ergaa daarektara olaanaa abbaa taayitaa...
TRANSCRIPT
Ergaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa
Obbo Yohaannis Dinqaayyoo
Mootummaan Karoora Guddinaafi Tiroonisformeeshinii biyya keenya gara boqonnaa haaraatti
ceesisuuf qabatamaan jijjiirama hunda galeessa fidaa jiru hojiirra oolchuu erga jalqabee
waggoota shan xumuruuf walakkeessa waggaatu nu hafa. Hojiiwwan waggoottan shanan
darban keessatti raawwatamaniin yeroo kamiyyuu caalaa guddinni dinagdee saffisaa,itti fufiinsa
qabuufi ummanni sadarkaan irraa fayyadamu galmaa’uu danda’eera. Ijaarsi sirna dimokiraasiifi
nageenyi amansiisaanis naannicha keessatti mirkanaa’uun abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi
alaa haala mijaa’aa uumametti gargaaramuun hojiilee misoomaafi hawaasummaa garaa
garaarratti hirmaachuun ofiis fayyadamaa ummannis akka fayyadamu gahee bakka bu’iinsa hin
qabne taphachaa jiru.
Misoomni haqa qabeessa ta’eefi sadarkaa hundatti naannoofi biyya keenya keessatti
geggeeffamaa jirus ,rakkoolee dinagdee,hawaasummaafi siyaasaa hiikuudhaan ummanni karaa
haqa qabeessa ta’een akka fayyadamu ta’aa jira. Guddina galmaa’aa jiru daran saffisiisuun
fayyadamummaa uummataa caalaatti dhugoomsuufis mootummaan rifoormiiwwan garaa
garaa hojiirra akka oolan godhaa jira. Sektaroota rifoormiin keessatti hojiirra oolaa jiru keessaas
Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa ,Biiroon Daldalaafi Misooma Gabaa Oromiyaa akkasumas
Ejensiin Geejibaa adda durummaan ni eeramu. Sektaroonni kunneen rifoormiiwwan
galii,daldalaafi geejibaa hojiirra oolchuun kenninsi tajaajilaa fooyya’ee bulchiinsi gaariin akka
mirkanaa’u darbees gumaacha isaan guddina dinagdee keessatti qaban akka dabalu gochuuf
qindoominaan hojjechuu erga jalqabanii bubbuleera.
Keessattuu daldala seeraan alaa to’achuun seera qabeessummaa sirna daldalaa dhugoomsuuf
daldaltoonni mirgaafi dirqamasaanii beekanii sochii daldalaa akka taasisaniif hojiiwwan bal’aan
raawwatamaniiru. Ammas raawwatamaa jiru. Rifoormiin daldalaa hojiirra erga oolee as hojiin
gabaa tasgabbeessuufi mirga fayyadamtootaa kabachiisuu akkasumas miira tajaajiltummaa
ummataa gonfateen tajaajila si’ataafi bu’a qabeessa kennuurratti jijjiiramni bu’uuraa
galmaa’eera. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii darbee darbee mul’atus hawaasni fayyadamaan
hubannoo argatee faayidaasaa akka mirkaneeffatu ta’aa jira. Daldala seeraan alaatiin
walqabatee galii mootummaa osoo hin sassaabamin hafaa ture hambisuufis rifoormiin
daldalaa, galiifi geejibaa bahanii qindoominaan bakka hundatti hojiirra akka oolu ta’eera.
Hojiiwwan hojjetamaniinis daldaltootaafi abbootii qabeenyaa misoomawaa hedduu horachuun
danda’ameera.
Gama biraatiin sirna bulchiinsa gibiraafi taaksii ammayyaawaafi misoomawaa taasisuufis
rifoormiiwwan garaa garaa hojiirra ooluun galiin mootummaa dabaluu danda’eera. Keessattuu
sirna bulchiinsa gibiraafi taaksii qindaa’aa akkasumas sirna bulchiinsa ragaa gibiraa hojiirra
oolchuun gibiraafi taaksii ragaarratti hundaa’e karaa haqa qabeessa ta’e murteessuu
,sassaabuufi bulchuun danda’ameera. Kenninsi tajaajilaas sadarkaa olaanaatti fooyya’eera.
Komiin kaffalaa gibiraas xiqqaachuun itti quufinsi tajaajilaa dabalaa dhufeera. Kunis dhugoomuu
kan danda’e hubannoon kaffaltoota gibiraafi hawaasa bal’aa seerota gibiraafi taaksiirratti
qaban dabalaa dhufuun akka ta’e ni amanama. Daldaltoonni ,abbootiin qabeenyaafi hawaasni
bal’aanis rifoormiiwwan kunneen hojiirra erga oolaniin booda gibiraafi taaksii seeraan ,fedhiifi
yeroon kaffaluun yeroo barbaadame keessatti galiin sassaabamu misooma uummataaf akka
oolu ta’aa jira. Hubannoo hawaasni gama kanaan qabus yeroodhaa gara yerootti dabalaa
deemuun kaffaltoota gibiraa seera eeganii dirqamasaanii bahaniifi abbootii qabeenyaa
misoomawaa gibiraafi taaksii yeroofi amanamummaan kaffalan hedduu horachuun
danda’ameera. Raawwii turtii baroota karoora guddinaafi tiraanisfoormeeshinii waggoota
shanan darbanii keessattis galii dinagdeen naannichaa maddisiisu duguugamee akka
sassaabamu taasisuuf sochii godhameen bu’aa ajaa’ibsiisaan galmaa’eera. Haata’u malee
ammas kaffaltoonni gibiraa tokko tokko seerota gibiraafii taaksii cabsanii maallaqa mootummaf
galii ta’uu qabu miliqsuun faayidaa dhuunfaatiif yeroon itti gargaaraman ni mul’ata. Keessattuu
daldaltoonni tokko tokko maashina gurgurtaa guyyaa galmeessutti fayyadamuu dhiisuun
nagahee malee hojii daldalaa seeraan ala geggeessu. Hojjettoonni sektara galii tokko tokkos
imaanaa ummataa dagachuun kaffaltoota gibiraa maxxantoota ta’an waliin hariiroo uummanni
galiin motummaa duguugamee akka hin galle yeroon godhan ni mul’ata. Kanaafis hawaasni
fayyadamaan hojii seeraan alaa saaxiluun galiin mootummaa qisaasamee misoomni akka hin
gufannee gochuuf tumsa irraa eegamu taasisuu qaba. Tajaajila argatu hundaafis nagahee
fudhachuun olaantummaan seeraa akka kabajamu gumaachuu qaba. Akkasumas daldaltoota
seeraan alaa saaxiluun kanneen karaa seera qabeessa daldaluun mootummaaf gibiraafi taaksii
kaffalan karaa hin malle dorgommii gabaa keessaa akka hin baaneef eeruu kennuun dirqama
lammummaa bahuutu irra jiraata. Kaffaltoonni gibiraafi taaksiis ragaa barbaachisu haqummaan
qabatanii galmee herregaa sirrii ta’e qaama galii sassaabuuf dhiyeessuu akkasumas maashina
gurgurtaa guyyaa karaa itti fufiinsa qabuun fayyadamuun sirna bulchiinsa gibiraafi taaksii
ammayyeessuu keessatti murteessaa waan ta’eef gaheesaanii taphachuu qabu. Torbeen
gibiraafi taaksii,daldalaafi nageenya tiraafikaa kabajamus hawaasni bal’aan mirga
fayyadamummaasaa karaa ijaarameen mirkaneeffatee daldala seeraan alaa to’achuu keessatti
gahee olaanaa akka taphatu, hubannoo tajaajila geejibaa irratti qabu akka guddifatu
akkasumas kaffaltoonni gibiraafi taaksii sadarkaa hundatti argaman seerota gibiraafi
taaksiirratti hubannoo bal’aa argatanii dirqamasaanii bahaa kiraasassaabdummaa galii
mootummaarratti raawwatamu ammoo kutannoon irratti qabsaa’uuf sosochii qaamolee
hawaasaa hunda uumuun haaromsa biyya keenyaa saffisiisuuf yaadameeti.
