

Keessumaayyu, dhimmoonni inni isaaniin irratti wali galuu amanti sobaa,

fedhii badaa fi hojii dhumarratti isa miidhu yoo ta’an, kanarratti isaaniin

wali galuun laalaa hundarra guddaa ta’e qaba, isaan faallessuunis laalaa

fida.

Sammuun, amantiin, dhiirummaa fi beekumsi laalaa lamaan keessaa

hundarra cimaa fi itti fufaa kan ta’e jalaa nagaha bahuuf laalaa

salphaa fi addaan citu akka filatu fi danda’u ajaju.

Laalaa azaa isaanii jalaa nagaha bahuuf namni yakkamtoota zulmii isaanii

irratti gargaare, warra fedhii qullaa fi bid’aa hordofan fedhii qullaa fi bid’aa

isaanii irratti isaan gargaare, warra badii fi fedhii lubbuu hordofon badii fi

fedhii lubbuu isaanii irratti isaan gargaare, ammaa fi boodatti wanta irraa

dheesse caalaa laalaan isaaniin wali galuu dacha dachaa ta’ee isa qunnama.

Garuu yoo laalaa isaan faallessu irratti obse, isaaniin wali galuun

gammachu argatu caalaa gammachuun dacha dachaa ta’e itti aane ammaa

fi booddetti isaaf dhufa. Uumamtoota Isaa keessatti seerri Rabbii, hamma

obsaa, taqwaa, tawakkulaa fi ikhlaasa isaatiin sadarkaa nama kanaa isaan

irratti olkaasudha, isaan immoo salphisuudha. Laalaa fi adabbiin kan hin

hafne erga ta’e, namootaa fi jaalala isaanii argachuuf jedhanii adabbiin

namarra gahuu irra karaa Rabbiitii fi Ergamtoota Isaa hordofuu keessatti

namarra gahuutu caalaa faayda qaba. (Addunyaan iddoo qormaataa waan

taatef adabbii fi wanti nama dhukkubsu namarra gahuun waan hin oolledha.

Kanaafu, namoota gammachisuuf jedhanii rakkoon namarra gahuu mannaa

karaa Rabbii keessatti namarra gahuutu wayya.)

Yeroo laalaa fi adabbii obsii isaa dheeraa waan ta'eef, sa’aatin guyyoota,

guyyoonni ji’ootaa fi waggoota yommuu ta'an, Rabbiin subhaanahu wa

ta’aalaa qormaanni kuni yeroo murtaa’a akka qabu ergasii akka addaan citu

[isaanitti beeksisuun] warra qoraman ni jajjabeesse. Isa qunnamuuf yeroo

murtaa’aa isaan ittiin jajjabeessu, nafsee isaanii ittiin tasgabbeessu fi karaa

bahiinsaa isaaniif ittiin laaffisu ni kaa’e. Ni jedha:

Page 14: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

14

وا لهقاء ﴿ جل لله ٱمن كن يررج هن أ و لله ٱفإ وه ﴾٥لرعلهيم ٱ لسمهيع ٱلأت

“Namni qunnamti Rabbii kajeelu, dhugumatti beellamni Rabbii

dhufaadha. Inni Dhagayaa, Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:5

Gabrichi yeroo balaa kanaa, addaan citiinsa isaa, beellama Rabbiin

qunnamuu fi mindaa isaaf kennu yommuu itti yaadu, wanti inni keessa jiruu

isaaf salphata, baadhachuun isaaf laafa.

Ergasii nafsee isaa, sheyxaanaa fi ilma namaatti qabsaa’un malee kuni kan

hin argamne waan ta’eef, namni firiin beekumsaa fi ifaajee isaa isaaf kan

deebi’u, eenyullee isa waliin qooda kan hin fudhanne ta’uu yoo beeke,

qabsoo fi carraaqqin isaa guutuu fi baay’ee ta’a. Rabbiin olta’aan ni jedha:

هه ﴿ سه فر هنما ي جههد لنه عنه لل ٱإهن ۦ ومن جهد فإ ﴾٦لرعلمهي ٱلغنه

“Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Rabbiin

dhugumatti aalama hundarraa Dureessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6

Akkasumas, namni faaydan obsaa, qabsoo fi danda’uu isaa kuni Rabbii

olta’aa subhaanahu irratti waan deebi’u isatti hin fakkaatin. Dhugumatti,

Inni aalama irraa Dureessa. Wanta isaan ajaje kan itti ajajeef isaanitti

hajameeti miti. Wanta irraa dhoowwes kan irraa dhoowwe isaan irratti

doy’oomufi miti. Kana irra, addunyaa fi Aakhiratti wanta faaydaa fi

fooyya’insi isaa isaaniif deebi'uutti isaan ajaje. Ammas, wanta miidhaa fi

rakkoon isaa isaan irratti deebi’uu irraa ni dhoowwe.

Kanaafu, firiin qormaata kanaa isaan qofaaf kan ta’uudha. Kana

kaa’un nama gaarii fi badaa, dararamaa fi milkaa’aa addaan baasuutti

sababa geessu akka ta’uu ogummaan (hikmaan) Isaa ni barbaachise.

(Qormaanni sababa nama gaarii fi badaa, dhugaa fi kijibaa, nama milkaa'u

fi kufuu addaan baasudha. Sababa qormaatatiin namoonni addaan

fooyamu.) Rabbiin olta’aan ni jedha:

Page 15: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

15

ذر لل ٱما كن ﴿ مهنهي ٱله ؤر رم نت مر عليرهه حت يمهيز ل ما أ بهيث ٱعل هبه ٱمهن لر ﴾لطي

“Hanga gaarii irraa badaa adda baasutti Rabbiin [haala] isin irra

jirtan irratti mu’mintoota kan dhiisu miti.” Suuratu Aali-Imraan 3:179

Rabbiin subhaanahu Ergamtoota isaanitti erguun ajajoota, dhoowwaa fi

filannoo Isaatiin isaan qore. Ergamtoota Isaatiin namni gaariin nama badaa

irraa adda bahe. Kanaafu, mindaa fi adabbiin wanta beekkamaa

qormaanni kuni ifa baase irratti ta'a. (Asitti wanti beekkamaan

qormaatan dura wanta qalbii namaa keessatti Rabbiin qofti beekudha.)

Ergasii, namni qoramu sababa uumama isaatiin, fedhii qullaa fi

dadhabbinna isaa irraa kan ka'e karaa obsaati fi qabsoo irraa maquun isaa

waan hin oollef, Rabbiin subhaanahu akka kana isaaf irra darbuu fi isarraa

haaqu waadaa galeef. Sababni isaas, yommuu namni kuni Rabbiitti amanee

fi ajaja Isa qabate, badii isaa akka isarraa haaqu fi hojii isaa hundarra gaarii

ta’een akka isaaf mindaa kafaluu rahmanni Isaa ni barbaachise.1

(Namni dhugaadhaan Rabbii olta’aatti yoo amane, Isaaf ajajamee fi badii

gurguddaa irraa fagaate, Rabbiin subhaanahu badii isaa isarraa haaqa, hojii

gaarii isaatiif mindaa guddaa isaaf kenna. Suuratu An-Nisaa keessatti

akkana jedha:

ه ﴿ مر سي هرر عنك ن عنره ن كف هر ما ت نرهور هب وا كبائ م إهن ترتن لرك خه مر ون در هك اتا خلا كرهيما در ﴾٣١م

“Badii gurguddaa irraa dhoowwamtan irraa yoo fagaattan,

badiiwwan keessan [xixxiqaa] isin irraa haaqna, seensa kabajaas

isiniif seensifna.” Suuratu An-Nisaa 4:31

Kana jechuun yaa warra amantan! Badii gurguddaa akka shirkii, haadhaa

abbaa miidhuu, haqa malee nafsee ajjeessu fi kkf irraa yoo fagaattan, badii

1 Bidaa’u Tafsiir- 2/295-298, Ibn Al-Qayyim

Page 16: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

16

xixxiqaa sanii gadi jiran isin irraa haaqna. Seensa gaariis isin seensifna.

Seensi kunis Jannata.1)

1 Tafsiiru Muyassar-83

Page 17: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

17

Haadhaa Abbaatti Tola Oolu Suuratu Al-Ankabuut irraa kutaa kana keessatti waa'ee haadha abbaatti tola oolu

ilaalla.

نسن ٱووصيرنا ﴿ هههه لر هك به ما ليرس لك ب وإن جهداك لهت شر ا نا سر يرهه ح له هو ۦب

مل ون نت مر تعر هما ك م ب هئ ك نب مر فأ ع ك ما إهل مررجه ه عر ﴾٨عهلرم فل ت طه

“Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra. Wanta

beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an,

isaaniif tole hin jedhin. Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta

hojjataa turtanis isinitti hima.” Suuratu Al-Ankabuut 29:8

“Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra.” Kana jechuun

haadha abbaa isaatiif tola akka oolu namaaf dhaamne jirra. Dubbiin, hojii

fi qabeenyaan isaanitti tola oola.

Rabbiin olta’aan akkana waan jedheef dubbiidhaan isaanitti tola

oolu qaba:

“Jecha kabajaa isaan lamaanitti dubbadhu.” Suuratu Al-Israa 17:23

(Kana jechuun dubbii isaan kabajuu fi ulfeessun keessa jiru haadhaa abbaa

keetitti dubbadhu.)

Ammas hojiidhaan isaanitti tola oolu ilaalchise ni jedha:

فهضر ٱو ﴿ ما جناح خر ه ٱله ل ةه ٱمهن ل ه لرحر ماٱوق ل رب ا ررحره ﴾٢٤كما ربيانه صغهيرا

“Rahmata irraa kan ka’e koola(koochoo) xiqqeenyaa isaaniif gadi

qabi. “Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan

Atis rahmata isaaniif godhi.”jedhi.” Suuratu Al-Israa 17: 24

Page 18: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

18

Aayah tana keessatti haadhaa abbaaf of gadi qabuu allaatti yommuu caacuti

ishiitiif koola ishii gadi qabduun wal fakkeesse. Hiikni kanaa: Yaa ilma!

Rahmata irraa kan ka’e haadha abbaa keetif of gadi qabuu fi garaa laafun

kee akka allaatti koola caacutif gadi qabdu haa ta’u.

As keessatti gadi of qabuu fi isaaniif garaa laafun kuni na argaaf ykn

qabeenya isaanii dharra’uun ykn faayda addunyaa biroo hawwuun ta’uu

akka hin qabne agarsiisuuf “Rahmata irraa kan ka’e” jechuun ni

dubbate.1 Namni na argaaf ykn qabeenya haadha abbaa fudhachuuf osoo

hin ta’in isaaniif rahmata gochuuf jecha isaaniif of gadi qabuu fi garaa

laafufi qaba.

Ammas qabeenyaan haadha abbaatti tola oolu ilaalchisee Rabbiin

olta’aan ni jedha:

ب ٱوءاته ذا ﴿ رر كهي ٱو ۥحقه لرق رمهسر يرا لسبهيله ٱ برن ٱو ل رر تبرذه ه ﴾٢٦ول ت بذ

“Firaaf, harka qalleeyyi fi karaa deemaafis haqa isaa kenni.

Qisaasessuu hin qisaasessin.” Suuratu Al-Israa 17:26

Firri nama namatti dhiyoo ta’eedha. Namni hundarra namatti dhiyoo ta’e

haadha abbaadha.

Fakkeenyaaf: namni haadha abbaatti qabeenyaan kan tola oolu fi qabeenya

isaanitti dhangalaasun homattu kan hin hajamne yoo isaan taasise, garuu

dubbiidhaan kan isaan miidhuu fi isaanitti nyakkisu, fuula isaanitti guuru

yoo ta’e, namni kuni haadha abbaatti tola hin oolle. Haaluma kanaan, isaan

waliin kan kolfu, dubbiidhaan isaanitti laafu, qabeenya isaanitti

dhangalaasu yoo ta’e, garuu yommuu haajaan isa waamtu mataa isaatiin

isaan kan hin tajaajille ta’e, inni tola hin oolle. Kanaafu, tola oolun dubbiin,

gochaa fi qabeenyaan ta’uu qaba.

“Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti

qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin.” [Kana jechuun Anaaf shariika ta’uu 1 Ma’aariju Tafakkuri-9/599

Page 19: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

19

isaa wanta hin beekne akka Na waliin gabbartuuf (waaqefattuuf) haadhaa

fi abbaan kee yoo humna baasanii fi carraaqan, isaaniif hin ajajamin, isaan

hin hordofin.]

Asitti itti qabsaa’un dirqama irratti gochuu, dharraasisuu fi danquu

(cinquu)dha. Shirkiitti si ajajuun, kanatti si dirqisiisuu fi sitti danquun akka

Natti waa qindeessitu yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Yeroo

garii shirkii jajuun (faarsun), yeroo biraa immoo tawhiida balaalefachuun,

yeroo garii dirqisiisuu fi kajeelchisuun, yeroo biraa immoo firummaa

addaan kutuuf sitti zaatun yoo kanarratti sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin

jedhin. Sababni isaas, haqni Khaaliqaa haqa makhluuqaa dursa. Rabbiitti

waa qindeessun (shirkiin) haqa Khaaliqaa keessatti zulmiidha. Akkuma

Rabbiin olta’aan jedhe, “Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.”

(Suuratu Luqmaan 31:13). Kanaafu, haqa namoota kanniiniif jettee haqa

Rabbii hanqisuun hin hayyamamu.1

Namoonni gariin yommuu Islaama keessa seenan haadhaa fi abbaan isaanii

Islaama irraa duubatti deebisuuf isatti/ishitti qabsaa’u. Islaama dhiisee

wanta isaan waaqeffatan akka waaqefatu, kana jechuun shirkii hojjatu isa

ajaju, ni kadhatu. Yookiin immoo miidhaa isarra geessuf itti dhaadatu.

Kanaafu, namni yeroo kanatti isaaniif ajajamu hin qabu. Aayan tuni Sa’d

ibn Abi Waqqaas ilaalchise akka buute mufassiroonni ni dubbatu.

Sa’d ibn Abi Waqqaas ni jedha: Ani nama haadha tiyyaaf tola oolu ture.

Yommuu ani Islaama keessa seenu, haati tiyya ni jette, Yaa Sa’d! Amantiin

haarofti ati qabatte kuni maaliidhaa? Takkaa amantii kee kana ni dhiista

takkaa immoo ani hanga du’utti hin nyaadhu, hin dhugu. Ergasi yoo ani

du’e, sababa kiyyaan ni salphatta. “Yaa nama haadha ofi ajjeese” jedhama.

Anis ni jedheen: Kana hin hojjatin yaa haadha koo! Ani homaafiyyuu

jedhee amanti kiyya kana hin dhiisu. Guyyaa tokko fi halkan tokko osoo

homaa hin nyaatin turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi

halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Dadhabdu taate ni

bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni

turte. Garmalee tan dadhabdu taate bariisifatte. Yommuu kana argu ani ni 1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 34

Page 20: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

20

jedhe: Yaa haadha koo! Ni beekta, Rabbiin kakadhe! Osoo ati nafsee

dhibba (100) qabaatte, nafseen hundi takka takkaan si keessaa baate, amanti

kiyya kana homaafiyyuu jedhee hin dhiisu. Yoo feete nyaadhu, yoo feete

immoo hin nyaatin. Ergasii ishiinis ni nyaatte.”1

Sababni bu’iinsa aayah tanaa Sa’d haa ta’uyyu malee ergaan aayah tanaa

nama hundaa kan hammatuudha.

“Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta hojjataa turtanis isinitti

hima.”

Hiikni kanaa, yoo shirkiitti si ajajan haadhaa abbaa kee diduun

cubbuu(dilii) akka hojjatteti hin yaadin. Guyyaa Qiyaamaa deebiin

keessan garuma Kiyya. Wanta hojjataa turtanis isinitti beeksisa. Asitti

beeksisuun (itti himuun) barbaadame wanta isaan wal qabatuudha. Innis

adabuu fi qabuudha. Ati tawhiida irra turuu keetiif jazaa nama tawhiida

qabatee argatta. Isaan immoo shirkii irra turuu isaaniitiif jazaa mushrikaa

argatu. Inumaa wanti kana caale, jazaa mushrikaa gara shirkiitti waamu

argatu. Sababni isaas, isaan shirkii hojjachuu itti fufuu waliin shirkii akka

hojjatu ilmatti qabsaa'an. Kanaafu, adabbii lamatu isaan irra jira:

1ffaa-Isaan lamaanu shirkii hojjachuu

2ffaa-adabbii gara shirkiitti waamu. Inumaa waamu qofaa mitii, akka ilmi

shirkii hojjatu itti qabsaa’an.2

[Yoo ati shirkii keessatti isaaniif tole jettee isaan hordofte, kaafirota

keessaa taata. Akkuma mushrikoota biroo Guyyaa Murtii jazaa kufrii keeti

Jahannam keessa yeroo hundaa turuun argatta.3]

Faaydalee Aayah tanaa keessaa: Faaydan 1ffaan-dubbiin, hojii fi qabeenyaan haadha abbaatti tola oolun

dirqama ta’uu.

Faaydan 2ffaan-haadha abbaan osoo kaafirota ta’anillee haqa qabu.

Aayah keessatti Rabbiin olta’aan, “Wanta beekumsa itti hin qabne

1 Tafsiir Ibn Kasiir 3/446 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 34 3 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi- 15/227

Page 21: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

21

akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin.”

Waan jedheef. Isaan lamaan mushrikoota ykn kaafirota. Ilmas akka shirkii

hojjatu itti qabsaa’u. Kana waliinu Rabbiin isaanitti tola oolu dirqama

godhe.

Faaydaa 3ffaa-Laa xaa’ata li makhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa

faallessuun uumamaaf (makhluuqaaf) ajajamuun hin jiru.) “isaaniif tole

hin jedhin” waan jedheef. Badii keessatti makhluuqaaf ajajamuun hin jiru.

Faaydan 4ffaan- Yoo isaanitti tola ooluun wanta ma’asiyaa (badii) hin

taane keessatti ta'e, isaaniif ajajamuun dirqama ta’uu. Sababni isaas,

ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamu qofarraa dhoowwame. Asitti akkana

jedhamu danda’a: shirkii keessatti namni haadha abbaaf ajajamu irraa ni

dhooowwame, shirkiin ala wanta jiru keessatti isaaniif ajajamu irraa ni

cal’ise. Kana jechuun ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamu irraa ni

dhoowwe, ma’asiyaa wanta hin taane keessatti isaaniif ajajamu irraa ni

cal’ise.

Wanta dirqamaa (waajibaa) keessatti isaaniif ajajamuun dirqama. Sababni

isaas, waajiba kana Rabbiin dirqama godhee jira. Fakkeenyaaf: abbaan kee,

ka’ii jama’adhaan salaati yoo siin jedhe, salaatun sirratti dirqama.

Wanta gaarii ykn badii hin taane keessatti isaaniif ajajamu ilaalchise

immoo akkana jenna: isaaniif ajajamuun isaanitti tola oolu yoo ta’e, aayan

kuni dirqama ta’uu agarsiisti. Rabbiin olta’aan, “Haadha abbaatti tola

ooluu” waan jedheef.1

Isaaniif ajajamuun isaanitti tola oolu yoo hin ta’in, aayanni dirqama ta’uu

hin agarsiistu. Kanaafi, sheykhul Islaama akkana jedha: "haadha abbaaf

ajajamuun wanta isaaniif faayda qabuu fi isa hin miine keessatti qofa

dirqama.”

Aayanni wanta shekhni jedhe agarsiisti. Sababni isaas, Rabbiin ma’asiyaa

keessatti isaaniif ajajamu irraa ni dhoowwe. Ma’asiyaan ala wanta jiru irraa

1 Suuratu Al-Baqarah 2:83

Page 22: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

22

ni cal’ise. Amma haa ilaallu: Isaaniif ajajamuun wanta ma’asiyaa hin taane

keessatti yoo ta’ee fi isaanitti tola oolu yoo of keessatti hammate, isaaniif

ajajamuun dirqama. Jecha Rabbii olta’aaf, “Haadha abbaatti tola oolu.”

(Suuratu Al-Baqarah 2:83)

Fakkeenyi kanaa: yoo abbaan kee suuqidhaa waan gaarii akka bittu si ajaje,

kuni sirratti dirqama. Sababni isaas, kuni isatti tola oolu irraayyi. Kanaafu,

hojjachuun sirratti dirqama ta’a.

Gama biraatin ebalu nama qajeelaa waan ta’eef akka isaan hin hiriyyoomne

abbaan kee yoo si ajaje, asitti isaaf ajajamuun sirratti dirqamaa miti.

Sababni isaas, kana keessa miidhaatu jira. Yookiin xiqqaate xiqqaatu

faaydan nama jala darbuudha. Abbaa keetifis faaydan keessa hin jiru.

(Nama qajeelaa fi gaarii ta’e waliin hiriyyoomu yoo dhiiste xiqqaate

xiqqaatu faaydan isarraa argattu si jala darba.)

Garuu yoo abbaan kee ebalu waliin diinummaa (gadoo) dhuunfaa waan

waliin qabaniif “Nama kana waliin hin hiriyyoomin" yoo sin jedhee fi sirra

miidhaan kan hin geenye, nama kana waliin hiriyyoomu irraas faayda kan

hin arganne yoo taate, abbaa keetif ajajamun dirqama. Sababni isaas, diina

abbaa keeti waliin hiriyyoomun abbaa kee dallansisa.

Yoo abbaan kee: niiti tee hiiki siin jedhe, fooyya’insi shari’aa kana keessa

yoo jiraate malee isaaf tole jechuun dirqamaa miti. Fakkeenyaf, abbaan kee

dhimma wayii arguu fi sababa kanaan niitin tee si waliin turu tan hin

dandeenye ta’u. Garuu isaa fi ishii jidduu diinummaan dhuunfaa yoo

jiraate, ilma irratti niiti isaa gadi dhiisun dirqamaa miti. Haa ta’u

malee,haala akkanaa keessatti ishii bakka biraatti dabarsuun dhoksuu

dandeessa. Kanaafu, innis, ishiinis ni boqatu.

Gocha ibni Umar abbaa isaa waliin hojjate ilaalchise Imaamu Ahmad ni

gaafatame. Namni tokko Imaamu Ahmaditti dhufee, “Abbaan kiyya niiti

tiyya akka hiiku na ajaje” jechuun gaafate. Imaamu Ahmadis ni jedhe: Ishii

hin hiikin. Namtichis ni jedhe: Umar ilmi isaa akka niiti isaa hiiku hin

ajajnee? Kanaafu, Nabiyyinis (Sallallahu aleyh wassallam) akka ishii hiiku

Page 23: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

23

ajaje. Imaamu Ahmadis ni jedhe, “Eeyyen. Kuni ta’ee jira. Garuu abbaan

kee Umari?”

Deebiin: Inni Umari miti. (Umar Ibn Al-Khaxxaab nama gamnaa waan

ta’eef ilmi isaa niiti akka hiiku kan ajajuuf tarii waan badaa irratti argeeti.

Tarii namni kuni immoo akka Umar waan hin taanef sababa qabatamaa hin

taanef akka hiiku ajaju danda’a.)

Kanaafu, aayan tuni ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamun dhoowwaa akka

ta’e agarsiisti. Wanta maa’asiyaa hin taane keessatti immoo ni cal’ise.

Kanarratti hundaa’e, jalqaba aayah keessa kan seenu yoo ta’e malee isaaniif

ajajamuun dirqamaa miti. Kana jechuun isaaniif ajajamun dirqama kan

ta’uu yoo isaanitti tola oolu ta’eedha. Rabbiin olta’aan waan akkana

jedheef “Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra”

Gabaabumatti, qajeelfamni bu’uura haadha abbaaf ajajamuu: Rabbiin

faallessu (ma’asiyaa) keessatti ta’uu hin qabu, isaanitti tola oolu irraa ta’uu

fi isa irra miidha kan geessu ta’uu dhiisu.

Faaydaa 5ffaa: Haqni Rabbii haqoota hunda caalaa guddaadha. Kana

keessa haqni Nabiyyii (sallallahu aleyh wasallam) ni seena. Haqni

Nabiyyi aleyh salaatu wassalaam haqa abbaa fi haadha keeti caala.

Faaydaa 6ffaa: Shirkiin (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruun) sirrii

ta’uu ragaan agarsiisu tokkollee hin jiru. Ragaaleen hundi shirkiin soba

akka ta’e agarsiisu.

Faaydaa 7ffaa: du’aan booda kaafamu fi gara Rabbii deebi’u

mirkaneessu. “Deebiin keessan garuma Kiyya.” Waan jedheef.

Faaydaa 8ffaa: namni hojii isaatiin kan mindeefamuudha (jazaa

argatuudha). “Wanta hojjataa turtanis isinitti hima” waan jedheef.

Faayda 9ffaa: Beekumsa Rabbii mirkaneessu. Sababni isaas, himuun

beeksisuudha. Beeksisuun beekumsarraa malee hin ta’u.1

لهحته ٱءامن وا وعمهل وا لهين ٱو ﴿ مر فه لص لنه خه ي ٱلن در لهحه ﴾٩لص

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 35-39

Page 24: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

24

“Warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti saalihoota

keessa isaan seensifna.” Suuratu Al-Ankabuut 29:9

Kana jechuun namoonni iimaana isaanii dhugaa fi sirrii ta’e irratti gadi

dhaabbatan, fitnaan (qormaanni) iimaana isaanii irraa isaan hin sochoofne,

dhugummaa iimaana (amanuu) isaanii hojii gaggaarii hojjachuun

dhugoomsan, Guyyaa Murtii garee warra saalihoota (warra gaggaarii) gara

Jannataa garee gareen oofaman keessa isaan seensifna.1 Guyyaa Qiyaamaa

namoonni hunduu hojii isaanii irratti hundaa’e garee gareen walitti

qabamu. Mu’minni garee mu’mintootaa waliin, kaafirri garee kaafirotaa

waliin walitti qabama.

“Iimaanaa fi hojiiwwan gaggaariin aasxaa milkaa’innaati.” Garuu

hojiiwwan gaggaariin ulaagaalee lama kan guute ta’uu qaba: ikhlaasaa fi

shari’aa hordofuudha.

Guduunfaa

✏Haadha abbaatti tola oolun karaa sadiin ta'a. Isaanis: dubbiin,

hojiidhaan fi qabeenyaan. Dubbii gaarii isaanitti dubbatta, hojii gaarii

isaaniif hojjatta, qabeenya yoo barbaadan isaaniif kennita.

✏Ma'asiyaa keessatti haadha abbaaf ajajamuun dhoowwadha. Ma'asiyaa

jechuun Rabbiin faallessuudha. Ma'asiyaan kuni wanta Rabbiin dhoowwe

hojjachuu fi wanta dirqamaa Rabbiin itti ajaje hojjachuu dhiisu of keessatti

hammata. Kanaafu haadha abbaan kee wanta Rabbiin dhoowwe akka

hojjattu ykn wanta dirqamaa Inni itti ajaje akka dhiistu yoo si ajajan,

isaaniif ajajamu hin qabdu. Fkn, shirkii akka hojjattu yoo si ajajan, isaaniif

hin ajajamin. Salaata fardii akka dhiistu yoo si ajajan, isaaniif ajajamu hin

qabdu.

1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi- 15/227

Page 25: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

25

Page 26: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

26

Yeroo Kam Mu'minaa fi Munaafiqni addaan baafamuu? Eeyyen! Namoonni hundu arrabaan "Rabbiitti amanne, Islaama qabanne"

jechuu danda'u. Garuu dubbii isaanii kana keessatti hangam dhugaa akka

ta'an ifatti baasuf Rabbiin osoo isaan hin qorre hin dhiisu. Ta'uu baannan,

namni dhugaati fi sobaa addaan hin baafamu. Yeroon namni dhugaa fi

sobaa addaan baafamu yeroo wanti jibbamaan (rakkoon) isa qunnamudha.

Yeroo kanatti, haqiiqaan (dhugaan keessa isaa jiru) ifatti baha. Suuratu Al-

Ankabuut irraa keeyyattoonni armaan gadii kana nuuf ibsu.

ه لناسه ٱومهن ﴿ ول ءامنا ب وذهي فه لله ٱمن يق هذا أ كعذابه لناسه ٱجعل فهترنة لله ٱفإ

و ليرس لله ٱ أ مر نا معك ول ن إهنا ك هك لق هن رب م هن جاء نصر هما فه لل ٱولئ لم ب عر

هأ ب

وره د لمن ١٠لرعلمهي ٱص لمن لهين ٱ لل ٱولعر نفهقهي ٱءامن وا ولعر رم ﴾١١ل

“Namoota keessaa nama “Rabbitti amanne” jedhutu jira. Garuu yommuu

karaa Rabbii keessatti rakkifamu, fitnaa namootaa akka adabbii Rabbii

taasisa. Injifannoon Gooftaa kee irraa yoo dhufe immoo, "Dhugumati nuti

isin waliin turre" jedha. Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru

hundarra beekaa mitii? Dhugumatti, Rabbiin warroota amanan beekuf jira,

munaafiqootas beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:10-11

Namoota keessaa nama Rabbitti amanne jedhutu jira. Sababa Rabbiitti amanuu

isaatiif yommuu kaafironni isa rakkisanii fi azzaban, fitnaa namootaa akka azaaba

(adabbii) Rabbii taasisa. Asitti Fitnaan namootaa sababa inni Islaama qabateef

rakkinnaa fi dararaa kaafironni isarraan gahaniidha. “Akka adabbii Rabbii

taasisa” kana jechuun dararaa fi rakkinna namoonni isa irraan gahan adabbii

Rabbiitiin wal qixxeessa. Jecha biraatin adabbii namootaa addunyaa keessatti

isarra gahuu adabbii Rabbii Aakhiraatti kaafirota irra gahuun wal qixxeessa.1

Adabbiin namootaa akkuma adabbii Rabbii guddaa fi cimaadha jedhee

sodaachuun Islaama irraa duubatti deebi’a.

Nama akkana ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

1 Tafsiir Xabarii-18/364, Tafsiir Tahriir wa Tanwiir 20/216

Page 27: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

27

ب د لناسه ٱومهن ﴿ صابه لل ٱمن يعر فإهنر أ حررف ۥعل ن ٱخيرر

مأ ههه طر صابتره ۦ ب

وإنر أ

هههه نقلب ٱفهترنة وجر ۦعل نرياٱخسه ٱو ل رة و لأخه هك ه ل ان ٱذ بهي ٱ لر سر رم ﴾١١ل

"Namoota keessaa nama [amantii irraa] moggaatti ta'ee [shakkiin] Rabbiin

gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti (toltuu kanatti) tasgabbaa'a. Yoo

rakkoon isa tuqxe immoo fuula isaa irratti garagala (amantii irraa duubatti

deebi'a). Inni addunyaa fi Aakhiraa kasaare. Suni isumatu kasaaraa ifa

bahaadha." Suuratu Hajj 22:11

(Namni kuni iimaana faayda addunyaatin walitti hidha. Yoo fayyaa fi

mijaa'inna keessa jiraate, Rabbiin gabbaruu isaa itti fufa. Yoo rakkoon isa

qunname immoo Islaama irraa duubatti deebi'a. Islaama irraa duubatti

deebi'uun isaa addunyaa isaaf murteefame irraa homaa waan hin jijjireef

addunyaa kasaare. Aakhirattis sababa kufrii isaatiin ibidda seenun kasaara.)

Namni amanee (mu’minni) nama biraatiin rakkifamuun qormaata ittiin

qoramuudha. Namni gariin yoo amanee fi Islaama qabatee ergasii sababa

kanaaf namoonni isa rakkisan, obsuu hin danda’u. Islaama irraa duubatti

deebi’a. Rabbiin irraa eeggumsa kadhanna. Namni gariin immoo iimaana

cimaa qaba. Yommuu rakkifamu, ni obsa. Iimaanni isaas ni dabala.

Garuu namni “Rabbitti amanne” jedhee fi iimaanni qalbii isaa keessatti

hidda hin qabanne, iimaanaa fi Ergamtootaaf ajajamuu isaatiif dararaa fi

rakkinna namoonni isarraan gahan akka adabbii Rabbii kaafirota ittiin

adabuu godha.

“Akkuma namni tokko adabbii Rabbii sodaachuun kufrii fi badii irraa

dheessu, namni kunis dararaa fi rakkinna namoonni isarraan gahan

sodaachun iimaanaa fi gaarummaa irraa dheessa. Amanuu isaatiin

booda yommuu kaafiroota irraa zaachan, hidhaa fi roorroon isa qunname,

sababa kufrii isaatiin Jahannam keessatti adabbii Rabbii isa qunnamu san

caalaa cimaa akka hin taanetti ilaala. Kanaafu, adabbii addunyaa irraa of

baraaruu fi jireenya mijaa’innaa dabarsuuf iimaana dhiisuu fi

kaafirootaan wal qunnamu murteessa.

Page 28: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

28

“Injifannoon Gooftaa kee irraa yoo dhufe, 'dhugumati nuti isin

waliin turre' jedha.”

Har’a amantii (diinii) Rabbii babal’isuu keessatti qoreenu akka isa

waraantu qophii waan hin taanef gogaa isaa baraaruuf kaafirotatti

dabalame. Mu’mintoota ni dhiise. Garuu yommuu Rabbiin namoota karaa

Isaa keessatti qabsaa’aniif injifannoo kennuuf, namni kuni firii injifannoo

irraa qooda isaa argachuuf gara fuunduraatti baha. Muslimotaan akkana

jedha, ‘Qalbiin teenya isin waliini, milkaa’inna keessaniif du’aayi gochaa

turre; dirqama keessan bahuu fi wareega isin kafaltan akka guddaatti

yaadaa turre.’”1

“Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru hundarra beekaa mitii?”

kana jechuun osoo isiniin wali galuu mul’isaniyyuu sila Rabbiin wanta

qalbii isaanii keessa jiruu fi keessa isaaniitti dhoksan hundarra beekaa

mitii?2 Rabbiin wanta qalbii isaanii keessa jiru hunda caalaa beeka.

İimaanaa fi nifaaqa isaanii sirritti beeka.

“Dhugumatti, Rabbiin warroota amanan beekuf jira, munaafiqootas

beekuf jira.”

Aayah tana irraa waa lama ni hubanna: 1ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta qalbii namootaa keessa jiru

isaan qoruun dura ni beeka. Garuu isaan qoruudhaan dhugaan Inni qalbii

isaanii keessatti beeku ifatti baha. Namoonni qalbii isaaniitin amanan

yeroo qormaataa haalli isaanii ifatti baha. Munaafiqoonni qalbiin osoo hin

amanin arrabaan amanne jedhanis haalli isaanii ifatti baha. Kanaafu,

yeroo qormaataa namni dhugaan amane (mu’iminaa) fi munaafiqni

(namni sobaan amane) addaan baafamu.

2ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta beeken qofa namootaaf

mindaa hin kennu ykn hin adabu. Kana irra, erga isaan qoree (fattanee)

booda wanta isaan irraa mul’ateen mindaa isaaniif kenna ykn

adaba.3 Nama dhugaan amanee fi yeroo qormaataa iimaana irratti gadi

1 https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote14sym 2 Tafsiir Ibn Kasiir-6/49 3 Tafsiiru Sa’dii-736

Page 29: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

29

dhaabbate, mindaa warra dhugaan amananii isaaf kenna. Munaafiqa

immoo adabbii munaafiqootaa isa adaba. Adabbiin isaas ibidda Jahannam

irraa sadarkaa hundarra gadi aanaa keessa ta’uudha. Rabbiin kanarraa nu

haa tiiksu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

نفهقهي ٱإهن ﴿ رم فله ٱ لرركه ٱفه ل سر يرا لناره ٱمهن لر مر نصه ﴾١٤٥ولن تهد له

“Dhugumatti munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa hundarra gadi

aanaa keessa ta’u. Tumsaas isaanif hin argitu.” Suuratu An-Nisaa

4:1451

Faaydaalee muraasa aayaata kanniin irraa argannu: Faaydaa 1ffaa: Arrabaan amanuun qofti nama hin fayyadu.

Faaydaa 2ffaa: Qormaanni safartu namni dhugaa nama biraa irraa ittiin

adda bahuudha. Ta’uu baannan, namoonni hundu “Ani mu’mina” jedhu

turan.

Faaydaa 3ffaa: Namni iimaanni qalbii isaa keessatti hidda hin qabanne,

yommuu sababa isaatiif rakkifamu iimaana irraa dubbatti deebi’a.

Faaydaa 4ffaa: Munaafiqonni yeroo mijaa’innaa fi injifannoo

mu’mintoota waliin hirmaatu. Yeroo rakkoo immoo isaan irraa adda

bahu.

Faayda 5ffaa: Injifannoon Rabbi qofa irraayyi.

Faayda 6ffaa: nifaaqa irraa akeekachiisuu. Rabbiin akkana waan jedhuuf:

“Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru hundarra beekaa

mitii?” (Nifaaqa jechuun kufrii fi waan badaa dhoksuun Islaamaa fi waan gaarii

mul’isuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta namni qalbii keessatti

dhokse hunda waan beekuuf namni nifaaqa irraa of eeggachu qaba. Ta’uu

baannan, kufrii fi wanti badaan inni dhoksee yeroo qormaataa ifatti bahee

salphata.)

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 48

Page 30: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

30

Faaydaa 7ffaa: kaayyoon namoota qoruu mu’mina munaafiqa irraa adda

baasudha.1

1 Madda olii

Page 31: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

31

Karaa Jallinnaa Namatti Bareechisuu fi adabbii isaa Kaafironni daandii qajeelaa irraa nama jallisuuf wanti isaan hin goone hin jiru.

Tooftaalee adda addaatti fayyadamu. Tooftaalee sanniin keessaa mee tokko haa

ilaallu:

هلهين ءامن وا لهين ٱوقال ﴿ وا ل ٱكفر وا مر وما تبهع مهلر خطيك حر سبهيلنا ولنرب ون ذه مر لك إهنه ء هن شر م م هحمهلهي مهنر خطيه م ب مر ١٢ه ثرقاله

مهل ن أ ولحر

ولي سر هههمر ثرقالثرقالا مع أ

ون لرقهيمةه ٱ يورم ل ن وأ ت ﴾١٣عما كن وا يفر

“Warri kafaran warra amananiin, “Karaa keenya hordofaa, cubbuu

keessan ni baadhanna.” jedhan. Isaan cubbuu isaanii irraa homaayyu

hin baadhatan. Dhugumatti isaan kijibdoota. Dhugumatti, ba’aa

isaanii akkasumas ba’aa isaanii waliin ba’aa [biraas] ni baadhatu.

Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa wanta kijibaan uumaa turan irraa ni

gaafatamu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:12-13

Warri kafaran warra Ergamaa Rabbiitti amananii fi hordofaniin, “Yoo isin

karaa keenya hordoftanii fi du’aan booda kaafamtan, yeroo sanitti adabbii

cubbuu (dilii) keessanii ni baadhanna.” jedhan.1 Asitti “Karaa keenya”

jechuun “Amanti keenya” jechuu isaaniti. Kuni gara sobaati waamudha.

Karaan isaan itti waaman kuni shirkiidha.2

“Isaan cubbuu isaanii irraa homaayyu hin baadhatan. Dhugumatti

isaan kijibdoota.” Kana jechuun isaan wanta jedhan kana keessatti

kijibdoota. Cubbuu isaanii irraa homaayyu hin baadhatan. Jecha biraatin

kaafironni namoota gara shirkii fi badiitti waaman irraa cubbuu

baadhachuun adabbii jalaa nagaha isaan baasu hin danda’an. Garuu

yommuu akkana jedhu, “Yakka namoota jallisuu osoo hin ta’in cubbuu

1 Tafsiir Xabarii-18/367 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 50

Page 32: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

32

hojjatan qofa baadhatuu?” jedhee namni yaadu danda’a. Yaada kana oofuf

itti aanse ni jedhe:

“Dhugumatti, ba’aa isaanii akkasumas ba’aa isaanii waliin ba’aa

[biraas] ni baadhatu.”

“ba’aa isaanii” kana jechuun ba’aa cubbuu isaanii. “ba’aa isaanii waliin

ba’aa [biraas] ni baadhatu.” Ba’aan biraa kuni ba’aa cubbuu namoota

jallisanii fi karaa Rabbii irraa dhoowwaniiti. Hordofaa fi hordofamaan

cubbuu kanarraa qooda qabu. Sababni isaas, hordofaan mataa ofiitiin ni

hojjate, hordofamaan immoo akka hordofaan kuni hojjatuuf itti waamuun

sababa ta’e.1

Guyyaa Qiyaamaa kaafironni gara shirkii fi kufriitti waaman kunniin ba’aa

cubbuu dachaa baadhatu. Ba’aan cubbuu tokkoffaa mataa isaanitiin

jallachuu fi shirkii hojjachuu. Ba’aan cubbuu lammataa immoo namoota

biroo jallisuudha. Kuni fakkeenyaan hubatamu danda’a: Namni tokko ni

hata. Namni biraas akka isa waliin hatu ni waama. Amma, namni lammataa

kunis yoo hate, sababa namni biraa hannatti isa kakaaseef abbaan murtii

kamiyyu isa gadi hin lakkisu. Haala kamiyyu keessatti haa ta’u, hanna

isaatiif ni adabama. Isa gadi lakkisuun bakka isaa nama jalqabaa hannatti

isa kakaase adabuun haqummaa miti. Garuu hattuun jalqabaa yakka lamaaf

adabama: yakka mataa isaatiin hanna raawwachu fi yakka namni biraa akka

isa waliin hatu kakaasu. Qajeelfamni bu’uuraa kuni Qur’aana keessatti

bakka biraattis kaafame jira:

مر كمهلةا يورم ﴿ زاره ورمهل وا أ حر زاره لرقهيمةه ٱله ور

ه لهين ٱومهنر أ هغيرر م ب لونه ي ضه

ون ل ساء ما يزهر ﴾٢٥عهلرم أ

“Guyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii haala guutuu ta’een baadhatu,

akkasumas ba’aa namoota beekumsa malee jallisanii irraas [ni

1 Tafsiir Xabarii-18/369, Tafsiir Sa’dii-736

Page 33: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

33

baadhatu]. Dhagayaa! Wanti isaan baadhatan fokkate!” Suuratu An-

Nahl 16:25

Qajeelfama bu’uuraa kanaan wanta wal fakkaatu Ergamaan Rabbiis

(sallallahu aleyh wassalam) ibsanii jiru: “Namni gara qajeelinnaatti

namoota waame, osoo ajrii (mindaa) isaanii irraa homaa hin hir’ifamin

fakkaataa ajrii (mindaa) namoota isa hordofanii argata. Namni gara

jallinnaatti waames osoo cubbuu isaanii irraa homaa hin hir’ifamin

fakkaataa cubbuu namoota isa hordofanii baadhata.” Sahiih Muslim 26741

“Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa wanta kijibaan uumaa turan irraa ni

gaafatamu.” Kana jechuun dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa amanti

keessatti wanta kijibaa turaniif ni qoratamu.2

Guduunfaa

✏Namoonni gara kufrii fi badiitti nama waaman, Guyyaa Qiyaamaa

nama jallisan kana irraa ba'aa badii baadhachuun adabbii jalaa isa baasu

hin danda'an. Garuu yakka lama waan hojjataniif ba'aa badii dachaa ta'ee

baadhatu:

Yakki 1ffaan-mataa isaaniitiin kufrii fi badii hojjachuu

Yakki 2ffaan-nama biraa gara kufrii fi badiitti waamun jallisuudha.

Dhimma kana mana murtii addunyaa irraayyu ni hubanna. Namni yakka

ofii hojjate dabalatee yakka nama badiitti kakaasuufis ni qabama.

✏Kanaafu, namni gara jallinnaatti namoota waamu irraa of qusachuu qaba.

Akkasumas, namoota jallinnatti waaman hordofuu irraas of qusachuu qaba.

Sababni isaas, namoonni har'a badii isaaf bareechisuun jallinnatti isa

waaman Guyyaa Qiyaamaa adabbii jalaa isa baasu hin danda'an. Kanaafi,

Guyyaa Qiyaamaa hordoftoonni fi hoggantoonni isaan jallisan haala

kanaan wal falmu:

1 https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote18sym,

Tafhiim al-Qur’aan, Sayyid Abul Ala Ma’ududi 2 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/232

Page 34: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

34

ون فه ﴿ ول لناره ٱوإذر يتحاج ٱفيق ا عفؤ هلهين لض ٱل وا ب تكر مر سر نا لك إهنا ك ن ون غر نت م م

ا فهلر أ هن تبعا ا م يبا ٱ لهين ٱقال ٤٧لناره ٱعنا نصه وا ب تكر سر إهنا ك

لل ٱفهيها إهن ﴾٤٨لرعهباده ٱقدر حكم بير

“Yeroo ibidda keessatti wal falman, warri dadhaboon warra of tuulaniin,

“Nuti isin hordofaa turre. Kanaafu, ibidda irraa qooda wayii nurraa kaasu

dandeessuu?” jedhu. Warri of tuulanis ni jedhu, “Nuti hunduu ishii (ibidda)

keessa. Dhugumatti Rabbiin gabroota jidduutti murteessee jira.” Suuratu

Ghaafir 40:47-48

Page 35: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

35

Nabii Nuuhin Erguu fi Ummanni isaa baduu

ررسلرنا ن ﴿م ۦوحا إهل قورمههه ولقدر أ خذه

ا فأ ي عما لرف سنة إهل خرسه

فلبهث فهيههمر أ

وفان ٱ ون لط مر ظلهم حب ١٤وه صرنجيرنه وأ

هلرعلمهي لسفهينةه ٱفأ ﴾١٥وجعلرنها ءايةا ل

“Dhugumatti, Nuuhin gara ummata isaatti erginee jirra. Waggaa

shantama malee waggaa kuma tokko isaan keessa ture. Isaan

zaalimoota ta’anii osoo jiranu xuufaan isaan qabe. Isaa fi warra doonii

ni baraarre. Aalamaaf mallattoo ishii goone.” Suuratu Al-Ankabuut

29:14-15

Kuni Rabbii olta’aa irraa gabrichaa fi Ergamaa Isaa Muhammadiif (SAW)

jajjabeenya ta’a. Kunis Nabiyyoonni isa dura turan akka qoraman isatti

beeksiisa. Namoota shirkii hojjachuu itti fufaniif immoo akeekachiisa ta’a.

Isaan yeroo murtaa’ef yoo tursiifaman, ummanni Nuuh isaan caalaa yeroo

dheeraaf tursiifamanii jiru. Ergasii adabbii cimaan ni qabaman.

Nabii Nuuh waggaa shantama malee waggaa kuma tokko ummata isaa

keessa akka ture isatti beeksisa.Kana jechuun Nabii Nuuh waggaa dhibba

sagalii fi shantama (950) ummata isaa keessa jiraate. Waggaa kana hunda

halkanii guyyaa, ifaa fi dhoksatti gara Rabbii isaan waama. Garuu kana

waliinu waamichi kuni haqa irraa dheessu fi irraa garagaluu, kijibsisuu

malee homaa isaaniif hin daballe. Isaan keessaa namoota muraasa malee

isa waliin hin amanne. Waggaa dheeraa kana booda yommuu ummanni isaa

isa didanii shirkii fi kufrii isaanii itti fufan, “xuufaan” isaan qabe. Xuufaan

jechuun bishaan garmalee baay’ee samii irraa bu’ee fi dachii keessaa ol

burqeedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bishaan gama hundaan isaan

marsuu fi liqimsu samii irraa itti gadi roobse, lafa keessaas itti ol burqisiise.

Suurah biraa keessatti akkana jedha:

ب ﴿ برونا أ نرهمهر لسماءه ٱففتحر هماء م نا ١١ب رض ٱوفجرر

ي وناا ف لر ق ٱع رماء ٱ لر لر ر قدر ق ده مر

أ ﴾١٢عل

Page 36: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

36

“Bishaan gadi dhangalaa’uun balbaloota samii itti banne. Dachiis

burqaalee akka burqisiiftu taasifne. Kanaafu, dhimma duraan

murtaa’e irratti bishaan [samii fi dachii] wal qunname.” Suuratu Al-

Qamar 54:11-12

Samii irraa roobni baay’een gadi dhangala’e. Dachiinis gara hundaan

burqaa dhangalaasti. Kanaafu, roobni samii irraa gadi dhangala’uu fi

burqaan lafa keessaa ol burqu “dhimma duraan murtaa’ee irratti” walitti

dhufan. Dhimmi duraan murtaa’e kuni ummata Nuuh balleessudha.1

“Isaa fi warra doonii ni baraarre. Aalamaaf aayah ishii goone.” Kana

jechuun Nuuhi fi dooni keessatti warra isa waliin turan ni baraarre. Warri

isa waliin dooni yaabbatan warra isatti amananii fi hordofaniidha.

“Aalamaaf aayah ishii goone.” Kuni hiika lama qaba:

1ffaa-maqdhaalli “Ishii” jettu, dooni irratti deebi’uu danda’a. Kanaafu

hiikni isaa: dooni tana namootaaf mallattoo goone. Rabbiin subhaanahu

wa ta’aalaa dooni yeroo jalqabaatiif Nabii Nuuh akka hojjatu ajaje.

Ergasii namoonni isarraa laalun hojjatan. Kanaafu, kuni mallattoo

namoonni rahmata Gooftaa isaanii ittiin hubataniidha.

2ffaa-maqdhaalli “ishii” jettu qissaa (seenaa) Nabii Nuuh irratti deebi’uu

danda’a. Seenaan Nabii Nuuh namootaaf barnootaa fi gorsa ta’a. Namni

Ergamtoota kijibsiisee hundi dhimmi isaa badiinsa. Rabbiin

mu’mintootaaf dhiphinnaa fi rakkoo hunda keessaa karaa bahiinsaa

godhaaf.2

1 Tafsiir Muyassar-529, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/368 2 Tafsiir Sa’dii-736, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin,

fuula 62-63

Page 37: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

37

Rabbiin Qofa Gabbaruun Karaa Rizqii fi wanta barbaadan ittiin argataniidha

Ilmi namaa halkanii guyyaa rizqii soqachuuf oli gadi kaata. Yommuu rizqii

dhabuu ykn jalaa xiqqaatu gara humna ghaybi (ijaan hin mul'anne) rizqii

naaf kenna jedhee yaadutti deemun isaaf of gadi qaba. Tarii wanti inni rizqii

naaf kenne jedhe sagaduuf kuni wanta homaayyu hin hojjanne ta'uu

danda'a. Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaa kana hojjatan irratti

jibbuun Rabbii Tokkicha rizqii namaaf kennu danda'uuf akka gadi of

qabanii fi sagadaniif isaan gorse:

ٱههيم إهذر قال لهقورمههه وإبرر ﴿ وا ب د ٱو لل ٱ عر وه ون تق لم نت مر تعر مر إهن ك لك مر خيرر لهك ١٦ذون مهن د ونه ب د ون إهفرك إهن لله ٱإهنما تعر ا وترل ق ثنا ور

ون مهن د ونه لهين ٱأ ب د ل لله ٱتعر

مر رهزر ون لك لهك ا ف يمر ٱقا وا تغ ق ٱ لله ٱعهند بر هزر وه ٱو لر ب د ٱو عر وا ر ك ون ۥ ل شر ﴾١٧إهلرهه ت ررجع

Ibraahiminis yommuu ummata isaatiin, “Rabbiin gabbaraa, Isa

sodaadhaa. Yoo kan beektan taatan santu isiniif caala. Rabbii gadiitti

sanamoota qofa gabbartu, kijibas uumtu. Kanneen isin Rabbii gadiitti

gabbartan rizqii isiniif kennuu hin danda’an. Kanaafu, Rabbuma

biraa rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa, Isaafis galata galchaa. Garuma

Isaa deebifamtu.” jedhe [yaadadhu]. Suuratu Al-Ankabuut 29:16-17

Yommuu Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaatiin akkana jechuun waame

yaadadhu: ibaadaa Rabbi qofaaf qulqulleessaa, wanta Inni dirqama isin

irratti godhee hojjachuu fi Isa faallessuu irraa fagaachun dallansuu Isaa

irraa of eegaa. Yoo kan beektan taatan Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachutu

isiniif caala. Dhugumatti, Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuu dhiisu keessa

kheyriin homaatu hin jiru. Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuun namootaaf

garmalee gaarii kan ta’eef addunya fi Aakhiratti kanaan malee badhaasa

Isaa hin argatan. Kheeyrin hundi addunyaa fi Aakhira keessatti argamu

bu’aa ibaadaa fi taqwaati.1

1 Tafsiiru Muyassar-398, Tafsiir Sa’dii-737

Page 38: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

38

Rabbiin gabbaruu jechuun wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni

dhoowwe dhiisuun Isaaf of gadi qabuudha. Taqwaa jechuun immoo

Rabbiif ajajamuun adabbii Isaa irraa eeggumsa godhachuudha.1

“Rabbii gadiitti sanamoota qofa gabbartu, kijibas uumtu.” Ibraahim

(aleyh salaam) ummata isaatiin akkana jedhe, “Sanamoota harka keessaniin

boccan waaqefattu. Sanamoota kanniin gabbaramoo jettanii moggaasuun

kijiba uumtu.2 Akkasumas, nama isaan gabbaruuf faayda fiduu fi miidhaa

isarraa deebisu keessatti dhiibbaa hin mul’anne qabuu jechuun soba uumtu.