Waan ta’eefis Abbootiin qabeenyaa, daldaltoonniifi hawaasni bal’aan akkasumas humnoonni
misoomaa sadan jijjiirama gama hundaan galmaa’aa jiruufi jireenya uummata keenyaa sadarkaa
olaanaatti fooyyessaa jiru itti fufsiisuuf bulchiinsa gaarii mirkaneessuu akkasumas hojii seeraan
alaa saaxiluurratti sochii godhamaa jiru tumsuu qabu.
ERGAMA (MISSION) FI MUL’ATA (VISION) ABBAA TAAYITAA GALIIWWAN
OROMIYAA
ERGAMA (MISSION)
Bulchiinsa gibiraa fi Taaksii ammayyaa’aa ta’e diriirsuu, aadaa fedhiin gibira kaffaluu gabbisuu
fi ogeessa seera kabachiisuuf gahumsaa fi kaka’umsa qabutti fayyadamuun galii dinagdeen
Naannichaa maddisiisu sassaabuudhaan misooma hawaas-dinagdee naannichaaf akka oolu
gochuu.
MUL’ATA (VISION)
Bara 2012 tti sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii ammayyaa’aa fi haqa qabeessa ta’e diriirsuun galii
dinagdeen naannichaa maddisiisu gahumsaan sassaabuu.
DUDHAALEE (VALUES)
Itti gaafatamummaa
Iftoomina
Tajaajila maamila giddu galeessa godhate kennuu
Seera gibiraa fi taaksii kabajuu
Ogummaa fi dandeettii bu’aa qabatamaaf oolchuu
Jijjiiramaaf qophaa’uu
Maalummaa (Hiikaa) Gibiraa fi Taaksii
Gibiraa fi taaksii jechuun galii mootummaan aangoo qabatee biyya tokko bulchu seera itti
baasee namoota ykn jaarmiyaalee hojjetanii galii argatan irraa sassaabuu dha. Kaffalaan gibiraa
battalumatti faayidaa walqixa hamma gibira kaffalee kan argatu osoo hin ta’in lammiilee
biyyattii waliin wal qixa fayyadama. Gibirri kaffalamu kan nama ykn jaarmiyaa hojjetee galii
argatee akkaataa seera gibiraa mootummaan baaseen murtaa’ee beeksisni murtii gibiraa fi
taaksii kaffalaa gibiraa gahee dirqaamaan akka kaffalu ta’a.
Gibiraa fi taaksiin mootummaan baasii hojiiwwan guddina dinagdee fi dhaabbilee tajaajila
uummataa babal’isu ittiin deggeruuf kan sassaabamuu dha. Kanaaf mootummaan akka
namootni dhuunfaa ykn dhabbileen daldaalani ykn hojeettoonni bu’aa argatan irraa taaksii akka
kaffalan barbaada.
Gibirrii fi taaksiin , taaksii kallattii fi taaksii kallattii hin taane jedhamee bakka lamatti qoodama.
Taaksii kallatti jechuun gibira namni ykn jaarmiyaan hojjetee galii argatu irraa baasii galii kana
argachuuf baase irraa hir’ifamee bu’aa qulqulluu argatee akkaatuma namni galii xiqqaa argate
taarifa xiqqaadhaanii fi akkuma galiin guddachaa deemuun taarifa ittiin kaffalu guddachaa
deemuun herregamee kallattiidhaan namumti ykn jaarmiyumti galii argatee kan kaffaluu dha.
Taaksiin kuni abbuma galii argate irratti bu’a.
Taaksiin kallatti hin taane immoo fayyadamtoota meeshaa ykn tajaajila daldaaltootaan
dhiyaatu irraa sassaabamee mootummadhaaf mallaqa galii ta’uu dha. Daldaaltonni yeroo
meeshaa ykn tajaajila isaanii hawaasatti gurguran gatii isaan itti gurguranitti dabalanii
daldaaltota taaksii dabalata qabeenyaatiif (VATf) galmaa’an 15% fi warri hin galmoofne immoo
meeshaa irratti 2% ykn tajaajila irratti 10% fayyadamtoota irraa sassaabanii mootummaaf kan
galii godhanii dha. Taaksii kallatti hin taane daldaalaan ykn kaffalaan gibiraa mootummaa bakka
bu’ee hawaasa meeshaalee ykn tajaajila bitatu irraa warra sassaaban malee ofii isaaniitii kan
kaffalan miti. Kanaafuu taaksii kana kan kaffalu nama meeshaa ykn tajaajila bitatee fayyadamu
dha.
Walumaa galatti gibiraa fi taaksii jechuun galii mootummaan aangoo qabatee biyya tokko
bulchu seera itti baasee dirqamaan namoota ykn jaarmiyaalee hojjetanii galii argatan irraa
sassaabuu dha.
Amaloonni Bu’uraa Gibiraa fi taaksii maal fa’i?
Gibirrii fi taaksiin amaloota armaan gadii qabu. Isaanis:-
Taaksiin kaffaltii dirqama kaffalamuu dha:- Haala seera gibiraa fi taaksiin nama ykn
dhaabbata taaksii kaffaluu qabu irratti gibiraa fi taaksii bu’uu dha. Namni ykn
dhaabbanni seeraan akka gibiraa fi taaksii kaffaluuf dirqama qabu tokko kaffaluu irraa
kan hafe mala biraa hin qabaatu. Kaffaluu baannaan seera gibiraa fi taaksiin ni adabama.