“Kanneen isin Rabbii gadiitti gabbartan rizqii isiniif kennuu hin

danda’an. Kanaafu, Rabbuma biraa rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa,

Isaafis galata galchaa. Garuma Isaa deebifamtu.” jedhe [yaadadhu].” Karaa soorataa fi galii nuuf laaffisu jechuun wantoonni isin Rabbiin alatti

waaqefattan, soorataa fi galii isiniif kennuu hin danda’an. Sababni isaas,

sanamoonni kunniin wanta harka keessaniin boccaniidha, nama fayyadu

hin danda’an.

Dhugumatti, rizqii kan harkaa qabu Rabbii Gooftaa keessan ta’ee fi

Gooftaa samiiwwanii, dachii fi isaan jidduu ta’eeti. Inni Khaaliqa wantoota

jiran hundaati. Kanaafu, Isa bira qofa rizqii keessan barbaadaa, Isa qofas

gabbaraa. Qananii baay’ee isiniif kenneefis Isa galateefadhaa. Qananii kana

keessaa samii irraa bishaan buusuu fi biqiltoota biqilchuun rizqii isiniif

laaffisuudha.3

Rabbii olta’aa qofa gabbaruu fi Isa galateefachuun sababa rizqii ittiin

argatanii fi sababa rizqiin ittiin turuudha. “Isa gabbaraa” kuni sababa

rizqiin ittiin argamuudha. “Isaaf galata galchaa” kuni sababa rizqiin ittiin

turuudha.4

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 67-68, Ibn Useymiin 2 Tafsiiru Muyassar-398 3 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/239 4 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 72, Ibn Useymiin

Page 39: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

39

“Garuma Isaa deebifamtu” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gara Isaatti

deebifamuun wanta hojjataa turtaniif jazaa isiniif kafala, wanta dhoksitanii

fi ifatti baastan isinitti beeksisa. Kanaafu, shirkii keessan irra osoo jirtanu

Isatti dhufuu irraa of eeggadhaa, wanta gara Isaatti isin dhiyeessu fi yeroo

Isatti dhuftan mindaa ittiin isiniif kennu kajeelaa.1

ب ﴿ ه وما عل وإن ت كذ مر هن قبرلهك مم م وله ٱوا فقدر كذب أ لغ ٱإهل لرس بهي ٱ لر رم ﴾١٨ل

“Yoo kijibsiiftan, dhugumatti ummattoonni isiniin duraa kijibsiisanii

jiru. Itti geessu ifa ta’e malee Ergamaa irra homtu hin jiru.” Suuratu

Al-Ankabuut 29:18

Yaa namoota! Ergamaa Keenya Muhammadin sallallahu aleyh wassallam

yoo kijibsiiftan, isin dura ummattoonni darban Ergamtoota isaanitti

ergaman kijibsiisanii jiru. Kanaafu, dallansuun Rabbii isaanitti bu’e.

Dirqamni Ergamaa irra jiru Rabbiin irraa ergaa Isaa itti geessu ifa ta’e

isinitti geessu qofa. “Itti geessu ifa ta’e” jechuun wanti barbaadame nama

dhageefatuuf ifa kan ta’uu fi hiikni barbaadame kan irraa hubatamuudha.2

1 Tafsiir Sa’dii-737 2 Tafsiir Muyassar-398, Tafsiir Xabarii-18/376

Page 40: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

40

Jalqaba Kan Uume Lamuu Deebisuun Isatti ni ulfaataa?

ئ ﴿ برده ا كيرف ي و لمر يرورلرق ٱ لل ٱأ ه لر هك عل ۥ ث م ي عهيد ل ير لله ٱإهن ذ ﴾١٩يسه

“Sila akkamitti Rabbiin uumuu akka jalqabu ergasii isa deebisuu hin

arginee? Dhugumatti, kuni Rabbiin irratti salphaadha.” Suuratu Al-

Ankabuut 29:19

Sila namoonni du’aan booda kaafamu morman ykn shakkan, Rabbiin

akkamitti uumamtoota uumuu akka jalqabu hin arginee? Biqiltootaa fi

midhaan sanyii keessaa ni biqilcha, lubbu-qabeenyi copha bishaan saalaa

irraa ni uuma. “Ergasii isa deebisa.” Kana jechuun Rabbiin akkuma yeroo

jalqabaa uume uumamni kuni erga badee fi bututee booda ni deebisa. Kuni

Isarratti hin ulfaatu. “Dhugumatti, kuni Rabbiin irratti salphaadha.”

Kana jechuun uumamtoota uumuu jalqabuu fi erga badanii booda

deebisuun Rabbiin irratti salphaadha. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu

wa ta’aalaa wanta tokko uumuu yoo barbaade, “Ta’i” jechuuni qofa. Wanti

sunis yoosu ta’ee argama.1

وا فه ﴿ ير رضه ٱق لر سه ٱف لر وا ر نظ

ٱكيرف بدأ لرق ئ لل ٱث م لر ة ٱي نشه

أ لنشر

ٱ رة ير لل ٱإهن لأخه ء قده ه شر ك ﴾٢٠عل

Jedhi, “Dachii keessa deematii akkamitti [Rabbiin] uumuu akka

jalqabee ilaalaa. Ergasii Rabbiin uuminsa dhumaa uuma.

Dhugumatti, Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu

Al-Ankabuut 29:20

Kana jechuun namoota du’aan booda kaafamutti hin amanneen akkana

jedhi: Dachii keessa deemaatii Rabbiin akkamitti uumamtoota uumuu akka

jalqabee ilaalaa, qoradhaa. Isaan ala uumamtoota kanniin kan uume

Khaaliqni biraa ni jiraa?2

1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/240 2 Zaadul Masiir-1080

Page 41: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

41

Dachii keessa deemun uumamtootatti xinxalluun: takkaa miilaan lafa

keessa deemun wanta arganitti xinxalluu takkaa immoo kitaaba waa’ee

uumama lubbu-qabeenyi dubbatu dubbisuun qalbiin itti xinxalluun ta’a.1

Dachii keessa deemun uumamtootatti xinxalluutti ajajuun faayda baay’ee

qaba: namni wanta naannawa isaa yeroo hundaa waan arguuf bartee ykn

aadaa godhatee jira. Barnoota hangas mara irraa hin fudhatu. Garuu

yommuu dachii keessa deemuu fi wanta haarawa arguu, itti xinxalluu

jalqaba. Namni gamni akkana jechuun xinxalla. “Uumamni kuni duraan

kan hin jirre ture. Ergasii haala ajaa’ibaa kanaan ni uumame. Kanaafu,

eenyutu uumama kana argamsiise ykn uumee? Wanti duraan hin jirre ofiin

of uumu waan hin dandeenyeef Khaaliqni isa uume jiraachu qaba.

Khaaliqni kuni wanta duraan hin jirre erga uume, wanta bade lamuu uumuu

ni dadhabaa? Gonkumaa hin dadhabu. Jalqaba uumuu kan danda’e lamu

deebisee uumuu irratti danda’aadha.” Kanaafi itti aanse ni jedha:

“Ergasii Rabbiin uuminsa dhumaa uuma.” Kana jechuun uumamtoonni

erga badanii booda Rabbiin yeroo kaafamaa uuminsa biraa isaan uuma.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota jireenya jalqabaa keessatti

uume hunda erga balleesse booda Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasa. Erga

isaan balleesse booda lamuu isaan uumun homaa Isarratti hin ulfaatu.

Sababni isaas, “Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aadha.”

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 82, Ibn Useymii

Page 42: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

42

Jireenyi Lammataa Maaliif Barbaachistee?

Namni xinxallu akkana jechuun of gaafata: Rabbiin maaliif jireenya

lammataatiif namoota kaasaa? Namni kuni suuratu Al-Ankabuut irraa

aayata duraan barate irraa akkana jechuun deebii deebisa: Rabbiin azza

wa jalla karoora uuminsaa keessatti jireenya addunyaa tanaa qormaataaf

qopheesse. Jireenya lammataa immoo qorannoof, murtii dabarsuu fi jazaa

hojii irra oolchuuf qopheessee jira.

Guyyaa Murtii jazaan namoota addunyaa keessatti iddoo qormaataa

kaa’aman keessaa nama badii hojjateef adabbii isaaf maluu adabuu fi nama

waan gaarii hojjate badhaasu waan of keessatti qabateef itti aanse akkana

jedhe:

لب ون ﴿ وإلرهه ت قر ب من يشاء ويررحم من يشاء عذ ه ﴾٢١ي

“Nama fedhe ni adaba, nama fedhe rahmata godhaaf. Garuma Isaatti

deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:21

Kana jechuun Rabbiin uumamtoota Isaa keessaa nama fedhe sababa inni

yakka hojjateef ni adaba. Ammas isaan keessaa namoota tawbatan,

amananii fi hojii gaarii hojjatan irraa nama fedheef rahmata godha. Guyyaa

Qiyaamaa garuma Isaatti deebifamtu. Ergasii wanta hojjataniin jazaa isiniif

kafala.1 Kanaafu, addunyaa tana keessatti wanta rahmata Isaatti nama

geessu hojjadhaa, wanta adabbii Isaatti nama geessu irraas fagaadhaa.

“Nama fedhe” yommuu jedhu, fedhiin Isaa ogummaan (hikmaan) kan

walitti hidhameedha. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan

fedheef qofa wanta tokko hin hojjatu. Kana irra, wanta hojjatu hunda

keessatti fedhiin Isaa ogummaan kan walitti hidhameedha. Kuni dhimma

ifa ta’eedha. Namni adabamu wanta adabbiif isa saaxilu hojjachuun isaa

hin hafu. Yeroo kanatti, ogummaan (hikmaan) isa adabu ta’a. Rabbiin

subhaanahu wa ta’aalaa badii tokko malee nama fedhe hin adabu. Sababni

isaas, hikmaa fi rahmanni Isaa kana ni dida.

1 Tafsiir Muyassar-398

Page 43: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

43

“Nama fedhe ni adaba” kuni ogummaan (hikmaan) akka walitti hidhamu

dubbanne jirra. Kanaafu, nama adabbiin isaaf malu malee hin adabu.1

Ogummaa (hikmaa) jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kaa’uudha.

Nama adabbiin isaaf malu adabuun, nama rahmanni isaaf maluuf rahmata

gochuun hikmaadha. Kanaafu, adabbiis bakka isaaf malu kaa’e, rahmatas

bakka isaaf malu kaa’e.

Rabbiin Jalaa Miliquu Hin Dandeessan

زهين فه ﴿ عرجه هم نت م برضه ٱوما أ

هن د ونه لسماءه ٱول فه لر م م مهن لله ٱوما لك ير ﴾٢٢وله ول نصه

“Isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti [Rabbiin] hin

dadhabsiiftan. Rabbiin alatti isiniif tiiksaa fi gargaaraan hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:22

Dadhabsiisaa jechuun nama tokko waa hojjachuu irraa dadhabaa akka ta'u

kan taasisuudha. Asitti hiikni dadhabsiisuu-jalaa miliquudha. Kanaafu,

hiikni aayah tanaa, isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti Rabbiin jalaa

miliquu hin dandeessan. Yoo isin adabu fedhe, isin dhaqqaba. Sababni

isaas, Rabbiin jalaa homtu hin miliqu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni

jedha:

زه لل ٱوما كن ﴿ جه ء فه ۥله عر ته ٱمهن شر ٱول فه لسمو رضه ا ۥإهنه لر يرا ا قده ﴾كن علهيما

“Samiiwwan keessattis ta’ee dachii keessatti wanti Rabbiin

dadhabsiisu (jalaa miliqu) tokkollee hin jiru. Dhugumatti, Inni

Beekaa, Danda’aa ta’eera.” Suuratu Faaxir 35:44

Beeki! Rabbiin azza wa jalla adabbiin nama qabuun Isaa yeroo garii

dhimmoota qaamolee miiraatiin hubatamaniin ta’a. Rabbiin olta’aan

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 88, Ibn Useymiin

Page 44: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

44

sababoota nuti beeknu fi arginu ni murteessa. Yeroo garii immoo

dhimmoota nuti hin hubanneen ta’a. Sababa nuti hin beeknen alatti

adabbiin Rabbiin irraa namatti dhufa. Fakkeenyaaf, yeroo duula Khandaq

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bubbee fi loltu nuti hin argine diina

gamtoomanitti erge. Bubbeen tuni okotee isaanii garagalchite, dukkaana

isaanii ni buqqiste. Gamtoominna isaanii ni facaaste. Kanaafu, bubbeen

sababa adabbii nuuf beekkamaa taatedha. Loltuun nuti hin argine immoo

malaaykota. Osoo Rabbiin nutti beeksisuu baate, silaa hin beeknu turre.

Kanaafu, Rabbiin olta’aan takkaa sababoota beekkamoo ijaan mul’ataniin

nama qaba takkaa immoo sababoota dhokatoo ijaan hin mul’anneen nama

qaba.1

“Isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti [Rabbiin] hin

dadhabsiiftan.” jechuudhaan bakka itti dheessan irraa abdii isaan

murachiise. Kana jechuun dachii fi samii keessatti bakka itti dheessitanii

Rabbiin jalaa itti miliqxan hin qabdan. Gaaratti dheessun Isa jalaa hin

miliqxan. Goda keessa seenun Isa jalaa miliquu hin dandeessan. Bakka itti

miliqan hundarraa erga abdii isaan murachiisee booda carraaqqi nama

biraatiin adabbii Isaa jalaa bahuu irraa abdii murachisuu itti aanse dubbate2:

“Rabbiin alatti isiniif tiiksaa fi gargaaraan hin jiru.”

Namni yakka hojjate takkaa bakka wayiitti dheessee miliqa takkaa immoo

nama isa tiiksuu fi gargaaru bira deemun koola galtummaa (eeggumsa)

godhata. Namni Rabbiin faallesse, ajaja Isaa didee fi kafare kanniin

lamaanu hin qabu. Bakka Rabbiin jalaa itti dheessuus hin argatu, nama isa

tiiksuu fi adabbii isarraa deebisus hin qabu. Kuni badii hojjachuu fi ajaja

Rabbii faallessu irraa namaaf akeekachiisa ta’a. Yommuu adabbiin Isaa

namoota irratti bu’uu Rabbiin alatti kan isaan eegu fi adabbii isaan irraa

deebisu hin argatan. Kanaafu, Rabbii olta’aa faallessu irraa of eeggachu

barbaachisa.

1 Madda olii fuula 95-96 2 Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/232-233

Page 45: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

45

Kaafironni bakka Rabbiin jalaa itti dheessanii fi nama isaan tiiksuu fi

adabbii isaan irraa deebisu erga hin qabaanne, rahmata Isaa irraa abdii

muratu. Kanaafi, itti aanse ni jedhe:

وا ب‍ا لهين ٱو ﴿ ههه لله ٱيته كفر هك له ۦ ولهقائ ئ ول

ته وأ وا مهن رحر هس ئهك يئ

ول مر أ

م له ﴾٢٣عذاب أ

“Warroonni aayaata Rabbiitti fi qunnamti Isaatti kafaran, isaan sun

rahmata Kiyya irraa abdii muratan. Isaan sun adabbii laalessaatu

isaaniif jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:23

Kana jechuun namoonni Qur’aanaa fi du’aan booda kaafamutti amanuu

didan, isaan sun Aakhiratti yommuu adabbii cimaa isaaniif qophaa’e argan

rahmata Kiyya irraa abdii muratu. Isaan suni adabbii nama dhukkubsutu

isaaniif jira.1

Asi olitti aayaanni Qur’aanas ta’uu danda’a wantoota Rabbiin samii fi

dachii keessatti uumes ta’uu danda’a. Sababni isaas, aayaata jechuun

mallattoolee gara wanta tokkootti akeekaniidha. Uumamtoonni samii fi

dachii keessa jiran gara jiraachu Khaaliqaa fi sifaata (amaloota) Isaa

akeeku.

“Qunnamti Isaa” -'du'aan booda kaafamutti' jenne kan hiikneef qunnamtin

Rabbii du’aan booda erga kaafamanii waan adeemsifamuufi. Namni du’aan

booda kaafamutti hin amanne, Rabbiin wal qunnamuutti hin amanu.2

Jazaan aayaata Rabbii kijibsiisuu fi du’aan booda kaafamutti amanuu

dhiisuu rahmata Rabbii irraa abdii murachuu fi adabbii laalessaadha. Kana

jechuun sababa isaan Qur’aanatti kafaranii fi du’aan booda kaafamutti

amanuu didaniif rahmata irraa abdii murachu fi adabbii laalessaan isaaniif

male.3 Sababni isaas, namoonni kunniin Qur’aanatti amananii wanta 1 Zaadul Masiir-1080, Tafsiir Xabarii-18/380 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 101, Ibn Useymiin 3 Madda olii, Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/233

Page 46: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

46

rahmata Rabbiitti isaan geessu hin hojjanne. Ammas, du’aan booda

kaafamutti amananii shirkii fi badii irraa of hin qabne.

Page 47: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

47

Roorroo Ummata Nabii Ibraahim Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaa Rabbii tokkicha akka gabbaranii fi

sanama gabbaruu akka dhiisan affeeraa ture. Kan kana godhuuf faayda

isaaniitiif jedheeti. Garuu deebiin ummanni kuni isaaf deebisee deebii roorroo

ta'eedha.

ن قال وا ۦ فما كن جواب قورمههه ﴿ت ل وه ٱإهل أ ه قر نجى

هق وه فأ ور حر

ٱمهن لل ٱأ لناره

مهن ون م ي ؤر هقور هك لأيت ل ل ﴾٢٤إهن فه ذ

“Deebiin ummata isaas, “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa.” jechuu malee waan

biraa hin turre. Rabbiinis ibidda irraa isa baraare. Dhugumatti, kana keessa

namoota amananiif mallattooletu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:24

Kana jechuun yommuu Nabii Ibraahim ummata isaatiin, “Rabbiin gabbaraa,

Isa sodaadhaa. Yoo kan beektan taatan santu isiniif caala.” Jedheen, deebiin

ummata sanii, “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa” waliin jechuu malee homaa hin

turre. Isaaniis kana ni hojjatan. Ibiddaan Nabii Ibraahimin gubuu ni barbaadan.

Kanaafu, ibidda guddaa isaaf qabsiisan. Ergasii achi keessatti isa darban. Ergasii

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibidda kanarraa ni baraare. Akka ibiddi kuni isa

gubu hin taasisne.1 Inumaa qabbanaa fi nageenya godheef. Rabbiin subhaanahu

wa ta’aalaa ni jedha:

إهبررههيم ﴿ ا وسلما عل دا ونه برر ﴾٦٩ق لرنا ينار ك

“Yaa ibidda! Ibraahimin irratti qabbanaa fi nagaa ta’i” jenne.” Suuratu Al-

Anbiyaa 21:69

“Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooletu jira.” kana

jechuun Ibraahimin ibidda irraa baraaru keessa namoota Rabbiitti amananii fi

shari’aa Isaatti hojjataniif mallatoolee fi ragaaleetu jira.2

1 Tafsiir Xabarii-18/381 2Tafsiir Muyassar-399

Page 48: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

48

Mee mallattoolee kanniin keessaa muraasaa haa kaasnu:

1ffaa-Ibiddi kuni garmalee guddachuu waliin dhiibbaa isarratti hin geessine.

Namoonni sunniin isa gubuuf qoraan baay’ee walitti qabanii ibidda qabsiisan.

Garuu yommuu Ibraahimin keessatti darban homaa isa hin goone.

2ffaa-Ibidda guddaa kanarraa baraarun dandeetti Rabbii, kabaja Ergamaa Isaa,

waadaa Isaa dhugaa gochuu fi diinota Isaa salphisuu agarsiisa. Akkasumas,

uumamtoonni hundi Rabbiif kan ajajamanii fi bulan agarsiisa. Ibiddi kuni ajaja

Isaatin qabbanaa fi nageenya ta’e.

3ffaa- shira namoota waan badaa isatti yaadanii jalaa fashaleessu.

4ffaa-obsaa fi danda’uu Nabii Ibraahim. Sababni isaas, dhimma akkanaa kana

namoota akka Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ta’an malee eenyulle irratti hin

gootomu.

Garuu mallatoolee kanniinitti kan fayyadamu fi hubatu namoota amananiidha.

Namoonni hin amanne homaa itti hin fayyadaman.1

ت مٱوقال إهنما ﴿ هن د ونه تذر مر فه لله ٱم ا مودة بيرنهك ثنا ورةه ٱأ يو ل ٱ لر يا ث م نر

م لرقهيمةه ٱيورم ك وىرا ومأ م بعرضا ك هبعرض ويلرعن بعرض م ب ك ر بعرض ف يكر

هين لنار ٱ صه هن ن م م ﴾٢٥وما لك

“Ni jedhe, “Rabbii gadiitti sanamoota [gabbaramoo] kan godhattaniif

jireenya addunyaa keessatti jidduu keessanitti wal jaallachuuf qofa. Ergasii

Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan garii morma, gariin keessan garii abaara.

Itti galli keessan ibidda, gargaartonni homaatu isiniif hin jiran.” Suuratu Al-

Ankabuut 29:25

Ni jedhe, “Rabbii gadiitti sanamoota [gabbaramoo] kan godhattaniif

jireenya addunyaa keessatti jidduu keessanitti wal jaallachuuf qofa.” Kana

jechuun Nabii Ibraahim ummata isaatiin akkana jedhe, “sanamoota kanniin

gabbaramtoota kan godhattaniif, hariiroon jaalalaa, wal qunnamuu fi isaan biratti

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 110-111, Ibn Useymiin, Tafsiir Tahriir wa

Tanwiir-20/235

Page 49: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

49

wal gahuun akka itti fufufi. Isin [siidaaleen] kunniin homaa akka hin fayyannee

fi hin miine ni beektu.”1

Kuni hariiroo sabummaa fi biyyummaa irratti ijaarrameen wal fakkaata.

Namoonni sabaan tokko ta’an, sabummaa irratti hundaa’anii wal jaallatu.

Namoonni biyyaan tokko ta’aniis biyyummaa irratti hundaa’anii wal jaallatu.

Namoonni amanti tokko qabaniis amantii san irratti hundaa’ani wal jaallatu. Tarii

amantiin kuni amanti sobaa ta’uu danda’a. Haaluma kanaan, ummanni sanama

gabbaraniis hariiroon isaan tokkoomsu fi wal jaallachiisu sanama gabbaruudha.

Nabii Ibraahimis (aleyh salaam) kana hubachuun ummata isaatiin akkana jedhe:

“Walitti dhufeenyaa fi jaalala keessan Rabbii olta’aa gabbaruu irratti ijaaru

dhiistanii sanama gabbaruu irratti ijaartan. Garuu wal jaallachuun keessan kuni

jireenya addunyaa tana qofa keessatti ta’a. "Ergasii Guyyaa Qiyaamaa gariin

keessan garii morma, gariin keessan garii abaara. Itti galli keessan ibidda,

gargaartonni homaatu isiniif hin jiran.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa

gariin keessan kan biraa irraa qulqullaa’a, wanta isin jidduu ture wal waakkattu.

Gariin keessan garii abaara. Hordofaan hogganaa abaara. Gahuumsi dhumaa

keessanis ibidda. Gargaaraan isin gargaaru hin jiru, baraaraan adabbii (azaaba)

Rabbii irraa isin baraaru hin jiru. Kuni haala kaafirootati. Haalli mu’mintoota

faallaa kanaati.2

إهنه ۥامن ل ۞ف ﴿ ه ر إهل رب هاجه و ۥل وط وقال إهن ه م كهيم ٱ لرعزهيز ٱه ﴾٢٦لر

“Luuxis isaaf ni amane. Innis, 'Dhugumatti, ani gara Gooftaa kiyyaatti

godaanaadha. Dhugumatti, Inni Injifataa, Ogeessa.' jedhe." Suuratu Al-

Ankabuut 29:26

Luux ilma obboleessa Ibraahim ture. Luux Ibraahimin dhugoomse isa hordofe.

Nabii Ibraahimis ummata isaa gara tawhiidaatti waamun bu’aa buusaa akka hin

jirre yommuu argu, “dhugumatti ani gara Gooftaa kiyyaatti godaana.” jedhe.

Kana jechuun biyya badiin itti hojjatamu dhiisee biyya Rabbiin qofti itti

gabbaramutti godaana.3 Biyyi tunis Shaami (Filisxeemi fi naannawa ishii).

1 Zaadul Masiir-1081 2 Tafsiir Ibn Kasiir-6/55 3 Tafsiir Sa’dii-738, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-20/238

Page 50: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

50

هيتههه ۥووهبرنا ل ﴿ وب وجعلرنا فه ذ ر ق حق ويعر وءاتيرنه لركهتب ٱو لنب وة ٱإهسرره جر

ٱفه ۥأ يا نر رةه ٱفه ۥوإنه ل ي ٱلمهن لأخه لهحه ﴾٢٧لص

“Is’haaqi fi Ya’aquubinis isaaf kennine. Sanyii isaa keessatti nabiyyummaa

fi kitaaba goone. Addunyaa keessatti mindaa isaa isaaf kennine.

Dhugumatti, inni Aakhirattis saalihoota irraayyi.” Suuratu Al-Ankabuut

29:27

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahim qormaata guddaa erga darbee fi

gara Shaam erga godaane booda, akka ilmaatti Is’haaqin kenneef. Ilma ilmaa kan

ta’e Ya’aquubinis isaaf kenne. Ya’aquub ilma Is’haaqi. Akkuma beekkamu

abbaan ilma ilma isaa akka ilmoo ofiitti ilaala.

“Sanyii isaa keessatti nabiyyummaa fi kitaaba goone.” Nabii Ibraahimin

booda nabiyyiin tokkooyyu hin dhufne sanyii isaatirraa yoo ta’e malee. Kitaabni

sanyii isaa irratti malee hin buune.1 Nabii Ibraahimin booda Ismaa’il irraa

jalqabee hanga Iisaa fi Muhammadin (SAW) gahutti nabiyyonni hundii sanyii

isaa irraa turan. Kitaabban akka Tawraat, Zabuur, Injiili fi Qur’aanaa sanyii isaa

irratti buufaman. Kuni tola Rabbiiti. Inni nama fedheef tola Isaa kenna.

Dhugumatti, Inni beekaadha, Ogeessa (Hakiim).

“Addunyaa keessatti mindaa isaa isaaf kennine. Dhugumatti, inni

Aakhirattis saalihoota irraayyi.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mindaa lama

walitti isaaf qabe: mindaa addunyaa: kunis diinota isaa irratti injifannoo isaaf

kennu, maqaa gaariin dhaloota hunda keessatti kaafamu, ilmaan isaatti

gammaduu fi isaan (ilmaan isaa) baay’achuu, rizqii gaarii fi kanneen biroo.

Mindaa Aakhirah: kunis garee saalihotaa keessaa ta’uudha.

Saalihoonni namoota gaggaarii sadarkaa ol’aanaa qabaniidha. Asitti wanti

barbaadame gosoota saalihota ol’aanoo ta’aniidha. Isaanis nabiyyoota fi

Ergamtoota.2

1 Tafsiir Sa’dii-739 2 Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/239, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula

132, Ibn Useymiin

Page 51: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

51

Faayda Aayah tana irraa argatan: 1ffaa-Sanyiin Rabbiin namaaf kennu kennaa Rabbii olta’aa irraayyi: “Isaaf

kennine” waan jedhuuf. Garuu yoo namni isaan keessatti haqa Rabbii gate

kennaan kuni tarii qormaata ta’uu danda’a. Yoo isaan barsiisee fi qajeelche

immoo mindaa irratti argata. Yeroo baay’ee namni ilmaan isaa guddisuu fi

barsisuu keessatti wanta Rabbiin dirqama godhe yoo hojjate, ilmaan isaa kuni ni

fooyya’u.

2ffaa-Namni mindaan (ajriin) isaa addunyaa keessatti isaaf ariifatamu danda’a.

Jecha Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa kanaaf: “Addunyaa keessatti mindaa isaa

isaaf kennine.”

Mu’minaaf mindaa isaa addunyaa keessatti isaaf ariifachiisuun mindaa Aakhiraa

akka dhabuutti hin lakkaawamu. Kanaafi akkana jedhe, “Dhugumatti, inni

Aakhirattis saalihoota irraayyi.”

Faayda kanarratti dabalatee, addunyaa keessatti mindaa mu’minaaf ariifachiisuun

qananii Rabbiin irraa gabrichaaf ta’eedha. Sababni isaas, namni kuni bu’aa hojii

gaarii isaa arguun hojii gaarii hojjachu irratti kakka’uumsa horata. Bu’aan kuni

wantoota alaa irratti yookiin nafsee namaa keessattis ta’uu danda’a.

Mindaa hojii gaggaarii irraa fakkeenyi kanaa: namni gammachuu, ifaa fi hojii

gaariitti boqachuu qalbii isaa keessatti argachuudha. Kuni shakkii hin qabu

mindaa ariifataa irraayyi. Fakkeenyi wantoota alaa immoo abjuun gaariin nama

gammachiistu isaaf mul’achuudha.1 Kanaafu, hojii gaggaarii ikhlaasan

hojjachuun mindaa addunyaa fi Aakhirah argachuuf sababa guddaa ta’a.

Namni Rabbii olta'aaf ajajamu mindaan guddaan addunyaa keessatti

argatu: gammachuu fi tasgabbii qalbiiti. Aakhiratti immoo Jannata.

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 132-134, Ibn Useymiin

Page 52: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

52

Luuxi fi Ummata Isaa

Akkuma beekkamu ummanni Luux ummata addunyaa keessatti yeroo jalqabaatif wanta

fokkuu eenyullee isaan dura hin hojjanne hojjatan. Nabii Luux (aleyh salaam) hojii

fokkuu kanarraa isaan deebisuuf isaan gorse. Mee gorsa isaatii fi deebii ummanni isaaf

kenne haa ilaallu.

ت ون ۦول وطا إهذر قال لهقورمههه ﴿رمر لأ شة ٱإهنك هن لرفحه حد م

هها مهنر أ م ب ما سبقك

ت ون ٢٨لرعلمهي ٱرمر لأ هنك ئ

هجال ٱأ طع ون لر م لسبهيل ٱوتقر ت ون فه نادهيك

ر ٱوتأ نكر رم ل

ن قال وا إهل ۦ فما كن جواب قورمههه هناٱ أ هعذابه ئرت نت مهن لله ٱب قهي ٱإهن ك ده ﴾٢٩لص

“Luuxinis yommuu ummata isaatiin, “Dhugumatti, isin gocha fokkuu

aalama irraa eenyullee ittiin isin hin dursine hojjattu” jedhe [yaadadhu].”

Sila isin [fedhii foonii guuttachuuf] dhiiratti dhuftuu, karaa ni kuttuu, iddoo

wal gahii keessan keessatti gochoota jibbamoo raawwattuu?! Deebiin

ummata isaas, “Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate, adabbii Rabbiitiin

nutti koottu” jechuu malee homaa hin turre.” Suuratu Al-Ankabuut 29:28-29

Kana jechuun Luuxin yaadadhu yommuu ummata isaatiin akkana jedhe:

“dhugumatti isin hojii garmalee fokkuu ilmaan namaa keessaa namni tokkollee

isin dursee hin hojjanne hojjattu.” Hojiin fokkuun kunis fedhii foonii guuttachuuf

gara taa’aatin dhiiraan wal qunnamuudha. Dubartii dhiisanii dhiira wajjiin wal

qunnamti saalaa raawwatu. Dhugumatti kuni hojii hundarra fokkuu ta’eedha.

“aalama irraa eenyullee ittiin isin hin dursine hojjattu.” Kana jechuun ilmaan

namaa keessaa hojii eenyullee isin dura hin hojjanne hojjattu. Ummata Luux dura

namni hojii fokkuu kana hojjate hin jiru. Ummanni Luux hojii fokkuu kanarratti

dabalatee, karaa ni kutu. Kana jechuun namoota karaa irra deeman qabeenya

isaanii jalaa saamuun yookiin nafsee isaanii ajjeessun ykn hojii fokkuu irratti

isaan dirqisiisuun karaa irra akka hin deemne dhoowwu. Ummanni Luux namoota

karaa deeman irraa nama fedhan qabuuf karaa irra taa’aa turan.

Iddoo wal gahii isaanitti gochoota jibbamoo raawwachuun immoo: kan akka

namootatti qoosu, isaan arrabsuu, hojii fokkuu raawwatan haasawu, hojii fi dubbii

fokkuu biroo hojjachuudha.1 Kuni amala warra badii hojjataniiti. Bakka wal gahii

1 Tahriir wa tanwiir-20/240, Tafsiir Muyassar-399

Page 53: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

53

isaanitti wanti isaan hojjatanii fi dubbatan wanta gadheedha. Amala gaarii fi

amantiif gatii tokkollee hin kennan.

Kana keessa, namoonni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa dhoowwe hojjachuuf ykn

dubbachuuf walitti qabamuun akka hin hayyamamne beeksisatu jira.

“Deebiin ummata isaas, “Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate, adabbii

Rabbiitiin nutti koottu” jechuu malee homaa hin turre.” Kana jechuun

yommuu Luux hojii fokkuu Rabbiin dhoowwe irraa isaan dhoowwu fi

adabbiidhaan isaan akeekachiisu, deebiin ummanni isaa isaaf kennan, “warra

dhugaa dubbatan keessaa yoo taate, adabbii Rabbii waadaa nuuf seente fidi.”

jechuu malee homaa hin turre.1

ه ﴿ نه ٱقال رب ر ين ٱ لرقورمه ٱعل نص ده سه فر رم ﴾٣٠ل

“[Luuxis] ni jedhe, “Gooftaa kiyya! Ummatta balleessitoota ta’an irratti na

gargaari.” Suuratu Al-Ankabuut 29:30

Luux fooyya’insa ummata isaa irraa abdii erga kutee booda Rabbiin irraa

gargaarsa isaan irratti kadhate. Gargaarsi inni barbaade kuni ergaan Rabbii inni

isaanitti geesse dhugaa ta’uu isaanitti agarsiisuuf namoota isa kijibsiisan

adabuudha.

Mufsidoota (balleessitoota) jechuun isaan ibse. Sababni isaas, ummanni suni hojii

fokkuu isaaniitiin of balleessu. Gocha fokkuutti geessuun namootas balleessu.2

Balleessan ummanni kuni raawwatan isaan adabuu fi dachii irraa isaan xuruuruu

waan barbaachisuuf Rabbiinis kadhaa (du’aayi) Luuxif deebii deebise.

ه ﴿ ل نا إهبررههيم ب ى ٱولما جاءتر ر س ه لرب شر ه له هذه هروا أ لهك هر يةه ٱقال وا إهنا م لرقرر

لها كن وا ظلهمهي هر ﴾٣١إهن أ

1 Tafsiir Xabarii-18/393 2 Tahriir wa tanwiir-20/241

Page 54: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

54

“Yommuu Ergamtoonni keenya oduu gammachiisaan Ibraahimitti dhufan,

“Dhugumatti, nuti namoota magaalaa tanaa ni balleessina, namoonni ishii

zaalimoota waan turaniif.” jedhan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:31

Yommuu Nabii Luux Rabbii olta’aa gargaarsifatu, gargaarsa isaatiif Rabbiin

malaaykota erge. Malaykoonni kunniinis haala keessumaatin Nabii Ibraahimitti

goranii irra darban. Innis wanta keessumaaf malu isaaniif fide. Yommuu

malaaykonni nyaatatti haajaa akka hin qabne argu, sodaan Ibraahimitti

dhagahame. Malaykoonnis isa booharsuu fi niitii isaa Saarah irraa ilmi gaariin

akka dhalatu gammachisuun jalqaban. Niitiin isaas kana yommuu dhageessu ni

dinqiisifatte.1 Sababni isaas, ishiin dubartii maseenaa fi dulloomtedha.

"Akkamitti ani dulloomtu fi maseena ta’ee osoo jiru ilma argadhaa?" jechuun

dinqisiifatte.

Kanaafu, aayah tana keessatti oduun gammachiisaan Ibraahim ilma akka argatu

gammachiisudha. Ilmi kunis Is’haaq. Ergasii Is’haaqin booda Ya’quub.

Malaaykonni erga ilmaan isa gammachiisanii booda, Ibraahim, “Yaa

Ergamtoota! Kaayyoo maalitiif dhuftan?” jechuun isaan gaafate. Isaaniis ummata

Luux balleessuuf akka dhufan itti beeksisan: “Dhugumatti, nuti namoota

magaalaa tanaa ni balleessina, namoonni ishii zaalimoota waan turaniif.”

jedhan. Kana jechuun dhugumatti jiraattota magaalaa Sodoom ni balleessina.

Magaalaan Sodoom magaalaa ummata Luuxi. Sababni isaan balleessinuuf, isaan

Rabbiin faallessuu fi Ergamaa isaanii kijibsiisuun nafsee ofii waan miidhaa

turaniif.2

Ibraahimis oduu kana yommuu dhagayu, yeroon isaaniif kennamee tarii akka

Rabbiin isaan qajeelchuuf ummata kanaaf dubbachuu jalqabe. Garuu akka badan

Rabbiin olta’aan dursee murteesse jira. Murtii Isaa eenyullee hin deebisu.

Malaaykonnis “Ummata magaalatti tanaa balleessuf dhufne” jechuun yommuu

isatti beeksiisan, Ibraahimis:

1 Tafsiir Ibn Kasiir-6/60 2Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/255, Tafsiir Xabarii-18/393

Page 55: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

55

ينه ﴿ ه لن نج همن فهيها لم ب عرا قال وا نرن أ له ۥقال إهن فهيها ل وطا هر

ته ٱإهل ۥوأ

رأ ۥمر

هين ٱكنتر مهن ﴾٣٢لرغبه

Ni jedhe, “Achi keessa Luuxitu jira.” Isaaniis ni jedhan, “Nuti nama achi

keessa jiru akkaan beekna. Haadha manaa isaa warra duubatti hafan

keessaa taate malee isaa fi maatii isaa ni baraarra.” Suuratu Al-Ankabuut

29:32

Ibraahim malaaykotaan akkana jedhe, “Magaalaa san keessa Nabii Luuxitu jira.

Inni zaalimoota irraayyi miti.” Malaykoonnis ni jedhan, “Nuti nama achi keessa

jiru caalatti beekna. Haadha manaa isaa malee isaa fi maatii isaa adabbii jiraattota

magaalaa irratti bu’uu jalaa nagaha baasna. Haati manaa isaa namoota duubatti

hafanii badan keessaa taate jirti. Ishiin isaan waliin tan badduudha."

وقال وا ل تفر ول ﴿ هههمر ذررعا هههمر وضاق ب ء ب ا سه ل نا ل وطا ن جاءتر ر س ولما أ

لك إهل هروك وأ نج تك ٱترزنر إهنا م

رأ هين ٱكنتر مهن مر ٣٣لرغبه نزهل ون عل إهنا م

ه ه له هذه هريةه ٱأ ه لرقرر ا م زا ون لسماءه ٱن رهجر ق س هما كن وا يفر ﴾٣٤ب

“Yommuu Ergamtoonni Keenya Luuxitti dhufan, sababa isaaniitiin ni

yaadda’e, qomni isaas ni dhiphatte. Isaaniis ni jedhan, “Hin sodaatin, hin

gaddin. Haadha manaa tee warra duubatti hafan keessaa taate malee sii fi

maatii kee ni baraarra. Dhugumatti, nuti namoota magaalatti tanaa irratti

sababa isaan fincilaa turaniif samii irraa adabbii ni buusna.” Suuratu Al-

Ankabuut 29:33-34

Yommuu Malaaykonni Luuxitti dhufan, dhufaatin isaanii kuni garmalee isa

yaachise. Sababni isaas, karaa deemtota keessumummaa waan isatti dhufan waan

se’eef ummanni isaa hojii fokkuu isaan irratti raawwatu jedhee garmalee

yaaddawe. Keessumaayyuu, malaaykonni kunniin suuraa dargaggoota

babbareedootiin isatti dhufan. Ummanni isaa ummata gadhee waan ta’aniif hojii

fokkuu isaan irratti hojjatan jedhee ni gadde, qomni isaa ni dhiphatte. Ergasii

malaaykonni akkana jechuun Luuxin tasgabbeessan: Nuuf hin sodaatin, ummanni

Page 56: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

56

kee nu bira hin gahan. Oduu isaan baallessu sitti beeksisneefis hin gaddin. Haadha

manaa tee malee sii fi maatii kee adabbii isaanitti bu’u jalaa nagaha baasna.

Dhugumatti ishiin ummata kee keessaa warra badan waliin baddi.1 Sababni isaas,

haati manaa isaa amanti ummata ishiitirratti tan haftee fi isaan waliin Luuxitti

shira baasaa turte. Yommuu keessummaan Luuxitti dhuftu, eenyu akka isatti

dhufe akeekkaa irratti wali galaniin isaanitti beeksisti.2 Kanaafu, yommuu

adabbiin dhufu isaan waliin tan baddu taate.

Kuni kan agarsiisu namni badii irratti nama gargaaru yommuu adabbiin bu’u

nama badii hojjatu kana waliin bada.

“Dhugumatti, nuti namoota magaalatti tanaa irratti sababa isaan fincilaa

turaniif samii irraa adabbii ni buusna.” Kana jechuun jiraattota magaalaatti

tanaa (Sodoom) sababa isaan Rabbiin faallessanii fi hojii fokkuutti lixaniif ajaja

Rabbiitiin samii irraa adabbii isaanitti buusna. Finciluu (fisq) jechuun ajaja

keessaa bahuu ykn ajajamu diduudha. Ni jedhama: “fasaqati samaratu” kana

jechuun firiin qoola ishii keessaa baate. Akkuma beekkamu firiin jiitun qoola ishii

keessaa yoo baate hatamtamaan shamiinsaaf saaxilamti.3 Haaluma kanaan, namni

ajaja Rabbii keessaa bahus badiinsaaf of saaxila.

قهل ون ﴿ م يعر هقور هنةا ل نا مهنرها ءاية بي ﴾٣٥ولقد تركر

“Dhugumatti, ishii irraa namoota hubataniif mallattoo ifa taate dhiisne

jirra.” Suuratu Al-Ankabuut 29:35

Kana jechuun dhugumatti, iddoo jireenya ummata Luux irraa, namoota barnoota

hubatanii fi itti fayyadamaniif hanbaa ifa ta’ee hanbisnee jirra. Hanbaan ykn

mallattoon kuni “Galaana Du’aa (Dead Sea)” Filisxeem fi Jordaan jidduutti

argamuudha. Bakka kanatti hafteen adabbii ni mul’ata. Ummanni Luux adabbii

cimaan akka badan iddoo kanatti ni mul'ata.

Akka lugaatti aqliin hiika lama qaba: 1ffaa-waa hubachuu, 2ffaan immoo nafsee

ofii waan badaa irraa qabuu fi too’achuudha.4 Kanaafu, aaqilli dhugaan nama waa

1 Tafsiir Muyassar-400 2 Tafsiir Ibn Kasiir-4/60 3 Tafsiir Muyassar-400, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/257, Tafsiir

Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 172, Ibn Useymiin 4 Maddoota olii

Page 57: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

57

hubatuu fi nafsee ofii waan badaa irraa qabuudha. Namoonni aqlii qaban haftee

kana yommuu ilaalan ummanni kuni akka baduuf wanta sababa ta’e ni hubatu.

Innis, Rabbiin faallessuu fi Ergamtoota kijibsiisuudha. Ergasii, Rabbiin

faallessuu fi Ergamtoota kijibsiisu irraa of qusatu.

Guduunfaa

Dhiirri dhiira biraa wajjiin qunnamti saalaa raawwachuun hojii

garmalee fokkuu adabbii fi dallansuu Rabbii namatti fiduudha.

Namni aaqilli namoota adabbiif ykn kufaatiif saaxilaman irraa

barnoota fudhachuun hojii isaan hojjatan hojjachuu irraa

nama of qabuudha.

Page 58: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

58

Shu’ayb fi Ummata Isaa

Kutaa darbe keessatti Nabii Luuxi fi ummata isaa ilaalle jirra. Kutaa kana

keessatti immoo Nabii Shu'aybi fi ummata isaa ilaalla.

ا فقال يقورمه ﴿ عيربا مر ش خاه ين أ ٱوإل مدر وا ب د ٱو لل ٱ عر وا ورم ٱ ررج ر ٱ لر لأخه

ا فه ثور رضه ٱول تعر سه لر فر ين م م ٣٦ده خذتره

فة ٱفكذب وه فأ وا فه لرجر بح صر

فأ

﴾٣٧دارهههمر جثهمهي

“Gara Madiyanittis obboleessa isaanii Shu’aybin [ergine]. Innis, “Yaa

ummata koo! Rabbiin gabbaraa, Guyyaa Aakhiraas abdadhaa,

balleessitoota taatanii dachii keessa badii hin tamsaasinaa.” jedheen. Isaanis

isa kijibsiisan. kanaafu, kirkirri lafaa isaan qabatte. Isaanis ganda isaanii

keessatti jilbiifatuun dhumanii bariisifatan. ” Suuratu Al-Ankabuut 29:36-37

Kana jechuun gara ummata Madiyanitti obboleessa isaanii Shu’aybin ergine.

Innis akkana isaaniin jedhe, “Rabbiin qofa gabbara, Isaaf ajajamuun Isaaf gadi

jedhaa. Isa gabbaruu keessaniin mindaa Guyyaa Aakhiraa abdadhaa. Guyyaan

kuni Guyyaa Qiyaamati. Dachii keessatti badii hin baay’isinaa, hojjachuu itti hin

fufinaa. Garuu gara Rabbii tawbadhaa, deebi’aa.1

Rajaa’a (abdachuu) jechuun wanta tokko eegu fi gara fuunduraatti akka argamu

amanuudha.2 Akka lugaatti rajaa’an hiika sodaafis itti fayyadamu. Kanaafi, hiika

Qur’aana lugaalee biraatin yoo ilaalle “sodaadhaa” jechuun hiikan. Hikni kunis

hiika jalqabaa hin faallessu. Sababni isaas, namni Guyyaa Aakhiraatti amanu

mindaa Guyyaa sanii ni abdata, adabbiis ni sodaata. Kanaafu, asitti Shu’aybi

ummata isaatiin, “mindaa Guyyaa Aakhirah abdadhaa, adabbiis sodaadhaa”

jechaani jira.3 Mindaa Aakhiraa abdachuun Rabbiin gabbaraa, adabbii isaas

sodaachuun dachii keessatti badii baay'isuu irraa of qusadhaa.

1 Xabarii-18/397 2 Tahriir wa tanwiir-20/247 3 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 181, Ibn Useymiin

Page 59: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

59

“Isaanis isa kijibsiisan.” Kana jechuun ummanni Madiyan Shu’aybi Nabiyyi fi

Ergamaa Rabbii gara isaanitti ergame ta’uu ni kijibsiisan, ergaa amanti isaanitti

fidee fi adabbii Rabbii isaan akeekachise keessatti isa kijibsiisan. Ummanni kuni

Shu’ayb Ergamaa Rabbii akka ta’e itti hin amanne. Ergaa amantii fi akeekachisa

inni isaanitti beeksise akka sobaatti ilaalan. Kanaafu sababa kanaan, kirkirri lafaa

isaan qabatte. Kana jechuun gara hundaan lafti isaaniin sochoote. “Isaanis ganda

isaanii keessatti jilbiifatuun dhumanii bariisifatan.” Kana jechuun jilbaa fi

fuula isaanitiin lafatti maxxanuun du’anii bariisifatan.1

Mindaa Guyyaa Aakhiraa (Qiyaamaa) abdachun hojii gaarii

hojjachuun ykn adabbii isaa sodaachun hojii badaa irraa

fagaachun mallattoo milkaa'innaati.

Aadi fi Samuud

م ﴿ وزين له هن مسكهنهههمر م م ودا وقد تبي لك ا وثم مر لشيرطن ٱوعدا مله عرأ

مر عنه هين لسبهيله ٱفصده تبرصه سر ﴾٣٨وكن وا م

“Aadi fi Samuudinis [ni balleessine]. Iddoo jireenya isaanii irraa isiniif ifa

ta’ee jira. Sheyxaanni hojiiwwan isaanii isaaniif miidhagse. Kanaafu, karaa

irraa isaan dhoowwe, isaan kan argan turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:38

Aad ummata iddoo Ahqaaf jedhamu jiraachaa turaniidha. Samuud immoo iddoo

Hijr jedhamu jiraachaa turan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sababa kufrii fi

badii isaaniitiin isaan balleesse. “Iddoo jireenya isaanii irraa isiniif ifa ta’ee

jira.” kana jechuun iddoo jireenya Adi fi Samuud irraa badiinsi isaanii isiniif ifa

ta’ee jira. Araboonni iddoo jireenya ummanni kuni keessatti bade sirritti beeku.

Daldalaaf karaa sanirra darbu.

“Sheyxaanni hojiiwwan isaanii isaaniif miidhagse.” Kana jechuun sheyxaanni

hojii fokkuu isaanii isaaniif bareechise, hasaasa isaatiin gaarii akka ta’e isaanitti

fakkeesse.2 Hojiin fokkuun kuni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu, Ergamaa Isaa

1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/260 2 Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/249

Page 60: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

60

kijibsiisuu, namoota irratti daangaa dabruu fi kanneen birooti. Sheyxaanni

hojiwwan kanniin isaaniif bareechisuun karaa haqaa irraa isaan

dhoowwe. Karaan haqaa kunis karaa Rabbiiti. Karaan haqaa ykn qajeelaan karaa

Rabbii kan jedhameef karaa tokkicha Rabbitti nama geessudha. Akkasumas,

karaa kana gabrootaaf kan kaa’e Rabbii olta'aadha.1

“isaan kan argan turan.” Kana jechuun warra sammuu wanta gaarii ta’e, wanta

sharrii ta’e, wanta haqa ta’e, wanta soba ta’e beektu qabaniidha. Jecha biraatin,

gaari fi badaa, haqaa fi soba addaan baasanii beeku. Wanta Ergamtoonni Gooftaa

isaanii itti waaman kan wallaalan hin turre.2

Namoonni kunniin sammuu fi beekumsa ni qabuu turan. Garuu isaan of tuultota

turan. Wanta sheyxaana ofirraa ittiin ittisan Rabbiin isaaniif kennu waliin karaa

Rabbii irraa ni deebi’an. Sababa sheyxaanni hojii fokkuu isaaniif bareechiseef ni

moo’ataman.3

Kanarraa barnoota baay’ee fudhachuun ni danda’ama:

1ffaa-Namni hojii ummata Aadi fi Samuud hojjachuu itti fufee fi

tawbachu dide adabbii cimaatu isa qunnama. Hojiin isaanii kunis kufrii,

shirkii, Ergamtoota kijibsiisu fi kkf.

2ffaa-Sheyxaanni hojii namaaf miidhagsuun karaa qajeelaa irraa nama deebisu

danda’a. Namni yommuu sheyxaanni hojii isaa isaaf bareechisu wanti inni irra

jiru wanta Ergamtoonni fidan akka caalutti ilaala. Sababa kanaan, karaa qajeela

hordofuu dida. Fakkeenyaaf, warri saayinsitti bulla jedhan, saayinsin dhibbaan

dhibbatti haqa akka ta’etti yaadun Islaama hordofuu irraa of tuulu. Kuni

sheyxaanni hojii isaanii isaaniif bareechisuudha. Dhimmoota meeqaa meeqa

saayinsin kaleessa haqa jechuun odeesse har’a soba akka ta’e mirkaneessaa.