Osoo gibiraa fi taaksiin kaffaltii dirqamaa miti ta’ee tarii namnii ykn dhaabbileen kaffalan
baayyee muraasa ta’u ture.
Gibiraa fi Taaksiin Mootummaan qofa sassaabama:-sirna gibiraa fi taaksii ammayyaa’aa
keessatti mootummaa federalaa fi Naannoolee (federal & regional gov’t) irraa kan hafe
eenyullee gibiraa fi taaksii murteessuu akkasumas sassaabuuf mirga hin qabaatu.
Gibiraa fi taaksiin haala irratti hin hundaa’u. Kana jechuun kaffaltoonni gibiraa yoo
mootummaa irraa bu’aa argatan kan kaffalan yoo mootumma irraa bu’aa dhaban kan
dhiisan miti. Mootummaa fi kaffaltii kaffalame gidduu wal-quunnamtiin kallaattiin
kennuu fi bu’aa argachuu irratti hunda’ee hin jiru. Kaffalaan gibiraa kan gibiraa fi taaksii
kaffalu waan kallaattiin mootummaa irraa bu’aa madaalawaa ta’e argatuuf osoo hin
taane kaayyolee mootummaan baase galmaan gahuufi dha.
Gibiraa fi taaksiin seeraan sassaabama. Mootummaan hojiilee seera qabeessa ta’an
irraa akkaataa seera gibiraa fi taaksiitiin gibiraa fi taaksii sassaaba. Hojiilee seeraan alaa
ta’an kanneen akka kadhaa, hannaa, kotiroobaandii fi kkf irraa mootummaan gibiraa fi
taaksii hin sassaabuu.
Gibiraa fi taaksiin dirqama dhuunfaati. Namnii kaffaltiin gibiraa fi taaksii irraa
barbaadamu tokko dirqama gibiraa fi taaksii kaffaluu qaba ; karaa kamiiniyyuu jalaa
ba’uun (baqachuun) hin danda’amu .
Gibiraa fi taaksiin bu’aa waliiniitiif. Mootummaan galii sassaabee itti fayyadama
lammiilee hundaaf oolcha. (kanneen gibira kaffalanii fi hin kaffalle hundaaf).
Gibiraa fi taaksiin kan hundaa’u gosa kaffalaa gibiraa taaksii kaffaluu, galii isaa, bifaa fi
gosa hojii irrattidha. Hammuma fedhe gibiraa fi taaksiin kaffaltii dirqamaa ta’ullee
namni ykn dhaabbanni kamiyyuu galiin isaa akkaataa qajeelfama gibiraa fi taaksiitiin kan
hin kaffalchiifne yoo ta’e taaksii itti murtaa’e kaffaluuf dirqama hin qabu. Fakkeenyaaf:-
namni hin qacaramne tokko gibira miindaa kaffaluuf dirqama hin qabu; sababni isaa
qaxaramee galii waan hin arganneef.
Gibiraa fi taaksiin tokko tokko kaayyolee murtaa’an qabu. Kaayyoon gibiraa fi taaksii
inni guddaan galii mootummaan baasii isaa deggaruuf gargaaramu maddisiisuuf yoo
ta’ellee , taaksoleen tokkoo tokko kaayyoolee murtaa’an galmaan gahuuf buufamu.
Isaanis oomisha hawaasa miidhan hir’isuuf (hambisuuf), dinagdee tasgabbeessuuf,
walcaalmaa galii fi qabeenyaa hir’isuu fi kkf.
Gibiraa fi taaksiin loogii hin uumu. Namni gibira kan kaffalu haala seera gibiraa fi
taaksiin malee karaa biraan akka kaffalu hin dirqisifamu. Seerri gibiraa fi taaksii
amantiin, sanyiin, bifaan fi siyaasaan hin qoodu.
Gibiraa fi Taaksiin Kaayyoo maaliitiif Sassaaba?
Sababni mootummaan gibiraa fi taaksii sassaabuuf kaayyolee armaan gadii of keessaa qaba.
Baasii/baajeta mootummaa deggeruuf/uwwisuuf:- kaayyoo gibiraa fi taaksii keessaa
tokko baasii /baajataa Mootummaan fedhii hawaasnii/ uummaatnii isaa barbaaduu
guutuuf fayyadamu deegaruuf sassaabama . Galii sassaabamu fayyadamuun
mootumman bu’uraalee misoomaa kan ta’an kanneen akka daandii (karaa),Mana
barumsaa, mana yaalaa, bishaan dhugaatti, nageenyaa fi kkf babal’isuuf gargaarama.
Daandii saffinaa Finfinnee - Adaamaa
Misooma manneen jireenyaa waliinii
Walcaalmaa galii fi qabeenyaa hir’isuuf:- garaagarummaa namoota sooressa ta’anii fi
hiyyeessa ta’an gidduu jiru hir’isuuf mootummoonni hedduun sirna taaksii galiin namni
dhuunfaan ykn dhaabbanni tokko galii guddaa qabu gibiraa fi taaksii guddaa akka
kaffalu akkasumaas namni dhuunfaan ykn dhaabbanni tokko galii xiqqaa argatu gibiraa
fi taaksii xiqqaa akka kaffalu hordofa. Walcaalmaa namoota sooressaa fi hiyyeessa ta’an
gidduu jiru hir’isuuf meeshaa mootummaan itti fayyadamu keessaa tokko taaksii dha.
Sirna kana keessatti namoonni galii guddaa argatan gibiraa fi taaksii guddaa akka
kaffalan, kanneen galii xiqqaa argatan gibiraa fi taaksii xiqqaa akka kaffalan taasifama.
Akkasumas, galii isaanii duukaa kan wal simu akka kaffalan taasifama-kaneen galiin
isaanii baay’ee xiqqaa irraa bilisa gochuun akka deggeraman godha.
Dinagdee Tasgabbeessuuf:- Mootummaan lammiilee hiyyeessota ta’an gibiraa fi taaksii
yeroo qaala’iinsa jireenyaa fi kufinsa jireenyaa ittiin to’achuuf akka meeshaatti
gargaarama. Kunis yeroo humni bittaa gabaa keessatti humnaa ol ta’e yoo uumamu
fedhii waa bituu dabaluun gatiin meeshaalee akka ol ka’u godha. Kanaafis falli inni
jalqabaa taarifa taaksii ol guddisuu fi taaksii biraa dabalataan uummata irratti buusuun
humna bittaa isaanii hir’isuun fedhii waa bituu humna gabaatii ol ta’e hir’iisuudha. Fallii
kun fedhii uummataa humnaa ol ta’e yeroo isaa osoo hin eegin uumamu gabaa irraa
hir’isee dinagdeen akka tasgabbaa’u ni godha. Falli inni biraa deggersa adda addaa
gochuun oomisha taaksii irraa bilisa gochuun oomishtummaan akka jajjabaatu yoo ta’e
humni dhiyeessuu dabalee dinagdeen akka tasgabbaa’uu ta’a.