3ffaa-Namni beekumsa osoo qabaatellee sheyxaanni hojii fokkuu yoo isaaf

bareechise karaa haqaa irraa jallachu danda’a.

“Namni tokko akkana jechuun gaafachu danda’a: “Sheyxaanni hojii namaaf

miidhagsu qajeelfamni bu’uuraa ittiin beekan maalidhaa? Ani hojii tokko

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 192, Ibn Useymiin 2 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/262, Tafsiir Qurxubii-16/362 3 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 193, Ibn Useymiin

Page 61: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

61

hojjachuu nan fedha. Ergasii nafsee tiyya keessatti natti miidhaguun hojjadha.

Garuu kuni sheyxaanni natti miidhagsu ykn qajeelcha Rabbii irraa ta’uu hin

beeku.”

Deebiin: qajeelfamni bu’uuraa kana addaan baasan: hojiin faallaa shari’aa Rabbii

yoo ta’e, suni sheyxaanni namaaf bareechisu irraayyi. Shari’aa Rabbiitiin kan

walitti galu yoo ta’e immoo qajeelcha Rabbii irraayyi. Sheyxaanni namaaf

bareechisu irraa miti.”1

1 Madda olii-fuula 193-194

Page 62: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

62

Moottota Abbaa Irree fi daangaa darbitoota balleessuu

Sababni guddaan namoonni Rabbii olta'aaf ajajamu itti didanii fi daangaa itti

darban maalidhaa? Akkasumas, sababni isaan adabbii Rabbiitiif itti saaxilaman

maalidhaa? Gaafilee kanniiniif deebii gahaa argachuun nutis akka adabbii fi

dararaaf hin saaxilamne nu gargaara. Deebii isaa mee haa qorannu.

ه ﴿ وس ب م م ن وهمن ولقدر جاءه ون وفهررعور ر هنته ٱوق ي ٱف لر وا ب تكر فه سررضه ٱ

﴾٣٩وما كن وا سبهقهي لر

“Qaaruun, Fira’awna fi Haamaanis [balleessinee jirra]. Dhugumatti,

Muusaan ragaalee ifaatiin isaanitti dhufee jira, isaan dachii keessatti of

tuulan. Isaan kan miliqan hin turre.” Suuratu Al-Ankabuut 29:39

Qaaruun namticha dureessa ilmaan (bani) Israa’il irraa ta’eedha. Garuu akkuma

Rabbiin azza wa jalla jedhe, isaan irratti daangaa darbe. Hanga furtuun (qulfiin)

kuusaa qabeenya isaa garee namoota jajjaboo irratti ulfaatutti Rabbiin qabeenya

baay’ee isaaf kenne. Kanaafi, Nabii Muusaatti hin amanne. Qabeenya isaatiin ni

gowwoome. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Qaarun Gooftaa isaattis hin amanne.

Fira’awni akkuma beekkamu mootii Misir (Ijibtiiti). Haamaan immoo waziira

(ministeera) Fira’awnaati.

Nabii Muusaan ragaalee ifaatiin namoota kanniinitti dhufe. Ragaaleen kunniin

mu’ijizaa (raajii) sagal isaaf kennameedha. Kan akka uleen gara bofaatti jijjiramu,

harka yommuu bobaa keessa seensisee gadi baasu, adii ta’ee bahuu fi kanneen

biroo.1

“isaan dachii keessatti of tuulan” kana jechuun Qaaruun, Fira’awna fi Haamaan

ragaalee ifaa kanniin dhugoomsu fi Nabii Muusaa aleyh salaam hordofuu irraa

garmalee of tuulan.2 Akkasumas, gabroota Rabbii irrattis of tuuluun isaan gadi

xiqqeessan.

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 195, Ibn Useymiin 2 Tafsiiru Xabarii-18/400

Page 63: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

63

“Isaan kan miliqan hin turre.” Kana jechuun isaan Rabbiin jalaa kan miliqan

hin turre. Kana irra, Isaaf harka kennan.1 Fira’awni yommuu adabbiin isatti bu’u

akkana jedhe: “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan

gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani Musliimota

irraayi”(Suuratu Yuunus 10:90) (Muslimoota jechuun namoota Rabbiif harka

kennanii fi ajajamaniidha.)

Qaarun, Fira’awna fi Haamaan nafsee ofii keessatti garmalee waan of tuulaniif

eenyullee akka isaan hin dhaqqabnetti yaadan. Garuu yommuu adabbiin Rabbii

isaanitti dhufu of tuuluun isaanii homaa isaan hin fayyanne. Adabbii Rabbii jalaa

miliquu hin dandeenye.

Barnoota Aayah tana irraa argatan keessaa: 1ffaa-Sababni daangaa darbuu fi of tuuluu takkaa qabeenya ta’uu danda’a

takkaa immoo sadarkaa fi aangoo ta’uu danda’a. Qaaruun sababni daangaa

darbuu isaa qabeenya. Fira’awnaa fi Haamaan immoo sababni daangaa darbu

isaanii sadarkaa fi aangoodha. Sababoonni lamaan kunniin, kana jechuun

qabeenyaa fi aangoon sababoota Rabbiif ajajamu irraa akka of tuulan nama

taasisaniidha.

2ffaa-Dandeettin Rabbii guutuu ta’uu. “Isaan kan miliqan hin turre.” Jedhu

keessatti ni arganna. Namoonni kunniin guddinna, of tuulinsaa fi baay’inna

qabeenya isaanii waliin Rabbiin jalaa miliquu hin dandeenye. Namni hanga fedhe

qabeenyi fi loltuun isaa haa baay’atan guddinni fi baay’inni isaa homaa isa hin

fayyadan.

هذنبههه ﴿ نا ب خذرا أ خذتره ۦ فكل

م منر أ ا ومهنره با ررسلرنا عليرهه حاصه

م منر أ فمهنره

ههه لصيرحة ٱ نا ب م منر خسفر رض ٱومهنره نا وما كن لر رقر غر

م منر أ لل ٱومهنره

مر ي سه نف ن كن وا أ مر ولكه لهمه ظر ون له لهم ﴾٤٠ظر

“Hundumaa badii isaatiin isa qabne. Isaan keessaa namoota bubbee

cirrachaa itti erginetu jira, isaan keessaa namoota iyyansi cimaan isaan

1 Tafsiir Sa’dii-740

Page 64: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

64

qabatetu jira, isaan keessaa namoota dachii ittiin kunnetu jira, isaan keessaa

namoota bishaan nyaachifnetu jira. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane.

Garuu isaanumatu nafsee ofii miidhaa turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:40

Kana jechuun namoota duraan badan irraa hunda isaatu sababa badii isaatin isa

qabne. “Isaan keessaa namoota bubbee cirrachaa itti erginetu jira.” kana

jechuun namoota adabnee fi balleessine keessaa namoota bubbee cirracha of

keessaa qabdu itti ergineetu jira. Kan akka ummata Luux.

"Ammas isaan keessaa namoota iyyansi cimaan isaan qabatetu jira” kuni

ummata Saalih ykn Samuudi fi ummata Shu’ayb. Ammas isaan keessaa namoota

dachii ittiin kunnetu jira kan akka Qaaruun. "isaan keessaa namoota bishaan

nyaachifnetu jira." kan akka ummata Nuuh, Fira’awnaa fi ummata isaa.1

Rabbiin badii isaan hin hojjanneen isaan hin adabne. Haqummaan Isaa guutuu

waan ta’eef, ammas Dureessa homattu hin hajamne waan ta’eef Rabbiin

gonkumaa namoota hin miidhu. Garuu isaanumatu badii hojjachuun adabbii

Isaatiif of saaxilan. Kanaafu, ofumaa nafsee ofii miidhanii jechuudha.

Guduunfaa

Sababni guddaan namoonni daangaa itti darbanii fi Rabbii olta'aaf

ajajamu itti didaniif: qabeenyaa fi aangoodha.

Adabbiin kan namatti bu'uuf sababa namni Rabbiif ajajamu diduu fi

badii hojjatuufi.

1 Tafsiir Muyassar-401, Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/265-266

Page 65: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

65

Fakkeenya namoota Rabbii gadiitti wanta biraa

gabbaranii?

ٱ لهين ٱمثل ﴿ وا اء كمثله لله ٱد ونه مهن تذ له ور تذتر ٱ لرعنكب وته ٱأ ا بيرتا

ورهن ٱليرت لر ي وته ٱوإن أ ون لرعنكب وته لم ﴾٤١لور كن وا يعر

“Fakkeenyi warra Rabbiin ala kan biraa awliyaa’a godhatanii, akka

sharariitii mana ijaarratteeti. Dhugumatti, manni hundarra laafaan mana

sharariititi. Osoo kan beekan ta’anii, [silaa awliyaa’a hin godhatanii

turan].” Suuratu Al-Ankabuut 29:41

Fakkeenyi namoota Rabbiin alatti kan biraa gabbaramaa godhachuun gargaarsaa

fi faaydaa irraa abdatanii akka sharariitii mana ijaarratteeti. Manni sharariitii

hoo’as ta’e qorra ishirraa hin dhoowwu, miidhaa ishitti bu’us ishirraa hin deebisu.

Sharariitiin wanta akka jirbii qaqal’aa mana godhatti. Manni kuni garmalee laafaa

fi dadhabaa homaa ishirraa hin eegnedha. Haaluma kanaan, mushrikoota

kanniinitti dallansuun Rabbii yoo bu’e, wantoonni isaan gabbaran homaa isaan

hin fayyadan, adabbii Rabbii isaan irraa hin deebisan. Sanama mana sharariitiitiin

wal fakkeesse. Akkuma manni sharariiti homaa ishirraa deebisuu hin dandeenye,

sanamoonni isaaniis Rabbiin irraa isaan eegu hin danda’an.1

ههه لل ٱإهن ﴿ ون مهن د ون ع لم ما يدر و ۦيعر وه ء كهيم ٱ لرعزهيز ٱمهن شر ﴾٤٢لر

“Dhugumatti, Rabbiin wanta kamiyyuu isaan Isaa gaditti kadhatan ni

beeka. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:42

Kana jechuun Rabbiin wanta kamiyyuu namoonni Isaan alatti gabbaran ni beeka.

Hiikni biraa aayah tanaa: Rabbiin wanta namoonni Isa waliin gabbaran ni beeka.

Wantoonni isaan gabbaran kunniin dhugaadhaan homaayyu miti. Kana irra,

maqaa isaan moggaasan qofa. Mushrikoonni wanta gabbaran “gooftaadha ykn

gabbaramaadha” jedhanii haa moggaasanii malee, dhugaadhaan wanti isaan

1 https://www.sammubani.com/2020/06/28/fakkeenya-waliin-fokkinnaa-fi-soba-

shirkii-kutaa-2/#more-15233

Page 66: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

66

gabbaran kuni gooftaa ykn gabbaramaa miti. Sababni isaas, amala Gooftaa ykn

Gabbaramaa hin qabu. Nama fayyadu fi miidhu hin danda’u.

Rabbiin nama Isatti kafare irraa haloo baafachu keessatti Injifataadha. Too’annaa

fi hojii Isaa keessatti Ogeessa (Hakiim). Ogeessa jechuun wanta hundaa bakka

isaaf malu kan kaa’udha.1

Barnoonni aayah tana irraa baratamu: wantoonni namoonni Rabbii olta’aan alatti

gabbaran (waaqeffatan) dhugaadhaan (haqiiqaadhaan) gooftaa ykn gabbaramaa

miti. Sababni isaas, amala gooftaa ykn gabbaramaa hin qaban. Kan akka waa

uumuu, waan hundaa irratti danda’aa ta’uu, waan hundaa beeku, dhagayuu fi

arguu.

Wantoonni Rabbii gadiitti namoonni gabbaran amala Gooftaa waan hin

qabneef gabbaramu (waaqefatamu) hin qaban.

هلرك ﴿ ثل ٱوت مر قهل ها إهل لر وما يعر هلناسه هب ها ل ون ٱنضر ﴾٤٣لرعلهم

“Sunniin fakkeenyota namootaaf dhiyeessinuudha. Beektota malee kan

isaan hubatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:43

Kana jechuun Qur’aana keessatti fakkeenyota dubbataman namoonni akka irraa

fayyadamanii fi isaan irraa barataniif isaaniif dhiyeessina. Garuu namoota dhugaa

(haqiiqaa) beekumsaa irra gahuuf, beekumsa qabachuuf, amantii fi adeemsa

isaanii keessatti itti fayyadamuuf fedhii guddaa qaban malee fakkeenyota kanniin

kan hubatu hin jiru.2

(Namni dhugaa beekumsaa irra gahuu fi qabachuuf hin carraaqne, amanti fi

adeemsa isaa keessatti itti fayyadamuuf fedhii hin qabne, fakkeenyota kanniin hin

hubatu. Erga hin hubanne, irraa hin fayyadamu jechuudha.)

Fakkeenyonni Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qur’aana keessatti dhiyyeesse

dhimmoota gurguddoo garmalee barbaachisoo ta’aniidha. Warri beekumsa qaban

dhimmoonni kunniin dhimmoota biroo caalaa garmalee barbaachisoo akka ta’an

1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/270, Tafsiir Muyassar-401 2 Maddoota olii

Page 67: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

67

ni beeku. Sababni isaas, Rabbiin xiyyeefannoo itti kenne, gabroonni Isaa akka itti

xinxallan itti kakaase. Kanaafu, warri beekumsaa kana beekuf garmalee carraaqu.

Namni dhimmoonni kunniin garmalee barbaachisoo ta’uu waliin isaan hin

hubanne, kuni warra beekumsaa irraa akka hin taane ragaa agarsiisuudha. Sababni

isaas, inni dhimmoota barbaachisoo yoo hin beekne, kanneen biroo caalatti kan

hin beeknedha. Kanaafi, fakkeenyonni baay’een Rabbiin dhiyeessu hundee

amantiitii fi dhimmoota barbaachisoo ilaalchiseeti.1

Guduunfaa Fakkeenyota Qur'aana keessa jiran kan hubatu namoota

beekumsa argachuuf, hubachuu fi hojii irra oolchuuf

carraaqaniidha.

1 Tafsiir Sa’dii-741

Page 68: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

68

Uumamni samii fi dachii Haqa

Wanti guddaan haala tartiiba qabuun yommuu hojjatamu kaayyoo guddaa

tokkoof hojjatama. Akkasi miti ree? Samii fi dachiin garmalee gurguddoo kan

ta'anii fi tartiiba isaanii kan eeggataniidha. Urjiileen, aduun, jiiyni fi pilaanetoonni

samii keessa jiran tartiiba ajaa'ibaatin kan uumamaniidha. Gaarreen, galaanni fi

uumamtonni biroo dachii keessa jiraniis tartiiba isaanii kan qabataniidha. Amma

of haa gaafannu: Khaaliqni guddaan olta'e uumamtoota gurguddoo kanniin

tartiiba qabsiisuun kaayyoo tokko malee ni uumaa? Deebiin keenya: Kaayyoo

malee akkanumatti wantoota kanniin hin uumu. Kanaafu, samii, dachii fi

wantoota isaan keessa jiran kaayyoo cimaa fi guddaa ta'eef uume. Kaayyoon kuni

haqa. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha:

ته ٱ لل ٱخلق ﴿ رض ٱو لسمو ه لر ٱب ه ق مهنهي لر ؤر هلرم هك لأيةا ل ل ﴾٤٤إهن فه ذ

“Rabbiin samiiwwanii fi dachii haqaan uume. Dhugumatti, kana keessa

warra amananiif mallattootu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:44

Samii torbanii fi dachii Kan uume Rabbii Tokkicha. Adda Ofii isaan uume.

Homtu Isa waliin qooda hin fudhanne. Kana hunda haqaan uume. Kana jechuun

taphaaf yookiin akkanumatti dhiisuuf ykn faayda tokko malee hin uumne.1 Kan

uumeef: namoota qoruuf, gabroonni sifaata Isaa akka beekanii fi Isa qofa

gabbaraniif, dhumarratti jazaa isaaniif kafaluufi. Kunniin sadan akka sansalataa

wal keessa seenu. Namoota qoruu irraa wanti barbaadame ibaadaadha. Ibaadan

immoo kan barbaadameef jazaa isaaniif kafaluufi.

Mee ragaalee kanaa haa dhiyeessinu:

و ﴿ ته ٱخلق لهيٱوه رض ٱو لسمو ه لر يام وكن عررش

تةه أ رماءه ٱعل ۥفه سه ل

مر برل وك له سن عملا حرمر أ يك

﴾أ

1 Madda olii

Page 69: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

69

“Inni Kan samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti uumedha. Arshiin

Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin

qoruuf, [isaan uume].” Suuratu Huud 11:7

Qormaata kanaan namni hojii irra gaarii hojjatu ifatti baha. Hojiin irra gaariin

hojii ikhlaasaa fi shari’aa hordofuun hojjatameedha. Ikhlaasaa fi shari’aa

hordofuun ibaadaadha. Kanaafu, qormaata kana keessatti ilma namaa irraa wanti

barbaadame ibaadadha. Kanaafi, Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat

Az-Zaariyaat 51:56

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibaadaa (gabbarrii) namootaa irraa Dureessa.

Ibaadaa isaaniititti hin hajamu. Garuu ibaadatti kan isaan ajajeef jazaa isaaniif

kafaluufi. Ni jedha:

د ﴿ وعر ا مر جهيعا ع ك ا إهنه لله ٱإهلرهه مررجه ا ۥحقا لرق ٱيبردؤ ه لر ۥث م ي عهيد زهي جر لهحته ٱءامن وا وعمهل وا لهين ٱله ه لص ٱب طه مر لهين ٱو لرقهسر وا له كفر

ه ب م لههنر حهيم وعذاب أ اب م ما كن وش ون ا ر ف ﴾٤يكر

“Deebiin hunda keessanu gara Isaa (Rabbiiti). [Kuni] waadaa Rabbii haqa

[ta’eedha]. Dhugumatti, Inni uumuu ni jalqaba, ergasiis ni deebisa. [Kana

kan godhuuf] warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan haqummaan

mindaa isaaniif kennuufi. Warroonni kafaran immoo waan kafaraniif jecha

dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’ee fi adabbii laaleessaatu isaaniif

jira.” Suuratu Yuunus 10:4

Namoota ajaja Isaa fudhatanii Isa qofa gabbaran, mindaa isaaniif kenna. Namoota

ajaja Isaa didanii Isa qofa gabbaru didan immoo adabbii isaaniif malu adaba. Kuni

hundi jazaadha.

Jazaan mindaa fi adabbii of keessatti qabata. Addunyaan tuni iddoo qormaataa

waan taateef jazaan haala guutuu ta’een namaaf hin kennamu. Kanaafu, yeroo fi

iddoon jazaan guutuun ittii namaaf kennamu jiraachu qaba.Yeroon jazaan guutuu

Page 70: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

70

itti namaaf kennamu, yeroon qormaata addunyaa tanaa erga dhumate booda.

Kunis Guyyaa Qiyaamaati. Iddoon jazaa immoo takkaa Jannata takkaa immoo

Jahannami. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

﴿ هقة ك س ذائ رمورته ٱ نفر مر يورم ل ورك ج ن أ زهح لرقهيمةه ٱوإنما ت وفور فمن ز حر

ل لناره ٱعنه درخه نة ٱوأ ة ٱفقدر فاز وما لر يو ٱ لر يا نر وره ٱإهل متع ل ر ﴾١٨٥لرغ

“Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti

kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata

seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi addunyaas meeshaa

gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)

Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii kaayyoo guddaaf uume.

Akkanumatti taphaaf hin uumne. Kaayyoo guddaa kana galmaan gahuuf

uumuun haqa.

“Dhugumatti, kana keessa warra amananiif mallattootu jira.” Kana jechuun

Rabbiin samiiwwanii fi dachii uumuu keessa namoota haqa beekuuf, itti amanuuf

ergasii haala amananiin hojjachuuf qophii ta’aniif mallattoo guddaatu jira.1

Uumamni samii fi dachii mallattoo dandeetti, beekumsaa fi ogummaa (hikmaa)

Rabbii olta’aa agarsiisaniidha. Samiin torbanii fi dachiin gara Rabbii akeeku.

Sababni isaas, eenyullee fakkaataa samii fi dachii uumuu hin danda’u. Jiraachun

samii fi dachii dandeetti Isaa agarsiisu. Tartiibni isaan keessa jiru, wal dhabbii fi

walitti bu’iinsi isaan keessaa dhabamuun ogummaa (hikmaa) Isaa agarsiisa.

Garuu kana kan beeku fi itti fayyadamu warra amananiidha. Kaafirri kanarraa hin

fayyadamu.2 Sababni isaas, warri amanan Rabbii olta’aatti waan amananiif

wantoonni fuundura isaanitti mul’atan maal akka agarsiisan ni beeku. Kaafironni

immoo Rabbii olta’aatti waan hin amanneef wanta fuundura isaanii jiru irraa

homaayyu hin hubatan. Qalbiin isaanii haguuggamte jirti. Faaydan guddaan

mallattoo kana irraa warri amanan argatan iimaanni isaanii dabaluudha.

Shakkii hin qabu iimaanni dabaluun faaydaa garmalee guddaadha.

1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/271 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 228, Ibn Useymiin

Page 71: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

71

Page 72: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

72

Salaata Sirnaan Salaatun bu'aa maal fa'a qabaa? Salaanni karaa gabrichi Gooftaa Isaatin wal qunnamuudha. Hariiron namni

Rabbii isaa waliin qabu salaatan madaallama. Ifaa fi dhoksatti salaata irratti kan

cimu, ikhlaasa fi sirnaan kan salaatu yoo ta'e, hariiroon inni Rabbii olta'aan waliin

qabu akkasuma cimaadha. Namni hariiroo cimaa Rabbii olta'aa waliin yoo

qabaate, shayxaanni karaa ittiin wanta fokkuutti isa harkisuu hin argatuu

jechuudha. Kanaafu, bu'aawwan salaata keessaa tokko salaanni wanta fokkuu fi

jibbamaa irraa nama dhoowwudha. Namni wanta fokkuu fi jibbamaa irraa yoo

fagaate immoo jireenya keessatti gammachuu fi tasgabbiin jiraata. Akkasi miti

ree? Namni kan jeeqamu fi gammachu itti dhabuuf wanta fokkuu fi jibbamaa

yommuu hojjatuudha. Akkasi miti ree? Karaan salaata irratti itti ciman keessaa

tokko Qur'aana hubannaan dubbisuu fi hordofuudha. Suuratu Al-Ankabuut irraa

mee dhugaa armaan olii kana haa ilaallu:

إهلرك مهن ترل ٱ﴿ وحه قهمه لركهتبه ٱما أ

ٱوأ ة ة ٱإهن لصلو تنره عنه لصلو

شاءه ٱ نكره ٱو لرفحر رم ر ل و لله ٱولهكر ب كرنع ون لل ٱأ لم ما تصر ﴾٤٥يعر

“Kitaaba irraa wanta gara keetti buufame dubbisi, salaatas sirnaan salaati.

Dhugumatti, salaanni fahshaa’a fi al-munkar irraa nama dhoowwa. Zikriin

Rabbii hundarra guddaadha. Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” Suuratu Al-Ankabuut 29:45

Jechi Arabiffaa “utlu” jedhu hiika dubbisuu fi hordofuu qaba. Ni jedhama: talaa

fulaanu fulaanan” kana jechuun ebalu ebaluun hordofe.1 Kanaafu, "utlu maa

unzila ileyka…” himni jedhu hiika lama qabaa jechuudha:

1ffaa- Jechoota Qur’aanaa dubbisuu.

2ffaa-Wanta Qur’aana keessa jiru hordofuudha. Kunis wanta Qur’aanni ajaju

itti buluun, wanta inni dhoowwu irraa fagaachuun, wanta inni beeksise

dhugoomsuu fi hiika isaa itti xinxalluun ta’a.2

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 233, Ibn Useymiin 2 Tafsiir Sa’dii-742

Page 73: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

73

لوة “ ,Kana jechuun salaata haala guutuu ta’een salaati. Sababni isaas ”وأقم ٱلص

wanta tokko qajeelchanii gadi dhaabu (iqaamata) jechuun qajeelaa jallinnaa fi

hir’inni keessa hin jirre gochuudha.1

“Dhugumatti, salaanni al-fahshaa’a fi al-munkar irraa nama dhoowwa.” Al-

Fahshaa’a jechuun wanta akka fokkuutti ilaallamu hundadha. Kan akka zinaa

(sagaagalumma), hanna, khamrii (dhugaati nama macheessu) dhuguu, nafsee

haqa malee ajjeesuu fi kkf. Al-Munkar immoo wanta kanaa gadi ta’ee fi, sammuu

fi uumamni namaa jibbuudha. Gabaabumatti, al-fahshaa'a jechuun wanta

fokkuu, al-munkar immoo wanta jibbamaadha.

Salaata arkaana fi shuruuxa isaa guutanii yeroo hundaa salaatu ittii fufuun

wantoota fokkuu fi jibbamoo irraa nama dhoowwaa jechuudha. Sababni isaas,

namni salaata qajeelche salaatu, arkaanaa fi shuruuxa salaataa guutu, qalbiin isaa

ni ifti, iimaanni isaa ni dabala, kheeyri dharra'uun isaa ni jabaata, sharrii

dharra'uun immoo ni xiqqaata ykn ni bada.

“Zikriin Rabbii hundarra guddaadha.” Kana jechuun salaata keessatti fi

salaatan alatti zikriin Rabbii wanta hundarra guddaadha.2 Akka lugaatti zikriin

hiika lama qaba: 1ffaa-yaadachu (Ingliffaan: remember), 2ffaa-maqaa dhayuu

ykn kaasu (Ingiliffaan: mention)

Kanaafu, zikriin Rabbii: qalbiin Isa yaadachuu, arrabaan maqaalee fi sifaata Isaa

dubbachuu ykn Isa faarsu of keessatti hammata.