Oomisha namoota (hawaasa) miidhan hir’isuuf:-oomishaalee nageenya uummataa
miidhan kanneen akka tamboo, alkoolii fi kkf irratti taaksii guddaa buusuun akka isaan
hin babal’anne taasiisa. Fakkeenyaaf, Itoophiiyaa keessatti taaksiin eksaayiizii tamboo
irratti bu’u %20-%75 yoo ta’u kan alkoolii irratti bu’u immoo %50-%100 dha. Kuni
immoo fayyadamtoonni akka isaan hin bayyanne hir’isa.
Investimentii Dhuunfaa jajjabeessuuf:- Mootummaan namoota qabeenya isaanii biyya
keessatti invest godhanif taaksii irraa billisa taasiisuun, taaksii hir’isuun, guyyaa ayyaana
taaksii gochuunii fi meeshaalee investimentiif barbaachisan qaraxaan malee biyya
alaatii akka galchan gochuun investimentiin akka biyya keessatti babal’atu ni
jajjabeessa. Fakkeenyaaf, Itiyoophiyaan namoota investimentii warshaalee adda addaa
fi qonna irratti bobba’aniif baay’ina oomishaa isaan biyya alaatti erganii fi bakka isaan
investimentii itti geggeessan irratti hundaa’uun waggoota 2-8tti taaksii bu’aa daldalaa fi
qaraxa irraa bilisa ni taasisa.
Kuufama Kaappitaalaa guddisuuf:- Mootummaan dhiifama ykn hir’ifama taaksii galii
qusannaa, investimantii, pirovidant fandii, inshuuraansii (wabii) lubbuu fi fedhiiwwan
qusannaa hawaasaa yeroo taasisuu irratti kuufamni kaappitaalaa akka cimu godha.
Kunis guddinni induustirii biyyaa gara fuula duraatti akka jajjabaatu gochuuf baay’ee
murteessaa fi barbaachisaa dha .
Guddina Naannolee gidduu jiru wal-madaalsisuuf:- Biyya tokko keessatti kutaan
(naannoon) biyyattii tokko akkaataa gaariin kan guddate yoo ta’e, kutaaleen biyyattii
kan biroo immoo duubatti kan hafan yoo ta’e, guddina naannolee kana wal-
madaalsisuuf mootummaan taaksiidhaan tarkaanfii ni fudhata. Kallattiiwwan adda
addaatiin naannoowwan duubatti hafaniif taaksii dhabamsiisuu fi dhiifama
gochuudhaan sochiin dinagdee naannichaa akka saffisu gochuun ni danda’ama.
Daldala biyya alaa (oomisha biyya alaatti erguu) jajjabeessuu :- Mootummaan
oomishaalee biyya alaatti ergaman tokko tokko irratti taaksii irraa bilisa ykn hir’isuunii fi
biyoota alaa duukaa walii galtee taaksii gochuun kaffaltii taaksii yeroo lama akka hin
uumamne gochuun daldala biyya alaatti ta’u ni jajjabeessa. Fakkeenyaaf, akkaataa labsii
fi dambii investimantii Itiyoophiyaatti namni tokko yoo warshaa haaraa ykn induustirii
qonnaa irratti bobba’ee oomisha isaa irraa %50 biyya alaatti kan ergu ta’e,
mootummaan kaffaltii gibira bu’aa daldalaa irraa waggaa shaniif bilisa ni taasisa. Amma
mootummaan Itoophiyaa oomishaalee fi tajaajilawwan biyya alaatti ergaman hundaa
sharafa biyya alaa guddisuu fi daldala biyya alaa jajjabeessuuf jecha qaraxaa fi taaksii
irraa bilisa godhee jira.
Hojii dhabdummaa xiqqeessuuf (carraa hojii uumuf):- Carraan hojii uumamuu kan
danda’u yeroo mootummaan intarpiraayizii xixiqqaa fi induustiriiwwan humna namaa
irratti xiyyeeffatee taaksii irraa bilisaa gochuun ykn dhiifama taaksii gochuun
jajjabeessuu dha. Haaluma kanaan mootummaan hojii dhabdummaa xiiqqeessuu ni
danda’a.
Sadarkaa haala jireenya uummataa fooyyesuuf:- kallatti garaagaraan meeshaalee
jireenya uummataaf barbachisoo ta’an kanneen akka meeshaalee fayyaa
mootummaan taaksii irraa bilisa gochuun sadarkaa jireenya uummataa ni fooyyessa.
Gibira biyya alaa tti kaffalame wal dandeesisuu; Namni Itiyoophiyaa keessa jiraata
ta'e bara gibiraa tokko keessatti maddi galii isaa biyya alaa irraa kan argame yoo ta'e
galii kana irraa biyya alaatti gibira hanga kaffalamuu qabu Oromiyaa keessatti gibira
kaffaluu qabu irraa ni hir'ifamaaf. Gibirri biyya alaatti kaffalame akka beeksisa murtii
gibiraa herregamee kaffalame irraa gibirri hir'ifamuu isaa kan mirkaneessu waraqaan
ragaa ykn Abbaa Taayitaa Gibiraa biratti fudhatama kan qabu ragaa seera qabeessatiin
mirkanaa'uu qaba.
Miragaa fi Dirqama Kaffalaan Gibiraa fi Hawaasni Marti Gibiraa fi Taaksii Irratti Qabu
Mirgoota
o Kaffalaan gibiraa tokko furmaata bulchiinsaa argachuuf guyyaa beeksisni murtii gibiraa
isa gahee komii yoo qabaate, guyyoota 30 (soddoma) keessatti abbaa taayitaa gibiraatti
iyyata barreeffamaan dhiyeeffate gaaffiin isaa tuuta komiin akka ilaalamuu akka danda’u
labsiidhaan taa’eera.
o Murtii tuuta komiitti yoo quufuu baate immoo gibiraa fi taaksii komii irratti qabu 50%
kaffaluun gumii ol-iyyannoo gibiraaf dhiyeeffachuu danada’a.
o Mirga odeeffannoo dhimma gibiraa fi taaksii, itti himamuu, gargaaramuu fi dhaga’uu
qaba
o Mirga kaffaltii seeraan alaa kaffaluu diduu
o Mirga ragaa qulqulleeffachuu iccitiin qabamu ni qaba
Dirqamoota
o Dirqama amanamaa ta’u
o Dirqama qaama gibira sassaabu waliin wal-ta’ee hojjechuu
o Dirqama odeeffannoo sirii ta’ee fi ragaa yeroon dhiyeessuu
o Dirqama ragaa qabachuu fi gibira yeroon kaffaluu
o Kaffalaan gibiraa haala labsii lakk. 74/1995n sadarkaa “A” fi “B”keessatti argaman
galmee herregaa qabachuu fi haala qajeelfama to’aannoo, itti-fayyadamaa fi eegumsa
nagahee baheen galii argame to’achuuf kan fayyadu dirqama nagahee galii
maxxansiifachuu fi nagayicha qaama gibira kaffalchiisu biratti galmeessisuu qaba.
o Kaffalaan gibiraa kamiyyuu bu’ura labsii lakk. 75/1995 fi taaksii kallatti hin taane
sassaabuuf dirqamni waan itti kennameef gibira yeroon sassaabee ibsa herregaa sirrii
ta’e dhiyeessuudhaan yeroo labsiidhaan heyyamame keessatti qaama gibira sassaabutti
galii gochuutu irraa eegama.
o Yeroo labsiidhaan tumame keessatti kaffalaan gibiraa kamiyyuu galii argate beeksisee
gibiraa fi taaksii kaffalu qaba.
o Haala labsii lakk. 285/1994tiin kaffalaan gibiraa “VAT”iif galmaa’e galmee herregaa
qabachuu fi lakkoofsa herrega baankii banachuu qaba.
o Akkaataa labsii lakk. 74/1995 keewwata 43tiin namni dirqama gibiraa kaffaluu qabu
kamiyyuu dirqama lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa qabaachuu qaba.
o Akkaataa labsii gibiraa lakk.74/1995 keewwata 48tiin kaffalaan gibiraa tessoo daldaala
isaa yoo jijjiire ykn hojii daldaalaa yoo dhaabu guyyoota 30 keessatti qaama gibira
sassaabu beeksisuu qaba.
o Haala labsii gibiraa galii 74/1995 keewwata 47tiin kaffaltoota gibiraa sadarkaa “C”malee
hojii daldalaa irratti bobba’an ykn gamoowwan guutummaatti ykn gar-tokkeen
kireeffamaniif abbootii qabeenyaa kan ta’an galmee herregaa fi sanadoota qabachuu
qabu.
o Kaffaltoonni gibiraa galmee herregaa qabaachuuf dirqama qaban nagaheewwan itti
fayyadaman utuu hin maxxnsiisin dura gosa nagahee fi baayyina isaani abbaa aangoo
gibiraa biratti galmeessisuu qabu.
o Walumaa galatti mirgootaa fi dirqamoota kanniin kaffalaan gibiraa adda baasee
beekuun hojiirra hin olchine taanaan sirni bulchiinsa gibiraa fi taaksii ammayyaa’aa,
haqa qabeessaa fi bu’a qabeessa ta’uu hin danda’u. Kanaafuu kaffalaan gibiraa fi
hawaasni marti kana beekee xiyyeeffannoo addaatiin mirgaa fi dirqama kanniin beekee
hojiirra oolmaa isaaniitiif hojjechuu qaba. Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaas
kaffaltoota gibiraa adda duree seeraan ,haqummaafi yeroon gibiraafi taaksii kaffalan
jajjabeessuuf waggaa waggaatti ni badhaasa.
Kaffaltoonni gibiraa adda dureen wayita badhaafaman
Rakkoolee Sassaabbii Galii irratti mul’atan
Rakkooleen sassaabbii galii irratti uumaman karaa sadiin ifuu danda’a. Isaanis:-
1) Rakkoolee kafflatoota gibiraa ykn tajaajilamtootaan uumaman:-
Kaffalaan gibiraa, gibiraa fi taaksii kaffaluun fedhiin dirqama lammummaa isaa bahachuu akka
ta’ee fi akka dirqamaan raawwatamu kan seeraan kenname ta’uu isaa fi kaayyolee gibiraafi
taaksii galmaan gahuuf akka ta’e irraanfachuun mootummaan gibiraa fi taaksii kan kaffalchiisu
baasii baasu uwwifachuu qofaaf fi meeshaa siyaasaa sirna isaa ittiin qajeelchuu jedhee
fudhachuun rakkoolee raawwachaa jirachuu isaa qorannoon Abbaa Taayitaa Galiiwwan
Oromiyaa yeroo adda addaa geggeessee ni mul’isa.
Kaffaltoonni gibiraa galii mootummaa hanbisuun, gibiraa fi taaksii dhoksanii
seeraan ala dhamaatee malee qaxxaamuraan abbaa qabeenyaa ta’uuf
dhama’an hedduu ta’uu.
Ilaalchi gibiraa fi taaksiin itti fayyadama uummataaf oola jedhu kaffaltoota
gibiraa fi taaksii hedduu biratti mul’acuu dhabuu. Gibiraa fi taaksii kaffalan akka
adabaatti kan ilaalanis jiraachuu.
Kaffalaan gibiraa karaa seera qabeessa ta’e tajaajila barbaadu argachuu utuu
danda’uu karaa qaxxaamuraatiin argachuuf jecha ykn murtee gibiraa fi taaksii
irratti murtaa’u gadi xiqqeeffachuuf jecha raawwattoota ykn ooggantoota
bulchiinsa gibiraa fi taaksiitiin walii-galuudhaan faayidaalee raawwattoota ykn
ooggantoota kanaaf hin malle siif-kenna jechuudhaan yakka galii mootummaa
irratti raawwachuu.
Kaffaltoonni gibiraa ragaa daldaala isaanii ibsu dhoksu.
- Kaffaltoonni gibiraa naannoo keenyaa baayyeen isaanii sadarkaa “C” waan ta’aniif gibira
muramaa kaffalu. Gibirri muramaan immoo tilmaama galii guyyaa isaan argataniin kan
murtaa’uu fi tilmaamni kun koreen sababa raawwatamuuf karaa kaffaltoota gibiraa rakkoolee
hedduun ni umamu. kaffaltootni gibiraa kunneen miseensota koree tilmaama raawwatu firaan,
hiriyaafi maallaqaan gowwoomsuun korichi akka galii guyyaa isaanii gadi hiqsee tilmaamu
taasisuu fi icitii miseensota koree irraa saammachuun guyyaa koreen iddoo hojii isaa dhaqee
tilmaamicha geggeessu mana daldalaa ykn mana meeshaa isaanii cufanii deemu. Akkasumas,
ragaa kennuu diduu fi ragaa sobaa koree tilmaamuuf kennuudhaan gibira kaffaluu baqatu.