Yaadaa fi qalbiin Rabbiin yaadachuun, arrabaan Isa faarsun, wantoota fokkuu fi

jibbamoo irraa nama dhoowwu keessatti bu’aa guddaa qaba. Keessumaayyu,

zikriin (yaadachuu fi faarsun) kuni baay’ee fi halkanii guyyaa itti fufaa yoo

ta’e,[bu’aan isaa guddaadha].3 Namni salaata keessatti fi salaatan alatti Rabbii

olta’aa yaadatu, gara badiitti hin tarkaanfatu.

“Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” Kana jechuun kheeyri fi sharrii irraa

wanta isin hojjattan ni beeka. Ergasii kana irratti jazaa guutuu isiniif kafala.4

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 235, Ibn Useymiin 2 Tafsiir Muyassar-401, Tafsiir Sa’dii-742 3 Ma’aariju Tafakkuri-15/275 4 Tafsiir Sa’dii-742

Page 74: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

74

Kanarraa kaayyoon barbaadame Rabbiin wanta nuti hojjannu akka beeku

beeksisuuf miti. Kana irra, kana keessa hiika guddaatu jira. Innis: wanta shari’aa

Isaa faallessuu hojjachuu fi wanta dhoowwe keessatti kufuu ykn ajaje dhiisu irraa

akeekachiisuudha. Aayan tuni ajajoota Rabbii hojjachuutti kakaasuu fi Isa

faallessuu irraa sodaachisu of keessatti qabatte.1 Suurah biraa keessatti ni jedha:

“Rabbiin wanta nafsee teessan keessa jiru akka beeku beekaa, kanaafu Isa

eeggadhaa (sodaadhaa).” (አላህም በነፍሶቻችሁ ያለውን ነገር የሚያውቅ መኾኑን ዕወቁ፤ ተጠንቀቁትም፡፡)" (Suuratu Al-

Baqara 2:235)

Tafsiira (Ibsa) “Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” jedhu ilaalchise

Imaamu Xabarii ni jedha: Yaa namoota! Rabbiin daangaa salaataa eegu fi kana

dhiisu irraa wanta salaata keessatti hojjattani fi dhimmoota keessan biroo ni

beeka. Kana irratti jazaa isiniif kafala. Kanaafu, daangaalee (arkaanaa fi

sharxiwwan) salaataa irraa waa gatuu ykn dhiisu irraa of eeggadhaa!2

Guduunfaa Salaata sirnaan qajeelchanii salaatun hojii fi dubbii fokkuu fi

jibbamaa irraa nama dhoowwa. Sababni isaas, salaata arkaanaa fi

sharxii guutanii haala itti fufaan salaatun qalbii ibsa, iimaana

dabala, waan gaariif akka dharra'an taasisa, waan badaaf

dharra'uu hir'isa ykn balleessa.

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 241, Ibn Useymiin 2 Tafsiir Xabarii-18/417

Page 75: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

75

Warra Kitaabaa Waliin Falmuu Nama kamiyyu waliin yommuu falman naamusa hordofantu jira. Naamusa

yoo hin qabaatin, falmiin bu'aa buusu hin danda'u. Naamusa falmi keessaa

tokko, ragaalee qabatamaa fi dubbii gaariin falmuudha. Suuratu Al-

Ankabuut irraa akkaataa warra kitaabaa (yahuudotaa fi kiristaanota) waliin

falman mee haa ilaallu:

ل ﴿ هرل وا أ ه لركهتبه ٱ۞ول ت جده سن إهل لته ٱإهل ب حر

أ لهين ٱهه مر وا مهنره ظلم

ه د ونرن لهي ٱوق ول وا ءامنا ب مر وحه ك نا وإله مر وإله نزهل إهلرك نزهل إهلرنا وأ

أ

ون ۥل لهم سر ﴾٤٦م

“Warra kitaabaa wanta irra gaarii ta’een malee hin falminaa, isaan

keessaa warra zaalimota ta’an malee. Jedhaa, “Gara keenyatti kan

buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti amannee jirra.

Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha. Nuti Isaaf

ajajamoodha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:46)

Yaa warra amantan! Isaan keessaa namoota zaalimoota ta’an malee

Yahuudotaa fi Kiristaanota tooftaa gaarii ta’een, dubbii bareedan, karaa

laafaan gara haqaatti waamun malee hin falminaa. Wanti irra gaarii ta’e:

ragaalee qabatamoo, karaa hundarra gaarii ragaalee kanniin ittiin

dhiyeessanii fi haala gaarii of keessatti hammata.

Ragaaleen qabatamoon aayata Qur’aanaa fi mallattoolee samii fi dachii

keessa jiran hammatu. Karaan hundarra gaariin ragaalee kanniin itti

dhiyeessan immoo nama si faallessuu amansiisuuf karaa gabaabaa fi laafaa

filachuudha. Haalli gaariin immoo niyyaan namaa tolu, dubbiin laafaa fi

bareedaa ta’u. Fakkeenyaaf, namni ragaalee qabatamoo ittiin falmu qabatee

garuu kan nama arrabsuu yoo ta’e wanta irra gaarii ta’een hin falminee

jechuudha.

Akkasumas, namni nu faallessu sobaan yoo nu falme, haqaan falmutu nurra

jira. Qur’aana keessatti tooftaa falmii bakka adda addaatti ni arganna. Mee

Page 76: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

76

isaan keessaa akka fakkeenyaatti wal falmii Nabii Ibraahimii fi mootii

jidduutti adeemsifame haa ilaallu:

لمر تر إهل ﴿ههه حاج إهبررهه لهيٱأ ه ۦ م فه رب نر ءاتى

لرك ٱ لل ٱأ رم إهذر قال إهبررهه ل ه لهيٱم رب

ه ه ۦي حر حر نا أ

قال إهبررهه ۦوي مهيت قال أ مهيت

هن وأ ه لل ٱم فإ ته ب

رسه ٱيأ ه ٱمهن لشمر رمشر قه ل

هها مهن ته بررهبه ٱفأ رمغر ي لل ٱكفر و لهيٱفب ههت ل ده لهمهي ٱ لرقورم ٱل يهر ﴾٢٥٨لظ

“Sila gara nama Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan Gooftaa isaa

ilaalchisee Ibraahimin falme hin ilaallee? Yeroo Ibraahim, “Gooftaan kiyya

Kan jiraachisuu fi ajjeesudha.”jedhe. Innis, “Anis nan jiraachisa, nan

ajjeesa.”jedhe. Ibraahim ni jedhe, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida,

ati immoo dhiyaan fidi.” Achumaan kan kafare dhama’e. Rabbiin namoota

zaalimtoota hin qajeelchu.” Suuratu Al-Baqarah 2:258

Namtichi kuni Rabbiin mootummaa (aangoo) waan isaaf kenneef of tuulee

daangaa darbe. “Gooftaan kee eenyu?” jechuun Nabii Ibraahimin gaafate.

Ibraahimis akkana jechuun deebise: “Gooftaan kiyya uumamtootaaf jireenya kan

kennuudha. Ammas, yeroo du’aa lubbuu isaan keessaa Kan fudhatuudha. Inni

jiraachisuu fi yeroo du’aa nafsee fudhachuun kophaa kan ta’eedha.” Namtichis ni

jedhe, “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa. Kana jechuun nama ajjeesu barbaade nan

ajjeesa. Nama tursiisu barbaade nan tursiisa.” Ergasii Ibraahim ni jedheen:

“Rabbiin ani gabbaru aduu bahaan fida. Ati seera Rabbii kana jijjiruun dhiyaan

fiduu dandeessaa?” Ergasii kaafirri kuni ni dhama’e. Mormiin isaas ni cite.

Dhimmi isaa akka dhimma zaalimtootaa Rabbiin haqaa fi wanta sirriitti hin

qajeelchineeti.1

Wal falmii kana keessatti Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ragaalee qabatamoo ni

dhiyeesse. Ragaaleen kunniinis: "Gooftaan kiyya Kan jiraachisuu fi

ajjeesudha.”jedhe, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida, ati immoo

dhiyaan fidi.”

Ammas karaa laafaa ragaalee kanniin itti dhiyeessu filate. Yommuu mootichi

kuni “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa.”jedhe, Nabii Ibraahimis mormii keessa

seenuun “Ati hin jiraachistu, hin ajjeestu. Ati sababa qofa hojjatte” hin jenneen.

1 Tafsiiru Muyassar-43

Page 77: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

77

Kana irra, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida, ati immoo dhiyaan fidi.”

Jedheen.

Ammas, dubbii Nabii Ibraahim keessa arrabsoon, tuffii fi jabeenyi hin jiru.

Kanaafu, billati hiya ahsan (wanta irra gaarii ta'een) falmuun ragaalee dhugaa fi

qabatamoo, karaa gabaabaa ittiin nama amansiisanii fi haala dubbii ittiin

dhiyeessan of keessatti qabata.

Garuu Yahuudotaa fi Kiristaanota keessaa namoota garii waliin yeroo haala

armaan olii kanaan falman bu’aa hin buusnetu jira. Kanaafu, namoota akkanaa

itti aanse dubbate: “isaan keessaa warra zaalimota ta’an malee.”

Kunniin namoota haqni erga ifa isaaniif ta’e of tuulanii fi haqaaf gadi hin

jenneedha. Akkasumas, warra waraana Muslimoota irratti bananiidha. Namoota

akkanaa takkaa isaan waliin falmuu dhiisuu, takkaa immoo seeyfin isaanitti

duuludha. Haalli kuni wanta isaaf maluuf itti fayyadaman. Haalli seeyfin isaanitti

duulu kan barbaachisu yoo ta’ee fi nu bira humni seeyfin isaanitti duulu yoo

jiraate, itti duuludha. Ta’uu baannan, nuti humna yoo hin qabaatinii fi fooyya’insi

isaan dhiisu keessa kan jiru yoo ta’e, nuti isaan dhiifna.1

Jedhaa, “Gara keenyatti kan buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti

amannee jirra. Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha.

Nuti Isaaf ajajamoodha.”

Hima kana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa tooftaa wal falmiin ittiin

jalqabamu ibsa. Tooftaan kunis: dogongora yoookiin jallina nama waliin

falmitanii bu’uuraa fi tuqaa jalqabaa wal falmii hin godhinaa. Garuu isinii fi nama

isin faallessu jidduutti haqa waliinii (common) ta’e irraa jalqabaa. Kana jechuun

wal falmii fi mariin tuqaa irratti wal dhaban osoo hin ta’in tuqaa ijoo irratti wali

galan irraa jalqabamu qaba. Ergasii namni waliin falman kana akka hubatu

taasisuudha: ijjannoon keessan wanta irratti wali galtaniin kan wal simatuudha,

ijannoon isaa immoo wanta irratti wali galtan kan faallessuudha.2

“Gara keenyatti kan buufamee” kana jechuun Qur’aanatti amanne. “gara

keessaniitti kan buufametti amannee jirra.” Kana jechuun Tawraati fi injilii

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 250-251, Ibn Useymiin 2 https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote83sym

Page 78: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

78

harka namaatiin jijjiraman osoo ta’in Tawraati fi Injilii Rabbiin irraa buufamanitti

amanne.

“Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha.” Kana jechuun

Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan kan haqaan gabbaramu tokkicha.

Aayah tana ilaalchisee mee wanta Shekh Abdurahmaan As-Sa’dii jedhe asitti haa

dhiyeessinu:

Jedhaa, “Gara keenyatti kan buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti

amannee jirra. Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha.

Nuti Isaaf ajajamoodha.”

Kana jechuun falmiin warra kitaabaa waliin adeemsiftan, wanta gara keessaniitti

buufamee fi gara isaanitti buufametti amanuu, Ergamaa keessanii fi Ergamaa

isaaniitti amanuu fi Gabbaramaan tokkicha ta’uu irratti haa hundaa’u. Wal

falmiin keessan haala kitaabban Rabbiin irraa bu’an irraa waa qeequn ykn

Ergamtoota irraa Ergamaa tokko maqaa xureessun ta’uu hin qabu. Akkuma

wallaalan yommuu nama isa faallesse falmu hojjatu. Haqaa soba osoo hin jedhin

wanta isa bira jiru hunda qeeqa. Kuni zulmii fi naamusa falmii keessaa bahuudha.

Dirqamni namarra jiru soba nama falmu bira jiruu deebisuu fi haqa isa bira jiru

immoo fudhachuudha. Osoo kaafira ta’ellee dubbii isaatiif haqni hin deebifamu.

Akkasumas, falmii warra kitaaba waliin adeemsisan qajeelfama bu’uuraa kana

irratti hundeessun Qur’aanaa fi Ergamaa Rabbii (SAW) akka mirkaneessan isaan

taasisa. Sababni isaas, hundee amanti kitaabbanii fi Ergamtoonni irratti wali

galan, akkasumas, warra wal falman jidduutti kan mirkanaa’e ilaalchisee yoo

dubbate, kitaabbanii fi Ergamtoota hundatti akka amanu isa dirqisiisa.” 1

Fkn, Kiristaanni, hundee amanti kan akka Rabbiin gabbaramaa Tokkicha ta’uu

ilaalchisee yoo dubbate, Qur’aanaa fi Nabii Muhammadin (SAW) dabalatee

kitaabbanii fi Ergamtoota hundatti amanuun isarra jira. Sababni isaas, kitaabbanii

fi Ergamtoonni hundi Rabbiin gabbaramaa tokkicha qofa akka ta’e irratti wali

galu. Namni Injiilitti nan amana, Qur’aanatti immoo hin amanu jedhe, dubbii isaa

kana keessa wal diiggatu jira. Sababni isaas, hundeen amantii Qur’aana keessa

1 Tafsiir Sa’dii-742

Page 79: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

79

jiru injiil keessas ni jira. Kanaafu, Qur’aanatti hin amanu jechuun isaa injiilittis

hin amanu jechuu isaati.

Akkasumas, Rabbiin qofti gabbaramu akka qabu Qur’aana, Tawraati fi Injiil

keessatti kan mirkanaa’edha. Kiristaanni Tawraati fi Injiilitti nan amana jedhu

Rabbiin gabbaruu dhiisee Iyyasuusin ykn haadha isa yoo gabbare (waaqefate),

kuni amanti isaa diiga. Dhugaadhaan tawraati fi injiilitti hin amanne jechuudha.

“Nuti Isaaf ajajamoodha.” Kana jechuun nuti Rabbi qofaaf ajajamna,

masakamna. Nuti abbooti amantaa ykn nabiyyoota fi ergamtoota hin waaqefannu.

Namoonni kunniin hundu akkuma keenyaa namoota Rabbi Gooftaa isaanii ta’ee

qofa akka gabbaran isaan irraa barbaadamuudha.1

1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/279

Page 80: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

80

Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa Bu'e

Jalqaba madda kitaaba amanti beekuuf qabiyyee kitaabichaa qorachuu barbaachisa.

Namni qabiyyee kitaabaa sirritti yoo qorate madda isaa eessa akka ta'e haala salphaan

beeka. Mee ilaali kitaabni barreessaa beekkamaa tokkoo maqaan isaa osoo irratti hin

barraa'in osoo gurguramee, namoonni barreefama barreessaa bekkamaa kanaa beekan

madda barreefama kanaa hin beekan jettee ni yaaddaa? Dhugumatti madda barreefama

kanaa ni beeku. Haaluma kanaan, warri beekumsa qabanii fi haqa barbaadan maddi

Qur'aanaa eessa akka ta'e ni beeku. Ilmi namaa wanta akka Qur'aanaa barreessu waan

hin dandeenyef Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa akka bu'ee jala muranii amanu. Qur'aanni

Rabbii olta'aa irraa hin buune jedhe kan normu nama beekumsa hin qabne ykn nama osoo

beeku haqa dhoksuudha. Asii gaditti dhugaa kana mee haa ilaallu.

ا إهلرك ﴿ نزلنرهك أ م لهين ٱف لركهتب ٱوكذل ههه لركهتب ٱءاتيرنه مهن ون ب ومهنر ۦ ي ؤر

ههه مهن ب لءه من ي ؤر تهنا إهل وما يرحد ب‍ا ۦ هؤ ون ٱي فهر ﴾٤٧لرك

“Akka kanatti Kitaaba gara keetti buufne. Warroonni kitaaba kennineef

isatti ni amanu. Kanniin keessaayis nama isatti amanutu jira. Kaafiroota

malee aayaata Keenya kan waakkatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:47

Kana jechuun Yaa Rasuula! Akkuma Ergamtoota siin dura darban irratti

kitaabban buusne, kitaaba kana sirratti buusne jirra. Kitaabni kuni Qur’aana.

Warroonni kitaaba isaaniif kennine haqaan beekumsa dhugaa beekanii fi hin

hinaafne, Qur’aanatti ni amanu. Kan akka Abdullah ibn Salaam, Najjaashi,

Salmaan Al-Faarisi. Yahuudotaa fi Kiristaanota keessaa warri kitaaba sirritti

beekan, hojii irra oolchan, hinaaffi fi fedhii lubbuu hordofuun isaan keessa hin

seenne Qur’aanatti ni amanu. Sababni isaas, Qur’aanni wanta isaan bira jiruun

walitti kan galuu ta’uu waan arganiif, akkasumas, akkuma kitaabni isaanii

beeksisee fi gammachisee waan bu’eef, beekumsa gaarii fi badaa, dhugaa fi sobaa

addaan baafachuu isaan bira waan jiruuf dhugummaa Qur’aana ni

mirkaneefatan.1

1 Tafsiir Muyassar-402, Tafsiir Sa’dii-743, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula

261, Ibn Useymiin

Page 81: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

81

“Kanniin keessaayis nama isatti amanutu jira.” kana jechuun warra

Makkaa keessaa nama Qur’aanatti amanutu jira.

Suuran (Boqonnaan) tuni Makkaatti waan buutef “kanniin keessaayis”

kan jedhu Nabiiyyii waliin warra Makkaan keessa jiraatan agarsiisa.1

“Kaafirota malee aayaata Keenya kan waakkatu hin jiru.” Kana

jechuun namoota haqa sobaan haguugan malee aayaata Keenya kan

kijibsiisuu fi haqa isaanii mormu hin jiru.2

Waakkachuu jechuun haqa osoo beekanu mormuudha. Fakkeenyaaf, namni

tokko waa sirraa ergifatee, ergasii “meeshaa kana sirraa hin fudhanne”

jedhee yoo morme, kuni waakkachuudha. Meeshaa kana ni dhoksa. Ergasii

osoo beeku hin fudhanne jedhee morma. Haaluma kanaan kaafironni haqa

dhoksaniis aayaanni Qur’aanaa Rabbiin irraa akka bu’an osoo beekanu,

faayda addunyaa argachuuf ykn fedhii lubbuu hordofuun, “Qur’aanni

Rabbiin irraa hin buune” jechuun mormu.

نت تترل وا مهن قبرلههه و ﴿ ه ۦما ك ا ل ۥمهن كهتب ول ت ط تاب بهيمهينهك إهذا ررل ون ٱ برطه رم ﴾٤٨ل

“Ati [Yaa Muhammad] isa dura kitaaba tokkollee kan dubbistuu fi harka

mirgaa keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo akkas taate, silaa warri soba

hordofan ni shakku turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:48

Kana jechuun Yaa Muhammad! Qur’aanni sitti bu’uun dura kitaaba homaatu kan

dubbistu hin turre, harka keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo kitaaba kan

dubbistu yookiin kan harkaan barreessitu taatee, silaa warri soba hordofan ni

shakkuu turan. Akkana jedhuu turan, “Muhammad Qur’aana kitaabban darbe

irraa barate ykn garagalche.”3

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 262, Ibn Useymiin 2 Tafsiir Ibn Kasiir-6/68 3 Tafsiir Muyassar-402, Tafsiir Ibn Kasiir-6/68-69

Page 82: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

82

Mubxiluun-kunniin soba filachuu fi haqa achi gatuu keessatti warra fedhii

lubbuu hordofaniidha.1 Jireenya isaanii keessatti haqa achi darbanii soba

hordofuuf warra fedhii guddaa qabaniidha.

وره ﴿ د هنت فه ص بي و ءايت وت وا لهين ٱبلر ه تهنا إهل وما يرحد ب‍ا لرعهلرم ٱأ ي

ون ٱ لهم ﴾٤٩لظ

“Kana irra, inni (Qur’aanni) qoma warra beekumsi isaaniif kenname

keessatti aayaata ifa ta’aniidha. Zaalimoota malee aayaata Keenya kan

waakkatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:49

Kana jechuun Qur’aanni akka warri soba hordofan, “walaloo ykn sihriidha”

jedhanii miti. Garuu, inni mallattooleen, ragaaleen amantii fi murtiwwan Rabbii

ittiin beekkamuudha.2 Aayaanni Qur’aanaa kunniin qoma warra beekumsi

isaaniif kennamee keessatti kan qabatamu (haffazamuudha). Akkasumas, warri

beekumsa qaban kunniin Qur’aanni haqa ta’uu isaa ni beeku.3

Warri beekumsi isaaniif kenname kunniin namoota gamnoota, qalbii qabanii fi

guuttamaniidha. Qur’aanni qoma namoota akkanaa keessatti keeyyattotaa fi

ragaalee ifa ta’an erga ta’e, isaan namoota biroo irratti hujjah (ragaa) ta’u.

Namoonni isaaniin ala jiran mormuun homaa hin miidhu. Kuni zulmii malee

homaayyu ta’uu hin danda’u. Kanaafi akkana jedhe, “Zaalimoota malee aayaata

Keenya kan waakkatu hin jiru.”4

Kana jechuun zaalimota malee aayaata Keenya kan kijibsiisuu, haqa isaanii

hir’isuu fi isaan fudhachuu didu hin jiru. Zaalimoonni kunniin kaafirota. Isaan

daangaa darbitoota haqa osoo beekanu irraa goraniidha.5

1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/280 2 Tafsiir Qurxubii-13/376 3 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 279, Ibn Useymiin 4 Tafsiir Sa’dii-743 5 Tafsiir Ibn Kasiir-6/69

Page 83: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

83

Kaafironni zaalimoota. Sababni isaas, zaalimoota jechuun namoota daangaa

darbanii nafsee ofii ykn namoota biroo miidhaniidha. Rabbiin subhaanahu wa

ta’aalaa ni jedha:

“Namni daangaawwan Rabbii darbee, nafsee ofii miidhee (zollomee) jira.”

Suuratu ax-Xalaaq 65:1

Kanaafu, kaafironni daangaa Rabbii darbuun nafsee ofii adabbii Isaatiif saaxiluun

waan miidhaniif zaalimoota. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Kaafironni isaanumatu zaalimoota.” Suuratu Al-Baqarah 2:254

Zulmii jechuun daangaa darbuu fi wanta tokko bakka isaa malee kaa’uudha.

Page 84: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

84

Qur'aanni warra amananiif rahmataa fi yaadannoodha

Mee si haa gaafadhu, jireenya keessatti wanti guddaan ati barbaaddu fi argachuuf

garmalee ifaajuf maalidha? Dhugumatti deebiin kee "gammachuu" ta'a. Tarii

sababoota gammachuu kan akka manaa, haadha manaa, maallaqa, bilisummaa fi

kkf himu dandeessa. Garuu wantoota kanniin kan barbaadduuf maal argachuufi?

Dhugumatti, gammachuudha. Akkasi miti ree? Kanaafu, namni kamu wanta

barbaade haa barbaadu, kaayyoon dhuma isaa "gammachuu argachuufi."

Tolee, gammachuu erga barbaanne karaan ittiin argatan maalidhaa? Dhugumatti,

tarkaanfin jalqabaa gammachuutti nama geessu, Qur'aanatti amanuu fi hojii irra

oolchudha. Qur'aanatti amanuu jechuun Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa akka bu'ee

jala muranii amanuu fi wanti isa keessa jiru hundi haqa akka ta'e amanuudha.

Namni haala kanaan Qur'aanatti yoo hin amaniin raajiin Rabbii olta'aa irraa akka

argamu barbaada. Haalli mushrikoota Makkaa kana ture:

ههه ﴿ هن رب نزهل عليرهه ءايت م ل أ وإنما لله ٱعهند لأيت ٱق لر إهنما ۦ وقال وا لوربهي ير م نا نذه

﴾٥٠أ

Ni jedhan, “Maaliif Gooftaa isaa irraa aayaanni isarratti hin buufamnee?”

Jedhi, “Aayaanni Rabbiin bira qofa, ani akeekachiisaa ifa bahaa qofa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:50

Mushrikoonni ni jedhan: Aayaanni akka nabiyyoota darbaniif kennaman kan

akka gaala Saalih, ulee Muusaa maaliif Muhammad irratti Gooftaa isaa irraa hin

buufamnee? Yaa Muhammad! Akkana isaaniin jedhi, “Dhimmi aayaata kanniini

kan Rabbiiti. yoo fedhe ni buusa, yoo fedhe immoo ni dhoowwa. Ani

Akeekachiisaa qofa. Ciminna adabbii Rabbii irraa isin akeekachiisa. Karaa haqaa

karaa sobaa irraa adda baase ifa godha.”1

Asitti aayaanni mallatoolee ykn mu’jizaadha. Mushrikoonni, “Mallattooleen

dhugaa ta’uu isaa agarsiisan maaliif isarratti hin buufamne?” jechuun mu’jizaan

1 Tafsiiru Muyassar-402

Page 85: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

85

(raajiin) akka argamuu barbaadu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta isaan

barbaadan caalaa mu’jizaa guddaa ta’ee akka buuse ibsuuf itti aanse ni jedhe:

ا عليرك ﴿ نزلنرنا أ

فهههمر أ و لمر يكر

ةا لركهتب ٱأ هك لرحر ل إهن فه ذ ترل عليرههمر ي

مهن ون م ي ؤر رى لهقور ﴾٥١وذهكر

Sila Kitaaba isaan irratti dubbifamu si irratti buusun Keenya isaan hin

gahuu? Dhugumatti kana keessa ummata amananiif rahmataa fi

yaadannootu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:51

Mushrikoota, “Maaliif Muhammad irratti aayaanni Gooftaa isaa irraa hin

buufamne?” jedhaniif, kitaaba kana buusun Keenya isaan hin gahuu?1 Kitaabni

kuni Qur’aana isaan irratti dubbifamuudha.

Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaatti mu’jizaa itti fufaa addaan hin cinneedha.

Sababni isaas, Rabbiin olta’aan akkana jedha:

ا ﴿ ر ٱإهنا نرن نزلنر هكر ون ۥوإنا ل ل ﴾٩لحفهظ

“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa

tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9)

Faallaa kanaa, mu’jizaaleen (raajiwwan) darban kan ijaan mul’atanii fi warri ijaan

arge itti fayyadamuudha. Namoota isaan booda dhufaniif karaa oduutin isaan

dhaqqaba. Akkuma beekkamu oduun akka wanta ijaan arganiiti miti. Qur’aanni

immoo nu fuundura jira, ni argina, ni dhageenya, ni dubbisna. Wanta darbee karaa

odeefannootin nu gahee miti. Kanaafu, Qur’aanni mu’jizaa xumuramanii fi badan

caalaa guddaa kan ta'eedha. Kuni iccitii Qur’aanni nama hundaaf mu’jizaa ta’uu

keessa jiruudha. Sababni isaas, Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) ilmaan

namaa hundaaf ergaman.2

Qur’aanni mallattoo fi ragaa Nabiiyyin (SAW) dhugaa ta’uu agarsiisuudha.

“Dhugumatti kana keessa ummata amananiif rahmataa fi yaadannootu

1 Tafsiir Xabarii-18/429 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 293

Page 86: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

86

jira.” Kana jechuun addunyaa fi Aakhiraatti Qur’aana kana keessa namoota

amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.1

Akkuma beekkamu rahmanni (mararfannaan) wanti jibban namarraa deemu fi

wanti jaallatan namaaf dhufuun wal qabata. Nama rakkinna keessa jiru, wanta

inni barbaadu isaaf gochuun ykn wanta inni jibbu isarraa kaasun rakkinna keessaa

yoo baaste, isaaf rahmata goote jechuudha. Kanaafu, Qur’aanni namoota

amananiif rahmata. Kana jechuun namoonni amanan sababa Qur’aanaatin

addunyaa keessatti jallinnaa fi dararaa irraa baraaramuun gammachuu,

beekumsa, qajeelinnaa fi kheeyri (waan gaarii) biraa ni argatu. Aakhirattis adabbii

cimaa jalaa nagaha bahuun qananii Jannataa argatu.

Akkasumas Qur’aanni isaaniif yaadannoo ta’a. “Qur’aanni gorsa, akeekachiisa,

dhuma hojii beeksisuu, jireenya lammataatiif qopheessu fi kanneen biroo of

keessatti kan qabateedha.”2 Kanaafu, namoonni amanan gara Qur’aana deebi’uun

wantoota kanniin ni yaadatu jechuudha.

Aayah kanarraa barnoota fudhannu keessaa tokko: Qur’aana irraa fayyadamuuf

iimaanni (amanuun) barbaachisaadha. Aayah keessatti, “Dhugumatti kana

keessa ummata amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.” waan jedheef.

Namoonni Qur’aanatti fayyadaman namoota amananiidha. Namoonni hin

amanne immoo homaayyu irraa hin fayyadaman. Inumaa, jallinna irratti jallinna

dabalatu.

“Kanaafu, akkuma namni iimaanni isaa cimuun, Qur’aanatti caalatti fayyadama.

Faallaa kanaa, akkuma iimaanni isaa dadhabaa ta’uun ykn badii baay’ee

hojjatuun, Qur’aana hubachuu fi itti fayyadamuu irraa fagaata. Ma’asiyaan namaa

fi Qur’aana hubachuu jidduu seenti.

ا إهلرك ﴿ نزلنره لركهتب ٱإهنا أ ه ٱب ق لر م بير ك حر ك لناسه ٱله رى

هما أ ٱب ل و لل

ا يما هنهي خصه هلرخائ ن ل فهره ٱو ١٠٥تك تغر ٱ سر ا لل ٱإهن لل يما ا رحه ورا ﴾١٠٦كن غف

“Wanta Rabbiin sitti agarsiiseen namoota jidduutti akka murteessituuf

dhugumatti Kitaaba haqaan gara keetti buufne. Gantootaaf falmaa hin

1 Tafsiir Muyassar-402 2 Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/15

Page 87: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

87

ta’in. Rabbiin araarama kadhadhu. Dhugumatti Rabbiin Araaramaa,

Rahmata godhaadha.” Suuratu An-Nisaa 4:105-106

Aalimoonni aayaata tanniin irraa araarama kadhachuun (istighfaarri) yeroo murtii

haqni ifa akka ta’uuf sababa ta’a jechuun baasan. Sababni isaas, aayah keessatti

istighfaara dubbachuun gara fuunduraatti bu’aa akka qabu agarsiisa. Namni

yommuu Rabbiin araarama kadhatu, kuni hubannaa fi beekumsaaf furtuu ta’a.

Sababni isaas, zanbiin (badiin) namaa fi tawfiiqa (milkaa’inna) jidduu seenun

gufuu ta’a. Rabbiin olta’aan ni jedha:

ب ون ﴿ سه هههم ما كن وا يكر ق ل وب بلر ران عل ﴾١٤كل

“Haa dhorgaman! Dhugumatti Wanti hojjataa turan qalbii isaanii

haguuge.” Suuratu al-Muxafifin 83:14

Kanaafi, yommuu wanti isaan hojjatan qalbii isaanii haguuge, Qur’aanni hog-

barruu warra duriiti jedhan. Qur’aanattis hin fayyadamne.”1

Dubbiin erga akkana ta’e, namni Qur’aana irraa fayyadamuuf:

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 296-297

Page 88: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

88

“Istighfaara” jechuun “araarama kadhachuu” dha. Asitti wanti barbaadame,

“Akka badii namaaf dhoksu, haaquu fi irra namaaf darbuu Rabbii olta’aa irraa

araarama kadhachuudha.” Akkaatan araarama itti kadhatan Nabiyyi (SAW) irraa

gabaafame jira. Mee san keessaa tokko haa dhiyeessinu:

العظيم الذي لا إله إلا هو الحي القيوم وأتوب إليه أستغفر الل

“Astaghfirullah-al-aziima-llazi laa ilaaha illa huwal-hayyul-qayyuum wa

atuub ileyh.”

Rabbii Guddaa kan Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirre, Jiraataa, Al-

Qayyuum ta’e araarama kadha, gara Isaatti deebi’as.

Hiika jechoota: Astaghfirullah-Rabbiin araarama kadha, Al-Aziim-

Guddaa, allazi-Kan, Laa-hin jiru, ilaaha-haqaan gabbaramaan, illa-malee,

huwa-Isa, Al-Hayy-Jiraataa, Al-Qayyuum- Of-Danda’aa homattu hin

hajamne, uumamtoota hundaa Kan dhaabe (jiraachisuu fi eegu). atuub-

deebi’a, ileyh-gara Isaatti

Maddi: Jaami’u At-Tirmizii-3577

Namni akkuma istighfaara baay'isuun qalbiin isaa xurii dilii (cubbuu) irraa

qulqulloofti. Kanaafu, haqa sirritti argiti jechuudha. Qalbiin namaa akka

manasxiriiti. Manasxiriin yoo xuroofte, namni wanta fuundura isaa jiru sirritti hin

argu. Garuu manasxirii tana yoo bishaanin ykn sooftin qulqulleesse, sirritti arga.

Haaluma kanaan, qalbiin cubbuun yoo xuroofte haqa arguu fi beekumsa

hubachuun itti ulfaata. Garuu yoo istighfaara baay'isuun ishii qulqulleesse, haqa

sirritti arga, beekumsa ni hubata.

Page 89: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

89

Sobatti amananii Rabbii olta'aatti kafaruu (amanuu

diduu)

ه ﴿ لم ما فه لله ٱق لر كف ب ا يعر مر شههيدا ته ٱبيرنه وبيرنك رضه ٱو لسمو لر

ه لهين ٱو ه لربطهله ٱءامن وا ب وا ب م لله ٱوكفر ئهك ه ول

ون ٱأ ﴾٥٢لرخسه

“Jedhi, ‘Anaa fi isin jiduutti ragaa ta’uuf Rabbiin gahaadha. Inni

wanta samiiwwanii fi dachii keessa jiru ni beeka.’ Warroonni sobatti

amananii Rabbitti kafaran, isaan sun isaanumatu kasaartota.” Suuratu

Al-Ankabuut 29:52

Kana jechuun Yaa Rasuula! Warra si kijibsiisaniin akkana jedhi, “Anaa fi

isin jidduutti Rabbiin ragaa ta’uuf gahaadha. Ani Ergamaa Isaa ta’uu fi

Qur’aanni kuni Kitaaba Isaa ta’uu Rabbiin ragaa baha. Ammas, isin na

kijibsiisuu fi haqa ani fide fudhachuu didu keessan ragaa baha. Rabbiin

wanta samii torbanii fi dachii keessa jiru hunda ni beeka. Kuni Rabbiin

ragaa isaan irratti ba’uu kan agarsiisuudha. Sababni isaas, Rabbiin

subhaanahu wa ta’aalaa wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda waan

beekuuf wanta namoonni kunniin hojjatan ni arga, ni beeka. Hundemaa

ragaa bahaan wanta ragaa irratti bahu kan arguu fi beekudha.

Warroonni sobatti amananii Rabbitti kafaran, isaan sun isaanumatu

kasaartota.”

Asitti sobni shirkiidha. Sobni faallaa haqaati. Namoonni shirkii hojjatan

wanta gabbaramaa (ilaaha) hin taane ilaaha jechuun gabbaru. Kunis, wanta

gabbaran kana gabbaramaadha jedhanii amanuudha. Kanaafu sobatti

amananii jiruu jechuudha. Wanti Rabbiin alatti gabbaramu soba. Rabbiin

subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

ن ﴿هأ هك ب ل و لل ٱذ ق ٱه ههه لر ون مهن د ون ع ن ما يدر

و ۦوأ ن لربطهل ٱه

لل ٱوأ

و ٱه ﴾٦٢لركبهير ٱ لرعله

Page 90: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

90

“Suni waan Rabbiin [Gabbaramaa] haqaa ta’ee fi wantoonni isaan Isaa

gaditti gabbaran soba (baaxila) waan ta’eefi, Ammas Rabbiin Isatu olta’aa,

Guddaa ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:62

Rabbiitti kafaran jechuun immoo Tokkichummaan gabbaramu Isaa ykn

Gooftummaa Isaa mormuudha. Namoonni Isaan alatti wanta sobaa gabbaran

Tokkichummaa Isaa mormanii jiru.1 Akkasumas, namoonni saayinsitti bulla

jechuun “uumamtoonni ofumaan of uuman. Sababa kanaan argaman. Uumaan

isaan hin uumne.” Jedhan, sobatti amananii Rabbitti kafaranii jiru.

Namoonni sobatti amananii Rabbiitti kafaran, isaan suni warra kasaaraniidha.

“Beeki! Kasaarun wanta jaallatan dhabuun ta’a. Akkasumas, wanti jibban namatti

bu’uunis ni ta’a. Namoota sobatti amananii Rabbiitti kafaran kanniinitti

dhimmoonni lamaan kunniin bu’anii jiru. Wanti barbaadamu isaan jala darbe,

wanta jibbamaattis kufan: mindaan guddaan Rabbiin warra Isatti amananiif

qopheesse isaan jala darbe. Wanti jibbamaan ibiddatti kufuudha. Rabbiin

kanarraa nu haa eegu. Dhimmoota lamaanu kasaaranu jiru.”2

Adabbii Ariifachiisu

ه ﴿ ل ونك ب جه تعر م لرعذابه ٱويسر سم ا لاءه جل مل أ ٱولور مر ل لرعذاب تةا وه م بغر هينه ت

رولأ

ون ع ر ه ٥٣يشر ل ونك ب جه تعر ه لرعذابه ٱيسر يطة ب حه فهرهين ٱوإن جهنم لم م ٥٤لرك ه شى يورم يغرمل ون مهن لرعذاب ٱ نت مر تعر ول ذ وق وا ما ك لهههمر ويق ررج

﴾٥٥فورقهههمر ومهن ترته أ

“Adabbii akka ariifachiistu sirraa barbaadu. Osoo beellama murtaa’ef

ta’uu baate, silaa adabbiin isaanitti dhufaa ture. Dhugumatti, osoo isaan hin

beekin tasa isaanitti dhufa. Adabbii akka ariifachiistu sirraa barbaadu.

Dhugumatti, Jahannam kaafirota ni marsiti. Guyyaa adabbiin gubbaa

isaanii irraa fi miila isaanii jalaan isaan haguugu, “wanta hojjataa turtan

dhandhama” jedha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:53-55

Yaa Rasuula! Ummata kee keessaa mushrikoonni kunniin adabbii akka

ariifachiistu sirraa barbaadu. Osoo adabbii isaaniitiif Rabbiin qaxaroo

fuundurattis hin dabarre , duubattis hin butamne gochuu baate, silaa adabbiin 1 Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/17, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/284 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 304

Page 91: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

91

yeroo barbaadan sanitti isaanitti dhufaa ture. Dhugumatti, osoo isaan hin beekin

adabbiin isaanitti ni dhufa.

Adabbiin takkaa addunyaatti takkaa immoo Aakhiratti kan isaanitti dhufu ta’ee

osoo jiru addunyaa keessatti akka isaaniif ariifachiistu sirraa barbaadu.

Dhugumatti Aakhiratti adabbiin Jahannam gara hundaan isaan marsa. Gara itti

dheessan hin qaban.

Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (azaabni) kaafirota mataa isaan gubbaanii fi miila

isaanii jalaan isaan haguuga. Gama hundaan ibiddi isaan haguuga. Yeroo sanitti

Rabbiin akkana isaaniin jedha: jazaa wanta addunyaa keessatti hojjachaa turtanii

dhandhamaa. Wanti isaan hojjachaa turan: Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu

(waaqefachuu), yakkaa fi badii gurguddaatti taruudha.1

Aayah tana irraa barnoota barannu keessaa:

1ffaa-Namoonni adabbii Rabbiin waadaa galetti hin amanne, adabbii

kana akka salphaatti ilaalun dafee akka isaanitti dhufu barbaadu. Adabbiin

erga dhufee booda waan jalaa bahan isaanitti fakkaata. Akkasumas, yeroo

isaan barbaadanitti yoo dhufu baate, adabbiin kuni dhugaa akka hin

taanetti ilaalu. Kanaafi, yakkaa fi badii isaanii hojjachuu itti fufu.

2ffaa-Yeroon adabbii murtaa’adha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ogeessa

waan ta’eef adabbii namootatti hin ariifachiisu. Garuu adabbii kanaaf yeroo

murtaa’a kaa’e jira. Hanga yeroon Inni isaan adabuuf murteesse dhufutti isaan

hin adabu. Yeroon murtaa’an kuni dhufnaan jalaa bahuu hin danda’an. Namni

iccitii kana hin beekne zaalimota dachii badiin balleessan yommuu argu akkana

jedha, “Sila Rabbiin olta’aan badii isaanii kana hin dhaabsiisuu? Maaliif

zaalimota kana hin balleessinee?” Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan

hundaafu hammaa fi yeroo murtaa’aa kaa’e jira. Yeroon murtaa’e yoo dhufe

wanti suni duubattis hin harkifatu, durattis hin darbu. Kuni seera Isaa hin

jijjiramneedha. Qur’aana keessatti:

مة ﴿ ه أ

ون ولهك م ده تقر ون ساعةا ول يسر ر خهرتأ مر ل يسر جل ه

هذا جاء أ فإ جل

﴾٣٤ أ

1 Tafsiir Muyassar-403

Page 92: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

92

“Ummata hundaafu yeroo murtaa’etu jira. Yommuu beellamni (ajalli)

isaanii dhufe, sa’aati takkaaf duubatti hin hafan, duras hin darban.” Suuratu

Al-A’araaf 7:34

Yeroon murtaa’e (ajalli) yommuu gahu addunyaa keessa sa’aati takkaaf turuu hin

danda’an. Ammas, yeroo murtaa’e kana sa’aati takkaaf ariifachiisuu hin

danda’an, yeroon gahuun dura hin badan.

3ffaa- Kaafironni dachii badiin balleessan osoo addunyaa tana keessatti adabamu

baataniyyu Aakhiratti garmalee adabamu. “Adabbii akka ariifachiistu sirraa

barbaadu. Dhugumatti, Jahannam kaafirota ni marsiti.” Jedhu irraa ni

hubanna.

Page 93: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

93

Karaa Rabbii keessatti Godaansa

ف لهين ٱيعهبادهي ﴿ هي عة فإ رضه وسهونه ٱءامن وا إهن أ ب د هقة ٥٦عر س ذائ نفر ك

ٱ رمورته ﴾٥٧ث م إهلرنا ت ررجع ون ل

“Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti dachiin Tiyya

bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa. Nafseen hundi du’a ni

dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut

29:56-57

Kuni, biyya amanti ofii itti gaggeessu hin dandeenye keessaa gara biyya amanti

ofii itti gaggeessu danda’anitti godaanu akka qaban ajaja Rabbiin irraa warroota

amananiif darbeedha. “Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti

dachiin Tiyya bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa.” Kana jechuun yaa

gabroottan Kiyya kanneen amantan! iimaanaa ifatti baasu fi Rabbiin gabbaruu

irraa dhiphinna keessaa yoo taatan, gara dachii Rabbii bal’oo taatetti godaanaa.

Ibaadaas Ana qofaaf qulqulleessaa.1

Namni biyya amanti ofii sirnaan akka hin gaggeesine yoo itti dhiphifamee fi

rakkifame, gara biyya biraa amanti isaa sirnaan itti gaggeessutti akka godaanu ni

ajajama.

Fakkeenyaaf, gadaa Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) mushrikoonni Makkaa

Muslimoota garmalee rakkisaa turan. Amanti isaanii akka hin gaggeessine,

inumaa amanti isaanii dhiisan rakkisaa turan. Muslimoonnis bakka amanti ofii

sirnaan itti gaggeessanitti godaanan. Kunis Habashaa fi Madiinadha.

Itti aanse wanta godaansa isaaniif laaffisu dubbate: “Nafseen hundi du’a ni

dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Kana jechuun: du’a irraa

sodaachuun godaansa irraa duubatti isin hin harkisin. Nafseen hundi yoo ajalli

ishii gahee biyya ishii keessatti taate, biyya biraatti taate du’a ni dhandhamti.

Yeroon barzakha jireenya jalqabaa fi jireenya lammata addaan baasu erga

1 Tafsiir Muyassar-403

Page 94: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

94

xumuramee booda qorannoo fi jazaa Gooftaa keessanii qunnamuuf dirqamaan

gara jireenyaatti ni deebifamtu.1

Akka waan akkana jedhameeti: sababa Islaama qabachuutin yommuu rakkoon

namarra gahuu du’a sodaachuun godaanu dhiisun ykn inumaa Islaama irraa

duubatti deebi’un, hir’inna fi kasaaraa guddaadha. Jireenya mijaawa jiraachuf

godaansa yoo dhiistan duuti isin irraa hin haftu. Yoo godaansa dhiistanii Islaama

irraa duubatti deebitan kasaaraa malee wanti argattan hin jiru. Garuu Rabbiif

jettanii yoo godaantanii fi Islaama irratti obsitan, bu’aa baay’ee buufattu. Kanaafi

itti aanse bu’aa guddaa kana dubbate:

لهحته ٱءامن وا وعمهل وا لهين ٱو ﴿ هن لص م م هئنه ا تررهي مهن نةه لر ٱلن بو رفا غ نرهر ٱترتهها

ر لر جرم أ هعر هين فهيها ن ﴾٥٨لرعمهلهي ٱخله

“Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti Jannata irraa

manneen jireenyaa ol-fagoo jala isaanii laggeen yaa’an, achi keessa yeroo

hundaa kan jiraatan ta’anii isaan qubsiifna. Mindaan hojjattootaa waa

tole!” Suuratu Al-Ankabuut 29:58

Kana jechuun warroota Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsanii fi hojii gaggaarii

irraa wanta itti ajajaman hojjatan, Jannata irraa manneen jireenyaa dhedheeroo

jala isaanii laggeen yaa’an isaan qubsiifna. Achi keessa yeroo hundaa jiraatu.2

Mindaan namoota wanta Rabbiin gammachiisu hojjatanii waa tole! Mindaan kuni

Jannata keessatti manneen jireenyaa garmalee bareedanii fi ol fagoo ta’an

sanniini. Ergasii itti aanse warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan amaloota

babbareedo Jannata tana akka argataniif sababa isaaniif ta’e dubbata:

هههمر يتوك ون لهين ٱ﴿ رب وا وعل ﴾٥٩صب

1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/291 2 Tafsiir Muyassar-403

Page 95: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

95

"[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Suuratu Al-

Ankabuut 29:59

Amala 1ffaa: wanta Rabbiin akka hojjatan itti ajaje hojjachuu irratti ni obsan.

Wanta Rabbiin irraa dhoowwe hojjachuu irraas ni obsan. Akkasumas, rakkoo

isaan tuqe irrattis ni obsan. Rakkoo kana keessaa sababa amanti isaaniitiin wanta

kaafirota irraa isaan irra gahuudha.

Amala 2ffaa: Isaan Rabbiin qofa irratti hirkatu. Kuni ibaadaa qalbii keessaa isa

guddaa ta’eedha. Rabbiin irratti hirkachuutti (tawakkulatti) kan nama kakaasu

dhugummaa fi ciminna iimaanati. Akkuma namni iimaanni isaa sirrii fi cimaa

ta’uun Rabbii olta’aa irratti hirkata.

Rabbiin irratti hirkachuu jechuun sababa danda’amu hojjachuu waliin Rabbiif

harka kennuu, dhimmoota qindeessu fi wanta abdatan akka namaaf galma

geessuu Isaaf dhiisudha.1

Fakkeenyaaf, namni rizqii barbaadu,sababoota rizqii ittiin argatan ni hojjata.

Namni kuni karaa rizqii akka isaaf laaffisuu fi rizqii abdatu akka isaaf kennu

Rabbii olta’aa ni amana.

هن دابة ل ترمهل رهزرقها ﴿ هن م ي و لل ٱوكأ وه مر ها وإياك ز ق ﴾٦٠لرعلهيم ٱ لسمهيع ٱيرر

“Lubbu-qabeenyi irraa meeqatu rizqii isaanii kan hin baadhannetu jira.

Rabbiin isaanii fi isin ni soora. Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Al-

Ankabuut 29:60

Kana jechuun: Yaa namoota karaa Rabbii keessatti yommuu godaantan sababa

rizqii keessaniitiif tasgabbii barbaaddan! Lubbu-qabeenyin baay’een rizqii isaanii

kan hin baadhanne ta’uu ilaalaa. Rabbiin lubbu-qabeenyi kanniin karaa deemanii

fi iddoo qubannaa isaaniitti rizqii (soorata) isaaniif kenna. Akkuma kana, Rabbiin

tabaraaka wa ta’aalaa biyya keessan keessatti, bakka itti godaantanitti fi karaa irra

darbitanitti rizqii (soorata) isiniif kenna.

“Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Kana jechuun sagaleen hanga fedhe gadi bu’aa

haa ta’uu Rabbiin sagalee hunda ni dhagaya. Sagalee kana keessaa kadhaa

1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/293

Page 96: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

96

(du’aayi) rizqii keessaniif Isa kadhattaniidha. Ammas, wanta hundaa Kan

beekudha. Kana keessaa haala keessanii fi haajaa isin rizqiif qabdan beekuudha.1

Namni waa sadii yaadachuun Islaama irratti gadi dhaabbachu fi obsuu qaba.

1ffaa-duuti nama hundarraayyu hin ooltu. 2ffaa-mindaa Islaama irratti gadi

dhaabbachuu, 3ffaa-Rizqiin harka Rabbiiti.

Namoonni kan Islaama irraa duubatti deebi'aniif takkaa du'a sodaachun takkaa

immoo rizqii nan dhaba jedhanii sodaachun takkaa immoo shakkii qalbii isaanii

keessa jiruuni. Du'a sodaachun Islaama irraa duubatti deebi'uun dabeessummaa

fi kasaaradha. Duuti waan hin oolledha. Kanaafu, jireenya xiqqoo jiraachuuf

jedhanii Islaama irraa duubatti deebi'uun adabbiif of saaxiluun maal jedhamaa?

Rizqiis yoo ta'e Kan lubbu-qabeenyi hundaaf rizqii kennu Rabbiidha.

1 Madda olii

Page 97: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

97

Rabbii olta'aan ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) sirriidhaa?

Wanti tokko sirrii ta'uu ykn dogongora ta'uu isaa akkamitti beekanii? Ragaa

qabatamaan beekanii miti ree? Ragaan qabatamaan yoo hin jiraatin wanti suni

sirrii miti. Namni wanta tokko kan waaqefatuuf faaydaa isarraa argachuuf ykn

miidhaa ofirraa deebisuuf barbaadeti. Akkasi miti ree? Wanti gabbaran kuni

faayda namaaf argamsiisuf faayda kan uumuu ta'uu qaba. Akkasumas, miidhaa

namarraa deebisuuf dandeetti qabaachu qaba.Rabbiin ala wanta hundaa kan

uumuu ni jiraa? Ammas, Isaan ala wanta hunda irratti dandeetti Kan qabu ni jiraa?

Wanta hundaa kan uumuu fi dandeetti irratti qabu Isa qofa erga ta'ee kan gabbaruu

(waaqefachuu) qaban eenyuu? Rabbiin qofa. Wanta waa uumuu hin dandeenye

ykn dandeetti homaatu hin qabne maal namaaf haa godhuuf gabbaranii

(waaqefatanii)?

م منر خلق ﴿ ه لرته ٱولئهن سأ رض ٱو لسمو

س ٱوسخر لر لرقمر ٱو لشمرول ن ٱلق ون لل فك ن ي ؤر

﴾٦١فأ

“Dhugumatti “Eenyutu samiiwwanii fi dachii uumee, aduu fi baatis

laaffisee?” jette yoo isaan gaafatte, dhugumatti “Rabbiidha” jedhu.