- Kaffaltoonni galmee herreegaa qabatan illee ragaa bittaa isaanii hin fudhatan. Darbees, yeroo
gurgurtaa raawwatan nagahee malee waan ta’eef galmee herregaa isaan dhiyeeffatan kan
ragaa irratti hundaa’ee qophaa’e miti. Kanaafis galiin mootummaa harca’ee hafa.
- Kaffaltoonni gibiraa tokko tokko immoo taaksii jalaa baqachuuf galmee herregaa gosa sadii
qopheeffatu. Galmee herregaa dhugaatti bu’aa inni argate agarsiisu, galmee herregaa gibira
ittiin kaffaluu fi galmee herregaa bu’aa guddaa agarsiisee liqaa baankii irraa argachuuf
qopheeffatu dha.
- Kaffaltoonni gibiraa hedduun yeroo bittaa raawwatan nagahee hin fudhatan yeroo gurguranis
nagahee hin kennani. Kanaaf ragaa gibiraa dhugaa ta’e sassaabanii gibira murteesuun rakkisaa
dha.
- Kaffaltoonni gibiraa VATf (taaksii dabalata qabeenyaaf) gurgurtaan waggaa isaanii gahaa ta’e
galmaa’uu hin barbaadan. Kan galma’an keessaas baayyeen isaanii teessoo sirrii ta’e hin qaban.
Akkasumas, nagahee maxxanfatanii taaksii sassaabuu hin barbaadan. Daldalarratti hirmaatanii
osoo jiranii galmee herregaa sirrii hin taane dhiyeessu. Gurgurtaa yeroo raawwatanis taaksii
sassaabaniif nagahee hin kennani; mootummaafis galii hin taasisan.
2) Rakkoolee raawwattoota ykn ooggantoota bulchiinsa gibiraafi taaksiitiin uumaman
Kaffaltoota gibiraa irratti seera malee dhiibbaa uumuun, murtee gibiraan olkaasa ykn
qabeenya keen gurgursiisa jechuun sodaachisu. Tajaajila seeraan kennuu dhiisanii
deddeebisuu fi dirqisiisuun faayidaa isaaniif hin malle irraa fudhachuun galii
mootummaa hir’isu, kaffalaa gibiraas rakkoof saaxilu.
Mirgaa fi dirqama kaffalaa gibiraa wal bira qabuun barsiisuurra dirqama qofaa irratti
xiyyeeffachuun kaffalaan gibiraa mirga isaa beekee komii akka hin dhiyeeffanne godhu.
Tilmaamni galii guyyaa haqa qabeessaa fi galii kaffalaa gibiraa dhugaa ta’e irratti
hundaa’ee akka hin tilmaamamneef faayidaa argachuun (kiraa sassaabdummaan) ykn
firaan akka galiin mootummaa hir’atu taasisu.
Murtii gibiraa sirrii hin taane ykn beeksisa murtii gibiraa odiitiin argame kaffalaa gibiraa
ittiin doorsisuun faayidaa irraa barbaaduun galii hir’isu. Kaffalaa gibiraas baasii hin
taaneef saaxilu.
Nagahee sobaatiin qarshii sassaabanii dhimma dhuunfaaf oolfatu.
3) Hirmaannaa hawaasa maraa dhabuudhaan yakkoota raawwataman
Hubannoo haawasni maalummaa, barbaachisummaa fi kaayyoo gibiraa fi taaksii irratti qabu
baayyee gadi aanaa waan ta’eef yakka gibiraa fi taaksii irratti raawwatamu ittisuu irratti
baayyee hin dhimmamu. Daldalaan meeshaa ykn tajaajila dhiyeessee kan gurguru hawaasa
maraatiif waan ta’eef osoo hawaasni yakki gibiraafi taaksii akka hin raawwatamneef
dhimmamee ni salphata. Fayyadamtootni meeshaa fi tajaajila yeroo daldalaa irraa bitan qarshii
osoo hin kaffalin dura nagahee qopheessee akka kennuuf gaafachuu qabu.
Nagaheen bu’uura ragaa gibiraa waan ta’eef gibirrii fi taaksiin osoo hin harca’in akka
sassaabamuuf fayyadamtoonni faayidaa hawaasa maraaf kan oolu gibiraa fi taaksiin akka
sassaabamuuf qarshii kaffalaniif nagahee gaafatanii fudhaachuu aadaa godhachuu qabu.
Akkasumas, yakka kaffaltoota gibiraatiin gibiraa fi taaksii irratti taasifamu karaa kana
hirmaatanii ittisuu ni danda’u.
Kana hin ta’u taanaan ragaa gibiraa sirrii ta’e qindeessuun hin danda’amu. Ragaan gibiraa sirrii
ta’e hin jiru taanaan ammo gibiraafi taaksii haqa qabeessa ta’e sassaabuun hin danda’amu.
Rakkooleen armaan olitti tarreeffaman kunniin yoo furamuu baatan miidhaawwan armaan
gadii geessisu.
1 .Mootummaan galii baasii baajataa uwwisuu qabu dhaba:-
- Gargaarsa biyyoota dureeyyii jalaa baanee hiyyummaa seenaa gochuun hin danda’amu.
- Karoorri guddinaa fi tiraanisfoormeeshanii marsaa garaa garaa galma ga’u hin danda’u.
- Bu’uraaleen misoomaa kanneen akka daandiiwwanii, bishaan dhugaatii qulqulluu,
teeknooloojiiwwan garaa garaa fi humni ibsaa hin babal’atan.
- Guddinni harkifachuun waan danda’uuf waggoota muraasa keessatti biyyoota galii
giddugaleessa qaban bira gahuun hin danda’amu.
- Bulchiinsa gaarii fi sirna dimookiraatawaa sadarkaa olaanaatti ceesisuun hin yaadamu.
2. Sirni bulchuiinsa gibiraa fi taaksii haqa qabeessaa fi ammayyaa’aa ta’e akka hin jiraanne
taasisa. Kaffaltoonni gibiraa muraasni amanamummaan dirqama lammummaa kan bahanii fi
kaffaltoonni gibiraa kaan ammoo qabeenya kiraa sassaabdummaan argameen karaa
qaxxaamuraa akka durooman ta’a.
3. Olaantummaan seera gibiraa fi taaksii balaa irra ni bu’a . Kaffaltoonni gibiraa dhimmoota
gibiraa fi taaksiin walqabatee furmaata argachuuf filaannoo seera qabeessummaan
fayyadamuurra karaa seera qabeessa hin taanee ni filatu. Gochi akkanaa kun hojii guyya
guyyaan raawwatamu yoo ta’e seera qabeessa kan ta’e qancaree seera qabeessa kan hin taane
ammoo guddachaa seerri humna dhabaa deema.