Kanaafu, akkamitti garagalfamuu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:61

Yaa Rasuula! Mushrikoota akkana jettee yoo gaafatte: sirna dinqisiisaa kana

irratti samiiwwanii fi dachii eenyutu uumee? Aduu fi ji’a laaffisee?”, isaaniis

akkana jedhu, “Rabbii tokkichatu isaan uume.” Kanaafu, Rabbii Khaaliqaa fi

Too’ataa waa hundaa ta’eetti amanuu irraa akkamitti garagalanii wanta biraa Isa

waliin gabbaruu?1

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii hin sochoone jireenya

namootaatiif ni uumee. Ergasii aduu fi ji’a ajaja Isaatiin socho’an ni uume. Samii

fi dachiin hanga Guyyaa Qiyaamaatatti bakka isaaniiti hin socho’an. Aduu fi

jiiyni immoo sarara isaanii qabatanii socho’u (deemu) itti fufu. Akkuma xaaraa

manaa irraa ampuulin gadi ifu, samii irraayis adu fi jiiyni gadi ifu. Kuni

fooyya’insaa fi faayda ilma namaatiif. Gara jalaatin immoo dachii keessaa

biqiltoonni ol-biqilu. Biqiltoonni kunniin ifa aduutti fayyadamuun firii kennu.

1Tafsiir Muyassar-403

Page 98: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

98

Namoonni firii isaanii nyaatun jiraatu. Kanaafu, haala kanaan samii fi dachii

uumuun, aduu fi ji’a laaffisuun jireenya namaatiif Kan mijeesse Rabbiin ala kan

biraa jiraa? Wantoonni namoonni Rabbiin alatti gabbaran (waaqefatan) kana

gochuu danda’uu? Kana gochuu erga hin dandeenyee maaliif Rabbii tokkicha

haala kanaan rizqii namaaf laaffisu dhiisanii wanta nama hin fayyanne gabbaruu?

ط لل ٱ﴿ ق ٱيبرس هزر ه لر همن يشاء مهنر عهبادهه ر ل ۦل ده ء علهيم لل ٱإهن ۥ ويقر ه شرل هك ﴾٦٢ب

“Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe

immoo] itti dhiphisa. Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:62

Yommuu mushrikoonni Muslimoota hiyyummaan isaan gadi xiqqeessanii fi

akkana jedhan: osoo haqa irra jiraattanii, hiyyeeyyi hin taatanii turtan.” Kuni

fakkeessudha. Kaafirota keessas hiyyeeyyin ni jiru turan. Rabbiin fakkeessaa

kana ni oofe. Akkasumas, yaada nama, “yoo godaanne baasii hin argannu.”

jedhee yaadus ni oofa. Rabbiin Khaaliqa wantoota kanaa ta’uu erga amantanii,

akkamitti Kan uumamtoonni hundi harka Isaa jiran, kan gabricha Isaa razzaquu

hin dadhabne rizqii keessatti shakkituu? Kanaafu, aayah armaan oli (61)

“Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe

immoo] itti dhiphisa.” Jedhuun wal qabsiise.

“Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe

immoo] itti dhiphisa.” (Kana jechuun Rabbiin namoota qormaatuuf gabroota

Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, nama fedhe immoo itti dhiphisa. Kuni

hundi beekumsaa fi ogummaa (hikmaa) Isaa irratti kan hundaa’edha.)

Dhimmi rizqii iimaanaa fi kufriin gargar hin ta’u. Bal’isuu fi dhiphisuun Isa

irraayyi. Kanaafu, hiyyummaan nama gadi xiqqeessun hin jiru. Wanti hunduu

murtii Isaatiin.1

Kaafironni fi namoonni iimaanni isaanii dadhabaa ta’ee baay’inna rizqiitiin nama

madaalu. Namni qabeenya baay’ee qabaate kufrii hojjachuu yoo itti fufee, haqa

irra waan jiru isaanitti fakkaata. Faallaa kanaa, qabeenya xiqqaa ykn hiyyeessa

yoo ta’e sobarra waan jiru isaanitti fakkaata. Dubbiin akka isaan yaadani miti.

Kaafirota keessas, Muslimoota keessas namni dureessi fi hiyyeessi ni jira.

1Tafsiir Qurxubii-16/386

Page 99: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

99

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruuf nama fedheef rizqii bal’isa, kan

fedhe immoo itti dhiphisa. Nabii Suleymaan kana yommuu hubatu akkana jedhe:

“…Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhu moo

hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf kenne].” (Suuratu Al-Naml

27:40)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu qabeenya namaaf bal’isuu galata nama

kanaa qora. Galata ni galcha moo hin galchu? Yommuu qabeenya itti dhiphisuu

immoo obsa isaa qora. Ni obsa moo hin obsu?

Rabbiif galata galchuun kan ta’u: qananiin Isarraa akka ta’e amanuu, arrabaan Isa

faarsu, qalbiin Isaaf of gadi qabuu, wanta Inni jaallatu qananii saniin hojjachuu fi

wanta Inni jibbuu ittiin hojjachuu dhiisudha. Fkn, namni dureessi qabeenyi inni

qabu Rabbiin irraa akka ta’e yoo amane, Isa faarse, of tuuluu dhiisee qalbiin of

gadi qabee fi hiyeeyyi yoo ittiin gargaare, galata galchee jechuudha. Obsuunis

wanta itti ajajaman hojjachu itti fufuu, wanta irraa dhoowwaman dhiisu fi rakkoo

nama qunnameef dallanuu dhiisudha. Fkn, namni qabeenyi itti dhiphate, hanna

irraa yoo of qusate, obsee jiraa jechuudha.

Page 100: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

100

م من نزل مهن ﴿ ه لرههه لسماءه ٱولئهن سأ يا ب حر

رض ٱماءا فأ

هها لر ت ده مور مهن بعرول ن ٱلق له لل

د ٱق مر قهل و لر مر ل يعر ث ه كره بلر أ ﴾٦٣ن لله

“Samii irraa bishaan buusee dachii du’a ishiitiin boodaa ittiin jiraachise

eenyu?” jettee yoo isaan gaafatte, dhugumatti, “Rabbii dha” jedhu. Jedhi,

“Faaruun kan Rabbiiti.” Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.” Suuratu

Al-Ankabuur 29:63

Namoota Rabbiin ala wanta biraa gabbaran akkana jettee yoo gaafatte: dumeessa

irraa eenyutu bishaan buusee dachiin erga gogdee booda bishaan kanaan

jiraachisaa?” dhugumatti, isaaniis, “kan kana hojjate Rabbiidha” jedhu. Dachii

jiraachisuun biqiltoota ishii keessatti biqilchuudha.1

Jedhi, “Faaruun kan Rabbiiti.” Jedhi: Faaruun kan Rabbii jallinna irraa

qajeelinna adda baasun ibsee fi soba mushrikoonni irra jiran ifa godheeti. Ammas

jedhi: Faaruun kan Rabbii addunyaa oliitii fi gadii uumee, too’annaa isaaniitiin

dhaabbate, isaaniif rizqii kenne, nama fedheef rizqii bal’isee fi nama fedhetti

immoo dhiphiseeti.2

Al-Hamd (Faaruu) jechuun jaalachuu fi ol guddisuu waliin faarfamaa amaloota

gugguutuun ibsuudha. Jaalalaa fi ol guddisuu kan jenneef jajuun akka keessaa

bahuufi. Jajuun amaloota gugguutuun nama jajamu ibsuun ta’a. Garuu jaalala fi

ol guddisuun ta’uu danda’a, jaalalli osoo hin jiraatin sababa sodaatin ta’uu

danda’a. Namtichi mootii abbaa irree zaalima ta’e fuundura dhaabbachuun: "ati

mootii kabajamaa, tola oolaa, haqummaan hojjataa eenyullee hin miinedha." yoo

jedhe, kuni jajuudha. Garuu jaalalaa fi ol-guddisuu irraa kan maddee miti.

Garaagarummaan faaruu fi jajuu jidduu jiru: jajuun dhugaa jiruun walitti galuu

danda’a, walitti galuu dhiisuus danda’a. Garuu faaruun dhugaa jiruun walitti

galuun dirqama.3

1 Tafsiiru Xabarii-18/439 2 Tafsiir Sa’dii-746 3 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 385

Page 101: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

101

Kanaafu, al-hamd (faaruun)- jaallachuu fi ol-guddisuun faarfamaa amaloota

gugguutuun ibsuudha. Namni dhugaan “Alhamdulillah (Faaruun hundi kan

Rabbiiti)” jedhu Rabbii olta’aa jaallatu fi ol-guddisuu qaba.

“Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.” Yaa nama gara Rabbiitti waamu!

Mushrikoota baay’ee irratti ragaalee dhaabuun shirkii isaanii achi gatuun Rabbiin

malee Gooftaan biraa akka hin jirre, haqaan gabbaramaan Isa malee akka hin jirre

ni amanan jettee hin dharra’in. Kana irra, aqlii waan hin qabneef baay’een isaanii

soba isaanii irra turuu itti fufu.

Yaada sobaa abbooti irraa dhaalaniin sammuun isaanii waan haguuggameef

beekumsa hin hubatan. (Dhimma amanti isaanii keessatti wanta isaan miidhuu fi

fayyadu hin hubatan. Wallaalummaa isaanii irraa kan ka’e, Rabbii gadiitti wanta

biraa gabbaruun Rabbiitti waan dhiyaatan isaanitti fakkaata. sababa kanaan kan

badanii fi ibidda keessatti yeroo hunda (zalaalami) kan turan ta’uu hin beekan.)1

Ammas, isaan fedhii isaanii qabuu hin danda’an. Sababni isaas, fedhiin lubbuu fi

dharraan isaanii shirkii fi adeemsa keessatti wanta shirkiin wal qabateen garmalee

kan walitti hidhameedha.2

1 Tafsiiru Xabarii-18/439 2 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/296

Page 102: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

102

Jireenyi Haqiiqaa Tamiidhaa? Haqiiqaa jechuun wanta dhugaa ta'e, sobni fi faffakeessan kan keessa hin

jirreedha. Jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaataa waan taateef ija namaa

keessatti faayamuun nama sobuu dandeessi. Jireenya tana keessatti har'a yoo

gammaddee oolte boru gadduu dandeessa. Wanti har'a bareedu boruu fokkuu ta'e

sitti mul'achuu danda'a. Jireenyi tee wantoota adda addaatin tan booroftu taate

argatta. Kanaafu, jireenyi dhugaa sobni keessa hin jirree fi qulqulluu hin boorofne

tamiidhaa? Jireenyi addunyaa osoo dhugaa sitti fakkaattu boru soba ta'uu

dandeessi. Har'a qulqullinnaa fi mijaa'inna keessa osoo jirtu boru boora'innaa fi

jeequmsa keessatti taruu dandeessa. Kanaafu, jireenyi dhugaa kana hundarraa

qulqulluu taate eessatti argannaa? Mee deebii kanaa aayah armaan gadi keessa

haa barbaannu:

ه ﴿ ه ة ٱوما هذه يو ٱ لر نريا و ولعهب وإن إهل ل رة ٱ لار ٱ لهر لأخه يوان ٱلهه لور لرون لم ﴾٦٤كن وا يعر

“Jireenyi addunyaa tuni bashannanaa fi tapha malee homaayyu miti.

Dhugumatti, Gandi Aakhirah ishimatu Jireenya Dhugaati, osoo kan beekan

ta’ani!” Suuratu Al-Ankabuut 29:64

Jireenyi addunyaa tanaa maalidhaa bashannanaa fi tapha malee. Sababa faaya fi

mi’aan keessa jiruun qalbiin itti bashannanti, qaamni ni taphata. Ergasii faayni fi

mi’aan addunyaa tanaa yoosu bada. Dhugumatti gandi Aakhirah jireenya dhugaa

itti fuftu taatee fi duuti keessa hin jirreedha. Osoo namoonni kana beekanii silaa

ganda hafuu fi turaa dhiisanii ganda baduu hin filatanu turan.1

Jireenyi addunyaa jireenya Aakhiraatin yommuu wal bira qabamtu bashannanaa

fi tapha malee homaayyu miti. Namni hojii hojjatu keessatti jaalala Rabbiiti fi

mindaa Aakhirah argachuuf yoo hin kajeelin hojiin isaa tapha. Sababni isaas,

akkuma taphni erga taphatanii booda bu’aan isaa badu, hojiin nama kanaas yeroo

muraasan booda ni bada. Aakhiratti mindaa waan hin kajeelleef addunyaa

keessatti ni bada, itti fufiinsa hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

1 Tafsiiru Muyassar-404

Page 103: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

103

ة ٱمن كن ي رهيد ﴿ يو نرياٱ لر مر فهيها ل مر فهيها وه مله عره إهلرههمر أ وزهينتها ن وف

ون برخس ئهك ١٥ل ي ول

مر فه لهين ٱأ رةه ٱليرس له ٱإهل لأخه وا لنار وحبهط ما صنع

م ل ما كن وا يعر ﴾١٦ل ون فهيها وبطه

“Namni jireenya addunyaatii fi faaya ishii barbaadu, [firii] hojii

isaanii ishii keessatti guunnee isaaniif kennina. Isaan ishii keessatti hin

hir’ifaman. Isaan sun warra Aakhiratti ibidda malee homtu isaaniif

hin jirreedha. Wanti isaan ishii keessatti dalagaa turan bade, wanti

isaan hojjataa turanis gati-dhabeessa.” Suuratu Huud 11:15-16

Kana jechuun namni haala itti fufaan jireenya addunyaa tanaati fi faaya

ishii qofa barbaadu, firii hojii isaanii irraa wanta isaaniif hirame osoo hin

hir’isin haala guutuu ta’een addunyaa keessatti isaaniif kennina. Isaan sun

Aakhiratti ibidda Jahannam malee homtu isaaniif hin jiru. Faaydan hojii

isaan hojjatanii bade. Hojiin isaaniis gatii kan hin qabneedha. Sababni

isaas, isaan jaalala Rabbii argachuuf hin hojjanne.

Hojiin gaggaarriin namoonni kunniin jireenya addunyaa keessatti hojjataa

turan Guyyaa Murtii jalaa bada. Kanaafu, mindaa homaatu irratti hin

argatan. Sababni isaas, isaan Rabbiitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Isaatti fi

Guyyaa Aakhiratti kan hin amanne turan. Akkasumas, addunyaa keessatti

hojii gaarii hojjatan jaalala Rabbii barbaaduun hin hojjanne. Kanaafu Isa

biratti mindaan homaatu isaanif hin malu.1

Faallaa kanaa, hojiin gaggaariin jaalala Rabbii barbaadu fi mindaa

Aakhirah kajeelun hojjatame, hojii turaa hin banneedha. Gonkuma tapha

hin ta’u. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-10/342-343, Tafsiir Muyassar-223

Page 104: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

104

رمال ٱ﴿ ن ون ٱو ل ةه ٱزهينة لر يو ٱ لر يا نر لهحت ٱ لربقهيت ٱو ل هك لص عهند رب خيررملا

أ ﴾٤٦ثواباا وخيرر

“Qabeenyi fi ilmaan faaya jireenya addunyaati. Hojiiwwan gaggaarii turaa

ta’antu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala, ammas abdiidhaan irra

caala.” Suuratu Al-Kahf 18:46

Hojiiwwan gaggaariin turan hojiiwwan Rabbiin gammachiisanii fi jaalala Isaa

ittiin barbaadaniidha. Hojiiwwan kunniin yeroo hundaa kan turaniidha. Sababni

isaas, mindaan isaanii Guyyaa murtii ganda qananii (Jannata) keessatti kan hafuu

fi yeroo hundaa kan turuudha. Hojiiwwan gaggaariin akka mindaatti qabeenyaa

fi ijoolle caala. (Faaydan qabeenya fi ijoollee irraa argamu kan baduudha.

Garuu mindaan (ajriin) hojii gaarii yeroo hundaa turaadha.) Wanti mu’minni

hojii gaarii irraa abdatu wanta qabeenyaa fi ijoollee irraa abdatu caalaa

guddaadha.

Page 105: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

105

Page 106: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

106

Yeroo Rakkoo Rabbiitti warwaatanii yeroo mijaa’innaa

immoo qananii Isaa waakkachuu

هذا ركهب وا فه ﴿ لركه ٱفإ ا لرف ي ل لل ٱدعو رلهصه هين ٱم مر إهل ل ه ه ٱفلما نجى ب ر إهذا ل

ون هك مر ي شر ون ٦٥ه لم فسورف يعر وا تمتع مر وله هما ءاتيرنه وا ب ر ف كر ﴾٦٦له

“Yeroo doonii yaabbatan, amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin waammatu.

Yommuu Inni gara lafaatti nagaha isaan baase, yeroma san Rabbiitti

qindeessu. Wanta isaaniif kennine waakkachuu fi qanani’uuf [Rabbitti

qindeessu]. Gara fuunduraatti ni beeku.” Suuratu Al-Ankabuut 29:65-66

Kaafironni yommuu galaana keessatti dooni yaabbatanii fi bishaanin nyaatamu

sodaatan, Rabbiin ni tokkichoomsu. Yeroo rakkoon isaanitti cimuu fi danbaliin

galaanaa gara hundaan isaan marsu, kadhaa Isa qofaaf godhu. Asitti amantiin

du’aayi (kadhaadha). Namoonni kunniin wanta gabbaraa turan dagatanii Rabbiin

qofa kadhatu. Yommuu Rabbiin subhaanahu gara lafaatti isaanii baasee fi

rakkoon isaan irraa deeme, yoosu gara shirkii isaaniititti deebi’u.1 Kana jechuun

Rabbiin ala wanta biraa gabbaruutti fiigu.

Dhibeen nafsee isaanii gara dhimmoota lamaatti deebi’a:

1ffaa-qananii Gooftaan isaanii lakkoofsa hin qabne isaaniif kenne waakkachuu

keessatti fedhii guddaa qabaachu. Of tuuluu irraa kan ka’e qananii kana irratti

Isa faarsuu fi galata Isaaf galchuu hin barbaadan. Kana “wanta isaaniif

kennine waakkachuuf” jedhu keessatti ni arganna. Wanta waakkachuu

isaaniitiin wal qabate keessaa tokko: ma’asiyaa keessatti taruudha. Kanaafu,

wanta Gooftaan isaanii itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isaaf

hin ajajaman.

2ffaa: badii hojjachuuf of gadi furuu fi faayda addunyaa irraa wanta fedhen

hundatti fayyadamuu. Kana “qanani’uuf” jedhu keessatti ni arganna.2

1 Tafsiiru Muyassar-404 2 Ma’aariju tafakkuri-15/298

Page 107: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

107

“Gara fuunduraatti ni beeku.” Kana jechuun badiinsa hojii isaaniitii fi adabbii

laalessaa Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaaniif qopheesse gara fuunduraatti ni

beeku.

ا وي تخطف ﴿ نا جعلرنا حرما ءامهناا أ و لمر يرور

فبه لناس ٱأ

أ هههمر ل لربطهله ٱمهنر حور

مةه هنهعر مهن ون وب ون لله ٱي ؤر ر ف ﴾٦٧يكر

“Namoonni naannawa isaaniitti kan bubbutaman ta’anii osoo jiranu akka

Nuti [Makkaan] Harama nagahaa goone hin arginee? Sila baaxilatti

amananii qananii Rabbii waakkatuu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:67

Harama jechuun wanta kabajaa fi guddinna qabuudha. Sila kaafironni Makkaa

Rabbiin isaaniif Makkaan iddoo kabajamaa nagaha ta’ee akka godhee hin

arginee? Jiraattonni Makkaa achi keessatti ofii fi qabeenya isaanii irratti nagaha

ta’u. Namoonni Makkaan ala jiran immoo ni bubbutamu. Kana jechuun wal

ajjeesu, wal saamu.

Yeroo Jaahiliyyah jiraattonni Makkaan ala jiraatan nageenya hin beekan. Isaan

irratti duulama, ni ajjeefamu, ni booji’amu. Qabeenyaa fi dubartoonni isaanii ni

saamamu. Garuu warri Makkaa nageenya keessa ta’u. Inumaa, namni nama abbaa

isaa ajjeese Harama keessatti ni arga. Garuu isa hin ajjeesu. Haa ta’uu malee,

Haramaan alatti ajjeechaa, booji’amuu fi saamichaa ni argita. Kanaafu, qananiin

nageenyaa Qureeshota irratti qananii guddaadha. Qananii kana galataa fi

Ergamaa Rabbii dhugoomsun deebisuun isaan irra jiraa ture.

“Sila baaxilatti amananii qananii Rabbii waakkatuu?” Kana jechuun shirkiitti

amananii qananii Rabbii waakkatuu?1

Shirkiin soba (baaxila). Namni Rabbiin alatti wanta biraa gooftaa jedhe yoo

gabbare (waaqefate) sobatti amanee jiraa jechuudha. Qananii Rabbii kan akka

qabeenyaa, beekkamtii, nageenyaa, hoggantummaa fi kanneen biroo kan Rabbiin

isaan qananiise waakkatu. Sababni isaas, qananiiwwan kunniin gara Rabbiif

1 Tafsiir Xabarii-18/443

Page 108: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

108

ajajamuutti deebi’uun galata galchuu barbaachisa. Namni qananiin baay’achuu

waliin ma’asiyaa irra yoo ture, kanaan qananii kan waakkatu ta’a.1

لم مهمنه ﴿ ظرى ٱومنر أ ه لله ٱعل فرت ور كذب ب

با أ ه ٱكذه ق ليرس ۥ لما جاءه لر

أ

فهرهين هلرك ى ل ﴾٦٨فه جهنم مثروا

“Nama Rabbiin irratti kijiba uumee yookiin yommuu haqni isatti

dhufe haqa kijibsiisee caalaa namni zaalimni eenyuu? Sila

kaafirootaaf iddoon jireenyaa Jahannam keessa mitii?” Suuratu Al-

Ankabuut 29:68

Kana jechuun nama Rabbiin irratti kijibee jallinnaa fi soba irra jiru Rabbii

olta’aatti maxxanse yookiin haqa Rabbiin Ergamaa Isaa Muhammadin ittiin erge

kijibsiisee caalaa namni zaalimni hin jiru. Nama Rabbiitti kafaree, tokkichummaa

Isaa waakkatee fi Ergamaa Isaa Muhammadin (SAW) kijibsiiseef Jahannam

keessa iddoo jireenyaatu jira.2

Rabbiin irratti kijiba uumuun gosoota baay’ee qaba. Isaan keessaa: wanta Rabbiin

haraama hin goone namni tokko wanti kuni haraama yoo jedhe, Rabbiin irratti

kijiba uumee jira.

Namni Rabbiin shariika ykn ilma qaba jedhe, Rabbiin irratti kijiba uumee jira.

Akkasumas, namni osoo wahyiin isatti hin buufamin, wahyiin natti bu’ee jedhe

Rabbiin irratti kijiba uumee jira. Namni kana hojjate nama hundarra zaalima

(daangaa darbee fi haqa irraa jallateedha.) Akkasumas, namni yommuu haqni

Gooftaa isaa irraa isatti dhufu kijibsiisee, zaalima. Kan jalqabaa kijiba kan

uumudha, kan lammata immoo haqa kan kijibsiisuudha.

ب لنا وإن لهين ٱو ﴿ مر س ينه ده وا فهينا لنهر نهي ٱلمع لل ٱجهد سه حر رم ﴾٦٩ل

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 407 2 Tafsiir Muyassar-404

Page 109: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

109

“Warroota karaa Keenya keessatti qabsaa’an- dhugumatti karaalee

Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin

jira.” Suuraa Al-Ankabut 29:69

Jihaada (qabsoo) jechuun: galma (kaayyoo barbaadan) gahuuf humna cimaa

baasudha. “Warroota karaa Keenya keessatti qabsaa’an- “ kana jechuun

namoota diinii Rabbii keessatti, shari’aa Isaa ibsuu, waan gaariitti ajajuu fi waan

badaa irraa dhoowwu, wanta dhoowwame irraa nafsee ofii qabuu fi wanta

dirqama ta’ee akka hojjattu taasisuu fi jecha Rabbii ol’aansuuf kaafirotaan loluu

keessatti qabsaa’an, jazaan (mindaan) ariifatan isaan argatan: “dhugumatti

karaalee Keenyatti ni qajeelchina.”1

Karaaleen Rabbii hojiiwwan jaalalaa fi mindaa Isaatti nama geessaniidha.2

Qajeelchuun gosa lama: beekumsaan qajeelchu fi hojiin qajeelchu. Beekumsaan

qajeelchu yommuu jennu gara beekumsa sirrii ta’etti qajeelchu. Hojii gaarii fi

badaa, sobaa fi haqa addaan baasutti qajeelchudha. Hojiin qajeelchu jechuun

immoo wanta beeke hojii irra akka oolchu dandeesisuudha. Namni qabsoo isaa

keessatti dhugaa ta’ee fi ikhlaasa qabaate, Rabbiin beekumsaa fi hojiin isa

qajeelcha.

Rabbiin azza wa jalla qabsaa’ota (mujaahidota) kanniin toltu hojjattoota

(muhsinuun) akka ta’an ni ibse. Isaan qabsoo isaanii keessatti akka waan Rabbiin

arganitti warra Isa gabbaraniidha. Kuni ikhlaasni isaanii guutuu ta’u fi hojii

bareechisanii hojjachu agarsiisa.

“Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” kana jechuun

Rabbiin gargaarsaan, wanta sirrii qunnamsiisuu fi qajeelchuun isaan waliin jira.

Kuni kan agarsiisuu namoonni nama hunda caalaa wanta sirrii qunnaman warra

qabsaa’aniidha. Akkasumas, namni wanta itti ajajame bareechisee hojjate,

Rabbiin isa gargaara, sababoota qajeelinnaa isaaf laaffisa. Namni beekumsa

shari’aa barbaadu keessatti qabsaa’ee fi ciminnaan hojjate, qajeelinnaa fi

1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 413 2 Tahriir wa tanwiir-21/37

Page 110: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

110

gargaarsi isaaf argama, dhimmi beekumsaa isaaf laafa. Sababni isaas, beekumsa

shari’aa barbaadun karaa Rabbii keessatti qabsaa’u keessaa tokko.1

Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Tafsiirri suuratu Al-Ankabuut asirratti

xumuramee jira.

1 Tafsiiru Sa’dii-747

Page 111: Qindeessaan: Jibriil Abdalla · 2020. 10. 9. · 2 Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1..... 4 Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa

111

Qunnamtiif:

Website: www.sammubani.com

Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/

Facebook:https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Email: [email protected]