4. Bulchiinsi gaariin akka hin jiranee taasisa. Raawwattoonnii fi ooggantoonni bulchiinsa gibiraa
fi taaksii seera, dambii fi qajeelfama micciiruun akkaataa isaaniif mijaa’u duwwaan
raawwachuun bulchiinsi gaariin akka mirkanoofne godha.
5. Idaan dhaloota boruuf akka darbu taasisa. Mootummaan karoora misoomaa fi nageenyaa
bafatee hojjechuuf baasii waan barbaachisuuf galii sochii dinagdeetiin maddisiifame duguugee
hin sassaabu taanaan hanqinni baajetaa ni quunnama. Hanqina baajetaa kana guuttachuuf
mootummaan madda baajetaa liqaa fudhachuu keessa waan galuuf dinagdeen gargaarsaafi
liqaarratti hundaa’e akka jiraatu ta’a. Dhaloonni fuulduraas rakkoo hin malle akka dhaalu
dirqama.
6. Uummanni mootummaa irraa amantaa akka dhabu taasisa. Seeronni, dambiileenii fi
qajeelfamoonni gibiraa fi taaksii hin kabajaman taanaan seeronni hundumtuu cabuudhaaf
sababa akka ta’etti hubatama. Akkasumas, hawaasni kaffalaa gibiraa gibira kaffalee tajaajila
mootummaa irraa eeggatu sirriitti yoo hin arganne mootummaa irraa amantaa dhaba.
7. Sirni dinagdee gabaa bilisaa ni jeeqama. Abbootiin qabeenyaa misoomaaf bu’aa buusaniiru
kan jedhaman dorgommii gabaa cimaa keessa galanii mo’atanii gibira irraa barbaadamu yoo
kaffalanii dha. Itti dabalees, abbaan qabeenyaa maxxanaan dadhabaa yoo deemee dha. Abbaan
qabeenyaa dorgommiin gabaa hin moonee fi gibira hin kaffalle abbaa qabeenyaa maxxanaan
akka babal’atu, abbaan qabeenyaa misoomaa ammoo akka dadhabu taasisuun sirna gabaa
bilisaatiif gufuu ta’a.
Rakkoowwan walxaxaa sektara galii mootummaa sassaabu ,kaffaltoota gibiraa ,daldaltootaafi
hawaasa bal’aa biratti mul’atan hundeedhaa maqsuun galiin mootummaa dabalee hojiiwwan
misoomaa ,dimokiraasiif nageenyaa karaa amansiisaa ta’een akka itti fufu gochuuf Abbaan
Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa toorawwan xiyyeeffannoo shan adda baasee ittiin hojjechaa
jira.Isaanis
A) BARUMSA KAFFALTOOTA GIBIRAA (TAX PAYERS EDUCATION)
Faayidaa gibiraafi taaksiin kaffalamuuf beekuu dhabuurraa kan ka’e ilaalchi dogoggoraa kaffalaa
gibraafi hawaasa bal’aa biratti ni mul’ata. Kanarraa ka’uunis sirna bulchiinsa gibiraafi taaksii
ammayyaawaa haalaan dirirsuurratti rakkooleen mudachaa turaniiru. Kana malees aadaan
gibiraa fi taaksii amanamanii fedhiin kaffaluu kan hin guddane fi inumaayyuu gibiraa fi taaksii
dhooksuu akka hojii gaariitti ilaaluun bal’inaan jiraachuun isaa rakkoon hubaannoo fi ilaalchaa
hangam akka guddatee jiru agarsiisa.
Kanaafuu, rakkoolee kana hiikuuf dursa hojii hubaannoo uumuu fi ilaalchaa isaanii jijjiruu
danda’u irratti xiyyeeffatanii hojjechuudhaan mirgaa fi dirqama isaanii akka bahan gochuun
barbaachisaa dha. Kun immoo bulchiinsa mootummaa naannoo keenyaa qofa kan fayyadu osoo
hin tanee qaamolee gibiraa fi taaksii walitti qaban hunda kan gargaruu dha. Haaluma kanaan,
kaffaltootni gibiraa fi hawaasni bal’aan seeraa gibiraa akkasumas maalummaa fi faayidaa gibirrii
fi taaksiin misooma keessatti qabu hubataniii feedhii isaaniitiin galii sirrii ta’e beeksisanii gibiraa
fi taaksii haqa qabeessa akka kaffalan taasisuun dhimma yeroon itti hin kennamne waan ta’eef
hubannoo kaffaltoota gibiraa,hawaasa bal’aafi daldaltootaa jijjiiruurratti si’aayinaan hojjetamaa
jira.
B. SIRNA BULCHIINSA RAGAA GIBIRAA (TAX DATA ADMINISTRATION SYSTEM)
Sirni bulchinsa gibiraa fi taaksii biyya keenyaa baroota dheeraaf jijjiirama hunde-qabeessa ta’e
osoo hin fidin burqaa kiraasassabdumaa ta’uu irraa darbee baasii misoomni barbaaduu
uwwisuu hin dandeenye. Sababni isaas rakkoolee gurguudoo ta’aan keessaa inni tokko ragaa
guutuu, qulqulluu fi waayitawaa gibiraa fi taksii murteessuuf gargaaru jiraachuu dhabuu isaati.
kaffalaan gibiraa ,gibiraa fi taaksii kaffaluu qabu ragaa sirrii ta’e irraatti hundaa’uu akka qabu
seerri gibiraa fi taaksii ni dirqisiisa . Kana dhugoomsuufis sirna bulchiinsa ragaa gibiraaf
xiyyeeffannaan kennamee daldaltoonni heddumminaan maashina gurgurtaa guyyaa
galmeessutti akka fayyadaman godhamaa jira. Keessattuu sektarri Abbaa Taayitaa Galiiwwan
Oromiyaa sirna bulchiinsa gibiraafi taaksii mootummaa qindaa’aatti gargaaramuun sassaabbii
,murtii gibiraa, galmee odiitii gochuufi daldaltootaafi gosa daldalaa isaan irratti bobb’an
beekuuf akkasumas tajaajilawwan biroo karaa qindaa’aa ta’een akka kennaman ta’aa jira.
Kanaafis haqa qabeessuummaan murtii gibiraa dabalaa galiin mootummaas daran guddachaa
dhufeera.
Sirna bulchiinsa gibiraafi taaksii mootummaa qindaa’aa(SIGTAS)
Maashina gurgurtaa guyyaa galmeessu
C) SEERA GALIIWWANII (TAX ENFORCEMENT)
Kaffaltoota gibiraa seera gibiraa fi taaksii kabajanii dirqama lammummaa isaanii bahan
jajjabbeessuun abbootiii qabeenyaa misoomawaa akka ta’aaniif Abbaan Taayitaa Galiiwwan
Oromiyaa hojii wal irraa hin citne hojjachaa tureera. Ammas hojjechaa jira.
Haata’u malee, Yakkii gibiraa fi taaksii irratti raawwatamu baay’ee kan babal’atee fi hundee kan
fageeffate akkasumas bifasaa jijjiirrachaa waan dhufeef bulchiinsaa gibiraa fi taaksii
naannichaa irratti qofa osoo hin taane akkuma biyyaatitti gibiraa fi taaksii namoota
amanamummaan kaffalan irratti dhiibbaan geessisaa jiru guddaa dha. kaffaltootni gibiraa
baay’een gibiraa kaffaluu osoo qabanii sabaabiin hin kaffaleef inni guddaan faayidaa gibiri
misooma naanichaaf (biyyaaf) qabuu beekuu dhabuu qofa osoo hin tanee hojimaatni seeraa
galii kabaachiisuu dadhaabaa ta’u fi rakkoon ilaalchaa jiraachuu isaati. Seerri gibiraa fi taaksii
dirqama isaanii kanneen hin baane irraatti taarkaanfiwwaan fudhatamu qabu ifaatti kan kaa’e
ta’ullee, hojiirra waan hin oolchineef yakkamtootni ittigaafatamumaan seeraa akka isaan irraa
hin jireeti akka yaadaan godheera. karaa biraa immoo kaffalaa gibiraa seeraa qaabeessaa fi
ammanamaan dahoo seeraa waan hin argaanneef gabaa keessatti dorgoomaa fi bu’aa
madalawwaa akka hin arganee sababa ta’eera.
Haalli kun yoo itti fufee abbaan qabeenyaa misoomaa kan miidhamu fi kiraasassaabdummaa
kan babal’isu waan ta’eef bulchinsa garii mirkaneessuu irraati dhibbaa gudda qaba. Kanaafuu
Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa seera gibiraafi taaksii kabachiisuuf dirqama gibiraa fi
taksii kanneen hin baane adda baasuun, tarkaanfii seeraa barsiisaa ta’e fuudhachuun
hojimaatni gibiraa kiraasassabdootaaf osoo hin taane kafaalaa gibiraa seera qabeessa ta’eef
mija’aa akka ta’u gochaa jira. Kaffalaan gibiraas yeroo dha gara yerootti seerota gibraafi
taaksiirratti hubannoo gahaa argachaa dhufuurran kan ka’e gibiraafi taaksii fedhiin ,yeroofi
amanamummaan kaffaluu eegaleera.
D) SASSAABBII GALII (TAX COLLECTION)
Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa galii heera mootummaa Federaaalaa keewwata 97’n
naannoo keenyaaf qoodamee kenname murteessee sassaabaa kan jiru yoo tahe illee fedhii
misooma bal’aa naannichi qabu waliin yommuu ilaaalamu sadarkaa barbaadamu irra gahuu hin
dandeenye. Karoorri Misoomaa haga feedhe hawwataa ta’ullee galiin kan hin deeggaramne
yoo ta’e dheebuu misoomaa mootummaa fi hawaasni qabu baasuu hin danda’u. Akka Abbaa
Taayitaa Galiiwwan Oromiyaatti galii gahumsaan sassaabuudhaaf sochiin wal irraa hin citne
godhamullee ragaa qaama sadaffaa irraa argamuu irratti hundaa’uun gibira fi taaksii
murteessanii kaffalaa gibiraa biraan gahuun, yeroon hordafanii sassaabuu dhabuun, tilmaama
galii guyyaa galii kaffalaa gibiraa wajjin wal simu dhiyeessuu dhabuun dabalataanis, VAT, TOT,
gibira galii Albuuda adda addaa, gibira Miindaa dhaabbilee dhuunfaa, galii mana qopheessaa
haalaan hordafanii sassaabuu dhabuu, kaffaltoota gibiraa VAT’f galmaa’uu qaban adda baasanii
galmeessuu fi erga galma’aanii booddee yeroo seeraan daangeffame keessatti beeksisanii akka
kaffalan gochuu dadhabuun rakkoowwan gurguddaa sassaabbii galii irratti mul’atani dha.
Kaffaltoonni gibiraa tokko tokkos gibiraafi taaksii isaanirraa eegamu yeroon,fedhiifi
amanamummaan hin kaffalan .Darbees galii mootummaaf galchuu qaban xiqqeessanii faayidaa
dhuunfaaf yeroon oolchan ni mul’ata. kanaafuu, raakkoowwan armaan oliitti ibsaman maqsuun
galii dinagdeen naannichaa maddisiisu gahuumsaan sassaabuun misooma hawaas dinagdee
naannichaaf akka oolu gochuuf xiiqiin hojjetamaa jira.
E) Misooma humna namaa
Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa sirna bulchiinsa gibiraafi taaksii ammayyaawaa hojiirra
oolchuun gahumsa dandeettii olaanaa sektarri galii sassaabu gaafatu guutuuf hojjettoota
caasaa sektara galii sadarkaa hundatti argaman beekumsaan,naamusaafi gahumsa olaanaa
hidhatanii dirqamsaanii akka bahaniif yeroodhaa gara yerootti leenjiiwwan wal irraa hin citne ni
kenna. Keessattuu sirni bulchiinsa gibiraafi taaksii qindaa’aa bakka hundatti hojiirra akka oolu
gochuuf qaawwa ogummaa raawwattoota biratti mul’atu guutuuf leenjiiwwan shaakalliin
deeggaraman kennamaa turaniiru. Fuula durattis ni kennama.
Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa toorawwan xiyyeeffannoo shanan armaan olitti
tuqaman giddugaleessa godhatee sochii bal’aa taasiseen baroota karoora guddinaafi
tiraanisfoormeeshinii keessatti galii idileefi mana qoheessaa sassaabuuf galmoota
kaa’aman dursee milkeessuu danda’eera. Sababiinsaas humna raawwachiisummaa caasaa
sektara galii sadarkaa hundatti argaman gahoomsuun sirna bulchiinsa ragaa
ammayyaawaa ta’e akkasumas sirna bulchiinsa gibiraafi taaksii mootummaa qindaa’aa
diriirsuun hojii sassaabbii ,murtiifi hordoffii galii akkasumas odiitii karaa si’aayinaafi
haqummaa qabuun raawwachuun waan danda’ameefidha.
Guddina galii idlee fi mana qopheessaa bara KGT birrii biliyoonaan.
Gibiraa fi taaksii yeroon, seeraan, fedhiinii fi amanamummaan
kaffaluun Oromiyaa jaallannu haa misoomsinu!!!
0
1
2
3
4
5
6
7
8
9
2003 2004 2005 2006
2.339
3.596
4.961
7.153
0.782 0.977 1.158 1.643
3.121
4.573
6.119
8.796 Galii idlee
Galii Mana qopheessaa
Ida'amaa